You are on page 1of 10

Afaan Badaa Jira!!!!!

Afaan Oromoo fakkaata Madda Afaan Oromoo(kan jedhamuu malu)


1 Xumura argatee jira Xumurame, goolabame/guduunfame/goodame
ፍጻሜ አግኝቶዋል
2 Du'uu danda'ee jira du'e(kottee nyaate!)
ልሞት ችሉአል
3 Tapha taasisanii Taphatan/taphatanii
ጨወታ አድርገዉ
4 Galii maddisiisuu danda'ee jira maallaqni argame, bu’aan irraa argame/bu’e
ገቢ ማመንጨት ችሉአል
5 Toowannaa jala oolee jira qabame /Toowatame?/dhuunfatame
በቁጥጥር ስር ዉሉአል
6 Sakatta'iinsi taasifame Sakatta'ame
ፍተሻ ተደረገ
7 Harkaafi harkatti qabame Battalatti/hoggasuma/yoosuma
እጅ ከፍንጅ ተያዘ
qabame/bakkumatti/qarmamammattii
8 OBN waliin turtii taasisaa ከ OBN ጋር ቆይታ አድርጉ OBN dhageeffadhaa/hordofaa/nu biraa hinhafinaa, ykn nu
dhageeffadhaa, nu hordofaa, daawwadhaa
10 Turtiin keessan OBN waliin haata'u/taasisaa ቆይታችሁ ከ OBN ጋር ይሁን/አድርጉ OBN dhageeffadhaa/ hordofaa, daawwadhaa
11 Deeggarsa taasisan deeggaran, deeggarsa...kennan..qarqaaran/gargaaran
ድጋፍ አደረጉ
12 Marii taasisan Mari'atan,
ዉይይት አደረጉ
13 Mariin taasifame Mariin taa'ame/mari'atame
ዉይይት ተደረገ
14 Gahee tapahate/shoora taphate Gahe qaba/qooda qaba/hinkoo qaba/gumaacha
ሚና ተጫወተ
15 Cinaacha dadhabaa Dadhabina/hanqina/mudaa/hir'ina
ደካማ ጎን
16 Bitaa natti gale/bitaacha'e Wallaale/naaf hingalle/hinqulqulleeffanne/adda
ግራ ገባኝ
hinbaafanne/raataye/afanfaajjawe/malli dhibe
17 Dhukkubsachiise Badade/yaale/yaalchise/dhinse/wal'aane/wal'aansise
አስታመመ
18 Qophii taasisee Qophaahee
ዝግጅት አድረገ
19 Dhadhaa dheedhii Addaannoo
ጥሬ ቅቤ
20 Waliigalteen taasifame Waliigalame/waliigalan
ሰምምነት ተደርጎ
21 Qorannoo taasisan Qoratan/qoratame
ምርምር አደረጉ
22 Oduu waliin/qophicha waliin Oduu kan isinitti himu/oduu isinitti hima...
ከዜናዉ/ዝግጅቱ ጋር
23 Carroome Milkaaye/hiree argate/fiixa bahe/carraa agate
ታድሎ/ታደለ/
24 Barnoota bilisaa Barnota tolaa
ነጻ ትምህርት
25 Ifaan/ibsaan bade Ifaan/ibsaan dhaame
መብራት ጠፋ
26 Dorgommii taasisan Dorgoman/morkan
ዉድድር አደረጉ
27 Wollaggarraa/Baalerraa...dhufe Wollaggaa dhufe/Baalee dhufe
ከወለጋ/ባሌ መጣ
28 murteessaadha Ijoodha/mataadha
ወሳኝ ነዉ
29 Murtiin kenname Murtaaye/murame/muramte
ዉሳኔ ተሰጠ
30 Walgahiirraa harca'an Hafan/oolan/hindhufne/barfatan
ከስበሰባዉ ላይ ተንጠባጠቡ
31 Haasaa/haasaya/haasawa taasisan Haasayan/haasawan
ንግግር አደረጉ
32 ofeeggannoo taasisuu Ofeeggachuu/ofeeggannaa/ofeeguu
ጥንቃቄ ማድረግ
33 Abbaa Gadaa duraanii Luba
የቀድሞ አባ ገዳ
34 Sochii taasisuu Socho'uu/munyuuquu
እንቅስቃሴ ማድረግ
35 Tarkaanfii fudhachuu Gaafachuu/adabuu/himachuu/sirressuu
እርምጃ መዉሰድ
36 Lafee dugdaa Ijoo/ribuu/utubaa/dhaaba
የጀርባ አጥንት
37 Oromiffaa Afaan Oromoo
ኦሮምኛ
38 Dhibbeentaa 95 Harka/hagana...hagana keessaa
መቶኛ
39 Bu'aa argamsiise Bu'aa buuse
ዉጤት አስገኝቶአል
40 Qorannoo muuziirratti taasisuu Muuzii qorachuu
በሙዝ ላይ ጥናት ማድረግ
41 qophii akkasii isiniif dhiheessuuf jirra Isinii dhiheessuuf/isiniif dhiheessina
ዝግጅት ልናቀርብላችሁ ነው ያለነዉ/ያለን
42 Isin dhageessisuuf jirra Isinii dhiheessuuf
ልናስደምጣችሁ ነው ያለን
43 Turtiin keessan nu waliin haata'u Nu waliin turaa/hordofaa/daawwadhaa/dhageeffadhaa
ቆይታችሁ ከኛ ጋር ይሁን
44 Tapha taasisan Taphatan
ጨወታ አደረጉ
45 Ifa taasise Hime/dubbate/jedhe/dhugoomse
ይፋ አደረገ
46 Eessa taatee nuuf bilbilta? የት ሆነህ/ሆነሽ የምትደዉልልን? Amma eessa jirta? amma bakki jirtu eessa?
47 Qophii taasifnee jirra Qophoofne/makkoofne
ዝግጅት አድርገናል
48 Buna miicamaa Buna dhiqame/irraa baasuu
የታጠበ ቡና
49 Cilaancillii beekumsaa Beekumsa hagoo
የእዉቀት ጭላንጭል
50 Haalli kun akkuma beekametti ta'ee Ta'us/ta'ullee
ይህ ሁኔታ እንደተጠበቀ ሆኖ
51 Barsiisota oomishuu/humna nama barate Barsiisota baasuu
የተማረ የሰዉ ሀይል ማምረት
oomishuu
52 Bu'aan boonsaan argame Bu'aan argame
የሚያኮራ ዉጤት ተገኘ
53 Muuxannoowwan gaggaarii akka babal'atan Babal'isuu/muuxachuu
መልካም ተሞክሮዎች እንድስፋፉ ማድረግ
taasisuu
54 Itoophiyaan Buruundii... tapha taasisfte Taphatte/taphatan
ኢትዮጵያ ከቡሩንዲ ጋር ጨወታ አደረገች
55 Chaayinaan biyya kirkira...deeggarsa taasifte Deeggarte /deeggarsa kennite
ቻይና ድጋፍ አደረገች
56 Invest gochuu Misoomsuu?
እንቨሰት ማድረግ
57 Kan waliin turru ta'a Waliin turra
አብረን የምንቆይ ይሆናል
58 Kan isiniif dhiheessinu ta'a Isinii dhiheessina
የምናቀርብላችሁ ይሆናል
59 Horiin marga nyaata Marga dheeda
ከብቶች ሳር ይበላሉ
60 Akkamittiin argite ayyaana kana ይህንን በአል እንደት አገኘሄዉ? Ayyaanni akkam?
61 Sirboota ayyaana ayyaana urgaayan Sirboota yeroo ayyaanaatif sirbaman
በአል በአል የምሸቱ ዘፈኖች
62 Sirboota oo'aa qorra isinirraa balleessan Sirba isin afeerra
ብርድ ማበራያ ዘፈኖች
63 Kun kanaan osoo jiruu Haa ta'u malee, garuu, ta'us,
ይህ በእንዲህ እንዳለ
64 Imala isaa garasitti taasise Imale
ጉዞዉን ወደዚያው አደረገ
65 Keessattiyyuu kanaan walqabatee
በተለይ ከዚህ ጋር ተያይዞ
67 Yaada akkasii tarkaanfachiisa Yaada kana qaba
እንዲህ ያለ አስተሳሰብ ያራምዳል
68 Biyyoota galii jiddugaleessaa cina hiriirsisuu akka lakkaawamtu/akka waamamtu
መካከለኛ ገቢ ካላቸዉ ሀገራት ጎን መሰለፍ
69 Namni dhibee(bowwoo)sammuu qabu Silim jechuu/muguu/haara galfachuu
እንቅልፍ መዉሰድ አለበት
hirriba fudhachuu qaba=bowwoo/dhibee
sammuu
70 Nyaata fudhachuu Nyaachuu
ምግብ መዉሰድ
71 Boqonnaa fudhachuu Boqachuu/haara galfachuu/foorfachuu
እረፍት መዉሰድ
72 Yakkamaa motoraan hordofanii qaban - Shakkamaa doqdoqqeen ari'anii qaban
73 Koorniyaa lamaanuu ሁለቱም ጾታ Koorniyaa
74 Leenci ilmoo deessee Dhalte
ወለደች(አማረኛ ሌላ ግስ የለዉም)
75 Harka asii achi yoo itti ergu Hiixatu
እጁን ከዚህ ወደዚያ ሲሰድ
76 Midhaan sassaabuu Walitti qabuu/guuruu/
እህል መሰብሰብ
77 Kana isinitti himuu jaalaneerra ይህንን ልንነግራችሁ ወደድን Isinitti himna
78 Qophiileen keenya ammas kan itti fufan ta'uu Ammallee nu biraa hinhafinaa/hordofaa/dhageeffadhaa
ዝግጅቶቻችን አሁንም የሚቀጥሉ ነው
turtii gaarii የምሆነው መልካም ቆይታ
79 Qophii iftooma bajata arraatin Sagantaa Iftooma Bajataa ...
80 Deeggarsa isiniif taasifnu Deeggarsa isiniif kennamu
የሚናደርግላችሁ ድጋፍ
81 Kunuunsa midhaaniif taasifamu Midhaan kunuunsuu
ለሰብል የሚደረግ እንክበካቤ
82 Daldala beelada seeraan alaa = Daldala beeladaa seeraan alaa
83 Tamsaasa kallattii Suduuda/kolbaa/battalaa
ቀጥታ ስርጭት
84 Qaama dhimmichi ilaallatu Warra dubbiin dhaqqabdu/itti gaafatamaa..ebalu
ጉዳዩ የሚመለከተው አካል
85 Kaadhimama barsiisaa Barsiisaa kaadhimamaa
እጩ መምህር
86 ta'uu danda'uu Ta’innaa/ta'uu/ laata/maallaata
ልሆን ይችላል
87 Odeeffannoo kan isin biraan geenyu ta’a Odeeffannoo isinitti himna
መረጃ የምናደርሳችሁ ይሆናል
88 Biiroo qonna Oromiyaa Biiroo Qonnaa Oromiyaa
89 Muummee Ministiraa ጠቅላይ ሚንስትር ministir Muummee
90 Ministira Muummee Itophiyaa Duraanii Ministira Muummee Duraanii Itoophiyaa
91 Biiroo Bishaan... Oromiyaa Biiroo Bishaanii... Oromiyaa
92 Dubbataniiti kan isaan jiran Dubbatan, himan, jedhan
ተናግረዉ ነው ያለዉ
Himaniiti kan isaan jiran
93 Halli qillensaa olaanaa...gadaanaan.... Oowwi olaanaan...owwii gadaanaan, yoo oowwe hanga ...ta'a
ከፍተኛዉ…ዝቅተኛዉ yookaan hagas...ta'a
94 gama kanaan...gama saniin...gama isaatin... Kana..san..innis..
በዚህ በኩል…በዚያ በኩል…በሱ በኩል
95 Godaansa namoota seeraan alaa Namoota naannessuu... baqa
96 Kaansarii piroosteetii/balbala gadaamessaa Kaansarii ujummoo cidhaanii/afaan gadaamessaa
97 haalli itti waliin hojjataa jiramu jira. Waliin/wajjiin hojjatu/wajjiin dalagu
አበረዉ እየሰሩ ያሉበት ሁኔታ ነዉ ያለዉ
98 Gamanumaa beekameera Odeffannoo qabna/beekneerra/dhageenyeerra/quba qabna
ከወዲሁ ታዉቆአል
99 himatamteetu kan isheen jiru. Himatamte/komaatamte
ተከሳ ነው ያለችዉ
100 goolii walqixaan bahaniitu kan jiran. Qixa bahan
በእኩል ጎል ነው ተለያይተዉ ያሉት
101 Qaawwaa jiru duuchuu Hanqina jiru sirreessuu(qaawwa duuffachuu jennaa silaa?)
ያለዉን ቀዳዳ መድፈን
102 Uwwisa bishaan dhugaatii Waliingahiinsa...
የመጠጥ ዉሃ ሽፋን
103 Sosochii ummataa uumuu Ummata hirmaachisuu/ummata abbaa dhimmaa
የህዝብ ንቅናቀ መፍጠር
gochuu/kakaasuu/jajjabeessuu
105 Ijoolleen tokko afur barnoota argataa jiru Harka afur keessaa tokko...
አንድ አራተኛ የሚሆኑቱ
106 Daldala seeraan alaa Hayyama daldalaa hinqaban, meeshaalee itti seeratame dalalan
ህገወጥ ንግድ
107 Qabamanii toowannaa jala oolaniiru Qabaman/qabame
ተይዘዉ በቁጥጥር ስር ዉለዋል/ዋሉ
108 Manni murtichaa Mana murtii aanaa Gooroo/Horroo/Dodolaa....
ፍርድቤቱ
109 Manni murtii hidhaa cimaa waggaa 4n Murtii cimaa waggaa 4n adabe/adabaman
ጽኑ እስር
adabe
110 Ija ummatarraa bahuu hindanda'an Ija ummataa jalaa hinbahan
ከህዝቡ አይን መሰወር አይችሉም
111 Yakka hannaa raawwatan Hatan....
የሌብነት ወንጀል የፈጸሙ
112 Hatanii miliquuf yaalii taasisu Hatanii miliqan...
ሰርቀዉ ለመሰወር ይሞክራሉ
113 Hordoffiin taasifamee Hordofamee/faana bu'amee/duukaa bu'amee/ faana dhahamee
ክትትል ተደርጎ
114 Himatamtoota too'annaa jala oolchuun Toowataman/qabaman
ተከሳሾቹን ቁጥጥር ስር ማዋል ተችሎአል
danda'ameera.
115 Waancaa badhaafamuun beekamtiin Badhaafame
ዋንጫ በመሸለም እዉቅና ተሰቶታል
kennameefiira
116 Qooda guddaa gumaachuu irratti argema Gahe/qooda/hinkoo qaba
ትልቅ አስተዋጽኦ በማድረግ ላይ ነው

117 Dhimma filannoo hinqabne Ijoodha/fala


አማራጭ የለሌው ጉዳይ ነው
118 Hirmaannaan cimee akka itti fufu ergaa Dhaamanii jiru/dhaaman
ተሳትፎው ተጠናክሮ እንድቀጥል መልእክት
dabarsaniiru አስተላልፈዋል
119 Eebbifamee tajaajilaaf ooleera Eebbifame
ተመርቆ አገልግሎት ላይ ዉሎአል
120 Kun buna ittiin dhguuf oola Buna ittiin dhugan/bunatu ittiin dhugama
ለቡና መጠጫነት ይዉላል
121 Ummanni dubbataniiru Ummanni dubbate
ህዝቡ ተናግረዋል
122 Hawaasni himataniiru Hawaasni himate
ማህበረሰቡ ተናግረዋል
123 Dhimma yeroon hinkennamneef Dagatamuu/irraanfatamuu hinqabu
ጊዜ የሚሰጠው ጉዳይ
124 Fuula duraafis kan waliin hojjatan ta'uu Waliin hojjanna jedhan
ለወደፍቱም አብረዉ የሚሰሩ መሆኑን
dubbataniiru ተናግረዋል
125 Jireenyi isaanii kan irratti bu'uureffame Utubaan jireenya isaanii/wabiin jireenya isaanii
ኑሮአቸዉ የተመሰረተዉ
126 Qaama olaanaa Gaggeessaa/itti gaafatamaa/hoogganaa/qondaala...ebalu
የበላይ አካል
127 Dinqisiifannaa argate/argatte Maalalfame/ajaa'ibsiifame/raajeffame
አድናቆት አገኘ
128 Shaakala taasise/taasisan Shaakale/shaakalan
ልምምድ አደረገ
129 Madda hiyyummaa Kan hiyyoomse... hiyyummaan
የድህነት ምንጭ
130 Karoorfatteetu kan isheen jirtu Karoorfatte
አቅዳ ነው ያለችዉ
131 Hojii misoomaa gaggeessan Hojjatan/misoomsan
የልማት ስራ አከናወኑ
132 Lafa biqiltuun uffifame/uwwifame... Dhaabame
በችግኝ የተሸፈነ መሬት
133 Injifachuu danda'ee jira Injifate/moo'ate
መሸነፍ ችሎአል
134 Injifatamuu danda'ee jira Injiftatame/moo'atame
ልሸነፍ ችሎአል
135 Gabaarra oolche Gabaa baase/gurgure/gurra dhaye
ገበያ ላይ አዋለ
136 Yaalli barbaachisaan akka laatamu taasifama Yaalli nikennama/niyaalama
አስፈላጊ ሂክምና እንድሰጥ ይደረጋል
137 Ifa kenne Ife
ብርሃን ሰጠ
138 Ani mataan koo ofii koo
እኔ እራሴ
139 Jireenya isaanii as keessatti tarkaanfachiisu as keessa jiraatu
ኑሮአቸውን እዚህ ዉስጥ ያራምዳሉ
140 Hawaasa barate/qaroome/hammayyoome Akka baratu/qaroomu/hammayyoomu gargaaruu(barsiisuu,
የተማረ/የሰለጠኔ/ዘመናዊ መፍጠር
uumuu qaroomsuu, hammayyoomsuu)
141 Gumaachuu/tumsuu danda'aniiru Gumaachan/tumsan/indhisan
አሰተዋጽዖ ማድረግ ችሎአል
142 Qaama seerummaa argate Seeraan beekame/seeraan galmaaye/
ህጋዊ ሰዉነት አገኘ
143 Nama barate bocuudha Qaruudha/barsiisuudha
የተማረ ሰዉ መቅረጽ ነው
144 Waliin ta'uun Waliin
አብረዉ በመሆን
145 Keessummaa kabajaa ta'uun kan argaman Keessummaan kabajaa/keessummaan
የክብር እንግዳ በመሆን የተገኙት
146 Iddoo olaanaa kan qabu ta'uu dubbataniiru qooda qaba jedhan/qoonni qabu as aanaa miti jedhan
ከፍተኛ ቦታ ያለዉ መሆኑን ተናግረዋል
147 Injifannoo dhandhaman Injifatan/mooyatan/
ድል አጣጣሙ
148 Qamadii oomisha olaanaa kennu Qamadii atootu/atoota qabu
ከፍተኛ ምርት የሚሰጥ ስንዴ
149 Kana kan ilaaleen Kun/kana duuka
ይህን በተመለከተ
150 Waltajjii banan/saaqan Eegalchiisan
መድረኩን ከፈቱ
151 Waldaan ijaaraman Gurmaayan/kurfaayan
ተደራጁ
152 Bu'uuraalee misoomaa Misoomaawwan bu'uuaa
መሰረተ ልማት
153 Qonnaan bultoonni dhugoomanii jiran Meskirewal Dhugaa bahan/dubbatan/himan
154 waqtii Moossina
ወቅት
155 Jireenya isaanii goda keessatti gaggeessaa Goda keessa jiraatan
ኑሮአቸዉን በዋሻዉ ዉሰጥ ሲያካሂዱ ነበር
turan
156 Miidhaa qaama cimaa/salphaa Miidhaa qaamaa cimaa/salphaa
ቀላል/ከባድ የአካል ጉዳት
157 Seera darbitoota warra seera cabsan
ህግ ተላላፊዎች
158 Hirmaattonni...tokko tokko Warri marii irratti hirmaatan/mari'atan
አንዳንድ ተሳታፊዎች
159 Dhimmicha bitaafi mirga ilaaluun Bitaa-mirga ....(komii)ilaaluun=gamaa gamana ilaaluun
160 Galmeen himannaa qulqullaayee Yakki/Himannaan qoratamee…balleessaa/balleessituu….
የክሱ መዝገብ ተጣርቶ
161 Hundaa ol Caalaa/taraa/darbaa
ከሁሉም በላይ
162 Qaamoleen tokko tokko Ebalu/waajjira
አንዳንድ አካለት
163 Madaa fayyisuuf oola Madaa fayyisa
ቁስል ለማዳን ይዉላል
164 Meeshaalee miidhaginaa irraa oomishuuf Meeshaa miidhaginaattu irraa tolfama
የዉበት ቁሳቁስ ለማምረት ይዉላል
oola
165 Qabeenyummaansaa Qabenyi/qabeenya abaluu/qadhaabni
ንብረትነቱ
166 Jala sararee itti hime Cimsee itti hime, jabeessee itti hime
አሰምረበት ነገርኩት/ነገረዉ
167 Miidhamaa dhuunfaa
የግል ተበዳይ Yakkamaa/miiddhamaa
168 Manni murtii hidhaa waggaa 11 murteesse Mure(muramtee Oromoo….)
ወሰኔ
169 lubbuu isaanii dabarsuuf danda’eera Ajjeeseera
ህይወታቸዉን ማሳለፍ ችሎአል
170 8arren baattoo dhukkubichaa ta’an Namoota dhiiga keessa vaayirasiin jiru
የበሽታዉ ተሸካሚ የሆኑት ሰዎች
171 Gabaarraa oolche Gurgure, gabaa baase
ገበያ ላይ አወለው
172 Abbaa gadaa duraanii luba/hayyuu/
የቀድሞ አባገዳ
173 Taphataa urjii cimaa/beekamaa/maqaa qabu
ኮከብ ተጫዋች
174 Kaasaa kafaluu beenyaa/hirpha
ካሳ መክፈል
175 Namoonni achi qubatan Buufatan
ስዎች እዚያ ሰፈሩ
176 Daldalaa seeraan alaa daldalaa hayyama hinqabne
ህገወጥ ነጋዴ
177 Albuuda kabajamoo Albuuda mi’aa/qaalii
ዉድ ማእድናት
178 Oduu waliin ani ebalu Ani ebalu oduu isinitti hima
ከዜና ጋር እኔ እገለ ነኝ
179 Abdii mure/kute Abdii dhabe/abdii hinqabu
ተስፋ ቆረጠ
180 Kun gaa haa jajjabaatu nama jechisiisa ይህ ይበል ያሰኛል nama jajjabeessa/hamilee namaaf ta’a/ nama si’eessa
181 Mana addeessaa የጨረቃ ቤት Mana hayyama/seera malee ijaarame/daaroo/daasee
182 Ugaandaa kufaatiin diinaggee mudate ሚጣኔ ሀብት ውድቀት Diinagdeen dadhabe/laafe
183 Qoqqobbii irra kaahuu/irratti gatuu Qoqqobbi itti muruu
ማዕቀብ መጣል
184 Woraana ligidaayaa/woraana Woraana ololaa
qabbanaayaa ቀዝቃዛ ጦርነት
185 Galmee gaggeessaa jirra Galmeessaa jirra
ምዝገባ እያካሄድን ነው
186 Dinqisiifattoota Maalalchiifattoota
አድናቂዎች
187 Bifa taphichaa kubbaa jijjiirte Kubbaa tapha si’eessite
የጫዎታዉን መልክ የቀየረች ኩዋሰ
188 Qophii keenya waliin turtii gaarii OBN dhageeffadhaa/daawwadhaa
dabarsaa ከዝግጅታችን ጋራ መልካም ቆይታን
አሳልፉ
189 Walgahii cufaa ዝግ ስብሰባ Walgahii/marii maqoo
190 Olaanaan/gadaanaan ከፍተኛው/ዝቅተኛው Caama/aduu/ tittiifuu/shiiraa/qacaca/
hoobbaa/dirsaa/yandoo/hombololattii/bubbee/aduu/caama
191 Humna hammaabahaa ከገደብ ያለፈ ሀይል Irree/daangaa malee=excessive power
192 Konfaransiin walitti hidhamiinsa የገበያ ትስስር የሚያጠናክር Gabaa maalii? Konfaransiin akkamiin gabaa cimsa?
ኮንፈረንስ
gabaa cimsu taa’ame.
193 Agarsiisa muuziqaa ትእይንት Qeexala
194 Marii gara mirgaatti ariitiin Cancala gara harka mirgaatti …
መሪ በፍጥነት ወደ ቀኝ
naannessuun
195 Sammuu beekumsaan bocame በዕዉቀት ተቀርጾ qarame
196 Lubbuun isaa addunyaa kanarraa ህይወቱ ከዚህ ዓለም አለፈ du’e
darbite/ Du’aan addunyaa kanarraa
darbaniiru-

197 Sirba tokko/qophii kana isin biraan አንድ ዘፈን/ሙዚቃ/ዝግጅት ወደ Sirba dhageeffanna. Qophii…dhihaata.
እናነተ እናደርስና ተመልሰን
keenyee deebinee kan walgarru እንገናኛለን/የምንገናኝ ይሆናል
ta’a/walitti deebina
198 Gamanumaa akka turtii nu wajjiin Nu daawwadhaa/nu dhageeffadhaa
ከወዲሁ ቆይታችሁን ከኛ ጋራ
taasiftan እንድታደርጉ
199 Kakuun nitaasifama ቃለ መሃላ ይፈጸማል nikakatu
200 Ijaaraman ተደራጁ Gurmaahan
201 Kobilistoonii Dhagaa daandiirraa afamu
2002 Biyyoota galii gadi aanaa Zikitenya gebi yalachew
ageroch
Hiyyeeyyii

argatan
2003 Bobaba’aa hincalalamin Yaltetara nedaj Dhubuttaa
2004 Tuttuqqaa dubartii(sharranii) Tinkosaa Coorsaa dubartii

"Ani Afaan Amaaraa waan beekuuf waan isin jechuu barbaaddan hubadha; qonnaan bulaan Oromoo garuu, waan isin jettan
hindhagahu" Gammachuu Magarsaa (Dr).

You might also like