You are on page 1of 2

#Gamoo_Abbaa_Amboo

Gamoon Abbaa Amboo iddo seena qabeessa aanaa Kokkossaa qabdu keessaa isa tokko.
Aanaan Kokkossaa aanaalee Godina Arsii Lixaa keessaa tokko yoo taatu Finfinnee irraa km
365, magaalaa guddoo godinichaa, Shaashamannee irraa km 116fi magaalaa aanichaarra
km 18 fagaattee ganda Woyyoo Kombolchaatti argama. Aanaan Kokkossaa aanaalee Godina
Arsii Lixaa keessaa isa tokko yommu ta'u, qabeenya uumamaafi iddoowwan seena
qabeeyyii heddu qabaachuun bekkama.
Iddoo seena qabeessa aanichi qabu keessaa Gamoon Abbaa Amboo isa tokko.
Jiraattotni naannichaa akka jedhanitti sababni Abbaa Amboo jedhaniif namni kun nama
aadaa, safuu, duudhaa ittiinbulmaata saba Oromoo nama beekuufi nama hayyuu dubbii
ambaa fixuun nama araarsuun bekkamuu akka ta'e himama.
Yommuu kana raawwatus nama hundaayyuu ija tokkon ilaala, gosaan, balbalaan, sanyiin
nama hinqoodu ture. Kanarraa ka'uudhaan nama biyyaati, nama amba hundaati jechuun
Abbaa Amboo jedhanii yaamu malee ilmaan isaa keessa namni maqaa Amboo akka
hinjirrefi maqaan isaanii Shaanqullee Sibiloo akka ta'e maanguddootni naannichaa himan.
Gamoo Abbaa Amboo dallawaan isaa mukkeen gara garaatiin marfamee kanargamuufi
keessi gamichaa iddoo taa'anii kadhannaa ittiraawwatan, bakka urgooftuuwwan garagaraa
ittiaarsan, dhadhaa ittidibantu jira.
Iddoo kanatti sirnoota kadhannaa garagaraatuu adeemsifama. Iddoo gamoo Abbaa Amboo
kana irratti dubbiin hammeenya qabu hindubbatamu jedhama. Waan dhugaa qofatu
haasawama.
Sirnoota Kadhannaa Gamoo Abbaa Ambootti raawwataman
Gamoo Abbaa Ambootti sirna Kadhannaa adda addaatu gaggeeffama. keessumattuu
hawaasni yommuu kadhannaf gara gamichaa deeman akkkas jedhu jedhama.
"Ujubaan abbaa Amboo Gaaxaan irraa mul'ata"
"waaqa nu uumetuu nuuf dubbata"jechaa gara gamicha deemu jedhama.
Sirnootni kadhannaa kunneenis;
Kadhaa Roobaa:- yommuu roobni roobuu dhabee caamni hammaatee ,namaafi beeyladoota
miidhe kan kadhatamuudha.
Kadhaa Nageenyaa:- Kadhaan kunis kan kadhatamu yommuu rakkoon nageenyaa biyyattii
qunnameefi waraanni hammaateedha.
Dubbi Waldhabdee. Namni dhuunfaa, gosaafi gosa giddutti waldhabdeen yommuu uumamu
iddoo kanatti araarri kanbu'uu dha.
Dubbii Gumaa. Yommuu namni walajjese Abbaan Amboo dhiiga liqimse jedhanii dubbii
waliif fixatu jedhama. Araarri bu'as jedhama.
Dubartii dhabduu yookiin da'uumsa hin qabneefi nama harka qalleessa ta'eef Kadhaannaan
taasifama.
Yommuu beelli hammatu. Kadhannaan kun yommu caamni hammaatee loon nama irraa
dhumu, yommuu rakkoon jabaan umatatti dhufte kadhaa kadhatamuu dha.
yommuu kadhannaan kun taasifamus muka Anshaafi Garambaa jedhamu muruudhaan
horii irratti goorr'anii dhiiga horii goorra'amee kallachaa namaa gubbatti qabuudhaan,
facaasuun, buna qaluun, kadhannaan akka taasifamu maanguddoota irraa odeeffannee
jirra.
"Killa feessee Rabbiiyyoo sitti dheesse"
"Killaan bahee Rabbiyyoo sirraa dahee"
"killa guure Rabbiyyoo si nu uumee" jechuun yommuu Rabbiin kadhatan yerooma san
wanti kadhatamu akka namaaf raawwatamu himama.
Namoonni sirni kadhaa taasifameef kunneen yommuu haajaan yookiin dhimmi isaan
barbaadan sun milkaa'eef akka gammachuuttti yookiin immoo galataatti kennan qabu. Inni
kun wareega jedhamuudhaan bekkama.
Wareegni kunis "Killaan bahee Rabbiyyoo sirraa dahee", jechuun kormaafi buna fidu
jedhama.
Abbaan Amboo yommuu lubbuun jiran akkas jedhama ture jedhama
"Baddaan dirree taati"
"Bultiin Irree taati"
"karaan samiirra baasa"
"Garaa walitti kaasa"
bara sana ani hin jiru jedhe jedhama.
Aanaa Kokkossaa yoo dhuftan asumaan iddo seena qabeessa kana daawwadhaan affeerraa
keenya jechaa, iddoowwan seena qabeeyyi qabnu kunuunsuun dhalootaaf akka darbu
taasisuun murteessaa dha.
Komunikeeshinii Godina Arsii Lixaa

You might also like