You are on page 1of 3

Ulfaadhuu kabajamii

Ulfaadhuu kabajamii

Galatan dhiyeessuun ati olqabamii

Suuqaa nabaaste ati yaa Yesuus

Maqaa kee weeddisee yoomuu ofirraa hinbaasuu

Galatan siif kennaa barruu harka koo guutee

Ulfaadhuu Goftaakoo situ naa oolfate

Adunyaaf nakaaste maqaa keen lallabaa

Qabeenya naaf taatee waan hundumaan qabaa

Jaamaa ijaa bantee duudaa dhageessiiftee

Maaltuu sin dhiba galaanayyuu in hirtee

Caccabaa lafee koo walitti suphitee

Walcaalaaa jiruukoo waal naaf qixxeessitee

Dameen koo inni latee sitti hin foxxoquu

Dhiiga keen biqilee ani hinchoollaguu

Jabeessitee dhaabde akka hinbanneetti

Kuni hunduu ta'uunsaa dandeetti koon mitii

======+++++==++
Yesuus

Yesuus *6

Yesuus abbaa koo isa dhugaadha ati

Yesuus fira koo is dhugaadha ati

Caalmaa keetu naaf gale ani sittan hafaa

Namni karaa buusee nabiraa hafaa

Miiltummaan kee hamma biiftuu garasittii

Kanaafan kooluu gala ani sittii

1. Hinqabu ani siin ala filannoo biraa

Anaaf Gooftaa wabiin siqofaatu jiraa

Galfatan sitti ofi kennaa ani ofiikoo

Adaraa hin balleessin galgalakoo

2. Biyya darabaatu wallaansoo qaba

Kanaafan harkakoo ani sittan olqabaa

Naqabi Goofta koo gadi nan dhiisinii

Siwajjin malee deemuu hindanda'u anii

3. Dura koottan ilaala ani ulfinakoo

Naaf bani adaraa ija hafuuraakoo

Nan mo'in waanti biiftuu gadjallaa

Mannikoo galgalaa fannookee jalaa

=======++++======
Dhiiga keetu

Dhiiga keetu anaaf humna dhiiga keetu

Gaariin sirraa bare ati anaaf jaalala

Duutee ka'uu keetiin ta'eera uumama haaraa

Gaariin sirraa bare ati anaaf jireenya

Sitti amanuu kootiin ta'eera uumama haaraa

1. Jaalala abbaaf haadhaan jaalala ati anaaf qabdu

Golgootaatti adeemtee fannoorratti olbaatee

Mucaa kee ta'uukoof ati ragaa dhaabdee

Dhiiga keen jijjiirte anaaf eenyummaakoo

Dhaqna kee uffadheen taa'ee mirga abbaakoo

2. Maal kootu siif ta'e kan anaan jaallatte

Ulfina kee guddaa ati anaaf dhiifte

Na barbaacha dhufte ani nama taatee

Cubbamaa filattee fayyinaan simattee

3. Natti dhiyaattee jirta hafuurakoo caaltee

Jaalala naaf qabdu ofii fiixaan baastee

Yesuus koo hundee nagaakoo

Si anaaf jiruun fayyuu koo

Hoo'uu fudhu galata afaan koo

Yeroo hundaa si'i jajannaan koo

=========+++======

You might also like