You are on page 1of 4

Lakk.

___________________
Ref No __________________
Guyyaa_________________
Date____________________

Ebenezer Oromo Evangelical Church of Kansas City

USA Missouri

Nagaa fi Araarri goofta keenya Yesuus Kirstoos hunduma keenyaaf haa baay’atu.

Dhimmi isaa:- Deggersa hojii isin gaafachuu ta’a.

Hundumaa dursinee Waaqayyoon Abbaa,Gooftaa keenya Yesuus Kirstoos fi Hafuura Qulqulluu


isa nu jaallatee fi eegumsa nuuf taassise hanga har’aatti mo’icha nuuf kenneef ulfinni haa
baay’atu.

Waaqayyo isa yeroo hundumaa karaa Kristos akka warra mo'ee duulaa galuutti nu adeemsisuuf,
Kristosin beekuus akka foolii urgaa'uutti harka keenyaan iddoo hundumaan isa ga'uuf galanni
haa ta'u. 1Qor 2:14

Ittaansuun nuti Manni Sagadaa (Waldaan Amantootaa) Beetel Tulamaa Waldaa Warra
Wangeelaa Makaana Yesuus Itoophiyaa Sinoodosii Beetel Wallaggaa Dhihaa Pirsbiteerii
Dhaayee keessatti kan argamnu yeroo ta’u Teessoon keenya immoo Itoophiyaa-Oromiyaa-
Qellem Wallaggaa- Magaalaa Dambi Dolloo keessa. Hundeeffamni Waldaa Amantootaa kun
bara 2000ALA irraa kaasuun yeroo ta’u,akkaa Seera WWWMYI ‘tti Buufata Lallabaa irraa gara
Waldaa Amantootaatti kan darbine bara 2010ALA’tti. Yeroo ammaa kanas Waaqayyo nu
gargaaree hojii Waaqayyoo kallatti gara garaa irratti bobbaanee hojjetaa jirra. Duub-duubee
naannoo amantoonni keenya keessa jiraatanii fi bultoo amantoota keenyaa yoo ilaalle Dambi
Dolloo keessaa naannoon Tuulama (Ganda 05) jedhamee beekamu iddoo hawwaasni jireenyaan
harka qalleeyyii ta’an heddumminaan keessa jiraataniidha. Haala Waldaa keenyaas gaafa kaasnu
har’a foyya’aa guddataa kan dhufe yoo ta’e illee duraan baay’ee muraasa turre,kana biraanis
hanga tokko dhiibbaan Amantii Islaamaa fi Ortodoksii illee naannoo itti mul’achuu yaalee
turedha.

Egaa Waldaan keenya rakkoowwan armaan olii haa jiraatan iyyuu malee gargaarsa
Waaqayyootiin guddina saffisaa irratti argamna. Kanatti ansuunis hojiilee hanga har’aatti
hojjetaa jirru tokko tokko yoo kaafne:-
Hojii Misiyoonummaa(Wangeela babal’isuu) fagoo fi dhiyootti

Bara 2018 irraa eegallee fageenya Km 800 ol adeemuudhaan Godina Shawwaa Bahaa -Aanaa
Booraa- Magaalaa Botee keessatti Hojjetoota Wangeelaa Darabee darabeedhaan erguudhaan
Waldaan achitti dhaabbatee jira. Naannoon sun dhiibbaa Qaalluu fi Musiliimotaa keessatti kan
argamu iddoo Wangeelli itti hin babal’anneedha. Hata’u iyyuu malee Wangeela lallabametti
amanuudhaan gara gooftaa Yesuus kan dhufan Cuuphuu,barsiisuu fi akka isaan ari’atama
dandamatan gochaa jirra. Hojii kana cimsuudhaaf akka ta’utti immoo iddoo sanaa lafa bitnee
Mana Sagadaa ijaarre jirra, hanga har’attis hojicha baballisuun hojjetamaa jira.

Naannoo Magalaa Dambi Dolloo Ganda Ifa Galaanoo iddoo addaa Sootalloo jedhamuttis hojii
hojjetameen namoota gara gooftaa dhufaniif horii guddaadhaan lafa bitnee bara 2019 Mana
Sagadaa ijaarree jirra.

Gargaarsa Waaqayyootiin Magaalaa Dambi Dolloo keessaa naannoo 06/Qorcoo jedhamutti


Amantoonni keenya of-danda’uun gara Waldaa Amantootaatti akka guddatan goonee jirra.

Hojii Misoomaa/Mana Barumsaa

Akkuma olitti xuquuf yaalle naannoon nuti keessa jiraannu addumaan naannoo xiyyeeffannoo
mootummaa hin qabneedha,kanaafuu hanqina misoomaawwan bu’uuraa hedduutu jira. Kanaaf
ijoolleen hawwaasa harka qalleessaa KG/Oolmaa Da’immanii barachuuf carraa hin qaban turan.
Kanaaf kana sirriitti ilaaluudhaan Waaqayyoon kadhannee bara 2012ALA ‘tti Mana Barumsaa
Oolmaa Da’immanii eegalle, yeroo kanas Manuma dur keessatti Waaqessinu keessatti akka
barsifamu goone. Boodarra gargaarsa gooftaatiin hanga tokko daree Barnootaa ijaaruun yeroo
ammaa kana hanga Kutaa 8’tti guddatee jira. Hawwasni naannoo keenyaas amantaan osoo wal
hin qoodin Daa’ima isaa barsifataa jira. Ijoolleen hiyyeessaas Qarshii xiqqaadhaan barachuuf
carraa kan argatan yeroo ta’uu barattoota baay’ee harka qalleeyyi ta’anifis carraa tolaan akka
baratan deggeraa jirra. Manni barumsaa kun banamuun namoota 21’ta’aniif ga’aa ta’u baatus
carraa hojii isaan ittin jiraatan uumee jira.Karaa biraa immoo Barattoonni hin amanne baay’een
waan jiraniif dirree hojii misiyoonii nuuf ta’ee jira.

Waldaan keenya Hojii Diyaqoniyaa/Deggersa Warra Harka qalleeyyiis hojjetaa jirti. Akkuma
beekamu yeroo ammaa kana uummanni keenya rakkoo haala nageenyaatiin kan wal qabatuun
heddumminaan gara magaalatti godaanee jira,akkasumas yeroo ammaa kana sababa dhibee
dhukkubaatiin hawwaasni keenya dararamaa jira kana keessatti immoo ga’aa ta’uu baatuus
Waldaan keenya gaaddisa aara galfii battalaa taatee tajaajilaa jirti.

Akeeka gara fuulduraatti qabnu

1. Hojii Misiyoonummaa fagootti jalqabnee jirru itti fufsiisuu.


2. Haawwaas Harargee yeroo ammaa naannoo keenya qubatanii jiran,kanneen Wangeelatti
hin amannee fi jireenya foon isaanitiinis oliif gadi rora’aa jiran kanneen mootummaan
quba isaan hin qabne gidduutti Mana Barumsaa banuu fi Kiliinika Jalqabaa banuun
achumaanis Wangeela itti lallabuu.
3. Hojii Mana Barumsaa keenyaa Sadarkaa fooy’aadhaan ga’uu.
4. Hojii tola ooltummaa cimaa ta’e bifa qindawaadhaan hojjechuu.
5. Ijaarsa mana sagadaa jalqabnee jirru xumuruu .

Deggersa isin gaafannu.


1, Sagantaalee gurguddoo armaan olitti karorfannee jirru milkeessuuf Waaqayyoon akka nuuf
kadhattan.

2, Addatti rakkoon guddaan nuti yeroo ammaa kana keessa jirru,hojii ijaarsa Mana Sagadaa
Haaraa Guddaa eegallee jirra. Akkuma beekamu yeroo ammaa kana Manni Sagadaa nuti
keessatti Waaqeffachaa jirru mijataa ta’uu dhiisuu irraa kan ka’e amantoota baadiyyaa irraa
dhufaa jiranis ta’e kana haaraa gara gooftaa dhufaa jiran wajjin keessatti Sagaduuf ga’aa ta’uu
dadhabuun gariin amantootaa bakka teessumaa dhabanii rakkataa jiru.

Kanuma sababa godhachuudhaan bara 2019 irraa kaasnee dargaggoota miseensa waldaa keenyaa
ta’ani fi hiriyoota isaanii wajjin yaada ‘waldaa haaraan kan miseensa keenya hunda qabachuu
danda’u nu barbaachisa’ jedhu irratti mari’achuu jalqabne. Isaanis design waldaa (Architectural
design) sadarkaa isaa eeggate utuu waan tokko nurraa hin barbaadiin nuuf dhiyeessani.
Akkasumas ogeessota ijaarsaa waldaa keenya keessaa qabnuu fi miseensa waldaa keenyaa kan
humnaa fi qabeenya isaaniin nu gargaaran fayyadamuun ijaarsa Mana Sagadaa Haaraa kana
Bu’uura (Foundation) isaa jalqabnee lafa keessaa achii ol baasnee jirra. Haatahu malee yeroo
ammaa kana sababa haala rakkoo nageenyaa fi qaala’iinsa gabaatiif hawwaasni keenya ofiis
hojjetatee mana waaqayyoofis waa hixachuun haala itti ulfaaterra jira. Akkuma olitti ibsuuf
yaalle dhibeen busaa yeroo ammaa kana haala dur baratamaan hin taaneen addatti hawwaasa
dararaa jira. Magaalaas ta’e baadiyyaa keessa namni dhibee kanaan yeroo qabamu sababa
hanqina qorichaatiif yaalamuudhaaf qarshii guddaa isa gaafata. Yaalii taassifamuunis yoo
fooyya’e ammas yeroo torban lama hin guunne keessatti deddeebi’ee qabama, kunis hawwaasni
keenya maallaqa ga’aa akka hin qabaanne godhee jira. Akkasumas rakkoo waaraanaatiif yeroo
amma kana baadiyyaadhaa gara magaalaatti socha’uun, magaalotaa magaalatti socha’anii
hojechuufi daldaluun waan hin danda’amneef kunis hojii Waldaa danqee jira. Kanarra kan darbe
immo dirqamaan kaffaltiin mootummaan gaafatu,kanneen akka deggersa human waraanaa fi
gibira humnaan olii amantoota keenya hiyyumaa hamaadhaaf saaxilee jira. Abbootiin qabeenyaa
dur magaalaa keenya keessa jiraniifi amantoota keenya ta’an baay’een isaani kasaaranii
gabaadhaa ala yeroo ta’an gariin immoo ari’atamanii biyyaa ba’anii jiru. Kanaaf ijaarsi waldaa
keenyaas dhaabbatee jira.

Kanaafuu Maqaa Waaqayyootiin kan isin gaafannu karooraa fi hojii nama karaa dhaabbate itti
fufsiisuuf isa angoo qabu kan amanattan kadhata fi gorsa keessanin cina keenya akka
dhaabbattan isin gaafanna. Akkasumas utuma ofii keessaniis akka waldaattis akka dhuunfaattis
karoora baayee qabdanillee waan Waaqayyo isinif kenne Qarshii keessaniinis akka hojii kana itti
fufsiiftan isin gaafanna.

Dhuma irrattis gara fuula duraatti hojiin nuti hojjetaa jirru kun kan isin amansiisu yoo ta’e,
Addooyyummaa dhaabbataa qabachuun wali wajjin hojjechuun fedha keenya waan ta’eef isinis
mul’ata kanaaf kan kana fakkaatuun nu wajjin hojjechuuf fedha keessan barreeffamaan akka nu
beeksiftan jaalala Waaqayyootiin isin gaafanna.

Nagaa Hafuuraa Wajjin!

Solomoon Afiidoo Waratii Galaalchaa(Luba)

Dura Bu’aa Maanguddootaa. Senior Pastor

Mallattoo _______________ Mallattoo ___________________

Hubachiisa : Contact person (kan wal nu quunnamsiisan) Luba Waratii Galaalchaa ta’u.

Address
Email: woreti2015@gmail.com
phone No +251917840165

You might also like