You are on page 1of 91

Waajjira Abbaa Alangaa Godina Jimmaa

Visit Jimmaa zone attorney official website via www.mhaagj.org


BAAFATA

Qabiyyee Fuula
Kakuu! ................................................................................................................................... i

GALATA ................................................................................................................................. ii

Yaad-cuunfaa (abstract) ....................................................................................................... III

❖ Tarreeffama gabateewwanii fi ibsitoota fakkiiwwanii ....................................................................................... IV

❖ Furtuu jechootaa (gabaajeewwanii fi kottoonfattota) ....................................................................................... IV

BOQONNAA TOKKO ............................................................................................................... 1


1. Seensa Qorannichaa ....................................................................................................... 1

1.2. Hima Rakkoo (statement of the problem) ......................................................................................................... 1

1.3. Barbaachisummaa Qo’annichaa (Significance of the study) ........................................................................... 3

1.4. Gaaffilee qorannichaa isaan bu’uuraa (Basic research questions) ................................................................. 3

1.5. Kaayyoo Qo’annichaa (Objective of the study) ................................................................................................ 4

1.5.1. Kaayoo Gooroo (General objectives) ...................................................................................................... 4

1.5.2. Kaayyoo Gooree (Specific objectives) .................................................................................................... 4

1.6.2. Irraawwatama Qorannichaa – Total Population ................................................................................ 5

3.2. Iddattoo fi Mala iddatteessuu qorannichaa .............................................................................................. 6

1.6.5. Mala Xiinxala Ragaalee ........................................................................................................................ 7


1.7. Daangaa Qorannichaa (Scope of the study)
.................................................................................................... 7

1.8. Daangeeffama/Hudhaalee Qorannichaa


.......................................................................................................... 8

BOQONNAA LAMA ............................................................................................................... . 9

2. SAKATTA’A HOG-BARRUU (Review of literature) .............................................................


9

i
2.1. Kaayyoo Seera Yakkaa
.................................................................................................................................... 10
2.1.2. Yakka ittisuu ykn Akeekkachiisuu (Deterrence of criminal behaviour)
................................................ 11

2.1.3. Gocha yakkaa Adabuu/punishment of criminal activity/


....................................................................... 11

2.1.4. Ittisuu/Dandeettii Dhabsiisuu (Incapacitation or Disabling)


.................................................................. 12

2.1.5. Sirreessuu fi Haaromsuu (Reformation or Rehabilitation of the criminal)


............................................ 13

2.2. Bu’uura seera deemsa falmii yakkaa Kwt 134 tiin kenniinsa murtii balleessummaa
..................................... 14
2.2.1. Ulaagaa jecha amantaa himatamaa irratti hundaa’anii murtii balleessummaa kennuu
........................... 16

2.2.2. Faayidaa jecha amantaa himatamaa irratti hundaa’anii murtii balleessummaa kennuu
........................ 18

2.2.3. Dhiibbaa jecha amantaa himatamaa ulaagaa seeraa hin guunne irratti hundaa’anii murtii
balleessummaa kennuu ...............................................................................................................................................
20

BOQONNAA SADII ............................................................................................................... 22

3. Dhiyeessa Yaadota Maddoota Odeeffannoo Irraa Sassaabamanii, Xiinxala Taasifamee Fi


Argannoowwan Qorannichaa (Data Presentation, Analysis and Findings) ............................ 22

3.1. Yaadota maddoota odeeffannoo irraa sassaabamanii dhiyaatan


.............................. 22

3.2. Xiinxala maddoota odeeffannoo sassaabaman irratti taasifame


.................................................................. 50

3.3. Argannoowwan Qorannichaa (Findings)


....................................................................................................... 59

BOQONNAA AFUR ............................................................................................................... 62

ii
4. Guduunfaa fi yaada furmaataa (Conclusion and recommendation) ............................... 62

4.1. Guduunfaa ...................................................................................................................................................... 62

4.2. Yaada Furmaataa (recommendation) ............................................................................................................ 62

TARREEFFAMOOTA WAABIILEE/MADDOOTA ODEEFFANNOO .............................................. 64

Gabatee Seerotaa ............................................................................................................... 64

Kan federaalaa ............................................................................................................................................................ 64

Kan Naannoo ...............................................................................................................................................................


64

Kitaabota ............................................................................................................................ 64

Barruulee ............................................................................................................................ 64

Galmeewwan Dhimmoota Mana Murtii Federaalaatiin Murtaa’anii .................................... 65

Toora interneetii ........................................................................................................... ...... 65

Miiltoowwan ....................................................................................................................... 66

Gabatee Galmeewwanii fi Maddoota Biroo ................................................................................................................


66

Suuraawwan ................................................................................................................................................................
67

Unkaalee Bar-Gaaffii ................................................................................................................................................... 69


Bar-gaaffii Abbootii Alangaaf dhiyaate ................................................................................................................... 71

BAAFATA GABATEEWWANII

Gabatee 1: irraawwatama qorannaan kun irratti gaggeeffamee .................................................. 6


Gabatee 2: Ibsa iddattoo fi iddatteessuu qorannaa kanaa ............................................................ 7

iii
Gabatee 3: yaada abbootiin seeraa jecha amantaa fi waakkii himatamaa bargaaffii keessatti
dhiyaateef irratti hundaa’uun kennan .......................................................................................... 26
Gabatee 4 Gabatee yaada abbootiin Alangaa jecha amantaa fi waakkii himatamaa bargaaffii
keessatti dhiyaateef irratti hundaa’uun kennan ............................................................................ 32
Gabatee 5: xiinxala cuunfaa galmeelee yakkaa sakatta’aman irratti taasifamee ....................... 58
Gabatee 6: xiinxala galmeewwan bargaaffiif dhimmi itti ba’amee galmeewwan gadi deebi’anii
ragaan A/Alangaa akka irratti dhagahamuuf ajajaman xumura argachuu isaanii adda baasuuf
taasifamee ..................................................................................................................................... 62

iv
Biiroo A/Alangaa Waliigalaa Oromiyaatti,

Waajira A/Alangaa godiina Jimmaa

Kakuu!

Nuti, Maqaa Fi Mallattoon keenya Armaan Gaditti Kan Ibsame, Hojiin Qorannoo Kun Hojii
Haarawaa Dhuunfaa keenyaa Ta’uusaa, Armaan Dura Guutummaanis Ta’e Gar-Tokkeen
Waajira Kanattis Ta’e Bakka Biraatitti, Nama Biroo Kamiiniyyuu Kan Hin Hojjatamin;
Akkasumas, Maddootni Odeeffannoo Qorannoo Kanaaf Itti-Gargaaramne Hundi Sirnaan
Kan Caqafamanii Fi Beekamtiin Kan Kennameef Ta’uusaa Jecha Kakuu Keenyaan Ni
Mirkaneessina!

Kakataa/Kakuu Gala: Mirkaneessaa Kakuu:

1. Maqaa: ____________________; _________________________

Mallattoo: _____________________; __________________________

Guyyaa: ____________________; __________________________

2. Maqaa: ____________________; _________________________ Mallattoo:

_____________________; __________________________

Guyyaa: ____________________; __________________________


i
GALATA

Hojiin kun hirmaannaa fi fayyaalummaan tajaajila qaamolee garagaraatiin ala sadarkaa kana hin dhaqqabne.
Abbootiin alangaa toora chaanaalii garee abbootii alangaa godiina Jimmaa irratti yaadaa fi beekumsa isaanii
mata-duree qorannaa kanaa irratti kennan hundaa ol galata onnee irraa maddetu malaaf.
Galanni kun Abbootii Alangaa fi Abbootii seeraa bargaaffii galtee qorannaa kanaa ta’e irratti yaada isaanii
nuuf laataniifis nuuf hadhaqqabu. Qaamoleen garagalcha galmeewwan murtii argatanii qorannaa kanaaf
barbaachisan sakatta’anii dhiyeessuu keessatti nuffii male fayyaalummaan deeggarsa nuuf taasisuun akka
dhiyaatu nuuf taasisanii fi nuuf dhiyeessan keessattuu Abbaan Adeemsa yakkoota adda addaa waajjira
A/Alangaa godina Keenyaa adde Zahaaraa Mahaammad fi hojjattoota mana galmee waajjira keenyaatiif
hojiin isaanii kallattiinis ta’e alkallattiin galma gahiinsa hojii kanaatiif murteessaa waan ta’eef galanni
keenya daangaa hin qabu.
ii
Yaad-cuunfaa (abstract)

Namni hunduu hanga wanta ittiin himatame raawwachuun isaa irratti mirkanaa’uutti mirga akka
qulqulluutti lakkaa’amuu eegumsa heeraa argate qaba. Namni tokko yakka ittiin himatame
raawwachuun isaa karaalee gurguddoo lamaan kan mirkanaa’uu danda’u yoo ta’u; inni tokkoffaan,
himataan ragaa himannaa isaa mirkaneessuu danda’u mara dhiyeessuun namni himatames ragaa
irratti dhiyaate gaaffii qaxxaamuraa gaafachuu fi mirga dhagahamuu isaatiin ragaa ittisaa
dhageessifatee bu’aa dhumaatiin balleessummaan yommuu mirkanaa’u mirgi akka qulqulluutti
lakkaa’amu isaatiis kan fashalaa’u ta’a, inni lammataa ammoo namni himatame gocha ittiin
himatame guutummaan guutuutti yommuu amanu jecha amantaa isaarratti hundaa’uun ragaan
gama himataatiin jiru otuu hin dhagahamin jechuma himatamaa irratti hundaa’uun yommuu
murtiin balleessummaa laatamudha.

Jecha amantaa irratti hundaa’anii murtii balleessummaa kennuu jechuun gochi ykn miti-gochi
tokko seeraan kan dhorkame ta’ee otuu jiruu himatamaan gochicha raawwachuu isaaf sababa
guutummaan guutuutti ykn gar-tokkeen dhiifama isaaf kennisiisu otuu hin qabaatin raawwatee
haaluma kanaan gochicha raawwachuusaa amane irratti murtii balleessummaa ragaa himataa otuu
hindhagahin kennamuudha. Qabatama hojii keessatti murtiin balleessummaa jecha amantaaf
waakkii himatamaa irratti hundaa’amee mana murtii tokkoon kennamu mana murtii gara biraatiin
diigamuun isaa seera tokkicha jiru irratti hojimaatni garaagarummaa qabaachuu kan agarsiisu
waan ta’eef maddi rakkoo kanaa maal akka ta’ee fi dhiibbaa maaliis hordofsiisa kan jedhu mala
qorannoo qulqulleessaatti fayyadamuun qorannaan kun gaggeeffame jira. Qorannoon gaggeeffame
kun ogeeyyiin seeraa ulaagaa jecha amantaaf waakkii himatamaa irratti hundaa’anii murtii
balleessummaa kennuu irratti hubannoo garagaraa kan qaban ta’uun isaa madda rakkoo kanaa akka
ta’ee fi sababa kanaanis haqni jallachaa jiraachuu saaxilee, qaamni himatu, yeroo
himatamaan(toonni) hambifannoon amanu (nanitti) jecha amantaa kennamu irratti dabalataan
ragaa dhageessifachuu akka qabu; Manni murtiis yeroo himatamaan(toonni) hambifannoon amanu
(nanitti) jecha amantaa kennamu irratti dabalataan ragaan akka dhagahamu taasisuu akka qabu
akka yaada furmaataatti ka’amee jira.
III
❖ Tarreeffama gabateewwanii fi ibsitoota fakkiiwwanii

➢ Qorannaa kana keessatti dhimmootni yakkaa mana murtiitti dhiyaatanii bu’uura seera
deemsa falmii yakkaa Keewwata 134(1)’tiin manneen murtii aanaalee godina Jimmaa
keessatti murtii argatan bal’inaan dhimma itti bahameera. Dabalataan murtiiwwan jecha
amantaan aanaarratti murtii argatanii mana murtii olaanaa godiina Jimmatiin ilaalamanii
ciman, fooyya’anii fi diigaman qorannaa kanaaf hojiirra oolanii jiru.
➢ Qorannoo kanaaf Heerri mootummaa Federaalawaa demokraatawaa Ripaablika
Itoophiyaa, seerri Yakkaa, seerri deemsa falmii yakkaa, fi murtiiwwan dirqisiisoo
dhaddacha ijibbaataa mana murtii waliigalaa federaalaatiin kennaman hojiirra oolani jiru.

❖ Furtuu jechootaa (gabaajeewwanii fi kottoonfattota)


SDFY= Seera Deemsa Falmii Yakkaa

SY= Seera Yakkaa

HMFDRI= Heera Mootummaa Federaalawaa Demokraatawaa Ripaablika Itoophiyaa

MMMWFDhI= Murtii Mana Murtii Waliigalaa Federaalaa Dhaddacha Ijibbaataa Kwt=

Keewwata
IV
BOQONNAA TOKKO

1. Seensa Qorannichaa

1.1. Duubessa qorannichaa (back ground of the study)

Kenniinsi murtii balleessummaa seera deemsa falmii yakkaa keessatti diriire ulaagaa, adeemsaa fi
kaayyoo of danda’e ni qaba. Qabatama hojii keessatti akkaataa hubannaa ulaagaa kenniinsa murtii
balleessummaa jecha amantaa himatamaa irratti hundaa’uun laatamu irratti jecha amantaaf
waakkii tokkicha irratti hundaa’uun amaneera jedhamee murtiin balleessummaa mana murtii
tokkoon kennamu mana murtii kaaniin diigamuun isaa ogeeyyii seeraa ogummaa walfakkaataa
keessa jiran gidduutti jecha amantaaf waakkii himatamaa irratti hundaa’uun murtii kennuuf
ulaagaa seerri kaa’e irratti garaagarummaan jiraachuusaatiif agarsiistuu ta’uu mala waan ta’eef
ragaa qabatamaa irratti hundaa’uun fashaleessuu ykn mirkaneeffachuun barbaachisaadha.
Kanarraa ka’uun qorannaa kana gaggeessuun barbaachisaa ta’eetu argame.

1.2. Hima Rakkoo (statement of the problem)


Sirna seeraa biyya tokkoo keessatti mirgootni fi dirqamootni seerota muummee keessatti beekamtii
argatan karaa imaammata haqa-yakkaa biyyattiin diriirsituun eegumsaa fi dawoo seeraa argatu.
Imaammati haqa yakkaa ammoo seerota muummee qofa otuu hin ta’in seerota deemsaa kaayyoo
seerota muummee karaa salphaa fi baasii qusataa ta’een hojiitti hiikuun galmaan gahuu
danda’aniin yoo hoogganaman bu’a qabeessa ta’u. Seerotni deemsaa amala isaaniitiin seerota
muummee fi kaayyoo seerota muummee sanii gidduutti riqicha ta’uun kan tajaajilaniidha. Kanaaf,
seerri deemsaa mirgoota namni tokko seerota muummee adda addaatiin goonfate haala
haqaqabeessaa fi bu’a -qabeessa ta’een qixa hundaan akka hojiirra oolaniif shoora ol’aanaa
taphata.

Sirna haqa yakkaa biyya keenyaa keessatti mirgoota shakkamaan heera mootummaa federaalawaa
demokraatawaa federaalawaa Itoophiyaa (HMFDRI) bara 1987 ragga’ee fi waliigalteewwan
idiladduunyaa biyyi keenyi mallatteessitee qaama seera biyyashee taasifatte keessatti beekamtii
argatan keessa tokko; mirga namni shakkame jecha amantaa of irratti laachuudhaan (self
incrimination) kan walqabatuudha. Kun abbaadhaa olitti namni ragaa bahuu danda’u hin jiru kan
jedhu tilmaama kan ofkeessaa qabu ta’us adeemsi jecha fuuchuu sirnaan (strictly) yoo hin

1
fuudhaminii fi hin ilaalamin murtii argata taanaan faayidaa tilmaamni kun qabu caalaa miidhaa
inni nama yakka raawwate miliqsuun nama qulqulluu yakkisiisuu danda’u bal’aadha. Kanaaf,
qaamni jecha amantaa himatamaan laatu fuudhuuf seeraan angeeffame, Manni murtii, mirgoota
himatamaan qabu dhaddacharratti itti himuun, haala waliigalaa himatamaas dhaddacha irraa
hubachaa dhugummaa jecha amantaa himatamaatis yaada keessa galchaa ajaja barbaachisaa ni
kenna.

Ajajni karaa mana murtii darbu ammo, jecha amantaaf waakkii himatamaan dhaddacha irratti laatu
irratti hundaa’ee qaamni himate (Abbaan Alangaa) yaada laatu tilmaama keessa galchuun seera
faana xiinxalee ta’uu qaba. Abbaan seeraa mana murtiitti ajaja kana laatuu fi Abbaan Alangaa
jecha amantaaf waakkii himatamaa irratti hundaa’ee yaada murtiin balleessummaa naaf haa
kennamu ykn ragaan kiyya naaf haa dhagahaman jedhus barumsa walfakkaataa fi ogummaa tokko
keessa kan jiraniidha. Haata’u malee, jecha amantaaf waakkii himatamaa irratti hundaa’uun ajaja
bu’uura seera deemsa falmii yakkaa (SDFY) Kwt. 134 fi kwt.135’tiin kennamuu qabu irratti
hubannaan gama ogeeyyii kanaatiin jiru maal fakkaata kan jedhu sakatta’amuu qabaata.
Kaayyoowwan seera deemsa falmii yakkaa biyya keenyaatiin galma ga’uuf yaadamanii seerri
deemsa falmii yakkaa itti tumame qajeeltoowwan seera adeemsaatiin hoogganamuun murtiin yoo
dabarfame mirgi shakkamaa ni kabajama; ol’aantummaan seeraas akkasuma. Bu’aan kanaa
ammoo Haqa mirkaneessuun amantaa uummanni kabajamuu seeraa irratti qabu ni guddisa. Kun
yoo hin ta’in hafe faallaa kanaa balaa hammaataa sarbamuu mirga himatamaa fi cabuu seeraa
hordofsiisuun amantaa uummati sirna haqaa biyyattiirraa fi qaamolee haqaa irraa qabu gadi bu’aa
deema.

Qaamolee haqaa gidduutti garaagarummaa hiikkoo seeraa xiqqeessuu kaayyoo isaa taasifatee kan
hojjachaa jiru manni murtii waliigalaa Federaalaa fi Naannoo oromiyaa dhaddacha ijibbaataa
isaaniitiin yeroo garagaraa haala yaada amantaa himatamaa irratti hundaa’uun murtiin
balleessummaa himatamaa irratti darbuu qabu irratti murtii kan kennan ta’us, ammas haalli galmee
jecha amantaa irra hubatamu murtiin kenname oliyyataan diigamaa jiraachuu isaati. Kunimmoo,
yaadamni jecha amantaa himatamaa irratti hundaa’uun bu’uura sdfy, kwt.134 tiin murtii
balleessummaa laachuun walqabatee jiru haala wal fakkaatuun hojiirra oolaa kan hin jirre ta’uu
agarsiisa.

2
Qorannoo kanaafis sababa kan ta’e, manneen murtii aanaalee godina Jimmaatti murtiiwwan jecha
amantaa himatamaa irratti hundaa’amee laatame oliyyataan haalli itti diigamaa jiru mul’achaa
jiraachuu isaarraan kan ka’e, sakatta’a gaggeessuun gara fuula duraatti dhimma murteessa murtii
balleessummaa fi adabbii jecha amantaa himatamaa qofaa irratti hundaa’amee laatamu irratti
xiyyeeffannoon ol’aanaan itti kennamee irratti hojjatamuu akka qabu kan agarsiisudha.

1.3. Barbaachisummaa Qo’annichaa (Significance of the study)


Qorannoon gaggeeffame seeraaf qabatamni jecha amantaaf waakkii himatamaa irratti hundaa’anii
murtii balleessummaa laachuu maal akka fakkaatu agarsiisuufidha. Kanaan alas qo’annaan kun
faayidaalee kanaa gaditti tarreeffaman ni qabaata. Isaanis:

• Ogeessoti seeraa (Abbootiin Seeraaf Abbootiin Alangaa) jecha amantaaf waakkii


himatamaa irratti hundaa’uun murtii balleessummaa kennuuf ulaagaa seerri rogummaa
qabu teechise haala/bifa kamiin gara hojiitti hiikaa akka jiran akka of ilaalaniifidha.
• Argannoo qo’annaa kanaa irraa ka’uudhaan ogeeyyiin seeraa qabatama hojii keessa jiran,
qaawwa hojimaata jecha amantaa fi waakkii himatamaa irratti hundaa’anii murtii
balleessummaa kennuu keessatti mul’atan qorannoo kana irraa waan hubataniif hafuura
seerichaa qixa barbaachisaa ta’een hojiirra akka oolchan ni gargaara.
• Qo’annichi qo’annaa gara fuula-duraa mana hojjichaatiin ykn qaama biraatin
adeemsifamuufis akka ka’umsaatti ni tajaajila.

1.4. Gaaffilee qorannichaa isaan bu’uuraa (Basic research questions)


Kaayyoo qorannicha galmaan gahuuf qorannoon kun gaaffiilee bu’uura qorannichaa armaan gadii kan
deebisu ta’a.

1. Jecha amantaaf waakkii himatamaa irratti hundaa’uun murtii balleessummaa kennuu seerri
deemsa falmii yakkaa diriirse irratti garaagarummaan hubannoo/yaadaa ogeeyyii seeraa
(abbootii Alangaa fi Abbootii seeraa) gidduu jiraa?
2. Seerri fi qabatamni jecha amantaa himatamaa irratti hunda’anii murtii balleessummaa
kennuu akka manneen murtii aanaalee fi mana murtii ol aanaa godiina Jimmaatti jiru maal
fakkaata?
3. Jecha amantaa ulaagaa seerichi teechise hin guunneen murtiin balleessummaa kennamu
dhiibbaa maalii hordofsiisa?
3
4. Jecha amantaa himatamaan gocha yakkaa ittiin himatame raawwadheera jechuun kennu
ilaalchisee jechi amantaa himatamaa ulaagaa seerichi teechise yoo hin guunne yaadi
abbaan alangaa dhaddacha irratti laatu maal ta’uu qabaata?

1.5. Kaayyoo Qo’annichaa (Objective of the study)


Qorannoon kun kaayyoowwan armaan gadii qabaata. Isaanis: Kaayyoo gooroo fi kaayyoo gooreeti.

1.5.1. Kaayoo Gooroo (General objectives)


Kaayyon gooroo qorannoo kanaa Abbootiin Alangaa fi Abbootiin Seeraa mirga himatamaa
kabajuu fi haqa mirkaneessuuf dirqama heeraaf seeraa fudhatanii/baadhatanii hojjachaa jiran,
jecha amantaaf waakkii himatamaan dhaddacharratti kennuun wal qabatee; abbootiin alangaa
yaada yoo laatan, akkasumas abbootiin seeraas jecha amantaa himatamaan kennu irraatti murtii
balleessummaa ykn jal-murtii biroo yoo kennan ulaagaalee seera deemsa falmii yakkaa
(s/d/f/y.kwt. 134 fi 135) keessatti tumamanii jiran hubatanii fi kabajanii hojjachuurratti maal
fakkaatu kan jedhu agarsiisuudha.

1.5.2. Kaayyoo Gooree (Specific objectives)


Kaayyoowwan gooree qorannoo kanaa:
1. Ogeeyyiin seeraa (abbootiin Seeraaf abbootiin Alangaa aanaalee fi godiina Jimmaa) jecha
amantaa fi waakkii himatamaan dhaddacha irratti laatu fi seera rogummaa qabu walsimsiisuu
irratti hubannaan jiru maal akka fakkaatu agarsiisuudha.
2. Jecha amantaaf waakkii himatamaa irratti hundaa’anii murtii balleessummaa kennuu fi
kaayyoo seera yakkaa galmaan gahuu gidduu hariiroo jiru agarsiisuu.

3. Seerri fi qabatamni jecha amantaa himatamaa irratti hundaa’anii murtii balleessummaa kennuu
akka manneen murtii aanaalee fi mana murtii ol aanaa godiina Jimmaatti jiru maal akka
fakkaatu agarsiisuu fi hanqina gama hojimaataan jiru mul’isuun fala akeekuu dha.

4. Jecha amantaa himatamaa ulaagaa seeraa hin guunneen murtii balleessummaa kennuutiin
dhiibbaan mudachuu danda’u maal akka ta’e agarsiisuu.

5. Jechi amantaa himatamaan yakka ittiin himatame raawwadheera jechuun dhaddacha irratti
kennu ilaalchisee; yaada abbaan alangaa dhaddachaa irratti kennuu fi jal-murtiin/murtiin
abbaan seeraa kennuu qabuuf yaada furmaataa akeekuudha.

4
1.6. Malaa Fi Tooftaa Qorannichaa
1.6.1. Mala Qo’annichaa - Research Methodology

Qo’annoon adeemsa waa argachuuf godhamuudha. Argannoo qo’annoo tokko irra ga’uuf immoo
gosoota qo’annoo addaa addaa fi maloota qo’annoo adda addaatti fayyadamuun dirqama.
Bu’uruma kanaan qo’annoon taasifames jecha amantaa himatamaa irratti hundaa’uun kenniinsa
murtii balleessummaa seeraa fi qabatama akka manneen murtii aanaalee fi godiina Jimmaatti jiru
agarsiisuuf, gosoota qo’annoo beekkaman sadan keessaa gosa qo’annoo poolisiiwwan,
sagantaawwanii fi raawwatamiinsa isaanii madaaluu fi gamaaggamuu (Evaluative research) dha. 5
Kana malees qo’annoon kun maloota qo’annoo beekkaman lamaan (the two major research
approaches) keessaa malli qo’annoo akkamtaa ykn kuwaaliteetivii faayidaarra ooleera.

1.6.2. Irraawwatama Qorannichaa – Total Population

Irraawwatamni qorannoo kanaa manneen murtii aanaalee Godina Jimmaa fi mana murtii ol aanaa
godiina Jimmaatti galmeewwan jecha amantaa fi waakkii himatamaa irratti hundaa’amee murtiin
balleessummaa irratti laatame irratti dha. Aanolee diigdamii tokko (21) godinni Jimmaa of jalaa
qabdu dabalatee manneen murtii aanaa magaalaa Jimmaa fi mana murtii ol aanaa godina Jimmaa
irraawwatama qorannichaa ta’u. Kanaaf, qorannichi manneen murtii aanaalee diigdamii tokkoon
keessaa kudha tokko fi mana murtii ol aanaa godina Jimmaa irratti kan gaggeeffame yoo ta’u,
manneen murtii dhimma kanaaf filataman baay’ina galmee isaanii fi ulaagaa biroo irratti
hundaa’uun sadarkaa aanaalee biiroo A/Alangaa waliigalaa Oromiyaatiin bahe irratti hundaa’uun
bifa sadarkaalee arfan sadarkaa aanotaa giddu gala godhateen itti yaadamee (purposive sampling)
kan filatameedha. Manni murtii ol aanaa godina Jimmaatis galmeewwan aanaalee diigdamii
tokkon irraa ol iyyataan dhiyaatan carraan ilaaluu isaa bal’aa waan ta’eef, akkasumas galmeewwan
qorannoo kanaaf rogummaa qaban kan aanaalee hunda irraa dhiyaatan salphaatti argachuun waan
danda’amuuf, akkasumas ejjannoon mana murtii olaanaa jecha amantaa himatamaa irratti
hundaa’amee murtii kenname irratti qabu hubachuuf carraa guddaa waan qabaatuuf itti yaadamee

5
kan filatameedha. Ibsa irraawwatama qorannichaa gabatee armaan gadii irra ilaaluun ni
danda’ama.

Gabatee 1: irraawwatama qorannaan kun irratti gaggeeffamee

Maqaa Godinaa Maqaa Aanaalee odeeffannoon irraa funaanamee


Gommaa, S/Coqorsaa, L/Kossaa, magaalaa Jimmaa, Sh/Somboo,
Maannaa,
Godina Jimmaa L/Saqqaa, Manchoo, O/Beeyyam, N/Beenjaa fi B/Xoollaay

1.6.3. Maddoota Ragaa Qorannichaa

Qorataan qorannoo isaa keessatti madda ragaa tokkoffaa fi madda ragaa lammaffaa fayyadame.
Madda ragaa tokkoffaan; Abbootii Seeraa fi Abbootii Alangaa irraa odeeffannoo argame fi
doowwii dhaddachaa gaggeesseen walitti qabate. Madda ragaa lammaffaan immoo; Mana murtii
fi Waajjira Abbaa Alangaa godinaa dabalatee aanaalee filataman irraa galmeelee jecha amantaaf
waakkiitiin murtii argatan, akkasumas kitaabootaa fi seerota qo’annichaa waliin rogummaa
qabanidha.

3.2. Iddattoo fi Mala iddatteessuu qorannichaa


Irraawwatama qorannichaa keessaa wayita daawwannaa fi gamaaggama hojiitiif gara Aanaaleetti
imalame, daawwannaa hojiitiin cinaatti odeeffannoo qorannaa kanaaf tajaajilu, manneen murtii
Aanaalee jiran keessaa; baay’ina galmee isaanii fi ulaagaa biroo irratti hundaa’uun sadarkaa
aanaalee biiroo A/Alangaa waliigalaa Oromiyaatiin bahe irratti hundaa’uun bifa sadarkaalee arfan
sadarkaa aanotaa giddu gala godhateen itti yaadamee (purposive sampling) filachuun
danda’ameera. Qorannaan kun gara yaada waliigalaa tokkotti dhaqqabuuf yaadota ogeessotaa
(Abbootii Seeraa fi Abbootii Alangaa) qofarratti kan hundaa’e osoo hin ta’in, hojii isaan
qabatamaan galmee irratti agarsiisan kan hammateedha. Akka waliigalaatti, qorannaan kun
abbootii seeraa aanaa 130 jiran keessaa 34 fi abbootii Alangaa 150 keessaa 43 bargaaffiin
hirmaachisee jira. Akkasumas, galmeewwan dhimmichaaf rogummaa qaban 28 irratti xiinxala
gaggeeffame kan haammateedha. Gabateen armaan gadiitis kanuma agarsiisa.
6
Gabatee 2: Ibsa iddattoo fi iddatteessuu qorannaa kanaa
Madda ragaa Kan Baay’ina raawwii
T.Lakk karoorfa
me
40 34
Abbootii seeraa
1
Abbootii Alangaa 50 43
3
Galmee murtii M/Murtii 30 28
4 aanaaleetti jecha amantaa
himatamaatiin murtii argate
5 Galmee murtii M/Murtii ol aanaatti 2 0
jecha amantaa himatamaatiin murtii
argate
1.6.4. Meeshaalee sassaabbii odeeffannoo

Qorannoo kanaaf iddattoowwan irraa odeeffannoo sassaabuuf mala adda addaatiin


gargaaramneerra. Malli ragaa funaanamu baay’ee ta’us maloota kanneen keessaa: - marii garee,
bar – gaaffii, Sakatta’insa Galmee fi daawwannaa Dhaddachaa dhimma itti ba’ameera.

1.6.5. Mala Xiinxala Ragaalee


Qorannoon kun odeffannoowwaan maddawwan qorannaa qorannichaa irraa walitti qabaman
sassaabbuun toora galchuun kan cuunfameedha. Itti aansuun odeeffaannoo madda ragaa tokkoffaa
fi lammaffaa walbira qabuun bifa ibsuutiin qaccessuun kan xiinxalameedha. Haaluma kanaan,
ragaaleen funaanaman mala qulqulleeffannaatiin kan himamanidha.

1.7. Daangaa Qorannichaa (Scope of the study)


Qorannoon kun dhimmoota yakkaa bu’uura s/d/f/y kwt.134 tiin murtii balleessummaa fi adabbii
garagaraa argatan ilaalchisee, hojii Abbootiin Alangaa fi Abbootiin seeraa manneen murtii
aanaalee godina Jimmaa fi mana murtii olaanaa godina Jimmaa keessatti bara 2013-2014
dalagaman irratti qofa kan xiyyeeffatuudha. Kana waan ta’eef, qorannichi hojii manneen murtii
godinaalee gara biraa keessatti raawwatamaa turan kan ilaallatu miti. Kanaafuu, qorannichi hojii

7
Abbootii seeraa fi Abbootii Alangaa olitti caqafameen bakka eerame qofaa irratti kan daangeffamu
ta’a.

1.8. Daangeeffama/Hudhaalee Qorannichaa


Qorannaan kun akkuma qorannaawwan gara biroo hudhaalee garagaraa keessa darbuun kan
xumurameedha. Hudhaalee qorannaa kanaa keessaa inni ijoon hanqina yerooti. Hojichi hojii idilee
cinaatti kan dalagame ijaa ta’eef hanqinni yeroo yeroo hedduu ol kaa’uu fi itti deebi’anii
hojjachuun dirqama ta’ee tureera. Dabalataan, qorannaan hojii irraa kun qorattootaaf kan jalqabaa
ta’uu isaatiin foormaatii hordofamuu qabu irratti hanqinni kan tureedha. Haata’u malee, hojii
idileen alatti halkanii fi dhuma torbaniitti fayyadamuun hanga danda’ametti bara hojii kana
keessatti xumuruun danda’amee jira. Gama biraatiin, qorannoo kanaaf maddoota odeeffannoo gara
garaa Aanaaleerra socho’uun sassaabuuf baajatni gahaan waan hin turreef, baajatni gahaan
ramadamuu hafuun hudhaa qorannoo kanaati. Qorannoon kun hudhaalee armaan olitti caqasaman
kan isa mudatee ture ta’us, tooftaa qorannoo fayyadamneen rakkoo ka’ame hiikuun, qorannichaan
argannoo adda baasuun fi rakkoowwan mul’ataniif furmaata/ kallattii fuul duraa akeekuun
danda’ameera.

1.9. Caaseffama Qorannichaa

Qorannaan kun kutaalee ykn boqonnaawwan gurguddoo afuriin caaseeffamee gaggeeffamee jira.
Boqonnaan jalqabaa seensa qorannichaa kan ibsu yommuu ta’u, barruuwwan garagaraa dhimma
qorannaa kanaatiif rogummaa qaban boqonnaa lammaaffaa jalatti sakatta’amanii jiru. Boqonnaan
sadaffaa qorannaa kanaa Yaadota Maddoota Odeeffannoo qorannoo kana gaggeessuuf dhimma itti
ba’aman Irraa Sassaabaman tarreessuuni fi Xiinxaluun Argannoowwan Qorannichaa kan gabaasu
ta’a. xumura irratti qorannichi boqonnaa afraffaa jalatti guduunfaa fi yaada furmaataa laachuun
goolabamee jira.

8
BOQONNAA LAMA
2. SAKATTA’A HOG-BARRUU (Review of literature)

SEENSA

Seerri yakkaa meeshaa duudhaalee hawaasa tokkoo kan calaqqisiisuu fi tarkaanfachiisuudha. 1

Yakki gocha yeroo kamiyyuu hawaasa keessatti uumamuu danda’u waan ta'eef tarkaanfiin
yakkamtoota irratti fudhatamuun isaa waan hafu miti. 2 Tarkaanfiin fudhatamu kun ammoo
adeemsa seeraa diriire keessa darbuun (procedural due process of law) kan raawwatamuu
qabudha.3 Akkaataa tarkaanfiin seera yakkaa nama himatame irratti fudhatamu ammoo dhagaha
ragaatiin dura fi/ykn booda ta’uu danda’a. 4 Dhagaha ragaatiin duratti murtiin balleessummaa kan
kennamu jecha amantaa himatamaan himannaa isarratti dhiyaate irratti laatu 5 irratti kan hundaa’u
yommuu ta’u dhagaha ragaatiin booda murtiin kennamu ammoo falmiin guutuun ragaa Abbaa
Alangaa 6 fi ragaa ittisaa himatamaa 7 irratti hundaa’amee bu’aa qorannoo galmee irratti kan
hundaa’uudha.8 Kanaafuu, akkaataa jecha amantaaf waakkii himatamaa irratti hundaa’ee murtiin
balleessummaa himatamaa irratti darbu waliin wal qabatee qabxiilee ka’uu qaban keessaa ijoon;
kaayyoo seera Yakkaa, 9 ulaagaa seera deemsa falmii yakkaa jecha amantaaf waakkii himatamaan
kennu irratti hundaa’anii murtii balleessummaa kennuu fi bu’aa ykn faayidaa jecha amantaa
himatamaa irratti hundaa’anii murtii balleessummaa kennuun qabuu fi jecha amantaa himatamaa
ulaagaa seeraa hin guunneen murtii balleessummaa kennuutiin dhiibbaan mudachuu danda’u maali

1 Aadde Glory Nirmala K. fi Obbo Serkaddis Zegeye, criminal law I teaching material, 2009, F1.
2 Akkuma gubbaa
3 Adderaajaw Tasfaayee fi Kadir Mohaammad, Ethiopian criminal procedure teaching material, Bitootessa 2009, F3.

4 Seera Deemsa Falmii Yakkaa Itoophiyaa bara 1954 bahe, labsii lakk 1/1954, Kwt 134 fi 136.

5 Akkuma 4ffaa, Kwt 134.

6 Akkuma 4ffaa, Kwt 136-140.

7 Akkuma 4ffaa, Kwt 142.

8 Akkuma 4ffaa, Kwt 149(1).

9 Seera yakkaa rippaablika demokraatawaa Itoophiyaa bara 1996 bahe, labsii lakk 414/1996, Kwt 1.

9
kan jedhufaadha.. Kaayyoo seera yakkaa galmaan gahuuf seera deemsaa falmii yakkaa hubachuun
harcaatii malee hojiitti hiikuun murteessaadha.

Sirni deemsa falmii yakkaa sirnoota seeraa gurguddoo lamaan (sirna seera siviilii fi sirna seeraa
komanii) keessatti kan jiruudha. Sirnoota lamaan keessattuu, kaayyoo seera muummee galmaan
gahuuf seerri deemsa falmii akka riqichaatti kan tajaajiluudha. Akka biyya keenyaatti tumaalee itti
gaafatamummaa yakkaa himatamaa mirkaneessuuf diriiran keessaa tumaan jecha amantaaf
waakkii himatamaa irratti hundaa’uun murtiin balleessummaa itti darbu ulaagaa isaa faana ifaan
seera deemsa falmii yakkaa yeroo ammaa hojiirra jiru keessatti tumamee argama. 10 Bu’uuruma
kanaan, kaayyoo seera yakkaa fi jecha amantaa himatamaa irratti hundaa’anii murtii
balleessummaa kennuun boqonnaa kana jalatti kan ilaalaman ta’a.

2.1. Kaayyoo Seera Yakkaa


Biyyoota hedduu keessatti Seerri yakkaa seera bara heddu lakkoofsiseedha. 11 Dantaan dhuunfaa
beenyaa kaffalchiisuun kan dhidhiibamu ykn furmaata argatu yommuu ta’u, dantaan
uummataa/mootummaa ammoo gochaa yakkaa adabuudhaan dhimma bahama. 1213 Adabbiin
falaasama seeraa Kan mataa isaa fi yaad-hiddama (theories) mataa isaa kan qabu yemmuu ta’u,
raawwattootni yakkaa adabbii isaanii xumuranii lammii gaarii ta’uun yemmuu gara hawaasaatti
makaman kan yakka lagatanii fi kaaniifis fakkeenya gaarii akka ta’an taasisuu keessatti gaheen
adeemsa murteessa adabbii ol’aanaadha. 14 Seerri yakkaa Itoophiyaa kaayyoo waliigalaatiif jecha
nageenya, tasgabbii, sirna, mirgaa fi faayidaa mootummaa, uummataa fi jiraattoota biyyattii
eeguufi mirkaneessuu akka ta’e keewwata 1 jalatti tumee jira. Kanarraa ka’uun, namaa fi qabeenya
namaatiif eegumsa taasisuu, namni yakka akka hin raawwanne akeekkachiisuu, kan yakka
raawwatee argame adabuu, fi nama adabame haaromsuun gara hawaasaatti akka makamu
taasisuun kaayyoo seera yakkaa akka ta’e hubachuun ni danda’ama. 15 Kaayyooleen gurguddoo
seera yakkaa kunniin ammoo akka armaan gadiitti ilaalamanii jiru.

10 Akkuma 5ffaa
11 Dajanee Girmaa Jaankaa, A handbook on the criminal code of Ethiopia, Finfinnee, 2013, F4
12 < https://chilot.me/knowledge-base/general-objectives-of-criminal-law/> (Abrahaam Yohaannis, Waxabajjii

13 ,2013) kan gaafa 21/08/2014 saaqame

14 <https://chilot.me/knowledge-base/general-objectives-of-criminal-law/> kan gaafa 21/08/2014 saaqame.

15 Akkuma 1ffaa, fuula 6. 15

Akkuma 14ffaa

10
2.1.1. Namaa fi qabeenya namaatiif eegumsa taasisuu

Dhalli namaa jiruuf jireenya isaa keessatti wabii nageenya qaamaa fi eegumsa qabeenyaa isa
barbaachisa.15 Wabiin hawaasaaf barbaachisu kunis: wabii lubbuun jiraachuu 16 fi nagaan bahanii
galuu (eegumsa qaamaa) 17 akkasumas wabii eegumsa qabeenyaa dabalata. 18 Kun ammoo kan
mirkanaa’uu danda’u karaa seera yakkaa nagaaf tasgabbii hawaasichaa eeguu dandeessisu
qabaachuutiin waan ta’eef, kaayyoon jalqabaa seera yakkaa seerri akka kabajamu taasisuun
eegumsa hawaasaaf taasisuudha. 19 Seerri yakkaa dhimma dhuunfaa caalaa nagaa fi tasgabbii
hawaasaaf eegumsa laachuu yemmuu ta’u, achi keessatti immoo namni dhuunfaa fi qabeenyi isaa
eegumsa akka argatu taasisa. 20

2.1.2. Yakka ittisuu ykn Akeekkachiisuu (Deterrence of criminal behaviour)

Yakka ittisuun kaayyoowwan seera yakkaa fi adabbii yakkaa keessaa isa tokkodha. 21 Kaayyoon
seera yakkaa kun yakka ittisuu irratti kan xiyyeeffatu yommuu ta’u, adabbii kennamuun sodaa
yakka raawwachuu uumamuun yakka ittisuun ni danda’ama jedhu kan qabuudha. 22 Adabbii
hangamtu barsiisuu danda’a kan jedhu dhimma xiyyeeffannoo barbaadudha. 21

Kaayyoo kana keessatti 1ffaan namticha badii yakkaa raawwate mataa isaa adabuun gara fuula
duraatti yakka biraa akka hin raawwanne kallattiin barsiisuun (specific deterrence) kaayyoo
akeekkachiisaa isa muummee yommuu ta’u; namoonni biroo ammoo adabbii nama yakka
raawwate irratti raawwatamu ilaalanii yakka dalaguu irraa akka of qusataniif (general deterrence)
karaa alkallattiin barsiisuun kaayyoo akeekkachiisaa isa biraati.24 Qajeelfamni adabbii lakk.2/2006
seensa jalatti akeekkachiisuun kaayyoo seera yakkaa ta’uu isaa bifa ifa gala ta’een kaa’ee jira. 22

16 Heera Rippaablika Demokraatawaa Federaalawaa Itoophiyaa Bara 1987 Bahe, labsii lakk 1/1987, Kwt 14
17 Akkuma 16ffaa, Kwt 16
18 Akkuma 16ffaa, Kwt 40

19 Akkuma 14ffaa

20 Filip Graven, an introduction to Ethiopean penal law (Arts 1-84 of penal law), walta’iinsa yunivarsitii Oksifoord

Finfinnee-Naayiroobii fi faakaalitii seeraa Yunivarsitii Haylesillaasee 1ffaatiin kan maxxanfame, Finfinnee, 1965,
F5 21 Dajanee Girmaa fi Mokonnon Fallaqee, Sentencing and excusion teaching material,2009, F3 fi akkuma 9ffaa 22
Akkuma 21ffaa, yaadannoo 1ffaa
21 Akkuma 1ffaa, F7 24

Akkuma 22ffaa
22 Qajeelfama adabbii mana murtii waliigalaa federaalaatiin bahe qajeelfama adabbii lakk 02/2006 F8

11
Kanaaf, adabbiin yemmuu murtaa’u yaada kallattii fi al-kallattiin barsiisuu fi akeekkachiisuu jedhu
ilaalcha keessa kan galche ta’uu qaba jechuudha.

2.1.3. Gocha yakkaa Adabuu/punishment of criminal activity/

Kaayyoon seera yakkaa kun erga akeekkachiisi dursa laatame booda, yakkamaan yoo mirga nama
biroo seeraan eegumsi laatame sarbee argame namni kun gocha isaatiif kan kaffalu seerri yakkaa
namticha gochicha raawwate yeroo murtaa’eef mirga bilisummaan socho’uu isaa yoo dhorkeedha. 23

Namni yakka raawwatef adabamuu qaba yemmuu jedhu immoo adabbiin murtaa’us gochicha
waliin kan wal madaalu ta’uu akka qabus ni akeeka. qajeelfamni adabbii seensa irratti adabuun
kaayyoo seera yakkaa akka ta’e agarsiisuuf yaalee jira.24 Qajeelfamichi kwt jalqabaa sarara 4ffaa

irratti …ጥጥጥ ጥጥጥጥጥጥ ጥጥጥጥጥ ጥጥጥ ጥጥጥጥጥጥ…jechuun kaa’ee jira. Kana irraa ka’uun adabbiin
kun akka kaayyoo seera yakkaa (SY) biyya keenyaa keessaa isa tokko ta’etti hubachuun ni
danda’ama.

2.1.4. Ittisuu/Dandeettii Dhabsiisuu (Incapacitation or Disabling)

Kaayyoowwan adabbii yakkaa keessaa inni kun namootni adagamoo ta’anii fi yakka raawwachuu
barsiifata taasiifatan yemmuu badii raawwatan yoo hawaasatti makaman yakka gara biraa
raawwachuu danda’u yaad-rimee jedhu qabaachuun namoonni kunniin yakka biraa akka hin
raawwanneef mirga walabaan socho’uu isaanii dhorkuun barbaachisaa akka ta’etti lafa kaa’a. 25
Hawaasni akkuma nama yakka raawwateen miidhaman, yakkamaanis miidhamee arguuf hawwii
guddaa qabu (Emanuel Kant akka jedhutti) irraa ka’uun Kaayyoon adabbii kun mataa isaatti
bal’inaan kan hojii irra tureefi ammas hojii irra ooluu irratti kan argamuudha. 2627

23 Akkuma 23ffaa
24 Akkuma 25ffaa
25 Akkuma 22ffaa, F10

26 G/H/Lixaati Abukaatoo ittisaa mana murtii aanaa xulloo, <https://www.facebook.com/GHLixaati-


Abukaatoo-ittisaa-mana-murtii-aanaa-xulloo-
402391480331715/?__cft__[0]=AZXMWBHsYbOr6fyJHHcjfbFZkqqpnRMf1PLzwSZO9UiThZIX8s0iQSdMnrl7y8DHoyaXFSP
_k6E8tGq_MqUHyQ8CNdTOP8FXKR_jfyWKRXHPzo9V
27 _QnyEIfPgUuWxzVAss0zTi9raWJJ2x9kDh_85&__tn__=-UC%2CP-R> kan gaafa guyyaa 25/06/2014 saaqame

12
Kanaaf, yeroo ammaa kana yakkamaa ittisuun/dandeetti dhabsiisuun kun faayidaa inni argamsiisu
irraa miidhaan isaa ol’aanaadha. 28 Karaa tokkoon bakki namoonni kun itti to’ataman sadarkaa
yakkamtoota kanaatiin adda bahuu osoo qabuu haalli (fkn hidhamtooti hidhaa cimaa fi hidhaa
salphaa) walfaana hidhaman ykn ittifaman kan jiru waan ta’eef, namoonni hagas mara hamaa hin
ta’in yeroo ittifaman kana keessa haala raawwii yakkaa kan biraa baratanii bahu waan ta’eef; kara
biraatiinis hanga baay’inni ittifamtootaa dabalaa deemuun baasiin mootummaan nyaata, bishaan,
eegumsaa fi kanneen biroo mirgoota ittifamtootaa ta’an guutuuf baasu daraan olka’aa waan
deemuuf ittisuun kun miidhaa gara lamaanii ni qabaata. Kana waan ta’eef ittisuun kun filannoo isa
dhumaa ta’uu akka qabu ni gorfama. 29

Seera yakkaa Itoophiyaa keewwata tokko jalatti akkasumas seensa seerichaa keessatti kallattiin
barraa’ee jiraachuu baatuyyuu ittisuun kaayyoo seera yakkaa biyya keenyaa akka ta’e haala
adabbileen bilisummaa dhuunfaa dhabsiisan itti darbuu qaban tumuuf qajeeltoo keewwata 106 fi
108 jala jiran irraa ka’uun ittisuun kaayyoo seera yakkaa biyyattii akka ta’e hubachuun ni danda’ama.
32

2.1.5. Sirreessuu fi Haaromsuu (Reformation or Rehabilitation of the criminal)

Kaayyoo seera yakkaa keessaa tokko kan ta’e haaromsuun bu’uuraan jijjiirraa Xiin-sammuufi
amala yakkamaa fiduu irratti kan xiyyaaffatuudha. 30 Galmi kaayyoo kanaa baay’ina yakkamtootaa
xiqqeessuu yemmuu ta’u, sodaachisuun osoo hin ta’in yakkamtootaaf barumsa fi leenjii
barbaachisaa kennuun akkasumas hojii seera qabeessa hojjachiisuun xiinsammuu isaanii jijjiiruun
yakkamtootni adabbii isaanii yommuu xumuranii bahanitti lammii gaarii ta’anii hawaasa keessa
akka jiraachuu danda’an taasisuudhaani.34 Kanaafis barumsaafi xiin-sammuu taasifamuun namni
kun yakka biraa gara fuula duraatti akka hin raawwanne ni taasisa yaad-rimee jedhu kan qabudha. 31

28 Dajanee Girmaa fi Mokonnon Fallaqee Adolessa 15/2005, dabalataan toora interneetaa


https://www.abyssinialaw.com/study-on-line/item/1074-theories-of-sentencing kan gaafa guyyaa 25/06/2014 ilaalame
irratti ni argama.
29 Akkuma 30ffaa 32

Akkuma 22ffaa, F11.


30 Akkuma 22ffaa, F3.

34 Akkuma 14ffaa.

31 Akkuma 14ffaa,

36 Akkuma 1ffaa, F8.

13
Seera yakkaa biyya keenya keessatti yemmuu ilaalamu kwt 1 ffaa jalatti akka walii galaatti
keewwata 162 jalatti immoo akka addaatti kaayyoon kun kaayyoo adabbii yakkaa akka ta’e
hubachuun ni danda’ama. Cuunfaatti namni yakka raawwateef adabamee haaromee sirratee
hawaasatti akka makamu taasisuun namichi gara fuula duraatti yakka biraa akka hin raawwanne
gochuudha.36 Akka addaatti immoo tarkaanfilee eeggannoofi adabbiilee namoota gaayilaaf hin
geenye (young offendors) irratti fudhataman tumuuf boqonnaa 4ffaa Seera yakkaa jalatti keewwati
jiran tarkaanfiiwwaniifi adabbiiwwan yakkamtootaa umuriin isaanii 9-15 gidduu jiran irratti
fudhataman guutummaan guutuutti yaad-rimee kaayyoo kanaa kan of keessatti qabatanidha. 32
Walumaagalatti, kaayyoon seera yakkaa yakki akka hin raawwatamne ittisuu, yoo raawwatames
namni yakkicha raawwate addatti bahee adabbii isaaf malu argatee innis ta’ee hawaasni akka irraa
baratu gochuun nageenya hawaasaa mirkaneessuudha.33

2.2. Bu’uura seera deemsa falmii yakkaa Kwt 134 tiin


kenniinsa murtii balleessummaa
Himatamaan adeemsa himannaa keessatti jechi amantaa inni mana murtiitti dhiyaachuun laatu
gosoota ragaa fudhatamummaa qaban keessaa isa tokkodha. 34 Jechi himatamaan gocha ittiin
himatame amanuun kennu ammoo himatamaa gochicha raawwachuu isaatiif jecha amantaa
laaterratti malee nama biroo isa faana gochicha raawwachuu isaatiif himatamee gocha ittiin
himatame hin raawwanne jedhee haalee falmu irratti raawwatiinsa hin qabaatu. 3536 Kana jechuun
jechi amantaa himatamaan mana murtiitti dhiyaatee gocha ittiin himatame amanuun laatu
namichumarratti daanga’ee kan hafu malee namoota gara biroo isa faana gochicha raawwachuu
isaaniitiif garee tokkoonis ta’e addatti himataman irratti raawwatiinsa hin qabaatu jechuudha. 37

32 Akkuma 9ffaa, Kwt 157-168


33 Akkuma 9ffaa

34 Akkuma 4ffaa, Kwt 27,35 fi 134 wal bira qabuun yommuu ilaalamu jechi shakkamummaa waajira poolisiitti

kenname kan amantaa yommuu ta’etti himannaadhaan dura jechi shakkamaan mana murtiitti dhiyaatee laatu
yeroo himannaa akka ragaatti kan tajaajiludha. Yeroo himannaan dhiyaatee himatamaan jecha amantaa isaa
laatutti gocha ittiin himatame yogguu amanu jala murtiin kennamu kan balleessummaa waan ta’eef jechi amantaa
bifa kanaan kennamu gosoota ragaa fudhatamummaa qaban keessaa isa ijoodha.
35 Murtii mana murtii waliigalaa federaalaa L/Galmee 94450 ta’e irratti dhaddacha gaafa guyyaa
36 /07/2006 ooleen kenname. Murtiin kun kennamuu isaa MMMWFDhI jildii 17ffaa, F207, L/Galmee 96310 ta’een gaafa
guyyaa 26/3/2007 dhimma Obbo Gudanaa Lammaa fi komishinii farra malaammaltummaa Naannoo Ummattoota
Kibbaa irratti kenne irraa kan hubatamudha.
37 Akkuma 40ffaa

14
Himatamaan himannaa isarratti dhiyaate sirriitti hubatee gochicha raawwachuu isaammoo bu’uura
firii himannaarratti barraa’een guutummaan guutuutti amanee jecha isaa yommuu kennetti jechisaa
kun himannaa isarratti dhiyaateef ragaa ta’ee ragaadhuma kanarrattimmoo hundaa’amee murtiin
balleessummaa haalli kennamuu danda’u diriiree jira. 38 Murtiin balleessummaa bifa kanaan
kennamus kan mana murtii murticha laate biratti qofa daanga’ee hafu otuu hin ta’in manneen
murtii sadarkaan jiraniif oliyyannaan ilaalamuu kan danda’uudha.39 Mirga oliyyannaa eegumsa
heeraa argate kana ammoo qabatama hojiitti hiikuuf sirni diriire waan jiruuf, jecha amantaa
laatame irratti hundaa’amee murtii balleessummaa laatamurratti dogoggorri yoo uumame
himatamaan ol’iyyataan mirga isaa kabachiifachuu ni danda’a. 40

Haalli himatamaan jecha amantaa isaa laatee jecha amantaa isaarratti hundaa’amee balleessadha
ittiin jedhame, ijoo falmii oliyyataa isaa keessatti kaafachuu danda’u gocha ittiin himatame akka
himannaa narratti dhiyaateetti hin amanne garuu amaneera jedhameetan murtiin balleessummaa
narratti laatame jechuun yommuu iyyatutti himatamaan tumaa seeraa irra darbeera jedhamee
himatame jalatti ulaagaawwan jiran yommuu jecha amantaaf waakkii isaa laatu, haala raawwii
tumaa seeraa yakkicha hundeessuutiin raawwateera moo hin raawwanne kan jedhu adda baasuuf,
jechi amantaaf waakkii himatamaan kennee balleessaadha ittiin jedhame guutummaa guutuutti
galmee keessatti barraa’ee yoo hin argamne manneen murtii sadarkaa oliitti argaman bu’uura
tumaa SDFYKwt 134(1)’tiin murtii balleessummaa kenname sirrummaa isaa fudhachuun isaan
rakkisa.41

Kanaaf, himannaa himatamaa irratti dhiyaate ilaalchisee yommuu himatamaan jecha amantaa fi
waakkii isaa laatu, manni murtii dhimmichi dhiyaateef; raawwii yakkichaa, yeroo fi bakka addaa
yakkichi itti raawwate, miidhamaa yookin qabeenya yakkichi irratti raawwatame bu’uura

38 Murtii dhaddacha ijibbaataa mana murtii federaalaa jildii 17ffaa, Obbo Guddanaa Lamaa Gazzaany fi Komishinii
Naamusaa Vs farra malaammaltummaa naannoo sabaaf sablammoota fi uummattoota Kibba, L/Galmee 96310 ta’e irratti
gaafa guyyaa 26/03/2007 laatame
39 Akkuma 16ffaa, Kwt 19(5) fi 20(6), Akkuma 4ffaa Kwt 185(1)

40 Akkuma lakk 4ffaa , Kwt 182-287

41 Abrahaam Yohaannis, confession, crime, Ethiopian criminal law, Ethiopian criminal procedure , 2017 dabalataan

toora interneetaa https://chilot.me/2017/11/02/confession/ 11/2/2022 ilaalame irratti ni argama

15
tarreeffama himannaatiin amanuuf amanuu dhabuu himatamtichaa adda baasuuf jecha; jecha
himatamtichaa jecha jechaan galmee irratti galmeessuu qaba. 42

Bu’uura seera deemsa falmii yakkaa Kwt 134(1)tiin murtiin balleessummaa kan kennamuu
danda’u jechi himatamtichi yommuu jecha amantaa fi waakkii isaa kennatu galmeessifate bu’uura
himannaa isarratti dhiyaateen guutummaan guutuutti hambifannoo tokko malee yommuu amanuun
isaa mirkanaa’udha.47 Himatamtichi hafuura tumaa SDFY Kwt 134(1) tiin amaneera jechuuf
ammoo jechi inni laate kan ilaalamee madaalamuu qabu tartiiba himannaa Abbaa Alangaa qofaa
waliin otuu hin ta’in hafuura tumaa seeraa himannaa Abbaa Alangaa keessatti caqafamee dhiyaate
waliinis ta’uu qaba.43

Jechi galmee irratti galmaa’e tartiiba himannaa A/Alangaa fi hafuura tumaa himannaan ittiin
hundaa’e akkaataa seerri deemsa falmii yakkaa ajajuun yommuu ilaalamu kan yakkicha hundeessu
ta’uu fi ta’uu dhabuun isaa yommuu shakkisiisaa ta’etti himatamaan himannaa irratti dhiyaate
amaneera jedhamee balleessaadha jedhamuu hin qabu.49

Hafuura tumaa SDFY Kwt 134(1)tiin himannaa isarratti dhiyaate yommuu amanee murtiin
balleessummaa fi adabbiin jechuma isaa kanarratti hundaa’ee itti laatamu, manneen murtii
sadarkaa oliitti argamanitti ol iyyata fudhachuuf mirga kan qabu yoo ta’ellee, adabbii irratti yoo
ta’e malee, murtii balleessummaa isaarratti ol iyyata dhiyeeffachuu hin danda’u. 44 Kana jechuun
ammoo namni himatamee gocha ittiin himatame amanee murtii balleessummaa fudhatu mirga ol
iyyannoo isaa kan dhiphisaa jiru ta’uun hubatamuu qaba. 45 Namni yakkaan himatamee yakkicha

42 Saamu’eel Girmaa, Jecha amantaaf Waakkii: Jecha amantaa himatamaa


https://www.facebook.com/login/?privacy_mutation_token=eyJ0eXBlIjowLCJjcmVhdGlvbl90aW1lIjoxNjQ0MjEzNj
QwLCJjYWxsc2l0ZV9pZCI6Mzc4Mzc1MTU5OTY2NjIxfQ%3D%3D&next=https%3A%2F%2Fwww.facebook.com%2F
T ebekaSamuel%2F gaafa guyyaa 01/06/2014 saaqame, Murtii mana murtii dhaddacha ijibbaataa federaalaa jildii
18ffaa, Koloneel Takluu Fissahaa fi koloneel Tsahaay Waaluu Vs Abbaa Alangaa waliigalaa Oromiyaa, L/Galmee
111742 ta’e irratti gaafa guyyaa 30/11/2007 laatame, F291. 47 Akkuma 46ffaa, yaadannoo 2ffaa
43 Akkuma 47ffaa

49 Akkuma 47ffaa
44 Murtii dhaddacha ijibbaataa mana murtii waliigalaa Federaalaa jildii 20ffaa, Bihonany Damillee Vs Abbaa Alangaa

naannoo Tigraay, L/Galmee 88542 ta’e irratti gaafa guyyaa 17/11/2005 laatame, F338. Akkasumas yaadannoo lakk
4ffaa Kwt 185(1).
45 American Bar Association, Standards for Criminal Justice: Pleas of Guilty, maxxansa 3 ffaa, 1999, F3. Dabalataan

toora interneetaa
https://www.americanbar.org/groups/criminal_justice/publications/criminal_justice_section_archive/crimjust_sta
ndards_guiltypleas_blk/ gaafa guyyaa 01/6/2014 saaqame irraa ni argama.

16
raawwachuun isaa fi tumaa seeraa irra darbame raawwachuu isaa amane, garuu immoo, jechi
amantaa isaa sun bu’uura tarreeffama himannaatiin yoo hin taane, jecha amantaa inni gamisaan
kenneen ykn jecha inni laateen alatti ba’uun, murtiin balleessummaa duuchaadhumatti akka waan
amaneetti lakkaa’uun kennamuu hin qabu. 46

2.2.1. Ulaagaa jecha amantaa himatamaa irratti hundaa’anii murtii balleessummaa


kennuu

Himatamaan himanni isarratti dhiyaate dhaddacha irraa dubbifameefii sirnaan himannaa isarratti
dhiyaate himatamaan akka hubatu erga taasifamee booda,53 himatamaan jecha amantaa fi waakkii akka
laatuuf manni murtichaa yommuu gaafatu, jechi himatamaan raawwii yakkichaa ilaalchisee laatu 47
jecha jechaan galmee irratti galmaa’uu qaba. 48

Himatamaan himannaa isarratti dhiyaate irratti yommuu jecha amantaaf waakkii gaafatamu,
callisuu yoo filate yookin ammoo gocha ittiin himatame haalee yoo falme guutummaa guutuutti
haaleera jedhamee galmee keessatti barraa’a. 49 Himatamaan yakkicha amanee garuu raawwii isaa
ilaalchisee gaaffii seeraas ta’e kan biroo bifa qabuun mirga isaa eeggate kan gamisaan ykn
hambifannoodhaan kan amane yoo ta’es, amaneera jedhamee galmee irratti barraa’uu hin qabu. 50
Yeroo kanatti himatamaan akka haaletti galmaa’ee ragaan kan irratti dhagahamuu qabu ta’a. 51

Jechi himatamaan laate bu’uura tarreeffama himannaa A/Alangaatiin ykn miidhamaa


dhuunfaatiin52 hambifannoo tokko malee ta’uun isaa fi gochi inni raawwadhe jedhee dhaddacha
irratti laate tumaa seeraa inni ittiin himatame waliinis 60 yommuu ilaalamu himatamtichi

46 Murtii dhaddacha ijibbaataa mana murtii waliigalaa federaalaa jildii 14ffaa, Obbo Saamii Huseen Vs Abbaa
Alangaa Federaalaa, L/Galmee 77842 ta’e irratti gaafa guyyaa 03/4/2005 laatame F237. 53 Akkuma 4ffaa, Kwt
132(1).
47 Akkuma 4ffaa

48 Akkuma 4ffaa, Kwt 132(3)

49 Akkuma 4ffaa, Kwt 133(1)

50 Akkuma 4ffaa, Kwt 133(2)

51 Akkuma 57ffaa

52 Bu’uura Seera Deemsa Falmii Yakkaa Itoophiyaa bara 1954 bahe Kwt 44(1), 45(2), 46 fi 47’tiin yakkoota

iyyannaa dhuunfaatiin dhiyaatanu irratti Abbaan Alangaa bu’uura SDFY Kwt 42(1)(a)’tiin murtii hin himachiisu
jedhu yommuu kennutti miidhamaan dhuunfaa yookin bakka bu’aan isaa himannaa yakkaa akka dhiyeessuuf
hayyamee garagalcha murtii hin himachiisu jechuun laate ammoo mana murtii dhimmicha ilaaluuf angoo qabutti
erga. 60 Akkuma 47ffaa

17
guutummaan guutuutti kan balleessaadha isa jechisiisu taanaan manni murtichaa himatamaan ani
balleessaadha jedheera jechuun galmee irratti barreessuun murtii balleessummaa irratti laachuu
qaba.53 Murtiin bifa kanaan kennamu ragaan gama A/Alangaatiin dhiyaatan otuu hin dhagahamin
kan kennamuudha.54 Namni jechi amantaa isaa ulaagaa kana guutee murtiin balleessummaa itti
laatame murtii balleessummaa komatee ol iyyata fudhachuu hin danda’u. 55 Haata’umalee, adabbii
ilaalchisee mirgi ol iyyata fudhachuu isaa eegamaadha.56

Yeroo tokko tokko ammoo himatamaan jecha amantaa hambifannoo ijoo seeraas ta’e kan ijoo
dubbii otuu hin qabaatin guutummaan guutuutti himannaa isarratti dhiyaate yommuu amanetti,
manni murtii jecha himatamtichaa guutuu isaa galmee irratti erga galmeessee booda
barbaachisummaa jecha ragaa Abbaa Alangaatti yoo amane himatamaan gocha ittiin himatame
amaneera jedhee barreessee ka’eetu, Abbaan Alangaa ragaa isaa akka dhageessifatu ajaja laachuu
ni danda’a.57

Walumaagalatti, himannaa dhiyaate himatamaan guutummaan guutuutti yommuu amanu jechi


amantaa isaa bu’uura tarree himannaa irratti dhiyaateen ta’uu fi gochi raawwatame hafuura tumaa
seeraa himatamtichi ittiin himatame waliinis ilaalamuu kan qabuudha. 58

2.2.2. Faayidaa jecha amantaa himatamaa irratti hundaa’anii murtii


balleessummaa kennuu

Himatamaan yakka ittiin himatame amanuu dhiisuuf mirga guutuu qaba. Mirgi eegumsa seeraa
argate kun ammoo namichuma himatameen kan hojiirra oolu waan ta’eef, yoo fedhe haaluu, yoo
hin feene ammoo amanuu 59 kan danda’uudha malee, kan namni biraa akka inni amanu ykn haalu
isa taasisu miti. Ragaan dirqiin himatamaa irraa argamu fudhatamummaa qabaachuus hin qabu
(inadmissible evidence). Haata’u malee, himatamaan gocha raawwatee ittiin himatame
raawwachuu isaa fedhii isaa guutuudhaan yommuu kennu jechumti isaa gahaa ta’ee ragaa

53 Akkuma 4ffaa, Kwt 134(1)


54 Dubbisa garagalchoo yaadannoo lakk 4ffaa Kwt 134(2) irraa kan hubatamuudha.

55 Yaadannoo 4ffaa Kwt 185(1)

56 Yaadannoo 63ffaa

57 Akkuma 4ffaa, ,Kwt 134(2)

58 Akkuma 47ffaa

59 Akkuma 5ffaa

18
dabalataa dhagahuun otuu hin barbaachisin adabbiin madaalawaan kan itti darbu ta’a. 60 Adeemsa
adabbii murteessuu keessatti ammoo jecha amantaa irratti hundaa’uun adabbii laachuun faayidaa
kanaa gadii kan qabu ta’a.

2.2.2.1.Himatamaaf adabbiin ni hir’ifamaaf 61

Namni himatamee mana murtiitti dhiyaate gocha ittiin himatame raawwachuu isaa hambifannaa
tokko malee bu’uura tarree himannaa isa irratti dhiyaateen amanee yommuu jechuma isaa
kanarratti hundaa’amee murtiin balleessummaa itti kennamu, 62 adabbiin kan hir’atuuf ta’a. 63
kaayyoon nama himannaa isarratti dhiyaatu amanuuf adabbii hir’isuu ammoo gochi inni raawwate
badii ta’uu isaa guutummaa guutuutti itti amanee gara fuula duraatti gocha akkasii irraa of
qusachuuf (specific deterance) qophaahaa ta’uu isaa kan agarsiisu waan ta’eefi. 64 Kanamalees,
namoonni kaan akkuma isaa yakka raawwatan yoo gocha raawwatan amananii murtii
balleessummaa fudhatan adabbiin akka hir’achuufii danda’u barumsa laachuufidha (general
deterance).65 Haata’u malee, kaayyoon jecha amantaa laachuu adabbii hir’isiifachuuf otuu hin
taane, gocha yakkichaa irraa barachuuf qophaa’ummaa inni qabu agarsiisuuf ta’uu qaba. 66

2.2.2.2. Dhamaatii miidhamaanis ta’e ragaan jecha ragummaa isaanii laachuuf taasisan
keessatti yeroo fi baasii isaanii kan xiqqeessu ta’a67

Dhimma yakkaa irratti miidhamaan nama dhuunfaa qofa miti. Yakki fedhii hawaasaa irratti akka
raawwatametti kan lakkaawwamu waan ta’eef mootummaanis miidhamaadha. 68 Himannaan
yakkaatis kan dhiyaatu hanga Abbaan Alangaa hin himadhu jedhee miidhamaa dhuunfaa
69
himannaaf angeessuutti abbuma Alangaadhaani. Kanaaf, miidhamaan dhuunfaa akka
miidhamaatti otuu hin ta’in akkuma ragaatti ragoota abbaa alangaa biroo waliin jecha ragummaa

60 Akkuma 61ffaa
61 Sentencing council, reduction in sentence for a guilty plea, definitive guideline, Waxabajjii 2017, F4.
62 Akkuma 61ffaa

63 Akkuma 9ffaaKwt 82(1)(e)

64 Akkuma 22ffaa, F4.

65 Akkuma 22ffaa, F3-4.

66 Akkuma 69ffaa

67 Akkuma 69ffaa

68 Akkuma 3ffaa, F1

69 Akkuma 4ffaa Kwt 40(1) fi 42(2)

19
isaa kan kennu ta’a. Dhimmoota qorannaan isaanii xumura argatee himannaaf dhiyaatan irratti
himatamaan gocha raawwate guutummaan guutuutti hambifannoo tokko male amanee murtiin
balleessummaas bu’uura jecha amantaa isaatiin yommuu itti laatamu70 miidhamaan dhuunfaas ta’e
ragootni jecha isaanii otuu mana murtiitti dhiyaatanii kakatanii 71 hin laatin murtiin balleessummaa
waan laatamuuf, yeroo fi baasii ragoota abbaa alangaa ni qusata. 72

Yeroo fi qabeenya mootummaan dhimmicha qorachuu fi himannaa (dhagaha) keessatti baasuu


danda’us kan qusatu ta’a.81 Hojii haqa yakkaa mirkaneessuu keessatti qorannaanis ta’e himannaa
fi dhagahi dhimmaa baasii mootummaatiin kan gaggeeffamuudha. 73 Shakkamaan ammoo gocha
ittiin shakkame irratti jechi amantaa inni himannaan duratti yeroo qorannaa kennu hojii qorannaa
yakkaa kan salphisus ni ta’a. 74

Qorannaan xumuramee dhimmicha irratti murtiin ni himachiisaa qaama himatuun yogguu darbu, 75
himatamaan himannaa irratti dhiyaate mana murtiitti dhiyaatee 76 bu’uura tarree himannaa
A/Alangaatiin raawwachuu isaatiif jecha isaa dhaddacha yakkaa sana irratti yoo laate, jechuma
isaarratti hundaa’amee murtiin balleessummaa waan irratti laatamuuf, 77
ragaa himataa fi
himatamaa dhagahuu fi qorachuuf yeroon itti fudhatu ni xiqqaata, waraqaan jecha ragaa fi
qorannaa jecha ragaatiif illee qisaasa’amu kan xiqqaatu ta’a.87 Yeroo jecha ragaa fudhachuu irratti
dabarsuuf malus, manni murtii dhimma gara biraa ilaaluu isa dandeechisa waan ta’eef, kuufama

70 Akkuma 61ffaa
71 Akkuma 4ffaa, Kwt 147(1)
72 Akkuma 4ffaa, Kwt 94(1)

81 Akkuma 69ffaa
73 Labsii mana hojii Abbaa Alangaa waliigalaa Oromiyaa hundeessuuf bahe lakk 214/2011 Kwt 21: manni hojii

Abbaa Alangaa bajata mootummaatiin hojii isaa kan hojjatu ta’uu ni ibsa. Labsii lakk 242/2014 Kwt 41 hojiin
qorannaa yakkaa komishinii poolisii Oromiyaa bajata mootummaatiin buluun kan gaggeeffamudha. Akkuma 9ffaa
Kwt 79(5) jalatti manni murtii bajata mootummaatiin hojii isaa kan hojjatu ta’uu ibsa.
74 Akkuma 4ffaa, Kwt 27(2)’tiin waajira poolisiitti fi 35’niin ammoo mana murtiitti dhiyaatee jechi inni kennu kan akka

ragaatti lakkaawwamudha.
75 Akkuma 3ffaa, F179, Akkuma 4ffaa Kwt 40(1) fi 42(2)

76 Akkuma 4ffaa, Kwt 123

77 Akkuma 61ffaa, 87

Akkuma 69ffaa 88
Akkuma 3ffaa, F191.

20
galmees ni xiqqeessa.88 Walumaagalatti, qisaasamni yeroo fi baasii mootummaa irratti gahuu malu
kan xiqqaatu ta’a.

2.2.3. Dhiibbaa jecha amantaa himatamaa ulaagaa seeraa hin guunne irratti
hundaa’anii murtii balleessummaa kennuu
Jecha amantaa himatamaan laatu manni murtii jecha jechaan galmee irratti galmeessuuf dirqama
qaba. 78 Jechi himatamaan kennu kan amantaati jedhamee himatamaan gocha ittiin himatameef
balleessaadha jedhamuuf, jechichi galmee irratti galmaa’ee ajajni irratti laatamuu qaba. 79 Jechi
duuchaadhumatti himatamaan gochicha raawwadheera jedheera jedhamee galmee irratti
barreessuun qofa murtiin balleessummaa laatamu bu’uura seeraa kan hin qabneedha. 80 Jecha
amantaaf waakkii ulaagaa jecha amantaa hin guunne irratti hundaa’amee murtiin balleessummaa
yoo laatame, himatamaan silaa hanga adabbii qofaarratti ol iyyachuu qabu, 81 jecha hin laanneen
murtiin balleessummaa narratti laatame jedhee komachuuf carraa waan uumuufiif, carraan
galmeen akkasii diigamuu bal’aa ta’a.93 Manni murtii ol iyyataan dhimmicha ilaalus ol iyyataan
maal jedhee murtiin balleessummaa akka isarratti laatame hubachuuf waan rakkatuuf galmee jechi
amantaa sirnaan otuu hin galmaa’in murtiin balleessummaa irratti laatame kan diigu ta’a. 82
Galmeen irra deebi’amee akka dhagahamuuf ajajamee yommuu diigamu, himatamaan hanga
himanni mana murtii jalaatti cufate deebi’ee socho’uutti kan gadi lakkifamu waan ta’eef, carraan
himatamaan haqa jalaa miliquu fi galmeen sababa himatamaan dhabamuutiin yeroof cufamuu
uumamuun, haqni jal’achuu ni danda’a. 83

78 Akkuma 55ffaa
79 Akkuma 61ffaa
80 Akkuma 52ffaa

81 Akkuma 4ffaa, Kwt 185(1)

93 Akkuma 46ffaa.

82 Akkuma 46ffaa.

83 Sisaay Eddessaa, Hogganaa waajira Abbaa Alangaa godiina Jimmaa, Amajjii 12/2014

https://t.me/c/1698876944/1484 Jan 20/2022 kan barraa’ee 25/6/2014 kan saaqame

21
BOQONNAA SADII

3. Dhiyeessa Yaadota Maddoota Odeeffannoo Irraa Sassaabamanii, Xiinxala


Taasifamee Fi Argannoowwan Qorannichaa (Data Presentation, Analysis and
Findings)
3.1. Yaadota maddoota odeeffannoo irraa sassaabamanii dhiyaatan

Odeeffannoowwan qorannoo kanaaf barbaachisan meeshaalee sassaabbii odeeffannoo hojiirra


oolaniin sassaabamanii jiru. Odeeffannoon sassaabame kun ogeeyyiin seeraa sadarkaa yaadaatti
murtii bu’uura s/d/f/yakkaa Kwt 134(1)’tiin kennamu kaayyoo seera yakkaa waliin akkamitti akka
ilaalan, jecha amantaa fi waakkii irratti ajaja kennamuu qabu irratti ejjannoo qaban, qabatama hojii
keessatti tumaan SDFY Kwt 134(1) haala kamiin akka hojiirra oolaa jiru ifa baasanii jiru.
Meeshaaleen ragaan kun ittiin funaaname ragaa argame faana akka kanaa gadiitti tarraa’eera.

22
A. Marii garee (Focus group discussion)

Mallii kun gaaffii afaanii garee hirmaattotaa waliin godhamu yoo ta’u yeroo fi baasii kan qusatu
odeeffannoo yaadota garaagaraatiin gabbate argachuufis kan dandeessisu dha. Qorannoo kana
keessattis bu’aawwan isaa kanarraa ka’uun teeknooloojii teelegraamiitiin fayyadamuun chaanaalii
ogeeyyiin seeraa yaada irratti wal jijjiiran karaa waajira Abbaa Alangaa godina
Jimmaa hundaa’een gaaffilee marii gargaaramuun barbaachisaa ta’uun itti amanamee mariin garee
irratti gaggeeffameera.

suuraa 1 Suura marii garee Abbootii Alangaa faana dhimma tumaa SDFY Kwt 134 irratti taasifame agarsiisu

23
suuraa 2 suura marii garee Abbootii Alangaa faana dhimma tumaa SDFY Kwt 134 irratti taasifame agarsiisu

suuraa 3 suura marii garee Abbootii Alangaa faana dhimma tumaa SDFY Kwt 134 irratti taasifame agarsiisu marii
gaggeeffame kanaan tumaa seera yakkaa Kwt 82/1(d) fi sdfy kwt 134 walitti hidhuun nama

24
himannaa isa irratti dhiyaate raawwachuu isaa amanee gaabbuu isaa agarsiiseef adabbiin kan
salphatuuf ta’uu kaasaniiru. Karaa ittiin kaayyoo seera yakkaa galmaan gahan keessaa tokko murtii
bu’uura sdfy kwt 134’n kennamu akka ta’ee fi tumaan SDFY kwt.134 kaayyoo seera yakkaa faana
walitti dhufeenya kallattii qabu jechuun sadarkaa yaadaatti waliigalaniiru.

B. Bar-Gaafffii (Questionnaires)

Malli daataan ittiin funaanamu kun gaaffilee qorannichaaf gargaaran qorataadhaan qophaa’uun
hirmaattota mataa isaanitiin guutamee kan qorataaf deebi’udha. Qorannoo kana keessatti garuu,
haala addaatiin gaaffileen barreeffamaa kunniin gaaffilee jecha amantaa himatamaa irratti
hundaa’amanii manneen murtii aanaatti murtiin balleessummaa itti laatamee mana murtii ol aanaa
godiinaatiin ammoo ulaagaa hin guunne jedhamanii diigaman irratti xiyyeeffachuun qophaa’anii
eega raabsamanii booda guutamanii deebi’anii jiru.

Bargaaffiin dhiyaate dhimmoota qabatamaa manneen murtii aanaalee godina Jimmaa irratti jecha
amantaa himatamaan kennuun murtiin balleessummaa kennamuun ol iyyataan godina dhufee,
ulaagaa jecha amantaa bu’uura SDFYKwt 134 guutee kan kenname miti jedhamuun sadarkaa
mana murtii ol aanaa irratti murtiin jalaa diigamee ajajni ragaan Abbaa Alangaa irra deebiin
aanaarratti haadhagahamu jechuun himatamaan gadhiifameedha. Bu’uuruma kanaan, cuunfaan
bargaaffii abbootii seeraa fi abbootii alangaatiif dhiyaatee irratti deebiin laatame waldura duubaan
akka itti aanutti dhiyaateera.

25
Gabatee 3: yaada abbootiin seeraa jecha amantaa fi waakkii himatamaa bargaaffii keessatti dhiyaateef irratti hundaa’uun kennan
T/L Yaada Abbootii seeraan kenname lakkoofsaa fi
Gaaffii bargaaffiidhaan dhiyaate dhibbentaadhaan
Bu’uuruma jecha %’ Amaneera hin %’
amantaa isaatiin murtiin dhaan jechisiisu waan ta’eef dhaan
balleessummaa itti ragaan A/Alangaa
kennamuu qaba kan dhagahamuu qabu kan
jedhan jedhan
1. Himatamaan buna seeraan alaa konkolaataatti fe’ee socho’aa osoo 1 2.94 33 97.06
jiruu qabamuu isaatiin yakkaan himatamee jecha amantaaf waakkii
akka kennuuf mana murtiin wayita gaafatamu “bunni seeraan alaa
konkolaataan ani oofaa jiru keessaa qabamuun isaa sirriidha.
Ta’us ani buna kana eenyu akka itti fe’e hin agarre” yoo jedhee
fi Abbaan Alangaas bu’uuruma jecha amantaa isaa kanaan murtiin
balleessummaa akka itti kennamu yoo gaafate
2. Himatamaan shiishaa xuuchisaa osoo jiruu qabame yoo himatamu 21 61.21 13 38.24
jecha amantaa kenneen “himanni narratti dhiyaate sirriidha,
shiishaa xuuchisuun yakka ta’uu waanan hin beekneefan
hojjadhe” kan jedhe yoo ta’e
3. Himatamaan yakka gudeeddii raawwachuu isaatiin himatame gocha 5 14.7 29 85.3
kana raawwattemoo hin raawwanne jedhamee yommuu gaafatamu
jecha amantaaf waakkii kenneen “raawwadheera” jennaan
Abbaan Alangaa bu’uuruma jecha amantaa isaatiin murtiin
balleessummaa itti naaf hakennamu yoo jedhe
4. Himatamtuun “Z” jedhamtu hospitaala keessatti mucaashee 11 32.4 23 67.6
dhukkubsachiisaa osoo jirtuu mucaa kana wayta mana fincaanii
geessitu boorsaa bilbilli fi qarshiin keessa jiru argitee boorsicha
banuun qarshii 16600 fi mobaayilii tilmaamni isaa 800 ta’u keessaa
fudhattee gara kutaa ciisichaa dhukkubsataa galuu isheetiin qarshiif
mobaayiliin harkatti qabamuun yakka hannaatiin himatamtee jecha
amantaaf waakkii yoo kennitu “mucaa koo mana fincaanii yoon
geessu boorsaa birrii fi mobaayiliin keessa jiru argee banee
keessaa fudhee kutaa kootti galee osoon jiruu birriif
mobaayiliin na harkatti qabame; yeroon fuudhu birrii meeqa
akka ta’e hin beeku. Birrii fi mobaayiliin kan eenyuu akka ta’e

26

otuun hin beekinan callisee fuudhe. Qarshii kana waanan


rakkadheefan fuudhe. Qabeenya namaa fuudhuun koo garuu
balleessaadha” Yoo jettee Abbaan Alangaa bu’uuruma jecha
amantaa ishee kanaan murtii balleessummaa yoo gaafate
5. Himatamaan “T” jedhamu labsii bosonaa 1065/2010 irra darbuun 8 23.5 25 73.5
bara 2007-2013’tti bosona mootummaa hayyama malee hektaara
2.5 mancaasee lafa qonnaatti jijjiiruu isaatiin himatamuun jecha
amantaaf waakkii isaa yoo kennu “ ani dhuguma lafa bosonaa
kana osoon hin beekin lafa bakka sanii bitee biqiltuu ittecha,
mi’eessaa, sooxalloo, kan jedhaman irraa ciree qoteen jira. San
booda garuu qaamni mootummaa nagaafachuu jalqabnaan
sodaadheen dhiise. Kanaaf yakka kana raawwadheen jira
manni murtii dhiifama naaf haagadhu” jedhee Abbaan Alangaas
bu’uuruma jecha amantaa isaa kanaan murtiin balleessummaa akka
itti kennamu yoo gaafate
6.Himatamaan A jedhamu meeshaa waraanaa hayyama itti hin qabne 6 17.6 27 79.4
mana isaa keessa dhoksee qabatee argamuu isaatiin yakkaan
himatamee jecha amantaaf waakkii isaa yommuu kennu: “gaafa
12/09/2012 guyyaa keessaa sa’aatii11:00 irratti bakkuma
himannaarratti ibsametti meeshaa kana sababni qabadheef
namaan wal lolee jennaani. Shugguxii kana gaafa 12/09/2013
guyyaa naannoo sa’aatii 7:30 waajira poolisiitti galmeessus
hayyama harkaan hin gahanne malee meeshaa hayyama itti
qabuudha” jedhee Abbaan Alangaas bu’uuruma jecha amantaa
isaa kanaan murtiin balleessummaa akka itti kennamu yoo gaafate
IDA’AMA 52 25.49 150 73.53
BAAYYINA IDDATTOO= 34 KAN YAADA LAATAN= 34, kana keessaa bargaaffiin tokko (1) gaaffii 5 ffaa fi 6ffaa hin guunne

Kanneen yaada laatan muuxannoo hojii qabaniin yommuu ilaalaman namoonni lama (%5.9) muuxannoo hojii waggaa tokkoo, namni 1(%2.94)
muuxannoo waggaa 2 kan qabu, namoonni 6(%17.65) muuxannoo waggaa sadii, namoonni 4 (%11.76) muuxannoo waggaa afurii kan qaban
yommuu ta’u namoonni 19(%55.9) ammoo muuxannoo hojii waggaa 5- 27 kan qabaniidha. Namoota (Abbootii seeraa) yaada kennan 34 keessaa 2
(%5.9) odeeffannoo muuxannoo isaanii kanneen hin ibsineedha.

Odeeffannoo gabatee armaan olii kanarraatti hundaa’uun ejjannoon abbootiin seeraa jecha amantaaf waakkii bargaaffii keessatti ibsame irratti qaban
akka armaan gadiitti walitti fiduun dhiyaateera.

27
❖ CUUNFAA DEEBII BARGAAFFII YAADA ABBOOTII SEERAA AANAA IRRAA QORANNAA
JECHA AMANTAA FI WAAKKII HIMATAMAA IRRATTI
HUNDAA’UUN MURTII KENNAMU ILAALCHISEE GAGGEEFFAMUUF
SASSAABAME

1. Abbootii seeraa jiran kana keessaa kan bargaaffiin dhiyaateef ------ 34


2. Baayyina gaaffii/galmee jecha amantaaf waakkii dhiyaate ----------- 6
3. Gaaffiin dhiyaates jecha himatamaan kenne akkuma jirutti fudhachuun ta’ee jecha
amantaaf waakkii bu’uura SDFYKwt 134’tiin kennameedhamoo miti kan jedhu yommuu
ta’u:
✓ Gaaffii 1ffaa irratti Abbootii seeraa waliigalaan yaada kennan 34 keessaa dhibbeentaan
2.94 kan ta’an jechi himatamaan kun kenne bu’uura SDFYKwt 134 kan guutuudha kan
jedhan yommuu ta’u, dhibbeentaan 97.06 ammooyyuu jechi kun ulaagaa SDFYKwt
134 kan guutu waan hin taaneef ragaan A/Alangaa dhagahamuu qaba malee murtiin
balleessummaa kennamuu hin qabu ejjannoo jedhu kan qabaniidha.
✓ Gaaffii 2ffaa ilaalchisee Abbootii seeraa waliigalaan yaada kennan 34 keessaa
dhibbeentaan 61.76 manni murtii jecha himatamaa kanarratti hundaa’uun murtii
balleessummaa bu’uura SDFYKwt 134’tiin kennuun isaa sirriidha ejjannoo jedhu kan
qaban yommuu ta’u, dhibbeentaa 34.24 qofatu jechi amantaaf waakkii himatamaa
kanaa ulaagaa SDFYkwt 134 hin guutu waan ta’eef ragaan A/Alangaa dhagahamuu
qaba jedhan.
✓ Gaaffii 3ffaa ilaalchisee Abbootii seeraa waliigalaan yaada kennan 34 keessaa
dhibbeentaan 14.7 manni murtii jecha amantaaf waakkii himatamaa kanarratti
hundaa’uun murtii balleessummaa bu’uura SDFYKwt 134’tiin kennuun isaa sirriidha
kan jedhan yommuu ta’u, dhibbeentaan 85.3 ammoo jechi amantaaf waakkii
himatamaa kanaa ulaagaa SDFYkwt 134 hin guutu waan ta’eef ragaan A/Alangaa
dhagahamuu qaba ejjannoo jedhu calaqqisiisaniiru.
✓ Gaaffii 4ffaa ilaalchisee Abbootii seeraa waliigalaan yaada kennan 34 keessaa;
dhibbeentaan 32.4 manni murtii jecha amantaaf waakkii himatamaa kanarratti
hundaa’uun murtii balleessummaa bu’uura SDFYKwt 134’tiin kennuun isaa sirriidha
kan jedhaniidha. Dhibbeentaan 67.6 ammoo jechi amantaaf waakkii himatamaa kanaa
ulaagaa SDFYkwt 134’tiin taa’ee jiru hin guutu waan ta’eef ragaan A/Alangaa
dhagahamuu qaba ejjannoo jedhu kan qabaniidha.

28

✓ Gaaffii 5ffaa ilaalchisee Abbootii seeraa waliigalaan yaada kennuu qaban 34 keessaa
kan yaada kennan 33 yommuu ta’an; akka waliigalaatti dhibbeentaan 23.5 manni murtii
jecha amantaaf waakkii himatamaa kanarratti hundaa’uun murtii balleessummaa
bu’uura SDFYKwt 134’tiin kennuun isaa sirriidha kan jedhan yommuu ta’u,
dhibbeentaan 73.5 ammoo jechi amantaaf waakkii himatamaa kanaa ulaagaa SDFYkwt
134 hin guutu waan ta’eef ragaan A/Alangaa dhagahamuu qaba ejjannoo jedhu
qabataniiru. Haata’u malee gaaffii 5ffaa kanarratti dhibbeentaan 2.94 yaada kennuurraa
kan of qusatan ta’ee argameera.
✓ Gaaffii 6ffaa ilaalchisees Abbootii seeraa waliigalaan yaada kennuu qaban 34 keessaa
kan yaada kennan 33 yommuu ta’an namni tokko (%2.94) yaada isaa kennuurraa of
qusateera. Akka waliigalaatti yommuu ilaalamu dhibbeentaan 17.6 manni murtii jecha
amantaaf waakkii himatamaa kanarratti hundaa’uun murtii balleessummaa bu’uura
SDFYKwt 134’tiin kennuun isaa sirriidha kan jedhan yommuu ta’u, dhibbeentaan 79.4
ammoo jechi amantaaf waakkii himatamaa kanaa ulaagaa SDFYkwt 134 hin guutu
waan ta’eef ragaan A/Alangaa dhagahamuu qaba ejjannoo jedhu qabataniiru.
29
Gabatee 4 Gabatee yaada abbootiin Alangaa jecha amantaa fi waakkii himatamaa bargaaffii keessatti dhiyaateef irratti hundaa’uun
kennan
T/L Yaada Abbootii Alangaa kenname lakk fi dhibbentaadhaan
Gaaffii bargaaffiidhaan dhiyaate Bu’uuruma jecha %’ Hambifannaa qaba %’
amantaa isaatiin murtiin dhaan waan ta’eef ragaan dhaan
balleessummaa itti haa haadhagahamu
kennamu
1. Himatamaan buna seeraan alaa konkolaataatti fe’ee socho’aa osoo 8 18.6 35 81.4
jiruu qabamuu isaatiin yakkaan himatamee jecha amantaaf waakkii
akka kennuuf mana murtiin wayita gaafatamu “bunni seeraan alaa
konkolaataan ani oofaa jiru keessaa qabamuun isaa sirriidha.
Ta’us ani buna kana eenyu akka itti fe’e hin agarre” yoo jedhee
yaadni Abbaan Alangaa mana murtiif kennuu qabu
2. Himatamaan shiishaa xuuchisaa osoo jiruu qabame yoo himatamu 27 62.7.21 16 37.3
jecha amantaa kenneen “himanni narratti dhiyaate sirriidha,
shiishaa xuuchisuun yakka ta’uu waanan hin beekneefan
hojjadhe” kan jedhe yoo ta’e yaadni A/Alangaa mana murtiif
kennuu qabu
3. Himatamaan yakka gudeeddii raawwachuu isaatiin himatame 23 54.5 20 46.5
gocha kana raawwattemoo hin raawwanne jedhamee yommuu
gaafatamu jecha amantaaf waakkii kenneen “raawwadheera”
jedhee yoo deebisee fi manni murtii A/Alangaa maal jettu jedhee
yoo gaafate yaadni A/Alangaa mana murtiif kennuu qabu
4. Himatamtuun “Z” jedhamtu hospitaala keessatti mucaashee 19 44 24 56
dhukkubsachiisaa osoo jirtuu mucaa kana wayta mana fincaanii
geessitu boorsaa bilbilli fi qarshiin keessa jiru argitee boorsicha
banuun qarshii 16600 fi mobaayilii tilmaamni isaa 800 ta’u keessaa
fudhattee gara kutaa ciisichaa dhukkubsataa galuu isheetiin qarshiif
mobaayiliin harkatti qabamuun yakka hannaatiin himatamtee jecha
amantaaf waakkii yoo kennitu “mucaa koo mana fincaanii yoon
geessu boorsaa birrii fi mobaayiliin keessa jiru argee banee
keessaa fudhee kutaa kootti galee osoon jiruu birriif
mobaayiliin na harkatti qabame; yeroon fuudhu birrii meeqa
akka ta’e hin beeku. Birrii fi mobaayiliin kan eenyuu akka ta’e
otuun hin beekinan callisee fuudhe. Qarshii kana waanan
rakkadheefan fuudhe. Qabeenya namaa fuudhuun koo garuu
30

balleessaadha” Yoo jettee yaadni A/Alangaa mana murtiif kennuu


qabu
5. Himatamaan “T” jedhamu labsii bosonaa 1065/2010 irra darbuun 15 35 28 65
bara 2007-2013’tti bosona mootummaa hayyama malee hektaara
2.5 mancaasee lafa qonnaatti jijjiiruu isaatiin himatamuun jecha
amantaaf waakkii isaa yoo kennu “ ani dhuguma lafa bosonaa
kana osoon hin beekin lafa bakka sanii bitee biqiltuu ittecha,
mi’eessaa, sooxalloo, kan jedhaman irraa ciree qoteen jira. San
booda garuu qaamni mootummaa nagaafachuu jalqabnaan
sodaadheen dhiise. Kanaaf yakka kana raawwadheen jira
manni murtii dhiifama naaf haagadhu” yoo jedhe yaadni
A/Alangaa mana murtiif kennuu qabu
6. Himatamaan A jedhamu meeshaa waraanaa hayyama itti hin qabne 5 11.6 38 88.4
mana isaa keessa dhoksee qabatee argamuu isaatiin yakkaan
himatamee jecha amantaaf waakkii isaa yommuu kennu: “gaafa
12/09/2012 guyyaa keessaa sa’aatii11:00 irratti bakkuma
himannaarratti ibsametti meeshaa kana sababni qabadheef
namaan wal lolee jennaani. Shugguxii kana gaafa 12/09/2013
guyyaa naannoo sa’aatii 7:30 waajira poolisiitti galmeessus
hayyama harkaan hin gahanne malee meeshaa hayyama itti
qabuudha” kan jedhu yoo ta’e yaadni A/Alangaa mana murtiif
kennuu qabu
IDA’AMA 97 37.6 161 62.4
BAAYYINA IDDATTOO= 43 KAN YAADA LAATAN= 43,

Odeeffannoo gabatee armaan olii kanarraatti hundaa’uun eejjannoon abbootiin seeraa jecha amantaaf waakkii bargaaffii keessatti ibsame irratti
qaban akka armaan gadiitti xiinxalameera.

31
❖ CUUNFAA DEEBII BARGAAFFII YAADA ABBOOTII ALANGAA AANAA IRRAA QORANNAA
JECHA AMANTAA FI WAAKKII HIMATAMAA IRRATTI
HUNDAA’UUN MURTII KENNAMU ILAALCHISEE GAGGEEFFAMUUF
SASSAABAMEE

1. Abbootiin Alangaa akka godiina Jimmaatti jiran ---------- 150


2. Abbootii Alangaa jiran kana keessaa kan bargaaffiin dhiyaateef ------ 43 (29%)
3. Baayyina gaaffii/galmee jecha amantaaf waakkii dhiyaate ----------- 6
4. Gaaffiin dhiyaates jecha himatamaan kenne akkuma jirutti fudhachuun ta’ee jecha
amantaaf waakkii bu’uura SDFYKwt 134’tiin kennameedhamoo miti/hambifannoo
qabamoo miti kan jedhu yommuu ta’u:
✓ Gaaffii 1ffaa irratti Abbootii Alangaa waliigalaan yaada kennan 43 keessaa
dhibbeentaan 18.6 kan ta’an jechi himatamaan kun kenne bu’uura SDFY kwt.134 kan
guutuudha waan ta’eef ragaan otuu hindhagahamin murtiin balleessummaa irratti
hakennamu kan jedhan yommuu ta’u, dhibbeentaan 81.4 ammooyyuu jechi kun
hambifannaa qaba waan ta’eef ulaagaa SDFY kwt. 134 kan guutu miti kanaaf akka
haaletti qabamee ragaan akka dhagahamu gaafatamuu qaba ejjannoo jedhu kan
qabaniidha.
✓ Gaaffii 2ffaa ilaalchisee Abbootii Alangaa waliigalaan yaada kennan 43 keessaa
dhibbeentaan 62.7 kan ta’an jechi himatamaan kun kenne bu’uura SDFY kwt.134 kan
guutuudha waan ta’eef ragaan otuu hindhagahamin murtiin balleessummaa irratti
hakennamu kan jedhan yommuu ta’u, dhibbeentaan 37.3 ammooyyuu jechi kun
hambifannaa qaba waan ta’eef akka haaletti qabamee ragaan akka dhagahamu
gaafatamuu qaba ejjannoo jedhu kan qabaniidha.
✓ Gaaffii 3ffaa ilaalchisee dhibbeentaan 54.5 kan ta’an jechi himatamaan kun kenne
bu’uura SDFY kwt.134 kan guutuudha waan ta’eef, ragaan otuu hindhagahamin
murtiin balleessummaa irratti hakennamu jedhamee gaafatamuun sirriidha kan jedhan
yommuu ta’u, dhibbeentaan 46.5 ammooyyuu jechi kun hambifannaa qaba waan ta’eef
ulaagaa SDFYKwt 134 kan guutu miti. Kanaaf, akka haaletti qabamee ragaan akka
dhagahamuu gaafatamuu qaba malee akka amanetti fudhatamee murtiin
balleessummaa akka itti kennamu gaafatamuun dogoggora ejjannoo jedhu kan
qabaniidha.

35
✓ Gaaffii 4ffaa ilaalchisee dhibbeentaan 44 kan ta’an jechi himatamaan kun kenne bu’uura
SDFY kwt.134 kan guutuudha waan ta’eef, ragaan otuu hindhagahamin murtiin
balleessummaa irratti hakennamu jedhamee gaafatamuun sirriidha kan jedhan yommuu
ta’u, dhibbeentaan 56 ammooyyuu jechi kun hambifannaa qaba waan ta’eef ulaagaa
SDFY kwt. 134 kan guutu miti kanaaf akka haaletti qabamee ragaan akka dhagahamuu
gaafatamuu qaba malee akka amanetti fudhatamee murtiin balleessummaa akka itti
kennamu gaafatamuun dogoggora kan jedhaniidha.
✓ Gaaffii 5ffaa ilaalchisee dhibbeentaan 35 kan ta’an jechi himatamaan kun kenne ulaagaa
SDFY kwt. 134 kan guutuudha waan ta’eef ragaan otuu hindhagahamin murtiin
balleessummaa irratti hakennamu jedhamee gaafatamuun sirriidha kan jedhan yommuu
ta’u, dhibbeentaan 65 ammooyyuu jechi kun hambifannaa qaba waan ta’eef ulaagaa
SDFYKwt 134 kan guutu miti. Kanaaf, akka haaletti qabamee ragaan akka dhagahamu
gaafatamuu qaba malee akka amanetti fudhatamee murtiin balleessummaa akka itti
kennamu gaafatamuun dogoggora kan jedhaniidha.
✓ Gaaffii 6ffaa ilaalchisee dhibbeentaan 11.6 kan ta’an jechi himatamaan kun kenne
ulaagaa SDFY kwt.134 kan guutuudha waan ta’eef, ragaan otuu hindhagahamin
murtiin balleessummaa irratti hakennamu jedhamee gaafatamuun sirriidha kan jedhan
yommuu ta’u, dhibbeentaan 88.4 ammooyyuu jechi kun hambifannaa qaba waan ta’eef
ulaagaa SDFY kwt.134 kan guutu miti. Kanaaf, akka haaletti qabamee ragaan akka
dhagahamu gaafatamuu qaba malee akka amanetti fudhatamee murtiin balleessummaa
akka itti kennamu gaafatamuun dogoggora ejjennoo jedhu kan calaqqisiisaniidha.
❖ CUUNFAA YAADA ABBOOTII SEERAA FI ABBOOTII ALANGAA AKKA
WALIIGALAATTI

Bargaaffiin tokko gaaffiiwwan 6 of keessatti qabatee abbootiin seeraa 34 yaada isaanii kan ibsan
yommuu ta’u, abbootiin seeraa soddomii afran gaaffii jaha jaha isaaniif dhiyaate irratti yaadaaf
ilaalcha seeraa (Ejjannoo) isaanii calaqqisaniiru. Baay’ina gaaffilee bargaaffii irra jiran irratti
hundaa’uun gaaffiiwwanii 1X6X34=204 84 keessaa gaaffiin lama kan hin deebine waan ta’eef
abbootiin seeraa 34 gaaffiiwwan 202 irratti ejjannoo isaanii ibsaniiru. Bu’uuruma kanaan

841= baayyina bargaaffii, 6=baayyina gaaffiiwwan bargaaffii tokkorra jiranii, 34= baayyina Abbootii Seeraa
bargaaffii irratti hirmaatanii

36
gaaffiiwwan 52 (%25.49) manni murtii jecha amantaaf waakkii himatamaa bargaaffiin
dhiyaaterratti hundaa’uun murtiin balleessummaa kennamuun isaa sirriidha kan jedhan yommuu
ta’u, gaaffiiwwan 150 (%73.53) ammoo jechi amantaaf waakkii himatamaan laate ulaagaaf
kaayyoo jecha amantaaf waakkii irratti hundaa’anii bu’uura SDFYkwt 134’tiin murtii
balleessummaa kennuu waan hin guunneef yaadni abbaan alangaa jecha amantaa himatamaa irratti
hundaa’ee murtiin balleessummaa itti nuuf hakennamu jechuun gaafatame kufaa ta’ee ragaan
abbaa Alangaa dhagahamuu qaba ejjannoo jedhu kan qabataniidha. Gaaffiin 2 (%0.98) ammoo
kan yaadni deeggarsaas ta’e moormii itti hin kennamne ta’ee argameera.

Bargaaffiin tokko gaaffiiwwan 6 of keessatti qabatee abbootiin Alangaa 43 yaada isaanii kan ibsan
yommuu ta’u, baay’ina gaaffilee bargaaffii irra jiran irratti hundaa’uun waliigala baay’ina
gaaffiiwwanii 1X6X43=25885 ta’an irratti abbootiin Alangaa 43 gaaffiiwwan 258 irratti ejjannoo
isaanii ibsaniiru. Bu’uuruma kanaan gaaffiiwwan 97 (%37.6) jecha amantaaf waakkii himatamaa
bargaaffiidhaan dhiyaaterratti hundaa’uun murtiin balleessummaa akka irratti kennamuuf Abbaan
Alangaa yaada kennachuu qaba kan jedhan yommuu ta’u, gaaffiiwwan 161 (%62.4) ammoo faallaa
kanaa jechi amantaaf waakkii himatamaan laate ulaagaa SDFY kwt 134 jalatti jecha amantaa irratti
hundaa’anii adabbii laachuu hin guutu ijaa ta’eef, Abbaan Alangaa jecha amantaa himatamaa irratti
hundaa’ee manni murtii murtii balleessummaa himatamaa irratti halaatu yaada jedhu laachuu hin
qabu waan ta’eef ragaasaa dhaggeessifachuu qaba ejjannoo jedhu kan qabataniidha.

Waliigala ogeessooti seeraa 77 bargaaffii dhiyaaterratti yaada isaanii laataniiru. Kana keessaa
ogeeyyiin %32.4 jechi amantaaf waakkii himatamaan kennate amaneera ni jechisiisa waan ta’eef
murtiin balleessummaa itti dabarfamuu qaba kan jedhan yommuu ta’u, ogeeyyiin %67.6
ammooyyuu faallaa kanaa jechi amantaaf waakkii bargaaffii keessatti dhiyaate ulaagaa jecha
amantaaf waakkii SDFY kwt.134(1) jalatti taa’e hin guutu ijaa ta’eef ragaan A/Alangaa irratti
dhagahamuu qaba ejjannoo jedhu calaqqisiisaniiru.
C. Do’annaa Dhaddachaa (Court Observations)

Do’annaa hojii dhaddachaarratti argamuun godhamuun maloota kaan caalaa daataa bifa garagaraa
argachuuf nama dandeessisa. Qorannoo kana keessatti qorataan akka qorataa qofaatti osoo hin

85 1=baayyina bargaaffii, 6=baayyina gaaffiiwwan bargaaffii tokkorra jiranii, 34=baayyina Abbootii Seeraa bargaaffii
irratti hirmaatanii

37
ta’in akka hojjataa fi akka abbaa dhimmaatti galmee mataa ofiitiin qabateen alatti kan Abbaa
alangaa birootiin qabame irrattis do’ataa dhaddachaa ta’uun odeeffannoo qorannaa isaatiif tajaajilu
funaannateera.

Qorataan guyyaa galmeen haaraan saaqamee dhagahaaf dhaddachaaf dhiyaatu fi guyyaa galmeen
jecha amantaa himatamaa irratti hundaa’amee murtii argate aanaalee irraa ol iyyataan dhiyaatee
falmiin gaggeeffamu Abbaa Alangaa waliin Dhaddacha seenuun kan ilaale yoo ta’u, guyyoota
do’annaa dhaddachaa gaggeesse sadi (3) keessaa tokko himata kallatti mana murtii olaanaa godina
Jimmaatiif dhiyaaterratti himatamaan himannaa isarratti dhiyaate amanee abbaan alangaatis jechi
himatamaa hambifannoo kan hin qabne ta’us ragaan dabalataa akka irratti dhagahamu gaafatee
ragaan Abbaa Alangaa akka irratti dhagahamu taasifamee jira.

Guyyaa lammaffaa do’annaa dhaddachaatti ammoo ol iyyata himatamaan mana murtii jalaa
dhiyeeffate irratti himatamaan jechi kiyya guutuun mana murtii jalaatti naaf hin galmoofne
sababan gochicha raawwadheef ibsadhee otuun jiruu otuu hin galmeessin amanteetta jedhamee
murtiin balleessummaa narratti laatame kan jedhu kaasee manni murtiis kanuma irratti ijoo qabee
A/Alangaa falmisiisee jira.

Guyyaa sadaffaa doowwii dhaddachaa taasifameen jecha amantaa “amaneera” jedhamee qofa
haalli raawwii isaa hin ibsamne irratti ol iyyatni dhiyaatee manni murtii olaanaa godina Jimmaa ni
dhiyeessisa jedhee erga waamee booda sirrummaa jecha amantaa irratti erga walfalmisiisee booda
murtii balleessummaa cimsee adabbii fooyyeessee galmee cufee jira.

D. Sakatta’a Galmee

Akkuma beekamu mata-duree filatameef odeeffannoo sirrii fi ifa gala ta’e maloota armaan olii
kana qofaan madaaluun qorannaa kana dadhabaa taasisuu ni danda’a jedhamee waan amanamuuf,
darbees qabatamaan hojii jiru agarsiisuuf gargaarsa ol’aanaa kan qabu sakatta’a galmeewwanii
ogeessotni kun hojjetanii taasisuun barbaachisaadha. Bu’uuruma kanaan, kurmaana 3 ffaa fi 4ffaa
bara 2013 fi kurmaanota lamaan duraanii bara 2014 keessa Galmeewwan aanaalee qorannoo
kanaaf filataman kudha tokko (11) keessatti jecha amantaa himatamaa irratti hundaa’uun murtiin
balleessummaa irratti laatame diigdamii lama (22) bifa carraatiin filatamanii qorataa kanaan
sakatta’amaniiru. Dabalataan ammo, galmeewwan bargaaffiidhaaf dhimma itti ba’ame jahan

38
keessaa galmeen afur (4), kan itti yaadamee filatame, mana murtii jalaatti galmeen isaa deebi’ee
socho’uuf socho’uu dhabuun isaa sakatta’ameera. Waliigala galmeewwan diigdami jaha haala itti
aanuun sakatta’iinsi irratti gaggeeffameera.

❖ Galmee Jecha amantaa bu’uura s/d/f/y kwt.134’n adabbii argate 1ffaa

Himatamtoota Saaj/Ol. Hayiluu Baay’isaa Araggaa fa’a N-4 irratti Abbaan Alangaa aanaa
L/Saqqaa SDFY Kwt 32(1)(A), 298(1) fi 340 irra darbuun ‘yakka hogganaa Olaanaaf ajajamuu
diduutiin’ mana murtii aanaa L/Saqqaatti himate.

Himatamtootni jecha amantaaf waakkii laataniin hunduu gocha ittiin himatamne raawwanneerra
jedhanii yommuu haala raawwii isaa ibsan: sababa miseensi keenya muraasa (nama 45) qofa ta’anii
fi meeshaa waraanaa garee kan jedhamu kan akka bireenii fi Boombii gahaa hin qabnu ta’eef,
bakki nuti turre ammoo diinni kan itti baay’atuu fi diinaan marfamaa jiraachuu keenya odeeffannee
hogganaan ol’aanaan meeshaa fi humna dabalataa akka nuuf ramadu gaafannee har’a bor jechaa
otuu nuuf hin raawwatin waan hafaniif humna xiqqaan qabnu nu harkatti hin miidhamin jennee
ajaja malee gaafa 23/11/2013 halkan sa’aa 11:30 iddoo itti ramadamne gadhiifnee baanee jirra.
Borumtaa isaa gaafa 24 walgahii nukaa’anii nugaafannaan meeshaaf humna gaafannaan
meeshaanis hin jiru humnis hin jiru kanumaan deebi’aa dhaqaa ijaa nuun jedheef didne jedhanii
jecha isaanii kennatan.

Abbaan Alangaa yaada kenneen bu’uura jecha amantaa isaaniitiin murtiin balleessummaa itti nuuf
halaatamu jedhee jira.

Manni murtiis himannaa dhiyaate, jecha himatamtootni kennanii fi seera ittiin himataman waliin
walbira qabee madaaluun bu’uura s/d/f/y kwt.134(1)’tiin jecha amantaa isaaniitiin amananiiru
jechuun himatamtootni balleessaadha jedhamanii adabaman.

Miseensi nurkatti dhumurra jennee ajaja didnee baane otuu jennuu murtiin balleessummaa nutti
kennamuu hin qabu jechuun ol iyyata himatamtootni fudhatan manni murtii olaanaa godina
Jimmaa L/Galmee 61070 ta’e irratti komiin fudhatama hin qabu jedhee adabbii foyyesse.

❖ Galmee Jecha amantaa bu’uura s/d/f/y kwt.134’n adabbii argate 2ffaa

39
Himatamaa Mahaammad Abdulmannaan Hajii irratti Abbaan Alangaa aanaa L/Kossaa labsii
meeshaa waraanaa lakk 1177 Kwt 22(2) irra darbuun yakka hayyama otuu hin qabaatin meeshaa
waraanaa shugguxii turkii jedhamu qabatanii argamuutiin mana murtii aanaa L/Kossaatti himate.

Himataman jecha amantaaf waakkii isaa yommuu kennu meeshaa waraanaa himannaa keessatti
ibsame kan hayyama hin qabne qabadhee otuun jiruu guyyuma himannaa keessatti ibsametti
qabadhee argameera waan ta’ef badii kooti jedheera.

Abbaan Alangaas bu’uuruma jecha amantaa isaatiin murtiin balleessummaa itti naaf halaatamu
jedhee gaafateera. Manni murtiis himatamaan gocha ittiin himatame guutummaa guutuutti
raawwachuu isaa waan amaneef Kwt.ittiin himatamee jalatti bu’uura SDFY kwt. 134(1)’tiin
balleessaadha jedheera. Himatamaan murtii balleessummaa fi adabbii irratti komatee hin
dhiyeessisu jedhameera.

❖ Galmee Jecha amantaa bu’uura s/d/f/y kwt.134’n adabbii argate 3ffaa

Himatamaa Seefuu A/Boor A/Foggii irratti Abbaan Alangaa aanaa Manchoo labsii meeshaa
waraanaa lakk 1177 Kwt 4(1) fi 22(2) irra darbuun yakka meeshaa waraanaa seeraan alaa
shugguxii turkii jedhamu qabatanii argamuutiin mana murtii aanaa Manchootti himate.

Himatamaan yommuu jecha amantaaf waakkii laatu ani meeshaa kana mootummaadhumatu
bitadhaa jedhee jennaan badiidhaaf otoo hin taane ittiin of eeguufan bitadhe. Hayyama ammoo
anaa baafachuuf jiruu gaafa 25/1/2014 galgala narkatti qabame jedheera.

Manni murtiis himatamaan gocha ittiin himatame amaneera jedhee erga galmeessee booda yaada
Abbaa Alangaa gaafateen; Abbaan Alangaa bu’uura jecha isaatiin ragaa dhagayuun otuu nu hin
barbaachisin murtiin balleessumaa akka itti kennamu gaafatee, manni murtichaa himatamaan
gocha ittiin himatame dhaddacha irratti waan amanee fi jechi amantaa bu’uura SDFY kwt.35’niin
L/Galmee 05646 ta’e irratti laates gocha kana raawwachuu himatamaa waan mirkaneesseef
jechuun bu’uura SDFYKwt 134(1)’tiin murtii balleessummaa kennee adabee jira.

Himatamaan murtii balleessummaa fi adabbii irratti L/Galmee 61179 ta’e irratti ol iyyatee murtiin
balleessummaa cimee adabbiin fooyya’eera.

❖ Galmee Jecha amantaa bu’uura s/d/f/y kwt.134’n adabbii argate 4ffaa

Himatamaa Rashaad A/Nagaa Alamaayyoo faa N-2 irratti Abbaan Alangaa aanaa magaalaa
Jimmaa himatamtootni ‘…. mi’ichi kan argame sababa yakka qabeenya tokko irratti
raawwatameen ta’uu isaa osoo beekanii …’ jechuun SY kwt. 682(1) irra darbuun yakka dhoksaa
raawwataniif matamataatti himannaa shan shaniin mana murtii aanaa magalaa Jimmaatti himate.

40
Himatamtootni dhaddacha irratti dhiyaatanii himatamaa 1ffaan laameeraa baay’inni isaa shan ta’e
mooraa nama dhuunfaa duwwaa ta’ee fi ganaa ijaaramaa jiru keessatti ol seenee fuudhee
himatamaa 2ffaa kanatti gurgureera waan ta’eef balleesseera jedhee jira.

Himatamaa 2ffaan ammoo balbala laameeraa shan qabeenyummaan isaa kan eenyuu akka ta’e
kanan hin beekne himatamaa 1ffaan fidee biti naan jennaan kan isaa se’ee waliigala qarshii 3700’n
biteera waan ta’eef balleesseera” jedhee jira.

Abbaan Alangaa ragaan otuu hin dhagahamin murtiin balleessummaa akka itti kennamuuf
gaafateera. Manni murtichaas bu’uuruma gaaffii Abbaa Alangaatiin himatamtooti himannaa
Abbaa Alangaa waan amananiif jechuun murtii balleessummaa laatee adabbii laateera.
Himatamtootni murtii balleessummaa fi adabbii irratti ol iyyatanii murtiin balleessummaa cimee
adabbiin fooyya’eera.

❖ Galmee Jecha amantaa bu’uura s/d/f/y kwt.134’n adabbii argate 5ffaa

Himatamaa Eliyaas Nabsoo Shee Shifaa irratti Abbaan Alangaa aanaa Gommaa SY kwt. 556/2
(a) jalatti himatamaan miidhamaa dhuunfaa uleedhaan cinaacha bitaa, sarbaa miila mirgaa, morma
gara duubaa irra rukutee qaamni miidhamaa akka luqqa’u waan taasiseef jechuun mana murtii
aanaa Goommaatti himate.

Himatamaan dhaddachatti dhiyaatee jecha amantaaf waakkii lateen; ‘miidhamaa kana uleedhaan
cinaacha bitaa fi sarbaa miila mirgaa rukuteera, garuu morma isaa hin rukunne….’ jedheera.

Abbaan Alangaa himatamaan gocha ittiin himanne raawwachuu amanee jira waan ta’eef, bu’uura
SDFY kwt. 134(1)’tiin murtiin balleessummaa akka itti kennamu gaafateera.

Manni murtichaatis jechi himatamaa kan amantaati jechuun bu’uura SDFYKwt 134(1)’tiin murtii
balleessummaa laatee adabeera.

Murtii balleessummaa fi adabbii irratti ol iyyatee murtiin balleessummaa cimee adabbiin


fooyya’eera.

❖ Galmee Jecha amantaa bu’uura s/d/f/y kwt.134’n adabbii argate 6ffaa

Himatamaa Masfiin Balaay Kabbadee irratti Abbaan Alangaa aanaa magaalaa Jimmaa SDFY
kwt. 670(1) jalatti himatamaan miidhamaa dhuunfaa harkaa mobaayila Teeknoo kamoon 12 ta’e
qarshii 7,500 baasu butee waan fiigeef himate.

Himatamaan dhaddachatti dhiyaatee jecha amantaa lateen ‘..mobaayilichi kan akkamii akka ta’e
hin beeku, qarshii 5000 ni baasa, hoteela boonii fulduratti otuu wifi fayyadamnuu harkaa buteen
ture, rakkadheen harkaa fuudhe..’ jedheera.

41
Abbaan Alangaa himatamaan gocha ittiin himatame guutummaan guutuutti amanee jira waan
ta’eef buu’uura SDFY kwt. 134(1)’tiin ragaa dhagahuun otuu hin barbaachisin murtiin
balleessummaa itti naaf hakennamu jedhee gaafateera.

Manni murtii aanaa magaalaa Jimmaas, himatamaan yakka ittiin himatame guutummaan guutuutti
amanee jira jechuun bu’uura gaaffii A/Alangaatiin murtii balleessummaa kennee jira.

Himatamaan otuun guutummaan guutuutti hin amanin amaneera jedhameen murtiin


balleessummaa natti laatame jechuun murtii balleessummaa fi adabbii irratti ol iyyata gaafatee
Abbaan Alangaa murtiin balleessummaa fi adabbiin mana murtii jalaa akka cimu gaafateera.

Manni murtii olaanaa godiina Jimmaa oliyyataan L/Galmee 61103 ta’e irratti dhimmicha ilaale
tumaa himannaa 670(1) gara 665(1)’tti jijjiiruun murtii balleessummaa kennee adabbii
fooyyeessee jira.

❖ Galmee Jecha amantaa bu’uura s/d/f/y kwt.134’n adabbii argate 7ffaa

Himatamaa Jamaal A/Zinaab A/Foggii irratti Abbaan Alangaa aanaa Saqqaa Coqorsaa labsii
meeshaa waraanaa lakk 1177 Kwt 22(2) irra darbuun yakka hayyama otuu hin qabaatin meeshaa
waraanaa shugguxii turkii jedhamu qabatanii argamuutiin mana murtii aanaa S/Coqorsaatti himate.

Himataman dhaddachatti dhiyaatee jechasaa yommuu laatu “…raawwadheera, ani seera qabeessa
gochuuf gandatti ibsee otuun jiruu akka tasaa na harkatti qabame…” waan ta’ef badii kooti
jedheera.

Abbaan Alangaa bu’uuruma jecha isaatiin murtiin balleessummaa itti naaf halaatamu jechuun
gaafateera.

Manni murtichaa himannaa dhiyaate, jecha himatamaa fi seeraan wal bukkee qabee yommuun
ilaalu himatamaan himannaa irratti dhiyaate amanuu isaa hubadheera jechuun bu’uura SDFY
kwt.134(1)’tiin murtii balleessummaa kennee adabeera.

Himatamaan murtii balleessummaa fi adabbii irratti ol iyyatee abbaan Alangaatis L/Galmee


02/05709 ta’e irratti murtiin balleessummaa fi adabbiin mana murtii jalaa akka cimu gaafatee,
manni murtii ol aanaa godiina Jimmaa L/Galmee 61130 ta’e irratti murtii balleessummaa cimsee
adabbii fooyyeesseera.

❖ Galmee Jecha amantaa bu’uura s/d/f/y kwt.134’n adabbii argate 8ffaa

Himatamaa Naziif Naasir Goobanaa irratti Abbaan Alangaa aanaa magaalaa Jimmaa labsii
meeshaa waraanaa lakk 1177 Kwt 22(2) irra darbuun yakka hayyama otuu hin qabaatin meeshaa
waraanaa shugguxii seeraan alaa qabatanii argamuutiin mana murtii aanaa magaalaa Jimmaatti
himate.

42
Himataman dhaddachatti dhiyaatee jechasaa yommuu laatu “….raawwadheera, meeshaa himannaa
A/Alangaa keessatti ibsame kana guyyuman bitadhen qabame waan ta’eef lakkoofsa meeshichaa
hin beeku, garuu hayyama itti hin qabu waan ta’ef badii kooti jedheera.

Abbaan Alangaa himatamaan himannaa irratti dhiyaate amaneera waan ta’eef bu’uura SDFY kwt.
134(1)’tiin murtii balleessummaa itti naaf halaatamu jechuun gaafateera.

Manni murtichaa jecha amantaaf waakkii himatamaa yommuun ilaalu himatamaan yakka ittiin
himatame guutummaan guutuutti amanuu isaa hubadheera jechuun bu’uura SDFY kwt. 134(1)’tiin
murtii balleessummaa kennee adabeera.

Himatamaan murtii balleessummaa fi adabbii irratti ol iyyatee abbaan Alangaatis L/Galmee


02/05692 ta’e irratti murtiin balleessummaa fi adabbiin mana murtii jalaa akka cimu gaafatee,
manni murtii ol’aanaa godiina Jimmaa L/Galmee 61097 ta’e irratti murtii balleessummaa cimsee
adabbii fooyyeesseera.

❖ Galmee Jecha amantaa bu’uura s/d/f/y kwt.134’n adabbii argate 9ffaa

Himatamaa Tashoomee Gazzaany Joggoo irratti Abbaan Alangaa aanaa magaalaa Jimmaa SY
kwt. 693(1) jalatti himatamaan akkaawuntii isaarraa qarshii akka hin qabne otuu beekuu cheekii
qarshii kuma shantamaa (50,000) waan barreessee kenneef himate.

Himatamaan dhaddachatti dhiyaatee jecha amantaa laateen ‘…. raawwadheera, osoon qarshii
akkaawuntii koo irraa hin qabaatin cheekii himata A/Alangaa irratti ibsame kana miidhamaaf
kennuun koo dhugaadha. Garuu, cheekicha akka qabdiitti akka na amanuufin itti laadhe, akka
qarshiin irra hin jirre itti himeen itti laadhe waan ta’eef balleessaa hin qabu…’ jedheera.

Abbaan Alangaa himatamaan gocha ittiin himatame haalee jira waan ta’eef ragaan naaf
hadhagahamu jedhee gaafateera.

Manni murtichaa ammoo ijoo himatamaan gocha himatame amaneera moo waakkateera? kan
jedhu qabatee qorachuuf beellama qabatee qoratee miidhamaan wabiif akka ta’uuf cheekicha
qabachuun isaa ykn yeroo cheekichi kennamu gochi goyyomsuu raawwatamuu dhabuun isaa
yakka ta’uu hin hambisu waan ta’eef mormii himatamaan gochi goyyomsuu ani himatamaa irratti
raawwadhe hin jiru jechuun kaase kufaa taasisuun himatamaan gocha ittiin himatame amaneera

43
jechuun bu’uura SDFY kwt. 134(1)’tiin ragaa dhagahuun otuu hin barbaachisin balleessaadha
jedhee; yaada adabbii salphisuu A/Alangaa yakkicha amanuu himatamaatiif kaase ammoo
himatamaan badii hin qabu jedhee gar-tokkeen haaleera waan ta’eef jechuun kufaa godheera.

Himatamaan otuun guutummaan guutuutti hin amanin fi balleessaa hin qabu otuun jechaa jiruu
amaneera jedhameen murtiin balleessummaa natti laatame waan ta’eef murtiin natti laatame
adeemsa seeraa hin eegganne waan ta’eef dhimmichi ragaan qulqullaa’ee murtii argachuu qaba
jechuun murtii balleessummaa fi adabbii irratti ol iyyata gaafatee Abbaan Alangaa murtiin
balleessummaa fi adabbiin mana murtii jalaa akka cimu gaafateera.

Manni murtii olaanaa godina Jimmaa ol’iyyataan L/Galmee 49994 ta’e irratti dhimmicha ilaale
murtii mana murtii jalaa cimsee jira.

❖ Galmee Jecha amantaa bu’uura s/d/f/ kwt.134’n y adabbii argate 10ffaa

Himatamaa Gazzuu Moosisaa Sufii irratti gaafa 07/02/2013 Abbaan Alangaa aanaa Noonnoo
Beenjaa labsii meeshaa waraanaa lakk 1177, kwt. 22(2) irra darbuun yakka hayyama otuu hin
qabaatin meeshaa waraanaa shugguxii seeraan alaa rasaasa shan waliin qabatanii argamuutiin
mana murtii aanaa Noonnoo Beenjaatti himate.

Himatamaan dhaddachatti dhiyaatee jechasaa yommuu laatu “…dhugaadha meeshaa waraanaa


turkii xiqqaa ta’e namarraa bitee qabadhee meeshaa kana irratti hayyama baafachuuf otuun gara
magaalaa Algaa dhufaa jiruu miseensi poolisii naharkatti qabee jira” jedheera.

Abbaan Alangaa himatamaan meeshaa kana namarraa bitadhee hayyama itti baafachuuf otuun gara
magaalaa Algaa dhufaa jiruu naharkatti qabame hajedhuyyuu malee akka tumaa seerichaatti namni
tokko meeshaa waraanaa qabatee socho’uun duratti hayyama qabachuu qaba, hayyama otuu hin
qabaatin qabatee argamuun qofti murtii balleessummaa laachuuf firii dubbii tumaa seerichaa kan
guutu fi himatamaan ammoo haaleera kan jechisiisu waan hin taaneef himannaa irratti dhiyaate
akka amanetti fudhatamee bu’uura SDFYKwt 134(1)’tiin murtii balleessummaa itti naaf
halaatamu jechuun gaafateera.

Manni murtichaa jecha amantaaf waakkii himatamaa yommuun ilaalu; himatamaan meeshaa
kanatti hayyama baafachuufan deemaa ture haajedhuyyuu malee hayyama osoo hin qabaatin

44
qabatee argamuun ibsuun isaa tumaa himannaa hundeessuuf gahaadha waan ta’eef jechuun
bu’uura SDFY kwt. 134(1)’tiin murtii balleessummaa kennee adabeera.

Himatamaan adabbii irratti ol iyyatee abbaan Alangaatis L/Galmee 02/05485 ta’e irratti murtiin
balleessummaa fi adabbiin mana murtii jalaa akka cimu gaafatee, manni murtii ol aanaa godina
Jimmaa L/Galmee 49490 ta’e irratti galmeen ni dhiyeessisa erga jedhee booda guyyaa beellamaa
ol iyyataan adabbii ji’a shanii fixate bahuun waan adda baheef galmeen ol iyyataa ni cufame.

❖ Galmee Jecha amantaa bu’uura s/d/f/y kwt.134’n adabbii argate 11ffaa

Himatamaa Cheerinnat Gaashaaw Tasammaa irratti Abbaan Alangaa aanaa Saqqaa Coqorsaa
labsii to’annoo fi galmeessa farra ilbisootaa federaalaa lakk 674/2010, kwt 20/1(b) fi 33/3(6) jalatti
himatamaan wantoota itti fayyadamni isaa balaafamaa ta’an karaa seeraan ala ta’een geejjibuutiin,
akkasumas, labsii sirna too’annoo dorgommii daldaltootaa shamatootaa federaalaa bahe lakk
813/2006 Kwt 43(5) irra darbuun yakka meeshaalee bu’uuraa zaytaa fi sukkaara hayyama malee
bakkaa fi bakkatti geejjibuutiin himatee ture.

Himatamaan dhaddachatti dhiyaatee jecha amantaaf waakkii lateen ‘… magaalaa Jimmaadhaa


qorqorroof daakuun itti fe’amuun beeka, kan itti fe’e warra dallaalaati meeshaaleen addaddaatis
jiru ture, Angaccaa bakka jedhamu irraan fe’ee bahe; yeroo zaytii fi qorichi fe’amu bira hin turre.
Ani konkolaataa kana konkolaachisaa yeroon keellaa magaala saqqaa gahu konkolaataan
poolisiidhaan sakatta’amee meeshaan himannaa keessatti caqasame argamee jira waan ta’eef
balleesseera.’ jedheera.

Abbaan Alangaa himatamaan gocha ittiin himatame raawwachuu isaa guutummaan guutuutti
amanee waan jiruuf ragaa dabalataa dhagahuun otuu hin barbaachisin murtiin balleessuummaa
irratti akka nuuf laatamu jedhee gaafateera.

Manni murtii aanaa Saqqaa coqorsaatis himannaa dhiyaate, yaada abbaa alangaa fi jecha amantaa
himatamaa, akkasumas, ragaa barreeffamaa waajira qonnaa fi qabeenya uumamaa fi waajira
Daldalaa aanaa S/Coqorsaa irraa dhiyaate seeraan ala geejjibaa jiraachuu himatamaa kan
mirkaneessan yommuu ta’u, himatamaan ammoo meeshaa bu’uuraa kana seera qabeessummaa
isaa osoo hin mirkaneeffatin geejjibuun isaa badii ta’uu isaa guutummaan guutuutti amanee waan

45
jiruuf jechuun bu’uura SDFYKwt 134(1)’tiin ragaa dhagahuun otuu hin barbaachisin
balleessaadha jedheera.

Himatamaan ani yeroo qorichi fi zaytiin fe’amu hin argine dallaalaatu fe’e jedhee himannaa haalee
otuun jiruu, jechuma balleesseera jedhu dubbateera jechuun otuun guutummaan guutuutti hin
amanin amaneera jedhamee murtiin balleessummaa natti laatame mirga meeshaan kun bakka ani
hin jirretti duddubakoo nama biraatiin akka fe’ame ragaa ittisaatiin hubachiifachuuf qabu waan
sarbuuf adeemsa seeraan alaatiin mirga dhagahamuu eegumsa heera qabus waan najalaa dhiphisef
jechuun murtii balleessummaa fi adabbii irratti ol iyyata gaafatee Abbaan Alangaa L/Galmee
02/05606 ta’e irratti murtiin balleessummaa cimee adabbiin ammoo shallaggii irratti dogoggora
waan qabuuf haasirratu jechuun gaafateera.

Manni murtii olaanaa godina Jimmaas oliyyataan L/Galmee 49994 ta’e irratti dhimmicha ilaale
himatamaan/ol iyyataan yeroo meeshaan kun fe’amu ani hin agarre jedhee jira waan ta’eef akka
haaletti qabamee ragaan irratti haadhagahamu jechuun murtii mana murtii jalaa diigee jira.

❖ Galmee Jecha amantaa bu’uura s/d/f/y kwt.134’n adabbii argate 12ffaa

Himatamaa Tawaldee Gambiraaw Argaw irratti Abbaan Alangaa aanaa Shabee Somboo labsii
meeshaa waraanaa lakk 1177, kwt 22(2) irra darbuun yakka hayyama otuu hin qabaatin meeshaa
waraanaa shugguxii seeraan alaa rasaasa afur waliin qabatanii argamuutiin mana murtii aanaa
Shabee Sombootti himateera.

Himatamaan dhaddachatti dhiyaatee jechasaa yommuu laatu ‘…. dhugaadha gocha ittiin himatame
kana raawwadheera. Meeshaa kana qabeenya kiyya ittiin eeggachuufan bitadhe. Hayyama garuu
itti hin qabu’ jedheera.

Abbaan Alangaa himatamaan himannaa irratti dhiyaate guutummaan guutuutti waan amaneef
bu’uura SDFY kwt 134(1)’tiin murtii balleessummaa itti naaf halaatamu jechuun gaafateera.

Manni murtichaas himatamaan gocha ittiin himatame guutummaan guutuutti amaneera jechuun
bu’uura SDFY kwt 134(1)’tiin murtii balleessummaa kennee adabeera.

Himatamaan murtii balleessummaa fi adabbii irratti ol iyyatee abbaan Alangaatis L/Galmee

46
02/05612 ta’e irratti murtiin balleessummaa fi adabbiin mana murtii jalaa akka cimu gaafatee,
manni murtii ol aanaa godina Jimmaas L/Galmee 49857 ta’e irratti murtii balleessummaa cimsee
adabbii fooyyeesseera.

❖ Galmee Jecha amantaa bu’uura s/d/f/y kwt.134’n adabbii argate 13ffaa

Himatamaa Ol’aana Magarsaa Barsiisaa irratti Abbaan Alangaa aanaa Botor Xoollaay labsii
misooma eegumsaa fi itti fayyadama bosona mootummaa federaalaa lakk 1065/2010 Kwt 25(4) fi
26(4) irra darbuun yakka bosona uumamaa kan mootummaa hayyama qaama aangoo qabuu malee
keessa seenuun itti fayyadamuutiin mana murtii aanaa Botor Xoollaayitti himateera.

Himatamaan dhaddachatti dhiyaatee jechasaa yommuu laatu; “…gocha himannaa Abbaan Alangaa
ittiin na himate kana raawwadheen jira. Innis lafa bosona mootummaa biqiloota baddeessaa,
daasee, machaaraa, jajjabaa fa’a of irraa qaba ture. Ergan qotuu jalqabee waggaa sadi ni ta’a lafa
walakkaa hektaaraa ta’u qofan itti darbee qotadhe waan ta’eef manni murtii dhiifama naaf haa
godhu” jedheera.

Abbaan Alangaa himatamaan himannaa irratti dhiyaate guutummaan guutuutti waan amaneef
bu’uura SDFY kwt.134 (1)’tiin murtii balleessummaa itti naaf halaatamu jechuun gaafateera.

Manni murtichaas himatamaan gocha ittiin himatame, jecha amantaaf waakkii himatamaa fi seera
jalatti himatame faana ilaaluun himatamaan guutummaan guutuutti amaneera jechuun bu’uura
SDFY kwt.134(1)’tiin murtii balleessummaa kennee adabeera.

Himatamaan murtii balleessummaa fi adabbii irratti ol iyyatee abbaan Alangaatis L/Galmee


02/05602 ta’e irratti murtiin balleessummaa fi adabbiin mana murtii jalaa akka cimu gaafatee,
manni murtii ol aanaa godiina Jimmaa L/Galmee 49820 ta’e irratti murtii balleessummaa cimsee
adabbii fooyyeesseera.

❖ Galmee Jecha amantaa bu’uura s/d/f/y kwt.134’n adabbii argate 14ffaa

Himatamaa Usmaa’el Sulxaan Imaam irratti Abbaan Alangaa aanaa Limmuu Saqqaa SY kwt.
543(3) fi dambii nageenya tiraafikaa Oromiyaa lakk 194/2009 kwt. 10/1 fi 27(1) irra darbuun
yakka dambii ifa ta’e darbuun dagannoon nama ajjeesuutiin mana murtii aanaa Limmuu Saqqaatti
himateera.
47
Himatamaan dhaddachatti dhiyaatee jechasaa yommuu laatu; ‘…himanni narratti dhiyaate
dhugaadha, raawwadheera. Miidhamaa Nuuraa Huseen jedhamu gaafa 10/8/2012 iddoo fi sa’aatii
himanna keessatti caqafame irratti motoora gabatee hin qabne otuun konkolaachisuu ittiin rukutee
ajjeeseera. Kun ammoo badiidha” jedheera.

Abbaan Alangaa himatamaan himannaa irratti dhiyaate guutummaan guutuutti waan amaneef
bu’uura SDFY kwt. 134(1)’tiin murtii balleessummaa itti naaf halaatamu jechuun gaafateera.

Manni murtichaas himatamaan gocha ittiin himatame duraanis jecha bu’uura SDFY kwt.35 tiin
kennee fi jecha amantaaf waakkii amma laateen guutummaan guutuutti amaneera jechuun bu’uura
SDFY kwt 134(1)’tiin murtii balleessummaa kennee adabeera.

Himatamaan murtii balleessummaa fi adabbii irratti ol iyyatee abbaan Alangaa godinaas L/Galmee
02/05269 ta’e irratti murtiin balleessummaa fi adabbiin mana murtii jalaa akka cimu gaafatee,
manni murtii ol aanaa godina Jimmaa L/Galmee 47964 ta’e irratti murtii balleessummaa cimsee
adabbii fooyyeesseera.

❖ Galmee Jecha amantaa bu’uura s/d/f/y kwt.134’n adabbii argate 15ffaa

Himatamtuu Mulunesh Huseen Hasan irratti Abbaan Alangaa aanaa Limmuu Kossaa labsii
nyaataaf qoricha bulchuuf bahe lakk 1112/2011 kwt. 67/1 fi 4 fi SY kwt 525/1(b) irra darbuun
yakka qorichoota seeraan alaa daldaluu raawwatteef mana murtii aanaa Limmuu Kossaatti himate.

Himatamtuun dhaddachatti dhiyaattee jechashee yommuu laattu; ‘…raawwadheen jira, naannoo


keenya hunduu waan gurguruuf yommuu gara magaalaa Jimmaa deemnu binnee galla. Qoricha
kana ammoo mana qorichaatii yommuun bitu kan qorraa, dhukkubbii manaa … jedheen bita. Jarri
ammoo akka ani liqimsu itti fakkaata waan ta’eef naaf laatu, akkan ani gurgurachuuf bitu hin
beekani. Qorichoota kana gurguruuf hayyama itti hin qabu ogummaa isaatis hin qabu, kanaaf
balleesseen jira ‘jetteetti.

Abbaan Alangaa himatamtuun himannaa irratti dhiyaate guutummaan guutuutti waan amanteef
bu’uura SDFYKwt 134(1)’tiin murtii balleessummaa itti naaf halaatamu jechuun gaafateera.

Manni murtichaas himatamtuun gocha ittiin himatamte hambifannaa male guutummaan guutuutti
amantee jirti jechuun bu’uura SDFYKwt 134(1)’tiin murtii balleessummaa kennee adabeera.

48
Himatamtuun adabbii irratti ol iyyattee abbaan Alangaatis L/Galmee 02/05538 ta’e irratti murtiin
balleessummaa fi adabbiin mana murtii jalaa akka cimu gaafatee, manni murtii ol aanaa godina
Jimmaas L/Galmee 49639 ta’e irratti tumaan SY Kwt 525/1(b) hanga waggaa 25’tti adabsiisa waan
ta’eef manni murtii aanaa aangoo hundee dubbii otuu hin qabaatin murtiin kenne sirrii miti jechuun
murtii mana murtii jalaa diigee jira.

49
❖ amantaa bu’uura

Galmee Jecha s/d/f/y kwt.134’n adabbii argate 16ffaa

Himatamaa Abbaay Balaachoo Yetnabbark irratti Abbaan Alangaa aanaa Limmuu Kossaa labsii
meeshaa waraanaa lakk 1177 Kwt 22(2) irra darbuun yakka hayyama otuu hin qabaatin meeshaa
waraanaa shugguxii seeraan alaa rasaasa afur waliin qabatanii argamuutiin mana murtii aanaa
Limmuu Kossaatti himateera.

Himatamaan dhaddachatti dhiyaatee jechasaa yommuu laatu ‘…. gocha ittiin himatame kana
raawwadheera. Meeshaa kana bara 2010 bitadhee otuun qabuu gaafa 28/4/2012 bulchaan gandaa
meeshaa kana fidi yoo poolisiin sirkatti qabe ni adabamta naan jennaan shugguxii kana dabarsee
bulchaa gandaatti laadheera. Hayyama male qabachuun koo badiidha, balleesseera’ jedheera.

Abbaan Alangaa himatamaan himannaa irratti dhiyaate guutummaan guutuutti waan amaneef
bu’uura SDFY kwt. 134(1)’tiin murtii balleessummaa itti naaf halaatamu jechuun gaafateera.

Manni murtichaas himatamaan gocha ittiin himatame hambifannoo tokko malee waan amaneef
jechuun bu’uura SDFYKwt 134(1)’tiin murtii balleessummaa kennee adabeera.

Himatamaan murtii balleessummaa fi adabbii irratti ol iyyatee abbaan Alangaatis L/Galmee


02/05507 ta’e irratti murtiin balleessummaa fi adabbiin mana murtii jalaa akka cimu gaafatee,
manni murtii ol aanaa godina Jimmaas L/Galmee 49544 ta’e irratti bu’uura labsicha kwt 23(2)’tiin
guyyaa labsichi bahee qabee waggaa tokko keessatti hayyama itti baafachuu waan danda’uuf
jechuun murtii mana murtii jalaa diigee ol iyyataa bilisaan gaggeessee jira.

❖ Galmee Jecha amantaa bu’uura s/d/f/y kwt.134’n adabbii argate 17ffaa

Himatamaa Tamriik Sulxaan A/Goojjam irratti Abbaan Alangaa aanaa Limmuu Kossaa SY kwt.
626(1) irra darbuun yakka ijoollee umuriin isaanii gaa’elaaf hin geenye waliin quunnamtii saalaa
raawwachuutiin mana murtii aanaa Limmuu Kossaatti himate.

Himatamaan dhaddachatti dhiyaatee jechasaa yommuu laatu; ‘…guyyaa isaa hin yaadadhu, ji’a
sadi dura, baruma kana keessa guyyaa keessaa tilmaamaan sa’aatii 10:00 ni ta’a, aanaa Limmuu
Kossaa, ganda Caffee ilfataa iddoo silo siiddoo jedhamu midhaan mishiingaa keessatti intala
samiiraa Badruddiin jedhamtu waliin saal-quunnamtii raawwannee jirra, kanumaan isheenis
ulfooftee jirti.’ jedheera.

50
Abbaan Alangaa himatamaan himannaa irratti dhiyaate guutummaan guutuutti waan amaneef
bu’uura SY kwt. 134(1)’tiin murtii balleessummaa itti naaf halaatamu jechuun gaafateera.

Manni murtichaas himatamaan gocha ittiin himatame hambifannoo malee amanuu isaa hubadheera
jechuun bu’uura SDFY kwt. 134(1)’tiin murtii balleessummaa kennee adabeera.

Himatamaan murtii balleessummaa fi adabbii irratti ol iyyatee abbaan Alangaatis L/Galmee


02/05548 ta’e irratti murtiin balleessummaa fi adabbiin mana murtii jalaa akka cimu gaafatee,
manni murtii ol aanaa godina Jimmaas L/Galmee 49669 ta’e irratti murtii balleessummaa cimsee
umuriin ol iyyataa waggaa 17 waan ta’eef jechuun adabbii fooyyeessee jira.

❖ Galmee Jecha amantaa bu’uura s/d/f/y kwt.134’n adabbii argate 18ffaa

Himatamaa Salamon Gabree G/Mikaa’el irratti Abbaan Alangaa aanaa magaalaa Jimmaa labsii
meeshaa waraanaa lakk 1177 Kwt 22/2 irra darbuun gaafa guyyaa 26/2/2013 yakka hayyama otuu
hin qabaatin meeshaa waraanaa Maaskobichii jedhamu kaa’ee argamuutiin mana murtii aanaa
magaalaa Jimmaatti himate.

Himataman dhaddachatti dhiyaatee jechasaa yommuu laatu; ‘…raawwadheera, qawwee kana


hayyama otuun itti hin qabaatin mana jireenyaa koo keessatti qabameera’ jedheera.

Abbaan Alangaa himatamaan himannaa irratti dhiyaate amaneera waan ta’eef bu’uura SDFY
kwt.134(1)’tiin murtii balleessummaa itti naaf halaatamu jechuun gaafateera.

Manni murtichaa jecha amantaaf waakkii himatamaa yommuun ilaalu, himatamaan yakka ittiin
himatame amaneera jechuun bu’uura SDFYKwt 134(1)’tiin murtii balleessummaa kennee
adabeera.

Himatamaan murtii balleessummaa fi adabbii irratti ol iyyatee abbaan Alangaatis L/Galmee


02/05381 ta’e irratti murtiin balleessummaa fi adabbiin mana murtii jalaa akka cimu gaafatee,
manni murtii ol aanaa godiina Jimmaas L/Galmee 49194 irratti bu’uura labsicha kwt 23(2)’tiin
guyyaa labsichi bahee qabee waggaa tokko keessatti hayyama itti baafachuu waan danda’uuf
jechuun murtii mana murtii jalaa diigee ol iyyataa bilisaan gaggeessee jira.

51
❖ amantaa bu’uura

Galmee Jecha s/d/f/y kwt.134’n adabbii argate 19ffaa

Himatamaa Malkaamuu Geetaachoo Asaayyee irratti Abbaan Alangaa aanaa Shabee Somboo
labsii meeshaa waraanaa lakk 1177 Kwt 22(2) irra darbuun gaafa guyyaa 24/03/2013 yakka
hayyama otuu hin qabaatin meeshaa waraanaa boombii F1 jedhamu mana keessa kaa’ee
argamuutiin mana murtii aanaa Shabee Sombootti himate.

Himataman dhaddachatti dhiyaatee jechasaa yommuu laatu; ‘…. gaafa 24/3/2013 anaa rafaa jiruu
poolisoonni dhufanii hayyama sakatta’iinsaatiin yommuu mana koo sakatta’an boombii tokko
arganii fuudhan’ jedheera.

Abbaan Alangaa himatamaan himannaa irratti dhiyaate amaneera waan ta’eef bu’uura SDFY kwt.
134(1)’tiin murtii balleessummaa itti naaf halaatamu jechuun gaafateera.

Manni murtichaas himatamaan yakka ittiin himatame amaneera jechuun bu’uura SDFY
kwt.134(1)’tiin murtii balleessummaa kennee adabeera.

Himatamaan murtii balleessummaa fi adabbii irratti ol iyyatee abbaan Alangaatis L/Galmee


02/05401 ta’e irratti murtiin balleessummaa fi adabbiin mana murtii jalaa akka cimu gaafatee,
manni murtii ol aanaa godina Jimmaas L/Galmee 49293 irratti murtii balleessummaa cimsee
adabbii fooyyeesseera.

❖ Galmee Jecha amantaa bu’uura s/d/f/y kwt.134’n adabbii argate 20ffaa

Himatamaa Anuwaar Awwal A/Zinaab irratti Abbaan Alangaa aanaa Shabee Somboo SY kwt.
686(2) irra darbuun yakka qabeenya nama biroo irratti jeequmsa raawwachuutiin mana murtii
aanaa Shabee Sombootti himateera.

Himatamaan dhaddachatti dhiyaatee jechasaa yommuu laatu; ‘…bunni kun kan abbaa koo kan
Awwal A/Zinaab yoo ta’u, duraanuu kanuman funaannachaa ture, ammas funaannadhe male
qabeenyi kan miidhamaa dhuunfaa miti. Bunichi qabeenya abbaakoo ta’ee otuu jiruu manni murtii
seeraan ala natti murteessee miidhamaadhaaf raawwate. Ammammoo waanan rakkadheef buna
seenee funaannadheera. Kanan amma funaanes sababan rakkadheefidha.

52
Abbaan Alangaa himatamaan himannaa irratti dhiyaate amaneera waan ta’eef bu’uura SDFY Kwt
134(1)’tiin murtii balleessummaa itti naaf halaatamu jechuun gaafateera.

Manni murtichaas himatamaan yakka ittiin himatame amaneera jechuun bu’uura SDFY
kwt.134(1)’tiin murtii balleessummaa kennee adabeera.

Abbaan Alangaa aanaa adabbii irratti ol iyyatee abbaan Alangaa godinaatis L/Galmee 02/05408
ta’e irratti murtiin balleessummaa cimee adabbiin mana murtii jalaa akka fooyya’u gaafatee, manni
murtii ol aanaa godiina Jimmaa L/Galmee 49367 irratti hin dhiyeessisu jechuun murtii
balleessummaa fi adabbii mana murtii jalaa cimseera.

❖ Galmee Jecha amantaa bu’uura s/d/f/y kwt.134’n adabbii argate 21ffaa

Himatamaa Issubaalaw Ambaa Meku’aanint irratti Abbaan Alangaa aanaa Oomoo Beeyyam
labsii meeshaa waraanaa lakk 1177 Kwt 22(2) irra darbuun yakka hayyama otuu hin qabaatin
meeshaa waraanaa xiyyitii kilaashii 143, kan maskoobichii 15 fi ka chichi 1 waliigala meeshaa
seeraan alaa rasaasa 159 kaa’ee argamuutiin mana murtii aanaa oomoo Beeyyamitti himateera.

Himatamaan dhaddachatti dhiyaatee jechasaa yommuu laatu; ‘…manni koo yommuu sakatta’amu
xiyyitiin argame bara dargiin kufee yihadagiin galu loltuu dargiitu natti laatee ture. Yeroo
meeshaan waraanaa deebi’aa ture ani Finfinnee waanan tureef haatimanaa kiyya kilaashii fi xiyyitii
isaa simachiiftee kan amma qabame kun hafee waan tureef ergan finfinneedhaa dhufee yoon
xiyyitii kana ka’ee geesse meeshaa isaa fidi naan jedhu jedheen sodaadhee dhiise malee waan
biraatiif hin kuusne; meeshaatti malee xiyyitiitti hayyamni ni baha jedhee ijaan hin yaadneefan
dhiise male dhimma biraaf miti’ jedheera.

Abbaan Alangaa himatamaan himannaa irratti dhiyaate guutummaan guutuutti waan amaneef
bu’uura SDFY kwt.134(1)’tiin murtii balleessummaa itti naaf halaatamu jechuun gaafateera.

Manni murtichaas himatamaan gocha ittiin himatame hambifannoo tokko malee amaneera, hata’u
malee bu’uura Kwt 23(2) labsii 1177/2012’tiin seera yakkaa idilee jalatti gaafatamuu waan qabuuf
jechuun bu’uura SDFY kwt.113(2)’tiin tumaa himannaa gara kwt. SY kwt.808(1) jalatti balleessaa
ta’uu qaba jechuun bu’uura SDFY kwt. 134(1)’tiin murtii balleessummaa kennee adabeera.

53
❖ amantaa bu’uura

Abbaan Alangaa aanaa adabbii irratti ol iyyatee abbaan Alangaa godinaatis L/Galmee 02/05374
ta’e irratti murtiin balleessummaa fi adabbiin akka fooyya’u gaafatee, manni murtii ol aanaa
godina Jimmaa L/Galmee 49205 irratti murtii balleessummaa fi adabbii mana murtii jalaa
cimseera.

Galmee Jecha s/d/f/y kwt.134’n adabbii argate 22ffaa

Himatamtoota Abduu A/Goojjam A/Shaaroo fa’a N4 irratti Abbaan Alangaa aanaa Maannaa
labsii meeshaa waraanaa lakk 1177 Kwt 22(1) irra darbuun gaafa guyyaa 21/2/2013 yakka
hayyama otuu hin qabaatin meeshaa waraanaa Shugguxii jedhamu mana kaa’anii argamuutiin
mana murtii aanaa Maannaatti himate.

Himataman dhaddachatti dhiyaatee jechasaa yommuu laatu ‘…raawwadheera, qawwee kana


hayyama otuun itti hin qabaatin mana jireenyaa koo keessatti qabameera’ jedheera.

Abbaan Alangaa himatamaan himannaa irratti dhiyaate amaneera waan ta’eef bu’uura SDFY kwt.
134(1)’tiin murtii balleessummaa itti naaf halaatamu jechuun gaafateera.

Manni murtichaa himannaa A/Alangaa jecha amantaaf waakkii himatamtootaa fi jecha isaan
duraan bu’uura SDFY kwt. 35’tiin kennan faana ilaalun himatamtootni yakka ittiin himataman
amananiiru jechuun bu’uura SDFY kwt. 134(1)’tiin murtii balleessummaa kennee adabeera.

Himatamtootni murtii balleessummaa fi adabbii irratti ol iyyatanii abbaan Alangaatis L/Galmee


02/05369 ta’e irratti murtiin balleessummaa fi adabbiin mana murtii jalaa akka cimu gaafatee,
manni murtii ol aanaa godina Jimmaas L/Galmee 49192 irratti bu’uura labsicha kwt 23(2)’tiin
guyyaa labsichi bahee qabee waggaa tokko keessatti hayyama itti baafachuu waan danda’uuf
jechuun murtii mana murtii jalaa diigee ol iyyattoota bilisaan gaggeessee jira.

3.2. Xiinxala maddoota odeeffannoo sassaabaman irratti taasifame

3.2.1. Xiinxala Cuunfaa Galmeelee yakkaa sakatta’aman irratti taasifame

Bu’uuruma kanaan ulaagaa jecha amantaa himatamaa irratti hundaa’uun murtii balleessummaa
kennuuf seerri teechisee fi qabatama hojiirra jiru yommuu xiinxallu: -

54
Galmeewwan sakatta’aman diigdamii lamaan keessaa jechi amantaaf waakkii kan hambifannoo
male himatamaan kennate irratti hundaa’amee murtiin balleessummaa fi adabbiin itti laatame
galmeewwan kudha tokko (11)’dha. Kunis harki walakkaan (%50’ni) jecha amantaaf waakkii
himatamaa hambifannoo ijoo dubbii, ijoo seeraa fi amananii garuu sababeessa gochicha qaban
akka amananitti fudhatamanii murtiin balleessummaa itti kennameera.

Galmeewwan hambifannaa ijoo dubbii/seeraa/sababeessa gochaa otuu qabanii murtiin


balleessummaa mana murtii jalaatiin irratti laatamee ol iyyataan gara mana murtii ol aanaa godina
Jimmaa dhufan 11’n keessaa galmeewwan lama (%18.18) kan diigamanii mana murtii jalaatti
deebi’an yommuu ta’u, galmeewwan 9 (%81.82) ammoo murtiin balleessummaa kenname cimee
garuu adabbiin salphateefii jira.

Galmeewwan jecha amantaaf waakkii hambifannoo hin qabne irratti hundaa’uun murtiin
balleessummaa kenname 11 keessaa galmeewwan lama (18.18) himatamaan amaneera waan ta’eef
jechuun bu’uura SDFYKwt 113(2)’tiin tumaan himannaa jijjiiramee murtiin balleessummaa kan
itti kennamedha.

Galmeewwan jecha amantaaf waakkii hambifannoo hin qabne irratti hundaa’uun murtiin
balleessummaa kenname 11 keessaa galmeewwan lama (%18.18) jechi amantaaf waakkii jecha
duraan himatamtichi bu’uura SDFYKwt 35’tiin kennee akka ragaatti himannaa A/Alangaa faana
dhiyaate waliin xiinxalamee amaneera jechuun murtiin balleessummaa kan itti kennamedha.
Galmeen jecha amantaa hambifannoo qabu tokko (%9.09), akkasumas, jecha duraan himatamtichi
bu’uura SDFY kwt. 35’tiin kennee akka ragaatti himannaa A/Alangaa faana dhiyaate waliin
xiinxalamee amaneera jechuun murtiin balleessummaa kan itti kennamedha.

Galmeewwan jecha amantaaf waakkii hambifannoo qabanis ta’e hin qabne hunda (22) keessaa
galmeewwan diigdamii tokko (%95.45) irratti Abbaan Alangaa himatamaan amaneera waan ta’eef
ragaa dhagahuun otuu hin barbaachisin murtiin akka itti kennamu gaafatee kan bu’uuruma gaaffii
A/Alangaatiin murtii balleessummaa itti laatame yommuu ta’u, galmee tokko (%4.56) ammoo kan
hambifannoo ijoo seeraa qabu Abbaan Alangaa ragaan kiyya naaf hadhagahamu jedhee gaafate
manni murtii qorannoof bulchee xiinxala irratti gaggeessee jechuma amantaaf waakkii irratti
hundaa’ee murtii balleessummaa erga irratti laatee booda, Abbaan Alangaa himatamaan amaneera

55
❖ amantaa bu’uura

waan ta’eef adabbiin hasalphatuuf jedhee gaafatus manni murtii sababeessuun gaaffii A/Alangaa
kufaa taasisuun amanus adabbiin hir’achuufii hin qabu jechuun adabbii dabarsee kunumti mana
murtii ol aanaatti cimee jira.

Galmeewwan jecha amantaaf waakkii hambifannoo ijoo seeraas ta’e ijoo dubbii otuu hin qabaatin
kenname irratti hundaa’uun murtii balleessummaa kennamee himatamaan ol iyyate 11’n keessaa
galmeewwan sadi (%27.27) jechi amantaa ulaagaa seeraa kan guutu ta’us himatamtootni labsiin

56
meeshaa waraanaa bahee hanga waggaa tokkoo gidduutti hayyama baafachuu waan danda’aniif
jechuun ragaan A/Alangaa otuu irratti hin dhagahamin karaa mana murtii olaanaa godiina Jimmaa
himatamtootni (ol iyyattootni) bilisaan gaggeeffamanii jiru. Murtiin mana murtii ol iyyata
dhagahuu kun tumaa yeroo cehumsaa labsichaan taa’e keessatti namni kamuu meeshaa waraanaa
seeraan alaa akka barbaade qabachuu akka danda’uuf hayyama kennuu akka ta’etti hubachuun
kaayyoo labsichaa hiikkoo laachuun ulaagaa seerri deemsa falmii yakkaa jecha amantaatiifis ta’ee
kanneen birootiif diriirseen ala bahuun murtii kennameedha. Dhimma kana irratti manni murtii
waliigalaa federaalaa dhaddacha ijibbaataa isaatiin dhaddacha gaafa guyyaa 27/3/2014 ooleen
kaayyoon tumaa labsii lakk 1177/2012 Kwt 23(2) adeemsa galmeessa meeshaa keessatti rakkinni
akka hin uumamneef malee yeroo waggaa tokkootiif namni kamuu meeshaa seeraan alaa akka
hidhatuuf hayyama kennuuf miti jechuun hiikkoo dirqisiisaa irratti laatee jira. Murtiin mana murtii
olaanaa godiina Jimmaatiin nama jecha amantaa isaa hambifannaa tokko malee kennee adabamee
dhufe bilisaan gadi dhiisuun kenne faallaa seera deemsaa ta’ee kan haqa jal’isuu fi kaayyooSDFY
Kwt 134 ala bahuun seeraaf qabatamni hojii garaagar ta’uu isaa kan agarsiisuudha.

Galmeen jechi amantaa himatamaa ulaagaa seeraa hin guutu jedhamee ragaan A/Alangaa akka
irratti dhagahamuuf ajajamee murtiin balleessummaa mana murtii aanaatiin laatame diigamee
himatamaan gadi-dhiifame deebi’ee ragaan irratti dhagahamuuf dhiisuu adda baafachuuf
galmeewwan sakatta’aman afur keessaa lama sababa manni galmee garagalcha fuudhee aanaaf hin
ergineen galmeen otuu furmaata hin argatin mana galmee A/Alangaa godinaa biratti hafee argame
waan ta’eef galmeen mana murtii jalaatti irra deebi’ee socho’ee furmaata hin arganne.

Galmeewwan lamaan xalayaan itti barraa’ee garagalchi murtiis itti fuudhame keessaa galmeen
tokko kan mana murtii aanaa Manchoo deebi’ee socho’ee kan furmaata argate yommuu ta’u, kan
magalaa Jimmaa ammoo xalayaanis itti qophaa’ee garuu sababa mana hojii A/Alangaa aanichaaf
hin ergamneen galmeen kunis deebi’ee socho’ee furmaata hin arganne.

Kanarraa ka’uun, galmeewwan gadi deebi’anii ha ilaalaman jedhaman keessaa galmeen tokko ykn
dhibbentaan 25 kan deebi’ee socho’ee furmaata argate yommuu ta’u, galmeewwan sadi ykn
dhibbentaa 75 (75%) kan ta’an ammoo sababa garagalchi fuudhamee aanaaleedhaaf hin ergamin
hafeen kan deebi’anii socho’anii furmaata hin argannedha. Kun ammoo hanqinni galmeen mana
murtii jalaatti kennamu fudhatee dhufu qaamolee garagaraa (Abbaa seeraa mana murtii ol aanaa

57
kenniinsa murtii irratti fi mana galmee waajjira Abbaa Alangaa godiinaa garagalcha murtii
fuudhanii aanaaleef erguu dhabuun) hirmaachisee haqni akka jallatu kan taasisaa jiru ta’uu kan
agarsiisudha.

Gabatee 5: xiinxala cuunfaa galmeelee yakkaa sakatta’aman irratti taasifamee


lak Abbootii dhimmaa Mana murtii lakk galmee Kwt Seera Ibsa (himannaa + J/Amantaa +
k dhimmicha yakkaa seera ittiin himatame)
ilaale AAGJ himannaan
MMG ittiin
J saaqame
1. A/Alangaa Vs L/Saqqaa 02/05269 47964 543(3) fi Jecha amantaa 35’n kennee fi
Usmaa’el Sulxaan dambii jecha amantaa himannaa irratti
194/09 Kwt laateen himannaa amaneera
10/1 fi jedhame. A/Alangaa godinaa
27(1) murtiin fi adabbiin akka cimu
gaafatee murtiin cimee adabbiin
fooyya’eera.
- Hambifannaa hin qabu
2. A/Alangaa Vs Abduu Maannaa 02/05369 49192 Labsii lakk Jecha duraan bu’uura SDFYKwt
A/Goojjam N4 1177 Kwt 35’n kennanii fi jecha amantaaf
22(1) waakkii laatan himannaa faana
madaalee balleessaadha jedhe. Ol
iyyataan labsichi bahee waggaa 1
hin guunne jechuun bilisaan
gaggeeffaman
- Hambifannaa hin qabu
3. A/Alangaa Vs Salamon Magaalaa 02/05381 49194 Labsii lakk Himannaa fi jecha amantaa fi
Gabree Jimmaa 1177 Kwt waakkii madaalee balleessaadha
22(2) jedhe. A/Alangaa godiinaa murtiin
balleessummaaf adabbiin akka
cimu gaafatee labsiin erga bahee
qabee hanga waggaa 1’tti
hayyama itti baafachuu ni danda’a
jechuun ol iyyataa bilisaan
gaggeesseera.
- Hambifannaa hin qabu
4. A/Alangaa Vs Olaanaa B/Xoollaay 02/05374 49205 Labsii lakk Amaneera jedhamee, bu’uura
Magarsaa 1177 Kwt SDFYKwt 113(2)’tiin tumaa
22(2) himannaa jijjiiree 800(1) jalatti
134(1)’n balleessaadha jedhe. –
hambifannaa hin qabu

58
5. A/Alangaa Vs Sh/Somboo 02/05401 49293 Labsii lakk Himannaa fi jecha amantaa fi
Malkaamuu 1177 Kwt waakkii madaalee balleessaadha
Geetaachoo 22(2) jedhe. A/Alangaa godiinaa murtiin
balleessummaaf adabbiin akka
cimu gaafatee murtiin
balleessummaa cimee adabbiin
fooyya’e.
- Hambifannaa hin qabu

6. A/Alangaa Vs Sh/Somboo 02/05408 49367 686(2) Hambifannoodhaan amanee otuu


Anuwaar Awwal jiruu hiikkoodhaan himannaa
amaneera jedhame. Tumaa
himannaa haala hundeessuun hin
amanne. Rakkadheen
funaannadhe! Jedhe. Adabbii
irratti A/Alangaa ol iyyatee hin
dhiyeessisu jedhame.
-Hambifannaa ijoo seeraa qaba.
7. A/Alangaa Vs Gazzuu N/Beenjaa 02/05485 49490 Labsii Jechaaf himannaa madaalee
Moosisaa lakk hayyama baafachuufan deemaa
1177/2012 ture jechuun himatamaa
Kwt 22(2) balleessummaa /yakkummaa hin
hambisu jechuun balleessaadha
jedhe. -Sababeessaa ture
8. A/Alangaa Vs O/Beeyyam 02/05506 49510 Labsii lakk Himannaa fi jecha amantaa fi
Issubaalaw Ambaa 1177 Kwt waakkii madaalee 113(2)’n
22(2) balleessaadha jedhe. A/Alangaa
godiinaa murtiin balleessummaaf
adabbiin akka cimu gaafatee
murtiin balleessummaa fi adabbiin
cimeera.
– hambifannaa ijoo seeraa qaba
9. A/Alangaa Vs Abbaay L/Kossaa 02/05507 49544 Labsii lakk Himannaa fi jecha amantaa fi
Balaachoo 1177 Kwt waakkii madaalee balleessaadha
22(2) jedhe. A/Alangaa godiinaa murtiin
balleessummaaf adabbiin akka
cimu gaafatus M/Murtii ol
iyyataan hanga waggaa 1’tti
hayyama baafachuu ni danda’a
jechuun murtii diigee bilisaan
gaggeesse.
-Faallaa seeraa fi murtii
MMWFDhI L/G 205827 ta’en
gaafa guyyaa 27/3/14 kennameeti
– hambifannaa hin qabu

59
10. A/Alangaa Vs L/Kossaa 02/05538 49639 Labsii lakk Jecha amantaaf waakkii himannaa
Mulunesh Huseen 1112/2011 A/Alangaa faana madaalee
Kwt 67/1 fi balleessaa jedhe. A/Alangaa
4 fi SDFY godiinaa murtiin balleessummaaf
Kwt adabbiin akka cimu gaafatus
525(1)(B) tumaan SDFY 525(1)(b)’n hanga
waggaa 25’tti adabsiisa waan
ta’eef angoo hin qabneen
murteesse jechuun diigame.
- Hambifannaa hin qabu.
11. A/Alangaa Vs Tamriik L/Kossaa 02/05548 49669 SDFY Kwt Himannaa fi jecha amantaa fi
Sulxaan 626(1) waakkii madaalee balleessaadha
jedhe. A/Alangaa godiinaa murtiin
balleessummaaf adabbiin akka
cimu gaafatee murtiin

balleessummaa cimee adabbiin


fooyya’e. – hambifannaa hin qabu
12. A/Alangaa Vs Sh/Somboo 02/05612 49857 Labsii lakk Himannaa fi jecha amantaa
Tawaldee Gambiraaw 1177/2012 madaale. A/Alangaa godinaa
Kwt 22(2) murtiin fi adabbiin akka cimu
gaafatus murtiin cimee adabbiin
fooyya’eera.
- hambifannoo hin qabu
13. A/Alangaa fi Rashaad Magaala 02/05652 49965 682(1) Himannaaf jecha amantaa xiinxale
A/Nagaa N2 Jimmaa murtiin balleessummaa cimee
adabbiin ni fooyya’e.
-hambifannaa ijoo dubbii qaba
14. A/Alangaa fi Magaala 02/05677 49994 693/1 Akkaawuntiirra qarshiin akka hin
Tashoomee Gazzaany Jimmaa jirre itti himeen akka na
amanuufan itti laadhe otuu jedhuu
jecha amantaa seeraaf himannaa
faana xiinxalee otuu A/Alangaa
ragaan naaf hadhagahamu jedhuu
murtii balleessummaa laate.
A/Alangaa godiinaa murtiin
balleessummaa fi adabbiin akka
cimu gaafatee murtiin
balleessummaaf adabbiin cime.
-Hambifannoo ijoo seeraa qaba

60
A/Alangaa Vs S/Coqorsaa 02/0560 49829 Labsii lakkzaytii fi qorichi fe’amu hin barre,
Cheerinnat Gaashaaw 26 674/2010 nama biraatu fe’e otuu jedhuu
ragaa barreeffamaaf jecha
Kwt 20(1b) fi
33(3)(6) amantaa irratti hundaa’uun
FI balleessaadha jedhame.
813/06 Kwt A/Alangaa godinaa murtiin akka
43/5 cimu gaafatus ragaan akka
dhagahamu jedhamee murtiin
diigameera. – Hambifannaa qaba
garagalchi murtii fuudhamee
aanaaf hin ergamne.
15. A/Alangaa fi Limmuu 02/05703 61070 298(1) fi Sababa qabna otuu jedhanii
Saaj/Hayluu Fayyisaa Saqqaa 340 balleessineerra waan jedhaniif
F4 balleessaadha jedhaman. adabbiin
ni foyya’e
-amananii garuu sababeessan
16. A/Alangaa fi Naziif Magaalaa 02/05692 61097 1177/2012 Jecha amantaaf waakkii himannaa
Naasir Jimmaa Kwt 22/2 A/Alangaa waliin madaalee
balleessaa jedhe. A/Alangaa
godiinaa murtiin balleessummaa fi
adabbiin akka cimu gaafateera
murtiin balleessummaa cimee
adabbiin fooyya’e -Hambifannaa
hin qabu
17. A/Alangaa fi Masfiin magaalaa 02/05708 61103 670/1 Gosa mobaayilichaa hin beeku otuu
Balaay Kabbadee Jimmaa jedhuu fi tilmaama qarshii
ittiin himatameen gadidha otuu
jedhuu amaneera jedhame. Ol
iyyataan tumaan balleessuummaa
665(1)’tti jijjiiramee
adabbiin fooyya’e.
-Hambifannoo ijoo dubbii qaba
18. A/Alangaa fi Jamaal S/Coqorsaa 02/05709 61130 1177/2012 Anaa seera qabeessa taasifachuuf
A/Zinaab Kwt 22/2 adeemsarra jiruu narkatti qabame
otuu jechaa jiruu himannaa, jecha
amantaaf waakkii himatamaa fi
himannaa madaalee balleessaadha
jedhe. A/Alangaa godiinaa murtiin
balleessummaa fi adabbiin akka
cimu gaafateera murtiin
balleessummaa cimee adabbiin
fooyya’e. gochicha amanee garuu
sababeessaa ture

61
19. A/Alangaa fi Limmuu 02/05707 61139 1177/2012 Ulaagaa 2’n duraatiin qofa
Mahaammad Kossaa Kwt 22/2 xiinxalame. Hin dhiyeessisu
Abdulmannaan jedhame
-Hambifannaa hin qabu
20. A/Alangaa fi seefuu Mancoo 02/05818 61179 1177/2012 Jecha amantaa fi waakkii jecha
A/Boor Kwt 22/2 amantaa 35’niin duraan kenne
faana madaalee balleessaadha
jedhe. A/Alangaa godiinaa murtiin
balleessummaa fi adabbiin akka
cimu gaafateera murtiin
balleessummaa cimee adabbiin
fooyya’e
-sababeessaa ture
21. A/Alangaa fi Eliyaas Goommaa 02/05825 61200 556(2)(A) Miila mirgaa male moorma hin
Nabsoo rukunne otuu jedhuu jechi laatame
kan amantaati jechuun akkaataa
himannaatiin otuu hin amanin
amaneera jedhame. Ol iyyatus
murtiin balleessummaa ni cime.
Adabbiin ni fooyya’e.
- Hambifannoo ijoo dubbii qaba

Gabatee 6: xiinxala galmeewwan bargaaffiif dhimmi itti ba’amee galmeewwan gadi deebi’anii ragaan
A/Alangaa akka irratti dhagahamuuf ajajaman xumura argachuu isaanii adda baasuuf taasifamee
lakk Abbootii dhimmaa Mana murtii lakk galmee Sababa diigameef Ibsa
dhimmicha
ilaale

AAGJ MMGJ

1. A/Alangaa Vs B/Xollaay 02/05657 49979 Ragaan A/Alangaa Galmeen hin


Taaddasee Surraa akka dhagahamuuf sochoone (garagalchi
murtii qajeelfama
waliin ergameera)
2. A/Alangaa Vs Manchoo 02/05379 61132 Ragaan A/Alangaa Galmeen socho’ee
Alamii A/Sambii akka dhagahamuuf murtii argateera
3 A/Alangaa Vs Jimmaa 02/05700 61107 Ragaan A/Alangaa Galmeen hin
Zubee Kamaal akka dhagahamuuf sochoone (garagalchi
murtii fuudhamee
xalayaanis itti
barraa’ee garuu aanaaf
hin ergamne

62
4 A/Alangaa Vs S/Coqorsaa 02/056026 49829 Ragaan A/Alangaa Galmeen hin
Cheerinnat akka dhagahamuuf sochoone (garagalchi
Gaashaw murtii hin fuudhamne,
xalayaan barraa’e
galmee keessa jira.)

3.2.2. Xiinxala Cuunfaa Yaadota bar-gaaffiiwwan raabsamanii fi do’annaa dhaddachaa taasifame


irratti gaggeeffame

Ejjannoo abbootiin seeraa fi abbootiin alangaa dhimma walfakkaataa tokkicha irratti qabaachuu
malan hubachuuf sakatta’a gaggeeffameen ogeeyyoonni seeraa kunniin barumsa walfakkaataa
baratanii, ogummaa seeraatiin dalagaa kan jiranii fi seera deemsa falmii yakkaa tokkichaan
hogganamanii dhimma isaaniif dhiyaate tokkicha haala garagaraan kan hubatan ta’ee argameera.

Abbootiidhuma seeraa fi abbootiidhuma Alangaa gidduutti jechuma amantaaf waakkii


walfakkaataa irratti ejjannoon garagaraa kan irratti calaqqise ta’ee argameera. Irra jireessaan
ammoo jecha amantaaf waakkii himatamaan kennatee bargaaffiif dhiyaate abbootiin alangaa jecha
ulaagaa SDFY Kwt 134 kan guutuudha kan jedhan yommuu ta’u, irra jireessi Abbootii seeraa
ammoo ulaagaa kana hin guutu waan ta’eef ragaan Abbaa Alangaa irratti dhagahamuu qaba
ejjannoo jedhu calaqqisiisuun isaanii abbootii Seeraa fi Abbootii Alangaa gidduutti sadarkaa

(Degree) jechi amantaaf waakkii jecha amantaa jedhamuu danda’u irratti qabu garaagara ta’uu isaa
kan hubachiisudha. Kana jechuun Abbootiin Seeraa sadarkkaa olaanaatti akka amanu kan
barbaadan yommuu ta’u abbootiin Alangaa ammoo jechi amantaaf waakkii jecha amantaati
jedhamuun ragaa Abbaa Alangaa otuu hin dhagahin murtiin balleessummaa akka itti kennamuuf
sadarkaan jechichaaf laatan gadi aanaa ta’uu isaa kan agarsiisu ta’ee argameera. Kanneen irraa
ka’uun ogeeyyii seeraa kana gidduu hubannaan tumaa seera deemsaa falmii yakkaa Kwt 134 irra
jiruu qabatama hojiitti yommuu jijjiiramu garaagarummaa kan qabu akka ta’u ni hubatama.

Doo’ii dhaddachaa taasifameenis sadarkaa godiinaatti galmeen kallattii yommuu dhiyaatu


himatamaan guutummaatti amanee otuma jiruu abbaan alangaa ragoota isaa kan dhageessifatu
ta’uun isaa hubatameera. Galmeewwan jecha amantaatiin mana murtii aanaatti murtii argatanii ol
iyyataan dhufanii doowwataman irraa ammoo jechi amantaaf waakkii ulaagaa jecha amantaa hin
guutni kan amaneera jechuun qofa murtiin balleessummaa itti kenname ol iyyataanis otuu hin

63
sirratin kan hafaa jiru ta’uun hubatameera. Kun ammoo ulaagaa tumaan SDFY kwt 134 kaa’e qixa
sirrii ta’een hojiitti hiikamaa kan hin jirre ta’uu kan agarsiisudha.

3.2.3. Xiinxala Yaadota marii garee irraa argame irratti taasifame marii garee teeknolojiin
deeggaramee Abbootii Alangaa godiina Jimmaa sadarkaa aanaa fi Godiinaatti argaman faana
taasifameen tumaa seera yakkaa Kwt 82(1)(d) fi sdfy kwt 134 walitti hidhuun nama himannaa isa
irratti dhiyaate raawwachuu isaa amanee gaabbuu isaa agarsiiseef adabbiin kan salphatuuf Karaa
ittiin kaayyoo seeraa yakkaa ittiin galmaan gahan keessaa tokko murtii bu’uura SDFY kwt 134’n
kennamu akka ta’e fi tumaan SDFYKwt 134 kaayyoo seera yakkaa faana walitti dhufeenya
kallattii qabu jechuun sadarkaa yaadaatti kan waliigalan ta’us, jechi amantaaf waakkii tarree
gochaa amanuun hambifannoo ijoo seeraa faana kenname akka jecha amantaa ulaagaa SDFY Kwt
134 kan guutu akka ta’eetti irra jireessa hirmaattootaatiin hubatamee jira. Kun ammoo dirqama
himannicha hubachiisuu Abbaa Alangaa irraa gara himatamaatti bifa jijjiiruu danda’uun
hubatamee jiraachuu dhimmichaa kan agarsiisuudha waan ta’eef seerri fi qabatamni hojii
garaagarummaa qabaachuun isaa mul’ateera.

3.3. Argannoowwan Qorannichaa (Findings)

Qorataan qorannoo isaa keessatti odeffannoowwan maddawwan qorannaa qorannichaa irraa walitti
qabame sassaabbatee toora galchuun kan cuunfedha. Itti aansuun odeeffaannoo madda ragaa
tokkoffaa fi lammaffaa walbira qabuun waan hubate bifa ibsuutiin kan qaaccessedha. Haaluma
kanaan ragaaleen funaanaman xiinxalamuun mala qulqulleeffannaatiin argannoon irra gahame
haala kanaa gadiitiin himamaniiru.

Qorannoon gaggeeffame kunis sababa mataa isaa danda’e, boqonnaa 1 ffaa keessatti kan ibsame kan
qabu, yemmuu ta’u, jecha amantaa himatamaa irratti hundaa’ame kenninsa murtii balleessummaa
ilaalchisee seeraa fi hojimaanni godina Jimmaa maal akka fakkaatu xiinxalameera. Haaluma
kanaan, argannoowwan kanaa gadii tarreeffamaniiru.

1. Tumaa seera yakkaa kwt. 82/1(d) fi sdfy kwt. 134 walitti fiduun yemmuu ilaalamu; nama
himannaa isa irratti dhiyaate raawwachuu isaa amanee gaabbuu isaa agarsiiseef adabbiin akka
salphatuuf taasisuun kaayyoo seeraa yakkaa galmaan gahu keessaatti gahee mataa isaa ni
qabaata. Kaayyoon SDFY kwt. 134(1) himatamaan maalummaa yakka ittiin himatame beekee

64
hambifannaa malee yoo amanee fi gaabbe gam tokkoon gocha ofii irraa barachuun gara
fulduraatti badii walfakkaataa gara biroo dalaguu irraa of qusata, gama biraatiin immoo baasii
fi yeroo, akkasumas, dhamaatii ragaa fi qaamolee haqaa qusataa ni qusata waan ta’eef,
ogeeyyiin seeraa nama hambifannoo malee amane irratti ragaan otuu hin dhagahamin murtii
balleessummaa kennuun kaayyoo seera yakkaa akka galmaan gahutti hubachuun isaanii adda
baheera.
2. Tokkoon tokkoon bargaaffii dhiyaateerratti gaaffii walfakkaataa dhiyaateef ogeeyyiin %32.4
jechi amantaaf waakkii himatamaan kennate amaneera ni jechisiisa waan ta’eef, murtiin
balleessummaa itti dabarfamuu qaba kan jedhan yommuu ta’u, ogeeyyiin %67.6 ammooyyuu
faallaa kanaa jechi amantaaf waakkii bargaaffii keessatti dhiyaate ulaagaa jecha amantaaf
waakkii SDFY kwt. 134 jalatti taa’e hin guutu ijaa ta’eef ragaan A/Alangaa irratti dhagahamuu
qaba ejjannoo jedhu calaqqisiisaniiru. Kanarraa ka’uun, ogeeyyiin seeraa kun tumaa SDFY
kwt 134 bifa garaagarummaa qabuun kan hubatanii jiran ta’ee argameera.
3. Jecha amantaaf waakkii himatamaa bargaaffiidhaan dhiyaaterratti abbootii alangaa deebii
kennan keessaa %37.6 fi abbootiin seeraa %25.49 murtiin balleessummaa akka irratti kennamu
gaafatamuu fi laatamuun isaa sirriidha kan jedhan yommuu ta’u, Abbootiin Alangaa %’n 62.4

fi Abbootiin seeraa (%73.53) ammoo faallaa kanaa jechi amantaaf waakkii himatamaan laate
ulaagaa SDFY kwt.134 jalatti jecha amantaa irratti hundaa’anii murtii balleessummaa fi
adabbii laachuu hin guutu ijaa ta’eef, ragaan Abbaa Alangaa irratti dhagahamuu qaba ture
jedhaniiru. Kanarraa ka’uun abbootii Alangaaf Abbootii seeraa gidduutti fi Abbootii seeraaf
abbootii seeraa gidduutti, akkasumas, abbootii alangaa fi abbootii alangaa gidduuttillee
ulaagaa jecha amantaa himatamaa seeraan taa’e irratti hundaa’anii murtii balleessummaa
kennuu irratti garaagarummaan hubannaa kan jiru ta’uun bira gahameera.
4. Jechi amantaaf waakkii himatamaa gochicha amanee garuu sababeessuun ibsu (justifying the
act), kan hambifannoo ijoo seeraa of keessaa qabuu fi hambifannaadhuma tarree himannaa
qabu raawwadheera ijaa jedheef qofa akka jecha amantaatti qabamuu otuu hin qabaatin akka
amanetti fudhatamee murtiin balleessummaa darbee darbee laatamaa jiraachuun, jecha
himannaan dura qorannaa irratti bu’uura SDFYKwt 35’tiin kennamee fi ragaa barreeffamaa
himannaa faana dhiyaate jecha amantaa fi waakkii faana madaaluun bu’uura SDFYKwt
134(1)’tiin murtii balleessummaa laachuun bal’inaan kan jiru ta’uun; Himatamaan jechi inni

65
amantaaf waakkii irratti laatu himannaa fi tumaa seeraa himannaan ittiin dhiyaate faana
xiinxalamuu otuu qabuu, himannaa fi jecha qofa madaaluun keewwata seeraa jecha amantaaf
waakkii laatame waliin rogummaa hin qabne jalatti murtiin balleessummaa kennamaa
jiraachuun, akkasumas, amaneera jechaa tumaa seeraa himannaan ittiin dhiyaate jijjiiruun
jechuma amantaatiin murtii balleessummaa laachuun akka jiru adda baheera.
5. Jecha amantaa bu’uura seeraa guutus ta’e hin guunne (keessattuu meeshaa waraanaa seeran
alaatiin wal qabatee) irratti hundaa’uun murtiin balleessummaa kennamee yommuu ol
iyyatamu, manni murtii ol iyyata dhagahu ragaan akka irratti dhagahamu qajeelchuu otuu
qabuu, jechuma amantaa fi seera tumaa ce’umsaa labsichaa caqasuun adeemsa seeraa diriireen
ala bahuun ragaan otuu irratti hin dhagahamin bilisa jechuun jiraachuun fi galmeewwan
ulaagaa jecha amantaa hin guutne galmee waliigalaa sakatta’ame %50 ta’an keessaa
himatamaan amaneera jedhamanii murtiin balleessummaa irratti laatame irra jireessi isaanii
cimanii baay’ee muraasni ammoo diigamuun isaanii seeraaf qabatama gidduu
garaagarummaan jiraachuusaa mirkaneesseera.
6. Jecha amantaaf waakkii himatamaa hambifannoo ijoo seeraa qabu kan himatamaan gochichi
badii akka hin taane ibse hiikkoo seeraatiin akka amanetti fudhatamee garuu mirga namni
amane adabbiin akka salphatuufii qabu kan seeraan taa’e mulquun jiraachuunii fi mirga ragaa
ittisaa dhiyeeffachuu himatamaa kan sarbame ta’uun, mirga dhagahamuu fi ragaa ittisaa
dhageessifachuu himatamaa eegumsa heeraa fi seeraa qabu kan mulqu, akkasumas, nama
amaneef ammoo adabbiin salphachuudhaa malu dhorkuun, dhiibbaa jecha amantaa fi waakkii
ulaagaa seeraa hinguutneen murtii balleessummaa kennuutiin himatama irra dhaqqabu akka
ta’e adda bahe jira.
7. Jecha amantaa fi waakkii ulaagaa seeraa hinguutneen murtiin balleessummaa kenname
yommuu diigamee ragaan A/Alangaa akka irratti dhagahamuuf qajeelfamaan gadi deebi’ee, ol
iyyataanis (himatamaan jalaa) gadi dhiifamu, sababa galmeen jalatti hinsaaqamneen haqni
jallachaa jiraachuun isaa qorannaa kanaan adda bahee jira.

66
BOQONNAA AFUR

4. Guduunfaa fi yaada furmaataa (Conclusion and recommendation)

4.1. Guduunfaa

Jecha amantaaf waakkii himatamaa irratti hundaa’uun akkaataa SDFY kwt. 134/1’tiin murtii
balleessummaa kennuun karaa kaayyoo SY galmaan gahan keessaa isa tokko akka ta’etti ogeeyyiin
seeraa kunniin kan irratti waliigalan ta’us, Seerri fi qabatamni hojii jecha amantaa fi waakkii
himatamaa irratti hundaa’ani murtii balleessummaa kennuu ejjannoo ogeeyyii irratti hundaa’ee
garaagarummaa kan qabu ta’uu fi dogoggorri mana murtii jalaatiin raawwatame kallattii seerri
jedhuun mana murtii ol iyyata dhagahuunis darbee darbee sirrachaa hin jiru.

Qixa kanaan, ejjannoo ogeeyyiin seeraa qabatan irraan kan ka’e adeemsa seeraan diriireen ala
bahuun nama hambifannoon amane ykn amanee sababa dhiyeeffachaa jiru irratti ragaan otuu hin

67
dhagahamin murtii balleessummaa kennamuun mirgi heeraan namni himatame dhagahamuuf qabu
akka mulqamuuf sababa ta’eera.

Galmeewwan jecha amantaa irratti hundaa’uun murtii argatanii qajeelfamaan ragaan A/Alangaa
akka irratti dhagahamuuf mana murtii ol iyyata dhagahuun diigamanii himatamaan gadilakkifamu
mana murtii jalaatti dhiyaatanii kan furmaata hin arganne jiraachuun isaanii, jecha amantaaf
waakkii ulaagaa jecha amantaa hin guutne irratti hundaa’anii murtii balleessummaa kennuun
dhimmi tokko furmaata otuu hin argatin akka turu taasisuun haqa irratti dhiibbaa uumaa jiraachuu
kan mul’ise dha. Gama ogeeyyiitiinis nama gocha isaa guutummaan guutuutti himannaa irratti
dhiyaate hin amanne, akka amanetti qabamee murtiin balleessummaa akka itti kennamu yaadi
gama Abbaa Alangaatiin ka’uu fi murtiin balleessummaa gama mana murtiitiin kennamu,
akkasumas, gama mana murtii ol iyyata dhagahuutiinis murtii jecha amantaa himatamaa irratti
hundaa’amee kenname irratti ol iyyatni yommuu irratti fudhatamu sababa kamiinuu hanga ragaan
Abbaa Alangaa irratti hin dhagahamneetti himatamaan bilisa jechuun gadi lakkisuun hojimaata
badaa hafuura seeraa hin hordofne jiraachuun hubatameera.

4.2. Yaada Furmaataa (recommendation)

Jecha amantaaf waakkii ulaagaa jecha amantaa hin guutneen murtiin balleessummaa kennamaa jiraachuun
isaa, jecha amantaaf waakkii himatamaa irratti hundaa’uun murtiiwwan balleessummaa laataman keessatti
hanqinaaleen argaman akkaataa ulaagaa seeraan taa’een sirrachaa kan hin jirre ta’uun fi murtiiwwan
balleessummaa jecha amantaa irratti hundaa’uun laataman irra jireessaan tarree himannaa fi tumaa seeraa
himannaan ittiin dhiyaate faana xiinxalamanii murtiin ballessummaa kan itti laatamaa hin jirre ta’uun,
akkasumas, sababa jecha amantaaf waakkii ulaagaa jecha amantaa hin guutneen laatamuun namni ol iyyate
murtiin balleessummaa isaa diigamee himatamaanis to’annaa jalaa akka bahuu fi ragaan akka itti dhagahamu
ajajamee osoo jiruu galmee mana murtii jalaatti socho’uu hafuunii fi himatamaanis sababa kanaan miliquun
seeraaf osoo hin dhiyaatin hafaa jiraachuun isaa adda baheera. Kanarraa ka’uun yaadi furmaataa armaan gadii
akeekamaniiru.

1. Jechi amantaa fi waakkii himatamaan kennatu hambifannaa ijoo seeraas ta’e ijoo dubbii
of keessaa qaba taanaan murtiin balleessummaa himatamaa akkasii irratti otuu ragaan hin
dhagahamin kennamu mirga dhagahamuu himatamtichaa kan dhiphisuu fi hojimaata
badaaf qaawwa kan uumu waan ta’eef, manni murtii, himatamaan jecha amantaaf waakkii
68
isaa yoo laatu, jechi isaa guutummaan guutuutti erga galmaa’ee booda, hambifannoo
qabaachuuf dhiisuu xiyyeeffannoon erga adda baasee booda, hambifannoo qabaachuun
jecha amantaa kan jiru yoo ta’e qofa dabalataan ragaan A/Alangaa akka irratti dhagahamu
taasisuu qaba.
2. Jechi amantaa fi waakkii himatamaan kennatu hambifannaa ijoo seeraas ta’e ijoo dubbii
of keessaa qaba taanaan abbaan alangaa ragaan isaa akka dhagahamuuf mana murtii
gaafachuu qaba. Jechi amantaa himatamaan kennatu garuu immoo hambifannaa ijoo
seeraas ta’e ijoo dubbii kan of keessaa qabu taanaan bu’uura s/d/f/y kwt.134 tiin murtiin
balleessummaa akka kennamu taasisuun tumaan seericha qixa barbaadameen akka hojiirra
oolu gochuu keessatti gahee isaa sirnaan bahachuu qaba.
3. Biiroon abbaa alangaa Waliigala Oromiyaas ta’e Inistitiiyuutiin leenjii fi Qorannoo seeraa
Oromiyaa Qaamolee haqaatiif leenjii hubannaa cimsu kennuu qaba.

TARREEFFAMOOTA WAABIILEE/MADDOOTA ODEEFFANNOO


Gabatee Seerotaa

Kan federaalaa
1. Seera Deemsa Falmii Yakkaa Itoophiyaa, labsii lakk 1/1954, Gaazexaa Nagaarit, Bara 1954
Lakk 1, Finfinnee, 23 Onkololeessa 1954
2. Heera Rippaablika Demokraatawaa Federaalawaa Itoophiyaa labsii lakk 1/1987, Gaazexaa
Federaal Nagaarit, bara 1 lakk 1, Finfinnee, Hagayya 15/1987
3. Qajeelfama adabbii mana murtii waliigalaa federaalaatiin fooyya’ee bahe, qajeelfama lakk
02/2006, Finfinnee,
4. Seera yakkaa rippaablika demokraatawaa Federaalawaa Itoophiyaa labsii lakk 414/1996,
Gaazexaa Birhaaninnaa salaam, bara 1 lakk 1, Finfinnee, Caamsaa 01/1997

Kan Naannoo
➢ Labsii mana hojii Abbaa Alangaa waliigalaa Oromiyaa hundeessuuf bahe labsii lakk
69
214/2011, Magalata Oromiyaa, bara 2011 lakk ___, Finfinnee, 28 Fulbaana 2011

Kitaabota

1. Aadde Glory Nirmala K. fi Obbo Serkaddis Zegeye, criminal law I teaching material, 2009
2. Adderaajaw Tasfaayee fi Kadir Mohaammad, Ethiopian criminal procedure teaching material,
Bitootessa 2009,
3. Dajanee Girmaa fi Mokonnon Fallaqee, Sentencing and excusion teaching material,2009,
4. Dajanee Girmaa Jaankaa, A handbook on the criminal code of Ethiopia, Finfinnee, 2013
5. Filip Graven, an introduction to Ethiopean penal law (Arts 1-84 of penal law), walta’iinsa yunivarsitii
Oksifoord Finfinnee-Naayiroobii fi faakaalitii seeraa Yunivarsitii
Haylesillaasee 1ffaatiin kan maxxanfame, Finfinnee, 1965,

Barruulee

1. Abrahaama Yohaannis, confession, crime, Ethiopian criminal law, Ethiopian criminal


procedure, 2017

2. American Bar Association, Standards for Criminal Justice: Pleas of Guilty, maxxansa
3ffaa, 1999
3. Sentencing council, reduction in sentence for a guilty plea, definitive guideline, Waxabajjii
2017

Galmeewwan Dhimmoota Mana Murtii Federaalaatiin Murtaa’anii

1. Murtii mana murtii waliigalaa federaalaa L/Galmee 94450 ta’e irratti dhaddacha gaafa
guyyaa 25/07/2006 ooleen kenname. Murtii dhaddacha ijibbaataa mana murtii federaalaa
jildii 17ffaa, Obbo Guddanaa Lamaa Gazzaany fi Komishinii Naamusaa Vs farra
malaammaltummaa naannoo sabaaf sablammoota fi uummattoota Kibba, L/Galmee
96310 ta’e irratti gaafa guyyaa 26/03/2007 laatame
2. Murtii mana murtii dhaddacha ijibbaataa federaalaa jildii 18ffaa, Koloneel Takluu Fissahaa
fi koloneel Tsahaay Waaluu Vs Abbaa Alangaa waliigalaa Oromiyaa, L/Galmee 111742
ta’e irratti gaafa guyyaa 30/11/2007 laatame, fuula 291
3. Murtii mana murtii dhaddacha ijibbaataa federaalaa jildii 20ffaa, Bihonany Damillee Vs
Abbaa Alangaa naannoo Tigraay, L/Galmee 88542 ta’e irratti gaafa guyyaa 17/11/2005
laatame, fuula 338. Akkasumas Seera Deemsa Falmii Yakkaa Itoophiyaa bara 1954 bahe,
labsii lakk 1/1954 Kwt 185(1)

70
4. Murtii dhaddacha ijibbaataa mana murtii federaalaa jildii 14ffaa, Obbo Saamii Huseen Vs
Abbaa Alangaa Federaalaa, L/Galmee 77842 ta’e irratti gaafa guyyaa 03/4/2005 laatame fuula
237

Toora interneetii

1. < https://chilot.me/knowledge-base/general-objectives-of-criminal-law/> kan gaafa 21/08/2014 saaqame


2. <https://chilot.me/knowledge-base/general-objectives-of-criminal-law/> kan gaafa 21/08/2014 saaqame.
3. <https://www.facebook.com/GHLixaati-Abukaatoo-ittisaa-mana-murtii-aanaa-
xulloo402391480331715/?__cft__[0]=AZXMWBHsYbOr6fyJHHcjfbFZkqqpnRMf1PLzwSZO9UiThZIX8s0iQSdMnrl7
y8DHoyaXFSP_k6E8tGq_MqUHyQ8CNdTOP8FXKR_jfyWKR
XHPzo9V05_QnyEIfPgUuWxzVAss0zTi9raWJJ2x9kDh_85&__tn__=-UC%2CP-R> kan gaafa guyyaa 25/06/2014
saaqame
4. <https://www.abyssinialaw.com/study-on-line/item/1074-theories-of-sentencing kan gaafa guyyaa 25/06/2014>
5. <https://www.abyssinialaw.com/study-on-line/item/1074-theories-of-sentencing> kan gaafa guyyaa
25/06/2014>
6. <https://chilot.me/2017/11/02/confession/> 11/2/2022 ilaalame irratti ni argama
7. <https://www.facebook.com/login/?privacy_mutation_token=eyJ0eXBlIjowLCJjcmVhdGlvbl90aW1lIjoxNj
Q0MjEzNjQwLCJjYWxsc2l0ZV9pZCI6Mzc4Mzc1MTU5OTY2NjIxfQ%3D%3D&next=https%3A%2F%2Fwww.f
acebook.com%2FTebekaSamuel%2F> gaafa guyyaa 01/06/2014 saaqame.
8. <https://www.americanbar.org/groups/criminal_justice/publications/criminal_justice_section_archive/cri
mjust_standards_guiltypleas_blk/> gaafa guyyaa 01/6/2014 saaqame
9. <https://www.facebook.com/login/?privacy_mutation_token=eyJ0eXBlIjowLCJjcmVhdGlvbl90aW1lIjoxNj
Q0MjEzNjQwLCJjYWxsc2l0ZV9pZCI6Mzc4Mzc1MTU5OTY2NjIxfQ%3D%3D&next=https%3A%2F%2Fwww.f
acebook.com%2FTebekaSamuel%2F> gaafa guyyaa 01/06/2014 saaqame
10. <https://www.facebook.com/login/?privacy_mutation_token=eyJ0eXBlIjowLCJjcmVhdGlvbl90aW1lIjoxNj
Q0MjEzNjQwLCJjYWxsc2l0ZV9pZCI6Mzc4Mzc1MTU5OTY2NjIxfQ%3D%3D&next=https%3A%2F%2Fwww.f
acebook.com%2FTebekaSamuel%2F> gaafa guyyaa 01/06/2014 saaqame

Miiltoowwan

Gabatee Galmeewwanii fi Maddoota Biroo

lak Abbootii dhimmaa Bakka dhimmichi itti lakk galmee


k ilaalame
AAGJ MMGJ

1. A/Alangaa Vs Usmaa’el Sulxaan Limmuu Saqqaa 02/05269 47964

2. A/Alangaa Vs Abduu A/Goojjam N4 Maannaa 02/05369 49192

3. A/Alangaa Vs Salamoon Gabree Magaalaa Jimmaa 02/05381 49194

71
4. A/Alangaa Vs Olaanaa Magarsaa B/Xoollaay 02/05374 49205

5. A/Alangaa Vs Malkaamuu Geetaachoo Sh/Somboo 02/05401 49293

6. A/Alangaa Vs Gazzuu Moosisaa N/Beenjaa 02/05485 49490

7. A/Alangaa Vs Issubaalaw Ambaa O/Beeyyam 02/05506 49510

8. A/Alangaa Vs Abbaay Balaachoo L/Kossaa 02/05507 49544

9. A/Alangaa Vs Mulunesh Huseen L/Kossaa 02/05538 49639

10. A/Alangaa Vs Tamriik Sulxaan L/Kossaa 02/05548 49669

11. A/Alangaa Vs Tawaldee Gambiraaw Sh/Somboo 02/05612 49857

12. A/Alangaa Vs Cheerinnat Gaashaaw S/Coqorsaa 02/056026 49829

Suuraawwan

Suuraa marii garee gareen abbootii alangaa aanaalee fi godiinaa Jimmaa toora interneetiitiin chaanaalii
telegiraamii irratti dhimma tumaa SDFY Kwt 134 irratti yommuu mari’atan agarsiisu 3

72
73
Unkaalee Bar-Gaaffii

74
Bar-gaaffii Abbootii Seeraatiif dhiyaate

T/L Yaada Abbootii seeraan kenname lakkoofsaa


Gaaffii bargaaffiidhaan dhiyaate fi dhibbentaadhaan
Amaneera waan Amaneera hin jechisiisu
ta’eef murtiin waan ta’eef ragaan
balleessummaa itti A/Alangaa
kennamuu qaba dhagahamuu qaba

1. Himatamaan buna seeraan alaa konkolaataatti


fe’ee socho’aa osoo jiruu qabamuu isaatiin
yakkaan himatamee jecha amantaaf waakkii akka
kennuuf mana murtiin wayita gaafatamu “bunni
seeraan alaa konkolaataan ani oofaa jiru
keessaa qabamuun isaa sirriidha. Ta’us ani
buna kana eenyu akka itti fe’e hin agarre” yoo
jedhee fi Abbaan Alangaas bu’uuruma jecha
amantaa isaa kanaan murtiin balleessummaa akka
itti kennamu yoo gaafate
2. Himatamaan shiishaa xuuchisaa osoo jiruu qabame
yoo himatamu jecha amantaa kenneen
“himanni narratti dhiyaate sirriidha, shiishaa
xuuchisuun yakka ta’uu waanan hin
beekneefan hojjadhe” kan jedhe yoo ta’e
3. Himatamaan yakka gudeeddii raawwachuu isaatiin
himatame gocha kana raawwattemoo hin
raawwanne jedhamee yommuu gaafatamu jecha
amantaaf waakkii kenneen “raawwadheera”
jennaan Abbaan Alangaa bu’uuruma jecha
amantaa isaatiin murtiin balleessummaa itti naaf
hakennamu yoo jedhe
4. Himatamtuun “Z” jedhamtu hospitaala keessatti
mucaashee dhukkubsachiisaa osoo jirtuu mucaa
kana wayta mana fincaanii geessitu boorsaa bilbilli
fi qarshiin keessa jiru argitee boorsicha banuun
qarshii 16600 fi mobaayilii tilmaamni isaa 800 ta’u
keessaa fudhattee gara kutaa ciisichaa
dhukkubsataa galuu isheetiin qarshiif mobaayiliin
harkatti qabamuun yakka hannaatiin himatamtee
jecha amantaaf waakkii yoo kennitu “mucaa koo
mana fincaanii yoon geessu boorsaa birrii fi
mobaayiliin keessa jiru argee banee keessaa
fudhee kutaa kootti galee osoon jiruu birriif
mobaayiliin na harkatti qabame; yeroon
fuudhu birrii meeqa akka ta’e hin beeku. Birrii
fi mobaayiliin kan eenyuu akka ta’e otuun hin

75
beekinan callisee fuudhe. Qarshii kana waanan
rakkadheefan fuudhe. Qabeenya namaa

fuudhuun koo garuu balleessaadha” Yoo jettee


Abbaan Alangaa bu’uuruma jecha amantaa ishee
kanaan murtii balleessummaa yoo gaafate
5. Himatamaan “T” jedhamu labsii bosonaa
1065/2010 irra darbuun bara 2007-2013’tti bosona
mootummaa hayyama malee hektaara 2.5
mancaasee lafa qonnaatti jijjiiruu isaatiin
himatamuun jecha amantaaf waakkii isaa yoo
kennu “ani dhuguma lafa bosonaa kana osoon
hin beekin lafa bakka sanii bitee biqiltuu
ittecha, mi’eessaa, sooxalloo, kan jedhaman
irraa ciree qoteen jira. San booda garuu qaamni
mootummaa nagaafachuu jalqabnaan
sodaadheen dhiise. Kanaaf yakka kana
raawwadheen jira manni murtii dhiifama naaf
haagadhu” jedhee Abbaan Alangaas bu’uuruma
jecha amantaa isaa kanaan murtiin balleessummaa
akka itti kennamu yoo gaafate
6. Himatamaan A jedhamu meeshaa waraanaa
hayyama itti hin qabne mana isaa keessa dhoksee
qabatee argamuu isaatiin yakkaan himatamee jecha
amantaaf waakkii isaa yommuu kennu: “gaafa
12/09/2012 guyyaa keessaa sa’aatii11:00 irratti
bakkuma himannaarratti ibsametti meeshaa
kana sababni qabadheef namaan wal lolee
jennaani. Shugguxii kana gaafa 12/09/2013
guyyaa naannoo sa’aatii 7:30 waajira poolisiitti
galmeessus hayyama harkaan hin gahanne
malee meeshaa hayyama itti qabuudha” jedhee
Abbaan Alangaas bu’uuruma jecha amantaa isaa

76
kanaan murtiin balleessummaa akka itti kennamu
yoo gaafate

IDA’AMA

Bar-gaaffii Abbootii Alangaaf dhiyaate


T/L Yaada Abbootii Alangaa kenname
Gaaffii bargaaffiidhaan dhiyaate Amaneera waan Hambifannaa qaba
ta’eef murtiin waan ta’eef ragaan
balleessummaa itti haadhagahamu
haa kennamu
1. Himatamaan buna seeraan alaa konkolaataatti fe’ee
socho’aa osoo jiruu qabamuu isaatiin yakkaan
himatamee jecha amantaaf waakkii akka kennuuf
mana murtiin wayita gaafatamu “bunni seeraan
alaa konkolaataan ani oofaa jiru keessaa
qabamuun isaa sirriidha. Ta’us ani buna kana
eenyu akka itti fe’e hin agarre” yoo jedhee yaadni
Abbaan Alangaa mana murtiif kennuu qabu

77
2. Himatamaan shiishaa xuuchisaa osoo jiruu qabame
yoo himatamu jecha amantaa kenneen “himanni
narratti dhiyaate sirriidha, shiishaa xuuchisuun
yakka ta’uu waanan hin beekneefan hojjadhe”
kan jedhe yoo ta’e yaadni A/Alangaa mana murtiif
kennuu qabu
3. Himatamaan yakka gudeeddii raawwachuu isaatiin
himatame gocha kana raawwattemoo hin
raawwanne jedhamee yommuu gaafatamu jecha
amantaaf waakkii kenneen “raawwadheera”
jedhee yoo deebisee fi manni murtii A/Alangaa
maal jettu jedhee yoo gaafate yaadni A/Alangaa
mana murtiif kennuu qabu
4. Himatamtuun “Z” jedhamtu hospitaala keessatti
mucaashee dhukkubsachiisaa osoo jirtuu mucaa
kana wayta mana fincaanii geessitu boorsaa bilbilli
fi qarshiin keessa jiru argitee boorsicha banuun
qarshii 16600 fi mobaayilii tilmaamni isaa 800 ta’u
keessaa fudhattee gara kutaa ciisichaa
dhukkubsataa galuu isheetiin qarshiif mobaayiliin
harkatti qabamuun yakka hannaatiin himatamtee
jecha amantaaf waakkii yoo kennitu “mucaa koo
mana fincaanii yoon geessu boorsaa birrii fi
mobaayiliin keessa jiru argee banee keessaa
fudhee kutaa kootti galee osoon jiruu birriif
mobaayiliin na harkatti qabame; yeroon fuudhu
birrii meeqa akka ta’e hin beeku. Birrii fi
mobaayiliin kan eenyuu akka ta’e otuun hin
beekinan callisee fuudhe. Qarshii kana waanan
rakkadheefan fuudhe. Qabeenya namaa
fuudhuun koo garuu balleessaadha” Yoo jettee
yaadni A/Alangaa mana murtiif kennuu qabu
5. Himatamaan “T” jedhamu labsii bosonaa
1065/2010 irra darbuun bara 2007-2013’tti bosona
mootummaa hayyama malee hektaara 2.5
mancaasee lafa qonnaatti jijjiiruu isaatiin
himatamuun jecha amantaaf waakkii isaa yoo kennu
“ ani dhuguma lafa bosonaa kana osoon hin
beekin lafa bakka sanii bitee biqiltuu ittecha,
mi’eessaa, sooxalloo, kan jedhaman irraa ciree
qoteen jira. San booda garuu qaamni
mootummaa nagaafachuu jalqabnaan
sodaadheen dhiise. Kanaaf yakka kana
raawwadheen jira manni murtii dhiifama naaf
haagadhu” yoo jedhe yaadni A/Alangaa mana
murtiif kennuu qabu

78
6. Himatamaan A jedhamu meeshaa waraanaa
hayyama itti hin qabne mana isaa keessa dhoksee
qabatee argamuu isaatiin yakkaan himatamee jecha
amantaaf waakkii isaa yommuu kennu: “gaafa
12/09/2012 guyyaa keessaa sa’aatii11:00 irratti
bakkuma himannaarratti ibsametti meeshaa
kana sababni qabadheef namaan wal lolee
jennaani. Shugguxii kana gaafa 12/09/2013
guyyaa naannoo sa’aatii 7:30 waajira poolisiitti
galmeessus hayyama harkaan hin gahanne malee
meeshaa hayyama itti qabuudha” kan jedhu yoo
ta’e yaadni A/Alangaa mana murtiif kennuu qabu

79

You might also like