You are on page 1of 2

ለምጠፋ መብል አትስሩ ።የሐ 6: ---27

Maqaa Abbaa kan Ilmaa kan Afuura Qulqulluu Waaqa Tokkoon.Amnee!

Seenaa gabaabaa Kawaala Qulqulluu Gabri’eel Qullubbii

Kawaalli/gadaamiin Qulqulluu Gabr’eel Qullubbii godina Harargee Bahaa Magaalaa Qullubbii keessatti
argama. Finfinnee irra fageenyi gadaamichaa kara bahaatti kiilo meetira 461. Akka seenaan gara garaa
ibsanitti jaarraa saglaffaa keessa bara mootittii Yoodiit Gudit manneen kiristaanaa gubaa fi balleessaa
turtetti luboonni Taabota naannoo Aksum jiran hunda gara hora Danbalitti(Ziwaay) qabatanii baqatan.
Taabota gara hora danbal dhufan keeysa tokko Taabota Gabri’eel Qullubbiiti. Sana boodas deebisanii
gara Aksumitti fudhachuu yemmuu barbaadan monoksee aabbaa Lewii jedhamutti tti “lakki gara Aksum
osoo hin taane iddoon ani sitti agarsiisutti Taabota kana geessi” kan jedhu sagalee ergamaa Gabri’eel
dhagahee,monoksichi gara Qullubbii geessee, ajaa’ibni gara garaa Taabota kanaan akka raawwatamu itti
hime. Aabbaa Lewiinis iddoon Waaqayyo Taabota kanaaf filate Qullubbii ta’uu isaa erga baranii booda
hanga guyyaa boqonnaa isaanitti achumatti tajaajilaniiru.

Jaarraa 16ffaa keessa bara Giraagn Ahimad kiristaanota ajjeesaa, kitaabota kiristaanaa gubaa,
kiristaanaa balleessaa, manneen kiristaanaa diigaa kiristaanota balleessuuf ka’etti lubootni Taabota
baatanii baqachaa osuma jiran naannoo Qullubbii yemmuu gahan barreeffama dhakaa irratti waa’ee
Taabotni qulqulluu Gabr’eelii dhoksaadhaan naannoo sana jiraachuu isaa ibsu argan. Barreeffamichis
Taabotichi akkamitti akka dhufe, ajaa’iba inni raawwatuufii raajii gara fuula duratti naannoo sanatti
bataskanni guddaan ijaarramee namootni kadhannaa itti godhan,wanti kadhatanis battalatti
dhagahamuuf kan ibsu ture. Isaanis seenaa kana kitaaba Qalamnxoos harkaa qaban miila jalatti irratti
barreessanii, kitaabicha irratti barreessan sana gara hora Danbal fidan.

Bulchaa Harar ka turan Raas Makonnin W/Mikaa’el Guddisaa, seenaa kana kitaabicha fichisiisanii erga
dubbisaanii hubatanii booda bataskaana achitti ijaaruf hawwan.

Sana booda Taabotichi suni eessatti akka argamu gaafachutti yemmuu ka’an naannoo Ittisaa Takle
Hayimaanotitti akka jiru bira gahamee taaboticha achii fidanii gara Qullubbiitti geessan. Taabotichi
garasitti dhufuun isaa bara 1879- 1884 dunkaana keessa erga taa’ee booda bara 1884 bataskaanni itti
ijaaramee phaaphaasi biyya Gibxiitii dhufan Abbaa Maatewoosin eebbifamee tajaajila jalqabee hanga
bara 1954 tajaajila osoo kennu ture.

Booda kadhannaan namoota taabota kana duratti taasifamu battalumatti dhageettii argachuun isaa
waan dhagahameef biyyattii keessatti battalumatti beekkamuutti ka’e. Gamoon amma jirus akka haaratti
bara 1957 hojjetamee xumurame. Namootni amantaan isaanii illee Ortodoksii hin taane kadhannaan
isaan Taabota sana duratti godhan ni dhagahama, wareega hedduus galchaa jiru, dhugaa bahaas jiru.
Waaqayyo bara kanatti ajaa’iba akkanaa kana biyya keenya keessatti akka agarruu fi dhageenyu kan nu
taasise maqaan Isaa ol ol kan jedhe fi kan galateeffame haa tahu. Ajaa’iba dirree Qullubbiitti raawwatu
barreessanii xumuruuf dheeradha,raawwatama jiras si’achi.Namootni qaaman dhaqanii osoo ilaalanii
baay’ee gaaridha.
Haa ta’u malee ayyaana kanaan walqabatee namoonni dhimma waa’ee hojii afuurawaa of keessa hin
qabne waan akka sirbaa, nyaataa dhugaatii, machii fi dhimma foon garagaraaf garasitti imalan
baay’achaa dhufuun isaanii baldhinaan ni dhagahama. Hojiin akkasii ammoo jibbamaa ta’uu hubatanii
laphee qulqulluudhaan iddoo sanarraa sugaargatanii deebi’uutu dansa’a. “DHIIFAMNI WAAQAYYO BARA
BARAAF; DHEEKKAMSI ISAA AMMOO GUYYAA TOKKO” akka jedhu kitaabni,Waaqayyo arjaadha jedhanii
cubbuu irratti iddo qulqullaa’aa ta’ettu cubbuu biraa dabaluun qurxama fida.`

Sugni, fi araarsumman hangafa ergamoota Qulqulluu Gabr’eelii, nu waliin yaa ta’u.

(Seenaa Maddeen gara garaa irraa argame)

You might also like