You are on page 1of 50

GAADDIDDUU ADDUNYAA

KITAABA QOOSAA

Barreessaan – Ifargan Guddataa Itichaa - 2022


GAADDIDDUU ADDUNYAA t.me/ifargantech

SEENSA

Qoosaawwan fuula barruu gabaabduu kana keessatti


barreeffaman fuula feesbuukii “Gaaddidduu Addunyaa”
irratti maxxanfamaa kan turanidha. Qoosaawwan
kunneenis uummata bashannansiisuu fi kofalchisuuf,
akkasumas lafa tapha garaagaraatti akka itti fayyadamaniif
yaadamee bifa barruu (PDF)tiin dubbiftoota bal’aa biraan
gahuuf kan qopheeffamedha.

Hubachiisa: Namni qoosaa kana maxxansuu, himuu fi


qoosuu barbaade kamuu madda isaa eeruun dirqama.

I am eager to hear your feedback. Don’t hesitate to


contact me. Cheers!

IFARGAN GUDDATAA KITAABA QOOSAA


2
GAADDIDDUU ADDUNYAA t.me/ifargantech

BARREESSAA

Barreessaan kitaabichaa Ifargan Guddataati. Yeroo kanatti


barsiisaa yuunivarsiitii Haramaayaati. Kanaan duras kitaabilee
akka Qimmiiddaa (Xiinsammuu), Ee garam (Walaloo) fi
Hiriyaa (Asoosama) dubbiftoota biraan gaheera. Ammas
yeroo dhiyootti kitaaba falaasama hawaasaa, “Gola keenya”
jedhu maxxansiisuun dubbiftootaaf ni dhiyeessa!

Contact: Bilbila: +251-919778608


Email: ifargangudeta@gmail.com
Telegram: @Ifargan

IFARGAN GUDDATAA KITAABA QOOSAA


3
GAADDIDDUU ADDUNYAA t.me/ifargantech

BAAFATA FUULA
1. EMAIL DOGOGGORAA................................................................................................ 6

2. KAABINICHA .................................................................................................................. 8

3. NAMOOTA SIYAASAA ................................................................................................. 9

4. RIP JACK ....................................................................................................................... 10

5. POLOISII, MAANGUDDICHAA FI ILMASAA ........................................................ 11

6. NAMAA FI ILMOO ADDAAM.................................................................................. 13

7. MARAATTOTA SADANII FI DOKTORA ................................................................. 14

8. DU'AA FI NAMA DU'UU QABU .............................................................................. 16

9. DUBBIFTANII KOLFA DUUTAN .............................................................................. 17

10. SANGAATU JIRA .................................................................................................... 19

11. QAROO AKKA ABBAASAA .................................................................................. 20

12. SUN BISHAAN BOOLLAATI................................................................................. 21

13. ANAA NYAATU ...................................................................................................... 22

14. ARJUMMAA ........................................................................................................... 23

15. AMMAS NA REEBUUFII ...................................................................................... 23

16. WAYYOO NUUNNUU .......................................................................................... 24

17. RIIKARDIIKOO DHABUURRA ............................................................................. 26

IFARGAN GUDDATAA KITAABA QOOSAA


4
GAADDIDDUU ADDUNYAA t.me/ifargantech

18. SHOORBAAYYUU QABA ..................................................................................... 27

19. PHARMACY............................................................................................................. 28

20. HAATI MANAA KEESSANUU.............................................................................. 29

21. TASAASII IRRAA KAASII ....................................................................................... 31

22. YEROO KAN KOOTII LAMA QOFA .................................................................... 32

23. NAMOOTA 50 ........................................................................................................ 34

24. NA BAQANNAANIN.............................................................................................. 35

25. ATUU NU BAATTEE .............................................................................................. 36

26. BOOJJITOO MARQAA .......................................................................................... 37

27. MARAATUUDHAAM ............................................................................................ 37

28. BRO FIIGI ................................................................................................................. 39

29. INNOO AREEDA QABAA ..................................................................................... 40

30. 90% OLIN DEEBISEE?........................................................................................... 41

31. 20% KIYYAA MITI .................................................................................................. 43

32. HAADHA KOO BIRA.............................................................................................. 44

33. WIFE KEEN FAYYADAMA ................................................................................... 45

34. MAN FINCAANIIN QULQULLEESSA ................................................................. 46

35. NAN BADHAAFAME............................................................................................. 47

IFARGAN GUDDATAA KITAABA QOOSAA


5
GAADDIDDUU ADDUNYAA t.me/ifargantech

1. EMAIL DOGOGGORAA

Namicha tokkotu hoteela tokko keessaa kutaa siree


kireeffate. Akkuma olseeneenis kutaa isaa keessatti
kompiitara Intarneetii wajjin walquunnamee jiru arge.
Innis kanumaan haadha manaa isaatiif email erguufii
barbaade.

Haa ta'u malee osuu hin beekiin email dogoggoraa irratti


dhaamsa isaa barreesse. Email dogoggoraa sunis
gursummeettii awwaalcha abbaa manaa isheerraa
deebitee bakka gaddaa teessu ture.

Gursummeettiin sun erga bakka awwaalchaa galtee booda


firootaa fi hiriyoota jajjabina isheef hawwan ilaaluuf email
ishee bantee ture. Haa ta'u malee akkuma email isa
jalqabaa argiteen of wallaaltee gaggabde.

IFARGAN GUDDATAA KITAABA QOOSAA


6
GAADDIDDUU ADDUNYAA t.me/ifargantech

Ilmi ishees maaltu akka uumame wallaalee fiigee yeroo


gara haadhasaa dhufu haadhasaa gaggabdee ciiftuufi
kompiitara ishee fuulduraa iskiriinii barreeffama qabu
arge.

Barreeffamni sunis, "Haadha manaakoo kanan akka malee


jaalladhu ergaankoo kun si haa gahu. Ergaa kana yeroo
narraa dhageessu akka ati gammaddu nan beeka. Jarri
kompiitara waan qabaniif namoota jaallannuuf akka email
ergannuuf nuuf eeyyaman.

Atii fi ijoolleen koo akkami? Bakkeen ani jiru baay'ee


miidhagaadha. Garuu kophaa kooti. Akka ati boru na bira
dhuftuuf haala jiru hundumaa mijeesseera. Akka ati boru
daftee na bira geessu nan abdadha. Amman si argutti
jarjareera. Sin jaalladha giiftiikoo'.

IFARGAN GUDDATAA KITAABA QOOSAA


7
GAADDIDDUU ADDUNYAA t.me/ifargantech

2. KAABINICHA

Guyyaa tokko nama siyaasaa tokkotu ganda tokkoo


walgahii waamuun mariisisuu barbaade. Kanaanis
uummatni yaa'ee walgahiin eegalame. Namni siyaasaa
sunis uummata fuuldura dhaabbachuudhaan "Rakkoon
isin akka ganda kanaatti qabdan maali? Ammuma isiniif
furra." jedhee gaafate.
Uummatnis rakkoo barbaachisaa lama qabna jedhaniin.
Innis inni jalqabaa maali jedhee gaafata. Isaanis,
"Hospitaala qabna, garuu doktora hinqabnu" rakkoon
keenya inni jalqabaa kana jedhaniin. Namni siyaasaa sunis
battaluma kana dhagahetti bilbilasaa giiphii isaa keessaa
baafachuudhaan erga daqiiqaa dheeraa haasaween booda
uummatatti garagalee, "Amma rakkoo keessan jalqabaa
furuudhaaf qaama dhimmisaa ilaallatu wajjin dubbannee
rakkoo keessan furuu dandeenyeerra. Doktorri boru isiniif
ergama" jedheen.

IFARGAN GUDDATAA KITAABA QOOSAA


8
GAADDIDDUU ADDUNYAA t.me/ifargantech

Itti fufees "Gaaffiin keessan inni lammaffaa maali"?


jedheen. Uummatnis, "Ganda keenya kana keessatti
Neetwoorkiin tasumallee hin dalagu" rakkoon keenya inni
lammaffaa kana jedhaniin.
---------------------------------------------------
Kaabineen maaliin bilbilteree?

3. NAMOOTA SIYAASAA

Xiyyaara namoota siyaasaa guutee baatu tokkotu qarqara


ooyruu qonnaan bulaa tokkotti kufee argameen oduu ta'e.
Poolisoonnis bakkicha yeroo gahanitti maaltu akka
uumame abbaa ooyruu sana gaafatan. Namichi abbaa
ooyruu sunis, "Xiyyaarichi namoota siyaasaan kan
guutame ture. Hundasaaniiyyuu nan awwaale" jedheen.
Poolisoonnis naasuudhaan "Hundisaanii du'uu maaliin
adda baafatte?" Jedhaniin. Namtichis, "Yeroo sana
baay'een isaanii iyyanii, ani hin duune ani hin duune jechaa

IFARGAN GUDDATAA KITAABA QOOSAA


9
GAADDIDDUU ADDUNYAA t.me/ifargantech

turan. Ani garuu isaan hin amanne. Nama siyaasaa


amanuun sirrii miti" jedheen.

4. RIP JACK

Namicha Jack jedhamu tokkotu kaleessa galgala gara


hoteelaa deemee keessummeessiftootatti iyyuun, "Pizza
lama naaf fidi; namoota mana kana keessa jiran
hundumaafis pizza lama lama fidi sababni isaayyuu yeroon
ani nyaadhu namni hundi akka nyaatun barbaada"
jedheen. Keessumsiisaan sun isaafis namoota hundumaafis
akkuma ajajametti pizza lama lama dhiyeesseef.
Jack akkuma nyaatasaa nyaatee fixeen ammas ajaja
lammaffaaf gara keessummeemsiftootaatti iyyuun,
"Wuskii qaruuraa tokko naaf fidi; nama mana kana keessa
jiru hundumaafis wuskii qaruuraa tokko tokko fidi.
Sababni isaayyui yeroon ani dhugu namni hundumtuu
akka dhugun barbaada" jedheen. Keessummeessaanis
IFARGAN GUDDATAA KITAABA QOOSAA
10
GAADDIDDUU ADDUNYAA t.me/ifargantech

akkuma ajajametti Jack fi namoota mana sana keessa jiran


hundaaf wuskii qaruuraa tokko tokko dhiyeesseef.
Jack akkuma wuskii isaa dhugee xummureen gara
keessummeessiftootaatti iyyuun, "VAT ani fayyadame naaf
fidaa; namoota hundumaafis VAT isaan fayyadaman
fidaafii, sababni isaayyuu yeroon ani waanan fayyadame
kaffalu namni hundumtuu waan fayyadame akka kaffalun
barbaada" jedheen.
Egaa maal godha, awwaalli Jack roobii boruuti.

5. POLOISII, MAANGUDDICHAA FI
ILMASAA

Yeroo tokko ilma maanguddoo dadhabaa tokkotu maallaqa


hatteen shakkamee poolisotaan qabamee mana hidhaatti
darbatame. Mana hidhaa keessattis qorannoon yeroo
dheeraa irratti gaggeeffamaa ture.

IFARGAN GUDDATAA KITAABA QOOSAA


11
GAADDIDDUU ADDUNYAA t.me/ifargantech

Guyyaa tokko abbaansaa kan dinnicha oomishuun ilmasaa


guddisaa ture kun xalayaa barreessee ilma isaaf erge.
Xalayichis, "Ilma koo, ani amma dadhabeera. Humnas
dhabeera. Akka durii lafa diddiquun boroo mana kootii
dinnicha facaafachuu hin dandeenye. Osuu na bira jiraattee
na gargaarta ture" kan jedhu ture.
Ilmi isaas irra deddeebisee rakkoo abbaasaa itti yaade. Fala
ta'a jedhee kan yaades lafa kaa'e. Xalayaa barreessee abbaa
isaaf erge. Xalayichis, "Abbaa koo osuun si bira jiradhee si
gargaree natti tola. Garuu akkas jettee boroo mana
keenyaa hin diddiiqiin. Maallaqan hate bakka sanan
dhoksee" kan jedhu ture.
Yeroo inni xalayaa kana abbaa isaaf erguuf jedhutti
poolisoonni xalayicha argan. Bananiis ni dubbisan. Baay'ee
gammadan. Osuu yeroo hin fudhatiinis laficha jedhame
sana diddiqanii maallaqa awwaalame akka barbaaduu
qaban ajajni darbe.

IFARGAN GUDDATAA KITAABA QOOSAA


12
GAADDIDDUU ADDUNYAA t.me/ifargantech

Itti yaa'anii diddiqan. Garuu homaallee arguu hin


dandeenye. Lafa bal'aa sana diddiqanii maallaqa dhoksame
arguu dhaban.
Ilmi isaas irra deebiin abbaa isaaf xalayaa barreesse.
"Abbaa koo, waantin si gargaaruu danda'u yoo jiraate
kanuma. Amma lafa kee siif diddiqame kanarra dinnicha
facaafachuu dandeessa" jedheen.

6. NAMAA FI ILMOO ADDAAM

Namichatu mucaa isaa kan waggaa 5 qabatee hospitaala


doktora tokko bira deeme.
#Namicha: "Yaa Doctor, mucaan koo furtuu balbalaa
liqimsee jennaanin si bira dhufe".
#Doctor: "Yoom liqimse?"
#Namicha: "Guyyaa 10 dura".

IFARGAN GUDDATAA KITAABA QOOSAA


13
GAADDIDDUU ADDUNYAA t.me/ifargantech

#Doctor: Ajaa'ibsiifamuudhaan, "Isa mucaan guyyaa 10


dura liqimseef har'a mana yaalaa fiddaaree ati?"
Hatattamaan fiduutu sirra ture jechuunii isaati.
#Namicha: "Yeroos furtuu dabalataatu jira ture. Har'a
furtichi badnaanin si bira fide" jedheen.
Namittiin mucaasheerra furtuu barbaaddi.

7. MARAATTOTA SADANII FI
DOKTORA

Namoota sammuun tuqame sadiitu yaalamuuf hospitaala


seene. Erga yeroo dheeraaf wal'aanamaa turanii boodas
doktorri isaanii qorumsa isa dhumaa qoree yoo kan fayyan
ta'e gadhiisuu barbaade. Kanaanis tokkoon tokkoo isaanii
gaaffii gaafachuu eegale.
Maraataa isa jalqabaa, "2+2" meeqa jedhee gaafate.
Maraatichis, "3700" jedhee deebiseef. Doktorichis, "Ati
sammuutti waan hin deebineef asuma turta" jedheen.

IFARGAN GUDDATAA KITAABA QOOSAA


14
GAADDIDDUU ADDUNYAA t.me/ifargantech

Maraataa isa lammaffaas, "2+2" meeqa jedhee gaafate.


Maraatichis, "Wixata" jedhee deebiseef. Doktorichis,
"atimmoo tasumaa du'arraa adda fagoo hin jirtu. Atis
asuma turta" jedheen.
Dhumarratti maraataa isa sadaffaas gaaffiima
walfakkaataa, "2+2" meeqa ta'a jedhee gaafate.
Maraatichis "4" jedhee deebiseef. Doktorichis baay'ee
gammaduudhaan, "BRAVO! Ati deebii sirrii deebifte.
Akkamitti argatte?" jedheen. Maraatichis, "3700 wixataaf
hireen argadhe" jedheen. Doktorichis gaggabee lafa dhahe.
Amma hospitaalicha keessa maraattota afurtu jira.
Qoosaawwan babbashannansiisoo akkasiin bohaaruu kan
barbaaddu

IFARGAN GUDDATAA KITAABA QOOSAA


15
GAADDIDDUU ADDUNYAA t.me/ifargantech

8. DU'AA FI NAMA DU'UU QABU

Guyyaa tokko du'atu mana namicha tokkoo dhufee,


"Namichoo dabareen guyyaa har'aa kan keeti. Si
fudhachuun dhufe" jedheen. Namichichis baay'ee
na'uudhaan, "Anoo hin qophoofnee akkam naaf
wayyaree?" jedheen sodaatee. Duutis, "Tartiiba galmee
kootii keessatti maqaa keerra gaheen jira" jedheen.
Namichis, "Haa ta'u garuu maaf teessee xiqqoo boqonnaa
fudhattee, nyaata ani si affeeru hin nyaatturee na
fudhachuu keen dura" jedheen
Duutis, "Tole, natti tola" jedheen.
Namichi abbaa dabaree sunis, nyaata dhiyeessuuf keessatti
kiniinii hirriba nama qabsiisu dabalee du'aaf kenne. Duutis
akkuma kiniinii sana nyaata wajjin nyaateen hirribni isa
qabe. Namichi abbaa dabaree du'aa sunis gammadee
galmee du'aa sanarraa maqaasaa haqee dhuma tarree
dabareerratti barreeffate.

IFARGAN GUDDATAA KITAABA QOOSAA


16
GAADDIDDUU ADDUNYAA t.me/ifargantech

Duutis amma rafu rafee yeroo hirribaa ka'utti namicha


sanaan, "namichoo gaarummaa guddaa ati natti
agarsiifteef yaadakoo jijjiireera. Adeemsakoo tartiiba
dhumaarraan asii olee eegala" jedheen.
Gadheen du'a shawwaduutti nyaatamte.

9. DUBBIFTANII KOLFA DUUTAN

Daa'ima tokko galgala Baskileetin isaa jalaa Hatamee


ganama wajjira polisii deeme report godhe.
polisii:- Yoom si jala hatame
Daa'ima:- kaleessa galgala
Polisii:- na jala hate jatte nama shakkitu qabda?
Daa'ima:- eyyeen
Polisii: - Enyu?
Daa'ima:- Abbaa koo fi harmee koo
Polisii:- (polistichi ajaa'ibamee...) isaan maaliif shakkite?

IFARGAN GUDDATAA KITAABA QOOSAA


17
GAADDIDDUU ADDUNYAA t.me/ifargantech

Daa’ima: - walakkaa halkaniirratti harmeen koo abbaa


kootin akkas jettin "sirritti kaasi dhaabi akkaa irra ta'uun
naf ta'utti..."
..
Ergas booda abbaan koo "otuu sijala hin ciisin dafii kottu
irraa taa'i" isaa jedhuuniin dhaga'e.
..
Ergas harmeenis "ishee suuta jedhi dhiibi; suuta jedhii
dhiibi akkan sijala hin miidhamne" jettuuniin dhaga'aa
ture

Kanafuu Baskileeti kiyya na jala hataniiti itti barachaa
turan jechuudha gaashee.

IFARGAN GUDDATAA KITAABA QOOSAA


18
GAADDIDDUU ADDUNYAA t.me/ifargantech

10. SANGAATU JIRA

Guyyaa tokko namicha tokkotu hiriyyaa isaa hidhamee


ture tokko gaafachuuf mana hidhaa deeme. Achi ga'ees
akka carraa namni inni beeku tokko hidhamee arge.
Innis, "Maal aboo, anoo akka ati hidhamte hin dhageenyee.
Waaq si haa hiiku! Maal hammam sitti
murteessan?" jedhee gaafate. Namichichis "Waggaa lama
natti murteessan!" jedheen.
"Ofii maal balleessitee hidhamte?" jedhee gaafate.
Sirreeffamtichis, "Mee dhiisi! Funyoo meetira sadii
hatte jedhanii na hidhan." jedheen boqqooraa.
"Maal namana, funyoo meetira sadiif waggaa lama sitti
murteessuu? Bar kun ajaa'ibaa!" jedheen ajaa'ibsiifamaa.
Garuu "Fiixee ishee irra immoo sangaatu jira."
Gadheen sangaa hatte!

IFARGAN GUDDATAA KITAABA QOOSAA


19
GAADDIDDUU ADDUNYAA t.me/ifargantech

11. QAROO AKKA ABBAASAA

Barsiisaa tokkotu mucaa tokkoon yeroo hundaa raatuu


jedhee rakkisa. Kanumaanis mucichi galee booyee abbaa
isaatti himate. Abbaan isaas akkamitti mucaa kootiin
raatuu jedha jedhee ilmasaa fudhatee gara mana barumsaa
deeme.
Barsiisicha bira gahees, "ati akkamitti mucaa kootiin
raatuu jettaan?" Jedheen. Barsiisichis, "mucaan keessan
bar dhuguma raatuudha. Elamee ammayyuu ilaalaa,
'Gurbaa dhaqii akkan ani Daree C barsiisaa jiru ilaali
koottu' " jedheen.
Mucaanis bahee Daree C ilaalee dhufee, "barsiisaa lakki
isinoo achii barsiisaa hin jirtan" jedheen. Yeroo kana
abbaansaa aaree, " Raatuu wayii dhuguma raatuudha. Isa
kam hin jiru jetta, yoo achii dhabde daree biraatti darbitee
hin ilaaltuu?" Jedheen.
-----------------------------------

IFARGAN GUDDATAA KITAABA QOOSAA


20
GAADDIDDUU ADDUNYAA t.me/ifargantech

12. SUN BISHAAN BOOLLAATI

Adamsituu tokkotu bosona guddaa ganmoojjii keessa


deemee adamsa ture. Bosona sana keessaa madda lagaa
waan dhabeefis baay'ee dheebote. Osuma dheebuun
lallaafee jiruu godoo xiqqoo wayii halaalatti arge.
Gara godoo sanaatti deemees nama mana jiru dubbise.
Mucayyoo durbaa bareedduu tokkotu ture. Innis akka
baay'ee dheebotee jiru itti himuun, akka bishaan xiqqoo
kennituufiif kadhate. Mucayyoon sunis manatti ol galtee
'highland' fuutee fincaan ishee itti fincooftee fiddeef. Innis
akka nama gaggabeetti dhugee fixuudhaan, "Anis baay'een
dheebodhe. Bishaanichis baay'ee mi'aawa, maaloo naaf
dabali" jedheen.

Mucayyoonis ol deebitee, ofiishee fincaan waan fixatteef


obboleessashee 'highland' sanatti fincoofsisftee fiddeef.
Adamsituun sunis akkuma si'a tokko irraa uneen, "Inni kun
akka isa duraa hin mi'aawu. Maalidhaa?" jedheen.
IFARGAN GUDDATAA KITAABA QOOSAA
21
GAADDIDDUU ADDUNYAA t.me/ifargantech

Mucayyoon bareedduun sunis, "Inni duraa bishaan


boollaati, inni kunimmoo bishaan boombaati malee homaa
miti" jetteen.
Gadheen fincaan dhugde!

13. ANAA NYAATU

Namichatu jedhan... Eehee! Kutaa qaama dhiqannaa


(shower) keessatti osuu qaama dhiqatu sanyii kormaa
yookaan Sperm ofiima isaa irra ejjetee akka hintaanetti lafa
dhahe. Eehee! Fala meeqaanis haqanqaalamee lafaa ka'ee,
"Gadhittii beenu! Bagan yeroon si galaafadhe. Osuu ilmoo
taatee dhalatteetta ta'ee na ajjeeftaayyu ture" jedheen
jedhama.
Madaqoo jedhiin!

IFARGAN GUDDATAA KITAABA QOOSAA


22
GAADDIDDUU ADDUNYAA t.me/ifargantech

14. ARJUMMAA

Akkuma hundi keessanuu beektan ani dureessa miti.


Garuu kaleessa galgala gola gola magaalaa keessa osuun
deemuu hiyyeessa tokko argeen bilbila koo, waaleetii koo,
saatii koo, amartii mormaa koo, jaakkeettii koo, kophee
koo hunda kenneef. Yeroo inni billaa baatee jiru boorsaa
isaatti deebifatu dhuguma hin seene. Nan gammade.
Arjummaa shaakalaa!

15. AMMAS NA REEBUUFII

Mucaa tokkotu jira. Guyyaa tokko saantima lafaa argatee


fudhatee manatti gale. Harmeen isaa itti aartee hamma isa
ga'utti reebde. "Lammaffaa waan lafa bu'ee jiru akka hin
fudhanne!" jettee haalaan akeekkachiiste.
Guyyoota keessaa gaaf tokko mucichii fi harmeen isaa lama
ta'anii utuu karaa adeemanii, harmeen mucaa mucucaattee
kufte. Qabee akka ishee kaasuuf harka ishee itti erginaan

IFARGAN GUDDATAA KITAABA QOOSAA


23
GAADDIDDUU ADDUNYAA t.me/ifargantech

mucaan irraa baqate. "Maal taate? Maaliif qabdee lafa


kanaa na hin kaastu?" jettee
gaafatte ajaa'ibsiifachaa. Mucichis, "Harmee! Yeroo darbe
lammaffaa waan lafa bu'e akka lafaa hin fuune jettee
hammam akka na reebde ni yaadatta mitii? Qabee yoon si
kaase ammas akka amala kee na reebuufi mitii jedheen si
baqadhe!" jedhe jedhama.

16. WAYYOO NUUNNUU

Mucayyoo durbaa xiqqoo tokkotu kutaa abbaa ishee yeroo


deemtu isaa huccuu uffataa jiru argite. Yeroo sanattis
qaama dhiiraa kan abbaashee argite waansaa wallaaltee
rifatte. Mucayyoonis gara abbaashee deemuun, "Abbaa
maalidha waanti lukakee lamaan gidduu?" jetteen. Abbaan
ishees, "Hin beeku" jedhee dubbii ofirraa cufe.

IFARGAN GUDDATAA KITAABA QOOSAA


24
GAADDIDDUU ADDUNYAA t.me/ifargantech

Mucayyoonis gara aluwaadaa deemuun haadha ishee


barbaaddee, "Immaa, maalidha waanti dheeraan luka
abbaa lamaan gidduu jiru?" jettee gaafatte. Haatis waan
ta'e ibsuufiirra, "Hin beeku" jettee dubbii ofirraa cufuu
filatte.

Torbee tokkoon booda yeroo haati mucayyoo hojiidhaa


gara manaatti galtu mucayyoon itti fiiguudhaan, "Immaa,
maqaa waanta dheeraa luka abbaa gidduu jiru natti himuu
didde mitii? Anoo ofii kootiiyyuu irra gahee bareera. Innoo
rigaa ilkaaniiti." jetteen.
Haatis baay'ee ajaa'ibsiifamtee akka malee kolfuudhaan,
"akkamiin barte?" jetteen. Mucayyoonis, "Ganama kana
yeroon mana barumsaatii galu, Nuunnuun (hojjettuu
isaanii) fuuldura abbaatti jilbeeffattee rigaa abbaa sanaan
osuu isheen ilkaanshee rigattuun arge. Rigaan abbaas
guutummaa afaan ishee keessa seenee ilkaanshee
qulqulleessaafii ture" jetteen.

IFARGAN GUDDATAA KITAABA QOOSAA


25
GAADDIDDUU ADDUNYAA t.me/ifargantech

Haatis gaggabdee lafa dhoofte. Boru sa'aa boodaa


awwaalchisee ni raawwatama.
Dhala madaqoo!

17. RIIKARDIIKOO DHABUURRA

Gaaf tokko Fayyisaa Leellisaa walakkaa magaalaa finfinnee


dhaabbatee bilbilaan haasa'aa ture. Tasa osoo inni hin
argin dargaggeessi hattuun tokko duubaan bilbilasaa
/Fayyisaa/ harkaa butee fiigicha jalqabe. Fayyisaanis
ofirra naannahee hatticha ari'uu eegale. Ari'ee garuu hin
qabne, bira darbee kute. "Maaliif hatticha qabuu dhiiftee
darbite?"
jedhanii gaafannaan "Riikardiikoo dhabuurra bilbilicha
dhabuu naaf wayya." jedheen.

Dhala madaqoo jedhiin!

IFARGAN GUDDATAA KITAABA QOOSAA


26
GAADDIDDUU ADDUNYAA t.me/ifargantech

18. SHOORBAAYYUU QABA

Shamarran lamatu daandii gabaarra osuu deemaa jiranii


yaada tokkorratti wal falmaa deema. Yaadni kunis qaamni
saalaa dhiiraa lafee qabaa fi hin qabuudha. Isheen tokko
qaba jette, isheen tokkommoo hin qabu jette. Lafa dheeraa
erga wal falmanii boodallee wal amansiisuu hin
dandeenye.
Osuma kanaan jiranii jaartii kophaashii deemtu tokkotti
dhufan. Jaartii sunis, "yaa ijoollee koo maalirratti wal
falmaa deemtu?" jetteen. Isaanis, "Ayyoo qaamni saalaa
dhiiraa lafee qabamoo hin qabu jettu isin?" jedhaniin.
Jaartiin sunis quqummaadamaa, "Yaa ijoolleekoo innoo
lafee dhiisii shoorbaayyuu qaba" jetteen.
Dhala madaqoo jedhiin!

IFARGAN GUDDATAA KITAABA QOOSAA


27
GAADDIDDUU ADDUNYAA t.me/ifargantech

19. PHARMACY

Amaatii kootu nu dubbisuuf keessummummaa mana


keenya dhufe. Osumaa teenyee taphannuu haati manaa
koo miira keessa galuun nutti jijjiiramte. Na dhukkube
jechuunis gara kutaa siree deemte. Anis maal akka taate
adda baafachuuf yeroon duukaa kutaa siree seenu, miira
jaalala gubaan waadameen darbattee sireerra na buufte.
Tapha sireerraa erga xummurree booda anis gara amaatii
kootiittan deebi'e, haati manaakoo boqannaa fudhachuuf
achumaan rafte.

Amaatiin koos, "akkami amma wayyoo qabdii?" naan jette.


Anis, "Eeyyee wayyoofteetti, pharacetamol kenneefiin
dhufe"n jedheen. Amaatiin koos, "Tole, Pharmacy cufikaa"
naan jette. Anis naasuun osuun wajaggaruun akkan Zip
surreekoo dagadhee banaa gate arge.
Nan nyaatame!

IFARGAN GUDDATAA KITAABA QOOSAA


28
GAADDIDDUU ADDUNYAA t.me/ifargantech

20. HAATI MANAA KEESSANUU

Lubni kaatoolikii tokko ganda tokko keessa turan.


Namoonni hedduun gara isaanii dhufanii,
"Sagaagalummaattin kufee maaloo waaqa naaf
kadhadhaa" jedhuun ture. Dubbiin kun waan itti
baay'ateef, "Lammaffaa namni tokkollee nan sagaagale
akka hin jenne. Nan kufe jedhaa" jedhanii sirreessan.

Isa booda namoonni cubbuu akkasii raawwatan dhufanii,


"Nan kufee waaqa naaf araarsaa" jechuu itti fufan. Sun ta'ee
torban muraasa booda lubni sun jijjiiramanii bakka biraa
deeman. Lubni kan biraa immoo bakka isaanii bu'an.

Lubni haaraan dhufan kun dubbii, "Nan kufe" jedhu kana


hin beekan. Namni isaanitti himes hin turre. Namoonni
hedduun dhufanii, "Nan kufe, Nan kufe" yoo jedhan dalga
itti gallaan kallattiidhaan gara waajjira kantiibaa magaalaa
deeman.
IFARGAN GUDDATAA KITAABA QOOSAA
29
GAADDIDDUU ADDUNYAA t.me/ifargantech

"Kabajamaa Kaantibaa! Daandiiwwan magaalaa keessa


jiran suphisiisuun isin irra jira. Namoonni hundinuu
garakoo dhufanii akka kufan natti himaa jiru" jedhan.

Kufaatii jechuun maal akka ta'e akka isaaniif hin galiin


hubatee kaantibichi baay'ee itti kolfe. Lubichi kolfa
kaantiibichaatti aaree, "Maal kolfituree? Haati manaa
keessaniyyuu torban kana keessa qofa yeroo sadii dhuftee
akka kufte natti himteetti" jedheen.

Kaantiibichis gaggabee lafa dhahe. Kunoo anuu Taskaara


isaa deemeen dabbaramnaan gabaasa kana isiniif
qindeesse.
Gadheen mana hatte!

IFARGAN GUDDATAA KITAABA QOOSAA


30
GAADDIDDUU ADDUNYAA t.me/ifargantech

21. TASAASII IRRAA KAASII

Gaaf tokko abbaa manaatii fi haati manaa galgala osoo


soofaarra taa'anii waliin mari'ataa jiranii, abbaan manaa
dhuufuu #tas godhe. Haati manaa dogoggora jettee hin
dubbanne inuma callifte. Ammas otuma taa'anii dabaree
ishitti dhuufuu #xar gootee. Abbaan manaa xiqqoo cal
jedhee taajjabeetuma akkas jedheen.
"Hara #Xarriin guyyaa meeqa?" jennaanin haati manaatis
deebiftee, "atis #Tasaas irraa
kaasii yaadadhukaa jetteen " jedhama.

IFARGAN GUDDATAA KITAABA QOOSAA


31
GAADDIDDUU ADDUNYAA t.me/ifargantech

22. YEROO KAN KOOTII LAMA


QOFA

Haadha manaatu yeroo hundaa abbaa manaa ishee


hojjettuu mana isaaniitti shakkiti ture. Yeroo tokko abbaa
manaa isheetiif kiyyoo qopheessite. Osuu abbaa manaa
isheetti hin himiin, hojjettuu mana isaanii sana torbee
tokkoof gara baadiyyaatti ergite.

Galgala tokko abbaan manaa ishee akkuma yeroo hundaa,


"Jaallatamtuukoo, gara kutaa taa'umsaa deemeen tapha
wrestling ilaalaa" jedheenii bahe.
Haati manaas qorumsa shakkii ishee mirkaneeffachuuf
suuta jettee gara kutaa siree hojjettuu isaanii deemte.
Isheenis balbala banaa dhiiftee, ibsaa cuftee qullaa ishee
siree hojjettuu isaaniirra jorgaatee ciifte.

Daqiiqaa muraasa boodaas balballi banamee ol seename.


Namni seene sunis osuu homaa itti hin dubbatiin

IFARGAN GUDDATAA KITAABA QOOSAA


32
GAADDIDDUU ADDUNYAA t.me/ifargantech

kallattumaan walquunnamtii saalaa wajjin raawwachuu


eegale. Erga marsaa shan(5) raawwatanii boodas, "hin
gaha" jetteen. Itti fufuunis, "Amma si qabeera. Yeroo
hundumaa akkatti hojjettuu keenya wajjin sex goota
jechuudhaa? Isayyuu yeroo ana faanaa marsaa lama (2)
qofa raawwattee nan dadhabe naan jetta. Yeroo ishee
faanaa immoo marsaa shan (5) raawwattee, ammayyuu
dabalachuuf jetta." jetteen.

Yeroo kana waardiyyaan isaanii wareeree, "dhiifama


giiftiikoo akka si ta'e hin barre. Ani hojjettuu mana
keenyaati se'een amma kana si wajjin raawwadhe"
jedheeni.
Haati manittiis achumatti gaggabdee feentii nyaatte.
Gudiin godhaatti gudii taate gadheen!

IFARGAN GUDDATAA KITAABA QOOSAA


33
GAADDIDDUU ADDUNYAA t.me/ifargantech

23. NAMOOTA 50

Kaleessa galgala osuman taa'ee Facebook fayyadamaa


jiruu mukaa'ee jennaanin poolisiitti bilbile.
#Ana: Hello Police
#Police: Yooyyaa! Maal isin gargaarru?
#Ana: Kunoo erga galgala kanaa namoonni shantamni (50)
na hordofaa jiru.
#Police: Hayyee xiqqoo nuuf tasgabbaa'i! Amma eessaa
jirta? Eessatti si hordofaa jiru?
#Ana: Facebook irra. Gaaddidduu Addunyaa irratti na
hordofaa jiru.
Kunoo hanga ammaa bilbila koo cufeen jira. GPS kiyyaan
na qabuulaa?

IFARGAN GUDDATAA KITAABA QOOSAA


34
GAADDIDDUU ADDUNYAA t.me/ifargantech

24. NA BAQANNAANIN

Konkolaachisaatu lubbuu namoota baay'ee fixee gara


waajjira poolisiitti galfame. Poolisiinis gaaffiin isa sarde.
#Poolisii: Ati akkamitti lubbuu namoota amma kanaa
fixxe. Seexana akkamiiti ati?
#Shufeera: Poolis! Daandii kiyyarra saffisa 80 km/hr
ta'eenin hoofaa jira. Battalumatti sanatti namoonni lama
daandii koo qaxxaamuraa osuu jiraniin arge. Karaa harka
biraa immoo namoota baay'atanii cidhaaf deemantu ture.
Bireekarii irra ejjechuuf hamman danda'e yaalus, fireeniin
konkolaataa kootii hojjechuu dide. Murtoo mataa kiyyaa
qabaachuun akka narra jiraatun hubadhe. Namoota
lamaan sana rukutuu yookaan immoo gara cidhaatti irraa
fiiguu.
#Poolisii: Maarree namoota lamaan sana rukuchuu
filachuu qabda.
#Shufeera: Anis akkasuman godhe. Haa ta'u malee yeroon
namicha isa jalqabaa rukutu inni lammaffaa gara namoota
IFARGAN GUDDATAA KITAABA QOOSAA
35
GAADDIDDUU ADDUNYAA t.me/ifargantech

cidhaaf bahan sanaatti na baqate. Anis achumaanin


namichicha ari'ee rukuchuutti namoota sana fixe.

25. ATUU NU BAATTEE

Gaaf tokko durbootaa afur ta'ani meeshaa mataatti


baatanii karaa dheeraa otuu deemanii namichi
konkolaataa hoofuu tokko dubartoota sanaaf gaddee
konkolaataa sana dhaabeefii yaabbadhaa jedheen.
Isaanis otuma sodaatanii yaabbatan. Shufeerri sunis
konkolaataa isaa kaachifatee hoofuu jalqabe. karaa xiqqoo
deemee booda shufeerri sun duuba galagalee gaafa ilaalu
durboonni sun meeshaa mataatti baatanii konkolaataa
sana keessa dhaabatu. Shufeerri sunis maalii jarana mataa
keessan irraa buufadhaati taa'aa malee jedhen.
Isaanis kan atiyyuu nu baattu nuti immoo
baattachuu dadhabnaa jedhaniin.

IFARGAN GUDDATAA KITAABA QOOSAA


36
GAADDIDDUU ADDUNYAA t.me/ifargantech

26. BOOJJITOO MARQAA

Dhiirsatu niitii wajjiin buluu didee darabaa horii biratti


gale. Niitiinis ciree ganama ganama hojjetamuuf jalaa
hambifte. Guyyaa tokko akkuma durii ciree nyaachuuf yoo
manatti deebi'u cireen hin qophoofne. Innis "maaliif ciree
hin qopheessine" jennaan muka marqaan ittiin marqamu
fudhattee horii biratti galtee maaliin siif haa
marqamuree?" jetteen jedhama.

27. MARAATUUDHAAM

Yeroo tokko biyya Misrii Magaala Kaayiroo keessatti


heddumminni maraatuu ni dabale. Namuma har’aa waliin
oolte bor qawwasee dhageessa.
Maraatuun achii akka maraataa Ethiopia miti amala hin
qabu. Nama haleela; kanumaan dargaggeessi intala tokko
jaalalaaf gaafate, hin didde hin “caqaccaqe” hin didde.

IFARGAN GUDDATAA KITAABA QOOSAA


37
GAADDIDDUU ADDUNYAA t.me/ifargantech

Aariidhaan haleeluu barbaade! Xumura irratti hiryaa isaa


tokkoon maraataa fakkaadhuutii kaballaadhaan ukkaamsi
jedheen. Gurbaan gabaa keessatti argee kaballaa itti
qadaade. Innaa intalli iyyitee biyyi gurbaa qabu maal jedhe
beektuu “maraatuu ta’uu Koo wallaaltan moo na gadhiisaa”

Maraatuun an maraatuudha hinjedhuu


Gurbaaf amma ji’a sadii qofaatu hafe ni baha!

IFARGAN GUDDATAA KITAABA QOOSAA


38
GAADDIDDUU ADDUNYAA t.me/ifargantech

28. BRO FIIGI

Ganama kana taaksii qabadheen gara magaalaa deemuu


eegale. Haa ta'u malee maallaqa waanan kaffalu waanan
hin qabneef bakkan itti bu'u yeroon gahu dhaabsiseen
fiigee jalaa bada jedheen murteesse.

Akkuman jedhes bakka sana yeroon gahu hatattamaan


keessaa bu'een fiiguutti ka'e. AKka tasaa ta'ee poolisiin
tokko silaa taaksii sana keessa ture. Innis kallattumaan na
faana utaalee na kaachisuu itti fufe.

Fageenya dheeraa ergan fiigeen booda poolisichi anarraan


bahee, "dhaabadhu" naan jedhe. Anis daddafee
dhaabadheen harka koo ol qabe. Poolisichis na bira gahee,
"Bro fiigi, anis si ari'uu koo ittan fufaa. Anis qarshiin
shufeera taaksii sanaaf kaffalu hin qabuu" naan jedhe.
Kana waldaan jedhe qaalluun!

IFARGAN GUDDATAA KITAABA QOOSAA


39
GAADDIDDUU ADDUNYAA t.me/ifargantech

29. INNOO AREEDA QABAA

Maatii tokkotu ture. Maatiin kunis ijoollee dhiiraa baay'ee


fi mucaa dubraa xiqqoo tokko qabu turani. Yeroo danuu
mucayyoon xiqqoon sun haadha isheetiin, "obboleettii
naaf dahi" jettiin ture. Haatis, "tole siifan dahaa" ittiin jetti
ture.
Utuu kanaan jiranii guyyaa tokko haati intala ishee fuutee
laga qoraanii deemte. Haati sunis muka yaabbattee qoraan
caccabsuutti kaate.
Mucaayyoon xiqqoo sunis muka jala teessee asii ol ilaaltee
boohuutti kaate. Haatis, "maal taate?" yoo jettuun
mucayyoon, "Ati na sobdee dubran daha naan jettee mitii,
Innoo dhiiradha anoo areeda isaa argeeraa" jetteen
jedhamaa.
Qurxama ishee kana!

IFARGAN GUDDATAA KITAABA QOOSAA


40
GAADDIDDUU ADDUNYAA t.me/ifargantech

30. 90% OLIN DEEBISEE?

Yeroon mana barumsaa sadarkaa lammaffaa baradhu


barnoota maths irratti baay'ee dadhabaan ture. Qabxiin
qormaata irraa ani argadhu 2% fi 8% gidduu qofa.

Guyyaa tokko barsiisaan keenya firii qormaata keenyaa


sirreessee waraqaa keenya nuuf deebisuuf fide. Yeroo
hundaa immoo waraqaan qabxii keenyaa xiqqaa irraa gara
guddaatti tartiibaan nuuf kennama ture.

Kanaaf ani yeroo mara maqaan koo tokkoffaa yookaan


lammaffaa irratti waamama. Guyyaa sana garuu maqaan
koo tokkoffaa yookaan lammaffaa irratti hin waamamiin
hafe.
Barsiisichis 30%, 40%, 50%, 60% fi 70% irra gahe. Amma
yoonaattuu maqaan koo hin waamamne. Barattoonni
daree guutuu gara kootti ija babaasu. "Maalidhaa, qorumsa
herreegaa darbuu keetimoo?" jedhanii na gaafatus. Yeroo
IFARGAN GUDDATAA KITAABA QOOSAA
41
GAADDIDDUU ADDUNYAA t.me/ifargantech

barsiisaan namoota 80% keessa fidan waamuu eegalu ani


gammachuudhaan qaatan machaa'e.

Yeroo 90% irra gahu waraqaa tokkittii qofatu harkasaa


keessatti hafe. Anis, "Maths 90% olin fide jechuudhaa?"
jedheen of gaafadhe. Amma luka koo walirra
kaawwadheen boonuu eegale. Abjuunkoo milkaa'e
jechuudhaa jedheen keessa kootti akka malee gammade.
Barataan daree guutuu hunduu ajaa'ibsiifamee ijasaa
anumarratti dagate. Kun waan amanuuf nama rakkisu
waan ta'eef anis akka maleen ta'e.

Dhumarratti barsiisaan keenya waraqaa harka isaarratti


hafte ilaalaa, "Barataan dadhabduun tokko qormaata
isheerratti maqaashee hin barreessine. Garuummoo 0%
deebifte. Namni waraqaa qormaata kee hin arganne koottu
fudhadhu" jedhe.
Gaggabeen lafa dhahe. Nan xaggabe, nan gaggabe!

IFARGAN GUDDATAA KITAABA QOOSAA


42
GAADDIDDUU ADDUNYAA t.me/ifargantech

31. 20% KIYYAA MITI

Barataa tokkotu waraqaa qorumsa isaa ilaalee, qabxiin kun


kan koo miti jedhee barsiisaa isaatti falmii kaase.
Barsiisaan isaas, "Ati barataa cimaa miti. Yeroo biraallee
kanaa ol fiddee hin beektu. 20% kanuma keeti" jedhaan.

Baratichis 20% kan koo miti jedhee dura taa'aa mana


barumsichaa bira deemee barsiisaa isaa himate. Dura
taa'aan mana barumsichaas barsiisichaafi baraticha bakka
tokkotti waamee haasofsiisuu eegale.
Daayireektarichis barataa sanaan, "20% kan koo miti
jettee maalif amanuu dadhabde? Sanaa ol fiduu kee
akkamitti beekte?" jedheen. Gurbichis, "Ani akkuma jirutti
mucaa na bira taa'urraan garagalche. Innimmoo 60% fide"
jedheen.

IFARGAN GUDDATAA KITAABA QOOSAA


43
GAADDIDDUU ADDUNYAA t.me/ifargantech

32. HAADHA KOO BIRA

Haadha manaa kootu daqiiqaa muraasa dura huccuu ishee


osuu jijijjiirrachaa jirtuun arge. Anis, "eessa deemuufii"n
jedheen. Isheenis, "Ayyaana kabajuu, haadhakoo bira"
naan jette.
Anis saanduqa huccuu koo qabu baneen huccuu
jijjiirrachuu eegale. Isheenis, "Atoo eessa deemta?" naan
jette. Anis, "Ayyaana kabajuu, haadhakoo bira"n jedheen.

Aariidhaan ijaashee diimessitee, "Ijoolleenoo kophaatti


hafumoo eessa dhaqu?" naan jette. Anis, "Isaanis ayyaana
kabajuu, haadha isaanii bira dhaqu"n jedheen.
Amma kunoo boochee boochee mataan dhukkubee
ciisaa jirti. Pharacetamol kennuufii laata?

IFARGAN GUDDATAA KITAABA QOOSAA


44
GAADDIDDUU ADDUNYAA t.me/ifargantech

33. WIFE KEEN FAYYADAMA

Gurbaa dargaggeessa qeenxee ta'e tokkotu ollaa maatii


dhiyoo gaa'ela dhaabbatan tokkoo jiraata ture. Gurbaan
sunis guyyaa tokko namicha abbaa manaa sanaaf message
barreesse.
"Obboleessa koo dhiifaman si gaafadha. Ergan ollaa
keessanitti galee yeroo hundaa #Wife keen fayyadama.
Amma garuu baay'ee gaabbeera. Hojii koottis qaana'eera.
Kanarra itti hin deebi'uu dhiifama naaf godhi" jedheen.
Gaafa kana dubbisu namichi dhukkuba onnee qabu sun
gaggabee lafa dhahe. Haadha manaa keen _____ waan
jedhuun itti fakkaate. Ambulaansiinis baatamee gara
hospitaalaatti fudhatame.
Sa'aa dheeraan booda gurbaan sun, "Dhiifama
obboleessakoo kanin ganama #wife jedhee siif barreesse
dogoggora. #WiFi jechuu barbaadeenii" jedheen.

IFARGAN GUDDATAA KITAABA QOOSAA


45
GAADDIDDUU ADDUNYAA t.me/ifargantech

34. MAN FINCAANIIN


QULQULLEESSA

Abbaa manaa fi haadha manaatu turan. Haati manaa sun


hamtuu waan taateef sababa barbaaddee yeroo hundumaa
abbaa manaashee aarsiti ture. Abbaan manaa sun garuu
nama obsa qabuu fi haa hafu jedhee nama dhiisu ture.
Isheenoo waanti ta'aa jiru bitaa itti galee jennaan guyyaa
tokko gaaffii tokko abbaa manaa isheetiif qopheessite.
#Ishee - Yeroo hundumaa sababa barbaadee gaafan si
aarsu akkamitti obsitaa? Icciitiin obsa keetii maali?
#Isa - Yeroo hundumaa yeroo ati na aarsite animmoo
mana fincaaniin qulqulleessa.
#Ishee - Gowwummaa isaatti kolfuudhaan - Mana fincaanii
qulqulleessuun kee akkamitti si fayyada?
#Isa - Riga ilkaan keetiinan mana fincaanii qulqulleessa.

IFARGAN GUDDATAA KITAABA QOOSAA


46
GAADDIDDUU ADDUNYAA t.me/ifargantech

35. NAN BADHAAFAME

Gurbaa tokkotu galgala iphone 12 qabatee gara manaatti


gale. Obboleettiin isaas yeroo kana argitu baay'ee itti
inaafuun: -
#Ishee:- Eessaa bittee?
#Isa:- Hin binne, dorgommii fiigichaa mo'adheen
badhaafame.
#Ishee_:- Dorgomtoonnii nama meeqa turan?
#Isa_:- Nama sadii qofa. Ana, abbaa qabeenyaa fi Poolisii.
#Ishee: - Dhala hattuu!

IFARGAN GUDDATAA KITAABA QOOSAA


47
GAADDIDDUU ADDUNYAA t.me/ifargantech

BEEKSISA

Dhaabbanni beeksisaa fi saxaxaa (Design and


advertisement) kan Ifargan Guddataan hoogganamu,
Ifargan Designs, kitaabilee keessaniif saxaxa(qola) haala
gaariin miidhagsee isiniif hojjeta. Kanaaf yeroo kitaaba
haaraa maxxansuuf yaaddan kamittiyyuu 0919778608
irratti Hello jechuu hin dagatiinaa!

Contact

Telegram: @ifargandesigns

Facebook: Ifargan Designs

Hojiiwwan Ifargan Designs keessaa isaan kanaan gadii


waan muraasa. Baay’inaan Page facebook fi Telegram irraa
ilaaluu dandeessan.

IFARGAN GUDDATAA KITAABA QOOSAA


48
GAADDIDDUU ADDUNYAA t.me/ifargantech

IFARGAN GUDDATAA KITAABA QOOSAA


49
GAADDIDDUU ADDUNYAA t.me/ifargantech

Karaa isiniif mijatuun na quunnamaa! Horaa bulaa, deebanaa!

IFARGAN GUDDATAA KITAABA QOOSAA


50

You might also like