You are on page 1of 7

Mammaaksa Oromoo, Md Boruutiin yoonaree jedhe kan ufii raafate waan jaalatan nyaatanii waan jibban namaa kennan

jedhe waraabeessi saroobduun hamma baaste hin himtuu hamma deemte himti guyyaa buuyyatan haalkan dhokotan hatticha naan hin jedhina rakkaataa naan jedha yaa hatichi keessa marqaa boojitootu beekaa kan balbalaan ba'e nama dhibaa kan booroon ba'e of dhiba lama nan suufan jette jaartiin qullubbii hatte kan dandeessu dhaani jennaan gowwaan galee niitii dhaane' kan magaalaan dhageesse gowwaan galee niitii dhoksaa yoonaree jedhe kan ufii raafate waan jaalatan nyaatanii waan jibban namaa kennan jedhe waraabeessi
walaloo jaalalaa kana dubbisii SIN JALADHAA ONNE KO! icciti enyuumma koo utubduu qaama koo lafeeef buusaa koo tokkittii oromummaa ishee kan umaamaa soortuu qaama kootii eegduu naagaa kootii eenyuummaan koo siii siinan boonaa ani Ollaa hin ergifanne fagoo hin gargaaramne kan qabduun na soorte qaama koo asiin geesse soortuu qaama kootii sin jaaladha onnee koon!

Dubartootaa marga qabnee Barcumaa irraa kaanee Mataan gadi godhannee Nutti hinrifatinaa Dhimma biyyaa dubbannaa ilteeddinnaa! ilteeddinnaa! Yaa ateetee haadha teennaa Nu hoffolchaa siniin jennaa!! Oromoo bakka hinbuutuu!! Haga nu saamte nu saamtee Oromoota boneessitee Kisha qullaa nu hambiftee Akkuma Jaldeessa quufee Tabba kortee bookiftee Lolaaf kaee kaaa jettee Xurumbaa dharaa afuuftee Afaan kamiin nuddubbattaa? Eenuun afoo dhaabbattaa? Oromoon eessa seenaa jettaa? Oromoo Georgia ti maal himtaa? Oromoo Denveriitti maal himtaa? Daaima lolaaf kae saniin maal jettaa? Kan wereegameef kan jiru Kan mana hidhaatti miidhamaaru Qabsaawotatti maal himtaa? Waa ufiin hinhubattuu Sitti himan hindhageettuu Qor-qalbiin sinhojjatuu Oromoo bakka hinbuutuu Gootummaa silaa hinqabduu Dhugaa dubbachu hinbeettuu WBO facaasuu kan waakkatu Kan gandaan nu qoqqooddu Kan Oromummaa diqqeesittu Maqaa Sabaa gadi hindhiiftuu? Bara dheeraa si eeggannee Qabeenna sitti fixannee Karra sitti cufannee Ilmaaf intala siif galaafannee Gandaan nu qooduu malee WBO facaasuu malee Diinatti heerumuu malee

Faydaa tokkallee sirra dhabnee Kan Saba diqqeesittu Oromoo bakka hinbuutuu Maqaa Sabaa gadi hindhiiftuu? Amma kunoo qulqullooftee Lakkuu lamaan ulfooftee Mucaa duraa AFD dhaltee Ginbooti 7 lammeeffattee Qanafaa addatti baattee Oromoota bittineessitee Gursummeettii gadi hinteenne Heerumuu kee addeesitee Yoomiin nikaaha godhattee? Heeruma mamaa hinqabne heerumtaa Haadha worraa tauu kee lallabdaa Amma Waaqaa galata galchitaa? Yoomiin cidha dhiichiftaa? Jaarsa nikaahaa eennun waamtaa? Bokee aadaa uffattee Siinqee harkatti qabattee Miila qayyaan diimeffattee Oromoo maqaa nyaattee Ergamuun ka barattee Qaanyii tokkoon maletti Abashootatti heerumte! Haatii tee tasideettee Kuni mamaa hinqabuu Abasharraa si funaantee Haga baatii sagal sibaattee Uduu garaa si gattee Adha silaa Saba hingurguttuu Nurraa si hobbaafaattee Ilmoon Diinaa Diinumaa Abashatti nurraa galtee! Hobbaatii taatee hinhaftuu Akka waan gootaa taatee Kan Oromoo himattu? Shaqaxa kankee seetaa Kan Saba gurgurattu? Bookkisa kee dadhabnee

Akka wodala harree Tabba irraa alalaaftaa Diinaaf ergamuu bartee Nuuuf isaan tokko jettaa Oromoo bakka hinbuutuu Boolla kam aseenittaa? Oromoon gadi sittuftee Kophaa kankee adeemtaa WBO nurraa facaaftee Waan qabsoo odeesitaa Rasaasa tokkoon maletti Kunoo harka kennitaa? Oromoofuu womaa hinfinnee Abashaaf dhukkuffattaa? Saba harkaa hinqabduu Nam-tokkeen guggulutftaa Saba Oromoo gantee Amma kunoo qulqullooftee Haga Alliyyii Yusuuf ajjeefte Haga gootota fixxe Abbaa kee kadhossaa sanitti Addabaana heerumtee Qaanii tokkoon maletti Immiyyee Xophiyaa faarsitaa Diinaaf ergaa barattee Qabaa gadi nadhiisaa jettaa Akka waan nama taatee Miila lamaa adeemtaa Abbaa kee ka dhossaa Abashicha tajaajilttaa Diqaalaa dhalachuu Sila waarraa qaanyoftaa? Haadha manaa tee Abashittii Akka Oromoo galaafattu Bahaa fi gala si gorsitii Eebjuu itti himuuf maaf rakkattaa Isiin bikka kee beettii

Baaroo Tumsaa ajjeesuu keetif Abdii guddoo sirraa qabdii Palaasii Finfinnee hawwitaa Dhiigaan malletti dhufa seetaa Badhaadha eebjuu isa halkanii Finfinnee keessatti uf argitaa Raftee haa bultuu maaf rakiftaa Eebjuu itti himuuf maaf jarjartaa Halkan woxxessa hirribaa kaaftaa Afaan abbaa kee ka dhossaa Akkana jettee eebjuu himtaa Kunoo hordofi afaan abbaa keetii: Fiqriyyee tanashi Minuun tanyashi Enee Jagnawu baalishi Hilm ayyehulishi Simii lingarishi Jooroshiin qorqireshi Das das yibalishi Oromoowun battankunlishi!! Oromoowun battankulishi!! WBOn ijji assaxahulishi !! WBOn ijji assaxahulishi !! Xophiyaawinattiin Kaffi kaffi adarakulishi Anchiin Fiqreen kanee gaaraa Simii hilmeen lingarishii Beta Mangist wusxi sinnaaworaa Duroom bihon yemsixir abbaateen Yesaxxanyin siraa Oromoo mabatatanun Sikafafilawu norree dabuubiin ka sameen Sikkatalawu norree tizaazuun Sixabbiq norree misxiruun Oromoon mabataatanuun Basimuu mannagaduun Zarraafi Zarraafi Sibataatinawu norree xara-Xophiyaan Natsa awucii nenyi bayii hulluun Kamajamarawu yetassaxxanyin Tamalkachii gib mamitaatuun

Ba ashenaafinnetti asxabiqqee kibireen Mirkuz honyee daggiffee Xophiyaan Minaalbaat Oromoochuu kanaqqubin Nigariwu yemisxir Abbaatteen Indayrasawu hulatayeen Oromoochuun maabataataneen WBOn ijji masaxxateen Basimaachewu managaddeen Adarashiin nigariwu endayirasany Eebjuu tee taguyyaa halkani Akkas jette afaan keetiin Abbaa kankee kadhossaatiin Akka sifaarsitu Abashittiin Eee banne! Bulloo ati maraattee! Ka soddaa jaraa tuxxe Abashaan diina jettee Diinni Diina caalu Ka qaamaan Oromoo Kan keessi Abashaaa Walabummaa irraa eeddee Jarri soddaan hinloltuu Akkamitti dagattee? Anatu dagatee dhiifamaa! Eessum-durbii fi eessumaa Kuni waan adii galuu Akka innii Abashaan qaamaa Harka kennachuun Tuni aadama teetii Diinaaf jilbiifachuun Oromiyaa kuffisuun Kaayoo tee keessa jirtii Oromoo xireefachuun Abashaan wolii galtee Gootota lafaa fixuun Ulaagaa bara dheeraatii Xophiyaa maxxanfachuun Itti yaadamee malee Waan dunnuu taee miti Ajjeeftota Baaroo Tumsaa

Ajjeeftota Alliyyii Yusuf Kuni waan dagannuu mitii Ittiin fuufa Galatoomaa, Bulloo irraa, biyyaoromoo@gmail.com

You might also like