You are on page 1of 80

Kitaaba Seenaa Ogbarruu Oromoo keessatti taateewwan gurguddoo dhibba

(100 )

Major 100 events in Oromo Literary History

kan hafe yookin hanqate,kan dabalamuu ykn hir’achu qaba jettan naaf
barreessa. Kun seena keenya, seena afaan keenyati.

1. Dhuma Jarraa 13ffaa – kitaabni jalqa Oromo Rabbi Al Qulbi Ali Umariin
barreeffame.

2. 1682 – kitaabni jalqaba hiika jechoota(galmee jechoota xiqqoo) afaan Oromo


Ludalfi Hiyuboon qubee Latiniin barreeffame maxxafame.

3. 1755- Afaan Oromo Bara Mootii Iyasu tokkoffa afaan hoji masaraa Gondar
ta’e

4. 1795- Weedduun Salamoon Jamis Burusin Afaan Oromotti jijjirame


maxxanfame

5. 1814- Henery Saalti galmee Jechoota Afaan Oromo fi afaan Ingliizii maxxanse

6. 1824- Bilillen dhalatte

7. 1837 -Bilillen Motii Jarman heerumte

8. 1838- Afa Walaloon Oromo Faransitti Waare, Gabaa’ofi Jomardin


maxxamfame

9. 1840- kitaabni uuma fi Yohanis Kiramfin maxxamfame

AdvertisementsbREPORT THIS AD
– Billillen walaloo 280 Karli Tusheeki kennite

10. 1841-Rocheti Herkoti galmee jechhota afaan Oromo maxxanse

11. 1842- seerlugni afaan Oromo Kiraamfin barreefame maxxafame

12. 1843-Charles Bake jechoota Afaan Oromo walitti qabe maxxanse

13. 1844- Karli Tushek, Akkafedhe Dalle, Osho Aagaa, Amaan Gondaa, Billillen
barreessan seerlugani Afaan Oromo maxxanfame

-Karli Tushek, Akkafedhe Dalle, Osho Aagaa, Amaan Gondaa, Billillen barreessan
galmeen jechoota Afaan Oromo maxxanfame

14. 1848- De Abbadee gara dhiha Oromiya dhufe

15. 1852- Manni baruumsa Jalqaba Oromiya keessaatti, Horroo Guduru,


Kombolchatti Abba Masayaatin baname

16. 1853- Abba Jakob kitaaba Katekimus Afaan Oromotti hike Maxxanse

17. 1854- Manni baruumsa lammaffa Limmu saqqatti baname

18. 1855- Ganame Yaa’ii seena ishii “intala Oromo” jedhu maxxansite

19. 1856- Onosimos Nasib Dhalate

20. 1866- Abba Masaya Kolleejji Afaan Oromo qulqullu Mikaa’elaa Firaansi,
Maarsetti bane

21. 1867- Abba Masaya seerluga Afaan Oromo maxxanse

22. 1869- manni baruumsafi kollejjin Afaan Oromo Finfinne, Birbirsatti(Piyaasa)


baname
23. 1874- Aster Ganno dhalatte

24. 1875- Mootin Yohannis mana baruumsa fi Kollejji Oromo akka cufu Minilik
ajaje Minilikis mana baruumsa fi kollejji kanneen humnaan cufe

25. 1876- Kitaabni qulqullu kakuu haara Kiristiyaan Rufoon hiikame maxxafame

26. 1881-Katolikoonni Finfinne ari’aman Hararitti mana baruumsa banan

27. 1882- Shek Mahamod Jamil al Anni, kan waaye Oromo afaan Araban kitaabota
shantama oliin barresan waraana daanga Rayyaf i Afar jedduttii Mootii Yohaanis
wajjin godhamerratti wareegaman

28. 1885- walaloon Oromoo Bililleen barreffame maxxanfame

29. 1986- Onesimos Nasib kitaaba Galata Waqayyo Gofta maccaa jedhu maxxanse

30. 1887- Etere Veterbo galmee seerluga afaan Oromo maxxanse

31. 1893- Firaanzi Piratooriyas seerluga Afaan Oromo maxxanse

32. 1894- Onesimos Aster Ganno wajjin jalqaba barsiisa maxxanse

33. 1895- Shek Bakiriin dhalate

34. 1898- Manni baruumsa Afaan Oromo Bojji karkarrootti baname

35. 1899- Onesimos Katekismos, Garaan Namaa Mana Waaqayo yookiis Iddo
Bultii Seetana, kitaaba Qulqulluu guutuu fi Galmee jechootaa Afaan Oromoo-
Siwidini maxxanse

36. 1899-Aster Gannoo, si’a lama oduu shantamii lamaa fi kitaaba Afoola
maxxasite
37. 1900- Onesimos mana baruumsa Afaan Oromo Asamaratti bane

38. 1900- AbbaJakoob kitaaba Wangeela Matiwos, kadhaa ganamaa fi galgala,


kitaaba muldhataa Yohanisii fi abboomii kurnan afaan Oromotti hike

39. 1904- Onesimos Najjotti mana baruumsa bane

40. 1913- E.C. Foot’s Galmee jechoota Afaan Oromoofi Afaan Ingiliizii maxxanse

41. 1922- Iniriiko Chiruulii kitaaba Phd isaa Afoola Oromo jedhu maxxanse

42. 1923- Aster Ganno mana baruumsa Naqamteetti bante

43. 1925- Josef Muzinjer Pashaa(haadhan Oromo abban Bulcha Galaana Diima fi
jeneraala Misirii) walaloo Afaan Oromoo maxxanse

44. 1931- Onesimos Nasib boqatan

45. 1936- Walaloon Fayis(Mana hidha fashistitti kan du’e) Nazif Hakimaatin
maxxafame

46. 1936- Radiyon Afaan Oromo Jimmaf Finfinnetti eegale

47. 1936- Kitaabni barataa Afaan Oromo maxxafame

48. 1936- Shek Bakriin walaloo barreesu egale

49. 1939- Mariyo Morino seerluga Afaan Oromo maxxanse

50. 1941- Radiyon afaan Oromo fi manni baruumsa afaan Oromo Xaaliyaanonni
banan cufame

51. 1944- Afaan Oromoo tajaajila kamifiyyu akka hin olle serri dhorku bahe.
52. 1955- Sheki Bakiriin qubbe Afaan Oromo xumure

53. 1961 Maccafi Tulamaan hunda’e

54. 1962- Bandiin Afran qallo hunda’e diraama gaggabaabofi sirbonni barrefamu
egalan

55. 1964-Tiyatirri jalqaba Afaan Oromoo Mammo Mazamiriin barreefame


Bushoftutti muldhate

56. 1965- Barruullen Oromo kana beekta laata Finfinneetti eegale

57. 1970- Radiyoon afaan Oromo Maqadashoo baname

58. 1971- Gazexaan Oromo ‘the Oromo voice against tyranny jalqabe

59. 1973- Hirmaata duubbi serluga afaan Oromoo fi Bara birran yoo
bari’e(dirama) Hayle Fidaan barrefamanii bahan

60. 1973- Radiyyon Harar baname

61. 1973- Hursan (asoosama) Dafaa Jamoon barreefame maxxafame

62. 1973- Oromo oral literature Mangasha Riqxuun qopha’e maxxafame

63. 1975-Gazexaan bariisa maxxanfamu egalte.

64. 1975- Fura Afaan Oromoo kan qubee amma fayyadamnu guututti qabdu
Sheek Mahamad Rashadiin maxxaffamte.

65. 1976- Kitabonni Soshalizimii faarsani namoota akka Tamsegen Gammadda ,


Jaalata Jafaroo fi Kuwwe kumsaan barrefaman maxxafaman.
66. 1976- Bilillee Safaa Sheek Mohammad Jajjuu qubee Araba fayyadamuun
walaloo afaan oromo barreesan maxxafame

67. 1976- Korri qubee Afaan Oromo Gaara Mullataatti geggefame

68. 1981- Kitaabni walaloo Biliqqaa jedhamu Xaha Abdiin barreefame maxxafame

69. 1982- Kitaabni Oromiya jedhu Gadaa Melban barreeffame maxxanfame

70. 1982- Abbaan Walaloo Oromo Sheek Bakirin boqatan.

71. 1984- Kitaabni walaloo Hanga yoom nu hidhu Taamana Bitimaan barrefame
maxxafame

72. 1988- Afaan Oromoo mana baruumsaa baqatoota keessatti ittin baratame
egale

73. 1990- Galmeen jechoota Gireeg Gaanyee maxxafame

74. 1990- Galmeen jechoota Xilahuun Gamtaa maxxafame

75. 1990- Kuusaa Gadoo radiyoon seenefame

76. 1990-Gumbiin aadaa Wallagga Daafa Jamoon barreefame maxxaffame

77. 1990- kuusa jechoota(galmee jechoota) Daafa Jamoon barreefame


maxxafame

78. 1991- Camsaa 28 Dargiin kufe

79. 1991-Waxabajjii 25 qubeen Afaan Oromo Oromiyaa guututti hojirra akka oolu
murteefam

80. 1991- Hagayyaa Kuusaa Gadoo Gaddisa Biruun barreefame maxxafame


81. 1991- Fulbaana Godaannisni Dhaabaa Wayyeesan barreefame maxxafame

82. 1991- ETVn sagantaa afaan Oromo egale

83. 1992- kitaabonni barnootaa Afaan Oromon maxxafamanii bahan

84. 1992- Baratoonni Oromo afaan haadha isaaniin barachu egalan

85. 1992- Tiyaatirri , Dukanaan Duuba, Jennan fi Imimaan Dhaaba wayyesan


barreefaman waltajjitti dhiyatan

86. 1992- Tiyaatirri Qorannoo Motummaa Asafa fi Diima Abarran barrefame


walatajjitti dhiyaate

87. 1993- Suura Abdii Kumsa Buyayyuun barreefame maxxafame

88. 1993-Yadaniin ( Bantii Oliiqaa?) barreefame maxxafame

89. 1993- Kooba Dubbii Mahamadi Qopheen barreefame maxxaffame

90. 1993- Serluga afaan Oromo Abdul Samad Mohamadiin barreefame


maxxafame

91. 1994- Kitaabni Qabee jettu Wasane Bashatin barrefamte maxxafamte

92. 1994- Dhangaan fi diraaman TV afaan Oromo egale

93. 1994- Tiyaatirri Dhaaba Wayyesa Fuula Dhokate jedhe waljattii argate

94. 1994- Tiyaatirri Jilbibbii Fayisa Yaddesan barreefame waltajji argate

95. 1995- Tiyaatirri Hulluqqoo Abdul Nasir Haji Hasaniin barreefame waltajji gahe

96. 1997- Kollejjin barsiistota afaan Oromoon lenjisu Jimmafa Adaamatti baname
97. 1998- Qorumsi afaan Oromo kutaa kudha lamaffa egale

98. 1998- Afaan Oromo akka quxusuutti(minor) Yuniversiitii Finfinnetti eegale

99. 2002- Afaan Oromoo Digirrii jalqabaan Yuniversiitii Jimma fi Haramayatti


kennamuu egale

100. 2005- Afaan Oromo Mastariin Yuniversiitii Finfinneetti eegale

Jaarraa tokkoo oliif dhiibbaan A/Oromoorra tureera.

√. Kanaaf Afaanichaan sabichi ;Seenaa isaa, falaasama isaa, aadaa isaa, ogbarruu
isaa fi eenyummaa isaa akka hin dagaagsifanne taasifamaa tureera.

√. Sababa kanaan Afaan isaatti akka hin gargaaramne dhiibbaan irratti


taasifamaa ture.

√.Afaan mallattoo eenyummaa saba tokkoo ti.

√,Afaan meeshaaa wal qunnaamtii qofaa miti.

√.Afaan meeshaaa aadaa,duudhaa , seenaa fi eenyummaa ofii ittiin dagagsuun


dhaloota dhalootatti ittiin dabarsanii dha.

√. Afaan dubbachuu, barreessuu, ittiin hojjachuu ittiin qorachuu

√A/Or.dubbattota mil.30.qaba.
√. A/Or. Afaanota Afrikaa keessatti Afaanota Arabaa fi Hawusaatti aanee
3ffaadha.

√.Kibba Sahaaraa Afrikaa gaditti 2ffaa.

√. Itoophiyaa keessatti tokkoffaa dha.

√. A/Or. osoo haallii hin mijanne qorannoon kan eegale jaarraa 14 keessa
eegalus ragaan hin jiru.

√. A/Or . Qorannoon jaarraa 19 eegaaluu ragaan mul'tan ni jiru.

1. Seenaa Ogbarruu Oromoo 1830_ 1935

A/Or. haala har'a irra gaheef karaa kan banan ; beektota, gootota fi
dhimmamtoota Afaanichaa.Dhiibbaan hamma fedhe jiraatus yaaliin qorannoo
Ogbarruu Oromoo bara 1830_ 1935 namoota lammii fi biyyoota gara garaan
jalqabe .

# Barreeffamni A/Oromoo

jalqabbii Ogbarruu Oromoo ilaalchisee wanti beektu jiraa ?

Qorannoo Afaan Oromoo eessattii fi akkamitti akka eegalee beektuu

Qorannoo Ogbarruu Oromoo akka jalqbuuf guddisuuf shoora kan fudhatan ;


Lammii biyya alaa/ Awurooppaa, Faransaayi fi jaarmaan/ fi biyya keessati.Isaan
keessaa Karl Tusheek , Joomarda , Kiraaf fi Loorenzii Tusheek.

1.1. Seenaa Ogbarruu Oromoo Faransaayii


Seenaan Ogbarruu sirna daldala garbaan walqabata. Kunis ijoollee Oromoo
Waaree fi Gaboo Limmuu rraa ___>Araba___Awurooppaa tti Hayyuu ji'oogiraafi
qorannoo gaanfa Afrikaa irratti geggeessaa turetti kennaman.

Yusuf Hussen

KOORSII:- SAKKATTA’A OGBARRUU OROMOO Dhiibbaa jaarraa tokkoo ol saba


Oromoorra tureen Afaan Oromoo barachuufi qorannoo i

KOORSII:- SAKKATTA’A OGBARRUU OROMOO

Dhiibbaa jaarraa tokkoo ol saba Oromoorra tureen Afaan Oromoo barachuufi


qorannoo ittiin gaggeessuun waan yaadamu hin turre. Sabni oromoo jaarraalee
darban keessa afaan isaatti gargaaramee akka seenaa isaa, falaasama isaa, aadaa
isaafi ogbarruu isaa hinguddanneef akkasumas, akka eenyummaan saba kanaa
dagatamuuf mootummoonni darban dhiibbaa irraan gahaafi saba kanaaf maqaa
hin taane kennaa turan. Afaan meeshaa aadaan ittiin gabbatu, dhalootaa
dhalootatti ittiin darbu. Kanaaf, hawaasni tokko afaan isaan dubbachuu, dubbisuu,
barreessaa, qorachuu, walumaagalatti ittiin hojjachuu yoo hin dandeenye
aadaallee hin qabaatu. Afaanichi akkuma armaan olitti ibsame dhiibbaa
mootummoota biyyattii sirnoota darban keessa turanirraa kan ka’e yoo xiqqate
gara jaarraa tokkoof haala barbaadameen guddachuuf carraa osoo hin argatiniifi
afaanichaan gargaaramuunis (ittiin barreessuufi dubbachuun) akka cubbuutti
ilaalamaa tureera.

Afaan tokko afaan sabaafi sablammii hedduun dubbatamu akkasumas, afaan


biyyoota garaagaraa keessatti dubbatamu ta’ee afaan saayinsiifi teeknoolojii
akkasumas afaan qorannoofi qo’annoo ta’uu hin dandeenye taanaan
qorannoo ogbarruu saba sanaarratti dhiibbaa guddaa uuma. Ogbarruun daawwitii
jiruufi jireenya hawaasaati. Ogbarruun oromoos haala hin mijoofne kana keessatti
kan qoramuu eegale namoota biyya alaan jaarraa 14ffaa keessa jedhama. Haa
ta’u malee jalqabbii qorannoo ogbarruu ilaalchisuun ragaan kallattiin
barreeffamaan kan argamuu jalqabe jaarraa 19ffaa keessa. Kunis, daldala garbaa
yeroo sana ture waliin kan wal qabatuudha. Jaarraa 19ffaa keessa lammiileen
oromoo dirqamaan gara biyya alaatti gurgurtaan geeffaman qorannoo ogbarruu
oromoo keessatti gaheen isaan taphatan guddina ogbarruu oromoof bu’aa
guddaa buuseera. Haaluma kanaan seenaan ogbarruu oromoo barootaafi biyyata
garaagaraa keessatti maal fakkaachaa akka ture iaaluun barbaachisaadha.
Akkasumas, ogbarruun oromoo eessaa garamitti, haala kamiin, yoomiifi eenyuun
akka jalqabeefi guddate, har’a maal akka fakkatu ilaaluu.

SEENAA OGBARRUU OROMOO ( 1830 – 1935 )


Afaan Oromoo sadarkaa har’a irra jirurra gahee :- Kana jechuun afaan
barumsaa, afaan hojii, afaan barreeffamaa ta’ee haala kanaan jajaajiluu isaaf
bu’uurri tattaaffi / bu’aa ba’ii/ baroota hedduu keessa beektonni ykn
dhimmitoonni afaanichaa taasisaa turaniiru. Haa ta’u malee dhiibbaafi ilaalcha
afaanicharra turerraa kan ka’e Afaan Oromoo ogbarruu mataasaa qabaatee
akkuma afaanota biroo daran dagaaguuf carraa hin argatin tureera. Haa ta’u
malee haalliifi yeroon bakka hinmijannetti ogbarruun oromoo baroota adda
addaa keessa, biyyoota adda addaatti lammiilee garaagaraan qoratamaa akka ture
ta’uusaa maddi garaagaraa ni agarsiisa. Seenaa jalqabbii barreeffama oromoo
ilaalchisuun ragaaleen mul’atan irra caalli isaanii bara 1830 ilaallatu. Haa ta’u
malee, yaaliin guddina ogbarruu oromoo irratti taasifamaa turee jiru kana jechuun
ulfaataadha. Sababni isaas ragaan kana dursan jiraachuu danda’u.

SEENAA OGBARRUU OROMOO BIYYOTA AWURROOPPAA KEESSATTI

Guddina ogbarruu oromoo ilaalchisee baroota garaagaraa keessa tattaaffii


gaggaaffamaa ture namoota lammii Itoophiyaafi biyya Itoophiyaa keessatti qofa
osoo hin taane lammiilee alaa biyyoota alaattis yaaliin adda addaa taasifamaa
tureera. Biyyoonni kunis, Awurooppaa keessaa baay’inaan biyya Faransaayifi
Jarmanitti yommuu ta’u, beektonni biyya alaa gahee guddaa guddina ogbarruu
orommoof buusaa turan keessaa kanneen akka Joomaard, Karl Tusheek, Kraaf,
Looreenziifi kanneen biroodha. Kunimmoo biyyoota garaagaraa keessatti
tattaaffiin guddina ogbarruu oromoo ilaalchisuun namoota adda addaan
gaggeeffamaa akka ture nu hubachiisa. Tokkoo tokkoo biyyota kanaa keessatti
tattaaffiin ture maal akka fakkaatu haala kanaa gadiitiin ilaaluun ni danda’ama.

SEENAA OGBARRUU OROMOO FARANSAAY KEESSATTI


Seenaan ogbarruu oromoo sirna garbummaa jaarraa 19ffaa keessa Itoophiyaa
keessatti babal’ateen hidhatiinsa qaba. Jaarraa kana keessa sababii daldala
garbaan kutaalee bayyattii garaagaraa keessaa dargaggoonni hedduun
ukkaamsamuudhaan fudhatamaa turan. Keessumattuu Oromiyaa keessaa
dargaggoonni baay’een qabamanii gurguraman kunniin akkuma meeshaa gara
biyyoota adda addaatti geeffamu turan. Keessattuu gara biyyoota Awurooppaafi
Arabaatti bal’inaan geeffamaa turan.

Akka ‘ pankhurt’ madda garaagaraa wabeeffachuun ibsutti bara 1830 keessa


yeroo tokko qofatti dargaggootafi shamarran Oromoo 30 ta’an
ukkaamsamuudhaan gara Gondaritti fudhataman. Isaan keessaa 20 rakkoo adda
addaatiin du’uun isaanii ni ibseera. Kanneen hafan 10 ammoo Garba Diimaa
irraan gara Kaartumitti ceesifaman. Achiis gara biyya Arabaatti ( Gibxiitti )
fudhataman. Achiirraayis, biyyoota Awurooppaatti kan geessifaman jiraachuu
isaanii ragaaleen tokko tokko ni ibsu. Kanneen keessaas, dargaggoonni Waareefi
Gaboo jedhaman gabrummaadhaan Limmuudhaa fudhatamanii gara ardii
Awurooppaatti bara 1830 geeffamaan. Dargaggoonni kun jalqaba biyya Arabaa
erga deemaniin booda, Paarisitti fudhataman. Paarisitti hayyuu Geography kan
ture qorannoo isaa Gaafa Afrikaarratti kan gaggeessu nama Edme Francios
Jomard jedhutti kennaman. Innis qorannoo gaggeessuuf jara lamaanitti
fayyadameera. Joomaard odeeffannoo isaanirraa argateen bara 1839tti mata
duree “Noticesurles’ [Oromo] de Limu” jedhuun barruulee “Bulletin de la
societe de Geographie” jedhu keessatti maxxansiiseera. Qabiyyee mata durichaa
keessattis waa’ee Gaanfa Afrikaa, teessuma lafa Oromoofi waa’ee laga
Abbayaa barreesseera. Joomaard waa’ee saba Oromoofi jechoota 1000 ta’an
Waareerraa akka argate barreesseera. Odeeffannoon kunis afoola Oromoo yeroo
jalqabaaf akka barreessu isa dandeessiseera. Afoolli Oromoo garaagaraa
barruulee inni barreeffames, kadhaa waaqaa, sirba jaalalaa sadiifi geerarsa
sadiidha. Kunis, afoola Oromoo yeroo jalqabaaf galmaa’ee taa’e jedhama.
Afoolli kun qubee Laatiiniitiin kan barreeffame yoo ta’u ergaan isaa Afaan
Faransaayitti jijjiiramee ture. Joomaard waa’ee Waareefi Gaboo ilaalchisee
yaanni inni kenne amalli isaanii baay’ee gammachiisaa akka tureedha.
Akkasumas, raga namoonni kiristaanummaa barsiisuuf Itoophiyaa dhufan
waa’ee Oromoo ilaalchisuun barreessan waliin akka tasuma walhinfakkaanne
ibseera.

Kunimmoo ilaalchi badaan saba Oromoorra ture akka hir’atuufi gara fuula
duraattis hayyoonni Awurooppaa kanneen biroo waa’ee saba kanaarratti
qorannoo akka gaggeessaniif karaa bane jira. Walumaagalatti lammiileen Oromoo
gabrummaan gara biyya alaatti geeffamuun isaanii guddina ogbarruu Oromoof
sababa ta’eera. Akkasumas, walitti dhufeenyi isaan lammii biyya alaa Joomaard
jedhamu waliin agarsiisan ilaalcha badaa hawaasa Oromoorratti lammileen biyya
alaa warra maqaa Oromoo balleessan dhagahuun qaban dhugaan jiru maal akka
fakkaatu arganii akka waa’ee hawaasichaa qajeelummaa isaa dhugaa bahaniif
gargaareera. Kunis lammiileen biyya alaa akka waa’ee sabichaarratti qo’annoo
gaggeessaniif daandii saaqeera.

SEENAA OGBARRUU OROMOO JARMAN KEESSATTI

Akkuma biyya Faransaay keessatti lammiileen Oromoo biyya alaan ogbarruun


Oromoo akka guddatuuf tattaaffiin taasifamaa ture biyya Jarmanittis guddina
ogbarruu oromoo ilaalchisee sochiin tureera. Biyya Jarmanitti kanneen guddina
ogbarruu oromoof carraaqqii taasisaa turan keessaa inni tokko dargaggeessa
oromoo Akkafeetee Daallee kan jedhamuudha. Akkafeeteen yeroo horii tiksu
saamtotaan qabamee gara Gondaritti geeffamee gurgurame. Achiimmoo gara
Missiritti ( Egypt ) fudhatame. Bara 1838 Jarmanitti mootii naannoo Baavaariyaa
Pirinsi Maaksimiilaaniin bitame. Mootiin kunis Akkafeetee kan bite akka inni raga
himtuu ta’ee tajaajiluufi. Namichi kun Akkafeetee kan bites kophaa isaa osoo
hin taane ijoolee Sudaan Kibbaatii dhufan sadii waliin ture. Maaksimiilaan
dargaggoota arfanuu erga bilisoomsee booda hayyuu seeraa umriin isaa waggaa
23 ture kan maqaan isaa Karl Tuusheek jedhamu akka isaan barsiisu ramadeef.
Wayita sana Akkafeeteen dargaggoo waggaa 18 ture. Obboleessi Karl Tusheek
Looreenzii Tusheek akka ibsetti Karl Tusheek jalqaba yommuu namoota Afrikaa
kana argatu waa’ee Itoophiyaafi Sudaan dargaggoota kanneenirraa
qo’achuudhaan waa’ee Afrikaarratti qo’annoon akka babal’atuuf ragaalee
qopheessuuf fedhii guddaa horatee ture. Kanummarraa ka’uun Onkoloolessa
18, 1838 dargaggoota kanneen 4n barsiisuu eegale. Dargaggoonni kunis kaayyoon
Karl Tusheek isaanitti maxxaneefi odeeffannoo isaan irraa guurrachuu barbaade
waan ifa isaaniif hin taaneef odeeffannoo kennuurraa baay’ee of qusachaa
turan. Akka Richard Pankirast barreessetti dargaggoonni kunniin waan isaanitti
yaadamaa ture waan hin beekneefi durumaanuu biyyatti namoonni adiin bulgoota
( nama nyaatu ) jedhamee waan itti himameef abdii kutuudhaan akka ta’e
ibseera. Gara ji’a 4f garaan isaanii Karl Tusheekitti maxxanuu didee ture. Erga
ji’a 4 waliin tuanii isaan keessaa tokko baay’ee dhukkubsate. Karl Tusheek isa
dhukkubsate waliin dadhabee daba osoo hin taane akka gaarummaa isaanii
yaadaa jiru mirkaneessuufiif carraa argate. Kana booda amanuun itti siquu
eegalan. Karl Tusheekis kana booda kan inni odeeffannoo isaanirraa argachuun
hojii isaa hojjachuu jalqabe.

Karl Tusheek yeroo sana dargaggeessa waggaa 23 ture. Barnoota afaaniif fedhii
guddaa kan qabu yoo ta’u afaanota Hibruu, Hindii, Israa’eel, Saanskiritfi
Arabaa nama barateefi qorannoo irratti gaggeessedha. Dabalataanis Akkafeeteefi
Sudaanota kanneen argannaan Karl Tusheek afaanota isaanii qo’achuuf
murteesse. Haa ta’u malee akka piroofeeser Richard Paankirast barreessetti Karl
Tusheek afaanota kaan dhiisuun sababii garaagaraaf Afaan Oromoo
qo’achuurratti xiyyeeffateera. Sababiiwwan kunis: yeroo sana biyyoonni
Awurooppaa waa’ee Itoophiyaa beekuuf fedhii guddaa qabaachuu isaaniifi Karl
Tusheek ofuma isaatiin afaanota kaan qo’achuurra Afaan Oromoo qo’achuun
salphaa ta’uu waan hubateef. Karl Tusheek Akkafeetee waliin turtii godheen
waggaa tokkoofi walakkaa booda Afaan Oromoo qo’achuufi qo’annoo
garaagaraa irratti adeemsisuu itti fufe. Namni biyya Jarman kan Horaaz Zireesh
( Hofrath Thiersch ) jedhamu barreeffama Joomaard Afaan Oromoorratti bara
1839 mata duree “ Notice surles [ Oromos ] de Limmu” jedhuun barreessullee
‘Bulletin de la societe de Geogrphie’ keessatti barreessee maxxansiisee jiru
erga fideefii Karl Tusheek onnatee ture. Keessumaa faarfannaa Joomaard
Waareerraa fudhatee barreesse kan Akkafeeteen isatti himaa jiruun kan wal
fakkatu yommuu ta’uuf Karl Tusheek baay’ee gammade. Karl Tusheek
dabalataanis, nama odeeffannoo kennuuf kan biraa nama Oshuu Aagaa jedhamu
argate. Oshuun ijoollummaatti qabamee Sibuurraa bakka maqaan isaa Urgeessaa
jedhamuu fuudhamee Kaayirootti geeffamee gurgurame. Kaayirroorraas lammii
Ingilizii kan ta’e nama Toomaas Piilat jedhamuun bitame. Namichi kunis dhuma
bara 1839tti daawwannaadhaaf gara Jarman yommuu deemu Oshuu fudhatee
deeme. Piilatfi Oshuun Jarmanitti karaarra deemaa osoo jiranii akka carraa Karl
Tusheekiin walitti dhufan. Karl Tusheek Oshuun Oromoo ta’uu waan shakkeef
Oromoo ta’uufi dhiisuu isaa gaafate. Kan gaafates Afaan Oromoon yoo ta’u
“Ati Oromoodhaa? “ gaaffii jedhu dhiheessaaf. Innis Oromoo ta’uu isaa erga
ibseefii booda Karl Tusheekfi Piilaat Jarman keessa ji’a lamaaf turuuf dhaqanii
ture. Karl Tusheekfi Piilaat waliin mari’achuudhaan ji’a lamaan Piilaat Jarman
keessa turu keessatti Akkafeeteefi Oshuun yeroo tokko tokko akka wal arganiif
eeyyamsiiseef. Karl Tusheek carraa kanatti gargaaramuudhaan ragaalee
Akkafeeteen himuufi hin dandeenye tokko tokko Oshuurraa funaannachaa ture.
Karl Tusheek faaruufi sirboota Akkafeeteen hin beekne baay’ee Oshuurraa
argateera.

Kana malees, Karl Tusheek wantoonni Akkafeeteen itti himaa ture sirrii ta’uufi
sirrii ta’uu dhiisuu isaa Oshuurraa mirkaneeffachaa tureera. Yeroo Piilaatifi
Oshuun Jarman keessa turan keessatti Oshuufi Akkafeeteen kan yeroo tokko
tokko qaamaan wal argaa xalayaanis wal quunnamaa turaniiru.Xalayaaleen kunis,
Afaan Oromootiin kan barreeffamaniidha. Oshuufi Akkafeeteen xalayaa waliif
ergan ofiif barreeffatanii osoo hin taane Tusheekitu waan isaan Afaan Oromoon
itti himan akkuma jirutti qubee Laatiiniin barreessaaf. Tusheek yommuu Oshuu
bira dhaqe waan Oshuun jedhe qubee Laatiiniin galmeessee yommuu Akkafeetee
bira gahummoo Akkafeeteef dubbisa. Deebi’ee Akkafeeteefis akkasumatti
galmeessee yommuu Oshuu bira dhaqu fuudheefii dhaqee dubbisaaf.
Akkafeeteefi Oshuun haala kanaan xalayaalee waliif deddeebisaa turan. Haaluma
kanaan ji’a lamaan Oshuun Jarman ture sana keessa ( Onkoloolessa 19, 1840
hanga Mudde 8, 1840tti ) xalayaalee 14 waliif erganii turan. Akka pirofeeser
Richard Pankirast barreessetti xalayaaleen Oshuufi Akkafeeteen waliif barreessaa
turan kunniin ogbarruu daa’imman Itoophiyaa kan jalqabaa jedhamuu
danda’u; ogbarruu barreeffama Oromoo isa jalqabaarratti iddoo guddaa qaba
jedhaniiru. Qabiyyeen xalayaalee Akkafeeteefi Oshuun waliif barreessan
kanneenii waa’ee jireenya ummata Oromoo bara sanii wantoota namatti
agarsiisan hedduu qabu. Innis, xalayaalee Oshuufi Akkafeeteen haala ittiin
qabamanii biyyaa bahan ibsaatii waliif barreessanirraa yeroo san Oromoonni
haala akkamii keessa akka turan hamma tokko hubachuun ni danda’ama.
Xalayaa Oshuun Onkoloolessa 19, 1840 Akkafeeteef barreesse Oshuun akkamitti
gabroomsitootaan manaa qabamee akka fudhatame, yeroo san sodaan akkamii
akka ture, Oromoota hedduu waliin qabamee gara Kaayirootti ce’uu isaafi
achittis akkamitti gara Awurooppaatti ce’uu akka danda’e ni ibsa.
Akkafeeteenis xalayaa deebii Onkoloolessa 21, 1840 Oshuuf barreesseen
Oromoonni hedduun haadhaafi abbaa isaanii harkaa fuudhamuun akka meeshaa
bakka adda addaatti gurguramaa turuu isaaniifi haadhaafi abbaa isaanii
deebi’anii osoo hin argin hafuu isaanii ni mul’isa. Akkasumas, Akkafeeteenfi
Oshuunis abdii deebi’anii warra isaanii arguu akka kutan ni agarsiisa.
Xalayaaleen kanneen irraa yeroo san Oromoonni haala akkamii keessa akka turan
hubachuun nama hin rakkisu.

Walumaagalatti xalayaalee kanneen lamaaniifi kanneen hafan biroorraa, abdiifi


amantiin Oromoonni waaqa tokkicharratti qaban hojiiwwan adda addaa ijoolleen
yeroo san ittiin taphataniifi kanneen kana fakkatan hubachuun ni danda’ama.
Xalayaalee Akkafeeteefi Oshuun Afaan Oromoon walii barreessan yeroo ammaa
biyya Jarman keessatti Muuziyeemii Isteetii Baavaariyaa keessatti argamu.
Kanneen keessaas namni Adii Hukaa jedhamu afaan Ingiliziitti kan jijjiirerraa gara
Afaan Oromootti kanneen deebi’anii jijjiiramanis jiru. Oshuun Mudde 8, 1840
Jarman gadi dhiisee Pilat waliin gara biyya isaa Faransaay deeme. Isaan booda
eessa akka inni gahe wanti beekame hin jiru. Karl Tusheek Oshuudhaan walitti
dhufuun isaa bu’aa gara biraas akka argatu isa taasiseera. Oshuun Tusheek
intala Oromoo Bilillee jedhamtu kan biyya Arabaatti Maabuubaa jedhamtee
waamamtu waliin wal barsiisee ture. Maabuubaa afaan Arabaan Mahbuuba
jechuun jaalalamtuu jechuudha. Maabuubaanis yeroo ijoollummaa ishee
obboleetti ishee waliin booji’amtee daldaltoota garbootaa harka bu’uudhaan
gara Kaayirootti kan ceesifamte ta’uu ishee pirofeser Paankiraast barreesseera.
Bililleen Jimma bakka Gummaa jedhamuu fuudhatamtee Kaayirootti lammii
Jarman kan ta’e namni Prince Hermann Von Puckler – Muskau jedhamu tokko
ishee argatee bara 1837 keessa ishee bitee bilisoomse. Muskaaw Bilillee jaalatee
waan tureef baakka deemu hunda fudhatee deemaa ture. Bara 1840 keessa
yommuu inni Jarmanitti deebi’us Bililleen isuma wajjin turte. Erga Jarman
geessee Oshuudhaan walquunnamaa turan. Yeroo walquunnaman keessa
sirboota Oshuufi Akkafeeteen hin beekne baay’ee itti himtee turte. Tuusheekis
ragaalee tokko tokko Bililleerraa fudhateera jedhamee amanama.

Bililleenis Tusheekin erga wal baranii booda osoo baay’ee hin turin qorra
Awurooppaa waliin tasa walbaruu waan hindandeenyeef dhukkubsattee
Onkoloolessa 27, 1840 boqotte. Duuti Bilillee hiriyootaafi jaalallee isheetti gadda
guddaa ture. Keessumaayyuu Hermann Von Puckler yeroodhuma sana Karl
Tusheek raga himtuu lammii Oromoo Amaan Goondaa jedhamu argatee ture.
Amaan kan bitame lammii Jarman kan ta’e Duke Poul Wilhelm nama
jedhamuuni. Amaan kan fudhatame bakka maqaan isaa Hibii jedhamu ( Aggaroo )
irrayi. Umriidhaan Oromoota gabrummaan isa dura bitamanirraa isa xiqqaa yoo
ta’u abbaan isaa nama guddaa waan tureef waan baay’ee beeka ture. Karl
Tusheek, Wiilheelmiin eeyyamsiisuudhaan Amaan waliin walquunnamaa ture.
Obboleessi Karl Tusheek Looreenzii Tusheek akka barreessetti maatiin Amaan
fooyya’oo ( nama guddaa ) waan turaniif Amaan waa’ee naannoo isaafi
waa’ee biyya isaa akkasumas waa’ee haala naannoo isaa barsiisanii turan.
Abbaan Amaan nama cimaa maqaa kabajaa qabu ture. Maqaan kabajaa isaas
abbaa Funyooti. Amaan maatii isaa waliin yommuu ture waan adda addaa arguuf
carraa waan argatee jiruuf Aaan Oromootis raga himtoota kanneen kaan caalaa
keessa gadi galee beeka jedhama. Keessattuu waa’ee biyya isaa, aadaaisaafi
afaan isaa ilaalchisee Amaan beekumsa hedduu akka qabu obboleessi Karl
Tusheek Looreenziin barreesseera. Karl Tusheek Mudde 2, 1841 dhaabbata ‘
Royal Academy of Munich’ jedhammuuf gabaasa dhiyeessee ture.

Gabaasa kan keessattis, kan dubbate galmee jechoota Afaan Oromoo qopheessuu
eegaluu isaa, waa’ee xalayaa kanneen akka sirboota Oromoofi kadhaa waaqaa
Oromoo akka walitti qabe akkasumas walaloo garaagaraa akka walitti qabe ibsee
ture. Gabaasa kana booddee madda odeeffannoo isaa kan ture Akkafeetee
Daallee Ebla 17, 1841 tti dhukkuba qorraatiin boqote. Karl Tusheek haalli
fayyummaa isaa gaarii ta’uu baatullee akkasumas du’a Akkafeeteerraan kan
ka’e burqaan raga jalaa dhiphatullee waggaa lamaan booda ( 1843 ) kuusaa
galmee jechootaa isa kuusawwan galmee jechootaa yeroo san qophaa’an mara
caalu kan Afaan Oromoo, Afaan Ingilizii kana malees, Afaan Jarmanitti hiiku
( Oromo – English – German Dictionary ) qopheessee ture. Ta’us, hin
maxxansiisne. Karl Tusheek qorannoo biraatis Afaan Oromoorratti adeemsisuuf
ragaa himtuu biroo gaafannaan mootiin Maksimiilaan, Karl Tusheek waggaa
lamaaf gara Kaayiroo ( iddoo Oromoonni baay’een itti argaman ) deemee hojii
isaa yoo itti fufe, baasii isa barbaachisu kan kanfaluuf ta’uu isaa ibseef. Karl
Tusheek Kaayiroo deemee baay’ee osoo hin turin dhukkubni isaa itti hamate.
Karl Tusheek dadhanbaan biyya isaatti deebi’ee Fulbaana 6, 1843, waggaa
28ffaa isaatti du’e. Looreenzii Tusheek obboleessi Karl Tusheek hojii obboleessi
isaa osoo hinmaxxansiisin du’e bittinsee lafatti hin dhiisne. Galmee jechootaa
afaan sadiin barreeffame ( Oromo – English – German ) bara 1844 Galmee
Jechootaa Tusheek maxxansiise.

SEENAA OGBARRUU OROMOO ITOOPHIYAA KEESSATTI

Kaarli Tusheek Jarmanitti qo’annoo yeroo gaggeessaa ture namoonni tokko


tokko immoo gara Itoophiyaa dhufuudhaan Afaan Oromoo qo’achuurratti
xiyyeeffataa turan. Ergamaan Faransaay Rochet D. Hericourt jedhamu jalqaba
Onkoloolessa bara 1839 Shawaa seenuudhaan aadaa Oromoo qo’achuurraatti
xiyyeeffate. Barreeffama isaa kan bara 1841 Paariis keessatti maxxansiise keessatti
oromoon akkamitti odaa jalatti akka waaqeffatufi sirba oromoo barreessaa ture.

Akkasumas gosa oromoo shawaa keessa turan barreeffamicha keessatti


tarreessee ture. Jechoota Afaan Oromoos walitti qabuu isaa kitaaba bara 1845
maxxansiise keessatti barreessee jira. Lallabaa wangeelaa amantii pirootestaantii
lammii Jarman kan maqaan isaa John Ludush Kraf jedhamu “ waldaa mana
sagadaa Biriteen keessatti qacaramee hojjatu tokkos hiriyaa isaa K.W. Isenbergi
waliin bara 1839 ji’a caamsaa keessa shawaa seenuun sabni oromoo waaqa
tokkicha kadhataa jiraachuu erga baree booda wangeela itti lallabuuf murteesse.
Kaayyoo isaa kana galmaan ga’uuf Afaan Oromoo beekuun murteessaa akka
ta’e waan hubateef oromoota walitti qabuun Afaan Oromoo irraa baruu eegale.
Afaan Oromoo akka baruufis nama Barkii jedhamu qacaratee ture. Kraaf yeroo
sana mootii shawaa kan ture Saahile Sillaaseerraa Fulbaana 25, 1840tti eeyyama
wangeela lallabuu argate. Xalayaa mudde 1, 1840 waldaa mana sagadaa isa
qacareef barreesseef akka ibsetti wangeela Yohaannis oromoota tokko tokko
waliin qubee laatiiniin gargaaramee Afaan Oromootti jijjiiruu isaa ibsee jira. Kiraaf
macaafa qulqulluu gara Afaan Oromootti yommuu jijjiiru qubee saabaatiin
gargaaramee akka barreessu dhiibbaan irratti taasifamullee , Afaan Oromoo
qubee saabaan barreessuun waan nama rakkisuuf qubee laatiiniin barreessuun
filatamaa ta’uu isaa waan hubateef qubee laatiiniin filatee barreessuu itti fufee
ture. Saahile Sillaaseen ammo qubeen saabaa akka babal’atu waan barbaadeef
Kiraaf qubee laatiiniin barreessuu isaa hin fudhanne.

Kanaaf, Kiraaf Saahile Sillaasee gammachiisuuf Ebla 6, 1840 boqonnaa isa


jalqabaa wangeela Yohaannis Afaan Oromootti qubee saabaan jijjiiree itti
agarsiise. Innis barreeffamicha yommuu argu baay’ee gammaduun Kiraaf jajee
galateeffatee gaggeesse. Kiraaf garuu qubee laatiiniin jijjiiruu isaa hindhaabne
ture. Kiraaf jijjiirraa wangeelaa alas bara 1840 kitaaba “ An Impact Outline Of
The [ Oromo ] Language” jedhu maxxansiise. Bara 1840 keessa wangeela
Yohaannis jijjiiree xumuree Londonitti erge. Bara 1841 – 1842 wangeelota
Maatiyoos, Maarqoos, Luuqaasfi Yohaannis jijjiiree xumuruu isaa gabaase. Bara
1842 – 1843 macaafa uumamaa jijjiiree ture. Bara 1843 Kiraaf Isenbergi waliin
gara Missiraa deemee gara Itoophiyaatti as deebi’uuf yommuu jedhu
Itoophiyaatti deebi’uu kan hin dandeenye ta’uu itti himame. Sababiin isaa
akka piroofeesor Paankiraasti barreessetti Luboonni Abisiiniyaa ( Orthodox
priests) shawaa kibbaatti argaman wangeelli Kiraaf lallabuaa ture sirrii miti
jechuun Saahile Sillaaserratti waan isa himataniifi. Kiraaf Itoophiyaatti deebi’ee
hojii isaa akka hojjatuuf Saahile Sillaasetti kallattii adda addaan jaarsummaa
ergullee Saahile Sillaaseen yaadasaa jijjiiruu hin dandeenye. Waldaan mana
sagadaa Kiraaf erges Saahile Sillaasee amansiisuu dadhabuudhaan abdii kutee
ture. Kiraaf xalayaa mudde, 7, 1844 hiriyoota isaaf barreesserratti akkana jedha:
Ani waa’ee oromootaa sirritti keessa galee hubadheera.

Sababa tokko tokkorraa kan ka’e uummata kanaaf wangeela lallabuun rakkisaa
ta’ullee, oromoota gara pirooteestaantitti jijjiiruun biyyoota Baha Afrikaa
hamma tokko jijjiiruu jechuudha. Waaqayyoo waa malee uummata kana as hin
keenye. Uummanni kun “Jarmanoota Afrikaati” jedha. Bara 1843 Kiraaf
Itoophiyaadhaa erga bahee bofoda hojiileen ogbarruu oromoo waggoota 10f oliif
qabbanaa’ee ture. Haa ta’u malee bara 1859 ji’a Fulbaanaa keessa Kiraaf
hojii isaa akka itti fufu gaaffiin dhiyaatefii ture. Innis gaaffii dhiyaateef ebla 3, 1860
deebii yommuu deebisu macaafa qulqulluu akkuma dura jalqabetti jijjiitee
xumuruuf fedhii akka qabu ibsee garuu erga waggaa 20 as carraa Afaan Oromootti
fayyadamuu waan hin arganneef afaanicha irraanfachaa waan jiruuf namni
afaanicha sirritti beeku, muuxannoo hojii jijjiirraa kan qabu, akka isa barbaachisu
ibse. Waldaan mana sagadaa Londonis Kiraaf nama barbaade kana argatee
jennaan baasii mataa isaatiin akka fiduuf mirkaneesseef. Kiraaf hiriyoota isaa
Itoophiyaafi Missira jiraniif nama akka barbaadaniif itti dhaammate. Yeroo sana
Itoophiyaa keessatti hojiin macaafa qulqulluu hiikuu lammii oromoo Halaqaa
Zannab jedhamuun gaggeeffamaa ture. Alaqaa Zannab gama isaatiin
pirootestaantii Jarman kan ta’e J.M . Filaad waliin mari’achuun hojii jijjiirraa
itti fufee ture. Filaad bara 1865 xalayaa Kiraafiif barreesseen Alaqaa Zannab qubee
saabaatiin wangeela afranuu waan jijjiireef hojii gulaaluutiif gara isaatti akka ergu
barreessee ture. Kiraaf kana beekus hojii jalqabe sana mataa isaatiin xumuruuf
nama Afaan Oromoo sirritti beeku barbaachisuu hin dhiifne.
Jalqaba bara 1866 pirootestaantii naannoo Matammaa jiraatu nama Ruufoo
jedhamu akka argan itti dhaaman. Kiraaf Ruufoo gabrummaa jalaa baasuuf
maariyaatereezaa doolaarii sagaltama kanfale. Bara 1867 Kiraaf Ruufoo waliin
ta’uun kakuu haaraa jijjiiranii akka xumuran gabaase. Bara 1868 immoo hojiin
isaanii kun akka maxxanfamuuf Kirishoonaatti ergan. Haa ta’u malee hojiin
maxxansiisuu kun boqonnaan sadi qofa erga xumuramee booda jidduutti
dhaabate. Sababiin isaas mootichi Tewoodiroos wangeelli Afaan Oromootti
jijjiiramee qubee laatiiniin barreeffamee biyya keessa akka seenu waan hin
barbaadnef bara 1868tti Jarmanoota biyya keessaa ari’e. Bara 1868 booda,
Filaad wangeelota afran Afaan Oromootti jijjiiraman Alaqaa harka jiru fuudhee
gulaaluutiif gara Jarmanitti erge. Kiraaf barreeffamicha erga gulaalee booda akka
maxxanfamu fedhii qabaatullee qubee saabaatiin ta’uun isaa garaa waan isa
hanqateef yaada irratti kennee ture. Alaqaa Zannab imaammata wangeela
lallabdoota yeroo sanaa Adowaa keessa jiraatanii hordofa ture. Jarree kun
( Bender fi Mayer ) caamsaa 3, 1869 Kiraafiif yeroo barreessan Oromoonni tokko
tokko qubee saabaa danda’u, Habashoonni hedduun immoo Afaan Oromoo
beeku.

Kanaaf, wangeelli qubee saabaan akka barreeffamu deeggaru turan. Alaqaa


Zannab bara 1870 kakuu haaraa Oromoota Gabiremikaa’eliifi Waarii jedhaman
waliin jijjiiree fixe. Isa jijjiiree xumures karaa Filaad Kiraafitti erge. Innis, bara 1870
– 1875 tti jildiiwwan ja’atti qoqqoodee kakuu haaraa maxxansiise. Waggaa
tokko booda jildiiwwan kanneen jildii tokkorratti maxxansiise. Bara 1877 Minilik
Zannabiin hojii isaa akka itti fufu waan gaafateef macaafa Musee ( uumamaa )
jijjiiruudhaan gara Kirishoonaatti ergee maxxansiisera.
Kanaan booda walquunnamtiin Kiraafifi Alaqaa Zannab jidduu ture addaan cite.
Bara 1881 ammoo Kiraaf waan du’eef hojiin isaan waliin hojjatan itti fufuu hin
dandeenye. Gama biraatiin barreessaa Oromoo jaarraa 19ffaa kan ture Hiikaa
Awaajii / Oneesimos Nasiib / Abbaa Gammachiis guddina ogbarruu oromoof
shoora ol aanaa taphateera. Hiikaan bara 1850 keessa dhalate jadhama.
Naannoon itti dhalates Iluu Abbaa Booraa bakka Hurrumuu ( Oggee ) jedhamutti.
Uummanni naannoo sanaa tikfattee waan tureef nyaannifi dhugaatiin fooniifi
aannan ture. Hiikaan dhalatee waggaa 4ffaa isaatti abbaan isaa jalaa du’e.
Namoonni naannoo sana jiraatan gosaan wal hiruudhaan wallolaa turan. Haaluma
kanaan bakka Hiikaan jiraachaa turetti lolli ka’e.

Sana booda haati isaa ijoollee ishee fudhattee deemte. Erga lolli qabbanaa’ee
booda gara qe’ee isheetti deebite. Garuu osoo hin yaadin gaafa tokko diinni
isaanirra bahe. Haati Hiikaa Hiikaa baay’ee jaalatti turte. Mucaa isheen
baay’ee jaalattu kana diinni sodaachisee harkaa baafatee fudhatee deeme. Erga
qabamee booda gatii loon 4’n gurgurame. Erga gurguramee nama isa bitate bira
waggaa 2 taa’e. Namichiisa bitate sunis rifeensa irraa haadee boca adda addaa
itti baasee gabaa baase. Namoonni isarraa bitatan lamaan irratti wal lolanii inni
tokko isa tokko ajjeese. Inni ajjeese oolfate sunis amoolee 200tti gurgurate. Inni
amma bite kun ammo gatii guddaatti gurguruuf gara Mitsawaatti geese.
Onkoloolessa 1870 gurguruudhaaf fuula faranjii bulguu jedhee sodaatuutti
dhiyaate. Yeroo sana Hiikaatti lafti dukkanoofte. Namichi bitate kunis nama
Suwiidin Warner Muzenger jedhamu harka erga galee booda dubbiin akka inni
yaade hin taane. “ Hin yaadda’in kana booda nama gara biraatti dabarsee sin
kennu” yeroo inni jedhuun dhugaa itti hin fakkaanne. Bara 1871 Muzenger akka
inni baratuuf Hiikaa mana barumsaa miishinii kan warra Siwidinii achi jirutti
kenne. Yeroo sana itti gaafatamaan mana barumsichaa luba Beengit Piiter Lundahl
ture. Hiikaan barumsa isaa waggaa tokkoof erga hordofee booda bara 1872
guyyaa Faasikaa cuuphamee maqaa Oneesimoos Nasiib jedhamu argate. Hiikni
isaas faayidaa qabeessa jechuudha. Lubicha birattis baay’ee jaalatame. Yeroo
sana yaada Oneesimoos keessa kan ture gara lammii isaa deemeebarumsa ofii
argate barsiisuudha. Yaadni kun baay’ee boqonnaa isa dhorkata ture. “ yaa
waaqayyo yoom gara biyya abbaa kootti na deebifta laata . . . deemee lammii koo
barsiisuuf hangam na tursiifta laata? “ jechuun kadhataa ture. Hawwiin
Oneesimoos dafee fiixaan kan ba’e hin turre. Waxabajjii 25, 1876 gara Istokholm
deemee dhaabbata “ Theological Institiute of Jhonelund” jedhamurraa
barumsa isaa akka baratuuf murtaa’e. Waggaa 5f barumsa isaa erga hordofee
booda bara 1881 ji’a Onkoloolessaa keessa gara Mitsawaatti deebi’e.
Dippiloomaa isaa akka barsiisaa wangeelaatti fudhate. Erga achi deebi’ee
boodas dubartii Mihirat Hayiluu jedhamtu fuudhe. Bara 1882 ji’a Amajjii keessa
haadha manaa isaa, luba Saamu’eel, Hayiluufi Filiphoos namoota jedhaman
waliin biyya Oromootti adeemsa eegale. Karaan isaa dadhabsiisafi qilleensa
baay’ee qaba ture.Rakkoo hedduu booda Bitootessa 2, 1882 Fanakaa laga
Naayil qarqara ga’ani. Fanakaa irraa deemsa ji’a tokkoo booda Kaartuum
ga’an.

Kaartumirraa gara biyya Oromootti qajeelanii booda magaalaa daandarratti


argamtu tokko ga’anii oduu gaddisiisaa tokko dhaga’an. Innis warra
Mahaadistii daangaa irratti lola waan kaasaniif nageenyi akka hinjirre ture. Kanaaf
gara duubatti deebi’uuf dirqaman. Yeroo kana adeemsi isaanii gammoojjii
Nuubiyaa keessa darba waan ta’eef hobomboleettii, dhabiinsa bishaaniifi
busaadhaan baay’ee dararaman. Miiltoo isaanii keessaas Filiphoos ni du’e.
Oneesimoos hedduu waan dhukkubsateef lubichi Saamu’eel baay’ee nahe.
Haa ta’u malee, Oneesimoos erga fayyee booda lubichi dhukkubsatee fayyuu
waan hin dandeenye. Achuma gammoojjii Nuubiyaa keessatti hafe. Rakkoo kana
hunda keessa darbanii Adoolessa 1882 Oneesimoofi haati manaa isaa akkasumas
Hayiluun Immikuluu ga’an. Bara 1884 shawaa keessa darbuudhaan jara Jimmaa
akka deemaniif eeyyama Minilikirraa argate. Daldaltoota shawaasi Mitsawaa
jidduu adeeman waliin adeemsa eegalan. Naannoo Affar erga ga’anii booda
saamtonni dhukaasa itti banuudhaan namoota 12 ajjeesuudhaan namoota 8
immoo madeessanii adeemsa ji’a tokkoon booda shawaa ga’an. Haa ta’u
malee Minilik Shawaa keessa akk hin darbineef isaan dhorke.

Sababiin isaas mootii Tigiree kan ture Yohaannis namoota kana gara Jimmaatti
akka hin darbineef akka dhorku waan itti himeefi. Haaluma kanaan Aliyyuun
Ambaa lafa jedhamu akka turan godhe. Sanaan booda Oneesimoos gara
Eertiraatti deebi’e. Erga achi deebi’ee boodas barsiisuufi macaafa qulqulluu
hiikuu itti fufe. Haalli kun hundi walitti ida’amee Oneesimoosin gadda guddaarra
buuse. Gadda kana irraanfachuuf jecha hojii isaa jabeessee itti fufe. Jechoota
Afaan Oromoo 6000 walitti qabee maxxansiisee jira. Walumaa galatti Oneesimos
Asteer Gannoo waliin ta’uun kitaabolee torba barreesseera. Kitaaboleen
kunniinis: 1. Galata waaqayyo gooftaa maccaa bara 1887 ‘ prais be to God, the
lord of multitude’. Qabiyyeen kitaabichaas ‘ evangelical songs & psalms’ kan
jedhu ture. 2. Macaafa qulqulluu haaraa bara 1893 3. Jalqaba barsiisaa – Kitaabni
kun bara 1894 kan maxxanfame yoo ta’u fuula 174 qaba. Qabiyyeen isaa afoola
hedduu kan qabu yoo ta’u innis seenaa barreeffamuu afoolaatiin Itoophiyaa
keessatti isa jalqabaati. Afoolli kun jechoota 3600 kan qabu yoo ta’u faaruu
loonii, mammaaksa, hiibboo, tapha ijoolleefi geerarsa of keessaa qaba.
Oneesimosifi Asteer Gannoos afoola kana fayyadamanii ijoollota barsiisu ture.

4. Macaafa qulqulluu kakuu haaraafi moofaa – Bara 1897 macaafa qulqulluu


kakuu haaraafi moofaa jijjiiree akka xumure gabaasera. Hojiin kun jijjiiree
xumuruuf waggoota 13 itti fudhatee ture. 5. Bara 1899 kitaabota lama jijjiiranii
jiru. 6. Garaa namaa Ingiliffarraa gara Afaan Oromootti bara 1899 jijjiiranii jiru 7.
Barth Babile History bara 1899 jijjiiraanii jiru Walumaagalatti Oneesimos Afaan
Oromoo gargaaramee saba isaa wangeela barsiisuuf carraaqqii guddaa taasisaa
ture.

Dabalataan Oneesimoos Afaan Oromoo gargaaramee wangeela barsiisuuf


carraaqqii taasisaa ture. Haa ta’u malee yeroo garaagaraatti wangeela akka hin
barsiifneef dhorkamaa ture. Garuu bara 1987 xalayaan obbo Iwostaatiyos Ze
Yohannisfi Obbo Daani’eel Dabalaan barreeffame 1903 karaa Habte Yimariin isa
qaqqabe. Kunis Fiwuteraarii Dibaabaafi Dajjazmach G/ Igzaabbeheer / Kumsaa
Morodaa / wangeela lallabuu akka danda’u ibsaniifii jiru. Oneesimos bara 1903
gargaargota isaa, haadha manaa isaafi ijoollee isaafi Asteer waliin ta’uun gara
Finfinneetti deemsa eegalan. Finfinnee gahanii Minikil irraa eeyyama gaafatan.
Minilikis nama isaan gargaaru Naggaadras H/ Giyoorgis ramadeefi. Xalayaa
eeyyamaas barreessef. Oneesimoosif namoota 10, qawwee 3 waliin gara biyya
Kumsaa Morodaatti erge. Akka eenyullee isaan hin rakkifnes eeyyama kennefii
jira. Bara 1904 wallagga ga’anii mootii Kumsaa Morodaa haala ho’aan isaan
simate. Gara Najjootti fudhachuudhanis manaafi bakka bal’aa kennef. Fulbaana
1904 ijoollee 20 kutaa 3tti hiruun barsiisuu eegale. Barnoonni Afaan Oromoon
kennamu qeesota tokko tokko aarsaa waan tureef Daj. Kumsaatti himatan.

Oneesimos dhimma himatamerratti macaafa qulqulluu Afaan Oromoofi Afaan


Amaaraa itti agarsiisuun sana akka barsiisufi yakka tokko akka hin raawwanne itti
hime. Isaanis akka inni yakka hin raawwanne amanan. Haa ta’u malee himata
garaa garaa qeessoonni dhiyeessaa turaniin yeroo barnootaa akka hin barsiifne
taasisan. Bara 1915 immoo Iyyaasuun barnoota addaan kute akka innni itti fufee
barsiisuuf eeyyameef .

Oneesimos mana barumsaa shamarranii Naqamtetti banee Asteerifi Liidiyaan


akka barsiisan taasise. Ofii isaa immoo ijoollee dhiiraa walitti qabee barsiisuu
eegale. Boodarra Oneesimos umriin isaa waan deemaa tureefi dadhabeef hojii
inni jalqabe akka itti fufsiisaniif Dr. Sadestram ( 1923 ) Misiyoonota Finfinneerraa
ergeefi. Wangeellis barnoota ammayyaa waliin itti fufuu eegale. Oneesimos
Waxabajjii 23, 1931 boqotee sirni awwaalcha isaa raawwate. Awwalcha isaa irratti
“ yaa biyyaa yaa biyyaa jecha waaqayyoo dhaga’i “ kan jedhu barreeffame
Walumaagalatti Oneesimos cimina bu’uura ogbarruu oromoo keessatti akka
hangafaatti kan ilaalamuufi seenaa ogbarruu oromoof bu’aa guddaa kan buuse
keessaa kan jalqabaati. Kana malees, Asteer Gannoos hojii guddaa waliin waan
raawwataniif isattaa adda baafnee ilaaluu hin dandeenye. Tattaaffi
Oneesimosifihiriyoonni isaan taasisaa turaniin hojiileen muraasni Afaan Oromoon
qophaa’aa turan.

1. Ragaa mootummaa waaqayyoo – Kiristoos lafarraa mootummaa ofii akka


dhabe. Bara 1900 – Abuna Yakob
2. The Oromo Great African Nation . Bara 1901 – Aadaa, seenaa, amantaa,
( Father Martial De Salviac )

3. Oromo – English – Dictionary. Bara 1913 J. Foot . Afaan Oromoo

4. The folk Literature of the Oromo of S. Ethiopia . Bara 1922 E. Cerulli .


Afoolarratti

5. A Grammar of the Oromo. Bara 1922 A. Arnold.

Seerlugarratti

6. An Elementary and practical Grammar of the Oromo Language. Bara 1922 A. W


Hodson and C. H. Walker.

7. Vocabulaire Francaise, Oromo Abyssnia ( Namni barreesse hin beekamu ) –

Amantiirratti

8. Oduu Qulqulluu akka yoonaa Qulqulluun xaafe . Bara 1934 ( Namni barreesse
hin beekamu ) 9. Favole e Rime ( oromo ). Bara 1935 Moreno. Walaloo fi
Geerarsarratti

SEENAA OGBARRUU OROMOO ( 1936 – Ammaa )

Seenaa Barreeffama Afaan Oromoo ( Bara Xaaliyaanii (1936 – 1941) ) Sochiin


bara xaaliyaanii ilaalchisee Makuriyaa Bulchaan barreeffama mata duree “the
Language policies of Ethiopian Regimes and The History of written Afan Oromo:
1844-1994” jedhu jalatti haala asiin gadiin kaa’eera. Immediately alter
conquest the Italian divided Ethiopia into regions using language and Ethnicity as
criteria.Egaa akka yaada hayyuu kanarraa hubachuu dandeenyu akka biyya
weerarteen xaaliyaaniin murteen isheen fudhattee biyyittii afaaniifi qomoo
yookiin sanyii irratti hundaa’uun qoqqooduu ture.

Kuni immoo kallattiin kaayyoo isaanii galmaan gahuuf gargaarus gama biraan
biyyattii keessatti seenaa addaa uumee darbeera. Haaluma kanaan afaanootni
isaan dura cunqursamaa turan kan akka afaan oromoo, somaalii, kafichoo, Adaree
fikkf carraa afaan barumsaa tahuu argataniiru. Kaayyoon xaaliyaanii kallattiin
afaanoota biyyattii keessa jiran guddisuuf ta’uu baatus ogbarruu afaanoota
adda addaa gabbisuuf karaa baneera. Carraa kanatti gargaaramuun Afaan
Oromoo afaan barumsaa ta’uurra darbee galmeen jechootaafi kitaabileen
seerlugaa hedduun lammiilee xaliyaanii kanneen akka Borello, Caressaa,
Arenzano, ducati Morenofi kkf akka maxxanfaman taheera.

Hojiiwwan yeroo sanaa haalaan xiinxaluuf barreeffamootni qophaa’aa turan


hedduminaan argamuu baatanis seenaa ogbarruu Oromoo keessatti bakka
guddaa akka qaban amanama. Haalli qabatamaan saniin dura ture mijataa ta’uu
baatus jalqaba jarraa 20ffaa kaasee wanti hojjetame gaarii akka ture beektootni ni
ibsu. Bara kana keessa yeroo xiqqoofillee ta’u Afaan Oromoo afaan barumsaa
ta’eera. Kana malees, jalqabbii qo’annoo Oromoo jaarraa tokkoon booddee
haalli inni irra ture fooyya’aa ta’uu isaati. Barreeffamoota Bara Kana keessa
Barreeffamanis Akka Fakkeenyatti Yoo Ilaallu; Lakk Barreeffama Barreessaa Bara
Xiyyeeffannoo

1 .Grammar Teorico practica Della lingua [ Oromo] M.M. Moreno 1939 Seerluga

2 .Grammar Di Lingua [ Oromo] M.Boreno 1939 Seerluga

3. Disionslis Della Lingua [Oromo] A.Jarussou1939 Jechoota A/Oromoo


4. Italiano – [Oromo]P.Gaetano 1939 Jechoota A/Oromoo .

Haa ta’u malee haalli mijaawaan kun bifa kanaan itti fufuu hin dandeenye.
Xaaliyaaniin waggoota 5 ol biyya keessa turuu hin dandeenye. Yeroo Xaaliyaaniin
biyyaa ari’amtee baatu hojiileen Afaan Oromoofi uummaticha giddu galeessa
godhatan kan akka kitaabolee seelugaafi barreeffamoota amantaa baay’inaan
mul’achaa turan. Mootichi H/ sillaasee erga biyyatti deebi’ee booddee garuu
dhiibbaafi dararamni kan bara 1936 dura ture caalaa cimee itti fufe.

SEENAA OGBARRUU OROMOO ( 1941 – 1974 )

Hayila sillaaseen aangootti erga deebi’anniin booddee hojiin isaanii jalqabaa


imaammata afaanii xaaliyaaniin hordofaa turte hundeen buqqisaaaaanii gatuu
ture.Sababiin isaas yaada tokkummaa biyya tokkootiif afaan tokkoofi amantaan
tokko barbaachisaadha jedhu hojiirra oolchuufi.Haaluma kanaan bara 1942 irraa
kaasee afaan amaaraan alati afaanoonnii biyyatti kamiyyuu barumsaafis ta’ee
hojiif akka hin tajaajille taasifame ‘[Mekuria Bulcha,1994]. Hojiin kun irra caalaa
kan ifa bahe labsii bara 1994 lakkoofsa 3 irraa baheen [achuma. F,99]. Labsiin kun
lammiileen alaa biyya kamiiyyuu hojii barsiisuu biyya keessatti garggeeffamuuf
kan gargaaramuu qaban afaan Amaaraa qofa akka ta,e eera.

Kanamalees, labsiin kun namootas ta’ee dhaabbilee seera kana cabsan


to’achuuf aangoo addaa ministeera barumsaafi Ministeera biyya keessaaf sirna
barnoota isaanii sakatta’uun yoo seerichi cabefi saganticha dhaabsisuun yoo
barbaachisaa ta’e mana barumsichaa gubuun aangoo ministeerrra barnootaati.
Namoota seera kana cabsan ammo biyyaa ari,uuf aangoo kan qabu ministeera
biyyaa keessaati.[Mekuriya Bulcha,1994]. Hojiin kun ammo oromoonni afaan
isaanii akka hin gargaaramne dhorkuu qofa osoo hin taane akka of irraanfatan ykn
oromummaa isaaniitti akka qaana’an [De – Oromization] godheera. Hunda
caalaa lammiilee biyya alaa kan ajaa’ibsiisaa ture namoonni wangeela labsan
[Amantaa kiristaanaa babal’isan] socho’uun kan heyyamamuuf kaaba
Itoophiyaan ala qofaa ta’uusaati. Hojiin kuncimee itti fufuun bara 1955 tti afaan
Amaaraa guutummaa tuututti Afaan hojii ( Biyyoolessaa ) akka ta’u murtaa’e.
Kana malees, kallattii sabquunnamtiitiin ( Raadiyoo ) afaanotii dubbataa muraasa
qaban kan akka afaan Tigree, Tigriffa, somaaliifi Affaar tamsaasaa turan.
Dhiibbaan imaammata kanaa ilmaan Oromoo Afaan , aadaafi eenyummaa
isaanitiin qaana’uun iddoo saba biraan akka mul’atan taasiseera.Haa ta’u
imaammaanni kun haala mootummaan yeroo sanaa yaadeen itti fufuu hin
dandeenye. Hanguma waanjoon garbummaa ulfaachaa deemu qabsoon namoota
muraasaan bakkaa bakkatti jalqabame.

Qabsoo kana bifoota gurguddoo 2’n ilaaluun ni danda’ama. Isaaniis :-


Tokkoffaan qabsoo namoota dhuunfaan taasifamaa ture. Lammaffaan qabsoo
Gamtaaleefi dhaabbilee garaagaraatiin taasifaman giddu galeessa godhata.
Namoota garee tokkoffaa jalatti ramadaman keessaa Sheek Bakir Saaphaloo
bakka addaa qabu. Hojiin isaanii carraa bahee mul’achuu argachuu baatus
Mohammed Hassen ( 2003 ) mata duree Shayk Bakrii Saphaloo (1895 – 1980 ):
Aprolific Scholar & a great Oromo nationalist jedhu jalatti waa’ee seenaafi
hojiilee addatti ittiin beekamanii ibseera. Sheek Bakrii Saaphaloo (Abubakar
Usmaan Odaa) Sheek Bakrii Saaphaloo Harargee bakka saphaloo jedhamutti
dhalate. Maqaan isaa ijoollummaa Abubakar Usmaan Odaa jedhama ture.
Beekamummaa argachaa yeroo dhufu maqaa dhaloota isaa caalaa bakka dhaloota
isaaniin beekamuu jalqaban. Haaluma kanaan hanga ammaatti kan ittiin
beekaman iddoo itti dhalataniini. Sheek Bakriin barumsa amantaa bu’uuraa
ta’e kan jalqaban achuma Saaphalotti. Itti aansuudhaan barumsa isaanii
sadarkaa garaagaraatiin hordofaniiru. Fakkeenyaf, Wayber, Caffee gurraattii,
Yakkaa, Carcarfi kkf keessatti barataniiru.

Walumaagalatti Skeek Bakir bara 1900 – 1927 tti sheekota adda addaa jalatti
barumsa amantaa seeraan hordofaniiru. Waggootii kana gidduutti seenaa
uummata Oromoo keessattuu kan Harargee sirriitti hubatanii turan. Akka
fakkeenyaatti yoo ilaalle weerara Misiraan[Egypt] dura [1875] uummanni oromoo
naannoo sanaa seera gadaan akka bulaa tureefi isaan booddee aadaa boonsaa
ta’e gadi lakkisuuf dirqamuusaa hubataniiru. Kana malees, erga Missirii ( Egypt)
Harargee gadi lakkistee baatee waggaa lamaan booda garbummaa Minilik jalatti
kufuu ishee daa’imman abbaa isaaniirraas erga guddatanii booddee immoo
sheekota garaagaraa ( keessattuu Sheek Abdallaa – Wayibaritti ) irraa sirritti
barataniiru. Sheek Bakriin barumsa fagoon Yuunivarsiitii ALAZHAR yuunvarsiitii
( Egypt) quunnamtii uumuun carraa warraqsaa biyyoota Afrikaa, Eshiyaafi
Jiddugala bahaa beekuu argataniiru. Gabaabumatti Sheek Bakrii Saaphaloo
barumsa amantii qofaan osoo hin taane kan akka Herreegaafi Falaasamaan illee
hubannoo gaarii qabu turan. Muuxannoo bifa adda addaan kuufatan kana
uummataan gahuuf bakka garaagaraatti barsiisaa turaniiru. Giddu gala
( wiirtuwwan ) Itti Barsiisaa Turan

a. Jiddu gala ( Wiirtuu Saaphaloo ) ( 1927) : Sheek Bakriin wiirtuu jalqabaa kan
dhaaban achuma bakka dhaloota isaanii saaphalootti ture. Giddu gala kanatti:
Barumsa Amantaa barsiisaa turani Daa’imman haadhaafi abbaa hin qabne
gargaaraa turani.
b. Wiirtuu Addeellee ( 1940 ) :-Wiirtuun kun bakka haadha manaa isaanii
lammaffaa itti fuudhaniifi akkasumas, walaloo adda addaa itti qopheessaa turani.
Wiirtuu kanatti: Barumsa amantaa barsiisaa turan. Wal qixxummaa dhiiraafi
dubaraa irratti hojjachaa turaniiru. Giddu galli kun bakka itti tasgabbaa’anii hojii
gara fuulduraa baay’inaan itti yaaduu jalqaban ture.

c. Wirtuu Ligboo (1950):-Jiddugalli kun bakka qubeen saaphaloo itti dhalateefi


hojiirra ooledha. Ofiin itti gargaaramuu qofa osoo hin taane barattoonni isaanis
akka ittiin barreessan jajjabeessaa turan.

d. Wirtuu kurriftu ( 1953) :-Wiirtuun kun akkuma kanneen biro bakka itti
barsiisaa turaniidha. Wiirtuu kan kan adda isa taasisu ergamtoonni mootummaa
yeroo sanaa haalaan Sheek Bakrii adamsuu yeroo jaqabaniidha. Kunimmoo
sabboonummaan isaanii akka dabalu taasiseera. Sababni isaas, hanguma
dhiibbaan gabrummaa cimaa deemu qabsoon humna gudhachaa waan tureefi.
Wiirtuwwan kanneeniin alatti bakkeewwan garaagaraa akka jiddugala xixiqqootti
itti gargaaramaa turaniiru. Isaan keessaa Dirree Dawaa, Gootaa, Qabbanaawaafi
Bobbaasaa isaan muraasa. Hojiilee Gurguddoo Sheek Bakrii Saaphaloo Sheek
Bakriin uummata oromootiif gumaacha taasisan kallatti lamaan ilaaluun ni dan
da,ama. Tokkoffaan hawwiifi fedhii uummata oromoo kan ture qubee Afaan
oromoof isaaniiti. Lammaffaan ammo ta’u bocuuoromoon gabrummaa jalaa
akka bahuuf walaloowwan garagaraa dadammaqinaaf oolan barreessuu isaaniiti;
qabsaa’aa oromooti Hojiin kun ammoo waloo oromoo kan jalqabaa [tari] isaan
jechisiisuu danda’a.

Hojiilee gurguddoo isaan barreessan kanas bifa armaan gadiin qoqqoodnee yoo
ilaalle :1. Walaloowwan sheek bakrii Sheek Bakriin uummata Harargee darbees
uummata oromoo biratti kan ittiin beekaman keessaa walaloo barreessuudhaani.
Namni kun gama walalootiin kennaa addaa akka qaban amanama. Walaloo
isaaniittiin barattoota isaaniifi hawaasa waa’ee amantaa akkasumas waa;ee
biyya lafaa [secular] barsiisaa turaniiru. Dhugaa kana fakkeenyota garagaraatiin
ilaaluu ni danda’ama A.Barbaachisuummaa seenaa ofii [oromoo] beekuu
ilaalchisee B.Barumsi akka ija namaa banuufii addunyaa walii tarkaanfachuu akka
nama dandeessisu. C.Rakkina hawaasumma adda addaa ilaalchisee. Hojiileen kun
mana barumsaatti ykn gandoota muraasa keessatti kan hafan osoo hintaane
oromoonni [keessattuu Harargeetti] oromommaa isaaniin akka boonan
akkasumas, kallattii garaagaraan akka gabrummaa jalaa bahuuf qabsaa’an karaa
baneera. Fkf, Gamtaa Arfan Qalloo Dirre Dawaa keessatti bara 1960 akka
dhaabbatuuf Sheek Bakir gahee guddaa qabu turan. Kana malees, Baandiiwwan
gurguddoo kan akka Biiftuu Ganamaafi Urjii Bakkalchaa akka dhaabbatan karaa
kan bane nama kanadha. Bara 1960 keessa akkasumas, yeroo ammaa uummata
Oromoo biratti bakka guddaa kan qaban weellistoota kan akka Alii Birraa,
Shantam Shubbisaa, Alii Shabboofi kkf kan bahan hojii Sheek Bakiir wajjin
walqabateeni.Waldaa beekamaan Maccaafi Tuulamaa yaadaan deeggaruu qofaa
osoo hin taane hoggantoota waldichaa kan akka Taaddasaa Birruu waliin
Galamsotti akka wal argaa turan Mohammed Hassen ( 2003 ) barreesseera.
Sabboonummaafi qabsoo tokkummaa Oromoof taasisan kana qofaan kan
dhaabbate hin turre. Sagantaa Raadiyoo Moqqadishuu ( Somaaliyaa ) Afaan
Oromoon darbu mijeessuun ergaa barbaachisu iccitiin dhiyeessaa turaniiru. 2.
Qubee Saaphaloo Uumuu ( The Saphalo Script ) Hojiin cimaan inni biraa Sheek
Bakriin ittiin beekaman qubee Afaan Oromoo barreessuuf ta’u bocuu isaaniiti.
Hojiin kun wiirtuu Ligboo ( 1948 – 1953 ) wajjin akka walqabatu barreeffamoonni
garaagaraa ni eeru.

Haa ta’u malee hojiin kun itti yaadamuufi qabatamaan karoora keessa kan gale
erga mooticha H/ Sillaasee aangootti deebi’aniiti. Yaada kanaaf sababoonni
garaagaraa ni ka’u.

1. Hojiin kun waggaa 10 – 12 fudhateera jedhamee waan amanamuuf , yeroo


wiirtuu Ligboorraa duubatti deebinee herreeguun bara 1941/ 42 ta’a. Barrikun
ammoo yeroo mootichi aangotti deebi’aniidha.

2. Murteen mooticha Afaan Oromoo afaan barreeffamaa, hojiifi amantaa akka


hin taane dabarsan Sheek Bakiir waan qabaniin akka qabsaa’an taasiseera.

3. Akkuma afaanota biro Raadiyoon darbaa turanii Afaan Oromoos sadarkaa


sanatti akka guddatuuf hawwii waan qabaniif.

4. Uummanni Oromoo seenaa, aadaafi duudhaa boonsaa osoo qabuu mallattoo


kennaa kana ittiin ibsatu dhabuun isaa qaanidha jedhanii waan yaadaniifi.

5. Sirna bulchiinsaa akkasumas, imaammata Afaan tokkoofi Amantaa tokko jedhu


mormuufi. 6. Rakkoolee qubee afaan biraan ( Arabaafi Saabaa ) Afaan Oromoo
barsiisuuf jiran hambisuun uummata isaanii barsiisuuf. Kana malees, kitaabolee
adda addaa amantaa, seenaafi jireenya hawaasumma irratti xiyyeeffatan gara 8
barreessaniiru.

Dalataan barreeffama gabaabduu Shalda ( sharph knife ) jettuun hawaasa haalan


akka dadammaqsaa turan seenaan ni hima. Hojiileen Sheek Bakiir ittiin beekaman
hedduu ta’anis carraa maxxanfamuu waan hin arganneef seenaan isaanii
haalaan bahee hin mul’anne. Kana fiixaan baasuuf tattaaffii gochaa turanis
sheek Bakriin dhiibbaa irra gahee tureen bara 1978 koolugaltummaa
Somaaliyaatti galuuf dirqamani. Muqaadishuu qaqqabanii barreeffamoota isaanii
maxxansiisuuf yaalanis haalli qabatamaan yeroo sanaa Hiran ( Somalia )tti akka
boqotan taasise. Kaayyoon yaadan guutummaan tuututti galmaan gahuu baatanis
seenaa Oromoo keessatti qoodni qaban baay’ee ol aanaadha. Waldaa Maccaafi
Tuulamaa Bara 1941 – 1947 tti haali qabatamaan biyya keessa ture afaaniifi
uummata oromoof majaawaa waan hin turreef sochii Sheek Bakrii wajjin wal
qabatee bara 1960’s keessa waldaa Maccaafi Tuulamaa akka dhaabbatu
taasifame. Waldaan kun uummata oromoo baadiyyaafi magaalaa jiru walitti
gurmeessuun rakkoo jiru hiikuuf kan tattaafataa tureedha. Yeroo eerame
keessatti uummanni oromoo akka dammaqu gochuun namoonni hedduun akka
barreessan, barsiisaniifi beeksisan karaa baneera. Kanaaf, haala qabatamaa
har’a mul’atuuf waldaan kun gahee guddaa akka taphate seenaan ni ibsa.

Gabaabumatti seenaa ogbarruu oromoo bara 1960fi 70 keessaa yeroo kaafnu


waldaan kunis maqaa dhahamuun waan hin oolle. Waldaan Maccaafi Tuulamaa
yeroo kana keessa dhaabbate seenaa guddina ogbarruu oromoo bu’aa guddaa
buuseera. Afaan Tajaajila Sabquunnamtii Keessatti Bara 1940 – 1960tti afaan
Amaaraa qofaa isaa tajaajila kennaa tureera. Bara 1970 eegalee afaan Tigriffaa,
Tigree, Somaaliifi Afaar meeshaa sabquunnamtii mootummaan tajaajilaa turan.
Afaan Oromoo %50 dubbatamu tajaajilaa ala ta’uun ; uummanni oromoo
bulchiinsa biyyattii irratti dhiibbaa hin fidu jedhamee waan yaadameef jedhama.
Dacheen isheellee maqaa akka jijjiirrattu taasifamaa tureera. Kunis:- sabaafi
sablammoonni daangaa irra jiraatan waliin walitti makuun maqaa saba biraan
akka waamamu gochuun -Magaalichumatti maqaa haaraa moggaasuun
SEENAA OGBARRUU OROMOO BARA DARGIITII – KUFAATII ISAATTI ( 1974 -
1991 ) 22 | P a g e

Imaammata Afaanii Yeroo Kanaa Bara 1970 kaasee namoonni kallattii


garaagaraan bulchiinsa yeroo sanaarratti gaaffii kaasaa turan. Yeroo sochiin
warraaqsaa galma ga’u, ( 1974 ) Dargiin aangoo qabate. Kanumaan lammiin
hundi biyyattii keessa jiran mirga mootummaa darbe keessatti dhaban akka
argachuu danda’an waadaa gale. Haaluma kanaan lammiin biyyattii (keessattuu
Oromoon ) abdiifi amantaa guddaa qabu ture. - Sochii afaaniifi aadaa oromoo
guddisuuf ta’us jalqaban. Kataabolee adda addaas gara afaan oromootti
jijjiiraniiru.Haa ta’u malee Dargiin waadaa gale hojiirra oolchuu hin dandeenye.
Afaan Amaaraa afaan hojii, afaan barumsaafi bulchiinsaa ta’ee itti fufe.
Meeshaalee Sabquunnamtiifi Tajaajila Isaanii Bara 1980 barreeffamoonni bifa
barruuleefi galaalchaan maxxanfamaa turan gara 14 ta’u turan. Isaan keessaa 12
- Afaan Amaariffaan 1 – Afaan Oromoon 1 – immoo Afaan Tigriffaan
maxxanfamaa turaniiru. Afaan Oromoo Duula Wallalummaa Balleesuu Afaanota
Dargiin duula wallaalummaa balleessuuf itti gargaaramaa ture keessaa tokko
Afaan Oromooti. Garuu dhimma siyaasaaf itti gargaaramuurraa kan hafe afaaniifi
uummata oromoof bu’aan buuse tokkollee hin jiru. Barreeffamoota Garaagaraa
Bara Kana Keessa Qophaa’an

1. Barnoota fidalaafi dubbisa

2. Jireenya Gamtaa Sabaa

3. Hursaa 4. Galata Waaqayyo Gooftaa Maccaa

5. Seenaa dafqaan bulaa oromiyaa


6. Biiftuu diraamaa 7. Kuusaa jechootaa Barreeffamoota Bara Kana Keessa
Qophaa’an Kanneen Biroo Sakatta’i

SEENAA OGBARRUU OROMOO KUFAATII DARGIITII – AMMAA ( 1991 –


AMMAA )

HOJIILEE GURGUDDOO YEROO KANAA Yeroon kun yeroo itti ogbarruun oromoo
qubee mataa isaatiif ta’u filatee ittiin barreeffamuun eegalameedha. Akkuma
seenaa ogbarruu oromoo ilaalaa dhufnerraa hubachuun danda’amutti
barreeffamoonni adda addaa gosaanis ta’ee, baay’inaan dabalaa dhufaniiru.
Yeroon amma keessa jirru ammoo yoomiyyuu caalaa barreeffamoonni baay’een
kan itti maxxanfamaa jiraniidha. Barreeffamoota barreeffamaa jiran kanneenis
garee adda addaatti haala walfakkaataniin qoqqooduun kanneen ijoo ta’an
kaasuun ni danda’ama.

1. Galmee jechootaa :- Galmeen jechootaa guddina ogbarruu afaan tokkoof


bu’aa guddaa qaba. Sababni isaa sadarkaa barreeffamaatti qaama murteessaafi
isaan biroof ( gaalee, ciroo, hima, keeyyata, barreeffamoota dhedheeroo ) dhaaf
ni barbaachisa. Kana malees, bu’aa afaan tokko irraa argachuuf ykn barachuuf
galmeen jechootaa tooftaa ( mala ) isa gabaabaafi filatamaadha. Waa’ee afaan
tokkoos gadi fageenyaan osoo hin qoratin galmee jechootaa irratti xiyyeeffachuun
barbaachisaadha. Afaan Oromoos, akkuma afaanota addunyaa kamiyyuu

galmejechootaa sadarkaa isaanii eeggatan yoo qabaate guddina ogbarruu


oromootiif bu’aa guddaa busuu danda’a jechuudha. Galmee jechootaa
hedduun baroota darban keessa lammiilee biyya alaafi keessattiin qophaa’aa
turaniiru. Galmeewwan jechoota guddina ogbarruu oromoo gargaaruuf
barreeffaman kanneen ijoo ta’an

T.L. Galmee jechootaa Barreessaa Bara

1 English – Oromo Ton Leusfi kanneen biroo 1992


Dictionary

2 English – Oromo Mahadi Hamid Mudde 1995


Dictionary

3. Oromo Medical Dictionary Eliyas Abara. 1995

4. Dictionary of Technical Tamana Birima 2000


Terms

5 Ilillii Hinseenee Makuriyaa 20007

6 Dictionary of Borana Ton Leus 2006


Culture

7 Galmee Jechoota Afaan WiirtuuQo’annoofiQoran 1996


Oromoo Wiirtuu noo
T.L. Galmee jechootaa Barreessaa Bara

8. Afaanota Itoophiyaa fi BBO 1992


Jechoota Teeknikaawaa

9 A Concise Vocubulary of H.Stroomer


Oromo

10 Galmee jechoota Biiroo Aadaa fiTur.Or. 1995


A/Oromoo

Galmee Jechoota Afaan Oromoo, Biiroo Aadaafi Oromiyaa

1995 1997

Araamaafi Ingilizii Kanneen Hafan Barreessi 2. BARRUULEE Barruuleen gosa


barreeffamaa ta’ee dhimma garaagaraa irratti xiyyeeffachuun ji’atti, ji’a
saditti, ji’a ja’atti ykn waggaatti altokko qophaa’uu danda’a. Innis mata
dureewwaan adda addaa irratti xiyyeeffachuun barsiisuu, beeksisuufi
bashannansiisuuf barreeffamuu danda’a. Barruulee yeroo kana keessa
qophaa’aa jiranii jijiirra oolaa jiraniifi hojiin ala ta’an yoo ilaallu:-

T. Lakk. 25 | P a g e

Barruulee Qaama Qopheesse

Bara 1 Innika

Baqqalaa Nadhii fi Gannat Gurmeessaa 1992

2 Ichima. Dhaabaa Wayyeessaa. 1993

3. Wiirtuu . Biiroo Aadaafi Beeksisa Oromiyaa. 1995

4. Barnoota Qubeefi Biiroo Barnoota Oromiyaa Dubbisa ,1994

5. Afaan Oromoo , Oromiyaa

6.Haa Biiroo Daldalaa Industiriifi Turizimii 1997

7. Barannu Oromiyaa Kallattii

8. Biiroo. Karooraafi Misooma Diinagdee 1996

9. Misoomaa Oromiyaa Calanqoo

Biiroo Misooma Qonnaa Oromiyaa ,1996

Sanduuqa Biiroo Faayinaansii Oromiyaa,1996

.Oromiyaa

Gadaa Bokkuu Gadaa Dhaabbata Maxx.fi 1993 Beeksisaa


10. Sinbirtuu Gumii Dagaagina Afaan Oromoo 1993

11. Odaa Intarpiraayizii Odaa 1993

12 . Beekaa Mushurraa Tagany 1995

Kanneen Hafan Barreessi 3. GALAALCHA /GAAZEXAA/ Galaalchi barreeffamaan


guyyaatti, torbanitti ykn torbee lamaan yeroo tokko kan qophaa’u ta’ee,
barsiisuuf, beeksisuuf akkasumas bashannansiisuuf kan gargaarudha. Hojiileen
galaalchotaan ka’an kunniinis seenaa ogbarruu oromoo keessatti guddina
ogbarruu oromoof gumacha guddaa qaba. Haaluma kanaan galaalchanni bara
kana keessa hojiirra oolaniifi sababoota garaagaraan yeroo ammaa hojiirra hin
jirre yoo kaafnu:T. Lakk.

Galaalchawwan

1. Bariisaa Dhaabbata Maxxansaa Itoophiyaa ( jalqaba 1975

2. Bara Qubee Saabaan , OromiyaaDHDUO ,1992

3. Kallacha Oromiyaa ,DHDUO , 1993

4.. Sagalee Adda Bilisummaa Oromoo , 1993

5. Magalata Oromiyaa Caffee Mootummaa Naannoo Oromiyaa .1996

Kanneen Hafan Barreessi 4. KITAABOLEE Barreeffamoonni bifa kitaabaan bahan


dhimmoota garaagaraa irratti xiyyeeffachuun barraa’anii carraa yeroo dheeraaf
turuu kan qabaniidha. Akka gaazexaafi barruulee yeroo muraasa eeganii kan
bahaniifi badan osoo hin taane itti yaadamee bifa idilee ta’een kan
qophaa’udha.
Kanamalees,

kitaabni

qabeenya

dhalootaa

dhalootatti

darbuudha.

Barreeffamoonni bifa kitaabaan barraa’anii bahan kanneen akka 4.1. Kitaabolee


Seerlugaa Kitaabileen seerlugaa akka waliigalaatti seera afaanii giddugaleessa
godhachuun kan barreeffamaniidha. Seerlugni kallattii guddinni afaan tokkoo ittiin
madaalamu waan ta’eef afaan oromoo irratti kitaabolee barreeffaman keessaa
kanneen ijoo ta’an yoo ilaale:-

T. Lakk. 1
Kitaaba Sketch of written Oromo structure

Barreessitoota Catherine

Bara Greifnow 2002

Mewis 2

Barnoota Oromiffaa:- seera Qajeelcha Afaanii

Toleeraa

Tasammaafi 1993

Hundee Toleeraa 3

A short Guide to the oromo language


Qajeelaa Mardaasaa

1993

Qorlugaafi Seerluga Afaan Oromoo

Wasanee Bashaa

1996

Seerluga Afaan Oromoo

Tilahuun Gamtaa
1995

Seerluga Afaan Oromoo

Beellamaa Likkiisaa

2004

Caasluga Afaan Oromoo

Biiroo aadaafi Turizimii 1995

27 | P a g e
Oromiyaa 8

A Grammar of Borana Oromo

H.Stroomer

1995

A Grammar Harar Oromo

Jonathan Owens

1985

10
Seerluga Afaan Oromoo

Taklee Qinaaxxii

2002

11

Qaraa

Wasanee Bashaa

2003

Kanneen Hafan Barreessi 4.2. ASOOSAMOOTA Asoosamni kallattii guddinni afaan


tokkoo ittiin madaalamuufi dhugaa hawaasa keessa jiru namfakkootaan,
yoomessa, jaargocha, ija, akkaataa, waldiddaafi kkf
bakka buusuun kan

agarsiisudha. Afaan Oromootiin barreeffamoonni asoosamaa mul’achuu kan


jalqaban kufaatii mootummaa Dargii boodadha. Asoosamoota bara kanaa as
barreeffaman muraasa yoo ilaalle:T. Lakk.

Asoosamoota

Barreessaa

Bara

Booree Booranaa

Abarraa Hambisaa

1993
2

Danaa

Asaffaa Tafarraa

2000

Dhaamsa Abbaa

Gaaddisaa Birruu

2002

4
Dirmammuu

Taklee Qinaaxxii

1995

Godaannisa

Dhaabaa Wayyeessaa

1996

Hawwii
Isaayaas Hordofaa

1995

Imimmaan Haadhaa

Toleeraa Fiqruu

2008

Kuusaa Gadoo

Gaaddisaa Birruu
1990

Seenaafi Seexaa

Tafarii Nugusee

2008

10

Suuraa Abdii

Kumsaa Burraayyuu

11
Yeroon Siif Haadhiiftu

Isaayaas Hordofaa

Kanneen Hafan Barreessi 4.3. WALALOO

28 | P a g e

2000

Walaloon kan ilmi namaa gaddaafi gammachuu, hawwiifi fedhii, haala jireenya
isaafi kkf ittiin ibsachuuf gargaaru keessaa isa tokkoodha. Guddina ogbarruu afaan
tokkoo ibsuufis baay’ee barbaachisaadha. Walaloowwan Afaan Oromootiin bara
kana keessa barreeffaman akka gosa barreeffamoota biroo hin baay’atan.
Walaloowwan bara kana keessa barreeffaman muraasa yoo ilaalle:T. Lakk.

Walaloo

Barreessaa
Bara

Anaaniyaa

Asaffaa Tafarraa

1998

Decorus Decorum

Asaffaa Tafarraa

2006
3

Edas Edanas

Asaffaa Tafarraa

1996

Eenyuun Amanta

Dastaa Dassaalany

2008

5
Mukukkula

Miliyoon Tigist

2008

Oromo Oral Poetry

Catherine Griefnow Mewis

2004

Kanneen hafan barreessi. 4.4.

AFOOLA
Afoolli kanneen akka weedduu, himtee, dudhaa, mammaaksa,oduu durii,
seeneffamoota, sirba, geerarsa, tapha ijoollee, faaruu, eebba, abaarsa,
jechamoota, waa’ee uumaafi kkf kan qabatu kan namoota bakka hunda jiraniiti.
Afoolli akkaataa ittiin jireenya hawaasaati. Barreeffamoonni afoola irratti
xiyyeeffataniifi Afaan Oromoon barreeffamanii bahan baay’eedha. Kanarratti
qooda kan fedhate lammiilee oromoo qofa osoo hin taane namoonni biyya alaas
jiru. Barreefamoonni afoolaa bifa barreeffamaan dhiyaatanis guddina ogbarruu
oromoof gahee guddaa qabu. Kanneen keessaa muraasni:-

T. Lakk

Walaloowwan

Barreessaa

Bara

1
An Anthology of Oromo Literature

Claude Summer

1996

Daawitii

W/Yohaannis Warqinaa

1996

Koobaa Dubbii
Mohaammad Ahimad

1992

Mammaksa Keenya

Asiraat Damissee

1992

Qorsa Sammuu

Wabayyaa Galaan
1995

Oromo Wisdom Literature ( V-1) Proverb

Claude Summer

1995

29 | P a g e

Oromo Wisdom Literature ( V-2) Foltales

Claude Summer
1996

Oromo Wisdom Literature ( V-3) Song

Claude Summer

1998

Theorizing the Present

Asaffaa Tafarraa

2004
10

Faandhoofticha

Gadoofi

Asoosamoota Hinseenee Makuriyaa

2008

Gaggabaaboo 11

Oromo Sprichworte und-rede

Catherine

Griefnow 1994
Mewis& Tamene Bitima 12

Borana Folktales

Sahilu Kidane

2002

13

Simbirroo

Muluu Salamoon

2008

14
Baasaa Boortee Kiyya

Aadam Kadiir Galatoo

2009

15

Mammaaksafi Weelluu

Obsaa Tagany

1993

16

Kitaaba Fakkii Afaan Oromoo


Claude Summer

1999

17

(Eela )

Asaffaa Tafarraa

2009

Kanneen Hafan Tarreessi 4.5.

SEENAA

Barreeffamoonni seenaa uummata oromoos ta’ee namootaa guddina ogbarruu


oromoo keessatti gahee ol aanaa qabu. Kanneen bifa seenaan guddina ogbarruuf
bu’aa buusan muraasni:-
T.Lakk

Kitaabolee Seenaa

Qopheessaa

Seenaa Oromoo – Jaarraa 16ffaa

Biiroo

Aadaafi

Bara Turizimii 2005

Oromiyaa 2
Abbaa Gammachiis

Tasgaraa Hirphoo

1999

Introduction to the Oromo People

Gadaa Meelbaa

1998

Seenaafi Qabsoo Oromootaa


Mohaammad Sayid

2004

Kanneen Hafan Barreessi

30 | P a g e

pdfcoffee.com

Contact information

Ronald F. Clayton

info@pdfcoffee.com

Address:

46748 Colby MotorwayHettingermouth, QC T3J 3P0


About Us

Contact Us

Copyright

Privacy Policy

Terms and Conditions

FAQ

Cookie Policy

SUBSCRIBE OUR WEEKLY

NEWSLETTER

Enter your E-mail

Copyright © 2022 PDFCOFFEE.COM. All rights reserved.

~~~~~~~~~~~~~~~~~~~~~~~~~~~~~~~~~~~~~~~~~~~~~~~~~~~~~~~~~

AANOLEEPRESS

focuses on current issues in Ethiopia.

Menu

SKIP TO CONTENT

Search

Taate gurguddoo seenaa ogbarruu Afaan oromoo


JUNE 8, 2017 / ANOLEPRESS

Taate gurguddoo 100 seena ogbarruu Afaan Oromo keessatti

Major 100 events in Oromo Literary History

kan hafe yookin hanqate,kan dabalamuu ykn hir’achu qaba jettan naaf
barreessa. Kun seena keenya, seena afaan keenyati.

1. Dhuma Jarraa 13ffaa – kitaabni jalqa Oromo Rabbi Al Qulbi Ali Umariin
barreeffame.

2. 1682 – kitaabni jalqaba hiika jechoota(galmee jechoota xiqqoo) afaan Oromo


Ludalfi Hiyuboon qubee Latiniin barreeffame maxxafame.

3. 1755- Afaan Oromo Bara Mootii Iyasu tokkoffa afaan hoji masaraa Gondar
ta’e

4. 1795- Weedduun Salamoon Jamis Burusin Afaan Oromotti jijjirame


maxxanfame

5. 1814- Henery Saalti galmee Jechoota Afaan Oromo fi afaan Ingliizii maxxanse

6. 1824- Bilillen dhalatte

7. 1837 -Bilillen Motii Jarman heerumte


8. 1838- Afa Walaloon Oromo Faransitti Waare, Gabaa’ofi Jomardin
maxxamfame

9. 1840- kitaabni uuma fi Yohanis Kiramfin maxxamfame

AdvertisementsbREPORT THIS AD

– Billillen walaloo 280 Karli Tusheeki kennite

10. 1841-Rocheti Herkoti galmee jechhota afaan Oromo maxxanse

11. 1842- seerlugni afaan Oromo Kiraamfin barreefame maxxafame

12. 1843-Charles Bake jechoota Afaan Oromo walitti qabe maxxanse

13. 1844- Karli Tushek, Akkafedhe Dalle, Osho Aagaa, Amaan Gondaa, Billillen
barreessan seerlugani Afaan Oromo maxxanfame

-Karli Tushek, Akkafedhe Dalle, Osho Aagaa, Amaan Gondaa, Billillen barreessan
galmeen jechoota Afaan Oromo maxxanfame

14. 1848- De Abbadee gara dhiha Oromiya dhufe

15. 1852- Manni baruumsa Jalqaba Oromiya keessaatti, Horroo Guduru,


Kombolchatti Abba Masayaatin baname

16. 1853- Abba Jakob kitaaba Katekimus Afaan Oromotti hike Maxxanse

17. 1854- Manni baruumsa lammaffa Limmu saqqatti baname

18. 1855- Ganame Yaa’ii seena ishii “intala Oromo” jedhu maxxansite
19. 1856- Onosimos Nasib Dhalate

20. 1866- Abba Masaya Kolleejji Afaan Oromo qulqullu Mikaa’elaa Firaansi,
Maarsetti bane

21. 1867- Abba Masaya seerluga Afaan Oromo maxxanse

22. 1869- manni baruumsafi kollejjin Afaan Oromo Finfinne, Birbirsatti(Piyaasa)


baname

23. 1874- Aster Ganno dhalatte

24. 1875- Mootin Yohannis mana baruumsa fi Kollejji Oromo akka cufu Minilik
ajaje Minilikis mana baruumsa fi kollejji kanneen humnaan cufe

25. 1876- Kitaabni qulqullu kakuu haara Kiristiyaan Rufoon hiikame maxxafame

26. 1881-Katolikoonni Finfinne ari’aman Hararitti mana baruumsa banan

27. 1882- Shek Mahamod Jamil al Anni, kan waaye Oromo afaan Araban kitaabota
shantama oliin barresan waraana daanga Rayyaf i Afar jedduttii Mootii Yohaanis
wajjin godhamerratti wareegaman

28. 1885- walaloon Oromoo Bililleen barreffame maxxanfame

29. 1986- Onesimos Nasib kitaaba Galata Waqayyo Gofta maccaa jedhu maxxanse

30. 1887- Etere Veterbo galmee seerluga afaan Oromo maxxanse

31. 1893- Firaanzi Piratooriyas seerluga Afaan Oromo maxxanse

32. 1894- Onesimos Aster Ganno wajjin jalqaba barsiisa maxxanse

33. 1895- Shek Bakiriin dhalate


34. 1898- Manni baruumsa Afaan Oromo Bojji karkarrootti baname

35. 1899- Onesimos Katekismos, Garaan Namaa Mana Waaqayo yookiis Iddo
Bultii Seetana, kitaaba Qulqulluu guutuu fi Galmee jechootaa Afaan Oromoo-
Siwidini maxxanse

36. 1899-Aster Gannoo, si’a lama oduu shantamii lamaa fi kitaaba Afoola
maxxasite

37. 1900- Onesimos mana baruumsa Afaan Oromo Asamaratti bane

38. 1900- AbbaJakoob kitaaba Wangeela Matiwos, kadhaa ganamaa fi galgala,


kitaaba muldhataa Yohanisii fi abboomii kurnan afaan Oromotti hike

39. 1904- Onesimos Najjotti mana baruumsa bane

40. 1913- E.C. Foot’s Galmee jechoota Afaan Oromoofi Afaan Ingiliizii maxxanse

41. 1922- Iniriiko Chiruulii kitaaba Phd isaa Afoola Oromo jedhu maxxanse

42. 1923- Aster Ganno mana baruumsa Naqamteetti bante

43. 1925- Josef Muzinjer Pashaa(haadhan Oromo abban Bulcha Galaana Diima fi
jeneraala Misirii) walaloo Afaan Oromoo maxxanse

44. 1931- Onesimos Nasib boqatan

45. 1936- Walaloon Fayis(Mana hidha fashistitti kan du’e) Nazif Hakimaatin
maxxafame

46. 1936- Radiyon Afaan Oromo Jimmaf Finfinnetti eegale


47. 1936- Kitaabni barataa Afaan Oromo maxxafame

48. 1936- Shek Bakriin walaloo barreesu egale

49. 1939- Mariyo Morino seerluga Afaan Oromo maxxanse

50. 1941- Radiyon afaan Oromo fi manni baruumsa afaan Oromo Xaaliyaanonni
banan cufame

51. 1944- Afaan Oromoo tajaajila kamifiyyu akka hin olle serri dhorku bahe.

52. 1955- Sheki Bakiriin qubbe Afaan Oromo xumure

53. 1961 Maccafi Tulamaan hunda’e

54. 1962- Bandiin Afran qallo hunda’e diraama gaggabaabofi sirbonni barrefamu
egalan

55. 1964-Tiyatirri jalqaba Afaan Oromoo Mammo Mazamiriin barreefame


Bushoftutti muldhate

56. 1965- Barruullen Oromo kana beekta laata Finfinneetti eegale

57. 1970- Radiyoon afaan Oromo Maqadashoo baname

58. 1971- Gazexaan Oromo ‘the Oromo voice against tyranny jalqabe

59. 1973- Hirmaata duubbi serluga afaan Oromoo fi Bara birran yoo
bari’e(dirama) Hayle Fidaan barrefamanii bahan

60. 1973- Radiyyon Harar baname

61. 1973- Hursan (asoosama) Dafaa Jamoon barreefame maxxafame


62. 1973- Oromo oral literature Mangasha Riqxuun qopha’e maxxafame

63. 1975-Gazexaan bariisa maxxanfamu egalte.

64. 1975- Fura Afaan Oromoo kan qubee amma fayyadamnu guututti qabdu
Sheek Mahamad Rashadiin maxxaffamte.

65. 1976- Kitabonni Soshalizimii faarsani namoota akka Tamsegen Gammadda ,


Jaalata Jafaroo fi Kuwwe kumsaan barrefaman maxxafaman.

66. 1976- Bilillee Safaa Sheek Mohammad Jajjuu qubee Araba fayyadamuun
walaloo afaan oromo barreesan maxxafame

67. 1976- Korri qubee Afaan Oromo Gaara Mullataatti geggefame

68. 1981- Kitaabni walaloo Biliqqaa jedhamu Xaha Abdiin barreefame maxxafame

69. 1982- Kitaabni Oromiya jedhu Gadaa Melban barreeffame maxxanfame

70. 1982- Abbaan Walaloo Oromo Sheek Bakirin boqatan.

71. 1984- Kitaabni walaloo Hanga yoom nu hidhu Taamana Bitimaan barrefame
maxxafame

72. 1988- Afaan Oromoo mana baruumsaa baqatoota keessatti ittin baratame
egale

73. 1990- Galmeen jechoota Gireeg Gaanyee maxxafame

74. 1990- Galmeen jechoota Xilahuun Gamtaa maxxafame

75. 1990- Kuusaa Gadoo radiyoon seenefame

76. 1990-Gumbiin aadaa Wallagga Daafa Jamoon barreefame maxxaffame


77. 1990- kuusa jechoota(galmee jechoota) Daafa Jamoon barreefame
maxxafame

78. 1991- Camsaa 28 Dargiin kufe

79. 1991-Waxabajjii 25 qubeen Afaan Oromo Oromiyaa guututti hojirra akka oolu
murteefam

80. 1991- Hagayyaa Kuusaa Gadoo Gaddisa Biruun barreefame maxxafame

81. 1991- Fulbaana Godaannisni Dhaabaa Wayyeesan barreefame maxxafame

82. 1991- ETVn sagantaa afaan Oromo egale

83. 1992- kitaabonni barnootaa Afaan Oromon maxxafamanii bahan

84. 1992- Baratoonni Oromo afaan haadha isaaniin barachu egalan

85. 1992- Tiyaatirri , Dukanaan Duuba, Jennan fi Imimaan Dhaaba wayyesan


barreefaman waltajjitti dhiyatan

86. 1992- Tiyaatirri Qorannoo Motummaa Asafa fi Diima Abarran barrefame


walatajjitti dhiyaate

87. 1993- Suura Abdii Kumsa Buyayyuun barreefame maxxafame

88. 1993-Yadaniin ( Bantii Oliiqaa?) barreefame maxxafame

89. 1993- Kooba Dubbii Mahamadi Qopheen barreefame maxxaffame

90. 1993- Serluga afaan Oromo Abdul Samad Mohamadiin barreefame


maxxafame

91. 1994- Kitaabni Qabee jettu Wasane Bashatin barrefamte maxxafamte


92. 1994- Dhangaan fi diraaman TV afaan Oromo egale

93. 1994- Tiyaatirri Dhaaba Wayyesa Fuula Dhokate jedhe waljattii argate

94. 1994- Tiyaatirri Jilbibbii Fayisa Yaddesan barreefame waltajji argate

95. 1995- Tiyaatirri Hulluqqoo Abdul Nasir Haji Hasaniin barreefame waltajji gahe

96. 1997- Kollejjin barsiistota afaan Oromoon lenjisu Jimmafa Adaamatti baname

97. 1998- Qorumsi afaan Oromo kutaa kudha lamaffa egale

98. 1998- Afaan Oromo akka quxusuutti(minor) Yuniversiitii Finfinnetti eegale

99. 2002- Afaan Oromoo Digirrii jalqabaan Yuniversiitii Jimma fi Haramayatti


kennamuu egale

100. 2005- Afaan Oromo Mastariin Yuniversiitii Finfinneetti eegale

You might also like