You are on page 1of 34

Abbaa Taayitaa Geejjibaa Oromiyaa

Qopheessitootni : GRACE

1. Geetanee Abdiisaa (MSc) -Automotive Engineer


2. Roobeeraa Dhaabaa (MSc)-Mechanical Engineer))
3. Adaanee Abdataa (MSc)-Automotive Engineer
4. Cherinnat Girmaa (MSc) -Automotive Engineer
5. Eebbisaa Shibashii (MSc)-Automotive Engineer

Seeraa fi Dambiilee
Geejjibaa
Pr. By: GRACE Automotive,
Machinery & Transport
Consultant PLC
11
Abbaa Taayitaa Geejjibaa Oromiyaa

1. SEERAA FI DAMBII GEEJJIBAA


1.1. Mallattoolee Qarqara Daandii Idil-Addunyaa
Mallattooleen qarqaraa daandii Addunyaa waa’e seeraa fi dambii geejjibaa, haalaa fi kallattii
daandiin, dhaabilee tajaajilaa Kennan fi fageenya deemsaa odeeffannoo fi ragaa kennuuf kan
tajaajiluu dha
Mallatoolee qarqaraa daandii Idil-Addunyaa hiika kennaniin /ergaa dabarsaniin/ kan
akeekkachiisan, kan too’atan fi odeeffanoo kan dabarsan jedhamanii kutaawwan ijoo sadii (3) tti
kan qoodaman yammuu ta’u haallu fi rogni isaan itti hojjattaman ergaa maal dabarsuu akka
barbaaddame kan ibsaniidha.
Mallattoon qarqara daandii Adil- Addunyaa mara irratti beekaman walumaa galatti bakka
gurguddoo sadiitti qoodamu. Isaanis:
1. Kan akeekkachiisan ykn of- eeggachiisan
2. kan to’atan
3. Ragaa ykn odeeffannoo kan kennanii dha
1.1.1. Mallattolee Qarqara Daandii Kan Akeekkachiisan(Of-eeggachiisan):
Mallattoon kun ergaan inni dabarsu konkolaachistoonni daandii irratti haala balaaf saaxiluu
(qunnamu danda'u ) dursanii akka beekanii fi of-eegganno akka godhan kan taasisan yommuu
ta'u mallattoolee abba roga-sadee halluu diimaa kan dibamee, madabiin (gabatee) adii irratti
halluu guraachaan fakkii, lakkofsa mallattoolee ergaa dabarsuuf kan tajaajiluu dha..

1.1.2. Gabatee 1.1. Mallattolee qarqara daandii Akeekkachiisan

1 Daandii irratti riqicha dhiphaan waan siqunnamuuf of-eegganoon


konkolaachisi.

2 Hojjatoonni daandii suphan waan siquunamaniif saffisa hir`isuun of-


eeggannoon konkolaachisi.

3 Daandiin abbaa kallattii afurii waan siqunnamuuf dhaabachuun


konkolaattotaa fi lafa deemtotaaf dursa kennuun of-eegganoon konkolaachisi.

2
Prepared By: GRACE Automotive, Machinery & Transport Consultant PLC
Abbaa Taayitaa Geejjibaa Oromiyaa

4 Daandiin fuuldurakee gara bitaatti deemu waan si qunnamuf


of-eeggannoon konkolaachisi.

Daandiin fuuldurakee gara bitaatti deemu waan si qunnamuf


5 of-eeggannoon konkolaachisi.

6 Daandiin fuuldurakee mirgaa fi bitaatti kan maqu malee fuula duratti kan hin
deemsifne waan ta`eef of-eeggannoon konkolaachisi.

7 Daandii manca’aan waan siqunnamuuf saffisa hir'isuun of-eeggannoon


konkolaachisi.

8 Daandiin gara bitaatti marfatu waan siqunnamuuf sarara bitaa qabachuun of-
eeggannoon konkolaachisi.

9 Daandiin gara mirgaatti marfatu waan siqunnamuuf sarara bitaa qabachuun of-
eeggannoon konkolaachisi.

10 Daandiin dursa gara bitaatti itti aansun gara mirgatti goru waan siqunnamuuf of-
eeggannoon konkolaachisi.

11 Daandiin dursa gara mirgaatti itti aansun gara bitaatti goru waan siqunnamuuf
of-eeggannoon konkolaachisi.

12 Daandii dhiphachaa deemu waan siqunnamuuf of-eeggannoon konkolaachisi.

13 Hadiida baaburaa cufa qabu kan daandii qaxxaamuru waan siqunnamuuf of-
eeggannoon konkolaachisi.

3
Prepared By: GRACE Automotive, Machinery & Transport Consultant PLC
Abbaa Taayitaa Geejjibaa Oromiyaa

14 Hadiida baaburaa cufa hin qabne kan daandii qaxxaamuru waan siqunnamuuf
dhaabachuun akka baaburri hin jirre mirkaneeffadhuu of-eeggannoon
konkolaachisi.

15 Irraan-gadee hamaan waan si qunnamuuf maarshii ulfaata galchuun of-


eeggannoon konkolaachisi.

16 Hadiida baaburaa daandii qaxxaamuru fageenya gabaabaa kessatti deddeebi'ee


jiraachu isaa mallatoo akeekkachiisuu dha.

 Abbaan sarara sadii meetira 250 irratti


 Abbaan sarara lamaa meetira 170 irratti
 Abbaan sarara tokkoo fageenya meetira 100 irrattii qaxxaamurri
hadiida baaburaa waan siqunnamuuf of-eeggannoon
konkolaachisi.
17 Daandirra hadiidni qaxxaamura baaburaa waan siqunnamuuf of-eeggannoon
konkolaachisi.

18 Daandirra qaxxaamura hadiida baabura lama waan siqunnamuuf of-


eeggannoon konkolaachisi.

19 Daandii lafoo deemtotni itti baay`atan waan siqunnamuuf of-eeggannoon


konkolaachisi.

20 Daandii fuuldurakeetti bakka barattootni itti baayyatan waan siqunnamuuf of-


eeggannoon konkolaachisi.

21 Daandii abbaa kallattii tokkoon qofa konkolaachisuuf hayyamametti yeroodhaaf


kallattii lamaan akka konkolaachisaniif kan hayyamame waan ta’eef of-
eeggannoon konkolaachisi.

4
Prepared By: GRACE Automotive, Machinery & Transport Consultant PLC
Abbaa Taayitaa Geejjibaa Oromiyaa

22 Daandiin mucucaatu waan siqunnamuuf of-eeggannoon konkolaachisi.

23 Daandirra haalli sodaachisaan (wantotni balaa geessisan) waan si qunnamuuf of-


eeggannoon konkolaachisi.

24 Fuula duratti ibsaan tiraafikaa waan siqunnamuuf of-eeggannon konkolaachisi.

25 Daandirra bubbeen (obomboleettiin) hamaan waan siqunnamuuf of-eeggannon


konkolaachisi.

26 Marfatni hamaan bitaatti maqu / mallattoon yoo naanna'u marfatni hamaa


gara mirgaatti waan siqunnamuuf of-eeggannoon
konkolaachisi.

27 Addabaabaayiin geengoo fuladuratti waan siqunnamuuf of-eeggannoon


konkolaachisi.

28 Daandiin abbaa kallattii lamaa gara abbaa kallattii tokkootti waan jijjiiramuuf
of-eeggannoon konkolaachisi.

29 Daandiirra dhagaan faca’u(furguggifamu) waan siqunnamuuf saffisakee


hir`isuun of-eeggannon konkolaachisi.

5
Prepared By: GRACE Automotive, Machinery & Transport Consultant PLC
Abbaa Taayitaa Geejjibaa Oromiyaa

30 Fuul-durakee sochiin tiraafikaa waan baay`atuuf saffisakee hir`isuun of-


eeggannon konkolaachisi.

31 Daandii fuul- durakeetti Beeyladootni daandii qaxxaamuran waan jiraniif of


eeggannoon konkolaachisi.

32 Qaama miidhamtooni waan daandii qaxxaamuraniif saffisa hir`isuun of-


eeggannoon konkolaachisi.

33 Fuul duratti maashinii tajaajila qonnaa waan si qunnamaniif /daandii


qaxxamuraniif/ saffisa hir`isuun of-eeggannoon konkolaachisi.

34 Daandii daddabaa hamaan waan siqunnamuuf saffisakee hir`isuun of-


eeggannoon konkolaachisi.

35 Konkolaataan ittisa balaa ibiddaa waan siqunnamuuf ariitii hirisuun of-


eeggannoon konkolaachisi.

36 Fuula duratti konkoolaatan fe’umsaa waan siqunnamuuf/daandii qaxxaamuruuf/


saffisa hir`isuun of-eeggannoon konkolaachisi.

37 Fuula duratti bakka daa`imman itti taphaatan waan jiruuf saffisa hir`isuun of-
eeggannoon konkolaachisi.

38 Daandin bakka lammatti addaan bahu iddoo itti jalqabu waan ta’eef saffisa
hir`isuun of-eeggannoon konkolaachisi.

6
Prepared By: GRACE Automotive, Machinery & Transport Consultant PLC
Abbaa Taayitaa Geejjibaa Oromiyaa

39 Daandin bakka lamatti addaan bahee ture bakka itti xummuuramu waan ta’eef
saffisa hir`isuun of-eeggannoon konkolaachisi.

Fuula duratti mallattoon Dhabbadhu! /STOP!/ jedhu waan siqunnamuuf saffisa


40 hir`isuun of-eeggannoon konkolaachisi.

41 Fuula duratti mallattoon dursa kenni jedhu waan siqunnamuuf saffisa hirisuun of-
eeggannoon konkolaachisi.

42 Daandiin cinaan gara mirgaatti maqu waan siqunnamuuf


of -eeggannoon konkolaachisi.

43 Daandiin walqunnamsiiftuu fakkii “Y” waan siqunnamuuf saffisa hir`isuun of-


eeggannoon konkolaachisi.

44 Fuuldurakeenamni alaabaa tiraafikaa (flag man) keessumeessu waan


siqunnamuuf saffisa hir`isuun of-eeggannoon konkolaachisi.

45 Gara mirgaattiin qaxxaamurri hadiida baaburaa waan jiruuf saffisa hir`isuun of-
eeggannoon konkolaachisi.

46 Dhumni daandii asfaaltii waan siqunnamuuf saffisa hir`isuun of-eeggannoon


konkolaachisi.

47 Daandii dhagaa darbatamaa (sigiiga) qabu waan siqunnamuuf saffisa hir`isuun


of-eeggannoon konkolaachisi.

48 Riqicha socho’an (ka'u) waan siqunnamuuf saffisa hir`isuun of-eeggannoon


konkolaachisi

7
Prepared By: GRACE Automotive, Machinery & Transport Consultant PLC
Abbaa Taayitaa Geejjibaa Oromiyaa

49 Daandii qarqara lagaatti geessu waan si quunnamuuf saffisa hir`isuun of-


eeggannoon konkolaachisi.

50 Qarqarri daandii hammaataa waan ta’eef saffisa hir`isuun of-eeggannoon


konkolaachisi.

1.1.3. Mallattoolee Qarqaraa Daandii Idil-Addunya kan To`atan


Mallatoolee Too’annoo qarqaraa daandii: - Mallattoolee kana adda kan isaan taasisu
dambii seera geejjibaaf baheef aangoo adaabbii kan of keessatti qabate tahuu isaati.
Mallattooleen Kun bakka sadiitti qoodamu.
 Kan dhowwan (dhorkan)
 Kan dirqisiisanii fi
 Dursa Kan kennisiisanii dha.
Kan dhorkan /kan Daangessan/:- Mallattoolee qarqaraa daandii kun bocni isaanii geengoo
halluu diimaan dibame yoo tahu, madabiin isaanii halluu adiin dibamee ergaan isaan dabarsan
ammoo halluu garraachaa fakkii / xiyyaa ykn barruun hojjettamee dha.
Gabatee 1.2. Mallatoolee qarqara daandii kan dhorkan/Daangessan/
1 Konkolaataan gosa kamiyyuu kan harkaan dhiibaman dabalatee darbuun dhorkaa dha.

2 Kallattii mallattoon kun jiruun konkolaachisaa darbuun dhorkaa dha.

3 Kallattii mallattoon kun agarsiisun gara mirgaatti goruun /maquun/ dhorkaa dha.

4 Kallattii mallattoon kun agarsiisun gara bitaatti goruun /maquun/ dhorkaa dha.

8
Prepared By: GRACE Automotive, Machinery & Transport Consultant PLC
Abbaa Taayitaa Geejjibaa Oromiyaa

5 Konkolaattota xixiqqaa miila lamaa olii bakka mallattoon kun dhaabbate irraa kaasee hanga
mallatto “isa dhuma”(END) jedhu bira darbamutti dursuun dhorkaa dha.

6 Konkolaata abbaa mootoraa miila lamaa olii daandii kana irra darbuun dhorkaa dha.

7 Daandii kana irraa Doqdoqee konkolaachisaa darbuun dhorkaa dha.

8 Konkolaataa humna mootoraatiin socho'an kamiyyuu konkolaachisaa darbuun dhorkaa dha..

9 Konkolaataa fe’umsaa ulfaatinni waliigalaa(toonii) mallatto irratti ibsameen ol ta'ef darbuun


dhorkaa dha.

Konkolaataa fe’umsaa ulfaatinni waliigalaa mallattoo irratti ibsameen ol ta'ef darbuun dhorkaa
10 dha.

11 Akkuma xiyyaan agarsiisu gara bitaatiin of-irra naanna'anii deebi’uun dhorkaa dha.

12 Daandii mallatoon kun jiruun biskileettii konkolaachisaa darbuun dhorkaa dha.

13 Beeyiladaan kan harkifaman daandii kanaan darbuun dhorkaa dha.

14 Konkolaataan humna namaatiin socho’u daandii kanaan darbuun dhorkaa dha.

15 Daandii mallatoon kun jiru irra lafoo deemtonni deemuun dhorkaa dha.

16 Konkolaataa fe’umsa ulfinna aksili k.g. mallatto irratti ibsame ol ta’ef darbuun dhorkaa dha.

9
Prepared By: GRACE Automotive, Machinery & Transport Consultant PLC
Abbaa Taayitaa Geejjibaa Oromiyaa

17 Konkolaataa bal`inni waliigalaa meetiraan mallattoo irratti ibsamee ol ta’ef darbuun dhorkaa dha

18 Konkolaataa hojjaan (ol kaa`insi) waliigalaa meetiraan mallattoo irratti ibsameen ol ta’ef darbuun
dhorkaa dha.

19 Daangaa magaallatti seenaa waan jirtuuf seera magaalaa keessatti konkolaachisuuf


tumaman(ka`aman) kabaji.

20 Naannoo magaalaatiif dhuma daangaa saffisa murtaa’e

21 Sagalee akeekkachisaa /faaggaa/ kamiiyyuu dhageessisuun dhorkaa dha.

22 Bakka mallattoon kun dhaabbate irraa kaasee

 Hanga daandii qaxxamuraa ykn walqunnamsiistuu darbituttii ykn.


 Mallattoo kana keessatti barreeffama “isa dhumaa” jedhu bira hanga
darbituutti konkolaataa dhaabuun dhorkaa dha
23 Bakka mallattoon kun dhaabbate irraa kaasee

 Hanga daandii qaxxaamura ykn walqunnamsiistuu darbituttii. ykn


 Mallattooma kana keessatti barreeffama “Isa dhumaa” jedhu bira hanga
darbituutti yeroo dheeraaf konkolaataa dhaabuun dhorkaa dha.
 Haa ta’u malee konkolaachisaan osoo konkolaataa keessaa hin bu’in namas
ta`e meeshaa fe'uu fi buusuuf qofa yeroo gabaabaaf dhaabbachuun ni
danda’a.

24 Daandii mallatoon kun jiru irratti konkoolaataa fuula duraa kee dhufuuf dursa osoo hin kennin
darbuun dhorkaa dha.

10
Prepared By: GRACE Automotive, Machinery & Transport Consultant PLC
Abbaa Taayitaa Geejjibaa Oromiyaa

25
Dhaabbadhu! Bakka sakatta’aa Waajjira gumurukaa dha. Bakka mallatoon kun argamu hundatti
konkolachisaan kamiyyuu konkoolaataa dhaabee too’ataa gumurukaatiin osoo hin sakattaasisin
darbuun dhorkaadha.

26 Mallatttoo konkolaata dhaabuun dhorkaa dha jedhuuf xumura isa kan ibsuu dha.

27 Fageenya mallatto irratti ibsame gadi itti siqanii konkolaachisuun dhorkaa dha.

28 Bakka mallatoon kun jiru irraa kaasee hanga daandii qaxxaamuraa itti aanee jiru ykn mallattoo
kana kessatti dhuma jedhu hanga darbitutti yeroo gabaabaafis ta’ee yeroo dheeraadhaaf
konkoolaataa dhaabuun dhorkaa dha.

30 Konkolaattota waantota boba’an (dhohan) fe’anii deemaniif darbun dhorkaa dha

32 Konkolaataa fe’umsaaf darbuun dhorkaa dha.

33 Konkolaataa cabe harkisanii darbuun dhorkaa dha.

37 Konkoolaataa dheerinni waliigalaa meetiraan mallattoo irratti ibsamee ol ta’ef darbuun


dhorkaadha.

11
Prepared By: GRACE Automotive, Machinery & Transport Consultant PLC
Abbaa Taayitaa Geejjibaa Oromiyaa

Mallattoolee Qarqara Daandii kan Dirqisiisan


Mallattoolen qarqara daandii madabini (gabateen) isaanii halluu cuquliisaan (bifa waaqaatiin) kan
dibame yoo tahu ergaan dabarsan xiyyaa adii ykn fakkii adiidhaan agarsiisu. Fakkiin (xiyyaan)
halluu adiitiin hojjattame ergaa ykn ajaju dabarsuudhaaf kan qophaa`ee dha.
Gabatee 1.3. Mallattoolee qarqara daandii kan dirqisiisan
T/L Ergaa Dabarsan Mallattoo
1 Karaa gara bitaa jiru qofaan darbi

12
Prepared By: GRACE Automotive, Machinery & Transport Consultant PLC
Abbaa Taayitaa Geejjibaa Oromiyaa

2 Akkuma xiyyaan (kallattii ) agarsiisutti fuuldura qofaatti


konkolaachisi.

3 Daandii gara mirgaa qofaan darbi

4 Akkuma xiyyi agarsiisutti fuulduraa fi gara bitaa qofaan darbi

5 zakkumaxiyyiagarsiisuttifuulduraa fi garamirgaaqofaandarbi

6 Akkuma xiyyi agarsiisutti gara bitaa fi gara mirgaa qofatti


konkolaachisi.

7
Akkuma xiyyaan agarsiisutti gara bitaa qofaatti konkolaachisi

Akkuma xiyyaan agarsiisutti gara mirgaa qofaan konkolaachisi

Kallattii xiyyaan agarssisuun qofaatti konkolaachisi

Gara xiyyaan agarsiisutti bitaakee qofatti konkolaachisi

13
Prepared By: GRACE Automotive, Machinery & Transport Consultant PLC
Abbaa Taayitaa Geejjibaa Oromiyaa

Gara xiyyaan agarsiisutti mirgakee qofaatti konkolaachisi

Konkolaataa marfata (addabaabaayii) keessa dursee seeneef dursa


kennuun akkuma xiyyaan agarsiisanitti naanna’uun darbi.

Daandii biskileettii qofaaf heyyamame

Fuul-dura qofaatti konkolaachisi

Saffisa sa’aatiin kenname isa gad –aanaa

Saffisin gad-aanaan yeroodhaaf ta’e kan itti dhumu.

Daandii lafa deemtota qofaaf heyyamame

Dhaabuun kan heyyamamu kallattii xiyyaan agarsiisu qoofaatiin

Mallattolee Qarqara Daandii Dursa Kan Kennisiisan


Mallattoon Kun bocni isaaniitii fi madabin (gabateen) isaanii addaa adda yoo ta’an illee
ergaan isaan dabarsan dursa kenni Kan jedhuu dha.
Mallattoota kanneen, daandiwwan wal qaxxaamuranii fi daandiwwan walitti dhufan irratti
argamu.
Unka 1.4. Malattoolee qarqaraa daandii dursa kan kennisiisan.

14
Prepared By: GRACE Automotive, Machinery & Transport Consultant PLC
Abbaa Taayitaa Geejjibaa Oromiyaa

Dhaabbadhu! Daandii qaxxaamura konkolaattota seenaniif dursa kennii darbi.


1

2 Daandii dursa qabda kan agarsiisudha.

3 Mallattoo ajaja dhuma daandii dursa qaba jedhuuti.

4 Konkolaataa fuulduraa dhufuuf dursa kenni

5 Daandii lafoo deemtotaa irratti dursa kennii darbi .

1.1.2.4 Mallattoo Qarqara Daandii Kan Odeeffannoo (Ragaa) Kennan


Mallattoo qarqara daandii odeeffanno kennan bocni isaanii abba roga afuri ta’e odeeffannoo kan
kennanii fi kallatii kan agarsiisan jedhamanii bakka lamatti qoodamu.
Gabatee 1.5. Mallattoolee Agarsiistuu kallattii fi Tajaajilaa
1 Bakka boba’aan itti waraabamu

2 Bakka ka’umsa imalaan(lafoo deemtotni) itti aara galfatan(boqotan)

15
Prepared By: GRACE Automotive, Machinery & Transport Consultant PLC
Abbaa Taayitaa Geejjibaa Oromiyaa

3 Hoteela ykn bakka bultii kan agarsiisu

4 Bakka aara galfannaa (boqonnaa) turistootaa

5 Bakka Manni nyaataa (Restoraantin) itti argamu

6 Bakka bashannanaa ykn Kaafteriyaan itti argamu

Bakka bilbilli itti argamu


7

8 Bakka suphaa konkolaataa (Garaajiin) itti argamu

Gabatee 1.6 Mallattoo Agarsiistuu kallattii


1 Kallattii daandiin ykn imalaan deemuuf
ragaa ykn odeeffannoo sirri tahe kan
kennanii dha.

16
Prepared By: GRACE Automotive, Machinery & Transport Consultant PLC
Abbaa Taayitaa Geejjibaa Oromiyaa

Sararoota Daandii irraa Addunyaa guutuu irratti beekaman


Sararootni kun tajaajilli isaanii inni guddaan daandiwwan kallattii tokkoo lamatti hiruuf yoo
ta’u dabalataanis, mallattoo daandii cina(qarqara) dhaabuuf bakka hin mijatnetti, mallattoo
bakka bu’uudhaan – haala daandichaa ibsuudhaan ajaja dabarsuuf tajaajilu.
Sararoontni daandii irratti sararaman gosa lamati qoodamuu danda’u.Isaanis:
- Tajaajila lafoo deemtotaaf oolu fi
- Tajaajila konkolaataaf kan oolanii dha.
i. Tajaajila lafa deemtotaaf kan oolan
Sararootni gara qaxxaamura daandiitiin sararaman ce’umsa lafoo deemtotaaf yoo ta’u, lafa
deemtonni fageenya gabaabaan akka daandii qaxxaamuraniif tajaajila.

ii. Sararoota tajaajila konkolaataatiif oolan


Sararootni kun kan sararaman walqixa daandii ykn kallattii daandii tiin kan sararamanii dha.
Isaanis
- sararoota Duudaa (addaan hin ciccinne )
- sararoota addaan ciccitan
- sararoota addaan cicitanii fi addaan hin cicine wal-faana
Kan sararaman jechuu dhaan beekamu
1. Sararoota addaan ciccitan
Sararootni Kun bakka tiraafikni itti hin baay`atnee fi bakka naanna`uuf konkolaataa biraa
fageenya irratti arguuf mijatutti kan taasifamanii dha. Bakka sararri kun jirutti

17
Prepared By: GRACE Automotive, Machinery & Transport Consultant PLC
Abbaa Taayitaa Geejjibaa Oromiyaa

 konkolaataa biraa ce`anii dursuun ni danda`ama


 of- irra naanna`anii deebi`uun ni danda`ama

2. Sararoota addaan hin ciccitne


Sararootni kun kan itti taasifaman
 Bakka tiraafikni itti baay`atutti ( konkolaataan itti baay`atutti) fkn. Magaalaa keessatti
 Bakka fageenya irrati arguuf hin mijannetti ( marafata irratti)
Bakka sararootni kun jiranitti:
 konkolaataa bira darbani dursuun dhorkaa dha.
 Of irra naanna`anii duubatti deebi`uun dhorkaa dha . Sababni isaa balaa tiraafikaaf nama
saaxila.

3. Sararri addaan hin ciccinnee fi addaan ciccite walfaana yommuu sararaman


Daandiin abbaa kallatti lamaa tokko yommuu sarara addaan hin ciccitnee fi sarara addaan
cicciteen bakka lamatti qoodamu, konkolaachisaan gara sarara addaan hin ciccitneen
konkolaachisu seera sararichi dhorku yoo kabaju, inni gara sarara cicciteen konkolaachisu
immoo, seera sararichi heyamuufitti fayyadamuu danda`a.

18
Prepared By: GRACE Automotive, Machinery & Transport Consultant PLC
Abbaa Taayitaa Geejjibaa Oromiyaa

4. Sararootaa daandii wal-qaxxaamura irrati sararaman


Sararootni kun yommuu konkolaachisaan tokko daandii wal qaxxamuratti dhiyaataa dhufe,
meetira 50 irratti, ykn sarara addaan ciccite xumuree osoo sarara isa addaan hin ciccitne hin
seenin dura akkuma xiyyi agarsiisutti sarara qabachuu qaba. Naannoo meetira 30 keessatti
garuu, sarara isaa jijjiiruu fi konkolaataa biroo dursuun hin danda’amu.
Daandiin abbaa kallattii tokkoo yommuu sarara addaan cicciteen addaan qoodamu, sarara
addaan ciccite kana qaxxamuranii sarara jijjiiruun, of eeggannoon konkolaataa biroo dursuu fi
gara bitaan ykn mirgaan darbanii deemuun ni danda’ama. Garuu, daandicha sana irra duubatti
deebi’anii konkolaachisuun hin danda’amu

Sarara tartiibaan sararame:- konkolaattoni daandii irrattii tartiiba(sarasa) isaanii eeganii akka
socho’an kan gargaaru yommuu ta’u daandii tokko bakka lamatti qooduun daandii abbaa kallattii

19
Prepared By: GRACE Automotive, Machinery & Transport Consultant PLC
Abbaa Taayitaa Geejjibaa Oromiyaa

lamaa fi abbaa kallattii tokkoo taasisuun konkolaataa lamaa fi isaa ol daddabarsuu akka
danda’uuf kan qophaa`ee dha.

Daandiin tokko bakka tiraafikaan sararraan hojetameen bakka lamatti yoo hiramu:-
konkoolaachisaan kamiyyuu Oddo tiraafikaa irra bahuun /dhiituun/ dursuu, naanna’e duubatti
deebi’u fi marfachuu /dabuu/ hin hayyamamuuf. Konkolaachisaan Naanna’e duubatti
deebi’uu fi marfachuu barbaade haala daandi fi sochii tiraafikaa ilaalun of-eeggannoo
taasisuun qaxxaamura oddo tiraafikaa tiif qophaa’e irratti mirgatti bal`fachuun naanna’ee
duubatti deebi’uu fi marfachuu ni danda’a.
Dabalataanis haaluma kana dura ibsameen oddoo irra osoo hin ejjetin daandii baaqqee isa
keessatti tarree bitaa qabachuun dursuu ni danda’a

Sarara daandii Marfata Tiraafikaa (addabaabayii) irratti sararamu fi xiyyaa kallattii


Agarsiisu: - konkolaataan kamiyyuu daandii addabaabaayii fageenya meetira 50 irratti
bu'uura mallattoo xiyyaan jiruutiin kallatii itti deemuu barbaadu erga filatee booda kallattii
xiyyaan agarsiisuun marfata tiraafikaa naannaa`uu qaba.

20
Prepared By: GRACE Automotive, Machinery & Transport Consultant PLC
Abbaa Taayitaa Geejjibaa Oromiyaa

Sarara abba kallatii tokkoo: - konkolaataan kamiyyuu sarara isaa keessatti konkolaachisuun
saffisa dabaluu, hir`isuu ykn goruu yoo barbaade sarara addaan cicite bira kutuun
konkolaachisuu ni danda’u. Garuu daandichi abbaa kallatii tokko waan ta’eef naanna’anii
duubatti deebi’uun dhorkaa dha.

21
Prepared By: GRACE Automotive, Machinery & Transport Consultant PLC
Abbaa Taayitaa Geejjibaa Oromiyaa

Bakka Dhaabbii Konkolaataa:- konkolaattonni mallattoo dhaabbiif akkaataa sarara


kallaattii agarsiisuun qophaa’e keessa qofa dhaabu qabu.

Daandii abba kallattii afuriis ta’e daandii wal qunnamsiistuu irraa fageenya meetira12
keessatti konkolaataa dhaabanii deemun dhorkaadha.

Naannoo buufata boba’aa konkolaattoni gara buufata boba'aa seenanii waraabbachuuf haala
hin mijatne meetira 12 gadi keessatti konkolaataa dhaabanii deemun dhorkaa dha.

Qarqara daandii gama mirgaatti siqanii konkolaattota seeraan dhaabbatan cina dabalataan
dhaabun dhorkaadha.

22
Prepared By: GRACE Automotive, Machinery & Transport Consultant PLC
Abbaa Taayitaa Geejjibaa Oromiyaa

Daandii abbaa kallatii lamaas ta’ee abba kallattii tokkoo irratti konkolaataa yeroo dheerafis
ta’e yeroo gabaabaf kan dhaabuu dandeessu daandii irra maqee kara mirgaatti dhaabuf bakka
qophaa’e (lay bay) keessa dhaabuu qabda.

Daangaa dallaa yookiin moora dhaabbata dhuunfaa, mana dhunnfaa keessaa konkolaattoni
biroo akka baahan daandii hojjatame cufanii dhaabbachuun dhorkaadha.

Naannawaa daandii qaxxaamura kallatti addaan baasuuf sarara mallattoo xiyyaan dibamerratti
konkolaachistoota dursa sarara isaanii filatanii deemaniif sarara duudaa dirqamaan akka
qaxxaamuran bakka taasisu keessatti konkolaataa dhaabanii deemun dhorkaa dha.

23
Prepared By: GRACE Automotive, Machinery & Transport Consultant PLC
Abbaa Taayitaa Geejjibaa Oromiyaa

Diba agarsiistuu kallattii:-Naannawa cocoba haalluu keessatti konkolaachisuun dhorkaadha.


Mallattoolen kun marfata yookin kurbaa hamaata fi fuunduratti daandin kun bakka hin
fullaanetti konkolaachistoonni dhuma daandii darbanii akka hin konkolaachisne mallattoo
akkeekashisaniidha. Mallatoolen kun haallu adii fi guraachan marfataa, naannawa hallayyaa
ykn riqichaa jalqabee hanga xumuuramutti dhagaa dhaabbate irratti dibamanii kan mulatan
yammuu ta’u, dabalataan marfata ykn kurbaa hamaata fi daandin fuul duratti bakka hin
fullaanetti gabatee dalga dhaabbatan xiyyee calaqisaa guraacha fi adii kallattii daandii
agarsiisaniidha. Malattoowwan olitti ibamaniin walqabatee ibsawwan muraasa fakkii kanaa
gaditti ibsame iraa hubachuun ni danda’ama.
Mallattoo daandii marfata hamaa gara mirga dabu irratti akeekkachiisuf dhaabbatu.

Mallatoo akeekkachiisaa calaqistuu xiyyee dhagaa dhaabatee irratti jiru daandi fuulduratti deemu
kan hin jirre ta’u ibsu.
Mallattoo calaqisaa Marfata hammaata mirgatti dabu jiraachu akeekachiisuf dhaabbate.

Daandii wal-qaxxaamuru keessa osoo hin gahin dura akka tiraafikaatti kan fayyadan dibba
halluu bal`inaan dibaman irra konkolaattonni biroo akka qaxxaamuran bakka dirqisiisutti
daandii dhiphoo irra konkolaata dhaabanii deemuun dhorkaa dha.
Daangaa mooraa keessaa konkolaattonni biroo akka bahan daandii hojjatame cufanii
dhaabbachuun dhorkaa dha.
 Fe`umsa konkolaataa irra darbee jiru fuulduraan kan heyyamamu meetira tokko
duubaan meetira lama yoo tahu kana agarsiisuuf guyyaa fuulduraan huccuu adii
duubaan huccuu diimaan itti hidhamuu qaba. Halkan yoo tahe ammo duubaan ifaa
diimaan fulduraan ammoo ifaa adiin itti godhamuu qaba.

24
Prepared By: GRACE Automotive, Machinery & Transport Consultant PLC
Abbaa Taayitaa Geejjibaa Oromiyaa

 Fageenyi konkolaataa tokkoo konkolaataa biraa irraa dhaabbachuuf qabu meetira


sadii ta`uu qaba.
 Konkolaachisaan tokko boqonnaa malee sa`atii 4 ol konkolaachisuun dhorkaa
dha.
 Bo`oo lolaa ittiin seenan (Diichii) tti meetira 5 keessatti konkolaataa dhaabuun
dhorkaa dha.
 Daandii baaburaa meetira 6 keessatti maarshii jijjiiruun dhorkaa dha.
 Konkolaachisaan tokko guyyaatti sa`atii 8 ol konkolaachisuun dhorkaa dha.
 Yommuu konkolaataan rakkoon irra ga`e tokko (cabe) daandii irra dhaabbate
mallattoo calaqqisu meetira 50 irratti duraa fi duubaan kaa’uu qaba.
 Daandii guddaa kam iyyuu irratti konkolaataa dhaabuun dhorkaadha. haa ta’u
malee rakina konklaataatiin kan ka’e yoo ta’e, naannoo magaalaa keesati sa’a 6
qofaaf, naannoo magaalaatiin ala yoo ta’e immoo sa’a 48 qofaaf dhaabuun ni
danda’ama.
 Yommuu konkolaatton tajaajila balaa kan akka ambulaasii konkolaataa poolisii
kan balaa ibiddaa fi kkf tajaajila kennan fageenya meetira 100 gadiin hordofanii
konkolaachisuun dhorkaadha.
 Ce’uumsa hadiida baaburaatti erga dhiyaatanii booda, naannoo meetira 20 keesatti
dhaabuun, naannoo meetira 30 keesatti wal dursanii darbuun, naana’anii
deebi’uun, akkasumas meetira 6 keessatti maarshii tuttuquun dhorkaa dha.
 Daandii qarqaratti konkolaataa dhaabuuf qarqara daandii irraa fagaachuu kan
qabnu sentimeetira 40 ta’uu qaba.
 Konkolaataan rakkina qabu tokko konkolaataa biroon yommuu harkifamu jidduu
isaanii fageenyi meetira sadi jiraachuu qaba
 Yommuu konkolaatton wal hordofanii deeman ykn konkolaataan biro fuul-
duraan naannoo meetira 50 keessat dhufaa jiraate, ibsaa dheera (high-beam)
ibsuun dhorkaadha.
 Daandichi abbaa kallattii tokko yoo ta’e malee karaa kam irratti iyyuu gara
bitaatiin konkolaataa dhaabuun dhorkaadha.
 Balinni karaaa m.12 ol bakka hin taane irratti konkolaataa dhaabatee jiruun
fuullee isaatiin gara gamaatiin dhaabuun dhorkaadha.

25
Prepared By: GRACE Automotive, Machinery & Transport Consultant PLC
Abbaa Taayitaa Geejjibaa Oromiyaa

 Karaa wal qaxaa murutti yommuu dhiyaataa dhuftu naannoo meetira 30 keessatti
dursuuf ta’e kalattii jijiiruun dhorkaadha.
 Naannoo ce’uumsa lafa deemtotaati meetira 12 keessatti konkolaataa dhaabun
dhorkaadha.
 Naannoo tajaajila balaa ibiddaa, fi karaa seensa fi ba’uumsa hospitaalaatti ,
waajjiraalee mootummatti meetira 12 keessatti konkolaataa dhaabuun dhorkaadha
 Konkolaata daandii cina dhaabbatu irratti dabalanii dhaabuun dhorkaadha.
 Naannoo dhaabbii baasiitti (feermaataa) duraa fi duubaan naannoo meetira 15
keessatti konkolaataa dhaabuun dhorkaadha.
 Bal’inni karaa meetira 12 yoo caaluu baate feermaataa baasitiin gara gamaan
naannoo meetira 30 keessatti konkolaataa dhaabuun dhorkaa dha.
 Bakkee karan baaqqee ta’e irratti halluu addiin iddoo hirametti konkolaataa
dhaabuun dhorkaadha.

Ibsaa Dabarsa Tiraafikaa fi Mallatto harkaa Poolisii Tiraafikaa.


Ibsaan dabrsa tirtaafikaa poolisiin tirafikaa bakka bu`uudhaan iddowwan daandii qaxxaamura
irratti konkolaattota kallattii adda addaa irraa dhufaa jiranii fi lafoo demtota sirnaan tartiiba
isaanii eeggatanii walbira darbuuf akka danda’amu ibsaa haalluu adda addaa qabaniin
fayyadamuun ergaa dabarsuuf meeshaalee gargaaranii dha.
Ibsaan dabrsa tiraafikaa bakka lamatti qoodamu.
Ibsaa dabrsa lafoo deemtotaa:- lafoo deemtonis ta'ee konkolaatoni yeroo socho'an daandii
akka hin qaxxamurre akkasummas konkolaatonni oggaa dhaabbatan daandii qaxxaamuruu
akka danda'an ibsaawwan mallattoo halluu fakkii namaa diimaa fi magariisa fayyadamuun
ergaa kan dabarsan yoo ta'an:

26
Prepared By: GRACE Automotive, Machinery & Transport Consultant PLC
Abbaa Taayitaa Geejjibaa Oromiyaa

Ifaa diiman fakkii namaa qabu yommuu ifu lafoo deemtoni daandii akka qaxxaamuran kan
dhorku yoo tahu

Ifaan fakkiin namaa haalluu magarsa yommu ifu lafo deemtoni mallattoo sararaa isanif qophaa’e
qofa fayyadamuun qaxxamuruu ni danda’u.

Ibsaa dabarsa tiraafikaa kan konkolaataa:- konkolaattoti kallattii adda addaa irraa gara
daandii walqunamsiistutti dhufaa jiran tartiibaan akka walbira darbuu danda’an ibsaa tajaajilu
dha. Kunis lafo deemtotaa fi konkolaattoti tartiiba isaanii eegganii balaan osoo hin uumamini
fi sochii tiraafikaa akka cufamne taasisuuf meeshaa tajaajiluu dha.
Ibsaan dabrsa tiraafikaa konkolaataa tartiiba gaara gadiittii halluu Diimaa, keelloo fi
magariisa kan qaban yoo ta’u ergaan isaan dabarsan akkaataa armaan gadiitti ibsamu.
Ibsaa dabarsa tiraafikaa konkolaataa diimaan yoo ife:-konkolaattoni kallattii ifaan kun
jiruun dhufaa jiran sarara dabarsa lafoo deemtotaaf sararame osoo hin darbin dhaabbachuu
qabu.

27
Prepared By: GRACE Automotive, Machinery & Transport Consultant PLC
Abbaa Taayitaa Geejjibaa Oromiyaa

Ifaan dabarsa tiraafikaa konnkolaataa irraa deddeebi`ee diimaan yommuu ifee dhaamu
(liphu):- konkolaataan gahaa jiru kamiyyuu dhaabbatee bitaa fi mirga erga ilaalee
mirkaneeffatee booda balaa osoo hin dhaqqabsiisin darbuu ni danda`a. Ifaan kun naannoo
qaxxaamura hadiida baaburaattis dabalataan kan tajaajiluu dha

Ibsaan diimaa fi keelloo dabarsa konkolaata al tokko yoo ifan:- konkolaattoni ibsaa
diimadhaan dhaabbatani turan sochiif qophii taasisu. Konkolaattotni qaxxaamura irra gahaa
jiran sarara dabarsa lafoo-deemtotaa osoo hin darbin dhaabbachuuf qophii taasisu.

28
Prepared By: GRACE Automotive, Machinery & Transport Consultant PLC
Abbaa Taayitaa Geejjibaa Oromiyaa

Ibsaan dabarsa tiraafikaa konkolaata magariisni yommuu ifu:- konkolaattootni dursanii gara
filatanitti darbuu ni danda`u . Haa ta`u malee lafoo deemtotaaf yeroo mara of-eeggannoo
taasisuu qabu.

Ibsaa dabarsa konkolaataa keelloon qofaa isaa yommuu ifu:- ibsaan kun ibsaa magariisatti
aane yoo ife:-
 Konkolaattotni gara daandii qaxxaamuratti dhufaa jiran sarara lafoo-deemtotaa osoo hin
darbin dhaabbachuu qabu.
 Konkolaattotni daandii qaxxaamuratti seenan keessa dursanii kan seenaa jiraniif
hatattamaan daandi lakisanii bahuu qabu.

29
Prepared By: GRACE Automotive, Machinery & Transport Consultant PLC
Abbaa Taayitaa Geejjibaa Oromiyaa

Ifaan dabarsa tiraafikaa konkolaataa keelloon irra deddeebi`ee ifee yoo dhaame ፡-
Konkolaataan gara daandii qaxxaamuraa gahaa jiru saffisa isaa hir`isuun bitaa fi mirga isaa
ilaalee kan dursaniif dursa kennee haala balaa hin geessifneen of-eeggannoon darbuu qaba.

Hiika fi gocha mallattoo harkaa poolisii tiraafikaa,

Mallattoon harka poolisii traafika kanaakonkolaachistoota fulduraan dhufaa jiran ni dhaabsisa.


kanaafis poolisiin traafikaa kun dhaabsisuuf yammu mallattoo harkaa kana agarsiisu
konkolaachistooni osoo sarara qaxxaamura daandii lafodeemtotaa keessa hin seenini fi bakka
dhaabbachuu qaban bira osoo hin dabrin taree isaanii qabatanii dhaabbachuuf dirqama qabu.

Mallattoon harkaa poolisii tiraafikaa kun konkolaattota karaa duubaa dhufaa jiran ni dhaabsisa.

30
Prepared By: GRACE Automotive, Machinery & Transport Consultant PLC
Abbaa Taayitaa Geejjibaa Oromiyaa

Mallattoon harkaa poolisii tiraafikaa kun konkolattota fuulduraa fi duuban gara qaxxamura
daandiitti dhufaa jiran ni dhaabsisa.

Mallattoon harkaa poolisii kanaa konkolattota fuul-duraan dhaabbachaa turan gara fuul duraa fi
mirgaatti akka deeman ni hayyama.

Mallattoon harka poolisii traafikaa kun konkolaattota mirgaatii gara bitaa kallattii fuullee gara
mirgaafii bitaa marfatanii akka deeman ni hayyama.

31
Prepared By: GRACE Automotive, Machinery & Transport Consultant PLC
Abbaa Taayitaa Geejjibaa Oromiyaa

Mallattoon harkaa poolisii traafikaa kun konkolattota duuba dhaabbachaa turan gara fuul
duraa fi mirgaatti marfatanii akka deeman ni hayyama.

Mallattoon harkaa poolisii tiraafikaa kun konkolattota mirgaarraa gara bitaa kallattii fuulleetti,
gara bitaa fi mirgaatti marfatanii akka deeman ni hayyama.

1.1.3.2 Hiikaa fi Mallatto harka konkolaachisaa.


1.1.3.3 Fireecha yookin ibsaan fireenii manca’uun yammu hojachu dide yookin ifatti
fageenya irraa kan hin mul'anne yoo ta’e konkolaachistonni:-
 Bakka dhaabbatani yommuu sochii jalqaban
 Sarara baaqqe qabatanii deemaa turan yommu sarara biraatti jijjiran
 Konkolaataa isa fuuldura jiru yommuu dursan
 Gara bitaa ykn gara mirgaatti yommuu marfachuuf.
Karaa bitaa tiin duubatti nanna’ani yammuu deeman, konkolaata duuban dhufe akka dabruu
yammu hayyaman fi dhaabuu yoo barbaadan mallattoo harkaa agarsiisu qaban haaluma kanaa
gaditti ibsaman ta’a.
Konkolaachistoonni konkolaataa qajeelchituu(steering) harka bitaa ta’an konkolaachisan gara
bitaatti marfachuuf yookin bakka dhaabbatee ka’uuf yoo barbaade mallattoon harkaa agarsiisu
qabu duraa duuban akka armaan gaditti ibsameen ta’a.
 Daawwitii cina bitaan jiruu guutumaa guututti gadi buusuu
 Harka mirgaa tiin qajeelchituu (steering wheel) sirriitti qabachuu.

32
Prepared By: GRACE Automotive, Machinery & Transport Consultant PLC
Abbaa Taayitaa Geejjibaa Oromiyaa

 Harka bitaa gara lafaatti qabuun cinaatti erga diriirsiteen booda bitaatti marfachuu kee,
bakka dhaabbatee ka'uuf barbaaduu kee konkolaattonii si duuban dhufaa jiran ifatti akka
hubatan taasisa.

harkaa diriirsun konkolaattota duuba isaa jiraniif mallattoo agarsiisutu irraa eegama.

Mirgatti marfacchuuf mallatto harkaa agarsiifamuu qabu:- konkolaata qajeelchituun


(steering) karaa bitaatiin ta’e mirgatti marfachuuf mallattoo harkaa konkolaachistooni agarsiisuu
qaban.
 Daawwitii cinaa guutumaa guututti gadi buusuu
 Qajeelchituu harka mirgaatiin sirriitti qabachuu
 Harka bitaa karaa fodda tiin gadi baasun degrii 45 ol dachaasu
 Baruu harkaa hanga tokko banuun quba diriirsuu.

1.2. Daangaa Saffisaa (Ariitii).

33
Prepared By: GRACE Automotive, Machinery & Transport Consultant PLC
Abbaa Taayitaa Geejjibaa Oromiyaa

Daangaan saffisaa akkaataa Dambii fi seera Geejjibaan raggahee baheen kabajanii


konkolaachisuun balaa tiraafikaa uumamuu hir’isuuf gahee ol aanaa kan taphatu yoo ta’u haala
daandii, baayina fi haala sochii tiraafikaa akkasumas lafo deemtotaa ilaalu fi dandeetti
konkolaata beekuun to`achuun barbaacisaa dha. Biyya keenyatti daangaan safisaa bara 1960
bahe bakka lamatti qoodna. Isaanis:
- Safisa naannoo magaalaa fi
- Safisa naannoo magaalaan alaa jedhamu
Daandii naannoo magaalaan ala jiran immoo sadarkaan sadittii qoodnee ilaalla.
Daandii Sadarkaa 1ffaa – Biyyaa fi Biyya kan wal-qunnamsiisu (fkn : Jibuutii fi Itoophiyaa)
Daandii Sadarkaa 2ffaa – Naannoo fi Naannoo kan wal-qunnamsiisu.(fkn: Oromiyaa fi Amaaraa).
Daandii Sadarkaa 3ffaa – Godina, aanaa fi aanaa, gandaa fi ganda kan wal-qunnamsiisuu dha.
Haa ta`u malee Saffisa konkolaataa murteessuuf Abbaan Taayitaa Daandiiwwanii daandii
naanno keessatti argamu kamirrattuu yeroo murtaa’eef ykn dhaabbidhaan saffisa murtaa’e ture
irraa gadi xiqeessu ni danda’a.

Gabatee 1.6 Daangaa saffisa ulfaatina konkolaataa fi sadarkaa daanditiin


Naanoo magalaa Naannoo magaalaan alati
Lakk. Gosa konkolaataa
keesati Sad. 1ffaa – Sad. 2ffaa – Sad. 3ffaa –
1 Hanga kiiloograamii Sa’atiitti K.m 60 Sa’atitti Sa’atitti Sa’atitti
K.m 100 K.m70 K.m60
3500 tti
2 K.g 3500-7500 Sa’atiitti K.m 40 Sa’aan Sa’atitti Sa’atitti
K.m 80 K.m60 K.m50
3 K.g 7500 Ol Sa’atitti K.m 30 Sa’atitti Sa’atitti Sa’atitti
K.m 70 K.m50 K.m40

34
Prepared By: GRACE Automotive, Machinery & Transport Consultant PLC

You might also like