You are on page 1of 30

1438

Tawassula heyyamamaa
fii dhoorgamaa
‫اتلوسل املرشوع واملمنوع‬
> oromo <

Qopheessaan: Abdullaah bin Abdul


Hamiid Al’atharii



Kan hiike: Gaalii Abbaaboor

Gulaala – ustaz Jamaal Muhammad Ahmad


‫‪10‬‬

‫اتلوسل املرشوع واملمنوع‬

‫اسم املؤلف‬
‫عبد هللا بن عبد الحميد األثري‬
‫‪‬‬
‫ترمجة‪ :‬ادلاعية اغيل أبابور أبا غوما‬

‫مراجعة‪ :‬ادلاعية مجال حممدأمحد‬


10

‫بسم هللا الرحمن الرحيم‬

‫الحم د هلل رب الع املين وص لى هللا وس لم على نبين ا محم د وعلى آل ه‬


‫وصحبه أجمعين‬

Faaruun hunduu kan Rabbii Gooftaa


aalamaati. Rahmataafi nageenyi Ergamaa
Rabbii xumura nabiyyootaa irra, maatii
isaanii, sahaabota isaaniifi namoota hanga
Guyyaa Qiyaamaatti isaan maxxanfatan
irra haa jiraatu.
Kana booda: Baay'een beektota
Ahlassunnaa wal Jamaa'aa tawassulli1
eeyyamamuu irratti walii galaniiru. Kana
irratti aayatootaafi hadiisota ragaa
godhatan. Garuu Muslimoonni gariin

1
Tawassula jechuun gabaabinaan waan gara Rabbiitti nama
dhiheessanu jechuudha. Akka sharii'aan karaa godhetti wantoonni
Rabbitti nama dhiheessan inni jalqabaa Maqooleefi sifaata Rabbiitiin
Isa kadhachuudha. Inni lammaffaa immoo hojii gaarii hojjataniin
Rabbitti dhihaachuu yoo ta'u inni dhumaa immoo du'aa'ii nama gaarii
lubbuun jiru kan isaaf Rabbiin kadhachuu danda'uutiin Rabbitti
dhihaachuudha. Kana sadaniin ala wanti ittiin Rabbitti tawassula
ta'an sharii'aa keessa hin jiru. Fakkeenyaaf zaata namaatiin, haqa
namaatiifi kabajaa namaatiin tawassula ta'uun tasumaayyuu hin jiru.
Kana kitaabonni baay'een dubbataniiru.
10

akkaataan tawassula Qur'aana, hadiisaafi


gocha salafa ummata kanaa keessatti
dhufee hubatamuufii dide. Isarraa
hubannoo dogongora bu'uura Islaamaafi
qajeelfama Nabiyyiitiin (saw) wal faallessu
hubatan. Sanarratti immoo hadiisa da'iifaafi
kijiba namtolchee ragaa godhatan. Sanarra
fagooyyuu deemanii keeyyattoota
Qur'aanaa waa'ee tawassulaa keessatti
dhufe jallisanii hiika hubannoo isaanii
dogongora kanaan wal galutti hiikan.
Nuti yeroo hubannoo ragaa Qur'aanaafi
hadiisaa keessatti wal dhabne gara
hubannoo salafoota gaggaariitti akka
deebinu beekamaadha. Sababni isaas isaan
yeroon isaanii wahyii lamaan kanatti irra
dhihoodha. Isaan warra jaarraa filatamtuu
Nabiyyiin (saw) ragaa bahaniifiidha:
"caalaan namootaa jaarraa kiyya. Ergasii
warra itti aananu. Ergasii warra isaanitti
aananu." Bukhaariitu gabaase.
10

Kanarraa ka'uudhaan Muslima Rabbiifi


ergamaa Isaatti amane hundarratti fedhii
irraa fagaachuun dirqama ta'a. Inni karaa
Rabbii irraa ni jallisa. Waan salafoonni
gaggaariin irra turan hordofuutu isarra jira.
Haasawa kanarraa ka'een ibsa ishee
dubbiin keessatti baay'atee akka warra
bida'aafi fedhii isaanii jala deeman irraa
argaarru miilli ishee keessatti mucucaatte
kana addeessuun barbaade. Rabbiin
gargaarsifadheen ragaalee waa'ee
tawassulaa keessatti Qur'aanaafi hadiisa
keessatti dhufe walitti qabe. Niyyaa
keessatti ikhlaasa qabaachuufi yaada
keessatti dhugaa qunnamuun Rabbiin
kadha. Inni arjaa kabajamaa waan ta'eef.
Hiika tawassulaa
Tawassula jechuun akka lughaa Arabaatti
sababa gara kaayyoo wahiitti nama
dhaqqabsiisu, gara waan barbaadamuutti
dhihaachuu, kajeellaan gara isaatti
dhaqqabuuudha. Inni hiika biraas ni qaba:
10

mootii biratti sadarkaafi dhiheenya


qabaachuudha.
Tawassulli akka seera sharii'aatti sababa
sharii'aadhaan eeyyamamaa gara Rabbiitti
nama dhiheessu, ibaadaa ittiin gara jaalala
Rabbiittiifi gara waan arraba ergamaa
Isaatiin inni karaa godheetti nama
dhaqqabsiisu godhachuudha. Kunis
sadarkaa ol aanaa Rabbiin biratti argachuu
yookiin bu'aa fiduufi miidhaa
deebisuudhaan dhimma baasuu, yookiin
waan addunyaafi aakhiraatti barbaachisu
argachuudhaafi. Gara Rabbiitti tawassula
godhachuun (dhiheenya barbaaduun)
waan inni eeyyameen malee hin ta'u.
Tawassulli waa sadii irratti ijaarama:
1. Kan gara isaatti dhihaatamu; inni Rabbii
guddaadha.
2. Isa dhihaachuuf barbaadu. Inni gabricha
dadhabaa haajomaa dhimmi isaa
furamuufii barbaaduudha.
10

3. Waan ittiin dhihaatamu. Inni hojii gaarii


ittiin garii Rabbiitti dhihaatamuudha.
Akka tawassulli kun bu'a qabeessa ittiin
gara Rabbiitti dhihaachuun argamee
dhimmi furamuuf jecha ulaagaleen armaan
gadii eegamuun dirqama. Isaanis:
Gabrichi gara Rabbiitti dhihaachuu
barbaadu Mu'umina gaarii ta'uudha. Hojii
isaatiinis fuula Rabbii barbaaduu qaba.
Hojiin inni ittiin gara Rabbiitti dhihaatu
waan Rabbiin ittiin gara Isaatti
dhihaachuuf eeyyame ta'uu qaba.
Hojichi waan karaa godhame kan sunnaa
Ergamaa Rabbiitiin (saw) wal galu kan
isarratti hin ida'amneefi irraa hin hir'fne
ta'uu qaba. Yeroofi bakka isaaf
daangeffame keessatti malee hin hojjatu.
Kanarraa ka'uudhaan hojiin nama
Mu'umina hin taanee gara Rabbiitti nama
hin dhiheessu. Akkasumas bida'aan gara
Rabbiitti nama hin dhiheessitu.
10

Gosoota tawassulaa
Beektoleen sunnaa tawassula gosa lamatti
qoodan: isaanis tawassula eeyyamamaafi
tawassula hin eeyyamamneedha.
1. Tawassula eeyyamamaafi gosoota
isaa
Tawassulli eeyyamamaan ibaadaa
waajibaafi sunnaadhaan jecha, gocha
yookiin amantii ta'us waan Rabbiin
jaalatuun gara Rabbiitti dhihaachuudha.
1. Maqoolee Rabbii gaggaariifi sifaata
Rabbii ol ta'aadhaan isatti dhihaachuudha.
Maqoolee Rabbii gaggaariifi sifaata Rabbii
ol aanaadhaan Rabbitti dhihaachuun
gosoota tawassulaa keessaa isa irra
guddaafi irra gabricha fayyaduudha.
Ragaan kanaa immoo jecha Rabbii ol ta'eeti:
"Rabbiif maqoolee gaariitu jiraa isheedhaan
Isa kadhaa." (Al-a'araaf: 180). Kana jechuun
maqaa Isaatiin Isatti dhihaataa Rabbiin
kadhaa jechuudha. Kun maqaa maqoolee
10

Rabbiifi sifaata sifata Rabbii irraa ta'een


Rabbitti tawassula godhachuun ni ta'aa
akeeka. Kun waan Rabbiin isa jaalatuufi
fedhu irraayi. Kanaafuu Ergamaan Rabbii
(saw) hojiirra oolchaa turan. Waan
Ergamaan Rabbii (saw) ittiin du'aa'ii
kadhatan ittiin du'aa'ii kadhachuun nuuf
eeyyamamaadha. Du'aa'iin sahaabaa,
taabi'ootaafi warri isaan hordofaniis
akkasuma nuuf eeyyamama.
2. Hojii gaarii namni du'aa'ii kadhatu sun
duraan hojjateen Rabbitti dhihaachuudha.
Fakkeenyaaf ni jedha: Yaa Rabbi iimaana
ani sitti amaneen, jaalalan siif qabuun,
hordoffii ani ergamaa Kee (saw) hordofuufi
amantii ani isatti amanuun rakkoo kana
narraa furi. Akkasumas namni du'aa'ii
godhu sun hojii gaarii isaa kan fuula Rabbii
qofa barbaachaaf hojjate dubbatee ittiin
Rabbiin kadhachuun kanarraayi.
Fakkeenyaaf akka Rabbitti amanuu, salaata,
sooma, jihaada, Qur'aana qara'uu, zikrii,
10

Nabiyyii (saw) irratti salawaata jechuu,


araarama kadhachuu, hojii khayrii hojjate
hundaafi hojii hamtuu dhiisee hunda.
Ragaan kun karaa godhamuu jecha Rabbii
ol ta'eeti: "Isaan warra “Gooftaa keenya!
Dhugumatti, nuti amanneerra; kanaaf
badii keenya nuuf araarami; adaba
ibiddaas nu baraarsi” jedhaniidha." (Aala
Imraan: 16). Hadiisa irraa immoo seenaa
namoottan sadan holqa seenan nuun
duraati. Namoonni sadii holqa seennaan
dhagaan isaan irratti cufamte. Hojii isaanii
irra gaarii taateen Rabbiin kadhatanii
isheedhaan gara Rabbiitti dhihaatan.
Rabbiin isaan irraa saaqee rakkoo isaaniis
fure. Hadiisicha Bukaariifi Muslimtu
gabaasan.
3. Du'aa'ii namoottan gaggaariitiin gara
Rabbiitti dhihaachuu (tawassula
godhachuudha). Fakkeenyaaf Muslimni
tokko rakkoo cimaa keessa seenee ofii
isaatiif immoo haqa Rabbii hanqisuu isaa
10

beeka. Achumaan sababa cimaa gara


Rabbiitti isa dhiheessu fedhee gara nama
gaarii kan sodaa Rabbii, beekumsa
Qur'aanaafi hadiisaa qaba jechuu yaadu
bira deemee akka inni Rabbii isaa rakkoo
irraa kaasuuf du'aa'ii godhuuf irra
barbaada. Tawassula gosa kana akka inni
eeyyamamaa ta'e ragaa baay'eetu akeeka.
Rabbiin ol ta'e ni jedhe: "yaa Rabbii keenya
nuufi obboleeyyan keenya warra
iimaanaan nu dursaniif araarami."
(Alhashr: 10). Ammas Ergamaan Rabbii
(saw) ni jedhan: "du'aa'iin Mu'uminni
bakka inni hin jirretti obboleessa isaatiif
godhu qeebalamtuudha." Muslimtu
gabaase. Kana irraa kan biroo immoo waan
Anas odeesse: "Umar bin Alkhaxxaab yeroo
roobni bade Abbaas bin Abdul Muxxalibiin
akka inni rooba Rabbirra isaaniif barbaadu
gaafata ture. Ni jedhe: 'yaa Rabbi nuti
Nabiyyii keenyaan (saw) sitti dhihaanna
ture; nu obaafta ture. Amma immoo wasiila
10

(abbeeraa) Nabiyyii (saw) keenyaatiin gara


keetti dhihaannaa nu obaasi.' Kan
obaafamu turan." Bukhaariitu gabaase.
Hiikti jecha Umar kun 'nuti gara Nabiyyii
(saw) keenyaa dhaqnee akka isaan du'aa'ii
nuuf godhan irra barbaannee du'aa'ii
isaaniitiin gara Rabbiitti dhihaanna. Amma
immoo isaan gara Rabbii deemaniiru.
Kanaafuu isaan nuuf kadhachuun kana
booda hin mijaa'u. Nuti gara wasiila
Nabiyyii keenya (saw) Abbaas dhaqnee
du'aa'ii nuuf godhuu irraa barbaanna'
jechuudha.
Kun gosoota tawassula eeyyamamoo sadi.
Tawassulli kanaan ala jiru ragaa hin qabu.
Gosoonni sadan kun hukmiin isaanii
garaagara. Isaan keessaa kan dirqama
ta'utu jira. Fakkeenyaaf maqooleefi sifaata
Rabbiitti tawassula ta'uu, iimaanaafi
tawhiidaan tawassula ta'uun dirqama.
Isaan keessaas kan jaalatamaa ta'utu jira.
10

Fakkeenyaaf hojii ofii gaariidhaan yookiin


du'aa'ii nama gaariitiin tawassula ta'uu.
2. Tawassula dhorgamaafi akaakuu isaa
Inni kun jechoota, gochootaafi amantii
Rabbiin hin jaalanneen gara Rabbiitti
dhihaachuudha.
Tawassulli gosti kun Muslimoota baay'ee
tawassula isa jaalatamaa Rabbiin itti
kakaase irraa dagatanii irraa garagaluun isa
dhorgamaatti yeroo fixanii isa jaalatamaa
irraa hoonga'uutti dhaqqabsiise. Hojii
isaanii keessatti sababa kanaa hoonga'an.
Amma immoo gara gosoota tawassula
dhorgamtuu Muslimootaaf tola yaaduuf,
ergaa Islaamaa dhaqqabsiisuufi ishee
barsiisuuf jecha dubbanna.
1. Haqa nama tokkootiin yookiin kabajaa
isaatiin gara Rabbiitti tawassula ta'uu:
tawassula bida'aa irraa tokko kabajaa
ummata isaa keessaa nama ta'eetiin Rabbiin
kadhachuudha. Fakkeenyaaf namoonni
10

gariin 'yaa Rabbi! Ani kabajaa Nabiyyii kee


Muhammadiin (saw) si kadha; yookiin
kabajaa gabricha kee abaluutiinin si kadha'
jedhu. Yookiin immoo haqa Nabiyyii
isaatiin yookiin gabroota isaa irraa nama
wahiitiin Rabbiin kadhachuudha.
Tawassula gosa kana amantiin Islaamaa hin
beeku. Qur'aana Rabbii isa inni waa'ee isaa
keessatti "Kitaaba kana keessatti homaa hin
hanqifne" jedhe keessattis hin dhufne.
Akkasumas hadiisa Ergamaa Rabbii (saw)
ishee Abuu Hurayraan waa'ee ishee
keessatti "Ergamaan Rabbii (saw) waan
hundaa, hanga akka nuti mana fincaaniitti
fayyadamnu gahu tokko nu barsiisaniiru"
jedhe keessattis hin ibsamne. Gocha
sahaabota isaanii keessas hin jiru. Kan
Islaamni itti nu ajaje maqooleefi sifaata
Rabbiitiin Rabbiin kadhachuudha.
Tawassulli bida'aan kun gara shirkii
guddaatti dhaqqabsiisuun ni mala. Kunis
yoo namichi 'Rabbiin akkuma mootiin
10

tokko waasixaa (waan jidduu deemutti)


haajomu itti haajoma' jechuu yaade kufrii
ta'a. Sababni isaas Rabbiin uumamatti
fakkeessaara. Rabbiin immoo uumama
Isaatiin hin madaalamu. Gabricha irraa
jaalachuun isaa waan jidduu deemutti hin
haajomu. Dallansuu isaa irraas isheen
homaa hin fayyaddu.
Uumamni kamuu maleykaa yookiin
nabiyyii yookiin ergamaa ta'anus
sadarkaan isaa hanga fedhe ga'us Rabbiin
isaan madaaluun akka siif hin eyyamamne
beeki. Sababni uumamni hunduu uumaa
isaaniitti haajomoodha. Rabbiin inni
kophaa Isaa uume isa qofatu dureessa
waasixaatti hin haajomne. Rabbiin ni jedhe:
"Rabbiin ala wantoota samiifi dachii irraa
soorata isaaniif hin kennineefi (waan
tokko) hin dandeenye gabbaru. Rabbiif
fakkeenya hin godhinaa. Dhugumatti,
Rabbiin ni beeka; isin hin beektanu."
(Annahl: 73-74). Kanaafuu sahaabonni
10

booda Ergamaan Rabbii (saw) du'anii


isaaniin tawassula godhachuu dhiisanii
akka Abbaas du'aa'ii isaaniif godhu
gaafatan. Kana jechuun isaan yeroo
Ergamaan Rabbii (saw) lubbuun jiran "yaa
Rabbi kabajaa Ergamaa keetiitiin nu obaasi"
jedhaa booda isaan du'anii immoo "kabajaa
obbaas rooba nuuf kenni" jechuutti goranii
miti. Du'aa'ii bida'aa akka kanaa
sahaabonni Ergamaa Rabbii (saw) irraa hin
baranne. Inni kun kitaaba Rabbii keessatti
bu'uura hin qabu. Kanaafuu isa hin
hojjanne. Odoo erga namni tokko du'ee
isaan tawassula godhachuun kan
eeyyamamu ta'ee kan Ergamaa Rabbiitu
(saw) caala ture. Tawassulli akka kanaa
akka shirkii Mushrikoota Makkaati: "nuti
zaqqoo ta'anii gara Rabbiitti nu haa
dhiheessanuuf malee isaan hin gabbarre"
akka isaan jedhan Rabbiin nutti hime.
Egaa Rabbiin si haa mararfatuu, yeroo
uumamaan tawassula godhachuun yookiin
10

kabajaa isaatti tawassula ta'uun jalqabame,


sadarkaan isaa hanga fedhe haa ta'uuyyuu,
isa waliin bu'aa buusu yookiin miidhaa
deebisuu amannaan, kun shirkii guddaa
amantii Islaamaa irraa nama baasu ta'uu
bari. Rabbiin nu haa tiksu.
2. Waliyyootaafi warra gaggaarii du'aa'ii
kadhachuun, isaaniif nazaruufi isaan
birmachiifachuu: namoottan gaggaarii odoo
isaan du'anii jiranuu kadhachuun, kabajaa
isaaniitiin tawassula ta'uuniifi isaaniif
nazaruun 'amantii keessa gonkuma hin jiru;
inumaayyuu shirkii tawhiida
faallessuudha." Fakkeenyaaf 'yaa sayyidii
abaluu! Yaa waliyyii abaluu! Harka kiyya
qabi. Waan akkanaa naaf ta'i. Waan
akkanaa naaf kadhu. Yookiin ani tika kee
keessan jira. Ani siifi Rabbiinin jira' jechuu.
Kun hunduu jechoolee shirkii irraayyi.
Akkuma kana namoota du'aniif nazaruun
tawassula eeyyamamaa miti. Fakkeenyaaf
'yaa sayyidii abaluu yoo Rabbiin waan
10

akkanaa naaf kenne waan akkanaan siif


godha; yookiin yoo wanti akkanaa naaf
argame waan akkanaan siif kenna' jechuu.
Nazriin kun hunduu waan Rabbiin malee
jiruuf kennameetti fudhatama. Akkasumas
ibaadaa waan Rabbiin malee jiruuf
godhameedha. Islaamni kana irraa
qulqullaa'aadha. Rabbiin ol ta'e ni jedhe:
"Oyruufi beylada inni uumerraa qooda
Rabbiif godhaniiti yaaduma isaaniitiin
"kun kan Rabbiiti, kun immoo kan
gooftolee keenyaati" jedhan. Wanti
gabbaramtoota isaaniitiif ta’e gara
Rabbiitti hin ga’u; wanni Rabbiif ta’e
immoo gara gabbaramtoota isaaniitti ni
ga’a. Wanti isaan murteessan waa
fokkate!" (Al-an'aam: 136).
Sababni isaas waan Rabbiin malee jiru
irratti hirkachuun, isaan kadhachuun,
godoo qabrii isaanii irratti ijaaruun,
shaamaa irratti qabsiisuun yookiin
gochoonni biroo kan wallaaltonni yeroo
10

ammaa hojjatan hunduu qajeelfama


Nabiyyii (saw), kan sahaabota isaaniifi
hordoftoota isaaniitii miti. Isaan du'aa'iin
hunduu Rabbiif godhamuun dirqamaatti
amanu. Rabbiin ol ta'e ni jedhe: "Yeroo
gabroonni kiyya Ana irraa si gaafatanis
“dhugumatti, Ani isaanitti dhihoodha”
(jedhiin). Kadhaa kadhataatiif yeroo inni
na kadhate nan owwaadha. Akka
qajeelaniif jecha naaf haa owwaatanu;
nattis haa amananu." (Albaqaraa: 186).
Imaamni abbootii tawhiidaa "du'aa'iin
mataa Isaatti ibaadaadha2" jechuu isaan
barsiisan. Akkamuma du'aa'iin odoo
dhuunfaa Rabbii taatee jirtuu waan biraatiif
kennamti!
Hojiiwwan kun hunduu jecha tawhiidaa
ishee nabiyyoonniifi ergamoonni ittiin
ergamaniin wal faallessuu beeki. Inni
ibaadaa waan hunda irraa dhabamsiisanii
Rabbii tokkicha shariika hin qabneef
2
Tirmiziitu gabaase.
10

mirkaneessuudha. Ergamoonni Rabbiin


hojii irraa waan gaarii sharii'aan wal galu
malee hin qeebaluu ibsan. Rabbiin immoo
waan shirkiin ala jiru hundaa ni araarama.
Rabbiin ol ta'e ni jedhe: "Dhugumatti
Rabbiin Isatti waa qindeeffamuu hin
araaramu. Waan sanaa gadii nama fedheef
ni araarama. Namni Rabbitti qindeesse
dhugumatti cubbuu guddaa uumeera."
(Annisaa'i: 48).
3. Ruuhii waliyyootaatiif qaluufi awwaala
isaanii irra taa'uu
Wanti akka qabrii waliyyootaa, bakka
hadraa isaaniifi naannoo godoo isaanii
irratti gorra'uu, dhukkubsataa gara sana
geessuu, naannoo ishee irra taa'uu, achi
buluu, warra awwaala sana keessa jiru irraa
fayyuu barbaaduu, isaan waammachuufi
birmachiifachuun gariin wallaalaa
Muslimaa hojjatanuufi aadeffatan, kun
hunduu bida'aa jalloo Rabbiin karaa hin
godhin irraa lakkaa'amti. Inni hojii
10

wallaalota duraaniitiifi Rabbitti waa


qindeessuu irraayi. Rabbiin immoo shirkii
irraa dhorgeera. Rabbiin ol ta'e ni jedhe:
"Rabbiin gabbaraa; homaa Isatti hin
qindeessinaa." (Annisaa'i: 36). Ammas ni
jedhe: "odoma beektanuu Rabbiif shariika
hin taasisinaa." (Albaqaraa: 22). Namni
dhara kana irra turuufi isarratti argee
mirkaneessu hukmiin isaanii waluma qixa.
Innis Rabbitti qindeessuudha.
Ati yeroo wallaaltota baay'ee Islaamatti
hirkatan kan isaan tawassula bida'aa kana
qabatanii tawassula jaallatamaa irraa
garagalanii odoma Qur'aana keessa
jiraachuu ishee arganuu itti fayyadamuu
dhiisan argite si ajaa'iba. Sana dhiisanii
gara du'aa'ii ofii tolchanii kan Rabbiin
karaa hin goone, Ergamaan Rabbiis (saw)
isheetti hin fayyadamne, salafoota keessaa
nama tokkorraawuu hin dhufinitti daban
argita.
10

Yaa obboleewwan Islaamaa! Tawassula


bida'aa kana mormuu keessatti nuti kophaa
hin baane. Inumaa kun amantii Islaamaa
keessatti bu'uura. Bida'aan ishee keessa
seente hunduu dhorgamtuudha.
Inumaayyuu kun adeemsa sahaabotaa,
taabi'ootaa, imaamota afraniifi hordoftoota
isaaniiti.
Sababa Muslimoonni waan kana keessatti
jallataniif
Sababa tokkoffaa: sababni inni jalqabaa
kan Muslimoonni tawassula dhorgamaa
kana keessatti jallataniif taqliida (ragaan
maleetti namoota hordofuudha). Kana
jechuun waan namni tokko jedhe kan ragaa
hin qabne hordofuudha. Kun akka
sharii'aatti dhorgamaadha. Namni beekaa
tokko qofa hordofu kan odoma ragaan
faallaa isaa ta'ee ifa galeeyyuu jecha isaa
irraa hin baane muqallida jedhama.
Waan kana irraa Rabbiin bakka baay'eetti
Qur'aana keessatti dhorgeera. Rabbiin ol
10

ta'e ni jedhe: "Yeroo "waan Rabbiin


buusetti amanaa" isaanin jedhames,
"Lakkisaa; nuti waan abbootiin keenya
hordofaa turan hordofna" jedhu. Sila odoo
abbootiin isaanii kan homaa hin beekneefi
karaa qajeelaa irra hin jirre ta’anilleemoo?"
(Albaqaraa: 170). Beektoleen salafaafi
imaamonni ummata kanaa taqliida kana
irraa dhorganiiru. Sababni isaas taqliinni
sababa wal dhabbiifi hiriira Muslimaa
keessatti dadhabina fidduudha.
Tokkummaan kan argamu amrii Rabbiifi
ergamaa Isaa hordofuufi yeroo wal dhabbii
gara isaanii deebi'uudhaani. Kanaafuu
sahaabota kan isaan nama tokkollee ragaan
malee hordofan hin argitu. Akkuma kana
imaamonni afran yaada isaanii irratti hin
gogne. Yeroo hadiisni Ergamaa Rabbii
(saw) isaanitti dhufe yaada isaanii ni dhiisu
turan. Isaan hiika jecha Rabbii armaan gadii
ni hubatu turan: "Waan Gooftaa keessan
irraa gara keessanitti buufame hordofaa.
10

Jaalallee (biraa) isaa gaditti hin


hordofinaa. Xiqqoo qofa gorfamtu." (Al-
a'araaf: 3).
Sababa lamaaffaa: Aayatootaafi hadiisota
garii dhiisanii garii qofa qabachuu.
Kanuma waliin aayatoonni sun kaayyoo
isaanii hin akeektu. Yaada isaaniis hin
deeggartu. Inumaa isaantu hiika ishee sirrii
ta'e hin hubatin yookiin immoo hiika
dhugaa irraa fagoo ta'etti jallisanii hiiku.
Aayattoota kana keessaa tokko "Yaa warra
amantan! Rabbiin sodaadhaa. (Wasiilaa)
waan ittiin gara Isaatti dhihaattanus
barbaadaa. Akka milkooftaniif jecha
karaa Isaa keessattis qabsaa’aa" kan
jedhuudha. (Almaa'idaa: 35). Wasiilaan
bakka kanatti fedhame hojii khayrii Rabbiin
jaalatu hojjachuudhaan Isatti
dhihaachuudha. Kun immoo jidduu warra
tafsiiraatti wal dhabbiin hin jiru. Inni
aayata kana waan Rabbiin malee jiru
birmachiifachuudhaaf ragaa godhatan, inni
10

jecha Rabbii bakka isaatiin maleetti


hiikuudha. Sababni isaas wasiilaan isheen
Rabbiin ajaje hojii gaariidhaan gara
Rabbiitti dhihaachuudha malee isa jarri
jedhanii miti. Kana keessatti jidduu warra
tafsiiraa wal dhabbiin hin jiru.
Ammas hadiisa hiikti isaa isaan irratti wal
makate keessaa tokko hadiisa isa Umar
Abbaasiin tawassula godhateedha. Akka
isaan jedhanitti sababa Abbaas Ergamaa
Rabbiitiif (saw) fira ta'eef qaama isaatiin
tawassula godhate3 jedhu. Warra kanaan ni
jenna: 'yoo akkas ta'e Yaziid bin Al-aswad
Aljarshii inni Mu'aawiyaafi Muslimoonni
yeroo sanaa rooba buusuudhaaf isaan
tawassula taanaan Yaziid ka'ee du'aa'ii
kadhannaan Rabbiin rooba buuse hoo
maaliif ree?' Akkuma kana hadiisini
namicha jaamaa isa Ergamaa Rabbiitiin
3
Yaada isaanii kun sirrii akka hin taane beekamaadha. Umar kan inni
ittiin tawassula ta'e du'aa'ii Abbaas malee qaama isaatiinii miti. Odoo
qaamaan ta'ee maaliif awwaala Ergamaa Rabbii (saw) bira dhaqee
tawassula hin ta'u ture? Kanaafuu Abbaasis ka'ee du'aa'ii godhe
malee taa'ee zaata isaatiin rooba hin buufne.
10

(saw) "akka Rabbiin na fayyisu du'aa'ii naaf


kadhaa" jennaan Ergamaan Rabbii (saw)
"yoo feete siifan kadha; yoo feete immoo ni
obsita inni siif caalaadha" jedhan. Innis naaf
kadhu jedhe. Achumaan Ergamaan Rabbii
(saw) wuduu'achuufi wuduu isaa
gaaromsee du'aa'ii kana kadhachuu isa
ajajan: "yaa Rabbi ani Nabiyyii kee
Muhammadiin nabiyyii rahmataatinin gara
keetti dhihaadha. Yaa Muhammad ani jiruu
kiyya keessa akka dhimmi kiyya bahuuf
siinin gara Rabbii kiyyaatti dhihaadha. Yaa
Rabbi magantaa isaa naaf qeebali." Haala
ijji isaa argeen deebi'e. Hiikti hadiisicha
ifaadha. Inni Ergamaa Rabbii (saw) irraa
du'aa'ii kadhachuufii barbaade. Akkasumas
akka Rabbiin du'aa'ii Nabiyyiin (saw) isaaf
godhanu qeebalu kadhate.
Sababa sadaffaa: hadiisa da'iifaafi
mawduu'a isa namni ofii tolche kan
bu'uura hin qabneen hojjachuudha.
Inumaayyuu yeroo garii bu'uura amantii
10

Islaamaa kan faallessitu taati. Akka


fakkeenyaatti hanga ta'e dubbanna.
-(Kabajaa kiyyaan tawassula godhaa;
kabajaan kiyya Rabbiin biratti guddaadha.)
- (Yeroo Aadam badii hojjatu 'yaa Rabbi
haqa Muhammadiinin akka naaf araaramtu
si kadha' jedhe. Achumaan Rabbiin 'yaa
Aadam odoo ani hin uumin Muhammadiin
akkamitti barte?' jedhe. Innis 'yaa Rabbi
yeroo ati harka keetiin na uumtee lubbuu
kee irraa na keessatti afuuftu mataa kiyyan
ol kaase. Achumaan miiloo Arshii irratti
'laa ilaaha illallaah; Muhammadun
rasuulullaah' kan jedhu barreeffamee arge.
Achumaan akka ati irra jaalatamaa
uumama keetii gara maqaa keetiitti hirkifte
bare' jedhe. Achumaan Rabbiin "siif
araarameera; odoo inni hin jirree siyyuu
hin uumun ture" jedhe.) Azzahabiin
miizaan keessatti "kun odoo dhara
namtolcheedha" jedhe. (namni mana isaa
irraa gara salaataa bahee "yaa Rabbi ani
10

haqa warra si kadhataniitiinin si kadha;


ammas haqa adeemsa kiyyaatiinin si
kadha" jedhe ….) kunis da'iifa. Shaykhul
Islaamiifi Azzahabiin da'iifa godhan.
Dhuma irratti wanti gabricha Rabbiin
tokkoomsu irratti dirqama ta'u tawassula
dhorgamtuu hunda irraawuu
fagaachuudha. Sababni isaa isheen gara
shirkii guddaa yookiin shirkii xiqqaa
yookiin gara bida'aatti dhaqqabsiifti waan
ta'eef. Akkuma kana kun du'aa'ii keessatti
daangaa taruudha. Kanaafuu qeebalamuu
dhiisuuf wabiidha. Sababni isaas Rabbiin
waan sharii'aan wal gale malee hin qeebalu
waan ta'eef. Akkuma kana mu'umina irraa
kan barbaachisu du'aa'ii Qur'aanaafi
hadiisa keessa jiru irratti jabaachuutu
barbaachisa. Sababni isaas isheen
qeebalamuutti irra dhihoodha; akkuma
kana du'aa'itti keessa mindaa guddaatu jira.
Kajeellaan… yaa Rabbi maqoolee kee
gaggaariifi sifaata kee ol aanaadhaan,
10

iimaana sitti amanneen, jaalalaafi hordoffii


nabiyyii kee nabiyyii rahmataatiif qabnuufi
hojii keenya ishee fuula kee qofa
barbaannee hojjanneen si kadhataa gara
keetti dhihaannee gabroota kee warra si
tokkoomsanu, karaa kee keessatti waamaa
hojjatan nu taasisuu si kadhanna.
Akkasumas qajeelfama Nabiyyii keetii
(saw) irra nu kaa'uu, haqa irratti gadi nu
dhaabuufi diinota keenya irratti nu tumsuu
si kadhanna. Ati dhaga'aa du'aa'ii qeebalu
waan taateef. Rabbiin nabiyyii keenya
Muhammad, maatii isaanii, sahaabota
isaaniifi namoota hanga Guyyaa
Qiyaamaatti isaan jaalatan irratti
rahmataafi nageenya haa buusu.
10

You might also like