You are on page 1of 50

Dan Bible College (Koleejii Macaafa Qulqulluu Daan)

Barumsa Afuuraa Kiristaanaa-I


Christian Theology-I

“…Jaalalaan dubbii dhugaa dubbachaa, koottaa karaa hundumaan gara


mataa isa nuuf ta’e gara Kiristoositti in guddannaa!” Efe. 4:15.

1 DBC “Be disciple and go to others to create the true disciple creators!”
Email: danbiblecoll@gmail.com / eleil0607generation@gmail.com
Phone: +251-468-217-144/+251-926-545-440; P.o.b. 2209 Hawassa, Ethiopia.
Dan Bible College (Koleejii Macaafa Qulqulluu Daan)

Baafata (Table of Contents)


Mata Dure Fuula

1. Seensa ………………………………………………………………………………………..3
2. Kaayyoo Koorisichaa ………………………………………………………………………..3
3. Barumisicha booda qabxii eegamu …………………………………………………………..4
Kutaa Tokko
4. Hiikaa Barumsa Afuuraa/amantii ……………………………………………………………4
5. Gosa Barumsa Afuuraa .…………………………………………………………………......4
6. Bu‘uura barumsa Kiristaanaa ………………………………………………………………..6
Kutaa Lama
7. Mul‘ata (Revelation) ………………………………………………………………………...6
8. Gosa Mul‘ataa ……………………………………………………………………………….6
9. Macaafa Qulqulluu …………………………………………………………………………..7
10. Macaafni Qulqulluun eessaa dhufe ………………………………………………………….8
11. Qaanoonaa Macaafa Qulqulluu …………………………………………………………….10
12. Hirama Macaafa Qulqulluu ………………………………………………………………...10
13. Aboo Macaafa Qulqulluu …………………………………………………………………..11
Kutaa Sadii
14. Waaqayyoon Beekuu ..……………………………………………………………………...12
15. Karaa Waaqayyoo ittiin beekamu ………………………………………………………….14
16. Bu‘uura ibsa eenyummaa Waaqayyoo ……………………………………………………..20
17. Amaloota Waaqayyoo ……………………………………………………………………...20
18. Hojii Waaqyyoo ……………………………………………………………………………23
19. Fedha Waaqayyoo ………………………………………………………………………….25
20. Maqaawwan Waaqayyoo …………………………………………………………………..26
Kutaa Afur
21. Sadan tokkummaa Waaqaa (Trinity) ……………………………………………………...31
22. Sadan tokkummaa Waaqaa ilaalchisee barumsa sobaa bara Abbootaa turan ………...31-34
23. Deebii barsiisa sobaatiif Waldaa kiristaanaatiin kennaman ……………………………….34
24. Dhugaa Sadan-Tokkummaa ……………………………………………………………….35
25. Wabiilee Tokkummaa Waaqaa ……………………………………………………………35
26. Wabiilee Sadummaa Waaqaa ……………………………………………………………..37
27. Xumura (Conclusion) ……………………………………………………………………...40
28. Kitaabilee deggersaa (Bibliography) …………………………………………………….......

2 DBC “Be disciple and go to others to create the true disciple creators!”
Email: danbiblecoll@gmail.com / eleil0607generation@gmail.com
Phone: +251-468-217-144/+251-926-545-440; P.o.b. 2209 Hawassa, Ethiopia.
Dan Bible College (Koleejii Macaafa Qulqulluu Daan)

Seensa (Introduction)
Barumsa Afuuraa keessatti wanti ka‘an baay‘eetu jira. Haa ta‘uu malee nuti kan xiyyeeffanu
wantoota muraasa fi murteessoo ta‘an irratti. Haaluma kanaan Koorsii kana keessatti irra
caalaatti waa‘ee maalummaa barumsa afuuraa (theology) , eenyummaa Waaqayyoo, waa‘ee
mul‘ataa, waa‘ee isa guddaa fi namoota hedduu biratti jaallatamaa ta‘e Macaafa Qulqulluu,
waa‘ee amaloota Waaqayyoo, waa‘ee sadan tokkummaa Waaqaa ( Abbaa, Ilma, Hafuura
Qulqulluu) garaa garummaa fi tokkummaa isaan qaban. Akkasumas waa‘ee bara dhumaa
bal‘inaan ilaalla.

Akkataa mul‘ata keenya dhaabbata Daan ifatti kaa‘ameen, kaayyoon keenya namoota
barumsa hafuur oomishuu osoo hin taane, amantoota dhugaa kan Kiristoosiin duukaa bu‘an ,
duuka buutota Kiristoos kan bori Waldaa Kiristaanaa qulqullummaan tajaajilaanii fi
lammiiwwaan samii (Waaqaa) qopheessuu dha. Kana waan ta‘eef mul‘ata kana fiixaan baasuuf
Barumsa afuuraa haala qindaa‘ina qabuu fi haala biyya keenya kan giddu galeefateen kennuun
filannoo kan hin qabne dha. Kanaaf Dan kana hubachuun dhaloota qaruun walda kiristaanaa
akkasumas biyyattii gargaaruuf, sadarkaa barumsa tolaa/bilisaa waan fakkaatu sadarkaa
kamirrattuu waldaa fi dhaabbata fedha qaban waliin ta‘uun namoota barsiisa. Haaluma kanaan
namni leenjii kana fudhatu waan irraa eegamu guutuudhaan dhaabbata keenyaan barumsa
kennamu seera qabeessaan baratee yoo xumura Waraqaa Ragaa (Diploma) argata.

Yeroo kana wanti isin hubatta feennuu leenjii kana fudhachuuf warri Waaqayyoo carraa isaa
isiniif kenne akka tasaatti osoo hin taane, Waaqayyo karoora isaa isa barabaraa ta‘uu hubachuun
haala gaariin akka hordoftan akkasumas ija godhachuuf akka geessan jaalala gooftaan isin
beeksifna. Akkasumas waa‘een Mootummaa Waaqayyoo kan isatti dhaagahamu hundinuu
gadhannaan nu wajjin akka dhaabatu innis immoo lammii waaqarraa ta‘uuisaan mootummaa
kana keessatti qooda fudhachuun gatiin isaa Waaqa biratti guddaa akka ta‘e yaadachiifna. Kunis
immo qabeenya ofii bakka qabeenya ofii samii keessatti walitti qabachuun kan walfakkaatu dha.
Hojii kana keessatti kan dadhabdan kan nu gargaartan hundinu gooftaan isin haa eebbisuu jenna
gatiin keessanis Yesuus harka.

3 DBC “Be disciple and go to others to create the true disciple creators!”
Email: danbiblecoll@gmail.com / eleil0607generation@gmail.com
Phone: +251-468-217-144/+251-926-545-440; P.o.b. 2209 Hawassa, Ethiopia.
Dan Bible College (Koleejii Macaafa Qulqulluu Daan)

1. Kaayyoo Koorisichaa(course Objective)


Akkuma armaan olitti caqasnetti kaayyoon dhaabbata keenya Dan mul‘atni isaa inni guddaan
duuka buutota Yesuus qopheessuun isaan immoo duuka buutota kan biroo qopheessuu akka
danda‘an gochuu dha. Haala kanaan kaayyoon koorsii kanaa kanneen armaan gadiiti.

1) Waa‘ee Barumsa Afuuraa hiika isaa, kaayyoo isaa, barbaachisummaa isaa, fi


maalummaa isaa haalan agarsiisuu
2) Waa‘ee Eenyummaa Waaqayyoo hubachiisuu
3) Waa‘ee faayidaa Macaafa Qulqulluu hubachiisuu
4) Faayidaa Mul‘ataa agarsiisuu
5) Waa‘ee sadan tokkummaa Waaqaa hiikaa isaa fi faayidaa isaa, tokkummaa fi
garaagarummaa isaa gad fageenyaan ibsuuf.
2. Barumisicha booda qabxiilee eegaman:
Barumsa kana booda bartoota irraa qabxiilee eegaman baay‘ee dha. Isaan keessaa:

1) Waa‘ee Barumsa Afuuraa/amantii yaada walii gala in qabaatu.


2) Waa‘ee yaada Macaafa Qulqulluu hubannoo ni horatu.
3) Waa‘ee mul‘ataa yaada bu‘uuraa in qabaatu.
4) Waa‘ee Waaqayyoo eenyummaa isaa, amaloota isaa fi maqoota isaa in hubatu.
5) Waa‘ee sadan tokkummaa waaqaa wal fakkii fi garaagarummaa jiru in hubatu.

4 DBC “Be disciple and go to others to create the true disciple creators!”
Email: danbiblecoll@gmail.com / eleil0607generation@gmail.com
Phone: +251-468-217-144/+251-926-545-440; P.o.b. 2209 Hawassa, Ethiopia.
Dan Bible College (Koleejii Macaafa Qulqulluu Daan)

Kutaa Tokko
Jalqabbbii fi Hiikkaa Barumsa Afuuraa
Jalqabiinsa Barumsa Afuuraa
Barumsi Afuraa Kiristaanaa (Theology)‘n kan yeroo dheeraa lakofsise ta‘uu isaatiif
hayyuuleen (Scholars) Macaafa Qulqulluu bay‘een kan itti waliigalaniib dha. Kana jechuun
immoo Kiristaanummaa durattis namoonni kessattuu Falaasfoonni (Phelosophers) jecha
―Theologia‖ jedhu kana itti fayadamaa akka turan ni himama. Kaniin keessaa Pilaatoo fi
Aristootil ni eeramu. Fakkeenaaf, kitaaba Pilaatoo ―The Republic‖ jedhamu boqonnaa 18ffaa
irratti jecha Tiwooloojii jedhu kana itti fayadameera. Kunis Dh. K. D. jaarraa 4ffaan dura si‘a ta‘u,
yemmuu hiikus ―Waa‘ee waaqolii lafaa ibsuu ykn dubbachuu‖ yaada jedhuun ture. Aristootil
immootuu ―Waa‘ee amala waaqaa qu‘achuu‖ jedhee ibsa. Karaa biraatiin Pilaatoodhaaf karaa
hogbarruu walaloo iitii baratu si‘a ta‘uu, Aristootil immootuu wanta ―Metaphysics‖ jedhamu
wajjiin wal qabsiisa. ―Metaphysics‖ jechuun gosa barumsa Filoosoofii ta‘ee waa‘ee dhugaa fi
ogummaa kan qu‘atuu dha. Bara durriitti biyyi Giriik madda beekumsaatii jedhamtee wanta
beekamtuuf jechii Theology jedhamu kunis kan dhufe jechee Girikii ―Theologia‖ jedhamu
kanaaraatti. Kana jechuun jechoonni afaan Girikii Barumsa Afuuraa keessattis haata‘uu kan
idilee keessatti iddoo olaanaa niqabuu ture. Sababni isaas bara duraanii kanatti biyyii Giriik
biyyotta baayee irraatti mote wanta turteefi. Karaa biraatiin hayyuuleen biyya adda addaa jecha
tiwooloojii jedhu kanatti fayadamaa akka turan salphamatti hubachuun nidanda‘ama. Itti
dabalataaniis jechi kun kan nitti itti fayadamnu qofa isoo hinta‘in dhaabbanni hundinuu
barumsaa afuuraa mataa ofii akka qaban hubachuun barbaachisaa ta‘a.

Yeroo jalqabaatiif barumsaa afuuraa (Theology) kan jalqabsiiseefi barsiisuu kan jalqabee
abbootii amantootaa duraanii keessaa nama Origan (Origen) jedhamu ture. Innis kan bara 185
D.K.B. si‘a ta‘u maatiin isaa amantoota wanta turaniif daa‘immuummaa isaatti gara mana
barumsa Macaafa Qulqulluutti isa erganii turan. Kanarraa ka‘uudhaan Origan luqqisii macaafa
qulqulluu sammuu isaatti niqabata ture. Dhalooti isaa biyya Gibxii, Aleeksaandariyaa si‘a ta‘uu,
Aamantii isaanii irraa kan ka‘e ari‘atamaa turan. Bara 202ttis abbaan isaa jalaa hidhamee ture.
Yeroo kanattis Origan waggaan isaa 18 si‘a ta‘u, abbaan isaa Kiristoosiin akka hinganneef gara
mana hidhaa adeemuudhaan isa jajabeesaa ture. Yemmuu abbaan isaa aarsaa ta‘ee ajeefamu,
―dhiigni qulqullootaa sagnii waldaa kiristaanaati‖ jechuun dubbataa tureera. Origan baayee nama
barate wanta ta‘eef Phaaphaasiin Aleksaandariyaa waggaa 18ffaa isaa irraatti dura bu‘aa mana
barumsaa tewooloojii isa godhe. Wanta Gooftaa baayee jaallatuufis yeroo baayee dhugaa
Kiristoos Falaasfootaaf, Ayhuudotaaf fi warroota barattaniitti dhugaa bahaa ture. Isaan

5 DBC “Be disciple and go to others to create the true disciple creators!”
Email: danbiblecoll@gmail.com / eleil0607generation@gmail.com
Phone: +251-468-217-144/+251-926-545-440; P.o.b. 2209 Hawassa, Ethiopia.
Dan Bible College (Koleejii Macaafa Qulqulluu Daan)

keessaayis baayeen isaanii Goofftaatti amanaa turan. Akkasumas yeroo isaa dheeraa
kadhannaadhaan, somuudhaan, Macaafa Qulqulluu dubbisuudhaaniifi kitaaboota adda addaa
barreessuudhaan dabarsaa ture. Keessaatu guyyaa robii fi jimaataa somaaf sagadaan dabarsaa
ture. Yeroo baayee wanta kitaaboota adda addaa barreesuuf adda isaattii barreesitoota 7 niqaba
ture. Barreesitoonni isaatuu hojii isaa irraa kan ka‘e yeroo hinqaban turan. Halkan yeroo dheeraa
isaa kadhanaafi Macaafa Qulqulluu dubbisuudhaan si‘a dabarsu kan rafus afaa akka waan jibbaa
irratti ture. Origan guyyaa tokkolee foon nyaatee hinbeeku. Dhugaatii macheessu dhugee
hinbeeku. Yeroo baayees kan sooratu dheedhii waan akka qorsoo ture. Tajaajilee guyyaa
tokkolee waldaa irraa qarshii fudhatee hinbeeku. Sirumaa hanqina isaarraa wanta qabuun
warroota harka qalleeyiifii hidhaman gargaaraa ture. Baayee nama Gooftaa sodaatuu ture.

Gama biraatiin Origan Macaafa Qulqulluu kallatimaan kan hiikuufii kan hojii irra oolchu ture.
Fakk. Matt. 10:10; dubbisuudhaan jireenya isaa guutuu kootii tokkittii qofaan fii kophee malee
nama jiraataa ture dha. Akkasumas, Matt. 19:12; dubbisuudhaan harka isaatiin qaama
walhormaata isaa ofirraa muree jira. Hiikkaan kallattii isaa kun rakina keessa isa galchee hamma
waldaa keessaa balaaleeffamutti isaan gahee jira. Haata‘u malee Origan nama amantii
Kiristaananatiif gumaachaa garmalee gumaacheefi barreefamoota kumaatamaan lakaa‘aman kan
barreese abbootii duraanii muraasa keessaa isa tokko ture. Hamma du‘a isaa bara 254 tti amantii
isaatiif dhama‘aa ture. Tooftaan hiikkaa isaas hamma jaarraa gidugaleessaatti bakka olaanaa
niqaba ture. Hikkaa wajiin walqabatee dogoongora tokko tokko uumus gumaachi isaa garuu
yoomiyyuu kan dagatamuu hindanda‘amnee dha. Keessattuu gumaachi inni barumsa afuuraatiif
godhee olaanaa ture. Kanarraa kan ka‘e Origan amantii Kiristaanaatiif oolmaa olaanaa oolee jira.

Kanarraa ka‘uudhaan amanatiin hundinuu tiwooloojii mataa ofii qabaatanis iddoo olaanaa akka
ga‘uuf gumaachi amantii Kiristaanaa kana jadhamee kan dubbatamuu hindandeenyee dha.
Haaluma kanaan barumsii afuraa Kiristaanaa (Christian Theology)‘n barumsa idileetiifis
gumaacha olaanaa gumaacheera. Jaarraa giddugaleessaatti iddoo olaanaa ga‘uudhaan ―Mootii
Saayinsii (The Qeeun of the Science)‖ hamma jadhamuutti gahee ture. Bara saniitti barataan
barataan Uuniivarsiitii galee hamma tokkollee ta‘u osoo tiwooloojii hinbaratiin ba‘e akka
dadhabaatti ilaalamaa ture. Kanarraa ka‘uudhaan barattoonni baayeen barumsa idileetiin
dabalatee tiwooloojiis barataa turan. Kuni immootuu babal‘achuu wangeelaatiiif karaa haaraafi
guddaa ture. Bara sanaatti tiwooloojiin Uunivarsiitoota biyyoota Awroopaa keessaa baayee
beekaa ture. Keessattuu University Oksifoord, Paariis fi Boloniyaan faanti barsiisni tewooloojiin
kennamaa ture. Kuni immoo ergamoonni (Missionaaries) baayeen akka biyya adda addaa
deemaniif karra bane. Kun si‘a ta‘u immootuu adunyaa irratti jijiramni karaa barumsa idileetiin,
wal‘ansa fayyaatiin, hojii karaa daandiitiin, walumaagalatti guddina dinagdeetiif gumaacha kana
hinjadhamne godhee jira. Kanaafuu barumsi afuraa Kiristaanaa adunyaadhaaf oolmaa olaanaa
oolee jira jadhamuun isaa dhugaa mul‘atuu fi jiraataa ta‘ee dha.

6 DBC “Be disciple and go to others to create the true disciple creators!”
Email: danbiblecoll@gmail.com / eleil0607generation@gmail.com
Phone: +251-468-217-144/+251-926-545-440; P.o.b. 2209 Hawassa, Ethiopia.
Dan Bible College (Koleejii Macaafa Qulqulluu Daan)

Hiikkaa Barumsa Afuuraa (Definition of Theology)


Barumsa Afuraa (Theology) jechuun maal jechuu dha? Barumsa afuuraa (Theology) jechuun
gabaabumatti waa‘ee Waaqayyoo kan qu‘atu barumsa amantii ti. Jechi ‗theology’ kan jedhu yoo
ta‘u dhufti isaa Afaan Girikii irraa jecha ―Theologia /θεολογία/‖ jedhuraati. Jechi kunis
jechoota Girikii lamarraa kan dhufe yoo ta‘u isaaniis ―theos /Θεός/” hikni isaas Waaqayyo
jechuu si‘a ta‘u lamaffaan immootuu ―logy/λογία/‖ kan jedhu hiikni isaa qo‘achuu kan jedhan
irraa kan dhufee dha. Jechi ―theology‖ jedhu kan Ingiliffaa kun yeroo jalqabaatiif hojii irraa kan
oole bara 1362 irraatti ture. Kana jechuun saniin duratti jechi baraan kan ture isa ― theologia‖
jedhu ture. Bara duritti Afaan Girikii akka adunyaattuu iddoo olaanaa irra gahee wanta tureef
barumsi tiwooloojiis haata‘u barumsi idilee jechoota Girikii baayee ni fayadama. Kanumaaf ture
yeroo jalqabaatiif Kakuun Haaraaniis Afaan Girikiitiin baraa‘uun isaa.

Kana irraa ka‘uun nuuf warra kiristaanootaaf Waa‘een Barumsa Afuuraa baay‘ee adda kan
ta‘ee fi bakka guddaa kan qabu akkasumas kan callisaan bira darbamu miti. Sababni isaa waa‘ee
eenyuu akka qo‘anu in beekna. Kana yoo jennu immoo Waaqni keenya baay‘ee adda kan ta‘e ,
biras gahamuun kan hin dandaa‘amne waantoota uume hundumaa oli ; pilaaneetota gurguddoo ,
ardii keenya (lafa) keessa barabaraan kan bira hin gahamni jiran albuudota kan uume,samii hin
dulloomne bifni samiis kan hin moofomne halluu naa jijjiiraa kan hin jenne uumaa waaqaa,
yeroo osoo itti hin darbin kan baatu ifa biiftuu, akkasumas uumamni isaa walxaxaa kan ta‘e
dhala namaa biyyee irraa yeroo uumee kaasee, dhala namaa keessa wantoota jiran haala inni itti
qindeessee kaa‘e qaamolee garaagaraa, neervota,kannen xixxiqqoon ijaan hin mullanee haalaan
qindaa‘anii akkamiin hojii isaanii akka hojjetan kan baay‘ee nama ajaa‘ibsiisan dha. Kanaaf
hojiin isaa dinqii kan ta‘e inni Waaqa baay‘ee guddaa kan ta‘e ,waa‘ee Waaqa kanaa qo‘achuun
nuuf bakka addaa fi faayidaa guddaa kan qabu dha.

Gosoota Barumsa Afuuraa


Gosni Barumsa Afuuraa baay‘eetu jiru. Isaan kun waa‘ee Waaqayyoo karaa(style) ittiin qo‘annu
kan nu agarsiisan dha. Haala kanaan manneen barnootaa Macaafa Qulqulluu adda addaa fi
beektonni waa‘ee barumsa kanaa akka hubannoo isaaniitti Barumsa Afuuraa garaagaraa
horddofu. Baay‘ee Barumsa Afuuraa keessaa muraasnii kanneen armaan gadiiti

1) Barumsa Afuuraa haala hiikaa( Exegetical Theology) :-gosi barsiisa afuuraa kun
Macaafa Qulqulluu keessatti barreessaan macaaficha barresse warra jalqaba macaaficha
dubbisaniif ergaa maalii akka dabarsuu barbaade hiikaa inni qabu kan qoratu dha. Kana
jechuun haala hiikaa Macaafa Qulqulluu kan qo‘atu dha .

7 DBC “Be disciple and go to others to create the true disciple creators!”
Email: danbiblecoll@gmail.com / eleil0607generation@gmail.com
Phone: +251-468-217-144/+251-926-545-440; P.o.b. 2209 Hawassa, Ethiopia.
Dan Bible College (Koleejii Macaafa Qulqulluu Daan)

2) Barumsa Afuuraa Seera Amantii( Dogmatic Theology):-Inni kun immoo baroota


baay‘ee keessatti abbootiin amantii seera Macaafa Qulqulluu hordofuun amantii irratti
seerota isaan kaa‘an kan qoratu dha.
3) Seenawwaa Barumsa Afuuraa ( Historical Theology) :-Waliigala seenaa Macaafa
qulqulluu , seenaa Waldaa kiristaanaa, seenaa uumamaa fi kan biros kan qoratu dha.
4) Baumsa Afuuraa Macaafa Qulqulluu ( Biblical Theology) :-Macaafa Qulqulluu Seera
Uumamaa kaasee hanga Mul‘ataatti kan jiran keessaa ijoo dubbii kan ta‘an kaasuun kan
barumsaaf dhiyyeessu dha. Dhaabbani keenyas mul‘atin isaa isa kana irratti kan
xiyyeefate dha.
5) Barumsa Afuuraa Qindaa’aa ( Systematic Theology) :- Barumsi kun kan xiyyefate
barumsa afuuraa adda addaatiin qindaayee kan dhiyaatu irratt. Kunis tokkoo tokkoo
waa‘ee uumamaa , Uumaa, hafuurotaa, namaa,waa‘ee cubbuu fi fayyina barabaraa
qindeessee kan dhiyyeessudha. Baay‘inaan Dhaabbanni Dan kan xiyyeefatu isa kana
irratti.Kan hordofus adeemsa kana.
6) Barumsa Afuuraa Ergamaa Wangeelaa ( Missiological Theology);- ergamin barumsa
kanaa wangeela bakka hin geenyeen gahuu kan ilaallatu dha.
7) Barumsa afuuraa Tiksummaa( Pastoral/Practical Theology) :-waldaa kiristaanaa
keessa tajaajila jiran mara kan ilaalatu dha.Fakkeenyaaf , waa‘ee bulchiinsaa, barumsaa,
lallabaa, gorsaa, waaqeffannaa kkf kan hammatu dha.
I. Barumsa Kiristaanummaa Kanneen Ijoo ( Main Christian Doctrines or Creeds)
Kanneen barumsa amantii ibsan kun murteessoo kan ta‘an dha barsisa kiristaanummaa
keessatti.Barnoota kanneen kan hin fudhane ykn kan irra darbu kiristaana jechuun
rakkisaa dha;akkasumas garee barsiisa sobaattis deema. Kanaafis namni tokko ykn
dhaabbanni tokko kiristaana jedhamuuf:
a. Macaafni Qulqulluun tokkicha aboo qabeessa Sagalee Waaqayyoo akka ta‘e kan
amanu
b. Kaanoonaa Macaafa Ququlluu kan fudhatu.
c. Sadan tokkummaa Waaqaa kan amanu
d. Waaqummaa Yesuus fi nama ta‘ee mul‘achuu isaa kan amanu
e. Fayyinni barabaraa Yesuusiin kan raawwatame akka ta‘e kan amanu
f. Aboo Waldaa Kiristaanaa kan amanu.
g. Dhugaa du‘aa ka‘uutti kan amanu.
h. Macaafa Qulqulluun kan ibsame waa‘ee bara dhumaa kan amanu.

Kanneen olitti caqafaman kana namni dhuunfaas ta‘e dhaabbanni amanee hin fudhanne
akkasumas ittiin hin geggeefamne kiristaana jechuun hin dandaa‘amu .

8 DBC “Be disciple and go to others to create the true disciple creators!”
Email: danbiblecoll@gmail.com / eleil0607generation@gmail.com
Phone: +251-468-217-144/+251-926-545-440; P.o.b. 2209 Hawassa, Ethiopia.
Dan Bible College (Koleejii Macaafa Qulqulluu Daan)

Kutaa Lama
Macaafa Qulqulluu fi Mul’ata (Bible and Revelation)
Macaafa Qulqulluu fi Mul‘atin adda bahanii kan ilaalaman miti.Kana jechuun waa‘ee Macaafa Qulqulluu
yeroo kaafnu waa‘ee mul‘ataas in kaafna waan ta‘eef.Karaa biraan immoo mul‘atin osoo hin jirree
Macaafa Qulqulluu beekuunis yaaduunis in ulfaata ture. Mul‘atin mataasaa waan barbaachiseef Macaafni
Qulqulluun akka barreefamus ture.Kanaafis Macaafni Qulqulluun caafamee akka raawwateen mul‘atins
raawwateera.Har‘a dhugaa mul‘ate ibsuu malee mul‘atin haaraan hin jiru. Haa ta‘u malee osoo Macaafni
Qulqulluun hin caafamin dura mul‘atin waan tureef dursinee waa‘ee mul‘ataa haa ilaallu.

I) Mul’ata ( Revelation)
Mul‘ata jechuun waan dhoksaan jiru tokko ifa baasuu, waan uwwifame irraa kaasuu, ifatti baasuu jechuu
dha.Kunis Afaan Girikiitiin (Apokalupsis) jedhama. Hiikni isaas qullaa gochuu, dhugaa dhokatee ture
waltajjiitti baasuu jechuu dha. Efe. 1:17,3:3-5, Uum.1:1, Gala.3:23.
Walumaagalatti mul‘ata bakka lamatti hiruun ilaaluun in dandaa‘ama. Isaanis:-
1. Mul’ata waliigalaa ( General Revelation)
Mul‘atin akkasii kun kan Waaqayyoo namoota hundumaatti yeroo tokkicha bakka hundumaatti ofii
isaa ittiin beeksise dha.Kana ta‘uus haala garaa garaatiin hubachuu dandeenya;

1.1. Uumamaan(Nature) :-Uumamni hundinu jiraachuu Waaqayyoo in dubbatu.Dhuga


bahumsa uumamaa ilaalee hubachuu hin danda‘u kan jedhu namni jaamaan ho‘a aduu,
qorra bokkaa yandoo, sochii lafaatiin hubachuu danda‘a.( Rom.1:19-20).
1.2. Sammuu Dhala Namaan( Human Conscience):-dhalli namaa jalqabaa kaasee uumaa
isaa barbaadee waaqessuu kan amaleeffate dha.Kana irraa ka‘e namni tokko akkana
jedhee dubbateera,‖ Addunyaa gubbaatti Magaalaa mooraa hin qabne ni argitu
ta‘a;bulchiisa kan hin qabne magaalota ni argitu ta‘a garuu Mana Sagadaa Waaqayyoo
ykn kan waaqa tolfamaa bakka itti dhabdan hin qabdan.‖ Yaada kana gad fageenyaan
yoo ilaallu sirrii dha.
1.3. Seenaa dhaan ( History) :-Baroota hedduu keessatti aboo qabeeyyii namoonni ta‘an
baay‘een dhufuun darbaniiru.Waaqayyo garuu hundumaa ol ta‘ee jiraata. Seenaa
jalqabsiisee kan raawwachiisu isuma.Bara duriitti waraanaan beekamoo kan turan ,
―Karaan hunduu gara Roomaatti geessa‖, kan jedhaman warrii Roomaa har‘a
diinageen jeeqamaa jirti.Warri Faalasifoota Girikii hoo eessa seenan? ― Aduun
Biriteenitti hin dhiitu‖ kan jedhameef yeroo ammaa kana addunyaa bitaa jirtii? Yeroo

9 DBC “Be disciple and go to others to create the true disciple creators!”
Email: danbiblecoll@gmail.com / eleil0607generation@gmail.com
Phone: +251-468-217-144/+251-926-545-440; P.o.b. 2209 Hawassa, Ethiopia.
Dan Bible College (Koleejii Macaafa Qulqulluu Daan)

ammaa kana immoo biyya lafaa kana irratti lakkoofsa tokko irra kan jirtu Ameerikaan
bor maal ta‘uuf jirti? Seenaa hundumaa keessatti kan hojjetu Waaqayyoo dha.
1.4. Soora Waaqayyoo ( Provision of God) :-Mul‘ati walii galaa Waaqayyo akka sooru
ta‘ee mul‘ateera. Waaqayyo in soora yoo jennu, Waaqayyo uumaa isaa osoo addaan
hin kutin in eega, in kunuunsa, utubees qaba jechuu keenya. Far.104:24-30, Mat.5:45,
Hoe.14:17.
1.5. Miira waaqeffannaa namootaa (Religionism Mentality):- mul‘ata waliigalaa keessatti
haala itti Waaqayyo ofii isaa mul‘ise keessa tokko miira waaqeeffannaa
namootaatin.Nama kamiyyuu keessa miirri Waaqeffannaa jira jechuun wanti isaa ol
ta‘e tokko akka jiru hubachiisa.
2. Mul’ata Addaa ( Special Revelation) inni kun immmoo karaa itti Waaqayyoo
nama tokkoof ykn namoota murtaahootti ofii isaa mul‘ise dha.Mul‘atin addaa kun karaa
itti raawwate hedduu dha. Isaan keessaa muraasni:
2.1. Sagaleen:-Addaamiif, Museef, Saamu‘eliif, Phaawuloosiif
2.2. Abjuun:- Ermiyaasiif, Yooseefiif, Phexroosiif
2.3. Raajiidhaan:- Raajotaaf
2.4. Mul‘ataan :- Daani‘eliif, Yohaannisiif
2.5. Macaafa Qulqulluun ;-Namoota hundaaf
2.6. Ilma isaan ( Kiristoosiin) :-sanyii namaa hundaaf
2.7. Hafuura isaan :- akka fedha isaatti kan jaallateef

Kanaaf mul‘atin waliigalaa mul‘ata addaa malee guutuu ta‘uu hin danda‘u. Jecuunis namni tokko
gara fayyinaa dhufuuf mul‘atin addaa isa barbaachisa jechuu dha.Sababni isaa mul‘ata waliigalaa
keessatti dhalli namaa Waaqayyo akka jiru hubachuu daanda‘a garuu kaayyoo Waaqayyo dhala
namaaf qabu hangam akka bareedaa ta‘e hin hubatu. Kana waan ta‘eef mul‘ataa haala ittiin hubannu
keessaa tokko kan ta‘ee fi eebbii Waaqayyoo gara karaa ittiin dhufu kan qabate Macaafa Qulqulluu
hanga tokko ilaaluu yaalla itti aansuun.

II) Macaafa Qulquluu ( Holy Bible)


Macaafni Qulqulluun maal? Macaafa Qulqulluu jechuun sagalee/yaada Waaqayyoo isa jiraataa kan
qabate dha jechuu dandeenya.Sababni isaas yaada Waaqayyo qabu kan nuuf ibsu waan ta‘eef.Kan
caafames gara namoota 40 n yoo ta‘u isaanis guutummaa guutut geggeessaa Hafuura Qulquutiin kan
barreessan.kanaafuu barreessaa Macaafa Qulqulluu hafuura qulqulluu dha jechuu dha.Sababni isaa
namoonni harka isaaniitiin waraqaa fi waan ittiin barreessan qabatan malee ergaan isaa guutummaa
guutuutti hafuura qulqulluu biraa kan dhufe dha. Kanaafuu Macaafni Qulqulluun Waaqayyoo biraa
ilmaan namootaaf karaa namootaa namootaaf kan dhufe dha.kana jechuun Macaafa Qulqulluu karaa
lama ilaaluun ni dandaa‘ama. Karaa tokko yaada Waaqayyoo qofa kan qabate karaa hafuura

10 DBC “Be disciple and go to others to create the true disciple creators!”
Email: danbiblecoll@gmail.com / eleil0607generation@gmail.com
Phone: +251-468-217-144/+251-926-545-440; P.o.b. 2209 Hawassa, Ethiopia.
Dan Bible College (Koleejii Macaafa Qulqulluu Daan)

qulqulluu namoota barreessan bira kan gahe yoo ta‘u , karaa biraan immoo namoonni barreessan
yeroo barreessaniitti afaan, aadaa, haala beekamaa naannoo isaanii, sadarkaa beekumsa isaanii akka
caafani dha.

Macaafni Qulqulluun barreefamee xumuramuuf waggoota 1600 (kuma tokkoo fi dhibba jaha) kan itti
fudhate yoo ta‘u Kakuu Moofaan waggaa 1100 kakuu Haaraan waggaa 100 itti fudhateera.Gidduutti
waggootni 400 kan turan immoo yeroo mul‘atin kamiyyuu hin turee fi Macaafni Qulqulluun
barreefames kan hin ture dha.Kunis Walgahii Kanoonaa jaarraa 4ffaa keessatti godhame irratti
mirkanaa‘eera.kanaafuu‖ Macaafonni Awaaldi’ jedhamuun beekaman kan geggeesaa Hafuura
Waaqaan barreeffaman miti jechuu dha. Kana irraa kan ka‘e akka yaada Waaqayyootti barreeffamanii
abootii amantii durii birattis fudhatama kan qaban Macaafota 66 ni Macaafa qulqulluu keessaa
qofa.Isaan ku bakka lamatti kan hiraman kan yoo ta‘an ,isaanis Kakuu Moofaa(Macaafa Seeraa) fi
Kakuu Haaraa(Macaafa ayyaanaa) jedhamuun beekamu. Kakuun seeraa Waaqayyoo fi sabni israa‘el
walitti dhufeenya iasaan qaban kan ibsu dha.

Macaafni Qulqulluun sagalee Waaqayyoo ti. Sagaleen afaan isaa immoo Waaqayyoo wajjin wal qixa
hojjechuuf humna qaba.Waaqayyoo hundaa danda‘aa waan ta‘eef sagalich wanta jedhameef mara in
hojjeta. Waanti hundinuu kan uumamee sagalee kanaan ;osoo Waaqayyoo sagalee hin dubbannee
biiyyi lafaa hin argamtu turte. Duwwaas turte.Har‘a ijaan kan arginu hundinuu bu‘aa sagalichaa
ti.Fakkeenyaaf Samii fi Ardii, dhalli namaa , waan namni ittiin fayyadamu hundi,jechuun nyaatni
uffanni hundi bu‘aa sagalichaa ti. Hundaa danda‘aa kan ta‘e Waaqayyoo wanta barbaade yeroo
barbaadetti kan raawwatu dha.Kanatu na dhibu osoo hin jedhin waan fedhe raawwata , sagaleen isaas
waan jedhu osoo hin raawwatamin tasumaa hin hafu. ― waanti hundinuus isumaan ta‘e ;waan ta‘e
keessaas isa malee kan ta‘e tokko illee hin jiru.‖ ( Yoh.1:3). Hundumtuu kan ta‘e Sagalee /Yesuusiin
ta‘e.Yesuus mataansaa ammo sagalee dha(Yoh.1:1) jedha bakka kanatti. Kanaafuu bakka nuti
Waaqayyoof laannu bakka nuti Macaafa qulqulluuf laannuun miijanama. Macaafni Qulqulluun aboo
eebbisuu, uumuu,fayyisuu,jajjabeessuu, baasuu, kutuu, ajjeesuu, ayyaana namaa kennuu, seenaa
jijjiruu qaba.Kun kanaan osoo jiruu mee yaada armaan gadii hubadhu.

 Macaafni Qulqulluun eessaa dhufe?


 Macaafa Qulqulluu eenyutu caafe?
 Haala har‘a jiruun akkamitti argachuu dandeenye? Miijana akkamii keessa darbeetti as kan
gahe?
 Macaafni Qulqulluun maalif barreefame?
 Kaayyoon barreefamuu isaa maal?
 Macaafni kun kan inni of keessatti qabate kutaawwan kam fa‘i?

Macaafa kana fudhatee kan itti fayyadame maal argata? Kan hin fudhanne ammo maal miidhama?
Fi kkf. Gaafachuun itti yaaduu fi murtee sirrii Ta‘e gochuun akka macaafichaatti deddebi‘uu qabna.
11 DBC “Be disciple and go to others to create the true disciple creators!”
Email: danbiblecoll@gmail.com / eleil0607generation@gmail.com
Phone: +251-468-217-144/+251-926-545-440; P.o.b. 2209 Hawassa, Ethiopia.
Dan Bible College (Koleejii Macaafa Qulqulluu Daan)

A) Macaafni Qulqulluun eessaa dhufe? (Source of Scripture)


Macaafni Qulqulluun burqaan isaa Waaqayyoon ta‘uun wal hin gaafachiisu.Sababni isaa Waaqayyo
beekee karoorsee dhalli namaa jireenya isaa akka itttiin geggeefatuuf , akkamittis waaqaa wajjin
walitti dhufeenya uumuu danda‘us akka horatuuf akkasumas lubbuu isaatiif of eeggannaa gochuu
akka danda‘uuf Macaafa Qulqulluu kana qopheesseef.Kanaafuu burqaan isaa Waaqayyo dha jechuu
dha. Barreessaan isaa inni jalqabaa Hafuura Qulqulluu dha namoota filatetti fayyadamuun, naanno
namoota 40.Isaanis kaan Raajota,kaan mootota,kaan warra aboo qaban , kaan hakiimota, kaan immoo
hiyyeesota , kaan tiksee horiiti,kan baratanii fi hin baranne illee keessa jiru.Kun mataan isaa hiikaa
guddaa dha.Kunis kan baratan waan baratan caafan yoo jenne kan hin barati immoo barreessuu hin
danda‘an ture garuu barreesaniiru.Kana jechuun waan hundumaa kan geggeessu humni wahii isaanii
wajjin ture jechuu dha.Wanti humna qabeessi kun egaan Hafuura Qulqulluu ture jechuu dha. Karaa
biraatiin immoo mootota gad buusee kan hi baratin barsiisee akka barreessan gochuun alatti, ergaa
isaan hubachuu hin dandeenye illee karaa isaanii akka darbuu fi barra‘uu godheera Hafuurri
Qulqulluun.Kunis burqaa isaa isaan akka hin taane dha( 1phex.1:10-12).

Kanneen barreessan kunniin hojii garaagaraa irra akka turan yoo ilaallu: Amoos Tiksee
ture,Iyyaasuun immoo dura bu‘aa ykn ajajaa waraanaa ture,Luqaas ogeessa fayyaa ture, Daani‘el
Muummee ministeeraa ture,Daawit Nugasa ture,Phexroos homaa kan hin baranne ture, Phaawuloos
immoo beekumsa guddaa yeroo sana nama qabu yoo ta‘u akka yeroo ammaatti Piroofesera waliin
walqixa kan ta‘u ture. Hundumti isaanii garuu kaayyoo tokkoof to‘annoo Hafuura Qulqulluu jalatti
geggefamu turan. Kana jechuun immoo Hafuurri Qulqulluun fedhaa fi yaada isaa malee itti
fayyadame jechuu miti; fedha isaanii garuu akka dogoggora itti hin dabalee eegee jechuu
dha.Akkasumas akkataa Afaan isaanitti , akkaataa aadaa isaanitti fi haala dandeettii isaanin akka
barreessan godheera.

B) Macaafni Qulqulluun namoota garaagaraatiin barreefamee akkamitti


haala har’a jiruun argachuu dandeenye?
Gaaffiin kun murteessaa fi kan deebi‘uu qabu dha.Sababni isaa Macaafni Qulqulluun kan caafame
namoota garaagaraa kan bakka garaagaraa turaniin yoo jedhamu akkamiin haala har‘a jiruun
qindaayee argachuu dandeenye? Gaaffii jedhu xinxaluun faayidaan isaa kan wal hin gaafachiifnr
waan ta‘eef. Dhugaa dha barreesitootni kunniin walk an hin beekne,biyya adda addaa, bara adda
addaa,umrii adda addaa,aadaa adda addaa keessa kan turan fi afaan isaanii illee addaa adda ture.Egaa
akkamiin Macaafni Kun haala kanaan qindaa‘uu danda‘e?

12 DBC “Be disciple and go to others to create the true disciple creators!”
Email: danbiblecoll@gmail.com / eleil0607generation@gmail.com
Phone: +251-468-217-144/+251-926-545-440; P.o.b. 2209 Hawassa, Ethiopia.
Dan Bible College (Koleejii Macaafa Qulqulluu Daan)

Haala Macaafa Qulqulluun itti walitti qabamuun qindaa’e

1. Geggeesaa hafuura qulqulluutiin


2. Barbaacha abootii amantii duriitiin
3. Qo‘aa lafa jalaa Arkiyooloojiitiin
4. Qo‘annoo fi qorannoo Saayintistootaatiin
5. Akka carraa namoota garaa garaatiin

Xiqqoo isaanii bal‘inaan yoo ilaallu:

 Qotiinsa Arkiyooloojiitiin meeshaa garaagaraa irratti barreeffamni barra‘an


argamaniiru.Fakkeenyaaf, Biraannaa irraatti, suphee irratti, girgiddaa irratti, akkasumas
dhagaa irratti kan barreefaman bosona keessaa ,waldaa amantaa keessaa argachuun
dandaa‘ameera.

Waraabbiiwwan jalqabaa kan barreeffaman afaan sadiin yoo ta‘u isaanis: Afaan Girikii, Afaan biroon
lamaan immoo afaanota hin beekamne turan. Saayintistooni afaan Girikii fayyadamuudhaan afaanota
hin beekamne kanniin dubbisuu dandaa‘aniiru.Saayintistoonnii fi Qorattoonni Arkiyooloojii osoo hin
hafin hojii Waaqayyoo keessatti hirmaataniiru;itti yaadaniis haa ta‘u osoo hin yaadin ,amananiis haa
ta‘u osoo hin amanin sassabbii barreeffama Macaafa Qulqulluu keessatti qooda
fudhataniiru.Akkasumas namoonni biroon akka tasaa Waaqayyoof garuu karooraan barreeffa addaa
argataniiru.Fakkeenyaaf:

 Bara 1974 A.L.A tti ‗ Mut Baahir‘ jedhamuun iddoo beekamu tti tikseen biyya Arabaa tokko
re‘een duraa baddee osoo barbaachhuf dhagaa darbatuu gaanii tokko rukutee ,sagalee
dhagahuun tikseewwan Yihuudotaa lama isaa wajjin turan waliin gara qilee keessa yoo
seenuun ilaalan Biraannaa irratti kan barreeffame waa‘ee raajii waa‘ee Yesuus ,Faarsaa
Daawwit, Macaafa Keessa deebii fi Macaafa Seera Uumamaa argachuu dandaa‘anii turan.
Kana keessatti dhugumaan Waaqayyootu saba isaatti fayyadamuun barreeffamni Macaafa
Qulqulluu akka qindaayee nu bira haala kanaan akka gahu godhe.Sagaleen isaa burqaa waa
hundaa keenyaa ta‘e.
Macaafni Qulqulluun jalqaba Afaan Ibiraasxiitin fi afaan Girikiin kan barreeffame yoo ta‘u
booda gara Afaanoota Laatiinii, Ingilizii fi Jermanii fi afaanota birootti hiikameera. Bara
1526tti Wiiliyaam Taayidaal nama jedhamuun yeroo jalqabaatiif gara Afaan guddateetti
jijjiirame.Kanaa booda bara 1611 mooticha Yaaqobiin hiikame.Hiikni Kunis ‗Hiikaa
Mooticha Yaaqob‘ ykn King James Version (KJV) kan jedhamu ture. Har‘a garuu afaanota
addunyaa hundaan hiikameera hanga jedhamutti Macaafni Qulqulluun hiikamaa jira.

13 DBC “Be disciple and go to others to create the true disciple creators!”
Email: danbiblecoll@gmail.com / eleil0607generation@gmail.com
Phone: +251-468-217-144/+251-926-545-440; P.o.b. 2209 Hawassa, Ethiopia.
Dan Bible College (Koleejii Macaafa Qulqulluu Daan)

C) Ulaagaalee Qanoonaa Macaafa Qulqulluu( Biblical Canons)


Kanoonaa jechuun ulaagaa jechuu yoo ta‘u kunis ulaagaa Macaafa Qulqulluu jechuu dha. Karaa
biraatiin kutaan Macaafa Qulqulluu tokko kan biraa wajjin yoo ilaalamuu Macaafa Qulqulluu dha
jedhamee fudhatamuuf ulaagaa ittiin ilaalamuu dha. Ulaagaleen kaa‘amanis:

1. Mul‘ana Waaqummaa mul;isee agarsiisuu yoo danda‘e.


2. Dhuga bahumsa Hafuura qulqulluu yoo qabaate
3. Abootiin amantii duri turan fudhataniiru yoo ta‘e.
4. Ulaagaalee kanoonaa yoo darbe, jechuun baroota amantii keessatti wal gahii dhimma kanaaf
taa‘ame keessatti kamitu sirritti Macaafa Qulqulludha kamitu sirrii miti kan jedhutu ture.
Kana keessaatti kanneen sirriitti sagalee waaqayyoo ti jedhamanii fudhataman 66 macaafota
Macaafa Qulqulluu keessa jiran qofa akka ta‘e mirkanaa‘era.
Gaaffiilee Kanoonaa keessatti gaafataman
 Mul‘ataa waaqummaa qabaa/
 Hafuurri Qulqulluun waa‘ee sagalee kanaa maal jedha?
 Abbootiin amantaa duratti turan Macaafa Qulqulluudha jedhanii fudhataniiruu?
 Macaafini kun kutaa macaafa biro waliin wal simaa ? Moo ni faalleessa?
 Ergichi akkamitti, eessatti, yoom, yoomiif, eenyuuf, maalif/kaayyoo maaliin/ yaadameeti kan
barreefame? Fi kkf kan jedhanii dha.
D) Ramaddi Macaafa Qulqulluu
Macaafa Qulqulluu bakka gurguddaa lamatti hiruun ilaaluun in dandaa‘ama. Kutaawwan kunnins Kakuu
Moofaa fi Kakuu Haaraa jedhamu. Kakuu Moofaa keessatti macaafota 39 tu argamu ijoo kan ta‘an.
Kakuu Haaraa keessatti immoo macaafota 27 tu argamu. Ammas Kakuu Moofaan bakka gurguddo
afuritti yemmuu hiramu isaanis:
1. Macaafota Seera Musee
2. Macaafota Seenaa
3. Macaafota Ogummaa
4. Macaafota Raajii yoo ta‘an

Kakuu Haaraanis bakka gurguddoo afuritti hiramu; isaanis

1. Wangeelota arfan
2. Macaafa Seenaa
3. Ergaawwan
4. Macaafa raajii (Mul‘ata)

E) Aboo Macaafa Qulqulluu


14 DBC “Be disciple and go to others to create the true disciple creators!”
Email: danbiblecoll@gmail.com / eleil0607generation@gmail.com
Phone: +251-468-217-144/+251-926-545-440; P.o.b. 2209 Hawassa, Ethiopia.
Dan Bible College (Koleejii Macaafa Qulqulluu Daan)

Macaafni qulqulluun Sagalee Waaqayyoo waan ta‘eef akkuma isaa aboo akka qabu shakkii hin qabu.
Yoh. 1;3 sagalee isaa fi abbaa sagalichaa adda baasnee ilaaluu hin dandeenyu. Kana waan ta‘eef
sagalichi waan jedhu yeroo raawwatu argina. Seera Um.1:1-31 sagalichi waan jedhu osoo hin
raawwatin kan hafe tokko illee hin jiru. Kanafuu aboo Macaafa Qulqulluuf burqaansaa Waaqayyoo
dha jechuu dha. Kana irraa ka‘uun Macaafni Qulqulluun :

1. Dirqama barbaachisaa dha:-sagalee osoo hin beekni gara Waaqayyoon beekuuttis ta‘e gara
fayyinaatti dhufuun waan hin dandaa‘amneef.
2. Guutuu dha ( Fayyina lubbuuf waan guutuu ta‘e kan qabate) dha.
3. Dogongora tokko illee hin qabu.
4. Ifaa dha ( eenyu illee hubachuu kan danda‘u dha.
5. Kan jedhameef hunda in raawwata ; Far.33:6-9.
a. Samii utubaa malee dhaabera : Uum.1:5-8
b. Ardii baattuu tokko malee diriirseera:Uum.1:1-2:9-10.
c. Uumama hundaa waan hinjirre irraa fidee uumeera:-jechuun biqiltoota,bineensota ,
gaarota,dachaa ,bokkaa, halluuwwan garaagaraa( biqilootaa, kan bineensotaa),
qilleensa(Har‘a Hospitaalota keessatti gatii guddaan kan gurguramu), pilaaneetoota(15
akka gahan in dubbatama) , ifaa fi dukkana akkasumas dhala namaa dabalatee (biyyee
irraa yeroo tolche foonii fi dhiiga eessaa akka fide) waan hundumaa kan hin jirre irraa
gara jireenyaatti kan fide dha. Uuma.1:1-30,Far.33:6-9.
6. Jireenya kenna ; Luq.8:15, Yoh.4:4, Hoe.2:41 ,4:4, 17:11.
7. Kan du‘e du‘aa kaasa;kan dhukkubsate in fayyisa ; Mat.8:16-17.
8. Dhiifama cubbuu argamsiisa ( Gooftaa wajjin riqicha ittiin walquunnamnu dha) Mat.26:28,
Yoh. 1:12.
9. Hafuura isaa fida; Hoe.10:44, 1Tas. 1:6.
10. Miilla keenyaaf ibsaa, arraba keenyaaf mi‘aawwaa, beela keenyaaf quufa, dadhabina keenyaaf
jabina , jireenya keenyaaf geggeessaa, dogongora keenyaaf sirreessaa, fuula keenyaaf ilaaltuu,
waluumagalatti fayyina keenyaaf bu‘uura.Far.119:105,Mar.16:20,2Xim.2:11,4:2, Tiitoo 3:8,
Yaakob 1:22-23.

Aboon Macaafa Qulqulluu burqaan isaa Waaqayyoo dha.kana kan fakkaatu , waan addaa kan
ta‘e,gatii kamiin iyyuu bituu kan hin dandeenye , meeshaa gati jabeessa irra kan caalu, xalayaa
jireenyaa Waaqayyoo biraa akka fedhaa fi karoora isaatti namootaaf kan kennamee dha ykn mul‘ate
dha.Kana ibsuuf jechoota sadii kan addaan hin baanne ibsa dhufaatii Macaafa Qulqulluu kan
kennaan.

1) Mul‘ata Waaqummaa (Revelation):-mul‘atin Waaqayyoon kan ta‘e dha.Tiitoo1:3 kana


jechuun Waaqayyo biraa akkaataa Macaafni Qulqulluun gara namootaa dhufe kan ibsu

15 DBC “Be disciple and go to others to create the true disciple creators!”
Email: danbiblecoll@gmail.com / eleil0607generation@gmail.com
Phone: +251-468-217-144/+251-926-545-440; P.o.b. 2209 Hawassa, Ethiopia.
Dan Bible College (Koleejii Macaafa Qulqulluu Daan)

dha.Kanaafuu Mul‘atin Waaqayyyo mataa isaatiin kan raawwatame yoo ta‘u, gaheen
namaa fudhachuu qofa jechuu dha.Sagaleen isaa adeemsa kanaan mul‘ate.Haa ta‘u
malee Mul‘atin kan barbaachiseef sagaleen isaa akka barreeffamuuf waan ta‘eef , erga
sagaleen isaa barreeffamee xumuramee booda mul‘atin hin barbaachisu jedhanii kan
amanan jiru. Garuu mul‘atin karaa biraatiin haala Waaqayyo dhala namaatti ofii isaa
beeksisuu waan ta‘eef har‘as ta‘u dhalli namaa Waaqayyoon beekee waan hin
dhaabneef , mul‘atin raawwateera jechuun nama dhiba.
2) Guutama mul‘ataa qabaachuu (Inspiration) :- kun immoo sagalee mul‘ate haala ittiin
guutaman kan ibsu dha.Kana jechuun Hafuura Qulqulluun guutamanii , geggeffamniis
haala ittiin barreessan kan ibsu dha.Karaa biraatiin haala itti mul‘atichi keessa isaanii
seene kan ibsu dha.
3) Hubannoo qabaachuu (Illumination) :-kun immoo sagalee mul‘ate karaa itti hubatan
kan agarsiisu dha.kana jechuun geggeessaa Hafuura Qulqulluutiin sagalee kana
jechuun akkas jechuu dha jechaa haala itti hubatan kan ibsu dha.

Kutaa Sadii
16 DBC “Be disciple and go to others to create the true disciple creators!”
Email: danbiblecoll@gmail.com / eleil0607generation@gmail.com
Phone: +251-468-217-144/+251-926-545-440; P.o.b. 2209 Hawassa, Ethiopia.
Dan Bible College (Koleejii Macaafa Qulqulluu Daan)

Waaqayyoon Beekuu (Knowing God)


Barabaraan gaaffilee ka‘an keessaa tokko jiraachuu Waaqayyoo tiin kan wal qabate dha.Haa
ta‘u malee Waaqayyo jiraa? Gaaffii kana yaada keessa galchuun jiraachuu Waaqayyoo akkamitti
beekuu dandeenya? Kan jedhu itti dabaluun qo‘annaa itti fufna.Jiraachuu Waaqayyoo ilaalchisee
namoota garaagaraatiin haala beekumsa godhataniin waan kaa‘an akka itti aanuu ti dha.Kanneen
kun Falaasfota amantii qabantu falmii jiraachuu Waaqayyoo irratti odeeffannoo kaa‘u.

1) Dhuga bahumsa Sammuu (Ontological Argument):-dhuga bahumssi kun kan


xiyyeeffatu murtee sirrii fi gaarummaa irratti.Kana jechuun namni kamiyyuu murtee
dhugaa fi gaarummaa gochuu barbaada. Gaarummaan kun immoo Waaqayyo irraa kan
dhaalaman.Kana irraa ka‘uun Sammuun namaa ibsa Waaqayyoo ti jedhu.
2) Falmii Sababaa fi Bu’aa (Cosmological Argument) :-addunyaa kana irra kan jiran
marti sababa ykn ka‘umsa kan qaban dha;karaa biraatiin jiraaachuu wantoota birootiif
sababa kan ta‘e Waaqayyoo dha jechuu dha.
3) Seera Uumama irratti Mul’atu (Teleological Argument):-akkaataa falmii kanaatti
immoo adeemsa uumamni toora isaanii eeggatanii godhan ilaaluun namni tokko jiraachuu
Waaqayyoo salphaatti hubachuu danda‘a kan jehu dha.Fakkeenyyaf , bahaa fi lixa
biiftuu, darabee bonaa fi gannaa, dhihuu fi bariyuu, toora halkanii fi guyyaa namni hubate
kanneen kan toora galchee kaa‘e uumaan jira jedhee hubachuu danda‘a.Uumaan kun
immoo Waaqayyoo dha yaada jedhu dha.
4) Falmii haala Uumama namaa (Anthropological Argument/ Moral Argument):-inni
kun immoo dhala namaa keessa kan jiru yaada sammuu addaa irratti. Ilaalcha kana yeroo
ibsu namoonni hojii gaarii yeroo hojjetan,murtii sirriif yeroo falman argina.Dandeettii
kana sammuu namaa keessa kan kaa‘ee Waaqayyo dha;Waaqayyo immoo burqaa waan
gaarii hundaa ti jedhanii kan amanan dha.
5) Falmii Saayinsaawwaa ( Biological/ Scientific Argument):- Baayooloojiin saayinsii
waan ta‘eef waa‘ee uumamaa kan qo‘atu dha.Kunis uumamni hundinuu lubbuu waan
qabu tokko irraa kan dhufe dha jedha.Saayinsiin kun deemee deemee dhuma irratti
uumaa waan hundaa kan ta‘e Waaqayyoon agarsiisa jechuu dha.
6) Falmii Waa’ee Kiristoos (Christological Argument) :-kun immoo haala Yesuus
Kiristoos itti dhalate iyyuu hojii dinqii Waaqayyoo kan agarsiisu dha kan jedhu dha.
7) Ibsa Macaafa Qulqulluu (Proof of Scripture):-Macaafni Qulqulluun Waaqayyo
jiraachuu fi dhiisuu irratti waan dhibamu miti;kana irraa ka‘uu Waaqayyo jira jedhee hin
jalqabu.Bakka kana jechuun jalqabu, hojii dinqii Waaqayyoo fi Waaqayyo jalqaba samii
fi ardii uume jechuun jalqaba. (Uum.1:1).

17 DBC “Be disciple and go to others to create the true disciple creators!”
Email: danbiblecoll@gmail.com / eleil0607generation@gmail.com
Phone: +251-468-217-144/+251-926-545-440; P.o.b. 2209 Hawassa, Ethiopia.
Dan Bible College (Koleejii Macaafa Qulqulluu Daan)

Jiraachuu Waaqayyoo ilaalchisee baroota keessatti namoonni garaagaraa yaada garaa garaa
kaa‘anii turan. Isaan keessaas:

1. Pilaatoo ( Plato)-akka amantii fi ibsa Pilaatootti Waaqayyo jechuun burqaa yaada


barabaraa fi waan gaarii ta‘e hundaa ti.
2. Kaanti ( Kant) -kaantiif immoo Waaqayyo jechuun burqaa uumama hundaa fi gochaa ti.
3. Aristootil( Aristotle)- Aristootiliif Waaqayyo jechuun bu‘uuraa fi jalqaba uumama
hundaati.
4. Maatiiwu Aarolid (Matthew Arold) –Maatiiwuuf immoo Waaqayyo jechuun qulqullinaaf
kan fedhii addaan hin cinne dha.
5. Heegel ( Hegle) –Heegeliif Waaqayyo jechuun hafuura sirritti qullaa‘e dha.Haa ta‘u
malee hubannoo fi dandeettii namootaan yoo in kaafamne kan of hin beekne dha.
6. Ispiinoozaa ( Spinoza)- Ispiinoozaaf Waaqayyo jechuun qulqulluu ta‘ee lubbu qabeessa
hundaaf argama dhugaa fi ka‘umsa jalqabaa ti.
7. Fiichee( Fichte) –Fiicheef Waaqayyo jechuun uumama ardii irra jiran hundaa fi lubbuu
keessatti sirriitti kan hojjetu dha.
8. Waaqa Warra hin qabne(Pagans) –akka warra kanaatti Waaqayyo jechuun fillannoo
mataa isaa kan hin qabne jechuu dha.Warri kun waluumaa galatti Waaqayyo hin jiru
jedhanii amanu.
9. Aadaawwan tokko tokko:-akkaataa ilaalcha aadaa tokko tokkooti Waaqayyo jechuun
humna qofa ykn afuura qofa jedhanii amanu.

Waaqayyo hin jiru jedhanii Warra amanan-mallattoolee isaanii


1. Ilaalcha warra gananii (Atheism):- Gantoota jechuun jiraachuu Waaqayyootti gonkumaa
kan hin amanne jechuu dha.Waa‘ee yoo fudhanne karaa sadii ilaaluu dandeenya;

a. Hojii ykn jireenya isaanii kan ganan.


b. Waaqayyo tasumaa hin jiru kan jedhan.
c. Keessatti amannii afaaniin kan ganan akkasumas afaaniin amananii keessa isaanitti kan
ganan.

Haala kanaan baay‘een amantoota ofiin kan jedhan ganaa jiru. Sababni isaa laphee isaaniin in
amana yoo jedhan iyyuu hojii isaaniitiin gananiiru.Kanaafuu hundumtti keenya ofii keenya
ilaaluu qabna malee kan birootti qofa quba qabuu hin qabnu.Ana ofiima koo irraa na eegi jechuu
wayya. Gooftaan nu haa gargaaru!

2. Jiraachuun Waaqayyoo tasumaa beekamuu hin dandaa’amu kan jedhan (Agnosticism):-


ilaalcha kana namoonii hordofan akkuma warra Waaqayyo jira jedhaniitti odeeffannoo

18 DBC “Be disciple and go to others to create the true disciple creators!”
Email: danbiblecoll@gmail.com / eleil0607generation@gmail.com
Phone: +251-468-217-144/+251-926-545-440; P.o.b. 2209 Hawassa, Ethiopia.
Dan Bible College (Koleejii Macaafa Qulqulluu Daan)

saayinsaawwaa ta‘een jiraachuu Waaqayyoo beekuun akka hin dandaa‘amne sababa mataa
isaanii dhiyyeesu.

3. Waanti hundinuu Waaqayyoodha; Waaqayyos waanta hundumaati warra jedhan


(Pantheism):-

Akka warra kanaatti immoo Waaqayyo uumama hundumaa keessa jira.Kana jechuun warra
lubbuu qaban keessaas warra lubbuu hin qabne keessaas jira ;Waaqayyo jechuun wanta mul‘atus
uumama hin mul‘atines jedhu.Waanti hundinuu kan barabaraatti dhufaatiin isaanis kan mul‘atu
waantota irraati jedhu.

4. Waantoonni Adeemsa keessa dhufan warra jedhan (Evolutionsts View):- akka warra
kanaatti immoo yeroo ammaa kana wanti argaman adeemsa yeroo keessa uumaman ykn dhufan
malee uumaa tokkotu uume hin jedhan.Dhala namaas waa‘ee hojii isaanis ta‘e yaada isaanii kan
gaafatu Waaqni hin jiru jedhu.

5. Waaqayyo bakka jiraatu tokko qaba; garuu dhala namaa gidduu hin jiru kan jedhan
(Deism View):- warri kun immoo Waaqayyo waan uumettii namoota dabalatee walitti
dhufeenya hin qabu jedhu. Waaqayyo biyya lafaa kana uumee deemera. Dhala namaattis dhimma
hin qabu jedhu.

6. Walitti dhufeenya humnoota lamaa jira malee humna qabeessa tokkotu jira warra
jedhan (Dualistic View):- akka ilaalcha warra kanaatti immoo humnaan kan walgitan
barabaraan kan jiraatan lamatu jiru kan jedhu dha.Kunis ifaa fi dukkana, gaarii fi hamaa,
Waaqayyoo fi seeyixana waliin humna wal qixaan kan waliin tokko isa biraa cinatti hojetaa kan
jiraatan malee qofaa isaatti Waaqa jabaa fi humna qabeessa kan ta‘e hin jiru jedhu.

7. Ilaalcha Warra Waaqolii Baay’ee hodofanii (Polytheistic View):- ilaalichi warra akkanaa
immoo waaqolii baay‘ee waaqessuu kan jajjabeessu dha.Sababa yeroo kaa‘an waaqni inni tokko
yoo dheekkame gara waaqa isa biraa deemuun waaqessuutu dandaa‘ama jedhu.Qofaa isaa
waaqeffamuu waaqni barbaadu yoo jiraate, inni oftummaa dha jedhu.Kanaafuu waaqa tokkicha
yaadni jedhu hin jiru jechuun barsiisu.

Armaan olitti kan ibsaman ilaalchi garaa garaa marti sagalee Waaqayyoo ta‘e Macaafa
Qulqulluun waan barsiisu irraa baay‘ee kan fagaatani dha.

Jiraachuun Waaqayyoo Karaa Ittiin Beekamu

19 DBC “Be disciple and go to others to create the true disciple creators!”
Email: danbiblecoll@gmail.com / eleil0607generation@gmail.com
Phone: +251-468-217-144/+251-926-545-440; P.o.b. 2209 Hawassa, Ethiopia.
Dan Bible College (Koleejii Macaafa Qulqulluu Daan)

Jiraachuu Waaqayyoo karaa ittiin beeknu tokkoo fi tokko qofa. Kunis karaa mul‘ate qofaan
amanuu dha.Kana jechuun immoo namni tokko Waaqayyo jira jedhee waan amane qofaaf
Waaqayyoon beekeera jechuun hin dandaa‘amu.Namni tokko Waaqayyoon akka waaqummaa
isaatti beekera jechuuf yoo xiqqaate wantoota afur guutuu qaba.Isaanis : Waaqayyoon yoo
amanu, Kiristoosiin akka fayyisaa lubbuu isaatti amanee yoo fudhatu,gooftaaf yoo ajajamu fi
jaalala Waaqayyoon yoo jiraate dha. Haa ta‘u malee jiraachuu Waaqayyoof wabii barbaaduun
beekumsa sammuu yoo ta‘e malee amantii laphee keessaa akka hin taane beekuu
barbaachisa.Beekuu yoo barbaanne akka Waaqayyoo beekamuu kan barbaaduu fi Waaqni
dhihoo hin jiru.Sababni isaa inni waaqa keenya yeroo ta‘u ,karaa hundumtuu nuuf mijachuu
eegala.Waa‘ee Waaqayyoo beekuu kan dandeenyu karaa mul‘ataa qofaan. Mul‘ata malee
Waaqayyoon beekuun waan hin dandaa‘amneef.

Mul’ata Waaqayyoo (The Revelation of God)


Waa‘ee mul‘ata Waaqayyoo yeroo yaadnutti Waaqayyo ofii isaa namootatti mul‘isuu
barbaachisaa ture. Waaqayyoo ofii isaa dhala namaatti haala inni ittiin mul‘ise akkuma armaan
olitti ilaalleen karaa adda addaa ture.Waaqayyoo ofii isaa dhala namaatti kan mul‘iseef
sababoota gurguddoo lamaan armaan gadiitiif ta‘uun kan dagatamu miti.

A.Waaqayyo waaqa daangaa hin qabne;eenyu illee bira gahuu kan hin dandeenye ,waaqa guddaa
waan ta‘eef

B.Dhalli namaa cubbuu hojjechuu irraa kan ka‘e Waaqayyo irraa fagaatee waan jiruuf,
Waaqayyo immoo qulqulluu waan ta‘eef dhalli namaas isa bira gahee hubachuu waan hin
dandeenyeef

Mul‘ata jechuun gabaabatti Waaqayyoo dhala namaatti ofii isaa, yaada isaa, amala isaa, fedha
isaa ,hojii isaa … karaa itti beeksise mul‘ata ( Revelation) jedhama. Mul‘atin Waaqayyoo karaa
lamaan.

1. Mul’ata Waliigalaa (General Revelatio)

Kan jedhamu bakka hundumaatti kan argamu sanyii namaa hundumaatti ofii isaa ifa godhee kan
ittiin beeksise dha. Mul‘atin waliigalaa kan hundeeffame uumamaa fi Waaqayyo dhala namaa
wajjin walitti dhufeenya inni qabu irratti. Mul‘atin waliigalaa yaadni Waaqayyoo taateewwan
uumamaa, seenaa, sammuu dhala namaa fi yaaliiwwan keessatti wanta hubannu dha.

A. Uumama (Nature) :- Far. 19:1-6 ― Bantiiwwan waaqaa ulfina waaqayyoo himaa jiru,guyyaan
guyyaa isa itti aanutti kana in dabarsa, halkanis halkan isa itti aanutti waa‘ee kanaa in
beeksisa,..‖, Roome 1:18-32,Hoe.14:17, 17;26-27, Uumama 1:1-30.

20 DBC “Be disciple and go to others to create the true disciple creators!”
Email: danbiblecoll@gmail.com / eleil0607generation@gmail.com
Phone: +251-468-217-144/+251-926-545-440; P.o.b. 2209 Hawassa, Ethiopia.
Dan Bible College (Koleejii Macaafa Qulqulluu Daan)

B. Beekumsa/Sammuu dhala Namaa (Human Conscience):-Waaqayyo hojii isaa, fedha isaa,


mul‘ata waliigalaa kessatti karaa ibsee keessaa tokko sammuu namaatiin. Dhala namaa
hunda keessa sammuun yaadu jira. Sammuu yaaduu yemmuu jennu Waaqayyo yeroo
uumetti waan gaarii ta‘e qofa akka filatuuf Waaqayyo yeroo dhala namaa uumee kan inni
keessa isaa kaa‘e dha. Dhalli namaa sammuu yaadu qabaachuu isaa irratti erga walii gallee ,
waa‘ee seera Waaqayyoos sammuu isaa keessaa akka qabu Macaafni qulqulluun , Rom 2:14-
15 irratti in ibsa. Seerri sammuu namootaa keessa uumamaan jiru kun waan hundumaa kan
kenne hundaa ol kan ta‘e tokko akka jiru in ibsa. Seera kana sammuu namaa keessa kan
kaa‘ee namnis seera kanaaf akka gaafatamu beeksisa. Dhugaan kun egaa Waaqayyo karaa
sammuu namootaa mul‘achuu isaa lafa kaa‘a.
C. Seenaa (History) :-Waaqayyo karaa ofii isaa itti karaa mul‘ata waliigalaa mul‘isee keessaa
tokko karaa seenaa ti. Kara seenaa namoota biyya lafaa mul‘atin Waaqayyoo argameera.
Isaanis:
o Ka‘umsaa fi Kufaatii Moototaa:- Sagaleen Waaqayyoo Roomee 13:1-2 akkas jedha,‖
namni hundinuu warra biyya bulchuudhaaf aboo qabaniif haa abboomamu! Fedha
Waaqayyoo malee aboo qabaachuun hin dandaa‘amu;warra aboo qabatanis
Waaqayyotu achi isaan dhaabe. Kanaaf namni aboo kanaaf abboomamuu didu,waan
Waaqayyo dhaabeen in morma;warri kana godhanis firdii of irratti in fida.‖ Kanaafuu
aboon Waaqayyo malee hin argamu erga ta‘ee, mootonni ka‘anii kufan marti yaada
Waaqayyoo ala hin turre jechuu dha.Baroota keessatti hojiin moototaa hundi harka
Waaqayyoo keessa ture yemmuu jennu, Waaqayyo hundaa ol aboo qabeessa akka
ta‘e hubanna. Hundaas kan to‘atu isuma.Macaafa Qulqulluu keessaa Dan.4:32,
Hoe.17:26, KeesDeb.32:8, Far.75:7,Waaqayyo seenaa dhala namaa keessatti osoo
addaan hin kutin akka to‘ataa ture dha. Armaan gaditti immoo haala itti Waaqayyo
bara namootaa keessatti qooda fudhachuun to‘achaa ture kan ibsu ilaalla. Isaanis;
1. Seenaa warra Gibxii yoo ilaallu Waaqayyo akkamitti keessa seenee qooda
akka fudhatee fi to‘ate argina Ba‘u.9-12, Rom.9:17,Erm.46:14-26, His.29-30.
2. Bittaan warra Sooriyaa Waaqayyo akka kufu godheera Isa.10:12,19,
Erm.50:1-16, His.31, Nah.3:1-7.
3. Warra Baabiloon irratti Firdii Waaqayyo fide Dan.1-5,Erm.50-51,Isa.47-
48,45:1-5
4. Meedonii fi Faares irratti firdii ta‘e Isa. 44:24-45, 45;1-7, Dan.2:7
5. Bittaa warra Girikootaa irratti Firdii ta‘e Dan.8:1-25, 11:1-35
6. Ka‘umsii fi kufaatiin Roomaa Waaqayyoon akka ta‘e Dan. 7:7-23, 9:24-27

D) Soora Waaqayyoo (Provision of God) :-Mul‘ati walii galaa Waaqayyo akka sooru ta‘ee
mul‘ateera. Waaqayyo in soora yoo jennu, Waaqayyo uumaa isaa osoo addaan hin kutin in eega,
in kunuunsa, utubees qaba jechuu keenya. Far.104:24-30, Mat.5:45, Hoe.14:17.
21 DBC “Be disciple and go to others to create the true disciple creators!”
Email: danbiblecoll@gmail.com / eleil0607generation@gmail.com
Phone: +251-468-217-144/+251-926-545-440; P.o.b. 2209 Hawassa, Ethiopia.
Dan Bible College (Koleejii Macaafa Qulqulluu Daan)

E) Miira waaqeffannaa namootaa (Religionism Mentality):- mul‘ata waliigalaa keessatti haala itti
Waaqayyo ofii isaa mul‘ise keessa tokko miira waaqeeffannaa namootaatin.Nama kamiyyuu
keessa miirri Waaqeffannaa jira jechuun wanti isaa ol ta‘e tokko akka jiru hubachiisa.

o Mul‘ata waliigalaa keessatti seenaa keessatti yeroo ilaallu wanti dagtamuu hin qabne,
bara namoota keessatti , muudamuu fi buufamuun , gogiinsii fi magariis, bonaa fi
ganni, akkasumas jireenya nama dhuunfaa keessatti wantoota raawwataman seenaa
darban qo‘achuun faayidaa guddaa qaba. Hoe.17:24-28, Dan.2:21

Mul’ata Waliigalaa ilaalchisee namoota garaa garaatiin yaada ka’an


Mul’ata waliigalaa ilaalchisee garee amantii baay’een ejjennoo garaa garaa
adeemsisaniiru.Isaanis:

a. Pelegiiyaanota:isaan kun mul‘atin walii gala yeroo ammaa kana illee dhala namaaf
waan barbaachisu ni kenna jedhanii mormu.Amantiin Pelegiiyanota , ilaalchi isaanii bara
400 kan jiraatee kan ture Phaalaagiyoos kan jedhamu Moloksee biyya Ingilizii kan ture
dha yaada kana kan maddisiise.Barsiisa isaa keessattis cubbuun dhaalaan dhufu hin jiru
jedhee ganaa ture; fayyina barabaraa ilaalchisee immoo ejjennoo inni qabu ture namni
dandeettii isaatiin fi tattaaffii godhu qofaan ayyana Waaqayyoo argachuu danda‘a jechaa
ture. Kana irraa kan ka‘e akka barsiisa sobaatti bara 1017 balaaleffatameera.
b. Deeyistoota:- isaan kunis akka warra Pelegiiyanotaa mul‘atin walii gala yeroo ammaa
kana illee dhala namaaf waan barbaachisu ni kenna jedhanii in amanu.
c. Raashinaalistoota: isaani kunis akkuma Deeyistootaa fi Pelegiiyaanotaa mul‘anni
waliigalaa yeroo ammaa kana dhala namootaa fayyisuuf ni gargaara jedhu.
Raashinaalistootni dhugaa beekamuu kan danda‘u Waaqayyo ofi beeksisee osoo hin
taane yaalii sammuu dhala namaa tiin kan jedhu amanu.
d. Pirotestaantota, Ortodoksoota, Kaatolikoota:-yaadni garee amantii kanaa immoo kan
kanneen olitti ibsamanii irraa adda.Mul‘atin Walii gala yeroo ammaa kana namoota gara
fayyinaatti fiduuf gahaa miti jedhanii mormii isaanii dhiyeessu. Sababa isaa immoo akka
itti aanuutti kaa‘u.
 Cubbuun Mul‘ata Waliigalaa fi dandeettii fudhanaa namaa jijjiirera kan jedhu dha.
Jalqaba namni yeroo cubbuun gufetti nama qofa osoo hin taane kan bu‘aa isaa
dhandhame uumama hundaa tuqeera waan ta‘eef , uumamni hanga fedhe waa‘ee
Waaqayyoo agarsiisan illee , ulfinni Waaqayyoo hanga eegamu ibsuu hin
dandaa‘an.Akkasumas ija afuuraa namaa cubbuu irraa kan ka‘e arguu waan hin
dadeenyye, dubbii afuuraa, uumama irraa qofa ulfina Waaqayyoo arguu hin danda‘u.
Hinumaayyuu jireenya faallaa ta‘e jiraachuu eegaleera. Yoh.1:5, Rom.1:18-25, Efe. 4:18.
Qol. 1:13, 1Yoh.2:9-11.
22 DBC “Be disciple and go to others to create the true disciple creators!”
Email: danbiblecoll@gmail.com / eleil0607generation@gmail.com
Phone: +251-468-217-144/+251-926-545-440; P.o.b. 2209 Hawassa, Ethiopia.
Dan Bible College (Koleejii Macaafa Qulqulluu Daan)

 Mul‘atin Walii galaa waa‘ee Waaqayyoo wanta amanamuu danda‘u dhugaa waan ta‘e
tokko dabarsuu hin danda‘u jedhu.
 Mul‘atin Walii galaa amantii uumuu hin danda‘u; sababni isaa seenaa keessatti amantiin
tokko mul‘ata walii gala irratti qofa kan ijaarame akka hin taane hubanna.Warri
ormoonni illee , amantii waaqa tolfamaa kan dhaaban waaqa keenyutu nuuf mul‘ise
jechuun , kunis mul‘ata addaa ti.
 Mul‘ata Walii gala keessatti waa‘ee Waaqayyoo arjummaa isaa, uumaa ta‘uu isaa,
hundaa danda‘uu isaa, ogummaa isaa , humna isaa beekumsa muraasa argachuu
dandeenya garuu Kiristoosiin beekuu hin dandeenyu.
II. Mul’ata Addaa ( Special Reveletion)

Mul‘ata addaa jechuun Waaqayyo karaa adda ta‘een bakkaa fi yeroo murtaa‘e tokko keessatti
namoota muraasatti karaa inni itti ofii isaa agarsiise dha. Mul‘anni addaa Mul‘ata Walii gala
caalaatti ifaa dha. Waaqayyo karaa itti ofii isaa agarsiisu keessaa tokko karaa mul‘ata addaa
ti.Karaawwan Mul‘ata Addaa :

1. Karaa Yesuus Kiristoos (Through Christ): Waaqayyo karaa uumamaa, sammuu dhala
namaa, seenaa fi sooraa ta‘ee Mul‘ata Waliigalaa keessatti ofii isaa yeroo mul‘isu
ilaaluun keenya ni yaadatama. Mul‘atin Waliigalaa kun immoo dhala namaa hundaaf
eenyummaa Waaqayyoo guutummaa guutuutti ibsuuf gahaa hin turre. Kana irraa kan
ka‘e Waaqayyo ofii isaa karaa ilma isaa gooftaa Yesuus namootatti beeksisuu
fedhe.Yesuus Kiristoos amala fi hojii Waaqayyoo agarsiisuuf gahaa tahee mul‘ate.Kanaaf
Yesuusiin arguu jechuun Waaqayyoon arguu jechuu dha.Macaafni Qulqulluun akkas
jedhee dhugaa nuu baha (Yoh.1:14) ― Sagalichi nama foonii ta‘ee ,nu gidduus buufate.‖
Akkasumas Qol.1:15, Yoh.14:8-10, Ibr.1:1 , Yoh.1:1 dubbisuun in dandaa‘ama.
2. Macaafa Qulqulluudhaan (Within the Bible/Scripture) :-Macaafa Qulqulluu keenya akka
ta‘utti osoo qo‘annee ilaallee Yaada,fedha,kaayyoo Waaqayyoo isa barabaraa , hojii
Waaqayyoo fi kkf argachuu dandeenya. Yaadota Macaafa Qulqulluu keessatti caqafaman
osoo hubannee yaad Waaqayyoo hubachuu dandeenya. Macaafa Qulqulluu sirriitti yeroo
qo‘annu isa keessatti waan barreeffan arganna. Kanneen keessaa Waaqayyo akkamitti
akka mul‘ate argina. Isaanis Waaqayyo akkamitti Kiruubel irra akka jiru Far.80:1, 99;1,
ibiddaa fi hurrii keessa Uum.15:17, Ba‘uu 3:2, 19:9, 16-18, 33:9, Far.78:14, 99:7, bubbee
hamaa keessa Iyoob 38:40, Far.18:10-16, callisaan, sagaleen 1Mot.19:12 kutaawwaan
kunniin Waaqayyo saba isaatti akkamittiin gabajaan ofii isaa mul‘ise kan ibsan dha.
3. Quunnamtii kallattiin (By direct relation) :- Waaqayyo yaada isaa , fedha isaa isa
barabaraa namootaatti kallattiin dabarseera. Isaanis:
 Sagalee dhagaahamu dubbachuun Uum.2:16,3:18-19, 4:6-15, 9:1, 8:12, 32:26,
Ba‘uu 19:9, KeessDe.5:4-5, 1Sam.3:4.
23 DBC “Be disciple and go to others to create the true disciple creators!”
Email: danbiblecoll@gmail.com / eleil0607generation@gmail.com
Phone: +251-468-217-144/+251-926-545-440; P.o.b. 2209 Hawassa, Ethiopia.
Dan Bible College (Koleejii Macaafa Qulqulluu Daan)

 Carraan, Tumiimii fi Uuriimi fedha isaa ibsuun 1Sam. 10:20-21, 1Seenaa24:5-31,


Ba‘uu 11:1, Lak. 27:21, Keess Deb. 33:8
 Abjuun:- Lakk.12:6, Keesdeb. 13:1-6, 1Sam.28:6, Iyoob 2:28, Uum. 20:3-6,
31:24,40:5, 41:1-7, AbFir.7:13
 Mul‘ataan: Isa.6:21;2-10, His.1-3, 8-11, Dan.1:17,2:19, Amos 7-10
4. Dinqiidhaan (By Miracle) : dinqiin seera uumama olitti ykn alatti kessa galumsa
Waaqaatiin kan raawwatamu dha. Waaqayyo dinqii isaatiin humna isaa, guddummaa
isaa, eenyummaa isaa agarsiiseera. Fakkeenyaaf:
 Warra Gibxi irratti rukkuttaa raawwateet .( KeDeb.4:12)
 Galaana Diimaa yeroo addan hiru( Ba‘uu 14:15).
 Kattaa keessaa yeroo bishaan baasu ( Ba‘uu.17, 1Qor.10:1-6)
 Galaana Yordaanos yeroo addaan hireetti dinqii hojjeteera.
 Kiristoosii fi Bartoota Yesuusin tajaajila ta‘e keessatti dinqiiwwan hojjetaman
turniiru. Mat. 4:8,9 Mar. 1:2,3,4, Luq.4:5,6, Yoh. 2:4,5,6,9 Hoe.3,5,8,9
5. Raajiidhaan (By Prophecy) :-raajiin gosa lama yoo ta‘u tokko lallaba wangeelaan kan
darbu yoo ta‘u, inni lammaffaa ammo gara fuul duraatti haala jiru irratti kan xiyyeefatu
dha.Kanneen keessaa waa‘ee moototaa fi Yesuus ilaaluu dandeenya.
 Waa‘eenkufaatii moototaa afaan raajotaatiin Waaqayyo akka dubbatetti raawwatameera.
a. Kufaatii Asoor His. 31
b. Waa.Kufaatii Baabiloon Isa. 47-48 fi Erm 50-51 irratti raajameera.
c. Kufaatii Gibxii His. 30-31.
d. Kufaatii mootummaa Girikii Dan. 8 raajamee ture.
 Waa‘ee dhufaatii Kiristoos raajiwwan dubbataman. Waa‘ee Kiristoos raajoonni
dubbataman gara 300 tti kan dhiyyatu ture baay‘ini isaanii.Kanneen keessaa baay‘een
isaanii yeroo Kiristoos lafa irra fooniin turetti raawwatamaniiru.Raajiiwwan kunniin
naannoo waggoota 1000 keessatti Raajota garaa garaa tiin kan dubbatamanii turani dha.
Kiristoos dubartittii irraa akka dhalatu Uum.3:15, Isa.7:14, Matt.1:20-23, Kiritoos qomoo
Abraam keessaa akka dhufu Uum.12:1-3, Matt.1;1, Kiristoos gosa Yihuudaa keessaa
akka dhufu uum.49:10, Ibr.7;17,Kiristoos Betelem yihudaatti akka dhalatu MIk.5:2,
Mat.2:6,Kiristoos namoota akka fayyisu Isa. 53, Mat8 , Kiristoos harree irra taa‘ee gara
Yerusaalem akka dhufu Zak.9:9, Matt.21:4—5, Kiristoos Qarshii 30n akka gurguramu
Zak.11:12-13, Matt. 26:15,27:9, Kiristoos fannoo irratti akka gidiramu Far.22 , Isa53,
Matt.27, Kiritoos du‘aa akka ka‘u gara samiittis akka ol fudhatamu mirga abbaas akka
taa‘u Far.16, 110, Matt.22:43-45.
6. Muuxannoo namoota dhuunfaa keessatti (By personal Experience) :- Macaafa Qulqulluu
keessatti jechuun Kakuu Moofaa fi Kakuu Haaraa keessatti namoonni garaa garaa jiru
kan hojii Waaqayyoo keessatti qooda fudhatan.Namoonni kun bakka garaa garaa turan

24 DBC “Be disciple and go to others to create the true disciple creators!”
Email: danbiblecoll@gmail.com / eleil0607generation@gmail.com
Phone: +251-468-217-144/+251-926-545-440; P.o.b. 2209 Hawassa, Ethiopia.
Dan Bible College (Koleejii Macaafa Qulqulluu Daan)

haa ta‘uu malee bakka jiranitti hojii Waaqayyoo keessatti Waaqayyo waan shaakalsiise
qaba.
Kakuu Moofaa Keessatti
 Heenok Adeemsa isaa Waaqayyoo wajjin godhate (Uum.5:2-24)
 Nohi Adeemsa isaa Waaqayyoo wajjin godhate ( Uum.6:9.13)
 Waaqayyo Yisihaaqitti ofii isaa mul‘ise ( um.26)
 Waaqayyo Yaaqoobitti ofii isaa mul‘ise (Um.28:13,35)
 Waaqayyo Yooseefitti ofii isaa mul‘ise (Uum.37:5-11)
 Waaqayyo Museeitti ofii isaa mul‘ise ( Ba‘uu 3:1-5)
 Waaqayyo Geediyyontti ofii isaa mul‘ise( Abb. Fir.6:28)
 Waaqayyo Saamu‘eelitti ofii isaa mul‘ise(1Sam.3:2-4)
 Waaqayyo Daawwititti ofii isaa mul‘ise( 1sam.23:2-3)
 Waaqayyo Isaayaasitti ofii isaa mul‘ise (Isa.6:8)
 Waaqayyo Ermiyaaitti ofii isaa mul‘ise( Erm.1:1-)
Kakuu Haaraa Keessatti
 Ergamaa Phaawulositt Kiristoos dhuunfaan itti mul‘ate Hoe. 9:4-6, 18:9, 1Qor.9:1
 Shaakala ergamaa Yohaannis Yoh.13:23-25, 1Yoh. 4:7.11, Mul.1:1-12
 Ergamaa Phexroos yeroo kadhatuttika‘ii nyaadhu ( kan Waaqayyoon qulqulla‘e) jechuu
dha
 Har‘as bara nuti keessa jirru kanatti Waaqayyo jireenya nama dhuunfaa keessatti ofii isaa
mul‘isuun namoonni gara isaatti akka dhiyaatan gochaaa jira.

Walumaagalatti Kakuu Moofaa fi Kakuu Haaraa baay‘inaan kan arginu mul‘ata Waaqayyoo
jireenya nama dhuunfa keessatti waan hojjete irratti hundaa‘uu isaa ti.Kunis karaa Waaqayyo ofii
isaa itti mul‘isuu barbaade ykn fedhe dha.

Waaqayyo Eenyuu? (Who is God)?


Bu’uura ibsa eenyummaa Waaqayyoo

25 DBC “Be disciple and go to others to create the true disciple creators!”
Email: danbiblecoll@gmail.com / eleil0607generation@gmail.com
Phone: +251-468-217-144/+251-926-545-440; P.o.b. 2209 Hawassa, Ethiopia.
Dan Bible College (Koleejii Macaafa Qulqulluu Daan)

Eenyummaa Waaqayyoo ibsuuf bu‘uura kan ta‘an bakka shanitti hiruun ilaaluu
dandeenya.Isaanis:

1) Amaloota isaa (God’s Attributes)


2) Hojii isaa (God’s Activities)
3) Fedha isaa (God’s Will)
4) Maqoota isaa (God’s Names)
5) Sadan tokkummaa (Tri-oneness)

Ibsoota kanneen alattii Waaqayyo akkana akkas jennee hubachuu hin dandeenyu.Kannenis yoo
toora irraa kaachifne hubannoo gahaa argachuu hin dandeenyu.

1) Amaloota Waaqayyoo (God’s Attributes)


Waaqayyo amaloota qaba turee fi qabuun ofii isaa dhala namatti mul‘iseera. Amalootni isaa kun
eenyummaa isaa kan ibsan dha. Isaanis bakka lamatti hiramu.

A. Kan dadarban/cee‘an
B. Kan hin darbine

I) Kan darban/cee’an (Transmitted Behaviors) :isaan kun amaloota Waaqayyo


namootaaf qoodee kenned dha.Isa kana bakka sadiitti hiruun ilaaluu dandeenya.
1) Amala naamusaa (Moral Behaviors/Ethical Values):-kanneenis bakka lamatti
hiruun kaa‘uun in dandaa‘ama.
i. Amaloota naamusaa dadarboo sirrii ta‘an (positive moral transmitted behaviors):
isaanis
1. Qulqullummaa: Qulqullummaan amala Waaqayyoo keessaa isa tokko.Inumaayyuu
Waaqayyo waa‘ee qulqullummaa isaatii bakka itti labse Macaafa Qulqulluu keessatti in
arganna.Lew.19:26, akkasumas Seera Lak. 18-19 saba qulqullummaa hin qabne irraa
adda bahanii akka jiraatan ajajee ofii isaa qulqulluu akka beeksisa.Kanneen biros haala
itti qulqullummaa Waaqayyoo ibsan jira.Fakkeenyaaf Isa.6:3,
Mul.4:8,1Phex.2:9,1:15;16, Ibr.12:10, 1 Qor.6;11
2. Jaalala :-Waaqayyo jaalala , Waaqayyo jaalala yoo jedhamu
 In kunuunsa jechuu dha.
 Garaa laafessa jechuu dha
 Dhiifama namaa godha jechuu dha
 In adaba jechuu dhas; sababni isaa abbaan mucaa jaallattu bade akka hinhafneef
in adaba jechuu dha ,yeroo inni balleessu.

26 DBC “Be disciple and go to others to create the true disciple creators!”
Email: danbiblecoll@gmail.com / eleil0607generation@gmail.com
Phone: +251-468-217-144/+251-926-545-440; P.o.b. 2209 Hawassa, Ethiopia.
Dan Bible College (Koleejii Macaafa Qulqulluu Daan)

Jaalalli eenyummaa Waaqayyoo kan ibsu dha. Waaqayyo eenyu jennee yoo gaafannee
Waaqayyo jaalala kan jedhu deebii dha waan ta‘eef.(1Yoh.4:8, 4:16). Waaqayyo amala isaan kan
jaallatu dha. Macaafni Qulqulluun akkas jedha,‖Waaqayyo akka nuyi isaan jireenya argannuuf,
tokkicha ilma isaa gara biyya lafaatti erge;kanaan jaalalli Waaqayyoo nu gidduutti in mul’ate.”
(1Yoh.4:9)

Akkasumas Roome 5:8 haala Yesuus osoo cubbamoota taanee jirruu itti nu jaallate ibsa.
Waaqayyoo dhalli namootaa akka wal jaallatan eyyameera. Kana sababni ta‘eef Waaqayyo
amala jaallachuu isaa nuuf hireera.

3.Sirruummaa:- kunis akkuma qulqullummaa amala Waaqayyoo ti.Far.89:14, murtee


murteessuun dogongora hin qabu.Hoe10:34., 1 Phex.1:17, Amos 5:15-24.

4.Obsa:-

5.Gara laafummaa:-

6.Arjummaa:-

7.Gaarummaa:-

8.Nama biraaf yaaduu:-

9.Amanamummaa:-

10.Dhuga qabeessummaa:-

ii. Amaloota raawwachuun sirrii hin taane (Negative moral transmitted behaviors) kanneen kun
cubbuu dha jechuu miti. Garuu dhala namaa irratti kan mul‘atan dha.

1. Gadduu:-
2. Hinaafuu:-
3. Dheekamuu:-

II) Amala dandeettii waan tokkoo (The ability (talentic) behavior)

1. Hojii hojjechuu:eegi :hojjechuu kan hin jaalle hin nyaatin


2. Hubannaa: Waantota hubachuuf dandettii qabaachuu jechuu dha.Kan caalu
filachuu
3. Uumuu:kunis wanta Waaqayyo uume irraa jechuu dha( Innovite) gochuu jechuu
dha

27 DBC “Be disciple and go to others to create the true disciple creators!”
Email: danbiblecoll@gmail.com / eleil0607generation@gmail.com
Phone: +251-468-217-144/+251-926-545-440; P.o.b. 2209 Hawassa, Ethiopia.
Dan Bible College (Koleejii Macaafa Qulqulluu Daan)

4. Barabaraan jiraachuu: Amala Waaqayyoo keessaa tokko barabaraan jiraachuu


dha.Kana jechuun inni aalfaa fi oomeegaa dha;jalqabaa fi dhuma hin
qabu.Isa.40:28, Tito1:2, 1Yoh.1:2, 5:13,1Phex.5:13,1:23,Yoh.1:12-13.
5. Beekumsa: beekumsaan yoo ilaalle Waaqa nuti waaqesinuu beekaa guddaa ta‘uun
isaa kan dagatamu miti.Fakkeenyaaf Macaafa Qulqulluu keessatti kan
caqafame:Erm.23:23-24, Uum.4:9-10, 18:9-15, Iyya.7:11,22-24, 2Sam.12:1-12,
Waaqayyo waan hundumaa beeka;wanti jalaa dhokatu tokko illee hin turre, hin
jirus.Beekumsa kana egaa dhala namaaf hiruu fedheera. Macaafni Qulqulluun
akkas jedhee dhugaa baha 2Phex: 1:4 irraatti. Sagaleen Waaqayyoo kan dhugaa
bahuu nuti amala Waaqayyoo hirmaatoota ta‘uu keenya. 1Qor.13:12.Kutaa kana
keessatti Phaawuloos kan dubbatu: A. Beekumsa akka qabu B. Beekumsa
keessaas muraasa akka beeku , beekumsa guutuu kan qabu Waaqayyo qofa.
6. Ogummaa: ogummaa jechuun beekumsa qabnu haala ittiin hojii irra oolchinu dha.
Waaqayyoo ogummaa karaa garaa garaa mul‘isee argina:
A. Hojii Uumamaa keessatti, (Far.19:1-7, 104:1-34)
B. Yeroo sooru, (Far.33:10-11, Rome 8:28)
C. Hojii Fayyisuu isaa keessatti, (1Qor.2:7, Rome 11:33, Efe.3:10)
 Waaqayyo ogummaan kun namootaaf akka hiramu godheera.Efe.3:10.
7. Yaada xiinxalaa
8. Bulchiinsa
III.Amaloota adda addaa kan darban ykn hiraman (Different Transmitted Brhaviors);-
isaan kun immoo beekumsaa fi dandeettii waan tokkoo irraa haala adda ta‘een kan
Waaqayyo namootaaf qoode dha.Fakkeenyaaf:
1) Lubbuu qabaachuu/jiraachuu
2) Hafuura
3) Eenyummaa

II. Amaloota Waaqayyoo kan hin darbine ykn hin hiramne (Untransmitted Behavior of
God):- isan kun immoo amala Waaqayyo namootaaf tasumaa hin hireef dha.Isaanis bakka
lamatti qoodamu:

1. Amala Waaqayyoo qofa kan ta‘e kan inni ittiin beekamu ( Unshared God‘s Attributes) ;-
amaloonni kun ―Waaqayyo eenyu?‖ gaaffii jedhuuf deebii kan kennanii dha.Isaanis:
A. Jalqabaa fi dhuma kan hin qabne ta‘uu isaa ( Self existence):-Waaqni keenya
Waaqa barabaraati yoo jennu, yeroo inni itti hin jiraanne hin jiru jechuu dha.Inni
yeroo dhaa alatti kan jiraataa ture dha,waanti tokko illee osoo hin uumamin inni
jiraataa ture ( Far.90:2).

28 DBC “Be disciple and go to others to create the true disciple creators!”
Email: danbiblecoll@gmail.com / eleil0607generation@gmail.com
Phone: +251-468-217-144/+251-926-545-440; P.o.b. 2209 Hawassa, Ethiopia.
Dan Bible College (Koleejii Macaafa Qulqulluu Daan)

B. Waaqayyo hundaa beekaa dha.( Omniscient) :-Waaqayyo waan hundumaa beekaa


dha yemmuu jennu , inni waan kanaan dura ta‘es ta‘e kan sichi dhufu hundaa ni
beeka;wanti isa duraa dhokatu tokko illee hin
jiru.Ibr.4:13,Isa.29:15,Far.147,Dan.2:22, Yoh.3:20, Hoe.15:1Sam.2:3,
Luq.11:17,1Qor.3:20,Hoe.1:24-25,Rome 8:27, Isa.41:21-24, 46:10, 1Sam.23:11-
13 , Isa.46:10.
C. Bakka hundumaatti argamuu isaa ( Omnipresent) :- Waaqayyo guutummaa
eenyummaa isaatiin yeroo tokkotti bakka hundumaatti argama.kana jechuun
Waaqayyo bakkaan hin daangeffamu jechuu dha.(Keesa de.4:39, Far.139:7-10).
D. Waan hundaa danda‘uu isaa (Omnipotent) :- Waaqayyo hundaa danda‘aaa dha
yoo jedhu, yaada isaa isa qullaa‘aa raawwachuuf dandaa‘aa dha jechuu
dha.Uma.1:1, Ibr.1:3, Yoh.17:11.
E. Waaqayyo Hafuura (God is Spirit being): Waaqayyo Hafuura yoo jedhu kan ija
namaan hin argamne jechuu dha.Qol.1:15, Rome.1:20, 1Xim.6:16, isa qofa kan
hin dune, kan itti dhihaatus hin jiru. Yoh.1:18 namni tokko illee isa hin argine
,tookicha ilma isaa malee.
F. Waaqayyo of dandaa‘aa dha( Independent) :- kana jechuun eenyu irratti illee osoo
hin irkatin of danda‘ee jiraata jechuu dha.Rome 11:33-34,Dan.4:35, Fedha isaatiin
ofii isaa kan danda‘e dha Rome9:19, Ef.1:5, Mul.4:1, Far.115:3, humna isaan of
danda‘ee jiraata Far.33:11, . Waaqayyo of danda‘aa yoo jedhamu eenyu irraa illee
gargaarsa kan hin barbaanne ofii gahaa kan ta‘e jechuu dha.Far.84:8-12,
Isa.40:18-27, Hoe.17:25.
G. Waaqayyo hin jijjiiramu ( God is Unchangable): jechuun
 Amala isaan hin jijjiramu.
 Fedha isaan hin jijjiiramu.
 Kaayyoo isaan hin jijjiiramu.
 Abdii Sagalee isaan hin jijjiiramu Mil.3:6, Yaaqob.1:17
H. Waaqayyo hin daangeffamu ( God is Unlimited) ;-kana jechuun Waaqayyoo
daangaa tokko malee akka yaada isaatti waan fedhe hojjeta jechuu dha,Kana waan
ta‘eef Waaqayyo

1. Sirrii ta‘uun isaa hin daangeffamu 6.jaalala isaan hin daangeffamu

2. Qulqullummaan isaa hin daangeffamu 7.Ayyaan isaan hin daangeffamu

3. Arjummaan isaa hin daangeffamu 8. Bakkaan hin daangeffamu

4. Kaayyoon isaa hin daangeffamu 9.Dandeettii isaan hin daangeffamu

29 DBC “Be disciple and go to others to create the true disciple creators!”
Email: danbiblecoll@gmail.com / eleil0607generation@gmail.com
Phone: +251-468-217-144/+251-926-545-440; P.o.b. 2209 Hawassa, Ethiopia.
Dan Bible College (Koleejii Macaafa Qulqulluu Daan)

5. Humna isaatiin hin daangeffamu 10. Yeroon hin daangeffamu.

2. Amaloota Gochaa waaqayyoo kan hin dabine/hiramne

(Untransmitted Moral Attributes of God) Kanneen kun gochaan raawwatee


sirrii ta’uu kan mul’isan; Isaanis:

a. Raawwatee abbaa dhugaa ta‘uu d. Raawwatee obsa qabeessa ta‘uu


b. Raawwatee Sirrii ta‘uu e.Raawwatee arjaa ta‘uu
c. Raawwatee qulqulluu ta‘uu f. Raawwatee amanamaa ta‘uu
d. Raawwate kan jaallatu ta‘uu g. Raawwatee kan nama jajjabeessuu
2) Hojii Waaqayyoo ( works of God)
Hojiiwwan Waaqayyoo karaa baay‘ee hubachuu dandeenya. Macaafni Qulqulluun waa‘ee
jiraachuu Waaqayyoo irratti gaaffii waan hin qabneef , jalqaba yeroo jalqabu Uum.1:1 irratti
hojiin Waaqayyoon .Haaluma kanaan Um.1:1-30 tti waan Waaqayyo uume tarreessa. Bakka
biraatti immoo Waaqayyoo‖ Hojiin kee dinqii dha‖ kan jedhu argina. Akkasumas Waaqayyo‖
Nan hojjedha eenyutu na dhorka?‖ kan jedhus barreeffamee argina.Kana malees ― Baroota
Kessatti hojii kee raawwadhu!‖ kan jedhus caaffamee jira.Kanaafuu akka afaan guutuu hojjetaan
Waaqayyoo hin jiru jechuun ni dandaa‘ama.Sababni isaa hojii kan uumee fi jalqabe isuma waan
ta‘eef.Hojii Waaqayyoos kallattii garaa garaatiin ilaaluun in dandaa‘ama.

a. Hojii Waaqayyoo Uumama irratti:-uumama hundaa kan uume Waaqayyoo dha.Hundinuu kan
mijaahan isumaan . Uum.1:1-30, Fakk. 22:2, Isa. 40:12-28, 51:13, Erm.10:16;51:19, Matt.19:4,
Yoh.1:3, kutaawwan kana keessatti akka hubannutti Waaqayyo uumaa waan hundaa ta‘uu isaa
ti.Kana jechuun ardii fi samii akkasumas kannen keessa jiran mara kan uume Waaqayyo
dha.Akkuma beekamu kanaan duratti Pilaanetota 9 tu ardii keenya irra ture; yeroo ammaa garuu
Saayintistoonni akka bira gahanitti naannoo 15 akka ta‘ani dha. Kunis guddina Waaqayyoo kan
agarsiisu dha.Kana jechuun wanta inni uume qoratamee bira gahuun iyyuu salphaamiti; kanaa
fhojiin kee dinqii dha kan jedhameefis.Qo‘annoon tokko tokko akka ibsaniitti pilaatiin tokko isa
biraa hanga harka miiliyonaatti akka caaluu dha.Fakkeenyaf ardii pilaati nuti irra jiraannu, lafti,
pilaaneetii 14ffa irra jiru waliin yoo madaalamtu harka miilona baay‘ee akka caaltu dha.
Akkaataa Waaqayyo kanneen itti uume ilaaluu waan ajaa‘ibaa nu hubachiisa.

b. Hojii Waaqayyoo Saba israa‘el irratti:- Waaqayyo Israa‘elii wajjin karaa Abraam kakuu
seeneen waan baay‘ee gochaa fi isaaniis yeroo eegu argina. Kunis karaa isaanii warra kaan
eebbisuu fi qaqqabuuf ture.Kana jechuun biyya lafaatiif ifa akka ta‘aniif isaan eegaa ture.Waan
inni isaan filateef waraana gama kamiiyyuu itti dhufaa turee yeroo inni waraanaa ture, Warra

30 DBC “Be disciple and go to others to create the true disciple creators!”
Email: danbiblecoll@gmail.com / eleil0607generation@gmail.com
Phone: +251-468-217-144/+251-926-545-440; P.o.b. 2209 Hawassa, Ethiopia.
Dan Bible College (Koleejii Macaafa Qulqulluu Daan)

Gibxii waajjin akkasumas kan birro hanga dh Yesuus fooniin dhalatee turetti Isa. 40:9-11, 27:-28
;43:15,54:5.

c. Hojii Waaqayyoo Fayyina irratti: fayyinni karaa hedduu ibsama.Ilmaan namootaa erga uumee
kaasee waantota adda addaa godheera akka namni jireenya barabaraa argatuuf.Kunis karaa lama
kan ibsame ture; foonii fi afuuraan.Kakuu Moofaa keessatti kan ture fayyina foonii ture.Itti
dabalataaniis namoonni dhiiga horii fayyadamuun dhiifama cubbuu, fayyina lubbuu ni argatu
turan.Inni kun egaa Kakuu Haaraa keessatti waan Yesuus du‘e du‘aa ka‘uu isaatiin raawwate
dha.Kanaaf Yoh.3:16 irratti kennaa Waaqayyoo fayyinaaf kan ta‘u kan ibsameef.Yoh.3:16-18
ilmis fedha abbaa isaa guutuun fayyina argamsiisera.Yoh.1:12; 3:14-16; 36, 5:24; 39;
6:40,54,68,10:50.

d. Hojii Waaqayyoo jireenya dhuunfaa dhala namaa keessatti:-Waaqayyo guyyaa dhaa guyyaatti
wanta inni jireenya keenya keessatti raawwatu osoo iji keenya banamee ilaalee waan dinqii
ti.Eegumsa Waaqayyo tokkoo tokkoo namootaaf godhu waan dinqii ti.Kunis namni hundinuu
uumaa isaa waan ta‘eef, waan barbaachisu hundaa godhaaf.Tokkicha ilma isaatti amanuu baatan
illee eegumsa isaa hundumaaf godha.Kana jechuun daangaa tokko malee jechuu dha( amantii,
bifa, gosa, biyya, qomoo, beekumsa, qabeenya fi kkf) . Kana irraa kan ka‘e hundumaaf aduu in
baasa; bokkaa in roobsa;biqiltuu isaanis in biqilcha. Haa ta‘u malee saba kakuu isaatiif
eeggannoo inni godhu kan caalu dha. Kunis akkuma sagaleen isaa ― Iji waaqayyoo gara warra isa
sodaataniitti, gurri isaas sagalee isaatiin gara warra rom‘aaniiti‘ waan jedhuuf.Nuti Kiritaanoonni
tokkicha ilma isaatti waan amanneef eeggannoo inni nuuf godhu adda.Kana ammo wanta inni
guyyaa guyyaan nuuf godhu keessatti hubachuun ni dandaa‘ama. Yeroo bita yemmuu nuti galutti
kan nuuf qaqqabe? Yeroo meeqa naaf raawwate bakka jennetti kan dhufee nu hambise?
Dhuguma waan Waaqayyo guyyaadhaa guyyaatti lubbuu keenya keessatti raawwatu dinqii
dha.Ulfini maqaa isaatiif barabaraan haa ta‘u; amen!

3) Fedha Waaqayyoo ( The Will of God)


Fedha Waaqayyoo kallattii garaa garaatiin ilaaluun in dandaa‘ama. Waa‘ee fedha Waaqayyoo
yeroo yaannu si‘a baay‘ee gara sammuu keenyaa kan dhufu waa‘ ee saala faallaa tiin walitti
dhufeen.Haa ta‘u malee fedhii Waaqayyoo kan jedhamu kana irraa haala adda ta‘een wantoota
hedduu kan of keessatti qabatu dha.Wanti addunyaa kana irratti ta‘an hubdi fedha
Waaqayyootiin qofaanmiti kan raawwataman. Sababni isaa Waaqayyoo yeroo dhala namaa
uumetti fedha mataa isaa kenneeraf; akkasumas akka fedha qaama biraattis ni
raawwatamu.Kanneen keessaa Seexannaani fi biyya lafaan kan raawwataman jiru.Fakkeenyaaf
cubbuun fedha Waaqayyootiin kan raawwatamu miti.Waanti Waaqayyoo gaarii dha fi kan nama
gammachiisu dha hanga jedhametti , wanti akka fedha Waaqayyootti raawwatamus waan gaarii
fi sirrii ta‘e qofa.Akka tasaa ta‘ee yeroo tokko tokko waantonni ni ulfaatu ta‘a haa ta‘u malee
31 DBC “Be disciple and go to others to create the true disciple creators!”
Email: danbiblecoll@gmail.com / eleil0607generation@gmail.com
Phone: +251-468-217-144/+251-926-545-440; P.o.b. 2209 Hawassa, Ethiopia.
Dan Bible College (Koleejii Macaafa Qulqulluu Daan)

Waaqayyoo gaarummaaf gochuu danda‘a.Wanti hamaa fi cubbuun garuu gonkumaa fedha


Waaqayyootiin kan ta‘an miti.Haaluma kanaan fedha Waaqayyoo bakka sadiitti hiree ilaaluu
dandeenya.Isaanis:

A. Fedha Waaqayyoo isa akkasumanii( Free Will of God) :- Waaqayyo Waaqa waan ta‘eef
waan fedhe gochuuf humna qaba. Kana jechuun immoo akka feeteen raawwata jechuu
osoo hin taane , yoo fedhe in kenna kaachis dhowwachuuf aboo qaba jechuu dha.Fedha
Waaqayyoo isa akkasumaanii kan jedhamu fakkeenyaaf yeroo waan hundumaa uumettii
fi tokkicha ilma isa dabarsee kenne waan dirqisiise tokko illee hin turre.Namnis naaf haa
ta‘u jedhee kadhachuuf humna hin qabu ture.Kana malees Waaqayyo ofii isaa namootatti
yeroo mul‘isetti fedha isaatiin malee kan dirqisiise hin turre.
B. Fedha Waaqayyoo isa Iccitii ( Secret Will of God) :- kana jechuun fedhi Waaqayyoo
hundi ifaa miti. Jechuun iccitii tokko tokko Waaqayyoof jedhamee kan dhiifamu jira.
Karaa biraatiin immoo gaaffii kan ta‘an deebiinis eessaa iyyuu kan hin argamne baay‘etu
jiru. Akka tasaa ta‘ee yaada keenyaa olitti waan ta‘anii wanta nuti waa‘ee isaanii hin
kaafne jiru.Kanaaf kanneen akkasii icciitii isaa Waaqayyoof jechuu dha akka nama
Waaqaa ti.Fakkeenyaaf;
 Waaqayyo Abraamiin Mucaa kee aarsaa godhi jedhe;deebisee dhiisi jedhe ,
maalif? Uum.22:1
 Fari‘ooniin saba koo gad dhiis jedhe; garuu laphee isaa jabeese ;maalif?
Ba‘u.4:21
 Hisqiyaas akka du‘u itti himee ture; garuu deebisee waggaa 15 dabaleef;
maalif?Isa.38:1-5
 Qulqulloonni akka dhiphatan fedha isaa miti; garuu maaltu ta‘aa jira?
C. Fedha Waaqayyoo is banaa( Open Will of God):- kun biyya lafa hundumaatti kan ife dha.
4) Maqoota Waaqayyoo (God’s Names)
Maqaan Waaqayyoo ibsa eenyummaa isaati.Maqaa yoo kaasnu faayidaa isaa kaasuun
barbaachisa nuti ta‘a.Kunis itti waamama , adda kan godhu, ibsa eenyummaatis.

 Maqaa baasuu ilaalchisee aadaa warra Ibrootaa yoo fudhanne akkaataa isaan itti mucaa
isaaniitiif maqaa baasan
a. Mucaan isaanii gara fuul duraatti maal akka inni ta‘u isaan barbaadan akka ibsutti
b. Seenaan maatii kan darbe maal akka fakkaataa ture akka ibsutti.
c. Abdiin gara fuul duraa maal akka ta‘u akka ibsutti.
 Kana qofa osoo hin taane Waaqayyoos namni tokko gara fuul duraatti akkam akka ta‘uu
qabuun ilaalchisee maqaa akka jijjiru Macaafni Qulqulluun ni ibsa.Fakkeenyyaaf:

32 DBC “Be disciple and go to others to create the true disciple creators!”
Email: danbiblecoll@gmail.com / eleil0607generation@gmail.com
Phone: +251-468-217-144/+251-926-545-440; P.o.b. 2209 Hawassa, Ethiopia.
Dan Bible College (Koleejii Macaafa Qulqulluu Daan)
1.
Maqaan Abraam gara Abrahaamitti jijjiiramuu: uum.17:1-8‘‘Maqaan kee
si‘achi‘Abraam‘ hin jedhamu ,ani saba sonaan baay‘eedhaaf abbaa waanan si
godhuuf, maqaan kee ‗Abrahaam‘ in jedhama.‖5
2. Maqaa‘Saaraayi‘ gara ‗Saaraa‘ ti jijjiiramuu:-(uum.17:15-16), Waaqayyo Abrahaamiin
akkas jedhe,‖ Waa‘ee haadha manaa kee Saaraayiif immoo, maqaa ishee ‗Saaraayi‘ jettee
hin waamin maqaa ishee si‘achi ‗Saaraa‘ haa jedhamu.‖
Kakuu Abrahaamii fi Saaraa f Waaqayyo galle yoo ilaallu:
 Maqaan kee ‗Abrahaam‘ maqaa haadha manaa keesi ‗Saaraayi‘ osoo hin taane ‗Saaraa‘
 Ati abbaa saba baay‘ee , isheen saba baay‘eedhaaf haadha in taati.
 Mootonni saba garaa garaa sirraa, isheerraa in argamu.
3.Yaaqoob gara Israa‘elitti jijjiiramuu:(Uma.32:28),‖…kanaafis si;achi maqaan kee Israa‘el
haa jedhamu malee , Yaaqoob hin jedhamin‖
4.Maqaan Simoon gara Phexrositti jijjiiramuu ; (Mat.16:17-18) Simoon jechuun shimala
cabu dha; Phexroos jechuun garuu kattaa hin cabne dha.
5.Maqaan Saawol gara Phaawulositti jijjiramuu:hiikaan isaas gad of qabuu jechuu dha.
Kana irratti yaadni garaa garaa kan ka‘an yoo ta‘an kanneen keessa kaan xiqqina qaama
isaan kan wal qabate dha jedhu. Baay‘een garuu kan irratti walii galan xiqqummaa isaatti
fayyadamee Waaqayyoo hojii guddaa hojjechuu hojjechuu barbaadeeti kan jedhu irratti.
Akka armaan olitti ilaalletti warri Israa‘el yeroo maqaa baasan hiikaa akka qabaatuun haa
ta‘uu malee Waaqayyo yeroo itti keessa seenee jijjiirus jira.Haaluma kanaan maqaan
Waaqayyoos Kakuu Moofaa fi Kakuu Haaraa keessatti maqaan Waaqayyoo garaa gara
akka ta‘e hubanna. Kunis Kakuu Moofaan afaan Ibiraasixii fi afaan Araamaayikiin kan
barreeffame yoo ta‘u Kakuu Haaraan immoo afaan Girikiitiin kan caafame waan
ta‘eef.Kanaaf Kakuu Moofaa fi Kakuu Haaraa tti hiree ilaaluun barbaachisaa dha.
Maqoota Waaqayyoo Kakuu Moofaa keessatti
Maqootni Waaqayyoo Kakuu Moofaa keessatti bakka sadiitti qoodamanii argamu. Kunis
Kakuu Moofaa keessatti maqoota Waaqayyo ittiin waamamu dha.
1. Eli ykn Eloohiim
2. Adoonaayi
3. Yaahiwwee.
1.Eli( Omnipotent- Mighty, Powerful) :- Eli jechi jedhu maqaa uumaa isa baaqqee yoo
ta‘u , hiikni isaas humna qabeessa, jabaa, qofaa isaa waan hundaa kan godhu, ka‘umsa
waan hundaa ta‘uu ibsa.Maqaa kun kakuu Moofaa keessatti yeroo 250 hojii irra ooleera.
 Armaan gaditti maqaan Eli jedhu maqaa Waaqayoo ta‘ee hojii irra bakka itti oole
kan ibsan kutaa Macaafa Qulqulluu ilaaluu dandeenya. Uma. 14:20,35:7
Lak.23:22, kes.10:17.

33 DBC “Be disciple and go to others to create the true disciple creators!”
Email: danbiblecoll@gmail.com / eleil0607generation@gmail.com
Phone: +251-468-217-144/+251-926-545-440; P.o.b. 2209 Hawassa, Ethiopia.
Dan Bible College (Koleejii Macaafa Qulqulluu Daan)

Eloohiim (Elohim):- Eloohiim kan jedhu maqaan kun Afaan Ingilizii keessatti (God)
jedhamee kan hiikame yoo ta‘u Afaan Oromoon Waaqayyo.Eloohiim kan jedhu kun
Kakuu Moofaa keessatti yeroo 2570 kan caqafamee yoo ta‘u kunis humna uumuu
Waaqayyoon wal qabatee kan dhiyaate dha.Fakkeenyaaf Uma.1:1, ‗‘jalqaba
Waaqayyo Eloohiim waaqaa fi lafa uume.‖ Karaa biraatiin immoo maqaan kun
waaqolii biraa waamuuf hojii irra oolera.Uma.35:2, 4, Bau12:12, 18:11.Eloohiim
jechi jedhu kun Seera Uumamaa keessatti yeroo 32 ol hojii irra oolera.Macaafni Seera
uumamaa Waaqayyo , Eloohiim uumaa waan hundaa akka ta‘e ibsuun eegala malee
eenyummaa isaa ibsuun miti.Inumaayyuu Waaqayyoo(Eloohiim) sagadni kan ta‘uuf,
ka‘umsa waan hundaa, jabaa, humna qabeessa, eegaa, Waaqa tokkicha ta‘uu isa
cimsee nu hubachiisa Macaafni kun.

 Eloohiim(God)-maqaa uumaa sadan tokkummaa ,Waaqayyoo maqaa tokkoo ol


akka qabu nu hubachiisa.Uma.3:22,
 Eloohiim jechuun kan bira hin gahaamne, hundaa ol, ulfina qabeessa, qulqulluu
jechuu dha. Lakkoofsa baay‘ees bakka bu‘a. Maqaa Eloohiim jedhu kun kanneen
armaan gadii of keessatti qabata.
a. Hundaa akka bitu kan agarsiisu: Isa. 54, Erm. 32;27Neh.2:4, Kes10;17
b. Hojii uumuu isaa agarsiisa; Uma.1:1, Isa 45;8, Yoh.1:9.
c. Abbaa Murtii ta‘uu isaa mul‘isa; Far.50:6,58:11
 El maqaa jedhuun wal qabatee Waaqayyoo maqaa kan biro akka qabu itti aansuun
ilaaluu dandeenya.
1. Elshaadayi (El-shadai):- maqaan kun Waaqayyo hundaa danda‘aa ta‘uu isaa ibsa,
qofaa isaa gahaa akka tahe , guutuu akka ta‘e, yeroo fi bakka barbaadetti waan fedhe
gochuu kan danda‘uu ta‘uu isaa agarsiisa.Uma.17:1-8, 28:3, 35:11.
‗Shaadayi ‗ jechi jecdhu Kakuu Moofaa Keessatti yeroo 48 tii ol kan caqafame yoo
ta‘u yeroo 24 ol harmaa wajjin kan wal qabateen. Harma sooruu, guddisuu, jabeessuu,
amala kana gochuu isaa kan addaan hin kunneen yoo beekamu, jechi shaadayi jedhu
maqaa Waaqa uumaa keenyaa wajjin walitti dhufuu kan hubannu dha. Uma.49:25 .
Dhaloota Kiristoosi dura 250tti maqaan ‗shaadayi‘ jedhu gara afaan Girikiitti
“Aayikaanos” jedhutti hiikamee ture. Aayikaanos jechuun –all sufficient-qofaa isaa
gahaa ; waan hundumaa guutuu kan danda‘u;gargaarsa kamiyyuu osoo hin barbaadin
ofii isaan waan hundumaa gochoo kan danda‘u dha.
2. El eliyoon (El-Eliun):- El 9 Omnipotent-Mighty-Powerful) El kan jedhu ulfina
Waaqayyoo fi surraa inni qabu kan ibsu dha.Akkasumas samii uume keessa
kabajamee kan jiraatu ta‘uu kan ibsu dha. Far. Uma.14:9, 14:18-19, Far.50:14,
Dan.7:7.

34 DBC “Be disciple and go to others to create the true disciple creators!”
Email: danbiblecoll@gmail.com / eleil0607generation@gmail.com
Phone: +251-468-217-144/+251-926-545-440; P.o.b. 2209 Hawassa, Ethiopia.
Dan Bible College (Koleejii Macaafa Qulqulluu Daan)

3. EL-oluum (El-Olum):- barabaraan kan jiraatu;bakkaa fi yeroon kan hin


daangessine;jalqabaa fi xumura kan hin qabne jechuu dha. Uma.21:33,
Far.100:5,103:17, Isa.40:28.
4. El roi (El-Roi):- jechuun Waaqa argu jechuu dha ;ykn ija afuuraa kan banu jechuu
dha.
5. El Biraat (El Brieth):- Waaqa kakuu, kan nama hin ganne, diinaaf dabarsee kan hin
kennine, gargaaraa, haala kamiiniyyuu osoo hin jijjiiramin kan namaa wajjin ta‘u,
kakuu barabaraan kan cimee dhaabate, Waaqa hin sochoone jechuu dha. Uma.22:16-
17, Far. 89:34-37,119:89-90.
6. El Giibor (El-giibor):- hiikin isaa waraanaa, dura bu‘aa loltuu, humna qabeessa, kan
dorgommii hin qabne, gargaarsa eenyuu illee kan hin barbaanne, ol aantummaan kan
jiraatu jechuu dha. Isa. 9:6, Bau15:3, 10:17, Neh.9:32, Erm.32:18, Sof.3:17.
II. Adoonaayi (Adonai) :-maqaan kun Kakuu Moofaa keessatti yeroo 449 kan
caafame dha. Kanneen keessaa 315 Yaahiwwee maqaa jedhuu wajjin kan wal qabate
dha kan hafan immoo namootaa wajjin kan wal qabate dha.‖ Adoonayi‖ (Lord)
maqaan jedhu kan waan hundumaa bitu yoo ta‘u kabajaa fi ulfina Waaqayyoo uumaa
ta‘uu isaa beeksisa.
 Hiikaa maqichaa abbummaa uumamaa wajjin:-kan walqabate lakkoofsa baay‘eef kan
kenname dha. Kana irraas wanti hubannu uumaan keenya baay‘ina lakkoofsaan
mul‘achuu isaa ti.Lakkoosfa qeenxeen yeroo waamamu ‗Adoon‘ yoo ta‘u lakkofsi
baay‘inaa isaa immoo ‗ Adoonayi‘ kan jedhu dha Waaqa dhuunfaa koo hiika jedhu
qaba.Adoonaayi, sagada, waaqeffannaa, bituu, ajajamuu kan ta‘uuf maqaa guddaa kanaaf
kan jedhu hiika qaba.Akkuma mucaan abbaa isaatiif, garbischis gooftaa isaatiif, hojjetaan
ajajaa isaatiif, sabanis warra isaan bulchaniif ajajamanitti ta‘ee Adoonaayi garuu kanaa
olitti bakka fi yeroon osoo hin daangeffamin , hafuuraan , fedhaan , gooftaa gooftotaa,
ta‘uun ulfinni kan ta‘uufi dha.Kutaan Macaafa Qulqulluu armaan gadii Adoonaayi
sodaatamuu, kabajaa ta‘uuf kan ibsanii dha. Kes10:16-17,Mil.1:6, Iyo.28:28
Kakuu Moofaa keessatti amantoonni maqaa kanatti kan fayyadaman , inni waan
hundumaa kan kenne burqaa waan hundaa gochuun.Uma.15:5-7, Abo.6:11-14,
2Sam.7:18-29, Dan.11:33.
III.Yaahiwwee (Yahweh/YHWH):-

qubee Ibraayisxii dubbifamaa afuriin kan barreeffame yoo ta‘uu maqaan isaa akkas jedhamee
waamuun rakkisaa dha.Sababni isaas eenyu illee akka itti maqaan kun waamamu hubachuu hin
dandeenye.ta‘us maqaan kun Kakuu Moofaa keessatti qofa yeroo 6639 ol caqafamee
argama.Yeroo jalqabaa caqafamee kan argamu uma.2:4 irratti Eloohiim kan jedhu waliin wal
qabatee.Eloohiim(Yaahiwwee) ardii fi samii yeroo uumetti wanti ta‘e . . Eloohiim(Yaahiwwe)
maqaan jedhan Macaafa qulqulluu keessatti yeroo baay‘ee haala kanaan wal qabatanii dhufu.
35 DBC “Be disciple and go to others to create the true disciple creators!”
Email: danbiblecoll@gmail.com / eleil0607generation@gmail.com
Phone: +251-468-217-144/+251-926-545-440; P.o.b. 2209 Hawassa, Ethiopia.
Dan Bible College (Koleejii Macaafa Qulqulluu Daan)

Haa ta‘u malee hiikaa garaa garaa qabu. Yaahiwwee jechuun kan ture ;kan jiruu fi sichis kan
jiraatu , kan hin jijjiiramne,burqaa waan hundaa, qofaa isaa uumaa kan ta‘e jechuu yoo ta‘u
Isa.43:10-13, 40:18-26, Far. 102:25-27. Maqaan Waaqayyoon baay‘een isaa hojii isaa wajjin wal
qabatee kan ibsame yoo ta‘u Yaahiwwee kan jedhu garuu waan tokkotti illee osoo hin qabatin
dhiyaatera.Macaafa Lallabaa, Daani‘el fi Yoonas keessatti kan inni caqafame ‗Eloohiim‘ kan
jedhu yoo ta‘u, Abboota firdii, Macaafa saamu‘el fi Mootota keessatti immoo baay‘inaan
‗Yaahiwwee‘ kan jedhutu jira. Daawwiit maqoota lamaan jechuun ―Eloohiim‖ fi ― Yaahiwwee‖
kan jedhamanitti fayyadameera. Keessattuu Far.42-84 keessa faarsaawwan jiran keessatti maqaa
― Eloohiim‖ jedhu kan fayyadame yoo ta‘u, faarsaa isaa kan biro keessatti garuu ― Yaahiwwee‖
akka fayyadamee dha.

 ―Yaahiwwee‖ maqaan jedhu Waaqayyo kan jijjiiramne ta‘uu mul‘isa. Kana jechuun
amala isaatiinii fi kakuu galle raawwachuu irratti akka hin jijjiirmane mul‘isa.Maqaan
kun Macaafota Kakuu moofaa keessatti gara yeroo kuma torba ta‘u kan caqafame yoo
ta‘u, Bau 6:6 irratti akka mul‘atetti immoo Waaqayyo humna waa oolchuu isaa
agarsiisa.Kanaaf gabaabumatti maqaan kun Waaqayyo Waaqa hin jijjiiramnee fi humna
waaju qabaachuu isaa ibsuun kan wal qabate dha.
 ―Yaahiwwee‖ kan jedhu maqaan Waaqayyoo kan agarsiisu Waaqayyo ofii isaatiin
ammas ta‘e gara fuul duraatti kan jiraatu ta‘uu kan agarsiisu dha.
 Waaqayyo saba isaa wajjin/giddutti argamuu Bau.3:12.
 Waaqayyo amala isaatiin kan hin jijjiiramne ta‘uu .
 Waaqayyo kakuu isaa fiixaan baasuuf kan hin jijjiiramne ta‘uu.
 Waaqayyo saba isaa kan ittiin waaju humna qabaachuu isaa.

Macaafa Qulqulluu keessatti Waaqa dhugaa kan ta‘e Waaqayyo qofaaf maqaan hojii irra oole
maqaa ―Yaahiwwee‖ jedhu qofa. Eloohiim fi Adoonaayi kan jedhaman maqaan Waaqayyoo
Afaan Ibiraasixii keessatti Waaqa dhugaan alatti waaqolii tolfamoo waamuuf hojii irra
oolaniiru.Kana irraa kan ka‘e Yihuudonni maqaa Yaahiwwee jedhu sodaachuu irraa kan ka‘e
bakka inni itti waamamuu qabu hundumaatti Adoonayi jedhanii kan waamaniif.Sababni isaas
Adoonaayi kan jedhu Waaqayyo hundaa kan bitu ta‘uu isaa kan agarsiisu fi gooftaa hundumaa
ta‘uu isaa kan ibsu waan ta‘eef.Eloohiim maqaan jedhu uumama fi bulchiinsa biyya lafaa waliin
kan wal qabate yoo ibsu, Yaahiwween garuu eenyummaa Waaqayyoo kan ibsu jiraataa ta‘uun
kan wal qabate dha.Fakkeenyaaf, 2Seena 14:11 kan mulate akka Yaahiwweetti, Far. 86:8-12
irrattis akkasuma, Bau.6:2-3 Yaahiwween akka itti hin beekamne itti himame.

Yaahiwwee maqaa jedhuu wajjin walitti qabatanii kan Kakuu Moofaa keessatti argaman:-

36 DBC “Be disciple and go to others to create the true disciple creators!”
Email: danbiblecoll@gmail.com / eleil0607generation@gmail.com
Phone: +251-468-217-144/+251-926-545-440; P.o.b. 2209 Hawassa, Ethiopia.
Dan Bible College (Koleejii Macaafa Qulqulluu Daan)

1. Yaahiwwee Hiri’ee (YHWH JIREH):- jechuun waan hundumaa kan qopheessu, kan
danda‘u, kan kennu Waaqa hundaa danda‘u jechuu dha.Uma.22:13-14, kanaaf Yaahiwwee
Hiri‘ee yeroo waamnu wanti nuti hir‘atee hundaa akka nuuf guutu hubanna. Daawwit Fa.23
irratti Yaahiwween tiksee kooti wanta dhabu hin jiru jedhee kan farfaate , akka inni uumama
isaa hundaaf waan barbaachisu qopheesu yaadeet.Far.147:8 ― Inni waaqatti duumessota in
uffisa,lafa bokkaa in argachiisa, tulloota irratti marga in biqilcha‖
2. Yaahiwwee Roofee (YHWH ROPHE):- kun immoo Yahiwween lubbuu, foon fi hafuura
ykn guutummaa eenyummaa namaa kan faayyisu ta‘uu isaa kan itti hubannu dha.
Inumaayyuu Yaahiwween foon qofa kan fayyisu osoo hin taane , Waaqayyo waaqa
fayyissuun hundi kan isaa ta‘e ta‘uu hubanna. Bau.15:26, Far.103:3, Erm.33:6, Isa.53:5.
3. Yaahiwwee nissii (YHWH NISSI):- kana jechuun Waaqayyo kaayyoo kooti jechuu
dha.Bau17:15-16, Yaahiwwee nissiin karaa hundumaan saba isaa geggeessuu akka danda‘u
ibsa.
4. Yaahiwwee Mekadeesh (YHWH M’KADDESH):- Waaqayyoo qulqulluu ta‘uu isaa tii fi
kan qulqulleessu ta‘uu ibsa.Kun qulqullummaa Waaqayyoon kan wal qabate dha.
Bau. 20:7-8, Lew.11:44-45, 19:2, 20:26 .
5. Yaahiwwee Tsidikenu (YHWH TSIDKENU):- jechuun YHWH n xuraahummaa kaasee
kan nu qulqulleessu jechuu dha Isa.64:6, Erm.23:6, Dan.9:18, Erm.51:10.
6. Yaahiwwee Ro’i( YHWH ROHI):- jechuun Eloohiim tiksee koo, kan na sooru, kan na
geggeessu kan jedhu hiika kenna ;Far.23:1, Erm.31:10, His.34:23, 37:24.
7. Yaahiwwee shaamaa( YHWH SHAMMH):- maqaan jedhu Eloohiim as jira; bakka kamitti
iyyuu ni argama yaada jedhu qaba.His.48:35,
8. Yaahiwwee Eloohiim (YHWH ELOHIM):- jechuun waaqaa fi uumaa akkasumas gooftaa
gooftotaa ta‘ee hundaa ol mo‘ee kan jiraatu jechuu dha.Uma.2:4, Abo 5:3, Isa.17:6-6,
Sof.2:9,Far.59:5.
9. Yaahiwwee Saboot (YHWH SABAOTH):- jechuun gooftaa maccaa, gooftaa Kirubeelii fi
Suraafel , kan hundaa oliif hundaa ol kan ta‘e,dura bu‘aa lolaa,iddoo ol aana irra kan jiraatu
fi kkf hiika qabu jechuu dha.1Sam.1:3, 2Mot.11:9, Far.46:7, isa. 1:24, 8:13, 14:27,
Erm.11:20, maqaan kun kakuu Moofaa keessatti qofa yeroo 194 caqafameera.
10. Yaahiwwee Shaalom (YHWH SHALOM):- jechuun Waaqayyo nageenya jechuu dha.
Abo.6:24.

37 DBC “Be disciple and go to others to create the true disciple creators!”
Email: danbiblecoll@gmail.com / eleil0607generation@gmail.com
Phone: +251-468-217-144/+251-926-545-440; P.o.b. 2209 Hawassa, Ethiopia.
Dan Bible College (Koleejii Macaafa Qulqulluu Daan)

Maqoota Waaqayyoo Kakuu Haaraa Keessatti


Kakuu Haaraa keessatti maqootni Waaqayyoo baay‘ee dha. Isaanis maqaa afaan Girikiiti.
Sababni isaas Kakuun Haaraan jalqaba irratti afaan Girikiitiin wanta barraa‘eefi. Isaan keessaas
kanneen armaan gadii kan caqasamani dha.

1. Tiiwos (Theos):- jechi kun jecha Afaan ibirasxii Eloohiim jedhuu wajjiin wal fakkeenya
qaba.Tiiwos jechuun Waaqa jechuu dha. Tit.2:13.
2. Kiiriyoos (Kyrios/Kurios):- jechi gooftaa jedhu kun Kakuu Haaraa keessatti yeroo 717
kan caafame yoo ta‘u, wangeela Luqaas keessatti yeroo 210 akka argamu dha.Kunis
hiikaan Afaan Ingilizii isaa ‗ Owner, Master, Lord‘ kan jedhu dha. Kiiriyoos jechuun
immoo gooftaa jechuu dha. Yoh. 20:28.
3. Abbaa/ Father( Abba):- Abba jechi jedhu Kakuu Moofaa keessatti yeroo 15 qofa kan
caafame yoo ta‘u, Kakuu Haaraa keessatti immoo yeroo 245 caafamee jira.
Kes .32:6, Isa.63:16, 1Qor.8:6, Efe.3:14, Ibr.12:9, Yaq.1:17. ‗Abba‘ jechuu abbaa(father)
jechuu dha. Rome 15.
4. Diispotiis:- Itti gaafatamaa/gooftaa Luq.2:29, Hoe.4:24.
5. Amaanu’el:- Waaqayyo nuu wajjin Mat.1:23, Yoh.1:14.
6. Yesuus:- isa Iyaasuu jedhu wajjiin tokko si‘a ta‘u hikkaan isaas fayyisaa jechuu dha.
Kanaafuu maqaan kun namummaa isaa ibsa. Mat.1:16.
7. Kiristoos:- kan dibame, nugusa, masihii, jechuu si‘a ta‘u Waaqummaa isaa hima. Mat.
16:16.

38 DBC “Be disciple and go to others to create the true disciple creators!”
Email: danbiblecoll@gmail.com / eleil0607generation@gmail.com
Phone: +251-468-217-144/+251-926-545-440; P.o.b. 2209 Hawassa, Ethiopia.
Dan Bible College (Koleejii Macaafa Qulqulluu Daan)

Kutaa Afur
Sadan Tokkummaa/Silaasee (Trinity)/
Tokkummaa fi sadan Waaqayyoo:- sadii ta‘uu karaa sadii hubachuu dandeenya. Isaanis hojii
isaaniin, maqaa isaaniin, eenyummaa isaaniin. Macaafni Qulqulluun Waaqayyo tokko qaama
sadii keessatti akka argamu dhugaa nuu baha. Qaamni sadan kun Abbaa, Ilmaa fi Hafuura
Qulqulluu dha.

 Abbaa, Ilmi fi Hafuura Qulqulluun wal hin caalan


a. Amalaan
b. Aboodhaan wal qixa.

Eenyummaa Waaqayyoo ibsuudhaaf ―qaama‖ kan jedhu fayyadamna.Sagaleen kun kan ilaallatu
Waaqni akkuma namaa foon qaba osoo hin taane, Qaamni tokko waan qabaachuu qabu yoo
guutu dha. Waaqa eenyummaa qaba ; beekumsa(Intellect) qaba; fedha (Will) qaba; miira
(Emotion) qaba jechuu dha.

Barsiisa Sadan Tokkummaa Waaqaa Seenaa Keessatti


A. Tertuuliyaan (Tertulian): yeroo jalqabaatiif barsiisa waa‘ee sadan tokkummaa Waaqayyoo
Waldaa Kiristaanaa keessatti namichi qindeesse Tertuuliyaan jedhama.Waaqayyo tokko
qaama sadii keessa jiraata jedhee bu‘uura haa buusu malee , Ilmi Abbaa irraa gad barumsa
jedhu barsiise xumuree ture.Namichi kun nama Kaaba Afriikaa yoo ta‘u beekaa Macaafa
Qulqulluu kan ture jaarraa 2ffaa keessa kan jiraate.
B. Siibaliyoos (Sabellius) : namichi kun immoo yaada kana yeroo ibsu, silaasee jechuun ibsa
Waaqayyoo isa tokko jedha ;kanas yoo ibsu akkas jedha:
 Akka abbaa ta‘ee seer uumuutiin mul‘ate.
 Akka ilmaa ta‘ee foon uffatee mul‘ate.
 Akka Hafuura Qulqulluu ta‘ee immoo lammata dhalachuu fi qulqulleessuu irratti
mul‘ate.
 Barsiisi sobaa namicha kanaa jaarraa 3ffaa kan ka‘ee ture ;biyya keenya Itoophiya
keessas bifa ―Waldaa Hawaaritiitin‖ ( ONLY JESUS) jedhuun jira.
 Yesuus qofa (Ony Jesus/Modalism) : akka barsiisa Siibaliyoositti Waaqayyo
qaama sadii osoo hin taane qaama tokko.Qaama tokko kan ta‘e kun Waaqayyo
immoo yeroo adda addaatti haala ( Models) adda addaatiin fi boca (forms) adda
addaatiin ofiii isaa mul‘iseera jedha.Kana jechuun isaa Kakuu Moofaa keessatti
Waaqa Abbaa kan ture , Kakuu Haaraa keessatti Waaqa Ilma ta‘ee dhufe ;kanaan
booda ammo Ilma ta‘uu dhiisee gara Hafuura qulqulluutti jijjiiramuun dhufe
39 DBC “Be disciple and go to others to create the true disciple creators!”
Email: danbiblecoll@gmail.com / eleil0607generation@gmail.com
Phone: +251-468-217-144/+251-926-545-440; P.o.b. 2209 Hawassa, Ethiopia.
Dan Bible College (Koleejii Macaafa Qulqulluu Daan)

jedhee kan amanu dha. Siibaliyoos kana fakkeenyaan ibsuuf bishaan


fudhateera.Cabbiin yeroo baqu gara bishaanitti jijjirama; bishaan immoo yoo danfu
gara urkaatti jijjiirama jedha.Kanaafuu sadan kunniin jajjaboo, dhangala‘oo, fi urki
ibsa bishaanii boca isaa kan ibsan akkuma ta‘an Waaqayyos eenyummaa isaa
haala kanaan jijjiireera jechuun amanee barsiisa ture.
C. Oorigon( Origun) :gad aantummaa( Subordinationism) abbaa barsiise ture.Yaada kana kan
burqisiise namicha Oorigon jedhamu barsiisaa kan ture kan jiraates bara 185-254 ture.
Namichi Oorigon jedhamu barsiisa Tertuuliyaan iraa ka‘uun Ilmi Abbab irraa gad,
Hafuuri Qulqulluun ammo Ilma irraa gad jedhee barsiise.Barsiis Oorigon inni ijoon Ilmi
Waaqa barabaraati; garuu Waaqa abbaa irraa gad ykn in xiqqaata kan jedhu ture.
D. Ariiyosaawwiyyan ( Arianism) :namichi kun kan dhalate bara 270 Luba Alaksaandar ture.
Jaarraa 4 ffaa keessa barsiis isaa Oriyoosaawiyyan jedhamee dhagahameera.Waa‘ee
Yesuus yeroo ibsutti kan abbaa wajjin wal fakkeessu amala hinqabu jedha. Yesuus
uumama jechuuf kutaa Macaafa qulqulluu inni caqasu kanneen armaan gadiiti. Yoh.1:14,
3:16-18, 1Yoh.4:9, Qol.1:5, Fakk.8:22, amantii kan har‘a kan hordofan Joheva Witnesses
warra jedhaman dha.Isaan kanaaf gooftummaa Yesuus Macaafonni ibsan : Isa.9:6,
Yoh.8:58, Far.102:25-27, Isa.12:37-41, Mul.22:13, Yoh.1:1, 1:23, Ibr.1:1-12, Isa.40;3.
E. Mucummaa (ADOPTIONISM/Monarcianism):- mucummaa barsiis jedhu Waaqummaa
Yesuus kan barabaraa kan fudhatu miti. Yesuus hanga bishaaniin cuuphamutti akka nama
kamiyyuu akka ture, haa ta‘u malee Waaqayyo erga inni cuuphamee booda akka mucaa
isaatti lakkaa‘uun humna keneeffii, humna kana irraa kan ka‘e dinqii garaa garaa hojjete
kan jedhu dha.Barsiis kun Waaqayyo Yesuusin mucaa isaa godhee fudhateera haa jedhu
malee barabaraan waaqa jedhee hin fudhatu. Yesuusin angafa jedhee ilma koo jedhee
waame jedhu.Barsiisa kanaaf kutaawwan Macaafa Qulqulluu itti aanuun dhufan
,gooftummaa Yesuus ibsuuf wabii akka ta‘an hubachiisa.Isa.9:6, Mul.22:13, Yoh.1:18,
Rome.9:5,
F. Waaqni tokkicha kan jedhan( Monotheism) :Akka warra kanaatti immoo Waaqayyo
qaama sadii osoo hin taane, qaama tokkicha suni Waaqa abbaa dha kan jedhanii
dha.Waa‘ee Yesuus yeroo barsiisan inni nama qofa jedhu.Akka yaada warra kanaatti
Yesuus ilma Waaqayyoo akka ta‘etti hin fudhatan kana jechuun Waaqayyo mucaa godhata
yaada jedhu waan itti fiduuf hin amanan.Baay‘inan yaada kana kan adeemsisan garee
Yihuudotaa keessaa fi Isilaamota.
G. Saamtaa Phaawuloos:- namni kun Jaarraa 3ffaa keessa kan jiraate yoo ta‘u , barumsa
sadan tokkummaa Waaqaa ganuudhaan Waaqayyo tokko jedhee kan barsiise ture. Waa‘ee
Ilmaa ilaalchisee Sammuu abbaati malee eenyuu mataa isaa hin qabu jedhee barsiise.
H. Soosiiniiyaanota:-kan ka‘an bara haaromaa , Jaarraa 16ffaa, keessa yoo ta‘u waa‘ee sadan
tokkummaa Waaqaa Abbaa, amala isaa qofaan nama kan ta‘e Yesuus,humna Waaqayyoo

40 DBC “Be disciple and go to others to create the true disciple creators!”
Email: danbiblecoll@gmail.com / eleil0607generation@gmail.com
Phone: +251-468-217-144/+251-926-545-440; P.o.b. 2209 Hawassa, Ethiopia.
Dan Bible College (Koleejii Macaafa Qulqulluu Daan)

qofa kan ta‘e Hafuura Qulqulluu jechuun barsiisaa turan.Waaqummaa Yesuus ganuun
sadan tokkummaa Waaqaa gananiiru.
I. Yuuniitaariiyaanota:-kan ka‘an akkuma Soosiiniiyaanotaa Jaarraa 16ffaa keessa yoo ta‘u ,
barsiisi isaanis wal fakkaata.Dura Bu‘aan isaanii serviites yoo jedhamu barsiisa sobaan itti
mirkanaa‘ee Jenevaa kessatti ibiddaan gubatee akka du‘u itti murtaa;e.
J. Moormoon ( The church of Jesus Christ of Letter Day Saints) :- amantii Moormoon kan
dhaabe namicha Yoosefi Siimiiz jedhamu yoo ta‘u yeroon isaas bara1830 A.L.A
ture.Moormoon barsiisa Macaafa Qulqulluu waa‘ee sadan tokkummaa Waaqaa hin
fudhatan garuu barsiisa kan isaanii hordofu.Kunis Waaqolii sadiitu jiru jedhu;akka warra
kanaatti Waaqayyo Hafuura osoo hin taane , foonii fi dhiiga kan qabu dha.Akka barsiisa
isaaniitti namoonni gara waaqummaatti jijjiiramuuf dandeettii qabu jedhu. Akkasumas
barsiis isaanii Waaqummaa Yesuus kan ganu dha.Yesuus akkuma keenya nama malee
waan addaa hin qabu jedhanii amanu.Barabaraan kan jiraatu Hafuura Yesuus qofa ,
kaanuufuu namnis hafuuraan barabaraan waan jiraatuuf Kiristoosis akkasuma jedhu.
K. Maliidooniyaaniizim:- amantii kana kan dhaabee Meqidenyaas yoo ta‘u falaasamni isaa
bu‘uura kan godhate eenyummaa Hafuura Qulqulluu irratti.Waa‘ee Hafuura Qulqulluu
yoo dubbatu , Hafuurri qulqulluun uumama jedha.
L. Moonoteeliizim :- amantii kana kan dhaabe Tewoodoosyaas kan jedhamu yoo ta‘u,
ejjennoo inni Yesuus irratti qabu , Yesuus fedha Abbaa ti malee fedha mataa isaa hin qabu
ture kan jedhu dha.

Waaqayyo qaama sadii keessa kan jiraatu Waaqa tokkicha akka ta‘e Macaafni Qulqulluun in
ibsa. Kunis barumsa kiristaanummaa keessatti isa bu‘uuraati. Barsiisi biraan isa kana irratti kan
dhaabate dha. Seenaa keessatti Waldaan Kiristaanaa dhugaa kana fudhatee barsiisaa
turteetti.Barsiisa sadan tokkummaa Waaqaa seenaa keessati 1. Seenaa Waldaa Kiristaanaa
keessaatti yeroo jalqabaa kan barsiise Xarxaaliinos namicha jedhamu ( Trinity) jecha jedhu
jecha tokko kan maqaa sadii ibsuu itti fayyadame.Haa ta‘u malee namichi kun walitti dhufeenya
Abbaa fi Ilma gidduu jiru yeroo ibsetti, ilmi abbaa gad jechuun barsiisa dogongoraa ( Error of
subordination) barsiisee ture. Oriigon namichi jedhamu barsiisa Xarxaaliinos irraa ka‘uun ilmi
Abbaa irra xiqqaata ;hafuurri Qulqulluun immoo ilma irra xiqqaata jechuun barsiise. Bara 270 tti
namichi biyya Liibiyyatti dhalate Ariyuus kan jedhamu immoo haala wal fakkaatuun Yesuus
kiristoos uumama Waaqayyoo isa jalqabaa ti ;Hafuurri Qulqulluun immoo Ilmaan kaan uumame
dha kan jedhu barsiisa sobaa barsiisee ture.Akka bariisa Ariyuusitti Waaqa abbaa qofa waaqa
kan jedhamu.

Yaadoleen akkasii seenaa keessatti ka‘anii waan turaniif 318 kan ta‘an abbootiin amantaa
bara325tti Niiqiiyaatti (Magaala isiiyaa Ishee xiqqaa ) wal gahii godhaniin Ilmi waaqa akka ta‘ee
fi Abbaa wajjin walqixa akka ta‘e qulqulleessan.Kanaanis barsiisa Ariyuus busheessan. Bara

41 DBC “Be disciple and go to others to create the true disciple creators!”
Email: danbiblecoll@gmail.com / eleil0607generation@gmail.com
Phone: +251-468-217-144/+251-926-545-440; P.o.b. 2209 Hawassa, Ethiopia.
Dan Bible College (Koleejii Macaafa Qulqulluu Daan)

297-373 giddutti kan jiraate Ataanaayuus kan jedhamu barsiisa sadan tokkummaa Waaqaa irratti
barsiisa qulqulluu ta‘e barsiisuun seenaa Waldaa Kiristaanaa keessatti nama beekamaa ta‘ee
maqaa isaatiin Manni amantaa baheef illee akka ture dha. Barsiisa sadan tokkummaa waaqaa
ganuun keessattuu gooftummaa Yesuus barsiisi sobaa baay‘een ka‘anii turan.kanneen keessaa
kan irra caalaatti bekaaman armaan gadiitti tarree galaniiru.

Bara duriitti Waldaa Kiristaanaa keessatti sadan tokkummaa Waaqayyoo irratti barsiisa
sobaa ka’anii turan

Lak. Barsiisa sobaa Geggesitoota Maqaa Amantichaa


1. Moonaa keyaaniizim Teewodoxoos Yesuus yeroo cuuphame kiristoos ta‘e;du‘aa
ka‘uu booda ilma waaqaa ta‘e.(Adopted)
2. Saabiiliizim Awusaabiyuus Waaqni tokkichi ofii isaa karaa(bifa) sadii
ibseera.
3. Ariyaaniizim Ooriyuus Kiristoos uumama jalqabaati.
4. Walakkaan Gorgooriiyus Kiristoos akkuma Abbaati garuu irra
Ariyaaniizim xiqqaata.
5. Maalidooniyaaliizim Maqdooniyaanis Hafuurri Qulqulluun uumama
6. Appaaliiniyaaniizim Abuliinaariyes Kiristoos Lubbuu namaa hin qabu(
Logos)sagalee jedhameera
7 Nisitirooyaaniizim Nisxiroos Kirisitoos lubbuu namaa hin qabu.Sagalee irra
Waaqayyo yeroo buufatu ; nama
Waaqayyoon baatu ta‘e ( God bearing man).
8 Iyyuutikiyaaniizim Awuuxaaken Eeeyyumman Kiristoos sagalee(Logos)
jijjiirameera; nama miti Kiristoos.
9 Minofiitizim Saawwiroos Kiristoos amala tokkicha qaba.
1o Minooteeliizim Teewedoosiyuus Kiristoos fedha fedha namuummaa hin
qabu;fedha Waaqummaa qofa malee.

Waldaa Kiristaanaa Ishee jalqabaa Waa’ee Sadan tokkummaa Waaqaa Ilaalchisee


Walgahii godhanii fi Murtee godhame

Bara duriitti barsisa sobaa sirreessuuf wal gahiin garaa garaa ta‘ee ture. Kanneen kessaas:

1. Wal gahii Niiqiiyaa:-bara 325 tti kan godhame yoo ta‘u namootni wal gahanii turanis
baay‘inaan 318 turan.Dhimmi wal gahichaaf ilma kan ilaallate dha.Murteen isaaniis
Ilmi Abbaa wajjin amala tokkicha akka qabu labsuun Aariyoosiin yeellasisan.
2. Wal gahii Qusxinixiiniyaa:- inni kun immoo bara 318 tti kan adeemsifame yoo
ta‘unamoota 150 ta‘antu wal gahee ture. Murteen isaanis Hafuura Qulqulluu kan
ilaallatu ture.Kunis Hafuurri Qulqulluun Waaqa akka ta‘e ibsuun barsiisa
maqidiiyuniiyaasin yeellaasise.

42 DBC “Be disciple and go to others to create the true disciple creators!”
Email: danbiblecoll@gmail.com / eleil0607generation@gmail.com
Phone: +251-468-217-144/+251-926-545-440; P.o.b. 2209 Hawassa, Ethiopia.
Dan Bible College (Koleejii Macaafa Qulqulluu Daan)

3. Walgahii Efesoonitti godhame:- bara 431 kan godhame yoo ta‘u gara namoota 200 tu
irratti hirmaate. Wal gahii isaanii irrattis kan ka‘ee waa‘ee Yesuus Kiristoos. Murtee
isaanii irrattis Yesuus guutummaatti Waaqa akka ta‘e cimsuun barsiisa nisixiroosiin
buusheessan.
4. Wal gahii Keliiqeedon:-bara 451 ti kan adeemsifame yoo ta‘u namoota 630 tu irratti
hirmaate walgahichaan murteen darbes amala Yesuus irratti. Kunis Yesuus qaama
tokkoon amala lama akka qabu;amaloonni kunniins kan wal hin maknee fi kan hin
jijjiiramne ta‘uu cimsanii barsiisa Awuuxaakeen busheessan.

Waldaa Kiristaanaa ishee duraa keessatti waa’ee sadan tokkummaa Waaqaa ilaalchisee
walgahii fi murteewwaan ta’an

Lakk. Waligahiin kan itti godhame Baay’ina Murteewwan


Bakka Bara miseensotaa Dabarfaman
1 Niqiiyaa 325 318 Ilmi abbaa wajjin amala tokko
qabaachuu( the same substance
with the father) ibsuun barsiisa
Oriyos fashaleessan
2 Qusxinixiiniyaa 381 150 Waaqummaa hafuura qulqulluu
cimse
3 Efesoon 431 200 Yesuus waaqa guutuu akka ta‘e
cimsee barsiisa Chayennsitiroos
fashaleese
4 Kiilitedoon 451 630 Kiriritoos amala lama qabaachuu fi
amalli lamaan kunnin kan wal hin
makne ta‘uu cimsee, barsiisa
Cheyeawexaakeen fashaleesse

Dhugaa Sadan Tokkummaa


Osoo tokko ta‘uu sadii kan ta‘e, osoo tokko ta‘uu sadii kan ta‘e jechuu dha yeroo sadan
takkummaa (Silaasee) jennuu. Dhugaan kun bara baraf kan jiraataa turee fi fuuldurattis kan
jiraatuu dha. Kana immoo Macaafa Qulqulluu irraa salphaatti hubachuu dandeenya. Kanaafuu
wantoota araamaan gaddiittii tarreefaman sirrittii hubachuudhaaf haa yaaluu.

Tokkummaa Waaqayyoof wabilee


Barumsa sadan tokkummaa Waaqaa kan sirriitti hubanne yoo ta‘e , Waaqayyo Waaqa tokkicha
akka ta‘e dha.Sagaleen Waaqayyoo akkas jedha; Kes4:35; 6:4 irratti ― Yaa Israa‘el dhaga‘I
Waaqayyo gooftaan kee, Waaqayyo isa tokkicha dha‖, Kes.32:39, Isa 45:14, Efe.4:3-6,
Yaaqob2:19, 1Xim.2:5, Mar.12:29-30.

43 DBC “Be disciple and go to others to create the true disciple creators!”
Email: danbiblecoll@gmail.com / eleil0607generation@gmail.com
Phone: +251-468-217-144/+251-926-545-440; P.o.b. 2209 Hawassa, Ethiopia.
Dan Bible College (Koleejii Macaafa Qulqulluu Daan)

 Afaan Ibiraasxi keessatti tokkummaa ibsuuf jechoota lamatu hojii irra ooler.
Isaanis:
(1) EEKAAD: - walitti dhufeenya qoomotaa kan agarsiisu dha.Uma.2:2, Isa.45:4-6,
21-22,44:68, 1Xim 2:5, 1Qor.8:6, Rome 3:30, Yaq.2:30
(2) YAACHAAD: jechaan kan barreeffamu tokkummaa kan agarsiisu
dha.Waaqayyo saba Israa‘el biyya Gibxii yeroo baasetti ―ana malee Waaqa
biraa hin qabaati ―kan jedhu ajaja kenneef ture.Bau.20:3. Sabni Israa‘el biyya
Gibxiin bahuun Waaqa tokkicha kan ta‘e Waaqayyoon akka waaqessaanii fi isa
qofaaf aarsa akka dhiyyeessa niif. Akkasumas saba biraatti akka
beeksisaniif.Sababni isaas sabi biraan waaqolii biraa waaqessaa waan
turaniif.Waaqolii biro kan jedhaman keessaa:
- Moolook ( 1Mot.11:7)- waaqa Amoonotaati
- Ba‘aal ( Abo. 2:13, 6:25) – waaqa warra Kana‘anotaati
- Beel fi Meerodaakaa( Erm.50:2) waaqolee warra Baabiloon.
- Adiraameelek fi Anemeelek :- waaqa namoota seferwaam ( 2Mot.17:31)
- Daagon:- waaqa warra filisxeemotaati ( Abo.16:23)
- Giiftii samii- Erm.7:18, 44:17-19
- Diiyoosqoroos :- Hoe. 28:11
 Kanaafuu Waaqayyo waaqolii kan biro irraa waaqa adda ta‘e dha; inni qofti Waaqa
dhugaa akka ta‘e saba isaa Israa‘el gidduutti of mul‘isuu barbaade.
 Waaqayyoo kannen armaan olitti tarreeffamaniin ol.Itti aanaanii kan dhufan kutaan
Macaafa Qulqulluu kan dhugaa bahu.1Sen.16:25-26 , Waaqayyo waaqa guddaa
waaqolii biro olitti kan sodaatame dha.Hoe.19:26, Iyuel.2:27, Bau.15:11.

Yaa Israa‘el dhagahi Waaqayyo waaqni keenya tokko (Kes.6:4) kan Israa‘elli yeroo hundaa
dubbatanii dha. Waaqayyo amalaan, waaqummaan tokko, Bau 20:4, Kes.6:6, Isa.43:10,
1Qor.8:4, 1Xim.2:5, Efe. 4:6, Yoh. 10:30, Mar.12:29-30, Yaaqob 2:19.

Waaqayyo Kakuu Abrahaamiif galee yaadee saba Isra‘eliin biyya Gibxii baase; ana malee waaqa
biraa hin qabaatin jechuun jech ‗Iikaad‘ jedhuun ibse.Ilmi yeroo bishaaniin cuuphamu, Hafuurri
Qulqulluun yeroo irra dhufu, Abbaa immoo yeroo sagalee dhageesisu argina .Haaluma wal
fakkaatuun Mat.28:19 akkas jedha gara biyya lafaa deemaa maqaa Abbaa , kan ilmaa fi Hafuura
Qulqulluun cuuphuun duuka buutota koo godhaa.Bakka kanatti qaamni sadanuu yeroo
tokkichatti ibsamaniiru;walqixa.Kunis maqaan sadii waamamee osoo jiruu akka seerluga
afaaniitti xumurtuu baay‘inaa fayyadamuun osoo irra jiruu baaqqe yoo fayyadamu argina. Kunis
tokkummaa sadaniin agarsiisa. Akkasumas 2Tes.2:16-17 irratti ― Ammas gooftaan keenya
Yesuus Kiristoos Waaqayyo abbaan keenyaas inni nu jaallate, ayyana isaatiinis jajjabina
barabaraa fi abdii gaarii nuuf kenne‖ jechuun bakka kanati walqabsiistuu ‗fi‘ jedhuun qaamaan
44 DBC “Be disciple and go to others to create the true disciple creators!”
Email: danbiblecoll@gmail.com / eleil0607generation@gmail.com
Phone: +251-468-217-144/+251-926-545-440; P.o.b. 2209 Hawassa, Ethiopia.
Dan Bible College (Koleejii Macaafa Qulqulluu Daan)

lama ta‘uuf amalaan tokko ta‘uu hubanna. Kuni silaaseen qaamaan tokkoo ol ta‘uu ibsa.Kan
malees sadan tokkummaa waaqaa ifa ta‘ee Macaafa Qulqulluu keessatti kan mul‘ate:

A. Kakuu Moofaa keessatti fayyisaa kan jedhame Waaqayyo(Yahiwwee) dha.Kakuu Haaraa


keessatti maqaan kun Yesuus Kiristoos ta‘e ( Far.78:35, Isa. 41:14, Mat. 1:2, Luq.1:76-
79,2:17).
B. Kakuu Moofaa keessatti Waaqayyo laphee amantootaa keessa kan jiraatu (Yahiwwee)
ture. Kakuu Haaraa keessatti laphee amantootaa keessa kan buufatu Hafuura Qulqulluu
dha. ( Far. 74:2, 135:21, Iyu.3:17-21, Zak. 2:10, Hoe. 2:23, Rome.8:9-11, 1Qor.3:16,
Lakk.20:16, Uma. 19:13, 31, 11:13, Abo.12:16-162:15.
C. Kakuu Haaraa keessatti Waaqayyo ilma isaa ergeera Yoh. 3:16, Ibr1;6, Yoh.4:9.
D. Waaqayyo Ilmi immoo Hafuura Qulqulluu ergeera Yoh. 4:26, 15:26, 16:17, gal.4:6
E. Abbaan ilmatti dubbateera ,Mar.1:11, Luq.3:22.
F. Ilmi Abbaa waliin yeroo haasa‘u walitti quunnamtii gochaa ture Mat. 11:25-26.
Uma.26:39, Yoh.11:41, 12:27-28.
G. Amantoota keessaa hafuurri qulqulluun gara abbaatti kadhata rome.8:26
Sadan tokkummaa Waaqaa ibsuuf Gabatee armaan gadii hubadhu.

Ibsa Aangoo Fi Waaqummaa Wal-qixxummaa Sadan-Tokkummaa


Sadan tokkummaa Abbaa Ilma Hafuura Qulqulluu
Waaqaa
Waaqa Yoh.3:16, Hoe.3:13, Yoh.1:1, Ibr.1:8 Hoe.5:3-9,
Rome.1:7 2Qor.3:17

Kan barabaraati Far.90:2 Mik.5:21, Mul.1:18 Ibr.9:14


Hundaa danda‘a Uma.17:11, Yoh.6:44,5:21, Zak.4:6,
Yoh.5:21 1Xim.6:15 Hoe.1:8Rome 15:19
Hin jijjiiramu Yaaq.1:17 Yoh.8:58, Ibr 13:8 Yoh.14:16,Isa.11:2,
1Qor.2:11
Waan hundaa beeka Erm.17:10,Mar.6:29- Yoh.8:58, Ibr 13:8
30, Hoe.1:24
Bakka hundaatti Erm 23:24 Yoh.2:25;18:4, Far.39:7
argama Mul.2:23
Qulqulluu dha Mul.15:4 Mat.18:20,28:20 Qulqulluu Hafuuraa
Dhugaa dha Yoh.7:28,17:3 Hoe.3:14,Mul.3:7 Uma.1:2
Arjaa dha Rome 2:41,Nah.1:7 Yoh.14:6,Ibr.1:2-3 Ibr9:14
Uumuun Far.102:25 Yoh.10:17-18 2Qor.3:6
Du‘aa Fannoorraa Far.22:15 Gal.2:20
Jireenya kennuun Yoh.3:16, Yoh.5:21
Hoe.2:24,Yoh.5:21
45 DBC “Be disciple and go to others to create the true disciple creators!”
Email: danbiblecoll@gmail.com / eleil0607generation@gmail.com
Phone: +251-468-217-144/+251-926-545-440; P.o.b. 2209 Hawassa, Ethiopia.
Dan Bible College (Koleejii Macaafa Qulqulluu Daan)

Sadan Waaqummaaf wabiilee


Sadan tokkummaa Waaqaa hubachuuf kan afaan Ingiliffaan barreffame ilaaluun fayyida
qabeessa.kunis Silaasee kan jedhu( Trinity )ykn ( Tri unity) maqaa jeddhu qabateera. Kunis
Waaqa tokko kan ta‘e Waaqayyoo qaamota sadii keessatti argamuu isaa ti kan ibsu. ( three in
oneness)

Qaamolee Sadan tokko tokkoon yoo ilaalaman:

A. Abbaa :- kun Macaafa qulqulluu keessatti ibsa adda addaatiif oolee argina. Kunis
 Uumaa umama hundaa 1Qor.8:6, Efe. 3:14-15, Ibr. 12:9, Yaaq.1:17
 Abbaa Israa‘el kes.32:6, Isa. 63:16, 64:8, Erm. 3:4, mil.1:6, 2:10
 Abbaa Amantootaa Mat.5:45, 6:6-15, Rome 8:15, 1Yoh.1:3
 Abbaa Ilmaa Yoh.1:4, 1:18, 5:17-26, Yoh. 8:54, 14:12-13
B. Ilma :- maqaan hiika bifa tokkichaa miti kan qabu. Ilmi Abbaa irraa waan dhalateef ilma
jedhama.Yoh.1:14, 1:18, 3:16, 3:18, Gal.4:4, Waaqayyoon Masihii fialatame waan ta‘eef
Ilmaa Waaqayyoo jedhama Mat.8:29, 27:40, 26:63, Yoh. 11:27, nama ta‘ee Hafuura
Qulqulluun ulfaa‘ee waan dhalateef mucaa Waaqayyoo jedhama. Luq.1:32,35.
 Waa‘ee Ilmaa kanneen beekamuu qaban
 Waqummaa isaa ;Yoh.1:1, 20:28, Rome.9:5, Fil.2:6, Tit.2:13, 1Yoh.5:20
 Maqaa Waaqummaa Erm.23:5-6, Iyu.2:32, Hoe.2:21 , Isa.9:6, 1xim.3:16
 Amala waaqummaa kan ibsan Isa.9:6, Mat. 18:20, 28:20, Yoh.2:24-25,
Yoh.21:17, Fil.3:21, Mul.1:8.
 Hojii Waaqummaa hojjechuu, Mat.9:2-7, Efe.1:22, Fili.3:21, Luq. 10:22,
Qol.1:17, Yoh.5:22, 1:3, Ibr. 1:10-12.
C. Hafuura qulqulluu :-eenyummaa qabbachuun Hafuura Qulqulluu kan beekame
dha.Waldoota amantaa baay‘ee biratti wanti kun kan ganame ture bara durii tti.
Fakkeenyaaf, Bara haaromsaa keessatti Yuniitariiyanii fi Modoorniistoota akkasumas
hordoftoota Siibaliyoos birattis ni ganama ture. Qooda eenyummaa qaba jedhanii
fudhatan humna qofa jedhani fudhatu turan. Macaafni Qulqulluun garuu ifatti
eenyumeesa qaba jedhee lafa kaa‘a.Kanaan dura waa‘ee eenyumessaa yeroo kaafneetti
dirqama foonii fi dhiiga kan qabu osoo hin taane : miira, fedha, qabaachuu akka ta‘e dha.
Kanaafuu kutaawwan Macaafa Qulqulluu armaan gadii keessatti Hafuuri Qulqulluun
miira, fedha, beekumsa akka qabu hubanna. Yoh.14:15-17,26, 16:26, 7-15, Rome.8:26-
27, Isa.63:10.
- Beekumsa /sammuu/ Yoh.14:26, 15:26, rome 8:26
- Miira Isa.63:10, gadduu Efe.4:30
- Fedha Hoe.16:7, Hafuuri Yesuus 1Qor.12:11,
46 DBC “Be disciple and go to others to create the true disciple creators!”
Email: danbiblecoll@gmail.com / eleil0607generation@gmail.com
Phone: +251-468-217-144/+251-926-545-440; P.o.b. 2209 Hawassa, Ethiopia.
Dan Bible College (Koleejii Macaafa Qulqulluu Daan)

 Walumaagalatti Hafuurri Qulqulluun dubbachuu, qoruu, dhugaa bahuu, gadduu, ifa


baasuu, kadhachuu fi kkf hojiiwwan raawwata. Uma.1:2,6:3, Luq.12:12, Yoh.14:26,
16:8, Hoe.13:2, Rome 8:11, 1Qor.2:10-11.
 Waaqummaa Hafuura Qulqulluu
 Maqoota Waaqummaa Hoe.5:3-4, 1Qor.3:16, 2Xim.3:16
 Waaqummaa sirrii ta‘e Far.139:7-10, Isa. 40:13,15, 1Qor.2:10-11, Rome 15:19, Ibr.9:14
 Hojii Waaqummaa hojjeta Uma.1:2, Iyob 26:13, 33:4, Far.104:30, Yoh.3:5-6 Tit.3:5,
Rome 8:11
 Ulfina Waaqummaa qaba Mat.28:19, Rome .9:1, 1Qor.13:14
 Salphaatti barsiisa sadan tokkummaa waaqaa kan agarsiisuu haa hubannuu mee.

Abbaa

dha

Miti Waaqayyo Miti

dha dha

Ilma Miti H/Qulqulluu


Fakkii kana irraa waan nuti hubannu waan sadii, karaa biraatiin kanneen kun ibsa barusa
sadan tokkummaa Waaqaa ti.

1) Waaqayyo waaqni keenya waaqa tokkicha


2) Waaqayyo waaqni keenya karaa sadii mul’ateera /silaaseen
3) Tokkoo tokkoon qaama Waaqummaa hir’uun hin jiru jechuun tokko sadaffaa miti.

Kana waan ta‘eef dhugaa dubbii sadan tokkummaa waaqaa addaa adda baasuunis ta‘e walitti
cuunfanii kaa‘uun hin dandaa‘amu.Maqaan sadan tokkummaa Waaqaa jedhu kun Macaafa
Qulqulluu keessatti jechaan barreeffamee hin argami malee , yaadni isaa ifatti lafa taa‘ee
jira.Haala kanaan sadan tokkummaa waaqaa jechi jedhu kun jecha ogummaa akka ta‘e hubachuu
nu barbaachisa.haa ta‘u malee sagaleen kun akkasitti caafamee jiraachuu haa dhiisu malee
yaadni isaa in jira. Uma.1:26, 11:7, mat.3:16-20, 28:19-20, Mar.1:9-10, Luq.3:21-26.

47 DBC “Be disciple and go to others to create the true disciple creators!”
Email: danbiblecoll@gmail.com / eleil0607generation@gmail.com
Phone: +251-468-217-144/+251-926-545-440; P.o.b. 2209 Hawassa, Ethiopia.
Dan Bible College (Koleejii Macaafa Qulqulluu Daan)

Tokkummaa fi Sadummaan Waaqayyoo karaa itti ifa ta’e


Silaasee jechuun sadan tokkummaa (tokkoon sadan) jechuu dha. Waaqayyo waaqa tokkicha
garuu karaa sadiin ykn eenyummeessa sadiin ofii isaa ibseera. Haa ta‘u malee Waaqa sadiitu jira
jechuu miti.

Tokkummaan Waaqaa:- karaa lamaan ifa ta’eera. kunis


A) Humna Waaqummaa isaatiin:- Waaqayyoo tokkicha.Kes.4:39, akkasumas Waaqayyoo
amalaan, waaqummaan, aboodhaan eenyummaa isaan tokko .Kes.6:6, Bau.20:24, Isa. 43:10,
1Qor. 8:4, 1Xim.2:5, Efe.4:6, Yoh.10:30, Mul. 2:19, Kes.4:39 caafanni kun hundi tokkummaa
Waaqayyoo kan ibsan dha.

B) Walqixxummaa Amala isaatiin:- Amala isaan yoo jedhamu;-dhiifamu gochuu isaatiin


,garaamummaa isaatiin, obsa inni qabuun, dhugaa ta‘uu isaatiin, cubbuu jibbuu isaatiin fi kkf.

Sadan ta‘uu kan ibsan jechuun Waaqni tokko karaa sadii mul‘ateera; sadan kanneen caaffanni
ibsan Uma.1;26, 11:6-7, 3:22, Isa.6:8, Mat.28:18-20, 1Sam.23:1, Neh.9:20, Far.139:7, Isa.48:16,
61:1, Hos.1:7, Luq. 3:21-22.

Ibsa Bu’uuraa Sadan-Tokkummaa


Isaanis Qaamaan, Maqaa fi Hojiin hiruun ilaaluun in dandaa’ama.

1. Maqaan:- sadanuu maqaa mataa isaanii qabu. Maqaan isa tokkoo kan biraaf hin oolle.
 Inni jalqabaa Abbaa :- Abbaa fayyinaa, waaqa hundumaa, abbaa Kiristoos
 Inni lammaffaa Ilma:- Amaanu‘el, Kiristoos, Yesuus, qoricha biyya lafaa, mootii
nagaa, Mesihii, ilma Waaqayyoo, Rebuunii, hidda Daawwiti
 Inni sadaffaa ammo Hafuura Qulqulluu dha:- Hafuura dhugaa, Uumaa,
jajjabeessaa, barsiisaa, gargaaraa, fi kkf.
2. Qaamaan /eenyummaan:- yoo ilaallu inni tokko kaan bakka hin bu‘u.
 Abbaa:- Eenyummaa mataa isaa qaba. Sababni isaas ilmi foon uffateera ; abbaa
garuu hin uffanne.Eenyummaa waan qabuuf, in dubbata, in erga, in arga, in
gadda, in gammada.
 Ilma:- eenyummaa mataa isaa qaba ; Abbaa fi Hafuura Qulqulluu irraa adda.Bifa
namaanis mul‘atee ture. Akkasumas waaqummaa isaatiin in hojjeta.
 Hafuura qulqulluu;- Innis eenyummaa mataa isaa qaba. Callisee hafuura
humnaa tokko qofa miti.Qilleensi illee humna mataa isaa qaba.Ibsa eenyummaa
fedha, miira fi beekumsa qaba. Kanaafuu ija ittiin argu, gurra ittiin dhagahu, harka

48 DBC “Be disciple and go to others to create the true disciple creators!”
Email: danbiblecoll@gmail.com / eleil0607generation@gmail.com
Phone: +251-468-217-144/+251-926-545-440; P.o.b. 2209 Hawassa, Ethiopia.
Dan Bible College (Koleejii Macaafa Qulqulluu Daan)

ittiin hojjetu qaba. Sababni isaa gurri waan uumamaeef akka ittiin dhageenyuuf,
iji waan uumamef akka ittiin arginuuf, harki waan uumameef akka ittiin
hojjenuuf.
3. Hojiin;- hojii waaqummaa wal qixa haa hojjetan malee gahee mataa isaanii yeroo isaan
qabatanii bahan Macaafa Qulqulluu keessatti argina.Jechuun inni tokko hojii isaa kaanii
keessa hin seenu.Fakkeenyaaf fannoo irratti kan du‘ee Ilma qofa.Abbaa ykn Hafuura
Qulqulluun fannoo irratti hin dune. Haa ta‘u malee hojii fannoo keessatti qooda hin qaban
jechuu miti. Tokko tokkoon ilaaluuf;
 Abbaan:- Akka Abbaa ta‘ee hojjetaa ture; ilmi mataan isaa abbaa koo jedhaanii
ture.Akka Abbummaa isaattis Kiristoosiin hojii fayyinaatiif yeroo ergu argina.
Innumaayyuu ilma gargaaruun ;hojii uumuu keessattis ta‘e kan biro keessatti
dursee sagalee baasuu, waaqa hundumaa ta‘uu.
 Ilma:- Sagalee ta‘ee kan jedhame ammo raawwachuu. Fakkeenyaaf Yoh.1:3 waan
uumaman keessatti qooda fudhachuu ,hojii fayyinaatiif gara biyya lafaatti
ergamuu, foon uffachuu, cubbuu namoota hundaa baachuu, du‘uu, warra
jaallatuuf lubbuu isaa kennuu, Hafuura qulqulluu erguu.
 Hafuura Qulqulluu;- hojii uumuu keessatti ,humna kennuu, biyya lafaa waa‘ee
cubbuutiif waqassuu, tajaajilaaf nama qopheessuu.
- Walumaagalatti sadan tokkummaa waaqaa amala Waaqummaan ,jechuun
uumuun,aboon , jaalalaan , dhugummaan tokko yoo ta‘an
- Garaagarummaan isaanii immoo qaamaan/eenyuummaan, hojiin, fi
maqaani dha. Akkasumas toora ittiin waamamaniin ; abbaa akka
geggeesaatti, Ilma akka fayyisaati, Hafuura Qulqulluu akka barsiisaati.

Gudunfaa (Conclusion)
Walumaagalatti armaan olitti ilaalluf akka yaalletti Waaqayyo eenyummaa/qaama sadiin
mul‘atee kan jiraatu Waaqa tokkicha.Akkasumas kutaawwan biro keessatti akkuma ilaalle
Waaqayyo waaqa baraabara ti.Kun sadan tokkummaa waaqaa kan mul‘ate ardii fi samiin osoo
hin uumamin dura kan ture dha (Yoh.17:5,24). Barumsi sadan tokkummaa Waaqaa kunis
Amantii Kiristaanaa keessatti isa bu‘uuraa ta‘ee dha; kun hin jiru taanaan kiristaanummaan hin
yaadamu jechuu dha. Dhugaan jiru (Trinity) akka ifuuf warra hin galaniif kadhachaa; nuti
kiristaannon immoo adaraa keenya ba‘uudhaaf yeroo hundaa irratti yaaduu qabna.

49 DBC “Be disciple and go to others to create the true disciple creators!”
Email: danbiblecoll@gmail.com / eleil0607generation@gmail.com
Phone: +251-468-217-144/+251-926-545-440; P.o.b. 2209 Hawassa, Ethiopia.
Dan Bible College (Koleejii Macaafa Qulqulluu Daan)

ዋቢ መጽሐፍት (Bibliography)
1) ቻርለስ ሲ. ራይሪ (ድክተር)፤ የመጽሐፍ ቅደስ አስተምህሮ፣ ተርጓሚ፡ ሲሳይ ዯሳለኝ፣ በላፕስሊ/ብሩክስ
ፋውንዳሽን፣ አዱስ አበባ፣ ኢትዮጵያ (1995)
2) ሉውስ በርከኾፍ (ፕሮፌሰር)፡ የትምህርተ መለኮት ጥናት፤ ተርጓሚ ኀይሉ መኮንን (ቄስ)፤ አሳታሚ ቄስ ኀይሉ
መኮንን፤ በንግዴ ማተሚያ ቤት ታተመ፤ አዱስ አበባ(1989)
3) ኬሊ. ጂ. ኤን.ዱ.፣ የጥንቱ የቤተ/ክርስቲያን አስተምህሮ፤ ኒው ዮርክ፡ ሀርፐር እና ሮው (1974)
4) ተሾመ አየለ፡ የመፅሃፍ ቅደስ አስተምህሮዎች ዲሰሳ፤ የመጀመሪያ እትም፤ አሳታሚ ጸጋ ስነ-መለኮት ኮሌጅ፤ አዱስ
አበባ (1999)
5) ቻላቸው መከር፡ የመፅሃፍ ቅደስ አስተምህሮ፤ አሳታሚ የኢትዮጵያ ሙሉ ወንጌል ስነ-መለኮት ኮሌጅ፤ በብራና
ማተሚያ ዴርጅት፤ አዱስ አበባ (1999)
6) ቼዴዊክ. ኤች. የጥነቱ ክርስቲያናዊ አስተምህሮ እና ዘመናዊው ባህል፤ ስለ ጀስቲን፣ ክሊመንት አና ኦሪገን ጥናት ኒው
ዮርክ፡ ኦክስፎርዴ ዩኒቨርሲቲ ፕሬስ (1966)
7) ቻርልስ ሲ. ራይሪ (ዯክተር) (1994)፡ የመፅሃፍ ቅደስ አስተምህሮ፤ ተርጓሚ ሲሳይ ዯሳለኝ፤ 5ኛ ዕትም
8) ኮሊን ማንሰል (ቄስ)፤ ትምህርተ መንፈስ ቅደስ፡ 3ኛ መፅሃፍ፤ 2ኛ እትም፤ በንግዴ ማተሚያ ቤት ታተመ፤ አዱስ
አበባ (1999)
9) ኮሊን ማንሰል (ቄስ); ትምህርተ እግዚአብሄር፡ 1ኛ መፅሃፍ፤2ኛ እትም፤ በንግዴ ማተሚያ ቤት ታተመ፤ አዱስ አበባ
(1999)
10) ኮሊን ማንሰል (ቄስ); (ትምህርተ ክርስቶስ፤ 3ኛ መፅሃፍት፤ 2ኛ እትም፤ በንግዴ ማተሚያ ቤት ታተመ፤ አዱስ አበባ
(1999)
11) ጆን ኤፍ ዋልቮርዴ (ድክተር)፡ መንፈስ ቅደስ፡ ማንነቱና አገልግሎቱ፡ ትርጉም በጌቱ ግዛው፡ 2ኛ ዕትም፡
በአርቲስቲክ ማተሚያ ዴርጅት ታተመ፤ አዱስ አበባ (1993)
12) --------------፤ የክርስትያናዊ አስተምህሮ መግቢያ አሳታሚ ወርልዴ ቪዥን የምስራቅ አፍሪካ ንዑስ ቀጠና ቢሮ፤
አዱስ አበባ (1995)
13) www.christiantheology.com
14) https://bible.org
15) www.religion-online.org

50 DBC “Be disciple and go to others to create the true disciple creators!”
Email: danbiblecoll@gmail.com / eleil0607generation@gmail.com
Phone: +251-468-217-144/+251-926-545-440; P.o.b. 2209 Hawassa, Ethiopia.

You might also like