You are on page 1of 34

Eli’eel-Dhaloota

Kiristoosiif; Dhaabbata Leenjii M/Qulqulluu


Eliel-Generation For Christ Bible Training Institute

Bulchiinsa Waldaa Kiristaanaa


(Church Administration)

“…Jaalalaan dubbii dhugaa dubbachaa, koottaa karaa hundumaan gara


mataa isa nuuf ta’e gara Kiristoositti in guddannaa!” Efe. 4:15.

1 Eliel “Be disciple and go to others to create the true disciple creators!”
Email: eliel0607generation@gmail.com Phone: +251-468-217-144/+251-926-545-440

Eli’eel-Dhaloota Kiristoosiif; Dhaabbata Leenjii M/Qulqulluu
Eliel-Generation For Christ Bible Training Institute

Baafata (Table of Contents)

Seensa (Introducation) ………………………………………………………………………………………………

Boqonnaa Tokko ………………………………………………………………………………………………………..

Bulchiinsa waldaa Kiristaanaa ……………………………………………………………………….…………

Boqonnaa Lama ………………………………………………………………………………………………………….

Geggeesitoota waldaa kiristaanaa ………………………………………………………………………………

Boqonnaa Sadii ………………………………………………………………………………………………………..….

Geggeessan waldaa Maalif akka barbaachise ………………………………………………………...……

Boqonnaa Afur ……………………………………………………………………………………………………………

Bulchiinsa Wandaa Karooraan raawwachuu ………………………………………………………………

Boqonnaa Shan …………………………………………………………………………………………………………...

Bulchiinsa waldaa Qindeessuu ……………………………………………………………………………………

Boqonnaa Jaha ……………………………………………………………………………………………………………

Bulchiisa Waldaa fi Bakka bu’iinsa ……………………………………………………………………………..

Boqonnaa Torba …………………………………………………………………………………………………………

Itti fayyadama yeroo (Time management) ………………………………………………………………….

Boqonnaa Saddeet ………………………………………………………………………………………………………

Qabaa Herregaa …………………………………………………………………………………………………………..

2 Eliel “Be disciple and go to others to create the true disciple creators!”
Email: eliel0607generation@gmail.com Phone: +251-468-217-144/+251-926-545-440

Eli’eel-Dhaloota Kiristoosiif; Dhaabbata Leenjii M/Qulqulluu
Eliel-Generation For Christ Bible Training Institute

I. Seensa (Introduction)

Waldaan Kiristaanaa hojii Waaqayyoo raawwachuuf, Waaqayyoon kan walitti qabamte


dhaabbata hafuuraa ti. Hojii kana kan raawwatanis qajeelfama macaafa qulqulluu
hordofuun caasaa baafachuutu irraa eegama. Waaqayyo mataan isaa abbaa waldaa
kiristaanaa ti Aboo kan qabus isa qofa waldaa irratti. Kana kan ibsu namootaaf aboo fi
kennaa kennuun. Kanaafis caasaan barbaachisa.

Namoonni tokko tokko hafuurri qulqulluun waan geggeessuuf caasaa bulchiinsaa hin
barbaachisu jedhu. Haa ta’u malee bu’uura macaafa qulqulluu keessaa argachuu hin
danda’an yaada kanaaf. Seenaan macaafa qulqulluu keessaa kana kan deggerus hin jiru.
Kana malees bulchiinsi waldaa Kiristaanaa geggeessaa hafuura qulqulluun kan waldiigu
osoo hin taane kan walqabatee deemu dha.

Barumsa kana jalatti kan ka’an keessaa tokko immoo qabaa herregaati.Namoonni baay’een
olaantummaa Waaqayyoo fi kennaa bulchiinsaa yoo fudhatan illee qabiinsa herregaa
waldaa kiristaanaaf bakka guddaa hin laatan.

3 Eliel “Be disciple and go to others to create the true disciple creators!”
Email: eliel0607generation@gmail.com Phone: +251-468-217-144/+251-926-545-440

Eli’eel-Dhaloota Kiristoosiif; Dhaabbata Leenjii M/Qulqulluu
Eliel-Generation For Christ Bible Training Institute

Boqonnaa Tokko

1. Bulchiinsa waldaa Kiristaanaa

a. Yaada bulchiinsa Waldaa Kiristaanaa irratti ka’an

1. Duuka buutota Kiweekirootaa fi Darbee akkas jechuun


beekamu:
 Bulchiinsa waldaa kamiyyuu in mormu
 Dhaabbata ta’uu waldaa in mormu
 Qophiin lallaba dhi’eessuu in mormu
 Miseensi waldaa kamiyyuu geggeessaa hafuura qulqulluu jala waan jiruuf
geggeessaa biraa hin barbaachisu qaamni jabina isaanii ija isaanii kan kaa’an
waldaa Kiristaanaa mul’atu irra osoo hin taane kan hin mul’anne (Universal
church) irra. Haa ta’u malee haalli bulchiinsa isaanii haalaa macaafa qulqulluu
waan hin taaneef namoonni baay’een in mormu.

2. Ilaalcha warra Iiraastiyaanotaa:

 Waldaan Kiristaanaa Mootummaa Biyya lafaa jala jiraati jedhu.


 Tajaajiltoonni sagalicha kan barsiisanii fi lallaban qofa
 Mootummaan
- Waldaa Kiristaanaa in bulchaa
- Warra balleessaan in adaba
- Yoo barbaachisaa ta’es Waldaa Kiristaanaa in dhabamsiisa

3. Yaada Warra Iphiis Qiiphoos

 Mataa Waldaa Kiristaanaa kan ta’e Kiristoos bulchiinsa waldaa kan kenne
- Dhaaltota ergamootaa kan ta’an phaaphaasii fi luboota
 Miseensonni bulchiinsa waldaa kiristaanaa keessaa homaa hin qaban jedhu
4 Eliel “Be disciple and go to others to create the true disciple creators!”
Email: eliel0607generation@gmail.com Phone: +251-468-217-144/+251-926-545-440

Eli’eel-Dhaloota Kiristoosiif; Dhaabbata Leenjii M/Qulqulluu
Eliel-Generation For Christ Bible Training Institute

 Akka yaada kanaatti aboon irra keessaa gad bu’a malee miseensota keessaa
yaadni fudhatamu hin jiru
 Macaafa qulqulluu keessaa kan caqasan: Hoe 1:8, Mat 28: 18-20, Hoe 14: 23, 6:
3-6
 Rakkoon isaan sobaan ka’uun ani ergamaa dha kan jedhaan yoo ka’an (2Qor
11:13)

4. Yaada Warra Kaatolikii ammaa

 Phaaphaasonni ergamoota akka dhaalan


 Phaaphaasonni dhaaltota Pheexiros ofiin jedhu
Phaaphasii fi luboonni :-
 Dogongora kan hin hojjenne
Mataa Waldaa fi bakka buutota Kiristoos ta’uun :
 Barsiisa
 Waaqeffannaa
 Bulchiinsa waldaa qooyyeessuus ta’e jijjiiru danda’u jedhu.

5. Bulchiinsa waldaa kiristaanaa miseensaan raawwatamu:

 Aboo bulchiinsaa kan qaban miseensota qofa


 Aboo irra kan jiran yaada miseensotaa kan raawwatan dha
 Bulchiinsa irra kanjiran kan miseensonni kennaniifiin alatti aboo hin qaban

6. Waldaa kiristaanaa biyyoolessaa

 Waldaan Kiristaanaa fedhiidhaan kan itti seenaan biyya jedhu


 Waldaan kiristaanaa damee biyya tokkoo ti
 Mootummaa biyyichaa
- Waaqeffannaa fooyyessuu
- Barsiisaa fi jireenya irratti rakkoon yoo ka’e fooyyeessuu

5 Eliel “Be disciple and go to others to create the true disciple creators!”
Email: eliel0607generation@gmail.com Phone: +251-468-217-144/+251-926-545-440

Eli’eel-Dhaloota Kiristoosiif; Dhaabbata Leenjii M/Qulqulluu
Eliel-Generation For Christ Bible Training Institute

- Aboo hunduu harka mootummaati

7. Akkaakuu bulchiinsa waldaa kiristaanaa

 Seenaa waldaa Kiristaanaa keessatti akaakuu bulchiinsee sadiitu beekama


1. Ilaaltu (Epis Kopos)
- Kaatolikii Roomaa
- Ortodoksii
- Angili kaalii
- Luuteran
2. Jaarsolii
- Piroteestanii
- Metoodistic
- Luuteran tokko tokko
3. Saba waldaan
- Miseensota giddu galeessa kan godhate

Kannneen malees lama jiru

1. Jaarsolii baay’ee

2. Bilisaan waldaa kiristaanaa geggeessuu

Walumaa galatti akaakuun bulchiinsa waldaa shan jechuu dha

1. Ilaaltuu (Ephis Kophos)

 Bara waldaa Kiristaanaa keessatti ergamoota (bartoota) ti aansee caasaa


bulchiisaa dhufe dha. Kessattuu kaatolikiin Roomaa kana hordofu .
 Kana jalatti galantaalee garaa garaatu jiru


6 Eliel “Be disciple and go to others to create the true disciple creators!”
Email: eliel0607generation@gmail.com Phone: +251-468-217-144/+251-926-545-440

Eli’eel-Dhaloota Kiristoosiif; Dhaabbata Leenjii M/Qulqulluu
Eliel-Generation For Christ Bible Training Institute

a. Sadarkaa Aboo Kaatolikii Roomaa

Luba Olaanaa


Kaardinal /Luba olaanaa waliin kan ta’u/

Luba

b. Caasaa aboo waldaa Ortodoksii

Paatiraalikii

Qulqulluu siinodos

Lallaba biyyootaa

* Burqaa bulchiinsa kanaa

 Ergamoota irraa kan dhaalame dha jedhu


 Aboo Kiristoos irraa dhaalle dha jedhu
 Jireenyi Luba olaanaa (phaaphas) jireenya waldaaf murteessaa dha jedhu

2. Bulchiinsa Jaarsoliinii

Kan akkanaatti Yihuudonni mana sagadaa keessatti itti fayyadamaa turan. Aboon kan jiru
harka nama dhuunfaa keessa osoo hin taanee garee harka. Miseensa kanaaf filuuf umriin
bakka guddaa qaba. Kaku Haaraa keessatti waldaan Kiristaanaa yerusaalemiin turte kana

7 Eliel “Be disciple and go to others to create the true disciple creators!”
Email: eliel0607generation@gmail.com Phone: +251-468-217-144/+251-926-545-440

Eli’eel-Dhaloota Kiristoosiif; Dhaabbata Leenjii M/Qulqulluu
Eliel-Generation For Christ Bible Training Institute

qabdi (Hoe 11: 30) .Phaawuloosii fi Baarnaabaas baay’ee akka jaarsolii waldaa ta’anii f
muudanii turan (Hoe 14: 23, 20:17, 12 xim fi Tiitoo)

Haalli kun bakka lamatti hiramee ilaalamuu danda’eera

a. Jaarsolii barsiisan (Eegdota (Pastors)

* Barsiisuuf Aboo qabu

* Bulchuuf

b. Jaarsolii warra bulchan

 Bulchuu qofaaf aboo qabu


 Waldaa Baaptisitii fi waldaa kiristaanaa baay’een kana hordofu
 Seera waldattii eegduutu raawwata
 Jaarsolii fi Daaqonnonni miseensotaan filatamuu (Hoe 6:3-5, 14:23)
 Rakkoon yoo uumaman miseensi waldaa hiikuu qaba jedha
 Wantoota lama irratti xiyyeeffatu

1. Of bituu tokkoo tokkoon waldaa of bulchuu qaba

2. Dimookiraasii sabni fehda isaa fi yaada isaa karaa dimokiraatawan


ibsachuu qaba Jedha

3. Bulchiinsa waldaa walabaanii

 Epis kooposiifi bulchiinsa jaarsolii in mormu


 Haala bulchiinsa kanaa fiixaan baasuuf adeemsota sadan armaan gadii hordofu

a. Ijaarsa biyyaa, naannoo in mormu

* Kan mul’attuus hin mul’annes waldaa qofa jedha

b. Waldaan kiristaanaa waan alaa itti dhufan hundaa irraa walaba ta’uu qabdi jedhu
8 Eliel “Be disciple and go to others to create the true disciple creators!”
Email: eliel0607generation@gmail.com Phone: +251-468-217-144/+251-926-545-440

Eli’eel-Dhaloota Kiristoosiif; Dhaabbata Leenjii M/Qulqulluu
Eliel-Generation For Christ Bible Training Institute

c. Bulchiinsa eegduu tokkoo hordofu

 Sabni gargaartuu ta’ee tajaajila eegduu cimsa 1Qor 12: 28, Rom 12: 3-8
 Paastoriin akka Roomaa aboo qofaa isaa qabachuu hin qabu
 Jaarsoliin barsiisan waajjirri isaanii kan kabajame dha.

4. Jaarsolii baay’een kan geggeeffamu

 Bulchiinsa jaarsolii irraa kan cite dha


 Jaarsa kan jedha maqaa baay’ee qaba jedhu
 Jaarisi Ephikoophos dha, eegdu dhas jedhu
 Gidduu isaaniitii jaarsi inni tokko in wayya kaan irra jedhanii muudu
 Filannoo miseensa waldaatiin gara tajaajila kanaatti yoo dhufan illee, umrii guutuuf
jedhanii yaadu
 Jaarsi : bilchina, ogummaa, umrii fi bilchina hafuuraa agarsiisa
 Ephiskoophosi olaantummaa kan agarsiisu dha
 Eegduun; hojii, maqaa kan agarsiisu dha.

5. Bulchiinsa Miseensotaan ta’u

Waldaa Kiristaanaa keessatti aboon, mirgii fi walqixxummaan jiru kan irkatu barsiisa
Kiristoos (Mat 23:8) “Isin garuu barsiisaa fi gooftaa jettanii hin waaminaa barsiisaan
keessan tokko waan ta’eef isin hundinuu obboloota.” Kana qofa osoo hin taane kan
balleessan adabuun aboo miseensa hundaati Mat 18:15-17, 1Qor 1:2,5. Ergaa Phaawulos
kan fudhatan miseensa waldaa ti malee geggeessa miti jedha.

Akkuma haala bulchiinsa biroo, bulchiinsa kana irratti ceephoon ka’u jira. Inni jalqabaa gad
bu’iinsa aboo ergamootaa hin fudhatan kan jedhu yoo ta’u, fakkeenyaaf Phaawuloos
Ximotewoosii fi Tiitoof yemmuu barreessetti gorsa salphaa ta’e osoo hin taane qajeelfama
jabaa ture. (Tit 1:5). Itti dabalees Phaawuloos aboo jaarsolii yemmuu ibsu aboo guutuu
akka qabanitti Hoe 14:23

9 Eliel “Be disciple and go to others to create the true disciple creators!”
Email: eliel0607generation@gmail.com Phone: +251-468-217-144/+251-926-545-440

Eli’eel-Dhaloota Kiristoosiif; Dhaabbata Leenjii M/Qulqulluu
Eliel-Generation For Christ Bible Training Institute

Kana malees adeemsa bulchiinsa Waldaa Kiristaanaa ishee durii ifatti hin kaa’u jedhama.
Baay’een ergaa Phaawuloos nama dhuunfaaf osoo hin taane miseensa waldaa Kiristaanaaf
ta’uun ifaa dha. Garuu Mul’ata boqonnaa 2 fi 3 irratti ergamaan Yoohannis waldoota
torbaniif, yeroo kanatti xalayicha kan fudhatan geggeesitoota. Yaadni bulchiisaa kun:

- Gahee miseensa tokkoo tokko ifatti kan baasu dha

- Aboon bulchiinsaa harka miseensotaa ta’uu qaba jedha

- Eegduun ykn geggeessaan dhimma miseensotaa kan raawwatu ta’ee yaadama.

Boqonnaa Lama

2. Geggeesitoota waldaa kiristaanaa

* Geggeesitoota Waldaa Kiristaanaa jedhamanii kan waamaman macaafa qulqulluun keessa


jiru. Jiraachuu qofa osoo hin taane, hojiin isaanii ifatti ba’ee jira.

1. Geggeesitoota Waldaa Kiristaanaa dhaaban

* Kakuu Haaraa keessatti waldaa dhaabuun kan beekaman sadii beekamoon armaan gaditti

a. Ergamoota

– Bartoota gooftaa fi Phaawuoosii fi maqaa kenname dha

- Kaanis maqaa kanaan waama maniiru (Gal 1:19. Hoe 4: 4, 14 1Qor 9:5-6, 2Qor
8:23)

Ulaagaalee Ergamootaa

x Ulaagaalee kunniin jalqaba bartoota kudha lamaniif ture


x Muudama isaanii kallattiin Waaqayyo biraa fudhachuu qabu (Mar 3: 14, Gal 1:1)
x Du’aa ka’uu Kiristoos ijaan kan argan ta’uu 1Qor 9:1

10 Eliel “Be disciple and go to others to create the true disciple creators!”
Email: eliel0607generation@gmail.com Phone: +251-468-217-144/+251-926-545-440

Eli’eel-Dhaloota Kiristoosiif; Dhaabbata Leenjii M/Qulqulluu
Eliel-Generation For Christ Bible Training Institute

x Barumsi isaanii kallattiin geggessaa hafuura qulqulluun kan ta’e ta’u in beekama ture
(2Qor 2:23, Ib 2:4)
x Hojiin isaanii Waaqayyoon fudhatama kan qabu ta’uu saa mirkaneessa eebba garaa
garaa argataniiru (1Qor 9:1, 2Qor 3:2, Gal 2:8)

b. Raajota

x Kakuu haaraa keessatti waldaa kiristaanaa dhaabuuf dandeetti barsiisuu qabu turan
x Dhoksaa jiru ifa baasuufi dubbachuuf kennaa qabu turan (Hoe 11:28, 13:1-2, 1Qor 12:
4-12, 13:3, efe 3: 20, 4:11)

c. Abbaa wangeelaa ykn lallabdoota

x Filiphoosii fi Maarqos ayyaanni lallaba wangeelaa kan kennameef turan (Hoe 21:8, Efe
4:11, 2Xim 4;5)
x Ergamoota duukaa bu’uun hojjetu; in barsiisu; tajaajiltoota biro muudu Tit 1:5, 3:10,
1xim 5:20

2. Jaarsolii, Eegdota, Diyaaqonootaa fi Barsiisota

a. Jaarsolii:- Tiksee fi lallabdoota wajjin ta’uun waldaa kiristaanaa tajaajilu Hoe 11: 29-30,
14:23, 20:17, 1Xim 5:17

b. Eegdota: Lallabdootaanii fi ergamootaan waldaa dhaabbbate bulchuu, misseensota

jajjabeessun, akkasumas irra deemuun

Egdonni tajaajiltoota yeroo guutuu laataniiti Mat 9:35 – 38

c. Barsiisota : Hojiin barsiisotaa inni guddaan sagalee waaqayyoo gad fageenyaan


barsiisuufi sabni Waaqayyoos barsiisa sobaa irraa akka of eeggatu gochuu dha. 2xim 2:2,
Tiito 1:9

11 Eliel “Be disciple and go to others to create the true disciple creators!”
Email: eliel0607generation@gmail.com Phone: +251-468-217-144/+251-926-545-440

Eli’eel-Dhaloota Kiristoosiif; Dhaabbata Leenjii M/Qulqulluu
Eliel-Generation For Christ Bible Training Institute

d. Diyaaqonoota: Hoe 6: 1-6, Fil 1:1, Xim 3:8, Istifaanosii fi Filiphoosiin yemmuu muudan
irraa akka calqabetti amanama

Boqonnaa Sadii

3) Geggeessaan waldaa maalif akka barbaachise

Hojii waldaa Kiristaanaa geggeessuun in barbaachisa ammoo hin barbaachisu jechuun dura
maal hojiin waldaa Kiristaanaa? Kan jedhu ilaaluun ba’eessa. Namni hafuuraa fi bishaaniin
lammata dhalate hundinuu waldaa keessatti gahee qaba. Hojiin kunis kan adda addaa ti.

Waldaan Kiristaana dhaabbata hafuuraa ti. Akkuma dhaabbata kamittiyyuu kaayyoo


mataa ishee qabdi. Fakkeenyaaf kaayyolee ishee keessaa tokko bakka wangeelli hin
geenyeen wangeela geessisuu dha. Kaayyoo kaayyeffame fiixaan baasuuf karaaroo
barbaachisa; karoorri kun immoo qofaa isaatti kan mijatee xumurama miti. Kaayyoo fi
karoorri kunniin gegeessaa barbaadu fiixaan bahiinsa argachuuf .

Karoorri dhabbata kamiifiyyuu akka kankolaataan karaa irraa hin maqne mariin akka
gargaarutti dha. Hojii gaariinis karoora gaarii irratti hundaa’a. Haa ta’u malee karoora
gaarii kan baasan dhaabbani hafuuraa baay’een yoo jiraatan illee hojii irra kan oolchan
baay’ee muraasa isaaniiti. Kanaafuu karooraan hojjechuun dhaabbata hafuuraaf shora
guddaa taphata, Qindaayinni gaariin ammoo dhaabbata waldaa Kiristaanaaf baay’ee
barbaachisa. Geggeessaa gaarii ta’e tajaajiltoonni waldaa Kiristaanaa geggeessuuf mala itti
fayyadamuu qaban:

1. Gareen miira ho’an kaka’uun tajaajiluu


2. Rakkoolee yeroo tajaajilaa ka’aniif furmaata fiduu
3. Dhimma garaa garaa fi murtee waqtiin kennuu
4. Tajaajilli sadarkaa sadarkaa akka raawwatamu gochuu

12 Eliel “Be disciple and go to others to create the true disciple creators!”
Email: eliel0607generation@gmail.com Phone: +251-468-217-144/+251-926-545-440

Eli’eel-Dhaloota Kiristoosiif; Dhaabbata Leenjii M/Qulqulluu
Eliel-Generation For Christ Bible Training Institute

Kanaafuu geggeesitoonni waldaa Kiristaanaa geggeessaa gaarii ta’een fayyadamuun


waldaan Waaqayyoo sirriitti akka hojii ishee hojjetu gochuu qabu.

a. Geggeessaa Hojii Dandeettii qabu

Dhaabbanni tokko qaama jabina isaa bu’uura godhachuun hojii qindoomina qabu
hojjechuuf, madaalli kan ta’an:

1. Dhaabbatich Karoora yeroo dheeraa fi gabaabaa qabaachuu


2. Wantoonni dhaabbatichaa marti itti gaafatamummaa fudhachuuf kan qophaa’e yoo
ta’e
3. Dhaabbatichi raawwachuuf kan karoorfate qarshiin, humna namaa fi kkf haala
gahaa ta’een kan qophaa’e yoo ta’e
4. Rakkoolee mudatan keessa darbuu ykn mo’achuuf hamna yoo qabaatee
5. Hiri’inna baajeta kan sodaachisu yoo hin taane

b. Mallattoo Hojii geggeessaa dhadhabaa ta’ee

Mallattooleen hojii geggeessaa dadhabaa ta’ee faallaa kan armaan olii ti. Irra caalatti kana
kan calaqissisan:

1. Hojiileen ariifachiisoon baay’achuu


2. Rakkooleen hin yaadamne ammaa fi amma mudachuu
3. Tajaajilli namoota muraasa harka qofa ta’u
4. Walgahii karaaro hin qabne baay’achuu
5. Tajaajiltoonni waldaa keessa yeroo baay’eef turuu dhabuu
6. Tajaajilli hir’achaa deemuu
7. Rakkoo hiikuuf humna dhabuu.


13 Eliel “Be disciple and go to others to create the true disciple creators!”
Email: eliel0607generation@gmail.com Phone: +251-468-217-144/+251-926-545-440

Eli’eel-Dhaloota Kiristoosiif; Dhaabbata Leenjii M/Qulqulluu
Eliel-Generation For Christ Bible Training Institute

Boqonnaa Afur

4) Bulchiinsa waldaa Karooraan Raawwachuu

4.1. Karoora jechuun maal jechuu dha?

Karoorri sadarkaa kami irratti illee raawwatamuu kan danda’an bu’ura geggeessaa hojii
keessaa tokko. Karoorri haawwii yaada namootaa keessa jiru miti. Fakkeenyaaf “Waggaa
lama booda dhaabbata ykn waldaa keenya guddisuuf yaada qabna” jechuun karoo osoo hin
taane hawwii dha. Yaadni gaariin karoora gaariif ka’umsa. Haa ta’u malee yaadni tokko
gara karooratti kan jijjiiramu wantoota baay’ee keessa arga darbee booda. Kun erga
mirkanaa’ee booda.

x Maaltu hojjetame
x Meeqatu hojjetama
x Yoom hojjetame
x Akkamitti hojjetama
x Eenyuun hojjetama

Gaaffileen jedhaniif deebii kennuu karoora dandeesisu qopheessuun kan jalqabu.

x Karoorri kanneen armaan gadii yoo guute dha akka karooraatti kan fudhatamu

1. Karoorri yeroon kan daangeffame dha

2. Karoorri dubbiin osoo hin taane barreeffamaan ta’uun qaba

4.2. Barbaachisummaa karooraa

Karooraan hojjechuun faayidaalee armaan gadii qaba

1. Gara fuulduratti ta’uuf waan jiru yaada keessa galchuun yeroon qophaa’uuf

2. Karoorri bu’uura bulchiinsa gaarii ti


14 Eliel “Be disciple and go to others to create the true disciple creators!”
Email: eliel0607generation@gmail.com Phone: +251-468-217-144/+251-926-545-440

Eli’eel-Dhaloota Kiristoosiif; Dhaabbata Leenjii M/Qulqulluu
Eliel-Generation For Christ Bible Training Institute

3. Karooraan hojjechuun fedhii hojii hojjectoota keessatti uuma

4. Itti dabalees karoorri sadarkaankan raawwatu:

x Maal akka ta’an


x Eenyuun akka raawwataman
x Maal, yoom fi akkamitti akka raawwatamu
x Maal yoom fi akkamitti hojiif dhi’aachuu akka qabu

5. Waan hundumaarra ilaalcha keessa galuu kan qabu karoorri maqaaf kan ta’u qofa osoo
hin taane sirriitti hojii irra ooluu akka qabu dha.

4.3. Karoorri walumaagalatti akka armaan gadiitti ibsamuu danda’a “Karoorri kaayyoo
yeroo dheeraa fi yeroo gabaabaa dhaabbaata tokkoo kan agarsiisu, maal yoom akka
hojjetamu, hangam akka hojjetamu, meeshaa dabalatee, kunis eessaa akka argamu
barreeffamaan kan qophaa’e to’annaa hojii ti.”

a. Gosa Karooraa

Gosti Karooraa hojiin fi caasaan kanneen biro irraa adda ta’uu danda’a, biyya keenya
keessatti karoorri beekamu bajeta waggaa tokkooti. Kun qaama karoora tokkoo yoo ta’e
iyyuu kanaafis ilaalcha ifaa ta’e qabatee caasaan ba’ufii qaba.

Akkaataa yerootiin yoo ilaalame karoora gosa sadiitu jira.

1. Karoora yeroo dheeraa


2. Karoora yeroo giddu galeessaa
3. Karoora yeroo gabaabaa
x Karoora yeroo dheeraa

Karoora akkasii keessa yaadonni tokko tokkoonni (callaa) osoo hin taa’an yaada
dimshaashaa qofa kan dhaabbatichi baasuudha.

15 Eliel “Be disciple and go to others to create the true disciple creators!”
Email: eliel0607generation@gmail.com Phone: +251-468-217-144/+251-926-545-440

Eli’eel-Dhaloota Kiristoosiif; Dhaabbata Leenjii M/Qulqulluu
Eliel-Generation For Christ Bible Training Institute

x Karoora yeroo giddu galeessaa

Karoorri akkasii waggaa tokkoo olii fi waggaa shanii gadii keessatti kan raawwatamu dha.
Karoorri yeroo dheeraas karoora yeroo giddu giddu galeessaatti hiramee yoo taa’e fiixaan
ba’iinsa kan argatu. Karoorri yeroo giddu galeessaa yeroo isaatti yoo hin raawwanne
karoora yeroo dheeraa fuulduratti dhiibba. Kanaaf karoorri yeroo dheeraa akka galma
gahuuf karoorn giddu galeessaa sirriitti baasuun barbaachisaa dha.

x Karoora yeroo Gabaabaa

Karoorri yeroo gabaabaa daangaa waggaa tokkoo ykn isaa gadii kan qabu dha. Guyyaa
guyyaan kan hojjetamu yoo ta’u torbanitti qindaayee raawwatama. Akkasumas karoorri
torbanii qindaayuun kan ji’aa ta’a. Karoorri waggaa ji’aan, kan ji’aan ammoo torba mitti,
kan torbaniif guyyaatti jijjiirame hojjetama.

4.4. Rakkoo Hojii Karoora malee raawwatama

Karoora gaarii Karoorsinee hojii yoo hojjenu firii gaarii akkuma argannu, karoora malee
hojjechuunis rakkoo mataa isaa qaba. Maaliif akka dhaabbatin tokko tokko karoora gaarii
hin qopheeffanneef.

a. Yaadni isaan karooraaf qaban gad aanaa ta’uu


b. Hojii harka irraa qabaniin muddamuu
c. Ogummaa fi Muuxannoo hir’ina
d. Odeeffannoo dhabuu
e. Qajeelfamni olii kennamu dhabamuu

4.5. Naamusa Karoora Qopheessuu

x Akkaataa karoora qophaa’etti haala itti fufiinsa qabuun raawwachuuf qaamni dhimmi
isaa ilaalu hundi itti hirmaachuu qaba.
x Pooliisiin kun ammoo haala itti karoorri qophaa’e kun itti hojii irra oolu kan to’atu dha
16 Eliel “Be disciple and go to others to create the true disciple creators!”
Email: eliel0607generation@gmail.com Phone: +251-468-217-144/+251-926-545-440

Eli’eel-Dhaloota Kiristoosiif; Dhaabbata Leenjii M/Qulqulluu
Eliel-Generation For Christ Bible Training Institute

x Tokkoo tokkoon dhaabbataa /waldaa Kiristaanaa/ qophii korooraaf fiixaan ba’iinsa


akka argatuuf seeraa fi caasaa qabaachuu qabu, kunis barreeffamaan taa’uu qaba.
x Karoorri walii galaa fi yeroo dheeraa hoji geggeessaa dhaabbatichaan qophaa’a.

4.6 Adeemsa Qophii Karooraa

Karoorri Hojiiwwaa gurguddoo shan qaba. Isaanis kanneen itti aanan

x Kaayyoo fi adeemsota daangeessuuf


x Qorannoo waa’ee gara fuul duraa raaguuf
x Karooraa hojii qopheessuuf
x Bajeta qopheessuuf
x Qajeelfama qopheessuuf

a. Kaayyolee fi Adeemsota daangessuuf

Kaayyoleen akkuma argamaniin taa’u osoo hin taane, sadarkaa sadarkaan adda bahanii
taa’uu qabu. Sadarkaan kaayyoo sadiitu jiru. Jalqaba irratti eenyummaa dhaabbatichaa kan
ibsu kaayyoo bu’uuraa ti. Inni lammaffaa kaayyoo karoora yeroo dheeraa fi gababaa kan
ibsan dha. Inni sadaffaan ammoo kaayyoo hojii ti.

Dhaabbatni tokko maal akka raawwachuuf, ykn dhaabbate kayyoo ijoo ibsu qabaachuu
qaba. Yeroo karoorsuutti kaayyolee ilaalcha keessa galuu qaban:

x Ifaa fi namoonni hundinuu kan hubachuu danda’an


x Kan madaalamuu danda’an
x Daangaa yeroon kan taa’e
x Qabatamaa fi hojii tti jijjiiramuu kan danda’u
x Kan wal xaxaa hin taane
x Yoo barbaachisaa ta’e, jijjiiramuu kan danda’u
x

17 Eliel “Be disciple and go to others to create the true disciple creators!”
Email: eliel0607generation@gmail.com Phone: +251-468-217-144/+251-926-545-440

Eli’eel-Dhaloota Kiristoosiif; Dhaabbata Leenjii M/Qulqulluu
Eliel-Generation For Christ Bible Training Institute

b. Qo’annoo raaga gara fuulduraa

Karoorri kan qophaa’u tilmaamaan osoo hin taane, hanga dandaa’ametti odeeffannoo
guutuu ta’e irratti kan bu’uureffame dha. Kana yoo ta’uu baate garuu humnaa ol ykn humna
gaditti karoorsuutu dhufa.

c. Koroora Hojii

x Kaayyolee fi adeemsonni erga daangeffamanii booda tajaajilaaf akka ta’uuf, humni


namaafi wantoonni biroon qophaa’u
x Sadarkaa kanatti maal yoom akka hojjetamu, akkasumas maal akka barbaachisu
karoora guutuun dhi’aata.
x Tokkoo tokkoon kutaa hojii fixaan ba’iinsa hojii isaa kan murteessu, waliigala kaayyoo
fig alma isaan gahuun gahee jiruun
x Karoorri akkanaa yemmuu qophaa’u, kan waggaatti raawwatamu qofa osoo hin taane,
ji’a ji’aan kan raawwataman hiree agarsiisuu qaba.

d. Qophii Bajetaa

x Hojiin dhaabbata tokkoo kamillee qarshii malee raawwatamuu hin danda’u. Karoora
qophaa’e hundaaf qarshii barbaachisa.
x Humna namaa fi meeshaa barbaachisan hundaa ilaalcha keessa galchuun, karoora bahe
ilaaluun qarshii hagamtu barbaachisa? Akkamitti argama? Kan jedhus kaa’uu
barbaachisa.
x Sababni isaa karoorri bahu qabeenya dhaabbitichaa olitti ykn gadiittis akka hin taaneef.
x Kun immoo fiixaan ba’iinsa kan argatu kan darbe irraa muuxannoo argachuun isa dhufu
ammoo tilmaama keessa galchuun yoo danda’mue dha.

e. Qajeelfama Qophii Hojii

x Qajeelfamootni fi raawwiin hojii karoora dhaabbataa jedhamu


x Kana jedhamuu wanti dandaa’aniif karoora kami keessattiyyuu waan barbaachisaaniif
18 Eliel “Be disciple and go to others to create the true disciple creators!”
Email: eliel0607generation@gmail.com Phone: +251-468-217-144/+251-926-545-440

Eli’eel-Dhaloota Kiristoosiif; Dhaabbata Leenjii M/Qulqulluu
Eliel-Generation For Christ Bible Training Institute

x Qajeelfamni hojii qindaayee yoo argame kutaan hojii hundinuu haala gaarii ta’een hojii
isaanii raawwatu.

Boqonnaa Shan

Bulchiinsaa fi caasaa waldaa Kiristaanaa

5.1. Barbaachisummaa caasaa

Hojiin dhaabbata tokkoo gosa baay’ee fi baay’inas waan qabaniis nama tokko irratti
dhiisuun hin dandaa’amu. Akkuma akaakuu isaanitti ogeessaa mataa isaa danda’e
barbaada. Kanaaf gahee hojii baasuun barbaachisaa dha. Yoo caasaa qabatee hin deemne,
hojiin dadhabaa ta’ee hafa. Namnis gahee isaa yoo hin beekne.

 Anaan nah in ilaallatu jedha


 Rakkoo uumameef itti gaafatamaan ana miti jedha
 Walii galteenis in bada
x Naannoo waldaa kiristaanaatti yeroo baay’ee caasaan sirrii ta’e hin mul’atu .
x Yeroo tokko hojjetonni gaheen hojii isaanii maal akka ta’e yemmuu siriitti hin beekne in
jiraata
x Itti gaafatamaan dhihoon eenyu akka ta’e yeroo itti hojjetoonni dhaban illee in jira

5.2. Caasaan maal?

* Dhaabbatni tokko (waldaan Kiristaanaa) haala quubsaa ta’een fiixaan ba’iinsa kan argatu
kanneen armaan gadii yoo guutani dha.

o Karoora baasuu
o Qindeessuu
o Geggeessuu
o To’annoo gochuun yoo jiraate dha

19 Eliel “Be disciple and go to others to create the true disciple creators!”
Email: eliel0607generation@gmail.com Phone: +251-468-217-144/+251-926-545-440

Eli’eel-Dhaloota Kiristoosiif; Dhaabbata Leenjii M/Qulqulluu
Eliel-Generation For Christ Bible Training Institute

* Dhaabbata tokkoof karoora baasuun akkasumas yoom akka raawwatamu tilmaamuun


hojii bu’uuraa ta’u ille qofaa isaa hojii hin ta’u.

* Karooorri tokko fiixaan ba’iinsa akka argatuuf kan gargaran ogeesseta bobaa’ani dha.

* Ramaddiin hojjetootaas akka feeteen osoo hin taane, tokkoo tokkoo hojiif dandeettii
nama qabu ramaduun

1. Qindeessuun hojii dhaabbata tokkoo gosa gosaan hiruun, hojjetaa mataa isaa
ramaduufii dha.
2. Qindeessuun waldaan kiristaanaa /dhaabbatin tokko/ gahee isaan bahuu qaban
kutaan hiruun, aboos kennuu dha .
3. Hojiin dhaabbata tokkoo haala qindaayina qabuun kan raawwatu hundinuu yoo
gahee isaa beeke dha.

5.3. Kaayyoo caasaa /Qindeessuu

* Geggeessaa fi to’annoo hojii fi walitti dhufeenya cimaa ta’e uumuuf

* Tokkoo tokkoon hojjetaa itti gaafatamummaa isaa akka beekuuf

* Aboo haala gahaa ta’een hiruun murtoon haala ariifachiisaa ta’een akka raawwatuuf

Qophii Qindaayinaa /caasaa

 Caasaa /qindoomina/ dhaabbata tokkoo yoo jennu, fakkiinii fi barreeffamaan kan


ta’e dha.

5.4. Adeemsa caasaa

 Caasaan yeroo qophaa’utti akkasumas adeemsi hojii to’annoo yemmuu ta’utti


adeemsotni hordofuu qabnu baay’etu jiru. Isaan keessaa armaan gadiitti kan
caqafaman

20 Eliel “Be disciple and go to others to create the true disciple creators!”
Email: eliel0607generation@gmail.com Phone: +251-468-217-144/+251-926-545-440

Eli’eel-Dhaloota Kiristoosiif; Dhaabbata Leenjii M/Qulqulluu
Eliel-Generation For Christ Bible Training Institute

a. caasaa mirkaneessuu (coordination)

 Hirmani hojii mirkanaa’a caasaa malee dandeetti geggeessummaa argamsiisuu hin


danda’u.
 Sadarkaa sadarkaan geggeesitoonni jiran kan olaanee jiru itti gaafatamaa hojii
waliin ta’uun walitti dhufeenya cimaa uumu.
 Kophiin koroora dhaabbatichaa, qoodama hojii, geggeessaa hojii haala qindaayina
kanaan raawwata jechuudha .

b. Sadarkaa walitti dhufeenyaa eeguu (chain of command)

 Kun olitti kan caqasame waliin kan deemu dha. Dursa akkuma ibsame toorri aboo
itti gaafatamaa olaanaa irraa hanga gadii tti kan bu’u dha. Walitti dhufeenyas kan
qaban dha.

c. Namni tokko itti gaafatamaa tokkoof (unity of command)

 Kun kan ‘b’ irratti caqasame waliin kan deemu dha


 Caasaan hojii tokko yemmuu qophaa’utti itti gaafatamaa tokko biratti akka
raawwatamutti qophaa’a.
 Namni tokko itti gaafatamaa tokkoof jechuun wali gargaaruun hin jiru jechuu miti
 Walgargaruun sirritti jiraata

d. Adeemsa to’annoo (span of control)

 Namni tokko dura bu’aa bakka ta’ee hojjetutti lakkofsi namootaa inni to’achuu qaba
daangaa qabaachuu qaba.
 Lakkoofsa kana kan murteessu haalota yerootti jirani dha
 Hojii tokko keessatti haalli jiru rakkisaafi walxaxa bakka hin taane ti lakkoofsa
namootaa dura bu’aan tokko geggeessuu qabu hanga 15 fi isaa olii ta’uu danda’a.

21 Eliel “Be disciple and go to others to create the true disciple creators!”
Email: eliel0607generation@gmail.com Phone: +251-468-217-144/+251-926-545-440

Eli’eel-Dhaloota Kiristoosiif; Dhaabbata Leenjii M/Qulqulluu
Eliel-Generation For Christ Bible Training Institute

VI. Bulchiinsa waldaa kiristaanaa fi Adeemsa Hojii

Hoogganaan dandeettii qabu hojjetoota isaatiif hojii hiruun gahee isaanii beeksisuun
jalqaba. Caasaa keessatti eenyu maal akka hojjechuu qabu sirriitti beeksisa. Caasaan guutuu
ta’e tokko hojjetootaaf (tajaajiltootaaf) waan barbaachise tokko murteessuuf salphaa dha.
Kanaafuu gahee hojii fi tarree hojii ifatti hojjetootatti beeksisuun baay’ee barbaachisa.

1. Ibsi Hojii Maal?

 Dhaabbilee garaa garaa keessatti akka bal’ina hojiisaatti gosa garaa garaa haata’an
malee hojii adda addaata ogeessota garaa garaatiin raawwatama
 Tokkoo tokkoo qabiyyee hojii toora galchanii kaan irraa ifatti baasanii ibsuun ibsa
hojii jedhama
 Ibsa hojii irratti hundaa’ee madaallii hojiif akka hojiirra ooluuf, qabiyyeen hojii
maal qabachuu akka qabu adda adda yoo ta’an illee qabxiilee armaan gadii qabata.
 Gita hojichaa
 Hojichi kutaa itti argamu
 Kutaa sanaaf itti gaafatamaa
 Hojii guddaa gita hojichaa
 Ibsa hojii gitasanaa
 Haala hojichi itti raawwatamu
 Naannoon hojichaa rakkoo inni fiduu danda’u
 Dandeettii barnootaa hojichi gaafatu

Dhaabbatin kamillee akka gosa hojiisaatti ibsa hojiichaa irraa odeeffannoo barbaadu
murteessee haala kanaan ibsa hojii akka qopheessu taasisa.

22 Eliel “Be disciple and go to others to create the true disciple creators!”
Email: eliel0607generation@gmail.com Phone: +251-468-217-144/+251-926-545-440

Eli’eel-Dhaloota Kiristoosiif; Dhaabbata Leenjii M/Qulqulluu
Eliel-Generation For Christ Bible Training Institute

2. Ibsi hojii wantoota Afur ibsuu qaba

Akka ibsaa Roobertitti ibsi hojii kanneen armaan gadii of keessatti qabata

1. Itti gaafatamummaa tokkoo tokkoo hojjetaa


2. Aboo hojjetoota hundaa
3. Tokkoo tokkoon hojjetaa itti gaafatamin isaa kutaa kam akka ta’e
4. Itti gaafatamaan inni gadii isa kam akka ta’e

3. Ibsa Hojii Akka Macaafa Qulqulluutti

 Waaqayyo Museef ibsa hojii kenneeraaf Bau 3: 1-10


 Waaqayyo Yooseefif ibsa hojii kenneeraaf Uum 37: 5-10
 Waaqayyo Abiraahaamiif ibsa hojii kenneeraaf Uum 12: 1-3
 Waaqayyo Bartoota Yesuusiif ibsa hojii kenneenaaf Mat 28:19-20
 Waaqayyo ergamaa Phaawuloosiif ibsa hojii kenneeraaf Hoe 26: 16-19.

4. Ibsa Hojiitiif wantoota bu’uuraa sadiitu barbaachisa

1. Itti gaafatamummaa : hojii ilaalcha keessa galuu qabu

2. Aboo: Itti gaafatammummaa itti kenname mirga ittiin fayyadamu

3. Abbummaa: hojii itti kennameef akka gaafatamu

Boqonnaa Jaha

Bulchiinsa waldaa kiristaanaa fi bakka Bu’iinsa hojii

 Hojii geggeesitoonni dhaabbata tokkoo dhaabbatichi firii qabeessa akka ta’u gochuu
dha
 Dhaabbatni isaanii bu’a qabeessa akka ta’u kan fedhan geggeesitoonni carraaqiin
hojii isaanii hojjetu .

23 Eliel “Be disciple and go to others to create the true disciple creators!”
Email: eliel0607generation@gmail.com Phone: +251-468-217-144/+251-926-545-440

Eli’eel-Dhaloota Kiristoosiif; Dhaabbata Leenjii M/Qulqulluu
Eliel-Generation For Christ Bible Training Institute

 Hojii geggeesitonni cimoo jedhaman hojii hiruun, tokkoo tokkoon hojjetaa itti
gaafatamummaa akka hirmaatu godhu .
 Hojii hiruu egaan meeshaa guddaa dha

6.1. Hojii Bakka buusuun Maali?

 Caasaa diriirsuun bu’uurri isaa hojii bakka buusuu dha.


 Akkaataa sadarkaa caasaatti gahee hojii beeksisuu dha.
 Aboo nama tokko harkatti, kutaa tokko keessatti walitti qabuu dhiisuun namootaaf
hiruu dha. Hojii hiruun ykn bakka buusuun hojii geggeesitooni qofti raawwachuu
waan qaban ofii isaaniitiif hambifatanii warra kaanif hiruuf hojii haala ariitii qabuun
raawwachuuf gargaara .

6.2. Dadhabini Hojii bakka buusuu maal irraa madda?

Hojii hiruun kaayyoo dhaabbata tokkoo fiixaan baasuuf qofa osoo hin taane, tokkoo tokkoo
geggeessaa hojiitiif faayidaa inni qabu olaanaa dha. Hojii hiruu irratti rakkooleen jiran hojii
geggeessa tokko tokko biratti haala ittiin mul’atan haala garaa garaan kanneen beekamoon
armaan gaditti.

x Hojiicha akka fedha kootti kan raawwatu hin jiru jechuun


x Ana irra kan caalu yoo hojjete ana gad aanaa taasisa jechuu
x Hojii hiruuf dandeettii dhabuu
x Hojii kam ofii akka hambifatuu fi kam akka hiruu qabu wal’laaluu
x Yoo rakkoon uumame kan itti gaafatamu ana jechuu
x Hojetaa gaarii fi cimaan yoo argame bakka koo na dhabisiisuu danda’a jechuu
x Of qofa beekaa godhee kaa’uu
x Hojjetoota leenjisuuf dandeettii dhabuu

24 Eliel “Be disciple and go to others to create the true disciple creators!”
Email: eliel0607generation@gmail.com Phone: +251-468-217-144/+251-926-545-440

Eli’eel-Dhaloota Kiristoosiif; Dhaabbata Leenjii M/Qulqulluu
Eliel-Generation For Christ Bible Training Institute

6.3. Mala Hojii Hiruu

Haala qabatamaa kamiyyuu keessatti hojii hiruu barbaachisaa yoo ta’u, kanneen armaan
gadittii hojii hiruuf mala gaarii dha.

a. Barbaachisummaa ilaalchaa garii hubachuun


x Aboo fi hojii haala gaarii ta’een hiruu hoji geggeesitoota hojjetoota ciccimoo taasisa,
bu’aa dhaabbatichaas in guddisa. Hojjetoonni hojii isaanii haala gaariin hin hojjetan,
itti gaafatamummaa isaanii hin ba’an, dhaabbaticha kufisuu danda’u yaadni jedhuu
fi sodaan jiru hafuu qaba.
x Itti gaafatamummaa fudhachuu kan danda’an hojjetoota baay’eetu jiru
x Akkasumas yeroo itti gaafatummaan itti kennamutti fedhii hojiif qaban dabalaa kan
deeman, amanamummaan isaanis cimaa kan deemu hojjetoota baay’etu jiru
x Namoonni hojii gaarii hojjechaa kan deeman dogongora isaanii irraa barachaa dha.
Rakkootu uumama jechuun hojii hiruu dhiisuun hojjetoota ciccimoo hojii irraa
ittisuu ta’a.

b. Hojii isa kamiin hiruu akka qaban adda baasuu

x Hoji geggeessaa qofaan hojiin raawwatamu jiru. Hojiin kaan ammoo hojjetoota
deggersaaf hiramu. Hooggantoonni sirriitti hojii hiruu kan danda’an kanneen
lamaan yoo adda baasanii beekan dha.

c. Hojii isa kamiin eenyuuf akka kennu adda baasuu

x Ogummaa addaa hojii gaafatanii ogeessa addaa ramaduu


x Eeggatonni yoo jiraatan, muuxannoo akka horatan gochuu


25 Eliel “Be disciple and go to others to create the true disciple creators!”
Email: eliel0607generation@gmail.com Phone: +251-468-217-144/+251-926-545-440

Eli’eel-Dhaloota Kiristoosiif; Dhaabbata Leenjii M/Qulqulluu
Eliel-Generation For Christ Bible Training Institute

d. Ibsa guutuu ta’e kennuu


x Jalqaba irratti hojiin kan hiramu akkuma tasaa qophii tokko malee miti. Ariitiins
miti
x Hojiitti tokkotti namni ramadamu kaayyoo hojii sanaa beekuu qaba. Akkamitti akka
raawwatamuu fi yoom akka raawwatamus yaada keessa galchuu qaba.

e. Aboo barbaachisaa ta’e gahee hojii waliin kennuufii

x Hojii nama tokkoof yeroo laannuutti dogongorri uumamu tokko aboo kennuu fii
dhiisuu dha
x Aboo namni kennameef tokko aboo isaatti fayyadamuu yoo hin dandeenye itti
gaafatamummaa isaa hinba’u.

f. To’achuu fi itti gaafatamummaa qindeessuu

x Hojiin kamillee hoggantootaa alatti ta’uu hin qabu


x Hojii tokko yoo nama tokkotti laannu haalaa fi karaa ittiin to’annu jirachuu qaba
x Kun yoo hin jiraanne mala ittiin to’annu qabaachuu qabna
x Hojichi dhaabbataa yoo ta’e ammoo dhaabbatichi mala ittiin to’atu dhaabbataa
diriirsuutu irraa eegama .

Boqonnaa Torba

Bulchiinsa waldaa kiristaanaa fi itti fayyadama yeroo

(Time Management)

x Gaheen hojii fi itti fayyadamni yeroo kan waliin deeman dha. Hiramni hojii gaariinis
itti fayyadama yeroo gaarii ta’e argamsiisa
x Waldaan Kiristaanaas karoora baafate fiixaan baasuuf yerootti sirriitti fayyadamuu
qabdi. Kana ta’uu baannaan kaayyoon ishee fiixaan ba’insa hin argatu

26 Eliel “Be disciple and go to others to create the true disciple creators!”
Email: eliel0607generation@gmail.com Phone: +251-468-217-144/+251-926-545-440

Eli’eel-Dhaloota Kiristoosiif; Dhaabbata Leenjii M/Qulqulluu
Eliel-Generation For Christ Bible Training Institute

x Yeroo baay’ee waan barbaachisu ta’ee osoo jiruu hoj-geggeesitoonni hedduun


akkasumaan balleessu. Yeroo akka gubnu kan godhan humna keenyaa ol kan ta’an
osooma jiranii, nuti garuu dadhabina mataa keenyaa irraa kan ka’e yeroo in gubna.
Warri hojii geggeessan ammoo yeroo gubuun ofii isaanii qofa osooo hin taane waan
baay’ee miidhu. Namoota keessaas ta’e alaa yeroo isaa gubu. Kana ammoo haala
mishaa ta’een fooyyessuun in dandaa’ama.
x Yerootti sirriitti fayyadamuuf kanneen yeroo guban beekuu nu barbaachisa. Kana
ammoo gochuu kan dandeenyu yeroo keenya maal maal irratti akka dabarsinu
guyyaa guyyaan, akkasumas kan torban tokkoo fi turban lamaa galmeessuun kan
galmaa’e irra deebinee ilaaluun.
x Yeroo hojii keenyaa maal irratti akka dabarsine odeeffannoo nuti galmeesine
baay’ee nu barsiisa. Yeroo keenya kan nu duraa guban yoo adda baasinee beekne,
ejjennoo fudhachuuf nu gargaara.
x Akka dhaabbatichaatti fi haala hojichaatti wantoonni yeroo guban baay’een yoo
jiraatan illee hoogganaa tokko biratti wanti yeroo fudhatu hunda biratti tokkoo
miti. Fakkeenyaaf:
x Walgahii baay’achuu fi haala sirrii hin taaneen geggeessuun yeroo namoota baay’ee
gubuu ta’a.
x Yaadoleen walgahii baa’isan akkamitti daangessuu akka qabnu ykn raawwachuu
akka qaban ifa gochuu, qajeelfamoota, heera fi adeemsonni hojii jiraachuu dhabuu
dha. Kanaafuu of eeggannoo gochuu barbaachisa.

b. Rakkoo karooraan hojjechuu dhiisuu

x Karooraan yoo hojjechuu baanne yeroodhaa yerootti wanta nuti hin yaadne nu
quunnama. Kamiin dursinee kamiin akka tursinu nudhiba. Haalli akkasii baay’ee
yeroo guba.
x Guyyaa guyyaan koroorsinee yoo hojjenne haaluma kanaan wantoota barbaachisa
hunda torbaniin raawwachuu dandeenya.

27 Eliel “Be disciple and go to others to create the true disciple creators!”
Email: eliel0607generation@gmail.com Phone: +251-468-217-144/+251-926-545-440

Eli’eel-Dhaloota Kiristoosiif; Dhaabbata Leenjii M/Qulqulluu
Eliel-Generation For Christ Bible Training Institute

x Garuu akka waan ibidda balleessuuf fii ggutti ariitiin waan tokko raawwachuun
yeroo gubuu dha

c. Bilbili baay’achuu

x Hooggantoota baay’ee kan yeroo jalaa fudhatu keessaa tokko bilbili baay’ee ta’u.
Bilibili hundi hoogganaan deebisuu hin qabu.
x Kanaafuu qajeelfamin sirriin jalqaba irratti yoo kenname hooggannaan tokko bilbila
hundaa deebisuuf hin dirqamu. Namni bilbila kaasuus deebii quubsaa kennuu
danda’a yoo jalqaba dhimma isaa odeeffannoon kennameef

d. Hojii kan addaan kutchiisiisan baay’achuu

Kunis kanneen olitti caqasamanii wajjin wal fakkaata. Hojii dhimma ijoo keenyaa
raawwachaa osoo jirruu akka carraa namni gidduutti dhufa, ykn bilbilli bilbilama ykn
rakkoon hin yaadamne bakka tokkotti uumama. Yeroo kana hojii isa dursaa namoonni
muraasni qabatanii kaan barreessitoonni akka raawwatan gochuun yerootti fayyadamuu
barbaachisa.

e. Dadhabina hirama hojii

 Gahee hojii haala gaarii ta’een ramaduu dhabuun yeroo gubuu dha. Namni bakka
malee ramadame yeroo baay’ee keessatti waan muraasa yemmuu raawwatu, kan
sirriitti remade garuu yeroo muraasa keessatti waan baay’ee raawwata.

f. Rakkoo walitti dhufeenyaa

 Ergaa yemmuu dabarsinu nama barbaannu bira yeroo barbaachisaatti gahee


yaada tokko yoo hin hubachiifne yeroo keenya guba.
 Sirriitti waan tokko osoo hin hubatin hojjetee kan fidee fi waan itti hin yaadaman
yoo hojjetame kun yeroo keenya guba.

28 Eliel “Be disciple and go to others to create the true disciple creators!”
Email: eliel0607generation@gmail.com Phone: +251-468-217-144/+251-926-545-440

Eli’eel-Dhaloota Kiristoosiif; Dhaabbata Leenjii M/Qulqulluu
Eliel-Generation For Christ Bible Training Institute

 Asirratti wanti hubachuu qabnu walitti dhufeenyi (Communication) waan


salphaa akka hin taane dha.

Boqonnaa Saddeet

Bulchiinsa waldaa Kiristaanaa fi qabiinsa Herregaa

8.1. Barbaachisummaa qabaa herregaa

Geggeesitoonni waldaa Kiristaanaa baay’een waa’ee herregaa irratti yeroo gubuun hin
barbaachisu jedha. Qabiinsi herregaa waldaa Kiristaanaatiif waan baay’ee fayyada.

o Sababin qarshii in ibsama. Qabiinsa qarshii galiin waldaa kiristaanaa haala seera
qabeessa ta’een akka to’atamuuf gargaara. Galii fi baasiin waldatti in beekama.
Karoora karoorfameefis akka oolutti mijeessa. Karaa biraatiin ammoo hojjetoonni
waldaa kiristaanaa qarshii karoora malee akka hin baafneefis fayyada.
o Ibsa yeroo fi ifaa ta’e kaa’a. Geggeesitoonni waldaa Kiristaanaa sochii qarshii jiruuf
itti gaafatamummaan irra jira. Adaraan to’annoo qabeenyaa waldaa Kiristaanaa
kun sababni geggeesitoota waldaatti kennameef, eessatti akka baasii ta’e akka
beekaniif.
o Bajeta qopheeffachuufis gargaara. Bajatin galii jiru irraa waan karoorafamu dha.
Qabiinsi herregaa ammoo qarshii jiru odeeffannoo gahaa kenna. Kun immoo isa
garafuuldaras kallattii agarsiisa
o Liqaa illee argachuuf kan qabdu beekuu qabdi waldaan Kiristaanaa yemmuu ijaarsa
garaa garaa yaaddu.

Waldaan Kiristaanaa rakkoon ishee biro ammoo qarshii gale haala sirrii ta’een qabuu
dhabuu dha. Waa’ee qabiinsa herregaa hubannoo gahaa tahe dhabuu irraa kan ka’e
baay’een dogongora keessa seenaniiru. Kaan ammoo maqaan isaanii badeera.

29 Eliel “Be disciple and go to others to create the true disciple creators!”
Email: eliel0607generation@gmail.com Phone: +251-468-217-144/+251-926-545-440

Eli’eel-Dhaloota Kiristoosiif; Dhaabbata Leenjii M/Qulqulluu
Eliel-Generation For Christ Bible Training Institute

Haala amansiisaa hin taanaaneen qarshii waldaa kiristaanaa kan hin qabnee kisiin adda
addaa illee itti banamee jira. Kanneen akkas ta’an haala seera qabeessa ta’een qarshii kan
hin hooggannedha. Kaan immoo akka malee baasii gochuun kan kasaaran.

Tajaajila Waaqayyo kenneen namni balleesses balleessuu baatus hojii badaa akkasiin
tajaajilaan tokko ceepha’a muun kan nama gaddisiisu dha. Tajaajiltoota waaqayyoo
dogongorsuuf seexanni kan fayyadamu tokko kana.

Phaawuloos bala kana waan hubateef ejjennoo 2Qor 8: 20-21 irratti yemmuu ibsu” Qabaa
horii baay’ee gargaarsaaf walitti qabame kanaa irratti namni tokko illee maqaa gadhee
akkanuuf hin kenninetti ool chuudhaaf in dhaamaana.”

Phaaawulos fuulnamoota hundaa duratti amanammaa agarsiisuuf waan hundaa of


eeggannoon gochuu yaala. Hojjechuu kan qabu namootaa wajjin. Waaqayyo hundaa beeka.
Amanamoo fi ta’uu dhiisuu keenya isatu beeka. Namootaaf garuu waan hundaa ifa
gochuufii qabna. “Waaqayyo beeka” jechuun dubbachuu qofti hin gahu. Namoonni kan
beekuu qabaa beeksiisuun barbaachisaa dha.

Phaawulos qabiinsa herregaa rakkoo isaa sirriitti hubachuun qarshii buusii


irraa sassaabame sirriitti hojii irra oolchuuf dubbii isaa keessatti yeroo
fudhatee barsiisa gaarii kenna. Rakkoon amantoota Yerusaalemiin turaniif
qarshii walitti qabame caqasuun namoonni isaa wajjin turan wabii akka
ta’aniif dubbata.

8.2. Qabiinsa Herregaa

a. Qabiinsi Herreegaa maal?

Tokkoo tokkoon dhaabbataa murtoo gaarii ta’e murteesuuf qarshii qabu mirkanneeffachuu
qaba. Seera qabeessan qarshiin galmaa’ee ta’e yeroo kanatti nama gargaara. Qarshiin kan

30 Eliel “Be disciple and go to others to create the true disciple creators!”
Email: eliel0607generation@gmail.com Phone: +251-468-217-144/+251-926-545-440

Eli’eel-Dhaloota Kiristoosiif; Dhaabbata Leenjii M/Qulqulluu
Eliel-Generation For Christ Bible Training Institute

wal qabate karoorsuun, galmeessuun, ibsuunii fi kallattii qabsiisuun qabiinsa herregaa


jedhama.

b. Ilaalcha Qabiinsa Herregaafi bu’uura ta’anii fi Qajeelfama

Qabiinsi herregaa qajeelfama bu’uura ta’aniin geggeffama. Armaan gaditti kanneen


tarreeffamanii fi qabiinsa herregaa ogeessota biratti fudhatama argateera.

Ilaalcha 1. Qabiinsa herregaa yeroo faana

Jijjiiramni faayinaansii fi gabaasaa yeroo muraasa keessatti ibsa herregaaf oolu. Qabiinsi
Herregaa marti walitti qabamanii itti gaafatamaa dhaabbatichaaf dhi’aata. Gabaasin ykn
ibsi kan dhiyyaatu yeroo muraasaaf. Yeroon kunis ji’a ji’aan, ji’a sadiitti yeroo tokko, ji’a
jahetti yeroo tokko in danda’a.

Ilaalcha 2: Ifaa fi quubsaa

Ibsoonni herregaa kanneen barbaachisoo ta’an ifa gochuun kan dubbisuun ejjennoo
dhaabbatichaa haala ibsuun taa’uu qabu. Namoonni baay’een qabeenya dhaabbata tokko
hubachuu barbaadu. Keessattuu qarshiin kan wal qabate ejjennoo isaa. Namoonni kunniin
hooggantoota, Baankii adda addaa fi hojii garaa garaa kan hojjetan ta’uu danda’u.
Odeeffannoon faayinaansii marti ifa tahee dhihaachuu qaba.

Ilaalcha 3: Dhaabbata ofii isaa danda’e

Dhaabbatin tokko odeeffannoo herregaa kan galmeefatu kan biro irraa haala adda ta’uu
qaba. Waldaan tokko adeemsa mataa isaa qabaachuu danda’a. Kanaaf waldaan Kiristaanaa
tokko dhaabbata kan biraa qabaachuu danda’a. Fakkeenyaaf mana jireenyaa fi konkolaataa
qabaachuu dhanda’a. Kanaaf akkaataa galii isaati odeeffannoo isaa qabachuu qaba.
Odeeffannoon dhaabbata tokkoo kan biro waliin wal makuu hin qabu. Galii ittiin baankii
galu inni tokko kan biro irraa haala adda ta’een Dabtara mataa isaan galuu qaba.

31 Eliel “Be disciple and go to others to create the true disciple creators!”
Email: eliel0607generation@gmail.com Phone: +251-468-217-144/+251-926-545-440

Eli’eel-Dhaloota Kiristoosiif; Dhaabbata Leenjii M/Qulqulluu
Eliel-Generation For Christ Bible Training Institute

Ilaalcha 4: Haala Itti fufiinsa qabuun dhi’eessuu

Waggaa waggaan ibsi herregaa yemmuu qophaa’u dursa kan itti hojjetamaa ture
qajeelfama jiru bu’uurefatee kan ka’e ta’uu qaba. Hoggantoonnii fi faayinaansiin akka
madda odeeffannootti itti fayyadamu.

Ilaalchaa 5: Galii fi Baasii yaada keessa galchuu

Kurnan, buusii fi galiiwwan biro irraa kan argaman baasii wajjin qabiinsa herregaa irratti
barreeffama. Fakkeenyaaf, waggaa kana keessatti galiin argame Qarshii 200,000 ta’ee
baasiin ammoo Qarshii 160,000 dha.

Ilaalcha 6: Galmee Amanamaa ta’e

Sochii amansiisaa ta’e gochuuf galmeen kun baay’ee barbaachisaa dha. Kana gochuuf
wantoonni hundinuu yeroo isaanii eeganii yoo galmeeffamanii dha. Dhugaas ta’uu qabu.
Fakkeenyaaf kaffaltiif cheekii barreessuu. Qarshiin galii waan ittiin ta’es in galmeeffama.
Qarshii wanti ittiin sassaa banis in qophaa’a.

Ilaalcha 7: Galiin yoom akka galiitti lakkaa’ama

Yeroo sochiitti galiin akka galiitti kan lakkaa’amu yeroo sassabamee kaasetti. Yeroo tokko
tokko garuu ijaarsa gamoof, raabsa wangeelaaf ykn tajaajila kan biraaf yeroomasanatti
galiin hin guuramu. Gara fuul duraatti kannuufis waadaa seenu. Inni akkas kunis galii ta’ee
qabamuu qaba.

Ilaalcha 8: Madaallii seera qabeessa

Sochiin herregaa kamiyyuu seera qabeessaan galmaa’uu qaba. Kunis qarshiin ta’a. Galmeen
qabaa herregaa kun ibsoota kennuuf fayyada. Ibsi herregaa tokko walakkaan birriin kaan
ammoo Doolariin yoo ta’e odeeffannoon isaa ifaa hin ta’u. Akkataa seera herrega

32 Eliel “Be disciple and go to others to create the true disciple creators!”
Email: eliel0607generation@gmail.com Phone: +251-468-217-144/+251-926-545-440

Eli’eel-Dhaloota Kiristoosiif; Dhaabbata Leenjii M/Qulqulluu
Eliel-Generation For Christ Bible Training Institute

Itoophiyaatti almeen herregaa kan qabamu qarshiin, Haala kanaan barreeffama qubee fi
lakkoofsaan taa’a

8.3. Jalqabiinsa qabaa Herregaa seera qabeessa ta’ee

Qabiinsa hojii herregaa hojiitti jijjiruuf galmeen ibsan dhaabbata tokkoof barbaachisaa dha.
Galmeen herregaa tokko harkaan ykn kompiitaraan ta’uu danda’a. Yeroo kamitti iyyuu
haala kami keessatti qabiinsi herregaa barbaachisaa dha.

8.4. Madaallii qabiinsa herregaa

Dhaabbatin kamiyyuu gatii kan baasu qabeenya jedhamee lakkaa’ama. Qabeenya isaa
irratti aboo inni qabu firaakshinii jedhama.

Madaalliin tokko dhaabbata tokkoof qabeenya firaakishinii waliin kan wal qabatu dha.
Kunis haala armaan gadiin ibsama.

Qabeenya: liqii + kaapitaala

12289.11 = 0 + 12,689.11

Qabeenya

Piitii kaash …………………………… 2425.75

Mana Baankii kan jiru ………….. 9253.36

Liqii sassaabamu ………………….. 1010.00

Qabeenya Walii galaa ………….. 12,689.11

Ibsa qabeenyaa fi liqii

1. Qabeenya: Ibsi qabeenyaa karaa bitaa ta’a


2. Liqii : Ibsi liqii karaa mirgaa ta’a

33 Eliel “Be disciple and go to others to create the true disciple creators!”
Email: eliel0607generation@gmail.com Phone: +251-468-217-144/+251-926-545-440

Eli’eel-Dhaloota Kiristoosiif; Dhaabbata Leenjii M/Qulqulluu
Eliel-Generation For Christ Bible Training Institute

3. Kaapitaala: Karaa mirgaa ta’ee liqii gaditti ta’a

Odeeffannoon dhaabbata tokko yemmuu barreeffamu duraa fi duuba guyyaa eegeeti. Kunis
akkaataa gochaa isaanitti ta’a jechuu dha.

Xumura (Conclusion)
Bulchiinsi Waldaa Kiristaanaa fi qabiinsi herregaa seera qabeessa ta’e yeroo ammaa
baay’ee barbaachisaa dha. Kunis waldaa Kiristaanaa kan geggeessan haala ariitii qabuun
hojii isaanii akka raawwataniif kan gargaaruu dha. Akkasumas to’annoof haala mijataa
uuma. Yeroo tokko tokko hafuurri Waaqayyoo waan nu wajjin jiruuf geggeessaa kan biroo
nu hin barbaachisu kan jedhan jiru. Garuu caasaan Waldaa Kiristaanaafis taanaan baay’ee
barbaachisaa dha. Kunis hojii hafuura qulqulluun kan walitti bu’u miti. Kanaafuu waldaan
Kiristaanaa mala bulchiinsaa gaarii ta’een yoo hojii isee geggeeffatte manni Waaqayyoo
dhugaa fi walitti dhufeenya gaariin kan guutame taati.

34 Eliel “Be disciple and go to others to create the true disciple creators!”
Email: eliel0607generation@gmail.com Phone: +251-468-217-144/+251-926-545-440

You might also like