You are on page 1of 41

Eli’eel-Dhaloota Kiristoosiif; Dhaabbata Leenjii M/Qulqulluu

Eliel-Generation For Christ Bible Training Institute

Furtuu Kakuu Haaraa


(New Testament Survey)

“…Jaalalaan dubbii dhugaa dubbachaa, koottaa karaa hundumaan gara


mataa isa nuuf ta’e gara Kiristoositti in guddannaa!” Efe. 4:15.

1 Eliel “Be disciple and go to others to create the true disciple creators!”
Email: eliel0607generation@gmail.com Mobil: +251-926-545-440
P. O. Box 2209 Hawassa, Ethiopia.
Eli’eel-Dhaloota Kiristoosiif; Dhaabbata Leenjii M/Qulqulluu
Eliel-Generation For Christ Bible Training Institute

Baafata (Table of Contents)


1) Kutaa Tokko: Hirama Macaafota Kakuu Haaraa ……………………………..…………….....……………………. 4
2) Barreessitoota ……………………………………………………………………………………………………………………….. 5
3) Qabiyyee barreeffama isaaniin (amala) …………………………………………………………………………………. 7
4) Wabiilee Qanoonaa ………………………………………………………………………………………………………………... 8
5) Walitti Bu’iinsa Yihuudootaa fi Warra Roomaa ……………………………………………………….................... 9
6) Ari’atamuu Amantotaa (Persicution of Christians) …………………………………………………................. 10
7) Gareewwan Amantii Yihuudotaa fi Sochiiwwan Isaanii ……………………………………………………….. 12
8) Jireenya Hawwaasuumaa fi Diinagdee yeroo kakuu Haaraa ………………………………………………… 14
9) Bakka Yesuus jiraatee fi Tajaajile ………………………………………………………………………………………… 15
10) Wongeeloota Wal-fakkaatoo (Synoptic Gospels) ………………………………………………………………… 16
Kutaa Lama
11) Wangeela Gooftaa keenya Yesuus Kiristoos qulqulluun Maatewoos akka ………..………………… 17
12) Wongeela Maarqoos ……………………………………………………………………………………................................ 19
13) Wongeela Luqaas …………………………………………………………………………………………………………………. 20
14) Wongeela Yohaannis ………………………………………………………………......................................................... 21
15) Hojii Ergamootaa Ergaa Phaawulos ……………………………………………………………………………………... 22
16) Gara warra Roomaatti …………………………………………………………………………………............................... 22
17) Ergaa gara warra Qoronxoos isa duraa fi Lammaffaa ……………………………………………………... 23-24
18) Ergaa Phaawuloos Gara Warra Efesoon ……………………………………………………………………………….. 25
19) Ergaa Phaawulos Gara Filiphisiiyus ……………………………………………………………………………………... 26
20) Ergaa Phaawuloos Gara Qolosaayis …………………………............................................................................ 27
21) Ergaa Phaawulos Gara Warra Tasaloniiqee isa duraa fi Lammaffaa ……………………………….. 28-29
22) Ergaa Phaawuloos Gara Ximotewos Isa Duraa fi Lammaffaa ………………………………………….. 30-31
23) Ergaa Phaawulos Gara Tiitoos …………………………………………………………………………………………….. 32
24) Ergaa Phaawuloos Gara Filemon …………………………………………………………………………………………. 33
25) Ergaa Gara Ibrootaa ……………………………………………………………………………………………………………. 33
26) Ergaa Yaaqoob …………………………………………………………………………………………................................... 34
27) Ergaa Pheexros isa Duraa fi Lammaffaa ………………………………………………………………………………. 35
28) Ergaa Yohaannis isa Duraa Ergaa, Lammaffaa fi Sadaffaa ……………………………………………….. 36-37
29) Ergaa Yihuudaa …………………………………………………………………………………………………………………… 37
30) Mul’ata Yohaannis ………………………………………………………………………………………………………………. 38

2 Eliel “Be disciple and go to others to create the true disciple creators!”
Email: eliel0607generation@gmail.com Mobil: +251-926-545-440
P. O. Box 2209 Hawassa, Ethiopia.
Eli’eel-Dhaloota Kiristoosiif; Dhaabbata Leenjii M/Qulqulluu
Eliel-Generation For Christ Bible Training Institute

Irra Deemaa Kakuu Haaraa (New Testament survey)


Seensa (Introduction)

Kakuu Haaraa Qo’achuun maaliif barbaachise?

a) Mul’ata Waaqa jiraataa waan ta’eef. Kunis karaa sadiin:


1. Karaa Gooftaa keenya Yesuus Kiristoosiin.
2. Gooftaan keenya Yihundota gidduutti gocha raawwateen.
3. Sagaleen Waaqayyoo humna nama jijjiiru qabaachuu isaa.
b) Sagaleen Waaqayyoo waan ta’eef, Kakuu Haaraan.
c) Kakuu Haaraan fedhii namootaa guutuuf kan danda’u, sagalee Waaqayyoo
waan ta’eef. Kunis
1. Namni cubbuu irraa walaba ta’uun dheebuu qulqullummaaf qabu guutaaf.
2. Namni jireenya biyya lafaa kana irratti waan barbaachisu guutaaf.
3. Waa’ee jireenya barabaraa ibsa gahaa qaba.

3 Eliel “Be disciple and go to others to create the true disciple creators!”
Email: eliel0607generation@gmail.com Mobil: +251-926-545-440
P. O. Box 2209 Hawassa, Ethiopia.
Eli’eel-Dhaloota Kiristoosiif; Dhaabbata Leenjii M/Qulqulluu
Eliel-Generation For Christ Bible Training Institute

Kutaa Tokko
Hirama Macaafoota Kakuu Haaraa
Macaafotni Kakuu Haaraa akkaataa qabiyyee isaaniin bakka sadiiti hiramu. Isaanis haala
barreeffamaa (amala), barreessitootaa fi yeroo itti barreeffameen.

1. Qabiyyee barreeffamaan (Amala) :- Shanan macaafota kakuu Haaraa Wangeelota


Maatewoos, Maarqoos, Luqaasii, Yohaannisii fi Hojiin Ergamootaa taa’umsa barreffamaa fi
amala isaaniin warra ibsan jedhamu. Afran Wangeelootaa hojii fi jireenya Gooftaa Yesuus
yemmuu ibsan, hojiin Ergamootaa ammo waa’ee bartootaa isaa fi waldaa ishee jalqabaa
ibsa. Macaafa kana keessatti adeemsi hojii wangeelaa Phaawulos ibsamee argama.
Macaafota shaman kanaa alatti kan jiran Mul’ataa alatti, barsiisa irratti kan xiyyeeffatanii
dha. Kanneen hafan kunniins kan barreeffaman bifa ergaan ykn xalayaan. Kaan waldaa
kiristaanaaf yoo ta’u, kaan ammo nama dhuunfaaf.

Macaafonni baay’een qabiyyeen barreeffama isaanii, yeroo barreeffamanitti ergaa yeroo


dabarsuun cimin isaanii mirkanaa’eera. Macaafota kakuu Haaraa keessaa inni dhumaa
Mul’ata yohaannis. Kunis gara Macaafota raajii ti kan ramadamu dha.

Waageelotaa fi Barsiisa irratti kan xiyyeeffatan Qajeelfama Raajii


seenaaWaldaa nama Dhuunfaa
Kiristaanaa
Wangeela Ergaa Gara Roomee, Warra Ergaa Mul’ata
Maatewoos Qoronxoos, Warra Galaatiyaa, Ximotewoos, Yohaannis
Wangeela Maarqos Warra Efesoon. Waraa Tiitoos,
Wangeela Luqaas Qolaasiyaas, Ergaa Pheexroos, Filimoonaa fi

Wangeela Yohaannis Ergaa Yoohaannis 1ffaa, Ergaa Ergaa Yohaanis


Yihuudaa 1sa 2ffaa fi 3ffaa

4 Eliel “Be disciple and go to others to create the true disciple creators!”
Email: eliel0607generation@gmail.com Mobil: +251-926-545-440
P. O. Box 2209 Hawassa, Ethiopia.
Eli’eel-Dhaloota Kiristoosiif; Dhaabbata Leenjii M/Qulqulluu
Eliel-Generation For Christ Bible Training Institute

2. Barreesitootaa
Macaafota Kakuu Haaraa namoonni saddeetti ykn sagal akka barreessanitti yaadama.
Isaanis Maatewoos, Pheexiroos, Yohaannis, Maarqos, Yihuudaa, Yaaqoob, Luqaas,
Phaawuloosii fi namicha ergaa warra Ibirootaa barreesse dha. (Namoonni tokko tokko
ergaa warra Ibirootaa phaawuloos akka caafetti dubbatu.)
Luqaas irra kan hafe barreesitoonni hundinuu Israa’eloota akka ta’ani dha. Maatewoos,
Pheexiroos fi Yohaannis bartoota gooftaa kudha lamaan keessaa turan. Maarqos, Yihuudaa
fi Yaaqoob ammoo bartootaa gooftaa wajjin walitti dhufeenya cimaa qabu kan turanii fi
waldaa Kiristaanaa ishee jalqabaa keessattis bakka guddaa kan qaban turan. Luqaasii fi
Phaawulos immoo Yesuus faana warra deddeebi’aa turanii isaa wajjinis walitti dhufeenya
guddaa kan qaban turan.

Macaafota Barreessitoota
Wangeela Maatewoos Maatewoos
Wangeela Maarqos Maarqos
Wangeela Luqaasii fi Hojii Ergamootaa Luqaas
Wangeela Yohaannis, Ergaawwan Yohaannis (1, 2, 3) fi mul’ata Yohaannis
Yohaannis
Ergaa Yihuudaa Yaaqoob
Ergaa Yihuudaa Yihuudaa
Ergaa Pheexroos (1ffaa fi 2ffaa) Pheexroos
Ergaa gara warra Ibirootaa Hin beekamu
Ergaa gara warra Roomee, Qoronxoos, Galaatiyaa, Efesoon, Phaawuloos
Filiphisiyoos, Qolaasiyaa, Teselonqee, Ximootewoos, Tiitoos fi
Filimoonaa

5 Eliel “Be disciple and go to others to create the true disciple creators!”
Email: eliel0607generation@gmail.com Mobil: +251-926-545-440
P. O. Box 2209 Hawassa, Ethiopia.
Eli’eel-Dhaloota Kiristoosiif; Dhaabbata Leenjii M/Qulqulluu
Eliel-Generation For Christ Bible Training Institute

3. Hirama Macaafota Kakuu Haaraa Akkaataa qabiyyee isaaniin

Mata duree kana jalatti qabiyyee macaafichaa, waa’ee barreesitootaa fi waa’ee 27


Macaafota Kakuu Haaraa duraa duuba isaaniin ilaalluu yaalla.

Macaafota seenaa

Kunniin waa’ee jireenya Gooftaa Yesuus kan qabatan, turtii isaa fooniin lafa yemmuu inni
turee fi hojii inni hojjete akkasumas barsiisa inni barsiise kan ibsan wangeelota Afran, kana
malees erga inni olfudhatamee booda seena waldaa Kiristaanaa ishee jalqabaa kan ibsu
hojii ergamootaa ti.
Macaafota Barsiisaa

Kunniin ammoo amantoota bakka garaagaraa jiraniif ergaawwan barreeffaman yemmuu


ta’an, rakkoolee amantoota quunnamaniif furmaata akka ta’uuf, kunis hafuuraan,
qajeelfama amantii turan. Macaafonni kunniins Roomee, ergaa Qoronxoos, Gaalaatiyaa,
Efessoon, Filiphisiyoos, Qolaasiyaas, Ergaa Qoronxoos, Galaatiyaa, Efesoon, Filiphisiyoos,
Qolaasiyaas, Ergaa Warra Teseloonqee, Ibirootaa, ergaa pheexiroos isa 1ffaa fi 2ffaa, ergaa
Yohaannis 1ffaa, Yaaqoob fi Yihuudaa turan.
Dhuunfaaf Ergaawwan barreeffaman
Ergaawwan geggeesitoota waldaaf barreeffaman jaha yemmuu ta’an isaanis: Ergaa
Ximootewoos isa 1ffaa fi 2ffaa, Tiitoo, Filimoonaa, Ergaa Yohaannis isa 2ffaa fi 3ffaa dha.

Macaafa Raajii
Waan Waaqayyo macaafota keessatti waa’ee ammaa fi gara fuulduraa dubbatu hundinuu
raajii jedhaama. Baay’inaan macaafonni kakuu haaraa waan gara fuulduraatti ta’uuf jiru
raajii kan dubbatan yoo ta’e iyyuu, guutummaa guutuu in macaafa raajii kan jedhama
mul’ata Yohaannis.

6 Eliel “Be disciple and go to others to create the true disciple creators!”
Email: eliel0607generation@gmail.com Mobil: +251-926-545-440
P. O. Box 2209 Hawassa, Ethiopia.
Eli’eel-Dhaloota Kiristoosiif; Dhaabbata Leenjii M/Qulqulluu
Eliel-Generation For Christ Bible Training Institute

Duraa Duuba Macaafota Kakuu Haaraa

Macaafonni kakuu haaraa barreeffamuuf naanoo waggoota 100 kan fudhate dha (6 Dh.K.B.
– 95 Dh.K.B) .Kana irraa ka’uun qabiyyee seenaa isaaniin bakka gurguddoo sadiitti hiruun
in dandaa’ama.

1) Jireenyaa fi tajaajila Yesuus

2) Dhalootaa fi guddina waldaa kiristaanaa 3) Guddina Waldaa Kiristaanaa fi


ari’atamuu

Qaabiyyee Barumsichaa
Barsiis Yesuus mata duree baay’ee qaba ture yeroo tokko tokko boqonnaa tokko keessatti
walitti qabamee yeroo biroo ammo boqonnaa adda addaa keessatti faca’ee argama.
Gabaabamatti barsiisisaa amala mootummaa Waaqayyoo fi dirqama, namaa fi abbaa
buddeenaa isaa gidduu dirqama jiru, ergama ofii isaa, du’aa fi du’aa ka’uu akkasumas
deebi’ee dhufuu isaa irratti kan xiyyeeffatanii dha.

Bu’aa Barsumichaa
Yesuus dhageeffatoota isaa irratti olaantummaa mul’isuun cal jechisiiseera (Mat 22:46)
warra isaan mormaa hunda; cubbamoonni ammoo karaa isaanii akka jijjiiran godheera(Luq
19:8) Baay’een ilaalcha barsiisa isaaf qabaniif yaada kennanirru (Yoh 7:45-46, Mat 7:29)
Sagaleen Yesuus har’as humna qabeessa (Ib 4:12).
Bara Kakuu Haaraa keessatti Turtii yeroo dukkanaa fi Haala Turan
Kakuu Moofaa xumurree kakuu Haaraa Yemmuu bannu, gidduu isaanii garaagarumma
anaannoo waggaa 400 akka jiru argina. Barri kun “Yeroo callisaa ykn bara dukkanaa”
jedhamee waamama. Dukkana sababa jedhameef, Waaqayyoo homaa yeroo itti hin
hojjenne jechuuf osoo hintaane saba israa’el biratti raajii beekamaa fi macaafonni
fudhatama qabanis hin turre. Macaafonni fudhatama qaban hin caafamne, baroota 400
keessatti macaafotni caafaman “Awwaald” jedhamuun beekamu. Haa ta’u malee madaallii
Qanoonaan fudhatama hin qaban .
7 Eliel “Be disciple and go to others to create the true disciple creators!”
Email: eliel0607generation@gmail.com Mobil: +251-926-545-440
P. O. Box 2209 Hawassa, Ethiopia.
Eli’eel-Dhaloota Kiristoosiif; Dhaabbata Leenjii M/Qulqulluu
Eliel-Generation For Christ Bible Training Institute

* Qanoonaa jechuun madaallii jechuu dha .


* Jaarraa afuraffaa keessa macaafota kakuu haaraa walitti qabanii fudhachuufis ta’e, sirrii
kan hin taane fudhachuu dhiisuuf madaalliin barbaachisaa ture. Kanas kan godhan abbootii
waldaa Kiristaanaa fi bartoota gooftaa turan.
5. Ulaagaalee

a. Barreessaa dhugaa bahameefiin barreeffamuu


b. Barreessichi bartoota keessaa ykn bartoota gooftaa wajjin walittiti dhufeenya cimaa
qabaachuu
akka qabu
c. Geggeessaa hafuura qulqulluun barreeffamuu
d. Barreeffamin macaaficha keessa jiru macaafota biroo keessa kan jirun kan walitti hin
buune
ykn hin faallesine ta’uu
Wabiilee Qanoonaa

Wabiileen Qanoonaa bakka lamatti hiramu


1. Wabii Keessaa

a. Qabiyyee Macaafichaa: Kiristoosiin kan giddu galeeffata, waa’ee Kiristoos, hojii inni

hojjete irratti kan xiyyeeffate ta’uu


b. Naamusa: Ergichi hafuura Waaqayyoon caafamuuf dhugaa kan bahu, humaa jireenya
namootaa jijjiiru qabaachuu dha.

c. Seenaa: Dhugaa seenaa inni qabate kan wal hin dhiitne ykn walitti hin buune ta’uu
2. Wabii Alaa
Abbootiin Waldaa Kiristaanaa durii waa’ee barreeffamichaaf yaada isaan kennan akka
amanamummatti ta’ee tajaajila.
Gara Kakuu Haaraatti osoo hin seenen dura taatewwan raawwataman ilaaluu yaalla. Bara
kakuu moofaa dhumaa irratti boojiin waggaa 70 xumuramee, israa’eloonni Mootii Faares

8 Eliel “Be disciple and go to others to create the true disciple creators!”
Email: eliel0607generation@gmail.com Mobil: +251-926-545-440
P. O. Box 2209 Hawassa, Ethiopia.
Eli’eel-Dhaloota Kiristoosiif; Dhaabbata Leenjii M/Qulqulluu
Eliel-Generation For Christ Bible Training Institute

Qiroosiin ajajamanii akka deebi’an dubbifna. Jalqaba Zerubaabeliin booda geggeessaa


Izraatiin Yihuudonni baay’een deebi’aniiru. Kunis Afaan raajotaan kan dubbatame
booji’amuun raawwatamuu isaati. Isa 51:11, 52:7-10 lafa boojiiti gara biyya isaaniitti
Yihuudonni deebi’an lakkoofsi waanii muraasa ture. Yihuudonni baay’een hin deebine
turan. Tokko tokko biyya Baabiloon keessatti yemmuu hafan kaan ammo iddoo garaa garaa
ti bittinaa’aniiru.
Ijaarsimana qulqullummaa jalqaba dursee Zerubaabeliinii fi dura bu’aa lubootaa kan ta’e
Iyyaasuun yoo jalqabe illee osoo hin xumuramin waggoota 20f tureera yeroo kanatti
Waaqayyoo karaa raajota Haagee fi Zakaariyaasiin saba isaatti dubbatee ceepha’aa ture.
Kakuu Haaraan boca akka qabaatu kan godhan humnoota sadii jechuun in dandaa’ama.
• Inni jalqabaa Aadaa dha: Girikoonni warra Roomaan yoo mo’amanii iyyuu
waggoota baay’eef biyya lafaa irratti aadaan isaanii fi aca’ee tureera. Kakuu
Haaraanu kan caafame Afaan Girikiitiin.
• Inni Lammaaffaa Humna Warra Roomaati: Yeroo kakuu Haaraan caafamettis ta’e,
keessa isaatti wanti caaqaman seenaan jiran, Israa’elonnis ta’e sabni biro barasana
turan bittaa warra Roomaa jala akka turanii dha.
• Inni sadaffaa ammo Amantii Yihuudotaati: Yesuus fooniin Yihuudota keessaa
dhalateera kakuu Haaraaf bu’uura kan ta’e kakuu moofaanis macaafa yihuudotaa
akka ta’e tti beekama
Afaan (Language)
Yeroo sanatti manneen barnootaa gurguddoon akkuma yeroo ammaa magaalota Ateenaa fi
Tarseesiin turan; darggagoonni yeroo sana turanis itti barataniiru.
Magaalonni kunniins maqaalota Girikii turan. Afaan Girikii akka yeroo har’aa Afaan Ingilizii
beekamtii qabutti, bakka guddaa qabature. Kana irraan ka’e “Kooyinee” jedhamuun Afaan
Giriikii beekamu addunyaa irratti babal’ateera. Kakuu Haaraanis kan caafame Afaanuma
Kanaan.
Ka’umsaa fi Mo’achuu Herodiyoos

9 Eliel “Be disciple and go to others to create the true disciple creators!”
Email: eliel0607generation@gmail.com Mobil: +251-926-545-440
P. O. Box 2209 Hawassa, Ethiopia.
Eli’eel-Dhaloota Kiristoosiif; Dhaabbata Leenjii M/Qulqulluu
Eliel-Generation For Christ Bible Training Institute

Hiiraaqonni lubas geggeessaas ta’ee ture. Haa ta’u malee aboon mootummaa isaa
Antipaatar biratti fudhatamu fi dhagahaamuutu irra ture. Antipaatar Amantii Yihuudootaa
nama fudhate ture. Antipaatar yemmuu du’utti Heroodisii fi Faasi’el kan jedhaman ijoolleen
isaa bakka bu’anii mootummaa abbaa isaanii dhaaluuf waraaqaa turan. Haa ta’u malee
Awugaasxoos Qeesaar kan jedhamu hero diyaosiif deggersa godhee, Herodiyoos aboo
qabate.

Yeroo Kiristoositti Israa’el bittaa mootii Pheenxanaawii Phiilaaxos jala turte Mat 27:11.
Akkaataa qajeelfama bittaa warra Roomaatti, sabni bittaa jala jiru gonkuma mirgi amantii
isaa hin dhiibamu ture. Mootummaa Roomaan daandiwwan hojjetamaniiru, gamoowwan
ijaaramaniiru, karaan daldalaas babal’ataniiru.

Walitti Bu’iinsa Yihuudootaa fi Warra Roomaa


Warri Roomaa Paalasitiinaa yoo ta’ataniyyuu, mormiin cimaa ta’e gama Yihuudootaan
irratti ka’aa ture. Sabni Yihuudootaa bittaa warra Roomaa jalaa kan isaan baasu ergama
siyaasaa kan qabu Mesihiin in dhufa jedhanii eegaa turan. Kana irraa kan ka’e ‘Ani Masihii
dha’ kan jedhan baay’een ka’uu dhaan nagaa fi tasgabbii dhabsiisaa turan. Warri Roomaa
kallattiin kan balaaleffatan garee zeelota (innaaftota) sababni isaa gareen kun kallattiin
gibira kaffaluun warra Roomaaf hin ta’u jedhanii waan mormaniif. Karaa biraan immoo
dura buutonni lubootaa fi saduuqonni warra Roomaa wajjin walii galu turan. Keessattuu
Haanna, dura buutuu lubootaa, aboo erga warri Roomaa kennaniif kaasee, abo qabeessa
warra Roomaa wajjiin akka hojjetuuf fedhii guddaa qabu turan. Garee Herodiyoos
jedhamuun kan beekamanis akkasumas warra Roomaa waliin shirkaa’anii turan.
Namoonni baay’een Yesuus Kiristoos saba tokko haala siyaasaan geggeessa jedhanii eegaa
turan. Koroora isaanii keessa garuu Yesuus waan hin galeef, kana yemmuu hubatan isa
irraa baqatan. Yoh 6:15, Yeroof Yihundootaa fi warra Roomaa giddutti wal dhabbiin ture
yemmuu Yesuus fannifametti isaan waan gargare fakkaata Philaaxos haala rakkisaa yeroo
sana ture irraa kan ka’e hojii isaa sirriitti hojjechuu hin dandeenye ture. Kanaaf Yesuus
akka fannifamu gochuun dirqama itti ta’eera.
10 Eliel “Be disciple and go to others to create the true disciple creators!”
Email: eliel0607generation@gmail.com Mobil: +251-926-545-440
P. O. Box 2209 Hawassa, Ethiopia.
Eli’eel-Dhaloota Kiristoosiif; Dhaabbata Leenjii M/Qulqulluu
Eliel-Generation For Christ Bible Training Institute

Wangeela Warra Roomaa Biratti

Macaafni Hojii Ergamootaa akkamitti wangeelli biyyoota bittaa Roomaa jala turan waliin
gahe kan ibsu dha. Bittaa warra Roomaa biyya Girikootaa keessattis argina.
Hojiin ergamootaa Eesiyaa ishee xiqqoo iddoo jedhame keessatti wangeelli yemmuu
qaqqabetti waan ta’e ibsa. Eesiyaa ishee xiqqoo kan jedhamtu biyya qaroomina Girikii
keessaa ishee handhuuraa yemmuu taatu, Kiristaannoon keessatti argaman ormoota irraa
kan dhufan turan. Bittaa Roomaa isa beekamaa keessatti Amantiin Yihuudotaa seeraan
fudhatama kan qabuu fi kan eyyamameef ture.
Ari’atamuu Amantotaa (Persicution of Christians)

Bara 64 Dh.K.B yeroo magaalaan Roomaa gubatetti Neeroon Kiristaannonnni akka itti
gaafataman godhe. Haalaa nama gaddisiisuun kiristaanota baay’ee ajjesse. Kana irraa kan
ka’e ari’atamin kiristaanota irratti ka’e.
Bara 66-70 Dh.K.B/70 Veesigaashin kan jedhamu Qeesar ilmaa fi geggeessaa hoomaa
waraanaa kan ture Tiitoo duula gochuun Yerusaaleemiin yemmuu qabatanitti manni
qulqullummaa. Herodiyoos guutumma guutuutti gubate. Room yeroo kanatti kan lubbuu
ballesitu jedhamte.
Amantii Yihuudotaa

Yesuus fooniin Yihuudota irraa dhalachuun, waldaan kiristaanaas dachee Israa’el irratti
jalqabuunii fi amantoonni jalqabaas Yihundota ta’uun, ergaa kakuu Haaraa sirriitti
hubachuun waa’ee bu’uura Amantii Yihuudootaa hubachuunis barbaachisaa dha.

1. Amantii Yihuudolaa fi Dhaabbatoota

Mana Qulqulummaa (Temple)


Yeroo tajaajila Yesuusitti maqaa Heroodiyoosiin kan waamamu mana qulqullummaa
guddaatu ture. Inni jalqabaa mana qulqullummaa Solomoon, dhaloota Yesuus dura bara
11 Eliel “Be disciple and go to others to create the true disciple creators!”
Email: eliel0607generation@gmail.com Mobil: +251-926-545-440
P. O. Box 2209 Hawassa, Ethiopia.
Eli’eel-Dhaloota Kiristoosiif; Dhaabbata Leenjii M/Qulqulluu
Eliel-Generation For Christ Bible Training Institute

586 Dh.K.D. warra Baabilooniin yoo diigame illee yeroo lammaffaa Zerubaabeliin ijaaramu,
jalqabe, israa’elota marsaa duraa boojii irraa deebi’aniin xumurame. Manni Qulqullummaa
inni boodaa Antiyooki isa 4ffaan kan xuraa’e yoo ta’u baroota keessatti diigamuun irra
gaheera. Ammas bara 20 Dh.K.D. Herodiyoosiin kan haara’e yoo ta’u, irra deebi’anii ijaaruuf
waggoota 46 kan fudhate ture. Manni Qulqullummaa Herodiyoos dursa kan turee wajjin
wal fakkii qaba. Karra baay’ee yemmuu qabaatu, warri ormootni akka hin seenne kan
dhorku ture, girgiddaan jirus. Bakka qulqul’aa iddoo baay’ee qulqul’aa irraas wanti itti
golgaa guddatu ture. Seerri mana qulqullumichaas geggeessaa dura buutun lubootaan kan
geggeeffame ture. Tokkoo tokkoon dhiira Israa’el waggaa waggaan Gibira mana
qulqullummaa kaffaluutuu irraa eegama. Qarshiin walitti qabamus ijaarsamana
qulqullummaa fi miindaa lubootaaf oola ture.
Manni Qulqullummaa kun yeroo yesuus biyya lafaa irra turettis kan hin xumuramne (Yoh
2:20). Bara 64 Dh.K.B. yoo xumurame iyyuu waggaa 6 booda warra Roomaatiin
barbadaa’era. Yesuus yeroo fooniin lafa irratti ture tti barattoota isaa kan ajaa’ibsiisaa ture
mana Qulqullummaa kana ture (Mar 13: 1)

Mana Sagadaa (Sinaguage)


Mannii Qulqullummaa tokko qofa yemmuu ta’u, mandarri tokkoo, tokkon isaanii mana
sagadaa mataa isaa qaba ture.

Manni sagadaa Yihuudonni walitti qabamanii bakka itti sagadanii fi seera macafaa itti
qo’atan ture. Jalqabni isaa bara boojii’amuun kan walqabate ture. Yeroo santti mana
qulqullummaa keessatti sagaduu fi aarsaa dhiyyessuu waan hin dandaa’amneef, sanbata
mana sagadaa keessatti walitti qabamuun macaafa seeraa fi rajootaa dubbbisuu fi
dhaggeeffachuun tureera. Akkasumas kadhannaa dhi’eessaa turan. Waaqeffannaa akkasii
booji’amuudhaa erga deebi’anii boodas Yihuudonni itti fufaniiru.

Seera fi Aadaa

12 Eliel “Be disciple and go to others to create the true disciple creators!”
Email: eliel0607generation@gmail.com Mobil: +251-926-545-440
P. O. Box 2209 Hawassa, Ethiopia.
Eli’eel-Dhaloota Kiristoosiif; Dhaabbata Leenjii M/Qulqulluu
Eliel-Generation For Christ Bible Training Institute

Israa’eloonni bara Museetii kaasee seera akka qaban beekamaa dha. Booji’amuun booda
ykn bara Izraatii kaasee seerichaaf bakka guddaa waan kennaniif Yihuudonni saba
Macaafaa jedhamuun waamamaa turan. Seera kana cimsanii qabuu irraa kan ka’e aadaa
bultumaan walqabate illee itti dabalaniiru. Yeroon booda seera isaaniin walqixa ilaalamaa
ture. Fakkeenyaaf guyyaa sanbataa akka hin hojjene dhowwamanii turan. Haamuu,
midhaan rukutuu, kuduraa kutanii nyaachuun hundi guyyaa sanbataa irra akka hin taane
dhorkamanii turan. (Mar 7:1-13, Mat 23:23)
2. Gareewwan Amantii Yihuudotaa fi Sochiiwwan Isaanii
1) Saduqoota
Bara Yesuusitti garee Yihuudota keessatti argaman keessaa inni guddaan tokko Saduqootaa
turan. Gooftaan yemmuu lafa irra turetti fudhatamin isaanii gad bu’aa yeroo itti deeme
ture. Jalqaba irratti siyaasa keessatti iddoo guddaa qabachuu irraa kan ka’e saduqoonni
abbootii lafaa turan. Bulchiinsa shangoo Yihuudotaa keessatti Fariisota irraa kan hin
xiqqaanne bakka qabu turan. Hoe 23 : 6-10 baay’inaan dura buutonni lubootaa sadu qoota
turan.
Amantii isaanii
Oduu duriitti hin amana; du’aa ka’uutti hin amanan; aboo ergamoota atti hin fudhatan;
seera musee qofa fudhatu; innumaayyuu hiikaa kallattii isaa hordofu.
2) Faarisota
Faarisotni dhalootaKiristoos dura jaarraa lammaffaa keessa Hosiidim kanneen jedhaman
keessaa kan bahan turan. Ka’umsi isaanii bara Girikootaatti innaaffaa guddaa amantii
isaaniif qaban irraa kan burqe dha. Seeraa fi heera isaa haala baay’ee ibsameen hordofuuf
kan carraaqan turan. Namoota biro irraa hanga fagaatanitti of eeggatu turan. Ilaalcha
isaanii kana ture ofii isaanii kanneen biro irraa adda godhanii akka qulqullootaatti akka of
ilaalaniif qormaataa kan itti ta’e. Faarisonni Saduuqootaa wajjin walii hin galan turan.
Amantii isaanii

13 Eliel “Be disciple and go to others to create the true disciple creators!”
Email: eliel0607generation@gmail.com Mobil: +251-926-545-440
P. O. Box 2209 Hawassa, Ethiopia.
Eli’eel-Dhaloota Kiristoosiif; Dhaabbata Leenjii M/Qulqulluu
Eliel-Generation For Christ Bible Training Institute

Aadaa abbootii isaanii in eegu, du’aa ka’uun akka jiruu fi firdiin bara baraas akka jiru in
amanu. Seera Musee, macaafota seenaa, Macaafota raajii akkasumas 39n macaafota kakuu
moofaa walqixa aboo qabeessa akka ta’anitti fudhatu. Dhufaatii Masihii abdiin eegaa turan.
3) Saamirawota

Israa’elota jedhamaniia kan beekaman gareen 10n bara 722 Dh.K.D harka warra sooriyaan
akka kufte beekamaa dha. Booji’amuu irraa kan hafan Israa’eloonni bakkee biraa irraa
uummata dhufe waliin wal fuudhuun uummanni dhalate saamiraawota jedhamuun
beekamu. Yihuudonni saamiraawwota wajjin walti dhufeenya uumuu gonkumaa hin
dandeenye. Keessattuu bara Neehimiyaatti Yihuudota biratti akka oromootaatti
lakkaa’amaniiru.

Amantii isaanii

Akkuma Yihuudotaa Waaqayyoon Waaqessu. Shanan macaafota Museen alatti macaafota


kakuu moofaa hin fudhatan. Harka isaanii irra macaafni ture kan Yihuudotaa waliin yoo wal
bira qabamu hanga tokko garaa garummaa qaba. Raajiin akka Musee in dhufa jedhanii
eegaa turan.

4) Shangoo Yihuudotaa

Kun bulchiinsa warra Roomaa jalatti kan hojjetu yoo ta’u, Yihuudonni siyaasaa fi Amantii
irratti bilisaan akka bulchaniif aboon kan kannameef ta’uu kan agarsiisu dha. Aboon kunis
kan kenname shangoo miseensota nama torbaa tama qabuuf yoo ta’u dura bu’aan isaanii
angafa lubootaa ture. Lubootni walitti qabaman kunniin maatii dureeyyii irraa yoo ta’u,
baay’inaan Saduqoota fi xiqqoon isaanii immoo faarisota turan.

3. Jireenya Hawwaasuumaa, Diinagdee yeroo kakuu Haaraa

Haala Hawwaasummaa

Uummatni jaarraa 1ffaa keessa turan sadarkaa jirenyaan garaagara, qomoon adda adda fi
aadaa adda kan qaban turan. Hawwaasni Yihuudotaa Hiyyeessaa fi sooressa jedhamuun
14 Eliel “Be disciple and go to others to create the true disciple creators!”
Email: eliel0607generation@gmail.com Mobil: +251-926-545-440
P. O. Box 2209 Hawassa, Ethiopia.
Eli’eel-Dhaloota Kiristoosiif; Dhaabbata Leenjii M/Qulqulluu
Eliel-Generation For Christ Bible Training Institute

bakka lamatti qoodama. Lubootnii fi dura buuton amantimuun bakka lamatti qoodama.
Lubootnii fi duraa buuton amantii dureeyyii yoo ta’an, kaan garuu baay’inaan hiyyeessota
turan. Qotee bulaa, qurxummii kan qaban, hojii ogummaa kan hojjetan, daldaltoota, hojii
kan hin qabnes turaniiru, Yihuudotaa fi naannoo isaanii jechuu dha. Haalli jireenya
ormootaa ammoo dureeyyii, jireenya giddu galeessaa kan jiraatan, hojii kan hin qabne,
garbootaa fi yakkamtoota jedhamuun bakka shanitti hiramu turan.

1. dureeyyii: mirgaa ormootaa to’achuun humna namaa gatii muraasaan kan bitan

dha.

2. Jireenya giddu galeessaa kan jiraatan: waraanaan, daldala garbaan fi

waldorgommii hojii daldalaa irraa kan ka’e kan bade yoo ta’u, jiraattonni mana

jireenyaa, nyaataa fi hojii malee kan hafan dha.

3. Hojii dhabdoota: Kanneen kun hojii dhaabbataa kan hin qabne dha.

4. Yakkamtoota: Yeroo sanatti kan hojii hin qabnee fi bulchiinsa badaa irraa kan ka’e

kan uumame ture


Diinagdee

Diinagdee jalatti kan walitti qabaman qonnaa, qorshii fi geejjiba ture, kanneen hundinuu
hojii wangeelaa keessatti shora taphataniiru.
Amantii

Amantiin Kiristaanaa amantii biro waliin wal morkiin quunnamee ture. Isaanis kutaawwan
gurguddoo shanitti ramadamu.

1. Waaqa tolfamaa warra Roomaa fi Girikii

Dhalatoota Kiristoos dura bara 27 itti Roomaa keessatti “Mana qulqullummaa Waaqa
Hundaa” kan jedhamu manni waaqa tolfamaa ijaaramee ture. Kun garuu amantootaa isaa
eeguu waan hin dandeenyeef akka dadhabaatti lakkaa’amee kufaatiin irra gaheera.
15 Eliel “Be disciple and go to others to create the true disciple creators!”
Email: eliel0607generation@gmail.com Mobil: +251-926-545-440
P. O. Box 2209 Hawassa, Ethiopia.
Eli’eel-Dhaloota Kiristoosiif; Dhaabbata Leenjii M/Qulqulluu
Eliel-Generation For Christ Bible Training Institute

2. Amantii Moototaa

Awugisxoosii jalqabee mootonni turan hundinuu saba isaanii irra Waaqeffannaa fudhachaa
turan. Kiristaanonni warri jalqabaa garuu waaqummaa namootaa mormuun “Qeesar osoo
hin taane Kiristoos qofa Waaqesina” jechuu isaaniitiin gidiraa guddaa fi ari’atamuun irra
gaheera.

3. Xibaartoota

Shaakala amantii dhuunfaatti amanu

4. Waaqa tolfamoo

Waan galeef fi waan hubatan osoo hin taane uumama ijaan argaman hubachuu irratti kan
xiyyeeffatan turan. Fakkeenyaaf urjii lakkaa’uu.

5. Falaasama

Falaasama jechuun beekumsa biyya lafaa shaakala namootaan mala wal simsiisuuf yaalu
dha. Faalasfaawwan tokko tokko Waaqni tolfamaan kan waa’ee hin boofne dha jedhu.
Falaasamni mul’ina Waaqayyoo irratti kan hundan’e miti. Bara sanatti Falaasamin turan
Pilaatooniizim, Niiyuu pilaatooniizim, Iiriku raayaaniizim, Sitooliizim fi Sikeepitii sizimii
fa’i.

Bakka Yesuus jiraatee fi Tajaajile

Aanaa Galiilaa

16 Eliel “Be disciple and go to others to create the true disciple creators!”
Email: eliel0607generation@gmail.com Mobil: +251-926-545-440
P. O. Box 2209 Hawassa, Ethiopia.
Eli’eel-Dhaloota Kiristoosiif; Dhaabbata Leenjii M/Qulqulluu
Eliel-Generation For Christ Bible Training Institute

Yesuus Naazreetti keessatti kan argamutu biyya Galiilaatti dinqii isa jalaqabaa hojjete.
Kunis cidha Qaanaa irratti bishan daadhiitti jijjiiruun. Bartoonni isaa baay’een namoota
Galiilaa turan.

 Magaalota Kurnan: Bakki kun Aleksaandar inni guddaa yemmuu turetti bakkee
dhaabbate dha. Iddoowwan kana keessaa tokko Yesuus namicha hafuura hamaan
qabame iddoo inni birmaduu baase Gergesenoon argama. Mar5:1-20 Yesuus
hanga Filiiphoos Qisaariyaatti deemera Mar 16:13-20
 Samaariyaa: Bara duriitti saba Yihuudotaa fi ormoota irraa kan dhalatan, saba
walmakaa kan qabate dha. Uummatni kun saba Israa’eliin kan balaaleffataman
turan. Keessa illee darbanii hin deeman. Yesuus garuu yeroo baay’ee biyya
Samaariyaa keessatti tajaajileera. Yoh 4:1-42
 Gama Yordaanos ykn Feeriyaa: Yihuudonni baay’ee fi sabni biraa iddoo jiraatu
dha. Yesuus iddoo kanatti barsiisera. Mar 10:1-45, Mat 19:1-20
 Aanaawwan Yihuudaa: Yesuus bakka inni itti dhalata magaalaan Yerusaalem kan
itti argamtu dha. Yesuus kanneen baay’ee jaallata ture Maartaa, Maariyaam fi
Alaazaar bakki isaan jiraataa turan Bitaaniyaanis biyya yihuudotaati. Namichi iji
jaamaa bakki itti fayye Iyyaarikoo jedhamuun kan beekamtu aanaa yihuudaa
keessaa tokko.
Wongeeloota Wal-fakkaatoo (Synoptic Gospels)
“Siinopitiikis” jechi jedhu kan dhufe Giriki irraa yemmuu ta’u “siin” jechuun tokkummaa”
jechuu yoo ta’u “opitaanoomaayi” jechuun ammo “ilaaluu” yaada jedhu qaba kanaaf jechi
kun walitti qabaan yemmuu dubbiffamu fi hiikamu “tokkummaan ilaaluu” hiika jedhu
kenna.
Macaafonni kakuu Haaraa Wangeelota Maatewoos, Maarqos, fi Luqaas walitti dhufeenya
isaan qabaniin, jechuun jireenya Yesuus yemmuu ibsan waan ittiin wal fakkaatan baay’ee
qabu. Kana irraa kan ka’e Macaafota Siinoopitiikis ykn macaafota walfakkii jedhamuun
beekamu kun gaaffii tokko kaasuu danda’a. “Barreeffamoonni kuniin ofii isaanii danda’anii

17 Eliel “Be disciple and go to others to create the true disciple creators!”
Email: eliel0607generation@gmail.com Mobil: +251-926-545-440
P. O. Box 2209 Hawassa, Ethiopia.
Eli’eel-Dhaloota Kiristoosiif; Dhaabbata Leenjii M/Qulqulluu
Eliel-Generation For Christ Bible Training Institute

kan dhufan yoo ta’e, akkamittiin wal fakkachuu dandaa’an?” Fakkeenyaaf Mat 8:1-4, Mar
1:40-45 fi Luq :12-16, namicha dhibee gogaa irraa fayye ibsu.
Wangeelota kanneen kan caafan haala tokkoon ibsan jechuu dha. Haalli ibsa isaanii karaa
garaa garaa wal fakkaatu wal fakkiin akkasii akkamiin ibsamuu danda’a? Akka furmaataatti
wantoonni sadii dhi’aataniiru. Odeeffannoo oduu durii, walfakkii waliinii fi madda
barreeffamaa. Kaneen keessaa tokkoon wangeelonni kunniin walfaakkaachuu danda’an
jedhamee yaadama.

Kutaa Lama

Irra Deemaa Macaafoota Kakuu Haaraa


Kutaalee itti aanan keessatti macaafota kakuu Haaraa ilaalluu yaalla.
Yaadachiisa: Akkuma kakuu Moofaa barataan Macaafota kakuu Haaraa, kanas haalaan
qo’achuu qabdu. Yeroo kanatti Hanga dandaa’ameen macaafota kakuu Haaraa mara tokko
tokkoon dubbisee xumuruu qabdu. Fakkeenyaaf wangeela Maatewoos boqonnaawwan 28
jiran dubbisuun xumuruu. Barataan kana yemmuu raawwatutti ofii isaa beekumsa gad
fageenyaaf qopheessa jechuu dha.

1) Wangeela Gooftaa keenya Yesuus Kiristoos qulqulluu Maatewoos akka caafetti


Maatewos hojiin isaa qaraxa sassaabuu yoo ta’u ilma Lewwii barattoota kudha lamaan
keessaa isa tokko. (Mat 9:9)

Yeroo itti caafame: Yeroo wangeelichi itti caafame sirriitti yoo hin beekamne illee,
Kiristaannonni Yersaaleemiin turan yeroo itti ari’atamin irra gahee bittimfefamanii
turanitti ta’uu danda’a.
Qabiyyee Macaafichaa (kaayyoo isaa):- Kaayyoon Wangeela Maatewoos jalqabuma irra
kaa’ameera. (Mat 1:15)

Haala kanaan Maatewos hidda dhaloota Yesuus toora galchee kaa’uun, Masihii abdii sabaa
ta’e, dhalootaa fi guddina isaa ibsa. Maatewos mootummaa Kiristoos lallaba gaara irraa
18 Eliel “Be disciple and go to others to create the true disciple creators!”
Email: eliel0607generation@gmail.com Mobil: +251-926-545-440
P. O. Box 2209 Hawassa, Ethiopia.
Eli’eel-Dhaloota Kiristoosiif; Dhaabbata Leenjii M/Qulqulluu
Eliel-Generation For Christ Bible Training Institute

keessatti tokko tokkoon kaa’uu isaa irraa kan ka’e wangeela kana, macaafa odeeffannoo
guutuu qabate jechisiiseera. Haalli barreeffama Macaafichaa kan xiyyeeffate Yihuudota
irratti yemmuu ta’u, macaafota kakuu moofaa akka wabiitti caqasa.
Maatewos Wangeelota biroo caalaatti “Mootummaa Waaqayyoo” gaalee jedhu yeroo 5 kan
caqasu yoo ta’u (Mat 6:23, 12:28, 19:24, 21:31 fi 21:43)

Xiyyeeffannoo Macaafichaa: xiiyyeeffannoon wangeela Maatewos raajii kakuu Moofaa


waa’ee Masiihiif caafame duraa duubaan kan ibsu yoo ta’u, inni cimaan garuu Mat 28:19
irratti kan ibsame dha.
Macaafota biroo keessatti kan hin caafamne Wangeela Maatewos Qofa keessatti kan
caafaman

o Mul’ata Yooseef kaadhima Maariyaam (1:20-24)


o Warraa sabaa sagal (2:1-12)
o Gara Gibxii deemuu (2:13-15)
o Daa’imman ajjeefamuu (2:16)
o Abjuu haadha manaa Philaaxos (27:19)
o Du’a Yihuudaa (27:3-10)
o Fannifamuu fi qulqulloonni du’aa ka’uu (27:52)
o Gowwoomfamu warra awwala eeganii (28:12-15)
o Ergama waa’ee cuuphaa (28:19-20)
o Fakkeenyota Yesuus ittiin barsiise (13:45-46, 20:1-13, 21:28-32, 25: 1-13, 25:14-30)
o Dinqii Yesuus hojjete sadan (9:27-31, 9:32-33, 9:27-31)
Wangeelli Maatewos salphaamatti waa’ee humna Masii hummaa Kiristoos kan ibsu dha.
Amaloota Addaa
1. Wangeelli Maatewoos wangeela ibsaati
2. Wangeelli Maatewoos wangeela waldaa Kiristaanaa ti (16:18)
3. Wangeelli Maatewoos wangeela Yesuus
Hirama Macaafichaa

19 Eliel “Be disciple and go to others to create the true disciple creators!”
Email: eliel0607generation@gmail.com Mobil: +251-926-545-440
P. O. Box 2209 Hawassa, Ethiopia.
Eli’eel-Dhaloota Kiristoosiif; Dhaabbata Leenjii M/Qulqulluu
Eliel-Generation For Christ Bible Training Institute

Boqonnaawwaan 28 Kan qabu yemmuu ta’uu kutaawwan 4tti hirama.


1. Mooticha beeksisuu 1:1-4: 11, Lallaba Yohaannis 3:1-12
2. Mootichi seera Mootummaa isaa labsa 4:12-15, 20
* Lallaba gaara irraan 5:1-7, 29
* Dajeelfama bartoota isaaf kenname 10:1-42
* Fakkeenyota 13:1-52
3. Mooticha irratti mormii ka’e 15:21 , 20:34
* Hiikaa dhiifamaa 18:1-35
4. Mootichi mo’uu isaa 21:1-28 :20, 28:18-20
* Yesuus Wangeela Maatewos Keessatti
 Seexanaaf osoo hin mo’amin
 Mormiin kan hojii isaa hin dhaabne
 Du’I qabuu kan hin dandeenye
 Mo’ataa fi mootii ulfinaa akka ta’e argina
2) Wangeela Maarqos

Wangeelota biro waliin wal bira yemmuu qabnu barreessaan macaafa kanaa Maarqos akka
ta’e wanti ka’umsa ta’u hin jiru. Seenaan Macaafa qulqulluu akka ibsutti barreessaan
macaafa kanaa Yohaannis Maarqos akka ta’e dha. Innis maatii Kiristaanaa keessaa ta’ee,
kan Phaawuloosii fi Baarnaabas faana ture dha. (Hoe 13:13)
Yeroo itti barreeffame: Wangeelli kun bara kurnaan dhaloota Kiristoos booda akka
caafame tilmaamama. Wangeelli kun gabaabaa, toora isaa garuu kan gad hin dhiisne, ifa fi
akka barreeffama warra Roomaatti mijataa kan ta’e dha. (15:16)

Qabiyyee (Kaayyoo) Macaafichaa : Wangeelli Maarqos hojii gooftaan Yesuus hojjete kan
ibsu dha. (1:1)

Xiyyeeffannoo Macaafichaa: Wangeelli kun hojii ibsuun kan guutame ta’ee, tajaajila
Yesuus Kiristoos irratti kan xiyyeeffate dha. Kana malees fakkeenyota gaggabaaboo,

20 Eliel “Be disciple and go to others to create the true disciple creators!”
Email: eliel0607generation@gmail.com Mobil: +251-926-545-440
P. O. Box 2209 Hawassa, Ethiopia.
Eli’eel-Dhaloota Kiristoosiif; Dhaabbata Leenjii M/Qulqulluu
Eliel-Generation For Christ Bible Training Institute

himoota ibsaa fi dinqiiwwan garaa garaas haalli inni itti ibsu kallattiin gooftummaa
Yesuusiin walqabsiisee ti.

Hirama Macaafichaa

Boqonnaa 16 kan qabu yoo ta’u bakka gurguddoo 4ti hirame

1. Tajaajilicha beeksisuu Mar 1:1-13

2. Hojii tajaajilichaa Mar 1:14. 7:23

3. Tajaajilicha irra ari’atamuu gahe Mar 7: 24, 10:52

4. Tajaajilichi hojii isaa raawwate Mar 11:1-16:20

3) Wangeela Luqaas

Maqaa isaa kan hin caqasne abbaan Wangeelaa kun Kaayyoo barreesseef bara sanatti haala
barreeffamaa tureen walqabsiisee ibsuun.

Yeroo itti barreeffame: Wangeelli Luqaas kan caafame, qabiyyee macaafichaa irraa
yemmuu hubatamu, jireenyi Yesuus kan lafa irraa erga raawwate booda. Yeroo isaas
naannoo bara 60 Dh.K.B. akka ta’etti yaadama.

Qabiyyee Wangeelichaa: Ijaarsi wangeela Luqaas kan Maatewosii fi Marqos waliin kan
wal fakkii qabu yoo ta’u garaa garummaas qaba. Fakkeenyaaf: dhaloota Yohaannis
cuuphaa, seenaa dhaloota Yesuus, hidda dhalootaa, lallaba Naazirettiitti ta’e, waamicha
Pheexirosiif ta’e kana malees dinqiiwwan jahan, fakkeenyota kudha saganni, jijjiiramuu
Zakiyoos, kara deemtoota gara Emaawus.

Yaadni ijoo Maacaafichaa: “… dubbiin sitti himame kun dhugaa dhaa fi amanamaa ta’uu
isaa akka hubattuuf.” (Luq 1:4)

Xiyyeeffannoo Macaafichaa Wangeelli Luqaas wangeelota biro caalaatti dhufaatii fayyisaa


Yesuus ibsee tareessa. Yesuus Kiristoos Maariyaam durbattii, Maatewos karaa Yoosef

21 Eliel “Be disciple and go to others to create the true disciple creators!”
Email: eliel0607generation@gmail.com Mobil: +251-926-545-440
P. O. Box 2209 Hawassa, Ethiopia.
Eli’eel-Dhaloota Kiristoosiif; Dhaabbata Leenjii M/Qulqulluu
Eliel-Generation For Christ Bible Training Institute

yemmuu ibsu Luqaas immoo karaa Maariyaam ibsa. Waa’ee dhaloota Yoohannis cuuphaa
Maatewoosii fi Maarqos waan ibsan hin jiru, Luqaas garuu sirriitti ibseera.

Hirama Macaafichaa

Boqonnaa 24 kan qabu yemmuu ta’u bakka 4tti hirma.

1. Qophii fayyisichaa Luq 1:1-4, 13

2. Tajaajila fayyisichaa Luq 4: 14, 9:17

3. Gidiraa obsuu fayyisichaa Luq 9:18 – 19, 28

4. Fayyisaan hojii fayyisuu isaa raawwachuu Luq 19:29 24:53

4) Wangeela Yohaannis

Haalli barreeffama macaafa kanaa Wangeelota sadan irraa adda wangeela kana keessatti
dinqiin raawwataman turban keessaa shan wangeelota biro keessatti hin caqasamne.
Wangeelli kun qabiyyee isaanii waa’ee Waaqummaa Yesuus ibsuunis kannen biro irraa
adda. Barreessaan macaafichaa tarii galiilaatti qurxummii qabaa kan ture, ilmaan
Zabdeewos keessaa isa tokko, innis mucaa obboleettii Maariyaam solommee, Yohaannis
kan jedhamu. Mat 27:56, Mar 15:40, Yoh 19:25

Yeroo itti barreeffame: Wangeelli Yohaannis kan caafame tilmaamaan naannoo 40-140
Dh.K.B. ykn isaan booda akka ta’e dha.

Qabiyyee macaafichaa: Qabiyyeen ijoo macaafichaa Yohaannis mataa isaan kaa’ameera


Yoh. 20:30-31

Kutaama kana keessatti jechoota ijoo ta’an sadii argina isaanis milikita, amantan fi jireenya
kan jedhan. Wangeela kana keessatti kan ibsaman milikkitoota torba, waaqummaa Yesuus
kan ibsan dha. Milikkitootni kan agarsiisan namni foon uffatu kamillee kan raawwachuu
hin dandeenye dha.

22 Eliel “Be disciple and go to others to create the true disciple creators!”
Email: eliel0607generation@gmail.com Mobil: +251-926-545-440
P. O. Box 2209 Hawassa, Ethiopia.
Eli’eel-Dhaloota Kiristoosiif; Dhaabbata Leenjii M/Qulqulluu
Eliel-Generation For Christ Bible Training Institute

Xiyyeeffannoo Macaafichaa : ijaarsa isaa irraa kaasee toora inni ittiin ta’e waa’ee fayyinaa
ti Macaaficha keessatti Yesuus yeroo torba “Ana/Ani” yemmuu jedhu argina. Barreessichi
xiyyeeffannoo itti kennee kan caafef falaasama beekumsa kan qaban fakkaatu.

Hirama Macaafichaa

Boqonnaawwan 21kan qabu yemmuu ta’u, bakka gurguddoo 4tti hirama

1) Ilmi Waaqayyoo mul’ate Yoh 1:1-51

2) Ilmi Waaqayyoo fudhatama Yoh 2:1-6 :71

3) Ilmi Waaqayyoo mormii irratti ka’e Yoh 7:1-12:11

4) Ilmi Waaqayyoo dhugaa bahameef Yoh 12:12-21:25

5) Hojii Ergamootaa

Macaafni hojii ergamootaa kan wangeela Luqaas irraa ittifufe dha. Barreessichi jalqaba
irratti 1:1 yaada inni kaasu kan dursu macaafni biro akka jiru dha.

Yeroo itti barreeffame: Beektonni macaafa qulqulluu baay’een akka kaa’anitti, Macaafni
hojii ergamootaa bara 60 fi 65 Dh.K.B. akka barreeffamee dha. Luqaas egaan macaafota isaa
kutaa lamaan waa’ee ka’umsa amantii Kiristaana ibsa. Keessattuu Hojii Ergamootaa
keessatti seenaa Phaawuloos akkaataa amantiin Kiristaanaa babal’ate, achii gara biya
Roomaatti diriire ibsa. Kana malees, Macaafni kun Hojii Ergamootaa jedhamee haa
beekamu malee, hojii guddaan kan hojjetame Humna Hafuura qulqulluun ta’uu as keessatti
hubanna.

Qabiyye Macaafichaa: barreessichi babal’achaa kan deeme amantii Kiristaanaa ibsuuf.

Barreessaa: Miiltoo phaawuloosii fi gara Roomaa kan isa waliin deeme fakkata kanaaf
barreessaan Macaafa Hojii ergamootaa Luqaas akka ta’e dha.

Hirama Macaafichaa

23 Eliel “Be disciple and go to others to create the true disciple creators!”
Email: eliel0607generation@gmail.com Mobil: +251-926-545-440
P. O. Box 2209 Hawassa, Ethiopia.
Eli’eel-Dhaloota Kiristoosiif; Dhaabbata Leenjii M/Qulqulluu
Eliel-Generation For Christ Bible Training Institute

Boqonnaa 28 kan qabu yoo ta’u bakka 5tti hirame

1. Seensa 1:1-11

2. Jalqaba waldaa kiristaanaa Yerusaalemitti 1:12-8:3

3. Bara Ce’umsaa 8:4-11:18

4. Gara warra Waaqa hin beekneetti adeemsa wangeelaa godhame 11:19, 21:16

5. Hidhamuu phaawuloosii fi of irraa ittisuu isaa 21:17 – 28:31

6) Ergaa Phaawulos Gara warra Roomaatti


Ergaa kana kan caafe Phaawulos ;yemmuu caafetti Phaawulos biyya Qortoos keessa akka
turetti yaadama kunis bara 55 Dh.k.b dha. Waldaa Kiristaanaa Roomaa keessatti kan
dhaabe Phaawulos miti kan jalqabe eenyu akka ta’e hin beekamu. Ergaa kanas barreessee
Phaawulos kan erge tajaajiltuu waldaa kinkiras kantaate karaa Feeven ture (Rom 16:1)

Qabiyyee Macaafichaa mul’ina ayyaana Waaqayyoo kan ibsu dha. Akkasumas eenyu illee
Waaqayyoo wajjin walitti dhufeenya sirrii osoo hin uumin Waaqayyoo wajjin ta’uu fi
Kiristaana faayidaa qabeessa ta’uu akka hin dandeenye dha.

Hirama Macaafichaa

Boqonnaa 16 yoo qabaatu, bakka gurguddoo 5tti hirama

1. Qulqullummaan Waaqayyoo barbaachisaa ta’uu 1:1-3:20

2. Qulqullummaan Waaqayyoo kennamuu 3:21-5:21

3. Bu’aa qulqullummaa Waaqayyoo 6:1-8:39

4. Qulqullummaan Waaqayyoo mo’achuu 9:1-11:36

5. Qulqullummaa Waaqayyoo gochaan 12:1-16:27

7) Ergaa gara warra Qoronxoos isa duraa

24 Eliel “Be disciple and go to others to create the true disciple creators!”
Email: eliel0607generation@gmail.com Mobil: +251-926-545-440
P. O. Box 2209 Hawassa, Ethiopia.
Eli’eel-Dhaloota Kiristoosiif; Dhaabbata Leenjii M/Qulqulluu
Eliel-Generation For Christ Bible Training Institute

Waldaan warra Qoronxoos kan hin tasgabboofne ta’uu irra darbee rakkoo ishee jeequs
qabdi turte. Amantoonni waldaa Qoronxoos baay’een macaafa kakuu moofaa haalaan kan
hin beekne waan turaniif barumsa baay’ee isaan barbaachisa ture.

Yeroo itti barreeffame: Naannoo bara 54 Dh.K.B akka ta’e dha. Yeroo kanatti Phaawulos
Efesoon ture.

Qabiyyee macaafichaa: Ergaan kun seera waldaa Kiristaanaatii kaasee hanga du’aa ka’utti
haala jiru ibsa. Fiindiileyi namichi jedhamu, barreessaan waa’ee ergaa kanaa yaada cuunfaa
isaa yemmuu dubbatu, “Barsiisa fannoo jireenya hawaasummaa keesatti” jedheera. Ergaa
Qorxoos isa duraa kana Qabatee gara Qoronxoos kan geese ximootewoos ture.

Hirama ergichaa

Boqonnaa 16 yoo ta’u bakka 8tti hirama

1. Seensa 1:1-19

2. Furmaata wal qooduu 1:10-4:21

3. Barbaachisummaa seeraa 5:1-6:20

4. Gorsa waa’ee gaa’elaa 7:1-10

5. Itti fayyadama birmaduu 8:1-10:33

6. Waaqeffannaa waliinii 11:1-14:40

7. Humna Wangeelaa 15:1-58

8. Yaada cuunfaa 16:1-24

8) Ergaa Gara Warra Qoronxoos Isa Lammaffaa

Phaawulos ergaa gara warra Qoronxoos isa jalqabaa erga barreessee ergee booda waggaa
ykn lama booda biyya Girikootaa kan taate Maqadooniyaa taa’ee ergaa isa lammaffaa bara
56 ti barreessee. Rakkoon waldaa Qoronxoos keessa ture cimaa waan deemeef Phaawulos

25 Eliel “Be disciple and go to others to create the true disciple creators!”
Email: eliel0607generation@gmail.com Mobil: +251-926-545-440
P. O. Box 2209 Hawassa, Ethiopia.
Eli’eel-Dhaloota Kiristoosiif; Dhaabbata Leenjii M/Qulqulluu
Eliel-Generation For Christ Bible Training Institute

Efesoon taa’ee xalayaa barreessee karaa Tiitoo ergee ture. Garuu akka 2Qor 2:3-4tti ergaa
inni lammaffaa tasumaa waan isaan qaqqabe hin fakkatu, Tiitoonis dafee Qoronxoosii waan
hin deebineef Phaawulos isa barbaaddutti dhiphatee gara Maqadooniyaa deeme, 2Qor
2:12-14, Tiitoo Maqadooniyaatti erga argatee booda waa’ee warra Qoronxoos dhagahee,
rakkoo isaanii irraa gaabbanii waan qalbii diddiirattan itti fakkaatee ture kana erga
dhagahee booda yeroo ammaa Qoronxoos isa Hammaffaa jedhamee kan waamamu yeroo
sadaffaaf caafe.

Qabiyyee Macaafichaa: Macaafin kun barsiisa waldaa Kiristaanaa caalaatti waa’ee


dhimma dhuunfaa agarsiisa. Haalli jireenya hawaasummaa Phaawulosiis kan keessatti
argamu dha.

Xiyyeeffannoo Macaafichaa: Ergaan kun kanneen biro caalaatti waa’ee tajaajila


Phaawulos kan ibsa kennu dha. Phaawulos ergaa kana wanti inni barreesseef rakkoolee
warra Qoronxoos gidduu jiru qofa ilaalchisee osoo hin taane, diinnonni isaa wanta isa
irratti kaasanis ilaalcha keessa galchuun. Rakkoon Phaawuloosiin mudate kan waaqa
tolfamaa Waaqessan irra qofa osoo hin taane, nuti sirri dha ati sirrii miti kanneen jedhan
dura buutota waldaa Kiristaanaa irraas.

Hirama Ergichaa

Boqonnaa 13 kan qabu yoo ta’u bakka 6tti hirama

1. Nagaa gaafachuu 1:1-2

2. Miira Phaawuloos tajaajilaaf ittiin ka’e 1:3-2:13

3. Amala tajaajila Phaawuloos 2:14-7:16

4. Amantoota raakkataniif buusii 8:1-9:15

5. Ergamaa Phaawulos dhugaa ta’uu 10:1-13

6. Gudan faa 13:11-14

26 Eliel “Be disciple and go to others to create the true disciple creators!”
Email: eliel0607generation@gmail.com Mobil: +251-926-545-440
P. O. Box 2209 Hawassa, Ethiopia.
Eli’eel-Dhaloota Kiristoosiif; Dhaabbata Leenjii M/Qulqulluu
Eliel-Generation For Christ Bible Training Institute

9) Ergaa Phaawulos Gara warra Galaatiyaa

Waa’ee seera Musee eeguu irratti rakkoolee ka’an irratti macaafota barreeffaman keessaa
ergaan gara warra Galaatiya kun isa lammafffaa dha.

Yeroo itti barreeffame: ergaan kun bara kam akka caafame sirriitti yoo hin beekamne
illee gareen tokko tokko bara 54-56 Dh.K.B akka caafametti yemmuu dubbatan kaan
ammoo bara 48-49 Dh.K.B akka caafametti dubbatu.

Qabiyyee Macaafichaa : Wangeelli Yesuus Kiristoos haala sirriin hubatamaa waan hin
tureef, dheekkamsa darbe ture. Hojii seeraatiin osoo hin taane ayyaana Waaqayyotiin
fayyinni akka ta’e ibsuuf. Dheekkamsi Phaawulos yaada dhuunfaa isaa irraa qofa osoo hin
taane, dhugaa dubbii afuuraan kan wal qabate ture. Barsiisaan warra Kaatoliki Roomaa,
Maartiin Luuter, walitti bu’iinsa giddu isaaniitti kan uumame macaafa kana qo’atee ti.

Xiyyeeffannoo Macaafichaa: (Gal 2:2), Amantiin keenya Yesuus qofatti akka ta’uu qabu
dha.

Hirama Macaafichaa:- Boqonnaa 6 yoo qabaatu bakka 6tti hirama

1. Bu’uura Waaqummaa Wangeelaa 1:1-24

2. Wangeela Kunuunsuu 2:1-21

3. Waa’ee wangeelaa ibsa 3:1-4:7

4. Wangeela irraa adda kan ta’e ba’aa dha 4:8:31

5. Wangeela gochaan hiikuu fi gorsa 5:1-6:10

6. Wangeelaan of jajuu 6:11-18

10) Ergaa Phaawuloos Gara Warra Efesoon

27 Eliel “Be disciple and go to others to create the true disciple creators!”
Email: eliel0607generation@gmail.com Mobil: +251-926-545-440
P. O. Box 2209 Hawassa, Ethiopia.
Eli’eel-Dhaloota Kiristoosiif; Dhaabbata Leenjii M/Qulqulluu
Eliel-Generation For Christ Bible Training Institute

Ergaan warra Efesoon kan barreeffame waldootni Kiristaanaa baay’een erga bu’uureffamii
booda. Walii gala kakuu Haaraa keessatti Waldaa Kiristaanaa jechuun tuuta waldootaa
osoo hin taane, waldaa tokko akka ta’e kan caqafame macaafa kana keessatti.

Yeroo itti barreeffame: Yeroo Phaawulos mana hidhaa ture tti bara 60-61 gidduuti akka
ta’e dha.

Qabiyyee Macaafichaa: Ergaan kun kan ergameef kanneen amantiitti haaraa ta’aniif osoo
hin taane, kan hanga tokko hafuuratti bilchaataniif. Irra caalaatti ergaa warra efesoon kana
keessatti kan caqafame waldaa Kiristaanaa kan jedhu dha. Akkaataa Waaqayyo itti waajju
kutaa jalqabaa keessatti yemmuu ibsamu kutaa lammaffaa keessatti ammo deddeebi’uu
yaada jedhu kaa’a.

Xiyyeeffannoo Macaafichaa: Beektonni baay’een akka irratti walii galanitti ergaan warra
efesoon kun efesoon warra jiraniif qofa osoo hin taane, naannoo efesoon waldaalee
jiraniiifis.

Hirama Ergichaa: Boqonnaa 6 kan qabu yoo ta’u bakka 8tti qoodama

1. Waldaa Kiristaanaa karoora Waaqayyoo keessatti 1:1-14

2. Waldaa Kiristaanaa Humna Waaqayyootiin 1:15-2:10

3. Waldaa Kiristaanaa akka bakka Waaqayyo jiruutti 2:11-22

4. Waldaa Kiristaanaa akka mul’ata Waaqayyootti 3:1-21

5. Kennaawwan waldaa Kiristaanaatiif kenname 4:1-16

6. Madaalli jireenya hafuuraa 4:17-5:21

7. Amala waldaa Kiristinaa 5:22-6:9

8. Wal’aansoo waldaa Kiristaanaa 6:10-24

11) Ergaa Phaawulos Gara Filiphisiiyus

28 Eliel “Be disciple and go to others to create the true disciple creators!”
Email: eliel0607generation@gmail.com Mobil: +251-926-545-440
P. O. Box 2209 Hawassa, Ethiopia.
Eli’eel-Dhaloota Kiristoosiif; Dhaabbata Leenjii M/Qulqulluu
Eliel-Generation For Christ Bible Training Institute

Phaawuloos gara Magaalaa Filiphisiiyus kan deeme mul’ataan namichi Maqadooniyaa


tokko kottuu nu gargaar ergaa jedhu erga fudhate booda. (Hoe 16:9) Filiphisiiyus magaalaa
guddoo Maqadooniyaan ammo biyya Girikootaa turte.

Yeroo itti caafame: Yeroo Phaawulos mana hidhaa warra Roomaa turetti jedhamee
amanama. Kunis naannoo bara 60-61 gidduu tti.

Qabiyyee Macaafichaa: ergaan kun mata duree gurguddoo lama kan qabatee dha. Inni
duraa Phaawuloos yeroo sagal irra deeddebi’ee kan kaa’e Wangeela yoo ta’u, inni lammataa
ammoo Gammachuu dha.

Xiyyeeffannoo Macaafichaa: Kutaawwan xiyyeeffannoo lamaan Fil 2:5-11 fi 3:2-15.


Kutaan jalqabaa Yesuus Kiristoos Waaqayyo abbaaf ajamuu kan ibsu yoo ta’u, inni itti aanu
ammoo Phaawulos tajaajila itti kenname fiixaan baasuuf caraaqii inni godhe agariisa.

Hirama Macaafichaa

Boqonnaa 4 kan qabu yoo ta’u bakka gurguddoo 8 tti hirama

1. Kadhannaa Phaawuloos 1:1-11

2. Haala Phaawuloos keessa ture 1:12-26

3. Gorsa Phaawuloos 1:27 fi 2:18

4. Karoora Phaawuloos 2:19-30

5. Of eeggannoo Phaawuloos 3:1-4:1

6. Kadhaa Phaawuloos 4:2-3

7. Fakkeenyummaa Phaawuloos 4:4-9

8. Galateeffannaa Phaawuloos 4:10-23

12) Ergaa Phaawuloos Gara Qolosaayis

29 Eliel “Be disciple and go to others to create the true disciple creators!”
Email: eliel0607generation@gmail.com Mobil: +251-926-545-440
P. O. Box 2209 Hawassa, Ethiopia.
Eli’eel-Dhaloota Kiristoosiif; Dhaabbata Leenjii M/Qulqulluu
Eliel-Generation For Christ Bible Training Institute

Wangeelli kan qaqqabe yeroo Phaawuloos Efesoonitti lallabaa turetti bakkaa bakkatti
darbaa kan lallabaa turan Ximootewoosii fi Ephaafiraan ta’uu hin hafu (Qol 1:7)

Yeroo itti barreeffame: Beektonni baay’een akka irratti walii galatti yoo ta’e, macaafni
kun kan barreeffame yeroo Phaawuloos mana hidhaa warra Roomaa turetti, bara 60-61
Dh.K.B.

Qabiyyee Macaafichaa: Ergaa Qolosaayis keessatti iddoo guddaa kan qabatu Qol 1:14-22.
Kunis Kiristoosiin kan ibsu barsiisa Phaawuloos. Inni lammaffaa ammoo waajjuu kan jedhu
dha. Karaa fannoo isaa araara arganneera (1:20-22), 2:14

Xiyyeeffannoo Maccaafichaa: Ergaan Qolosaayis kan caafame falaasama guddina Yesuus


Xiqqeessuun soba dhugaa fakkeesee barsiisu yeellasisuuf (1:15), (1:19-2:3)

Hirama Ergichaa

Boqonnaa 4 kan qabu yoo ta’u bakka 5tti hirama

1. Seensa fi Nagaa gaafachuu 1:1-2

2. Olaantummaa Kiristoos 1:3-2:3

3. Olaantummaa Kiristoos amantii namtolchee olitti 2:4-23

4. Olaantummaa Kiristoos jireenya Kiristaanummaa keessatti 3:1-4:6

5. Yaada cuunfaa 4:7-18.

13) Ergaa Phaawulos Gara Warra Tasaloniiqee isa duraa

Yeroo itti caafame: Phaawulos erga Tasaloniiqee dhaa bahee booda naannoo bara
50Dh.K.B.

Qabiyyee Ergichaa: ergaan kun walitti dhufeenya waldaa Kiristaanaa wajjin qabu irraa
ka’uun kan caafe dha. Qabiyyee gurguddoo lama kan qabu yoo ta’u inni duraa amantoonni

30 Eliel “Be disciple and go to others to create the true disciple creators!”
Email: eliel0607generation@gmail.com Mobil: +251-926-545-440
P. O. Box 2209 Hawassa, Ethiopia.
Eli’eel-Dhaloota Kiristoosiif; Dhaabbata Leenjii M/Qulqulluu
Eliel-Generation For Christ Bible Training Institute

tasaloniiqee rakkoo karaa Wangeelaa irra gahee fi jajjabina yoo ta’u inni lammataa ammoo
gidduu isaaniitti rakkoolee uumamaniif barsiisa isaan sireessu erguu dha.

Xiyyeeffannoo Macaafichaa: Macaafni kun waa’ee deebi’ee dhufuu Kiristoos irratti kan
xiyyeeffate dha.

Hirama Macaaafichaa

Boqonnaa 5 kan qabu yoo ta’u bakka 7tti hirama

1. Nagaa gaafachuu fi galata 1:1-10

2. Tajaajila Phaawuloos 2:1-16

3. Hawwii Phaawulos warra Tasaloniiqee ilaaluuf qabu 2:17-3:5

4. Odeeffannoo Ximootewoos 3:6 fi 13

5. Waa’ee jireenya Kiristaanummaatiif qajeelfama 4:1-12

6. Waa’ee dhufa Gooftaa 4:13 – 5:11

7. Yaada Xumuraa 5:12 – 28

14) Ergaa Phaawuloos Gara Warra Tasoloniiqee isa Lammaffaa

Phaawulos ergaa isa lammaffaa kana kan caafe isa jalqabaa caafee osoo baay’ee hin turin.
Rakkoo cimaatu warra Tasaloniiqee gidduu ture. Innis waa’ee deebi’ee dhufuu Yesuus
irratti hubannoo dogongoraa qabaachuu ture. Haala isaanii kana hubatee Phaawulos
hubannoo isaanii akka sirreeffataniif ergaa kana caafeef.

Yeroo itti caaqame: Warri Tasalooniiqee ergaa isa duraa akkuma dubbisaniin Kiristoos
dhiheenyummatti waan dhufu itti fakkaatee ture. Haala kana hubachuun Phaawuloos osoo
baay’ee hin turin ergaa isa lammaffaa kana kan caafef.

Qabiyyee Macaafichaa: Akkuma armaan olitti ibsame, Tasalooniiqeetti dhufti gooftaa


baay’ee dhi’aateera yaada jedhu sirrreessuuf kan barreeffame dha. Warri Tasalooniiqee

31 Eliel “Be disciple and go to others to create the true disciple creators!”
Email: eliel0607generation@gmail.com Mobil: +251-926-545-440
P. O. Box 2209 Hawassa, Ethiopia.
Eli’eel-Dhaloota Kiristoosiif; Dhaabbata Leenjii M/Qulqulluu
Eliel-Generation For Christ Bible Training Institute

yaada kana kan argatan yookiin ergaa isa duraa haala dogongoraa ta’een hubataniti
yookiin ammoo barsiis sobaa isaan gidduu seenee ta’uu danda’a.

Xiyyeeffannoo Macaafichaa: Xiyyeeffannoon macaafa kanaa waa’ee deebi’ee dhufuu


Yesuus hubannoo jiru sirreessuu dha. Kana irraa kan hafe ammoo namoonni Tasalooniiqee
jireenya obbolummaa isaan gidduu jiru cimsuun hojiitti illeee akka jabaataniif. Gooftaan
indhufa waan jedhamaniif, baay’een hojii dhaabanii waan turaniif.

Hirama Macaafichaa

Boqonnaa 3 kan qabu yoo ta’u bakka 5tti hirama

1. Kadhannaa galataa 1:1-12

2. Yeroo Gooftaan dhufuu gahutti wantoota ta’an 2:1-12

3. Waa’ee jajjabinaaf gorsa kenname 2:13-17

4. Kadhannaa fi ajaja 3:1-15

5. Yaada cuunfaa 3:16-18

15) Ergaa Phaawuloos Gara Ximotewos Isa Duraa

Hafuura Mucaa Phaawuloos kan ture Ximotewos hojiinis isa faana tureera. Abbaan isaa
nama Girikii yemmuu ta’u, haati isaa garuu Yihuudii turte. Inni garuu mucummaa isaatii
kaasee macaafa kakuu Moofaa sirriitti kan qo’ataa ture dha.

Yeroo itti caafame: Phaawulos ergaa kanaa fi isa lammaffaa kan caafe hojii ergamootaa
keessatti hojiileen toora galan erga raawwatamanii booda akka ta’e dha.

Qabiyyee Macaafichaa: Ergichi kan caafame dhuunfaan Ximotewoosiif ture. Ximotewos


geggeessaa Waldaa Efesoonitti argamtuu yoo ta’u, umriin kan hin bilchaane, dhukkubbii
garaas kan qabu ture. Egaan Phaawulos gorsa Kennaaf.

32 Eliel “Be disciple and go to others to create the true disciple creators!”
Email: eliel0607generation@gmail.com Mobil: +251-926-545-440
P. O. Box 2209 Hawassa, Ethiopia.
Eli’eel-Dhaloota Kiristoosiif; Dhaabbata Leenjii M/Qulqulluu
Eliel-Generation For Christ Bible Training Institute

Hirama Ergichaa

Boqonnaa 6 kan qabu yoo ta’u bakka gurguddoo 5tti hirama

1. Qajeelfama dhuunfaa fi kadhaa 1:1-20

2. Waa’ee seera waldaa fi qajeelfama 2:1-3:16

3. Gorsa Addaa 4:1-16

4. Walitti dhufeenya walii isaaniitiif qajeelfamoota 5:1-6:2

5. Adaraa isa dhumaa 6:3-21

16) Ergaa Phaawulos gara Ximotewos isa Lammaffaa

Ergaa inni lammaffaa kun yaada dhuunfaa fi gooftaaf akka ajajamuuf qajeelfama kan wal
makee qabate dha. Phaawuloos ergaa kana keessatti ofii isaa ximotewos keessa galchuun
adaraa wangeelaa dabarsuu yaala.

Yeroo itti barreeffame: yeroo Phaawulos yeroo lammataaf Roomaatti hidhametti. Yeroo
ergaa kana caafe du’I isaa dhi’aatee ture.

Qabiyyee ergichaa: Qabiyyee guddaan ergaa kanaa Phaawulos dhaabuuf kan jiru itti
gaafatamummaa guddaa Ximotewoos akka fudhatuuf. Waamicha kana yemmuu
Ximotewoosin akka loltuutti (2:3), jireenya dhuunfaa fi namootaa wajjin qabu irratti osoo
wal hin qocolin jiraachuu akka qabu gorsa.

Xiyyeeffannoo Macaafichaa: “Dubbii sirrii isa ana irrraa dhageesse sana geggeessaa
godhadhuu duu kaa bu’i!” (2Xim 1:13) kun yaada ijoo ergichaati.

Hirama Ergichaa

Boqonnaa 4 kan qabu yoo ta’u yaada gurguddoo of tti hirame

1. Nagaa gaafachuu 1:1-2

2. Waamicha isaaf amanamaa ta’uu 1:3-2:13

33 Eliel “Be disciple and go to others to create the true disciple creators!”
Email: eliel0607generation@gmail.com Mobil: +251-926-545-440
P. O. Box 2209 Hawassa, Ethiopia.
Eli’eel-Dhaloota Kiristoosiif; Dhaabbata Leenjii M/Qulqulluu
Eliel-Generation For Christ Bible Training Institute

3. Hojiitti jabaadhu 2:14-26

4. Gara fuulduraaf qophaa’aa ta’I 3:1-9

5. Caafata qulqullaa’oo irratti hirkadhu 3:10-17

6. Tajaajila kee raawwadhu 4:1-8

7. Dhimma dhuunfaa 4:9-22

17) Ergaa Phaawulos Gara Tiitoos

Haala dubbii hafuuraatiin Phaawuloos mucaa koo jedhee waama (1:4). Itti dabalees kan
naa wajjiin hojjetu jedhees waamera (2Qor 8:23) Tiitoon Phaawuloosiin waldaa
Yerusaalem keessa hiyyeessota jiraniif qarshii akka walitti qabuuf gara Qoronxoositti ergee
ture 2Qor 8:16-17.

Yeroo itti barreeffame: Akkaataa duraa duubaa yoo ilaalame ergaan Tiitoo ergaa
Ximotewos isa duraatti aansee ti

Qabiyyee Macaafichaa: Ergaan Ximootewos isa duraa fi Tiitoos wal fakkaatu, kan Tiitoo
ergaa ciminaa amantii qaba malee.

Xiyyeeffannoo Macaafichaa ergaa kana jeessatti barsiisa dhugaa kan jedhu


xiyyeeffannoon itti kennameera. Phaawulos ergaa kana keessatti bakka lamatti (Tit 2:11-14
fi 3:4-7) irratti waa’ee amatii fi barsiisa dhugaa kaasera.

Hirama Macaafichaa: Boqonnaa 3 kan qabu yoo ta’u yaadota shan qaba

1. Yaada seensaa 1:1-4

2. Maangudoota Muuduu 1:5-6

3. Miseensota barsiisuu 2:1-3:8

4. Qoodama kan uumuuf ejjennoo fudhachuu qabu 3:9-11

5. Gorsa Xumuraa 3:12-15

34 Eliel “Be disciple and go to others to create the true disciple creators!”
Email: eliel0607generation@gmail.com Mobil: +251-926-545-440
P. O. Box 2209 Hawassa, Ethiopia.
Eli’eel-Dhaloota Kiristoosiif; Dhaabbata Leenjii M/Qulqulluu
Eliel-Generation For Christ Bible Training Institute

18) Ergaa Phaawuloos Gara Filemon

Filemon Qolasiiyas kan jiraatu namicha sooressa yemmuu ta’u, garbicha Anismoos
jedhamu qaba ture. Anismoos kun meeshaa jalaa butee bade ture. Egaan Anesmoos kun
yeroo tokkotti wangeela Phaawuloos irraa dhagahee jijjiirameera.

Phaawulos balleessaa Anesmoos qajeelchuun, nama faayidaa qabeessa ta’e gochuun


Filemon akka fudhatuuf xalayaa kara Anesmoos mataa saan ergeef.

Yeroo itti barreeffame: Ergaan kun kan caafame yeroo ergaan Qolasiyaas itti caafametti.
Yeroo kanatti Phaawulos mana hidhaa Roomaa keessa ture.

Qabiyyee ergichaa: Ergichi nama dhuunfaaf kan caafame yoo ta’u, dhiifama gochuu dha.

Xiyyeeffannoo ergichaa: ergaa kana keessatti dhiifamni iddoo guddaa qabata.

Hirama ergichaa

Lakkoofsota 25 qofa kan qabu yoo ta’u yaadota 4 qaba

1. Nagaa gaafannaa Phaawuloos 1-3

2. Galata Phaawuloos Filemoonaaf dhiyyeessu 4-7

3. Kadhata Phaawuloos Anesmoosiif 8-21

4. Gudunfaa 22-25

19) Ergaa Gara Ibrootaa

Eenyu akka barreesse hin beekamne

Yeroo itti caafame: ergaan kun kan caafame bara 60 fi 70 gidduutti akka ta’e dha.

Qabiyyee ergichaa: Amantoonni ergaan kun caafameef Kiristoositti kan amanan ta’anis,
seera Musee irraa adda hin baane.

Xiyyaffannoo ergichaa: Waa’ee lubummaa Kiristoos ibsuu dha.

35 Eliel “Be disciple and go to others to create the true disciple creators!”
Email: eliel0607generation@gmail.com Mobil: +251-926-545-440
P. O. Box 2209 Hawassa, Ethiopia.
Eli’eel-Dhaloota Kiristoosiif; Dhaabbata Leenjii M/Qulqulluu
Eliel-Generation For Christ Bible Training Institute

Hirama ergichaa
Boqonnaa 13 kan qabu yoo ta’u bakka 7tti hirama

1. Maqaan isaa kan hundaa oliiti 1:5-2:18


2. Muudamin isaa guddaa dha 3:1-4:13

3. Lubummaan isaa kan bara baraati 4:14-7:28


4. Kakuun isaa kan bara baraati 8:1-9:28

5. Aarsaan isaa irra hin deebi’amu 10:1-31


6. Abdiin isaa Amansiisaa dha 10:32-12:13

7. Mootummaan isaa hin raafamu 12:14-13:25

20) Ergaa Yaaqoob

Kan barreesse obboleessa gooftaa Yesuus fi waldaa Kiristaanaa ishee Yerusaalem


geggeessaa kan ture dha.
Yeoo ittticaafame: Naannoo bara 62Dh.k.B jedhamee yaadama

Qabiyyee ergichaa: Yaada tokko irratti kan xiyyeeffatu fakkaata, garuu walii galli isaa
barsiisa gaara irraa fakkaata.
Xiyyeeffannoo ergichaa: Barbaachisummaa hojii ti, Phaawuloos namni gara tokkummaa
Waaqayyoo dhufuuf amanuun qaba yemmuu jedhu yaaqoob ammoo amtii kana hojiin
mul’isuu qaba jedha.

Hirama Ergichaa

Boqonnaa 5 yemmuu qabaatu bakka 7tti hirama


1. Nama hafuuraa fi qorumsa 1:1-18
2. Nama hafuuraa fi sagalee Waaqayyoo 1:18-28
3. Nama hafuuraa fi walitti dhufeenya 2:1-26
4. Nama hafuuraa fi Afaan isaa 3:1-12
5. Nama hafuuraa fi ogummaa 3:13-28
36 Eliel “Be disciple and go to others to create the true disciple creators!”
Email: eliel0607generation@gmail.com Mobil: +251-926-545-440
P. O. Box 2209 Hawassa, Ethiopia.
Eli’eel-Dhaloota Kiristoosiif; Dhaabbata Leenjii M/Qulqulluu
Eliel-Generation For Christ Bible Training Institute

6. Nama hafuuraa fi gad of deebisuu 4:1-17


7. Nama hafuuraa fi obsa 5:1-12
21) Ergaa Pheexros isa Duraa

Ergaa kana kan caafe Pheexros. Amantoota Galaatiyaa, Lodooqiyaa, Isiyaa fi Biitaaniyaa
keessa faca’anii rakkoo adda addaa keessa jiraniif.

Yeroo itti caafame: Naannoo bara 64 Dh.K.B. Jedhamee yaadama.

Qabiyyee ergichaa: Rakkoo keessa Amantoota jiran amantii isaanitti akka jabaataniif

Xiyyeeffannoo ergichaa: Waa’ee gidiraa fi ayyaana Waaqayyoo irratti xiyyeeffata. Waa’ee


Kiristoosiif gidiraan yoo nurra gahe ayyaanni Waaqayyoo akka nuuf baay’atu dha.

Hirama Ergichaa
Boqonnaa 5 kan qabu yoo ta’u bakka 7tti hirama

1. Abdii jiraataa 1:1-12


2. Dhiiga angafichaan waajjamuu 1:13-2:3
3. Bakka ulfinaa 2:4-12
4. Fakkeenyummaa dhuunfaa 2:13-25
5. Adeemsa alanii mul’atu 3:1-22
6. Keessa keenyaan haala ittiin dhi’aanu 4:1-19
7. Kabaja barabaraa 5:1-14
22) Ergaa Pheexros isa lammaffaa

Xiyyeeffannoo ergichaa: Beekumsa dhugaa kunis waa’ee beekumsa Kiristoos


Hirama Macaafichaa:- Boqonnaa 3 kan qabu yoo ta’u bakka 3tti hirama
1. Bu’uura beekumsa Kiristoos 1:1-21
2. Firdii barsiisota sobaa 2:1-22
3. Guyyaa Gooftaa fi haala jireenya Kiristaanotaa 3:1-18
23) Ergaa Yohaannis isa Duraa

37 Eliel “Be disciple and go to others to create the true disciple creators!”
Email: eliel0607generation@gmail.com Mobil: +251-926-545-440
P. O. Box 2209 Hawassa, Ethiopia.
Eli’eel-Dhaloota Kiristoosiif; Dhaabbata Leenjii M/Qulqulluu
Eliel-Generation For Christ Bible Training Institute

Kan barreesse Yohaannis ilma Zabdewoos. Barreessaan kun wangeela Yohaannis dabalatee
macaafota 5 akka caafedha.

Yeroo itti caafame: Yoomii fi eenyuu akka caafame hin beekamu.

Qabiyyee Barreeffamichaa: ifaa fi jaalala jechoonni jedhan irra deddeebin mul’atu.


Lamaanuu ibsa eenyummaa Waaqayyoo ti.

Xiyyeeffannoo ergichaa: ergaan kun waa’ee jireenya barabaraa cimsee dubbata.

Hirama Macaafichaa

Boqonnaa 5 yoo qabaatu bakka 9tti hirama

1. Dhugaa beekuu 1:1-4

2. Ifa keessa deddeebi’uu 1:5-2:14

3. Waaqayyoon dibamuu 2:15-29

4. Waan sirrii raawwachuu 3:1-10

5. Jaalala dhugaa ta’e agarsiisuu 3:11-20

6. Hafuura qulqulluun dibamuu 3:21-4:6

7. Waa’ee Kiristoos hubachuu 4:7-21

8. Ajaja Waaqayyoo eeguu 5:1-12

9. Kiristoos keessatti argamuu 5:13-21

24) Ergaa Yohaannis Isa Lammaffaa

Ergaan kun nama dhuunfaaf kan caafame dha. (1:1-2)

Yeroo itti barreeffame: Yohaannis ergaa kana kan caafetilmaamaan naannoo dhuma
jaarraa tokkoffaa ti

38 Eliel “Be disciple and go to others to create the true disciple creators!”
Email: eliel0607generation@gmail.com Mobil: +251-926-545-440
P. O. Box 2209 Hawassa, Ethiopia.
Eli’eel-Dhaloota Kiristoosiif; Dhaabbata Leenjii M/Qulqulluu
Eliel-Generation For Christ Bible Training Institute

Qabiyyee Macaafichaa: Adeemsa rakkisa ture jireenya hafuuraa keessatti agarsiissuun,


dhugaan jiraachuun maalif akka barbaachisu lafa kaa’a.

Xiyyeeffannoo Ergichaa : Ergaan kun amanamummaa Kiristaanootaa jechuun in


dandaa’ama.

Hirama ergichaa

Lakkoofsota 13 yoo qabaatu kutaawwan lamatti hirama

1. Seera jaalala Waaqayyootiif ajajamuu 1-6

2. Kiristoosiin kan ganan barsiisota sobaan mormuu 7-13

25) Ergaa Yohaannis isa Sadaffaa

Ergaan kun kan barreeffame geggeessaa waldaa Kiristaanaa kan ture Gaayosiif dha.

Yeroo itti caafame: Akkuma ergaa isa lammaffaa naannoo dhuma jaaraa tokkoffaa keessa.

Qabiyyee macaafichaa: Kan barreeffame Gaayosiif innis geggeessaa waldaa kiristaanaa


waan tureef, dhimmi isaas waa’ee geggeessaa irratti jechuu dha.

Xiyyeeffannoo ergichaa: dhugaa shaakaluu kan jedhu dha.

Hirama Macaafichaa

Lakkoofsota 15 yoo qabaatu bakka 3tti qoodama

1. Amanamaa fi keessummaa kan simatu 1-8

2. Of tuultuu fi mormituu of eeggachiisuu 9-10

3. Hojjetaa gaarii jajjabeesuu 11-14

39 Eliel “Be disciple and go to others to create the true disciple creators!”
Email: eliel0607generation@gmail.com Mobil: +251-926-545-440
P. O. Box 2209 Hawassa, Ethiopia.
Eli’eel-Dhaloota Kiristoosiif; Dhaabbata Leenjii M/Qulqulluu
Eliel-Generation For Christ Bible Training Institute

26) Ergaa Yihuudaa


Barreessaan kun Nama waldaa Yerusaalem. Obboleessa Yaaqoob, akkuma Yaaqoob du’aa
ka’uu Kiristoos booda kan amanee fi gaafa guyyaa shantamaffaas kedhannaa irra kan
bartootaa wajjin ture dha.

Yeroo itti barreeffame: Yoomii fi eessatti akka caaqame wanti lafa taa’e hin jiru. Garuu
kufaatii Yerusaalem dura akka ta’e dha.
Qabiyyee ergichaa: Yihuudaan ergaa isaa wanta inni caafeefamantootaaf yeroo tokko
amantiin erga kennamee booda jabaatanii akka dhaabataniif jajjabeessuuf.
Xiyyeeffannoo ergichaa: Amantii Warra Gananiif of eeggannoo kenname.
Hirama Ergichaa
Lakkoofsota 25 kan qabu yoo ta’u bakka 3tti hirama
1. Barsiisonni sobaa seenuu 1-4
2. Barsiisota sobaatiif deebii 5-16
3. Barsiisa sobaaf deebii kenname 17-25
27) Mul’ata Yohaannis
Xumura kakuu haaraati. Adda kan isa godhu raajii irratti waan xiyyeeffatuuf.
Yeroo itti caafame: Xumura jaarraa tokkoffaa keessa. Bakki isaa ‘fiximoo’ (Mul 1:1-2)
Qabiyyee Macaafichaa: Ibsa waldaalee Kiristaanaa lafa kaa’uun waa’ee deebi’ee dhufuu
yesuus tarreessa.
Hirama Macaafichaa
Boqonnaa 22 kan qabu yoo ta’u bakka 6tti hirama
1. Itti seensa Nagaa gaafachuun 1:1-8
2. Mul’ata isa jalqabaa: Kiristoos waldaa Kiristaanatti 1:9-3:22
3. Mul’ata isa lammaffaa: Kiristoos haala biyya lafaa in to’ata 4:1-16:21
4. Mul’ata isa sadaffaa: Kiristoos humna hamoo in lola, in mo’as 17:1-21:8
5. Mul’ata isa afurfaa: Kiristoos teessoo isaa irratti: 21:9-22:5
6. Gudunfaa: Gorsaa fi Waamicha 22:6-21
40 Eliel “Be disciple and go to others to create the true disciple creators!”
Email: eliel0607generation@gmail.com Mobil: +251-926-545-440
P. O. Box 2209 Hawassa, Ethiopia.
Eli’eel-Dhaloota Kiristoosiif; Dhaabbata Leenjii M/Qulqulluu
Eliel-Generation For Christ Bible Training Institute

Goolaba (Conclusion)
Ibsa Gabaabaa kanaan Macaafota kakuu haaraa xumuruun salphaa miti. Garuu hanga
dandaa’ametti kanneen bu’uura ta’an kaa’uun yaalameera. Kakuu haaraan marti gara
Gooftaan Yesuus kan agarsiisan dha. Nutis yaada keenya hundaa isuma irra godhachuun
jireenya keenya keessatti isaa wajjin turuu akka dandeenyuuf Waaqayyo nu haa gargaaru.

41 Eliel “Be disciple and go to others to create the true disciple creators!”
Email: eliel0607generation@gmail.com Mobil: +251-926-545-440
P. O. Box 2209 Hawassa, Ethiopia.

You might also like