You are on page 1of 30

Dan Bible College (Koleejii Macaafa Qulqulluu Daan)

Mala Hiikkaa Walitti Bu’iinsaa


(Conflict Resolution Method)

“…Jaalalaan dubbii dhugaa dubbachaa, koottaa karaa hundumaan gara


mataa isa nuuf ta’e gara Kiristoositti in guddannaa!” Efe. 4:15.

1 DBC “Be disciple and go ot others to create the true disciple creators!”
Email: danbiblecoll@gmail.com / eliel0607generation@gmail.com
Phone: +251-468-217-144/+251-926-545-440; P.o.b. 2209 Hawassa, Ethiopia.
Dan Bible College (Koleejii Macaafa Qulqulluu Daan)

Baafata (Table of Contents)

I . Kuta tokko ………………………………………………………………………

1. Walitti bu’iinsa dhabamsiisuu ………………………………………………………


2. Walitti Bu’iinsi maal? ……………………………………………………………..
3. Macaafni qulqulluun waa’ee walitti bu’iinsaa maal jedha? …………………………….

II. Kuta lama………………………………………………………………………..


1. Walitti bu’iinsa waldaa kiristaanaa keessatti uumamaniif sababa waan ta’an ……………….
2. Yeroo walitti bu’iinsaatti sadarkaa itti walitti dhiyeenyaa …………………………
3. Mala Macaafaa qulqulluu …………………………………………………………..

III. Kutaa Sadii ……………………………………………………………………

1. Walitti Bu’iinsa waldaa keessaa mala itti hiikan ………………………………


2. Nageenya sobaa ……………………………………………………………..

IV. Kutaa Afur……………………………………………………………………...

1. Waa’ee walitti bu’iinsaa hubachuu……………………………………………..

V. Kutaa Shan………………………………………………………………………

1. Akaakuu wlaii galtee …………………………………………………………….

VI. Kutaa Jahaa…………………………………………………………………….

1. Hiikkaa walitti bu’iinsaa …………………………………………………………


2. Akaakuu walitti bu’iinsaa ka’umsa walitti bu’iinsaa…………………………………

VII. Goolaba………………………………………………………………………

2 DBC “Be disciple and go ot others to create the true disciple creators!”
Email: danbiblecoll@gmail.com / eliel0607generation@gmail.com
Phone: +251-468-217-144/+251-926-545-440; P.o.b. 2209 Hawassa, Ethiopia.
Dan Bible College (Koleejii Macaafa Qulqulluu Daan)

Seensa (Introduction)
Dhalli namaa erga cubbuutti kufee kaasee ofii isaa wajjiin ,waaqayyoo wajjini fi uumama
naannoo isaa wajjin walitti bu’iinsii yaada dhokataa ta’ee miidhaa jira . Kun saba tokkoof
bu’uura kan ta’e maatii irraa eegalee, naannoo magaalaa, biyyaa biyyaatti illee walitti bu’iinsi
jira. Ta’aas immoo jira. Akka ta’utti yoo malli furmaataa barbaadamuu baate, walitti bu’iinsi
rakkoo guddaa fida. Waldaa kiristaanaa keessattis ajandaa isa jalqabaa ta’uu irra darbee
waliigaltee dhabuun gara walitti bu’iinsatti jijjiiramee gara wal qooduutti fidaa jira. Walitti
bu’iinsa irraa kan ka’e wal ajjeessuuf namoota kaka’an lakkoofsa isaanii beekuun in dandaa’ama
ta’aa? Walitti bu’iinsi dhibee kamiyyuu caalaa nama dhuunfaa fi maatii guddisee miidhuu
danda’a. Kana malees biyyaa fi biyyi yoo walitti bu’an yeroon furmaata yoo hin arganne rakkoo
cimaaf isaan saaxila. Waldaan kiristaanaas walitti bu’iinsa uumameef yeroon furmaata
barbaaduutu irraa eegama . Walitti bu’iinsi furmaataa hin arganne biyya kisaarsa ;waldaa
Kiristaanaas akka hin guddaneef kan duubati harkisu, dhuga bahumsa ishee kan balleessee fi
walitti dhufeenya jiru kan qabaneesse walitti bu’iinsa.

Walitti bu’iinsa kan fide kufaatii namootaa waan ta’eef, waldaa kiristaanaa karra hojii
ishee, jireenya hawwasummaa ishee fi haala siyaasaa keessatti wanta mul’atu dha har’as. Haa
ta’u malee walitti bu’iinsi hojii hojjetamu tokkoof danqaa qofa osoo hin taane faayidaas qaba;
walitti bu’iinsi jireenya dhuunfaas ta’e waliinii kam keessatti illee jira. Jireenya hawaasummaa
keessatti waliti bu’iinsi waan hin hafne dha. Jireenya siyaasaa keessatti qofa osoo hin taane,
waldaa Kiristaanaa keessas jira. Maatii keessaas jira. Barumsa kana keessatti egaan waa’ee
walitti bu’iinsaa caqasuuf jecha yaadolee hundi yoo hin caqasamne illee , maalummaan walitti
bu’iinsaa fi haalli itti furmaatni kennamuufii danda’u yaadoleen ijoo ka’aniiru.

Kaayyoo Barumsichaa
1. Waldaa kiristaanaa keessatti waliigaltee dhabuun akkamitti akka gara walitti bu’iinsaatti
akka dhufu ibsuu fi rakkoo itti aane dhufu hubachiisuu
2. Walitti bu’iinsi Macaafa Qulqulluu keessatti maal akka fakkaatuu fi mala itti furmaata
fidan yaada qabachiisuu,
3. Walitti bu’iinsa callisaan irraa baqachuun bira darbuu osoo hin taane, itti siiquun firiin
isaa hadha’aa ta’uuf kan ture gara firii mi’aawwaatti jijjiiruu barachuu
4. Waldaan Kiristaanaa bu’aa walitti bu’iinsaan qooda miidhamtu akka fayyadamtu gochuu

3 DBC “Be disciple and go ot others to create the true disciple creators!”
Email: danbiblecoll@gmail.com / eliel0607generation@gmail.com
Phone: +251-468-217-144/+251-926-545-440; P.o.b. 2209 Hawassa, Ethiopia.
Dan Bible College (Koleejii Macaafa Qulqulluu Daan)

Kutaa Tokko
Walitti Bu’iinsa dhabamsiisuu
(Conflick Resolution)

Walitti bu’iinsi xiqqaan amantoota gidduutti uumamu yoo yeroon furmaata hin arganne gara
dubbii cimaatti ce’uun gatii inni nama baasisuus hedduu ta’a.

Gosti isaa fi yeroon isaa adda addaa haa ta’u malee walitti bu’iinsi hiikaa hin arganne rakkoo
inni amantoota hedduu irraan geesise hammas hin jedhamu. Hundaa olitti immoo miidhaa walitti
bu’iinsi miiraa fi hafuura namaa irratti fiddu cimaa dha.

Rakkoo walitti Bu’iinsi Biyya Ameriikaa keessatti fidaa jiruu fi haala


kisaaraa

Amantoota gidduutti walitti bu’iinsa uumamu irraa kan ka’e biyya Ameerikaa keessatti
Kisaaraan akkamii akka itti dhufe barreessaan Toomaas jedhamu haala.

Armaan gadiin ibseera.

1. Waggaa waggaan amantoonni haaraan kanneen birooti dabalaman walitti bu’iinsa isaan
giddutti ta’u irraa kan ka’e mana murtiitti maannoo Doolara 20-40, kunis Biiliyonaan
kaffalama.
2. Ameerikaa keessatti laphee namaa kan tuqaa naannoo walitti bu’iinsa 19000 tu waldaa
Kiristaanaa Ameriikaa keessatti waggaa tokko keessatti ta’a.
3. 35% kan ta’u gaa’elli amantootaa sababa walitti bu’iinsaa hiikkoon xumurama.
4. Eegdonni (Pastors) 1,500 ta’an sababa walitti bu’iinsaaf waldaa dhiisanii deemu.
Waldaan kiristaanaa kana irraa kan ka’e Doolaara Miliyoon 684 baasii gooti.
Akka armaan olitti hubachuu dandeenyutti waldaan kiristaanaa kanneen biroo caalaatti
walitti bu’iinsa uumameef furmaata barbaaduu akka hin dandeenye dha.
Biyya lafaa Kiristoos waliin walitti araarsuuf sabni waamame walii isaanii gidduutti
araara buusuu dadhabuun isaanii kan nama gaddisiisu dha.

4 DBC “Be disciple and go ot others to create the true disciple creators!”
Email: danbiblecoll@gmail.com / eliel0607generation@gmail.com
Phone: +251-468-217-144/+251-926-545-440; P.o.b. 2209 Hawassa, Ethiopia.
Dan Bible College (Koleejii Macaafa Qulqulluu Daan)

Biyya keenya keessattis yoo ilaalu, qorannoo waggoota kudhanii keessatti


walitti bu’iinsi maatii, waldaa kiristaanaa fi bakka hojiitti ta’an sochiii wangeelaa
ariifachiisuuf baasiin ooluu male hangamtu sababa walitti bu’iinsaaf kisaaraa ta’eera
ta’aa? Kana malees tajaajiltoota meeqatu qalbiin isaanii gad bu’ee? Biyya lafaatiin
sagalee misiraachoo gahuun osoo nurra jiruu meeqatti gufuu taaneerraa? Walitti
bu’iinsaa of furmaata fiduus akkaataa barsiisa Macaafa Qulqulluutti hangam
carraaqneerraa? Dhiifama walii gochuun bira darbinee, ayyaanni waaqayyoo akka nuuf
baay’atuuf akkamitti dhamaatii goonerraa? Walitti bu’iinsi rakkoo inni fiduuf jiruu fi
baasii itti aanee dhufu qofa ilaalee dhiifama waliif gochuu hin qabnu. Amantoonni
abboomamuu kan qaban sagalee waaqayyoof .

Walitti Bu’iinsa” Yaada jedhu Hubachuu


Walitti bu’iinsa jechuun garaa garummaa ilaalchaa irraa kan ka’e jibba ifatti ta’u
dhajechuun in dandaa’ama . Walitti Bu’iinsi (Conflict) yaada tokko irratti walii galtee
dhabuudhaan waan uumamu dha. Waliigaltee dha buuqofas miti walitti bu’iinsi. Walitti
bu’iinsa keessa yeroo hundaa jibbis jira.
Waa’ee walitti bu’iinsaa yaadolee dogongaraa lamaan

1. Yeroo baay’ee ilaalcha amantoonni walitti bu’iinsaaf qaban akka waan miidhaa
fiduuti . Tokko tokko jaalala waaqayyoo qofa irratti xiyyeeffachuun waa’ee walitti
bu’iinsaa homaa dhagahuu hin barbaadan. Jireenya kiristaanummaa eenyuu wajjin
illee osoo walitti hin bu’in hunda isaanii wajjin jaalalaan waan jiraatan itti hin
kennaan .
2. Karaa biraan ammo garee lammataa keessatti kan ramadaman waaqayyoo hundumaa
danda’aa waan ta’eef walitti bu’iinsa hunma waaqayyoo keessatti ilaalu soba dhugaa
irraa adda baasuuf namni tokko akkuma dogongore, sababni inni cimaan walitti
bu’iinsa akka ta’etti amanu. Aboon addaa akka kennameefitti yaaduun tarkaanfii
humnaa walitti bu’iinsa irraa kan ka’e fudhatu ofii isaanii eeggatu, dheekkamoo dhas.

5 DBC “Be disciple and go ot others to create the true disciple creators!”
Email: danbiblecoll@gmail.com / eliel0607generation@gmail.com
Phone: +251-468-217-144/+251-926-545-440; P.o.b. 2209 Hawassa, Ethiopia.
Dan Bible College (Koleejii Macaafa Qulqulluu Daan)

Macaafni Qulqulluun waa’ee walitti Bu’iinsaa maal jedha?


Hoogganaa cimaan walitti bu’iinsa kan sodaatu osoo hin taane gad of qabuun
furmaata barbaadeefii fayyidaa qabeessa nama gochuu danda’u dha. Macaafa
qulqulluu keessatti ibsa “sadan tokkumaa” waaqaa malee sadan tokkummaa waaqaa
jechu akkuma hin arganne, jechi “walitti bu’iinsa” jedhu kallattiin bareeffamee hin
jiru . Garuu yaadni akka waraanaa mormii, wal loluu sirriitti jiru.

Walitti Bu’iinsa kakuu moofaa keessatti


Kakuu moofaa keessatti walitti bu’iinsi qaamaa fi jechaan jira. Kan malees lolaJabaan
jira. (Fakk. 10:12, 13:10,15:18).

Walitti bu’iinsa Kakuu Haaraa keessatti


Ergamaan Phaawuloos bulchitoota waldaa kiristaanaa waan yaadachiise qaba (Rom.
1:29, 1Qor. 1:11, 3:3, Gal. 5:20, Tito. 3:9).
Waa’ee walitti Bu’iinsa dhuga Macaafa Qulqulluu shanan
1. Walitti Bu’iinsi walitti dhufeenya manca’edha. Walitti bu’iinsi maatii gidduutti, namoota
waldaa Kiristaanaa gidduutti, waaqayyoo fi namoota gidduutti uumamuu danda’a walitti
dhufeenya jireenya waliinii keessatti jaalala dhugaa fi miira waliif hiruudha.
Seera uumamaa 1 fi 2 keessatti walitti dhufeenya namaa fi waaqayyoo, uumama jiru fi
waaqayyoo, namaa fi uumama gidduu ture Boqonnaa 3 keessatti sababa cubbuu namaaf
akka bade argina kun egaan walitti bu’iinsa namaa fi waaqayyooti. Araarri ammoo walitti
dhufeenya manca’e bakkatti deebisuu dha. Kun ammoo karaa kiristoos raawwate.
2. Walitti bu’iinsi Lola hafuuraati (Efe. 6:12)
Walitti bu’iinsi saba waaqayyoo cubbuu isaaniif qalbii hin jijjiirannee fi rakkoo jiruuf
furmaata yeroon hin barbaannee gidduuti uumama. Haala kanaan walitti bu’iinsi waldaa
Kiristaanaa seena.
Kanaaf of eeggannoo gochuu kan qabnu, walitti bu’iinsi dhibaa’ummaa
keenya irraa kan ka’e uumamuu danda’a. Yeroo hundaa seexana qofa jechuun sirrii miti,
walitti bu’iinsa keessaa bahuuf sadarkaan jalqabaa qalbii jijjiiraachuun sammuu
qulqulluun kallattii biraa irra deemuu dha. Kun ammo walitti bu’iinsa quunnamuu malee

6 DBC “Be disciple and go ot others to create the true disciple creators!”
Email: danbiblecoll@gmail.com / eliel0607generation@gmail.com
Phone: +251-468-217-144/+251-926-545-440; P.o.b. 2209 Hawassa, Ethiopia.
Dan Bible College (Koleejii Macaafa Qulqulluu Daan)

baqachuun akka nurra hin jirre agarsiisa. Walumaa jalatti walitti bu’iinsi waldaa
kiristaanaa kan hafuuraa waan ca’ee lola hafuuraati.
3. Walitti Bu’iinsi waan hin hafne dha
Walitti bu’iinsi martinuu walquunnamtii fi dubbii hafuuraa erga ta’ee amantoonni
hundinuu akka keessa darban nu agarsiisa. Akkuma du’aa fi cubbuu walitti bu’iinsi
waan nu hafu miti waan ta’eef, irraa fagaachuun furmaata miti. Ergamaan
Phaawuloos yaada kana Gaal. 5:17 irratti ibseera.
Maatii fi waldaa kiristaanaa keessatti walitti bu’iinsi uumaman nu
ajaa’ibsiisuu hin qaban. Jireenya dhuunfaa keenya gidduutti illee walii walii keenya
kan lolan fedhii addaa addaa waan nutti dhufaniif waaqayyoon laphee keenya
guutuun akka hin jaallanne nu harkisu boodatti. Kufaatiin Addaam amantii fi foonii
keessa keenyaa kan hafuuraa wajjin walitti bu’a. Namootni gaariin bakka turanitti
illee walitti bu’iinsi tureera. Dubbiin ijoo garuu walitti bu’iinsi akka hin hafne beekuu
dha. Yoomiyyuu eessattiyyuu walitti bu’iinsi jira, inni cimaan furmaata
barbaaduudha.
4. Barbaachisummaa walitti bu’iinsaa . Beelli osoo hin jiraannee, nyaatin hin
barbaachisu ture, dheebuun osoo hin jrre, bishaan hin barbaachisu ture, osoo dhibeen
hin jirree qorsi hin barbaachisu ture, akkuma kana waan gaariin aakka jiru hubachuuf
waantoonni gaarii hin taane barbaachisoo dha. Walitti bu’iinsa faayidaa qaba jechuu
dha. Walitti bu’iinsi osoo hin jireenya hiikaan nageenyaa nuuf hin galu ture.
Akkasumas eenyummaa keenyaa fi eenyummaa nama biroo sirriitti hin hubannu,
waaqayyoo walitti bu’iinsa jiru keessatti cimnee akka darbinu godha.

Deebii dogongoraa Afur walitti Bu’iinsaaf kennamu.


Maatii waldaa Kiristaanaa fi jireenya guyyaa guyyaa kam illee keessatti walitti
bu’iinsa nu quunnamu waliin wal’aansoo wal qabuun dirqama ta’ee osoo jiruu tokko
tokko walitti bu’iinsi yemmuu uumamu sodaatoo fi laphee na’u waan qabuu fi deebii
sirri hin taane afur laanna :

7 DBC “Be disciple and go ot others to create the true disciple creators!”
Email: danbiblecoll@gmail.com / eliel0607generation@gmail.com
Phone: +251-468-217-144/+251-926-545-440; P.o.b. 2209 Hawassa, Ethiopia.
Dan Bible College (Koleejii Macaafa Qulqulluu Daan)

1. Dhibaa’uu (Passive)

Waaqayyoo yemmus ‘ Abeel obboleessi kee eessa jira jedhee Qaayiniin gaafata, inni immoo
deebisee, “Ani hin beeku, obboleessa koo natu eegaa?” jedheen (Uum. 4:9).

Dhii baa’ummaa keessaa tokko osoo beekanii callisuu dha. Walitti bu’iinsaaf furmaata
barbaaduu jibbuu Wiibisiter Rivaazid galmee jechootaa keessatti haala armaan gadiin ibseera.
(passive) jecha jedhu” kan gocha raawwatu osoo hin taane, gocha raawwatame kan callisee
fudhatu jechuu dha”. Kana jechuun cina dhaabbatee kan daawwatu malee itti seenee kan hojjetu
miti.

 Dhiibaa’ummaan akka walitti bu’iinsaaf deebii ta’eetti namni fudhatu dhuma irratti haala
cimaan rakkoo keessa seena
 Walii galtee dhabuu callisaan bira darba.
 Jaalala dhabuu fi hir’inni ayyanaa akka yaada isaanii hin ibsanne akka godhetti yaadu.
 Waan isaan miidhu yoo ta’e, dhugaa illee hin dubbatan.
 Yeroo baay’ee cimsanii dhugaa hin dubbatan, callisuun guungummiin yaada isaanii
dabarsuu yaalu.
 Ofii isaanii ykn namoota waaqayyoo wajjin walitti araarsuu irra ofii isaanii jaallatamoo
gochuuf carraaqu
2. Baqachuu (Evasive)
Inni garuu, “Ani nama isa baqatee dhokatu miti, yookiis mana qulqullummaa keessa
dhorkachuudhaan of oolchuu kanan yaalu sitti fakkaataa? Ani kana hin godhu” (Nahi. 6:11)
 Walitti bu’iinsa irraa kan baqatu yoo taate, yaalii gochuu dandeessu hunda gochuu irraa
duubatti hin deebitu .
 Cubbuu kee fi balleessaa keef itti gaafatamummaa fudhachuu irraa baqata.
 Walitti bu’iinsa irraa kan baqatan walitti bu’iinsi dhabamuu qaban kan jedhan dha.
 Walitti bu’iinsa kan baqatan, yoo jiraate illee hin jiru jedhanii mormu.
 Waa’een walitti bu’iinsaa yemmuu dubbatamutti ammo kun haasaa waa’ee hin baafne
dha jechuun kanneen biroo ceepha’u

8 DBC “Be disciple and go ot others to create the true disciple creators!”
Email: danbiblecoll@gmail.com / eliel0607generation@gmail.com
Phone: +251-468-217-144/+251-926-545-440; P.o.b. 2209 Hawassa, Ethiopia.
Dan Bible College (Koleejii Macaafa Qulqulluu Daan)

 Ammaa waa’ee kanaa dubbachuu hin barbaadu” waan guddaa hin godhinaa kaa!”
jechuun walitti bu’iinsa uumameef furmaata barbaadu irraa baqachuu filatu .
 Walitti bu’iinsa irraa kan baqatan “Waldaa hundinuu rakkoo qabu” jechuun “waldaa
kamiyyuu qulqulluu miti “jechuun rakkoo uumameef furmaata fiduu irra baqa filatu
3. Ofirraa faccisuun deebisuu (Defensive)
“…. Dabaa yoo isin iratti hojjetan maaliif hin obsitan? Maaliifis hin miidhamtan?” 1Qor.
6:7) Ofirraa faccisuu jechuun kufaatii, , ceephoo fi yemmuu miidhaan irra gahu of
eeguu, sirrii ta’uu ofii qofa mirkaneeffachuu dha. Of eeggachuu namootni fedhan aboofi
maqaa isaanii kabachiisifachuu yaalu.
 Abukaatoo ofiif dhaabbachuun yeroo hundaa firiin isaa hadhaa’aa dha.
 Kana jechuun hoogganaan tokko deebii fi ibsa hin kennu jechuu osoo hin taane, jaalalan
dhugaa dubbachuutu irraa eegama jechuu dha.
 Ceephoo soba ta’e irratti kanneen biroo akkamurtee kennan malee kan ceephaa’amu osoo
homaa dubbachuu baatee wayya.
 Namoonni yemmuu maqaa fi aboo isaaniitiif of irraa faccisu dhugaa waaqayyoo
hordofuu caalaa yaada mataa isaa faana bu’an.
 Kanneen biroo gad qabuu fi ol of qabuutu irraatti mul’ata (Luq. 18:9)
4. Deebii Dheekkamsaa (Aggressive)
“Namini hamaa yoo isin irratti hojjete, deebiftanii hamaa irratti hin hojjetinaa! Waan fuula
nama hundumaa duratti fudhatamaa ta’e yaadatti qabadhaa! Nama hundumaa wajjin nagaatti
jiraachuudhaaf karaa keessan wanta danda’amu hundumaa godhaa! Michoota ko! Ijaa baasuu
dheekkamsa waaqayyootti dhiisaa malee, ofii keessanii ijaa hin baafatinaa ! Caaffata
qulqullaa’aa keessatti, waaqayyoo gooftaan, “Ijaa baasuun kan kooti ani hojii namaa mataa
isaa irratti nan deebisa’ jedhee dubbateera. Iddoo tokkotti immoo, Diinni kee yoo beela’e
nyaachis, yoo dheebotes obaasi! Kana gochuu keetiinis gaabbee akka inni yeella’u in goota”
jedhamee caafameera! Waan gaariidhaan isa hamaa mo’ia malee , hamaansi hin mo’in !”
(Roome 12:17-21).

9 DBC “Be disciple and go ot others to create the true disciple creators!”
Email: danbiblecoll@gmail.com / eliel0607generation@gmail.com
Phone: +251-468-217-144/+251-926-545-440; P.o.b. 2209 Hawassa, Ethiopia.
Dan Bible College (Koleejii Macaafa Qulqulluu Daan)

Nama dheekkamu ta’uu jechuun walitti bu’iinsa gara lolaatti geessuu jechuu dha. Lolaan
jalqabuu, wal mormuu, aaruunii fi humnaan irra aanuuf carraaquu jechuu dha. Namni akkasii
ammoo deebii jibbaa kenna. Kanas kan godhan:
 Yeroo baay’ee dandeettii cimaa fi fudhatama hooggaatoota qaban
 Walitti bu’iinsa keessatti humna, jibbaa fi jabina isaanii fayyadamuuf karaa ilaalatu
 Yaada isaanii yoo hin deggereef, nama isaaniin mormu godhanii nama fudhatu.
 Aboon kan bulchuu barbaadan waldaalee phenxe qosxaal keessatti argamu. Fedhiin
isaanii hunduma to’achuu dha.
 Hoogantoonni humnaan bulchan isaaniif mo’uu jechuun dursuu qofa osoo hin taane,
namni walitti bu’iinsa uume adabamuu qaba yaada jedhu qabu.
 Waaqayyoo garuu dhugaa fi jaalalaan nu hoogganuuf nu waameera malee humnaan nu
bulchuuf miti.
Walitti Bu’iinsi faayidaa Qabu kan jedhaman.
 Rakkooleen jiran ifatti bahanii furmaata akka argatan godhu .
 Hojiin wangeelaa xiyyeeffannoo akka argatuuf, yoo gargaaran.
 Qulquloota tajaajilaaf yoo akka kaka’an godhe
 Qulqullootni dogongora darbe irraa barachuu yoo danda’an
 Rakkoolee uumamaniif furmaatni sirriin yoo argame.
 Walitti dhufeenyi ifaa ta’e yoo jiraate
 Waldaa keessatti namootni wal simachuu fi walii isaaniif yaada gaarii yaaduu
danda’an, wal gargaaruus danda’an
 Dadhabina keenyaa fi hundaa danda’uu waaqayyoo yoo hubanne
Walitti Bu’iinsi miidha qabeessa kan jedhamu.
 Walitti bu’iinsi itti caalee walii galteen badaa yoo deeme
 Adda addummaan dhiphachuurra bal’achaa yoo deeme
 Diinummaan yoo itti caalaa deeme, xiyyeeffannoon rakkoo uumame irratti osoo hin
taane nama dhuunfaa irratti yoo ta’e
 Innaafa nuti waaqayyoo fi mana isaaf qabnu, tajaajilaatti gufuu yoo ta’e
 Walitti bu’iinsi inni tokko isa biraa uumuuf sababa yoo ta’e
 Amantoota yoo dadhabsiisee fi kan hin amanetti ammo gufuu yoo ta’e.

10 DBC “Be disciple and go ot others to create the true disciple creators!”
Email: danbiblecoll@gmail.com / eliel0607generation@gmail.com
Phone: +251-468-217-144/+251-926-545-440; P.o.b. 2209 Hawassa, Ethiopia.
Dan Bible College (Koleejii Macaafa Qulqulluu Daan)

Kutaa Lama

Mala Hikkaa Walitti Bu’iinsaa

Walitti Bu’iinsa waldaa kiristaanaa keessatti uumamaniif sababa waan ta’an Waldaa kiristaanaa
keessatti walitti bu’iinsa uumamaniif burqaa (sababa) kan akaakuu namoota afuriitu jiru
jedhamarshaal sheelii waal macaafa isaanii (Well Intentioned Dragons) jedhu keessatti .

A. Kan afarsan (The Bird Dog)

Tikseef (Pastor) kan dhaabbatanii dha. Gurra, isa funyaan tikseef ta’uu barbaadu.

Kana hundaa wanti isaan godhaniif fudhatama argachuuf waldaa kiristaanaa keessatti rakkoolee
uumaman tiksee waldaati himuuf kan isaan dursu hin jiru.

“Ebelu cubbuutti kufeeraa ifadhaa, ebelu ammo dadhabeera toadhaa, kun ammoo cubbuutti
qabamee jiraata” jechuun ifatti baasuu barbaadu . Kanneen biroo ammoo waan waldaa
kiristaanaaf kaka’aa fakkaatanii” Waldaa keessa jireenyi kadhannaa hin jiru, konfiraansiin,
bultiin, sagantaa soomaa fi sagadaa qopheessaa” jedhu. Kanas eegduu waldaatti himuun ofii
isaanii nama afuuraa of gochuu yaalu. Kanneen akkasii tikseen dhaga’u bal’aa keessa of buusa.

B. Wantoota Dukaneessanii warra ilaalan (Wet Blanket)

Mallattoon isaanii inni ijoo yeroo hundumaa dogongora barbaaduu dha. Waanuma sirrii ta’e
jallisanii ilaalu, hubatus. Abdii kan kutachiisanii fi fiigicha waldaa kiristaanaa kan duubatti
harkisanii dha. Hooggantoonni waldaa kiristaanaa jettan kun hin hojjetu” miseensota waldaaf
kanaan dura yaallee fiixaan hin baane, yaadni keessan gaarii yoo ta’e illee hojii irra ooluun isaa
salphaa miti”

C. Interpiiner (The Entrepreneur)

Jarreen kun ammoo waan hundinuu in dandaa’ama yaada jedhu kanneen qabanii dha. Namoota
haaraa waldaa kiristaanaa dhufani dafanii wal baruun itti dhi’aatu . Kun waan badaa miti

11 DBC “Be disciple and go ot others to create the true disciple creators!”
Email: danbiblecoll@gmail.com / eliel0607generation@gmail.com
Phone: +251-468-217-144/+251-926-545-440; P.o.b. 2209 Hawassa, Ethiopia.
Dan Bible College (Koleejii Macaafa Qulqulluu Daan)

kaayyoon isaanii inni guddaan waldaan kiristaanaa akka guddatuuf barbaadanii osoo hin taane,
waldaa kiristaanaa alatti waan biraa barbaadaniiti siyaasa isaanii gurguruu fi daldala isaanii
beeksifachuuf.

D. Captain Bluster

Kanneen ammo ofii isaanii sirrii kanneen biroo ammo warra dogogoran gochuun kan ilaalanii fi
dhi’eesanii dha.

Wal gahii kamirratti illee yaada isaaniin kan mormu nama dhi’eesu osoo hin ceepha’in hin
darban. Haala dubbii isaaniin kanneen biroo osoo hin tuqin hin darban.

Warra Qabeenyaa (The Phasical Financier)

Waldaa kiristaanaa keessatti warra qabeenya warra qabanii fi murtoo jijjiiruuf warra human
qabani dha.

Waldaa kiristaanaa isaanii keessatti wanti isaanitti hint ole yoo hojjetame, fuulaa fuulatti hin
morman, kennaa kennuuf jedhan dhorkachuun mormii isaanii dhoksaatti ibsu. Yeroo tokko tokko
olaantummaa eegduu waldaa kiristaanaa irratti qabaachuuf yaalu yeroo waajjira ljiraachuun irra
turetti hin argamne, “qarshii ani kennu mindaa isaaf oola mitii” jedhu. Haala kanaan human
isaani agarsiisu .

1. Innaafaa:- Addunyaa irratti walitti bu’iinsi jalqabaa kan dhufe, bu’aa innaafaati.
Waabister Galmeen jechootaa jecha “inaaffaa” jedhu yemmuu hiiku akkas jedha” fiixaan
ba’iinsa nama biraatti aaruu” jedha. Kanaaf namichi Askiiles jedhamu akkas jedha,”
waan hiriyyoonni isaanii argatanitti kan gammadan muraasa.” Inaaffaan namoonni
guutaman oduu hin taane funaanuun walitti bu’iinsa nuumu.
“kottaa amala keenya tolfannee akka warra ifa guyyaa keessa deddeebi’aniitti jiraannaa”
(Rom 13:13)
2. Yaada Garee :-waldaa Qorxoosiif walitti bu’iinsi cimaan namootni gareen qindaa’anii
wal hiruu isaanii ture. Kun immoo har’as waldaa kiristaanaa keessa jira. (1Qor. 1:11-13).

12 DBC “Be disciple and go ot others to create the true disciple creators!”
Email: danbiblecoll@gmail.com / eliel0607generation@gmail.com
Phone: +251-468-217-144/+251-926-545-440; P.o.b. 2209 Hawassa, Ethiopia.
Dan Bible College (Koleejii Macaafa Qulqulluu Daan)

Barreessaan tokko amantoota Itoophiyaa Ameriikaa jiraa tan wal hiruu isaanii yemmu
ibsu akkas jedha “sudaanii kan dhufan, Jibuutii kan dhufan, Ateensii kan dhufan,
kanaadaa kan dhufan, yemmuu jedhu,
Warra Itoophiyaa dhufan ammoo yemmuu ibsu waldaa Guutuu wangeelaa Meseret
kiristoos, Makanee Yesuus fi kkf wal qoodu” jedha.
Mataa waldaa Kiristaanaa kan ta’e Yesuus Kiristos kadhata tokko isa inni
kadhate (Yoh. 17:21-23) mee yaadadhaa! Namoonni sagalee waaqayyoofi Hafuura
Waaqayyoo caalaa waa’ee biyyaa, naannoo fi qomoo isaanii yemmuu lallaban nama
gaddisiisu. Kun ammoo waldaa kirsitaanaa keessatti Hafuura tokkummaa osoo hin taane,
hafuura gareen wal qooduu uumee, walitti bu’iinsaaf karaa baneera.
3. Ceephoo:- yeroo baay’ee soda, wabii dhabu fi innaaffaa irraa madduu danda’a,
Hoogganaa sirriin immoo ceephoo hin taaneef deebii kennuuf jecha yeroo isaa gubuu hin
qabu.
 Ceephoon jireenyi hoogganaa tokko akka bilchaatu, mul’ata qabuu fi kaayyoo isaaf
hangam akka of kenne akka of arguuf akka qormaataati.
 Addunyaa kana irratti karaa kamiyyuu ceephoo hin barbaadu yoo jette homaa tokko illee
hojjechuu hin qabdu , yeroo hundaa ceephoodhaaf deebii nuti laannu murteessaa dha.
- Ceephoo tuffachuun gowwummaa dha.
- Ceephoo simachuun gaarii dha.
- Ceephoo ofirra ittisuun hubannoo dhabuu dha.
- Ceephoo dhaggeeffachuun mallattoo bilchinaati.
- Ceephoo busheessuun kisaaraa dha.
- Ceephoo irraa fagaachuun gufuu guddinaati.
- Ceephoo Xiinxaluu hanga dhadhaa baasuuti.
- Ceephoo Ceephoon deebisuun diina biraa uumuudha.

Hoogganaan tokko ceepha’amuun waan akka tasaa itti dhufe osoo hin taane, waanuma
jiru dha.

13 DBC “Be disciple and go ot others to create the true disciple creators!”
Email: danbiblecoll@gmail.com / eliel0607generation@gmail.com
Phone: +251-468-217-144/+251-926-545-440; P.o.b. 2209 Hawassa, Ethiopia.
Dan Bible College (Koleejii Macaafa Qulqulluu Daan)

“Ceephoo haqaa of keessaa qabu hin sodaatin. Namni si ceepha’u dogongoraa akka ta’e
hubattaa yoo ati dogongorteetta ta’e immoo inni si gargaaraatii karaa fedhes ta’e namni
tokko gargaarsa argachuu danda’aati” (AW Toozar)

Eenyu illee saree duute akka hin rukkune ykn nama isaa gadii akka hin ceephane beekuu
qabda . Jiinni haaraan yemmuu baatu saroonni in iyyu; ifti ji’aa ammo dabalaa yemmuu
deemu, saroonni waan dadhabaa deemaniif iyya isaanii in dhaabu. Ceephoon akkasi dha.

Ceephoon kennuuf salphaa fudhachuuf ammoo rakkisaa dha! Maalif? Namni tokko akkas
jedheera,” of tuullumman yeroo nutti dhagahaamutti ceephoo sima chuun nuti ulfaata. Ofii
keenya yeroo mo’anutti ceephoo simachuu dandeenya miirri keenya yemmuu ol ka’utti
ceephoo akka qara eebootti ilaaluun nutis lolaaf kaana. Kanaaf jalaa miliquu yaalla.”
Guddummaan hoogganaa tokko ceephoo simachuun gara firii gaariitti jijjiiruudha.
Wabii warri hin qabnee fi hooggantoonni hin bilchaatin yemmuu ceephoo sodaatan, warri
bilchaatan garuu simachuun gara waan gaariitti jijjiiru. Taa’anii itti yaaduun jijjiirama
barbaachisaa godhu (Bau. 18:17-26).
Yeroo walitti Bu’iinsi Uumamutti Hooggantoonni waldaa kiristaanaa sadarkaa itti
wal quunnamuu qaban
Hooggantoota waldaa Kiristaanaa gidduutti iddoo guddaa qaba. Kan ta’uu qabus haala
jaalalaan guutee fi wal kabaajuu fi wal simannaan kan keess jiru dha. Haa ta’u malee yeroo
walitti bu’iinsi uumamutti walquunnamtii laafaa dhufa. Kanaaf wanti ta’uu qabu:
1. Walquunnamtii wal gargaaruu irratti hundaa’e ta’uu qaba. Haalli akkasii hoogganaan
tokko fedha isa kan biroo guutuuf of kenna, wal amanuu fi kabajuun keessa kan jiru ta’a.
2. Haaluu baaffannaa irratti walitti dhufeenya irkate :- amantoota hooggantoota ta’an lama
gidduutti walii gateen dhabuun yemmuu uumamuu waan irratti wal dhaban sana yoo
hiika hin fidin hafan gara walitti bu’iinsaatti isaan geessa. Yeroo kana inni tokko isa
tokko irratti ka’uun, dheekamuu, dhiibbaan akka isatti uumamu gochuun, miseensonni
akka hin simanne gochuun olaantummaa isaa mul’isa . Haala kanaan waan mo’ate itti
fakkaata.
3. Dhiibbaa irratti walitti dhufeenya hundaa’e:-

14 DBC “Be disciple and go ot others to create the true disciple creators!”
Email: danbiblecoll@gmail.com / eliel0607generation@gmail.com
Phone: +251-468-217-144/+251-926-545-440; P.o.b. 2209 Hawassa, Ethiopia.
Dan Bible College (Koleejii Macaafa Qulqulluu Daan)

Walitti dhufeenyi laafaa yemmuu dhufu sadarkaa kana irra gaha. Sadarkaan kun walitti
bu’iinsaan booda inni tokko miira mo’achuu irra yemmuu gahu dha. Yeroo kana inni
mo’ame harka isa mo’atee keessa kan itti seenu dha. Fedhii isa mo’atee malee homaa
gochuu hin danda’u .Abdiin isa mo’amee yeroo itti dukanaa ‘uu fi waan barbaadu illee
gaafachuuf carraa itti dhabu dha.
4. Tajaajila irratti Walitti dhufeenya hundaa’e :-
Sadarkaan kun yeroo itti inni tokko sammuu isa biroo midhu, haalli dubbii yeroo itti
toora dhabu, walii isaanii amanuu fi kabaja waliif kennuun yeroo itti dhabamuu dha.
Rakkoolee uumaman kan hiika barbaaduuf waan hin jirreef fedhiin yeroo itti hin
guutamne, inni tokko isa biroof yeroo itti hin yaadne, walitti dhufeenyi raawwatee yeroo
itti citu dha.

Furmaata Macaaf Qulqulluu


Dura buutonni kiristaanaa yeroo walitti bu’iinsi isaantti dhufu sadarkaalee isaan irra
gahan hubattee? Kabaja ofii isaanii dhiisuun gad of deebisanii osoo qalbii jijjiirannaan
walitti dhiyaatanii aarara buusuu danda’u turan. Laphee jaalalaa fi dhiifamaa qabaachuun
waaqayyoon durattis waan jaallatamaa dha. (Yaq. 5:16, Qol. 3:13, 1Qor. 13:4-7).
Macaafni qulqulluun adeemsa walitti bu’iinsa hiikuu kanneen armaan gadii barsiisa.
1. Walitti bu’iinsi yemmuu jalqabaa waan qabatamaa malee oduu waa’ee hin baafne
irraa ka’uu miti (Deb.19:15, 1Xim. 5:19)
2. Kan walitti bu’an lamaan fuulaa fuulatti wajjin haasa’uu (Fakk. 25:9-10, Mat. 18:15)
3. Namni inni tokko dhiifamaan darbuu yoo dide inni kaan namoota biroo fudhatee
haasofsiisuu qaba (Mat. 18:17)
4. Ammas yoo araaramuu dide gara waldaa kiristaanaatti fiduu (Mat. 18:17)
5. Sadarkaalee armaan olii hordofnee namootni walitti bu’an lama yoo araara hin
buufne, walitti dhufeenya keenya addaan kutuu dha. (Mat. 18:17)
Yeroo walitti bu’anitti namootni lama haala gaarii mijeessuuf fuulaa fuulatti yeroo
wajjin haasa’an, kaayyoo araaramuus yoo qabaatan, adeemsota armaan gadii ilaalcha
keessa galchuu qabu.

15 DBC “Be disciple and go ot others to create the true disciple creators!”
Email: danbiblecoll@gmail.com / eliel0607generation@gmail.com
Phone: +251-468-217-144/+251-926-545-440; P.o.b. 2209 Hawassa, Ethiopia.
Dan Bible College (Koleejii Macaafa Qulqulluu Daan)

1. Fuula fuulatti haasaan godhamu yeroo walitti bu’iinsi namumaatti nama biraa
firoomfachuuf (Mat. 18:15,5:40-41)
2. Dheekkamsi ho’aan akka jibba hamaati hin geesineef of eeggannoo gochuu (Efe.
4:26-27)
3. Wal mormiin lola waan kaasuuf mormii dhiisuun gara araaraatti deemuu (Fak.
14:29)
4. Waraanuun kan qabnu namicha osoo taane rakkoo uumame ta’uu qaba.
5. Gaddaa fi yaada jiru jechaan ibsuu malee sochii qaamaan ta’uu hin qabu

Kutaa Sadii

Wallitti Bu’iinsa waldaa keessaa mala ittiin hiikan

walitti bu’iinsa waldaa Kiristaanaa keessatti uumamu dhiifamaa fi araaraan yerooma sana yoo
hiikuudhaa baatan, sadarkaalee shanan armaan gadii keessa miseensonni waldatti darbuu
dandeessi.

1. Sadarkaa furmaata Argachuu danda’u irra Rakkoo jiru.


1. Waliigaltee dhabuu:- miira dheekkamsaa guddaa ta’e irraa rakkoo jiru, jechoota wal
jijjiiruun jira, inni tokko isa tokkootti sababeeffata.
2. Walfalmii:- inni tokko isa tokko amansiisuuf haasaa ho’aa keessa keenu . Garees uumata,
haasaa sodaachisa dhiiseen deema jedhus dhageesisa. Yeroo kana kan walitti araarsan
kan barbaachisan.
3. Walirraa fagaachuun wal mormuu :- walitti dhufeenyi addaan cita. Inni tokko maatii
waldaa keessa in ba’a yookiin ammo garee biroo baasuuf yaala. Maqaa wal balleessuutu
jalqaba. Sadarkaa kana irra kan ga’an gorsa ogeessaa isaan barbaachisa.
4. Araaramuuf fagoo:- yeroo sadarkaa kan irra gahutti geggeesitoonni waldaa ifatti bahu,
kaayyoon garee inni tokko isa tokko akka badu barbaaduu ta’a yeroo kanatti hooggansi
waldaa kiristaanaa gidduu seenuun dirqama ta’a .

16 DBC “Be disciple and go ot others to create the true disciple creators!”
Email: danbiblecoll@gmail.com / eliel0607generation@gmail.com
Phone: +251-468-217-144/+251-926-545-440; P.o.b. 2209 Hawassa, Ethiopia.
Dan Bible College (Koleejii Macaafa Qulqulluu Daan)

2 . Adeemsa Walitti Bu’iinsa Hiikuu


Waldaa Kiristaanaa keessatti waldhabdeen yemmuu uumamutti jaarsoliin waldaa kiristaanaa
odeemsota armaan gadii hordofuun furmaata fiduuf yaalii gochuu qabu.
1. Odeeffannoo qabatamoo ta’an funnanachuu, gaaffilee afaanii qopheessuun qaama ilaalatu
gaafachuu .
2. Barsiisuu
A. Akka itti rakkoo walitti bu’iinsaaf furmaata fidanni miseensota barsiisuu
B. Yoo rakkoon uumame osoo itti hin amaatin haala itti hiikuu kanda’an tooftaalee
barsiisuu.
C. Hooggantootaa fi tajaajiltoota qofaatti baasuun leenjii kennuufii
3. Sadarkaa ittiin madaalan.
A. Jaarsoliin waldaa warra walitti bu’aniif furmaata barbaada
B. Kanneen walitti bu’an lamaan kan darbe daggachuun araara akka buusaniif walitajjii
marii banuufii
C. Kaayyoon mariis balleessaa darbe babal’isuu osoo hin taane balleessaa mataa ofii
amanuun gara dhiifama gochuuti dhufuu
4. Walitti bu’iinsaaf sadarkaa itti furmaata fidan
A. Madaa darbe dagachuun kuttannoon qophaa’uu
B. Walitti bu’iinsichaaf furmaata kan ta’an filannoo barbaaduu
C. Yaadolee araaraa burqisiisuu,
5. Araara bu’e sadarkaa itti ifatti baasan
A. Jaarsoliin waldaa giddu galeessa ta’anii araarsan dhimmicha gabaasuuf barreeffamaan
qopheessu
B. Miseensota waldaa gidduutti walgahiin araara buusuu godhama.
C. Miseensi waldaas ulfina Waaqayyoof kennuun jaalala isaanii itti mul’isu.

17 DBC “Be disciple and go ot others to create the true disciple creators!”
Email: danbiblecoll@gmail.com / eliel0607generation@gmail.com
Phone: +251-468-217-144/+251-926-545-440; P.o.b. 2209 Hawassa, Ethiopia.
Dan Bible College (Koleejii Macaafa Qulqulluu Daan)

D. Nagaa Sobaa

Nageenyi Afaan Ibiraayixiin “shalom” jechuu yoo ta’u miira nagaa osoo hin taane kakuu nagaati
kun ammo nageenyi Macaafa qulqulluu nageenya waaqayyoo ta’uu agarsiisa. “Nagaa isin biratti
nan hambisa, nagaa koo isiniif nan kenna, ani akka biyyi lafaa kennuttan isiniif kenna miti,
garaan keessan hin raafamin, hin sodaatinis!” (Yoh. 14:27)

Bu’aan nagaa kiristoos waan ba’eessaa fi mi’aawwadha.

Shanan Gosa Nagaa Soba

Addunyaan nagaa kan laatu karaa shaniin; shanan isaanii macaafa qulqulluu keessaa osoo hin
ta’in waldaa kiristaanaa keessatti hojii irra ooluun isaanii waan nama gaddisiisu dha. Mee shanan
isaanii akka armaan gadiitti haa ilaalu.

1. Nagaa dhuunfaa:- inni kun “haala jiru wajjin walii galeera” jechuu dha. Kunis araarri
akka hin jiraanne godha. Amantoonni yeroo baay’ee ani nagaa dha jechuun walitti
dhufeenya baqatu.
2. Akka walii hin galleef walii galuu:- inni kun ammo araaramuu irra adda bahanii
jiraachuu akka furamaataatti ilaaluu dha. Kun ammo rakkoo uumame sana irratti mana
ijaaruu dha. Kunis barsiisa macaafa qulqulluu miti . Waldaa kiristaanaa keessatti walii
galtee uumuun filannoo osoo hin taane dirqama. (1Qor. 1:10, Filp. 4:1-2 Mat. 18:19).
3. Dhiifama gochuun dhimmicha dagachuu:- qalbii jijjiirachuun dhiifama walii godhanii
araara buusuu amantoonni hin dandeenye, isa kana akka filannootti fudhatu. Inni kun
ammo gatii fannoo Kiristoos dagachuu dha. Kutaan (Filp. 3:13-14) dogongoraan
hiikameera jechuu dha.
4. Nagaa gochuu (Uumuu)
Amantootnni baay’een nagaa uumuu (Peace making) fi nagaa eeguu (Peace keeping)
adda baasanii hubachuu irratti rakkoo qabu. Kan waamamne nageenya boora’e sirreessuu
fi nagaa buusuuf .Nagaa eeguun garuu adeemsa sirrii miti. Araara namni fi duu barbaadu
nagaa eega osoo hin taane, nagaa buusa.

18 DBC “Be disciple and go ot others to create the true disciple creators!”
Email: danbiblecoll@gmail.com / eliel0607generation@gmail.com
Phone: +251-468-217-144/+251-926-545-440; P.o.b. 2209 Hawassa, Ethiopia.
Dan Bible College (Koleejii Macaafa Qulqulluu Daan)

5. Wal danda’uu
Wal danda’uun araara sirrii osoo hin taane, araara sobaa agarsiisa. Waldaa kiristaanaa
keessatti nageenyi kana kiristoosiin bakka buusuun malee wantoota bakka buusuun miti.
Wal danda’uu warri filatan warra qalbii diddijirachuu fi araara hin fo’ane dha.

Kutaa Afur

Waa’ee walitti bu’iinsaa Hubachuu waliigaluu

Waa’ee qabaa walitti bu’iinsaa fi barbaacha furmaataa yemmuu yaadamutti, namni maaliif
akka wal dhabe sababa isaa beekuun barbaachisaadha. Kanaafuu waa’ee walitti bu’iinsaa beekuu
keessatti walquunnamtiin hangam akka barbaachisaa ta’e ilaaluu yaalla. Walii galtee jechuun
keessa keenyaa gara alaatti kan ba’uu fi kan namoota biros hubachuu barbaachisa. Dhalli namaa
yemmuu uumamu jireenya hawaasummaaf hanga ta’etti walquunnamtii uumuun barbaachisaa
dha. Kunis kan ta’u wal dhaggeeffachuun, ilaaluun, dubbisuu fii ni fi kk f walii galtee dhala
namaaf kanneen ijoo dha. Haa ta’u malee dubbii keessatti, haalli itti ilaalan, dubbatanii fi
hubatan waliigaltee uumuus walitti bu’iinsa cimsuus danda’u . Addunya keessatti walitti bu’iinsi
arginu hundinuu sababa waliigaltee dhabuuti kanaaf walii galtee uumuuf jecha yeroo hunda wal
quunnamtii godhu. Wanti hubachuu qabnu waliigaltee fi wal quunnamtiin yeroo itti dhala
namaaf hin barbaachifne hin jiru. Kaayyoon barumsa kanaa wantoota gufuu dhala namaatti ta’an
kaasuun walquunnamtii sirrii gochaa walitti bu’iinsa dhabamsiisuu dha. Maalummaa walitti
bu’iinsaa hubachuuf, maalummaa waliigaltee hubachuu barbaachisa.

 Waliigaltee jechuun maal jechuu dha?


 Beeknee, itti yaadnee, itti qophoofnee ykn osoo hin beekni osoo itti hin yaadinii fi hin
qophaa’in waanuma nutti fakkaate kan raawwanu dha.
 Kaayyoo haa ta’u jedhamee kan ta’uu fi kaayyoo malee akkasumaan kan ta’u dha.
 Mirrii yaadni fi ilaalchi keenya kan ittiin ibsamudha.
 Jechaa fi jecha malee ergaa dabarsuu dha
 Kan dabarsinuu fi kan fudhannu
 Karaa namootni ittiin odeeffannoo jijjiiratani dha.
 Namoota lama gidduutti yaada wal jijjiiruu dha.

19 DBC “Be disciple and go ot others to create the true disciple creators!”
Email: danbiblecoll@gmail.com / eliel0607generation@gmail.com
Phone: +251-468-217-144/+251-926-545-440; P.o.b. 2209 Hawassa, Ethiopia.
Dan Bible College (Koleejii Macaafa Qulqulluu Daan)

 Eloude Shannon fi Wrren weayer kanneen jedhaman waliigaltee haala


ittin ibsan
 Ergaa kan dabarsu )Sender)
 Erga kan fudhatu (Reciever)
 Karaa ergaan ittiin darbuu fi deebi’u (Channel)
 Yaada iccitii hawaasaati (Code)
 Adeemsa ergaa burqisiisuu (Endoder)
 Adeemsa ergaa fudhachuu (Decoder)
 Jeequmsa /gufuu (Noise)
 Deebii ergichaaf kennamu (feedhack)
 Hessedgreue ammoo fakkeenya walii galtee haala armaan gadiin ibsa.
 Burqaa ergaa /source/
 Adeemsa burqaa ergichaa /Encoder/
 Ergaa /Message/
 Adeemsa ergaa fudhachuu /Decodor/
 Deebii /Respondent/

Encoding:- Namni tokko nama biroo wajjin osoo hin haasa’in dura, akka tasaa illee yoo
ta’e waa’ee walii galtee yaaduun isaa hin oolu. Fakkeenyaaf:-

 Isaa wajjin nama nama haasa’uuf jedhu


 Dhiira moo durba jedhee yaaduu
 Umriin isaa hoo, jaarsaa moo ijoollee ?
 Afaan ittiin waliigalan fi k. k. f .
Decoding :- Ergicha dhagahee sammuu isaa keessa deeddeebisee haala ittiin deebii kennu
jechuu dha. Adeemsa waliigaltee hubachuun deebii sirrii ta’e kennuu dhabuun gara walitti
bu’iinsaatti akka geessu hubachuun barbaachisaa dha. Itti aansuun gosa waliigaltee fi
sadarkaa isaa ilaaluun haala itti walitti bu’iinsa qabanii fi furmaata barbaadan keessaa isa
tokko.

20 DBC “Be disciple and go ot others to create the true disciple creators!”
Email: danbiblecoll@gmail.com / eliel0607generation@gmail.com
Phone: +251-468-217-144/+251-926-545-440; P.o.b. 2209 Hawassa, Ethiopia.
Dan Bible College (Koleejii Macaafa Qulqulluu Daan)

Sadarkaalee Walii galtee

1. Wal jijjiirraa yaada Dhuunfaa (Intrapersonal communi cation) .Qofaa ta’uu dhaan
callisa keessa of dhaggeeffachaa yaada gad buusuu fi ol baasuu dha. (Far. 1:2).
 Beekumsa keessa ofii jiru xiinxaluu
 Dhuunfaan yaada ofiin murteessmuu
 Yaada of keessaa dhageeffachuu, yaada keessaa dhagahuu
 Isa kanaa fi isa sanan raawwadha jechuu
2. Name tokkoo fi kan biroo gidduutti yaada wal jijjiiruu (Interpersonal Communi
cation)
Inni kun namoota lama gidduutti ykn baay’ee gidduutti waliiquunnamtii ta’u dha.
 Nama tokkoo fi namoota cimdii gidduutti
 Fuulaa fuulatti walitti dhi’aachuun kan ta’u dha
 Haala gaaffii afaaniin kan ta’u
 Fageenyaan, internet Fax fi k k f kan ta’u dha.
3. Yaada wal jijjiirraa Garee (Group communication)
Walgahii gaggabaabaa itti karoorsuun ykn karoora malee gochuu
Fakkeenyaaf:
 Qo’annaa macaafa Ququlluu
 Garee kadhannaa
 Garee faarafannaa
 Garee Daaqonotaa, Jaarsolii waldaa
 Koree garaa garaa
4. Yaada wal jijjiirraa hawaasaan (Public Communication)
 Namni tokko namoota baay’ee haasa inni godhu dha.
 Fuulaa fuulatti ta’uu danda’a
 Kan dubbatu ergaa isaa Namootaaf haala itti dabarsu
 Nama galma tokko keessatti walitti qabameef ta’uu danda’a

21 DBC “Be disciple and go ot others to create the true disciple creators!”
Email: danbiblecoll@gmail.com / eliel0607generation@gmail.com
Phone: +251-468-217-144/+251-926-545-440; P.o.b. 2209 Hawassa, Ethiopia.
Dan Bible College (Koleejii Macaafa Qulqulluu Daan)

5. Saba walitti qabame gidduutti waliin dubbii (Mass Communication)


 Yeroo namni gar malee baay’atutti mariif mijataa waan hin taaneef radiyoon,
television, barreeffaman kan ta’u dha.
 Maree Garee
Kanneen armaan olitti tarreeffaman walitti bu’iinsaaf hangam karaa banu?
Akkamittis qabuun dandaa’ama.?
Dhaabbata tokko keessatti faayidaa Waliigaltee (Benefits of good
Communication in Organization)
 Dhaabbata tokko keessatt, waldaa kiristaanaa keessatti bakka hojiittii fi maatii
keessatti nageenyaan jiraachuun faayidaa guddaa qaba.
 Misooma guddisa
 Firii gaarii fi fooya’aa ta’e argamsiisa
 Hojii uumuu guddaatu irraa argama
 Baasii xiqqoon hojii guddaa hojjechuun dandaa’ama.

Haala itti walii galan (Amala Waliigaltee ) (characteristics of Communication)

1. Waliigalteen kan kaayyoo qabu ta’uutu irra jira (Purposeful)


 Kan beeksiisu kan barsiisu- kan amansiisu – kan bashananiisiisu
 Yaada bu’uuraa kan qabsiisu – kan wal simsiisu
2. Namoota kan hirmaachisu (Interactive)
Yaada waljijjiiruun kan keessatti raawwatamu dha.
Kan namni tokko ykn gareen tokko qofti dubbatu miti.
3. Firii qabeessa ta’uu qaba (Dynamic)
4. Jijjiirama fiduu qaba (Continuous)
5. Galumsa qaba. (Contextualization)
 Namni dubbatu
 Bakka itti dubbate
 Yeroo itti dubbate
 Yeroo dubbatametti namoota turan. Kanneen armaan olii marti galumsa jedhamu .

22 DBC “Be disciple and go ot others to create the true disciple creators!”
Email: danbiblecoll@gmail.com / eliel0607generation@gmail.com
Phone: +251-468-217-144/+251-926-545-440; P.o.b. 2209 Hawassa, Ethiopia.
Dan Bible College (Koleejii Macaafa Qulqulluu Daan)

Adeemsa waliigaltee (Communication Process)

 Jeequmsa /guufuu/ (Noise)


 Kara ergaan ittiin darbuu fi deebi’u (channel)
 Ergaa kan dabarsu (sender)
 Ergaa kan fudhatu (Receiver)

Ergaa tokko sirriitti dabarsuuf kanneen gargaaran

Ergaa tokko yemmu dabarsinutti wantoota gufuu nutti ta’an dursinee beekuu qabna. Isaanis
kanneen armaan gadiiti. Adeemsota kanneen hordofuu qabna jechuudha.

1. Walii galtee fi dandeettii guddifachuu


 Dandeettii barreesssuu (Writing)
 Dubbachuu (Speaking)
 Dubbisuu fi dhaggeeffachuu
 Ergichi
 Afaaniin ykn barreeffamaan ta’uu danda’a
 Sagalee malee , mallattoon waliigaltee uumuu
 Yeroo waliigalteetti ifaa fi kan namaaf galu ta’uu qaba
 Waa’ee namicha ergaa dhagahuuf jiruu beekuu
 Ergaa darbuuf of eeggachuu, yeroo baay’ee ergaa dogongoraan dhaabbata miidha.

Ergaan kan darbu eenyuuf ?


Fakkeenyaafi karaa wal quunnamtii Hawaasaa (Raadiyoo Talavision) Itoophiyaatiin ergaan
darbu sabalykn uummata biyya keessaaf.

 Haalaan dubbii salphaa ta’een, kanneen dhaggeeffatan haala ittiin hubachuu danda’anii fi
jechoota filatamoon dhi’aata.
 Deebii, kanneen dhaggeeffatan erga dhagahanii booda deebii isaan kennan . Ajajamuu, of
eeggachuu ta’uu danda’a.
23 DBC “Be disciple and go ot others to create the true disciple creators!”
Email: danbiblecoll@gmail.com / eliel0607generation@gmail.com
Phone: +251-468-217-144/+251-926-545-440; P.o.b. 2209 Hawassa, Ethiopia.
Dan Bible College (Koleejii Macaafa Qulqulluu Daan)

 Ergaa kan dabarsu egaan yeroo hundaa akka sirriitti dabarse of sakkata’uu qaba.
Fakkeenyaaf, Lallabdoonni tokko tokko erga dubbatanii booda isniif hin gallee? Osoo
isiniif galee deebii laattu turtan jedhu .Haa ta’u malee haala lallaba isaanis duubati
deebi’anii sakkata’uun waan isaan irraa eegamu dha.

Waa’ee deebii kennuu irratti Adeemsa waliigalaa

 Deebiin amala namootaaf akka daawitii ta’ee kan gargaaru dha.


 Deebii namni dhaga’u carraa gaarii argate, yaada isaa bilchinaan ibsuuf.
 Deebiin yeroo barbaachisaa ta’e qofa kennama.
 Deebiin haalonni erga raawwatamanii booda malee dura miti kan kennamu.
 Deebiin kan jabeessee cimsu ta’uu qaba.
 Dhimma dhuunfaa wajjin walitti dhufeenya kan qabu ta’uu qaba.
 Ifaa fi sirrii ta’uu qaba .
 Namni deebii dhagahu, nama sirriitti dhaggeeffatu ta’uu qaba

24 DBC “Be disciple and go ot others to create the true disciple creators!”
Email: danbiblecoll@gmail.com / eliel0607generation@gmail.com
Phone: +251-468-217-144/+251-926-545-440; P.o.b. 2209 Hawassa, Ethiopia.
Dan Bible College (Koleejii Macaafa Qulqulluu Daan)

Kutaa Shan

Akkaakuu Walii galtee fi Boca Isaanii (Types and forms of Communication)

1. Waliigaltee keessaa
2. Walii galtee alaa
1. Wali galtee keessaa
 Dhaabbata keessatti odeeffannoo dabarsuu of keessatti qabata
 Xalayaa hojii, galaalchaa, beeksisa fi k k.f
 Namoota biroof waan erginu maqaa dhaabbatichaaf iddoo guddaa qaba.
2. Walii galtee alaa
 Dhaabbitachaa alatti namoota jiran waliin walitti dhufeenya jiru dha.
Waligaltee sagalee qabanii fi sagalee hin qabne (Verbal Vs non Verbal
(Communi cation)
 Waliigalteen sagaleenii sagaleen ykn barumsaan
 Walii galteen sagalee malee ammo kan hin barreeffamne mallattoolee dha.
Waliigaltee sagalee /Verbal/
Waliigaltee barreeffamaa (Non Verbal)
 Idileen (More formal)
 To’achuun in dandaa’ama – xiqqootti
 Deebiin isaa in tura
 Ergaan yemmu darbu amanamummaa qaba
Waliigaltee sagalee (Oral) (Verbal)
 Dhiheenya qaba
 Deebii ariifachiisaa argata
 Hin galmaa’u
 Haala ittiin waliigalan kan biroo mijeessuun in dandaa’ama.

25 DBC “Be disciple and go ot others to create the true disciple creators!”
Email: danbiblecoll@gmail.com / eliel0607generation@gmail.com
Phone: +251-468-217-144/+251-926-545-440; P.o.b. 2209 Hawassa, Ethiopia.
Dan Bible College (Koleejii Macaafa Qulqulluu Daan)

Adeemsota Dhaggeeffachuu

 Dhagahuu (adda baasuu ) (sensing) – kan dhagahaniif yaadanno qabachuu.


 Hiikuu (interpreting ) – kandhageenye hiikuu
 Madaaluu (Evaluate) – kan dhageenyetti yaada kennuu
 Yaadachuu (remembering) – yaadannoo gara fuulduraaf qabachuu
 Deebii (responding) – ergaa dhageenyeef deebii kennuu

Haala bu’a qabeessa ta’een dhagahuu (Effective Listening)

 Dandeettii beekumsaa guddachaa deemu dha.


 Dhageeffachuun dhagahuu qofa miti
 Dhagahuun xiyyeeffannoo guddaa kan hin gaafanne
Yemmuu ta’u dhaggeeffachuun (listening) garuu waan hubanne tokkoof deebii kennuu
nurraa eega.
1. Dhaggeeffachuu dhiisuu (dhagahuu qofa) ingnoring
2. Fakkeessuu (Pretending listening)
3. Fo’atanii dhaggeeffachuu dhiisuu (selective listening)
4. Qalbii itti kennuun dhaggeeffachuu (Attentive listening)
5. Yaada namoota biroo keessa ta’uun dhaggeeffachuu (Emphathic listening)

Walitti Bu’iinsaaf sababa kan ta’an haala dhaggeeffachuu dogongoraa

 Yeroo hiikkatan akka dogongoraaniit karaa banuu


 Lolaaf waan afeeru ibsuu
 Jeequumsa (Noise)
 Ofii keenya ta’uu dandeenya
 Ofitummaa (egocenterism)
 Oftuullummaa
 Yaada namaa yoo fudhanne

26 DBC “Be disciple and go ot others to create the true disciple creators!”
Email: danbiblecoll@gmail.com / eliel0607generation@gmail.com
Phone: +251-468-217-144/+251-926-545-440; P.o.b. 2209 Hawassa, Ethiopia.
Dan Bible College (Koleejii Macaafa Qulqulluu Daan)

Yaadannoo Qabachuu
1. Ergaan guutuu ta’uu
Namni ergaa tokko hubatu yoo guutuun ta’e tokko argachuu barbaada, argachuus qaba.
Fakkeenyaaf ,hooganaa wajjiira tokkoo yoo taatan, namni tokko odeeffannoo barbaacha
isin bira dhufe odeeffannoo wal qabatee fi guutuu ta’e kennuufiitu isin irraa eegama.
Nutis immoo akka waajjiraatti meeshaa hojiif barbaachisu gaafachuu yemmuu
barbaannu.
 Maal akka barbaannu ifa gochuu
 Yoomiif akka barbaannu ifa gochuu
 Maaliif akka barbaannu beeksiisuu qabna.
2. Ergaa dabarsuuf jiran gabaabsuu
 Jechoota fi latamoon, yaada dheeraa ta’e jechoota muraasan ibsuu
 Akkuma beelumu namotni dhaabbata keessa hojjetan yeroo dheeraa hin qaban.
Kanaaf akka isaan yeroo gabaabaa keessatti hubatan gochuun ibsuufii
 Jechoota ifa gochuun yaada ijoo ibsuu
 Jechoota walitti dhi’laatan fayyadamu
3. Ergicha cimaa gochuu
 Kunis rakkoon waliigaltee dhabuu akka hin uumamneef gargaara.
 Nama si dhaggeeffatuu wajjin yeroo haasoftulle jechoota ifa ta’anitti yoo
fayyadamne yaada keessirriitti hubata
 Yaada walxaxaa ta’a illee jechoota ifa ta’anitti fayyadamnee ibsuu dandeenya.
4. Haala warra ergicha fudhatanii beekuu
 Miira warra ergicha fudhatanii hunda hubachuu
 Hawaasichi waan irratti waliigale hunda hubachuu
5. Haala Afaanii beekuu .

27 DBC “Be disciple and go ot others to create the true disciple creators!”
Email: danbiblecoll@gmail.com / eliel0607generation@gmail.com
Phone: +251-468-217-144/+251-926-545-440; P.o.b. 2209 Hawassa, Ethiopia.
Dan Bible College (Koleejii Macaafa Qulqulluu Daan)

Kutaa Jaha

Hiikaa walitti Bu’iinsaa, Akaakuu walitti bu’iinsoo fi ka’umsa


walitti bu’iinsaa

walitti bu’iinsa jechuun namoonni osoo yaadaan walii hin galin hafuu dha. Kun ammo
nama dhuunfaa, garee fi dhaabbata tokko keessatti ta’uu danda’a.
 Walitti bu’iinsi karaa baay’ee hiika qabaachuu danda’a .Fakkeenyaaf:- Gareen
tokko yaadaan adda bahuu .
 Wal dhabee namoota lama gidduutti ta’u
 Yaada ykn ilaalcha adda addaa qabaachu
 Inni tokko gocha isa kaaniin mormu raawwachuu

Waa’ee walitti Bu’iinsaa ilaalcha jiran


1. Manni barumsaa tokko waa’ee walitti bu’iinsa yemmuu dubbatu, walitti bu’iinsa gonkumaa
baduu qaba jedhe
2. Manni barumsaa tokkoo ammo walitti bu’iinsi madaallii uumamaa kan eegu dha jedhe.
3. Manni barumsaa kan biroo ammo walitti bu’iinsi rakkina yoo ta’e illee dandeetti eenyummaa
dabala.

Akkaakuu walitti Bu’iinsaa

1. Mataa ofii wajjin walitti bu’iinsa (intrapersonal Conflict)


2. Namoota lamaa fi isaa ol gidduutti walitti bu’iinsa ta’u (Interpersonal conflict)

Kaumsa walitti Bu’iinsaa


 Adda addumaan yeroo jiraatu, yaadaan, gochaan ilaalchaan
 Bakka hojiitti, sochii adda addaa keessatti
 Wal hubachuu dhabuu
 Adda addummaa Aboo
 Jechoota darbataman - ofeegganno kan hin qabna

28 DBC “Be disciple and go ot others to create the true disciple creators!”
Email: danbiblecoll@gmail.com / eliel0607generation@gmail.com
Phone: +251-468-217-144/+251-926-545-440; P.o.b. 2209 Hawassa, Ethiopia.
Dan Bible College (Koleejii Macaafa Qulqulluu Daan)

Mala itti walitti Bu’iinsa Hiikan


(Leadership model for eonflict resolution)
1. Baqachuu (Withelrawing)
2. Mo’achuu (taking)
3. Waliigaluu (Agreeing)

Mala itti walitti Bu’iinsa to’atan


(conflict Resolution Model)

Lakk. Gosa Walitti Bu. Sadarka Bu’aa 10%


1 Baqachuu Mo’u / mo’amuu 0/0%
2 Mo’amuu Mo’amu mo’achuu 0/10%
3 Mo’achuu Mo’achuu / Mo’amuu 10/0%
4 Waliigaluu Mo’achuu / Mo’achuu 10/ 10%

Gudunfaa (Conclusion)

Haala kamiyyuu keessatti walitti bu’iinsi akka hin hafne hubannee, dandeettii keenya guddisuun
maatii ofii keenya , waldaa keenya, dhaabbata keenyaa fi biyya Keenyaaf akka sumas
waaqqyyoof hojjechuu qabna.

29 DBC “Be disciple and go ot others to create the true disciple creators!”
Email: danbiblecoll@gmail.com / eliel0607generation@gmail.com
Phone: +251-468-217-144/+251-926-545-440; P.o.b. 2209 Hawassa, Ethiopia.
Dan Bible College (Koleejii Macaafa Qulqulluu Daan)

Macaafota wabii (References)

1. Deir 5 Costa, the Accountable Leader, International Leadership seminar, IC, Lima, New
York USA 1999
2. Greensladephilip Leadership Reflections on Biblical Leadership today, Crusade for world
Reviual, Greate Britain, 2002.
3. http/www. Vision. Edu/partner/ give (Appril 2001)

30 DBC “Be disciple and go ot others to create the true disciple creators!”
Email: danbiblecoll@gmail.com / eliel0607generation@gmail.com
Phone: +251-468-217-144/+251-926-545-440; P.o.b. 2209 Hawassa, Ethiopia.

You might also like