You are on page 1of 17

OROMOO Post

EEBBA OROMOOTTAA GUJJII ,,MACCAA, KARRAYYUU,, ARSII,,,__//..

- September 17, 2018

Eebba Gujii

Ee…… Ati Waaqi Ardaa

Waaqi Abbaa

Ka Me’ee Bokkoo

Ka Dibbee Dhugoo

Ka Garba Aannoo

Waaqi Gujii Gurraachaa ati nuu dhageyi

Dhageettu nuu Owwaadhu

Ta olii oliitti nu hanqisi

Ta gadii gaditti nu hanqisi

Ta dallaa lamaanii achumatti nu hanqisi

Barri nageya

Bariin nageya

Jaarsi nageya

Jaartiin negeya

Ilmi nageya

Intalti nageya

Ka fuudhu nageya

Ta heerumtu nageyaa
Uchumti nageya

Bobbaan nageya

Tissaa uleen nageyaa

Elemaa gaadin nageya

Ardaan yaa’aa nageya

Me’een Bokkoo nageya

Duddaa daawwaan nageya

Sabbaa Oddoon nageya

Gooroon Doolaa nageya

Gooroon Oromoo teennaa martinuu nageya

Handhurri Oromiyaa Finfinneen nageya.

Eebba Maccaa

Na oofkalchaa…………………..............................oofkalaa

Na oofkalchaa…………...……..........................….oofkalaa

Na oofkalchaa………...………...........................…oofkalaa

Waaq nagaan bullee nagaan nu oolchi ...............nu oolchi

Hamaan gargar nu oolchi ....................................nu oolchi

Irraa gora nu oolchi ..........................................…nu oolchi

Dogoggora nu oolchi............................................nu oolchi

Citiin sadii citii sadan nu oolchi............................nu oolchi

Citii waraanaa nu oolchi......................................nu oolchi

Citii waraansaa nu oolchi ...................................nu oolchi

Kan caamee goggogsu nu oolchi.......................nu oolchi

Kan roobee tortorsu nu oolchi............................nu oolchi

Walbira oolchii nu bulchi....................................nu bulchi


Waliigaltee nuu kenni……….............................nuu kenni.

Waliigalii nuu toli...............................................nuu toli

Sonii nuu roobi..................................................nuu roobi

Waan rooba keessa jibban nu baasi................nu baasi

Waan caama keessa jibban nu baasi..............nu baasi

Egaa nagaya...................................................nagaya

Barri quufa

Gadaan gabbina gabbisi Waaq!

Kan ati jette tolaadhaa tolaan nu haa ga’u .........haagahu

Bakkalchi bakkee haa ta’u ................................haa ta’u

Bakkeen nagaa haa ta’u ...................................haa ta’u

Qorroon dibdibbee haa ta’u ..............................haa ta’u

Dhiigni dhallaadduu haa ta’u.............................haa ta’u

Adamoon deettii haa ta’u ..................................haa ta’u

Duulli dannaba haa ta’u.....................................haa ta’u

Rimaan haphee haa ta’u ....................................haa ta’u

Kormi cirrii haa ta’u............................................haa ta’u

Dhugee haa booressu .....................................haa booressu

Dheedee haa barbadeessu..............................haa barbadeessu

Booruun gabbina haa ta’u................................haa ta’u

Barbadaan suga haa ta’u ................................haa ta’u

Dhugaan tulluu haa ta’u ..................................haa ta’u

Dharri sulula haa ta’u ......................................haa ta’u

Anaaf sihii hin maqsin .....................................hin maqsin

Kan ormi maqe nu hin gahin............................hin ga’in


Bakka hir’ate Waaqni itti haaguutu…………....haa guutu.

Egaa nagaya ..................................................nagaya

Haleele………............................................…..Diina haleeli!

Irreeffatee, dhibaafateet oofkala!.....................Irreeffatee, dhibaafateet oofkala!

Eebba KarrayyuuEdit

Miinya tahi!………………………..........ziz

Foduu tahi!………………………..........ziz

Alalaasi!…………………………….......ziz

Alaa gali!………………………….........ziz

Oli reebi!……………………………......ziz

Maatii raaphu!…………...………….....ziz

Gadi reebi!…………………………..…ziz

Karra raaphu!……………………….…ziz

Adaboon gooba!.………………….......ziz

Goobni geerarsa!……………………...ziz

Hurrubni Mirga!………..………….......ziz

Dirreen Dannaba!……...……………..ziz

Simoo ta’i! ………………………….....ziz

Sin simin!……………………………....ziz

Dandoo ta'i! ……………………..........ziz

Sin danda'in! ……….………………....ziz

Doobbii ta'i! …………………...……....ziz

Diina gubi !………………………….....ziz

Guchii ta'i !……………………….........ziz

Baalaan booni !….…….……………...ziz


Citaa ta'i! …………………………......ziz

Gurmuu baasi! ……………………….ziz

Daddaraari! ……………..……………ziz

Dilboo ta'i! ………..…………………..ziz

Babbaroodi .………………………….ziz

Cibraa dhoosi ……..…………………ziz

Gaara ta'i! ...................………………ziz

Itti jigi!……....................……………...ziz

Haladdaq ta'i.……..……………..……ziz

Bal'adhu!…………..…………………..ziz

Fantaallee ta'i!..……………………….ziz

Mul’adhu!......................………….......ziz

Qabadhu!...........................................qabadhu!

Ebba Arsii

Faatee waaqni dhagayi

Lafti sii dhagahi

Gadaan dhagayi

Gadaamoojjiin dhagayi

Dhibbi dhag

Dhibaayyuun dhagayi

Gadabitti nu galchi

Gadaa nu hulluussisi

Waraana qaqeessi

Oromoo qaqatti nuu bulchi

Doloolloo yaasi
Yaa’aa gabbis

Jinfuu tuuli

Tuulaa diinaa diigi

Oromoo biifaa si godhi

Biiftuu ganamaa si godhi

Ejersa gaaraa si godhi

Korma nyaaraa si godhi

Bokkaa sii roobi

Bokkuu sii moosisi

Laftan ititi

Itittuu nu obaasi...like share godha comments godha

Jawar Abrahim...

Comments

Popular posts from this blog

#ODEEFFANNOO_GAARII Of baruu barbanaan dubbisii Hortee ummata Oromootii Hanga Adem Biyyeetti

- November 08, 2018

#ODEEFFANNOO_GAARII Of baruu barbanaan dubbisii Hortee ummata Oromootii Hanga Adem Biyyeetti
===================== Booranii kaa Oromoti Oromoon kaa xaboti Xaboo kaa
waaqoti Waaqoo kaa dadhiti Dadhiin kaa uteeti Uteen kaa biteeti Bitee kaa
waalabuti Waalabuu kaa jilichati Jilichi kaa daawaroti Dawaroo kaa hoofati Hoofaan
kaa sharati Sharaan kaa haadiyati Haadiyaan kaa Rabati Rabaan kaa dooriti Dooriin
kaa mormor Mormor kaa mamati Mamaan kaa warari Warar kaa waayuti
Wayuun kaa goodedi Gooded kaa maridhati Marin kaa galani Galan kaa
waaditi Waadin kaa shunkur Shunkur kaa lmaar Imaar kaa batayi Batay kaa
lubaay Lubaay kaa Malik Malik
READ MORE

WALALOO HIRIYAA GANTUU

- October 22, 2018

HIRIYAA GANTUU Jaala jiruu Koo Kan guyyaa rakkoo ballinaa Kan Abdii walii boonnu Walgodhannee
gaachena Saniitu nagane na laate diinaa Mee akamiin garaan Koo Kanbir na Amana, Nama kooti
ja'ee Ani yeroo hedduu Ofirra caalchisee Kanin isaaf yaadu If booda deebi'uu Shira
kanatti yaadu Garaa nama deeyyiisse Way anii ha baadu, Sobduu ilkaan adiii Hamaa afaan
dammaa Wajjiin turan malee Hin beekan ilma namaa Sadoof qananii Osoon baasuu dhimma Halayyaa
naf qote tun Ajaa'ibuma. Gocha suukaneessaa Abudoo dhabummaa Narratti raawwatus An hintaane
humaa Silaa akka namaatiin Tiyya dhabamaa Galata rabbii Jiruu moonaa Jiruu moonaa Jiruu moonaa ---
Mahammad Rashiid

READ MORE

EEBBA OROMO CIIDHA

- September 17, 2018

Eebba Cidhaa Qabattanii aaga qabadhaa Rafaa abjuu qabaadhaa Adeemaa milkii qabaadhaa Miillaan lafa
qabadhaa Harkaan Waaqa qabadhaa Coqorsa lo’aa ta’aa Gannaa fi Bona lalisaa Odaa dagaagaa ta’aa
Gannaa fi Bona garbaabaa Aannanii fi garaa ta’aa Dhadhaa fi mataa ta’aa Akka biiftuu aanga’aa Akka
qorsaa ifaa Cirracha Abbayyaa ta’aa Lakkaa’aan isin hin fixin Madda Walaabuu ta’aa Waraabaan isin hin
fixin Jalduu Biikkoo ta’aa Qomaa fi dugdatti baadhaa Goomattuu fi tolfattuun isin hin danda’in Bona
ongee baraaraamaa Ganna balaqqee ofkalaa Hamaa fi hamtuu isin irraa haa qabu Kumaatama horaa
Kan hortanii wajjin bulaa Walbira oolaa-bulaa Safuu waliif qabaadhaa Eebbi kun eebba gosaatii, Qabatee
isin biraa hin hafin Na hoofkalchaa....,,"""__!!!!...A

EEBBA OROMO TUULAMAA

- September 17, 2018

Eebba Tuulamaa Hayyee,Hayyee! Hayyee, Hayyee! Waaqa uumaa Waaqa uumamaa Waaqa Burqaa
Haroo Walaabuu Waaqa sagaltama garbaa Waaqa salgan Booranaa Waaqa torban Baarentummaa
Waaqa Bokkuu Gurraachaa Waaqa Ciicoo Gurraattii Waaqa Caffee Tumaa Waaqa shanan Gadaa Oromoo
Nagayaan nu olchitee nagayaan nu bulchi Nagayaan nu bulchitee nagayaan nu olchii Kan faantii lafaan
lolte kan sammuun Waqaan lolte nurraa qabi Irraa-gora nu oolchi Dogoggora nu oolchi, Hamaa nurraa
qabi Tolaa nutti qabi, Xiqqaa nuu guddisi Guddaa nu muldhisii/bulchi Waan qabnuun nu bulchi Rooba
nagayaa roobi Baraa nagayaan nu basii Gadaan roobaa nagayaa Barri quufaa gabbina

READ MORE

Gareewwan jejechoota afaan oromo


- October 31, 2018

🌹#Gareewwan_Jechootaa🌹 Afaan Oromoo jechoota kumaata hedduun lakkaa'aman qaba. Kanaaf


jechoota walfakkaataan gareedhaan qoqqooduun xiinxalluun ala hundasaa gargaratti xiinxalluun
rakkisaadha. Haaluma Kansan Jechoota Afaan Oromoo akkaataa galmaa fi unkaa( context and Form)
irratti hundaa'uun gareewwan shanitti qoodamu. 1. Maqaa(noun) 2. Maqibsa(adjectives) 3.
Xumuraaf(verb) 4. Xumibsa(adverb) 5. Durduubee(pre and post position) jedhamu. 🌹#Maqaa 🌹
Maqaan itti waamama √namaa, √Iddoo, √meeshaa √yaada waan tokkoo fi kkf bakka bu'uun kan
ibsuudha. Fkn:1 Caaltuun barattuudha. Jechi 'Caaltuu' jedhu maqaa hima kanaa agarsiisa. 2. Birbirsi
muka guddaadha. Jechi 'Birbirsi' jedhu maqaadha. 🌹Gosoota Maqaa 🌹 Maqaanis gosoota garagaraa
qaba. Haaluma kanaan Maqaa iddoo shanitti addaan hirree ilaaluu dandeenya. a) Maqaa
dhuunfaa/matayyaa b) Maqaa gamtaa c) Maqaa dimshaashaa d) Maqaa meeshaa e) maqaa
killiyyaa/icciitii jedhamuun qoqqoodamu. 👉Maqaa

READ MORE

JECHAMOOTA JAALALAA

- December 14, 2018

JECHAMOOTA JAALALAA. ∆ Addunyaa kana irratti kan dhalanneef jaalachuufi, ykn jaalalaan jiraachuufi.
Jaalalti bu'ura jalqaba lubbuu teenyaati. Jaalalti goolabbii jireenya keenyaatiis." Benjaamin Desraa'el. ∆
"Nama jaalannu irraa iddoo itti boqonnu gaafa argannu, namoonni nu jaalatan ammoo onnee keenya
keessa akka qubatan hayyamnaaf." Seenti Barnaardi ∆ "Ogummaa fi mala jaalalaa beekanii jaalachuu
wanti gahaa hin jiru. Waan tokko jaalachuu dhabuu irra garuu osoo hin beeknees tahu jaalachuutu
filatama" Wiiliyaam Eelviis Maddi: Fuula Hayyoota Jaalalaa irraa

READ MORE

SEENAA HORTEE OROMO MAGAALAA FINFINNEE SEENAA HUNDEFFAMMA MAGAALAA FINFINNEE

- September 03, 2018

Seenaa Hortee Oromoo Magaalaa Finfinnee fi Seenaa Hundeeffama Magaalaa Finfinnee fi Posted by
Admin Teessoo Shaggar fi gosoota Oromoo Shaggar/Finfinnee keessa fi naannoo ishii Qubatan.
Shaggar/Finfinneen gosa Oromoo keessa isa tokkoo kan ta’ee fi dame Booraanaa keessa Tuulama kan
jedhamuun abbaa qabeenyaa taatee ture. Tuulama keessa gosti guddaa fi inni angafaa kan ta’e Galaan
kan jedhamu. Qarqara kibba tulluu Cuqqaalaa irraa ka’ee Hawaas (Hawaash) cehuun hanga walakkaa
Shaggar/Finfinneetti tamsa’ee jira. Gosti kun balbala baayyee of jalatti kan qabu yoo ta’u hanga
Wallootti diriiree jira. Inni Lammaffaan Obo Tuulamaa immoo Galaan irraa gara kaabattii Caffee Doonsaa
irraa kaasee hanga Qarree-Gowwaa jedhamuttii diriiree kan jiru yoo ta’u, naannoo Finfinnee/Shaggar
kan qubatee, ilam angafaa Oboo kan ta’e gosa Gumbichuu yoo ta’u hanga kaabaa Finfinnee/Shaggar
naannoo Caancotti jira. (Gosa gurguddaa 7 qaba) Ilmaan Oboo Finfinnee keessa warra jiran lamaan
keessaa (Gullallee
READ MORE

Oromoota Beekkamoo

- September 26, 2018

Oromoota Beekkamoo!! Dr Gammachuu Magarsaa-ayyuu seena Afiriikaa Bahaa kan galmee dinqisiisoo
addunyarratti galmaa'ee jiru. Amaan Hedatoo - political activist and new singer Dr.sheikh
Mohammedrashad Abdulle Abbaa qubee afaan oromoo Sheikh Bakri Sapaloobarreessaa fi hayyuu
oromoo Abbabaa Abbishuu - sabboonaa Oromoo fi weellisaa beekkamaa Abbaas Hajii Ganamoo -
Pirofeesara Yuunivarsiitii Toroontoo, Barreessaa seenaa waa'ee ummata Arsii barreesse Mootii Abbaa
Jifaar II - Jimmaa fi naannoo ( gibee shanan ) bulchaa ture. mootii kumsaa morodaa,bulchaa leeqaa
naqamtee ture, Abdiisaa Aagaa - loltuu Xaaliyaaniin lolaa turee fi yeroo Waraana Addunyaa II hoogganaa
loltoota paartisaanii Jaarraa Abbaa Gadaa - Hundeessitooota ABO keessaa isa tokko kan ta'ee fi
hoogganaa dhaaba 'Adda Oromiyaa Dimokiraasoftuu' Abbaa Magarsaa Badhaasaa Abune Petros
gaggeessaa phaaphaasii (bishop) mana amantaa Ortodoksii Tawaahidoo Itoophiyaa fi goota bara
Xaaliyaanii Dr. Alii Birraa weel

READ MORE

Walaloo shaggooyyee

- December 10, 2018

"Walaloo Shaggooyyee" Raaree meetta bal'oo faradootu dheedaa, Shumbur shanyi intalaa yaa hunde
bareeda, Si yaadatin bulee edaafi halgaddaa, Narraan hafin koottu an siifin araadaa. ==***==***===
Birbirsa habuloo qilleensatu lulaa, Gad bahu si arkuuf ollaa keetin galaa, Jaalalti tun falaa eenyu na
sigaala, Tan naf taate sumaa namu qaalaqaala. ===***===***=== Yaa bishaan fal'aana kan dambiyaa
yaa'uu, Bissii too qacalee si dhabuun danda'uu, Sagalee tee malee gurri nan dhaga'uu, Jaalala tee duraa
an akkam haa ta'uu. ===***===***=== Eeguu keessan jiraa Boortedhattin deemaa, Hidhiin tee timiraa
gororri kee deeyma, As godhu mee boontu wahiin sitti dhaama, Si maalee na haraam dhugaan sitti
himaa. ===***===***=== Gabaa jechuun biyya ganda Usmaa'il Abdii, Siin jaaladhe jechuun anumarra
gadii, Dhugaan na jaalattu warra jalaa badii, Edanu naa koottu lubbun rabbii qabdii. ===***===***===
Lagni gabaa guddaa kurati dhaabataa, Qashti

READ MORE

Powered by Blogger

Geerarsa

Geerarsi gosa afoolaa ta'ee jecha mana rukutu kan nama onnachiisuun jiruu fi jireenya, gaddaa fi
gammachuu, obsaa fi hamilee kan ittiin ibsataniidha. Geerarsa yeroo baayyee warra dhiiraatu
gootummaa agarsiisufi geerara. Jireenya ummata Oromoo keessatti ergaa dabarsuuf tajaajila. Oromoon
gerarsaan goota isaa faarfatee dhaadata.[1]

Akaakuu Geerarsa

Edit

Geerarsa gosa lamatu jira. Innis geerarsa qondaalaa fi geerarsa gurgudduu jedhama. Geerarsi qondaalaa
kan qondaalaan geeraramuudha. Qondaalaan nama duulee diina ofii ajjeesee kan mirgaan gale ykn
bineensota bosona keessa jiraatan (leenca, gafarsa, arba, qeerransaa fi kkf) adamsee kan ajjeesedha.
Isaan kun hawaasa keessa jiraatan biratti kabajaa fi ulfina qabu. Yeroo sirna ykn cidha tokkorratti
sirbamu ykn geerarsi yeroo gahu isaantu dura geerara. Tartiiba mirga isaan ajjeesanii qabanii fi hawaasa
sana biratti beekamaniin wal-duraa duuban geeraru. Yeroo geeraramu dura waaqa, dachee, midhaan,
loon (saawwan) fi booka ykn daadhiitu faarfatama.

Geerarsa gurgudduu kan jedhamu nama duule hin ajjeefne ykn bineensa akka mirgaatti lakkaawu kan
hin ajjeefneen geeraaramuudha. Isaan kun warra qondaalaa booda geeraru. Yeroo geeraranis hojii
qabatanii jirani qonnaa fi waan kana fakkaatu irratti bobba’anirratti cimaa fi jabaa ta’uu isaanii ykn
ammoo duulanii mirga dhabuu isaaniif gadda itti dhaga'ame, yaalii fi tattaaffii godhan, kanaafis ragaa
qaban himachuun balasiin komachuun geeraru. Akkasumas jireenya isaanii keessatti karaa adda addaa
dhiphuu fi roorroo isaan mudate haala adda addaan ibsatu.

Yeroo Qondaalli ykn gurgudduun geeraru, kanneen taa’anii dhaggeeffatan ishoo gurbaa jechuun jala
cooqa ykn soosisa kan jedhamuun harkaa fuudhanii gargaaru. Kunis geeraraan sun akka afuura fudhatuu
fi akka onnatuufi. Yookaan ammoo warra geerarsa beeku ykn qondaaltotaa fi gurgudduutu wal harkaa
fuudhee dabareedhaan geeraru jechuudha.

Fakkeenya geerarsa

Birbirsa mootii mukaa

Riqaa malee hinyaabani;

Birboo mootii galaanaa

Daakaan malee hince’ani;


Abbaan ofii mootii dha

Harmeen ofis giiftii dha

Mirga malee hinwaamani.

Kanaafuun boobe tume

Kanaafan booye du’e.

Qumxaa machallaa godhe

Balasiin abbaa godhee

Waanuman yaade godhee

Hodhemoo… nan barreesse?

Tolchemoo… nan balleese?

Abbaa koo yaa abbaa koo

Wayyaa kee kuula maru

Natu kuula marsiise

Maqaa kee duulli haabaru

Natu duula barsiise.

Qoteen baase maqaa kee

Akka guuboo dinnichaa

Hordeen dhaabe maqaa kee

Akka muka birbirsaa.

Abba koo ani jedhu kuni

Sooressa guutuu miti

Hiyyeessa duutuus miti

Gamna itti himatan miti

Raatuu ifatan miti

Hinqotata maasi isaa


Hingorfata maatiisaa

Hingodhata maayiisaa;

Jaarsa dallaan waleensuu

Isa didaa qajeelchu

Yaa isa kan coome qalu

Isa kan doofeef faluu.

Yoo ajjeesan mucaa ta’u

Mucaa kurkuraa ta’u;

Hundatu nama dhungata.

Yoo dhaban budaa ta’u

Budaa furgummaa ta’u;

Hundatu nama tuffata.

Ameessa maalan godhaa?

Yeennaa borillee gu’e;

Si’achi maalfaan godhaa?

Yeennaan borillee du’e.

Moosisnaan korma ta’e

Tumamnaan qotiyyoo ta’e

Gurgurraan dhibba bite

Gunfureen dhimma fixe.

Si’achi maalan yaadaree?

Bajjii qotachuu malee

Qalbii horachuu malee

Goodarree dhaabuu malee.

Dhoobamee taa’u malee


Dhoobee dibachuu malee

Ulee qaldhoo qabachuu

Biyya abbaa koo taphachu.

Gojjolaa nyaateettaaree?

Yoo foon taskaaraa malee

Gujii agarteettaaree?

Gabaa Jimaataa malee

Boora agarteettaaree?

Sangaa magaala malee

Dhiiga agarteettaaree?

Dhiqaa fagaaraa malee!

Akkam taanee akkas taane?

Akkamiin akkas taane?

Goommanaaf raafuu taane

Dhala abbaa raatuu taane

Hunduu nutti xaphatte

Muka nuugii taane kaa;

Hunduu nu bobeeffatte

Dhala luujii taane kaa

Hunduu nu odeeffattee

Akkam taanee akkas taanee?

Moofa uffattuu taane

Doofa of gattuu taane

Fayyaa dhukubsatu taane

Beekaa wallaalaa taane


Otoo qabnuu deegaa taane

Akkam goonee taanuree?

Kam goorree jalaa baanuree?

Inni Abbaan koo guddise

Kaballaan na kuffise

Inni abbaa koo tii gadii.

Hardha gaangeensaa sadii

Gaangeen biyyaaf barcuma

Ani hinyaabne takkumaa.

Kaabbortaan raroo taatee

Na geessee rakkoo taatee.

Fakkeenyaa Geerarsa gootaa

Goota goota caalu

Seenaan yoo gilgaalu

Goota biyyaaf kufu

Seenaan bira hin lufu

Oromoon sodaatee hin beekuu

Yoo sodaachise malee

Seenaan gootaa hindhumu

Yoo obsinee itti dhiifne malee


i

Axereera

Qorannoowwan gama ogafaan Oromootiin hojjataman heddu yoo jiraatanillee fookiloriin faaruu loonii
ibsu faaydaafi yoomessa faaruu loonii ibsu kan qoratame haala

gabbataa ta’een hin mul’atu. Qorannoon kun qabiyyeewwan faaruu lo

onii fookiloriiwaliin hidhata qaban Godina Baalee Aanaa Laga hidhaa keessatti raawwatamu irratti

xiyyeeffata. Adeemsi qorannoo kunis maddi raga hawaasa aanichaa irratti kan hundaa’eta’ee namoota
faaruu loonii irratti beekkumsa ciccimoo qaban mala eertuu

darbaadabarsaa (snowball sampling) irraa bifa gaafiitiin,bifa daawwannaatiinfi bifa mariitiinkan


fudhatameedha. Haaluma kanaan faaruu loonii eddoofi yoomessa adda addaatti kan

faarsamu yoota’u afoola keessumaayyuu afwalaloo faaruu loonii faarsuun meeshaa

leeaadaa faaruu loonii waliin deeman akkasumas safuufii duudhaan hawaasaa hiika

qabaachuun isaa kan mul’ate yoota’u, qorannoo kana keessatti

,haala waliigala aanichaamaal akka fakkaau,mogaasa aanichaa,haala qilleessaa,baayina


ummataa,sabaafi sablammootaafi amantiiwwan adda addaafi kakkanafakkaatu yooibsamu, K

a’umsa

qorannichaatiin wal qabatee faaruun loonii dhalootaa dhalootatti dabarsuun dagatamaadhufuufi


barreefamaan dhabamuun mataduree kanarratti akka qoradhu kan nakakaase

yoota’u kaayyoon qorannoo kan

aas qabiyyeewwan faaruu loonii godina Balee aanaa Lagahidha keessatti argamu xiinxaluufi haala
moggaasa maqaa loonii kan ibsamu

yoota’u,

Barbaachisummaan qorannoo kanaas gosoota faaruu loonii dagataman ifattibaassuu, qabiyyeewwan


faaruu loonii akka hubatan taasisuu,moggaasa maqaa loonii

maaliratti hundaa’ee akka mogaasamu ibsuu,namoota mataduree kanarratti qorachuubarbaadaniif


ka’umsa ta’uu akka danda’uufi kan kanafakkaatu yoota’u,daangaan

qorannoo kanaa qaacessa qabiyyee faaruu looniiGodina Baalee aanaa Lagahidhaa


keessatti kandaanga’e yoota’u,hanqina qorannichaatiin walqabatee rakkoo uumameefhanqina
kitaabaatiif intarneetii fayyadamuu,bakka too’eetti namoota ga’umsa qaban

dhabamuun qaamaan mana jireenyaa dhaquun,namni viidiyoo waraabu gatiidabalachuu,mobaayiliitti


fayyadamuu.dubartoonni yeroo viidiyoo waraaban sodaachuu, sagalee mobaayiliitti waraabuun

furmaata gahaa kaa’uun qorannoo fiixaan baasee jira.

Gama biraatiin kitaabileen mataduree kanaan firoomina qaban kan sakata’aman yoota’u,firiiwwan
fooklo

rii k

eessaa afoolarratti bu’uureffac

hn faaruu loonii irratti kan xiyyeeffateedha.Mala qorannoo itti fayyadame keessaa ragaawwan jiru bifa

waraabbiitiin funaanuun barreefamatti kan jijjiirame yoota’u afwalaloo

gosoota faaruu8 eddoo adda addaa bakka namoonni itti argaman sagal irraa kan argame

yoota’u,gosoota faaruu q

abiyyee faaruu,faayiddaa faaruu faanti kan qaaccefamaniidha.Qorrannoo kana keessatti argannoowwan


qorataan argate faaruun loonii barreeffamaandhabamuu,dhalanni ammaa faaruu looniitti fayyadam

aa kan hin jirre ta’uu,meeshaaleen

aadaa faaruu loonii waliin deeman dhabamaa dhufuufi meshaalee biraatiin bakka

bu’uu,yoomessi faaruu dagatamuun walitti makamuun kanbira gahame yoota’u, yaanni

furmaata qorannoo kanaa

tis nita’a jedhee qoratan lafa kaa’e,qa

amni dhimmi ilaaluviidiyoon waraabuun barreeffamatti osoo jijjiire,hayyoonni hawaasa keessa


jiraataniifi fedhiifi danddeettii barreessuu qaban hawaasa keessaa funaanuun barreefamatti osoo
jijjiiranii mana barumsaatiif raabsamee barattoonni bifa muuziqaatiin osoo itti

tajaajilamanii dhalootaa dhalootatti kan darbu ta’uu danda’a.

ii

Galata
Duraan dursee waaqayyo na’

uumee sadarkaa amma irra jiru kanan nagahe guddaangalatooffadha. Itti aansuun nuffii tokko malee
deegersa nabarbaachisu hunda naafgochuun nagargaaraa kan ture, gorsaa koo Dr.Xilahuun Taliilaa

baay’een

galatooffadha.Itti aansuun yaadaan, qabeenyaan, yeroo ofii aarsaa gochuun akkan baradhu
kannakakaasteefi nacinaa dhaabbattee najajjabeessaa turte haadha manaa tiyya barsiistuuAsaffee
Girmaa guddaan galatooffadha, fayyaafi umrii dheeraan siif hawwaaf.Dabalataan waraabbii viidiyoo
jalqabaa hanga dhumaatti meeshaafi ogummaadhaan kannagargaaraa ture obbo Tasfaayee Tsaggaa
guddiseen galatooffadha. Itti aansuun yaadaafileencaalloodhaan kan nagargaaraa turan maatii koofi
hiriyoota koo sirrittangalatooffadha. Dhumarratti namoota odeeffannoo naaf kennan hundaa galata
guddaangalchaaf. Walumaa galatti namoota deeggersa naaf godhan fayyaafi umrii dheeraawaaqayyo
isiniif haakkennu jedha

You might also like