You are on page 1of 24

Eli'eel-Dhaloota Kiristoossiff: Dhaabbata Leenjii M/Qulqulluu

Eliel-Generation For Christ Bible Training Institute

Duuka Bu'ummaa (Discipleship)

“…Jaalalaan dubbii dhugaa dubbachaa, koottaa karaa hundumaan gara


mataa isa nuuf ta’e gara Kiristoositti in guddannaa!” Efe. 4:15.
1 Eliel "Be disciple and go to others to create the true disciple creators!"
Email: eliel0607generation@gmail.com Mobil: +251-926-545-440
P. O. Box 2209 Hawassa, Ethiopia.
Eli'eel-Dhaloota Kiristoossiff: Dhaabbata Leenjii M/Qulqulluu
Eliel-Generation For Christ Bible Training Institute

Baafata (Table Contenets)


1. Seensa …………………………………………………………………………………… 3
2. Bartuu Dhugaa (True Disciple) ……………………………………………………….. 4
3. Hiikaa Waldaa Kiristaanaa …………………………………………………………… 4
4. Kaayyoo Waldaa Kiristaanaa …………………………………………………………. 6
5. Duuka Buutuu ………………………………………………………………………….. 7
6. Duuka buutummaan of ganuu gaafata ……………………………………………….. 8
7. Jireenyi Duuka Buutuu Foonnoo ofii baachuun waa’ee Kiristoosiif gatii kaffaluu
dha ………………………………………………………………………………………. 9
8. Oso addaan hin kutin guyyaa guyyaan duukaa bu’uu ……………………………... 10
9. Amalli Waamicha Duuka Bu’aa maal fakkaata? …………………………………... 10
10. Bu’aa waamichichaa ………………………………………………………………….. 11
11. Duuka Buutummaan maaliif waldaa kiristaanaaf barbaachise? ………………….. 12
12. Duuka Buutummaaf Gufuu kan ta’anii fi ka’uu kan qaban ………………………. 13
13. Duuka Buutota Horachuuf Adeemsota Nubarbaachisan ………………………….. 16
14. Qo’annoo macaafa qulqulluu fi Duuka Buutummaa ………………………………. 17
15. Macaafa Qulqulluu Yemmuu Gareen Qo’anutti wantoota Ta’uu hin qabne …….. 20
16. Yeroo Qo’annoo Macaafa qulqulluu gareetti wantoota Ta’uu qaban …………….. 20
17. Hojii Nama Garee Xiqqoo Geggeessu ……………………………………………….. 22
18. Goolaba ………………………………………………………………………………... 24

2 Eliel "Be disciple and go to others to create the true disciple creators!"
Email: eliel0607generation@gmail.com Mobil: +251-926-545-440
P. O. Box 2209 Hawassa, Ethiopia.
Eli'eel-Dhaloota Kiristoossiff: Dhaabbata Leenjii M/Qulqulluu
Eliel-Generation For Christ Bible Training Institute

1. Seensa (Introduction)
Gooftaa Yesuusiin akka fayyisaa lubbuu isaanitti fudhachuun garuu jireenya hafuura isaaniin
osoo hin guddatan baroota baay’eef waldaa Kiristaanaa keessa turuun yeroo ammaa mariif
dhi’achaa kan jiru ta’uu irra darbee baay’achaa dhufeera. Guyyaa Sanbataa dhufee waldaa
keessatti faarfannaa ho’isee faarfatee kan deemu qofatti dhimmi kun itti beekamuu dhiisuu
danda’a. Guyyoota hafan keessatti amalli mul’atan, sochii guyyaa guyyaa, yoo ilaalame waan
nama ajaa’ibsiisu dha. Sanbata ganama gad of qabuu, nagaa gaaffannaa, haalli adeemsa miillaa fi
haalli itti Macaafa qulqulluu qabatanii deeman amantoota cimoo fakkeessa. Garuu gaafuma sana
galgala wanti afaan keessaa bahu hangam dhalli namaa jijjiiramuu akka danda’u hubachuun
nama dhiba. Kana yemmuu jedhamutti garuu sirriitti kan Waaqayyoon sodaatanii deddeebi’an
hin jiran jechuu miti. Garuu sagantaa torbee hordofaa, sagalee Waaqayyoos dhagahaa,
faarfachaa, maaliif gara bilchinaatti hin dhufnu? Gara jireenya fooyyyaa’attis dhufuu yaadnee
wanti nuti hin dandeenyeef maalif?

Gooftaa Sadarkaa amma irra jirruu olitti tajaajiluun gammachiisuun fedha hunda keenyaati.
Haa ta’u malee jireenya gahaa ta’e jiraachaa hin jirru, jireenya hafuuraan jedhuu dha.
Kiristaanota ta’uu keenya kan agarsiisan mallattoolee garaagaraa jireenya keenya keessatti in
argina. Garuu nu hin quubsine. Waaqayyoon beekuun qofti gara bilchina gahaa taheetti nu hin
guddifne. Kanaaf wanta qabnuun Gooftaa ulfeessuu fi isaaf ajajamu baru qabna. Yoo sani kan
gara bilchinaatti kan guddannu. Bartuu dhugaa Kiristoosiif ta'uudhaaf barumsi kun wanta nu
gargaaruuf sirritti qayyabachuun wantoota arman gadii haa ilaallu.

3 Eliel "Be disciple and go to others to create the true disciple creators!"
Email: eliel0607generation@gmail.com Mobil: +251-926-545-440
P. O. Box 2209 Hawassa, Ethiopia.
Eli'eel-Dhaloota Kiristoossiff: Dhaabbata Leenjii M/Qulqulluu
Eliel-Generation For Christ Bible Training Institute

Bartuu Dhugaa (True Disciple)


Amantii qabna: Luuteraan, Baaptistii, Pheenxee fi kaarizimaa seerota fi ijaarsa
isaanii akkasumas turtiin amantii fudhatama qaban qabna. Kanneen amantii keenya kan
ta’anii fi hin taane adda baafne akka itti fayyadamnu nu gargaaru. Garuu bilchinaan jireenya
Kiristoos fakkaachuun nutti hiri’ata. Falaasama Amantiis qabna .Kanaanis jireenya
keenyaaf, gaaffii garaa garaa ka’aniif deebii laannaaf. Eessaan dhufe, eessaan deema,
maalifan jiraadha, akkamittan jiraadha. Kanneen jedhan gaaffilee dhala namaa
keessaa hin dhabamneef deebii arganneera. Haa ta’u malee lubbuun keenya amma
illee hir’ina qabdu beekti.
Mana Amantii qabna.Kana irraa kan ka’e miseensa mana amantii tokkooti, karaa baay’een
birmadummaa fi eegumsa qabna, ta’us kunis garaa garummaa waldaa gidduutti uumeera.
Tokkummaa Yesuus du’a isaatiin nuuf fide nuuf hin laanne. Macaafni Qulqulluun
Kiristaanuummaa ibsu har’a haala walxaxaa ta’e keessa kan jiru kana miti. Salphaa fi karaa
jireenyaa lubbuu keenyaaf ta’u ture. Walxaxaan kun guddina hanga fidetti mormuu hin
dandeenyu. Haa ta’u malee kanneen yemmuu ilaalaman walxaxaa fi rakkisoo fakkaatan kunniin
fiixaan ba’iinsi isaanii kan madaalamu jalqaba isaanii irratti bu’uura isaan irraa ka’aniin.

Hiikaa Waldaa Kiristaanaa

Waldaan Kiristaanaa eenyu? Kan jedhu deebisuuf jalqaba “Waldaa Kiristaanaa” kakuu Haaraa
keessatti ilaaluun barbaachisaa dha. Kana immoo hubachuuf jalqaba kakuu moofaa keesatti
bakka itti tuqame: Kes deb 9:10, 10:4, 23:2-3, 1Mot, Izra 10:1, Neh 8:2, Erm 44:15, His 17:17,
27:27 kkf Kutaawwan kakun moofaa kana keessatti waldaa yaada akkana jedhu qabdi turte:
Walga’ii, tokkummaa. Akkataa kakuu Haaraatti immoo Hoe 19:32-39, 1Qor 1:2, Mul 1-3 kakuu
haaraa keessatti egaan walitti qabame amantootaa hiika jedhu qabaata. Walitti qabamin kunis
abbaa qaba Mat 16:18, kunis dubbii Yesuus Kiristoos. Egaan waldaa Kiristaanaa walitti qabama,
biro irraa adda kan godhu eenyummaa ishee, amala ishee, kaayyoo walitti qabama ishee fi kkf.

4 Eliel "Be disciple and go to others to create the true disciple creators!"
Email: eliel0607generation@gmail.com Mobil: +251-926-545-440
P. O. Box 2209 Hawassa, Ethiopia.
Eli'eel-Dhaloota Kiristoossiff: Dhaabbata Leenjii M/Qulqulluu
Eliel-Generation For Christ Bible Training Institute

Walumaagalatti waldaa Kiristaanaa jechuun fayyisummaa gooftaa Yesuus Kiristoositti amanuun


Waaqayyoon waaqessuuf, tajaajiluuf, sagalee Waaqayyoo waliin dubbisuuf fi kkf kan carraaqan
yaada Waaqayyoo kan raawwatan walitti qabama amantootaa jechuu dha.

Kanaan walqabsiisnee ilaaluu kan qabnu waldaan Kiristaanaa kakuu haaraa keessatti haalaan
dubbii garaagaraan waamamteetti. Fakkeenyaaf Qonnaa 1Qor 5:9, mana qulqulluummaa 1Qor
3:16, Ijaarsa Efe 2:22, 1Qor 3:9, Qaama 1Qor 12:12 fi kattaa jiraataa 1phex 2:4. Kanneen
keessaa sadii fudhannee haa ilaallu.

a. Mana Qulqullummaa

Kun kakuu moofaa Waaqayyo ilmaan Israa’el gidduu buufachuu kan agarsiisu dha (Kes Deb,
25:8). Kunis guutummaa guutuutti ijaarsa manichaan kan walqabate dha. Kakuu kana keessatti
fiixaan ba’iinsi Israa’elootaas ta’e Musee Waaqayyo hafuura isaatiin mana qulqullummaa kana
keessatti argamuu dha. Kakuu Haaraa keessatti garuu manni Qulqullummaa Waaqayyoo Waldaa
Kiristaanaati (1Qor 3:16, efe 2:21-22) hojiin waldaa kiristaanaa kun hanga gooftaan Yesuus
deebi’ee dhufutti kan itti fufu dha. Waldaan Kiristaanaa hojjetamteetti kan jennu sagalee
Waaqayyoo fi kennaa hafuuraan yoo ijaaramte dha (Efe 4:11, 5:26, 1Qor 12: 7-11)
b. Kattaa jiraataa

Manni tokko akka ijaaramu kan godhan kallattii afraniin gamoon dhaabaman jiru. Isaan kun
“Kattaa kallattii” jedhamu. Kan bocamaniis ogeessa ijaarsa mana beekaman, kattaan kun mudaa
yoo qabaate, mana ijaaramu in jallisa, kallattii irra jiruun. Akka Pheexiroos nutti himutti kattaa
akkasii nuti arganne Kiristoos (1Phex 2:4-8). Inni mudaa kan hin qabne qulqulluu dha. Isa irratti
dhagaa biroon ijaaramuun mana qulqullummaa ijaaru egaan waldaan Kiristaanaa jireenya kan
qabdu dhaabbata hafuuraati malee, akka dhaabbata kamiillee miti. Haa ta’u malee jireenya
hafuuraa ishee kana dhiifnaan akka dhaabbata wa’ii taatee hafuu dandeessi.

Macaafota Nehiimiyaa fi Haagee lallabaa yemmuu jirruu dha. Jireenyi hafuuraa uummata
Waaqeffatuu diigamee yerooo bade jirutti, mana sagadaa ijaaruuf sagantaa galii sassaabuu
gochuun sirrii miti. Kana yoo jennu garuu Haagee fi Nehiimiyaan hin lallabaman; waldaan

5 Eliel "Be disciple and go to others to create the true disciple creators!"
Email: eliel0607generation@gmail.com Mobil: +251-926-545-440
P. O. Box 2209 Hawassa, Ethiopia.
Eli'eel-Dhaloota Kiristoossiff: Dhaabbata Leenjii M/Qulqulluu
Eliel-Generation For Christ Bible Training Institute

Kiristaanaas iddoo sagadaa hin qabaatin jechuu miti. Dursa garuu amantootaaf, jireenya
hafuuraafi hawwassummaa cimsuun xiyyeeffannoo ta’uu qaba.

c. Qaama Tokkicha

1Qor 12:12-13 kutaa jiru keessatti yemmuu ilaallu, qaama namaa kutaa garaa garaa, qaba garuu
Kiristoos qaama tokko kan taate waldaa Kiristaanaatiif akka fakkeenyaatti caqasameera. Qaamni
namaa kutaawwan adda addaa qabaatu illee qaamummaa tokko. Waaqayyos Kiristositti kan
amanaanii fi kan isaa kan ta’an hunda akka qaama tokkootti (Rom 12:5, Efe 4:4) dha. Dhugaan
hafuuraa kunis waldaan Kiristaanaa yemmuu bu’uureffamtee jalqabee kan ture malee gara fuul
duraatti kadhannaadhaan kan dhufu miti.

Du’uu fi du’aa ka’uu Kiristoosiin tokkummaa argame eeguun dirqama Kiristaanummaa ti.
Hubannoof hagas mara yoo ilaalle, itti aansuun ammoo, gabaabinaan kaayyoo waldaa
Kiristaanaa ilaalla.

Kaayyoo Waldaa Kiristaanaa

Dursinee Waldaa Kiristaanaa jechuun maal jechuu akka ta’e ilaalleerra. Kutaa kana jalatti
immoo kaayyoo waldaa kiristaanaa ilaalla. Dursee garuu dhugaa jiru hubachuu qabna. Kunis
waldaa Kiristaanaa sochii (hojiin) kan jiraatu kaayyoon yoo jiraate ta’uu dha. Waldaan
Kiristaanaa kaayyoo yoo hin qabaannee hojii sirrii hin qabaattu. Kaayyoo sirriin yoo hin jiraanne
fiigicha galma hin qabne ta’a hojii hundi, kaayyoo fi hojiin gargar hin bahan.

Waldaa Kiristaanaa ilaalchisee kaayyolee baay’een yoo jiraatan illee wangeela saba hundaa
biraan gahuun, Waaqayyoon waaqessuun, miseensota sagalee Waaqayyoon guddisuu fi
tajaajiluun kaayyoolee waldaa Kiristaanaa ijoo dha. Kanneen sagantaa dhaabbataa waldaa
Kiristaanaa Gooftaan keenya Yesuus Kiristoos kakuu moofaa ergaa walitti xumuree booda,
ergama guddaa kakuu haaraa keessatti kenneen (Mar 12:29-30, Mat 28:19-20) Kan wal-qabatanii
dha. Kutaawwan lamaan macaafa qulqulluu kanneen keessatti “Waaqa kee jaalladhu,” “deemaa”,
“Cuuphaa,” “dhuuka buutuu godhaa,” “abbaa buddeenaa kee jaalladhu” jechoota akka ajajaatti
taa’an, jechoota, gaaleewwan fi himoota keessatti waldaan Kiristoos Yesuus bara baraan
qabachuu kan qabdu hojii kan agarsiisan dha. Haa ta’u malee seenaa waldaa Kiristaanaa irraa
6 Eliel "Be disciple and go to others to create the true disciple creators!"
Email: eliel0607generation@gmail.com Mobil: +251-926-545-440
P. O. Box 2209 Hawassa, Ethiopia.
Eli'eel-Dhaloota Kiristoossiff: Dhaabbata Leenjii M/Qulqulluu
Eliel-Generation For Christ Bible Training Institute

akka hubannutti, yeroo tokkotti xiyyeeffannoo guddaa argatee kan ture yeroo biro immoo
dagatamee argina.
Fakkeenyaaf yeroo jalqaba waldaan Kiristaanaa bu’uureffamtetti jaarraa jalqabaa keessa,
Waaqayyoon Waaqessuu, wangeela lallabuu (babal’isuu), kan amanan sagalee Waaqayyoo
barsiisuun guddisuun hojii gurguddoo waldaa Kiristaanaa turan. Ergamaan Phaawuloos hojii
Waaqayyoof bakka deeme hundaatti Waaqayyoon akka ta’utti Waaqessuun kan barbaachisu
ta’uu yemmuu beeksisu (Qol 1:12-13), miseenso sagalee Waaqayyoon yemmuu beeksisu (Hoe
18:11), rakkatoota yaadachuun barbaachisaa akka ta’e yemmuu dhugaa bahu (Gal 2:10),
Wangeelli biyya lafaa hundatti lallabamuu akka qabu yemmuu hubachiisu (2Xim 4:2) ergamni
isaa karaa afranuu ifatti mul’atu.
Bara giddu galeessatti ammoo Wangeela labsuun guutummaa guututti dagatamee ture. Rakkoo
kanaaf sababni namoonni jireenya “Gadaamii” keessatti hirmaachuu yoo ta’u, ofii isaanii
jireenya biyyaa lafaa irraa fageessuun “qulqullummaa” yaadni jedhu yeroo itti ture dha. “Gara
biyya lafaa hundaa deemaa, wangeela hundatti lallabaa” (Mar 16:15) kan jedhu ajajin gooftaa
Yesuus jireenya waldaa Kiristaanaa keessa tasumaa badee ture. Egaan beektoonni baay’een
seenaa waldaa Kiristaanaa akka nu hubachiisanitti, barsiisni akkaataa macaafa qulqulluutti hin
taane gara waldaa Kiristaanaa seenuu kan jalqaban yeroo kana. Ergamoota Waaqayyoo fi
namoota Waaqayyoo karaa itti Waaqayyoon wal argan godhanii lakka’nuu yeroo kana akka
egale dha. Ergama Wangeelaa yemmuu dhaabnutti rakkooleen akkasii uumamuun hin oolu.
Jaaraa 18ffaa asitti, hanga ammaatti garuu wangeela labsuun hojii guddaa ta’e argama. Haa ta’u
malee duuka buutuu gooftaa sagalee Waaqayyoon guddisuun, kana gochuuf dhama’uun waan
hafe fakkaata kanaaf sababoota kan ta’an akka jiran hunda keenya biratti kan beekame ta’u
iyyuu, kan amanan sagalee Waaqayyoon guddisuu fi duuka buutuu cimaa gochuun wrgama
keenya isa guddaa dha.

2. Duuka Buutuu
Duuka buutuu jechuun nama barumsa bu’uura kiristaanummaa xumuree, cuuphamee, barumsa
yeroo muraasaaf baratee xumuru jechuu miti. Yookiin immoo waldaa Kiristaanaaf nama baay’ee
amanamaa ta’e jechuu miti. Itti dabalees kutaa macaafa qulqulluu beekuu fi waldaa Kiristaanaa

7 Eliel "Be disciple and go to others to create the true disciple creators!"
Email: eliel0607generation@gmail.com Mobil: +251-926-545-440
P. O. Box 2209 Hawassa, Ethiopia.
Eli'eel-Dhaloota Kiristoossiff: Dhaabbata Leenjii M/Qulqulluu
Eliel-Generation For Christ Bible Training Institute

keessas yeroo baay’ee turuus miti. Duukaa buutuu jechuun “Maatetes” jecha Giriikii irraa kan
dhufe yoo ta’u, hiikni isaas yaada hojiitti hiikame beekumsa argachuuf jecha kan barataan waan
barate irratti jabaatu yoo ta’u, waan barsiisaan jedhus dhagaahanii raawwachuu dha. Yaada
akkanaa kakuu haaraa keessatti bakka baay’etti argannu iyyuu Luq 9:23 akka ka’umsaatti haa
fudhannu. Naduukaa bu’aa yemmuu jedhu gatii isaa osoo hin beekin, hangi isaa osoo hin
galiiniif akka duukaa bu’aniif waamichi Gooftaa Yesuus itti gaafatamummaa Kiristaanummaa
gatchisiisee, dhiisi homaa mitii, ani siifan du’aa, ati egasii booda akka garaa keetti jiraattaa,
waamicha jedhu miti. Yaada fi waamicha salphaa miti.
I. Duuka buutummaan of ganuu gaafata
Ofganuun jechuun of akka hin uumamneetti lakka’uu osoo hin taane, Kiristoosiin dursuu jechuu
dha. Jalqabumanun gara duuka buutummatti kan waame of isaa kan gane dha; inni akka
Waaqaatti osoo jiraatuu, bifa garbummaa qabate (Fil 2:5-11). Bulchaa biyyaa lafaa osoo ta’ee
jiruu harka dhala namaan kaballaan rukutame. Galaanota gurguddoo fi lageen uumee osoo jiruu
gororri ykn ancufni itti tufame. Waan hin jirre gara jireenyaatti fidee osoo jiruu ofiisaa gara
du’atti darbe. Kana of ganuun, of ganuu jechuun” Ani eenyu akkan ta’e beekataa?” jechuun of
jajuu miti. Maqaa kabajaa qabnu, kan ittiin of jajmu hin qabnu. Of ganuun akka Phaawulos
qomoo ofii, aboo ofii innaafaa ofii, seeramantaa guutuun of jajuu ofii ganuu dha. (Fil 3:8).
Kanaaf Macaafota naannoo 13 akka barreessuuf nama hafuurri qulqulluun gargaare dha.
Kiristoosiin duukaa bu’uuf yeroo murteesiteetti maal maal ganteetta? Olaantummaa
qomoo?,beekumsa? Humnaan bultummaa? Wanti gatuu ykn ganuu qabnu baay’een kan nuu
wajjin turaniif jireenya hafuuraa keessatti wantoonni nu gachisiisan waan nu hin quunnamneef.
Yesuus Kiristoos Mat 19:16-22 irratti akka ibsetti dargaggeessi sooressa ture tokko waa’ee seera
amantii ilaalchisee wanta ittiin jedhamu hin turre, gaddee boodatti kan deebi’e waan qabdu
hundumaa dhiisii na dukkaa bu’i yeroo ittiin jedheeniti. Waamicha duuka buutuu irratti of ganuu
alatti anis jira atis naaf jirtaan hin hojjetu.
Eenyummaa keenya kamiyyuu yoo ganuu baanne, amalli Kiristoos nurratti argamuu hin danda’u,
Dhimma kana irratti nutis taane kanneen biroon yoo laphee jabaatan maqaan ittiin waamamne
sirrii miti. Ofii isaa abbaan manaa hin ganne haadha manaa isaatiif rakkisaa dha, ofii ishee haati

8 Eliel "Be disciple and go to others to create the true disciple creators!"
Email: eliel0607generation@gmail.com Mobil: +251-926-545-440
P. O. Box 2209 Hawassa, Ethiopia.
Eli'eel-Dhaloota Kiristoossiff: Dhaabbata Leenjii M/Qulqulluu
Eliel-Generation For Christ Bible Training Institute

manaa hin gannes abbaa manaa isheet rakkistuu dha. Ofii isaa beekaan hin ganne tokko hiriyaa
isaa homaa hin beekneef rakkoo dha. Ofii isaa eegduun, jaarsi waldaa, lallabaan wangeelaa hin
ganne miseensota waldaa Kiristaanaafis ta’e kan waliin tajaajilaaniif rakkoo dha.
Ofii kee Kiristoos keessattti arguu yoo barbaade, ofii kee gani. Baay’een keenya ofii keenya
hanga du’a fannootti osoo hin ganin akkamiin gooftaa faana bu’uu dandeenya. Isa duukaa
bu’uun kan dandaa’amu haadha, abbaa, haadha manaa, ijoollee, obbolleessaa fi obboleettii
akkasumas jireenya ofii gooftaa olitti caalchisanii ilaaluu dhiisuun.
II. Jireenyi Duuka Buutuu Foonnoo ofii baachuun waa’ee Kiristoosiif
gatii kaffaluu dha
Waamichi Kiristaanummaa foonnoo ofii baattachuu dha. Yesuus cubbuun biyya lafaa kan ittiin
ibsame fannoo baatera. Fannoo Yesuus nuti baachuu hin dandeenyu. Haa ta’u malee fannoo ofii
ofii keenyaa baachuuf waamichi nuga’eera (luq 14:27)
Fannoo baachuun rakkoo gaa’elaa miti. Rakkoon akkasii yeroo eegee furmaata argata. Rakkoo
bakka hojiis miti. Rakkoon akkasiis bakka hojii jijjiiruun hiika argachuu danda’a.
Fayyaadhabuus miti; rakkoon akkasiis fayyinaan ykn du’aan furmaata argata. Rakkoo qarshii
dhabuus miti. Yeroof yoo dhabne yoo argannu furamuu danda’a. Fannoon Kiristaanaa garuu
addaan hin citu.
Fannoo baachuun waa’ee yessuusiif gatii kaffalamu dha. Kan isaa ta’uu keenya irraa kan ka’e
namaafi seexana irraa mormii nutty dhufu hanga du’atti deemuun mo’achuuf wal’aansoo goonu
dha. Fedha Waaqayyoo raawwachuuf yaada seexanaa fi biyya lafaa kan didnu dha. Yesuusiif
bitamuuf gatii nuti kaffallu dha. Isa faana bu’uu keenyaaf murtoo goonee, rakkoo nurra gahu
fudhachuu jechuu dha.
Dhiibaa’ummaa kootiin qabxii gad aanaa argachuu ykn hojiitti jabaadhee hojjechuu dhiisuu
kootiin dabaltii miindaa dhabuun fannoo miti. Amalli koo jijjiiramuu dhabuun kan na ceepha’an
haadhaa fi abbaan hin amanin jiran ykn ollaan yoo jiraatan kunis fannoo ta’uu hin danda’u. Kun
hundinuu kan narra gahu gooftaa Yesuus duukaa bu’uu koo qofaaf yoo ta’e fannoo ta’uu
danda’a.

9 Eliel "Be disciple and go to others to create the true disciple creators!"
Email: eliel0607generation@gmail.com Mobil: +251-926-545-440
P. O. Box 2209 Hawassa, Ethiopia.
Eli'eel-Dhaloota Kiristoossiff: Dhaabbata Leenjii M/Qulqulluu
Eliel-Generation For Christ Bible Training Institute

III. Oso addaan hin kutin guyyaa guyyaan duukaa bu’uu


Kana keessatti ulaagaaleen kiristoos duukaa bu’uuf murteessoo ta’an itti fufanii jiru. Yeroo
hundaa waamichi duuka buutummaa dhuunfaan gaaffii deebi’u dha. Mee na dadhadhu jechuun
in dandaa’ama, garuu mee yeroo muraasaaf kiristaana naaf ta’i jechuun hin dandaa’amu.
Akkasumas mee yeroo xiqqoof duuka buutuu naaf ta’i hin jedhamu. Tokkoo tokkoon amanaa
ofii isaa ganuu qabu fannoo baachuuf. Tokkoo tokkoon amanaa ganamaa hanga galgalaatti,
waggaa guutuu, har’as borus gooftaa duukaa bu’uu qaba. Salphaamatti osoo wal irraa hin kutin
duukaa bu’uu jechuu dha.
Gooftaa Yesuus duukaa bu’uu fi dhiisuun kan beekamu jireenya keessatti. Amalli gooftaa yesuus
Kiristoos gaafa wiixataa hanga Jimaataa jireenya keenya keessatti osoo hin mul’atin, sanbata
qofa mana sagadaatti argamuun amala gaarii agarsiisuu yaaluun duuka buutummaa miti. Kun of
jajmmaa dha. Egaan mata duree kana walitti qabuuf hiikaa duuka buutummaa yoo keenyu.
Jalqaba of ganuu, fannoo ofii baachuun gooftaa yesuus duukaa waan buuneef gatii kaffaluu
qabnu kaaffaluu fi osoo addaan hin kutin isa duukaa bu’uudha.
2.2. Amalli Waamicha Duuka Bu’aa maal fakkaata?
Of ganuun fannoo baachuun Yesuus duukaa bu’uun bifa kutaannoo shan qaba. Kanas Luq 14:15-
35 keessatti argina.
1. Afeerraa waamichaa (Luq 14:15-24)
- Lafa biteera durseen ilaala kan jedhu jalqaba osoo hin ilaalin akkamiin bite
- Garboota biteera durseen isaan qora kan jedhu dursee osoo hin qorin akkamiin bite
- Niitii fuudheera kan jedhu guyyaa sana fuudhe miti
Waamichaa Waaqayyoof deebii yoo hin laanne, affeerraan sungati dhabeessa hin ta’u nama biros
ta’a malee. Waamicha Waaqayyoof deebii kennuu qabna malee dhiiba’uu hin qabnu
2. Gatii waamichichaa Luq 14:25-27
Haadhaa fi abbaa kee kabaj jedhee waaqni ajaja kenne deebisee hin kabajin jechuun yaada isaa
hin diigu. Amanamummaa nuti Yesuusitti agarsiisnu firootaa fi ofii keenya dursuu qaba.
Kiristoosiin kutannoon yoo faana hin buune duuka buutuu ta’uu hin dandeenyu sobduu taana.

10 Eliel "Be disciple and go to others to create the true disciple creators!"
Email: eliel0607generation@gmail.com Mobil: +251-926-545-440
P. O. Box 2209 Hawassa, Ethiopia.
Eli'eel-Dhaloota Kiristoossiff: Dhaabbata Leenjii M/Qulqulluu
Eliel-Generation For Christ Bible Training Institute

3. Kutannoo Waamichichaa Luq 14:28-30


Duuka buutummaa keessatti gatii nuti baafnu falmiin miti. Yerooma karaa isaa jalqabnuu
kanfnee ti yookana ta’uu baate booda namni nutty kolfa. Duuka buutuu Kiristoos ta’uun jabinaan
dhaabachuun beekama.
4. Lola waamichichaa Luq 14:31-33
Kiristoos faana bu’uuf waan nurraa eegamu hundaa baasuuf of qopheessaa, loluun ykn diinaaf
harka kennuun mo’amuu dha.
5. Bu’aa waamichichaa 14:34
Kiristoos duukaa bu’uun keenya warra biro irratti waan tokko uumuuf (impact). Yookiin waan
mi’aawwaa ta’uun ykn jibbamuun. Gooftaan duuka buutota isaa ifaa fi ashaboo gochuun kaa’a.
Ashaboon yeroo tokko mi’aawwaa yeroo biro ammoo bushaa yaa hin ta’u. Ashaboo kan
jechisiise amala dhaabbataa inni qabu dha. Duuka buutuunis akkanuma. Duuka buutummaan
dhugummaan isaa kan beekamu dhiifama gochuu danda’uu fi dhaabbachuun.
Jaalala (Yoh 13:34-35)
Kan gaddaa wajjin gadduu kan gammadanii wajjin gammaduun jaalala agarsiisuu dha. Haa ta’u
malee kan gammadanii wajjin gammaduun salphaa miti. Meeqan keenyatu fiixaan bahiinsa
namootaaf gammachuu agarsiisa? Diina keenya iyyuu haa ta’u waan gaarii inni argateef
gammachuu itti agarsiisuu qabna. Duuka buutuu dhugaan jireenya jaalalaa qabuun beeka malee
turtii yeroo baay’een miti. Yookiin “Waaqayyo jaalala” jedhee barreeffama girgiddaa irra
kaa’achuu qoftaan miti.

Dhiifama gochuu
Duuka buutuun jabaatee dhaabbata tokko kan ittiin beekamu kan biro ammoo dhiifama gochuu
danda’uun. Fakkeenyaaf Hoe 7:57-60 irratti Isti faanoos argina. Osoo du’aa jiruu warra
ajjeessaniif kadhata. Jireenya keenya keessatti dhiifama gochuun jiraachuun mallattoo jaalalli
jiraachuu ti (Mat 18:21-22)

11 Eliel "Be disciple and go to others to create the true disciple creators!"
Email: eliel0607generation@gmail.com Mobil: +251-926-545-440
P. O. Box 2209 Hawassa, Ethiopia.
Eli'eel-Dhaloota Kiristoossiff: Dhaabbata Leenjii M/Qulqulluu
Eliel-Generation For Christ Bible Training Institute

Ciminaan dhaabbachuu
Duuka buutummaan kutannoo gaafata. Fakkeenyaaf nama Ispoortii, Qotee bulaa fi loltuun sadan
kutannoo kan gaafatanii dha. Sagalee isaa labsi yeroottis yeroo malees (2xim 4:2). Cimanii
dhaabbachuun gatii ofii gara fuulduraatti ilaaluun humna keessaa burqu dha. Yeroo mijatutti olii
gadii jedhanii yeroo hin mijanetti fiigicha keessaa bahan miti.
2.3. Duuka Buutummaan maaliif waldaa kiristaanaaf barbaachise?
a. Karaa amantiin itti darbuuf jabaatu akkasumas turu waan ta’eef. Amantiin keenya
kanneen biroon ilaalamee eeyyee kun amantii sirrii dha, karaa jireenyaa sirrii dha kan jedhamu
karaa duuka buutummaa waan ta’eef. Daddarbaamantii kan jedhames dhaalmaa osoo hin taane,
amantoonni kan barsiisaan dabarsanii dha (2Xim 2:2)
b. Barsiisa sobaa irraa kan ittiin hambisan karaa jabaadha (1Xim 1:3)
Phaawuloos adaraa efesooniin naaf turi jedhee Ximotewoosiin kan kadhateef rakkoon barsiisa
sobaa waan tureef. Bara kamiyyuu caalaatti Ximotewositti adaraan kan itti kenname yeroo kana.
c. Biyya dukkanaa keessatti ifa ta’uuf (Mat 5:14-16)
Mat 5:1 irratti gara Gooftaa Yesuusitti kan dhi’aatan bartoota isaa turan. Yeroo tokkotti barumsa
bal’aa ta’e isaan barsiise. Isin ashaboo dha kan mi’eessitan, isin ifa biyya lafaati kan ifa laattan
jedhee barsiise. Ashaboo fi ifa ta’uun barbaachisummaa duuka buutummaa akka ta’e jireenyan
isan barsiise.
d. Waaqa abbaaf ulfina ta’u, ija horachuuf Yoh 15:8
Firii baay’ee horachuun duuka buutuu koo yoo taatan kanaan abbaan koo ulfina argata kan jedhe
Gooftaa Yesuus. Walii keessan yoo jaallattan, namoonni hundi duuka buutota koo akka taatan
kanaan beeku (Yoh 13:34-35). Namoonni yeroo nutty faarfannu akkasumas kanneen biro
yemmuu goonu nu beeku. Haa ta’u malee jaalala keenyaan waan nu hin beekneef waaqayyoof
ulfina hin galchine. Waaqayyo abbaan akka jireenya keenyan ulfeesinuuf, kanneen nurraa adda
bahuu qaban itti fufnee ilaalla.

12 Eliel "Be disciple and go to others to create the true disciple creators!"
Email: eliel0607generation@gmail.com Mobil: +251-926-545-440
P. O. Box 2209 Hawassa, Ethiopia.
Eli'eel-Dhaloota Kiristoossiff: Dhaabbata Leenjii M/Qulqulluu
Eliel-Generation For Christ Bible Training Institute

3. Duuka Buutummaaf Gufuu kan ta’anii fi ka’uu kan dandaa’an


3.1. Amantii akka mucaatti yaaduu
“Ani dhuguman isinitti hima, eenyu illee mootummaa Waaqayyoo akka mucaan simatutti kan
hin simanne, itti hin galu” (Mar 10:15) “Akka” kan jedhu wal bira qabuu dha. Akkuma beekamu
mucaan eegumsa haadhaa fi abbaa jala jira of hin danda’u. Haa ta’u malee yeroo dhaa yerootti
guddachuun harka isaanii jalaa bahu. Of danda’uun akkasii garuu maatii waldaa Kiristaanaa
keessatti iddoo hin qabu. Kiristaanni tokko hanga fedhe yoo bilchaate illee yeroo kamillee,
hafuuraan abbaa isaa kan ta’e Waaqayyo irratti hirkachuun isaa kan addaan hin cinne dha. Haa
ta’u malee “akka mucaa” jechuu fi “mucaa” jechuun garaa garummaa qaba; yeroo baay’ee garuu
tokko akka ta’anitti yaadamu. Irkatummaa nuti Waaqayyo irratti goonu amantii addaan hin cinne
dha malee yeroo hundaa kan hin guddanne mucaa dha jechuu miti (Ib 5:12-14, 1Qor 13:11)
Akkasumas ergamaa Phaawuloos mucummaa akkamii akka ta’uu qabnu akkasitti nutty hima
“obboloota nana! Yaada keessanitti warra ga’an ta’aa malee, mucoolii hin ta’inaa! Hamaa
hojjechuutti garuu akka daa’i mootaa ta’aa.” (1Qor 14:20). Akkuma jedhamne jiraachuuf
sammuu mucaan yaaduu hin qabnu.

3.2. Kiristaanummaa akka feeteen


Yeroo baay’ee amantoonni afaaniin Yesuus Gooftaa dha jechuun mana isaaniitii hanga
Waltajjiitti labsu. Fayyinni keenya ayyaanaa fi amantiin raawwatamuun hangas mara hojii gaarii
akka hin hojjeneef kan duubatti nu deebisu ta’uu hin qabu. Hojiin fayyuu dhabnu iyyuu amantii
fi ayyaanni fayyina keenya keessatti iddoo jalqabaatan hojiin agarsiisuu qabna. Kiristoosiin kan
agarsiisu hojii gaarii nuti hojjennu dha. Nuti fayyidaa fannoo kiristoos irraa arganne qofa ilaalluu
osoo hin taane, wanta inni nu gaafatus raawwachuutu nurraa eegama.

3.3 Adda of baasuu


Adda of baasuu kan jedhu seenaa waldaa Kiristaanaa keessatti gara Gadamii seenuun kan
walqabate dha. Kunis yaada bosona seenuun qulqullummaaf kan godhani dha. Haa ta’u malee
waldaa Kiristaanaa yeroo ammaa keessatti nuufis ta’e saba keenyaaf waan hin fayyadne adda

13 Eliel "Be disciple and go to others to create the true disciple creators!"
Email: eliel0607generation@gmail.com Mobil: +251-926-545-440
P. O. Box 2209 Hawassa, Ethiopia.
Eli'eel-Dhaloota Kiristoossiff: Dhaabbata Leenjii M/Qulqulluu
Eliel-Generation For Christ Bible Training Institute

ba’umsi raawwatama jira. Kunis bilchina dhabuu irraa kan ka’e dha. Amantiittis kan jabeessu
osoo hin taane, kan laaffisu dha.

3.4. Humna guddaa walgitanitu jira jechuu (Dualism)


Biyyi lafaa kun eenyummaan Waaqayyoo kan keessatti beekame ta’uun hafee, amantoonni
ganamaa hanga galgalaa soda seexanaa jala turu. Kana irraa kan ka’e sammuun amantootaa
yaada Waaqayyoon osoo hin taane soda seexanaan guutamee argama. Haa ta’u malee humna
qabeesi hundaa olii Waaqayyo akka ta’e dagatamuu hin qabu. Amantoonnis sammuu isaanii
dubbii Waaqayyoon guutuu qabu, kana malees guyyaa guyyaan waa’ee Waaqayyoo yaaduun
abdiin jiraachuu qabu.
3.5. Sodaa Garaa Garaa
Sirriimatti yeroo jireenya Kiristaanummaa jalqabnu maalif, yoom, akkamitti gaaffilee jedhan
irraa kan ka’e haalotaa fi yaada namoota garaa garaan walitti bu’iinsi uumamuu danda’a.
Dheebuun keessa keenyaa ammoo Macaafni Qulqulluun akka jedhutti firii hafuuraa kan ta’an
nagaa, obsa, gaarummaa fi Waaqayyoon sodaachuu dha. Hawaasni keenya immoo kan nu
guddise siyaasaa fi dhimma amantii keessatti gara lafeeyyii fi ajajamoo akka taanuuf malee akka
hirmannutti hin turre. Kunis kan ta’eef siyaasa keessattis ta’e amantii keessatti marii keessa
seenuun “Ifa wal harkaa fuudhuu caalaatti gubiinsa wal harkaa fuudhuun” caalee waan
mul’atuuf. Dhimma akkanaa keessatti jireenyi Kiristaanotaa jalqabaa hanga dhumaatti Gooftaa
Yesuus Kiristoos ta’uu qaba. Eenyu illee kan macaafa Qulqulluu dubbise jireenya Yesuus
Kiristoos keessatti wantoonni walxaxaa ta’an turaniiru jechuuf hin danda’u. Tajaajila isaa
keessatti yeroo baay’ee kan jeeqan turaniiru. Wanta inni lafa irra yemmuu turetti raawwate
keessas Yohaannis muraasa qofa akka caafe ibseera.
Ergamaan Phaawulosis yeroo dhaa yerootti mana sagadaa fi iddoo gabaatti yihuudotaa wajjin
wal mormaa akka ture Hoe 17 irratti arganna. Gabaabamatti guutumatti qocollii maleen
Kiristaanummaa fi tajaajilli hin jiru.
Haa ta’u malee kabajaa maqaa keenyaaf, eenyummaa ofii keenyaa qofaaf walitti bu’iinsa nuti
goonu, fannoof jecha kan goonuu ol Kiristoosifis jecha kan goonuu ol, yeroo tokko tokko

14 Eliel "Be disciple and go to others to create the true disciple creators!"
Email: eliel0607generation@gmail.com Mobil: +251-926-545-440
P. O. Box 2209 Hawassa, Ethiopia.
Eli'eel-Dhaloota Kiristoossiff: Dhaabbata Leenjii M/Qulqulluu
Eliel-Generation For Christ Bible Training Institute

ammoo hir’ina beekumsa macaafa qulqulluu fi bilchina hafuuraa dhabuu irraa kan ka’e qoccoloo
hin barbaachifne keessa seenna.
3.6. Barumsi maalif na barbaachisa jechuu (Anti intellectualism)
Seenaa waldaa Kiristaanaa keessatti bara kamiyyuu caalaatti waldaa Kiristaanaa keessatti
sammuu beekuuf qabu kan gate dhaloonni baay’eete argamu yeroo ammaati. Beekumsa macaafa
qulqulluuf bakka kan hin laanne jechuu dha. Laphee keenyaaf Waaqayyoo wajjin adeemsa sirrii
irratti argamuuf barsiis sirriin barbaachisaa dha.
Beekumsa Sammuun argate kana garuu keessa hafuuraan xiinxaluun yaada Waaqayyoof
oolchuun barbaachisaa dha. Fakkeenyaaf waa’ee ilma Waaqayyoo Yesuus Kiristoos beekumsiani
qabu hadada dabalaa deemeen, hubannoo ani isaaf qabu dabalaa deema. Kunis jaalala fi deebii
ani isaaf qabaadhu akka dabalu godha.
Waaqayyo ofii isaa karaa sagalee isaa, Macaafa qulqulluu, mul’iseera. Haa ta’u malee hubannoo
macaafa qulqulluu hubannoo kan argannu sammuu keenyaan simannee yemmuu xiinxaluu
dandeenyu dha. Kanaaf barsiis Kiristaanumaa maalif jechuun qo’annoon sagalee Waaqayyoo
maaliif jechuu dha.
3.7. Biyya Lafaan Boora’uu
Lallabaan Wangeelaa tokko biyya biraa deemee deebi’ee yemmuu dhufutti dhimma amantii
biyya keenyaa yeroo gaafatamu akkas jedhe,” sabni ija isaa waan biyya lafaa irra godheera.”
Sirriimatti sabni keenya yeroo ammaa baay’inaan Waaqayyo duukaa kan bu’u, sagantaa garaa
garaa kan deemu, sochiilee adda addaa yoo ilaalles yaadni namoota baay’ee wanta yeroof argatu
irra akka ta’e dha. Yeroo kanatti namoonni dhugaan yaada isaanii mootummaa Waaqayyoo isa
dhufuf jiru irra kaa’anii eegan qorumsa keessa jiru.
3.8. Rakkoo ajajamuu diduu
Guddina ykn bilchina hafuuraa keessatti ajajamuun gahee guddaa taphata. Ajajamuu mata dureen
jedhu bal’aa dha. Kunis macaafa qulqulluu dubbisuunii fi kadhannaa godhachuun ajajamuu
keessaa tokko. Kana malees barsiisa Kiristaanummaaf hayyee jedhanii barachuu dha. Beekumsi
argame gargaarsa hafuura qulqulluun jireenya hafuuraaf kakka’umsa uumuun gara bilchinaati
geessa.

15 Eliel "Be disciple and go to others to create the true disciple creators!"
Email: eliel0607generation@gmail.com Mobil: +251-926-545-440
P. O. Box 2209 Hawassa, Ethiopia.
Eli'eel-Dhaloota Kiristoossiff: Dhaabbata Leenjii M/Qulqulluu
Eliel-Generation For Christ Bible Training Institute

Karaa kamiyyuu sagalee Waaqayyoof yeroo kannuu dhiisuu irra darbee barachuu dhiisuun
ajajamuu diduu dha.
Gaaffii marii: Guddina jireenya hafuuraa duuka buutuuf gufuu kan ta’an maalfa’i? Tarreessuun
irratti mari’adhaa.
4. Duuka Buutota Horachuuf Adeemsota Nubarbaachisan
4.1. Sagantaa Waaqeffannaa guyyaa sanbataa fi Duuka Buutuu
Ergamaan Phaawuloos Qol 1:28-29 irratti akka ibsetti galmi tajaajilaa kiristoos keessatti nama
guutuu ta’e tokko qopheessuun Waaqayyoof dhi’eessuu dha. Galma kanatti namoota fiduun kan
dandaa’amus sagalee Waaqayyoo barsiisuun, Kiristoosiin lallabuunii fi gorsuun. Jireenyi duuka
buutuu kan qulqullaa’e, barsiisaa isaa kan fakkaatu, ta’uu irraa kan ka’e barsiisa barate
qo’achuutu irraa eegama, waan barate raawwachuufis carraqutu irraa eegama. Waldaan
Kiristaanaa akkamitti duuka buutuu horachuu qabdi kan jedhuuf (Mat 28:19-20) “barsiisaa”,
akkasumas (Qol 1:28-29) yaada kana cimisa. Kunis waldaan Kiristaanaa ergama ishee
raawwachuuf kan gochuu qabdu tokko sagalee Waaqayyoo barsiisuu dha. Waldaa Kiristaanaa
keessatti amantoota bilchaatoo ta’an horachuuf wanti barsiisa sagalee Waaqayyoo bakka bu’u
hin jiru. Dura buutonni waldaa Kiristaanaa gaafatamuu kan qaban “Duuka buutota horachuu
kaayyoo isaanii isa jalqabaa godhataniiruu?” dha. Gaaffii kanaaf ammoo deebiin hin godhane
yoo ta’e, galma isaanii irra deebi’uun qoranii yaada qulqullaa’an gara kaayyoo isaanitti deebi’uu
qabu. Gaaffii olitti ka’eef deebiin eeyyee kan jedhu yoo ta’e, duuka buutota horachuuf
adeemsota hojii irra oolan ilaaluun barbaachisaa dha. Waldaa Kiristaanaa baay’ee keessatti
sagantaan waldaa guyyaa sanbataa innis “Waaqeffannaa” kan jedhu qofa. Haa ta’u malee kun
immoo duuka buutota horachuuf kan oolu miti.
Gaaffii Hubannoo:
Sagantaan guyyaa sanbataa hangam duuka buutota horachuuf gargaara? Hangamis si
gargaareera?
Walumaagalatti saganataan Waaqeffannaa guyyaa sanbataa sabatu dhaggeeffata; nama tokkotu
lallaba. Kanaaf hangam namootaaf galeeraaf hin gallee beekuun hin dandaa’amu. Namni tokko
odeeffannoo waan argateef qofa galeeraaf ykn hubateera jechuun nama dhiba kanaaf barsiisa

16 Eliel "Be disciple and go to others to create the true disciple creators!"
Email: eliel0607generation@gmail.com Mobil: +251-926-545-440
P. O. Box 2209 Hawassa, Ethiopia.
Eli'eel-Dhaloota Kiristoossiff: Dhaabbata Leenjii M/Qulqulluu
Eliel-Generation For Christ Bible Training Institute

guyyaa sanbataa qofaan duuka buutuu horachuun rakkisaa dha. Kanaaf immoo furmaatni
miseensonni waldaa barumsa gahaa argatanii, kan hin galleef haala itti gaafatan mijeessuu dha.
Kana malees haala macaafa qulqulluu itti qo’atan agarsiisuun waan dura buutota waldaa fi abbaa
wangeelaa irraa eegamu dha. Akkasumas kennaa hafuura qulqulluun kenneef haala itti ittiin
kennaa hafuura qulqulluun kenneef haala itti ittiin wal tajaajilan illee kaa’uufiin waan
barbaachisu dha.
4.2. Qo’annoo macaafa qulqulluu fi Duuka buutummaa Garee
Waldaa Kiristaanaa keessatti qo’annoo macaafa qulqulluu gareenii jedhamee kan beekamu jira.
Gareen kun akka waldaatti & sagantaa tokko ta’ee haa jiraatu malee namni xiyyeeffannoo
guddaa itti kennee akka tajaajila tokkooti waan fudhatame miti. Kana irraa kan ka’e garee tokko
keessatti namoonni baay’een walitti qabamuun eenyutu dhufeef hafeen osoo hin beekamin hafa.
Tokko yoo bu’u tokko ammoo garee keessa seena. Haala kanaan gareen yeroo tokko garee biraa
walitti dabalamuun waggootiin lakkaa’ama. Kana irraa kan ka’e tajaajila keessatti ija arguun
rakkisaa ta’eera. “ Gad bu’iinsa jireenyaa” kan jedhamu yeroo baay’ee dubbatama. Haa ta’u
malee Qo’annoon macaafa qulqulluu osoo garee gareen waldaa Kiristaanaa keessatti cimee
dhaabbatee, duuka buutota horachuufis ta’e Kiristaanota bilchaatoota’an horachuun karaa bana.
Mana haala gaariin hubachuuf, tajaajila walii kannuuf faayidaa qabeessa kanneen ta’an armaan
gaditti haa ilaallu.
1. Nagaa waan itti argannuu fi ofii keenya waan ittiin ijaaru hundumaa irratti carraaqii
gochuu Rom 14:19
2. Kanneen biro gorsuu Rom 15:14, Gal 5:15
3. Ba’aa walii baachuun seera Kiristoos raawwachuu Gal 6:2
4. Wal jajjabeessuu 1Tes 4:18, 5:11, Ibr 10:24-25
5. Sagalee Kiristoos guutummaatti qabaachuu Qol 3:16
6. Dhiifama walii gochuu yeroo dhibeetti waliif kadha chuuyaaf 5:16
7. Wal simachuu Rom 15:7
8. Waliigalteen jiraachuu, walgargaaruu Rome 12:10, 1Phe 3:8

17 Eliel "Be disciple and go to others to create the true disciple creators!"
Email: eliel0607generation@gmail.com Mobil: +251-926-545-440
P. O. Box 2209 Hawassa, Ethiopia.
Eli'eel-Dhaloota Kiristoossiff: Dhaabbata Leenjii M/Qulqulluu
Eliel-Generation For Christ Bible Training Institute

9. Wal jaalladhaa, abbaa buddeenaa akka ofii keetti jaalladhu Rome 13:8, 1Tes 3:12, 1Phex
1:22, 1Yoh 3:11, 3:23, 2Yoh 5 lakk.
10. Guungummii tokko malee wal keessumeessaa 1Phex 4:9
11. Wal kabajuun Nagaan jiraadha. Rome 12:10
12. Walitti hin faradinaa Yaaf 4:11
13. Wal hin qocclinaa, wal bal’eesituu Gal 5:11
14. Waltuffiin, gad wal buusuun of hinjajinaa Gal 5:20
15. Gara laafeyyii fi obsa qabeessa ta’aa Efe 4:2, Qol 3:13
16. Kiristoosiif jecha walii keessaniif ajajamaa Efe 5:21
17. Soba walii keessanitti hin dubbatinaa Qol 3:9, 16
Kanneen armaan olii kana egaan raawwachuun kan dandaa’amu wal-gahii guddaa keessatti osoo
hin taane, garee xixiqqoo keessatti. Miseensonni hundinuu argamuun kan keessatti hirmaatin
dha. Lakkoofsi miseensotaas muraasa ta’u qaba. Kunis hirmaatota akka ta’aniif. Kanaach
sagantamaa sanbataa ta’ee hafe. Gooftaan Yesuus garee inni dhaabe garee namoota 12 qabate
kan yeroo hundaa isaa wajjin deeman turan.
Kana irraa ka’uun torbanitti yeroo tokko ykn lama miseensonni garee tokko keessatti wal argan
lakkoofsi isaanii 12 gad yoo ta’e illee bu’aan isaa gaarii akka ta’uu danda’u tilmaamuun nama
hin dhibu. Baay’inni miseensota hanga dabalaa deemuu hirmannaan dhuunfaa hir’ataa deema.
Gaafii Marii
Miseensonni torbanitti guyyaa tokko sa’atii tokkoof walitti qabamaniif namoota meeqa ta’uu
qabu?
4.3. Amantoota lakkoofsaan xiqqoo ta’an
4.3.1. Kakuu Moofaa Keessatti
Waaqayyo saba Israa’eliin harka warra Gibxii jalaa humna isaatiin yeroo baasetti ajaja inni
kenneef irbaata Faasikaa waliin akka nyaataniif. Irbaata Faasikaa kan jedhamu kun mana
keessatti ture, akka tasaa maatiin tokko muraasa yoo ta’e olla waliin akkka ta’aa ture dha. Yeroo
kanatti ijoolleen gaaffii kaasu, “Waaqni kun isiniif maali?” (Bau 12:26). Gaaffii kanaaf deebiin
ayyaana kana irratti kennamaaf. (Bau 12:27) Yaada wal jijjiirraa fi gaaffii fi deebii ka’an keesatti

18 Eliel "Be disciple and go to others to create the true disciple creators!"
Email: eliel0607generation@gmail.com Mobil: +251-926-545-440
P. O. Box 2209 Hawassa, Ethiopia.
Eli'eel-Dhaloota Kiristoossiff: Dhaabbata Leenjii M/Qulqulluu
Eliel-Generation For Christ Bible Training Institute

waa’ee eenyummaa Waaqayyoo ijoolleen akka hubatan godhama. Ijoolleenis dhalota itti aanuuf
haala kanaan dabarsu turan (Bau 12:26). Kana jechuun garuu ayyaana kanaaf namoonni
baay’een walitti hin qabaman jechuu miti (Deb 16:1-8)

Gaaffii Marii
Keessa Deebii 6:4-9, irra yaada jiru akkamitti hubatta?

4.3.2. Kakuu Haaraa

Gooftaan Yesuus garee namoota 12 qabu ijaareeture. Isaan waliins yeroo isaa baay’ee dabarsuun
waldaan Kiristaanaa akka dhaabbatu godheera. Kana jechuun garuu yeroo tokkotti namoota
baay’ee hin barsiifne jechuu miti (Mat 5-7, Yoh 4:16-26, Hoe 2:42-47, 1Qor 16:19, Rom 16:5,
Qol 4:15)

Gaaffii Mariif

Kutaawwan Macaafa qulqulluu kunniin gareen namoota muraasa qabate yaadni jedhu walgahii
waldaa kiristaanaa keessatti akkamitti hubatta?

Seenaa waldaa Kiristaanaa keessatti

Kakuu haaraa keessatti amantoonni mana nama dhuunfaa keessatti walitti qabamaa turanii
jaarraa 4ffaa keessa jijjiiramni dhufe. Kunis ta’uu kan danda’e yeroo Roomaan bitaa turtetti
Qosxeen xiinoos bara 313 Dh.k.B. amantiin kiristaanaa amantii seera qabeessaa gochuun
amantootaaf mirgawaaqessuu kennuufiin. Ofii isaas Kiristaana akka ta’e dubbate. Kana irraa kan
ka’e namoonni baay’een Kiristaanota ta’an. Lakkoofsaan baay’achuun isaanii ammoo waldaan
Kiristaanaa akka jalqabuuf sababa ta’e. Manni sagadaa guddaanis ijaarame. Kun immoo yaada
kakuu haaraa jijjiiraa dhufe. Mana nama dhuunfaa keessaa gara galmaatti sagada geessuu. Yeroo
kanatti kaan tajaajiltoota kaan immoo kan tajaajilamaan jechuun adda bahan.

Kanaaf Qosxeenxiinos booda tajaajilli “kan namoota muraasaa” yaada jedhu qabate. Kun
akkanaan osoo jiruu jaarra 16ffaa keessa sochiin haaromsa jalqabe. Yeroo kanatti garee gareen
mana keessatti waaqessuun jalqabame. Adeemsa kana keessatti lubummaan namoota hundaa
bakka argate.
19 Eliel "Be disciple and go to others to create the true disciple creators!"
Email: eliel0607generation@gmail.com Mobil: +251-926-545-440
P. O. Box 2209 Hawassa, Ethiopia.
Eli'eel-Dhaloota Kiristoossiff: Dhaabbata Leenjii M/Qulqulluu
Eliel-Generation For Christ Bible Training Institute

Biyya chaayinaa bara keenya kana keessatti kiristaanummaan akka seene yemmuu dhorkan
amantoonni mana dhuunfaa keessatti walitti qabamuun eegalanii, garawaldaatti guddachuu
dandaa’aniiru. Akkasuma kooriyaa keessatti sochii Paaster yoongiichoo ka’umsi isaa garee
xiqqoo kunis mana nama dhuunfaa keessatti ture. Kunis guddina waldaa Kiristaanaaf gahee
guddaa taphateera. Itti dabaluun gara biyya keenya Itoophiyaa yemmuu dhufnu Dargii keessatti
amantoonni mana nama dhuunfaa keessatti waan hundaa gochaa akka turanii dha. Achii booda
haala amma irra jiru irra gahuun dandaa’ameera.

4.5. Macaafa Qulqulluu Yemmuu Gareen Qo’anutti wantoota Ta’uu hin


qabne:

o Akka sagantaa sanbataa namni tokko qofti kan dubbatu ta’uu hin qabu.

o Miseensonnis lallaba dhaggeeffatanii kan gargar bahan miti

o Geggeessaan lafa itti lallaba shaakalu miti

o Geggeessaan hubadheera jedhee waan hundaa miseensa isaa irratti kan dhangalaasu
miti.

o Geggeesitoonni tokko tokko viidiyoo irraa, kitaabilee garaa garaa irraa, internet irraa
waan argatan hundaa galagalchuun yeroo qo’annoo macaafa qulqulluu garee irratti
kan dhangalaasu miti. Barsiis sobaa kanaan seena waan ta’eef geggeessaan of
eeggachuu qaba

4.6. Yeroo Qo’annoo Macaafa qulqulluu gareetti wantoota Ta’uu qaban

o Amantoonni dhuunfaa isaaniin haala itti macaafa qulqulluu qo’achuu qaban uumuu fi
akka baratan gochuu
o Inni tokko isa biro irraa yeroo itti baratu uumuufii
o Guyyaa gaafa waliin qo’ataniitti namoonni hundinuu yaada akka kennan gochuu
o Geggeessaan ammoo yaada sirrachuu qabu sirreessuun akkaataa barsiisa macaafa
qulqulluutti yaada cuunfaa kaa’uu.

20 Eliel "Be disciple and go to others to create the true disciple creators!"
Email: eliel0607generation@gmail.com Mobil: +251-926-545-440
P. O. Box 2209 Hawassa, Ethiopia.
Eli'eel-Dhaloota Kiristoossiff: Dhaabbata Leenjii M/Qulqulluu
Eliel-Generation For Christ Bible Training Institute

o Ayyaanni Waaqayyoo bakka itti mul’atu waan ta’eef tokko tokkoon miseensaa akka
tajaajiluuf kakaasuu. Amantoonni kennaa haafuuraa akka qaban beekamaa dha garuu
akka tajaajilan waan hin godhamneef osoo hin beekamin hafu. Kaayyoon Qo’annoo
macaafa qulqulluu ammoo amantoonni walitti dhufeenya uumuun wal tajaajiluu akka
danda’anii dha. (1Qor 14:26-27)
Waldaa Kiristaanaa tokko keessatti geggeesitoonni argaman kennaawwan hafuuraa amantootaa
beekuun faayidaa waldattiif oolchuun irraa eegama.

Waldaan Kiristaana akka guddatuuf qaamni hundinuu faayidaa qabeessa. (Efe 4:16), “Isa jalatti
bu’aan dhagnaa huudinuu walfudhatanii, buusaa adduma addaan argataniin walitti
qabsiifamaniiru, yeroo bu’aan dhagnaa adduma addaan tooraan hojjetuttis, dhagnichi in guddata,
jaalalaanis of in cimsa.”
Hojii waldaa Kiristaanaa namoota murtaa’an qofaaf dhiisuun guddina ishee duubatti harkisa.
Yeroodhaa yerootti geggeessitoota biratti yaadni marii tajaajilaa eessaa fidnee affeeru kan jedhu
dha. Yaada kanas kan fide miseensotaa fi tajaajiltoota jedhanii adda baasuun tokko. Haa ta’u
malee waamichi addaa kan ganamu miti. Ta’us tajaajilaan ani miseensa miti, ani nama addaa ti
jechuun ammas dogongora. Karaa biraan ammoo miseensi waldaa Kiristaanaa tokko ani
tajaajilaa miti ofiin jechuun ofii isaan tajaajila kami irraa illee of daangeessuun sirrii miti.
Hirmaannaa gochuu qaba waldaan isaa akka gudddatu yoo barbaade. Tokkoo tokkoon amanaa
luba akka ta’e macaafni qulqulluun dubbata 1Phex 2:9. Karaa biraan ammoo amanaan kennaa
hafuuraa akka qabu Efe4:7, 1Qor 12, Rom 12:4-7. Kennaan hafuuraa ammoo akkasumaan miti
kan kennamu. Akka tajaajilaniif malee. Hojii irraa oolchuu akka qaban (1Phex 4:10) ykn ittiin
tajaajiluu akka qaban ibsa. Kanaafuu tokkoo tokkoon miseensa waldaa kennaa hafuuraa qabu
irraa kan ka’e tajaajilaa dha.
Gaaffilee Marii
o Kennaan hafuuraa miseensota waldaa beekamuu danda’aa? Akkamitti?
o Kan beekame hojii irra oolaa jiraa? Yoo hin taane maalif?

21 Eliel "Be disciple and go to others to create the true disciple creators!"
Email: eliel0607generation@gmail.com Mobil: +251-926-545-440
P. O. Box 2209 Hawassa, Ethiopia.
Eli'eel-Dhaloota Kiristoossiff: Dhaabbata Leenjii M/Qulqulluu
Eliel-Generation For Christ Bible Training Institute

Hojii Nama Garee Xiqqoo Geggeessuu

Garee xiqqoo kan geggeessu akkuma geggeessaa biro hojiiwwan hojjechuu qabu armaan
gaitti ilaalla.

a. Yeroo baay’ee geggeessaa yemmuu jedhamu kan caalee argamu dha. Kun immoo
waldaa Kiristaanaa keessas kan seena yemmuu ta’u, geggeessaan ofii isaa haala itti
ilaaluu akkasumas miseensota inni geggeessuu sammuu keessaa kan qaban rakkoo
ta’aa jira. Kun immoo macaafa qulqulluun yoo ilaalame illee fudhatama hin qabu.
Miseensa garee xiqqoo tokkoo kan geggeessu of eeggannoo gochuu qaba. Miseensi
isaa akka hin dongongorreef. Gad of qabees tajaajiluu qabu (1Phex 5:1, Mat 23:8-12,
Luq 14:7, 18:9-14)

b. Geggeessaan garee xiqqoo tokkoo fakkeenya ta’uu qaba. Sagaleen Waaqayyoo


jireenya namaa jijjiiruuf humna kan qabu dha. Geggeessaan tokko sagalee
Waaqayyoo qo’atee qo’achiisuuf yemmuu deemutti yaada nama jijjiiru qabateeti.
Haa ta’u malee sagalee inni qo’ate geggeessaa mata isaa yoo hin jijjiirre namootaa
biro in jijjiira jedhee eeguun isaa ulfaataa dha. Odeeffannoo sammuu dhaa sammutti
darbu qofa ta’ee hafa malee kan fakkeenyan deggeramee jijjiirama fiduu hin danda’u
Garee xiqqaa keessatti gaheen dura bu’aa duuka buutota horachuu dha. Kana
ammoo gochuu kan danda’uu ofii isaatii dursa duuka buutuu ta’ee kan jiru dha.
Duuka buutuun ammoo kan beekamu jireenya hafuuraa fakkeenya ta’uu danda’een
(1Qor 10:32-11:1), Yoh 13:15, Fil 3:17, 2Tes 3:6-9, 1Xim 4:12, 1Phex 2:21, 5:1-3

c. Geggeessaan Garee xiqqoo kanneen biro tajaajilaaf kaasuun jajjabeessuu qaba.


Tokkoo tokkoon amanaa kennaa hafuuraa akka qabu, tajaajilaa akka ta’e kutaa
darbe keessatti argineerra. Kanaaf garee xiqqoo tokko keessatti miseensonni
argaman kennaawwan hafuuraa baay’ee qabu. Kennaan kunis kan kenname waldaa
Kiristaanaaf. Waldaa keessatti haaloota garaa garaa irraa kan ka’e tajaajiluu dhiisuu
danda’u. Garee xiqqoo keessatti garuu carraa guddaa qabu. Kanaaf geggeessaan

22 Eliel "Be disciple and go to others to create the true disciple creators!"
Email: eliel0607generation@gmail.com Mobil: +251-926-545-440
P. O. Box 2209 Hawassa, Ethiopia.
Eli'eel-Dhaloota Kiristoossiff: Dhaabbata Leenjii M/Qulqulluu
Eliel-Generation For Christ Bible Training Institute

haala mijeessuun carraa kennuufiin akka wal tajaajilan gochuutu irraa eegama. Kun
immoo guddina waldaa Kiristaanaaf illee gahee guddaa taphata Efe 4:1-16, Roome
12:3-8, 1Qor 12:4-31, 14:26-40. Haa ta’u malee geggeessaan waldaa Kiristaanaa
ayyaana namootaa beekuu hafee maqaa miseensota isaa sirriitti hin beeku. Yeroo
baay’ee geggeessaan tajaajila dhi’eessuu yoo ta’u, miseensonni ammoo taa’anii
dhaggeeffachuu qofa. Kun ammoo akka tajaajilaa fi geggeessaa irratti hirkatan
godheera.

Yeroo kanatti geggeessaan “Ani isinin barbaachisa” yaada jedha jedhu, fedhii foonii keessa
isaatti dhufa. Miseensota ammoo yaadni kun yeroo itti mijatuuf jira. Kunis geggeessaan
nuuf hojjeta yaada jedhu qabaatu. Kana irraa kan ka’e isumaa qofa irratti hirkachuun
carraaqii tokko illee hin godhan. Fakkeenyaaf macaafa qulqulluu dubbisuuf, kadhachuuf,
waa’ee jireenya hafuuraa xiinxaluuf illee yeroo hin qabaatan. Adeemsa akkasii keessatti
ammoo guddinni hafuuraa hin argamu. Kiristaanni hafuuraan bilchaate garuu macaafa
qulqulluu ofii isaaniitii dubbisanii hubachuun kan biro hubachiisu kanaan firii illee
horachaa deemu. Karaa biraatiin immoo geggeessaa qofa irratti garee xiqqaan irkatu gaafa
geggeessan hafu bittinaa’ani hafu. Kana akka hin taaneef geggeessaan waldaa of eeggannoo
cimaa gochuu qaba.

Gaaffilee Marii

Waldaa Kiristaanaa keessan keessa haala Qo’annaa macaafa qulqulluu garee kanneen
armaan olii ilaalcha keessa galchuun wal fakkii inni qabuu fi garaagarummaa jiru irratti
mar’adhaa.

23 Eliel "Be disciple and go to others to create the true disciple creators!"
Email: eliel0607generation@gmail.com Mobil: +251-926-545-440
P. O. Box 2209 Hawassa, Ethiopia.
Eli'eel-Dhaloota Kiristoossiff: Dhaabbata Leenjii M/Qulqulluu
Eliel-Generation For Christ Bible Training Institute

5. Goolaba (Conclusion)
Waldaan Kiristaanaa walitti qabama kiristaanootaa hanga taatee jirtutti kaayyoon ishee
inni jalqabaa duuka buutota kiristoos gorsuun, barsiisuunii fi cimsuun gara jireenya
kiristoos fakkaachuutti guddisuu dha. Kana ammoo gochuuf haalli mijataan garee
xixxiqqoo fayyadamuu dha. Kanaaf waldaan Kiristaanaa dirqama ishee bahuu fi bahuu
dhiisuun itti gaafatamin kan mataa ishee ti. Itti gaafatamummaa kana immoo irra
guddeessan kan ilaallatu geggeesitoota. Kanaaf miseensota isaanii garee xixiqqaan
mijeessuun akka baratanii guddatan gochuun irraa eegama. Garee xixiqqaan kun macaafa
qulqulluu qo’achuuf carraa guddaa waan uumuuf, tokkoo tokkoon miseensa gaafachuufis
ta’e yaada wal jijjiiruuf carraa argata. Kana malees carraa tajaajiluus miseensonni argachaa
deemuun kennaa hafuuraa hojii irra oolchaa deemu. Kana immoo gara laafinaan waldaan
Kiristaanaa hojii irra oolchitu guddinni ishee aariifataa ta’a. Firii gaariis argaa deemti. Kana
malees duuka buutota Kiristoos bilchaato ta’an qopheessuun Waaqayyoof dhi’eessuu
keessatti qooda qabaatti (Qol 1:28-29)

24 Eliel "Be disciple and go to others to create the true disciple creators!"
Email: eliel0607generation@gmail.com Mobil: +251-926-545-440
P. O. Box 2209 Hawassa, Ethiopia.

You might also like