You are on page 1of 37

BULCHIINSA MOOTUMMAA NAANNOO OROMIYAATTI

BIIROO PABLIIK SARVISII FI MISOOMA QABEENYA NAMAA OROMIYAA

QAJEELFAMA MADAALLII HOJII HOJJATTOOTA MOOTUMMAA NAANNOO OROMIYAA LAKK____/2014

MUDDE, BARA 2014


FINFINNEE
Qabiyyee Fuula
ka’umsa………………………………………………………………………………………................................0
Kutaa Tokko………………………………………………………………………………………………………1
Tumaalee Waliigalaa……………………………………………………………………………………………..1
1. Mata-Duree Gabaabaa……………………………………………………………………………………………….1

2. Hiika…………………………………………………………………………………………………………………..1

3. Ibsa Koornayaa………………………………………………………………………………………………….…….2

4. Kaayyoo Gooroo Qajeelfamichaa…………………………………………………………………………………….2

5. Kaayyoo gooree qajeelfamichaa……………………………………………………………………………………...2

6. Qajeeltoowwan waliigalaa Madaallii Raawwii Hojii…………………………………………………………….…..2

7. Daangaa Raawwatiinsaa………………………………………………………………………………………….….2

Kutaa Lama…………………………………………………………………….......................................................3
Karoorsuu, Hordoofu, Gamaaggamuu, Madaaluu fi Jajjabeessuu ……………………………………………3
Kutaa Xiqqaa Tokko………………………………………………………... …………………………………....3
Hojiiwwan Madaallii Raawwii Hojii Duraa Hojjataman…………………………………………………….….3
8. Karoora Hojii Qopheessuu………………………………………………………………………….………….……..3

9. Sanada Waliigaltee Raawwii Hojii qopheessuu…………………………………………………….………….…….3

10. Raawwii Hojii Hordofuu, Deeggaruu fi Gamaaggamuu…………………………………………….………………4

Kutaa Xiqqaa Lama………………….………………………………………………………………….………..4


Madaallii Raawwii Hojii Gaggeessuu, sadarkeessuu fi beeksiisu …………………………………….…..….4
11. Madaallii Raawwii Hojii Daayirektaraa, Dursaa Garee/ Qiindeessaa garee………………………………….……4

12. Madaallii Raawwii Hojii Hojjataa gaggeessu………………………………………………………………………...5

13. Bu’aa Madaallii Raawwii Hojii Sadarkeessuu……………………………………………………………….……….6

14. Yeroo Madaalliin Raawwii Hojii Itti Gaggeeffamuu fi Beeksiifamu………………………………………………...6

15. Hojjattootaa Sababa Adda Addaatiin Osoo Hin Madaalamiin Haafan………………………………………………7

Kutaa xiqqaa sadii……………………………………………………………..…………………………………7


Beekamtii Kennu, Badhaasu fi Deggaruu……………………………………………………………………….7
16. Daayreektara, Dursaa Garee/Qiindeessaa Garee Yookaan Hojjataa Raawwii Caalmaa Galmeessiseef Beekamtii
Kennu…………………………………………………………………………………………………………………….7

17. Daayreektara, Dursaa Garee/Qiindeessaa Garee Yookaan Hojjataan Raawwii Caalmaa Galmeessisan Badhaasu
……………………………………………………………………………………………………………………….8

ii
18. Daayreektara, Dursaa Garee/Qiindeessaa Garee Yookaan Hojjataa Raawwii Gadii aanaa galmeessise
Deggaru......................................................................................................................................................................................9

KUTAA SADII…………….……………………………………………………………………………………….9
Hundeeffama koreewwan……………………………………………………………………………………….9
19. Koree Madaallii, Sadarkeessuu, Kenna Beekkamtii fi Badhaasa sadarkaa Mana hojitti Hundeessu……………….9

20. Koree Kenna Beekkamtii fi badhaasa Sadarkaa Caasaa Bulchiinsaa Hundeessu………………………………….10

21.Koree Qulqulleessa Komii Madaallii, Kenna Beekkamtii fi Badhaasa Sadarkaa Mana Hojitti Hundeessuu…….11

22. Koree Qulqulleessa komii Kenna Beekkamtii fi badhaasa sadarkaa caasaa bulchiinsaatti hundeessu……….….11

23. Adeemsa Komiin ittii dhiyaatu fi keessummaa’u…………………………………………………………….….….12

KUTAA AFUR……………………………………………………………………………………………………13
Aangoo fi Gahee Hojii Qaamolee Adda Addaa…………………………………………………………………13
24. Aangoo fi Gahee Hojii Biiroo Pabliiksarviisii Fi Misooma Qabeenya Namaa Oromiyaa……...................................13

25. Aangoo fi Gahee Hojii Waajjira PSMQN Godinaa, Bulchiinsa Magaalaa fi Aanaa……………………………….14

26. Aangoo fi Gahee Hojii Manneen Hojii Sadarkaan Jiranii………………………………………………………….14

27. Angoo fi Gahee Hojii Daayireektaraa………………………………………………………………………………15

28. Aangoo fi Gahee Hojii Dursaa Garee/Qiindeessa Garee…………………………………………………………..16

31. Aangoo Fi Gahee Hojii Koree Madaallii, Kenna Beekkamtii fi Badhaasaa sadarkaa mana hojittii Hundeeffamu
……………………………………………………………………………………………………………………….17

32. Aangoo fi Gahee Hojii Koree kenna beekamtii fi badhaasa sadarkaa caasaa bulchiinsaatti Hundeeffamu………18

33. Aangoo fi Gahee Hojii Koree qulqulleessa komii Madaallii, Kenna Beekkamtii fi Badhaasaa sadarkaa mana hojiitti
Hundeeffamu……………………………………………………………………………………………………………18

34. Aangoo fi Gahee Hojii Koree qulqulleessa komii Kenna Beekkamtii fi Badhaasaa Sadarkaa caasaa bulchiinsaatti
hundeeffamu……………………………………………………………………………………………………………19

KUTAA SHAN…………………………………………………………………………………………………...19
Sirna Itti gaafatamumma Qaamolee Adda Addaa……………………………………………………………...19
35. Itti Gaafatamummaa Manneen Hojii Sadarkaan Jiran…………………………………………………………..…19

36. Itti gaafatamummaa Damee Hojii mana hojii……………………………………………………………………....19

37. Itti gaafatamummaa daayreektaraa………………………………………………………………………………...19

38. Itti gaafatamummaa dursaa garee………………………………………………………………………………….20

39. Itti gaafatamummaa Hojjataa………………………………………………………………………………………20

40. Itti Gaafatamummaa Daayreektara Yookaan Dursaa Garee Hooggansa Qabeenya Namaa fi Ijaarsa Dandeetti
Mana Hojii………………………………………………………………………………………………………………21

iii
KUTAA JAHA……………………………………………………………………………………………………21
Tumaalee Adda Addaa………………………………………………………………………………………….21
41. Qabxii Madaallii Raawwii hojii Haaqu…………………………………………………………………………….21

42. Aangoo Bakka Bu’iinsaa Kennuu…………………………………………………………………………………..22

43. Raawwii Qajeelfamicha To’achuu………………………………………………………………………………….22

44. Tumaalee Cee’umsaa……………………………………………………………………………………………….22

45. Seerota Haaqaman…………………………………………………………………………………………………22

46. Qajeelfama fooyyessuu……………………………………………………………………………………………...23

47. Yeroo Qajeelfamichii Hojiirra Itti Oolu…………………………………………………………………………….23

iv
Ka’umsa
Hojjattoonni mootummaa gahee hojii isaa beekani sirnaan karoorsuu, raawwachuu fi gabaasuu akka
danda’an akkasumasa aadaa mana hojii fi naamuusa ogummaa kabajuun dirqama isa bahachaa
jiraachuu isaa mirkaneessaa deemuun barbaachiisaa ta’ee waan argameef,

Manneen hojii mootummaa madaallii raawwii hojii hojjattoota irrattii hundaa’uun beekamtii fi
badhaasa kennuun hojjattootaa isaanii jajjabeessa akka deeman gochuun barbaachiisaa ta’ee waan
argameef,

Manneen hojii hojjattoota madaallii raawwii hojii isaani gadii aanaa ta’e adda baasuu, deggaruu fi
tarkaanfii sirreeffamaa fudhachaa akka deeman gochuun barbaachiisaa ta’ee waan argameef,

Biirichi Sirna madaallii, sadarkeessuu, kenna beekamtii fi badhaasa hojjattoota mootummaa hojirra
oolchuu keessttii aangoo fi itti gaafatamummaa qaamoleen adda addaa qaban adda baasee beeksiisuun
sirni madaallii raawwii hojii hojjattoota manneen hojii mootummaa sadarkaan jiran keessattii haala
wal-fakkaataa ta’een hojirra akka ooluu fi sirna gaafatamummaa mirkanessaa deemuun barbaachiisaa
ta’ee waan argameef;

Akkaataa labsii lakk. 213/2011 keeyyata 20(28) fi labsii lakk. 215/2011 keeyyata 97(2) irratti
ibsameen qaleelfama kanatti aanu baaseera.
KUTAA TOKKO
TUMAALEE WALIIGALAA
1. Mata-Duree Gabaabaa
Qajeelfamni kun “Qajeelfama Madaallii Raawwii Hojii Hojjattoota Mootummaa Naannoo Oromiyaa
Lakk._____/2014” jedhamee waamamuu ni danda’a.
2. Hiika

Akkaataan jechichaa hiika biroo kan kennisiisuu yoo ta’e malee qajeelfama kana keessatti:
2.1. Madaallii Raawwii Hojii Hojjetaa: jechuun raawwii hojii fi naamuusa hojii hojjataa irrattii
maddoota raga adda addaa irraa odeeffannoo sassaabuun madaallii gaggeeffamu jechuu dha.
2.2. Ragaa Raawwii Hojii: jechuun sanada karooraa fi gabaasa hojii waggaa, kurmaanaa, ji’aa fi
torbanii akkasumas ragaale biroo madaallii raawwii hojii hojjataa gaggeessuuf gargaaran
hammatu dha.
2.3. Tooftaa Madaallii Raawwii Hojii Qindaa’aa (3600): jechuun raawwii hojii, hoggannaa
dhiyoo, hiriyaa, maamiilaa fi hojjataa dhuunfaa irraa ragaa sassaabuun madaallii raawwii
hojii daayirektaraa, dursaa garee fi hojjetaa gaggeessuuf tooftaa filatame hojirra oolaa jirudha.
2.4. Beekamtii kennuu: jechuun daayreektara, dursaa garee yookaan hojjataa mootummaa raawwii
hojii caalmaa galmeessiseef waraqaa ragaa yookaan kanaan kan walfakkaatu kennuu jechuu
dha.
2.5. Badhaasa: jechuun daayreektara, dursaa garee yookaan hojjataa mootummaa raawwii hojii
caalmaa galmeessiseef kennaa maallaqaan, bifaan yookaan gosa birootiin kennamu jechuu
dha.
2.6. Sadarkaa Daran Olaana: jechuun hojjataa gahee hojii isaaf kenname yeroo hunda karoora
qabame ol haala qulqullina, si’oomina, itti fufiinsa fi naamusa hojii fakkeenyummaa qabun
raawwateef sadarkaa kenname jechuudha.
2.7. Sadarkaa Olaanaa: jechuun hojjataa gahee hojii isaaf kenname yeroo heddu karoora qabame ol
haala qulqullina, si’oomina, itti fufiinsa fi naamusa hojii fakkeenyummaa qabun raawwateef
sadarkaa kenname jechuudha.
2.8. Sadarkaa Gidduu-galeessa: jechuun hojjataa gahee hojii isaaf kenname haaluma karoora
qabame jirun haala qulqullina, si’oomina, itti fufiinsa fi naamusa hojii fakkeenyummaa qabun
raawwateef sadarkaa kenname jechuudha.
2.9. Sadarkaa Gadi Aanaa: jechuun hojjataa gahee hojii isaaf kenname qulqullina, si’oominaa fi itti
fufiinsaan raawwachuu irrattii hanqiina xiqqaa qabuf sadarkaa kenname jechuudha.

1
2.10. Sadarkaa Baayyee Gadi Aanaa: jechuun hojjataa gahee hojii isaaf kenname qulqullina,
si’oominaa fi ittii fufiinsaan raawwachuu irrattii hanqina guddaa qabuf sadarkaa kenname
jechuudha.
3. Ibsa Koornayaa
Qajeelfama kana keessatti jechi koorniyaa dhiiraatiin ibsame dubartiis ni dabalata.
4. Kaayyoo Gooroo Qajeelfamichaa
Manneen hojii mootummaa sadarkaan jiran keessattii sirna madaallii, sadarkeessuu, kenna
beekkamtii fi badhaasa hojjattoota Mootummaa iftoominaa fi gaafatamummaa mirkaneessuu
danda’u diriirsuun raawwii hojii hojjettoota mootummaa dabaluudha.
5. Kaayyoo gooree qajeelfamichaa
1) Hojjetaan mootummaa kamiyyuu hojii isaa baay’ina, qulqullina, yeroo fi baasii eegamuun haala
guutuu ta’een akka raawwatu gochuuf;
2) Madaallii raawwii hojii itti fufiinsa qabu gaggeessuun ciminaa fi hanqina hojjetaa mootummaa
adda baasuun raawwiin hojii isaa itti aanu akka fooyyaa’uu fi bu’a qabeessa ta’u taasisuuf;
3) Fedhii leenjii hojjetaa mootummaa adda baasuun beekuuf;
4) beekamtii fi badhaasa bu’aa irratti hundaa’e kennuuf;
5) Manni hojii mootummaa ragaa qabatamaa irratti hundaa’ee murtiiwwan bulchiinsaa akka
kennuu taasiisu dha.
6. Qajeeltoowwan waliigalaa Madaallii Raawwii Hojii
Madaalliin raawwii hojii hojjataa;
1) Hojii itti fufiinsaan raawwatamu qabudha.
2) Ragaa qabatamaa irrattii hunda’u qaba.
3) Maddoota ragaa adda addaa irraa odeeffannoo sassaabuun guutamu qaba.
4) Raawwii caalmaa kan jajjabeessuu fi raawwii gadii aanaa kan deggaru ta’uu qaba.
5) Miira waldorgoomii fayyaaleessaa uumuu qaba.
6) Galteewwan hojicha raawwachuuf bahaanii fi qabxiin madaallii raawwii hojii waliin wal
madaaluu qaba.
7. Daangaa Raawwatiinsaa
Qajeelfamni kuni:
1) Hojjataa mootummaa jedhamee Labsii Hojjattoota Mootummaa Lakk. 215/2011 keeyyata 2(1)
hiikni kennameef;
2) Hojjataa mootummaa dhaabbataan, kontiraataan yookiin yeroof manneen hojii mootummaa
keessattii qaxaramee hojjataa jiru;
3) Hojjattoota deeggarsaa Koomishinii Poolisii, Koomishinii Manneen Sirreessaa, Manni Murtii fi
Waajjiri Abbaa Alangaa akkasumaas hojjattoota Koolleejotaa, Hoospitaalotaa fi Dhaabbilee

2
Misooma Mootummaa keessattii seera siiviiliitiin qaxaramanii hojjataa jiran irratti raawwatiinsa
ni qabaata.
Kutaa Lama
Karoorsuu, Hordoofu, Gamaaggamuu, Madaaluu fi Jajjabeessuu
Kutaa Xiqqaa Tokko
Hojiiwwan Madaallii Raawwii Hojii Duraa Hojjataman
8. Karoora Hojii Qopheessuu
1) Manni hojii mootummaa karoora tarsiimoo mootummaa fi aangoo fi gahee hojii isaa kenname
irrattii hundaa’uun karoora tarsiimoo yeroo dheeraa fi gabaabaa ni qopheessa.
2) Karoorri tarsiimoo mana hojii haala Sirna Madaallii Bu’aa Karoora Tarsiimo’aatiin yookaan
haala qabatama mana hojichaatiin kan qophaa’u ta’a.
3) Manni hojii karoora tarsiimo’aa qopheesse irrattii hundaa’uun karoora waggaa, kurmaanna fi
ji’aa qopheessuu qaba.
4) Mannii hojii sadarkaan jiru gahee hojii dameewwanii, daayireektoreetii yookaan adeemsaalee,
gareewwan hojii fi hojjettootaa barreeffamaan beeksiisuu qaba.
5) Daaryiektoreetiin yookaan adeemsaaleen hojii mana hojichaa keessa jiran hojiiwwan gurguddoo
dame hojii yookaan karoora mana hojii keessaa qoodamanii isaaf kennaman irrattii hundaa’uun
karooraa waggaa, kurmaannaa fi ji’aa ni qopheeffata.
6) Gareewwan hojii mana hojichaa keessa jiran hojiiwwan gurguddoo karoora mana hojii yookaan
karoora Daayreektoreettii yookaan adeemsaa hojii irraa qoodamee isaaf kenname irrattii
hundaa’uun karooraa waggaa, kurmaannaa fi ji’aa ni qopheeffata.
7) Hojjataan gahee hojii isaa fi hojiiwwan gurguddoo dursaa garee yookaan hogganaan dhiyoo
gara gochaatii caccabsuun kenneef irratti hundaa’uun karoora waggaa, kurmaanna, ji’aa fi
torbee ni qopheeffata.
9. Sanada Waliigaltee Raawwii Hojii qopheessuu
1) Manni hojii haala karoora hojii waggaa, kurmaanna fi ji’aaf qabate raawwachuu danda’aan fi
haala gabaasa raawwii hojii irrattii dameewwan hojii, daayrektarootaa/adeemsaale hojii fi
dursitoota garee/qiindeessaa garee waliin sanada waliigalte raawwii hojii qopheessu fi walii
mallatteessu qabu.
2) Daayreektarri/adeemsaalee hojii, dursaan garee/qiindeessa garee fi hojjataan mana hojichaa
hogganaa dhiyoo isaanii waliin haala karooraa hojii waggaa, kurmaanna fi jia’aa ittiin
raawwatanii fi haala gabaasa raawwii hojii irrattii sanada waliigaltee raawwii hojii qopheessuun
waliif mallatteessuu qabu.
3) Gareen hojii mana hojii hojiilee yookaan gochaalee karoora garee keessaa caccabanii hojjataaf
kennaman irratti safartuulee raawwii qopheessuu fi istaandaardii kenna tajaajilaa xiqqaa
waaltessuun miseensota garichaa waliin waliif mallatteessuu qaba.

3
10. Raawwii Hojii Hordofuu, Deeggaruu fi Gamaaggamuu
1) Hoggannaan yookaan itti aanaa hogganaan mana hojii raawwii hojii yeroo yeroon hordofuu fi
deeggaruun bakka daayreektaroonnii, dursitoota garee fi hojjetoonnii mana hojii jiranitti yoo
xiqqaate kurmaanna kurmaannaan gamaaggama hojii gaggeessuun ciminoota fi hanqinoota
raawwii jiran adda baasuu fi kallattii foyyaa’insaa kennaa deemuu qaba.
2) Daayreektarri yookaan abbaan adeemsaa kutaa hojii karoora hoji ji’aa irratti hundaa’uun yeroo
yeroon deeggarsa fi hordoffii taasisuun ji’atti al tokko dursitoota garee fi hojjattoota waliin
raawwii karooraa hojii isaa gamaaggamuun ciminoota fi hanqinoota jiran adda baasuu fi
kallattii foyyaa’insaa kennaa deemuu qaba.
3) Dursaan garee guyyaa guyyaan karoora garee hojii irrattii hundaa’uun deeggarsaa fi hordofii
gaggeessuun guyyaa dhuma torbanichaa irratti saa’atii 1-2 tiif hojjetootaa isa jala jiran waliin
marii gaggeessuu, hanqiinootaa fi rakkoole jiraniif furmaata kennuu fi kallattii raawwii hojii
gara fuula duraa kaa’aa deemuu qaba.
4) Mana hojii tokko keessattii mariin hojii, hordoffii fi deggarsii akkasumas gamaaggamni
sadarkaa sadarkaan raawwatamu ragaa qabatamaa irratti kan hundaa’e fi madda raga
madaallii raawwii hojii akka ta’u qaboo yaa’iitiin deggaramu qaba.
Kutaa Xiqqaa Lama
Madaallii Raawwii Hojii Gaggeessuu, sadarkeessuu fi beeksiisu
11. Madaallii Raawwii Hojii Daayirektaraa, Dursaa Garee/ Qiindeessaa garee
1) Madaalliin raawwii hojii raga qabatamaa yeroo deggarsa, hordoffii fi gamaaggama hojii
qabamaa turee fi gabaasaa raawwii karooraa bu’uura godhachuun oddeeffannoo maddoota
ragaa adda addaa irraa argamuun gaggeeffamu qaba..
2) Madaallii raawwii hojii daayreektaraa, dursaa garee yookaan qindeessaa garee odeeffannoo
maddoota ragaa armaan gadii irraa argamuu bu’uura taasiisuun guutamu qaba.
a) Madaallii Raawwii karoora(scorecard)- 70 keessaa,
b) Madaallii hogganaa dhiyoo- 15 keessaa
c) Madaallii miseensoota garee -10 keessaa fi
d) Ofiin of madaalli-5 keessaa ta’aa.
3) Madaallii raawwii karooraa raawwii ji’a jahaa 100 keessaa argame gara 70tti jijjirame qabxiin
argame qabxii madaallii raawwii karooraa daayreektara yookaan dursaa garee yookaan
qiindeessaan garee ta’ee guutamaaf.
4) Madaalliin hooggannaa dhiyoo ragaa yeroo deggarsaa, hordooffii fi gamaaggama hojii
qabamaa ture, akkasumas uulaagaa fi uunka madaallii kana gaggeessuuf qophaa’e
bu’uureffachuun hogganaan dhiyoo daayreektaraa yookaan dursaa garee yookaan qiindeessaa
gareetiif 15 keessaa kan guutamuu dha.

4
5) Madaallii miseensoota garee hojjattoota daayreektoreetii yookaan garee hojii yookaan
qiindeessaa garee jala jiraniin uulaagaa fi uunka madaalli kana gaggeessuuf qophaa’e irratti
hunda’uun Daayreektaraa yookaan Dursaa garee yookaan qiindeessaa gareetiif 10 keessaa kan
guutamu dha.
6) Madaalliin ofiin of madaaluu 5 keessaa ta’ee uulaagaa fi uunka madaallii kana gaggeessuuf
qophaa’ee irrattii hundaa’uun daayreektarri yookaan dursaa garee yookaan qiindeessaan garee
ofiin of kan guutuu dha.
12. Madaallii Raawwii Hojii Hojjataa gaggeessu

1) Madaalliin raawwii hojii hojjataa raga qabatamaa yeroo deggarsa, hordoffii fi gamaaggama
hojii qabamaa turee fi gabaasaa raawwii karooraa bu’uura godhachuun oddeeffannoo
maddoota ragaa adda addaa irraa argamuun guutamu qaba..
2) Madaallii raawwii hojii hojjataa odeeffannoo maddoota ragaa armaan gadii irraa argamuu
bu’uura taasiisuun guutamu qaba.
a) Madaallii raawwii istaandaardii (%70),
b) Madaallii miseensoota garee (%15),
c) Madaallii maamiila (%10) fi
d) Ofiin of madaalli-5 keessaa ta’aa
3) Madaalliin raawwii istaandaardii jechuun haaluma sanada waliigalteetiin hojjataan raawwii
hojii isaa torban torbaniin gabaasa ture irrattii hunda’uun dursaa garee yookaan qiindeessaa
garee yookaan hoggannaan dhiyootiin 70 keessa kan guutamu dha.
4) Madaallii miseensoota garee jechuun miseensota garee uulaagaa fi uunka madaalli kana
gaggeessuuf qophaa’e irratti hunda’uun hojjataaf 15 keessa kan guutani dha.
5) Madaalliin maamiila maamiiltoonnii battaluma tajaajiila argatanitti galmee yaada qophaa’ee
irratti akka yaada isaanii akka barreessan taasiisuun yaadoota hojjataa tajaajila kenne irratti
kennamaa turan dursaa garee yookaan qiindeessaa gareetiin yookaan hogganaa dhiyoo
biraatiin xiinxalame 10 keessa kan guutamu dha.
6) Keeyyata kana keeyyata xiqqaa 5 jalatti kan ibsame akkuma jirutti ta’ee manneen hojii haala
qabatamaa maamiila mana hojii isaanii irratti hundaa’uun haala madaallii maamiilaa irratti
tooftaa mijataa ta’ee kan biraa hojirra oolchuu ni danda’u.
7) Ofiin of madaaluu uulaagaa fi uunka madaallii kana gaggeessuuf qophaa’ee irrattii hundaa’uun
hojjataan ofiin of 5 keessa kan guutuu dha.

5
13. Bu’aa Madaallii Raawwii Hojii Sadarkeessuu

1. Cuunfaa qabxii madaallii raawwii hojii daayreektarri, dursaa garee, qiindeessaa garee yookaan
hojjataa dhiibba keessaa argatee bu’uura taasiisuun, baayyee gadii aanaa, gadii aanaa,
gidduugaleessa, olaana yookaan daran olaana jalattii sadarkeeffamu qaba.
2. Cuunfaan qabxii madaallii raawwii hojii daayreektara, dursaa garee, qiindeessaa garee yookaan
hojjataa yoo:-
a) %90 fi isaa ol yoo ta’e- Daran Olaanna;
b) %80-%89.9 giddu jiru- Olaanna;
c) %65-%79.9 giddu jiru- Giddugaleessaa;
d) %50-%64.9 giddu jiru- Gadii Aanaa yookaan
e) %49.9 fi isaa gadi ta’e- Baay’ee Gadii Aanaa jalattii sadarkeeffama.
3. Hojjattoota qabxiin madaallii raawwii hojii isaanii 90 fi isaa ol ta’ee marsaa madaallii sana
keessattii raawwii adda qabxii kana akka galmeessisan taasiise maal maal akka ta’e qaama
madaallichaa gaggeessen qindaa’ee qaama madaalliichaa mirkaneessuuf dhiyaachu qaba.
14. Yeroo Madaalliin Raawwii Hojii Itti Gaggeeffamuu fi Beeksiifamu
1) Manni hojii mootummaa kamiyyu madaalliin raawwii hojii daayreektara, dursaa garee fi
hojjataa kan marsaa 1ffaa Amajjii 01-15tti, kan marsaa 2ffaa immoo Adoolessaa 01-15tti
gaggeessuu, manajimantii mana hojiin mirkanessisuu fi hojjattoota beeksiisu qaba.
2) Manni hojii mootummaa kamiyyu ragaa madaallii raawwii hojii daayreektaroota, dursiitoota
garee fi hojjetootaa kan marsaa 1ffaa Amajjii 16-20ttii kan marsaa 2ffaa immoo Adoolessaa 16-
20tti haala uunka gabaasaatiin guute Biiroo yookaan Waajjiira Paabliik Sarviisii fi Misooma
Qabeenyaa Namaa sadarkaa isaa jiruuf gabaasu qaba.
3) Waajjirri Pabliik Sarviisii fi Misooma Qabeenya Namaa Aanaa ragaa madaalliin raawwii hojii
dursiitoota garee/ qiindeessitoota garee fi hojjatoota Aanichaa qiindeesse kan marsaa 1ffaa
Amajjii guyyaa 21-25tti kan marsaa 2ffaa immoo Adoolessaa 21-25tti Waajjira Pabliik Sarviisii
fi Misooma Qabeenya Namaa Godinaatiif gabaasu qaba.
4) Waajjirri Pabliik Sarviisii fi Misooma Qabeenya Namaa Bulchiinsa Magaala ragaa madaalliin
raawwii hojii dutsiitoota garee/qiindeessitoota garee fi hojjetoota magaalichaa qindeesse kan
marsaa 1ffaa Amajjii guyyaa 21-25tti, kan marsaa 2ffaa immoo Adoolessaa 21-25tti Biiroo
Pabliik Sarviisii fi Misooma Qabeenya Namaa Oromiyaatiif gabaasu qaba.
5) Waajjirri Pabliik Sarviisii fi Misooma Qabeenya Namaa sadarkaa Godinaa ragaa madaalliin
raawwii hojii dursiitoota garee/qiindeessitoota garee fi hojjataa manneen hojii sadarkaa
Godinaa akkasumaas ragaa madaallii raawwii hojii Waajjira Paabliik Sarviisii fi Misooma
Qabeenya Namaa Aanaale Godinicha jala jiran irraa dhiyaate qindeesse kan marsaa 1ffaa Amajjii

6
21-30tti, kan marsaa 2ffaa immoo Adoolessaa 21-30tti Biiroo Pabliik Sarviisii fi Misooma
Qabeenya Namaa Oromiyaatiif gabaasu qaba.
15. Hojjattootaa Sababa Adda Addaatiin Osoo Hin Madaalamiin Haafan
1) Hojjettun mootummaa sababa hayyama dahumsaatiin hin madaalamiin haafte ilaalchiise
hojjattuun hayyama dahumsa osoo hin fudhatiin duraa ji’oota sadii fi isaa oliif hojii irrattii kan
argamte yoo ta’e raawwiin ji’oota sadii ilaalcha keessa galee madaalliin raawwii hojii ishee ni
guutamaaf. Haata’u malee raawwiin ishee ji’oota sadii gadii yoo ta’ee qabxiin madaallii
raawwii hojii marsaa duraan qabdu ni guutamaaf.
2) Hojjetaan mootummaa sababa hayyama dhukkubbaatiin, too’annoo seera jala ooluttiin (mana
sirreessa galu) yookaan sababa biroo fudhatama qabun hin madaalamiin haafe hojjatichii
hayyama dhukkubba osoo hin fudhatiin yookaan to’annoo seera jala osoo hin ooliin yookaan
sababnii biraa amansiisa ta’ee osoo isa hin qunnamiin duraa ji’oota sadii fi isaa oliif hojii irratti
kan argame yoo ta’ee raawwiin ji’oota sadii ilaalcha keessa galee madaalliin raawwii hojii isaa
ni guutamaaf. Haata’u malee raawwiin isaa ji’oota sadii gadii yoo ta’ee qabxiin madaallii
raawwii hojii marsaa duraan qabu ni guutamaaf.
3) Hojjataan mootummaa sababa barnootaa yookaan leenjiitiin hin madaalamiin haafe haaluma
keeyyata 15 keeyyata xiqqaa 2 jalatti ibsamee hordoofuun kan raawwatamu yoo ta’uu,
hojjataan kun ji’a ji’aa (6) oliif hojirratti hin argamne yoo ta’e madaalliin raawwii hojii isaa
kan hin guutamneef ta’a.
Kutaa xiqqaa sadii
Beekamtii Kennu, Badhaasu fi Deggaruu
16. Daayreektara, Dursaa Garee/Qiindeessaa Garee Yookaan Hojjataa Raawwii Caalmaa
Galmeessiseef Beekamtii Kennu

1) Manneen hojii mootummaa sadarkaan jiran qabxii madaallii raawwii hojii irrattii hundaa’uun
daayreektaroota, dursiitoota garee/qiindeessitoota garee fi hojjettoota raawwii caalmaa
galmeessisaniif beekamtii kennu qabu.
2) Madaallii raawwii hojii marsaa marsaan gaggeeffamu keessattii manni hojii daayreektaroota,
dursiitoota garee/qiindeessitoota garee fi hojjettoota qabxii madaallii raawwii hojii isaanitiin daran
olaanaatti madaalaman keessaa kanneen sadarkaa 1ffa- 3ffaa bahaan bakka hoggantoonnii fi
hojjetootni mana hojiicha jiranitti beekamtiin kennamufii qaba.
3) Mana hojii tokko keessattii daayreektaroota, dursiitoota garee/qiindeessitoota garee yookaan
hojjettoota qabxii madaallii raawwii hojii isaanittiin daran olaanna galmeessisan kan hin jirre
yoo ta’e sadarkaa olaanna galmeessisan keessaa kanneen 1ffa- 3ffaa bahaan bakka
hoggantoonnii fi hojjetootni mana hojiicha jiranitti beekamtiin kennamufii qaba.

7
4) Gosti beekamtii sadarkaa mana hojii kennamu haala qabatamaa mana hojii giddu-galeessa kan
godhate ta’ee yoo xiqqaate waraqaa ragaa kennuun raawwatamu qaba.
5) Sagantaan kenna beekamtii sadarkaa mana hojiitti gaggeeffamu madaalliin raawwii hojii
hojjettootaa gaggeeffamee ji’a tokko keessatti ta’uu qaba.
17. Daayreektara, Dursaa Garee/Qiindeessaa Garee Yookaan Hojjataan Raawwii Caalmaa
Galmeessisan Badhaasu
1) Sirni badhaasa sadarkaa mana hojittii raawwatamu koree madaallii, sadarkeessu, kenna
beekamtii fi badhaasaa mana hojii keessatti hundeeffameen raawwatama.
2) Sirni badhaasa caasaa mana hojii sadarkaan jiru eeggatee raawwatamu qiindeessummaa koree
madaallii, sadarkeessuu, kenna beekamtii fi badhaasaa mana hojii sadarkaa olii jiru keessatti
hundeeffameen raawwatama.
3) Sirni Badhaasa sadarkaa mana hojiitti kan raawwatu yoo xiqqaate bara baajataa tokko keessatti
yeroo tokko ta’ee daaayreektara, dursaa garee/qiindeessaa garee yookaan hojjata badhaasaaf
kan dorgoomu cuunfaa qabxii madaallii raawwii hojii marsaa lamaatiin sadarkaa “daran
olaanaa” galmeessise ta’u qaba.
4) Keeyyata kana, keeyyata xiqqaa 3 jalattii kan ibsame akkuma jirutti ta’ee mana hojichaa keessaa
daaayreektara, dursaa garee/qiindeessaa garee yookaan hojjata cuunfaa qabxii madaallii
raawwii hojii isaatiin daran olaanaa galmeessise kan hin jirre yoo ta’e kan sadarkaa “olaanaa”
galmeessise badhaasaaf kan dorgoomu ta’a.
5) Manni hojii sadarkaa naannoo jiru dursiitoota garee/qiindeessitoota garee fi hojjatoota caasaa
mana hojiichaa sadarkaa Godiina fi Bulchiinsa Magaala jiran dorgoomsiisuun kanneen
raawwii caalmaa galmeessisanii sadarkaa 1ffaa hanga 3ffaa bahaaniif badhaasa kennu ni
danda’aa.
6) Manni hojii sadarkaa Godiina yookaan Bulchiinsa Magaala jiru dursiitoota
garee/qiindeessitoota garee fi hojjatoota caasaa mana hojiichaa sadarkaa Aanaa / Gandaa
jiran dorgoomsiisuun kanneen raawwii caalmaa galmeessisanii sadarkaa 1ffaa hanga 3ffaa
bahaaniif badhaasa kennu ni danda’aa.
7) Badhaasnii daaayreektara, dursaa garee/qiindeessaa garee yookaan hojjata raawwii caalmaa
galmeessiseef kennamu maallaqaan, gosaan, barnoota, leenjii yookaan bifa biraattiin ta’uu ni
danda’a.
8) Bara bajataa tokko keessatti daayreektara, dursaa garee/qiindeessaa garee yookaan hojjataa
hojii kalaqaa addaa uumee kalaqnii isaa qaama seerummaa qabun yoo mirkanaa’ee haala
addaatiin kan badhaafamu ta’a.

8
9) Sirnii badhaasa kalaqa adda qindeessummaa Biiroo yookaan waajjiraa PSMQNtiin kan
raawwatu ta’ee kaadhiimamtoonni sadarkaa caasaa bulchiinsaatti dhiyaatanii maallaqaan
yookaan gosaan kan badhaafaman ta’aa.
10) Keeyyata 17(9) jalattii ibsame akkuma jirutti ta’ee hojjataa kalaqa adda raawwateef
carraawwan barnootaa, leenjii fi waljijjiirraa muxannoo kalaqa addaa biyya keessaa fi biyya
alaatti raawwataman irrattii akka hirmaatu haalli mijeeffamuu qaba.
11) Yeroon badhaasni itti kennamu yoo xiqqaate madaalliin raawwii hojii marsaa lammaffaa
gaggeeffamee ji’a tokko keessatti ta’uu qaba.
12) Hojjataan badhaasaf kaadhimame tokko sirni badhaasaa osoo hin raawwatamin waliigaltee
mana hojichaatiin ala hojii yoo gadi lakkise badhaasichi hin kennamuuf.
18. Daayreektara, Dursaa Garee/Qiindeessaa Garee Yookaan Hojjataa Raawwii Gadii aanaa
galmeessise Deggaru

1) Manni hojii mootummaa kamiyyu madaallii raawwii hojii daayreektara, dursaa


Garee/Qiindeessaa garee fi hojjataa marsaa marsaan gaggeessuu keessaa kanneen qabxiin
madaallii raawwii hojii isaani gadii aanaa fi isaa gad ta’ee adda baasuu qabu.
2) Mannii hojii mootummaa kamiyyu maloota deggarsa kan akka gorsaa, marii, leenjii,
barnootaa yookaan kan biroo fayyadamuun hanga madaallii marsaa itti aanuutti hanqina
isaanii akka fooyyeffatan haala mijeessuu fi deggaru qaba.
3) Keeyyata kana keeyyata xiqqaa 2 jalattii kan ibsame akkuma jiruttii ta’ee deggarsii
dubartootaa fi qaama miidhamtootaaf taasiifamu xiyyeeffannoo addaa kennun raawwatamu
qaba.
4) Daayrektara, dursa garee fi hojjataan mootummaa qabxii madaallii raawwii hojii isaatiin
sadarkaa gadii aanaa fi isaa gadi ta’ee mana hojii isaatiin deggarsa taasiifameen kan hin
foyyeessine yoo ta’ee bu’uura labsii lakkoofsa 215/2011 keeyyata 85 (2-4) jalatti ibsameen
ilaalamee tarkaanfiin kan irrattii fudhatamu ta’a.
5) Hojjataan Mootummaa haaraa qaxaramee yeroo yaalii isaa hin xumurre madaallii raawwii
hojii isaa gidduugalessaa gadi yoo ta’e bu’uura labsii lakkoofsa 215/2011 keeyyata 19(3fi4) fi
85(1) jalatti ibsameen ilaalame tarkaanfiin kan fudhatamu ta’a.
KUTAA SADII
Hundeeffama koreewwan
19. Koree Madaallii, Sadarkeessuu, Kenna Beekkamtii fi Badhaasa sadarkaa Mana hojitti
Hundeessu

1) Manneen hojii mootummaa Daayrektoorettii yookaan Garee hojii Hoggansa Qabeenya Namaa
fi Ijaarsa Dandeetti hin qabne keessatti koreen madaallii, Sadarkeessuu, Kenna Beekkamtii fi
Badhaasa ni hundeeffama.

9
2) Itti waamamni Koreen madaallii, Sadarkeessuu, Kenna Beekkamtii fi Badhaasa hoggannaa
yookaan itti gaafatamaa mana hojichaaf ta’a.
3) Koreen kun miseensota nama sadii (3) of keessatti kan qabatu ta’a. Isaanis:
a) Hogganaa yookiin itti gaafatama mana hojiitiin kan bakka buufamu nama 1-Walitti
Qabaa koree,
b) Daayreektoreetii yookaan garee hojii yookaan ogeessaa qophii karooraa, baajata,
hordoffii fi gamaaggama raawwii irraa nama 1- barreessaa koree fi,
c) Hojjattootaa mana hojittiin filatamanii bakka bu’an nama 1 (dubartiif dursi ni kennama)
–Miseensa ni ta’u.
4) Yeroon turtii Koree kana waggaa lama ta’a.
20. Koree Kenna Beekkamtii fi badhaasa Sadarkaa Caasaa Bulchiinsaa Hundeessu

1) Sadarkaa Naannoo, Godina, Bulchiisa Magaala fi Aanaatti koreen kenna beekkamtii fi badhaasa
ni hundeeffama.
2) Koreen kenna beekamtii fi badhaasa sadarkaa naannoottii dhaabbatu Biiroo Paabliik Sarviisii fi
Misooma qabeenya Namaa Oromiyaatiin akka hundeeffamu ni taasiifama;
3) Koreen kenna beekamtii fi badhaasa sadarkaa Godina, Bulchiinsa Magaa fi Aanaa jiru Waajjira
Paabliik Sarviisii fi Misooma qabeenya Namaa sadarkaa sanatti argamun akka hundeeffamu ni
taasiifamaa;
4) Koreen kenna beekamtii fi badhaasa sadarkaa caasaa bulchiinsaattii hundeeffamu kenna
beekamtii fi badhaasaa sadarkaa isaattii raawwatamu abbummaan kan qiindeessu, raawwatuu
fi hordofuu dha.
5) Itti waamamni Koreen kanaa Biiroo yookaan Waajjira Paabliik Sarviisii Fi Misooma Qabeenya
Nama sadarkaa sanattii argamuuf ta’a.
6) Koreen kenna beekamtii fi badhaasa sadarkaa Naannootti hundeeffamu miseensa nama torba
(7) of keessatti kan qabatu ta’a. Isaanis:
a) Waajjira Pirezdaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa irraa nama 1…..(walitti qabaa)
b) Biiroo Pabliik Sarviisii fi Misooma Qabeenya Namaa Oromiyaa nama 2 –barreessaa fi
miseensa
c) Biiroo Maallaqaa fi Walta’iinsa Diinagdee irraa nama 1…miseensa
d) Waajjira Abbaa Alangaa Waliigalaa irraa nama 1… miseensa
e) Komishinii Karooraa fi Misooma Diinagdee irraa nama 1…….miseensa
f) Biiroo dhimma dubartoota, daa’immanii fi dargaggoota irraa nama 1- miseensa koree
ta’u.

10
7) Koreen kenna beekamtii fi badhaasa sadarkaa Godinaa, Magaalaa fi Aanaa keessatti
hundeeffamu miseensa nama shan (5) ta’u of keessatti kan qabatu ta’a. Isaanis:
a) Waajjira bulchiinsaa yookaan waajjira kantiibaa sadarkaa sanattii argamu irraa nama
1……….walitti qabaa,
b) Waajjira Paablik Sarviisii fi Misooma Qabeenya Namaa sadarkaa sanattii argamu irraa
nama 2.........barreessa fi miseensa (namni 1 dursaa garee madaallii ta’a)
c) Waajjira Maallaqaa fi Walta’iinsa diinagdee sadarkaa sanatti argamu irraa Nama 1.......
miseensa,
d) Waajjira dhimma dubartoota, daa’immanii fi dargaggoota sadarkaa sanatti argamu irraa
nama 1…….. Miseensa koree ni ta’u.
8) Yeroon turtii koree Kenna Beekkamtii fi badhaasa waggaa lama ta’u qaba.
21. Koree Qulqulleessa Komii Madaallii, Kenna Beekkamtii fi Badhaasa Sadarkaa Mana Hojitti
Hundeessuu

1) Manni hojii mootumaa kamiyyu koree qulqulleessa komii Madaallii, Kenna Beekkamtii fi
badhaasa ni hundeessu.
2) Itti waamamni Koreen kanaa hoggannaa yookaan itti gaafatamaa mana hojichaaf ta’a.
3) Miseensota koree qulqulleessa komii Madaallii, Kenna Beekkamtii fi badhaasa mana hojii
mootummaa keessattii hundeeffamu miseensota sadii kan qabu ta’a. Isaanis:
a) Hogganaa yookaan Ittigaafatamaa mana hojichaattin kan bakka bu’uu nama 2(tokko
dubartii)…..walittii qabaa fi barreessaa koree fi
b) Hojjattootaan kan filatamu nama 1(tokko).... Miseensa ni ta’uu.
4) Turtii Yeroo Koree Komii Madaallii, Sadarkeessuu, Kenna Beekkamtii Fi Badhaasaa
Waggaa 2(lama) ta’a.
22. Koree Qulqulleessa komii Kenna Beekkamtii fi badhaasa sadarkaa caasaa bulchiinsaatti
hundeessu
1) Sadarkaa Naannoo, Godinaa, Bulchiinsa Magaalaa fi Aanaatti Koreen qulqulleessa komii
Kenna Beekkamtii fi badhaasa ni hundeeffama.
2) Koreen qulqulleessa komii kenna beekamtii fi badhaasa sadarkaa naannoottii dhaabbatu
Biiroo Paabliik Sarviisii fi Misooma qabeenya Namaa Oromiyaatiin akka hundeeffamu ni
taasiifama;
3) Koreen qulqulleessa komii kenna beekamtii fi badhaasa sadarkaa Godina, Bulchiinsa
Magaalaa fi Aanaatti dhaabbatu Waajjira Paabliik Sarviisii fi Misooma qabeenya Namaa
sadarkaa sanatti argamun akka hundeeffamu ni taasiifamaa

11
4) Koreen Qulqulleessaa komii Kenna Beekkamtii fi badhaasa sadarkaa Naannoo, Godiina,
Bulchiinsa Magaala fi Aanaattii hundeeffamu miseensoota sadii (3) kan qabu ta’a. Isaanis:
a) Waaajira Pirazadaantii yookaan Waajjira Bulchiinsaa yookaan Waajjira Kantiibaa
sadarkaa sanatti argamu irraa kan bakka bu’u nama 1…….walitti qabaa,
b) Biiroo Paabliik Sarviisii fi Misooma Qabeenya Namaa yookaan Waajjira Paabliik Sarviisii
fi Misooma Qabeenya Namaa sadarkaa sanattii argamu irraa kan bakk bu’u nama
1………..barreessaa.
c) Biiroo yookaan Waajjira Dhimma Dubartootaa, Daa’immanii Fi Dargaggootaa sadarkaa
sanattii argamu irraa kan bakka bu’u nama 1………..miseensa koree ta’u.
5) Turtii yeroo koree qulqulleessa komii kenna beekkamtii fi badhaasaa sadarkaa caasaa
bulchiinsaattii hundeeffamuu waggaa lama ta’a.
23. Adeemsa Komiin ittii dhiyaatu fi keessummaa’u
1) Hojjataan kamiiyyuu adeemsa yookaan bu’aa qabxii madaallii, kenna beekkamtii fi badhaasa
irratti komii yoo qabaate komii isaa barreeffamaan guyyaa 5(shan) keessatti koree komii
mana hojitiif dhiyyeeffachuuf mirga qaba.
2) Hojjataan sababa gahaa ta’een daangaa yeroo kaa'ame keessatti komii isaa dhiyeeffachuu kan
hin dandeenye fi kanuma mirkaneessuuf ragaa qabataamaa kan dhiyeeffate yoo ta’e haala
addaatiin guyyaan 5 dabalame guyyaa 10(shan) keessatti komii isaa dhiyeeffachuu ni
danda'a.
3) Koreen komii mana hojii guyyaa komiin barreeffamaan dhiyaateef irraa eegalee guyyoota
hojii 3(sadi) keessatti komicha qulqulleessee yaada murtii hoogganaa yookiin ittigaafatamaa
yookaan qaama bakka bu’eef dhiyeessu qaba.
4) Hoogganaan yookaan itti gaafatama yookaan namni bakka bu’e yaada murtii koree komii
irraa dhiyaateef ilaalee guyyoota hojii 3(sadii) keessatti murteessee deebii isaa barreeffamaan
komataaf kennu qaba.
5) Komataan deebii yookaan murtii sadarkaa mana hojitti kennamen kan hin quufne yoo ta’ee
komii isaa Biiroo yookaan Waajjira Pabliiksarviisii fi Misooma Qabeenya Namaa sadarkaa
sanatti argamuuf dhiyeeffachuu ni danda’aa.
6) Biiroo yookaan waajjira Pabliik sarvisii fi Misooma Qabeenya Namaa komii dhiyaate
qoratamee guyyoota hojii 5(Shan) keessatti komataaf deebii barreeffamaan kennu qaba.
Murtiin sadarkaa kanattii kenname murtii isa xumuraa ni ta’aa.

12
KUTAA AFUR
Aangoo fi Gahee Hojii Qaamolee Adda Addaa
24. Aangoo fi Gahee Hojii Biiroo Pabliiksarviisii Fi Misooma Qabeenya Namaa Oromiyaa
Biiroo Paabliik Sarviisii fi Misooma Qabeenya Namaa Oromiyaa aangoo fi gahee hojii armaan gadii
ni qabaata:
1) Manneen hojii mootummaa sadarkaa naannoo jiran keessattii koree madaallii sadarkeessu,
beekkamtii fi badhaasaa akka hundeesffamu ni taasiisaa, ni deggara, ni hordoofa;
2) Manneen hojii mootummaa sadarkaa naannoo jiran keessattii koree qulqulleessa komii
madaallii, kenna beekkamtii fi badhaasaa akka hundeeffamu ni taasiisaa, ni deggara, ni
hordoofa;
3) sadarkaa naannoottii koreen kenna beekamtii fi badhaasaa akkasumaas koreen qulqulleessa
komii akka hundeeffamu ni taasiisaa, raawwii koree kana ni hordofaa;
4) Baajata kenna beekamtii fi badhaasa sadarkaa naannootti raawwatuuf barbaachiisuu akka
qabamu qaama ilaallatuuf yaada ni dhiyeessaa, raawwii isaa ni hordoofa;
5) Qajeelfamnii madaallii raawwii hojii hojjattootaa mootummaa naannoo oromiyaa kun
sirnaan akka hojirra ooluu gochuuf maanuwaalii leenjii qopheessuu, qaama dhimmi isaa
ilaallatuuf leenjii ni kenna, hojirra olmaa leenjichaa ni hordofaa;
6) Caasaan biirichaa sadarkaa Godinaa, Bulchiinsa Magaalaa fi Aanaa jiran madaallii raawwii
hojii hojjetaa irrattii hubannoo gahaa qabaatanii manneen hojii sadarkaa isaanii jiran
deggaruu, hordofuu fi gamaaggamu akka danda’aan ni leenjiisaa, ni deggaraa;
7) Hojirraa olmaa sirna madaallii, sadarkeessuu, kenna beekkamtii fi badhaasa irrattii qorannoo
ni gaggeessa, rakkoo jiru adda ni baasa, yaada furmaata ni dhiyeessa;
8) Manneen hojii Sadarkaa naannoo jiran keessatti madaallii raawwii hojii daayrektara, dursaa
garee fi hojjetaata haala qajeelfamaan akka raawwatuu ni deggaraa, ni hordofaa, madaallii
raawwii hojii hojjattootaa manneen hojiis ni mirkaneessaa, tarkaanfii sirreefamaas akka
fudhatamu ni taasisa;
9) Madaallii raawwii hojii daayrektara, dursaa garee fi hojjettootaa Waajjiraa PSMQN sadarkaa
Godinaa fi Bulchiinsa magaalaatiin qindaa’ee dhufee abbumaan qindeesse madda ragaa
madaallii raawwii hojii akka ta’uu ni taasiisa.
10) Komiiwwan dhimma madaallii, kenna beekamtii fi badhaasaa manneen hojii naannoo fi
komiiwwan kenna beekamtii fi badhaasaa sadarkaa naannootti gaggeeffameen walqabatee
dhiyaatu ni simata, ni qulqulleessa, murtii ni kenna, qaama gaafatuuf garagalcha murtii ni
kenna.

13
25. Aangoo fi Gahee Hojii Waajjira PSMQN Godinaa, Bulchiinsa Magaalaa fi Aanaa

1) Manneen hojii mootummaa sadarkaa isaanii jiran keessattii koree madaallii, sadarkeessu,
beekkamtii fi badhaasaa akka hundeessan ni taasiisa, ni deggara, ni hordofa;
2) Manneen hojii mootummaa sadarkaa isaanii jiran keessattii koree qulqulleessa komii
madaallii, kenna beekkamtii fi badhaasaa akka hundeeffamu ni taasiisaa, ni deggara, ni
hordoofa;
3) sadarkaa caasaa bulchiinsa isaanitti koreen kenna beekamtii fi badhaasaa akkasumaas koreen
qulqulleessa komii akka hundeeffamu ni taasiisu, raawwii korees ni hordofuu;
4) Baajata kenna beekamtii fi badhaasa sadarkaa caasaa bulchiinsa isaanitti raawwatuuf
barbaachiisuu akka qabamu qaama ilaallatuuf yaada ni dhiyeessu, raawwii isaa ni hordoofu;
5) Qajeelfamni raawwii sirna madaallii, sadarkeessu, beekamtii fi badhaasa kun sadarkaa
Godinaa, Bulchiinsa Magaalaa fi Aanaatii sirnaan akka hojirra ooluu gochuuf, manneen hojii
sadarkaa isaatti jiraniif leenjii ni kenna, hojirra olmaa leenjichaa ni hordofa;
6) Hojjetoonnii Mootummaa sadarkaa gandaa baadiyyaa fi ganda magaala jiran madaallii bu’aa
raawwii isaanii haala qajeelfamaan akka raawwatuu ni deggara, ni hordofa, ni gamaaggama;
7) Manneen hojii Sadarkaa Godinaa, Bulchiinsa Magaalaa fi Aanaa jiran keessatti madaallii
raawwii hojii hojjataata yeroo isaa eggate akka raawwatu ni deggara, ni hordofa, madaallii
raawwii hojii hojjattootaa sadarkaa isaatti jiran ni mirkaneessa, tarkaanfii sirreeffama ni
fudhataa, ragaa jiru qindeessee caasaa biirichaa sadarkaa ol jiruuf ni gabaasa;
8) Komiiwwan dhimma madaallii, sadarkeessuu, kenna beekamtii fi badhaasaa mana hojii fi
sadarkaa caasaa bulchiinsaatti gaggeeffameen walqabatee dhiyaatan ni simata, ni
qulqulleessa, murtii ni kenna, qaama gaafatuuf garagalcha murtii ni kenna.
26. Aangoo fi Gahee Hojii Manneen Hojii Sadarkaan Jiranii
1) Manneen hojii mootummaa sadarkaan jiran tooftaa madaallii raawwii hojii qindaa’aa (3600)
qofaa irratti hundaa’uun hojjettoota isaanii madaaluu qabu;
2) Manneen hojii mootummaa sadarkaan jiran madaallii raawwii hojii hojjattootaa gaggeessuuf
haldureewwanii fi dhimmoota irratti xiyyeeffatamuu qaban hunda dursanii adda baasuu,
hojjattootaa hubachiisuu fi hojirra olchuu qabu;
3) Manneen hojii mootummaa sadarkaan jiran karoora tarsiimo’aa, karoora waggaa, karooraa
kurmaanaa fi ji’aa karaa hirmaannaa qabuun qopheessuu qabu ;
4) Manneen hojii mootummaa sadarkaan jiran karoora waggaa, kurmaanna, ji’aa fi torbanii
sadarkaa mana hojitti qophaa’ee daarektoreetii, gareewwan hojii fi hojjettoonnii caccabsuun
akka karoorsan fi raawwatan taasisuu qabu;

14
5) Manneen hojii mootummaa sadarkaan jiran madaallii raawwii hojii hojjeettoota bifa waalta’aa fi
bu’a qabeessa ta’een hojiirra olchuuf daarektoorettii, gareewwan hojii fi hojjettoota irraa
gaheewwan hojii eegaman beeksiisuu, haala hirmaachiisaa, iftoomina fi itti fufiinsa qabuun
akka hojirra olchan taasiisuu qabu;
6) Manneen hojii mootummaa sadarkaan jiran madaalliin bu’aa raawwii hojjettootaa ragaa
qabatamaa irrattii kan hundaa’e akka ta’uu gochuuf hojjataan hundii faayila qabaate raawwii
hojii isaa torban torbaniin kuusaa akka deemuu taasiisuu qabu;
7) Manneen hojii mootummaa sadarkaan jiran madaallii bu’aa raawwii hojjattootaa waggaattii
yeroo lamaa gaggeessuu qabu;
8) Manneen hojii mootummaa sadarkaan jiran madaallii raawwii hojii hojjattootaa marsaa
tokkooffaa ji’aa Amajjii guyyaa 1 hanga 15tii kan marsaa 2ffaa immoo Adoolessa guyyaa 1
hanga 15tii xumuranii Biiroo yookaan caasaa Pabliiksarviisii fi Misooma Qabeenya Namaa
Oromiyaa sadarkaa isaanii jiruuf gabaasuu qabu;
9) Manneen hojii mootummaa sadarkaan jiran fireemwoorkii deeggarsaa, hordoffii fi gamaaggama
raawwii karooraa bu’aarratti xiyyeeffate akka Naannootti jirurratti hundaa’uun deeggarsaa fi
hordoffii fi gamaaggamaa karaa ittifufiinsa qabuun daarektoreetiif, gareewwan hojiif fi
hojjettootaaf kennamuu qaba;
10) Manneen hojii mootummaa sadarkaan jiran qaphxii madaallii bu’aa raawwii hojii hojjattootaa
irrattii hundaa’un hojjettootaf beekkamtii kennuu, badhaasuu fi tarkaanfii sirreessaa fudhachaa
deemuu qabu.
27. Angoo fi Gahee Hojii Daayireektaraa

1) Karooraa mana hojii irrattii hundaa’uun karoora waggaa, kurmaanaa fi ji’aa kan
daayreektoreetichaa ni qopheessa, dursitootni garee fi raawwataan jala jirus akka qopheessan ni
taasisa; ni deggara, hojirra oolmaasaa ni hordofa;
2) Sanada waliigaltee istaandaardii kan daarektooreetiichaa qopheessuun garewwan hojii fi
hojjattoota isa jala jiran waliin waliigaltee ni mallatteessa;
3) Madaalliin raawwii hojii dursitoota garee fi hojjattoota daayreektoreetichaa yeroo isaa eeggatee
akka gaggeeffamu, qaama ilaaluf dhiyaatee akka mirkanaa’u, hojjattootni akka beekan, gabaasni
qaama ilaaluuf akka ergamu ni deeggara; ni hordofa; hojirra ni oolcha; akka oolu ni taasisa;
ragaa bu’aa madaallii hojjattootaa qindeessee ni qabata.
4) Daarektarri dursaa garee of jalaa hin qabne Karoora torbanii hojjataa irraa dhiyaatu bu’uura
godhachuun gabaasa istaandaardii raawwii hojii hojjettootaa kan torbanii, kan ji’aa, kan
kurmaanna tokkoo, kan walakkaa waggaa yookaan ji’a jahaa fi kan waggaa yeroo isaa eegaa ni
qindeessa; cuunfaa gabaasa qabxii madaallii hojjataa garichaa marsaa marsaan daayreektoreetii

15
yookaan hoogganaa dhiyoo isaatiif ni dhiyeessa; akka mirkanaa’u ni taasisa; erga mirkanaa’ee
booda hojjattoota ni beeksisa; ragaa bu’aa madaallii hojjattoota garichaa qindeessee ni qabata.
28. Aangoo fi Gahee Hojii Dursaa Garee/Qiindeessa Garee
1) Karooraa mana hojii irrattii hundaa’uun karoora waggaa, kurmaanaa fi ji’aa ni qopheessa,
raawwataan isaa jala jirus akka qopheessuu ni deggara, ni hordofa;
2) Gabaasa raawwii istaandaardii hojjetoota isa jala jiruu torban torbaniin sassaabuu, haala
raawwii irratti hundaa’uun hojjetaa deggaruu, duubdeebii kennuu, ragaa faayilaa hojjetaa
keessatti hidhuu fi ragaa ji’a tokkoo qindeesse daayreektara yookaan hogganaa dhiyoo isaatiif ni
gabaasa.
3) Sanada waliigaltee istaandaardii kan garichaa qopheessuun hojjattoota garichaa waliin
waliigaltee ni mallatteessa;
4) Haala waliigaltee istaandaardii raawwii hojjettootaatiin torban torbaniin gabaasa hojii hojjetaa
ni sassaaba, duubdeebii ni kenna, ni deggara;
5) Madaallii raawwii hojii hojjattoota garichaa ilaalchisee deeggarsaa fi hordoffii barbaachisaa ni
taasisa; hojirra ni oolcha; akka oolu ni taasisa; yeroo isaa eeggatee ni gaggeessa; qaama ilaaluuf
dhiyaatee akka mirkanaa’u ni taasisa; bu’aa madaallii mirkanaa’e hojjattoota ni beeksisa;
gabaasa qaama ilaaluuf ni kenna; ragaa bu’aa madaallii hojjattootaa qindeessee ni qabata.
6) Karoora torbanii hojjataa irraa dhiyaatu bu’uura godhachuun gabaasa istaandaardii raawwii
hojii hojjettootaa kan torbanii, kan ji’aa, kan kurmaanna tokkoo, kan walakkaa waggaa yookaan
ji’a jahaa fi kan waggaa yeroo isaa eegaa ni qindeessa; cuunfaa gabaasa qabxii madaallii hojjataa
garichaa marsaa marsaan daayreektoreetii yookaan hoogganaa dhiyoo isaatiif ni dhiyeessa; akka
mirkanaa’u ni taasisa; erga mirkanaa’ee booda hojjattoota ni beeksisa; ragaa bu’aa madaallii
hojjattoota garichaa qindeessee ni qabata.
29. Gahee Hojii Hojjataa

1) Hojjataan gochaalee adda ba’anii isaaf kennaman bu’uura godhachuun karoora waggaa, kan
kurmaanaa, ji’aa fi kan torbanii ni qopheesaa, raawwii karooraa torbanii torbanitti altokko
hogganaa aantee isaatiif ni gabaasa, deeggarsaa fi duubdeebii barbaachisu ni fudhata, raawwii
hojii isaa ni fooyyessaa;
2) Karoora mana hojii fi Gahee hojii isaanii irrattii hundaa’uun karoora waggaa, kurmanna, ji’aa fi
torbee ni qopheessaa;
3) Raawwii hojii Istaandaardii isaanii torban torbaniin daarektaraa/dursaa garee/suparvaayizaraaf
dhiyyessuun faayila isa keessatti akka hidhamu ni taasiisa;

16
4) Haala raawwii karoora isaa irrattii duubdeebii daayreaktara/dursaa garee/suparvaayizaraan
kennamu fudhachuun hojirra ni oolacha; hanqina jiru karoora itti aanuu keessattii fooyyeessaa
deemuuf ni hojjata.
5) Madaallii raawwii hojii ofiin of madaaluu ilaalchisee haqaan ragaa qabatamaa fi bu’aa dhufe
giddu-galeessa taasisuun of madaalee qaama gaafateef yeroon ni dhiyeessa.
30. Aangoo fi Gahee Hojii Daayreektoretii/ Garee Hojii Hooggansa Qabeenya Namaa fi Ijaarsa
Dandeettii
1) Madaallii raawwii hojjettootaa mana hojichaa haala qajeelfamaatiin akka gaggeeffamu
abbumaan ni hordofaa; ni deeggara; bu’aa madaallii manaajimentii mana hojichaatiin akka
mirkanaa’u taasiisaa, qabxii madaallii raawwii hojii mirkanaa’ee hojjattoota ni beeksisa; ragaa
guutuu qindeessee ni qabata.
2) Cuunfaa Qabxii Madaallii raawwii hojjettootaa mirkanaa’ee qindeessuun haala uunka gabaasaa
madaallii raawwii hojii hojjattootaan guute Biiroo yookaan Waajjira Paabliik Sarviisii fi
Misooma Qabeenyaa namaa sadarkaa isaa jiruuf ni gabaasa.
3) Hojiiwwan kenna beekamtii fi badhaasaa sadarkaa mana hojii isaaniitti raawwatamu
abbummaan ni qindeessa, ni gaggeessa, ni hordofa; manaajimantii mana hojiitiif dhiyeessuun
ni mirkaneessisa, hojirra ni oolcha;
4) Hudhaale madaallii raawwii hojii walqabatanii qunnaman adda baasuu sadarkaa isaaniitti
hiikamuu danda’aniif furmaata ni kennu; kanneen humna ol ta’an immoo hoggansa yookaan
itti gaafatamaa mana hojitiif dhiyeessuun furmaata akka argatan ni taasiisa.
5) Hojjattoota mana hojichaa keessaa kanneen qabxiin madaallii raawwii hojii isaanii daran
olaana ta’ee adda baasuun raawwii hojii isaanii qindaa’ee akka babbal’atuu fi hojjattoota biroof
muxannoo gaarii akka ta’u ni hojjataa.
6) Hojjattootaa mana hojichaa keessa kanneen qabxiin madaallii raawwii hojii isaanii gadii aanaa
ta’ee adda baasuun deggarsaa barbaachiisa ta’ee akka argatan haala ni mijeessa.
7) Sirna madaallii raawwii hojii, kenna beekamtii fi badhaasa irratti hubannoo hojjattoota mana
hojichaa cimsuuf leenjiwwan adda addaa akka kennaman haala ni mijeessa, ni hordofaa.
31. Aangoo Fi Gahee Hojii Koree Madaallii, Kenna Beekkamtii fi Badhaasaa sadarkaa mana
hojittii Hundeeffamu
1) Madaallii raawwii hojjettootaa mana hojichaa haala qajeelfamaatiin akka gaggeeffamu
abbumaan ni hordofaa; ni deeggara; bu’aa madaallii manaajimentii mana hojichaatiin akka
mirkanaa’u taasiisaa, qabxii madaallii raawwii hojii mirkanaa’ee hojjattoota ni beeksisa; ragaa
guutuu qindeessee ni qabata.

17
2) Cuunfaa Qabxii Madaallii raawwii hojjettootaa mirkanaa’ee qindeessuun haala uunka gabaasaa
madaallii raawwii hojii hojjattootaan guute Biiroo yookaan Waajjira Paabliik Sarviisii fi
Misooma Qabeenyaa namaa sadarkaa isaa jiruuf ni gabaasa.
3) Hojiiwwan kenna beekamtii fi badhaasaa sadarkaa mana hojii isaaniitti raawwatamu
abbummaan ni qindeessa, ni gaggeessa, ni hordofa; manaajimantii mana hojiitiif dhiyeessuun ni
mirkaneessisa, hojirra ni oolcha;
4) Hudhaale madaallii raawwii hojii walqabatanii qunnaman adda baasuu sadarkaa isaaniitti
hiikamuu danda’aniif furmaata ni kennu; kanneen humna ol ta’an immoo hoggansa yookaan itti
gaafatamaa mana hojitiif dhiyeessuun furmaata akka argatan ni taasiisa.
5) Hojjattoota mana hojichaa keessaa kanneen qabxiin madaallii raawwii hojii isaanii daran olaana
ta’ee adda baasuun raawwii hojii isaanii qindaa’ee akka babbal’atuu fi hojjattoota biroof
muxannoo gaarii akka ta’u ni hojjataa.
6) Hojjattootaa mana hojichaa keessa kanneen qabxiin madaallii raawwii hojii isaanii gadii aanaa
ta’ee adda baasuun deggarsaa barbaachiisa ta’ee akka argatan haala ni mijeessa.
7) Sirna madaallii raawwii hojii, kenna beekamtii fi badhaasa irratti hubannoo hojjattoota mana
hojichaa cimsuuf leenjiwwan adda addaa akka kennaman haala ni mijeessa, ni hordofaa.
32. Aangoo fi Gahee Hojii Koree kenna beekamtii fi badhaasa sadarkaa caasaa bulchiinsaatti
Hundeeffamu

1) Madaallii bu’aa raawwii hojjettootaa caasaa bulchiinsaa isaa keessatti haala qajeelfamaatiin akka
gaggeeffamu abbumaan ni hordofaa, ni mirkaneessa, qindeesse caasaa Pabliik Sarviisii fi
Misooma Qabeenya Namaa sadarkaa oliitti argamuuf ni gabaasa;
2) Koree madaallii fi beekkamtii manneen hojii keessaatti hundeeffameef kurmaana kurmaanaan
sirna madaallii raawwii hojii irratti leenjii hubannoo uumuu ni kenna;
3) Hojiiwwan kenna beekamtii fi badhaasaa sadarkaa isaaniitti raawwatamu abbummaan ni
qindeessa, ni gaggeessa, ni hordofa;
4) Rakkoolee hojii madaallii raawwii keessatti qunnaman adda baasuufii kan sadarkaa isaanitti
hiikamuu danda’uuf furmaata kennuu, rakkoolee humna isaaniiti ol ta’an caasaa PSMQN
sadarkaa oliitti argamuuf ni gabaasu;
33. Aangoo fi Gahee Hojii Koree qulqulleessa komii Madaallii, Kenna Beekkamtii fi Badhaasaa
sadarkaa mana hojiitti Hundeeffamu

1) Koree qulqulleessa komii sadarkaa mana hojiitti hundeeffame komiiwwan dhimma


Madaallii, Sadarkeessuu, Kenna Beekkamtii fi Badhaasaa walqabatee hawaasa mana hojichaa
irraa dhiyaatan ni simata, ni keessummeessa, ragaarratti hundaa’ee qulqulleessuun yaada murtii
hogganaa yookaan ittigaafatamaa mana hojiitiif ni dhiyeessa.

18
34. Aangoo fi Gahee Hojii Koree qulqulleessa komii Kenna Beekkamtii fi Badhaasaa Sadarkaa
caasaa bulchiinsaatti hundeeffamu
1) Koree qulqulleessa komii sadarkaa caasaa bulchiinsaattii hundeeffame Komiiwwan dhimma
Kenna Beekkamtii fi Badhaasaa sadarkaa caasaa bulchiinsaatti gaggeeffame irratti dhiyaatan ni
simata, ni keessummeessa, ragaarratti hundaa’ee qulqulleessuun yaada murtii hogganaa
yookaan ittigaafatamaa Biiroo yookaan Waajjira Pabliik Sarvisi Fi Misooma Qabeenya Namaa
sadarkaa sanatti argamuuf ni dhiyeessa.
KUTAA SHAN
Sirna Itti gaafatamumma Qaamolee Adda Addaa
35. Itti Gaafatamummaa Manneen Hojii Sadarkaan Jiran

1) Manni hojii mootummaa sadarkaa Naannoo, Godinaa, Bulchiinsa Magaalotaa fi aanaalee


qajeelfama kana keessatti dhimmoota taa’an hunda hojirra oolchuuf itti gaafatamummaa
guutuu kan qabaatan ta’a;
2) Manni hojii dhimma madaallii raawwii hojii irrattii itti gaafatamummaa kennameef hin
raawwanne irratti tarkaanfiin bulchiinsaa barbaachiisaa ta’ee akka fudhatamu ni taasiifama.
36. Itti gaafatamummaa Damee Hojii mana hojii

1) Dameen hojii daayreektarootni yookaan abbootiin adeemsaa isa jala jiran deggaruu, hordofu,
gamaaggamuu fi madaallii raawwii hojii isaanii gaggeessuuf itti gaafatamummaa qaba.
2) Itti gaafatamaan dame hojii madaallii raawwii hojii daayreektaraa yookaan dursaa garee
yookaan kan biro isa jala jiru ragaa qabatamaa irrattii hundaa’uun akka gaggeeffamuu
taasiisuuf itti gaafatamumma guutuu qaba.
3) Gaggeessaan dame hojii bu’uuraa qajeelfama kanaatiin madaallii raawwii hojii daayreektaraa
yookaan dursaa garee yookaan qaama biro isa jala jiru yoo hin gaggeessine hogganaa mana
hojiif dhiyaatee tarkaanfiin bulchiinsaa barbaachisaa irratti akka fudhatamu ni taasifama.
37. Itti gaafatamummaa daayreektaraa
1) Daayreektarri dursitoota garee fi hojjattoota isa jala jiran deggaruu, hordofu, gamaaggamuu fi
madaallii raawwii hojii isaanii ragaa qabatamaa irrattii hundaa’uun gaggeessuuf itti
gaafatamummaa qaba.
2) Daayreektarri qabxiin madaallii raawwii hojii dursaa garee yookaan hojjetaa isa jala jiraniif
kenname raawwii hojiitiin walgituu isaa mirkaneessuuf itti gaafatamumma qaba.
3) Daayreektarri haala qajeelfamaa kanaatiin itti gaafatamummaa kennameef yoo raawwachuu
dhabe balleessaan isaa hogganaa dhiyoo isaatiin qoratame tarkaanfiin sirreeffamaa yookaan
adabbiin naamusaa salphaan balleessaa raawwatameen walgitu irrattii ni fudhatama, akka
irrattii fudhatamus ni taasifama,
19
4) Daayreektarri adabbii naamusaa salphaa fudhatameen kan hin fooyyofne yoo ta’e dhimmichi
hogganaa dhiyootiin hogganaa/itti gaafatamaa mana hojichaatiif barreeffamaan dhiyaatee
adabbii naamusaa cimaan balleessaa raawwatameen walgitu akka irrattii fudhatamu ni
taasifama.
38. Itti gaafatamummaa dursaa garee
1) Dursaan garee haala qajeelfama kana keessatti ibsameen hojjetoota isa jala jiran deggaruu,
hordofu, gamaaggamuu fi madaallii raawwii hojii isaanii gaggeessuuf itti gaafatamummaa
qaba.
2) Dursaan garee madaallii raawwii hojii hojjetoota isa jala jiran ragaa qabatamaa irrattii
hundaa’uu gaggeeffamuu isaa fi qabxiin madaallii raawwii hojii hojjetaaf kenname fi raawwii
hojii walgituu isaa mirkaneessuu itti gaafatamumma qaba.
3) Dursaan garee haala qajeelfamaa kanaatiin itti gaafatamummaa kennameef yoo raawwachuu
dhabe balleessaan isaa hogganaa dhiyoo isaatiin qoratame tarkaanfiin sirreeffamaa yookaan
adabbiin naamusaa salphaan balleessaa raawwatameen walgitu irrattii ni fudhatama, akka
irrattii fudhatamus ni taasifama,
4) Dursaan garee adabbii naamusaa salphaa fudhatameen kan hin fooyyofne yoo ta’e dhimmichi
hogganaa dhiyootiin hogganaa/itti gaafatamaa mana hojichaatiif barreeffamaan dhiyaatee
adabbii naamusaa cimaan balleessaa raawwatameen walgitu akka irrattii fudhatamu ni
taasifama.
39. Itti gaafatamummaa Hojjataa
1) Hojjataan mootummaa gahee hojii qajeelfamaa kanaan kennameef hojirra oolchuuf dirqamaa
qaba.
2) Hojjataan mootummaa haala qajeelfamaa kanaatiin gahee hojii isaaf kenname hojirra oolchuu
yoo dhabe balleessaan isaa hogganaa dhiyoo isaatiin qoratame tarkaanfiin sirreeffamaa yookaan
adabbiin naamusaa salphaan balleessaa raawwatameen walgitu irrattii ni fudhatama, akka
irrattii fudhatamus ni taasifama,
3) Hojjataan mootummaa adabbii naamusaa salphaa fudhatameen kan hin fooyyofne yoo ta’e
dhimmichi hogganaa dhiyootiin hogganaa/itti gaafatamaa mana hojichaatiif barreeffamaan
dhiyaatee adabbii naamusaa cimaan balleessaa raawwatameen walgitu akka irrattii fudhatamu
ni taasifama.

20
40. Itti Gaafatamummaa Daayreektara Yookaan Dursaa Garee Hooggansa Qabeenya Namaa fi
Ijaarsa Dandeetti Mana Hojii
1) Qajeelfama raawwii Madaallii, sadarkeessuu fi kenna beekamtii hojjattootaa mootummaa irratti
hubannoo hojjetoonni qaban cimsuuf leenjiwwan kennu yookaan akka kennamu haala
mijeessuu irratti itti gaafatamummaa qaba.
2) Haala qajeelfama kanaatiin aangoo fi gahee hojii kennamee raawwachuu fi raawwachiisuu,
madaallii raawwii hojii daayrektaroota, gareewwan hojii fi hojjattootaa yeroo ka’aame keessattii
akka raawwatamu taasiisuu, qulqullina raawwii madaallii hordofuu, ragaa madaallii raawwii
hojii mana hojichaa manajimantiin mirkana’ee qindeesse qabachuu fi qaama ilaaluuf beeksiisuu
dirqama qaba.
3) Haala qajeelfamaa kanaatiin itti gaafatamummaa kennameef yoo raawwachuu baate balleessaan
isaa hogganaa dhiyoo isaatiin qoratame tarkaanfiin sirreeffamaa yookaan adabbiin naamusaa
salphaan balleessaa raawwatameen walgitu irrattii ni fudhatama, akka irrattii fudhatamus ni
taasifama,
4) Dayrektoretti yookaan dursaan garee adabbii naamusaa salphaa fudhatameen kan hin fooyyofne
yoo ta’e dhimmichi hogganaa dhiyootiin hogganaa/itti gaafatamaa mana hojichaatiif
barreeffamaan dhiyaatee adabbii naamusaa cimaan walgitu akka irrattii fudhatamu ni
taasifama.

KUTAA JAHA
Tumaalee Adda Addaa
41. Qabxii Madaallii Raawwii hojii Haaqu

1) Biiroon akkasumas caasaan Paabliik Saarvisii fi Misooma Qabeenya Namaa sadarkaan jiru
hojirra olmaa qajeelfama kanaa hordofuu fi tarkaanfii sirreeffama fudhachuuf aangoo ni
qabaatu;
2) Manni hojii mootummaa kamiyyuu qajeelfama kana cabsuun yookaan haala baratamaa
birootiin madallii raawwii hojii raawwatee yoo argamee Biiroon Paabliik Sarviisii fi misooma
Qabeenya Namaa Oromiyaa yookaan caasaan isaa sadarkaa sadarkaan jiru madaallichaa ni
haaqa; faayidaalee biroo kamiifuu akka hin oolle ni hordofa; tarkaanfii sirreeffamaa ni fudhata;
akka fudhatamu ni taasisa.
3) Manni hojii mootummaa kamiiyyuu qabxii madaallii raawwii hojii hojjataa Biiroo Paablik
Sarviisii fi Misooma Qabeenya Namaa Oromiyaa yookaan caasaa isaa sadarkaa gadii jiruun hin
mirkanoofne faayidaalee adda addaaf akka ooluu yoo taasise ragaa sobaa akka dhiyeessetti

21
ilaalame faayidaan argame ni haaqama, qaamnii ragichaa hojirraa oolchees seera jiruun kan
gaafatamu ni ta’aa.
4) Murtii fi ajaja Biiroo yookaan caasaa isaa sadarkaan jiruun kenname qaama hin raawwanne
Biirichi yookaan caasaan isaa sadarkaan jiru balleessaa raawwatamee fi qaama balleessaa
raawwate qoratee qaama seeraan himachuuf aangoon kennameef itti dhiyeessuudhaan
tarkaanfiin seeraa akka irratti fudhatamu ni taasisa.
42. Aangoo Bakka Bu’iinsaa Kennuu

1) Manni hojii mootummaa kamiyyuu adeemsaale fi qajeeltoowwan madaallii bu’aa raawwii


qajeelfama kana keessatti ibsamaniin hojjettoota isaanii madaaluu qabu.
2) Manneen hojii sadarkaa naannoo jiran keessatti Daarektooretiin Hooggansa Qabeenya Namaa fi
Ijaarsa dandeettii fi manneen hojii sadarkaa Godina, Bulchiinsa Magaala fi Aanaa jiran keessattii
Koreen madaallii fi kenna beekamtii hundeeffamee jiru madaallii raawwii hojii hojjettootaa
hordofuu, gaggeessuu, qindeessuu fi gabaasuuf bakka bu’insi kennameefii jira.
43. Raawwii Qajeelfamicha To’achuu

1) Biirichaa fi caasaan isaa sadarkaan jiru qajeelfamichii sirnaan hojiirra ooluu isaan to’achuuf
aangoo fi itti gaafatamummaa ni qabaata.
2) Biirichaa fi caasaan isaa sadarkaan jiru hojirra olmaa qajeelfamiichaa to’achuuf yeroo kamiyyuu
manneen hojii mootummaatti argamuudhaan yookiin ragaaleen dhimma madaallii raawwii
hojiin walqabatan akka isaaf ergaman ajajuudhaan qorachuu ni danda’aa;
3) Biirichi ykn caasaan isaa sadarkaan jiru akkaataa keewwata kana keewwata xiqqaa 2’tiin
qorannoo taasisuun qajeelfamichii cabuu yoo irra gahe, murtiin kenname akka sirreeffamu ykn
dhorkamu taasiisuuf aangoo ni qabaata.
44. Tumaalee Cee’umsaa

1) Komiiwwan fi iyyannoowwan qajeelfamni kun osoo hin ragga’in dura jalqabaman akkaataa
qajeelfama duraatiin ilaalamanii xumura kan argatan ta’a.
2) Hojjataan mootummaa kamiyyuu mirgi akkaataa seera duraanitiin argate sababa labsamuu
qajeelfama kanaatin jalaa hin dhaabbatu.
45. Seerota Haaqaman
1) Qajeelfamni Raawwii Sirna Madaallii fi Bdhaasaa Bulchiinsa Mootummaa Naannoo Oromiyaa,
Bara 2004ALI bahe qajeelfama kanaan haqameera.
2) Qajeelfamoonni yookaan barmaatileen hojii biroo kana dura jiran kanneen qajeelfama kanaan
walfaallessan kamiyyuu dhimmoota qajeelfama kana keessatti hammataman irratti raawwatiinsa
hin qabaatan.

22
46. Qajeelfama fooyyessuu

1) Qajeelfamni kun kan fooyya’u yaadni ka’uumsaa Biiroo Pabliik Sarviisii fi Misooma Qabeenya
Namaa Oromiyaa irraa dhiyaatee akkaatama barbaachisummaa isaatiin murtee manaajmantii
biirichaatiin ta’a.
47. Yeroo Qajeelfamichii Hojiirra Itti Oolu
Qajeelfamni kun guyyaa Mallattaa’ee bahee irraa eegalee hojiirra kan oolu ta’a.

Hoggannaa Biiroo Paabliik Sarviisii fi Misooma Qabeenya Namaa Oromiyaa

Mudde, Bara 2014


Finfinnee

Duuka Deemtuu
Unkaalee Karoora fi Gabaasa hojii qopheessuuf gargaaran
Unka 1: Iskoorkaardii Adeemsa/Garee Hojii kan Waggaa
Maqaa Adeemsa /Garee Hojichaa _________________________________bara__________
Ya
ati

ati

ati
na

na

na

ad
Ul

Ul

Ul

Lk Kaayyolee Hojiilee Safartuu Manii (Kurmaanaatiin) Qaamole


fa

fa

fa

23
Tarsiimo’aa Gurguddoo Raawwii e
1ffaa 2ffaa 3ffaa 4ffaa Raawwa
tan

Maqaa Hoogganaa Mirkaneesse ____________ Mallattoo ______________

Unka 2: Iskoorkaardii Nama Dhuunfaa kan Waggaa


Maqaa Adeemsa Hojii _________________________ Maqaa Garee Hojii ______________________
Maqaa Hojjataa ________________________________Bara ___________
Yaada
ati

ati

ati
na

na

na
Ul

Ul

Ul

Hojiilee Gochaalee Safartuu Yeroo raawwii


fa

fa

fa

24
Gurguddoo Hojjataa gochaalee

1ffa

3ffa

4ffa
2ff
Adeemsa/ Dhuunfaatiif
Garee Hojichaa Kennaman

Maqaa Hojjataa _______________________ Maqaa Hogganaa Mirkaneessee _____


Mallattoo __________________ Mallattoo_______________
Guyyaa ______________ Guyyaa ________________

Unka 3: Karoora Adeemsa/Garee Hojii kan Ji’aa


Maqaa Adeemsa /Garee Hojichaa_________________________Bara _________ Ji’a ______________
Lak Hojiilee Gurguddoo Manii Mannii Torbanii Qaama
Ji’aa Torban Torban Torban Torba Raawwatu
1ffaa 2ffaa 3ffaa n 4ffaa
1.
2.
3.
4.
5.
Maqaa Abbaa Adeemsa/Dursaa Garee Hojii _____________ Mallattoo _________________
Maqaa Gaggeessaa Mirkaneessee______________________Mallattoo __________________

Unka 4: Karoora Hojjetaa kan Ji’aa


Maqaa Daayirektooreetii - _____________________________
Maqaa Hojjetaa-_____________________________ Bara _________Ji’a _______________________

25
Sagantaa Safartuu
Raawwii Hojiilee Gurguddoo Hojjetamuuf Karoorfaman
Torbaniin Yeroo Qulqullina Baay’ina Baasii
Torban 1ffaa
Torban 2ffaa
Torban 3ffaa
Torban 4ffaa
Torban 5ffaa
Mallattoo Hojjetaa_________________________Mallattoo ____________guyyaa_________________
Maqaa Karooricha Mirkaneessee ____________ Mallattoo;___________ Guyyaa;___________

Unka 5: karooraa fi Gabaasa Hojii Torbanii Hojjetaa Dhuunfaa


Maqaa Adeemsa/Garee Hojii ________________________________
Maqaa Guutuu Hojjetaa ________________________________
Bara ______ Ji’a ___________ Torban ___ Guyyaa ______ hanga_________ tti
ulfaa safar Istaandaardii raaww Istaandaardii hojichii itti G/rum Sabab
tiina tuu hojichaaf ii raawwate aa a
kenname garaag
Ista Haala Istaa. arum
Hojii hojjatame gadii Ista. olii ma

Mallattoo Hojjataa ____________________ Mallattoo____________________ Guyyaa ______


Maqaa hogganaa dhiyoo________________Mallattoo______________Guyyaa_____________
Duub-deebii Hoogganaa Dhiyoo
_____________________________________________________________________________

Unka 6: Gabaasa Raawwii Istaandaardii Hojjetaa yeroo yeroon Shalaguuf Gargaaru (70%)

26
Gocha Safartuu Karoora Raawwii Raawwii n
(fakkeenyaaF) Ulfaatina (B) Istaandaardii Qabxii = ( Σ÷ C)*A÷B
(A) 3 2 1
Cheekliistii fedhii leenjii 5 Baay’ ina Sanad 1 sanada 1  ((2+1)/3)=1*5/2=2.5
qopheessuu
Yeroo Guyyaa 5 Guyyaa 7 
Ida’ama

Maqaa fi Mallattoo Hojjetaa ___________ Mallattoo___________ Guyyaa___________


Maqaa fi mallattoo Hogganaa Dhiyoo ________mallattoo____________ Guyyaa_____

Unka 7. Akkaataa firiin Madaallii raawwii hojii hojjettoota mana hojiif qaama ilaaluuf itti dhiyaatu
Maqaa Mana Hojii __________________________________________
Yeroo madaallii___________________________________________________
lak Maqaa hojjetaa saa Gahe Madaallii Madaallii Madaalli Ofiin Ida’ama Sadarka yaada
k la hojii raawwii miseensota i ofmada (100%) a argate
karoora gareetiin maamiilt alu keessaa
hojjetaa guuttamu oota (5%)
(70%) (10%) (10%)
1.
2.

Uunka 8: gabaasa cuunsaa madaallii raawwii hojii Hojjattootaa mana hojii qaama ilaaluuf itti dhiyaatu
B/ hojjattoota B/ hojjattoota Hojjettoota madaalaman sadarkaadhaan
madaalamu madaalaman
qaban D/olaana olaana GG G/aanaa B/G/aana
d dub ida dh dub ida d dub ida dh dub ida d du ida d d id d d id
h h h h u h u

Ulaagaalee fi Uunkaalee madaallii naamusa gaggeessuuf gargaaran (30%)


Unka 1: Ulaagaalee fi Uunka Madaallii Miseensotni Garee Hojjetaaf Kennan (15%)

27
Maqaa hojjetaa madaalame: __________________________________________
Yeroo madaallii: _____________________________________________________
La Qabxiiwwan Ulfa Uulaagaalee Madaallii Ulfaatii Qa
kk madaallii atin na bxii
a ken
(15 na
%) me
1. karoora garichaa 3 Karoora garicha milkeessuu keessatti gumaachii hojjetichi qabu guddaa 3
milkeessu gumaacha ta’e, miseensota biros gahoomsuu keessatti qoodnii qabu gudda yoo ta’e
taasiise Karoora garicha milkeessuu keessatti gumaachii hojjetichi qabu guddaa 2
ta’us, miseensota biros gahoomsu keessatti qoodnii isaa xiqqaa yoo ta’e
Karoora garicha milkeessuu keessatti gumaachi isaa xiqqaa yoo ta’e 1
2. Ragaalee qindeessanii 3 Ragaa haala guutuu ta’een itti fufiinsaan qindeessanii qabachuu fi itti 3
qabachuu fi fayyadamuun yoo jiraate
odeeffannoo yeroon Ragaa haala guutuu ta’een itti fufiinsaan qindeessanii qabachuu fi itti 2
dabarsuu fayyadamuu irrattii harcaatii xiqqaa yoo qabaate
Ragaa haala guutuu ta’een itti fufiinsaan qindeessanii qabachuu fi itti 1
fayyadamuu irrattii harcaatii guddaa yoo qabaate
3. Haariiroo 3 Haariiroo miseensoota waliin qabu fi naamusii ogummaa isaaf qabu 3
miseensoota waliin baayyee gaarii yoo ta’e
qabu fi naamusaa Haariiroo miseensoota waliin qabu fi naamusii ogummaa isaaf qabu gaarii 2
ogummichi gaafatu yoo ta’e
gonfatani argamu Haariiroo miseensoota waliin qabu fi naamusii ogummaa isaaf qabu rakkoo 1
kan qabu yoo ta’e
4. Sa’aatii hojii 3 Yeroo hunda sa’aatii hojii motummaa kan kabajuu fi sa’aatichaa hojii 3
mootummaa kabajuu mootummaa qofaaf kan olchuu yoo ta’ee
fi hojirra olchuu Darbee darbe sa’aatii hojii mootummaa kan hin kabajne garuu sa’aatichaa 2
hojii mootummaa qofaaf kan olchuu yoo ta’ee
Darbee darbe sa’aatii hojii mootummaa kan hin kabajne sa’aatichaa hojii 1
mootummaa qofaaf oolchuu irratti rakkoo yoo qabaate
5. Iddoo Hojii ofii 3 Iddoon hojii isaaYeroo hundaa qulqulluu fi hawwataa yoo ta’ee 3
mijeefachuu Iddoon hojii isaa darbe darbe qulqulluu fi hawwataa yoo hin taane 2
Iddoon hojii isaaYeroo heddu qulqulluu fi hawwataa yoo hin taane 1

Ida’ama 15% Firii madaallii 15% keessaa kenname


Maqaa fi mallattoo hojjetootaa madaallichaa gaggeessanii______________________________

Unka 2: Ulaagaala fi Uunka Madaallii hojjattoonni Daarektaraa/Dursaa Garee/Supparvaayizaraa Kennan (10%)


Maqaa gaggeessa madaalame: _________________________________________
Yeroo madaallii: _____________________________________________________

28
La Qabxiilee madaallii Ulfaatina Ulaagaalee Madaallii Ulfaatin Qab
kk (10%) a xii
kenn
ame
1. karoora hojii waggaa, 1 Karoora waggaa, kurmanna, ji’aa fi torbanii itti fufiinsaan kan 1
kurmaanaa, ji’aa fi qopheessuu fi hojirra olchuu yoo ta’ee
torbanii haala itti fufiinsa Karoora waggaa, kurmanna, ji’aa fi torbanii itti fufiinsaan kan 0.5
qabuun qopheessuu qopheessuu fi hojirra olchuu irratti haarcaatiin yoo jiraate
2. Karoora sadarkaa isaanittii 1 Karoora sadarkaa isaanittii qophaa’ee haala guutu ta’een 1
qophaa’ee hojjetootaaf hojjetootaaf kan gadii buuse fi hojjetaan hundii haala itti
gadii buusuu, akka fufiinsa qabuun akka qopheessan kan deggare fi hordofe yoo
karoorfatan deggaruu fi ta’e
hordofuu Karoora sadarkaa isaanittii qophaa’ee haala guutu ta’een 0.5
hojjetootaaf kan gadii buuse fi hojjetaan hundii haala itti
fufiinsa qabuun akka qopheessan taasiisu irratti harcaatiin yoo
jiraate;
3. Istaandaardii kenna 1 Istaandaardii kenna tajaajila isa xiqqaa qopheessu, walii 1
tajaajila isa xiqqaa mallatteessuu fi haaluma waliigalteen akka raawwatamu kan
qopheessu fi waliigaltee taasiisu yoo ta’e;
mallatteessuu Istaandaardii kenna tajaajila isa xiqqaa qopheessu, walii 0.5
mallatteessuu fi haaluma waliigalteen akka raawwatamu kan
taasiisu irrattii harcaatiin yoo jiraate;
4. Haaluma waliigaltettiin 1 Raawwii istaandaardii hojjetoota hunda haaluma waliigalte 1
istaandaardii raawwii isaanittiin torban torbaniin kan sassaabu yoo ta’e
hojjettoota torban Raawwii istaandaardii hojjetoota hunda haaluma waliigalte 0.5
torbaniin sassaabuu isaanittiin torban torbaniin sassaabu irratti harcaatiin yoo
jiraate
5. Haala raawwii isaa irrattii 1 Haala raawwii istaandaardii hojjetaa irratti hundaa’uun 1
hundaa’uun hojjetaa hojjeettoota hunda kan deggarsuu fi duubdeebii kennu yoo
deeggaruu ta’e;
Haala raawwii istaandaardii hojjetaa irratti hundaa’uun 0.5
hojjeettoota hunda deggarsuu fi duubdeebii kennu irrattii
hanqinna yoo qabaate;
6. Raga hojjettootaa 1 Raga hojjettootaa hunda sirnaan qindeessanii kan qabuu fi 1
qindeessanii qabuu fi madda odeeffannoo kan taasiisuu yoo ta’ee;
madda odeeffannoo Raga hojjettootaa hunda sirnaan qindeessanii qabuu fi madda 0.5
taasiisuu odeeffannoo taasiisuu irratti hanqiinna yoo qabaate;
7. Naamusaa fi miira gareen 1 Hojjettoonni gariichaa hundii miira gareen hojjechuu 1
hojjechuu hojjetootaa gonfatanii waliigalanii akka hojjatan kan taasise yoo ta’e
fooyyeessu Hojjettoonni gariichaa hundii miira gareen hojjechuu 0.5
gonfatanii haala waliigalte qabuun rakkoo kan qaban yoo ta’e
8. Faayidaa fi mirga 1 Faayidaa fi mirga hojjetoota hunda haaluma walfakkaatuun 1
hojjetoota hunda haaluma kan kabachiisuu yoo ta’e
walfakkaatuun kabachiisu Faayidaa fi mirga hojjetoota hunda haaluma walfakkaatuun 0.5
kabachiisuu irrattii komiin yoo jiraate;
9. Sa’aatii hojii mootummaa 1 Sa’aatii hojii mootummaa gutumaan guututtii kan kabajuu fi 1
kabajuu fi kabachiisu kabachiisuu yoo ta’ee;
Sa’aatii hojii mootummaa guutummaan guutuuttii kabajuu fi 0.5
kabachiisuu irrattii hanqinnii yoo jiraate;
10. Iddoo Hojii ofii 1 Iddoo hojii yeroo hunda qulqulluu fi hawwataa yoo ta’ee; 1
mijeefachuu Qulqullinaa fi hawwatummaan iddoo hojii darbe darbe 0.5
rakkoo kan qabu yoo ta’ee;
11. Ida’ama 10% Firii madaallii 10% keessaa kenname
Maqaa fi mallattoo hojjetootaa madaallichaa gaggeessan.

29
Unka 3: Ulaagaalee fi unka Madaallii Maamilootni hojjataaf Kennan (10%)
Maqaa hojjetaa madaalame___________________________________
Yeroo madaallii________________________________________________
La Qabxiile Ulfaa Ulaagaalee Madaallii Ulfaati Qabxii
k Madaallii tina na kenname
(10%
)
1. Tajaajilli 2 Tajaajiila kennamu hundaa haala iftoomina qabuun kan raawwatu 2
kennamu yoo ta’ee
iftoomina Tajaajiila kennamu hunda haala iftoomina qabuun raawwachuu 1
qabaachu; irratti rakkoon xiqqoo kan jiru yoo ta’ee
Tajaajiila kennamu hundaa haala iftoomina qabuun raawwachuu 0.5
irrattii rakkoon heddu kan jiru yoo ta’ee
2. Maamiiltoota 2 Maamiiltoota hundaa haala itti fufiinsa qabuun kan kabaju fi 2
hundaa kabaju gammachuudhaan simatu yoo ta’ee
fi Maamiiltoota hundaa haala itti fufiinsa qabuun kabaju fi simachu 1
gammachuudha irratti darbe darbe rakkoon kan jiru yoo ta’ee
an simachuu; Maamiiltoota hundaa haala itti fufiinsa qabuun kabaju fi simachu 0.5
irrattii rakkoo gudda kan qabu yoo ta’ee
3. Miira 2 Yeroo hunda miira tajaajiltummaa qabaate tajaajila kan kennuu 2
tajaajiltummaa yoo ta’e;
qabaate tajaajila Miira tajaajiltummaa qabaate tajaajila kennuu irrattii darbe darbe 1
kennuu; rakkoo kan qabu yoo ta’e
Miira tajaajiltummaa qabaate tajaajila kennuu irrattii yeroo heddu 0.5
rakkoo kan qabu yoo ta’e
4. Tajaajila 2 Maamiiltoota hundaaf haala itti fufiinsa qabuun tajaajila 2
qulqullinaa fi qulqullinaa fi si’omina qabu kan kennu yoo ta’ee
si’oomina qabu Maamiiltoota hundaaf haala itti fufiinsa qabuun tajaajila 1
kennu; qulqullinaa fi si’omina qabu kennu irrattii hanqinaa muraasa kan
qabu yoo ta’ee
Maamiiltoota hundaaf haala itti fufiinsa qabuun tajaajila 0.5
qulqullinaa fi si’omina qabu kennu irrattii rakkoo guddaa kan qabu
yoo ta’ee
5. Maamiiltoota 2 Tajaajila kennu irratti maamiiltoota irraa komii tokko ille kan 2
hunda haaluma irrattii hin dhiyaanne yoo ta’ee
walfakkaatuun Tajaajila kennu irratti maamiiltoota irraa komii muraasa kan 1
keessumeessu; irrattii dhiyaanne yoo ta’ee
Tajaajila kennu irratti maamiiltoota irraa komii heddu kan irrattii 0.5
hin dhiyaanne yoo ta’ee
Ida’ama 10% Firii madaallii 10% keessaa kenname

Maqaa____________________________________Mallattoo__________________guyyaa ____

30
Unka 4: Ulaagaa fi Unka Madaallii Ofiin Of-Madaluu Hojjataa (Self-evaluation) (5%)
La Qabxiilee Madaallii Ulfa Ulaagaalee Madaallii Ulfa Qabxii
k atin atin kenna
a a mee
(5%)
1. Karoorsa hojii waggaa, ji’aa fi 1 Karoorsa hojii waggaa, ji’aa fi torbanii osoo addaan hin 1
torbanii qopheessu, raawwachuu kuutiin haala itti fufiinsa qabuun kan qopheessu,
fi itti fufiinsaan gabaasu raawwatuu fi gabaasu yoo ta’e;
Karoorsa hojii waggaa, ji’aa fi torbanii qopheessu, 0.5
raawwatuu fi gabaasu irrattii harcaatii yoo qabaate;
2. Beekuumsa fi dandeettii ofii 1 Hojjetaan beekumsaa fi dandeettii ofii guddisuuf iddoo 1
guddiisuuf karoorsuu, haaluma hanqina isaa adda baase kan karoorfate fi haaluma
karooraan of-fooyyeessaa karooraan kan raawwate yoo ta’ee;
deemuu Hojjetaan beekumsaa fi dandeettii ofii guddisuuf iddoo 0.5
hanqina isaa adda baase karoorsuu fi hojirra olchuu irrattii
harcaatiin yoo qabaate;
3. Karoora dhuunfaa galmaan 1 Karooraa dhunfaa isaa haala guutuu ta’een kan raawwatu 1
gahuun raawwii karoora garee fi hojirra olmaa karoora garee keessattii gumaachii qabu
keessatti gumaacha taasisuu guddaa yoo ta’ee
Karooraa dhunfaa isaa haala guutuu ta’een kan raawwatu 0.5
fi hojirra olmaa karoora garee keessattii gumaachii qabu
xiqqaa yoo ta’ee
4. Ragaa fi odeeffannoo bifa 1 Ragaale sadarkaa isaattii barbaachiisan haala guutuu 1
qindaa’een qabachuu ta’een qindeesse kan qabatuu fi madda odeeffannoo gaarii
yoo ta’ee
Ragaale sadarkaa isaattii barbaachiisan haala guutuu 0.5
ta’een qindeesse qabachuu irrattii hanqina kan qabu yoo
ta’ee;
5. Mul’ata, ergamaa fi dudhaalee 1 Mul’ata, ergamaa fi dudhaalee mana hojichaa haala guutu 1
mana hojichaa hubachuu fi ta’een kan hubatuu fi miseensa biraa kan hubachiisuu yoo
hubachiisuu ta’ee
Mul’ata, ergamaa fi dudhaalee mana hojichaa haala guutu 0.5
ta’een hubatuu fi miseensa biraa kan hubachiisuu irrattii
hanqina yoo qabaate;
Ida’ama 5% Firii madaallii 5% keessaa kenname

Maqaa hojjetaa: _________________________ Mallattoo ___________Guyyaa____________

31
Unka 5: Ulaagaalee fi Unka firiin Madaallii Hogganaan Dhiyoo Daarektaraaf/Dursaa Gareef/ Supparvaayizaraaf Kennan
(15%)
Maqaa gaggeesaa madaalame: ____________________________________________
Yeroo madaallii: ____________________________________________
Lak Qabxiilee Madaallii Ulfaatina Ulaagaalee Madaallii Ulfaa Qabxii
k (15%) tina kenna
mee
1. Karoora waggaa , 2 Karoora waggaa , kurmaanaa, fi ji’aa itti fufiinsaan kan qopheessuu fi yeroosaa 2
kurmaanaa, fi ji’aa eegee hojjetaa hunda biraa kan qaqqabsisuu yoo ta’ee;
qopheessuu, yeroosaa Karoora waggaa , kurmaanaa, fi ji’aa itti fufiinsaan kan qopheessuu ta’ee 1
eegee hojjetaa yeroosaa eegee hojjetaa hunda qaqqabsisuu irrattii harcaatii yoo qabaate;
qaqqabsisuu irrattii; Karoora waggaa , kurmaanaa, fi ji’aa itti fufiinsaan kan qopheessuu fi yeroosaa 0.5
eegee hojjetaa hunda qaqqabsisuu irrattii harcaatii yoo qabaate;
2. Gabaasa raawwii 2 Gabaasa raawwii waggaa, kurmaanaa, fi ji’aa haala itti fufiinsa qabuun kan 2
waggaa qindeessuu fi yeroo isaa eegee qaama ilaaluuf kan dabarsuu yoo ta’ee;
kurmaanaa, fi ji’aa
qindeessuu fi qaama Gabaasa raawwii waggaa, kurmaanaa, fi ji’aa haala itti fufiinsa qabuun kan 1
ilaaluuf dabarsuu qindeessuu ta’ee yeroo isaa eegee qaama ilaaluuf dabarsuu irrattii harcaatii
irrattii; yoo qabaate;
Gabaasa raawwii waggaa, kurmaanaa, fi ji’aa haala itti fufiinsa qabuun 0.5
qindeessuu fi yeroo isaa eegee qaama ilaaluuf dabarsuu irrattii harcaatii yoo
qabaate;
3. Bu’aa Raawwii hojii 2 Bu’aa Raawwii hojii hojjetootaa haaluma hojimaata madaallii raawwii hojii 2
hojjetootaa haaluma fooyya’een waggaa, ji’a jahaa fi ji’aan qindeessa fi madaala kan deemu yoo
hojimaata madaallii ta’ee;
raawwii hojii Bu’aa Raawwii hojii hojjetootaa haaluma hojimaata madaallii raawwii hojii 1
fooyya’een fooyya’een waggaa, ji’a jahaa fi ji’aan qindeessa fi madaala deemu irratti
qindeessuu fi hanqiina xiqqaa kan qabu yoo ta’ee;
madaala deemu Bu’aa Raawwii hojii hojjetootaa haaluma hojimaata madaallii raawwii hojii 0.5
irrattii; fooyya’een waggaa, ji’a jahaa fi ji’aan qindeessa fi madaala deemu irrattii
hanqiina hedduu kan qabu yoo ta’ee;
4. Waan waadaa gale 2 Waan waadaa galee ykn karoorfate haala guutuu ta’een kan raawwatu yoo 2
ykn karoorfate ta’ee;
raawwachuutiin Sababootaa gahaa ta’aaniin waan waadaa galee ykn karoorfate muraasaa hin 1
raawwanne yoo ta’ee;
Sababootaa gahaa male waan waadaa galee ykn karoorfate muraasaa hin 0.5
raawwanne yoo ta’ee;
5. Gahee 3 Miira hojii hojjettootaa kakkaasuu fi haala fakkeenya ta’ee kan hojjechiisuu 3
gaggeessummaa isaa yoo ta’ee;
bahaachuutiin Miira hojii hojjettootaa kakkaasuu fi fakkeenya ta’ee hojjechiisuu irrattii 2
hanqina xiqqaa kan qabu yoo ta’ee;
Miira hojii hojjettootaa kakkaasuu fi fakkeenya ta’ee hojjechiisuu irrattii 1
rakkoo guddaa kan qabu yoo ta’ee;
6. Istaandaardii raawwii 4 Hojiwwan hundaaf Istaandaardii hojii sirri ta’e diriirsuun hojjettoota waliin 4
sirri ta’e diriirsuu, waliigaltee mallatteesse, raawwii isaa haala guutuu ta’een too’ataa fi
raawwii isaa sirreessaa kan deemuu fi raawwiin isaa kutaale hojii kan biraaf fakkeenyaa
too’achuu fi kan ta’u yoo ta’ee;
sirreessaa Hojiwwan hundaaf Istaandaardii hojii sirri ta’e diriirsuun hojjettoota waliin 3
deemuutiin, waliigaltee mallatteesse, raawwii isaa haala guutuu ta’een too’ataa fi
sirreessaa kan deemuu yoo ta’ee;
Hojiwwan hundaaf Istaandaardii hojii sirri ta’e diriirsuun hojjettoota waliin 2
waliigaltee mallatteesse, raawwii isaa haala guutuu ta’een too’ataa fi
sirreessaa deemuu irrattii harcaatiin xiqqoo kan jiru yoo ta’ee;
Hojiwwan hundaaf Istaandaardii hojii sirri ta’e diriirsuun hojjettoota waliin 1
waliigaltee mallatteesse, raawwii isaa haala guutuu ta’een too’ataa fi
sirreessaa deemuu irrattii harcaatiin guddaa kan qabu yoo ta’ee;
Ida’ama 15% Firii madaallii 15% keessaa kenname

Maqaa hogganaa dhiyoo: _________________________ Mallattoo _________Guyyaa_____________

32

You might also like