You are on page 1of 34

Dan Bible College (Koleejii Macaafa Qulqulluu Daan)

Mala Gorsaa Kiristaanaa


(Christian Couseling)

“…Jaalalaan dubbii dhugaa dubbachaa, koottaa karaa hundumaan gara


mataa isa nuuf ta’e gara Kiristoositti in guddannaa!” Efe. 4:15.

1 DBC “Be disciple and go to others to create the true disciple creators!”
Email: danbiblecoll@gmail.com / eleil0607generation@gmail.com
Phone: +251-468-217-144/+251-926-545-440; P.o.b. 2209 Hawassa, Ethiopia.
Dan Bible College (Koleejii Macaafa Qulqulluu Daan)

Baafata (Table of Contents)


1. Seensa ……………………………………………………………………………………………………………

2. Gorsa Afuraa …………………………………………………………………………………………………..

3. Gorsa jechi jedhu eessaa akka dhufe ……………………………………………………………

4. Gorsuu jechuun maal jechuu dha? …………………………………………………………………

5. Tajaajila Gorsaa dhufaatii isaa…………………………………………………………………………

6. Rakkoolee yeroo Gosaa………………………………………………………………………………

7. Gorsaa fi macaafa qulqulluu ……………………………………………………………………………

8. Gorsa akka Kiristaanaatti …………………………………………………………………………………

9. Akaakuu Gorsaa………………………………………………………………………………………………

10. Waldaa Kiristaanaa Jalatti Gorsa kennamu ………………………………………………………

11. Amala addaa nama gorsa kennuu ……………………………………………………………………

12. Gorsa keessatti wantoota ilaalcha keessa galan ………………………………………………

13. Saddeettan bu’uura gorsa kennuu gudunfaa ……………………………………………………

2 DBC “Be disciple and go to others to create the true disciple creators!”
Email: danbiblecoll@gmail.com / eleil0607generation@gmail.com
Phone: +251-468-217-144/+251-926-545-440; P.o.b. 2209 Hawassa, Ethiopia.
Dan Bible College (Koleejii Macaafa Qulqulluu Daan)

Seensa (Introduction)
Rakkoo sammuufis ta’ee hafuuraaf hiikkaa argachuuf tajaajilli gorsaa fi filannoo kan hin
qabne dha. Sababni isaa eenyummaa namaa mara (foon, lubbuu fi hafuura) waan of
keessatti hammaatuuf. Yaada sammuu namaa kan jeeqaan wantoonni baay’een lafa irra
waan jiraniif, isaan immoo furmaata barbaadu, kun ammoo ta’uu kan danda’u gorsuun.

Dhugaa kana (Gal.6:2-3) Phaawuloos ibsee kaa’era. Kana irraa wanti hubannu gorsi
Kiristaanotaan Kennamu Kanneen biro irraa adda ta’uu dha. Maalif yoo jenne akka
Kiristaanaatti itti gaafatamummaa guddaa waan ta’eef.

Tajaajila Gorsaa kennuun dura namoonni gara Kiristoos akka dhufa yaada dhi’eessuufii
dha. Namni gorsa kennus kan amaneefi ba’aa kan qabu ta’uu qaba. Barumsa gabaabaa kana
keessatti waa’ee gorsaa kennuu yaadota tokko tokko ilaaluu yaalla.

3 DBC “Be disciple and go to others to create the true disciple creators!”
Email: danbiblecoll@gmail.com / eleil0607generation@gmail.com
Phone: +251-468-217-144/+251-926-545-440; P.o.b. 2209 Hawassa, Ethiopia.
Dan Bible College (Koleejii Macaafa Qulqulluu Daan)

Gorsa Hafuuraa
1. Dhufa jecha ‘gorsuu’ jedhuu
a. Afaan Laatinii “Kaawunsilem” (conselum) hiikaan isaas waliin ta’uu (together) kan jedhu
dha

b. Angeloo saakisen (Anglo saxon) – kan biraa (sella) jechuu yoo ta’u hiikni isaa tajaajiluu
ykn birmaduu baasuu (to serve or to deliver) jechuu dha.

2.Tajaajila gorsaa kennuuf kanneen nugargaaran :

a. Walitti dhufeenyi jiru hiika qabeessa ta’uu qaba.


b. Walitti dhufeenyi walii galtee waliinii qabaachuu qaba.

Inni tokko faayidaa ofii isaa qophaaf yoo ka’e walitti dhufeenyaafis ta’e mariif faayidaa
hinqabu. Kan gorsa fudhatuu fi gorsa kennu walii galuu qabu.

a. Walitti dhufeenyi rakkoon akka mudatu beekuu barbaachisaa dha

o Yeroo tokko tokko miirri yeroof mul’atan walitti dhufeenya jiru irratti rakkoo
uumuu danda’u

b. Walitti dhufeenyi haqummaa gaafata

o Walitti dhufeenya ifa ta’eefi hubatame ta’uu qaba

c. Walitti dhufeenya gaariif odeeffannoo waljijjiiruu

o Muuxannoo fi haalota rakkisoo turan walii hiruu

d. Mari’achuu fi wal arguu

o Waliin ta’uun mari’achuu barbaachisa


o

4 DBC “Be disciple and go to others to create the true disciple creators!”
Email: danbiblecoll@gmail.com / eleil0607generation@gmail.com
Phone: +251-468-217-144/+251-926-545-440; P.o.b. 2209 Hawassa, Ethiopia.
Dan Bible College (Koleejii Macaafa Qulqulluu Daan)

e. Haalota mijeessuu

o Mariif kan fayyadan wantoota bu’uuraa mijeessuu

Fakkeenyaaf: Bakka, karoora murteessuu, dabtara yaadannoo fi kkf

f. Jijjiirama Gochuu (Change)

o Wantoota tokko tokko irratti jijjiiramni yoo barbaachise


o Amala, muuxannoo, kakka’umsa

g. Wantoota hundaa ifa gochuu

o Nama gorsamuuf hojii manaa kennuu seenaa darbe, dhimma namichichaa hubachuu
barbaachisa.

3. Tajaajila Gorsaa Dhufaatii isaa

1. Shaakala amantii (Religion contribution)

2. Sochii sammuu nageenyaan eeguuf godhamu bara 1930 G.C

* Dhiphinaan, waraanan, rakkoo aadaa sababa miidhamaniif gargaarsa gochuuf kan

uumame dha

3. Qajeelcha vookeshinal (Vocational Guidance)

* Barattoonnni kaayyoo ka’aniif fiixaan ba’iinsaan akka xumuraniif gorsa kennamu


dha

4. Sochii qorannoo ijoollee (Child study movement)

* Qorannoo yeroo dheeraa fudhatu (Longitudinal study)

* Qorannoo yeroo tokko qofaaf kennamu (Cross sectional study)

5 DBC “Be disciple and go to others to create the true disciple creators!”
Email: danbiblecoll@gmail.com / eleil0607generation@gmail.com
Phone: +251-468-217-144/+251-926-545-440; P.o.b. 2209 Hawassa, Ethiopia.
Dan Bible College (Koleejii Macaafa Qulqulluu Daan)

5. Sammuu madaaluuf adeemsa jalqabame

* Sadarkaa sammuu madaaluu (IQ testing)

* Sadarkaa Amalaa madaaluu

* Sadarkaa eenyummaa madaaluu

Saayikootiraappii (Psychotherapy):- dhimma sammuu fayyadamuun gorsuu ykn wal’aansa


fayyaa gochuufiif mala fayyadu yemmuu ta’u kanneen armaan gadii qabata.

1. Mala adda tahetti fayyadamuun fayyummaa sammuu to’ata


2. Kan karaa irraa maqe, Nageenya sammuu gorsaan deebisa
3. Gorsa kan barbaadu mallattoo dhukkuba isaa irraa ka’uun ka’umsa rakkinichaa
argachuu dha
4. Rakkoo namootaa jalqaba sadarkaa dubbiitiin hubachuun adda baasuu dha.

4. Gosa Rakkoolee

1. Haala baramaa alatti ta’uu (abnormality)

* Bal’inaan waan baramee gad ta’uu

* Waan sirrii fi bal’inaan kan fudhatamu argatee gadi ta’u, Amalaan, rakkoon fayyaas

mul’achuu

2. Waan naannootti hin tole hojjechuu (mal adjustment)

* Amala barame raawwachuun waan hin dandaa’amneef

* Haala salphaan sammuun jeeqamuu

6 DBC “Be disciple and go to others to create the true disciple creators!”
Email: danbiblecoll@gmail.com / eleil0607generation@gmail.com
Phone: +251-468-217-144/+251-926-545-440; P.o.b. 2209 Hawassa, Ethiopia.
Dan Bible College (Koleejii Macaafa Qulqulluu Daan)

Mallattoolee

* Tasgabbiidhabuu

* Jeeqamuu

* Naasuu

* Qofa galeessa ta’uu

3. Sodaa (Anxiety)

* Namoonni miirri wal makuu yeroo itti dhagaahamu (waan hin mijanne, alaa wantoota

sodaachuu)

Mallattoolee: Miira soda salphaa

* Rakkoo hirribaa

* Mataa dhukkubbii

Miira soda cimaa

 Dafqa
 Onneen haala malee rukkutuu
 Dhiibbaan dhiigaa dabaluu

* Namni hundinuu sadarkaa murtaa’e irratti in sodaata

* Namoonni baay’een sodaan isaan akka waan haaraatti quunnamuu danda’a:

Fakkeenyaafi: Yeroo jaalallee haaraa walii dubbatan, yeroo jalqabaaf, namoota duratti
haasaa yemmuu godhaa

7 DBC “Be disciple and go to others to create the true disciple creators!”
Email: danbiblecoll@gmail.com / eleil0607generation@gmail.com
Phone: +251-468-217-144/+251-926-545-440; P.o.b. 2209 Hawassa, Ethiopia.
Dan Bible College (Koleejii Macaafa Qulqulluu Daan)

4. Neerviin sammuu jeeqamuu (Neurosis)

* Naannoo jiraanitti wanti haaraan tokko yemmuu itti dhagaahamu

* soda akka tasaa

* Jeequmsa sammuu

5. Waan Nama Naasisu (Hysteria)

* Nervonni sammuu akka malee muddamuun namoota irraa adda of baasuutu dhufa

* Kun ammoo dhibee sammuu keessaa tokko

* Kunis mallattoon isaa mallattoo qaamaa irratti eegala

6. Saayikoosiis (Psychosis)

* Qaama Namaa guutuu kan jeequ dha

* Dhibeewwan gurguddoo sadiitti hirama

o Hallucination: Namoota sagalee haaraa (Keessummaa) ta’ee dhagahuu


o Delusions: Ilaalcha gaarii hin taane Fakkeenyaaf: Na ajjessuuf na hordofaajiru
o Bizarre behavior: Amala jeeqamu

* Dibee sammuu akkanaan namoonni qabaman namoota sirrii wajjin walitti dhuffenya
qaban in dhaabu. Jireenyi rakkisaa ta’ef guyyaa dhaa guyyaatti mul’ata.

7. Fooviyaa (Phobia)

* Wantoota muraasa ta’an, haalota fi sochiiwwaan sodaachuu dha.

Mallattoolee isaa:

 Rukkataa onnee ariifachiisaa ta’e


 Ol deebisuu
8 DBC “Be disciple and go to others to create the true disciple creators!”
Email: danbiblecoll@gmail.com / eleil0607generation@gmail.com
Phone: +251-468-217-144/+251-926-545-440; P.o.b. 2209 Hawassa, Ethiopia.
Dan Bible College (Koleejii Macaafa Qulqulluu Daan)

 Garaa kaasaa
 Dhiphine
 Naasuu
 Mallattoo dhibee
 Osoo addaan hin kutin fincaa’uu
 Dafqa
 Of wal’aananii kufuu

5. Gorsaa fi Macaafa qulqulluu

Yeroo kakuun Haaraan caafamatti jechoonni yaada ‘Gorsa’ jedhu qabatan baay’ee turan.
Kanneen keessaa muraasa isaanii fudhachuun kutaa kana keessatti ilaaluu yaalla.

1. Noom (Gnome): Jechi kakuu haaraa kun hiikni isaa beekuu, hubachuu akkasumas
sababa dhi’eessuu kan bakka bu’u yoo ta’u, hiikni walii galaa isaa yaada ijoo tokko irratti
beekumsaa fi hubannoo irratti hundaa’uun murtee dabarsuu dha. Fakkeenyaaf jecha kana
Hoe 20:3 irratti yihuudonni yemmuu Phaawulositti qofophatan ibsa.

2. Baawuli (bowel) : Kan jedhu jechi kakuu haaraa ammoo waan tokkoof furmaata kennuu
yaada jedhu agarsiisa. Efe 1:11

3. Paraakiliisis (Paraklisis): kan jedhu ammoo nama biroof abukaatoo ta’ee


dhaabbachuu, jajjabeessuu, rakkoo nama biro hir’isuuf gargaaruu yaada jedhuu qabata.
Yaaduma kana macaafin qulqulluun 1Yoh 2:1 fi Yoh 14:16, waan nama jajjabeessu jechuun
yemmuu ibsu argina. Akkasumas 2Tas 3:2 irratti waa’ee amantiif jajjabina ibsa.

4. Firooniiwoo (Phrone) Jechi jedhu kan agarsiisu waan tokko irratti yaaduu akkasumas
sababeessuu fayyadamuu dha. Yaadni isaa callisaan waan tokko raawwachuu qofa osoo hin
taane, itti yaaduu waan barbaachisu dha. Jecha kana phaawulos Roomee 8:5 irratti akka
fedha fooniitti kan jiraatan waa’ee fedha foonii yaadu; akka fedha haafuuratti kan jiraataan
waa’ee hafuuraa yaadu jechuun ibseera

9 DBC “Be disciple and go to others to create the true disciple creators!”
Email: danbiblecoll@gmail.com / eleil0607generation@gmail.com
Phone: +251-468-217-144/+251-926-545-440; P.o.b. 2209 Hawassa, Ethiopia.
Dan Bible College (Koleejii Macaafa Qulqulluu Daan)

5. Nuutiziyaa (Nouthesia): jechi jedhu bakka baay’eetti kan argamuu fi hiika ifachuu jedhu
kan qabu dha (1Qor 10:11, Efe 6:4, Tiitoo 3:10). Akeekachiisuu fi barsiisuu jechoota
jedhanis kan walitti qabatee argamu dha. (Qol 1:28)

6. Gorsa Akka Amantii Kiristaanaatti

Gorsa Kiristaanummaa waanti jechisiisuu kanneen biroo keessatti kan hin argamne
Kiristaanummaa keessatti qofa kan mul’ataa dha. Dhugaa dubbii jiran kunis:

1. Giddu galeessi gorsichaa Kiristoos ta’uu


2. Gorsichi waan bal’aa qabachuu
3. Gorsichi garaa garammuummaa irraa kan madde ta’uu
4. Gorsichi aadaa fi haala warra mari’atanii kan qabate waan ta’eef
5. Gorisicha keessatti lapheen Waaqayyoof baname jiraachuu
6. Sagalee Waaqayyoof aboon kennamu guddaa olaanaa waan ta’eef
7. Shaakala cubbuuf bakka kennuu dhabuu
8. Addunya gidiraan guutte hubachuun sanaafis ayyaanni Waaqayyoo kan
keenname kan amanu
9. Kaayyoon gorisichaa namoonni yeroo kamiyyuu caalaatti jaalala Waaqayyoof
qaban akka guddifataniif
10. Kan waliin mar’atan bifa Kiristoos akka qabaataniif
11. Kan waliin mar’atan qaama Kiristoos kan taate waldaa Kiristaanaa wajjin
tokkummaa akka qabaatan agarsiisa

7. Akaakuu Gorsaa

Yeroo baay’ee namni gorsa kennu hangam deemuu qaba kan jedhu irraa ka’uun bakka
lamatti hiruun ilaaluun in dandaa’ama. Isaanis: gorsaa kallattii agarsiisu (directive
counseling) of gorsa kallatti hin agarsiifne (Non directive counseling) jedhamuun beekamu.

10 DBC “Be disciple and go to others to create the true disciple creators!”
Email: danbiblecoll@gmail.com / eleil0607generation@gmail.com
Phone: +251-468-217-144/+251-926-545-440; P.o.b. 2209 Hawassa, Ethiopia.
Dan Bible College (Koleejii Macaafa Qulqulluu Daan)

1. Gorsa kallattii agarsiisu (directive counseling)

Akkuma maqaa isaa irraa hubachuun dandaa’amutti namichi gorfamu rakkoo isaa
beeksifata, achiin in gorsu furmaata kennee fii booda irratti wanta inni gochuu qabu itti
hima. Akkasumas waan tokko tokko akka hojjetuuf kakaasa. Kun kan agarsiisu gorsi akkasii
kallattii kan agarsiisuu dha.

2. Gorsa Kallattii hin agarsiifne (non directive counseling)

Kallattii kennuu irratti gorsi hin xiyyeeffanne rakkoo namicha gorsa fudhatuu hubachuun,
haala ittiin furmaata argatu mijeessuu qofa. Yaada akkasii kanaaf ka’umsa kan ture kaarilis
roojers nama dhimma barsiisa sammuu irraa yoo ta’u dhiibbaan isaa gara waldaa
kiristaanaa naannoo bara 1940 fi 1950 seenera.

Gorsitoota Gosa Lamanii

1. Gorsaa Aadaa (tradition)

2. Gorsaa ogummaa (professional counselor)

1. Gorsaa aadaa

 Hiriyaa
 Maatii
 Luboota
 Sheekota
 Jaarsolii
 Tiksoota (pastors)

Jareen kun leenjii addaa kan fudhatan miti, muuxannoo fi lubannoo mataa isaanii irraa
ka’uun gorsa kennu, kanaaf Amala namootaa jijjiiruu irratti bu’a qabeesota hin ta’an.
Jarreen kun barumsa kaawunsiliingii yoo argatan fiixaan ba’iinsa gaarii qabaachuu danda’u.

2. Gorsaa Ogummaannii (Professional counselor)


11 DBC “Be disciple and go to others to create the true disciple creators!”
Email: danbiblecoll@gmail.com / eleil0607generation@gmail.com
Phone: +251-468-217-144/+251-926-545-440; P.o.b. 2209 Hawassa, Ethiopia.
Dan Bible College (Koleejii Macaafa Qulqulluu Daan)

 Doktora fayyaa
 Dhibee sammuu kan yaalan
 Dhimma sammuu kan qo’atan
 Hojii gaarii irratti kan boba’an (social workers)
 Kutaa leenjii keessa kan hojjetan (professional counselor)

8. Gorsa Waldaa Kirstaanaa keessatti Godhamu

Geerri Kooliinis namichi jedhamu gorsa Kiristaanummaa Keessatti kan hirmaatu yeroo
ammaa bifa Kiristaanummaa kan qaban gorsa bakka shanitti hiree kaa’eera.

1. Barumsa hafuuraa fi barumsa dhimma samuu eegdota fudhataniin kan


raawwatamu (Main stream counselors)

Gorsitoonni akka kolleejjii barumsa hafuuraa erga baratanii booda, balaa gorsuu waan
qabanii kolleejjii birootti ammoo waa’ee kanaa kan baratani dha. Leenjii gama lamaanuu
waan qabaniif fiixaan bahiinsa guddaa argatu.

2. Barumsa Hafuuraa qofa kan barataniin kan ta’u (Evangelical pastoral counselors)

Kanneen akkanaa kun ammoo gorsa kennuuf kan itti fayyadamu macaafa qulqulluu dha.
Kana irraa ka’uun barsiisaa fi gorsa kennu.

3. Ogummaa gorsuu Kiristaanota qaban (Christian professionals)

Kanneen kun barumsaa biro kan gorsa kennuuf fayyadu kan baratan yemmuu ta’u,
lubannoo Macaafa qulqulluus kan qaban dha. Yeroo baay’ee namoota gargaaruuf kan itti
fayyadaman ogummaa baratanii fi macaafa qulqulluu dhajechuu dha.

4. Qorannoo kan godhan (Theoretician researchers)

12 DBC “Be disciple and go to others to create the true disciple creators!”
Email: danbiblecoll@gmail.com / eleil0607generation@gmail.com
Phone: +251-468-217-144/+251-926-545-440; P.o.b. 2209 Hawassa, Ethiopia.
Dan Bible College (Koleejii Macaafa Qulqulluu Daan)

Warri kun ammoo hojii gorsa kennuu irratti kan boba’an garuu qo’annoo fi qorannoo warra
geggeessan dha. Isaan kun baayyinaan yuuniversitii keessatti kan hojjetan dha.

5. Tajaajiltoota beekamoo (Evangelical popularizers)

Tajaajilatoonni kunniin irra caalaatti namootni rakkoolee garaa garaa keessa yemmuu
seenanitti haala akkamitiin gargaaranii akka baasuu danda’an yaaduun karaa kan
agarsiisanii dha. Gorsas kan kennan macaafa qulqulluu irratti hundaa’uun.

6. Gorsa Jechuun Akkas Jechuu Mitti

1. Odeeffannoo kennuu miti

2. Gargaarsa kennuu miti

3. Barsiisuu miti

4. Mala jijjiiruu miti

5. Kennaa gorsaa qofa miti

Tajaajilli gorsaa irra caalaatti garggaarsa kennuuf miti, kanneen armaan olitti caqasamanis
tajaajila gorsaa kennuuf in gargaaru. Tajaajilli gorsaa karaa ittiin namoota gargaaran yoo
ta’u, namootni ifatti:-

 Waan isaan barbaachisu adda baasanii kan beekan


 Isaan humnaa fi qabeenya qaban akka fayyadaman gochuu
Gorsuu fi dendeettii Gorsuu

1. Gorsuun – Hojii /tajaajila yoo ta’u

* Yeroo daangeffame ifatti qaba

* Bakka murtaa’aa ta’e qaba

13 DBC “Be disciple and go to others to create the true disciple creators!”
Email: danbiblecoll@gmail.com / eleil0607generation@gmail.com
Phone: +251-468-217-144/+251-926-545-440; P.o.b. 2209 Hawassa, Ethiopia.
Dan Bible College (Koleejii Macaafa Qulqulluu Daan)

* Yeroo itti xumuramu qaba

* wal amanuu kan qabatu dha

2. Dandeettii Gorsuu

* Gorsaa barumsa qabuun kan raawwatamu dha

* Gargaarsa gorsaa keessatti kan mul’atu dha

Gorsa kan barbaadan:

 Qabeenya
 Muuxannoo, barumsa fi miira
 Waa’ee ofii isaa yaada qabu hirmaachuu danda’uu dha

8. Nama Gorsa kennuuf wantoota barbaachisan


* Amanamummaa

* Gara laafessa

* Nama gorsamuuf yeroo kennuu

* Barumsaan kan bilchaate

* Muuxannoo kan qabu

* ifa kan ta’e

* sammuu banamaa kan qabu

* Dhugaa kan dubbatu

* Waa’ee ofii isaa cimsee kan beeku

* kan nama hawwatu

* Dorgommii kan danda’u

* sammuu gaarii ykn yaada nagaa kan qabu

* Nama gorsa barbaadu kan hin tuffanne

14 DBC “Be disciple and go to others to create the true disciple creators!”
Email: danbiblecoll@gmail.com / eleil0607generation@gmail.com
Phone: +251-468-217-144/+251-926-545-440; P.o.b. 2209 Hawassa, Ethiopia.
Dan Bible College (Koleejii Macaafa Qulqulluu Daan)

9. Gorsaa kiristaanaa Amala Qabaachuu qabu


Inni tokko isa kaan akka guddisu fedha kiristaanotaati. Kunis qaama Kiristoos kan ta’e gara
bilchinaatti akka dhufuuf.

Miiniiriizi Meeyer fi Wiicheem akka ibsanitti amala gorsaa kiristaanaa adda ta’uu akka
qabu dha. Kunis

1. Macaafa qulqulluu aboo isa olaanaa akka qabu gochuun fudhachuu


* Kiristaannoonni duubatti bafachuun akka jiraataniifis miti

* Macaafni qulqulluun ilmaan namootaaf amala jijjiiruu irratti shora inni taphatu guddaa
dha.

2. Hafuura qulqulluutti waan hirkataniif


 Aboo qaba jedhee fedha namootaa irratti kan hirkatu miti
 Rakkoo namootaa hiikuu kan danda’u hafuura qulqulluu irratti hirkatu

3. Kiristaanoon human cubbuu jala waan hin taaneef

4. Seenaa nama gorsa fudhatuu sirriitti waan hin taaneef

 Cubbuu duratti hojjetaniif dhiifama waan argataniif hin ceephaa’aman (1Yoh 1:9)
 Kanaafuu gara fuulduraa ilaalu( Fil 3: 13-14 )
 Hanga fedhe illee jireenya badaa kanaan dura mudateef ceephoon jiraatu illee kana
dhabamsiisuuf
- Mul’ataa fi
- Kadhannaa kan gaafatu yoo ta’es
 Amantoonni dhiiga Kiristoosiin qulqullaa’aniiru

5. Jaalala Waaqayyoo irratti kan dhaabbate dha

 Waaqayyo nu jaallata ( 1 Yoh 4:10 )

15 DBC “Be disciple and go to others to create the true disciple creators!”
Email: danbiblecoll@gmail.com / eleil0607generation@gmail.com
Phone: +251-468-217-144/+251-926-545-440; P.o.b. 2209 Hawassa, Ethiopia.
Dan Bible College (Koleejii Macaafa Qulqulluu Daan)

 Jaalalli isaa keessa keenyatti yemmuu dhangala’u warra kaan in jaallanna; in


kunuunsinas (Rom 12: 9-12)
 Gorsa kennaan Kiristaanaa tokko warra kaan waliin walitti firooma akka qabutti itti
dhagaahama
 Rakkoolee jiran yemmuu hiikanitti kiristoositti akka guddatan gargaara

6. Kan Ilaalatu eenyummaa namaa hundaati

 Foon, lubbuu fi hafuura


 Qaamni Namootaa ammoo martinuu kan wal qabatan dha

10. Adeemsa kenniinsa Gorsaa Akka Kiristaanaa ti

Tajaajilli gorsaa waajjuu, ykn deebisanii bituu (Qol 1:13-23) araaras buusuu dha. Adeemsi
kunis sadarkaa sadii qaba :

1. Walitti dhufeenya
2. Hubannoo fi
3. Itti gaafatamummaa dha

Adeemsonni kunniin adeemsa waajjuu tiif barbaachisoo dha. Sadarkaan kamillee qofaa isaa
guutuu miti. Adeemsi waajjuu yemmuu raawwatamutti duraa duubaan ta’uu qaba.

Sadarkaa tokko Walitti dhufeenya

 Ciminaanii fi amanamummaan kan raawwatamuu qabu dha. Walitti dhufeenyi


gorsaa hiriyyummaa irra kan darbe dha.Fayyinaaf kan ta’u abdii uumuun, wal
amantaa, wal kabajuu fi jaalalli in guddata.

1. Dhaggeeffachuu
Dhaggeeffachuun warra gorsa fudhataniif qalbii kennuu fi wal kabajuu of keessatti
hammata.

16 DBC “Be disciple and go to others to create the true disciple creators!”
Email: danbiblecoll@gmail.com / eleil0607generation@gmail.com
Phone: +251-468-217-144/+251-926-545-440; P.o.b. 2209 Hawassa, Ethiopia.
Dan Bible College (Koleejii Macaafa Qulqulluu Daan)

a. Wantoota karaa sirri ta’een adeemsiisuu of keessatti qabata.

b. Haala yeroof jiru to’achuuf gargaara.

c. Namni gorsa barbaadu jecha inni jedhe sirriitti yaadachuufis gargaara.

d. Waan salphaa caalaatti wantoota rakkisoo irratti xiyyeeffachuuf gargaara.

Dhaggeeffachuu gaarii wantoota dhorkan


1. Wantoota keessa
 Yaadachuuf kanneen dhorkan, dhiphina, jeeqamuu fi kkf

2. Wantoota Alaa
 Waca (Haasaa namoota biroo) , Haala qilleensaa
 Dhaggeeffachuuf haasaa nama rakkisu (difficult accent)
 Yeroon yoo darbe (Yeroo laaqanaa, shaayii)

2. Qabatamummaa
 Yeroo baay’ee namoonni kan namatti dhi’aatan haala dhoksaan
 Yeroo kanatti gaaffii gaafachuu (open ended question) fi yaada bu’uuraa kaasuuf
garaara
 Karaa sadiin iftoominaan akka ta’u gochuun in dandaa’ama
1. Amalaan
2. Miiraan
3. Yaadaan

Gaaffii gaafachuun maaliif akka barbaachiseef

Nama gargaaruuf gaaffii sirrii karaa sirrii ta’e gaafachuu danda’uun nama gargaaru irraa
waan eeggamu dha. Dandeettii gaaffii gaafachuu hubachuuf jireenya yesuus ilaaluun in
dandaamu kanaaf ammo wabii kan nuuf ta’u (Mar 9:2), Mat 17:25)

17 DBC “Be disciple and go to others to create the true disciple creators!”
Email: danbiblecoll@gmail.com / eleil0607generation@gmail.com
Phone: +251-468-217-144/+251-926-545-440; P.o.b. 2209 Hawassa, Ethiopia.
Dan Bible College (Koleejii Macaafa Qulqulluu Daan)

Gosa Gaaffilee

Yeroo gorsa kenninutti gaaffilee nuti gaaffachuu qabnu ijoon:

 Gaaffiilee ‘eeyee’ fi ‘miti’ jechuun deebi’an ta’uu hin qaban. Fakkeenyaaf,


baratteettaa? Akkana gooteettaa? Kan jedhan. Sababni isaa gaaffileen akkanaa
odeeffannoo baay’ee hin argamsiisan.
 Kan hin cufaa hin taanee fi deebii bal’aa qabaachuu kan danda’uu ta’uu qabu.
 Gaaffilee kaka’umsa uuman ta’uu qabu

Gaaffileen akkanaa kallattii argachuu fis ta’e agarsiisuuf faayidaan isaanii olaanaa dha.
Haala kanaan marii kana geggeessuuf kan haalli jiru hundi harka isa gorsa kennuu keessa
ta’a jechuu dha. Kallattiin yoo bade mariif rakkoo uuma.

Gama dadhabina gaaffii gaaffachuu

Gaaffii gaaffachuun wantoota gaarii akkuma qabu rakkoos qaba. Fakkeenyaaf

 Gaaffii yemmuu gaaffannu haala waliin marii irra caalaatti kallattii agarsiisuu kan
qabnu nu’i malee kan gorsa fudhatu miti.
 Yeroo marii goonutti gaaffii kallattii waan barbaachisuu osoo hin callisee waliin
dubbii gaaffii fi deebii ta’ee hafuu danda’a.
 Ammas xiyyeeffannoon keenya gaaffilee irra yemmuu ta’utti nama gorsa
fudhattuutti waan gaarii dubbachuuf yeroon in hanqata.
 Gaaffii yemmuu gaaffannutti waan hin barbaachifne irratti yerooo gubuu.

3. Jaalala

 Waaqayyoo nu jaallachuu isaa sirriitti nutti mul’iseera


 Gad fageenyaan walitti dhufeenya uumuun namni tajaajila gorsaa argatu tokko akka
fudhatame argateetti of akka simatu taasisa.

18 DBC “Be disciple and go to others to create the true disciple creators!”
Email: danbiblecoll@gmail.com / eleil0607generation@gmail.com
Phone: +251-468-217-144/+251-926-545-440; P.o.b. 2209 Hawassa, Ethiopia.
Dan Bible College (Koleejii Macaafa Qulqulluu Daan)

 Yeroo kanatti namni gorsa barbaadu tokko ifatti akka dubbatu, soda irraa walaba
akka ta’u, jijjiiramni akka itti fufuuf gargaara.

4. Amanamummaa

Kun namni tokko of tuulummaan osoo itti hin dhagaahamuu eenyummaa isaa kan
iftoominaan ibsu dha.

 Amanamummaan kan dhufu keessa keenyatti wanta nutti dhagaahamu waliin


wal’aansoo wal qabuun mo’atee karaa bahuun .
 Amanamummaa qabannee guddachaa jiraachuu keeny kan mirkaneessu raawwii
keenya guyyaa guyyaati .
 Amanamummaa faana namaa sodaachuu irraa walaba ta’uun qalbii diddiirannaa
laphee irra madde kan gochisiisu dha.

5. Kabaja

 Nama gorsa barbaaduuf Waaqayyo waan uumeef akka gatii namaa dhunfaa tokkooo
ti wanta kennamuuf dha.

Nama biroof kabajaa qabnu agarsiisuu qabna

Macaafin qulqulluunis isa kana akka guunu dubbata. Rom 12:10 fil 2:3 fi 1Phex 2:17

Namoota biroof kabajaa qabnu haala kamiin agarsiisuu dandeenyaa?

 Jechoota fayyadamnuun (2Xim 2:24, Efe 4:15, Fak 16, 21)


 Gocha raawwannuun (Lew 19:32)
 Rakkoo isaan quunnamu xiqqeessuu irra rakkoo isaanii keessatti gargaaruuf
carraaquun
 Waan nuti himan amanuun, (1Qor 13:7), Kanas immoo ibsuufii (2Qor 7:16)

19 DBC “Be disciple and go to others to create the true disciple creators!”
Email: danbiblecoll@gmail.com / eleil0607generation@gmail.com
Phone: +251-468-217-144/+251-926-545-440; P.o.b. 2209 Hawassa, Ethiopia.
Dan Bible College (Koleejii Macaafa Qulqulluu Daan)

Sadarkaa Hubannoo

Sadarkaa kanatti namoonni gorsa barbaadan akka namni gorsa kennu tokko yaada garaa
isaanii hubachuufi barbaade hubatu.

 Gorsa kan fudhatan


1. Yaadaa fi miira isaaniitiin
2. Miiraa fi amala isaaniitiin
3. Yaadaa fi amala isaanii gidduutti wanta walhin simatin hafe hubachuu
yaalu
 Sadarkaan yeroo gorsa kennuutti sadarkaa rakkisaa ta’uu danda’a, namni gorfamu
abdii kan itti muratuu fi itti godhatu ta’uu danda’a
 Shaakala sadarkaa kana irra jiran

Kun kan agarsiisu lubbuu nama gorsa fudhatuu irratti humna, ofitti amanamummaa,
eenyummaa, fakkeenyaan waan hordofu, yaada fudhachuu, fi kkf yaadota qabatu dha .

1. Ibsa Adeemsaa: Kun kan agarsiisu

 Tokko tokkoo adeemsa sochii jiru hubachuu fi deebii filannoo qopheessuu


- Rakkooleef karaa furmaataa qorachuu
- Walumaagalattu adeemsi gorsa kennuu akkamitti deemaa jira jechuun
madaaluu

2. Haala bu’a qabeessa hin taane beekuu

 Yaadaan, miiraaniifi
 Amalaan walitti dhufeenya gidduu isaanii jiru adda baafachuu

3. Carraafii of irraa dhorkuu beekuu – gorsa kan fudhatu

4. Wal’aansoo walqabuu: Kan agarsiisu dhugaa fiayyaana

20 DBC “Be disciple and go to others to create the true disciple creators!”
Email: danbiblecoll@gmail.com / eleil0607generation@gmail.com
Phone: +251-468-217-144/+251-926-545-440; P.o.b. 2209 Hawassa, Ethiopia.
Dan Bible College (Koleejii Macaafa Qulqulluu Daan)

5. Haala Yerootiin kan agarsiisu

 Nama gorsa kennuu fi fudhatu gidduu walitti dhufeenya jiru irratti xiyyeeffachuu
 Dhimmoota yeroo wajjin walitti dhufeenya hin qabne abdii kutaachiisuu waan
danda’aniif tursuu
 Iftoomina: Gorsa kan kennuu fi kan fudhatu
- Shaakkala
- Amala aarii yoo agarsiisuu akka qabu to’achuu
- Yaadaa fi miira

Kanneen hundi hubannoo fi barbachuu akkasumas shaakalamuu kan qaban dha.

Sadarkaa sadii – itti gaafatamumaa

 Kun kenneenisa gorsaa keessatti sadarkaa isa dhumaa yoo ta’u, sadarkaa hubannoo
irratti waan arganne kallattiin itti gaafatamaa ta’uu dha. Sadarkaa kanatti
wantoonni ta’an:

1. Ibsoota karoora agarsiisan

 Jijjiirama amala irratti dhufeef deebii kennuu jalqbuu agarsiisa

2. Galma Fiixaan ba’iinsa argamsiisuu danda’u ijaaruu

Wanta gorsinu irraatti hundoofne akkamitti akka fixaan baafnu beeku qabna.

3. Galmichaaf akka fiixaan ba’iinsa argatuuf carraaquu

 Akkaataa sagantaa baheetti maal, maal dhiyaachuu akka qabu ilaaluun, akkasumas
eenyufaan akka itti hirmaachuu qaban to’achuun haala jiran mijeessuu

21 DBC “Be disciple and go to others to create the true disciple creators!”
Email: danbiblecoll@gmail.com / eleil0607generation@gmail.com
Phone: +251-468-217-144/+251-926-545-440; P.o.b. 2209 Hawassa, Ethiopia.
Dan Bible College (Koleejii Macaafa Qulqulluu Daan)

4. Karoor gochaa baasuu

 Karoora kana keessatti kanneen gufuu ta’uu danda’an adda baasuun beekuu

11. Amala Addaa Kiristaana Gorsa kennu Tokkoo

Namoota biro gargaaruuf ogeessa ta’uun alatti amalootni barbaachisoo ta’an kan biro illee
jiru

1. Jabinaa fi dadhabina ofii beekanii fudhachuu

2. Ilaalcha fudhatama argachuu

 Namoota biroo irratti murteessuun akka isaan fageessu


 Yaadni fudhatamaa garuu namoota ofitti dhi’eessuu dha (Gal 6:1)

3. Dandeettii dhaggeeffachuu

 Hubannoon dhaggeeffachuu guddifachuu (Ib 1:19)

Dandeetti dhaggeeffachuu

Dhaggeeffachuun uumaamaan qabna jechuun yeroo baay’ee rakkoo dhaggeeffachuu akka


qabu illee kan hubannu muraasa. Dhaggeeffachuun ammoo waan namni tokko jedhuuf
xiyyeeffannoo kennuun wanta raawwatamu dha. Kanaaf macaafni qulqulluun kan nu gorsu
(Fak 8: 13, 17 Yaaq 1:20 )

Dhaggeeffachuu jecha tokko qofa miti, haala sagalee namootaa illee haala itti hubannu dha.
Yeroo kana ammo yaadaa fi miira isaa hunda hubachuu dandeenya.

Dandeettiin dhaggeeffachuu hojii gorsaa keessatti bakka guddaa qaba. Kanaaf yeroo gorsa
kenninutti bakka fi yeroo filachuun kan barbaachiseefis. Yeroo kana goonutti ammo
namichi gorsa fudhate ifatti yaada isaa himachuu danda’a. kana jechuun yeroo nuti qalbii

22 DBC “Be disciple and go to others to create the true disciple creators!”
Email: danbiblecoll@gmail.com / eleil0607generation@gmail.com
Phone: +251-468-217-144/+251-926-545-440; P.o.b. 2209 Hawassa, Ethiopia.
Dan Bible College (Koleejii Macaafa Qulqulluu Daan)

laannee dhaggeeffannu jechuu dha. Innis ammo sirriitti akka dhaggeeffatu gochuun
barbaachisaa dha. Hubannoo kana ammo uumuuf:

 Nama gorsamuu wajjin fuulaa fuulatti taa’uu


 Ijaan wal ilaaluu fuuletti
 Akka dhaggeeffachaa jirru jechootaa agarsiisuu
 Waan namichi gorsa argatu jechu irra yaada kaa’uu
 Waan dubbatame keessatti wanti ifa hin taane yoo jiraate gaaffii gaaffachuu

4. Laphee jaalalaa

 Jaalalli dhugaan jabaachuu kan danda’u namni tokko ofii isaa qopheesee nama
biro dhagahuu yoo danda’e dha (Rom 12:15, Gal 6:2)

5. Waaqayyo irratti kan hirkatu

6. Adeemsa sirrii ta’e barachuuf fedhii kan qabu

 Gaaffilee faayida qabeessa ta’an namoota gaafachuu


 Jaalala ibsuuf ykn jabinaa fi laafina agarsiisuuf yeroo sirrii ta’uu beekuu qaba

7. Sagalee Waaqayyootti akka fayyadamu kan beeku ta’uu qaba

8. Kan amanamuu fi iccitii kan eeguuta’uu qaba

9. Ofii isaa kan sirriitti beeku ta’uu qaba

 Waan namni biro dhi’eessuuf fedhii isaanii hubatee guutuufii kan dnada’u
 Gorsitoonni gama jabinaa fi laafina isaanii beekuu qabu

23 DBC “Be disciple and go to others to create the true disciple creators!”
Email: danbiblecoll@gmail.com / eleil0607generation@gmail.com
Phone: +251-468-217-144/+251-926-545-440; P.o.b. 2209 Hawassa, Ethiopia.
Dan Bible College (Koleejii Macaafa Qulqulluu Daan)

Nama gorsaa jirru gorsaa kan biraatti yemmuu dabarsuu


yaannu maal gochuu akka qabnu

1. Nama gorsaa jirru namni biroo osoo gorse gaarii dha jennee yoo yaanne
2. Hawwaasicha keessatti tajaajila adda addaa dhaabbata kennan jiraa (dhaabbata
fayyaa) teessoo yoo qabaatan waan isaan qaban beekuun akka itti fayyadaman
3. Nama gorsaa jirru namni kan biro yoo gorse gaarii akka ta’u ifatti itti himuu qabna
4. Kan itti himuu nuti waan raawwachaafii jirru caalaa namni biro akka gargaaruu
danda’u dha

12. Yeroo Gorsa kennuutti naamusa eegamuu qaban

a. Iccitii eeguu : Wanti iccitii akka eegnu nu godhan waan baay’etu jiru

1. Waan barreeffamee jiru illee nama qorfamutti agarsiisuu hin qabnu. Sababni isaa waa’ee
namicha gorsiinuu waan barreeffamaan qabnu yoo arganne abdii kutachuu waan
danda’uuf

2. Adeemsa gorsuu keessatti waantoota argaman fakkeenya godhachuun itti fayyadamuun


tasumaa hin barbaachisu

Namoonni baay’een yeroon isaa yoo fagoo ta’e rakkina hin qaba Jedhanii amanu. Garuu
hangam illee yeroo fagoo keessatti waan raawwatame yoo ta’e rakkoon walfakkaatu nama
biraa irratti mul’achuu hin hafu. Fakkeenya fudha chuun dirqama ta’ee yoo argame illee of
eeggannoon gochuu to irraa eegama.

b. Waa’ee Nama gorsu tokko nama gorfamutti dubbachuu hin barbaachisu

Nama gorsa fudhatu waliin kongumaa waa’ee nama gorsa kennu tokkoo dubbachuun hin
barbaachisu .Sababni isaa:

24 DBC “Be disciple and go to others to create the true disciple creators!”
Email: danbiblecoll@gmail.com / eleil0607generation@gmail.com
Phone: +251-468-217-144/+251-926-545-440; P.o.b. 2209 Hawassa, Ethiopia.
Dan Bible College (Koleejii Macaafa Qulqulluu Daan)

1. Akka tasaa ta’ee namichi gorsa fudhachaa jiru kun nama biraa mari’achiisee
dhufeera ta’a. Yeroo nuti waa’ee gorsaa biraa itti dubbannu jeeqamuu danda’a.
2. Namni gorsa kennu kan biroo ejjennoon isaa keenya irraa adda ta’uu danda’a. As
irratti wanti hubachuu qabnu namni gorsa kennuu hundinuu muuxannoo mataa isaa
akka qabu dha. Garaagarummaan waan jiruuf dirqama keenyaa wajjin waan wali hin
fakkaanneef sirrii miti jechuu hin dandeenyu.
3. Kana malees nuu hin ifne kanneen biroo gidduutti wal dorgommii hin barbaachifne
uumuu waan danda’uuf. Dorgommiin kun immoo nama gorfamu gargaaruu irra
dandeetti keenya agarsiisuu ta’a. Kun immoo kaayyoo gorsa kennuu nu dagachiisa.

c. Walitti bu’iinsa qaamaa fi walitti dhiyyeenya murteessuu :-

Yoo baay’ee barbaachisaa ta’uudhaa baate nama gorfamu harka keenyaan tuquun
barbaachisaa miti. As irratti wanti hubachuu qabnu namni biro nama fudhatame dhibe
tokko haala nutty itti dhiyyaanee gorsinuun ilaaluu dhiisuu waan danda’uuf.

 Saala faallaan kan wal qabate, yemmuu mul’achuutti ka’utti nama gorsa fudhatuuf
sirriitti ajjennoo cimaa akka qabaatu ibsuun haala sana keessaa ba’uus baasuus
yaalu. Yoo miira sana keessaa hin bane, gorsi kennamu faayidaa waan qabneef
yeroo dhaabutu mijata.
 Qaamaan walitti bu’uu irraa of eeggachuu kan barbaachiseef keessattuu saala
faallaatiif. Faakkeenyaaf nageenya walgaafachuu keessatti yeroo baay’ee wal
hammatanii turuun balaa qaba. Yoo mul’achuu baate iyyuu yeroo booda rakkoo
uumuun isaa hin oolu.
 Gorsa kenninu keessatti kan hin barbaachifne garuu walitti dhufeenya cimaa kan
agarsiisan dhimma dhuunfaa irraa of eeggachuu. Ammas as keessatti saala faallaa
waliin hanga murtaa’ee ol yoo turre kaayyoo kaanef irraa kaachuu waan
dandeenyuuf. Kunis namoota qorumsa hin barbaachifne keessa galchuu ta’a.

25 DBC “Be disciple and go to others to create the true disciple creators!”
Email: danbiblecoll@gmail.com / eleil0607generation@gmail.com
Phone: +251-468-217-144/+251-926-545-440; P.o.b. 2209 Hawassa, Ethiopia.
Dan Bible College (Koleejii Macaafa Qulqulluu Daan)

 Yeroo gorsi nuti kenninu fudhatu murteessuun barbaachisaa dha. Kunis miira hin
taane keessatti yeroo akka hin gubineef. Yeroon murteesinu, yoo rakkoo guddaa
ta’uun baate altokkotti sa’a tokkoo ol ta’uu hin qabu
 Bakka itti gorsi kennamus murteessuun barbaachisaa dha. Kunis bu’uu dhufuuf
jiru irratti dhiibbaa inni uumuu danda’u guddaa waan ta’eef. Fakkeenyaaf naannoo
kaafi teeriyaatti yoo goone dhiibbaa uumamuu danda’u tilmamuun nama hin
dhibu. Kana yoo jedhamu haala waldhagga’uf mijatuuf, bakka filachuu dha malee
raawwatee qophaa ta’uu miti. Keessattuu saala faallaa waliin yemmuu godhamutti
bakka filachuu irratti illee of eeggannoo gaafata.

d. Fedhii dhuunfaa irratti gorsa hundaa’e

Gorsi fedha dhuunfaa irratti kan hundaa’e dha kan jedhamu:-

1. Namni gorfamu umrii gorfamuuf gahe irra akka seeraan hayyamameef irra akka
gahe. Namni gorfamu ijoollee yoo ta’e maatii waliin ta’uu qaba.
2. Gorsa kennamu ilaalchisee guutummaa guutuutti odeeffannoo nama gorfamuuf
kennuu fi namni gorfamuus kana irratti hundaa’ee adeemsa kana keessa darbuuf
fedha yoo qabaate.
3. Odeeffannoo kennameef namni gorfamu hubachuu yoo danda’e

13. Saddeettam Bu’uura Gorsaa

Kunniin adeemsa gorsa kennuu keessatti fatyyadan dha .

 Dandeettii gorsa kennuu keessatti inni guddaan dhaggeeffachuu danda’uu dha


 Gad fageenyaan dhaggeeffachuun nama gorsa barbaadhuuf waan ibsu .Sababaa
wajjin jaalala wal hin qabanne akka namni gorsu qabaatuf. Akkasumas na simachaa
jira jedhees waan yaaduuf

26 DBC “Be disciple and go to others to create the true disciple creators!”
Email: danbiblecoll@gmail.com / eleil0607generation@gmail.com
Phone: +251-468-217-144/+251-926-545-440; P.o.b. 2209 Hawassa, Ethiopia.
Dan Bible College (Koleejii Macaafa Qulqulluu Daan)

1. Xiyyeeffannoon hordofuu (Attention)

 Walitti dhufeenya jechaan hin ibsamne, 65% ol kan ta’u walitti dhufeenyi
jechootaan hin ibsamu
 Ol ka’iinsaa fi gad bu’iinsa sagalee (Tone of voice)
 Fuula irraa waan dubbiffamu (facial expression)
 Haala Naannoo (the environment)
 Walitti dhiyyeenya qaamaa (1-5 meter)
 Wal tuqiinsa (appropriate touch)

Kaka’umsa qabaachuun baay’ee barbaachisaa dha

Yeroo gorsaa keessatti gahee duraa fudhachuu danda’uu baay’ee barbaachisaa dha.
Fakkeenyaaf namni gorfamu osoo addaan hin kutin waan dhimma isaa hin taane keessa
yoo jiraate, hin kutin waan dhimma isaa hin taane keessa yoo jiraate, karaa irraa yoo jallate,
karaa sirrii qabsiisuu, ejjennoo qabaachuu

2. Kabaja (Respect) fudhachuu qofa

 Nama gorsa barbaadu tuffachuu miti, nama kamiyyuu dha.


 Yaada nama gorsa barbaaduu dhagahuu
 Yaada isaa kana tuffachuu hin qabnu yoo itti walii hin galle illee
 Rakkoo isaa kan kee godhachuun furmaata barbaadi

3. Gara laafummaa (Emphathy)

 Yaada namni gorsa barbaadu dubbate karaa biraan ibsiif


 Yaada inni sitti hime cuunfuun gabaabsii calaqqisiis
 Miirri isaa gafii qabaachuu qaba
 Waan namichi jedhee olitti guddisanii agarsiisuu hin barbaachisu

Garaamummaa itti agarsiisuu (gadduufii)

27 DBC “Be disciple and go to others to create the true disciple creators!”
Email: danbiblecoll@gmail.com / eleil0607generation@gmail.com
Phone: +251-468-217-144/+251-926-545-440; P.o.b. 2209 Hawassa, Ethiopia.
Dan Bible College (Koleejii Macaafa Qulqulluu Daan)

Nama gorfamu gara laafummaa sirrii itti agarsiisuu barbaachisa kanaaf ammoo fakkeenya
nuuf ta’uu kan danda’an macaafa qulqulluu keessaa Gooftaa Yesuusiif Phaawuloos.
Fakkeenyaaf Mat 9:36 irratti “Inni namoota akka hoolata tiksee hin qabneetti bututanii,
gatamanii turan sana Yommuu arge isaaniif oo’e.” Akkasumas Mar 10:21, Luq 7:11-15,
19:41, Yoh 11:34 dubbisuu dandeenya. Kutaawwan kunniin ifaatti kan nu agarsiisan nama
biroo gargaaruuf sadarkaan duraa gara laafummaa akka ta’e dha. Nutis yaada kana
hubachuu qabna.

Phaawuloos ammoo Hoe 20:31 irratti “kanaafis dammaqaa! Waggaa sadii halkanii fi guyya
utuu gargar hin kutin imimmaaniin akkan tokkon tokkoo keessan gorsaa ture yaadadhaa!”
Akkas jechuu hangam walitti dhufeenyaa guddaa fi hangamis onnee isaa irraa isaaf yaadaa
akka ture yaadachiisa. 2Qor 2:4 irratti Phaawulos akkas jedha,” yaadni garaa koo guddaa
utuu rakkatuu dhiphatuus, immimmaan baay’ee lolaasee isiniif caafuun koo, jaalala guddaa
ani isiniif qabu sana akka beektaniif malee, isiin gaddisiisuuf miti.” As irratti Phaawulos
wanta warra Qoronxoosiif yaada keessa onnee isaatii, gad fageenyan malee akkasumaan
yeroof qofa hin turre. Kutaa biro phaawulos jaalala gad fageenya qabu ibsu 2Qor 11:28-29,
1Tas 2:7-8, Nutis egaan tajaajila gorsaa kenninus ta’e kan biro keessatti gara laafummaa
dhugaa agarsiisuu qabna malee waan yeroo gabaabduutti jennee darbuu hin qabnu.

Haala akkamiin Gara laafummaa Agarsiisuu kan dandeenyu?

 Bakka isaanii offii keenya keenyee yaaduu:- Kunis jireenya isaanii hirmaachuu irraa
kan dhufu ta’a jechuu dha. (Ib 4:15)
 Dadhabina keenyaa fi cubbamoota ta’uu keenya ilaaluun :- Namni biraa ana caalaatti
cubbumaa waan ta’eef rakkoo kana keessa seene jechuu irra anis cubbumaa dha,
dadhabaadhas jedha mii yaaduu agarsiisa. (Gal 6:1),” Yaa obbolootako, namni tokko
utuu itti hin yaadin cubbuu kamitti illee yoo kufe, isin warri hafuuraan
geggeeffamtanii jiraattan, hafuura garraamummaatiin akkaa duriitti isa deebisaa!”
 Garaamummaa hojiin mul’isuu:- Fakkeenyaaf, Fil 1:8 irratti “Jaalala isa garaa
kiristoos yesuus keessaa argamuun akkan isin yaada Waaqayyo in beeka.” Jedha
28 DBC “Be disciple and go to others to create the true disciple creators!”
Email: danbiblecoll@gmail.com / eleil0607generation@gmail.com
Phone: +251-468-217-144/+251-926-545-440; P.o.b. 2209 Hawassa, Ethiopia.
Dan Bible College (Koleejii Macaafa Qulqulluu Daan)

Phaawuloos. Karaa biraa immoo isaaniif kadhachuun (Qor 4:12). (Rome 12:15)
“warra gammadanii wajjin gammadaa; warra boo’anii wajjinis boo’aa!” kana malees
Qol 4:6, Mat 12:1-7, 1Yoh 3:17 dubisuu dandeenya.
4. Haqummaa (Genvineness)
 Nama gorsa barbaaduuf ifa taanee dhagahun qabna.
 Kun immoo iccitii eeguun kan wal qabate dha
5. Of ibsuu (self disclosure)
 Muuxannoo dhuunfaa keenyaa haala gaarii ta’een hiruufii
 Fayidaa qabeessa; garuu yeroo baay’ee in balleesina
6. Iftoomina qabatamaa (concreteness)
 Waan mul’atu fi qabatamaa ta’e
 Tokko tokkoon tarreessuun gad fageenya wanta qabutti dhufuu
7. Wallaansoo (Challenging confrontation)
 Waan namichi raawwate ibsuun
 Sadarkaan gorsaa kun isa rakkisaa dha
8. Gidduu seenuun hirmaachuu (Immediacy)
 Mari’achuu, yaadicha wal nyaachisuu, yaada nama gorsa barbaaduu jijjiiruu
 Gidduu seenuun (Intervention Immediacy) kaayyoolee bu’uuraa Afur qaba
1. Haaromsuuf (torestore)
2. Duratti qalbii gaarii ture deebisuuf (tosustain)
3. Fooyyessuuf (to improve)
4. Jijjiiruuf (to change)

- Sadarkaa garaa garaa irraa amala jiru jijjiiruu

- Gara sadarkaa itti aanuun akka dhufugochuu

- Kana wanti qoonuuf namichi gorsa barbaadu gara waan fooyya’atti


akka dhufuuf

29 DBC “Be disciple and go to others to create the true disciple creators!”
Email: danbiblecoll@gmail.com / eleil0607generation@gmail.com
Phone: +251-468-217-144/+251-926-545-440; P.o.b. 2209 Hawassa, Ethiopia.
Dan Bible College (Koleejii Macaafa Qulqulluu Daan)

XV. Geggeessummaa fi dandeettii gorsaa

1. Tajaajila gorsaa geggeessaa tokkoo: Miseensota waldaa dhuunfaan, maatiin akkasumas


gareen rakkoo isaan quunname keessaa ba’uu akka danda’aaniif gorsa ta’u dha.

* Yeroo kana kennaa dhibee irraa nama fayyisuu yoo qabaate kadhateef quumaata

argamsiisuuf

* Waldaa kana keessatti qooda guddaa yoo fudhatte miseensonni ishee salphaatti waan
barbaadan argatu.

* Yaadni gorsaa yemmuu ka’u …

1. Namni gorsa barbaaduu jiraachuun isaa erga beekamee booda bakkaa yeroo murteessuu
dha

2. Namni gorsa barbaadu waan addaa tokko barbaacha akka dhufe yaaduu dha

3. Namni gorsa barbaadu rakkoo akka qabu, garuu rakkoon isaa maal akka ta’e hubannoo

dhabuu danda’a.

4. Dhimmi gorsaa kan jalqabu kan gorsa barbaadu gara eegduu waldaa kiristaanaa dhufuun

5. Eegduun sunis xiyyeeffannoo kan kennu dhimma hafuuraa qofaaf osoo hin taane,
kallattiin rakkoo namichaaf.

6. Miseensa waldaa keessaa rakkoo hafuuraa, hawwaasummaa, sammuu fi kkf namni qabu
gara eegduu waldaa yemmuu dhufu gorsuu jalqaba.

7. Bu’uurri yaada gorsaa Namoota rakkatan:

* Madaa isaanii:- waan isaan miidhee deeme /darbe

* Wal’aansoo isaanii:- amma kan ta’a jiruufi kan darbe

30 DBC “Be disciple and go to others to create the true disciple creators!”
Email: danbiblecoll@gmail.com / eleil0607generation@gmail.com
Phone: +251-468-217-144/+251-926-545-440; P.o.b. 2209 Hawassa, Ethiopia.
Dan Bible College (Koleejii Macaafa Qulqulluu Daan)

* Dhiphina isaanii:- gara fuul duraatti naquunnamuu danda’a jedhanii kan sodaatan

akkasums kan yeroof itti dhiphachaa jiran gara Waaqayyoo fiduun furmaata akka

argatan gochuu

8. Eegduun warra gorsa barbaadan waliin ta’uun mari’achuu

9. Nama gorsa barbaaduun kaayyoon ka’e fiixaan ba’a

10. Eeguun gorsa kennu walitti dhufeenya nama gorsa fudhatu waliin godhu kan
daangeffame ta’uu qaba.

2. Kaayyoo eegduu /geggeessaa/ gorsa kennuu

* Tajaajilli hafuuraa kamilleefiixaan ba’iinsa akka qabaatuuf kaayyoo qabaachuu qaba

* Yoo kaayyoo hin qabaanne, fiixaan ba’insa hin qabaatu

* Kaayyoo godhachuu kan qabus

9. Guddina /bilchina/ hafuuraf

* Namoon gara bilchina hafuuratti akka dhufaniif

* Walitti dhufeenya Waaqayyoo wajjin qaban akka guddifatan gochuuf

b. Gorsa kan barbaadan haala keessa jiran keessaa ba’uun rakkoo isaanii keessaa ba’uu
akka danda’an

c. Haalota garaa garaatiin tokkummaa obbolootaa keessaa kan bahan akka deebi’an gochuu

3. Gorsaan eegduu /tajaajilaa / ta’e eenyu?

a. Waldaa Kiristaanaa keessatti kan tajaajiluu tiksee waldaa

o Beekumsa amantii kan qabu /hafuuraa/ macaafa qulqulluun

31 DBC “Be disciple and go to others to create the true disciple creators!”
Email: danbiblecoll@gmail.com / eleil0607generation@gmail.com
Phone: +251-468-217-144/+251-926-545-440; P.o.b. 2209 Hawassa, Ethiopia.
Dan Bible College (Koleejii Macaafa Qulqulluu Daan)

o Waaqayyo biraa waamicha kan qabu


o Gorsa kennuutti kan guddate
o Guddina gama maraa missensota isaaf kan caraaqu

b. Amala gorsa kennuuf ta’u kan qabu

o Iftoomni kan irraa calaqqisu


o Kan dubbatuu fi raawwatu kan walsimu
o Oftummaan kan irraa hin calaqqisne
o Eenyummaa isaa sirriitti kan beeku

c. Gorsa warra barbaadan homaa tokko irraa ka’ee oso hin taane akkasumaan gorsuuf kan
fedhu

o Rakkoo keessa kan jiran kan simatu


o Warri gorsa barbaadan ofii isaanii akka of simatan kan godhu
o Jaalala Waaqayyo isaaf qabu, warra rakkoo keessa jiranitti agarsiisuu kan danda’u
(Yoh3:16, 13:34, 15:12, Rom 5:8)

d. Ofii isaa namoota biro keessa galchuun rakkoo isaanii akka kan ofii isaatti fudhatee
furmaata

kan barbaaduuf (Rom 12:15, 1Qor 12:26)

e. Eenyummaa ofii isaa sirriitti kan beeku

o Waaqayyoon kan jallaatame akka ta’e


o Waaqayyo na simateera jedhee kan amanu
o Ofii isaatii gatii akka qabu kan galeef (Mat 22:39)

Hubadhu:

o Ofii isaa sirriitti kan beeku eegduun:


o Waanta raawwatuun of madaaluu danda’a
32 DBC “Be disciple and go to others to create the true disciple creators!”
Email: danbiblecoll@gmail.com / eleil0607generation@gmail.com
Phone: +251-468-217-144/+251-926-545-440; P.o.b. 2209 Hawassa, Ethiopia.
Dan Bible College (Koleejii Macaafa Qulqulluu Daan)

o Tajaajila kan kennu hiikaa jireenyaa isaa mul’isuu


o Waan alaan mul’atan irratti hin xiyyeeffatu

f. Jireenya hafuuraa madaalamaa ta’ee fi beekumsa kan qabu dha

o Eegduun gorsu tokko waan hin fudhanne kennuu waan hin dandeenyeef
o Waan beeke kan jiraatu ta’uu qaba
o Waaqayyoo wajjin walitti dhufeenya hafuuraa gaarii kan qabu ta’uu qaba

g. Ayyaanni eebbi Waaqayyoo karaa ittiin darbu meeshaa Qulqulluu ta’uu qaba.

Xumura (Conclusion)

Egaan ifatti ilaaluun akkuma dandaa’amu tajaajilli gorsaa, namni rakkoo keessa jiru tokko,
rakkoo keessaa bahee jireenya tasgabaa’aa akka jiraatu gochuu dha. Kana irra darbees
jireenya adeemsa keessa fooyya’aa deemu akka jiraatuutis. Kunis hojii hafuuraa ti. Namichi
altokko gorsa argate gara fuulduraattis rakkoo isa mudatu keessas haala ittiin darbu karaa
agarsiisuu dha. Karaa hundaa ammoo haala itti Waaqayootti dhiyaatu mijeessuufii dha. Kun
egaan waldaa Kiristaanaaf hojii guddaa waan ta’eef akka salphaatti ilaaltee bira darbuu hin
qabdu. Innumaayyuu akka taajila tokkootti waldaa keessatti itti fayyadamuu qabdi malee.

Yadni Gorsaa Yemmuu akka eegduutti /geggeessaatti/ tajaajila gorsaa kan kennu ayyaana
Waaqayyoo hubachuun Waaqayyo akka isaa wajjin jirus yaadaa jireenya isaanii karaa sirrii
fi fiixaan ba’iinsa haala qabuun geggeessuu akka dandaa’anitti haala qindaayeen yeroo
muraasaaf gorsa kannamu dha.

Miseensota ykn warra gorsa barbaadan fayyisuuf

* Nama gorsa barbaadu tursuuf

* Nama gorsa barbaadu geggeessuuf

* Nama gorsa barbaadu araarsuuf

33 DBC “Be disciple and go to others to create the true disciple creators!”
Email: danbiblecoll@gmail.com / eleil0607generation@gmail.com
Phone: +251-468-217-144/+251-926-545-440; P.o.b. 2209 Hawassa, Ethiopia.
Dan Bible College (Koleejii Macaafa Qulqulluu Daan)

* Namni gorsa barbaadu gara Waaqayyootti akka dhi’aatuuf isa gargaara

Kaayyoo eegaa

* Addamii fi Hewaan kufaatii hafuuraa keessa osoo hin galiin dura, Naannoo isaanii waliin,
Ofii isaanii waliin, Waaqayyoo wajjin walitti dhufeenya gaarii qabu turan

* Walitti dhufeenyi Waaqayyoo wajjin qaban yoo boora’u ofii isaanii wajjin walitti
dhufeenyi jirus bade, (Rakkoo Sammuu) Uum 3:7

* Inni tokko rakkoo mataa isaa fudhachuu irra isa kaan irra kaa’uu eegale Uum 3: 12-13

- Rakkoo sammuu rakkoo hawwasummaa fiduu hin oolu

- Rakkoon hawwaasummaa rakkoo naannoo uuma

* Addaamii fi kewwan bakka turan keessaa ba’an

- Rakkoo isaanii irraa kan ka’e lafti gidiramte

* Namni gorsa barbaadu gara ayyaana Waaqayyootti akka deebi’u haala mijeessaaf

* Eegduun gorsu tokko haala bu’uuraa gorsamaa tokkoo hin jijjiiru. Haa ta’u malee
haala rakkoo ta’an keessaa akka ba’uuf haala mijeessaaf.

* Adeemsi kun gara jireenya biraa keessa kan seensisuu dha

* Gara yaada biro keessa seensuuf ammoo dhaggeeffachuun qajeelfama guddaa dha

* Miira warra gorsa fudhatanii adeemsa itti hirmaatan dha.

34 DBC “Be disciple and go to others to create the true disciple creators!”
Email: danbiblecoll@gmail.com / eleil0607generation@gmail.com
Phone: +251-468-217-144/+251-926-545-440; P.o.b. 2209 Hawassa, Ethiopia.

You might also like