You are on page 1of 24

Biiroo Barnootaa Oromiyaa

Qajeelfama/Guideline/ Kenniinsa Qorumsa Xumura

Barnoota Sadarkaa Tokkoffaa

(Kutaa 8ffaa)

Caamsaa/
2015

Finfinnee
Baafata
Qabiyyee Fuula

1. Seensa ................................................................................................................................ 1
2. Kaayyoo Qajeelfamichaa ………………………………………………………………... 1
3. Galma ……………………………………………………………………………………. 2
4. Barbaachisummaa Qajeelfamichaa ……………………………………………………… 2
5. Hiika Jechootaa …………………………………………………………………... 2
6. Gahee Hojiifi Itti Gaafatamummaa Caasaalee Barnootaafi Qooda Fudhattootaa ……… .. 2
6.1. Gahee Hojii fi Itti Gaafatammuu Biiroo Barnootaa Oromiyaa ………………………. 2
6.2. Waajjira Barnoota Godinaa/ Bulchiinsa Magaalaa …………………………………… 3
6.3. Waajjira Barnoota Aanaa/Magaalaa / kutaa Magaalaa ……………………………….. 4
6.4. Manneen Barnootaa ……………………………………………………………………5
6.5. Itti Gaafatammummaa Waajjira Bulchiinsaafi Nageenyaa/Poolisii/Milishaa
Aanaa/Magaalaa …………………………………………………………………………5
7. Gahee Hojiifi Itti Gaafatammummaa Raawwachiistota Qorumsaa …………………….… 6
7.1. Qindeessaa kilaastaroota aanaa/bul mag/kutaa ………………………………………. 6
7.2. Itti Gaafatamaa Kilaastaraa/Wiirtuu Qorumsaa ……………………………………… 6
7.3. Itti Gaafatamaa Buufata Qorumsaa …………………………………………………... 7
7.4. Supparvaayiza …………………………………………………………………….….. 8
7. 5. Qoraa ………………………………………………………………………………… 9
7.5.1. Qoraa Qaroo Dhabeeyyii ……………………………………………………. …. 11
7.6. Dirqama Raawwachiiftota Qormaataa ……………………………………………….11
7.6.1. Itti gaafatmaa Kilaastaraa/Wirtuu Qorumsaa …………………………………….11

7.6.2. Itti gaafatamaa Buufata Qorumsa……………………………………………… 11


7.6.3. Supparvaayizara……………………………………………………………… … 11
7.6.4. Qoraa ……………………………………………………………………………. 12
7.7. Ulaagaalee Raawwachiistonni qorumsaa Ittiin Filataman……………………………. 12
7. 7.1. Itti gaafatamaa Kilaastara Qorumsaa ……………………………………………. 12
7.7.2. Itti Gaafatamaa Buufata Qormaataa…………………………………………… … 12
7.7. 3. Supparvaayizara …………………………………………………………………. 13
7.7.4. Qoraa ……………………………………………………………………………... 13
7.7.5. Qoraa Qaroo Dhabeeyyii ……………………………………………………….…13
7.7.6. Haala Kenniinsa Qabxii Filannoo Raawwachiistota Qorumsa …………………. 14
8. Gahee Hojii fi Itti Gaafatamummaa Koree Olaanaafi Koree Taaksifoorsii
Naannoo Hanga Kilaastara Qorumsaatti Hundeeffamuu ………………………........ 14
8.1. Sadarkaa Naannoo ………………………………………………………………… 14
8.1.1. Koree Olaanaa Sadarkaa Naannoo……………………………………………..14
8.1.2. Gahee Hojii Koree Olaanaa Sadarkaa Naannoo………………………………..15
8.1.3. Koree Taaksifoorsii Naannoo ………………………………………………….15
8.1.4. Gahee Hojii Taksifoorsii Naannoo…………………………………………….15
8.2. Sadarkaa Godinaa/Bulchiinsa Magaalaa……………………………………………15
8.2.1. Koree Olaanaa Sadarkaa Godinaa/ Bulchiinsa Magaalaa……………………...15
8.2.3. Gahee hojii Koree Olaanaa Sadarkaa Godinaa/Bulchiinsa Magaalaa………. 16
8.2.4. Koree Taaksifoorsii Godina/Bulchiinsa Magaalaa…………………………... 16
8.2. 5. Gahee Hojii Koree Taaksifoorsii Sadarkaa Godinaa/Bulchiinsa Magaalaa…...16
8.3. Sadarkaa Aanaa/Bulchiinsa Magaalaa/Kutaa Magaalaa ……………………………….… 17

8.3.1. Miseensota Koree Olaanaa Sadarkaa Aanaa/Bulchiinsa/Kutaa Magaalaa……17


8.3.2. Gahee Hojii Koree Olaanaa Aanaa/Bulchiinsa/Kutaa Magaalaa …………….17
8.3.3. Miseensota Koree Taaksifoorsii Aanaa/Bulchiinsa/Kutaa Magaalaa………... 18
8.3.4. Gahee Hojii Taask Foorsii Sadarkaa Aanaa/ Bulchiinsa/Kutaa Magaalaa … 18
8.4. Sadarkaa Kilaastara Qorumsaa ………………………………………………….. 18
8.4.1 Gahee Hojii Taaksi Foorsii Kilaastara Qorumsaa ………………………………19
9. Mirgaa fi Dirqama Qoratamtootaa ………………………………………………….... 19
9.1. Mirga Qoratamtootaa ………………………………………………………………19
9.2. Dirqama Qoratamtootaa ……………………………………………………………20
Qajeelfama Kenniinsa Qorumsa Xumura Barnoota Sadarkaa Tokkoffaa (Kutaa 8ffaa)

1. Seensa
Qorumsi xumura barnoota sadarkaa tokkoofffaa, naamuusaafi iccitiin isaa eeggamee akka
kennamu gochuun, tattaaffii qulqullina barnootaa mirkaneessuuf taasifamu keessatti ga’ee
olaanaa qaba. Qorumsi xumura barnoota sadarkaa tokkoffaa beekumsafi gahumsa
barattootaa isa xiqqaa (Minium Learning Computence) barattootaa adda baasuufi murtii adda
addaa kennuuf kan gargaaru dha. Qorumsa naamusaafi iccitiin isaa eeggamee kennamuun
gahuumsaafi dandeettii tokkoo tokkoo barataa madaaluuf gargaara. Haata’u malee
naamusaa fi iccitii qorumsa osoo hin eeggamneen kan kennamu yoo ta’e dandeettii isa
xiqqaa barattootaa madaaluufi mul’ata akka barnootaatti ka’ame milkeessuun hin
danda’amu.

Haalli kenniinsa qoruumsa xumura barnoota sadarkaa tokkoffaa kanaan dura ture rakkoo
cabuu naamusa qorumsaatiif kan saaxilamee dha. Barattoonni of danda’anii qorumsa
hojjachuu dhiisaanii eeggattummaa jala akka galaniifi cabiinsa naamusa qorumsaatiif akka
saaxilaman taasisee jira. Waraqaa gaaffii qorumsaafi deebiin qorumsaa miidiyaalee hawaasaa
adda addaa irratti maxxanfamanii gadi dhiifaman barattonni tasgabbaa’anii qorumsa akka hin
hojjannefi eeggattummaa jala akka galan taasiseera. Haalli kun kan itti fufu yoo ta’e
qulqullina barumsaa irratti dhiibbaa olaanaa kan qaqqabsiisuu waan ta’eef jijjiiruun
barbaachisaa ta’ee argameera.

Bu’uuruma kanaan, qajeelfamni kenniinsaa qorumsa xumura sadarkaa tokkoffaa qophii irraa
kaasee hanga kennamee xumuramutti, naamusafi iccitiin isaa karaa eeggameen akka
kennammuuf, gahee, mirgaa fi dirqama qoratamtootaafi rawwachiistota qorumsaa karaa ifa
ta’een qajeelfama kana keessatti haammachiisuun qophaa’ee jira.

2. Kaayyoo Qajeelfamichaa
 Qorumsi xumura barnoota sadarkaa tokkoffaa ilaalcha eeggattummaa barattoota
biratti dagaaage cabsuun naamusniifi iccitiin isaa karaa eeggameen akka kennamu
gochuuf.
 Kenniinsa qorumsa xumura barnoota sadarkaa tokkoffaa irratti sirni itti
gaafatamummaa akka jiraatu gochuuf.

1
3. Galma
 Ilaalcha eggattummaa barattootaa cabsuun qorumsa xumura barnoota sadarkaa
tokkoffaa jalqabaa hanga xumuratti haala naamusniifi icctiin isaa eeggameen
kenname.

4. Barbaachisummaa Qajeelfamichaa
Qajeelfamni kun barattoota biattti ilaalcha eeggattummaa hambisuun miira woldorgommi
uumuun of danda’anii akka qoraman, lammii dorgomaa fi gahumsa qabu horachuuf kan
qophaa’e dha.
Haaluma kanaan qajeelfamni kun:

 Rakkoo cabiinsa, hanqina naamusaafi hanna qorumsa ni hambisa


 Barattoonni eeggattummaa jalaa bahanii of danda`anii akka qoraman ni taasisa.
 Hubannoo raawwachiiftotaafi qoratamtootaa qaban ni guddisa, ni cimsa.
 Sirni itti gaafatamummaa akka jiraatu ni taasisa
5. Hiika Jechootaa: Qajeelfama kana keessatti
 Biiroo jechuun Biiroo Barnootaa Oromiyaati.
 Buufata qorumsaa mana barumsa mootummaa qorumsa xumura barnoota sadarkaa
1ffaa qorsiisu jechuu dha
 Kilaastara qorumsaa jechuun wiirtuu irratti qorumsi kennamu jechdha
 Qorumsa jechuun qorumsa xumura barnoota sadarkaa tokkoffaa jechuudha.
 Kornayaa dhiiraan kan ibsame dubartiifis ni ta’a.

6. Gahee Hojiifi Itti Gaafatamummaa Caasaalee Barnootaa fi Qooda


Fudhattootaa
6.1. Gahee Hojii fi Itti Gaafatammuu Biiroo Barnootaa Oromiyaa

Biiroon Barnootaa Oromiyaa caasaalee barnootaa isa jala jiraniifi qooda fudhattoota waliin
qindaa’uun qorumsa xumura barnootaa sadarkaa tokkoffaa naannicha keessatti kennamu
olaantummaan kan gaggeessu ta’e kenninsa qorumsaa keessatti gaheefi itti gaafatamummaa
kanaa gadii ni qabaata.
 Hojii bulchiinsa qorumsaa abbummaadhaan olaantummaan ni to’ata ni hordofa.
 Qorumsa qopheessa, maxxansiisa, raabsa, soroorsa, bu’aa beeksisa akkasumas
duubdeebii nikenna

2
 Geejjiba dhiyeessuun qorumsa, waraqaa deebiifi poostaa waraqaa deebii ittiin
saamsamee ol deebi’u maxxansiisuun waajjiraalee barnoota godinaafi bulchiinsa
magaalotaaf ni raabsa.
 Dhimmamtoota qorumsa raawwachiisaniif hubannoo (orientation) ni kenna.
 Rakkoo naamuusa qorumsaa itti gaafatamaa buufataa qorumsaa irraa dhiyaatu irratti
hundaa’uun murtii kenna akkasumas tarkaanfii barbaachisu ni fudhata.
 Wayita qorumsi kennamu godinaalee/bulchiinsa magaalootaa irra naanna’uun
qorumsi naamusa qorumsaa eegee kennamuu isaa ni madaala, deeggarsa ogummaas
ni kenna.
 Qaama nageenyaa sadarkaan jiran waliin ta’uun haala nageenyaa sarara qorumsi irra
geejjibamuu ni mirkaneeffata.
 Koreen Taaksi Foorsii sadarkaa naannoo hanga kilaastara qormaataatti akka
dhaabbatu ni taasisa.
6.2. Waajjira Barnoota Godinaa/ Bulchiinsa Magaalaa

Waajjira barnoota godinaa/bulchiinsa magaalaa itti gaafatamummaan isaanii Biiroof ta’ee


qorumsa akka naannoo kennamu aanalee, bulchiinsa magaalotaa /kutaa magaalotaa isaan jala
jiran qindeessuun ni hordofa.

 Dhimmamtoota qorumsa raawwachiisaniif hubannoo (orientation) ni kenna.


 Qorumsa Biiroo irraa fudhatee aanaa/magaalaa/kutaa magaalaafi kilaastara haala itti
dhaqqaabuu danda’u ni mijeessa, hordoffiifi to’annaa ni taasisa.
 Qindeessitoonni kilaastara aanaa qorumsa of-eegganoodhaan fudhatanii qorsiisuun
waraqaa deebii qorumsaa waajjira barnoota godinaalee/bulchiinsa magaalotaatiif
deebisuu isaanii erga mirkaneessee booda waliiti qindeessee Biiroof geessa
 Qorumsi qajeelfama qorumsaa eegee kennamuu isaa ni hordofa; qajeelfama
qorumsaan ala kan kenname yoo jiraate qajeelfamaafi dambii jiru irratti hundaa’uun
tarkaanfii ni fudhata; seerattis dhiheessee raawwii isaas Biiroof ni gabaasa.
 Qorumsa naannoo irraa fudhachuun gara aaana/bul.magaalaa/kutaalee magaalaatti
yommuu raabsuufi hanga kennamee xumuramutti eegumsa isaa ni hordofa.
 Buufata poolisii godinaa/bulchiinsa magaalaa wajjin ta’uun qorumsi akka eegamu ni
taasisa.
 Qorumsa ilaalchisee ragaa qoratamtootaa qulqullinaan raawwatamuu isaa ni
mirkaneessa, madaqsina nikenna; gucoota ni raabsa; ragaa qoratamtootaa nisakatta’a,

3
ramaddii qortotaa, supparvaayizarootaafi itti gaafatamtoota buufata qorumsaa
raawwatamuu isaa ni hordoofa, deeggarsa barbaachisu hunda ni taasisa.
 Poolisii qabatee qorumsaafi unkaalee barbaachisan mana maxxansaatii ni fudhata.
 Sadarkaa godinatti/bulchiinsa magaalaatti qorumsi hanga aanaa/bulchiinsa
magaalaa/kutaa magaalaaf raabsamutti bakka turtii /buufata Poolisii/ keessatti akka
mijeeffamu ni taasisa.
 Qooddii qorumsaa aanaa/magaalaa/kutaa magaalaaleef ni raawwata.
 Raabsa qorumsaa aanaa/magaalaa/kutaa magaalaa ni hordofa
 Ragaa barbaachisu qindeessee Biiroof ni gabaasa.
 Waraqaa deebii aanaa/magaalaa/kutaa magaalaalee irraa walitti qabuun gara Biirootti
ni deebisa
6.3. Waajjira Barnoota Aanaa/Magaalaa / Kutaa Magaalaa

Itti gaafatamummaan isaa waajjira barnoota godinaa/magaalaaf ta’ee, qorumsa akka


naannootti kennamu kilaastaroota isaa jala jiran qindeessee gurmeessuun ni hordofa.

 Kenniinsa qorumsaa aanicha/bulchiinsa magaalichaa/kutaa magaalichaa keesaatti


gaggeeffamu abbummaan ni raawwata; ni raawwachiisa. Raawwii qorumsaaf haala
barbaachisu hunda ni mijeessa, deeggarsa ni taasisa.

 Aanaa/magaalaa/kutaa magaalaafi kilaastara irratti bakka qorumsi olkaa’amu buufata


poolisii ni mijeessa
 Aanaa/magaalaa/kutaa magaalaa kilaastarri qorumsi itti kenamu daree qorumsaa gahaa
qabaachuu, teessoo gahaa qabaachuu, kilaastarichi qorumsa kennuuf mijata ta’uu adda
ni baafata.
 Qaama nageenyaa/ poolisii /qabatee qorumsaafi unkaalee gara garaa gahee
aanaa/magaalaa/kutaa magaalaa isaa waajjira barnoota godina irraa ni fudhata.
 Maastar liistii barattootaa qopheessuun qindeessaa kilaastaraa qorumsaaf ni kenna
 Qorumsafi unkaalee adda addaa baay’ina barattootaa irratti hundaa’uun kilaastaroota
qorumsaa aanicha/bul.magaalaa/kutaa magaalichaa keessatti argamaniif ni qooda
 Qormanni yommuu fe’amu, raabsamuufi bakka ol kaa’ametti sa’aatii 24 akka eegamu
waajjira poolisii aanaa/bul. magaalaa/kutaa magaalaafi qaamolee nageenyaa biro
waliin ta’uun akka eegamun ni taasisa.
 Rawwachiistota qorumsaa (itti gaafatamtoota kilaastara qorumsaa, itti gaafatamtoota

4
buufata qorumsaa, supparvaayizarootaafi qortoota ni filata, ni ramada oreneeteeshinii
kenna, bakka ramaddiitti ni bobbaasa.
 Baajata qorumsa raawwachiisuuf barbaachisu hunda ni ramada.
 Raawwachiistota qorumsaaf durgoo oolmaa qofatu kaffalamaaf. Baay’inni guuyyaa
fageenya kilaastara qorumsaa irratti hundaa’ee wajjira barnoota aanaa/magaalaa/kutaa
magaalaan murtaa’a
 Manneen barnootaa kilaastaratti ni ramada.
 Qaama dhimmi ilaalu waliin ta’uun qamoolee nageenyaa gahaa ta’an filatamanii
kilaastara qorumsaatti akka bobba’an ni taasisa.
 Qorumsi qajeelfama qorumsaa eegee kennamuu isaa ni hordofa; qajeelfama qorumsaan
ala kan kenname yoo jiraates waajjira barnoota godinaa/bulchiinsa magaalaafi qaama
dhimmi ilaalu hunda ni beeksisa. Badiin naamusa aanaa/bulchiinsa maagaalaa/kutaa
magaalaa isaa keessatti yoo mudate tarkaanfii seera qabeessa ta’e ni fudhata.

 Qaamolee raawwachiistotaa qorumsaa dhimmi ilaallatuun poostaa waraqaa deebii

qorumsaa irratti mallatteessanii erga chaappeffamee booda sirriitti saamsamuu isaa

mirkaneessee sassaabuun waajjira barnoota godinaa/Bulchiinsa magaalaatiif ni dhiyeessa.

 Qorumsi xumuramee waraqaan deebii kilaastara irraa sassaabamee aanaa /bulchiinsa


maagaalaa /kutaalee magaalaa erga gahee booda guyyaa 1-2 keessatti waajjira
barnoota godinaa / bulchiinsa magaalaatti galuu qaba.

6 .4. Manneen Barnootaa

 Dura bu’aan mana barumsaa liisti qoratamtootaa chaappaa mana barumsaatiin


mirkaneessee gara waajjira barnoota aanaa/bulchiinsa magaalaa/kutaa magaalaatti /
kilaastaratti ni erga
 .Waraqaa seensa daree qorumsaa baayi’see chaappaa mana barumsaa mirkaneessuun
barattootaaf ni raabsa
 Qorumsaaf guyyaan lama yoo hafu barattoota gara kilaastara qorumsaa ramdamanitti ni
geejjibsiisa.
 Barattoota gara kilaastaraatti otoo hin geejjibsisiin naamusa qorumsaa irraati
orenteeshinii gahaa ni kennaaf

5
6.5. Itti Gaafatammummaa Waajjira Bulchiinsaafi Nageenyaa/Poolisii/Milishaa
Aanaa/Magaalaa

Qorumsi haala nagaafi tasgabbii qabuun akka kennamu qaamni nageenyaa sadarkaa
kilaastaraatti ramaduun murteessaa waan ta’eef, poolisii fi milishaa walitti gurmeessuun
qorumsaaf tika taasisuun mana maxxansaatii kara buufata qorumsaa geessuufi waraqaa
deebii gara Biirootti deebisuu akkasumas jala bultii qorumsaatii eegalee mooraa buufata
qorumsaa sakkatta’uu, barattoonni gara mooraa buufataatti yoo ol seenan sakatta’aa galchuufi
qaamoolee qajeelfamaan eeyyamameen ala sa’aatii qorumsi kennamu qaamni kamuu akka
hin sochoone to’achuun irraa eegama

7. Gahee Hojiifi Itti Gaafatammummaa Raawwachiistota Qorumsaa


7.1. Qindeessaa Kilaastaroota Aanaa/Bulchiinsa Magaalaa/Kutaa Magaalaa

Qindeessaa kilaastaroota Aanaa/bulchiinsa Magaalaa/kutaa magaalaa ta’ee kan hojjetu


dursaa garee madaallii barnootaafi bulchiinsa qorumsaa aanaa/bulchiinsa
magalaa/kutaa magaalaa ta’ee hojii armaan gadii ni raawwata.
Itti waamamni isaa waajjira barnotaa aanaa/ bulchiinsa magaalaa/kutaa magaalatiif ta’ee

 Qorumsi jalqabamee hanga xumuramutti itti gaafatamaa kilaastara qorumsaa waliin


ta’uun qorumsi akkaataa barbaadameen akka raabsamuu nitaasisa.
 Kenninsi qorumsaa xumuramee hanga waraqaan deebii gara aanaa/bulchiinsa magalaa/kutaa
magaalaatti ol deebi’utti ni hordofa, ni to’ata, ni deeggara.
 Kilaastara ni qindeessa.
 Qorumsa, waraqaa deebiifi gucaalee adda adaa itti gaafatamaa buufataaf ni raabsa
 Hubanno (Orientation) raawwachiiftoota qorumsaaf nikenna.

7.2. Itti Gaafatamaa Kilaastaraa/Wiirtuu Qorumsaa


Itti waamamni isaa waajjira barnotaa aanaaf/ magaalaaf/kutaa magaalaaf ta’ee kilaastara
qorumsaa tokko irratti itti gaafatamaan kilaastara qorumsaa tokko kan ramadamu ta’a. Itti
gaafatamaan kilaastara qorumsaa ulaagaa waajjirri barnoota aanaa/bulchiinsa
magaalaa/kutaa magaalaa baasuun ogeeyyii waajjira barnootaa aanaa/bulchiinsa magaalaa/
kutaa magaalaafi barsiisota manneen barnootaa sadarkaa 2ffaa mootummaa keessaa kan
filataman ta’ee gahee hojii kanaa gadii ni qabaata.

6
 Waajjira barnoota aanaa/magaalaa/kutaa magaalaa waliin ta’uun humni namaa gahaa ta’e
(itti gaafatamaa buufata qorumsaa, supparvaayizara, qoraafi qaamni nageenyaa)
ramadamuu ni mirkaneeffata, bakka hanqinni jirutti tarkaanfiin akka fudhatamu taasisa.
 Buufata poolisii ykn bakka nageenya qorumsatiif amansiisaafi mijataa ta’etti qaama ilaalu
wajjin ta’uun kutaa qorumsi keessa taa’u saamsamee akka eegamu nitaasisa.
 Qorumsi xumuramee guyyaa tokko keessatti waraqaan deebii gara waajjira barnoota
aanaa/magaalaa/kutaa magaalaatti akka deebi’u nitaasisa.
 Ibsa (orientation) raawwachiistota qorumsaaf kennamu irratti argama.
 Waraqaa deebii gosa gosaan qindeessee wajjira barnoota aanaa/bulchiinsa magaalaa
/kutaa magaalaaf dabarsa.
 Itti gaafatammummaafi dirqama itti kenname qaama hin bane (itti gaafatamaa buufataa
qorumsaa, supparvaayizarootaafi qortoota) itti gaafatamttotta waajjira barnoota
aanaa/magaalaa/kutaa magaalaa waliin dubbachuun dhimmicha qulqulleessuun qorumsaa
irraa ittisuun baka isaani hattatamaan akka bakka bu’u nitaasisa.
 Haala raawwii waliigalaa waajjira barnoota aanaa/magaalaa/kutaa magaalaaf ni gabaasa.

7.3. Itti Gaafatamaa Buufata Qorumsaa


Itti gaafatamaan buufata qorumsaa itti waamamni isaa itti gaafatamaa kilaastara
qorumsaaf ta’ee mana barumsaa mootummaa barsiisaa jiruufi qorumsa xumura barnoota
sadarkaa tokkoffaa (kuta 8ffaa) qorsiisuuf itti gaafatamaan buufata qorumsaa tokko ni
ramadamaaf. Filannoon isaas ogeeyyii waajjira barnoota aanaa/bulchiinsa magaalaa/kutaa
magaalaa/, barsiisota manneen barnoota mootummaa sadarkaa tokkoffaafi sadarkaa
lammaffaa barsiisaa jiran keessaa ta’ee gahee hojii kanaa gadii raawwatu.
 Guyyaa qorumsi eegalu guyyoota lama dursee kilaastara qorumsaatti argamuu qaba
 Supparvaayizaroota, qortootaafi qoratamtootaaf ibsa (orientation) gahaa nikenna.
 Supparvaayizarootaafi qortoota daree qorumsaatti niramadu
 Supparvaayizarootaafi qortoota itti gaafatamummaa isaanii hinbane irraati tarkaanfii
nifudhata.
 Waraqaa deebii tokko tokkoon lakkaa’ee baay’ina barattootaa atteendaasii irra jiru
wajjin wal simuu isaa mirkaneeffatee supparvaayizara harkaa fudhatee bakka
supparvaayizarriifi qoraan jiranitti poostaatti galchuun saamsanii iraatti mallatteessu.
 Qaamota dhimmichi ilaaluuf sagantaa qorumsaa nibeeksisa; iddoo mul’achuu
danda’utti nimaxxansa.

7
 Qoratamtoonni tartiiba lakkoofsa galmee isaaniitiin galma (kutaa) qorumsaa
fuulduratti daqiiqaa 30 dura hiriiuu isaanii ni mirkaneeffata.
 Galmi ykn kutaan qorumsi itti kennamu bifa barbaachisuun qophaa’uu isaa ni
mirkaneeffata.
 Qoratamtoonni gola (kutaa) qorumsa keessatti fudhatan guyyaa tokko dura akka
beekan nitaasisa.
 Qoratamtoonnii, suppervayizerootaafi qorattoonni kutaa itti ramadaman keessatti
argamuu isaanii akkasumas nagaa eegdonni argamuufi iddoo kennameef qabachuu
isaanii ni mirkaneeffata,
 Qorumsi qoratamtootaaf raabsamee walgahuu isaa erga mirkaneeffatee booda akkataa
sagantaa baheetiin akka jalqabamu nitaasiisa.
 Atteendasiin qoratamtootaa fudhatamuu (qabamuu) isaa ni mirkaneeffata.
 Dallaan (mooraan) mana barumsaa tasgabbii qabaachuu isaa ni mirkaneeffata.
 Barsiisonni qorumsaaf hin ramadaminiifi namoonni dhimmi hin ilaalle kamiyyuu
mooraa mana barumsaa keessatti akka hin argamne nito’ata
 Sa’aatiin qorumsaaf kenname kabajamuu isaa nimirkaneessa.
 Waraqaan deebii qorumsaa tartiiba lakkoofsa galmeetiin qorattoota irraa lakkaa’ee
iddoo dura bu’aan mana barumsa kilaastarichaa, supparvayizeraafi qortoonni jiranitti
sassaabee poostaa keessa galchee saamsuun odeeffannoo postaa irra jiru hunda guutee
qaamolee ilaallatu mallateessisa
 Waraqaa deebii barattoota qorumsa hin fudhatinii keessaa ni hambisa, maqaa isaanii
atteendaansii irraatti bakka mallatto barataatti hafte (AB) jedhee ni barreessa.
 Gucaalee adda addaa guutee mallattoofi chaappaa kilaastara mana barumsaa qorumsi
itti kennamun mirkaneessee kilaastaraaf ni dhiyeessa.
 Gabaasa raawwii hojii guca dhimma kanaaf qophaa’e irratti kenninsi qorumsaa erga
xumuramee booda guyyaa tokko keessatti qindeessee waajjira barnootaa
aanaa/magaalaa/kutaa magaalaaf nidhiyessa.
 Waraqaan gaaffilee qorumsaa qoratamtootaaf hiramee kan irraa hafe
supparvayizerootaafi qoortoota irraa battalumatti bakka tokkotti sassaabuun hanga
qorumsi xumuramutti iddoo nageenya qorumsaatiif mijatutti cufee nika’aa,
dhumarratti qindeessa kilaastara aanaatti/bulchiinsa magaalaa /kutaa magaalaaf
nikenna.

8
7.4. Supparvaayiza

Itti waamamni isaa itti gaafatamaa buufata qorumsaaf ta’ee supparvaayizarri tokko hanga
daree qorumsaa 3 - 5 qindeessa. Filannoon isaas ogeeyyii waajjiraafi barsiisota manneen
barnootaa sadarkaa tokkoffaa fi sadarakaa lammaffaa mootummaa keessa barsiisan keessaa
ta’ee hojiilee kanaa gadii niraawwatu.
 Kutaan qorumsaa qophaa’uu isaa nimirkaneessa.
 Buufata Qorumsichaatti kutaa qorumsaa daree 3-5 keessatti raawwii hojii qortootaa
hordoffiifi deggarsa kennuun qoratamtootni sirnaan akka qoraman nitaasisa.
 Yeroo qorumsi kennamu buufata qorumsaa keessattiifi kutaa qorumsaa keessatti
qortootaafi qoratamtoota dhuunfaadhaanis ta’ee gareedhaan danbii qorumsaa kan
cabsan irratti itti gaafatamaa buufata qorumsaatti dhiheessuun tarkaanfii fudhachiisa.
 Qorumsi kennamee akkuma xumurameen waraqaa deebii qoraa irraa walitti qabuun
qindeessee itti gaafatamaa buufata qorumsaatti nikenna.
 Hojii dabalataa itti gaafatamaa buufata qorumsaa irraa kennamu ni raawwata.
 Raawwii hojii qorumsichaa ilaalchisee gabaasa nidhiyeessa.

7.5. Qoraa

Qoraan itti waamamni isaa supparvaayizaraaf ta’ee mana barumsaa tokko keessatti barattoota
8ffaa (qaroo dhabeeyyii otoo hin dabalatiin) 40 ta’aniif qoraan tokko ni ramadama. Haaluma
shallaggii kanaatiin baay’ina barattootaa irratti hundaa’uun qoraan kan ramadamu ta’a.
Qortonni barsiisota manneen barnoota mootummaa sadarkaa lammaffaa keessa barsiisan
keessa ta’ee, bakka hir’inni mudatetti garuu barsiisota manneen barnoota sadarkaa tokkoffaa
kessaas nifilatamu.
Mana barumsaa baay’inni barattoota daree tokko qofa kan qorsiisu yoo ta’e itti gaafatamaan
buufata qorumsaa qofti akka qoru ta’a.
Hub: Baay’inni supparvaayizaraafi qoraa baay’ina qoratamtootaafi daree qorumsaan ta’ee:
 Mana barumsaa daree qorumsaa tokko qofa qabuuf itti gaafatamaa buufata qorumsaa
tokko qofatu ramadamaaf
 Mana barumsaa daree qorumsaa lama qofa qabuuf itti gaafatamaa buufata qorumsaa
tokkoofi qortoota lama qofatu ramadamaaf
 Mana barumsaa daree qorumsaa sadi qofa qabuuf itti gaafatamaa buufata qorumsaa
tokkoo,supparvaayizara tokkoofi qortoota sadi qofatu ramadamaaf

9
 Mana barumsaa daree qorumsaa afurii hanga shanii qabuuf itti gaafatamaa buufata
qorumsaa tokkoo, supparvaayizara tokkoofi qortoota 3 -5 ramadamaaf
 Hubannoo (orientation) itti gaafatamaa buufata qorumsaatiin keennamu irratti guyyaa
qorumsi kenamu tokko dursee ganama sa’aatii 2:30tti argamuun hirmaachuu qaba.
Hubannoo (orientation) osoo hin fudhatin qoruu hin danda’u.
 Guyyoota qorumsi itti kennamu osoo qorumsi hin jalqabamin sa’aatii tokko dursee dallaa
(mooraa) mana barumsaatti argamuudhaan qoratamtoota balbala daree qorumsaa duratti
naamuusa eeganii akka hiriiran tasisuufi sakatta’uun dareetti nigalcha.
 Haala lakkoofsa galmee qoratamtootaa kennameetiin korniyaan osoo addaan hin baasin
tartiibaan niteessisa.
 Waraqaa deebii qorumsaa barattootaaf raabsuun, qoratamtoonni odeeffannoo dhuunfaa
(lakkoofsa galmee, gosa barumsaafi koodii gosa barumsaa, maqaa hanga akaakayyuutti,
maqaa godinaa/bulchiinsa magaalaa/ aanaafi mana barumsaa) qulqullinaan qubeessaa
qofaan akka guutaniifi bakka gurraacheffamuu qabutti akka gurraachessan nitaasisa,
nitoo’ata, nideeggara.
 Poostaan waraqaa gaaffilee qorumsaa qabate, saamsamaa ta’u isaa qoratamtootatti
agarsiisuun waraqaa gaaffilee ni raabsa. Hanga haala walfakkatuun jalqabaa jedhamee
ajajamutti (bilbilamutti) hin jalqabsiisu, barataan (qoratamaan) dursee qorumsa xumure
qorumsaa itti aanutti akka hin ceene ni to’ata.
 Waraqaa gaaffii qorumsaa irraa hafe, walitti qabuun supparvaayizara ykn itti gaafatamaa
buufata qorumsaatti akkuma qorumsi jalqabameen deebisuu qaba.
 Adeemsi kenniinsa qorumsaa, naamusaafi seera qorumsaa eegee akka raawwatu
xiyyeeffannoon jalqabaa hanga xumuramutti kennamuu isaa nito’ata.
 Qoratamtoonni yeroo qorumsaaf kennametti haalaan akka itti fayyadaman, akkasumas
qorumsi jalqabamee daqiiqaa gosa barnoota sanaaf kenname walakkaarrattiifi daqiiqaan
kudha shan yommuu hafu niyaadachiisa.
 Sa’aatii qorumsaa kabachiisuun, waraqaa deebii qorumsaa sassaabee, lakka’uudhaan,
tartiiba lakkoofsa galmeetiin gurmeessee supparvaayizara ykn itti gafaatamaa buufata
qorumsaatti nikenna.
 Hojii dabalataa itti gaafatamaa buufata qorumsaatiin kennamuuf hunda ni raawwata.
 Yeroo qorumsi gaggeeffamu, rakkoon humnaa ol ta’e yoo isa quunname itti gaafatamaa
buufata qorumsaa beeksisuun furmaata ni kenna (keennisiisa).

10
 Yeroo qorumsi kennamu gaazexaa, barruuleefi gaaffilee qorumsaa dubbisuun akkasumas
namni osoo bakka isa hin bu’in kutaa qorumsaa dhiisee bahuu hin danda’amu.
 Attendaansii qoratamtootaa of eeggannoon qalaman ni mallatteessisa, ni qajeelcha; ni
gargaara), mirkaneessee supparvaayizara ykn itti gaafatamaa buufata qorumsaatti ni
kenna.

7.5.1. Qoraa Qaroo Dhabeeyyii


Barataa qaro dhabeessa qorumsa fudhatu tokkoof qoraan tokko ni ramadamaaf. Qoraan
ramadamuuf barsiisaa adda duree ta’eefi kan sirriitti dubbisuufi deebii baratichi kennu
gurraachessuufii danda’u ta’uu qaba.
Barsiisaa barattoota qaro dhabeeyyiif dubbisu barsiisaa afaanii ykn saayinsii hawaasaa yoo
ta’e filatamaadha

7.6. Dirqama Raawwachiiftota Qormaataa


7.6.1. Itti gaafatmaa Kilaastaraa Qorumsaa
 Ibsa(Orientation) fudhachuu
 Yeroon kilasstara irratti ramadametti argamuun itti gaafatamtoota buufataaf ibsa
kennuu
 Qorumsa, waraqaa deebiifi gucoota adda addaa hir’innaa agarsiisan dursaan
sirreessuuf itti gaafatamaa kilaastaraatti yeroon gabaasuu
 Qorumsi erga xumuramee booda waraqaa deebii yeroon gara waajjira barnoota
aanaa/magaalaa/kutaa magaalaatti deebisuu.

7.6.2. Itti gaafatamaa Buufata Qorumsaa


 Ibsa(Orientation) fudhachuu
 Waraqaalee deebii supparvaayizara irraa ykn qoraa irraa yeroo fuudhu baay’ina
qoratamtootaa waraqaa too’annoo waliin ilaalun fuudhuu.
 Gareedhaanis ta’ee dhuunfaan rakkoo seera darbiinsa qorumsaa raawwatame
qindeessaa kilaastaraatiif sirnaan gabaasuu

7.6.3. Supparvaayizara

 Qajeelfama itti gaafatamaa buuftaa irraa kennamuuf hojiirra oolchuu


 Suppaarvaayizarri tokko qoratamtoota 120-200 too’achuufi hordofuu
 Supparvaaizarri tokko daree qorumsaa to’atu keessaa gabatee gurraacha jiru
qulqullaa’uu, fakkiiwwan barumsa kennan, chaartiiwwanfi formulaawwan jiran ka’uu
ykn uwwisamuu mirkaneeffachuuf diqama qaba
11
 Qorumsi jalqabamuun dura sa’aa tokko dursee argamuu qaba
 Bakka qoraan hir’atetti qoraa ta’ee ramadame hojjeta
 Bilbila moobaayilii qabatanii gara daree qorumsaa seenuu hin qabu
 Guyyaa qorumsi kennamu sa’aatii tokkoofi walakkaa dursee buufata qorumsaatti
argamuu qaba.

7.6.4. Qoraa
 Qoraan sa’aatii tokko dura mana barumsaatti argamee buukleetii qorumsaafi waraqaa
deebii lakaa’ee fudhachuu qaba
 Qoraan barattoonni akaa qorumsa walirraa hin garagalchine eeguu qaba
 Qoraan buufata qorumsaa keessatti moobayilii qabatee argamuu hin qabu
 Qoraan barattootni kutaa qorumsi itti kennamu keessatti maastikaa akka hin alaffanne,
qobii akka hin kaawwanne, uffata akka hin haguuganneefi meeshaalee wal irraa akka
hin ergifanne to’achuu qaba.
 Guyyaa qorumsi kennamu sa’aatii tokko dursee buufata qorumsaatti argamuu qaba.

7.7. Ulaagaalee Raawwachiistonni qorumsaa Ittiin Filataman


7. 7.1. Itti gaafatamaa Kilaastara Qorumsaa
Ogeeyyii barnootaa, barsiisota sadarkaa 2ffaa keessaa filatamuu kan danda’an ta’ee
ulaagaalee kana gadii guutuu qabu.
 Sadarkaan barnootaa digrii duraafi isaa ol ta’uu qaba
 Ogeeyyii barnootaa ykn barsiisummaan waggaa 10 fi ol kan tajaajilan ta’uu qaba
 Kanaan dura itti gaafatamaa buufata qormaataa ta’ee waggaa lamaa fi ol kan hojjatee
fi muuxannoo gahaa kan qabu.
 Amanamaafi quuqama qulqullina barnootaaf kan qabaniifi itti gaafatamummaa
kennameef fudhatanii raawwachuu kan danda’an.
 Faayidaa adda addaatiin gowwomffamee ittigaafatamummaa itti kenname cinatti
dagachuun qorumsa kan hin hachisiifne ta’uu qaba.
 Araada adda addaa irraa bilisa kan ta’eefi naamusa gaarii kan qabu.
 Rakkoo sosochii qaamaa kan hin qabneefi sirritti socho’ee hojjachuu kan danda’u.
 Iddoo ramadametti deemee hojjachuuf eeyyamamaa kan ta’e.
 Raawwattoota qorumsaa isa jalatti ramadaman qindeesse hojjachiisuu kan danda’u.

12
7.7.2. Itti Gaafatamaa Buufata Qorumsaa
 Itti gaafatamaan buufata qorumsaa ogeeyyii barnootaa aanaa/magaalaa/kutaa
magaalaafi barsiisota sadarkaa tokkoffaafi lammaffaa keessaa filamuu nidanda’a.
 Sadarkaan barnootaa digrii duraafi isaa ol ta’uu qaba
 Ogeeyyii barnootaa ykn barsiisummaan waggaa torbaafi ol kan tajaajilan
 Kanaan dura itti gaafatamaa buufata qorumsaa, supparvaayizara yookaan qoraa
ta’ee waggaa lamaafi ol kan hojjate.
 Amanamaa fi quuqama qulqullina barnootaaf kan qabanii fi itti gaafatamummaa
kennameef fudhatanii raawwachuu kan danda’an.
 Faayidaa adda addaatiin gowwoffamee itti gaafatammummaa itti kenname cinatti
dagachuun qormaata kan hin hachisiifne ta’uu qaba.
 Araada adda addaa irraa bilisa kan ta’ee fi naamusa gaarii kan qabu.
 Rakkoo sosochii qaamaa kan hin qabnee fi sirritti socho’ee hojjachuu kan danda’u.
 Iddoo ramadametti deemee hojjachuuf eeyyamamaa kan ta’e.
 Raawwattoota isa jalatti ramadaman qindeesse hojjachiisuu kan danda’u.

7.7. 3. Supparvaayizara
 Supparvaayizarri ogeeyyii barnoota aanaafi barsiisota sadarkaa tokkoffaafi
sadarakaa lammaffaa keessa filamuu nidanda’a.
 Sadarkaan barnootaa digrii duraa fi isaa ol ta’uu qaba.
 Ogeeyyii barnootaa ykn barsiisummaan waggaa shaniifi ol kan tajaajilan
 Kanaan dura itti gaafatamaa buufata qorumsaa, supparvaayizarafi qoraa ta’ee wagaa
sadiifi ol kan hojjate.
 Mirkaneeffannaa Qulqullina baranootaatiif quuqama kan qabu.
 Hojii kennameef gahumsaan raawwachuu kan danda’u.
 Araada adda addaa irraa bilisa kan ta’ee fi naamusa gaarii kan qabu.
 Rakkoo sosochii qaamaa kan hin qabnee fi sirritti socho’ee hojjachuu kan danda’u.
 Iddoo ramadametti deemee hojjachuu kan danda’u.
 Qortoota isa jalatti ramadaman qindeesse hojjachiisuu kan danda’u.

7.7.4. Qoraa
 Qoraan barsiisota sadarkaa tokkooffaa fi lammaffaa keessaa filatamuu ni danda’a.
 Sadarkaan barnootaa yoo xiqqate digirii duraafi isaa ol kan qabu.
 Barsiisummaan waggaa lamaafi ol kan tajaajilan

13
 Hojii kennameef gahumsaan raawwachuu kan danda’u.
 Araada adda addaa irraa bilisa kan ta’ee fi naamusa gaarii kan qabu.
 Rakkoo sosochii qaamaa kan hin qabnee fi sirritti socho’ee hojjachuu kan danda’u.
 Iddoo ramadametti deemee hojjachuu kan danda’u
 Barattoota kan dorsisee hinsodachifneefi rakkoo hubannoo jirutti gargaaruu kan
danda’u.
 Naamusa daree qorumsaa too’ate hojii qorumsaa raawwachuu kan danda’u.
 Qoraan filatamu afaan barnoonni ittiin kennamu beekuu qaba.

7.7.5. Qoraa Qaroo Dhabeeyyii


 Sadarkaan barumsaa digirii duraafi isaa ol
 Sirritti dubbisuufi deebii qratamaan/tuun himate/himatte sirnaan gurraachessuuf kan
danda’u/dandeessu.
Hub:-Dorgomtootni muuxannoofi tajaajila armaan olitti tuqame bakka hin gunneetti
haala qabatama jiruun dorgomsiisuun ramaduun nidanda’ama
7.7.6. Haala Kenniinsa Qabxii Filannoo Raawwachiistota Qorumsa Xumura
Barnoota Sadarkaa Tokkoffaa (Kutaa 8ffaa)

T.L Qabxii Madaallii 100% ibsa


1 Avareejjii Qabxii raawwii hojii sem.2 40
2 Tajaajila hojiitiif 20
3 Muxannoo qoruu 15
4 korniyaaf 10 Dhiiraaf 7 dubartiif 10
5 Raawwii hojiitiin adda duree ta’uum 15
Ida’ama 100

Hubachiisa:
 Haala kenniinsa qabxii ulaagaalee armaan olitti caqafaman koreen calaltuu
Aanaa/magaalaa/kutaa magaalaa caccabsee gadi buusee hojii irra oolcha
8. Gahee Hojiifi Itti Gaafatamummaa Koree Olaanaafi Koree Taaksifoorsii
Naannoo Hanga Kilaastara Qorumsaatti Hundeeffamuu
8.1. Sadarkaa Naannoo
8.1.1 Koree Olaanaa Sadarkaa Naannoo
Koreen Olaanaa sadarkaa naannootti dhaabbatu miseensota armaan gadii ni qabaata.

14
Miseensota koree olaanaa
 Sad I/A/piresidantiitti Q/K/Hawaasummaa …………….. Walitti Qabaa
 Komishinara Poolisii Oromiyaa …………………………..Miseensa
 Itti gaafatama Bulchiinsafi nageenyaa oromiyaa………… Miseensa
 Pirezidantii Waldaa Barsiisotaa oromiyaa……………….. Miseensa
 Hogganaa BBO ………………………………………….. Barreessaafi Miseensa

8.1.2. Gahee Hojii Koree Olaanaa Sadarkaa Naannoo


Koreen olaanaa sadarkaa naannoo jiru hojiiwwaan armaan gaditti tarreeffaman niraawwata.

 Koreen olaanaa kun hojiwwan siyaasaa, nageenyaa, loojistiikii, faayinaansii,


miidiyaafi kominkeeshinii olaantummaan ni geggeessa.
 Karoora hojii kenniinsaa fi bulchiinsa qorumsa naannicha keessatti kennamu
nihordofaa akkasumas haala raawwii irratti kallatti nikenna
 Qormsi yeroo geejjisiifamuufi iddoo qorumsi turu/kaa’amu nageenyiifi iccitiin isaa
akka eegamu qaamolee ilaallatu hundi deeggarsa akka taasisan nihordofa,
niqindeessa, kallatti ni kenna.

8.1.3. Koree Taaksifoorsii Naannoo


Miseensonni koree taaksifoorsii sadarkaa naannoo kanneen armaan gadii ta’u.
 I/A/ Hogganaa BBO………………………………….. Walitti Qabaa
 Daay. Madaallii Barnootaa fi Bul Qorumsaa ……… Barreessaafi Miseensa
 Daay. FMB BBO ……………………………………… Miseensa
 Ogeessaa Madaallii Barnootaa fi Bul Qorumsaa nama 2…Miseensa

8.1.4. Gahee Hojii Taksifoorsii Naannoo


 Karoora hojii kenniinsaafi bulchiinsa qorumsa naannichaa niqopheessa, qooda
fudhattootaaf hubannoo ni kenna.
 Haala raawwii qorumsa naannoo hunda hordofuun haala jiru koree olaanaaf
nidhiyeessa.
 Qorumsi yeroo geejjisiifamuufi iddoo qorumsi kaa’amu nageenyiifi icitiin isaa akka
eegamu qaamolee ilaallatuuf ergaa ni dabarsaa, raawwii isaas nihordofa.
 Ogeeyyii qorumsaafi qaamoota kenninsa qorumsaa keessatti qooda fudhannaa
qabaniif hubannoo (orientation) nikenna.
 Qaamolee dhimmi ilaallatu hunda qunnamuun yeroo qorumsifi waraqaan deebii
geejjibsiifamuu nageenyiifi iccitiin isaa akka eegamu ni hordofa, niqindeessa, kallattii
ni kenna.

15
8.2. Sadarkaa Godinaa/ Bulchiinsa Magaalaa
8.2.1 Kore Olaanaa Sadarkaa Godinaa/Bulchiinsa Magaalaa

Miseensota Koree Olaanaa Sadarkaa Godinaa/Bulchiinsa Magaalaa


 Bulchaa godinaa/kantiibaa …………………………Walitti qaba
 Hogganaan poolisii ………………… ………………. Miseensa
 Itti gaafatamaa nageenyaa………. ….. ………………Miseensa
 Itti gaafatamaa damee siyaasaa partii ……………… Miseensa
 Hogganaa Waajjira Barnootaa……………………… Barreessaa

8.2.3. Gahee hojii Koree Olaanaa Sadarkaa Godinaa/Bulchiinsa Magaalaa


Koreen olaanaa sadarkaa Godinaa jiru hojiiwwaan armaan gaditti tarreeffaman ni raawwata.

 Koreen olaanaa kun hojiwwan siyaasaa, nageenyaa, loojistiikii, faayinaansii,


miidiyaafi kominkeeshinii olaantummaan ni gaggeessa.
 Haala raawwii karoora hojii kenniinsaa fi bulchiinsa qorumsa ni hordofaa, kallattis
nikenna
 Qorumsi yeroo geejjibsiifamuufi iddoo qorumsi turu/kaa’amu nageenyiifi iccitiin isaa
akka eegamu qaamolee ilaallatu hundi deeggarsa akka taasisan nihordofa,
niqindeessa, kallatti nikenna.
 Godina/bulchiinsa magaalaa irraa kaasee hanga kilaastera qorumsaatti toorri daandii
qorumsi irra geejjibsiifamu nageenya amansiisaa qabaachuu isaa nimirkaneessa.

8.2.4. Koree Taaksifoorsii Godina/Bulchiinsa Magaalaa


 I/A/ Hogganaa W/B/Godinaa………………………….….. Walitti Qabaa
 D/Garee Madaallii Barnootaa fi Bul Qorumsaa ……… …. Barreessaafi
Miseensa
 Ogeessaa FMB W/B/Godina Nama 1 …………………… Miseensa
 I/G Waldaa Barsiisotaa ….………………………………… Miseensa

8.2. 5. Gahee Hojii Koree Taaksifoorsii Sadarkaa Godinaa/Bulchiinsa Magaalaa


 Karoora hojii kenniinsaafi bulchiinsa qorumsa niqopheessa, qooda fudhattootaf
kenniinsa qorumsaa irratti hubannoo nikenna.
 Haala raawwii kenninsa qorumsa hunda hordofuun koree olaanaaf nigabaasa.
 Qorumsi yeroo geejjisiifamuufi iddoo qorumsi kaa’amu nageenyiifi iccitiin isaa akka
eegamu qaamolee dhimmi ilaaluuf ergaa nidabarsaa, raawwii isaas ni hordofa, bakka
rakkoon jiru adda baasuun koree olaanaaf nidhiyeessa.

16
 Ogeessota qorumsaafi qaamoolee kenninsa qorumsaa keessatti qoda fudhannaa
qabaniif hubannoo (orientation) nikenna.
 Qaamolee dhimmi ilaallatu hunda qunnamuun yeroo waraqaan deebii geejjibsiifamuu
nageenyii fi iccitiin isaa akka eegamu ni qindeessa, ni hordofa, kallattii nikenna.
 Baajatni hojii qorumsaaf aanaan/bulchinsi/kutaan magaalaa qabatee jiru akka hojii
irraa oolu nihordofa, kallattis nikenna.

8.3. Sadarkaa Aanaa/Bulchiinsa Magaalaa/Kutaa Magaalaa


8.3.1. Miseensota Koree Olaanaa Sadarkaa Aanaa/Bulchiinsa/Kutaa Magaalaa
 Bulchaa aanaa/Hoj.Gag/kutaa magaalaa …………. Walitti qaba
 Hogganaan Poolisii ………………… ………………... Miseensa
 Itti gaafatamaa nageenyaa………. …............................ Miseensa
 Itti gaafatamaa paartii …………………………………. Miseensa
 Itti gaafatamaa waldaa barsiisaa ………………………. Miseensa
 Hogganaa Waajjira Barnootaa…………………………. Barreessaafi
miseensa

8.3.2. Gahee Hojii Koree Olaanaa Aanaa/Bulchiinsa/Kutaa Magaalaa


 Koreen olaanaa kun hojiiwwan siyaasaa, nageenyaa, loojistiikii, faayinaansii, miidiyaafi
kominkeeshinii olaantummaan nigaggeessa.
 Haala raawwii karoora hojii kenniinsaafi bulchiinsa qorumsa ni hordofaa, kallattis ni
kenna
 Qormsi yeroo geejjisiifamuufi iddoo qorumsi turu/kaa’amu nageenyiifi icitiin isaa akka
eegamu qaamolee ilaallatu hundi deeggarsa akka taasisan nihordofa, niqindeessa, kallatti
nikenna.
 Aanaa/bulchiinsa magaalaa/kutaa magaalaa irraa kaasee hanga kilaastera qorumsaatti
toorri/daandii qorumsi irra geejjibsiifamu nageenya amansiisaa qabaachuu isaa
nimirkaneessa, kallattis nikenna.
 Baajatni hojii qorumsa sadarkaa aanaatti/bulchiinsa/kutaa magaalaatti qabamee jiru akka
hojii irraa oolu ni hordofa, kallattis nikenna.
 Kilaasterii/buufataalee qorumsaa jiraniif jalqaba qorumsaa kaasee hanga xumuramutti
eegumsa barbaachisu akka taasisuuf humni poolisii akka ramadamu ni taasisa; eegumsis
sirnaan raawwatamuu isaa nihordofa.

17
 Naamusaafi iccitii qorumsaa eegsisuun waraqaan deebii yeroo kaa’ame keessatti akka
godina qaqqabu nitaasisa.

8.3.3. Miseensota Koree Taaksifoorsii Aanaa/Bulchiinsa/kutaa magaalaa


a) Itti Aanaa Waajjiraa ………………………..….....Walitti Qabaa
b) Dur/Garee Mad/ fi Bul.Qorumsaa ……….……… Barreessaafi miseensa
c) Ogeessa FMB nama 1…………………………… Miseensa
d) I/G/Waldaa Barsiisotaa ………………………… Miseensa

8.3.4. Gahee Hojii Taask Foorsii Sadarkaa Aanaa/ Bulchiinsa/Kutaa Magaalaa


 Karoora hojii kenniinsaa fi bulchiinsa qorumsa ni qopheessa, raawwachiiftoota
qormaataaf kenniinsa qormaata irratti hubannoo nikenna.
 Haala raawwii qorumsa aanicha/magaalicha/kutaa magaalichaa keessatti kennamu hunda
hordofuun kallatti ni kenna, koree olaanaafis nidhiyeessa.
 Qorumsi yeroo geejjisiifamuufi iddoo qorumsi kaa’amu nageenyii fi iccitiin isaa akka
eegamu qaamolee dhimmi ilaaluuf ergaa ni dabarsaa, raawwii isaas ni hordofa, kallattis
nikenna.
 Ogeessota qormaataafi qaamoota kenninsa qorumsaa keessatti qooda fudhannaa qabaniif
hubannoo(orientation) nikenna.
 Qaamolee dhimmi ilaallatu hunda qunnamuun yeroo waraqaan deebii geejjibsiifamuufi
iddo kaa’amuu nageenyiifi iccitiin isaa akka eegamu niqindeessa, nitoo’ata,
godina/bulchiinsa magaalaatti akka galii ta’us nitaasisa
 Buufataaleen aanaa/magaalaa/kutaa magaalaa keessatti argaman hunda keessatti
kutaaleen qorumsi itti kennamu, galmoonni, akkasumas teessoowwan gahumsaan
qophaa’uu isaanii, ni to’ata, ni mirkaneeffata, ragaa isaaniis qaama ilaallatuuf nidabarsa,
 Baajatni hojii qorumsa naannoof qabame akka hojii irraa oolu nihordofa,

8.4. Sadarkaa Kilaastara Qorumsaa


Kilaastarri qorumsaa bakka qorumsi itti kennamu waan ta’eef koree taaksifoorsii qofatu
hundeeffama.
Miseensota
a) Ittigafatamaa Kilaastera Qorumsaa ……………………………… Walitti Qabaa
b) Dura bu’aa mana barumsaa Kilaastara Qorumsaa ………………… Miseensa
c) Bakka Bu’aa Poolisii …………………….. ……………………….. Miseensa

18
d) Itti Gaafatamaa Buufata Qorumsaa…………………………………Miseensa
e) Bulchaa ganda kilasterichaa ……………………………………… Miseensa

8.4.1. Gahee Hojii Taaksi Foorsii Kilaastara Qorumsaa


 Karoora hojii kenninsa qorumsaa qopheessuu
 Qophii duraa, kanneen akka iddoo qormaatni itti kennamu, daree barnootaafi teessuma
gahaa ta’e qopheessuu.
 Kilaasterii/wiirtuu qorumsaatiif eegumsi akka kennamu taasisuu
 Yeroo yeroon raawwii kenniinsa qormaataa koree taaksifoorsiif sadarkaa
aanaa/magaalaa/kutaa magaalaaf gabaasuu
 Hanga guyyaan qorumsaa gahutti dhimmamtoota kanneen akka poolisii, maatii
barattootaafi dura bu’oota manneen barnootaa waliin qindoominaan hojjachuu.
 Kallattii sireeffamaa taaksifoorsiin sadarkaa aanaa kennu fudhachuun hojii irra oolchuu
 Bakka qorumsi turu ni qopheessa, eegumsi akka taasifamu ni taasisa, yeroo qorumsi
ba’uufi galu waliin qaboo yaa’ii qabatanii mallattoo isaaniin nisaamsu.
Hubachiisa
 Yeroo qorumsi kennamu qindeessaa kilasteraa, itti gaafatamaa buufataa,
supervaayizerafi qoraa irraa kan hafe namni kamiyyuu naannoo daree qormaataatti
argamuun dhorkaadha.
 Qindeessaa kilasteraa irraa kan hafe namni kamiyyuu kilaastera qorumsaa keessa
meeshaalee elektirooniksii kanneen akka moobayilaa fi kkf qabatee seenuun
dhorkaadha

9. Mirgaa fi Dirqama Qoratamtootaa


9.1. Mirga Qoratamtootaa
1. Qoratamtoonni orenteeshinii gahaa ta’e argachuuf mirga qabu.
2. Qoratamtoota qaroo dhabeeyyii ta’aniif namni gaaffii qorumsaa dubbisuufi deebii isaan
kennatan gurraachessuuf ni ramadamaaf.
3. Qoratamaan waraqaa deebii irratti barreessuuf rakkoo qaamaa qabaatee barreessuu yoo
hin dandeenyeef namni deebii isaa gurraachessuuf niramadamaaf
4. Waraqaan gaaffii qorumsaa kan hanqina qabu yoo quunname, akka jijjiramuuf harka
baasee gaafachuu nidanda’a.

19
5. Qoratamaan kamiyyuu tasgabbaa’ee dandeetti isaatti gargaaramuun akka hin hojjanne
wantoota isa taasisan yoo qunname harka baasee qoraa beeksiisuun furmaata argachuu
nidanda’a.
6. Qoratamaan osoo qorumsa irra jiruu yoo rakkoon fayyaa isa qunname beekamtii
supervaayizeraa fi qoraan daree qorumsaan ala ba’ee boqotee deebi’uu nidanda’a.
Garuu sa’aatiin qorumsaaf kennameen ala kan isaaf dabalamu hinjiraatu.

9.2. Dirqama Qoratamtootaa


1. Qoratamaan kamiyyuu qubeessaa, qartuu, haqxuufi sarartuu qabatee gara daree
qorumsaa seenuu qaba. Meeshaalee kanneenn malee seenee rakkina isa quunnamuuf itti
gaafatamummaan kan mataa isaa ta’a.
2. Kutaa qorumsaa keessatti waliin dubbachuu, meeshaalee barreeffamaa walirraa
ergifachuu, sagalee dhageessiisuun, maastikaa alaanfachuun, sigaaraa arsuun (xuuxuun)
dhorkaa dha. Qoratamaan seera kana kabajuu ykn fudhachuu dide gabaasa dhiyaatuun
qofa qabxiin qorumsa barnoota sanaa akka jalaa haqamu nitaasifama.
3. Qorumsi osoo hin jalqabiin qoratamaan daqiiqaa 30 dursee daree ykn galma itti qoratamu
fuula duratti waraqaa seensa daree qorumsaa (Admission Card) isaa qabatee argamuu
qaba.
4. Qorumsi jalqabamee daqiiqaa 30n booda gola qorumsaa qoratamuuf seenuun hin
danda’amu, akkasumas qorumsi jalqabamee hanga daqiiqaa 45 ta’utti qorumsa xumuranii
ba’uun hin danda’amu hanga sa’aan yeroo qorumsichaaf kenname xumuramuu isaa
bilbilamutti qoratamaan waraqaa gaaffii qabatee daree qorumsaatii ba’uun hin
danda’amu.
5. Qoratamaan kamiyyuu qorumsa otoo hin jalqabiin odeeffannoo dhuunfaa waraqaa deebii
irratti guutamuu qaban (lakkoofsa galmee, akaakuu barumsaa, koodii akaakuu barumsaa,
maqaa hanga akaakayyuutti, maqaa mana barumsaa, Aanaa, godinaa/bulchiinsa
magaalaa/kutaa magaalaa isaanii sirrii barreessunu bakka gurraacha’uu qabutti
gurraachessuu qaba.
6. Gaaffii tokkoof deebii tokkoo ol kennuun bu’aa (qabxii) gaaffii sanaa nihaqsiisa; deebii
isa dura jijjiiruu yoo barbade kan duraan gurrachesse qulqulleessee haquu qaba.
7. Qoratamaan kamiyyuu meeshaalee elekitirooniksii (kaalkuleetara, moobaayillifi k.k.f)
qabatee buufata/kilaastera qorumsaa seenee yoo argame guutummaa guututti qorumsa
irraa addaan kutee nigaggeeffama.
8. Qoratamaan kamiyyuu yoo eyyamameef malee iddoo teessuma isaa jijjiiruu hin danda’u.

20
9. Qoratamaan tokko yeroo (sa’aatti) qorumsa tokkoof kenname kabajuu qaba.
10. Qoraan sa’aatiin qorumsa tokkoof kenname xumuramuu isaa yoo ibse qoratamaan
battalumatti hojjachuu dhaabuu qaba.
11. Qoratamaan kamiyyuu qabiyyee qorumsaa irratti gaaffii (ibsa) gaafachuu hin danda’uu.
Qoraanis gaaffilee qabiyyee qorumsaan walqabatan kamiyyuu deebisuu hinqabu.
12. Sababaa amantiitiin yoo ta’ee malee qoratamaan qoobii (gonfoo) kaawwachuufi marata
godhatanii kutaa qorumsaa keessa ta’uu hin eeyyamamu. Yunifoormii mana barumsaa
qofa uffatee qoramuu qaba.
13. Qoratamaan qoraa arrabse, salphise, xiqqeesse gabaasa dhiyaatuun firii qorumsa isaa
haquun niadabama.
14. Barataan (qoratamaan) nama biraatiif yoo qoratame yookiin namni biraa akka isaa
qoratamu yoo taasise yakka guddaa waan ta’eef, kana raawwatee kan argame firiin
qorumsa isaa guutumaa guutuutti jalaa haqama; seeraanis nigaafatama.
15. Qoratamaan tokko waraqaa deebii nama biraa irraa garagalchuun yoo hojjatee firiin
qorumsaa isaa nihaqama.

21

You might also like