You are on page 1of 41

Eli’eel-Dhaloota Kiristoosiif; Dhaabbata Leenjii M/Qulqulluu

Eliel-Generation For Christ Bible Training Institute

Hiikkaa Macaafa Qulqulluu (Hermeneutics)

“…Jaalalaan dubbii dhugaa dubbachaa, koottaa karaa hundumaan gara


mataa isa nuuf ta’e gara Kiristoositti in guddannaa!” Efe. 4:15.

Eliel “Be disciple and go to others o create the true disciple creators!
Email:- eliel0607generation@gmail.com Cell Phone:- +251-926-54-54-40/ 942-47-18-58 1
Eli’eel-Dhaloota Kiristoosiif; Dhaabbata Leenjii M/Qulqulluu
Eliel-Generation For Christ Bible Training Institute

Baafata (Table of Contents)


Seensa……………………………………………………….....………………………………………………3

Boqonna tokko

1. Haala Hiikkaa macaaafa qulqulluun itti hiikamu baruun sababoota gurguddoo inni

barbaachiseef …………………………………………………………………………………………………….4

2. Haala Macaafni qulquluun itti hiikamu baruuf sababoota ijoo ………………….……………………………4

3. Kaayyoo mala macaafni qulqulluun itti qolatamuu fi hiikamun ………………………...……………………4

4. Rakkoole hiikkaa Macaafa Qualqulluu irratti mudatan ………………………………………...…………….5

5. Ogummaa hiikkaa abbootii Waldaa Kiristaanaa ishee jalqabaatiin ……………………………………..……6

Boqonnaa Lama

2.1. Gosa Hiikkaa Macaafa Qulqulluu……………………………………………………………….8

1. Mala iccitii ittiin dhoksaa hiikkaa macaafa qulqulluu barbaadan ………………………………………….…9

2. Mala hiikkaa Qanoonaa ………………………………………………………………….………………..…11

3. Hiikkaa sababa irratti hundaa’e ………………………………………………………………………..……12

4. Hiikkaa dhuunfaa ………………………………………………………………………………………...….13

5. Ceephoo adeemsa Hiikkaa Seenaa ……………………………………………………………………...….. 14

6. Seenawwaa, seerluga, barruu fi mala hiikkaa galumsaa (HGLC) ……………………………,,,,,,,,,,,,,,,……15

Boqonnaa sadii

3.1. Mala Macaafa Qulqulluu itti qolatamuufi hiikamu ……………………………………………................. 17

1. Xiinxaluu /ilaalu/ (Observation) …………………………………………………………............... 17

2. Seera hiikkaa (interpretation) …………………………………………………………...…………. 26

3. Hojii irra Oolchuu (Applicational idea) …………………………………………………................ 37

4. Guduufaa …………………...……………………………………………………………………… 40

Eliel “Be disciple and go to others o create the true disciple creators!
Email:- eliel0607generation@gmail.com Cell Phone:- +251-926-54-54-40/ 942-47-18-58 2
Eli’eel-Dhaloota Kiristoosiif; Dhaabbata Leenjii M/Qulqulluu
Eliel-Generation For Christ Bible Training Institute

Seensa /Introduction/

Waa’een hiikkaa macaafa qulqulluu yeroo ka’u, ilaalcha adda addaa namoonni qaban akka jiran
beekamaa dha. Tokko tokko:
 Macaafa Qulqulluu hiikuun hin barbaachisu; kadhachuudhaan yoon dubbise in ga’a jedhu.
Sababni isaas kadhannaadhaan hubannaa gaariin argadha jedhanii waanyaadaniif.
 Kaanimmoo kutaa macaafa qulqulluu tokko irra dedeebi’u dubbisuun in ga’a jedhu.
 Tokko tokko immoo macaafa qulqullu kan hiikan luboota qofa jedhanii amanu. Waa’ee
macaafa qulqulluu maalummaa isaa sirriitti yoo hubanne akkasumas karaa sirrii hin taane
hiikuun rakkoo inni fidu yoo ilaaluu dandeenye, Macaafa Qulqulluu hiikuun maalif akka
barbaachise beekna.
Macaafni Qulqulluun:
 Samii irra kan Gad bu’e osoo hin taane ;
• Afaan namootaan
• Seenaa namootaa
• Aadaa namootaa fi
• Yeroo namootaaf kenname kessatti ergaan waaaqayyoo kitaaba (macaafa) ittiin
darbe dha.
 Macaafa kamiyyuu dura macaafa maxxanfamee fi Afaanoota baay’eens hiikame dha.
 Ergaa hin jijjiirame kan qabatedha.
• Jalqaba warra barreeffameefis ta’e.
• Har’as nu’i warra dubbisuuf.
 Barri kan hin jijjiirre dhugaa kan qabate yoo ta’u,Waaqayyo :
• Barreeffama namootaan.
• Afaan namootaan.
• Aadaa, yaada, ilaalcha namootaatti fayyadamuun ergaa isaa kaninni ittiin dabarse
Macaafa Qulqulluu dha.
 Macaafni Qulqulluun aadaa, nama dhuunfaafi hawaassa jijjiiruu kan danda’u Waaqayyo
hafuura isaan akka barreeffamu macaafa taasise dha. Kanaafuu barreeffama gabaabaa kana
keessatti waa’ee hiikkaa macaafa Qulqulluu qo’achuun, haalli hiikkaa Macaafa Qulqulluu
keenyaa sirrii akka ta’u yaalla.

Eliel “Be disciple and go to others o create the true disciple creators!
Email:- eliel0607generation@gmail.com Cell Phone:- +251-926-54-54-40/ 942-47-18-58 3
Eli’eel-Dhaloota Kiristoosiif; Dhaabbata Leenjii M/Qulqulluu
Eliel-Generation For Christ Bible Training Institute

Boqonnaa Tokko

1. Hiikkaan macaafa Qulqulluu maali inni?

 Akkatan Barumsi hafuuraa (theology) ibsutti malli macaafni Qulqulluun itti hiikamuu fi
qo’atamu gareen qo’atu ‘Hermeneutics’ jedhamee beekama. Hiiknii fi dhufti isaas:
“Heermes” – jechuun ergaa gara namootaa fida jedhamee kan yaadamu waaqa tolfamaa yoo ta’u

• Kan waa uumuu


• Haalaan dubbii
• Kan saayinsii
• Waaqa barruu fi ogummaa jedhamee beekamaa ture
 Hermeneutics: - Akkaataa barumsa hafuuraa Kiristaanaatti saayinsii karaa sirrii ta’een
Macaafa Qulqulluu itti hiikanii dha.
Seerota sadan qo’aanoot bu’uura ta’aa jechuun.
• Irra keessa ilaaluu.(observation)
• Hiikuu .(interprate)
• Walitti fiduu: maloota jiranitti fayyaadamuun hiikaa macaafa Qulqulluuf
bu’uura saayinsii buusuu dha karaa biraatiin
2. Haala Macaafni Qulqulluun ittiin hiikamu baruun maalif barbaachisa kan
jedhuf sababoota ijoo
1. Barreessitoota macaafa Qulqullun yeroo ammaa kan jiran dubbisitootaa wajjin

• Seenaa dhaan
• Teessuma lafaatiin
• Afaaniin
• Aadaa dhaan gargar waan ta’aniif
2. Macaafa Qulqulluu yeroo dubbifnu, ergaa isaa akka galumsaatti hubachuuun
barbaachiisaa fi ta’uu waan qabu waan ta’eef.
3. Yeroo sanatti waan ture jechuun yeroo barreeffametti, barressaan sun maal jechuu akka
barbaade hubachuun waan barbaachisuuf. Sababni isaas kutaan barreeffamichaaa
yeroo jalqabaatti waan hin jenne yeroo ammaa kana jechuu waan hin dandeenyeef.
4. Kutaawwan macaafa Qulqulluu yeroo barreeffamanitti hiikaa knnuu kan dandaa’aniin
alatti hiikaa haaraa yoo laanneef yaadni ijoo isaa waan nuuf hin galleef. Dogongorri hiikkaa

Eliel “Be disciple and go to others o create the true disciple creators!
Email:- eliel0607generation@gmail.com Cell Phone:- +251-926-54-54-40/ 942-47-18-58 4
Eli’eel-Dhaloota Kiristoosiif; Dhaabbata Leenjii M/Qulqulluu
Eliel-Generation For Christ Bible Training Institute

immoo rakkoo barsiisaa fi jireenyaa fiduu waan danda’nuf, kana hambisuuf.


5. Lallabdoonni tokko tokko gooftaatu naaf ibse jechuun Macaafa Qulqulluu akkaataa
galumsa isaatti osoo hin taane haala dogongoraaan waan dubbataniif, sirreesuuf
akkasumas osoo hin dogongorin hiikuu akka dandeenyuuf .
3. Kaayyolee mala macaafni Qulqulluun itti qoratamuu fi hiikamuu

1. Namni dubbisu tokkoo tokkoo rakuu moofaafi kakuu haaraa dhuunfaa isaatiin

dubbisuu akka danda’u

2. Waaqayyo akkamitti macaafni Qulqulluun akka caafamu akka godhee fi maalif akka

caafame hubachuuf

3. Waaqayyo dhalanamaatiif ofii isaa karaa adda addaa akka mul’isee dhoksaa dubbii

isaa sirriitti ilaaluuf

Jireenya jijjiiramee fi haarayen ofii isaa /islee waaqayyoof bitchiisiisuu akka

danda’uuf namni dubbisu

Macaafni qulqulluun kan caafame afaan namootaan waan ta’eef aadaanis keessa jira; kanaafuu hiikuu
kan qabnu aadaa keenya osoo hintaane macaafa Qulqulluu keenya. Sababni isaas Macaafni
Qulqulluun hafuura Waaqayyoo waan qabuuf,aadaa jijjiira malee aadaan hin jijjiiramu.

 Macaafni Qulqulluun barreeffamaan kan qophaa’e bara 1406 Dh.K.D. kaasee hanga har’aatti
yoo shallagamu naannoo baroota (Waggoota) 3500 aboo isaa agarsiisaa kan dhufe, macaafa
jireenya namaa jijjiiru dha (2 xim 3÷10 - 17).Kanaafuu Macaafa jireenya namaaf kennu,
jiraataa ta’ee :
• Akkamitti dubbisuu qabna?
• Haalli itti hiikamuu fi qo’atamu maal fakkaata?
• Namootni akkamitti hiiku?
• Rakkoolee sababa hiikkaatiin dhufan akkamitti hubachuu dandeenya?

Kan jedhanii fi kanneen kana fakkaatan qo’annoo keenya keessatti ilaaluu yaalla. Hafuurri
Qulqulluun macaafaa ulfina qabeessa kana hiikuuf ykn ibsuuf gahee guddaa kan fudhatu yoo ta’e
iyyuu, qo’annoo keenya keessatti kanneen saayinsii hiikkaa macaafa qulqulluu (HGLC) kan
jedhamuufi akkasumas, hiikkaa galumsaa fi seerlugaa, seera akkamitti akka hiikamu ilaaluun irrattis

Eliel “Be disciple and go to others o create the true disciple creators!
Email:- eliel0607generation@gmail.com Cell Phone:- +251-926-54-54-40/ 942-47-18-58 5
Eli’eel-Dhaloota Kiristoosiif; Dhaabbata Leenjii M/Qulqulluu
Eliel-Generation For Christ Bible Training Institute

kan xiyyeeffanu ta’a.

Jaarroota jalqaba barreeffameef fi nu’i gidduu garaa garummaa barootaa, aadaa fi afaaniin faggeenya
jiru ittiin ceenunooraan (hermeneutics) kan jedhu ta’a. Kun Macaafa Qulqulluu hubachuu fi hiikuuf
dandeettii keenya guddisa.

4. Rakkoolee Hiikkaa Macaafa Qulqulluu

1. Adeemsa hiikkaa keessatti yaadolee garaagaraa irra darbun


 Ilaalcha barsiisa hafuuraa (theology) tokkoo macaafa Qulqulluu keessatti dubbisuu
2. Toora seenaa macaafa Qulqulluu hordofuu dhiisuu
 Hiiktoonni baay’een tokkoo tokkoo kutaa macaafa Qulqulluu duuba akka inni hundaa
beeku qooftaan jiru hin hubatan
 Macaafa weedduu weeddu caalu’n barreeffama saga galummaa jedhu (pornographic
literature)
3. Macaafa Qulqulluun alatti yaada ta’e macaafa qulqulluu waliin wal simsuu yaaluu
 Hiikaan akkasii kun har’as sirriitti mul’ata

5. Ogummaa hiikkaa obbootii waldaa kiristaanaa ishee jalqabaa keessatti


 Jaarraa 4ffaa fi 5ffaa yeroo abbootiin amantaa turanitti

Kan akkka - Atinaayoos


- Awugasgaxiin
-Jaaroom
fi kanneen biro barumsa hafuuraa irratti deebii garaagaraa gaaffilee ka’aniif kan kennan turan yeroo
kanatti

 Sadan tokkummaa Waaqaa (The nature of Triune God)


 Namummaa ; Waaqummaa fi hojii Yesus ilaalchisee barsiisni garaagaraa ka’aa turan.
manneen barnoota hafuuraa lama, saayinsii hiikkaa garaagaraa qabatanii ka’anii turan.

1. Mana Barumsa Aleksaanderiyaa (school of Alexandria)

2. Mana Barumsaa Anxookiyaa (School of Antioch)

1. Mana Barumsaa Aleksaanderiyaa

Kiristaanoota jijjiiraman leenjisuuf dhaabrata hundaa’e dha.


Mrotonni warra roomaa kanneen bulchan keessaa magaalaa tokko keessatti yoo ta’u kunis
mana Barumsaa Anxokiyaatti dhaabbate dha
Guddicha kan ta’e Aleksaanderiyaan Mana Barumsaa dhaabate dha

Eliel “Be disciple and go to others o create the true disciple creators!
Email:- eliel0607generation@gmail.com Cell Phone:- +251-926-54-54-40/ 942-47-18-58 6
Eli’eel-Dhaloota Kiristoosiif; Dhaabbata Leenjii M/Qulqulluu
Eliel-Generation For Christ Bible Training Institute

Yeroo sanatti Anxokiyaan


- Magaalaa daldalli keessatti ho’e turte.
- Handhuura barnootaa turte.
Magaalaa kana keessa manneen barnootaa turan walitti qabamanii mala ittiin icciittii
macaafa Qulqulluu beekun ykn hiikuu (Allegorical interpretation) mana barumsichaa
dhaaban.
Manni Barumsaa kan turtii keessa beekamtii argateera.
Mana barumsaa kanaaf Falaasamoonni lama gahee guddaa taphataniiruuf; isaanis
- Pilaatooniizim (Platonism) fi
- Istooyisiizim (Stoicism)

Pilaatooniizim: -Yaadaa fi wanta hin argamne irratti xiyyeeffata

- Addunyaan kun gaaddiddun addunyaa ishee dhugaa taatee ti jedha

- Namootatti isheen mul’atu addunyaan kun ishee dhugaa osso hin taane, dhugaa ishee taateef
fakkaattii dha.

- Yaadaan addunyaan jirtu ishee dhugaa yoo taatu kan amma mullattu ammo gaaddidduu ishee ti.

- Lamaanuu jechuun addunyaa dhugaa fi gaaddidduu ishee taate gidduu naraatu jira

- Kana irraa kan ka’e yaadaan addunyaa jirtu kan argachuuf hiikkaa iccitii barbaaduun beekamaa
dhufe
Istooyisiim:- pilaatooniizim irraa adda yemmuu ta’an

- Addunyaa mul’attuu fi hin mul’anne gidduu garaa garummaan jira yaada jedhu hin fudhatan

- Addunyaan argamu handuu qabatamaa dh

- Yaada pilaatooniizim kan deggeru addunyaa mul’attuu fi numama gidduu garaagarummaan akka
hin jirre

- Jechoota kan hiiku akka bashannaannaatti ykn ajaa’ibsiisaati; kunis Haayipnotisit (hypnotist)
jedhama.

2. Mana Barumsaa Anxookiyaa (School of Antioch)

 Inni kunimmoo mana barumsaa isa seeriyaatti argamuu Anxookiyaa keessaa


 Magaalattin Aleksaander guddichaan kan hundoofte yootaatu turtiin booda garuu buufata
mootumootaa taateeti.
 An xookiyaan Magaalota bara duritti turan keessaa ishee tokko

Eliel “Be disciple and go to others o create the true disciple creators!
Email:- eliel0607generation@gmail.com Cell Phone:- +251-926-54-54-40/ 942-47-18-58 7
Eli’eel-Dhaloota Kiristoosiif; Dhaabbata Leenjii M/Qulqulluu
Eliel-Generation For Christ Bible Training Institute

 Handhura daldakaa fi barumsaa turte


 Barumsi faalaasamaa Aristootiliin kennamaa tures keessatti babal’ateera
 Akka Alaksaanderiyaas hiikkaa icciitii hin hordofan turan
 E. Haa ta’u malee Barumsi Anxookiyaa hiikkaa jecha jechaanii, ilaalcha galumsaa, seenaa fi
seerluga (Historical Grammatical Literary context) mala jedhu hordofaa ture.
 Malli saayinsii hiikkaa warra Anxookiyaa burqaan isaa falaasama warra Girikootaa fi
Yihuudotaa hin ta’in hin hafu.

Boqonna Lama

2.1. Maloota Macaafa Qulqulluu itti hiikan

Macaafni Qulqulluun macaafa addaa yoo ta’u wanti adda godhan:

 Hafuura qulqulluun karaa namootaa kan kenname ta’uu.


 Namoonnis kan sirriitti hubachuu danda’an hafuura qulqulluun qofa ta’uu .
 Kaayyoo macaafni qulqulluun caafameef akka raawwii argatu gahee guddaa kan taphatu
hafuura qulqulluu waan ta’eef.

Kiristaanoota baay’een malli hiikkaa macaafa qulqulluu yoo raawwatame illee kanneen keessaa jahan
ilaalluu yaalla.

Tokko tokkoo amala badaafi gaarii qaban akkasumas akkaataa itti dhufan hubachuun mala isa wayyu
hordofuu dandeenya.

Gosoota Hiikkaa
1. Malahiikkaa iccitii dhoksaa ittiin macaafaa barbaadan (Allegorical interpretation)
2. Mala hiikkaa Qanoonna (Dogmatic Interpretation)
3. Hiikkaa sababa irratti hundaa’e (Rationalistic Interpretation)
4. Mala hiikkaa dhunfaa (Subjective interpretation)
5. Ceephoon adeemsa hiikaa seenaa (Historical criticism)
6. Seenawwan, seerluga, barruu fi mala hiikkaa galumsaa (HGLC )
1. Mala HiikkaaIccitii DhoksaaIttiin Barbaadan (Allegorical interpretation)

a. Hiikkaa:- Adeemsaa hiikkaa ittiin hiika dhoksaa fi iccitii ta’e barbaaduu hordafan dha

Eliel “Be disciple and go to others o create the true disciple creators!
Email:- eliel0607generation@gmail.com Cell Phone:- +251-926-54-54-40/ 942-47-18-58 8
Eli’eel-Dhaloota Kiristoosiif; Dhaabbata Leenjii M/Qulqulluu
Eliel-Generation For Christ Bible Training Institute

- Hiikni isaa hiikkaa kutaa kennamee irraa adda ykn baay’ee kan fagaate dha

- Namni hiiku hiikaa dhokotaa ykn iccitii kan hiika sirrii ta’een addatti barbaada

b. Dhufaatii isaa:- Falaasama Girikootaa irraati.


- Osoo kakuu haaraan hin caafamin dura falaasifota girikootaa biratti waan
baratame ture .
- Barsiisota sobaa baay’eef mala hiikkaa kana hordofuu tu
- Bara 20 Dh. K. D – 54 Dh. K. B yeroo jiran keessatti fiiloo jedhafalaasifaan beekamu kan
jalqabe yoo ta’u, haalli hiikkaa kun kan jalqabe macaafni Qulqulluu fi falaasamni walitti hin bu’an
yaada jedhu kaasuu yaaluu dhaan ture. Hiikaa hafuuraa kennuufiin waldaa kiristaanaa jaarraa
tokkoffaa fi giddugaleessaa keessatti kan baratame ture.

c. Namoonni hordofaa turani

1. Falaasfota Girikii
Falaasama Girikootaa kan hordofaa miitoloojii waan dhoksaa fi iccitii ta’an in ibsu turan
 Waa’ee gaarummaa waaqolii tolfamoo Girikootaa dhoksaan
 Waa’ee namaa ta’uu waaqaliitolfamoo Girikootaa hiikaa iccitiin
 Waa’ee namaa ilaalcha qaban ibsu turan

2. Fiiloo (20 Dh. D – 50 Dh.B) nama jiraate yoo ta’u .

 Hiikkaa jecha jechaanii fi kan bilchina hin qabne turan jedha.


 Hiikkaa guutuun bira gahuuf mala hiikkaa kana fayyadamuu qabu
 Falaasfaan Yihuudii kun hiikkaan jecha jechaanii namoota hin bilchaaneef
yoo jedhu,
 Hiikkaan (Allegorical) immoo namoota bilchaatanif ta’ee lubbuu kan
boqochiisuu ykn quubsu dha jedha.
 Kutaaa kaminiyyuu yoo dubbifnu waa’ee Waaqayyoo waan ifa hin taane
dubbatu jedha.

Fakkenyaaf ,akkas jedheera ;


- Torban meeshaa aarsaa – Pilaaneetota turban Kan bakka bu’ani dha.
- Abrahaamii fi Saaraa:- Sammuu fi amala gaarii bakka bu’u.
3. Juustiin Maartiin (Bara 100 – 64 Dh.K.B)
 Abbootii amanti keessa tokko yoo ta’u dhugaaf kan falmaa ture kiristaana
dhugaa ture.

Eliel “Be disciple and go to others o create the true disciple creators!
Email:- eliel0607generation@gmail.com Cell Phone:- +251-926-54-54-40/ 942-47-18-58 9
Eli’eel-Dhaloota Kiristoosiif; Dhaabbata Leenjii M/Qulqulluu
Eliel-Generation For Christ Bible Training Institute

 Waa’ee amantii isaaf Kan lubbuu isaa dabarsee kenne dha.


 Kakuu moofaa fi kakuu haaraa faayidaa irraa oolchuuf karaa (Allegorical)
ta’een yoo hiikne qofa jedheera.

Fakkeenyaaf:- Liiyaa :- Saba yihuudotaa bakka buuti jedhe


Raahel :- Waldaa kiristaanaa kakuu haaraa bakka buuti jedheera
Aaroonii fi hoori harka Musee lamaan kanneen olkaasan fannoo Yesuus bakka bu’a jedheera.

4. Oorigon :- (bara 185 – 254)


 Mana Barumsaa hafuuraa Aleksaanderiaa keessatti dura bu’aa fi barsiisaa
nama ture yoo ta’u, abbootii durii keessaas beekamaa fi nama hafuuraa ture.
 Macaafa Qulqulluu falaasamaa wajjin wal simsiisuuf kan carraaqaa ture yoo
ta’u mala (Allegorical) macaafa qulqullun hiikaa ture.

Fakkeenyaaf :- Markabni Nohi – Waldaa Kiristaanaa


- Nohi – kiristoosii wajjin wal fakkeeseera
- Ribiqaan-bishaan waraabuu dhufuu ishee fi loleen Abraham argachuun
kiristaanoon guyyaa guyyaan gara macaafa Qulqulluu ilaaluun Kiristoosiin
qaamaan argachuu dha fakkeenya jedhu kaa’eera.
 Lubbuun foon uffattee dhalatti jedhee barsiisuun (Reincarnation) nama
hordofu isa taasiseera .
 Seexannis yoo ta’e suuta suutaa adabbii isaa erga gudhatee booda in fayya
barsiisa jedhu kan barsiise (Allegorical) kanaan fayyadameeti .

5. Giriigon (540 – 604 )

 Waldaa Kaatolikii warra Roomaa keessatti luba jalqabaa kan ture yoo ta’u mala
(Allegorical) jedhutti fayyadamaa ture .
 Malli hiikkaa kun karaa itti lubbuu soorani dha jedhaa ture.

Fakkeenyaaf:- Macaafa Iyyoob Keessatti kan caqase yoo ilalle:

- Hiriyoonni Iyyoob sadan– akka gantootaatti


- Kudha lamaan ijoollee Iyyoob – 12 bartoota gooftaa
- 7000 hoolonni Iyyoob – akka qulqullootaati
- 3000 galaanni – yaada waa’ee hin baafneetti
- 500 cimdii sangaa – akka amala gaarii tti
- 500 harroonni – akka amala sagaagalummaatti

Eliel “Be disciple and go to others o create the true disciple creators!
Email:- eliel0607generation@gmail.com Cell Phone:- +251-926-54-54-40/ 942-47-18-58 10
Eli’eel-Dhaloota Kiristoosiif; Dhaabbata Leenjii M/Qulqulluu
Eliel-Generation For Christ Bible Training Institute

6. Toomaas Akuwwiinaas (1225 – 1274)


 Beekaa fi beekamaa amantaa kaatolikii keessaa ta’ee cimsee mala macaafa qulqulluu
itti hiikan (Allegorical) kan hordofu ture.
 Hiikkaan macaafa qulqulluun kan hafuuraa jecha jechaa (irra keessa) mala itti
hiikamuu ala jedheera.
• Aliigorii – hiikkaa iccitii kan agarsiisu yoo ta’u
• Taayippoolojii– garuu gocha irratti hundaa’uun walfakkii agarsiisa

Fakkenyaaf :- kakuu moofaa keessatti aarsaan hoolichaa kiristoosii fi gaaddidduu fi fakkeenya.


• Anaaloojii – qabiyyee walfakkii qabatee kallattiin kan walitti dhufu dha
Fakkeenyaafi lafa onaa keessatti bofa museen fannies fannoo yesuus wajjin kan walqabatu ta’uu kan
agarsiisu dha
D. Rakkoon isaa
1. Aboon macaafa qulqulluu hiikuu akka namicha hiikuutti akka ta’u taasisa
2. Yaada iccitii hojiin barbaaduu daangaa waan hin qabneef, namni hiiku waan fedhe
jechuu danda’a
2. Mala Hiikkaa Qanoonaa (Dogmatic Interpretation)
a. Hiikkaa:- Kutaa macaafa qulqulluu keessatti kan ibsame dhugaa caalaa macaafa

qulqullu alatti haala jiru irratti xiyyeeffachuun hiikuu dha

• Hiikaa kutaa kennamee kan murteessu


- Namicha hiiku
- Gareen
- Waldaa kiristaanaan fik.k.f
• Barreeffamni qulqullaan hiikamuu kan qabu waldaa kiristaanaa jalatti qorannoo
gochuun qofa jechuu dha.
• Qanoonaan waldaa kiristaanaa hiikaa erga argatee booda, miseensoonni waldichaa
barsiisa qophaa’e qofa fudhatee hubata jechuu dha .

b. Dhufa seenaa isaa

• Waldaan kiristaanaa isheen durii mala hiikkaa kanaaatti fayyadamuu wanti


eegalteef barsiisa sobaa luluuf jecha ture.
• Walgahiin waldaa kiristaanaa fi aboon lubootaa xumuramaa yeroo dhufetti mala
hiikkaa qanoonaa akka cimu godheera
• Malli hiikkaa qanoonaa waldaa kiristaanaa warra Roomaa keessatti akka babal’atu
godhee ture.

Eliel “Be disciple and go to others o create the true disciple creators!
Email:- eliel0607generation@gmail.com Cell Phone:- +251-926-54-54-40/ 942-47-18-58 11
Eli’eel-Dhaloota Kiristoosiif; Dhaabbata Leenjii M/Qulqulluu
Eliel-Generation For Christ Bible Training Institute

- Namootaa dhuunfaa tokko tokko biratti .


- Garee tokko tokko biratti .
- Gareewwan sochii garaa garaa uuman tokko tokko biratti hiikkaa cimaa
ta’ee ture .
c. Guddina mala Qanoonaa
1. Jaaraa 2ffaa fi barsiisa sobaa

• Jaarraa 2ffaa keessatti barsiis sobaa waldaa kiristaanaa keessatti yemmuu cimee
mul’achaa turetti, waldaa kiristaanaaf meeshaalolaa ta’ee fayyadeera.
• Xerxuliiyaan kan jiraate bara 160 – 220 abbaa waldaa kiristaanaa yoo ta’u,
caaffatin qulqulluun kan waldaati qabeenyummaan isaanii jechuun mala hiikkaa
kana akka aadaa ta’u godheera
2. Jeroom (347 – 419) fi Awugastiin 354 – 430
• Abbootiin kun waggoota 1000 kan tajaajile mala hiikkaa qopheessaniiru
3. Kaawonsilii Tireentuu:- (1546 – 1562)
• Walgahii kaatolikiin walitti qabame yoo ta’u kaayyoon isaas sochii haaromsa
luutiran mormuu yoo ta’u,
• Murteen dabarsanis macaafni qulqulluun aboo mataa isaa hin qabu kan jedhu
ture.
• Dhugaan hafuuraa kan darbe geggeesitoota waldaa kiristaa in bita kan jedhu
ture.
• Dhugaanis hiika kan argatu aboo waldaa kiristaanaa jalatti malee nama
dhuunfaan hin argamu murtee jedhus darbarsaniiru.

d. Rakkoo isaa:

• Macaafa qulqulluu irraa barreeffama adda tahe burqaa aboo godhachuu isaa.
• Aboo kana ammo macaafa qulqulluun olgochuun mala hiikkaa qanoonaa
rakkoo isaa mul’isa .
Fakkeenyaa fi :- Torban seera kaatolikii
- Waa’ee lubootaa
- Waa’ee fakkii
- Waa’ee Maariyaamii aboowwan kennamanii fi barsisi jiran mala
hiikkaa Qanoonaa ti.
3. Hiikkaa Sababa akkaataa sammuu namaaf mijateen hiikuu
a. Hiikkaa:- Macaafa qulqulluu akkaattaa sammuu namaaf mijateen hiikun yaaluu
 Sammuu namaatiin fudhatama kan hin qabne ykn sababa dhiyyeessuufiin kan hin
dandaa’amne kamiyyuu

Eliel “Be disciple and go to others o create the true disciple creators!
Email:- eliel0607generation@gmail.com Cell Phone:- +251-926-54-54-40/ 942-47-18-58 12
Eli’eel-Dhaloota Kiristoosiif; Dhaabbata Leenjii M/Qulqulluu
Eliel-Generation For Christ Bible Training Institute

1. Soba (akka dogongoraatti) akkaa’ama yookiin


2. Hiikni biraan akka kennamuf ta’a
Fakkeenyaaf : a.Galaanni Ertiraa hin hiramne
b.Yoonaas garaa qurxummii keessa guyyaa sadiif halkan sadii turuu hin danda’u.
 Dhugummaa fi dogongorummaan macaafa qulqulluu kan murtaa’u hubannoo
namootaan.
b. Seenaa dhufa isaa:
 Hundeen isaa sochii bara kaka’umsaa (Renisence Age) dha.
 Jaarraa 17ffaa keessa biyya Awurooppaa keessatti kaka’umsi sabaa ka’ee ture; kunis
barsiisa hafuuraa liibiraliif burqaa ta’eera .

c. Rakkoo isaa:

 Aboo macaafa qulqulluu in gana.


 Sammuun namaa hiikkaa macaafa qulqulluuf bu’uura jedhee fudhachuu.
 Sammuu namaa irraa ka’ee gara macaafa qulqulluu deemuun macaafa qulqulluu
hiikuu yaaluu.

4. Hiikkaa dhuunfaa (Subjective Interpretation)

a. Hiikkaa :- caafata qulqullaa’aan hiikamuu kan danda’u yeroo “namichi hiikuu lapheen
isaa tuqamu dha” kan jedhu dha.
o Hiikkaan macaafa qulqulluu miiraa fi muuxannoo namicha hiikuun murtaa’a jechuu
dha.
o Namni hiiku kamiyyuu macaafni qulqulluun isaaf maal akka jedhu murteessa jechuu
dha .
o Akkaataa ilaalcha kanaatti kutaan macaafa qulqulluu tokko fudhatama kan qabu
hiikaawwan adda addaa qabaata jechuu dha.

b. Seenaa dhufa isaa:

o Shileeyimark (1768 – 1844)


o Kiirkikegaard (soren kirkegard) (1813 – 1855)
o Kaarilii Baart (1886 – 1968)
o Bultimaan (1884 – 1976) kanneen jedhaman falaasifotan

- Macaafni qulqulluun akkaataa muuxannoo namicha hiikuutti hiikamuu qaba

- Hiikkaan kutaa macaafa qulqulluu akkaataa muuxannoo nama hiikuutti murtaa’uu qaba

Eliel “Be disciple and go to others o create the true disciple creators!
Email:- eliel0607generation@gmail.com Cell Phone:- +251-926-54-54-40/ 942-47-18-58 13
Eli’eel-Dhaloota Kiristoosiif; Dhaabbata Leenjii M/Qulqulluu
Eliel-Generation For Christ Bible Training Institute

- Hiikni macaafa qulqulluu nama hiikuun alatti waan jiru irratti hundaa’uu qaba jedhu

- Akkaataa barsiisa isaanitti macaafni qulqulluun sagalee waaqayyoo osoo hin taane, sagaleewaa
qayyoo kan qabate dha.

c. Rakkoo isaa:-
o Hiikkaa Macaafa qulqulluu kan murteessan warra aboo qaban, nama dhuunfaas ta’e
gareen ta’a (luboota, tiksee…)
o Namicha hiikeen alatti sirrii ta’uusaa kan murteessu wanti qabatamaan hin jiru jedhu
(No standard to interpret the biblical truth)

5. Ceephoon Adeemsa hiikkaa seenaa (historical criticism)

a. Hiikkaa: Macaafa qulqulluu akkuma macaafa kamittuu ilaaluun.


 Macaafa hafuuraa ta’uu isaa fi
 Qabiyyee waaqummaa isaa ganuun ceephaa’uu jechuu dha.
b. Dhufaatii seenaa isaa:
 Macaafni qulqulluun dogorgora qaba jedhanii namoonni.
 Amantii haaraa kan qindeessanii fi Liiberal Theology kan jedhaman kana hordofu
 Macaafni qulqulluun guutumatti sagalee Waaqayyoo miti jedhu.
c. Rakkoo isaa:
 Namoonni kutaa hin barbaadan kutanii baasanii itti fayyadamu.
 Hiikuu kan danda’an qofti akka isaaniif ta’utti kaa’u .
6. Seenawwaa, seerluga, barruu fi amala hiikkaa galumsaa
(Historical Grammatical Literary Context) (HGLC)
a. Hiikkaa isaa: Namni hiiku qo’annoo fi geggeessaa hafuura qulqulluutiin hiikaa sirrii
namicha barressee

- Seenaadhaan
- Seerlugaan
- Galumsa barreeffaamaaf xiyyeeffannoo kennuun barbaaduu dha.
 Barreessaan macaaficha karaa geggeessaa hafuura qulqulluu kan dabarse hiikaa
sirrii namni hiiku immoo seenaa, seerlugaa fi akkaata galumsaa hiikuu kan qabu
dha.

b. Dhufaatii seenaa isaa:

 Haala kanaan hiikuun macaafni qulqulluun aboomataa isaa kan qabu ta’uun
baroota keessaatti namoota biratti beekameera.
 Macaafni qulqulluun ofii isaatiin of hiika bara haroomsa geggeesitootni turan

Eliel “Be disciple and go to others o create the true disciple creators!
Email:- eliel0607generation@gmail.com Cell Phone:- +251-926-54-54-40/ 942-47-18-58 14
Eli’eel-Dhaloota Kiristoosiif; Dhaabbata Leenjii M/Qulqulluu
Eliel-Generation For Christ Bible Training Institute

- Luuteriin
- Eeriki Ziiwinigiliin
- Kelviin mala kanatti fayyadamaa turan
 Iraniiyes (130 – 202) Kan jedhame abbaa waldaa kiristaanaa macaafa qulqulluu
karaa sirrii fi ifa ta’een hiika isaa hubachuu qabna jedhee cimsee dubbateera.
 Manni barumsaa Alekissaderiyaa (Allegorical) hiika jedhu yemmuu hordofan,
manni barumsaa Anxookiyaa ammo mala (HGLC) hordofaa turan.

c. Faayidaa isaa

1.Namnihiiku macaafa qulqulluun alatti hiikaa fiduu irraa of eegee aboo

macaafa qulqulluu akka kabaju godha.

2. Jalqaba sammuu namicha barressee keessa kanture namni hiiku hubachuuf

yaaluun, jalqaba macaafni qulqulluun geggeessaa hafuura qulqulluun

barreeffamuusaa amanuu agarsiisa

3. Dhufa seenaa isaa qo’achuun namni hiiku macaafni qulqulluun seenaa namootaa
keessatti kennaa Waaqayoon kenname ta’uu gochaan amanuu agarsiisa.
4. Macaafa qulqulluu seerluga isaa eegee hiikuun, macaafni qulqulluun afaan
namootaan kan kenname aboo qabeessa sagalee Waaqayyoo ta’uu amana.
5. Macaafa qulqulluu akkaataa galumsa isaatti qo’achuun:
• Afaan namootaan kan kenname ta’uu,
• Aboo qabeessa sagalee waaqayyoo ta’uu,
• Keessa isaa kan jiran gosa barreeffamootaa fi haalaan dubbiiwwaniif
xiyyeeffannookennuun qo’achuu shaakala.

d. HGLC –Sirrii akka ta’uuf sababoota kan ta’an

1. Sagaleen Waaqayyoo mul’ata malee hibboo akka hintaane ta’uu.

• Waaqayyoo dhala namaaf waan guddaa inni kenne keessaa tokko afaan ta’uun,
macaafni qulqulluun afaaniin kan bareeffame ta’uu
• Macaafichis kan hiikamuu qabu, akkaataa galumsa afaanichaan ta’uu

2. Raajiin kakuu moofaa kakuu haaraan hiikaamuufi raawwachuun isaanii hiikaa


sirrii taasisa.
3. Macaafa qulqulluu keessatti haalan dubbii ibsaman (figure of speech) sirriitti

Eliel “Be disciple and go to others o create the true disciple creators!
Email:- eliel0607generation@gmail.com Cell Phone:- +251-926-54-54-40/ 942-47-18-58 15
Eli’eel-Dhaloota Kiristoosiif; Dhaabbata Leenjii M/Qulqulluu
Eliel-Generation For Christ Bible Training Institute

akka barreeffamanitti hubachuu waan dandaalamuuf, kutaa biraa hordofuu kan


hin barbaachisne akka ta’e kan hubachiisu waan ta’eef .
4. Qabiyyee seenaa dubbisichaa hordofuu waan dandeesisuuf, barreeffamni
kamiyyuu (Allegori) ykn saabi jektii viizimiin hiikamuu hin qabu ejjennoo
jedhu qabaata.
5. Duraa duuba yaadaa (logic) seera yaadaa fi afaaniin yaadolee ibsaman
argachuuf kan gargaaru waanta’eef.

Boqonnaa Sadii

3.1. Mala Macaafni Qulqulluun itti qo’atamuu fi Hiikamu

1. Xiinxaluu /Sirritti Ilaaluu/ (Observation)

2. Adeemsa hiikkaa (Interpretation)

3. Walsimsiisuu (Application)

3.2. Qo’annaafi hiikaa macaafa Qulqulluu

(Hermeneutics) jechi jedhu jechi Afaan Girikii Afaan Inglizii keessatti hiika lama qabaata, Isaanis:

1. Seera bu’uura qo’annoo fi

2. Kan dubbisuu akkasumas kan dhagahuuf ergaa yeroo yemmuu qabatu

 Dhugaa lamaan kana kan hubachuun dandaa’amu wabiilee keessaa fi alaa irratti hundaa’uun
namni dubbisu qabiyyee isaa hubachuu danda’a.
 Dhugaan kun erga mirkanaa’ee booda namni dubbisu ykn dhaga’u jireenya isaa har’aa fi kan
ta’u hubachuu danda’a.

Mala Macaafni Qulqulluun itti qo’atamu beekuu

1. Yaada nuti Waaqayyoo fi macaafa qulqulluuf qabnu bal’isa.

2. Tokkoo tokkoon Kiristaanaa guyyaadhaa guyyaatti gara Kiristoos fakkaachuutti guddata

A. Kiristaannoonni baay’een maalif akka macaafa qulqulluu akka hin qo’anne:

1. Akkamitti akka qo’atamu waan hin beeknee fi tokko tokko immoo:


- Afaan Girikii fi Ibiraayisxii dandeettii waan hin qabneef kanaaf yoon qo’adhe illee

Eliel “Be disciple and go to others o create the true disciple creators!
Email:- eliel0607generation@gmail.com Cell Phone:- +251-926-54-54-40/ 942-47-18-58 16
Eli’eel-Dhaloota Kiristoosiif; Dhaabbata Leenjii M/Qulqulluu
Eliel-Generation For Christ Bible Training Institute

naaf hin gallu jedhu


2. Ani tajaajilaa waanan hin taaneef maal na fayyada?
- Macaafa qulqulluu qo’achuu kan tajaajiltootaa qofa akka ta’etti kan fudhatan jiru.
- Xiyyeeffannoo kan itti kennan salphaatti hubachuu kan danda’an qofa
(Abboomii kurnan, Far 23 K.K.F)
- Yoon rakkadhe tajaajiltoota koon gaafadha jechuu
3. Macaafa qulqulluu dubbisuuf yeroo hin qabu; kun immoo qo’annoo macaafa
Qulqulluuf iddoo gad aanaa kennuu agarsiisa.

4. Macaafa Qulqulluu shakkuu; kun immoo ilaalcha warra liibirali warra qaban dha.

5. Fedha dubbisuuf harkisu waan hin qabneef .

Kanneen kana fakkaatan namonni akka sagalee Waaqayyoo hin dubbifnee fi jireenya isaanii akka hin
jijjiire gufuu itti ta’u.

B. Macaafa Qulqulluu maalif qo’anna?

1. Guddina Hafuuraaf (1 phex 2:2)

 Beekumsi macaafa qulqulluu sammun guutuuf qofa osoo hin taane, jijjiiruuf in
fayyadu
 Guddachuu kan qabnu: - ilaalchaan (sammuun)
- Kaayyoon
- Sagalee isaa qo’achuun (1 Qor 3: 2)

2. Bilchina hafuuraaf (Ibr 5:11)

 Jireenya hafuuran guddachuun gara bilchinaatti nugeessa.


 Yeroon guddina keenya irratti gahee waan qabuuf yeroo keenyatti guddina keenyaaf
sagalee ta’u dubbisuu.
 Bilchinni jireenya Kiristaanaa kan adda taasisu sagalee Waaqayyoo akka dhugaatti
fudhatee qo’achuu fi ittiin jiraachuu dha.

3. Firii ija hafuuraa godhachuu (2 Xim 3: 16 – 17)

 Barsiisuuf
 Balleessaa hubachiisuuf
 Qajeelchuuf
 Qajeelluummaattis leenjisnudhaaf fayyada

Eliel “Be disciple and go to others o create the true disciple creators!
Email:- eliel0607generation@gmail.com Cell Phone:- +251-926-54-54-40/ 942-47-18-58 17
Eli’eel-Dhaloota Kiristoosiif; Dhaabbata Leenjii M/Qulqulluu
Eliel-Generation For Christ Bible Training Institute

C. Macaafa Qulqulluu hubachuuf qophii dursaa

1. Qalbii yaada haara’e (Qor 2: 14 -16)


 Kiristoosiin gooftaa isaa godhatee kan fudhate
 Yaada jijjiirame kan barbaachisu afaan Girikii ykn Ibiraayisxii beekuuf osoo hin
taane macaafni qulqulluun waan jedhu ajajamuuf
2. Qalbii dheebotte (1 phex 2:2 – 3)
 Dhugaa dubbii macaafichaa hubachuuf qalbii dheebotte barbaachisa
3. Qalbii ajajjamtu (Far 119: 98 – 100)
 Sagalee Waaqayyoo baruufi ajajamuun walcina kan deeman dha malee kan gargar
bahanmiti.
4. Qalbii baru barbaachisa (Isa 50:45)
 Yeroo hundaa qalbiin waan haaraa baruuf qophaa’u waan hundumaa akka beeketti
of hin lakkaa’u.
 Carraaqii dhuunfaa
- Macaafni qulqulluun dhiba’aaf ija hinkennu.
- Yeroo baay’ee kenninee macaafa qulqulluu yoo dubbifne faayidaa baay’earganna
 Waaqayyoof ifa ta’uu (Fak 8: 34 – 35)
 Jijjiiramuuf qophaa’oo ta’uu .
 Ittiin tajaajiluuf sagalee isaa haa qo’annu; jalqaba jijjiiramuuf dursa haa laannu;
kanaa booda jireenya keenya sagalichaaf haa hirru.
 Mala itti hiikamu hubachuun cimsinee haa qo’annu.
 Kallattii qo’annoo isa sirrii qabannee qo’achuun qo’annoo mucaafa qulqulluu isa
sirrii dha.

D. Macaafa Qulqulluu akkamitti haa qo’annu?

Macaafni qulqulluun mataan isaa akka qo’annu waan nuajajuuf akka itti qo’annu beekuu nu
barbaachisa.

1. Macaafa qulqulluu qo’achuuf mala nuti hin fayyadamne


 Mala soorgoo fi sookoo (allegorical interpretation)
 Mala Qanoonaa (Dogmatic interpretation)
Kan Waldaan kiristaanaa labsiin murteesite sagalee Waaqayyoon alatti ykn aboo macaafa qulqulluun
ol kan ta’ani hin fudhannu.
 Yaada nama dhuunfaan kan ta’e (subjective interpretation)
 Sirrii fi jecha jechaan mala ibsu fayyadamna (HGLC)

Kallattiinii fi ifa karaa ta’een malli hiikamu, Afaan barreesichaa hordofuun waan inni dabarsuu

Eliel “Be disciple and go to others o create the true disciple creators!
Email:- eliel0607generation@gmail.com Cell Phone:- +251-926-54-54-40/ 942-47-18-58 18
Eli’eel-Dhaloota Kiristoosiif; Dhaabbata Leenjii M/Qulqulluu
Eliel-Generation For Christ Bible Training Institute

barbaade argachuuf fayyada.

Fakkeenyaaf: (Yoh 3: 1 – 13) “… nama foonii ttii kan dhalate foon, hafuuratti kandhalate hafuura!”

Kutaan kun waa’ee lammata dhalachuu kan dubbatuta’uu isaa sirriitti hubachuu barbaachisa; kanaaf
kan nu fayyadu hiikaa galumsaa ti.

2. Macaafa qulqulluu qo’achuuf adeemsota nuti hordofnu:


1. Irra keessa ilaaluu (observation)
2. Hiikuu (Interpretation) fi
3. Walsimsiisuu (Application idea) ta’a
1. Irra keessa ilaaluu (Observation)
 Adeemsa jalqabaa yemmuu ta’u “maalan arge?” (dubbise) jennee sadarkaa itti of gaafannuu
fi deebisnu dha.
 Mala kanaaf ka’umsa yoo ta’u nuyif maal jedha jennee hin eeggalu.
 Sadarkaa kanatti

1. Kutaa Macaafa qulqulluu qoa’anu dha


2. Odeeffannoo kamiyyuu kutaa macaafa qo’annaa keessaa hojii barbaachisugeggeeffana.
3. Gudunfaa kamiyyuu kennuun hin danda’amu.
4. Kan qo’atamu ifatti, tokko tokkoon ta’uu qaba.
 Xiyyeffannoo kennuun qabxiilee barbaachisoo ta’an baasuun
- yeroo fudhata
- muuxannoo gaafata
- caraaqii barbaachisa
- Irra deddeebbi’uun dubbisuu gaafata
Yaada baaqqee irraa gara dimshaashaatti mala qo’annoo macaafa qulqulluu (Inductive Bible
study)
 Gad fageenyaan macaafa qulqulluu qo’achuu yeroo barreeffametti afaan, aadaa fi
teessumma lafaa qo’achuun hiikuun bara keenyatti, bara kan ce’u sagalee Waaqayyoon akka
wal quunnamnu (Inductive Bible Study) baay’ee barbaachisaa dha.
 Qo’annoo kana keessatti adeemsota baay’ee barbaachisoo ta’an irra keessa ilaaluu, hiikuu fi
walsimsiisuu sirriitti hubanna.

Seera irra keessa ilaaluu

- sirriitti ilaaluu
- xiyyeeffachuu
- hubachuu

Eliel “Be disciple and go to others o create the true disciple creators!
Email:- eliel0607generation@gmail.com Cell Phone:- +251-926-54-54-40/ 942-47-18-58 19
Eli’eel-Dhaloota Kiristoosiif; Dhaabbata Leenjii M/Qulqulluu
Eliel-Generation For Christ Bible Training Institute

- qo’achuu of keessatti qabata


a. Yeroo irra keessa ilaaluu tti waantota ilaalamuu qaban
1. Jechoota furtuu ta’an (key words) qo’achuu
 Jechootni furtuu ta’an ergaa barreessaa kan qabatan dha

Jecchoonni

- Himaan
- Keeyyataan
- Boqonnaadhaan
- kitaaba guutuu keessatti irra deddeebiin yoo jiraatan xiyyeeffannoo akka
ta’anitti sirriitti qo’achuu qabna
Fakkeenyaaf: Wangeela Yoohaannis keessatti “Amani” jechi jedhu yeroo 98 caqafameera
Maarqos Keessatti immoo “cuuphaa” jechi jedhu yeroo baay’ee barreeffameera.
2. Caasaa barreffamicha (structure) qo’achuu
Kutaan qo’annoo keenyaa akkaataa itti taa’e ilaaluu jechuu dha.

a. ijaarsa seenaa isaa

o Haala attamii keessatti akka barreeffame


o Kan jalqaba ergicha fudhatan eenyu akka ta’an
o Yeroo fi bakka itti barreeffame
o Kaayyoon macaafichaa walumaa galatti maal akka ta’e hubachuu

b. Ijaarsa seerlugaa

Hima keessatti :- Gocha kan raawwatu eenyu (subject)


Xumurtuun (verb) maal akka ta’e
Fakk. Qol 1: 3 – 5: Gochi kan irratti raawwatamu (object) maal akka ta’e hubachuu
barbaachisa
c. Haala ijaarsa barreeffamaa
o Kutaa dubbisaa tokko keessatti gaaffii gaafachuun deebii argachuu
o Ka’umsaa fi bu’aa yaada tokkoo hordofuun ibsuu
o Olka’umsaa fi gad bu’iinsa yaada tokkoof hiika argachuu

d. Walqabatiinsan Uumuu

o Walqabatiinsa qabaa?
o Bakka biraattiis kan caqasamee dhaa?
o Kutaa, birraa keessatti yaada kana in argannaa?

Eliel “Be disciple and go to others o create the true disciple creators!
Email:- eliel0607generation@gmail.com Cell Phone:- +251-926-54-54-40/ 942-47-18-58 20
Eli’eel-Dhaloota Kiristoosiif; Dhaabbata Leenjii M/Qulqulluu
Eliel-Generation For Christ Bible Training Institute

3. Gosa barreeffamichaa (Literary form) ilaaluu

o Barreessich haala barreeffama kamii akka hordofe


- seenssaa - haalaan dubbii
- barreeffama hasawaaa - kadhannaa
- farfannaa - raajii
o Ijaarsa amala akkamii qaba ture
- jireenya - teessuma lafaa
- Waraana - oduu lafaa
4. Naannoo barreeffamichaa (Atmosphere) qo’achuu
o Barreffamicha keessatti miira sochii godhu (mood or tone)
o Barreeffamicha keessatti barreessich kan jechuu barbaade qofa osoo hin taane miira isaas
hubachuu
o Bakka tokkotti barreeffamicha keessa of galchuun yeroo jalqabaaf naamoota bara’eef
- Sammuu akkamii
- miira akkamii keessa ta’anii akka amanan hubachuuf carraaquu irra jira
Fakkeenyaaf :-
- shakkii Marq. 16: 9 – 14
- Sodaa Uum 20: 18 – 21
- Dheekamsa Lew 6: 12 – 15
- Galata 1Xim 1: 12 -17
Fil 4:4 irratti naannoo namicha barressee fi kan fudhatanii yoo qo’anne barreessaan mana hidhaa /kan
foolii badaa qabu mana hidhaa warra Roomaa keessa kan ture yoo ta’u,
Kan fudhatan :- Sodaa, rakkoo, gaddaa keessa kan turan dha.

b. Yeroo irra keessa ilaallutti hubannoo fi kan itti fayyadamnuu fi adeemsota hordofuu qabnu
1. eenyu (who) – gaaffiin kun
o Waa’ee namootaa waan jiru hunda walitti qabata
o Waa’ee namootaaf waan jedhame hunda hubachuuf gargaara Iya 2:1, Mat 17:18
o Barreeffamicha keessatti kan caqafaman hirmaatoota seenichaa baasuuf gaaffii itti
fayyadamnu dha.
- Kan dubbatu eenyu?
- kan dhagahani eenyu faadha?
- Namoonni caqafaman amalli isaanii abbumaa adda baasuuf gargaara
Fakkeenyaaf: Waaqayyo, Inni, isheen, fariisota, Maatewos, Phaawuloos, abshaala, gowwaa
2. Maal (what?) gaaffiin kun
o Kutaa dubbisaa keessatti maaltu ta’aa jira?
o Wanta raawwatamanis duraa duubaa kamiin?

Eliel “Be disciple and go to others o create the true disciple creators!
Email:- eliel0607generation@gmail.com Cell Phone:- +251-926-54-54-40/ 942-47-18-58 21
Eli’eel-Dhaloota Kiristoosiif; Dhaabbata Leenjii M/Qulqulluu
Eliel-Generation For Christ Bible Training Institute

o Hirmaattoni dubbisicha keessatti caqafaman maaltu isaan quunnameera?


o Dubbisicha keessatti yaanni mormii yoo jiraate, maal inni?
o Barreesich ergaa inni dabarsuu barbaade maal?
o Barreeffamicha keessatti gochawwan jiran maal fa’i?
o Namoota caqafaman irratti maal geessisu?
o Kutichi rakkinichaaf hiika /furmaata/ maal kenna?
o Rakkoon uumame maal? Barreessich hoo furmaata saa maal jedha?

3. Yoom (When) : - Gaaffiin kun

o Gochichi yoom akka raawwatame akka barru nu godha galgala, ganama, sa’a booda,
halkan fi k.k.f
o Ergichi yoom akka raawwatame
o Macaafa qulqulluu keessatti gochaawwan biroo wajjin yemmuu wal bira qabu, inni kun
yoom kan jedhamuuf deebii kenna.

4. Eessa (where?) gaaffiin kun:

o Gochichi bakka kamitti akka raawwatame, bakka kan nuhubachiisu dha


o Hirmaattonni seenicha keessatti eessatti akka argaman
o Eessaa akka dhufanii fi eessas akka deeman
o Barressaanii fi kan jalqaba barreeffameef eessa akka turan hubachuuf nu gargaara

5. Maalif (Why?) Gaaffiin kun

o Haala gochich itti raawwatame sababa isaa hubachuuf gargaara .


o Dubbisicha keessatti inni tokko waan baay’ee yemmuu dubbatu kan maalif callisan?
o Maalif dubbate, dheekkame, gammade, galateeffate? Kan jedhaniif deebii kenna.

6. Akkamitti (How?)

o Gochichi akkamitti raawwate jedhee gaafatee


- Bu’aa
- yaada
- miirri isaa akkam akka ture, xumuura irratti furmaata kan argannu dha
C. Yeroo irra keessa ilaalutti wal qabsiisota barbaachisoo (important connectives)
o Walqabsiistota ilaaluun baay’ee barbaachisaa wanti ta’eef, yaada kuticha keessatti argaman
walitti dhufeenya isaan qaban hubachuuf .
o Yaada kan ijaaran cimsanii qabachuun yaada barreessaa adda baasanii galmeessuun
barbaachisaa dha. Walqbisiisto kanneen jedhaman kanneen akka

Eliel “Be disciple and go to others o create the true disciple creators!
Email:- eliel0607generation@gmail.com Cell Phone:- +251-926-54-54-40/ 942-47-18-58 22
Eli’eel-Dhaloota Kiristoosiif; Dhaabbata Leenjii M/Qulqulluu
Eliel-Generation For Christ Bible Training Institute

1. Waldorgomsiisaa (Camparison)

o Waldorgomsiisuu jechuun yaadolee walfakkaatan ykn jechoota wal fakkatan wal bira qabuun
wal fakkii isaanii ilaalun kan ibsu dha.
Fakkeenyaaf: fi, akkasumns, fi k.k.f fayyadamuun jechoota wal dorgomsiisuu yemmuu
Efe 5: 22 – 25, Uum 12:10 – 16, Mat 13: 24
2. Faallaa isaanii wal bira qabuu (Contrast)
o Lama ykn lamaa ol yaada wal faallessan kan agarsiisu yoo ta’u
o Yaadolee ifa ta’an dubbisicha keessaa argachuuf kannen morman ta’uu kan agarsiisu dha

Fakkeenyaaf:- Haa ta’u malee, garuu, fi k.k.f (Efe 2: 4-13, Rome 3:20-21, Luq.18: 9-14, Yoh.3:15,
4:1-10
3. Irra deddeebii (Repetition)
o Jechoota, gaaleewwan, yaadota:- Yaada tokko ifa gochuuf barreessichi irra deddeebi’ee
yemmuu ibsu.

Fakkeenyaaf: Macaafa lallabaa – Aduu gaditti hundu waa’ee hin baasu waa’ee hin baasu

1Qor 13 Jaalala

4. Gurra guddisuu (progression)


o Yaada isaa laafisaa dhufee gara yaada ijootti yemmun dhufu immoo osoo addaan hin citin
kan cimee ibsamu yoo ta’u
Fakkeenyaaf: Luq 8: 1 – 56:- humna gooftaa mul’isa
Macaafni Bau – Adabbii cimsee mul’isa, Ibrootaa: Amantii cimsee mul’isa
5. Kallatti kan agarsiisuu (Turning point)
o Kallattiiwaantootaa yaadni agarsiisu rakkoo kallattii agarsiisuun furmaata
- Yaadni tokko dhumuu
- Gara yaada biraatti darbuu agarsiisa
Fakkeenyaaf : 2Saam 11 fi 12 jireenya Daawwit agarsiisa
1 Saam 16: 1 Xumura mootumaa Saawwol agarsiisa
6. Sababa (reason)

o Gocha ibsameefi raawwate


- Haala raawwii isa
- Bu’aa isaa ilaaluun hubachuu
Fakkeenyaaf:- kanaafuu, waan ta’eef, sababni isaas fi k.k.f kaayyoo, As … hanga
o Yeroo tokkotti gochi raawwatame tokko yeroo biroof sababa ta’a.
Fakkeenyaaf: Sababaa fi bu’aa

Eliel “Be disciple and go to others o create the true disciple creators!
Email:- eliel0607generation@gmail.com Cell Phone:- +251-926-54-54-40/ 942-47-18-58 23
Eli’eel-Dhaloota Kiristoosiif; Dhaabbata Leenjii M/Qulqulluu
Eliel-Generation For Christ Bible Training Institute

Hoe 5:11 Sababa:- Du’a anaani yaasii fi saphiiraa


Bu’aa: Sodaan Waaqaa waldaa kiristaanaa keessatti buufachuu
Rome 1:23 -26 Sababa: Waaqa tofamaa waaqessuu.
Bu’aa: Kajeellaa garaa fi xuraa’umaatti kennamuu.
7. Dhimma (purpose)
Namni barresse yaada ykn kaayyoo ibsuu barbaade gaaleewwan itti fayyadame sirritti
qo’achuu (Yoh 1:7, Qol :10, Rome 3:19, Yoh 20: 30 – 31)

8. Ajahaa fi Akeekachiisa (commands and warnings)

o Yaadni ijoo dubbisichaa maal?


o Ajajin samiirraa maal?
o Xiyyeeffannoo kennuu fii wanti qabnu maal? Jennee hubachuuf yaalu dha.
Fakkeenyaaf: Efe 4:25 – 32
- Ajaja : utuma aariitti jirtanii aduun isin duraa hin lixin.
- Akeekachiisa: Seexanaaf karaa hin kenninaa.
Fili. 3: 2, Gal 6:1, 1Phex 1: 13 – 16
9. Sagalee Abdii Ilaaluu (promising words)
o Cimsuuf
o Jajjabeessuuf
o Gorsuuf

Fakkeenyaaf:- Rome 8:32, Iya 1: 2 – 9, 1Phex 1: 4 – 5, Mat 7: 7 - 12

o Kadhadhaa – isiniif kennamaa


o Barbaadaa – in argattuu
o Balabala rukutaa – isiniif banamaa
10. Kadhannaa (Pray)
o Jechoonni waa’ee kadhannaaf dhiyyatan sirritti qo’atamuu qabu.
o Kadhaa, qabiyyeen isaa maal akka ta’e.
Fakkeenyaaf:- efe 1:16, 3:14, Far 7: 7 – 11
o Sababa kedhannaa
o Bu’aa kadhannaa
o Gufuu kadhannaa Luq 18 qo’achuu dha.

11. Gaaffilee fi deebiiwaan ilaaluu (Questions and Answers)

o Gaaffii fi deebii keessatti jechoota hammataman qo’achuu


- Akkamitti gaafataman

Eliel “Be disciple and go to others o create the true disciple creators!
Email:- eliel0607generation@gmail.com Cell Phone:- +251-926-54-54-40/ 942-47-18-58 24
Eli’eel-Dhaloota Kiristoosiif; Dhaabbata Leenjii M/Qulqulluu
Eliel-Generation For Christ Bible Training Institute

- Akkamitti deebii argatan


Fakkeenya :- Geediyoon, Abo 6, Rome 2: 21 – 23, Yaaf 3: 11 – 14
o Phaawulos gaaffilee mariif ta’an yemmuu gaafatu argama.
12. Haalaan dubbii (parables) illustrations
o Haalaan dubbiin waa’ee maalii akka qo’annu ilaaluuf sirriitti gargaara
- waa’ee maalii dubbatan?
- Akkamitti dubbatan?
Fakkeenya: Mat 13, namichi sanyii facaasuu ba’e
13. Haalan dubbii haalaa (conditions … if)
Yoo waan tokko goone wanti biraan nuufraawwata jechuun haala tokko lafa kaa’uu
Fakkeenya : Yoo tolejettan eebba biyya lafaa nyaattu.

14. Baay’innaa fi hanga kan ibsu (proportion)


• Kuticha keessatti waa’ee maalitu bal’inaan caqafamee ibsame?
• Kutichi yaada bal’aa kan kenneef adeemsa ittiin ilaaluu
Fakkeenya: Uum 1: 11 seenaan bara baay’ee yemmuu xumuramu
Uum 12:50 – seenaa abboota afurii bal’inaan ibsa
15. Miira kan ibsan (Emotions)
• Kuticha keessatti kan caqafaman jechoonni miira kam ibsu?
- Gammachuu?
- Gada? Miirota kan ibsan haalaan dubbii fi walaloo qo’achuu qabna
- aarii? - innaafaa?

16. Jechoota Yeroo ibsan (Time indicators)

• Gochich yoom akka raawwatame jechoota ibsan


- Dura – maal dura? Jennee gaaffanna
- Yeroo sanatti – yeroo kamitti? Jennee gaaffanna
- Booda – maal booda? Jennee gaaffanna
Fakkeenya: 2Tes 1: 6 – 9, Luq 15: 14, 24: 30 – 32, Mar 1: 10, Qol 2: 15
17. Xiyyeeffannoo Addaa kan agarsiisan (Emphasis explicit word statement)
• Xiyyeeffannoo waan tokkoo harkisuuf kan caafaman
Fakkeenya: dhuguma, dhugumayaadichi cimaata’uu fi xiyyeeffannoo kan barbaachisu dha
d. Yeroo ilaaluutti haalaan dubbii qo’achuu (figures of speech)
• Yeroo hiikuutti jechoonni fi gaalewwan haalaan dubbii ta’uu danda’u
• Haalan dubbii kallattiin hiikuun waan hin dandaa’amneef, of eeggannoo barbaachisa.

Eliel “Be disciple and go to others o create the true disciple creators!
Email:- eliel0607generation@gmail.com Cell Phone:- +251-926-54-54-40/ 942-47-18-58 25
Eli’eel-Dhaloota Kiristoosiif; Dhaabbata Leenjii M/Qulqulluu
Eliel-Generation For Christ Bible Training Institute

1. Haalaan dubbii wal dorgommii (figures of comparison)


A. Haalan dubbi (simile)
• Waantoota wal hin fakkaan “akka” jechuun wal bira qabuun ibsa.
Fakkeenya: Akka gugee haxxee akka gugee garraamii
- isheen akka markaba daldalaati fakk 31:14
- Nuti hundi keenya akka hootota badanii taaneera Isa 53:6
B. Haalan dubbii (Metaphor)
• ‘Akka’ osoo hinjedheni wantooa lama wal bira kan qabu
Fakkeenya: Amantootaan “ashaboo” (Mat 5: 13)
“ifa biyya laffaa” (Mat 5: 14)
“hoolaa waaqayyoo” (yoh 1: 29)
2. Haalaan dubbii (Figures of relation)
a. Haalaan dubbii (Synecdoche)
• Tokko hundumaaf yemmuu oolu
• Namni tokko namoota baay’eef
• Baaqqeen baay’eef
Fakkeenya: Iya.6 – cubbuu Akkaan
- “Isra’el cubbuu hojjete” – akka hojii nama tokkoo ti
b. Haalaan dubbii (Metonymy)
* Wantoota walitti dhufeenya qabaniif akka ibsaatti kan galu (Luq 16 :29, Fil 3:2, Far 1:3)
Fakkeenya Luq 16 : 29Macaafa kakuu moofaa agarsiisuuf “Musee fi Raajota” jedha
- Musee – macaafota seeraa
- Raajota – macaafota raajoota bakka bu’aniiru
Luq 9:62 – gara booda – gooftaa irraa duuba deebi’uu
Far 22 : 16 – saroon – cubbamootaaf kan kenname dha.

3. Haalaan dubbii nameessaa (figures of humanization)

o Yaadaa fi lubbuu yoo kenninu


o Waantootaaf lubbuu yoo kenninu
Fakkeenya: Seenaan haa dubbatu
Lageen harka walitti rukutu (Far 98:8)
a. Haalaan dubbii (Anthropomorphism)
o Bifaa fi amala namaa: Waaqayyoof kennuu
o Kanneen biro (bineensota, uumama) – amala gocha Waaqayyoof kennuu
Fakkeenya: Far 139: 16
b. Haalaan dubbii (Personification)
o Amala namaa: bineensotaan ykn kanneen lubbuu hin qabneen ibsuu (Far 24:7)

Eliel “Be disciple and go to others o create the true disciple creators!
Email:- eliel0607generation@gmail.com Cell Phone:- +251-926-54-54-40/ 942-47-18-58 26
Eli’eel-Dhaloota Kiristoosiif; Dhaabbata Leenjii M/Qulqulluu
Eliel-Generation For Christ Bible Training Institute

o Amala tokko amala namaan fakkeessuu (yaaf 1: 15)


c. Haalaan dubbii (Apostrophe)
o Namootaaf ykn wantootaaf bakka jiratti ykn yeroo hin jiretti haasaa godhamuuf
(His 37:4, 2Sam 18:33, Isa 54:1)
4. Haalaan dubbii (Figures of intensification)
a. Haalaan dubbii (Hyperbole)
o Kallattiin hin kamuu kan hindandaa’amne haalan ibsuuf fayyada
Fakkeenya: Yoh 21:25
b. Haalaan dubbii (Irony)
o Hiika baramaa fi ifaa ta’een
Fakkenyaaf: (1Qor 4:8) “Ammas isin guuttattaniittu! Sooromtaniitu! Nuyi malee,”
Haalaan dubbii kanatti fayyadamuun warri Qorontoos waan irra gahuu qaban irra akka hin geenye
beeksisa phaawulos
c. Haalaan dubbii Gaaffii (Rhetorical question)
o Gaaffiin akkasii yaada ijoofi xiyyeeffannoo kennuun deebii kan barbaadu haalaan dubbii dha
Fakkeenya: Erm 32:27 “Wanti anaaf hin dandaa’amne jiraa ree?”
d. Yeroo ilaaluutti, haalaan dubbii hiikuurratti of eeggannoo
o Yaada ijoo – dubbisicha hiikuuf adeemsa
1. Hiikaa sirrii barbaadu – kana yoo hin taane ,
2. Haalaan dubbii isa kam akka ta’e hubachuun waan hubachuun barbaanne kanaa booda
hubachuu
3. Hiikaa sirrii akka qabaatuuf akka galumsaatti dubbisuu (Contextual study will be
needed)

o Haalaan dubbii yoo ta’e kallattiimaan yoo hiikne yaada macaafa qulqulluu waliin wal
faallessa
Fakkeenyaaf: “Hoolaa waaqayyoo …” kallattiin yoo hiikne hoolaan bineensa manaa ta’uu agarsiisa.
Hiikaan haalaan dubbii isaa garuu aarsaa kan ta’u gooftaa keenya, yohaannis cuuphaan agarsiisa
e. Kaayyoo haalaan dubbii
1. Ifumaa agarsiisuuf
Fakkeenya: Far 18:2, “Waaqayyo kattaa koo,”
o Himni kun karaa ifa ta’een waaqayyotti amanuun hangam jabinaa fi cimna akka kennu
agarsiisa.
2. Yaada ykn xiyyeeffannoo sassaabuuf:
o Haalli ittiin dubbatamu adda waan ta’eef yaada ykn qalbii nama dhagahuu ykn dubbisuu
harkisa.
Fakkeenya: Yaaq 3:6 “Arrabni ibidda”

Eliel “Be disciple and go to others o create the true disciple creators!
Email:- eliel0607generation@gmail.com Cell Phone:- +251-926-54-54-40/ 942-47-18-58 27
Eli’eel-Dhaloota Kiristoosiif; Dhaabbata Leenjii M/Qulqulluu
Eliel-Generation For Christ Bible Training Institute

3. Yaadota ulfaato dha jedhaman ifa gochuuf:- Fakk. Kedeb 33:27, “Irreen bara baraas isa jala jira”
Bakki kun waa’ee eegumsa waaqayyoo ifa godha.
4. Yaada gabaabsee ibsuuf /dabarsuuf
o Jechoota gabaaboon yaada bal’aa daarsuu danda’a.
Fakk: “Waaqayyo tiksee kooti” Far 23:1
5. Hubachuu akka dandeenyuuf nu gargaara

o Kan dhaggeeffatu akka tasgabbaa’ee yaadu godha

Fakk. Far 52:8, “Ani garuu akka muka ejersaa, isa mana waaqayyoo keessatti lalisaa guddatuuti”

f. Jechoonni, Himoonni haalaan dubbii akka hin taane akkamiin beekama?

1. Jalqaba kutaa dubbisichaa kallattiin hiikuu yaaluun gaarii dha

2. Haalaan dubbiin kan hiikau

- Hiikaa sirrii yoo hin qabaanne


- Dubbichi hiika dhabeessa yoo ta’e qofa
Fakkeenya: “Yaa lafaa dhaga’i” (Erm 1: 18)
Mul 1:16, Mil 1:12, Isa 55:12, Far 57:1, Yoh 6:53 – 58
3. Dubbis waliigalaa isaa dhugaa macaafa qulqulluu waliin kan wal hin dhiibne ta’uu
Gaaffii: Adeemsa irra keessa ilaaluun kutaawwan arman gadii hojjedhu
Luq 7: 36 – 50, Yoh 9: 1 – 39, Efe 2:1 – 22
2. Seera Hiikuu (Interpretation)
o Irra keessa ilaaluun yeroo hundaa gara hiikuutti geessa
o Kun maal jechuu dha gaaffii jedhuuf
- hiikaa kuta dubbisaa
- ergaan barreessaa maal akka ta’e hubachuu
a. Hiikaa kutaa macaafa qulqulluu tokko argachuuf
1. kutaa macaafichaa gaaffilee garaagaraa gaafachuu
2. Kutichuma keessaa deebii argachuuf

- yeroo ilaalletti odeeffannoo walitti qabne nugargaaru


3. Deebiiwwan akkaataa hiika qabeessa ta’een kaa’uu (barreessuu)
a. Qo’annoo macaafa qulqulluu bu’a qabeessa gochuuf
- Dubbissu
- kan hubatan barreessuu
- Gad fageenyaan yaaduu fi jireenyaan walsimsiisuu dha

Eliel “Be disciple and go to others o create the true disciple creators!
Email:- eliel0607generation@gmail.com Cell Phone:- +251-926-54-54-40/ 942-47-18-58 28
Eli’eel-Dhaloota Kiristoosiif; Dhaabbata Leenjii M/Qulqulluu
Eliel-Generation For Christ Bible Training Institute

b. Akkaataa galumsaan macaafa qulqulluun hiikuu


1. Hiika – Macaafa keessa kan jiran, naannoo kutaa dubbisaa hunda ilaaluu
- Haala teessuma kutaa dubbisichaa, aadaa, haala amantii ilaaluu
2. barbaachiusummaa:
a. hiikaa sirrii kutichaa argachuuf namni dubbisu yeroo hundaa cimsee dubbisuu
Fakkeenya: Abba buddeenaa kee akka ofii keetti jaalladhu
- Dursinee ofii keenya akkamitti akka jaallaanu yaaduu
- Abbaa buddeenaa keenaa fi ofii keenya haala itti jaallanu wal bira
Qabuu
b. Macaafni qulqulluun kan wal hin dhiibne ta’uuhubachuuf
Fakkeenya: Yaaqob “hojii”
Phaawuloos “amantii” yaadota walitti bu’an fakkaatu, kan
hiikaman garuu akkaataa galumsaan.
Hiika haala galumsaa
1. Haala barreeffaman hiikaa galumsaa
a. Hiika:-
 Kutaa dubbisichaa cinaa haalota ykn gochaa /yaadolee jiran jechuu dha .
 Hiikaa jechaaf bu’uuri hima keessatti.
 Hiikni himaa keeyyata keessatti.
 Hiikni keeyyataa boqonnaa mataa isaa danda’e keessatti .
 Hiikni boqonnaa tokkoo immoo macaaficha ta’a.
 Hiikni kutaa macaafichaa ammo guutummaa macaafa qulqulluu ta’a.

Fakkeenya: Fil 2:12, Mul 3:20, Yoh 3:6, 2Qor 5: 5


- Fayyinni hojiin jechuu dhaa?
- Kiristoos namoota fayyinatti waame jechuu dhaa?
- Namni hafuura jechuu dhaa?
- Foon namaa korojoo hafuuraa tii?
b. Haala barreeffamaa irratti hundaa’uun hiikun
1. Macaafa seenaa

 Kakuu moofaa – uumaa - Aster


 Kakuu Haaraa – Wangeelootaa fi Hojii egamootaa
 Macaafonni kunnin macaafota seenaa fi
 Aadaa, afaan, fi gochaawwan namootaa haala seeneessan waan himamuuf, macaafa seenaa
jedhamu
 Macaafonni seenaa kunnin

Eliel “Be disciple and go to others o create the true disciple creators!
Email:- eliel0607generation@gmail.com Cell Phone:- +251-926-54-54-40/ 942-47-18-58 29
Eli’eel-Dhaloota Kiristoosiif; Dhaabbata Leenjii M/Qulqulluu
Eliel-Generation For Christ Bible Training Institute

- Waa’ee namootaa

- Argama waaqayyoo gochaalee keessatti

- Walitti dhufeenya namootaa fi waaqayyoo waan ibsu

 Kanneen macaafota seenaa jedhaman kun ergaa isaanii kan dabarsan

- Guddina yaadaa (development)

- Walitti bu’iinsa (conflict)

- Hirmaatota (characters)

- fi kkf fayyadamuunii dha

 Tokkoo tokkoon macaafichaa yaada guutuu kan qabu yoo ta’u, yaada garaa garaas qabateera

Macaafota seenaa yemmuu hiiknutti xiyyeeffannoo gochuu kan qabnu

1. Seenessaa: eenyu? - Ani (Nahiimiyaa)- Nuyi (Hojii ergamootaa) - Inni - Ishee jedhee ibsamuu
danda’a

2. Hirmaattonni

 Kan hirmaatan eenyu fa’i


 Haala kamiin mul’atan
 Yeroo tokko tokko dubbachuu danda’uu (Milkool 1Sam 18:19)
 Yeroo tokko tokko immoo homaa yeroo itti hin jenne jira

3. Guddina yaadaa

 Maalif seenaa kana bifa kanaan dubbate


 Barreessich waan barreessuu barbaade filachuun toora qabsiisuu qaba
 Seenessa keessatti sababaa fi bu’aan jiraachuu qabu

4. Yeroo seenessaa

 Odeeffannoon tokko tokko toora kennameen alatti maalif kennaman?


 Seenaa tokkoof yeroo gabaabaan kennamee kaaniif immoo yeroo bal’aan maalif kenname

Fakk. Waggaa fi marga nyaate

Eliel “Be disciple and go to others o create the true disciple creators!
Email:- eliel0607generation@gmail.com Cell Phone:- +251-926-54-54-40/ 942-47-18-58 30
Eli’eel-Dhaloota Kiristoosiif; Dhaabbata Leenjii M/Qulqulluu
Eliel-Generation For Christ Bible Training Institute

5. Tekinikoota adda addaa hubachuu

 Irra deddeebii
 Bakka itti raawwate
 Waliin dubbii

2. Macaafota Ogummaa fi Falaasamaa

 39n macaafa kakuu moofaa keessaa 5macaafota haalaan dubbii yoo ta’an Iyoobii,fakkeenya,
Lallabaaf ,Weedduu Weddotaati
 Macaafonni ogummaa ergaa waaqayyoo kan dabarsan akka kanneen biro Waaqayyoo
gooftaan maccaa akkas jedha jechuun miti .
 Deebii hafuuraa kennuun, namoota miira fi yaada isaanii bilisaan kan itti ibsanii dha.
 Namni Waaqayyoo akkamittiin ogummaan jiraachuu akka qaban kan ibsani dha.

Hiikkaa Macaafota Oguummaa

Iyyoob: Waliin dubbii hiriyoota Iyyoob 4nii yaada isaan dubbatan keeyyataan kaa’uun qo’achuun in
danda’aama.

Faarsaa: - Kan Waaqeffannaati


- Ogummaan kan ibsame
- waa’ee masihichaa amala isaa sirriitti adda baasanii qo’achuu
Faarsaa hiikuu
1. Yaada tokko lakkoofsa qabate hubachuu
- keeyyata yaada tokkoo adda baasanii beekuuf gargaara
2. Irra deddibi’uun kan dhufan toora faarsaa walqabsiisuun
3. Garamitti faarsichi akka ramadamu adda baasuun ramaduu (kadhannaa, ogummaa,
waaqeffannaa)
4. Dhufa seenaa isaa hubachuun (Far 3) faarsaa Daawit yeroo Abeseeloom irraa bafateetti
5.Haalaan dubbii adda baasi Fakk: Faarsaa 18: 4 – 18 waan tokko waan biraan bakka buusee haala itti
ibse hubadha.

* Macaafota ogummaa yemmuu qo’annu miira qofa akka hin ibsine hubannee guddina isaanii

hubachuu qabna.

- Namni tokko nama biraa wajjin yemmuu dubbatu

- Namni waaqaa wajjin yemmuu dubbatu

Eliel “Be disciple and go to others o create the true disciple creators!
Email:- eliel0607generation@gmail.com Cell Phone:- +251-926-54-54-40/ 942-47-18-58 31
Eli’eel-Dhaloota Kiristoosiif; Dhaabbata Leenjii M/Qulqulluu
Eliel-Generation For Christ Bible Training Institute

- Namni ofii isaa wajjin akkamitti miira isaa akka ibsu

Fakkeenya:- (Faar 27:4) – Waaqayyoon waan tokkon kadhadhe, (Faar 100:1-5) – Faarfatichi yaada
isaa gammachuun yemmuu dubbatu, (Faar 50:1-22) – miirri isaa gaddaan yemmuu guutu argina.

Haala Barreeffama macaafota Ogummaa

* Bakka shanitti kan hiraman yemmuu ta’an hundinuu irra deddeebii toora (parallelism)

jedhamanii waamamu

1. Irra deddeebii wal fakkaataa (synonymous)

- toorri lamaffaa toora isa jalqabaa yaada isaa karaa biraan yoo irra deebi’u

Fakkeenya: Far 103:3, 10, Far 92: 4

2. Irra deddeebii ifoo ta’an (Synthetic Parallelism)

Toorri jalqabaa isa lammattaan yemmuu ibsamu ykn guddatu

Fakkeenya Far 34:4, 23:6, 95:3

3. Irra deddeebii faallaa (Antithetical parallelism)

 Toorri jalqabaa isa lammaffaan morma


 Baay’inaan macaaf fakkeenyaa keessatti argama

Fakkeenyaa: Far 37: 21, 90:6, 132:18

4. Irra deddeebii yeroo (climatic parallelism)

 Toorri jalqabaa irra deebi’uun, guutummatti osoo hintaane walakkaan, yaadni guutuu hin
taane xumura irratti raawwii yoo argatu .

Fakk. Far 93:3, 29: 1 – 2

 Barreessichi jalqaba irratti maal jechuu akka barbaade dhuma irratti ibsa

5. Haalaan dubbiin irra deddeebii (Emblematic parallelism)

 Baay’inaan haalaan dubbiin (Figure of speech) kan jiran ta’ee fayyadamni isaas haalaan
dubbiin
 Toorri jalqabaa ibsuun. Fakkeenya: Far 52:2, 22:16, 42:1

Eliel “Be disciple and go to others o create the true disciple creators!
Email:- eliel0607generation@gmail.com Cell Phone:- +251-926-54-54-40/ 942-47-18-58 32
Eli’eel-Dhaloota Kiristoosiif; Dhaabbata Leenjii M/Qulqulluu
Eliel-Generation For Christ Bible Training Institute

Macaafa Fakkeenyaa

 Barreeffamni baay’een maalif akka barreffame in beekama


 Kaayyoon barreeffameef

1. Waaqayyo biraa namni ogummaa argate tokko akkamitti beekumsa isaa hojii irra oolchuu

akka danda’u ibsuuf

2. Ogummaan jalqabaa Waaqayyoon sodaachuu akka ta’e agarsiisuuf.

3. Namni ogummaa mataa isaatti irkachuu irra Waaqayyo fi akka amanuu qabu barsiisu .

Macaafa fakkeenyaa yemmuu hiiknu beekamuu kan qaban:

1. Jireenya namaa keessatti waan ta’an hunda duuchaan dubbata

2. Karaa jireenya ittiin geggeessaan nuuf kennu garuu akka sagalee abdiitti fudhachuu hin qabnu

(Fak 16:18, 22: 6)

3. Namni ogeessi Waaqayyoon beeka yoo ta’e

 Jirenya isaa sirriitti geggeessa


 Namni dhiibaa’an Waaqayyoon hin beekne akkamitti akka socho’u ibsa (Fak 1:7, 20:13)

Fakkeenya 10 jalqabee tokkoo tokkoon boqonnaa yaada tokko (unit of thought)) gochuun fudhannee
qo’achuu dandeenya.

Maccaafa Lallabaa

 Lubbuu kennaa yoo taate illee waaqaayyoon kan hin qabne garuu gatii hin qabdu yaada jedhu
qabata
 Macaafni kun – carraaqii

- dadhabbii

- beekumia waaqayyoo alatti jiran Waaqayyoo alatti jiran gatii akka hin qabne
ibsa

 Kaayyoo barreeffameef

1. Wanti Waaqayyo keessa hin jirre hundi gati dhabeessa ta’uu agarsiisuf

Eliel “Be disciple and go to others o create the true disciple creators!
Email:- eliel0607generation@gmail.com Cell Phone:- +251-926-54-54-40/ 942-47-18-58 33
Eli’eel-Dhaloota Kiristoosiif; Dhaabbata Leenjii M/Qulqulluu
Eliel-Generation For Christ Bible Training Institute

2. Namni daangeeffamaa ta’uu isaa hubatee

 Waaqayyoon gammachiisuun
 Waaqayyoof ajajamuun
 Waaqayyoon sodaachuun jiraachuu akka qabu agarsiisuuf

3. Lubbuun kennaa Waaqayyoo waan taateef haa gammadu ergaa jedhu agarsiisa

(9:8 – 9, 3:12 – 13)

 Barreffamni isaanii kanjijjiiramu gosa isaanii adda baasuun hordofuun yaada tokko akka
keeyyataatti hubachuu dandeenya.

Weedduu Weeddotaa

 Jaalala namootaa giddutti walaloo barreeffaman kan qabate dha.


 Gaa’ela keessatti walitti dhufeenya gaarii ta’an ibsa
 Waliin dubbiin waan jiruuf waan tokko tokkoon isaanii dubbatan keeyyata gochuun
fudhachuun in dandaa’ama

Macaafota Raajii

• Kan jalqaba beekuu qabnu macaafa raajii eenyu illee fedha mataa isaatiin akka hiikuuf hin
eyyamammeef. Kan dhufus akka fedha namaatti miti, Raajiin (2 phex 1:20-21) Mul 1:3
• Macaafa keessatti raajii barreeffames akka fedhetti hiikuun eenyuufiyyuu hin eyyamamne
jechuu dha .
• Eenyu ille sagalee Waaqayyoo akka hin jallisneef akeekka chiisa kenname dha.

Barreeffama Raajotaa (Prophetical Books)

* Macaafonni raajii ulfaataa fi faayida qabeessa erga ta’ee akkamitti dubbissuu fi hii kuun itti

fayyadamuu akka qabnu beekuu qabna.

* Raajonni barreeffaman tokko tokko kan raawwataman, kan raawwatamaa jiranii fi gara fuula

duraatti in raawwatamu jedhamanii kan eegaman hundi barreffama raajii jedhamanii

waamamu.

* Raajonni ergaa dacha dacha qabachuu waan danda’aanit of eeggannoon ilaaluu qabna

Eliel “Be disciple and go to others o create the true disciple creators!
Email:- eliel0607generation@gmail.com Cell Phone:- +251-926-54-54-40/ 942-47-18-58 34
Eli’eel-Dhaloota Kiristoosiif; Dhaabbata Leenjii M/Qulqulluu
Eliel-Generation For Christ Bible Training Institute

Fakkenya:- 1. Yeroo gabaaboo keessatti raajii raawwataman jiru (Er 25:11)

- Israa’el Baabilooniin booji’amuu

- Yesuus waa’ee phexros osoo Indaaqoon si’a 3 hin iyyinni akka ganu dubbachuu

(Mat 26: 23 – 25)

- Yihudaan dabarsee akka kennu dubbate

- Agaaboos Phaawulos akka hidhamu dubbate (Hoe 21:10-11)

2. Bara dheeraa keessatti raajota raawwataman

Fakkeenya: Isa 7:14, Isa 9: 6 – 7

Raajonni dhiheenyatti raawwatamanii fi yeroo dheeraa keessatti raawwatama walfaana argamuu


danda’u

Amaloota Addaa Raajotaa

1. Raajonni kakuu moofaa ykn barressitoonni kakun haaraa raawwii raajichaa fi yeroo raajjichi

itti dubbatame adda addummaa isaa hin beekan (Isa 61: 1-2, Luq 4: 17 – 21)

2. Dhihootti, yeroon, gochaa irra kan ooluta’ee fagootti kan raawwatu dha

(Isa 7:14, Mat 1:22-23)

3. Yeroo saatti raajii hojiirra oolee ta’ee fageenyatti dhaloota Yesuus agarsiisa (Isa 9)

4. Walakkaan isaa raawwatamaa kan deemuu fi gara fuulduraa tti guddachaa kan itti fufu

(Iyo 2:28 – 32, Hoe 2: 17 – 21)

5. Gaafa guyya phenxeqosxee walakkaa yemmuu raawwatu, walakkaan ammo itti fufa

(Mul 6:12 – 14)

Raajii Hiikuuf Adeemsota Nu gargaaran

1. Mul’ata raajootaa kallatti isaa xiyyeeffannoon qo’achuu

 Bara raajii sanatti jireenya isaa keessatti maaltu raawwate?


 Yeroon kakuu moofaa kan raawwate dha?

Eliel “Be disciple and go to others o create the true disciple creators!
Email:- eliel0607generation@gmail.com Cell Phone:- +251-926-54-54-40/ 942-47-18-58 35
Eli’eel-Dhaloota Kiristoosiif; Dhaabbata Leenjii M/Qulqulluu
Eliel-Generation For Christ Bible Training Institute

 Yeroo kakuu Haaraa kan raawwate dha?


 Yeroo giddu galeessaa fi haaromsaatti kan raawwate dha?
 Yeroo ammaa raawwatamaa jiraa?
 Yeroo ammaa booda raajii raawwatamuu dha?

Fakkeenya:- Isa 61:1-3 – Waa’ee yesuus kan dubbatame dha

61: 1 – 2 – Luq. 4: 16 – 19 raawwatameera

61:3 – itti fufuun raajjii raawwatamu dha

2. Kan waliin deeman fi wal fakkaatan wal bira qabuun ilaaluu (Daani’elii fi Mul’ata, Dan 7:5,

Mul 13: 5, 19)

3. Raajichi yeroo itti dubbatameef itti raawwatamu gidduu barri dheeraan jiraachuu akka

danda’uu beekuu. Isa 40:3, Mil 3:13, Mat 3:3

• Isaayaasis fi Milkiyaasis kan raajan waa’ee tajaajilla Yoohaannis cuuphaatti

4. Raajii tokko keessatti ergaa dacha namicha raajee (kan fagoo fi dhiyoo dubbachuu akka

danda’u er 39:45)

• Ermiyaas Yerusaalem akka diigamtu raajii dubbate


• Boojii’amu waggaa 70 booda sabichi akka deebi’u dubbate (Erm 25: 11-12)
• Raawwii raajichaa kan arge Daani’e ture (Dan 9:1-2)

5. Raajonni raajii isaanii haalaan dubbii isaan ittiin dubbatan xiyyeeffannoon qo’achuu

• Hose’a 1:1-9: Goreri – sagaagaltuun ajajamuu diduu Isra’eliin taatee mul’ateetti


• Dan 2:1-23 Walitti aansuun kan ka’an fakkeenya mootottaa, abjuu Nabukedanasoor
• Dan 7:1-8 Galaana keessaa bineensonni arfan walduraa duuba mootota afuriin
fakkeffamaniiru
• Macaafni mul’ataa walumaa galatti kan ibsu haalaan dubbii dha. Galumsaa alatti akka hin
hikne of eeggachuu qabna

6. Raajota raawwatamanii fi kan gara fuulduraatti raawwataman adda baasanii beekuu

(Isa 44:28, Iz 6:3)

Eliel “Be disciple and go to others o create the true disciple creators!
Email:- eliel0607generation@gmail.com Cell Phone:- +251-926-54-54-40/ 942-47-18-58 36
Eli’eel-Dhaloota Kiristoosiif; Dhaabbata Leenjii M/Qulqulluu
Eliel-Generation For Christ Bible Training Institute

7. Haalaan dubbii fi waliin dubbii adda baasanii beekuun hiikuun

Fakkeenya:- Mul 6:1-2 Kiristoosiin kan mormu, faallaa raajii

Mul 19:11 Kiristoo yemmuu deebi’ee dhufutti farda adiitti fakkeeffamee

Haalaan dubbiin hundinuu akka galumsaatti hiikamuu qabu.

8. Hiikni isaa yoo hin jiraanne dhugaa macaafa qulqulluu waliin akka wal hin faallesine

mirkaneefachuu (Luq 17:34 – 37, 1Tes 4: 13 – 18)

9. Kuticha keessatti raajichaaf hiikaa kenname ilaaluu (Dan 2:37-45, 8:20-21, Zak 5:6)

Ergawwan

 Macaafa Qulqullun kan macaafotabiroo irraa adda godhan keesaa tokko haala barreeffama
garaagaraatiin dhiyyaachuu isaa ti.
 Haalli barreeffama ergaawwanii adda ta’anii garuu tokkuma.
 Kutaa tokko hiikuuf yemmuu kaanu haala barreeffama isaa yaadaa ta’uu qaba.
 Akkaataa Waaqayyo itti ergaa isaa dabarse keessaa tokko barreeffamaan.
 Xalayaa (ergaawwan) sirriitti hiikuuf haala isaanii sirriitti hubachuu barbaachisa.
 Ergaawwan Kakuu Haaraa

1. Namoota Dhuunfaaf kan barreeffaman

2. Waldootakiristaanaaf kan barreeffaman

- Gaggabaaboo fi

- yeroof (waqtiitti ) kan barreeffaman dha

Barreeffama yeroo (waqtii) yoo jennu

1. Haala yeroo warra erganii ykn warra fudhatanii irraa kan ka’e ta’uu danda’a jechuu dha. Kunis

rakkoo yeroo sanaaf furmaata kennuuf.

2. Namichi barreesse ergaa isaa keessatti rakkoolee ykn gaaffilee ka’aniif deebii inni kenne

sirriitti qo’achuu.

3. Har’a warra hiikan irraa baay’ee kan fagaatan dha

Eliel “Be disciple and go to others o create the true disciple creators!
Email:- eliel0607generation@gmail.com Cell Phone:- +251-926-54-54-40/ 942-47-18-58 37
Eli’eel-Dhaloota Kiristoosiif; Dhaabbata Leenjii M/Qulqulluu
Eliel-Generation For Christ Bible Training Institute

- aadaan

- seenaan

- gaaffilee fi haala rakkooleen

- afaaniin

c. Jireenyaan wal simsiisuu

- Inni kun seera hiikun keessatti isa dhumaa yoo ta’u furtuu yakkoolee ta’an kanneen armaan gadii

mul’achuu qabu.

Sadarkaa 1

Hiikkaa fonqolchaa irra keessaa (Exegesis)

Seeroota Hiikkaa irra keessaa (Principles of Exegesis)


1) Qu’annaa Seenaa waligalaa (Survey historical context in general)
2) Dubbisicha murteessuu (Limit the passage)
3) Dubbisicha waliin wal baruu (Knowing with the passage)
4) Caasaa himaa qu’achuu /Analyzing the structure of the sentence/
5) Seerluga qu’achuu /Analyzing the grammar/
6) Jechoota ijoo qu’achuu /Analyze key words/
7) Amaloota kitaaboota M/Qulqulluu hubannaa keessa galchuu /Determine the characterstics of
each division of the bible/
8) Galuumsa barreefamaa fi gosa isaa addaan baasuu /Determine the literary context and type/
9) Ilaalcha bal’aa M/Qulqulluu fi baruumsa Tiwooloojii qalbeefachuu /Consider the broader
biblical and theological context/
10) Hiikkaa xumuraa keennuu fi bareeffachuu /Proide the finished translation and write the
paper/

Yaada waliigalaan kan keenyu gochi raawwatame:


1. Himagoolabameen kaa’uu

2. Warra jalqabaaf maalif fi akkamitti akka raawwateef

 Maalif barreeffame?
 Akkamitti barreeffame?
 Bu’aansaa maal?
 Gaafachuun

Eliel “Be disciple and go to others o create the true disciple creators!
Email:- eliel0607generation@gmail.com Cell Phone:- +251-926-54-54-40/ 942-47-18-58 38
Eli’eel-Dhaloota Kiristoosiif; Dhaabbata Leenjii M/Qulqulluu
Eliel-Generation For Christ Bible Training Institute

Gaaffilee itti aanan gaafachuun deebii argame kan itti aanan keessaa

 Deggersa
 Mormii
 Furmaata ka’umsa godhachuun deebisanii wal simsiisuu
 Gargarb’uu
 Wal jaallachuu

Sadarkaa 2

Yaada yeroon hin daangeffamne (Timeless principle)

• Namoota jalqabaaf yaadni barreeffame (ergaan) bakkaa fi yeroo itti raawwatame aadaa
kamiyyuu keessatti yaadni bu’uuraa jechichaa (Theological principle) baroota hundumaa
keessatti akka hojjetu, hima guutuu ta’een walitti qabuun kaa’uun in dandaa’ama.
• Hojii irra akka oolaniif kan barbaachisan qabxiilee ijoon qo’atamuu fi hiikamuu qabu, kanneen
irrattis of eeggannoo barbaachisa hiikni isaanii akka wal rukkuneef.

Adeemsa (ilaalcha goone hojiirra oolchuu)

1. Warra jalqaba dubbisaa ofii keenya, waldaa keenyaa fi aadaa keenyaa wajjin wal bira qabuu

 Rakkoon kee kan isaanii walii akkamiin walfakkaata


 Siif barsumsi barbaachisan isaaniin barbaachiseeraa? Maal wal fakkaata?
 Isaaniif furmaatni kennameati kan barbaaddu waliin akkamitti wal fakkaata?

2. Haala Hojii irra oolmaa isaa hafuura qulqulluuf adaraa kenni.

 Kan nuyi hin barbaachifne kam akka ta’an kedhachun qabna.


 Barumsa kuticha irraa arganne haa xiinxallu.
 Barumsicha kan nu yaadichisuu danda’an qabxiiwwan tokko tokko yaadaan qabachuu.
 Kan baranne barreeffamaan kaa’uu (yaadannoo qabachuu)

3. Waan baratteef gocha ifaata’ee (deebii) akka siif ta’u barressi

4. Barumsi kun kanneen biro wajjin walitti dhufeenya qabnu akka nu agarsiisan haa hubannu;

 Waaqayyoo wajjin
 Qulqullootaa wajjin
 Maatii wajjin
 Warra hin amanne wajjin

Eliel “Be disciple and go to others o create the true disciple creators!
Email:- eliel0607generation@gmail.com Cell Phone:- +251-926-54-54-40/ 942-47-18-58 39
Eli’eel-Dhaloota Kiristoosiif; Dhaabbata Leenjii M/Qulqulluu
Eliel-Generation For Christ Bible Training Institute

3. Walsimsiisuu (Application Idea)

Yaada of eeggannoon ilaallee hubunnee fi dhugaa walitti qabuun baranne yaada waaqummaa isaa
barabaraa jireenya keenya waliin walsiimsiisu fii hojii irra oolchuun sadarkaa isa dhumaati. Kana
gochuuf immoo akkuma adeemsoota isaan kaawwaan irratti gaafii ijoo janneetti adeemsa isa sadaffaa
kana keessattis gaafii ijoo ta’e niqabna. Kunis “Amma maal godhuu? Yaa Gooftaa maal akkan
godhuuf barbaaddaa?” jennee gaafachuu qabna.

Kanaan alattis gaafilee biro kaafnee hojii irra akka oolchinuuf itti fayyadamuu dandeenya.
Fakkeenyaaf:-

 Hamma ammaatti waa’ee Gooftaa maalan hubadhe?


 Kan hubadhee keessaa hammam isaa hojii irra oolcheen jiraa?
 Hojii irra kan hin oolchee maaliifi?
 Aammaan booddatti hojii irra oolchuuf karaa kamiin fayyadamuu qabaa?
 Wanta Waaqqayyoo natti dubbatee hojii irra yommuun oolchuu bu’aan anaaf qabuu
maaliinni?
 Wanta Gooftaan natti dubbate hojii irra oolchuu yoon baadhe maalan dhaba?
 Jirreenyaa gammachuun guutamee jiraachuudhaaf maal gochuun qabaa?

Jireenya keenya keessatti wanta Waaqayyo nurraa barbaadu jiraachuudhaaf (walsimsiisuudhaaf)


wantoonni armaan gadii murteessaa dha.

1) Wanta Gooftaan nu barsiise hojiirra oolchuuf murteessuu


2) Kaka’uumsa qabaachuu
3) Haala mijeefachuu
4) Irraa caalatti karaa firii itti godhannu irratti xiyyeeffachuu
5) Yammuu Gooftaaf abboomamnu eebba argannu beekuu
6) Wanta goonu maaliif akka goonu addaan baasuu
7) Wanta hojannu hundaa Ulfina Gooftaatiif jennee hojachuu 1Qor.10:31.

Eliel “Be disciple and go to others o create the true disciple creators!
Email:- eliel0607generation@gmail.com Cell Phone:- +251-926-54-54-40/ 942-47-18-58 40
Eli’eel-Dhaloota Kiristoosiif; Dhaabbata Leenjii M/Qulqulluu
Eliel-Generation For Christ Bible Training Institute

Goolaba (Conclusion)
Haalli hiikkaa macaafa qulqulluu Kiristaana tokkoof ykn tajaajilaa tokkoof baay’ee murteessaa kan
ta’e kutaa barsiisa hafuuraa ti. Akka ta’utti yoo itti fayyadamne haala sirrii ta’een macaafa qulqulluu
qo’achuu fi hiikkachuu dandeenya. Kan macaafa qulqulluu barresse qubee haaraa ykn afaan haaraa
hin fayyadamne. Waaqayyos kun akka ta’u hin goone. Akka macaafni qulqulluun caafamuuf
Waaqayyo afaan namootaan godhe. Waaqayyo yemmuu yaada isaa ibsuuf isaan barressan ammoo
ajajamuun dhagahanii hojii barreessuu raawwataniiru. Kanaaf waliigalteen murteessaa ture.
Waliigaltee barreeffamaa keessatti, seerluga, seeratuqaalee, haalaan dubbii, fakkeenya k.k.f
fayyadamaniiru. Kanaafuu barreeffamni tokko haalaa fi seera barreeffamaa yeroo sanaa hordofeeakka
barreeffame beekuun ergaa isaa argachuuf waan murteessaa dha. Tokkoo tokkoon barreessaa
macaafaa karaa barreessichaa namoota barreeffameefif erga inni qaba ture beekuun yeroo fi
beekumsa gaafata. Kanaafuu seera macaafa qulqulluu hiikuu gad fageenyaan beekuun furmaata
guddaa nuuf kenna.

Eliel “Be disciple and go to others o create the true disciple creators!
Email:- eliel0607generation@gmail.com Cell Phone:- +251-926-54-54-40/ 942-47-18-58 41

You might also like