You are on page 1of 3

Oromiyaa

Kanas ilaali: Oromoo

Oromiyaan ( Afaan Ingiliish: Oromia) kutaalee Itoophiyaa Oromiyaa


saglan keessaa tokko taate dha. Ballinaa lafa bahaa hanga
kibba-dhihaa biyya keessatti 353,632 km² ta'ee qabatee,
baayyinaa ummataa bara 2002 tilmamee hanga miliyoona
digdamii-afurii qabdi, kunis ballina lafaa fi baay'ina
ummataan biyyaa keessaa tokkofaa ishee tasisaa. Isheenis
kan ofii keessa qabduu: kutaa Arsii, Baalee, Harargee, Iluu
Abbaa Booraa, Kafaa, Shawaa, Sidaamoo fi Wallagga of
keessaa qabdi, Booranaa fi Gujiin Sidaamoo jalatti walitti
qabama turan. Magaalaan guddoon Oromiyaa Finfinnee
dha. Bara booda gaaffii mirgaa sabni Oromoo gaafateen
booda gara Finfinneetti deebbite. Magaallan gugguddoon
biraa Oromiyaa keessatti argaman Adaamaa, Amboo,
Asallaa, Bishooftuu, Dambidoolloo, Fiichee, Gimbii,
Gobbaa, magaalaa Jimmaa, Mattuu, Nagallee Booranaa,
Naqamtee, Shaashamannee fi Walisoo dha.

Oromiyaan naannoo Tigraay irraa kan hafe naannoolee


hundaan wal daangessiti. Kun immoo yeroo tokko tokko
walitti bu'insa uuma. Fakkkeenyaaf naannoo Sumaalee Biyya: Itoophiyaa
keessatti. Godinaaleen Oromiyaa keessatti argaman Arsii, Magaalaa Guddaa: Finfinnee
Baalee, Boorana, Harargee Bahaa, Harargee Dhihaa, Iluu Afaan Hojii: Afaan Oromoo
Abbaa Booraa, Jimma, Shawaa Bahaa, Shawaa Dhihaa,
Ballina: 284,538 km²
Shawaa Kaabaa, Wallagga Bahaa, fi Wallagga Dhihaa ti.
Baayyina ummataa: 27 158 471 (2007)
Tuuta'insa ummataa: 95/km²

Qabiyyee
Seenaa
Afaanota
Diinagdee
References

Seenaa
Kanas ilaali: Seenaa Oromoo

Jaarraa digdamii tokkoffaan duraatti, magaalaan guddittii Oromiyaa Finfinnee turte, kunis maqaa biraa
Addis Ababaa jedhamunis beekamti (maqaan kun Afaan Oromoo miti). Magaalaan guddittii Oromiyaa
gara Adaamaatti jijjiiramuun ishee mormii hedduu fideen ture. Morkitoonni akka jedhanitti bulchaan
Itoophiyaa Finfinneen Oromiyaa keessatti argamuu ishee hin barbaadne jedhaniiru.[1] Karaa biraammoo,
Finfinneen afaan, aadaa fi seenaa Oromoo guddisudhaaf mijaata miti jechudhaan mootumman ni dubbata.
Waxabajjii 10, 2005 keessatti Dhaabbata Dimookraatawaa Ummata Oromoo(DhDUO) kan kutaa bulchaa
Adda Demookraatwaa Warraaqsa Ummatoota Itoophiyaa (ADWUI) ta'ee, magaalaa guddoo Oromiyaa
akka Finfinneetti deebisu ifa godhee.

Seenaa Itoophiyaa sirrii

Afaanota
Kanas ilaali: Afaan Oromoo

Afaan Oromoo (Oromiffa), kan yeroo ammaa qubee Laatiniitin barreeffamu, afaan bal'inaan dubbatamu
yoo ta'u kunis afaan Oromiyaa keessatti dubbatamu keessaa 83.5% ta'a. Afaanonni kan biraa kan
baayyinaan dubbataman Amaariffa (11%) (keessaahuu Wallagga Bahaa fi Shawaa Kaabaa keessatti), afaan
Guraagee (Sabat beet Guraagee, Sooddoo fi Silxee), Hadiyyaffaa, afaan Gede'oo (0.98%) (keessumaayyuu
Shawaa Dhihaa fi Bahaa keessatti), Tigiriffa (0.25%). Afaanonni Oomotiik ummata muraasaan naannoo
Jimmaa, Iluu Abbaa Booraa fi Wallagga Lixaa keessatti ni dubbatama; afaanonnii Naayiloo-Sahaaraa
(Koomoo, Majangi, Gumuzii fi Bartaa) ummattoota dhihaa keessa faffaca'anii jiraniin ni dubbatama.

Diinagdee
Akka ATI (Abbaa Taayitaa Istaatistiiksii Itoophiyaa) gabaasetti,
bara 2004-2005tti Oromiyaa keessatti buna toonii 115,083
oomishame; kunis galmee Abbaa Taayitaa Bunaa fi Shaayii
Itoophiyaa argame. Lakkoofsi kun oomisha bunaa Itoophiyaa
keessaa dhibbeentaa 50.7% ta'a. Qonnaan bultoonnii naannoo
Oromiyaa loon 17,214,540 qabu (kunis loon Itoophiyaa keessaa
44.4% ta'a), hoolota 6,905,370 (39.6), re'oota 4,849,060 (37.4%),
fardeen 959,710 (63.25%), gaangota 63,460 (43.1%), harree
278,440 (11.1%), gaala 139,830 (30.6%), lukkuu 11,637,070
(37.7%), fi kaanniisa gaagura 2,513,790 (57.73%) qabu.

Akka maxxansaa Baankii Addunyaa Bitootessa 2003tti, abbaan warraa baadiyaa lafa heektaara 1.14 qaba,
kunis qabeenya lafaa kan biyyatti kan heektaara 1.01 ta'e ni caala. Namoonni 24% hojii qonnaan alaarratti
kan bobba'ani(kan biyyatti ammoo 25%).

References
1. Mosisa, Abraham T. Letter to U.N. Secretary-General (http://oromostudies.org/lettertoUNSecr
etaryGeneral.htm)

Qoqooddama Itoophiyaa
Naannoo
Affaar | Amaara | Benishaangul-Gumuz | Gaambeellaa | Hararii | Oromiyaa | Sumaalee |
Naannoo Sabaa fi Sab-lammoota Ummattoota Kibbaa | Tigraay
Magaalota Of Bulchan
Finfinnee | Dirre Dhawaa
Kutaa Biyyaa Bara 1995 Dura
Arsii | Baale | Gamuu-Gofaa | Goojjam | Bageemidir | Harargee | Iluubabor | Kafaa | Shawaa |
Sidaamoo | Tigraay | Wallagga | Wallo
Godinaalee Oromiyaa[1][2]

Arsii | Arsii Dhihaa| Baale | Baalee Bahaa | Harargee Dhihaa| Harargee Bahaa | godina Addaa
Oromiyaa Naannoo Finfinne | Shawaa Bahaa | Shawaa Kaabaa| Shawaa Kibba Lixaa |
Shawaa Dhihaa | Qeellam Wallagaa | Wallaga Bahaa | Wallagga Dhihaa | Horroo Guduruu|
Boorana| Gujii | Guji Dhihaa | Iluu Abbaa Booraa | Buno Baddallee | Jimmaa
1. "Oromia zone" (http://www.oromiyaa.gov.et/web/guest/oromia-zone). oromiyaa.gov.et.
2. "sirni hundeeffama Godina Baalee Bahaa" (https://www.obnoromia.com/ethiopia/2020/01/sir
ni-hundeeffama-godina-baalee-bahaa/). obnoromia.com (in oromo).

"https://om.wikipedia.org/w/index.php?title=Oromiyaa&oldid=36744" irraa kan fudhatame

Fuulli kun dhumarratti kan gulaalame guyyaa 27 Bitootessa 2021, sa'aa 10:17 irratti.

Barreeffamichi kan argamu Eeyyama amala waliiqoodu wantootaa jalatti; dabalataan haalli itti fayyadamiinsaa hojii
irra kan oolu taha. Bal'inaa isaaf Haala itti fayyadamiinsaa ilaali.

You might also like