You are on page 1of 56

Baga Nagayaan Turtan

Waxabajjii 2002
ILQSO
Adaamaa
DHAALA BU’UURA DHAAMOODHAAN
RAAWWATAMU

Qopheessaan: Alamaayyoo Taganee (LL.B, LL.M)


Seensa
 Yeroo ammaa kanaatti dhimmoota manneen murtiitti baay’inaan dhiyaatan
keessaa dhimmi dhaalaa isa tokkodha. Kunis, harki caalaan dhaamoo
bu’uureffachuudhaan kan dhiyaataniidha.
 Baay’ina kanaaf sababoonni:
 Dhaamataan sirnaan seera dhaalaa hordofuu dhabuun dhaamoo gochuu
 Fayyadamtoota dhaamoo fi dhaaltota seera mirgaa fi dirqama isaanii
sirnaan beekuu dhabuu
 Gama abbootii seeraatiin dhaamoo bu’uureffachuun dhimmoota
dhaalaa mana murtiitti dhiyaachuu danda’anii fi dhiyaachuu hin
dandeenye addaan baasanii hubachuu dhabuu
 Kanneen dhiyaachuu danda’an ammoo bu’uura seerichi
ajajuun keessummeessuun dhabuu
 Rakkoo seerichaa. Kunis, tumaaleen seera dhaalaa dhaamoo
ilaallatan tokko tokko ifa ta’uu dhabuu.
 Kunis dhimmoota ijoon falmii fi firii dubbii isaanii
walfakkaatu irratti murtiileen garaagarummaan bal’aan qaban
akka kennaman godheera.
 Garaagarummaa kana dhiphiisuudhaaf ammoo, tumaalee seera
dhaalaa dhaamoo ilaalatan irratti hubannoo jiru cimsuun
barbachisadha.
Kaayyoo Leenjii kanaa:
 Seera dhaalaa ykn waa’ee dhaamoo barsisuu miti!
 Waa’ee dhaamoon hubannoo abbootiin seeraa qaban gabbisuuf
jecha qabxiilee tokko tokko marii dhiheessuudha.
 Tumaalee seera dhaalaa kanneen dhaamoo ilaaltaniin
walqabatee rakkoowwan raawwii fi seeraa qabatamatti hojii
irratti mul’atan sakatta’u .
 Kanaaf jecha moojulichi kutaa lama qaba. Kutaan I:
Haalawwan Dhaamoon Guutuu Qabuu fi Qabiyyee Isaa;
Kutaan II: Waraqaa Ragaa Dhaaltummaa; Jiraachuu
Dhaamoo fi Qabiyyee Isaa Hubachisuu.
Kutaa I: Haalawwan Dhaamoon Guutuu Qabuu fi Qabiyyee Isaa

1.1. Haalawwan Dhaamoon Guutuu Qabu


 Haalawwan Hundee (Kwt .857-879)
 Foormii Dhaamoo (Kwt. 880-989)
 Haqamuu fi kufaa ta’uu dhabuu dhaamoo (Kwt. 889-908)
 Haalawwan Hundee (Kwt. 857-879)
 Bakka lamatti qoodamee ilaaluun ni dandayama. Isaaniis:
 Haalawwan uumama dhaamichaaf barbaachisoo ta’an (Inherent or
intrinsic elements of will)
 Qabiyyee dhaamichaa irratti kan xiyyeffatan ta’e seeraa fi safuu
ummataa kan faallessan ta’uu fi ta’un dhabuu isaa haalawwan to’atan
Haalawwan Uumama Dhaamichaaf Barbaachisoo ta’an
Dhaamataan yammuu dhaamoo raawwatu haala sammuu isaa
ykn dhaamoo gochuuf yaada qabaachuu isaa (Animus
testandi) kan ilaallatu dha. Haata’u iyyuu malee, gaaffiin
gama kanaan ka’uu ni mala:
Waa’ee dhaamoo irratti falmiin kan ka’u dhaamataan
erga du’een booda waan ta’eef, dhaamataan dhaamicha
isaa yaadaa fi fedha guutuudhaan gochuu isaa akkamitti
mirkaneessuun danda’amaa? kan jedhu dha.
…itti-fufa
 Dhimma kana irratti hayyootni qo’annoo gaggeessan, haala
sammuu dhaamataa beekuun rakkisaa ta’uu isaa ni dubbatu. Haa
ta’u malee, kanneen armaan gadii yoo ilaalle dhaamataan yaadaa
fi fedha dhaamoo raawwachuu guutuu fi bilisa ta’e qabaachuu
isaa tilmaamuun ni danda’ama jedhuun hayyootni kun ni ibsu:
 Dhaamataan dhaamicha yammuu raawwatu gochi inni
raawwachaa jiru gocha dhaamoo raawwachuu ta’uu isaa
kan hubate yoo ta’e
 Dhaamataan yeroo dhaamoo raawwatu rakkina sammuu
kamiyyuu kan hin qabne ta’uu isaa
 Dhaamataan yeroo dhaamoo raawwatu haalawwan
dhiibbaa irraan geessisuu dandayanii fi gochi humnaan
dirqisiisuu kan hin jirre ta’uu isaa
 Waa’ee qabiyyee dhaamoo raawwate ilaalchisee
dhaamataan beekumsa qabaachuudhaan dhaamicha kan
godhe yoo ta’e
 Seerri dhaamoon yaadaa fi fedha du’aa kan calaqqisisu ta’uu isaa
mirkaneessuuf safartuuwwan gargaaran kaayee jira. Isaanis:
 Tokkoffaa, dhaamoon hojii dhuunfaa fi ibsa yaada du’aa qofa akka ta’u
isaa (Kwt. 857):
 Yaadni du’aa namoota birootiin ykn bakka bu’ootaan,
dhaamicha irratti ibsamuu akka hin qabne seerichi ni
dhorka
 Du’aan qofaa isaa fi sanada mataa isaa danda’een
dhaamoo godhuu akka qabuu fi namootni hedduun
sanada tokko irratti dhaamoo yoo godhan dhaamichi
akka diigamuu fi bu’aa seeraa akka hin qabne seerichi
tumee jira (Kwt. 858)
Lammaffaa, dandeettii dhaamoo raawwachuu dhaamataa:
 Kun kan madaalamu, dhaamataan gochi inni
raawwatu dhaamoo ta’uu isaatii fi qabiyyee
dhaamichaa sirriitti kan hubatu ykn hin hubatne
ta’uu isaa madaaluudhaani.
 NB. namni tokko seeraan dandeettii qabaachuu ykn
dhabuun isaa dhaamoo raawwachuuf dandeettii
qabaachuu waliin kallattiin walquunnamtii hin qabu.
Fakkeenyaaf, akka Seera Maatii Oromiyaa kwt.
313(2) tti mucaan waggaa 16 hin guutne dhaamoo
gochuu ni danda’a.
…itti-fufa
Sadaffaa, dhaamichi dirqamaan ykn dogongoraan ykn dhiibbaadhaan
godhamuu dhabuu isaa:
 Du’aan dhaamoo kan godhe humnaan dirqamee ykn dogongoraan
yoo ta’e, dhaamichi seeraan diigamuu ni danda’a (Kwt 867 fi
877)
 Du’aan sababa dhiibbaa sammuutiin yeroo sanatti dhaamoo kan
godhe yoo ta’e abbootiin seeraa dhaamoo godhame hir’isuu ykn
diiguu akka danda’an seerichi tumeera (Kwt. 868-875)
Afraffaa, dhaamichi seera qabeessa ta’uu isaa:
 Akka seera Itoophiyaatti, kanneen armaan gadii dhaamoon kufaa akka
ta’u kan godhanidha:
• Dhaamoon haala ifaa ta’een fayyadamaa dhaamichaa yoo ibsuu
baate
• Bu’uura dhaamichaatiin dhimma raawwatamuu qabu yoo ibsuu
baate
• Jechi dhaamichaa raawwatamuu kan hin dandeenye yoo ta’e
 Dabalataanis, jechi dhaamoo tokko seera ykn safuu kan faallessu yoo
ta’e, bu’aa seeraa qabaachuu hin danda’u(Kwt. 865 fi 866)
Walumaagalatti:
 Dhaamoon tokko seera duratti gatii akka qabaatuuf haalawwan
guutamuu qaban keessa haalawwan hundee isaan kan jedhaman
seera dhaalaa Itoophiyaatiin tumame jira. Haalawwan hundee
kanas akka waliigalaatti wayita ilaalaman:
 Yaadni dhaamoo gochuu dhaamataa(du’aa) jiraachuu qaba.
Dhaamataan fedhaa fi sammuu bilisa ta’een dhaamoo gochuu
qaba. Yoo kun ta’u baate, dhaamoon godhame seera duratti
gatii qabaachuu hin danda’u.
 Qabiyyeen dhaamoo ifa ta’uu qaba; akkasumas safuu
uummataa fi seeraa kan faallessu ta’uu hin qabu. Kana malee,
dhaamoon godhame seera duratti gatii qabaachuu hin
danda’u.
Foormii
 Dhaamoon tokko seera duratti gatii akka qabaatuuf haalli
guutamuu qabu kan biroo, dhaamichi foormii seerichaan
tumameen raawwatamee argamuu isaati.
 Dhaamataan dhaamoo gochuuf yaada inni qabu karaa salphaa ta’een
mirkaneessuun waan hin danda’amneefi
 Yaadni sammuu dhaamataa maal akka ta’e du’aa gaafachuudhaan
carraan ittiin hubatamu waan hin jireef, foormii ilaachisee seerichi
tumaalee dirqii irraa maquun hin dandayaminee kaayyeera.
Kanaafuu, dhaamoon godhame tokko seera duratti gatii
akka qabaatuuf dhaamataan dhaamicha foormii seerichi
ajajuun raawwachuti irraa eeggama.
itti-fufa
 Seerri dhaalaa biyya keenyaas, dhaamoon tokko seera duratti gatii
akka qabaatuuf haalawwan guutamuu qaban keessa tokko foormii
akka ta’e ifaan tumeera.
 Tumaaleen kun tumaalee dirqii fi irraa maquun hin danda’amnee fi
amala dirqisiisummaa kan qabanidha.
 Kana waan ta’eef, dhaamoon tokko bu’uura foormii seerichi
ajajuutiin godhamuu yoo baate, seera duratti gatii hin qabaatu
jechuudha.
 Akka seera dhaalaa Itoophiyaatti, goosootni dhaamoo sadiidha.
Isaanis:
Dhaamoo ifaan godhamu
Dhaamoo barreeffama dhaamataatiin godhamuu fi
Dhaamoo afaaniin godhamu
 Gosootni dhaamoo kun foormii akkamiin raawwatamuu qabu?
Dhaamoo Ifaan Godhamu
 Dhaamoon ifaan godhamu foormii akkamiin godhamuu akka qabu
seera dhaalaa kwt. 881 jalatti tumamee jira.
 Dhaamoon ifaan godhamu foormaalitiiwwan guutuu qabu baay’ee
akka ta’an tumaa kana irraa hubachuun ni dandayama.
 Foormaalitiiwwan guutamuu qaban kunis:
 Dhaamataan dubbachaa jecha isaa namni gara biraa ykn dhaamataan
ofumaa isaa kan barreesse ta’uu qaba.
 Dhaamichi dhaamataa fi ragoota afur duratti dubbifamuu isaatii fi sirni
kun raawwatamuu isaa kan ibsu ta’uu qaba.
 Ragootni afran kunis umuriin isaaniii gaa’ilaa kan gayan; seeraanis ta’e
murtiin kan hin dhorkamiin ta’uu qabu(Kwt.883(1)). Akkasumas, afaan
dhaamoon ittiin barreffame kan beekanii fi waan barreeffamees ofumaa
dhagayuu ykn dubbisuu kan danda’an ta’uu qabu(Kwt.883(2)).
 Dhaamataa fi ragootni yoommusaana barreeffama dhaamoo irratti
mallattoo isaanii ykn mallattoo qubaa irra kaayuu qabu.
 Karaa biraatiin, ragoota keessaa inni tokko abbaa seeraa ykn qondaalaa
waliigaltee waliigalchuuf aangoon kennameef yoo ta’ee fi dhaamoon
bakka inni hojii isaa gaggeessutti yoo godhame, ragootni lama qofti
ga’aa akka ta’an seerichaan tumameera (Kwt.882).
 Akkasumas, dhaamoon ifaan godhamu guyyaa, ji’aa fi bara itti
barreeffame argisisuu akka qabu seerichaan tumameera (Kwt.887(1)).
 Walumaagala, dhaamoon ifaan godhamu tokko seera duratti
gatii qabaachuu kan dandayuu foormaalitiiwwan seerichi ajaju
guutuun yoo raawwatame qofa akka ta’e hubatamuu qaba.
Dhaamoo Barreeffama Dhaamataatiin Godhamu
 Seerri dhaalaa Itoophiyaa namni tokko barreeffama harka
isaatiin dhaamoo akka godhu ni eyyama. Gosti dhaamoo kunis
dhaamoo barreeffama dhaamataatiin godhamu jedhame
beekama.
 Dhaamoon barreeffama dhaamataatiin godhamu kunis foormii
akkamiin raawwatamuu akka qabu tumaan seera sivilii
keewwata 884 jalatti tumameera.
 Akka tumaa kanaatti dhaamoon barreeffama
dhaamataatiin godhamu:
Dhaamataan dhaamicha gutuummaan guutuutti
barreeffama harka isaatiin kan barreesse ta’uu qaba;
Barreeffamni dhaamataan barreesse dhaamoo ta’uu
isaa ifatti kan mul’isuu fi
Dhaamichi fuula tokko ol yoo ta’e dhaamataan
fuula hundarrattuu mallattoo isaa kaayuu fi guyyaa
irratti kan barreesse ta’uu qaba.
 Dabalataanis:
 Dhaamoo barreeffama harka dhaamataatiin godhamu dhaamataan mataan isaa
taayippiidhaan kan barreesse yoo ta’e, fuula hundarratti dhaamataan mataan
isaa taayippiidhaan kan barreesse ta’uu isaa barreeffama harkaatiin agarsiisuu
qaba (Kwt.885)
 Dhaamichi bara, ji’aa fi guyyaa itti raawwatame mul’isu qaba (Kwt.887(1)).
 Walumaagalatti,:
 Dhaamoon barreeffama dhaamataatiin godhame seera duratti gatii qabaachuu
kan dandayuu ulaagaalee armaan olitti ibsaman yoo guuteedha.
 Ulaagaalee kana keessaa tokko yoo hanqate dhaamoon gosa kanaa seera duratti gatii
hin qabu.
 Akkasumas, dhaamataan wallaalaa ykn afaan dhaamichi ittiin barreeffame kan
hin beekne ykn jechoota hiikkoo isaanii hin beekneen barreesse yoo argame
dhaamichi gatii hin qabu.
DhaamooAfaaniin Godhamu
 Gosti dhaamoo sadaffaan, dhaamoo afaaniin/jechaan godhamu dha.
 Namni tokko duuti isaa itti dhiyaatuu hubatee ragoota lama kan
umuriin gaa’ilaaf gayee fi kan seeraan ykn murtiin hin dhorkamiin
duratti haala jecha dhaamoo itti kennuudha.
 Gosa dhaamoo akkanaatiin dhaamataan:
• waa’ee sirna awwaala isaa;
• kennaa tilmaamni isaa qarshii 500 hin caalle godhuu fi
• waa’ee guddisa ijoollee gaa’ila hin gayiin gama ilaaluun murtii kennuu ni
danda’a.
 Isaan kanaan ala jechi dhaamoo afaaniin godhame gatii kan
hinqabne yammuu ta’u, tilmaamnis qarshii 500 ol yoo ta’e gara
qarshii 500 akka gadi xinnaatu seerichaan tumameera.
Haqamuu ykn Kufaa Ta’uu Dhabuu

 Dhaamoon tokko seera duratti gatii akka qabaatuuf haalawwan


hundee fi haalawwan foormii guutuun isaa qofti ga’aa miti.
 Dhaamoon gatii akka qabaatuuf, dabalataan waantotni guutamuu
qaban ni jiru:
 Dhaamoon du’aadhaan kan hin haqamne ta’uu qaba
 Ykn dhaamichi kufaa kan hin tahiin ta’uu qaba.
 “Dhaamoo Haquu” fi “Kufaa Ta’uu Dhaamoo” yaad-rimee gara
garaa akka ta’an hubatamuu qaba.
Dhaamoo Haquu (Revocation of Will)
 Dhaamataan erga dhaamoo godheen booda dhaamoon inni godhe
bu’aa akka hin qabaanne yaaduudhaan gocha inni raawwatu
kamiyyuu kan ibsudha.
 Dhaamataan dhaamoo godhuuf mirga akka qabu hunda dhaamoo
haquufis mirga guutuu qaba.
 Dhaamoo haquun amaloota adda addaa qaba:
 Dhaamoo haquuf duraan dursee dhaamoon seera duratti
gatii qabu jiraachuu qaba.
 Gochi dhaamoo haquu bakka bu’ummaan kan raawwatamu
miti. Dhaamoo haquu kan danda’u nama dhaamicha godhe
qofaadha.
 Namni dhaamoo haqu dandeettii qabaachuu qaba. Kunis,
dhaamoo erga godheen booda dandeettii yoo dhabe
dhaamicha haquu hin dandayu.
 Dhaamataan dhaamoo godhe guutummaan guutuutti ykn
gamisaan ykn kutaa tokko qofa haquu ni dandaya.
 Dhaamoon bifa lamaan haqamuu ni danda’a:
 Ifaan fi
 Al-kallattiidhaan
 Ifaan Dhaamicha Haquu (Express Revocation): Akka seera dhaalatti ,
dhaamataan ifaan dhaamicha kan haqu karaa lamaan ta’uu ni danda’a.
 Tokkoffaa, foormii dhaamoo godheen wal-simsiisee ifa godhee dhaamicha
kan haqe yoo ta’e (Kwt. 898(1))
 Lammaffaa, dhaamataan dhaamoo kanaan dura godhe waliin dhaamoo hin
deemne ykn wal-faallessu yoo godhedha
 Al-kallattiin Dhaamicha Haquu (Implied Revocation): dhaamichi gatii akka hin
qabaanne gochoota godhan raawwachuudhaan dhaamicha haquu jechuudha.
 Dhaamataan barreeffama dhaamichaa yoo balleesse, yoo biinxe, ykn
jechoota keessa yoo haqeedha.
 Qabeenya dhaamoodhaan kenname dhaamataan nama biraaf yoo dabarse
dhaamoo godhame kufaa taasisa
 Walumaagala, dhaamoo haquun gocha dhaamataatiin raawwatamuudha.
Kufaa ta’uu Dhaamoo
 Dhaamoon erga godhamee booda daangaa yeroo seeraan tumame keessatti
dhaamataan waan gochuu qabu hin raawwatin yoo hafe ykn
 Dhaamoon erga godhamee booda haala uumamu irratti hundaa’uun dhaamichi bu’aa
seeraa akka hin qabaanne seerri yammuu daangaa godhu dha.
 Kanaafuu, dhaamoon kufaa kan ta’u ajaja tumaalee seera dhaalaatiini. Haaluma
kanaan, sababooni dhaamoon kufaa itti ta’uus:
 Inni tokko, dhaamataan wanta seerri ajajuu raawwachuu yoo dhabe. Kunis:
 Dhaamoon barreeffamafama harka dhaamataatiin godhame yoo ta’e
guyyaa godhamee kaasee waggaa torba (7) keessatti qaama ilaallatu bira
yoo hin kaayamin hafe kufaa ta’a (Kwt. 907)
 Dhaamoon afaaniin godhame guyyaa godhamee kaasee ji’a sadiin booda
dhaamataan lubbuun yoo jiraate kufaa dha
 Isaan biroo, dhaamoon erga godhameen booda haalawwan uumaman kan
ilaalatanidha. Isaan kunis:
 Ilmi yoo dhalatee fi innis dhaaluuf kan fedhe yoo ta’e (Kwt. 904)
 Sababa du’aatiin alatti, gaa’elli yoo diigame (Kwt. 906)
 Namni dhaamoon godhameef dursee yoo du’e ykn kennaa dhaamoo
fudhachuu yoo hin danda’iin ykn fudhachuuf fedhii yoo hin qabaatiin (Kwt.
902, 904-907)
Guudunfaa
1. Haalawwan dhaamoon guutuu qabu walqabatee
falmiiwwan qabatamaan manneen murtiitti
dhihaachaa jiran kan akkamitti?
2. Manneen murtii hoo falmiiwwan dhihaatan kana
haala akkamiin keessummeessaa jiru?
3. Tumaaleen seera dhaalaa haalawwan dhaamoon
guutuu qabu, keessattuu foormii dhaamoo ittiin
raawwatamu qabu ilaalatan, gama manneen
murtiittiin haala akkamiin hiikkamaa hojii irra
oolaa jiru?
 Gaaffii 1ffaa ilaalchisee haalawwan dhaamoon guutuu
qabuun walqabatee keessattuu, foormii dhaamoon itti
raawwatamu qabuun walqabatee manneen murtiitti
falmiiwwan adda addaa ni dhihaatu. Isaan kana keessaa:
 Gosti dhaamoo dhihaatee dhaamoo ifaan
godhamudha moo dhaamoo barreeffama
dhaamataatiin godhamudha ykn dhaamoon
dhihaatee dhaamoo barreefffama dhaamataatiin
godhamudha malee dhaamoo ifaan godhamu miti;
 dhaamichi ragoota afur duratti dubbiffamuu isaa hin
ibsu;
 dhaamicha irratti ragoota sadii qofaatu mallatteessee;
 dhaamichi kan godhame qondaala waliigaltee
waliigalchisiisuuf aangoo qabu duratti ta’us qondaalli kun
bakka maqaa ragootaa jedhutti ragaa ta’uun isaa ibsame hin
mallatteessine;
 “nisahaa abbaatiin’’ tartiiba ragaa irratti ragaa ta’uu
isaanii ibsamu malee akka ragaati lakkawwamu hin qaban
kan jedhan isaan muraasa.
 Gaaffiilee 2ffaa fi 3ffaaf ammoo deebii laachuun kan
dandayamu xiinxala dhimmoota gaggeessuun waan ta’eef,
dhimmoota moojulicha keessatti hammataman irratti
mariiin garee erga godhame booda kan itti deebinu ta’a.
Qabiyyee Dhaamoo
 Namni tokko dhaamoo isaatiin dhimmootni adda addaa akka hammatamu gochu ni
dandaya. Fakkeenyaaf:
 Waa’ee qabeenyaa isaa dabarsuu fi qoodiinsaa
 Waa’ee sirna awwaala isaa
 Waa’ee muudama bulchituu qabeenyaa
 Waa’ee muudama qulqulleesituu qabeenyaa
 Waa’ee muudama guddiftuu ijoollee isaa
 Waa’ee dhaaltuu isaa dhaala keessaa buqqisuu fi
 Erga du’ee booda waa’ee dhimmoota raawwatamuu qabanii fi kanneen biroo
 Akka waliigalaatti, du’aan dhaamoo isaa keessatti dhimmoota armaan gadi akka
hammataman gochuu ni danda’a:
 Kenna dhaamoo waliigalaa (Legacy by Universal Title)
 Kenna dhaamoo addaa (Legacy by Singular Title)
 Dhaaltummaa keessaa buqqisuu (Disherison) jechuun ilaaluu ni dandeenya.
 Mee dhimmoota armaan olii sadan tokko tokkoon haa ilaallu
Kennaa Dhaamoo Waliigalaa
 Namni tokko kenna dhaamoo waliigalaa godhe kan
jedhamu, qabeenya isaa akkuma jiruun ykn hamma
murtaa’e tokko abbaa qabeenyumaan ykn ristummaa
leexaan nama tokkoof ykn namoota hedduuf jecha
dhaamoo ittiin dhaalchisu yoo godhe dha.
 Namni tokko dhaamoo godheen, kenna dhaamoo
waliigalaa godhe jechuuf:
 Kennaan waliigalaa kutaa qabiyyee dhammoo keessaa tokko
waan ta’eef, bu’aa qabaachuu kan eegalu yammuu dhaalli
isa du’ee banamu dha.
 Kennaan dhaamoo kun fayyadamtoota dhaamootiif
abbummaa guutuu ykn abbumaa leexaa kan dabarsu yammuu
ta’e dha.
itti-fufa
• Mirga abbumaa guutuu: mirga fayyadamuu, firii isaa sassaabuu fi
gurguruu, jijjiiruu fi mirga abbumaa dabarsuu of keessatti qabata
• Mirga abbumaa leexaa: mirga fayyadamuu fi firii sassaabuu osoo hin
qabaatiin, mirga qabeenyicha gurguruu ykn jijjiiruu qofa kan qabu dha.
Akka waliigalaatti, mirga abbummaa isaa garee sadafaatti dabarsuu
qofa kan qabu dha.
 Dhaamataan abbumaa guutuu ykn leexaa kan dabarsu qabeenya
isaa hunda ykn gamisa isaa ta’uu qaba.
• Qabeenya isaa tokko tokkoon maqaa waamuun osoo hin taane,
‘qabeenya kiyya hunda’ ykn ‘qabeenya kiyya gamisa’ ykn ‘qabeenya
kiyya kan hin sochoone hunda ykn gamisa isaa’ jechuun ibsuu qaba.
• Dhaamataan ‘konkolaataa manaa kiyya’, ‘mana jireenyaa
kiyya’, fi kkf jechuun kennaan dhaamoo inni godhu kennaa
dhaamooo waliigalaa miti.
• Fayyadamaan kennaa dhaamoo waliigalaa qabeenya
dhaalaa kan akkamii dhaaluuf akka deemu beekuu hin
danda’u.
 Bu’aan kennaa dhaamoo waliigalaa maali? Isa kennaan godhameef
ilaalchisee! Dhaaltoota sadarkaa 2ffaa, 3ffaa fi 4ffaa ilaalchisee!
 Fayyadamtootni dhaamoo waliigalaa:
 Akka dhaaltota seeraa kanneen dhaamoo malee dhaalaniitti
lakkaayamuudhaan dhaala keessatti hirmaatu (Kwt. 915).
 Dhaaltonnii seeraa bakka hin jirreetti ammoo qabeenya dhaalaa
akkuma jiruun dhaaluu ni danda’u.
 Dhaalli isa du’ee yammuu banamu dhaaltota isa du’ee waliin akka
dhaaltota seeraatti dhiyaatanii mirga qixxee hirmaachuu ni qabu
 Haata’u malee, akka dhaaltota seeraatiitti hin lakkaayaman
jedhamee dhaamoo keessatti yoo murtaa’e ykn hamma murtaa’ee ol
fudhachuu hin danda’an jedhamee ifaan yoo ibsame, haalli isaan
akka dhaaltota seeraatiitti lakkaayaman akka hin jirre seerri ni
tuma.
 Dhaamoo isaatiin ifatti yoo mul’ise malee, kenna dhaamoo
waliigalaa gochuudhaan dhaamataan dhaaltota isaa sadarkaa 2ffaa, 3
ffaa
, fi 4 ffaa callisuudhaan/al-kallattiidhaan dhaala keessaa akka
buqqisuutti lakkaayama (Kwt. 939)
Kennaa Dhaamoo Addaa
 Dhaamataan kennaa dhaamoo addaa gochuu akka danda’u
seeraan tumameera. Haata’uutii, kennaan dhaamoo addaa
maal akka ta’e seerri hiikkoo itti hin kennine
 Kennaa dhaamoo waliigalaatiin ala dhaamoon godhamu
hundi akka kenna dhaamoo addaatti lakkaayama jechuun
seerichi ni kaaya (Kwt. 912(2))
 Dhaamataan qabeenya isaa keessaa tokko ykn tokkoo ol
addaan baasee tarreessuudhaan kennaa dhaamoo inni godhu
kennaa dhaamoo addaati jechuun ni danda’ama.
 Fayyadamaan kennaa dhaamoo addaa:
 Dhaamoo keessatti qabeenya ibsame fudhachuun alatti
qabeenya dhaamataa kan biroo irratti mirga hin qabu
 Akka idaatti ilaalama
Dhaala Keessaa Buqqisuu
 Du’aan dhaamoo isaa keessatti dhimmi akka hammatamu godhu kan
biroon dhaaltota seeraa hundumaa ykn tokko akka isa hin dhaalle
dhaala irraa buqqisuu dha.
 Dhaala keessaa buqqisuu yaad-rime jedhu, namootni seeraan dhaaluu
dandayanii fi firooma dhiigaa qaban dhaala keessatti akka hin
hirmaanne dhaaltota ta’uu hin qaban jechuun du’aan jecha dhaamoo
godheen mirgi dhaaltummaa isaanii sirna hafaa itti ta’u ibsuuf kan
fayyadamu dha.
 Sirni dhaala irraa buqqisuu bifa lamaan raawwatamuu ni dandaya:
 Haala ifa ta’een dhaala irraa buqqisuu fi
 Al-kallattiidhaan dhaala irraa buqqisuu
 Dhaamataan dhaamoo godhu keessatti dhaaltota seeraa ykn isaan
keessaa tokko jecha ifa ta’een dhaala irraa yoo buqqisee, sirnichi
haala ifa ta’een dhaamoo irraa buqqisuu jedhamuun beekama.
 Dhaaltuun buqqifame kunis akka du’aa dursee du’eetti lakkaawamee
sirni dhaalaa ni gaggeeffama (Kwt. 937). Dhaaluuf lubbuun
jiraachuun ulaagaa dhaaluu danda’uu keessaa isa tokko waan ta’eefi
dha.
 Aangoo dhaamataan dhaaltota isaa dhaala irraa buqqisuuf
qabu bal’aa akka ta’e seericha irraa ni hubatama.
 Haata’u malee, dhaamataan ijoollee isaa ykn dhaala gad
lakkaawamu yeroo buqqisu aangoo isaa irratti seerichi
daangaa kaa’uuf yaaleera.
 Kunis kan ibsamu, dhaamataan sababa buqqisuuf isa geessise dhaamoo
keessatti ibsuu akka qabu seerichi ni tuma. Sababa ibsuu yoo baate,
dhaamoon buqqisuun hin ragga’u jechuu dha.
 Sababa du’aan ibse ilaalchisee abbootiin seeraa, ‘sababni ibsame dhaala
irraa buqqisuuf ga’aa dha moo miti’ kan jedhu qorachuu ni danda’u
(Kwt. 938(2))
 Haa ta’u malee, abbootiin seeraa sababni du’aan dhaamoo isaa keessatti
ibse dhala gadlakkaawamu dhaala keessaa buqqisuuf ga’aa dha moo miti
kan jedhu qorachuu irra darbuudhaan sababni du’aan kaayyee dhugaa
ta’uu ykn soba ta’uu isaa qorachuu hin dandayan. (Kwt. 938(3))
 Jecha birootiin, abbootiin seeraa sababni ibsame dhugaa ykn soba ta’uu
osoo hin taane, sababichi dhaala irraa buqqisuuf ga’aa ta’uu ykn ga’aa
ta’uu dhabuu isaa qofa qorachuu danda’u jechuu dha .
 Karaa biraatiin, dhaamataan dhaala ol lakkaawaman dhaala irraa
irraa buqqisuuf aangoo qabu seerichaan wanta daanga’ee hin qabu.
Kunis,
 Dhaamataan dhaala ol lakkaawaman dhaala isaa keessaa
buqqisuuf sababa isa geessise caqasuun irraa hin eegamu.
 Dabalataanis, jechi dhaamoo faallaa ta’e yoo jiraate malee,
dhaamataan kennaa dhaamoo waliigalaa gochuun isaa dhaala
irraa buqqa’uu dhaala ol lakkaawamanii kan hordofsiisu ta’a
(Kwt.939)
 Kanaaf, du’aan dhaaltota isaa ol lakkaawwaman dhaamoodhaan:
o sababa tokko malee ykn
o kennaa dhaamoo waliigalaa gochuudhaan dhaala irraa isaan
buqqisuu ni danda’a jechuudha.
Guudunfaa
 Tumaalee seera dhaalaa dhaala keessaa buqqisuu ilaalata gama
manneen murtiittiin haala akkamiin hiikkama hojii irraa oolaa jiru?
Kallattii kanaan, rakkoowwan qabatamaatti hojii irratti mul’atan maali?
 Akka waliigalaatti:
 Yaad-remeewwan ‘ifaan dhaala keessaa buqqisuu’ fi ‘callisuun ykn al-
kallattiin dhaala keessaa buqqisuu’ jedhaniin walqabate rakkinni
qabatamaan hojii irratti mul’atu jira.
 Akkasumas, ‘dhaala irraa buqqisuu(disherison)’fi ‘dhaaltummaaf kan
hin malle ta’uu(Unworthiness) jidduu garaagarummaa jiru addaan
baasani hubachuun walqabatee rakkinni qabatamaan hojii irratti mul’atu
jira.
 Kanaafis mee dhimmoota 8ffaa, 9ffaa fi 10ffaa xiinxala!!
KUTAA II
WARAQAA RAGAA DHAALTUMMAA, JIRAACHUU DHAAMOO FI QABIYYEE
ISAA HUBACHIISUU

Seensa
Dhaamoo bu’uureffachuun iyyannoowwan ykn
himannoowwan adda addaa mana murtiitti baay’inaan
ni dhiyaatu. Isaan keessaa:
‘dhaamoon naaf haa raggaasifamu’,
‘dhaaltuu dhaamoo ta’uun koo mirkanaa’ee waraqaan
ragaa dhaaltummaa naa haa kennamu’,
‘dhaamoon naa haa diigamu’ fi kkf isaan muraasa.
 Kanumaan walqabate, jiraachuu dhaamoo fi
qabiyyee isaa ilaalchisee manneen murtiitti
falmiiwwan adda addaa ni ka’u; manneen murtiis
murtii ni kennuu. Gaaffiin:
 Dhaamoo bu’uureffachuun himannoowwan ykn
iyyannoowwan manneen murtiitti dhiyaachaa
jiraniif hundeen seeraa isaanii maali?
 Manneen murtii hoo himannoowwan ykn
iyyannoowwan kana haala akkamiin
keessummeessaa jiru? kan jedhu dha.
 Dhaamoo bu’uurefachuun himannoowwan ykn iyyannoowwan
ykn falmiiwwan manneen murtiitti dhihaatu baay’eedha.
Xiyyeeffannaan keenya garuu:
 Waraqaa ragaa dhaaltummaa
 Jiraachuu dhaamoo fi qabiyyee isaa mirkaneessuu ta’a.
Waraqaa Ragaa Dhaaltummaa

 Seera dhaalaa keessatti waa’ee waraqaa ragaa


dhaaltummaa kwt. 996–1002 tumameetti
argama.
 Haaluma kanaan kwt.996:
Namni dhaaltuu ta’e tokko dhaaltuu isa du’ee ta’uu fi gaheen
qabeenya dhaalaa isaa hammam akka ta’e kan agarsisu waraqaa
ragaa dhaaltummaa abbootiin seeraa akka kennaniif iyyachuu ni
dandaya jedha.
 Waraqaa ragaa dhaaltummaa wajjiin walqabatee gaaffiileen
deebii barbaadan jiru. Isaan kana keessaa:
1. Iyyata waraqaa ragaa dhaaltummaa
dhiheessuu kan dandayu eenyuu?
2. Iyyatni waraqaa ragaa dhaaltummaa yoom
dhihaachuu dandaya? ykn waraqaan
ragaa dhaaltummaa yoom kennuun
dandayama? isaan muraasa.
1. Iyyata waraqaa ragaa dhaaltummaa dhiheessuu kan dandayu
eenyuu?
 Tumaan seera sivilii kwt.996 jalatti ‘Namni dhaaltuu ta’ee…….’
galee jedhu irraa hubachuun akka dandayamutti iyyata waraqaa
ragaa dhaaltummaa dhiheeffachu kan dandayu nama dhaaltuu isa
du’e ta’e dha
 Namni tokko ammoo seeraan ykn dhaamoodhaan dhaaltuu isa du’ee
ta’uu waan dandayuuf, namni seeraan ykn dhaamoodhaan dhaaltuu
isa du’ee ta’e tokko waraqaan ragaa dhaaltummaa akka kennamuuf
mana murtiitti iyyachuu ni dandaya jechudha.
 Gaaffiin:
 Namni dhaaltu isa du’ee ta’e maaliif waraqaa ragaa
dhaaltummaa akka kennamuuf gaafata? Ykn
faayyidaan waraqaa ragaa dhaaltummaa maali?
 Isa du’ee dhaaluuf waraqaan ragaa dhaaltummaa
dirqamaa? Ykn isa du’ee dhaaluuf haal-dureedha?
 Moo waraqaan ragaa dhaaltummaa dhaaltuun
yammuu barbaadee qofa kan gaafatamudha?
2. Iyyatni waraqaa ragaa dhaaltummaa yoom dhihaachuu dandaya?
ykn waraqaan ragaa dhaaltummaa yoom kennuun dandayama?
 Duraan dursee, waraqaan ragaa dhaaltummaa manni murtii kennuu qabiyyeen
isaa waan lama hammachuu akka qabu tumaa serichaa irraa hubachuun ni
dandayama(Kwt.996). Isaanis:
 Iyyataan dhaaltuu isa du’ee ta’u isaa fi
 Qabeenya dhaalaa irraa gaheen iyyataa hammam akka ta’eedha.

 Qabiyyee waraqaa ragaa dhaaltummaa ilaalchisee tumaan seerichaa kun haalaan


ifa waan ta’eef hiikkoo gara biroo itti kennuun hin dandayamu.
 Kanaafuu, waraqaan ragaa dhaaltummaa mana murtiittiin kennamu qabiyyeen
isaa qabxiilee lameen kana kan hammate ta’u qaba. Jecha biraatiin, waraqaan
ragaa dhaaltummaa manni murtii kennuu “iyyataan dhaaltu isa du’ee” ta’u isaa
qofa kan mul’isu ta’u hin qabu jechudha.
 Gaaffiin garuu, manni murtii waraqaa ragaa dhaaltummaa
qabiyyeen isaa qabxiilee lameen kana hammatee akkamitti
kennuu dandaya? kan jedhudha.
 Gaaffiin kunis, iyyatni waraqaa ragaa dhaaltummaa yoom
dhihaachu dandaya? ykn waraqaan ragaa dhaaltummaa yoom
kennuun dandayama? kan jedhutti nu geessa.
 Gaaffii kanaaf deebiin walfakkaatuu kennamaa hin jiru.
Deebiiwwan kennamaa jiraniis garaagarummaa baay’ee qabu.
 Burqaan garaagarummaa kanaas kwt. 996 jalatti”……dhaaltuu
isa du’ee ta’uu fi gaheen qabeenya dhaalaa hammam akka
ta’e kan mul’isuu…..galeewwan jedhaniif hiikkoo itti
kennamaa jirudha jechuun ni dandayama.
 Akka waliigalaattii, galeewwan kwt.996 jalatti hammataman
kun karaa lamaan hiikkoo itti kennuun gaaffii harkaa qabnu
kanaaf deebiin kennamaa jira jechuun ni dandayama ykn
eejjannoo lamaatu jira.
 Eejjannoo Tokkooffaa: Iyyatni waraqaa ragaa dhaaltummaa
dhihaachuu kan dandayuu erga dhaaltummaan qulqullaa’ee
booda!
 Eejjannoo Lamaffaa: Dhaaltummaa qulqulleessuuf mataa
isaa waraqaa ragaa dhaaltummaa barbaachisaa waan ta’ eef
osoo dhaaltummaa hin qulqullaa’in dura dhihaachuu ni
dandaya!
 Oggeessotni seeraa eejjannoowwan kana tarkanifachisaan eejjannoo
isaanii cimsuuf sababa dhiheessan qabu. Tumaan seerichaa kunis haala
akkamiin hiikkamu akka qabu ni ibsu. Kanaas mee walduraa-duubaan
haa ilaaluu.
 Eejjannoo Tokkooffaa
 Mirgii dhaaltummaa haal-duree tokko malee mirga seeraan kenname
waan ta’eef, manni murtii mirga kana murtiidhaan beeku ykn
mirkaneessuu irraa hin eeggamu.
 Mana murtii irraa kan eeggamu iyyataan namoota kaan caala isa du’ee
ykn ishee duutee dhaaluuf mirga qabaachuu isaa mirkaneessuu qofa.
 Waraqaa ragaa dhaaltummaa iyyataan namoota kaan caala isa du’ee
dhaaluuf mirga qabaachuu isaa mirkaneessuu fi qabeenya dhaalaa irraa
gahee isaa hammam akka ta’ee mul’isuu kennuuf ka’umsi iyyata
iyyataadhaan dhihaatudha.
 Kanaafis, iyyatni iyyataadhaan dhihaatu tokko manni murtichaa
iyyaticha irratti hundaa’ee qabeenyaa dhaalaa irraa gaheen isaa
hammam akka ta’e waraqaa ragaa mul’isu kennuu kan isa
dandeessisu ta’uu qaba.
 Iyyataan ammoo iyyata akkanaa dhiheessu kan dandayu duraan
dursee qabeenya dhaalaa irraa gaheen isaa hammam akka ta’e
yoo beekame qofa.
 Qabeenya dhaalaa irraa ‘’gaheen”dhaaltootaa kan beekamu sirna
dhaaltummaa qulqulleessuuni.
 Kanaafuu, iyyatni waraqaa ragaa dhaaltummaa dhihaachuu kan
dandayuu erga dhaaltummaan qulqullaa’ee booda.
 Kunis, qulqulleessituun dhaalaa hojii isaa raawwate gabaasa
isaa dhaaltootaaf erga dhiheessee booda jechuudha(Kwt.960)
 Bu’uura gabaasa dhihaateen namni dhaaltuu ta’ee waraqaa
ragaa dhaaltummaa akka kennamuuf gaafachu ni dandayu.
 Waraqaa ragaa dhaaltummaa erga kennamee booda waa’ee
qoodinsa qabeenyaa ilaalchisee yoo waldidaan uummame,
waraqaan ragaa dhaaltummaa kun nama dhaaltuu ta’eef mirga
himata dhiheessuu ykn vested interest ni kennaaf.
 Kaayyoon waraqaa ragaa dhaaltummaas tokko tokkoon
dhaaltootaa gahee isaanii addaan baasuun mirga isaanii
mirkaneeffachuu akka dandayaniifi.
 Dhaaltootni qabeenya dhaalaa irraa gahee argachuu qaban
waliigalteen yoo addaan qoodachuu hindandeenyee, hamma
gahee mata mataa isaaniitiin kan abbaa seerummaa
kaffaludhaan himata dhiheessuu ni dandayu.
 Akkasumas, dhihaatinsi iyyatni waraqaa ragaa dhaaltummaa
kan qajeelfamu seera deemmii falmii siviliitiin waan ta’eef,
kanaaf jecha foormiin duuba seerichaa irratti walqabatani jiran
yaadduma kana cimsu jedhu.
Gabaabinaan, akka eejjannoo kanaatti:
 Dhaaltummaa qulqulleessuun osoo mana murtii dhaquu hin
barbaachisiin raawwatamu ni dandaya.
 Waraqaan ragaa dhaaltummaa bu’uura seerichi ajajuun
kennamaa hin jiru.
 Iyyatni waraqaa ragaa dhaaltummaas haala seerichi jedhuun
dhihaachaa hin jiru.
 Akkasumas, iyyatni waraqaa ragaa dhaaltummaa erga
dhihaatee booda adeemsi hordofamu rakkina qaba.
Eejjannoo Lamaffaa
 Dhaamoon isa du’ee akkuma ‘dhangal’een’ ykn inni du’ee dhaamoon
godhee akka hin jiree akkuma mirkanaa’een odeeffannoowwan waraqaa
ragaa dhaaltummaa irratti ibsamu qaban beekuun ni dandayamaa.
 Dhaaltootni seeraas ta’e dhaamoodhaa eenyuu faa akka ta’anii fi
“gaheen” isaanii hammam akka ta’e yammuu dhaamoon dhangala’uu
beekuu ni dandayu(Kwt.971)
 Dhaaltootni isa du’ee dhaaltoota seeraa yoo ta’an seerichi mataan isaa
“gaheen” isaanii hammam akka ta’ee dhibbantaan kaayyera.(Kwt.942)
 Dhaaltootni isa du’ee dhaaltoota dhaamoo yoo ta’an garuu, qabeenya
dhaalchisaa yeroodhaafis yoo ta’e tilmaamuun rakkisaa waan ta’eef,
dhaamicha waraqaa ragaa dhaaltummaa wajjiin akka walqabatu
gochudha.
 Waraqaan ragaa dhaaltummaa argachuuf gaaffiin yoom
dhihaachuu akka qabu yeroon murtaa’ee hin jiru. Kun
dhaaltudhaaf kan dhiifamedha.
 Dhaaltuun“gahee’’isaa akkuma beekeen gaafficha dhiheefachu
ni dandaya.
 Akkuma seera dhaalaa biyya Ingilizii fi Jarmanitti, akka seera
dhaalaa biyya keenyaatti, adeemsi dhaaltummaa qulquleessuu
eeyyama mana murtiitiin eegaluudha.
 Sirni dhaaltummaa qulqulleessuu erga cufame booda “haalli
dhaaltummaa’’ kan citu waan ta’eef, barbaachisummaan
waraqaa ragaa dhaaltummaa hafaa ta’a. Kanaaf, dhuma irratti
sababni itti kennamuf hin jiru.
 Faayidaan waraqaa ragaa dhaaltummaas:
 Dhaaltuuf dhaaltummaa qulqulleessuu jecha hojiiwwan
raawwatuu fi walqunnamitti godhuuf akka ragaati tajaajila.
 Waraqaa ragaa bu’uureffachuun garee sadaffaa dhaaltoota
waliin walqunnamitti seeraa godhaniif wabiidha.(Kwt.997(2))
 Seera Vs baratama jiru!! (1934-1996)
 Kallattii fuula duraa!!
Jiraachuu Dhaamoo fi Qabiyyee Isaa Mirkaneessuu
 Dirqamni hubachisuu eenyuu irratti kufa?
 Akkamitti hubachisuun dandayama? (Kwt.897)
 Toora kanaatti falmiiwwan ka’an kan akkamitti?
 Qabiyyee dhaamoo ragaa namaatiin mirkaneessuun dandayama
moo? Hindandayamu?
 Dhaamoon tokko foormii seerri ajajuun raawwatamu fi
raawwatamu dhabuu isaa ragaa akkamiin mirkaneessuun
dandayama?
 Gaaffiilee kanaaf deebii laachuuf mee dhimmoota 4ffaa fi 5ffaa
tumaalee seeraa rogummaa qaban wajjiin walbira qabuun
xiinxala.
Galata Argadhaa!

You might also like