You are on page 1of 78

|

BAGA DHUMNE

1
AFRAN QALLOO

Barreessaan: Kadiir Muummee Qaasoo

Gulaaltonni:
1. Adinaan Sufiyaan -MA Social Psychology
2. Abdusalaam Ahmad- BA Cooperative Business Management
3. Najjaash Abdallaa -BA in Afan Oromo & Literature
4. Abdurazzaaq Ahmad Hassan
5. Ibsaa Jaliil - BA In Business & Economics
6. Abaadir Amiinoo –MA in Business & Economics
7. Abdii Mahammad Umar-Bsc in Civil Engeenering
8. Kadiir Muummadee-MSc in Rular Developmental
9. Taajuddiin Abduramaan- MSc in Agricultural Economics
10. Juhaar Aliyyii –MA in Developmental Economics

Dubbistoonni keenya yoo yaada qabaattan karaalee kanaan nu qunnamuu ni dandeessu:

Iimeelii-kedirmume@gmal.com

Lakk.Bilbilaa- 0921644040/0913814369

Mirgi Maxxansaa Eeggamaadha.

Hagayya , 2020

Harar

Qabiyyee

2
Mata Duree Fuula

Ka’umsa Kitaabaa---------------------------------------------------------------------------------I

Jibsoo(Glossary)---------------------------------------------------------------------------------------II

Galata --------------------------------------------------------------------------------------------------III

Seensa --------------------------------------------------------------------------------------------------1

BOQONNAA TOKKO

1. Oromoo fi Oromiyaa-----------------------------------------------------------------------11
1.1. Seenaa Dhaloota Oromoo------------------------------------------------------11
1.1.1. Hidda Latinsa Oromoo -----------------------------------------------------11
1.1.2. Hidda Latinsa Qaccee Ilmaan Oromtichi Dhale------------------------12
1.1.3. Hortee Ilmaan Dhiiraa Lamaan Oromtichaa----------------------------14
1.2. Lafa Oromoo fi Oromiyaa--------------------------------------------------------22
1.2.1. Haala Qilleensaa fi Teessuma Lafa Oromiyaa---------------------------28
1.3. Diinagdee Oromiyaa----------------------------------------------------------------31
1.4. Qaroomina Oromoo-----------------------------------------------------------------34
1.4.1. Sirna Gadaa Oromoo------------------------------------------------------------34
1.4.2. Faana Buutuu Dhaha Oromoo----------------------------------------39
1.5. Weeyrara Gita Bittoota Nafxanyaa fi Qabsoo Oromoo-----------------------43
BOQONNAA LAMA
2. Qalloo fi Ona Isaa---------------------------------------------------------------------------------47
2.1. Seenaa Qalloo----------------------------------------------------------------------------48
2.1.1. Hidda Latinsa Dhaloota Qalloo---------------------------------------------------48
2.1.2. Ona Afran Qalloo----------------------------------------------------------------53

BOQONNAA SADI

3. Qabsoo Afran Qalloo fi Gita Bittootaa Biyya Alaatii fi Biyya Keessaa----------------------57


3.1. Weeyrara Biyyoota Dhihaatii fi Afran Qalloo-------------------------------------------57
3.1.1. Shira Waraanni Ingiliz Afran Qalloo Irratti Raawwate----------------------------58

3
3.1.2. Weeyrara Lola Qindaawaa Arabootaa fi Amiirotaan Afran Qalloo Irratti
Gaggeeffame---------------------------------------------------------------------------------63
3.1.3. Lola Iftuuhaa----------------------------------------------------------------------------------66
3.2. Lola Calii Calanqoo
3.2.1. Weeyrara Minilik II--------------------------------------------------------------------------69
3.2.2. Seenaa Gootota Murti-Guutoo ---------------------------------------------------------75
3.2.3. Gootummaa Gootowwan Afran Qalloo------------------------------------------------88
4. Wabiilee------------------------------------------------------------------------------------------------------77
5. Manguddoota Odeeffannoo Kennan -----------------------------------------------------------------78

⮚ Kaka’umsa Kitaabaa

4
Kitaaba kana barreessuuf sababoota ta’anii wantoonni na kakaasan keessaa inni ijooniifi inni
guddaan akka seenaan dhugaa hiddi latinsa ilmaan Oromoo mul’isuttii Oromoon Booranaa fi
Bareentoo ilmaan lama dhaluu fi Bareentoo Oromootiis ilmaan shan akka dhalee fi isaanis:-
XUMMUGGAA, KARRAYYUU, MURAWWAA, QALLO fi HUMBANNA akka ta’an seenaan irra
deddeebi’ee ni mul’isa.

Haata’uu malee, dhugaan jiru kana ta’ee osoo jiruu hayyoonni seenaa Oromoo barreessanii fi
qoratan kan akka Abbaa Gadaa Warqiinaa Abbaa soorii kitaaba Afaan Amaariffaatiin seenaa
Oromoo kan dhokatee fi Sirna Gadaa je’ee barreesse keessatti “ilmaan Bareento dhale je’ee kan
kaaye 1ffaa Wallo, 2ffaa Arsii, 3ffaa Ituu fi 4ffaa Humbannaa” jechuun kaa’e. Kan biraa kan Dr.
Gammachu Magarsaa akka barreesetti latiinsi ilmaan Oromoo shani jedhe isaanis:-“” 1 ffaa
Sabboo fi Goonaa, 2ffaa Siikkoo fi Mando 3ffaa Raayyaa fi Aseeboo, 4 ffaa Maccaa fi Tuulama, 5ffaa
Ituu fi Humbannaa Qofa” je’ee kaaye.

Qorannoo fi barreeffamni isaanii kun, ilmaan Bareento dhale shanan keessaa damee guddaa
kan tahe Qalloo Bareentoo hammachuu dhabuu fi bira taruun isaanii hanqina ta’ee waan natti
mul’atee fi hubannoon seenaa Afran Qalloo bal’inaan kaayuun akka irra deebi’anii seenaa
Oromoo guutuu barreessuuf ragaa isaanii fi kan waa’ee seenaa Oromootii fi latiinsa ilmaan
Oromoo qorachuuf barbaadan hundaaf bu’ura ka’umsaa akka tahufi. Ilmaan Oromoo Afran
Qalloo qabsoo bilisummaa ummanni keenya sirna gita bittaa Nafxanyootaa fi kanneen biroo
irratti godhaa turan irratti ilmaan Oromoo kanneen biraa waliin ta’uun kallattii adda addaatiin
kan qabsaawaa turan ta’uu isaa seenaan ni mirkaneessa. Fakkeenyaaf, Hayyuun kalaqa Qubee
Afaan Oromoo Kan jalqabaa Sheek Bakrii Saphalooti. Sheek Bakriin cuqursaa sirna gita bittaa
nafxanyootaa keessa taa’ee qubee Afaan Oromoo uumuun ittiin barreessee ummata isaa
barsiisuun qabsaawaa kan tureedha.

Afaan Oromoo Reediyoo cabsa jechuun kan sirni gita bittaa ittiin ummata keenya cunqursaa
ture akka Afaan Oromoo Reediyoo hin cabsine kan jalqaba Somaaliyaa Moqaadiishoo irraa
dubbatanii agarsiisuun qabsaawaa turan gootota ilmaan Qalloo kanneen akka Abuubakar
Muussaa, Dr.Sheek Mahammad Rashaad Abdulleefi kkf fa’a turan. Gama Aartiitiin gurmaawanii
qabsoo gaggeessaa kan turan hundeessitoonni Hawwisoo Afran Qalloo kanneen akka Doktara
Kabajaa Alii Birraa, Shantam Shubbisaa, Doktara Kabajaa Alii Shabboo, Yoonis Abdullaahii,
laabrarii sirboota Oromoo kan ta’e Abdi Qophee(Abdii Mahammad)fi kkf ilmaan Qallooti.

Gama biraatiin, iddoon jalqaba Qabsoon Bilisummaa Oromoo (QBO) itti jalqabamtee fi Addi
Bilisummaa Oromoo(ABO)n jalqaba Sooressa Jaarraa Abbaa Gadaatiin duurfamuun itti of ijaare
teessuma lafaatiin raasaa Afran Qalloo Laga Gobeelleeti ture. Akkasumas, Alaabaa Oromoo tan

5
ilmaan Oromoon hundi itti wareegamaa ture gootota Oromoo kanneen biroo waliin ta’uun kan
jalqaba boce Sheek Mahammad Umar Qaadiiti ture.

Kanaan wal qabatee, yeroo jalqabaatiif akka Oromootti gootichi jalqaba Qabsoo Bilisummaa
Oromoo(QBO) tiif sirna gita bittaa nafxanyaa irratti iddoo Ona Ituu Xirroo bakka jedhamtutti kan
dhukaasee ture Elemoo Qilxuu ilma Qalloo keessaa tokko ture.

Akka waliigalaatti haala olitti ibsame kanaa fi kanneen birootiiniis goototaafi hayyoonni ilmaan
Qalloo Bareentoo bebbeekkamoon kunneen fi kanneen biroo gootota ilmaan Oromoo hunda
waliin ta’uun hojiin boonsaan isaan eenyummaa mirga Oromootiif hojjatanii fi hojjachaa jiran
osoo beekkamuu hayyoonni Oromoo gurguddoon seenaa barreessaa turan yeroo ibsan ilmaan
shanan Bareentumaa osoo beekanii sadeen Fugug yeroo yaaman akka Qallo ilma Humbannaa
ta’eetti “Ituu fi Humbanna” jechuun yeroo gara garaa barreessaa turanii fi miidiyaan dubbataa
turan ni beekkama. Kanaaf, wanti ijoonfi guddaan hayyoonni Oromoo seenaa hidda latinsa
Oromoo barreessaa turan, warri kana booda seenaa hidda latinsa Oromoo fi Oromiyaa irratti
barreessan, warri miidiyaa, warri mootummaafi dhaloonni qubee amma lafaa dhufaa jiru
barachuu qabu Qalloo Bareentoo ilmaan shanan Bareentoo Oromoo dhale keessaa ilma afraffaa
kan Humbannaaf harma dhiise akka tahe hubachiisuuf jecha seenaa fi hidda latinsaafi teessuma
lafaa akkasuma Dhugaa Qalloofi guutummaa Sirna Gadaa Oromoo(Sirna Gadaa Raabaa Doorii
Odaa Bultum) guutuu ta’ee hanqina duraan ture kana akka mullatuuf jecha kitaaba mata
dureen isaa “Baga Dhumne Afran Qalloo” jedhu kana barreessee isiniif gumaache.

Jibsoo(Glossary)

k. K.F- kanneen kana fakkaatan

6
Ykn- Yookaan

Dh.K.D- Dhaloota Kiristoos dura

DH.K.B- Dhaloota Kiristoos Booda

Luuguu- harma hodhuu

Xaxoo – meeshaa aadaa kan dubartiin uffata keessa kaayyattu

Galata

Duraan duursee Rabbii bu’aa bahii adda addaa keessa na dabarsee akkaan kitaaba kana dhaloota dubbisee waa
hubatuuf hamileedhaan ifaajee barreessee xumuru kan na godheef galanni haa gahu. Itti aansuun obboleessa

7
kiyya Abdusalaam Ahmad Saalii fi haadha mana isaa Ibsituu Abdoo deeggarsa maallaqaa fi wantoota
barbaachisoo ta’an hundaan na bira dhaabbachaa waan turaniif galanni isaanii guddaadha. Akkasumaas
jalqabaa hanga xumuraatti kitaaba kana kompitaraan barreessuun yeroo isaanii aarsaa godhuun kanneen na
cinaa dhaabbatan Iliyaas Sufiyaan, Ikraamee Mahammad Yuusuf, Saalim Ahmad Saalii fi Najjaash Abdallaa
baay’een galateeffadha.

Yaadannoon kitaaba kanaa gootowwan qaqqaalii Murti Guutoo kanneen Calii Calanqoo
irratti bara 1887 eenyummaa isaaniif wareegamaniif haa ta’u!

Seensa

Ummani Oromoo saba Guddaa Gaafa Afrikaa irratti angafummaadhaan


eeramuu fi gamnummaa, gootummaa, arjummaa, heeraa fi seeraan buluudhaa

8
fi kanneen biraatiis hammachuudhaan beekkamaa akka ta’e seenaan irra
deeddeebi’ee ragaa bahuun kan ibsamee beekkamu qofa oso hin tahin,
qabatamaanis sadarkaa addunyaatti beekkamtii abbaa Sirna Gadaa ta’uu isaa
keennamuufiin beekkamaadha.

Horteen ka’umsa ilmaan Oromoo Oromtichi Abbaa Boranaa fi Bareentoo


yammuu ta’u ilmaan lamaan kan ja’u irraa lammii kan ja’u kan dhufe akka
ta’e seenaan ni hima. Booranni ilmaan kudha tokko dhale. Bareentoo ilmaan
shan dhaluun waliigalatti Oromoon saba tokko lammii lamaa fi Gosa kudha
jaha kan qabuudha. Isaanis:- Ilmaan Booranaa kan ta’an Wallaggaa,
Callabbaa, Goree, Goofaa, Sidaamoo, Arii, Daacee, Naaroobii, Gurraa, Giriiraa,
fi Gujii ta’uun bekkaman. Ilmaan Bareentoo immoo Xumuggaa, Karrayyuu,
Murawwaa, Qalloo fi Humbanna akka ta’an ragaaleen seenaa irra deddeebi’ee
ibsa.

Ilmaan shanan Bareentoo keessaa sadi Naannoo Oromiyaa keessaa kutaa


Harargeeti jiraatan. Isaaniis:- Murawwaa Bareentoo Godina Harargee Lixaatti
kan arkamu yommuu ta’u, Qalloo Bareentootii fi Humbannaa Bareentoo
Godina Harargee Bahaa keessattii argaman.

Akka Sirna Gadaatti Ona mataa isaaniitii fi Abbaa Gadaa addaan qabaataniis
akka Odaa shanan Oromoottiis isaan sadeen Raabaa Doorii Odaa Bultum
jalatti barcuma 29 keessaa mata mataa isaaniitti sagal sagal qabaatanii
barcumni 2 kan Qaalluu isaanii ta’uun walii wajjiin akka bulaa turan seenaan
ragaa baha.

Haa ta’uu malee, hayyoonni seenaa Oromoo heedduun barruu fi kitaabban


seenaa Oromoo maxxansanii baasan Qalloo Bareentoo seenaa Oromoo
keessatti Ituu fi Humbanna jechuun maquma kana jiddutti osoo hin
beekkamin bira dabramaa ture. Ilmaan shaman Bareentoo Oromoo hangafaa
hanga quxusuutti dhale wal duraa duubaan XUMMUGGAA, KARRAYYUU,
MURAWWAA, QALLO fi HUMBANNA ta’uudhaan osoo beekkamuu Murawwaa/Ituu fi
Humbanna jechuun Qalloo fi seenaan Qalloo hayyoota barreessaa turaniin
dagatamee bira darbamaa ture. Kana kan mul’isu seenaa, Aadaa,
Gootummaa, Eenyummaa fi duudhaan ilmaan Qalloo teeysuma lafa isaatiin
walqabatee barraa’ee ilmaan Oromoo hundi akka dhugaa kana fudhatanii
baranii barsiisuun dhalootaaf dabarsanii seenaa Oromoo fi Qallo duraa
dhokate diriirsan. kana malees Akkaataa Heera barii’aantuu Oromootti akka
carraa ta’ee Onni isaa daangaa hulaa daldala wal qunnamttii biyyoota alaa
afaan mudachuu isaatiin walqabatee diinagdee oomisha isaa keessaa qooda

9
dhabudhaan hanga ammaatti jiraachuun badiinsa seenaa isaatiin akka wal
qabatu taasisee jira.

Kanaafuu seenaan Qalloo kan dhugaa maal akka fakkaatu ifatti bahee
barreeffamee dhaloota amma jiruuf dhihaatee dhaloota dhufuuf taa’uu
qabaachuu fi ilmaan isaatiis eessaa fi maal akka fakkaatan seenaa Oromoo
keessatti iddoon kam akka isaaniin malu waan jedhuun walqabatee dhalootaa
fi ilmaan saba Oromoo mara beeksisuun dirqama ta’ee waan mul’ateef kitaabni
kun kan qophaa’ee dhihaateedha.

10
BOQONNAA TOKKO

1. Oromoo fi Oromiyaa
1.1. Seenaa Dhaloota Oromoo
Ummanni Oromoo hortee Kuushii jedhamee beekkamuufi bara durii jalqabee Baha ykn Gaafa
Afrikaafi Kaaba Baha Afrikaa keessatti argaman keessaa isa guddaa akka ta’e seenaan ni
mirkaneessa. Ummanni Oromoo Gaafa Afrikaa keessa jiraataa jiru kuniis bara durii kaasee kan
jiraataa turee fi arraas jiraachaa jiruudha. Ummanni kun sosochii ijaarsa ummata biyya teenyaa
keessatti bara durii kaasee gahee bakka bu’insa hin qabne bahaa ture. ummanni Oromoo Gaafa
Afrikaa keessa waggoota kuma baay’eedhaaf jiraachaa akka ture barreessitoonni seenaa
hedduun ragaa bahanii jiru. Fakkeenyaaf, Alamaayyoo Hayileefi kanneen biroo kitaaba “ History
Of The Oromo To Sixteenth Century” jedhu irratti waahee kana akkana jechuun ibsanii jiru.

Many historical documents testify that the population of the country are indigenous

Population. From among the indigenous of population of the country, those who had

living 8000 years ago on the Eastern parts of Africa were the Cush people. As linguistic

evidences testfy, the ancient Cushitic language had been divided into four branches

starting 5000 B.C. One among the four is the eastern branch of Cush. In about 3,500 B.C.

to 2,000 B.C., the eastern Cush in its turn was divided among the population groups who

had developed their own language. Thus, the the origin of the Oromo Population is from

the eastern Cushitic branch. The Oromo Population as members of the Cushitic family had

started to live in northeastern parts of Africa from 3,500 B.C. TO 2,000 B.C. with its own

culture and language.

Yaada barreeffama kanaa gabaabinaan yoo ilaalle, akka ragaaleen seenaa barreeffamanii jiran
baay’een ibsanitti ummatoonni biyya kanaa ummata hortee durii as jiraachaa tureedha.

11
Ummata kanneen keessaa kan waggoota kuma 8000 dura gara Afrikaa Bahaa kana keessaa
jiraachaa turan keessaa tokko ummata hortee Kuush keessaa tokkoodha. Akka ragaan
xiinqooqaa ibsutti, DH.K.D bara 5000 irraa eegalee afoononni damee Kuushitik durii dameelee
gurguddoo afuritti kan qoodamuudha. Dameelee afran kana keessaa tokko damee Kuush
Bahaati. Ummanni kunneeniis afaan ofii isaanii itti fayyadamuun guddisaa kan turaniidha.
Ummanni Oromoos damee ummata Kuush Bahaa kana keessaa tokko kan ta’ee fi DH.K.D
waggoota kuma hedduu dura eegalee kaaba Baha Afrikaa kana keessa afaanii fi aadaa isaanii
guddifachaa jiraachaa akka turan kan ibsuudha

Ragaan seenaa kun kan agarsiisu ummanni Oromoo ummata hortee kuush keessaa tokko ta’ee
durii kaasee kaaba Baha Afrikaa keessa jiraachaa akka turaniidha. Kun dhugaa hin haalamne
akka ta’e ragaaleen baay’een ni mirkaneessu. Haata’uu malee, warri beekaa seenaa Oromoo
jallisanii akka ofii fedhanitti barreessaa turan ummata Oromoo hundeen isaa Afrikaa kanaan ala
akka ta’eetti kan barreessaa turan ni jiru. Alamaayyoo Haylieekitaaba “Seenaa Oromoo Hanga
Jaarraa 20ffaa” jedhu irratti yaada kana akkana jechuun ibsee jira.

Barreeffamoonni seenaa fi xiinhawaasaa ilaalcha Seemitikiin faalaman ragaa

sobaa dhiheessu hundee Ummata Oromoo Afrikaa ala taasisu. Ilaalchi kun

barreessitoota Habashaafi deeggartoota isaaniitiin waggoota dheeraaf

irra deddeebi’amee calaqqiseera. Kana keessatti barreeffamni Abbaa

Baahiree (bara 1593) shoora guddaa qaba. Duula buttaa Oromoon jaarraa

16ffaa irraa eegalee Madda Walaabuutii gara kallattii adda addaatti taasise

barreeffama Abbaa Baahiree raga taasisuun biyya Oromoo Itoophiyaa ala

Yookaan Kibba Itoophiyaatti gadi butu. Imaammata “Sobni yoo irra deddeebi’ame

dhugaa ta’a” jedhu qabatanii barreeffama Abbaa Baahiree keessaa jecha “Galaana

Gama” jedhu qofa luqqisanii fudhachuun akka Oromoon bahar gamaa dhufe fakkees-

Sanii barreessaniiru.

Kanarraa kan hubannu warri seenaa Oromoo akka ofii fedhanitti jallisanii barreessaa turan
ragaalee sobaa irra daddeebi’anii barreessaa akka turaniidha. Kuniis itti yaadamee kan
godhame akka ta’e kan nama agarsiisuudha. Isaan akka fedhii isaaniitti jallisanii seenaa sobaa
barreessaniis ummanni Oromoo hortee Kuush keessaa tokko ta’ee kaaba Baha Afrikaa kana
keessa waggoota kuma baay’een dura jiraachaa akka ture warri seenaa dhugaa lafa kaahaniis

12
baay’eetu jira. kanaaf dhaloonni ammaa seenaa dhugaa kana beekee karaa adda addaatiin
dhaloota dhufuuf dabarsuun baay’ee barbaachisaadha. Haaluma kanaan Oromtichi ilmaan
dhiiraa lama kan qabu yoo ta’uu isaaniis Booranaa fi Bareentoo dha. Isaan lamaanuu hortee
mataa isaanii kan qabaniidha.

Hidda latinsa Oromoo tartiibaan yoo kaayamu akkaataa armaan gadii kanaan taa’a.

⮚ Oromoon kan Xabbooti


⮚ Xabbo kan Waaqooti
⮚ Waaqo kan Daadhiiti
⮚ Daadhiin kan Utteeti
⮚ Utteen kan Biteeti
⮚ Biteen kan Walaabuuti
⮚ Walaabu kan Jiilchaati
⮚ Jiilchaan kan Dawwarooti
⮚ Dawwaroon kan Hoofaani
⮚ Hoofaan kan Shaaraati
⮚ Shaaraan kan Hadiyyaati
⮚ Hadiyyaan kan Raabaati
⮚ Raabaan kan Dooriiti
⮚ Dooriin kan Mormoori
⮚ Mormoor kan Maammaati
⮚ Maammaan kan Waarari
⮚ Waarar kan waayyuuti
⮚ Waayu kan Goodeeti
⮚ Goodeen kan Mariiti
⮚ Mariin kan Galaani
⮚ Galaan kan Waadiiti
⮚ Waadiin kan shunkuuri
⮚ Shunkuur kan Imaari (Irami)
⮚ Imaar kan Battaayi
⮚ Battaayi kan Lubaayi
⮚ Lubaayi kan Maliki(Nowbani)
⮚ Maliki(Nowban) kan Kuushi
⮚ Kuush kan Haami
⮚ Haam kan Nuuhi
⮚ Nuuh kan Maliki
⮚ Malik kan Mattooshaatti
⮚ Mattooshaan kan yahiiti

13
⮚ Yahiit kan Muhallali
⮚ Muhallal kan Akkuni
⮚ Akkun kan Anuushi
⮚ Anuush kan Shiishiiti
⮚ Shiishiin kan Aadami
⮚ Aadam kan Biyyeeti
⮚ Biyyeen tan Bishaaniiti
⮚ Bishaan Kan Qilleensaati
⮚ Qilleensi kan Quduraati
⮚ Quduraan kan Rabbiiti hundinuu deemee rabbumatti gala.

Maddi burqaa kanaa Afoola manguddoo hayyuu Warra Muchaa Noolee kan ta’an Damiin
Turee Yuuyyaa irraa kan argameedha.

1.1.2. Hidda Latiinsa Qaccee Ilmaan Oromtichi Dhale


Oromoon akkuma olitti ibsine kanatti dhaloota walhoraa dhufe keessa dabree kan dhufe
yammuu ta’u, horteen ilmaan Oromtichaa akka armaan gadii kanatti ibsama.

Ilmaan shanan Oromtichaa keessaa sadii dubartii yoo ta’an, dhiira immoo lama qaba. Isaanis:-

1. Doobiroo Oromoo
2. Roobo Oromoo
3. Hariiroo Oromoo
4. Booranaa Oromoo
5. Bareentoo Oromoo

Dubartiin sadeen Oromtichi qabu kan maqaan isaanii olitti ibsaman kana yoo tahan akka heera
Oromtichaatti dubartiin hanga hin heerumin qofa maqaa Abbaa isiitiin yaamamti malee eega
heerumtee bultii jaarratte booda maqaa jaarsa/dhiirsa isiitiin waan yaamamtuuf qaccee
abbummaa isiitiin yaamamuun hafee warra qaccee dhaloota isaanii itti fufsiiftuun kan
yaamamtuudha.

Fakkeenyaaf, seenaa Oromtichaa keessatti of duuba deebinee yoo ilaallee akka armaan gadii
kana ta’a.

Maqaan jaartii Xabboo

⮚ Tarii Xabbooti

Maqaan jaartii Bareentoo

⮚ Bariitee Bareentooti

14
Akkasuma jaartiin shanan ilmaan Bareentootis

⮚ Shiina Xummuggaa
⮚ Saaqarree Karrayyuu
⮚ Tiiroo Murawwaa
⮚ Afur Caaltuu Humbannaa
⮚ Huuloo Qalloo

Akkasuma jaartiin Ilmaan Afran Qallootis

⮚ Doobiroo Baabbilee
⮚ Waacitee Oborraa
⮚ Hambalii Dagaa
⮚ Kuuloo Alaa
⮚ Hinnaa Alaa

Akka manguddoonni odeeffannoo kennan jedhanitti Seenaa Oromoo keessatti dubartoota lama
qofaatu abbaa isaaniitiin yaamama.

Isaaniis abbaa manaa isaaniitiin mari’atanii irratti waliigalaniiti jedhama. Isaanis:-

⮚ Hayoomeetoo Haralloo jaartii Oromtichaatiifi


⮚ Giileeyyee Galaw jaartii Dullachaati

Qoroomina addunyaan arra irra geeyse dubartiin abbaa mana isiitiin yaamamuun kun maddi
isaa Oromoo ta’e agarsiisa. Dubartiin Oromoo biratti iddoo guddaa qabdi. Fakkeenyaaf,
dubartiin haadha, ilmoodha, obboleeytiidha, haadha manaati, akkoodha, adaadaa dha, haboo
dha. Madaala ulfina isii kana yoo Rabbi tahe malee wanti gadi buusu hin jiru. Dubartiin erga
heerumtee booda heera saglanii sabbataa kan Afran Qalloo keessatti miidhaa isii mudatuuf
qaama isii bakka saditti qoqqooda.

1. Mormaa oliin warra isii dhaleetu qaba.


2 . Mormaa gadiin hanga mudhiitti warra gurbaa isii fuudheetu qaba.
3 . Mudhii gadiin gurbaa isii fuudhe qofaatu qaba.
Hiikkaan sadeen kanaa: Mormaa oliin yoo miidhamte warra isii dhaleetu qaba yeroo
jennu, ijji isii tuqamnaan ijoon bareedina isii badee, kabajaan warra isii tuqamee
ballittii abaluutiin yaamamtee manatti waan deebituufi.
Funyaan isii tuqamnaan: funyoon warra lamaan walitti hiitu cittee jechuu dha.
Gurri isii tuqamnaan: qaamaan mana jiraattuus gurri ala jiraa kan jedhurraa faaruun
warra isii kan isiin ittiin boontu hafee jechuufi. Ilkeen isii tuqamnaan forroqqee taatee
jibbamtee, forroqqee intala abaluutiin yaamamtee galti. Fakkeenyaaf, ilkee isii

15
abbaan mana isii cabse, isaatu waan dhungatu dhabee jedhamee gumaan hafuus
gaafa isii forroqee jedhee arrabse warri isaanii dhagaye guyyaa san nikaan isii hin jiru
jechuun jalaa fudhatan. Mormaa gadiin hanga mudhiitti ilmaan isiitii fi warra
gurbaatu qaba yoo jennu fuula duraan harmaa fi qoma garaan isii tuqamnaan
ilmaan isiitu qaba. Harmi kan isaan luuganii guddatani. Qomti isii kan furrii isaaniitii fi
fincaaniin tortorsanii ajeessani kabajaa isii cabsan. Garaan ammoo kan isaan itti
baadhattee ji’a sagal isii dadhabsiisan waan taheef isaantu qaba. Duuydi isii yoo
miidhame warra gurbaa dhaleetu qabaa yoo jedhamu, duuydaan ilma isaanii dura
ciiftee shanyii kormaa hidda isaanii isarraa fudhattee qaccee isaanii magarsiti waan
taheef, duuydaan ciisuu dadhabnaan meeyri keenya cite kan jedhuun gumaa duuyda
isii isaantu fudhata.
Mudhii gadiin tan gurbaa isii qabuuti yoo jedhamu,yeroo wajjiin rafan dandeeytii
Rabbiitiin gammachuun hoonga hin qabne tan yeroo sanii isarraa waan madduu fi
ilmaan jidduu isaaniitii argaman kan gudeeda isaa waan tahaniifi.
Dubartiin mudhii gadiin yoo anbbaa mana isiitiin miidhamtee miidhaa saniin yoo
duute, murtiin isaa dubartii biraalle akka hin fuuneetu itti murtaahe. Gumaa isii gosti
isaa akka fudhatan itti murtooyti. Kanaaf warri intalaa yeroo isaa intala kennan jahan
jabbii qaraxaa warra gurbaa irraa fuudhanii kennaniifi maqaa abbaatiin yaamamuun
intalaa hafee maqaa abbaa mana isiitiin yaamamti. Dubartiin sirna Gadaa keessatti
iddoo guddaa qabdi. Akaakuun iddootiis bakka shanitti qoodamti.
1 . Biqilchituu gadaa, aannan mi’ii qabattee deemti.
2 . Mulliftuu gadaa , aannan raafamee dhadhaan adda hin bahin qabattee deemti.
3 . Ibsituu gadaa , dhadhaa qabattee deemti.
4. Mi’eessituu gadaa , xaxoo isiitti deeyma qabattee deemti.
5. Hiituu gadaa , itittuu buchumaan qabattee deemti.

Kanaaf dubartiin alatti bulchiinsi gadaa irruudha jedhama. Dubartiin ayyaana


gurguddaa waggaatti yeroo tokko kabajamu qabdi. Inniis Ayyaana hormaata
qaceelchu "Ati Atee" jedhamuu dha. Ayyaanni kun akaakuu 3 qaba: Isaaniis
1. Ati Atee Amajjii:- hortee guutuu malkatti eeybisuu
2. Ati Atee Badheessaa:- Rooba midhaanii kadhachuu
3. Ati Atee Sadaasaaa:- hormaata loonii eeybisuu

16
Ati Atee Amajjii:- Dubartiin hortee isaanii guutuu malkatti wal agarsiisuun wal
barsiisuu dhaan Marqaa nyaatanii eeybisuudhaan goolabama. Guyyaa kana dubartiin
uffata Aadaa uffatanii Caaccuu qabatanii callee Caanceeffatanii malkaa olanii galuun
raawwatama.
Ati Atee Badheessaa:- Odaa jalatti midhaaniif rooba kadhachuuf kan godhan yoo
ta’uu akkas jedhanii kadhatan.

" Yaa leeymoo faana Roobaa ×2


Muka Odaa kore leeymoo faana Roobaa
Kaniin irraa hin dheyne leeymoo faana Roobaa
Rabbii guddaan kadhe leeymoo faana roobaa
Kaniin irraa hin dhabne leeymoo faana Roobaa"
jedhanii kadhatanii callaa guddiftuu eeybisanii roobaan galan.

Ati Atee Sadaasaaa:- Hormaata loonii eeybisuuf kan godhaniidha.


Mooraa loonii bakka duraan turtee buqqaasanii bakka biraatti jijjiiranii jaaruudhaan
karra filanii bakka loonii muka birbirsaa dhaabanii jalatti qalanii gogaa ciranii gaadii
horii hundatti hidhanii lafa saniis lafa hormaataa akka tahu eeybisuu.karra kormaa
haa taatuun loon eeybisanii raawwatan. Haalli kun Oromoof faayidaa guddaa isa
biraa of keessaa qaba.
Aadaa keessatti Ayyaanni Ati Atee Afran Qalloo maal fakkaata waggaa dheeraa dura
bulchiinsa Gadaa Afran Qalloo keessatti Dubartiin Afran Qalloo iddoo Ayyaana Ati
Atee itti gaggeefatan malkaa qabaachaa turan. Malkaan Ati Atee dubartiin hortee
isaanii hortee Anniyyaa fi Ituu dabalatee itti wal garsiisan ykn itti wal barsiisan Hara
Addeellee iddoo yeroo ammaa Bataskaanaa fi Manni amala sirreessaa irratti
ijaarame kanaa dha. Yeroo ayyaana kana irraa galan qarreen mana bal'aa dhaqanii
heellisuudhaan Dardaraa fi yeroo hidda latiinsa isaanii faarsan akkas jedhan.

Ati Ateen qabaa


Tan hortee dhala dhalaa
Abad sirraa hin hafuu
Si wajjiniin galaa
Ati Ateen qabaa
Sabni koo Oromo
Ati Ateen qabaa
Lammiin too Bareentoo

Ati Ateen qabaa

17
Gosti too Qalloo

Ati Ateen qabaa

Hiddii Afran Qalloo


Ati Ateen qabaa
Baabbilettiin galaa
Ati Ateen qabaa
Oborrattiin galaa
Ati Ateen qabaa
An Dagattiin galaa
Ati Ateen qabaa
An Alattiin galaa
Ati Ateen qabaa
Tan dhala dhalaa
Sirraa hin hafuu
Si wajjiiniin galaa
Jedhanii gammachuu guyyaa ayyaanaa san hoggaa manatti galan wal faarsaa
taphachaa bulan. Taphaa fi faaruu walii kana keessatti waliis ni laallatan.
1.1.3. Hortee Ilmaan Dhiiraa Lamaan Oromtichaa
Horteen ilmaan dhiiraa lamaan Oromtichaa akka armaan gadii kana ta’a

18
❖ Ilmaan Shannan Bareentoo kan ta’an,
1. XUMMUGGAA
2. KARRAYYUU
3. MURAWWAA
4. HUMBANNA
5. QALLO

Ilmaan shanan Bareentoo kuniis tokko tokkoon hortee mataa isaanii kan qaban yoo ta’uu
isaaniis eenyu eenyu akka ta’an maqaa isaanii waliin akka armaan gadii kanatti taa’ee jira.

1. XUMMUGGAA

19
H
Q
w
M
y
K
jtX
N
u
c
D
A
id
fS
e
G
b
C
lg
W
n
a
B
m
o
r
O
2. KARRAYYUU

20
o
w
H
i
s
r
A
a
g
m
u
X
w
S
M
B
e
J
O
s
n
o
G
i
b
A
h
c
l
D
u
y
r
a
K
3. MURAWWAA

4. HUMBANNAA

21
oBylnAdbgE
eGm
ItW
uraw
M
5. QALLOO

Ilmaan Afran Qalloo sadarkaa gosaa hanga Jilbaa fi Ibiddaatti kan jiran akka itti aanu kanatti
kaahamee jira.

22
e
h
'K
cN
d
D
o
B
lk
M
iy
A
n
a
b
m
u
H
Ilmaan Afran Qalloo Sadarkaa Ibiddaa irraa egalee hanga warraatti kan jiran akka armaan gadii
kanatti caaseeffamee ibsama.

⮚ 1ffaa

23
Q
O
JsH
cg
D
B
k
K
N
m
b
h
E
u
jy
ro
tA
e
M
ln
a
iG
d
⮚ 2ffaa

⮚ 3ffaa

24
S
u
I
A
l
B
M
s
G
r
g
F
D
e
i
n
H
o
b
O
w
y
a
d
g
H
d
l
B
K
s
Y
n
G
e
y
D
u
h
c
i
k
A
a
r
o
b
O
25
H
w
g
W
q
cm
M
k
'irJB
G
n
lO
N
Io
Y
sb
A
e
y
a
h
d
u
D
⮚ 4ffaa

26
em
tayd
b
h
roiu
SN
JjY
H
T
IE
G
lD
O
n
B
kcA
K
M
1.2 Lafa Oromoo fi Oromiyaa

Ummanni Oromoo Ummata hundee durduriiti. Akkaa seenaan gara garaa dubbatutti Seenaa
ummattoota gaafa Afrikaa keessa qubatan yoo ilaalle, madda Ummata Oromoo hubachuu ni
dandeenya. Ummanni Oromoo ummattoota Kuush Bahaa keessaa isa tokko. Ummanni kuush
Baha Afrikaa keessa bara dheeraaf akka qubatanii jiraatan seenaan ragaa baha. Lafti ummanni
kuush biyya Oromoo yookiin Nuubaa durii qubatan Laga Naayil gara gadii fi jiddugaleessaa
keessa ture. Ummanni kuush akka wal irraa fagaataa deemaniin bara 5000 Dh.K.D irraa kaasee
afaanoota kuush kaabaa, kuush Jiddu-galeessaa, Kuush Kibbaa fi kuush Bahaa jedhamanii adda
bahan. Kuush Bahaas akkasuma bara 4500 Dh.K.D damee adda addaatti bahuu jalqaban.
Ummanni Oromoo bara 4000 Dh.K.D irraa kaasee akka sabaatti kuush Bahaa irraa adda bahuu
isaa seenaatu dubbata.

Ummanni Oromoo gara Kibba Bahaa fi Dhihaatti baballachuun irra guddaan gaafa Afrikaa
keessa qubatee argama. Ummanni Oromoo bara kuma hedduuf akka gaafa Afrikaa keesssa
jiraate Ummata hundee durdurii tahuu isaa barreessitoonni seenaa baay’een barreessanii jiran.
Madda ragaa (PROOT YOTOL 1981) barreessaan seenaa Beetis jedhamu ammoo Oromoon
Ummata durii fi hundee kan ummattoonni kaanilleen isarraa maddaniidha jedhe.
Barreessituun Seenaa PERHM (1948) jedhamtu ammoo yeroo warri seem gara Kaaba Baha
Afrikaa dhufan ummanni kuush dursee naannoo tana qubatee akka ture ibsite. Haaluma kanaan
barreessituun seenaa PAULITSCHKE (1889) jedhamtu gama isiitiin ummanni Oromoo bara
Aksum dura naannoo Baha Afriikaa keessa jiraataa akka ture ibsitee turte.

Barreessaan GREENFIELD jedhamuus gama isaatiin Ummanni Oromoo akka namoonni garii
jedhan kan alaa dhufee miti jedha. Manguddoonni Raayyaa fi Aseeboo Oromoon alaa dhufe
yaada jedhu hin fudhatan. Argaa fi dhageeytiin warra Habashaatuu Oromoon Raayya keessa
bara dheeraaf akka jiraate ni dubbatan jechuun ragaa baha.

Barreessaan BEKE jedhamu immoo himamsa afaanii warra Laastaa tuqee Minilik ilmi Salamoon
biyya Raayyaa irraa fagaatee waan lafa Oromoo tahuu beekuuf, Abisiiniyaa gara Bahaa irraan
seene jedha. Jaarraa saglaffaa fi kurnaffaa keessa Oromoon Oromiyaa Finfinnee keessa
baayyinaan akka turee fi shawaan kan Oromoo ta’uu ragaa hedduutu jira. (GREENFIELD ETAL
1980) Jaarraa 14ffaa ammoo Oromoon naannoo Haroo Xaanaa qubatee akka ture dubbatan.
Qorattoonni LYNCH fi ROBBINS (1978) kaaba keeniyaa keessatti qorannoo godhaniin dhaabaa
dhagaa (PILARS) kan umrii 500 ol dhaloota kiristoosiin dura qabu arganii jiran.

Dhaabaan dhagaa kun akka Oromoon bara dheeraaf Kaaba Baha Afrikaa keessa akka ture ragaa
baha. Madda Ummata Oromoo namoonni adda addaa bakka adda addaatti akeeku. Namoonni
gariin maddi Ummata Oromoo Kibba Baha Oromiyaa Baalee Naannoo Madda Walaabuti
jechuun ragaa bahu. Namni lammii Ingliz kan biyya daawwatu JAMSE BRUCE jedhamu ammoo

27
naannoo sinnar turee achirraa baballate jedha. Baha Afrikaa keessatti kan argaman Ummanni
hortee kuush ta’an kan biroo Oromoo wajjiin walitti hidhata guddaa fi walitti dhiheenya guddaa
qaban. Fakkeenyaaf, ummanni Somaalee bifaa fi Afaaniin Ummata Oromootti baayyee dhihata.
Afaan Oromoo fi Somaalee jechoota dhibba keessaa harka 30% hanga 40% tokkummaa qaba.

Kun kan agarsiisu ummatoonni kun lamaan dhihoo akka adda bahanii Ummata lama tahan
agarsiisa. Ummatoota akka Affaar, koonsoo, Sidaamaa, Kambaata, Geediyoo, Agaw, Saahoo fi
Beejaa wajjiin ummanni Oromoo walitti hidhata guddaa qaba. Afaan Koonsoo fi Oromoo lootii
shantam wal keessaa qaba.

Hanga yeroo dhihootti Oromoon tuffatamuu keessa maqaa tuffii gaallaa jedhamuun waamama.
Maqaan kun kan gita bittoonni Habashaa kennaniif maqaa arrabaati. Oromoon Gaallaa
jedhamee waamamuu hin fedhu. Maqaan kun eenyummaa Oromoo ittiin balleessuuf kan itti
moggaafameedha. Qubsumti Oromoo lafa isaa Oromiyaa arraa bira kutee kutaa Goojjaam,
Goondar fi Kaaba Itoophiyaa Tigraay keessaa lafa ballaa kan qabu ballinaan kan ture fi kan jiruu
dha. Seenaa bara mootoonni Habashaa kun bulchaa turan qeensoonnii fi bulchitoonni
Habashaa dhugaa dhoksanii (THE ERA OF THE PRENCESS) jedhanii turan. Ummanni Oromoo
ummattoota ollaa isaa jiran kan akka Amaaraa fi Tigree wajjiin wal makuuf waggaa dheeraaf
irratti hojjatamaa turullee fedhiin isaani galma gahuu hin dandeenye. Kanaaf, maqaan Oromoo
dabree dabree seenaa warra Habashaa keessatti argama. Oromooniis ummattoota ollaa jiran
keessa baayyee akka maqaa moggaasee gosa galche garuu mormiin hin jiru. Haa ta’uu malee,
haalli kun Oromoo aadaa isaa balleessanii kan ofii dirqiin fudhachiisuu Afaanii fi eenyummaa
isaa balleessanii kan ofii dirqiinfudhachiisuu keessatti hamma tokko isaan gargaaree jira.

Gara lafa Oromoo Oromiyaatti yeroo deebinu, seenaa addunyaa kana keessatti ilmi namaa
hundi nama tahee jiraachuuf kan inni ittiin beekkamu keessaa inni guddaan Biyya, Afaan,
Aadaa, Seenaa fi Amantaa mataa ofii qabaachuu akka tahe wal nama hin mormisiisu. Akkuma
kana ummanni Oromoos, Biyya, Aadaa, Afaan, Seenaa fi ittiin bulmaata mataa isaa Sirna Gadaa
kan uumee fi balbala diimookraasii addunyaaf saaqee yeroo jalqabaatiif kan ittiin bulaa turee
addunyaan dinqisiifatte Oromoo tahuu isaati. Akeekni barruu kanaatiis cunfatti waa’ee Ummata
Oromoo biyya isaa, Aadaa isaa, Seenaa fi Afaan isaa qaroominaa fi daangaa isaa barsiisuu dha.
Akkasuma haala sabni Oromoo kiyyoo bulchiinsa kolonii Abisiiniyaa jalatti itti jiraatee fi qabsoon
inni Bilisummaa, Dimookraasii, Diinagdee fi Haqaaf gaggeesse irraa hubannee gaarii akka
qabaatu qabsoo Oromoo eenyuun eegalamte? Firootaa fi diinni Oromoo fi Oromiyaa eenyu
akka tahe Oromoon baruu fi Oromoon tokkummaa isaa cimsee akka hubatu taasisuu dha.
Mootummoonni Habashaa dabaree itti wal dabraa miidhaa Oromoo irratti gaggeessaa turan
yoo ilaalle ilmaan Oromoo lakkoofsi isaanii tilmaamaan hammana jedhamee hin beekkamne
galaafatanii jiran. Galaafamni kun kan dhufe Oromoo addaan babaasuudhaan akka tahe
hubachuudhaan qabsoo Oromoo bifa jaarmayaatiin kan eegale ilmaan Oromoo Afran Qallooti.

28
Haa tahuu malee, walda Maccaa fi Tuulamaafi Oromoota baalee keessatti qabsoon bifa
bittinaaween akka ture beekkamaa dha.

Biyyi Oromoo Oromiyaa yookiin orom biyyaa jedhama. Hiikni isaas gabaabumatti, biyyoo
Oromoo jechuu dha. Hayyoonni bebbeekkamoon Oromoo seenaalee gara garaa addunyaarraa
walitti funaanuudhaan qorannoo waggaa dheeraa booda ABO’n maqaa Oromiyaa jedhu kana
kan moggaasee fi dhimma itti bahuun kan baballisees Adda Bilisummaa Oromoo (ABO)dha.
Qubee sadeen ABO jedhu kana lafa kaayee dhaabicha kan hundeessees Sooreessa Jaarraa
Abbaa Gadaa fi hayyoottan wahillan isaati. Garuu, Seenaa isaa kana saamamee jiraachutu
mullata. Haata’uu malee maqaa biyya Oromoo namtichi biyya Jarmanii barsiisaan Amantii
kiristaanaa bara 1860 keessa biyya Oromootiin “Ormaania” jedhee moggaasee ture. Maqaan
Oromiyaa jedhuus kanarraa moggaafamee arra Oromiyaan kutaalee 11 qabdi. Kutaaleen kuniis
kutaa Shawaa, Wallaggaa, Ilubbaaboor, Jimma, Arsii, Walloo, Baalee, Harargee, Gujii,
Waanbaraa fi Booranaa hammata. Magaalootni gurguddoon Oromiyaa Finfinnee, Adaamaa,
Jijjiga, Haroo maayaa, Ciroo, Bishooftuu, Hundannee, Amboo, Aggaaroo, Naqamtee, Roobee,
Dirree Dhawaa, Assallaa, Shashamannee, Dasee, Goobbaafi kanneen kana fakkaatan kan biroo
hammata. Garuu, gita bittoonni Habashaa irra baayyee magaaloota Oromiyaa maqaa abbaan
biyyaa Oromoon moggaafate irraa jijjiiranii kan ofii isaanii moggaafachuudhaan itti fayyadamaa
turan.

Irra baayyeen magaaloota Impaayeera Itoophiyaa kanaa Oromiyaa keessatti argaman. Jaarraa
19ffaa yeroo Oromiyaan koloneeffatamtu ballinni lafa Oromoo, Oromiyaan kaaree kilomeetir
iskuweeriin kuma dhibba ja’a(600,000) turte. Kuniis, ballina lafa biyya Faransaay, Xaaliyaanii,
Siwiizarlaandi fi Beeljiyeem yoo walitti dabalan hanga ballina Oromiyaa hin gahan. Haa ta’uu
malee, Oromiyaan sirna gita bittoota Habashaatiin erga koloneeffatamtee jalqabee waggaa
dheeraaf Oromoo lafa isaarraa buqqaasaa saba biraa Oromiyaa irra qubsiisaa Oromoo
balleeysaa Oromiyaa kukkutaa turan.

Keessumattuu Sirni mootummaa Wayyaanee waggaa 27 ‘f Aangoo Itoophiyaa of harkaa


qabaachaa tureen Oromiyaa cicciree sablammoota ollaa Oromiyaatti argamanii fi Oromiyaa
keessa jiraachaa turan gurmeessee Oromiyaa kukkutee keennuufiin arra ballina lafa Oromoo
Oromiyaa kaaree iskuweer kiloomeetiraa kum-dhibba sadihif jahatam (360,000) qofa godhee
jira. Ummanni Oromoo lafa hanguma hafeef kanarrattillee nagayaan jiratee hin beeku.
Guyyumarraan guyyatti daagaa ardaaga isaarraa buqqaafamee qabeenya isaa saamamaa ture.
Humniti mootummoota Habashaatiin ijaaramte meeshaalee waraanaa kan ammayyaa
hidhachuudhaan hanga Oromoon dandamoota dhabutti weerara gurguddaa irratti gaggeessuun
Oromoo miliyoona shan (5000,000) ol kan buqqaafame ijaa fi gurra addunyaa akkasuma
gargaarsa addunyaa jalaa dhoksuu dhaan qe’ee fi qabeenya isaa irraa kan buqqaafamees
dhukkuboota gara garaatiif saaxilaa turan. Dhugaan jiru garuu, daangaan lafa Oromiyaa gara

29
kaabaatti daalgee(latitiyud digrii 2 fi digrii 12), gara Bahatti ammoo gadee(longitiyud digrii 34 fi
digrii 44) jiddutti argaman.

Daangaan Oromiyaa gara Bahaatiin Somaaliyaa fi Affaar, gara Dhihaatiin ammoo Gambeellaa,
Beenshaangul Gumuuz fi Suudaaniin daangeeffamti. Gara kibbaatiin Somaaliyaa, Keeniyaa fi
Saboota Kibbaatiin daangeeffamti. Gara kaabaatiin Agawo, Amaaraa fi Tigraay tu daangeessa.
Kana jechuun Oromiyaan biyya Itoophiyaa jedhamtu Kaabaa Kibbatti, Bahaa Dhihatti adda
qooda jechuu dha. Biyyoota Afrikaa 54 keessaa ballina lafaatiin kan Oromiyaa caalan biyyoota
17 qofa.

1.2.1.Haala Qilleensaa Fi Teessuma Lafa Oromiyaa

Teeysumnii fi haalli qilleensa Oromiyaa baayyee ballaa dha. Oromiyaan gaarreen


dhedheeroo baddaa rogeelee (pilaatoowwan) ija laggeewwanii ykn Georges nama maalchisan
diida ijji ilaalee hin kutne ykn (ROILING PLAINS) fi laggeen gurguddaa heedduu qaba. Qarqara
galaana olka’insi Oromiyaa sirrii galaanaa irraa meetira 500--hanga mummee gaara baatu
meetira 4607 dhaqqaba. Gaarreen gurguddoo Oromiyaa keessaa beekkamoon Baalee keesaatti
kan argamu Gaara Baatuu (4607 Meetira), Arsii keessatti kan argaman Gaara Karraa(4305 M),
Inkeelloo (4300M), Harargee keessatti kan argamu Gaara Mullataa (3392M), Shawaa keessatti
kan argamu Baddaa Rogee(3350M) fi Wallagga keessatti kan argamu Tulluu Walaa (------)
faadha.

Irraguddaan Oromiyyaa olka’insa meetira 1500 irratti argama. Akkaataa teeysuma lafa
Oromiyaa qilleensa jiirenya dhala namaaf mijjataa ta’eefi badhaadhina uumamaan kan
guutame yoo ta’u haalli qilleensa Oromiyaa baddaa, badda daree, fi gammoojiitti qoodama.
Lafti qilleensa gammoojii mukkeen muraasaa fi hoo’ina qilleensa jiiddugaleessatti digrii
seenttigireedii27-39 fi waggatti rooba jiiddugaleessaan mm450 kan qabuudha. Lafti badda
daree ta’e ammoo waggatti rooba jiiddugaleessaan mm450-810 fi ho’ina jiiddugaleessaan digrii
seenttiigreedi 18-27 kanqadbudha.Baddaan Oromiyaa owina qilleensaa digrii seentigredi 18 fi
waggatti rooba mm1200- 2000 kan qabuudha.

⮚ Laggeenii fi Haroowwan Oromiyaa

Oromiyaan laggeenii fi haroowwan heeddu qaba. Laggeen Oromiyaa baayyeen gara Dhihaattii
yaa’ani Laga Abbaayaa, Abbaayaa Adiitti galu. Laggeen kaan gara Bahaatti yaa’uun lafa
Somaaliyaa fi Affaaritti galan keessaa gariin Abbaayaa, Baaroo, Saargabaa, Birbir, Hawaas
Gannaalee, Waabee, Diddeeysa, Gibee, Gudar, Dabus fi Fiincaa’adha. Laggeen Oromiyaa
keessaa yaa’an bishaan Laga Abbaayaa keessaa harka 70% gumaacha. Laggeen kuun hidda
jireenya ummattoota Sudaan, Masrii fi Somaaliiyaati. Waggaa waggaan biyyee toonii

30
miliyoonatti lakkaawamu guuranii Ummata biyyoota kanaatiif geessan. Jireenyi Somaaliyaa
laggeen Oromiyaa keessaa maddan kan akka Waabee Shabeellee, Gannaallee (Juba) irratti
irkata. Maddi humna elektirikaa Itoophiyaan arraa qonnaa fi warshaaf dhimma itti baatu
laggeen Oromiyaa kan akka Giibee, Hawaas, Fiinca’aa fi gabbaa irraa argama.

Haroowwan Oromiyaa keessaa garii maqaa dha’uuf hara magarsiisaa Bishooftuu, Guddoo
Harroo, Kiiloolee, Haroo Har-arsadee fi Malkaa (RIFTVALLY) keessaa Ziwaaay, Abijaataa,
Abbayaa, Shaallaa, fi Langaanoo faatuu argama.

Haroowwan kun Qurxummii gosa adda addaa of keessaa qaban naannoo isaaniittis Shinbirroo
akkaakuu adda addaa ta’uu argama. Haroowwan kun biyyaaf dawwattoota harkiisuu qofa osoo
hin taane warshaa qurxummii dagaagsuuf carraa guddaatu jira. Oromiyaa mudhii lafaatti
dhihoo ta’ullee gaarreen dheedheeraa fi lafa olka’aa heedduu waan qabuuf mukkeen hedduu fi
qilleensa jireenya namaatiifis mijjaawaa ta’e qaba. Bubbeen gaara baatuu fi kaarraa cabbii
qaba lafti baddadaree tahee yookaan meetira 1800-2500 qilleensa waggaa guutuu hin qabu; hin
qabbanaa’u. kanaafuu jireenya namaaf baay’ee mijjaawaadha. Ummata Oromiyaa keessaa
harki 80% lafa baddadaree kan jiraataniidha. Ummanni Oromoo farda waan qabanii fi dhimma
itti bahaniif lafa baddaa rogee fi marga ga’aa qabu irra qubatani argaman lafa bosonaa guubbaa
gaaraa fi sulula lafaa keessaa hin qubatan. Ummanni Oromoo hundeen tikfatteedha. Lafti
olka’iinsi isaa meetira 1,500 gadii ta’e gara Dhihaa gara Kibbaa fi Bahaatti argaman qilleensi
isaanii oowwaa waan ta’eef tikfatanii fi gaaguura kanniisaa hidhatanii deebi’uu malee ummanni
keessa hin qubatan. Oromiyaan biyya mukkeenii fi biqiltuuleen gosa adda addaa irratti marganii
fi argamaniidha. Mukkeen bosona Oromiyaa keessatti argaman baqaqsuun dhimma adda addaa
irra oola. Bosona hangi xiqqaan kibba Bahaatti fi kibba Dhihaattii argaman malee bosonni
Oromiyaa harki guddaan eega gabroomfattoonni Habashaa qabatan badaa ciramee yookiin
manca’ee jira.

Haata’uu malee yaroo ammaa bosonni hafe imaammata mootummaan Habashootaa baaseen
lafa Oromiyaa investarootaaf keennuun hordofuun maqaa sabaaf sablammootaatiin Ummata
Oromoo irraa buqqaasaa murna biraa qofaaf hiruudhaan faayidaa isaanii qofaaf itti fayyadamaa
turuun bosonni hafe gara dhumaatti deemaa jira. Osoo Oromiyaan hin koloneeffatamin dura
lafti Oromiyaa harka dhibba keessaa 70% bosona ture. Arra garuu bosonni Oromiyaa
dhibbeentaa keessaa 2% qofaatuu hafee jira. Oromiyaa keessaa mukni Qumbi libaanataa fi
qoriichummaan kan gargaaran heedduutu argama.

1.3. Dinagdee Oromiyaa

Oromiyaan qabeenya diinagdeetiin dureettiidha. Diinagdeen Oromiyaa hundeen isaa qonna.


Ummata Oromoo keessaa harki 85% jireenyi isaa qonna irratti irkata. Qonni kun garuu
akkaataan isaa baayyee boodatti hafaadha. Oromiyaan beeyladaa fi gosa midhaanii heedduu

31
qabdi. Beeyladoota Oromiyaa keessaa gariin Loon, Ree’ee, Hoolaa, Harree, Farda, Gaangee,
Gaalaa fi Lukkuu faadha. Harree addunyaa kana irraa madaqsanii kan diqaaloomsan
Oromoodha. Oromoon loon tikfata waan ta’eef beeyladaa horsiisutti baayyee beekkamaadha.

Karaa midhaaniitiinis Oromiyaan badhaasa uumamaan waaqni addatti kenneef qabdi. Kunis
sababa qilleensi Oromiyaa mijjataa ta’een lafti isii biyyee gabbataa fi roobni guyyaan waan
jiruuf Oromiyaa keessatti midhaan gosa adda addaatu marga. Midhaan impaayarri Itoophiyaa
itti fayyadamu harki 60% Oromiyaa irraa argama.

Maddi galii maallaqaa kan tahan bunaa fi jimaan Oromiyaa keessaa oomishama. Bunni kan arra
biyyoota baayyeef madda galii ta’e dura Oromiyaa keessatti argame. Bakki bunni jalqaba ittii
argame Dhiha Oromiyaa Godina Jimmaa keessaa ganda Coocee jedhamuudha. Bakka kana irraa
ka’e biyyoota hundattuu faca’ee adunyaa guutuu kan wal-ga’e yoo ta’u bunni Oromiyaa gara
suudaanitti karaa Kurmuk, Jisaan, Kubrii fi karaa Gaambeellaa Laga Baaroo irraan ergamaa ture.
Kutaa Harargee ammoo buna gosa hunda caalu oomishuun beekkama. Gatii biyyattiin
Itoophiyaa daldala biyya alaa irraa arkattu keessaa bunni harka 60% arkamsiisa.

Akka qorannoo dhiheenyattii godhametti qonna keessaa bunni Itoophiyaa keessaa harki 77.6%
Oromiyaa keessatti argama. Buna gama biyya alaatti ergamu keessaa harki 68% Oromiyaa
keessaa dhufa. Gutuma Itoophiyaa keessaa onoota bunni keessatti biqilan 53 keessaa 42 kan
Oromiyaa keessatti arkamudha. Kuni ammoo harka 795 taha.

Midhaan hiddaa kan akka Hancootee fi Bafuuraa Oromiyaa keessatti argama. Midhaan qotuuf
roobni gayaan waan jiruuf midhaaniif jallisiin hin barbaachiisu. Maasii tokko irraa waggatti
midhaan marsaa lama oomishuun ni danda’ama. Midhaan Oromiyaa keessatti argaman keessaa
warrii beekkaman Qamadii, Garbuu, Xaafii, Boobee, Boqqolloo fi Bishingaa yammuu ta’an
jibriinis bal’inaan qotama. Midhaan hiddaa keessaa Mixaaxis, Dinnichaa, Baanbee, Hancoote
(qoccoo), Bafuraa (goodaree), yoo tahan midhaan Ittoo (danfaa) Atara, baaqiilaa, shunburaa
misira yookaan hadasa fi k.k.f niidha. Midhaan dibataa keessaa Nuugii, Talbaa, Midhaan Raafuu
fi k.k.f niidha.

Midhaan ija mukaa yookiin mudraa Burtukaana, Maangoo, Muuza, Xuuxxoo, Zeeytuna,
Anaanaas, Kuukii fi kkf niidha. Midhaan mi’eessituu keessaa Shunkurtaa, Qullubbii, Kororiima,
Jinjibila fi kkf niidha. Kana malees kudraalee fi mudraalee kudhanootaa bayyeetti
lakkaawwaman kan maqaan hin dhawaminiitu jira.

Oromiyaan bineensoota daggalaa baayyee qabdi. Shinbirrooleen gosa 800 oltu Oromiyaa
keessatti argama. Bineensoonni daggalaa gosa 100 tahuutu bineensoota Oromiyaa qofatti
argaman keessaa adda kan tahan Niyaalaa fi Jeedalloo diimtuutu argama. Isaan kun Baalee
paarkii Diinshoo keessatti argaman. Paarkiin Dinshoo fi Awaash kan Oromiyaa keessatti
argaman keessaa bineensoota qorattoota saayinsii fi biyya daawwattootaaf ykn turiistoota

32
harkisan hedduu kan akka Gafarsaa, Saattawwaa, Weennii, Jaldeessa gosa adda addaa Teerii,
Kuruphoo, Bosonuu, Qorkee, Qeerreensa, Roobii, Har-diidoo kanneen kkf niidha.
Shimbirrooleen gosti hedduuniis yeroo adda addaatti Oromiyaa dhufanii deebi’anii gOdaanan
walumaa galatti, Oromiyaan bineensota daggalaatiinis baayyee badhaatuu dha. Kana malees,
Oromiyaan albudaalee adda addaatiin baayyee badhaatuudha.

Warqee laga Danbii fi Shaakkisoo kubbaaniyyaa Mahammad Alaamuddiiniitu saamaa ture.


Kubbaaniyyaan kun waggatti warqee toonii 6 ol guurrata. Kubbaaniyyaa Alaamuddiin kana
keessatti dhaabni wayyaanee hirmaanna guddaa kan qabaataa turee fi duuba jiraatee saamicha
guddaa kan raawwataa turee dha.

Yubdoo dhaa warqee adii ykn pilaatiiniyeem Najjoo fi Sulula Laga Birbir keessaa warqeen
saamamu Itoophiyaaf galii guddaa galcha. Kan akka saalfer sibiila Meetii, Dhagaa booqaa ykn
Maarbil fi Soogiddi Oromiyaa keessatti argamu bara 1900 mootiin Minilik kubbaaniyaan siwiiz
tokko albudaa Warqee fi Meetaa akkasumaas albuuda gara biraa akka baasuuf hayyameefii
ture. Booda warri Jarmanii itti dabranii baasuuf yaalii godhanii turan. Kubbaaniyoonni Ingliz,
Raashiyaa fi Xaaliyaanii warqee fi warqee adii yubdoodhaa akka baasan hayyama argatanii
turan. Baalee fi Harargee keessa kuusaan zeetii fi gaaziin guddaan akka jiru beekkamee jira.
Mootummaan Itoophiyaa bara 1986 keessa akka kuusaan gaaza umamaa (natural gas) akka jiru
qorachiisee bira gahamee jira. Horri oowwaan kan diinagdeef bu’aa qaban guutuma Oromiyaa
keessatti argaman. Hora gubaa (HOT SPRING) kana Ummata biyya keessaa fi alaatu dhaqee
qorichummaaf itti dhiqata. Kaan bashannanaaf dhaqee daawwata. Horrii oowwaan kun madda
humna elektirikii akka tahu beekkamaa dha. Oromiyaan laggeen gurguddaa fi xixiqqaa hedduu
qabdi. Laggeen garii fincaa’aa waan qabaniif jecha salphatti humna elektirikii maddisiisuu ni
danda’a. Humna elektirikaa Oromiyaa keessaa madduu danda’u biyya keenyaaf gahee irraa
hafee biyyoota ollaatiif erguunilleen ni danda’ama.

Walumaagalatti arra dameen diinagdee irra guddaan dhaabaa wayyaanee ykn TPLF’n waggaa
27’f dhunfatamaa ture. Kubbaaniyoota baayyeen biyyicha keessaa jiran keessaa kan hidhata
dhaaba TPLF wajjiin hin qabaannee baayyee muraasa ture.

Badhaadhinni Oromiyaan uumamaan badhaate kun waggaa 150 oliif kan ittiin qananiifamaa
ture abbaa ishii irratti umamee qabu Oromoo osoo hin taane kan ittiin guddatee kuufatee
qabeenya Oromiyaa irraa saameen meeshaa waraanaa ammayyaa ittiin tuullatee Oromoon
duguugaa ture sirna gita bittoota Nafxanyaa waan tureef Oromoon lafa isaa irraa buqqaafamee
kan biraa qubsiifamee qabeenya isaa saamamee alagaaf wandaqa tahuu mudate. Kanaafuu
waan ofii deeffachuuf BAGA DHUMNE.

1.4. Qaroomina Oromoo

33
1.4.1. Sirna Gadaa Oromoo

Falaasamni Sirna Gadaa Oromoo ijaarsa hawaasummaa, siyaasaa diinaagdee jaarmaya


waraanaa fi siyaasaa of keessatti kan hammatu yoo tahu, addunyaarratti falaasama
dinqisiisaa tahe Gadaan buluu kan umee Oromoon jiruu fi jireenya Ummata Oromoo karaa
hundaan Sirna Gadaan qajeelfamaa ture. Sirni Gadaa Sirna wal-qixxummaa of keessaa
qabuu dha. Sirnii Gadaa bulchiinsa hawaasummaa, diinagdee, waraanaa fi siyaasaa kan of
keessaatti hammatee waggaa saddeet saddeetiin kan maruu dha. Sirni kun dhaabbata
Ummata Oromoo baayyee bal’aa fi bifa adda addaa qabu kan salphatti hin hubatamnee dha.
Sirni kun kan ummanni Oromoo bulchiinsa isaatiif tolfate falaasama addaati. Sirni Gadaa
Oromoo kun baayyee kan Dimookraatawaa ta’ee seera tumuu fi seera muruu kan of
keessaa qabuu dha. Hawaasni Oromoo Sirna Gadaa irratti kan ijaaramee fi gartuulee lama
kan wal keessa jiran irratti kan hundaaweedha.

Gartuun tokko kan umrii lakkaawee dhaloota irraa kaasee sadarkaalee adda addaa keessa
namni dabruudha. Isaan kun hiriyyaa jedhanii wal yaaman. Inni lammaffaan umrii yookiin
dhaloota bara irratti hundaawuu osoo hin tahin dhaloota abbaa fi ilmaa irratti hundaawa.
Jaarsaa fi mucaa xiqqaan dhalootaan yoo tokko hin taanellee, luba tokko tahutti wal
yaaman. Sadarkaaleen Gadaa waggaa saddeet saddeetiin jijjiiramaa deema. Oromoo
keessatti naannoo tokko tokkotti sadarkaaleen Gadaa saddeet yoo tahan, naannoo kaanitti
ammoo hanga waggaa 11 ni gaha. Mucaan tokko dhalatee waggaa saddeet saddeetiin
maqaa adda addaatiin yaamama. Dirqamni irra jiruus akkasuma bara saddeet saddeetiin
jijjiiramaa deema. Warrii sadarkaa tokko keessa jiran gaafatamaa fi waloo isaan ilaalu
qaban. Sadarkaa tokko irraa kaanitti yeroo dabramuus Sirna hordofamuutu jira.
Fakkeenyaaf, Dabballee irraa gara Gaammeetti yeroo cehamu Sirna rifeensa mataa haaduu
fi maqaa moggaasuutu jira. Akkaataa rifeensa mataa itti qoratan irraa sadarkaa Gadaa kam
keessa mucaan tokko akka jiru beekuun ni danda’ama. Sadarkaa sadaffaa irraa gara
afraffaatti yeroo cehan Sirna Gadaa keessatti Sirna baayyee barbaachisaa taheetu
raawwatama. Kuniis sadarkaa kana keessatti filmaatni nama Abbaa Gadaa tahuutu
gaggeeffama. Warri sadarkaa Gadaa kana keessatti jiran hariiroo addaa wal jiddutti
qabaatu. Hawaasa keessattiis addaatti ilaalaman. Sadarkaa Gadaa shanaffaa keessa warri
jiran loltuu tahuun beekkaman. Dirqamni sadarkaa kanaa loluun biyya ittisuu fi diina
deebisuu dha. Sadarkaa kana keessatti osoo aangoo Abbaa Gadaa hin fudhatin dandeettii
waraanummaa qaban agarsiisuu qaban.

Sadarkaa kana yeroo fixanii jedhan waggaa 40 yeroo guutan, eega Gadaa keessa dabree,
waggaa 40 guutu wan taheef Sirna baayyee beekkamadha. Gadaan abbaa dhumee kan
ilmaa jalqabuu agarsiisa. Kuniis “DAANNISA” jedhamee beekkama. Sadarkaa Gadaa jahaffaa
Gadaa jedhamee beekkama. Kana jechuun Sirna Gadaa jechuu osoo hin taane warra waggaa
saddeetiif aangoo biyya bulchuu qaban jechuu dha. Sadarkaalee Gadaa keesaa inni jahaffaa
kun baayyee barbaachisaa dha. Warri bara saddeetiif aangoo harkaa qaban warra

34
haarayatti yaroo aangoo dabarsan sirni kun baallii irraa fuudhu yookiin baallii walitti
dabarsu jedhamee beekkama. Aangoo warri harkaa qaban hin dabarsinu jechuu hin
danda’an. Guyyaa fi yeroo baallii walitti dabarsan kan himu ayyaantuu warra dhahaa urjii
lakkaawanii dha. Abboottiin Gadaa aangoon harkaa turee warra haarawatti Eeybaa fi
Aannaniin dabarsan. Bokkuun mallattoo aangoo harkaa qabaachuuti. Kanaaf Abbootiin
Gadaa bokkuu walitti dabarsan. Warri aangoo fudhatee baallii guchii rifeensa mataatti
suuqqata. Baallii guchii kanaas walitti dabarsan. Sadarkaan kun yeroo hooggana siyaasaa
fi waraanaa kennanii dha. Hayyootni Abbootii Gadaa waggaa 16 dura sadarkaa 4 ffaa
keessatti filaman. Sirni isaan itti filaman “LALLABA” jedhamee beekkama. Isaan kun
Abbootii Gadaa wajjiin waggaa saddeetiif biyya bulchan. Sirna Gadaa keessatti
hoggantoonni yoo biyya bulchuu dadhaban aangoon harkaa fuudhama. Sirni kun
“BUQQISA” jedhama. Gadaa keessatti aangoon hayyootaaf wal-qixxummaan ni kennama.
Kuniis birokiraasii jaarmayaatti kan eenyu maal hojjata jechuun kan qoodamuu miti.

Hayyoota Gadaa jidduu walcaalmayni jiru baayyee xiqqaa dha. Dhimma cimaarratti yeroo
haasawamu miseensota hayyoota keessaa tokko yoo hin argamiin dhimmi san bulfamee
yeroo inni argame irratti haasawama. Hafuu isaatiifiis hayyuun hafe ni adabama. Sirna
Gadaa keessatti yaa’iin Gadaa aangoo olaana kan qabuu dha. Murtiin yaa’iin Gadaa dabarse
qondaalli kamuu jijjiiruu yookiin kaasuu hin danda’u. Yaa’iin Gadaa dhimmoota murtii
argachuu dadhaban irratti haasa’ee murtii keenna. Seerota haarayaas ni tuma. Warra
duraan turaniis gilgaala teessumti yaa’ii Gadaa kun Gadaa walitti dabarsanii wagga 4 ffaa
irratti geggeffama. Yaa’iin Gadaa kun Gadaa Booranaa keessatti ‘’GUMII GAAYYOO”
jedhama. Yaa’ii kana irratti Abbootii Gadaa sadarkaa adda addaa irra jiran, hayyuu
sadarkaa adda addaa yuuboota addaa fi gorsiitoota hawaasa san keessa jiraniitu irratti
argama. Yaa’ii kana abbaa Gadaa baallii of harkaa qabuutu gaggeessa. Dhimmi abbaa Gadaa
ilaalu kan yaa’iin irratti haasawuu qabu yoo jiraate hayyuu ykn yuuba keessaa tokko bakka
isaa bu’ee yaa’ii san gaggeessa. Oromoon osoo Jaarraa 19 ffaa kolonii warra sirna gita bittaa
Nafxanyaa jala hin galin jaarmaya waraanaa beekkamaa qaba ture. Hogganaan waraanaa
Abbaa Duulaa jedhama. Gaafa Afrikaa keessattillee jaarmayaan waraanni Oromoo daaddaa
kan qabu hin fakkaatu ture. Oromoon fardaan loluun beekkama. Afrikaa keessaa jaarmaya
waraanaa kan qaban warri akka zuuluu fi fulaanii fardaan loluu hin beekan turan. Oromoon
loltuu ciccimoo fardaan lolu qaba. Oromoon jaarmaya waraanaa ajaa’ibsiisaa tahe akka
qabu seenaa mootii Habashaa Suusiniyoos (1600-1625) keessatti galmeeffamee jira.

Suusiniyoos kun mataan isaatuu nama loltuu Oromootiin booji’amee turee dha. Akka
seenaa kanaatti waraanni Oromoo cibirratti kan ijaarameedha. Waraanni kuniis warra
sadarkaalee Gadaa 4ffaa, 5ffaa fi 6ffaa keessa jiran irraa ijaarama. Isaaniis Gadaa qeerroo fi
qondaalaa jedhamaniiti beekkaman. Warri Gadaa warra fuudhee fi Gadaa kana keessa
jiranii dha. Qeerroo fi qondaalli warra hin fuudhin kan sadarkaalee Gadaa 4 ffaa fi 5ffaa keessa
jiraniidha. Humna waraana Oromoo kan cabsuu danda’e meeshaa lolaa ammayyaa warra
Awurooppaa irraa harka Habashootaatti galeedha. Oromoon meeshaa lolaa baranee

35
dhabuun moo’ame malee, silaa hin moo’amu ture. Abbootiin Gadaa aangoo dabarsaniin
yuuba tahan. Yuubni sadarkaa 4 qaba. Waggaa 48 yeroo aangoo dabarsan irraa kaasee
waggaa 32’f gorsituu dha. Yeroon kun yeroo ilmaan isaanii kan osoo aangoo irra jiran
dhalanii sadarkaa Gadaa gahanii aangoo itti fudhatanii dha. Warri yuuba tahan abalu
filadhaa ja’aniiti Ummata kakaasu. Haala kanaan yaa’ii Gadaa irratti argamanii Gadaa
fudhatan. Waggaa 80 erga bulchanii booda Gadaamoojjii jedhamanii beekkaman. Yeroon
kun kan isaan guutumatti dhimma siyaasaatii fi waraanaa keessaa deebi’anii soorama
bahanii dha. Yereoo Gadaamoojjii tahan Sirna raawwatamuutu jira. Sirni kun “QUMBII” wal
irraa fuudhuu jedhama. Kana booda kabajamuu fi sooramuu malee, dirqama biyyaa fi
waraanaa hin qaban. Gadaan marsaa waggaa 40 qaba. Marsaa abbaa kan waggaa 40 fi
marsaa ilmaa kan waggaa 40 tu jira. Kanaaf Gadaa abbaa fi Gadaa ilmaa jedhama. Waggaan
40ni kun bakka shan kan waggaa saddeet saddeet of keessaa qabuutti hirama.

Mucaan tokko dhalatee, sadarkaa jalqabaa irraa kaasee sadarkaa shanaffaa hoggaa gahu,
Gadaa seenaa abbaa fi ilmi sadarkaalee Gadaa shaniin adda fagaatan. Sirni Gadaa Sirna
baayyee ballaa fi walxaxaa ta’ee dha. Paartii kana keessa mucaan xiqqaan fi jaarsi waggaa
saddeettamii jiraachu danda’a. Waggaan haa wal caalan malee, akka hiriyaattii
qixxummaan wal ilaalan. Haalli kun seera bal’aa of keessaa qaba. Walakkeessa Oromiyaatti
kan argaman Oromoon Tuulamaa hanga dhuma Jaarraa 19 ffaatti Sirna Gadaa qabaachaa
turan. Arra garuu, hafteen Sirna Gadaa Booranaa fi Gujii qofa keessatti argama. Jaarraa
16ffaa keessa Oromoon Sirna Gadaa tokko jalatti akka bulaa turte ragaa baayyeetu jira.
Jaarraa 17ffaa fi 19ffaa jidduu adaduma Oromoon qubsumaan walirraa fagaataa deemeen
Gadaa naanno naannoo ofiitti qabaachuu jalqabe. Gadaan naanno naannoo ofiitti dhaabbate
kun garaagarummaa xixiqqaa qabaachuu jalqabe. Sirni muudaan waliif tuman suuta
suutaan laaffachaa dhufe. Oromiyaa naannoo garii keessatti sirni mootii dhalatee ture.
Guutumatti sirni Gadaa kan dhorkame eega Oromoon kolonii jalatti kufee, kunoo waggoota
150 oliif jaarmayaan siryaasa Oromoo fi sirni jireenya Oromoo harka warra sirna gita
bittaa gabroomfataatti kufee miidhaan guddaan irraa gahuu dhaan kufaatii Oromootiif
sababa tahee as gahe.

1.4.2. Faana Buutuu Dhaha Oromoo

Akkaata Oromoon itti bara lakkaawu waa’ee yeroo fi seenaa irraatti Oromoon yaada ballaa
qaba.

Oromoon jiruu fi jireenya isaa gaggeeffachuu keessatti ji’oota adda addaa yeroo dhimmoota
siyaasaa fi bulchiinsaaf walgahu, yeroo itti aangoo walitti dabarsuu fi kkf hundaaf dursee
bara, ji’aa fi guyyaa beekkamaa tahetti beellama qabata. Faana buutuu Oromoon yeroo
yaadachuuf itti fayyadamu sirritti kan qindaa’ee fi qaroomee dha. Akka faana buutuu
biyyoota biroo aduu dhiitee bariitu qofa irratti hundaawuu osoo hin taane, sochii ji’aa fi
urjii irratti kan hundaa’eedha. Kaalandarri akka Oromoo ji’aa fi dhahaa urjii irratti

36
hundaa’ee seenaa ummattoota biyya lafaa keessaa aadaa ummattoota sadii qofa keessatti
galmaa’e. Isaaniis Chaayinaa, Hinduu fi Maayaa dha. Kaalandarri Oromoo tuutii urjii torban
tokko tokkoon isaanii yeroo isaan itti ji’a waliin toora tokko irra dhufan faana dhahanii
ilaaluu irratti kan hundaa’ee dha. Kun dhahaa jedhama. Ji’a yookiin baatii tokko kan
jedhamu guyyoota ji’a jalqaba itti baatee fi deebitee baatu jidduu jiran hoggaa tahu isaaniis
guyyoota digdamii sagalii fi walakkaa (29.5) akka kanaan waggaa tokko keessa guyyoota
dhibba sadii fi shantamii afurtu (354) ji’oota kudha lamatti (12) qoodama. Kaalandara
yookiin faana buutuu warra Girigoorii ykn warra Awurooppaa wajjiin wal qixxeessuuf akka
ummattoota garii, akka qaammee ykn xawalwaallee toolchuuf itti hin rakkanne. Ji’ootii
(LUNER MONTHS) kudha lamaan Oromoo guyyootiin torbaniin osoo hin taane, ji’aan
lakkaawama. Guyyootni ji’a tokko keessa jiran hundii maqaa ofii isaanii qaban. Akka
kanaan maqoota guyyaa digdamii torbaatu (27) ji’a tokko keessa jira.

Ayyaanota ykn ayyaana (asmirom Lagasaa, Gadaa 1973, Marko beest, 1988) ayyaana
jechuun guyyaa jechudha maqaan guyyootaa torbaan torbaniin naanna’u kan jalqabee
baroota dhiyoo as maqaan guyyootaa torbanittii gad bu’uufi naanoollee Oromiyaa
garagaraa keessattii maqaa adda-addaa horachuuniis baroota dhiyoo keessa kan
dhufeedha. Maqootiin ayyanaa yookiin guyyaa 27 akka itti aanan kanattii ibsama ture.

INNIKA--LUMAASA--GIDAADAA--RUDAA--AREERI--AREERII--LAMMAFFAA---ADUULAA---
ADUULAA---LAMMAFFAA---GARBA---GARBA---DEETTII---BIAA---SORSAA---ALGAAJIMA---
ARBA---WALLA---BASAA---DURAA---BAASAA---LAMMAAFFAA---GARAWAA---
DUREETTII---SALBAAN---SALBAAN---DEETTII---DULLATTII---GARDAADUMA---BUUSAA---
BALOO---QARAA FI RURRUMA.

Maqoota kanneeniitu ji’a ji’an guyyaa 29.5 keessa demee ji’oota 12 tahan. Booda marsaa
isaa xumuree waggaa tokko ta’a. Guyyoottin ji’a tokko keessa jiran 27 waan ta’aniif
ayyaanii inni jalqabaa jiinii bahu yookaan ji’a tokko guyyaa 2.5 dursee naannawee dhufa.
Kanaaf ayyaani yookaan guyyaan jalqabaa ji’a isatti aanu guyyaa biraa irraa ji’a jechudha.
Akkanaan guyyooni deebi’anii yeroo lama ji’uma tokko keessa dhufan ni jiran. Guyyaan inni
guyyaa jalqaba ji’a ta’e dhufu ji’uma kana keessa guyyaa 28 ffaa irratti dhufa jechudha.
Guyyooni inni guyyaa 3ffaa yookiin 4ffaa turee ji’a isatti aanu keessaa guyyaa tokkoffaa ta’e
dhufuu nidanda’a.

Guyyaan ji’a kan jalqabaa ayyaana yookiin gaafa jiini haarayni itti mul’atudha. Ogeeyyiin
waa’ee kaalaandara Oromoo tolchanii beekan Ayyaantuu jedhaman.

37
Ogeeyyii kanneen biratti guyyonni 27 jiran hiika mataa isaanii qaban. Fakkeenyaaf, namni
ayyaana yookiin guyyaa gardaadumaa dhalatee nama amala akkamii akka qabaatuu taa’u
himuu ni danda’an. Ayyaantuun bara ji’aa fi guyyaa dhimmi siyaasaa yookaan ayyaanottiin
adda addaa itti raawwataman yaadannoo sammuutiin himu nidanda’an. Yoo yaadachuu
dadhaban ammoo qixa ji’aa fi urjiiwwan torban irra jiran faana dhawani qormaata urjitiin
guyyaa fi ji’a isaa bira gayuu ni danda’an. (asmarom Lagasa, 1973) urjiileen torban
ayyaantuun guyyaa ji’a fi bara lakkaa’uuf itti gargaaraman Lamii, Bakalcha, Arba, Urjii,
Buusan, Algaajima, Gaaduu, Wallaa jedhama. Urjiileen torban tarree galanii mul’atu warrii
ayyaantu walitti dhufeenyaa jiini tokko tokkon urjiiwan kanaa wajiin qabdu ji’a ji’aan
qabdu jalabu’anii qorachuudhaan maqaa ayyaanootaa yookiin guyyootaa addaan baasan.
Hambaan seenaa fi Aadaa Oromoo durii qormaataa kan waa’ee urjii fi hambaa seenaa
duriitiin (BY THE ARCIYO ASTRONOMIC) kaaba keeniyaa kessatti argame akka Oromoon
dhaloota kiristoos wagga 300 dura dhaha urjiitiin guyyaa ji’aa fi bara lakkaawaa akka turee
ni ibsa. Kunis kan bara 1978 namoota Liinki fi Roobins jedhamaniin bakka booda dhaha
URJII NAMORATUNG jedhu moggaafmeeti argame. Akka Liinkii fi Roobins qoratani bira
gayanitti utubaa dhagaa gurraacha (Oromoon utubaa janjaaro) jedhe waamu 19 tahan
kallattii urjiiwwan murtawoon irra jiran agarsiisa.

Oromoon utubaawwan dhagaa kallatii agarsiisuf dhaabe kanneen ittii gargaaramee walitti
dhufeenyaa fi jijjiirama ji’aa fi urjiiwwan jedhamanii jiddutti yero yerotti ta’u
herreguudhaan guyyoota addaan baafatan. Akka kanaan akka kaaleendara Oromootti
maqaan guyyaa aduun dhiitee bari’uu qofaan osoo hin taanee ji’aa fi urjiidhaan herregama.
Oromoon bara lakkaa’uuf marsaalee Sirna Gadaatti itti gargaaramaa ture. Oromoonnii
seenaa dabree yadachuu fi ta’iinsoota dabran walduraa duuba isaani akkasumaas hidhata
waljidutti qaban qindeeysanii himuu irratti dandeeytii guddaa qaban. Lubooti Gadaa
yoomii fi akkamitti akka walduraa dubaan dhufan hima afaanii waliif dabarsan. Akka sirna
Gadaatti luba baasii maqaa tokkoo Gadaa 36 (8X36) yookiin dhaloota torba (7X40) booda
deebi’ee dhufa. Kana malees tooftaa daacii jedhamuun bara lakkaa’uun waanuma ta’e tokko
bara enyuu faa akka raawwatamee waan yaadatamuuf sanyiin sanyii namoota seenaa
ciccimaa hojjatanii gaafa angootti dhufan seenaa akkaakiilee fi abbaabiilee isaanii dabaluuf
jecha seenaa wal-fakkaataa hojjatan. Warrii ogummaa bara lakkaa’u qaban daaccii kanattiis
ni gargaaraman jechudhu. Walumaagalatti Oromoon malli inni bara lakkaa’uf itti
gargaaramu baayyee qaroo kan ta’ee fi kan hin moofoyne ta’uu keessatti ibsuufillee kan
ulfaatudha. (barruu Hayyuu Jaal Nadhii Gammadaa irraa argame)

1.5. Weerara Gita Bittoota Nafxanyaa fi Qabsoo Oromoo

38
Oromoo fi Oromiyaan koloneeffatamuun duratti nannoo bara 1870 baayyinni Ummata
Oromoo 10,000,000 nigaya ture.

Yeroo duulli koloneeffachuu Oromiyaa irratti deemaa ture bara 1870-1900 baayyinni
Ummata Oromoo miliyoona 10 irraa gara miliyoona shaniitti gad irrate. Jecha Minilik lafa
kana irratti “Addis hiwat” kan jedhu irraa kaasee, bulchitoonni Habashaa impaayeera
Itoophiyaa bulchan baayyina Ummata Oromoo haphisuu, lafa Oromoo qircanii
kukkutachuudhaan Oromiyaa dhiphisuu fi Oromoo balleessuuf aadaa, afaan Oromoo
balleessanii kan isaanii dhaalchisuu irratti guddaa dalagaa turan. Waraanni koloneeffataa
Habashaa Ummata Oromoo jimlatti fixaa ture. Fakkeenyaaf, Ummata Oromoo Arsii
Aanoolee harma muraa fi harka muraatti Oromoota qulqulluu 10,000 ol fixee, kuma kudha
lama (12,000) ol tahu dubartii harma mirgaa , dhiira ammoo harka mirgaa gara jabeenya
haala suukanneeysaa ta’een irraa ciree haadaan mormatti rarraasaniifi akka Minilikiif
jilbaan deemaa sujuudanii fuula isaa dura kutan taasisanii turan. Akkasuma Muddee 19
hamma Ammajjii 6, bara 1887 Lola Calii Calanqoo gubbatti murruqii Oromoota Afran
Qalloo irratti taate kaasuun ni danda’ama. Kana malees, bara 1888-1892 tti beelaan akka
dhuman taasifamaa turan. Kun yeroo dalagamu hormaata Oromoo balleessuu fi
xiqqeeysuu irratti fulleeffatan. Ummata Oromoo gabroonfachuuf jecha dhukkuba
daddabraa adda addaa itti dabarsuun akka dhuman taasisuu, kaan hidhaan kolaasu, kaan
ajjeesuu, kaan dhabamsiisuu, kaan laamsheeysuu, kaan ammoo akka beeyladaatti
hidhaanidhanii gurguruu, garii jiruu itti hammeeysee itti rakkisee biyyarraa
baqachiisuudhaan Oromoo lafa isaarraa buqqaasanii kan biraa fidanii lafa isaarra qubsiisaa
turan.

Gaafa Afrikaa keessaa baayyina Ummataatiin kan hanga Oromoo gahu hin jiru. Impaayeera
Itoophiyaa keessatti saba guddicha kan hanga isaa gahu hin jirreedha. Afrika keessatti
ammoo Ummata Haawsaa fi Naayjeeriyaatti aanee ummanni Oromoo sadarkaa 3 ffaa irratti
argama. Karaa afaaniitiinis 3ffaa irratti argama. Biyyoota Afrikaa 54 keessaa baayyina
Ummataatiin kan Oromoo caalan biyyoota 4 qofa. Mootummaan Wayyaanee murna biicuu
Tigraay lakkoofsa ummattoota Itoophiyaa bara 2007 keessa gaggeesseen baayyinni
Ummata Oromoo miliyoona 28 jedhan. Kun ammoo soba dhugaa irraa fagate hoggaa tahu,
yeroo sanitti dhugaan jiru garuu, baayyina ummattoota Itoophiyaa kana keessatti argaman
miliyoona 85 tti tilmaamamu keessa baayyinni Ummata Oromoo miliyoona 40 ol ni taha
jedhamee amanama. Ummata Oromoo keessaa harki 90% baadiyyaa jiratan. Magaaloota
Oromoo keessaa magaalaa akka Finfinnee keessa kan baayyatu warra Habashaa kan
kaabaa dhufe hoggaa tahan, Finfinnee qofa osoo hin taane, magaaloota akka Hundannee,
Dirree Dhawaa fi Jijjigaas dabalatee magaaloonni Oromiyaa iddoo qubsuma waraana
Mootummaa Sirna Nafxanyootaa tahuudhaan wal qabatee, mootummoonni dabran kan
Oromiyaarratti dabaree wal dabraa turan lafa Oromoo qabachuu irratti keessumattuu
saboota biraa hundaaf cicciranii jiha hundaan diina itti baayyisuu irratti tarsiimoo waggaa
dheera baafachaa turan. Haata’uu malee ittiin hin milkooyne. Magaaloota Oromiyaa

39
keessaa Oromoo buqqaasanii dhiibuudhaan gaaratti dachaasaa, kan biraa qubsiisuu irratti
fuulleffatanii baadiyyaa irratti ittisaa turan.

Oromoo diinagdeen laamsheessanii jireenya isaa harkaa fi afaan jidduu qofa irratti akka
hundaa’u irratti hojjataa turan. Maqaa tokkummaa Immiyyee Itoophiyaa jedhuun Oromoo
haqaaranii fedhii isaanii galmaan gahuuf carraaquu keessatti daldala guddaas qabaachaa
turan. Oromoonni erga waanjoo kolonii Sirna gita jbittaa Nafxanyaa jalatti kufee jiruu fi
jireenyii isaa maal fakkaata? kan jedhuuf sulula addunyaa kanaa keessatti Oromoon
Ummata mammagaala akka isaatiin koloneeyfatamuuniis gaaffii isaa addunyaarratti kan
adda taasise tahee argama. Ummanni Oromoo gama dhuma Jaarraa 19ffaa gargaarsa warri
adii Awrooppaa gita bittoota Habashaatiif godhaniin kolonummaa gurraacha Afrikaa jalatti
kufe. Kuniis yeroo biyyoonni Afrikaa kan akka Keeniyaa, Somaaliyaa, Ugaandaa, Suudaanii
fi kan biroo aangawoota Awrooppaa koloneeyfataman keessa gita bittuu Habashaa warra
Awrooppaa Afrikaa qircachuuf bara 1884 Barliin Jarman irratti walgahanitti hidhataniin
Oromoon koloneeyfatame. Madaallii humna waraana Oromoo gargaarsa meeshaa
waraanaa fi leenjii warri Awrooppaa yeroo Afrikaa qircatan gita bittoota Habashaatiif
kennaniin jijjiirame. Mootummaan sirna gita bittoota Habashootaa gargaarsa meeshaa
waraana ammayyaa hammana hin jedhamne warra Awrooppaa irraa argatan. Bara 1880
moota keessa yeroo warri Habashaa biyya Oromoo Oromiyaa fi ummattoota gama kibbaa
weeraraa turan lakkoofsi loltoota isaanii meeshaa ammayyaa hidhatan qoftiin 600,000 tti
tilmaamamaa ture. Fakkeenyaaf, kitaaba Afaan Amaariffaatiin barreeffame kan Abbaa
Gadaa Abbaa Soorii jedhamuun barreeffamee Sirna Gadaa fi seenaa dhokotaa Oromoo
jedhurratti biyyoonni gargaarsa kennanii fi baayyinni meeshaa lolaa waraanni Minilik
hidhatan yoo laalle akka chaartii armaan gadii kanatti ibsee agarsiisa.

Lakk Maqaa biyya gargaartee Baayyina qawwee Baayyina rasaasaa

1 Ingiliz 15,000 5,000,000

2 Faransaay 500,000 20,000,000

3 Xaaliyaan 50,000 10,000,000

4 Ruusiyaa 150,000 -

Baayyina meeshaa lolaa kana bara 1868-1900 jiddutti argatan. Waraanni gita bittaa
Nafxanyootaa meeshaa waraana hangana baayyatu hidhatee duula ballaa irratti banullee
ummanni Oromootii fi Ummanni kuush biroo yeroo dheeraaf ofirraa ittisa cimaa godhanii
turan. Oromiyaa keessatti maccaa fi Tuulama, Arsii, Afran Qalloo, Ituu fi Humbannaa
akkasumaas naannoolee Oromiyaa biraa keessatti ittisa cimaatu godhame. Hanga gaafa
meeshaa waraanaatiin caalamanii madaalliin humna Oromoo jijjiiramutti Oromoonni
naannoo Gaafa Afriikaa keessatti humna waraana lolaatiin keessaahuu loltoota fardaatiin

40
humna hiriyaa hin qabne akka turan seenatu ragaa baha. Koloneeyfatamuun booda
moototni gita bittootaa wal duraa duubaan dhufan hammeenya hiriyyaa hin qabne
Ummata Oromoo irratti hojjachuu itti fufan. Lammiiwwan Oromoo baayyeen waraana
koloneeyfataa fi qubattootaan ajjeefaman; kaan beelaa fi dhukkuba daddabraa sirni gita
bittaa Nafxanyaa baballisaniin dhuman. Gariin ammoo gabrummaan gurguraman. Kanneen
lubbuun biyyatti hafanis Sirna gabbaarii gabrummaan gurguramuun irra hin wayyine
jalatti kufanii gadadoo hammaataa keessatti kufanii turan.

BOQONNAA LAMA

2. QALLOO FI ONA ISAA

2.1. Seenaa Qalloo


Qallo eenyu? Qalloo ilmaan shanan Bareentoo Oromoo keessaa isa tokko. Akka
manguddoonni odeeffannoo irraa fudhadhe baay’een himanitti dhalootaaniis hangafni
ilmaan Bareentoo shanan keessaa Xummuggaa Bareentoo hogguu tahuu, Qalloo Bareentoo
Karrayyuu fi Murawwatti aanee dhalootaan afraffaadha. Umriidhaanis waggaa 499 akka
tureefi qaroominaan waggaa kuma kudhan dura 10,000 doonii addunyaarra daldalaaf
deemuun akka qabuufi daldala keessaatti qaroo namaa akka ta’e ni himu. Dooniin isaa
hanga ammaatti hambaan isii BARBARATTI argamti. Quxusuun Bareentoo ammoo
Humbbannaa Bareentoo hogguu tahu, Qalloo Humbannaaf kan harma dhiise akka tahe
manguddoonni seenaa beekanii fi hayyoonni Oromoo ni dubbatu. Barreessitoonni seenaas
baay’een hidda latinsa ilmaan Bareentoo kanarratti ilmaan Bareentoo shan ta’uu isaa kan
ibsan yoo ta’uu, isaaniis Karrayyuu, Xummuggaa, Marawwaa, Humbannaa fi Qallo akka
ta’e kan mirkaneessaniidha. Haata’uu malee, waa’ee hangafaa fi quxisuu ilmaan Bareentoo
kana irratti yaada gara garaa ibsanii jiru. Kuun ilmaan shanan Bareentoo keessaa hangafni
Karrayyuu akka hangafaatti kan ibsan kan ibsaniis kan jiru yoo ta’uu, kanneen Xummuggaa
akka hangafaatti ibsaniis ni jiru. Qalloo immoo isaan keessaa akka quxisuutti kaahu.
Fakkeenyaaf, Alamaayyoo Haylee & etal kitaaba “History of The Oromo To Sixteenth
Century” jedhu irratti waa’ee hidda latinsa Oromoo Bareentoo, hangafaa fi quxisuu
isaaniitiifi iddoo qubsuma isaanii yoo ibsan akkana jechuun ibsanii jiru.

The Oromo that settled in the areas of South Eastern Ethiopia refers to

themselves as members of the Bareentu branch that has become popular

after the 16th century. The Oromo of this region are divided into five main

tribes named: Karrayyu, Dhumuga, Marawa, Humbana and Qallo. Most of

the elders referred to Karrayyu as the elder of the five main tribes. But,

41
some elders argue that Dhumuga is an elder. The youngest of the five main

tribes, on the other hand is said to be Qallo.

Yaada olii kanarraa kan hubannu ilmaan Oromoo naannoo Kaaba Baha Itoophiyaa
qubatanii jiran damee ilmaan Oromoo lamaan keessaa ilmaan Bareentoo akka ta’ee fi
manguddoonni baay’een akka ibsanitti Karrayyuun akka hangafa ilmaan Bareentoo shanan
ta’eetti kan ibsaniidha. Manguddoonni muraasni immoo hangafni ilmaan Bareentoo shanan
keessaa Xummuggaan akka hangafa ta’eetti kan dubbatan yoo ta’uu, quxisuun immoo Qallo
akka ta’eetti ibsu.

Ilmaan shanan Bareentoo irratti yaanni jiru baay’inaan kan waliigalu yoo ta’uu, isaan
shanan keessaa hangafaa fi quxisuu isaanii irratti garaagarummaan yaadaa kan jiru. Akka
waliigalaatti manguddoonni odeeffannoon irraa fudhatame baay’een hangafni Xummuggaa
akka ta’ee fi quxisuun immoo Humbanna akka ta’etti ibsanii jiru.

Gama biraatiin barreessitoonni seenaa warri seenaa Oromoo akka ofii fedhanitti jallisanii
barreessaa turan kan ilmaan Bareentoo jaha godhee kaahaa turees ni jiru. Kanneen Qallo
akka ilma Humbannaa ta’eetti yaada dogoggoraa dhugaarraa fagaate barreessaniis ni jiru.
Fakkeenyaaf, Alamaayyoo Haylee & etal kitaaba “Seenaa Oromoo Hanga Jaarraa 16 ffaa”
jedhu irratti yaada kana akkana jechuun ibsanii jiran.

Barreessitoonni seenaa fi manguddoon tokko tokko Qallo ilma Humbannaa

akka ta’eetti kaahanillee, manguddoonni baay’een Harargee keessaa dubbifne

Qallo akka quxisuu ilmaan Bareentoo shanan ta’eetti ibsan. Ilmaan Qalloo

afraniis Oborraa, Baabbile, Dagaa fi Ala jechuun ibsanii jiran.

Kanarraa kan hubannu warri seenaa Oromoo akka fedhii isaaniitti jallisanii barreessan
waa’ee ilmaan Bareentoo fi Qalloo irratti yaada adda addaa barreessanillee, dhugaan jiru
kan baramuu kab dhaloonni ammaa baruu qabu garuu ilmaan Bareentoo shanan olitti
ibsame kana akka ta’e manguddootaa fi hayyoonni baay’een bal’inaan ibsanii jiru.

Hidda Dhaloota Qalloo

Qalloo Bareentoo ilmaan 4 dhale. Isaaniis hangafa irraa egalee hanga quxusuutti akka
armaan gadii kanatti ibsama.

1. Baabbile
2. Oborraa
3. Dagaafi
4. Ala

42
Ilmaan Afran Qalloo sadarkaa gosaa hanga Jilbaa fi Ibiddaatti kan jiran caasaan armaan gadii
kun kan ibsu.

43
44
Q
O
JsH
g
D
B
k
K
N
m
b
jh
A
M
ln
tay
u
reG
E
io
c
d
45
S
Iu
lA
B
M
s
G
r
g
F
D
ie
n
H
o
b
O
w
y
a
d
46
47
c'
SgJkM
qW
h
w
B
m
rH
G
n
O
IoN
sbY
d
u
aleyD
iA
48
O
k
h
G
l
B
o
s
Y
d
i
H
K
b
A
g
D
e
n
r
a
y
u
c
2.1.1.

1.
2.
3.
4.
5.
Ona Afran Qalloo

Ilmaan Qalloo afranuu Ona mataa mataa isaanii qabu. Onni Afran Qallootiis karra shan (5)
qaba. Isaaniis:

Karra Makkalaa
Karra Erer
Karra Millee
Karra Hormaataa
Karra Marraati

Ilmaan Afran Qalloo Ona mataa isaanii keessatti teessuma lafaatiin umamaan warra
badhaadhanii dha. Kuniis Ona Baabbilee, Ona Oborraa, Ona Dagaa fi Ona Alaa jechuun
beekkaman.

49
c
E
H
jJM
D
S
T
G
k
Y
r
O
B
n
N
e
h
d
o
K
u
iItm
y
b
la
A
⮚ Ona Baabbillee

Onni Baabbilee Holallaa lafa Qalloo Hundannee gara Bahaa irraa kaasee Erariin Fiqiin gara
somaaleetti lixa

● Qaccee Babbilee

Gosti qaccee Baabbilee Hawwiyyaan ilmaa hangafa Baabbilee tahuu isaatu himama. Haa
ta’uu malee waggaa dheeraa dura magalaa Moqaadishoo irra akka jirachaa ture ni
beekkama. Sooreessi Jaarraa Abbaa Gadaa hoggaa dubbatu kitabonni seenaa Afran Qalloo
dubbatu gurguddaan warra Ingiliziin barraa’ee Moqaadiishootti akka argamu dubataa ture.
Akasumaas kitaabonni seenaa Oromoo dubbatu Suudaan Kaartuumitti akka argamu
dubbataa ture.

Haa ta’uu malee dubbiftee yadannoollee irraa qabatte bahuu sitti hin dhiisan. Yeroo
seentuu fi baatuus sakatta’amtee baata jedhee dubbatee ture. Akka sooreessi qabsoo
Oromoo kun dubbatutti Hawwiyyaan Somaalee keessatti iddoo guddaa qabdi. Ilmaan
Baabbilee tahuus if beekani kan jedhutu himama. Hawwiyyaan ilmaan Baabbilee tahuu
Afran Qallo dhiichisa kessatti akkas jedhan.

Hoodho boo fidiyaaboo


Hawwiyyan ergaan Azaal kutee dhaamsii hin gallee (*2)
Way Nooleen kiyya jettii
Mettaan falmee
Way Jarsoon kiyya jettii
Mettaan falmee
Way Nuunnus kiyya jettii
Mettaan falmee
Way Diiramuus kiyya jettii
Mettaan falmee
Way Oborraan kiyya jettii
Mettaan falmee
Didi rorroo hayya jedhanii fixan

Gaaffii fi deebisaadhan haala kanaan dhiichisaa turan. kaan keenya jedhanii Mettaan
immoo falmaa ture, Mettaan wanni falmeef Hawwiyyaan eega keenya tahee maaliif ilmaan
Afran Qalloo dhawa? Maaalif lafa Afran Qalloo weeraraan saama osoo keenya tahee Afran
Qallo qe’ee fi qabeenya isaa irraa buqqisee hin weeraru je’eeti falma. Kanafuu Hawwiyyaan
gara caayaa abbaa isaatti deebi’ee abbaa isaa dhiifama gaafachuu qaba kan jedhuun waan
Afran Qalloo miidhu keessaa harka fudhaachuu qaba jenna.

50
⮚ Ona Oborraa

Onni Oborraa Qalloo;- Hadas Baroodaa irraa kaasee gara Dhihaatiin hanga Bikkeetti kan
dhaabbatu hoggaa tahu Gaaleeytiin Laga Jarjartuutiin karaa Bahaatiin Qarsatti dhaabbata.

⮚ Ona Dagaa

Onni Dagaa Qalloo;- Kibba Hundannee irraa ka’ee gara Dhihaatiin Awwadaay gara aspaaltii
moggaa tokko qabatee Dhangaggoon Dirree Dhawaa Ererii hanga Jibutiitti gara Bahaatiin
Baabbile fana Daakataan Karra Marraatiin jijjigaan Diida waale qabatee hargeessatti fulla’a.

● Qaccee Dagaa Gurguraa

Afran Qalloo keessaa sababa adda addaatiin maqaaleen gosa tokko tokko akka jijjiiraman
seenaan ni mul’isa. Fakkeenyaaf gosoota maqaan jijjiiraman keessaa tokko Gurguraadha.
Gurguraan Jaarraa 15ffaa keesssa maqaan isii jijjiiramuutu himama. Gurguraan Jaarraa kana
dura maqaa ittiin wamamaa turte akka qabdu seenaan ni dubbata. Maqaan gurguraa jedhu
kun kan dhufe bara 1450 ffaa keessa ture. Maqaan kunis kan daldalan wal qabatu irraa
hoggaa ta’uu qaccee Afran Qalloo keessaa gurgurtaa fi bittaan kan dura eegalee gosa
Gurguratii Gurgura jechuun “MERCHANDISE” jechuu dha.

Jaarraa 16ffaa dura gosa Somaalee Dir jedhamtuun ilmaan Afran Qalloo osoo hin
weeraramin dura Jaarraa 14ffaa keessaa lafa Ona Dagaa taate naannoo Dirree Dhawaa
keessa akka turan seenaan ni dubbata. Gurguraan qaccee Dagaa ilmaan Noolee akka tahan
ragaalee heedduutu jira. Gurguraan magaalaa bittaa fi gurgurtaa Dirree Dhawaa keessatti
kan uumte hoggaa tahu Buna, Ilkee Arbaa, Kalloo beeyladaa, Harre didoo, Libaanataa fi k.k.f
biyya alaatti daldalaan beekkamti. kana irraa ka ’uun maqaan Gurguraa jedhamu kun
moggaafamee fi achumaan itti maxxanee hafe kan jedhuutu himama. Kana malees dhiibbaa
warra Seem irraa dandamachuuf (hafuudhaaf) gara Somaaleetti gadii faca’anii akka
turaniitu dubbatama. Odeeffannoon manguddoo irraa fudhee fi waaniin Afoolaan dhagahe irraa
akkaan hubadhetti Gurguraan ilmaan gudeeda Afran Qallooti. Waggaa dheeraa dura yeroo seenaa
Akaakilee ofii Sabaa fi Lammii ofii barreeysanii kaayyachuun hin jirre san keessatti Afran Qalloo maqaa
Abbaa, Akaakoo, Abaaboo, Akaakilee jiraachisuuf hortee isaanii dhufaa dabraa keessatti akka hin
banneef deddeebisanii wahiin moggaasaa dhufan. Kun ammoo seenaa fi iccitii cimaa fi ballaa qaba.
Gurguraan maqaan isaa inni jalqabaa Guuraa - Luuccoo - Dagaa - Muchaa -Walee - Baabboo - Muchaa -
Noolee - Dagaa - Qalloo - Bareentoo - Oromooti ( Hiikaan Ilmaan Luuccoo Guuraa dha jechuu dha).
Qabsaa'aan Gameeysi Oromoo Barsiisaan Qabsoo fi Seenaa kan turan Nadhii Gammadaa bara 1983
akkas jechuun ibseeti jira. "Gurguraan Ilmaan Afran Qalloo Qaccee Dagaa gudeeda Ilmaan Muchaa
Nooleeti" jedhan.

51
Hawwiyyaa dabalatee sababa baballifannaa lafaatiif bahuudhaan wal qabatee, gariin roorroo gara garaa
keessatti Soomaalummaa himachuudhaan dogoggora Seenaa lubbuun jiraachuuf jecha dhaloota
baayyee dabarsuu keessatti uumameen yeroo tokko tokko gara Oromoo tahuun, yeroo taan gara
Soomalee wajjiin Oromoo dhawaa turuun ni beekkama. Haa tahuu malee, qabsoo Oromoon
bilisummaaf godhaa ture keessatti qabsaa'ota hangafoo tahan baayyeetu jira. Fakkeenyaaf, Wallisaan
Hangafni beekkamaan fi jaalatamaan ilma Afran Qalloo Artisti Shantam Shubbisaa of duuba deebinee
mee Seenaa isaa haa ilaallu. Shantam Shubbisaan nama umrii isaa guutu hamma arraatti qabsoo
Oromoo keessatti dabarsaa jiruu dha. Shantam Shubbisaan namoota bu'uureessitoota Hawwisoo Afran
Qalloo ta'an keessaa isa tokkoo fi qabsoo Oromoo keessatti nama qooda Leencaa qabu ture. Walleelee
Shantam keessaa yoon isin yaadachiise akkas jedha.

"Awwaalamnee dhumne jiruun

Nuti Sabni balla'aan duratti

Saba yartuu cunqursituu harkatti

Osoo Afaan qabnuu biraa ugguramnee

Afaan biraa barachuuf dirqamnee

Afaan ofii dubbachuuf meeqatu qalamee

Meeqaatu fannifamee

Akka siin jedhu Abbiyyoon

Abbiyyoon Aabboon duulaa dannabaa

Akka siin jettu Ayyiyyoon

Ayyiyyoon dubree naassabaa

Loli gurbee

Loli intaloo

Lolli cubbuu haqumaan kufaa

Dhugumaan kufaa"

52
Maal kana qofaa

"Saba ballaa yaa Abbaa biyyaa

Yaa Abbaa biyyaa

Waa hundi qabsoon dhufaa ×2

Didi Roorroo gita yartuu

Sabni ballaan fe'amuun gadaa"

Nama qabsoo bilisummaaf godhamaa ture keessatti dorgomaa hin qabne ture. Duuba qabsaawaan kun
Gurguraa dha. Gurguraan Oromoo miti ilma barcumaati yoo jedhan Oromoon hoo maal jetti?
Kanaafuu, Afran Qalloo hayyuu isaanii kanaaf Doktoorummaa kabajaa isaan maltu badhaasuuf haala
mijjeeysuu qabaniin dhaamsa kooti. Seenaa Afran Qalloo keessatti ilmaan

⮚ Ona Alaa

Onni Alaa Qalloo;-Kaaba Dhihaa Ona Dagaatiin aspaaltii walqixa qabatee hanga
Dhangaggoon Harallatti dhabbata. Harallaan ol garagalee Watariin Gaara Mullataa
fulla’uun Ona Anniyyaatti dhaabbata. Gara Bahaatiin Hundannee Bahaa qabatee Laga Erer
gubbaan Ibroo Mussaatiin Miidhagaa Lolaatiin Gobelletti fulla’a.

BOQONNAA SADI
3. QABSOO AFRAN QALLOO FI GITA BITTOOTAA BIYYA ALAATII FI BIYYA KEESSAA
3.1. Weerara Biyyoota Dhihaatii fi Afran Qalloo.
1.1.1. Shira Waraanni Ingiliz Afran Qallo Irratti Raawwate.

Afran Qalloo qabachuuf karoora lafa kaayyate hojii irra oolchuuf bara 1880 keessa
meeshaa lolaa ammayyaa baayyinaan hidhachiisee tooftaa lolaa waraana Ingiliziin leenjisee
gosoota Somaalee keessaa warra shanyii isaani seemitti galu kan akka gosa Ogaadeen ofii
isaatiif magaalaa Moqaadishoo maadheeffattee qaccee ilmaan Afran Qalloo kumaatamaan
kan ficcisiise Inglizi.

Ajajoonni fi waraanni Ingiliz magaalaan lammada inni maandheeffate Zeeylaa hoggaa tahu,
waraana Misraa fi Turkiitiin waliigalanii duula lafoota Afran Qalloorratti gaggeeffamu

53
qajeelfamni waraana Ingilizii kan buufata waraana Ingilizii Zeeylaa jiru irraa akka
kennamaafii ture seenaan ni mul’isa. Waraana isaanii walitti dabalanii leenjisuudhan
weerara bal’aa ilmaan Afran Qalloo irratti gaggeessuuf jalqaba toftaan inni baafate, gosa
Somaalee Ogaadeen leenjii waraanummaa gahaa keenneefii roga hundaan Afran Qalloo
irratti lola bane. Eegasii ammoo karaa isaan irra deeman irraa maqanii kaartaa isaan
baasaniifiin karaa biraatiin naannawanii addatti waraanni Misraa fi Turkii lola irratti banee
injifachuuf tarsiimoo lafa kaayanitti fayyadamaa turan. Waraannii Afran Qalloo garuu,
waraana Somaalee Ogadeeniin irratti baname injifachuudhaan waraana Somaalee yeroo
san biyyoota Misraa fi Turkii dura dhufee lola irratti banee ija dhiiraa agarsiisee ture. Garii
isaanii harkaan qaqqabanii meeshaa waraanaa irraa hiikkatanii achi buutee godhanii turan.

Warrii lubbuun dheessanii bahaniis Zeeylatti ajajoota waraanaa Ingiliziitti dhaqanii


hammeenya waraana Afran Qalloo eega itti himaniin booda keessumattuu cibirroonni
fardaan lolu waraanni Afran Qalloo iyyansa sagalee bineensoota gara garaatiin waraana itti
dhaqan dhamaasanii osoo rasaasni dhuka’ee sagaleen qawwee hin dhagayamiin akkuma
itti achi qabaniin duruun bira dhaqanii Habaleedhaan mataa muruu, kan biraa ammoo
xiyya goobootiin idduudhaan ajjeesutti dandeettiin waraanni kun qabu baayyee rakkisaa
akka tahee fi waraana laafoo dhiisii xayyaarrilleen akka hin dandeenye odeessa gahaa
kennaniifii turan. Aangawoonni waraana Ingilizii kana booda aangawoota waraana Misraa
yaamanii marii gaggeeessan irratti waraana Afran Qalloo jedhamu kanarratti lola gara
garaa gaggeessaa turtan. Lafa kanaas irra baayyee isii daggala isiitiin walqabatee isiniitu
nurra keessa beeka. Kanaafuu waraanni keessan waraana keenyaa fi Turkii wajjiin
qindoomina uumee yeroo weerara banu waraanni keessan keenya dursee weerara banuu
qaba kan jedhurratti waliigalanii turan. Duubaan ammoo goblaa waraana Afran Qalloo
cabsee karaa banameen waraanni keenya seenee akka toohatuu fi injifannoon keenya haala
kanaan mirkanaawa kan jedhurratti marihatanii haariyatti tarsiimoo baafatanii waraana
Misraa of dura gara lafoota Afran Qallootti as ergan.

Waraanni Misraa kan dhufees, aangawoota isaanii wajjiin asumatti cilee bishaan buute
tahee hafuu isaanii kan dhagaye aangawoonni waraana Ingilizii marii kophaa isaanii
gaggeeffatan irratti Magaalaa Harar seennee qorannaa gahaa yoo gaggeessine malee, ormi
kun hin dandayaman jechuun wal marihatan.

Waraanni Misraa namni 800 dhaqanii daggala sanitti hafanii jiran. Oduun nu geesse kun
waa toltuu miti. kanaan booda carraan nuti qabnu tokkoo; Ummata kana gosaan adda
baasuu, lama; gosa Somaalee Ogaadeeniin weerara bal’aa irratti banuu. Kana biratti
humnoota biraa cimsinee isaan kana keessatti gargaaruun alatti hireen nuti qabnu hin jirtu.
Ummata kana xayyaaraan dhawuun iccitiin teenya ifa taateeti xaaliyaaniin walitti nu buusa
kan jedhu irratti waliigalan. Haala kanaan haarayatti waraanni Ingiliz yeroo waraana
Misraa fi Turkiitiin walitti laaqamee weerara kana gaggeessan Misraa fi Turki malee,
maqaan waraana ingilizii hin yaamamu. Kun ammoo iccitii ture. Haala kanaan duula bal’aa

54
gaggeessaa turanii waan ijibbaataniif amantaa babal’isaa qabachuuf ammaas tarsiimoo
haaraya lafa kaayatan. Yaanni haarayatti amantaan walmakanii waraanni lafa kaayatan kun
Ingilizoota biratti ilaalcha gaarii fi deeggarsa bal’aa tahe akka qaban iccitiidhaan
barreessanii dhoksaan erganiifii adda bahan. Haalli kuniis bubbulee, aangawoota biyya
sadeenii waliin yeroo walgahii dhoksaan bara 1885 tti biyya Misraatti gaggeessan kan
isaan hin baafne tahuu mirkaneessanii turan. Walgahii marii kanarratti waldiddaan isaan
jiddutti umamee ture dhimmoota anaatu qabata jedhurratti Misra waraana baayyee akka
itti dhabde lafa keessee osoo hirmaata lafaa irratti waliif hin galin adda bahan. Garuu,
kanaas tahee saniis waraanni Afran Qalloo waraana qindaawaa biyyoota dhihaa kana dura
dhaabbatee ofirraa dhoorkeeti ture.

Haa ta’uu malee, waraanni Afran Qalloo waggaa 37’f kophaa isaa gargaarsa dhabee duula
humnoota garagaraatiin irratti godhamaa ture irraa hafuura waan hin fudhatiniif waraana
haarayatti gubba irraa kaasee itti gadi deemaa jiru kana dura dhaabbachuu keessatti
rakkoo isaan mudachuu danda’uuf qondaaloonni waraana Murti Guutootiin walitti dhufanii
erga mariyataniin booda ajajaa waraana Murti Guutoo Bakar Waaree wajjin murtii irra
gahan kana qabatee Abbaa Duulaa bira gessee haala jiru dhageessise. Abbaan Duulaatiis
Abbaa Gadaa Afran Qallootiin gahe. Abbaan Gadaatiis Gumii Caffee Gadaa Raabaa Doorii
walitti qabee, haala waraana Afran Qalloo mari’atanii murtiin isaan irra gahan, deeggarsi
biyyoota alaa irraa akka isaan barbaachisu irratti walii galanii bara 1885 tti hayyoonni
gameeyyii Afran Qalloo fi Torban Anniyyaa irraa walitti filamanii Zeeylatti kan argaman
waraana Ingiliziitti dhaqan. Aangawoota warra Ingilizitti dhaqanii yeroo deeggarsa
meeshaa waraanaa gaafatan deebiin isaanii akkaas kan jedhu ture “Nutuu dhimmuma
kanaaf jennee haala itti isin gargaaruun danda’amu mijjeessuuf jennee gara magaalaa
gudditti teeysanii magaalaa Harar dhufuuf qophiirra waan jirruuf achitti mijjeessinee isiniif
kenninaa baga nagayaan dhuftanii beena nagayaan galaa achumatti nu eegaa” kan jedhuun
ofirraa gaggeessan. Haa ta’uu malee, Afran Qalloo waraana isaatiin baayyee sodaatamaa
ture. Garuu, Ummata naasuuu namaa hin qabne kan sanyii warra Seem tahan kan akka
gosa Somaalee Ogaadeen keessaa gosa Dir lafa Afran Qalloo bal’inaan qabsiisuudhaan
dhimma mataa isaanii guuttachuurratti fulleeffatan. Toofta dheeda beeyladaa fi
bishaaniitiin akka Somaaleen qabattu gochuuf itti fayyadaman.

Dheeda beeyladaa fi bishaan dhugaatii lafa Afran Qalloo tana somalee fi Afran Qalloo
walqixatti akka itti fayyadaman gochuuf itti fayyadama dheeda beeyladaa fi bishaan
dhugaatii kana waliigaltee gara garaa gochuurratti marihataa turan.

Marii kana booda waliigalteen kun aangawoota warra Ingiliziin Afran Qallootif dhiyaatee
akka mallatteesan gafataman. Hayyooni Afran Qalloo mari’atanii marii kanarattiis
gameeyyiin Afran Qalloo keessaa kan akka Shaxaa (Hussen) akkii je’en Somaaleen ollaa fi
obboleeyyaan keenyaa qabeenya walii wajjiin ittii fayyadamuun wanuma jiru. Dheeda
beeyladaatii fi bishaan dhugaatii namni isaan dhoorke hin jiru. Nuti garuu mallattoo

55
hegeeree ilmaan keenyaa lafa isanii irraa buqqaaftu hin mallatteessinu. Yoo kanuma ta’e
nutii ifiifuu waliif gallaa isin nu jidduu bahaa kan je’u deebiin laatameefii aangawonni
warra Ingilizii deebisaa kanatti dallananii deebi’an.

Haaluma kana irraa ka’uun dallansuu kanaan waliigaltee Afran Qalloo mallatteesuu dide
san osoo jarri Habashaa dhufanii lafa Afran Qalloo hin qabatin mootii Habashaa Minilik
bira geeffatanii mallatteesisiifatan. Waliigalteen Afran Qalloo keessatti didame san mata-
duree dheedaa fi bishaan lafa Ummata Afran Qalloo kana keessa jiran Somaalee fi Afran
Qalloo wal-qixatti itti fayyadamu qaban kan je’utti jijjiiranii waliigaltuma kana bifa jijjiiraa
Minilikii kaasee hanga Haylasillaaseetti mootummoota dabraniin walii mallatteessaa turan.
Haala kanaan Somaaleen duula baballifannaa lafa Afran Qalloo irratti gaggeessaa turaniis
ofirraa facciisaa turuu malee takkaa harka maratanii ta’anii hin beekan. Caba Afran Qalloo
boodaas bara 1887-1897 keessumattuu Lola Calii Calanqoo boodaas Afran Qalloo lola
gurguddaa gaggeessaa tureen waan itti rakkisaa turaniif warannii Ingiliz sababa biyya
tasgabbeessuu je’uun ilmaan Afran Qalloo gara jabinaan ficcisiisaa turan.

Eega Minilik cabsee Oromiyaa qabate boodallee waraanni Ingiliz Tulluu Inxooxxoo gubbaa
qubatee achi irraa bobba’uudhaan maqaa biyya tasgabbeessuu je’u qofaan duula jihaa
hundaan Oromoo irratti bananii toftaan isaan itti fayyadaman.

1. Labsii yaroo muddamaa


2. Manguddoo araaraa kamtu dhageeytii qabaan Ummata dura dhaabuudhaan ture.

Toftaa aangawoota waraana Ingiliziin jalqabame kun labsii biyya tasgabbeessuu je’uun
walqabatee gara ilmaan Afran Qalloottii gad bu’aanii ilmaan Afran Qalloo gosaan, jilbaan,
ibiddaa fi manaan adda baasanii walirratti dulchisuudhaan jidduu kanaan qabeenyaa fi lafa
isaanii saammachaa turan.

3.1.1. Weerara Lola Qindaawaa Arabootaa fi Amiirootaan Afran Qalloo


Irratti Gageeffame

Qacceen Afran Qalloo hundeeffama magaalaa Hundannee duraas achi irratti uumamanii
irratti dhalatanii kan qabaachaa turanii fi arraas kan irratti jiraachaa jiran ta’uun wal-nama
hin falmisiisu.

Abbaan lafoota kanaa ilmaan Afran Qalloo akka ta’e beekkamaadha. Maqaan lafee lafa
magaaloota sanii Haragaya, Dakkar, Hundannee, Biyyoo Awwaallee, Dirree Xayyaaraa fi kkf
waamuun gayaadha.

Jaarraa 13ffaa duraa fi jaarruma kana keessa ilmaan Afran Qalloo lola gurguddaa saamtoota
lafa Afran Qalloo kan tahan ilmaan warra seem kan tahe mootummoota warra dhihaa kan
akka Misraa fi Turkii waliin hidhata qabanii wajjiin godha turan.

56
Lolli kun gargaarsa warra dhihaa kanaan waraana isaanii dabalatee warra Ifaatii fi
Amiirotaan qindaawe kan ilmaan Afran Qalloo irratti banamee ture. Qacceen Afran Qalloo
kan yeroo san lola kana keessatti hirmaachaa turan ilmaan Dagaatii fi ilmaan Alaa yoo
tahan keessaahuu ilmaan Dagaa lola kana irratti kan gootummaan beekkaman qaccee
Nooleetii fi jaarsooti. Lolli kun amantaan walqabatee waggaa dheeraaf waan deemaa tureef
ammaas qacceen Alaa fi Oborraa ilmaan Dagaatii wajjiin gamtaan bara 1415tti ilmaan
Afran Qallootii fi Ifaat jiddutti naannoo Dirree Dhawaa bakka Laga Gooroo jedhamtutti
gaggeefamee irratti sabboonummaa ajaa’ibsiisaa ta’een waliif dirmachuudhaan ilmaan
Afran Qalloo diina isaani irratti tarkaanfii irra deebii hin qabne irratti fudhatanii turan.
Dhugaan jiru kun kitaaba Afaan Arabaatiin barreeyfame FATUL HABASHAA je’amu gubbaa
osoo jiruu dhugaa san jijjiiranii kitaaba kana irraa haala isaaniif mijjaaween hiikanii dhara
dhugaa irraa fagaate dhiyeesanis gaafa dhugaan jiru kun ifatti bahee abbaa dhugaa qabuuf
qara’amuutu dhufuuf jira. Dhugaa rabbii yoodubbanne akka kitaaba kana irratti
barreefamee arkamuu fi akka manguddoota keenya irraa afoolaan himamutti lafoonni kun
lafoota ilmaan Afran Qalloo Bareentoo yoo hin taane iddooleen lolli itti gaggeefamaa turee
maqaaleen lafoota sanii kan akka Laga Gooroo, Dirree Dhawaa, Dirree Goflee, Dirree
Xayyaaraa, Haragayaa, Dakkar, Biyyoo Awwaallee, Jaladeeysa, Cinaaqsan, Jijjigaa, Iggu,
Hargeessa keessaa Garba Harree, Gaalkaayyoo, Dhagaa Booraa fi kkf eessaa dhufan?

Haa ta’uutii qorattoonniifi hayyoonni gara garaa seenaa qoratan qorannoo bal’aa tahe
lafoota kana irratti gaggeessuun seenaa kana bal’inaan lafa kaa’uun dhaloonni akka irraa
baratu gochuu qabduun dhaamsa kooti. Warra qindoominaan loloota gurguddaa walirraa
cinna hin qabnee Afran Qalloo irratti godhaa ture keessaa Amiir Nuur Ibin Mujaahid, Fugug
(Harargee) Lafa ilmaan Afran Qalloo qabachuuf akkaataa itti yaadee tarsimoo baafatee
dhufe san osoo hin taane waan ofirraa hin eeginii fi hiyyaadiniitu isa mudate. Bara 1551-
1567 warri dhihaa kan akka Turkii, Misraa fi Ingiliz waliin qindaawanii meeshaa lolaa
ammayyaa hanga funyaanitti hidhatanii naannoo Fugug lafa Afran Qalloo fi Affaar
too’achuuf je’ee lola qindaawaa Afran Qalloo irratti bane. Loltonni Afran Qalloo akkaan
ciccimoo tahan waraana Murtii Guutoo keessaa cibirraa fardaan lolaniin wal afaan mudatee
naannoo Laga Mojootti loltoota fardaatiin garmalee dhawamanii loltoonni Afran Qallo
raaree malkaa Mojoo keessa olii-gad ari’anii waraana isaa cabsanii garii harkaan qaqqaban.
Amiir Nur mataa isaatiis booji’anii malkaa mojootti ajjeesanii achumatti awwaalan.

Yaroo ammaa kanatti ilmaan Afran Qalloo naannoo sanii qubbii gubbatti jaaranii qubbii
Amir Nur je’anii akka waan gabricha rabbii kan naannoo san qanna’uu achii dhaqee achitti
du’ee awwaalamee godhanii seenaa hin jirre maxxansaniifii lafa Oromoo uumamaan
badhaatee duraanuu burqaa bishaanii qabdu Amiir Nuuraatuu eeboo isaatiin diree nuuf
baase kan jedhuun namicha biyyoota dhihaatiin gargaaramee ilmaan Afran Qalloo fi
naannoo saanii fixee lafa isaanii qabachuuf dhufee waraanni Afran Qalloo fi Humbannaa
kan lakkoofsa hin qabne fixee maayyiirratti loltuun fardaa cibirraan Afran Qalloo galaafatee
ajjeefte ammallee warrii naannoo sanii qubbii isaa ziyaaraa jiran.

57
Seenaa isaa osoo beekanii hin ziyaaran ture. Seenaaleen dhugaa dhokotee seenaalee
sobaatiin ilmaan Afran Qalloo sobuuf Magaalaa Hundannee keessatti hayyoonni gara garaa
qindeeffamanii seenaalee kijibaa tuullatanii taa’an. Ilmaan Afran Qalloo hadraalee adda
addaa akka ziyaaran godhaa daangaa hin taane irratti wal-ficcisiisaa turan. Bara 1577tti
Mahammad Jasaa loltoota biyyoota dhihaatiin gargaaramee waraana Afran Qalloo cabsee
lafa Afran Qalloo qabaachuuf lola gaggeeffame keessatti qacceen Afran Qalloo kaabaan
ilmaan Dagaa, Bahaan ilmaan Baabbilee, Dhihaan ilmaan Alaa fi Oborraa fi kibbaan ilmaan
Anniyyaa Hunbannaa tahuun kallattii afraniinuu itti marsanii duula cimaa irratti
gaggeessuun Amiir Mahammad Jasaatiifi waraanni isaa naasuu haleellaa isaan mudateen
Magaalaa Hundannee keessattuu of amaanuu waan dadhabeef gara Affaar yookaan
Hawsaatti dheeysee hanga bara 1647ti jiraate. Yaroo kana keessatti ilmaan Afran Qalloo
bulchiinsa cimaa Sirna Raabaa Doorii tiin bulaa jiraachuu isaanii seenaaleen gara garaa
ragaa ni baha. Ilmaan Afran Qalloo, ilmaan Humbannaa fi ilmaan Murawwaa waggaa
dheeraadhaaf kan roorriffamaa turaniif balbala diinagdee sochii gurguddaa biyya kanaa
irraa qooda hiree lafaatiin miraazaan waan mudataniif qofa akka ta’e mallattoo kan
mul’isan motummoonni dhufaa dabraan yaroo tokko tokkoo ofii isaatiin humna ittisaatiin
jidduu galee Ummata fakkaatee nama isaaf yaadu fakkeessee weerara babal’aa irratti
gaggeessuun lafa isaanii irraa buqqaase kan biraa fidee qubsiisuu yeroo kaan ammoo
walitti naqee jidduu bahuun ofii isaatiifuu rakkoo daangaa jiddutti habaqaalee irratti akka
walgatan taasisee madditti bahee waldiddaan gosoota kanaa lafa dheedaattii fi bishaaniitti
kan jedhuun dirmachuun akka hin dhufneef taasisuun olola bal’aa irratti hafarsuudha.

Keessumattuu miidhaan hamaan ilmaan Afran Qallootii fi ilmaan Humbannaa irrattii


baayyatuun kan irraa maddu lafti ilmaan Bareentoo lamaan kanaa diinoota hidhatee
qindaaween weeraramee osoo saamamaa jirtu ilmaan Oromoo fi Bareentootis inni kaan
lafoonni saamamaa jiru kun kan kootii je’ee dhimmameefi dirmatee hin beeku. Ilmaan
Oromoo waliitumsu dhabuun sababoota adaa-addaa kan armaan olitti kaayaman kana irraa
kan maddeedha.

Kanaafu ilmaan Afran Qalloo dirmachuu birraa egachu dhisee tokkummaa isaa irrattii
fulleefachudhaan eega utubamee booda

1. Diinagdee isaatti fayyadamuuf


2. Lafootaa fi magaalotaa irraa saamaman deeffachuuf karaa barbaachisaa ta’e
hundaan qabsaa’uutuu irraa eegama.

3.1.2. Lola Iftuhaa

58
Iftuhaan lafa ilmaan Afran Qalloo magaalaa guddittii Afran Qalloo tan Baha Oromiyaatti
arkamtu Dirree Dhawaa irraa kilomeetira 55 fagaatee arkamtu magaala biyyoo Adaree
irraa kilomeetira 12 irratti arkamti.

Ji’a Fulbanaa keessa gaafa guyyaa 25, bara 1875tti Iftuhaa bakka jedhamtu kanatti lola
akkaan naasisaa ta’e irratti waraanni Misraa kan Ra’uuf Phashaa kan komaandar Hassan
Usmaaniin duurfamu zeeylaa irraa ka’ee yaroo magaala biyyoo Adaree Harar dhuunfachuuf
deemu mormiin hangas mara ulfaatu isaan kan mudatu hin seene.

Lola dinqisiisaa fi ajaa’ibsiisaa tahe kan Iftuhaa irratti gaggeeyfame kana booda akka
daldalaan yaroo san Magaala Harar keessa jiraataa ture kan warra Awrooppaa tahe tokko
kan maqaa isaa ALFRED BRADLIY jedhamu tokko akka barreesseetti loltoonni warra
Misraa lola Afran Qalloo waliin godhaa turan yaroo ibsu loltoonni warra Misrootaa magaala
Harar seenuun “Akka nama laga naachaan marfamee qaxxaamuruti” jeechuun haala yaroo
sanii ibse.

Iftuhaa irratti lola godhameen waraanni Misraa yaroo magaalatti dhihaatan waraanni
Afran Qalloo murni fardaan lolu gootoonni akkaan beekkaman ta’e tokko dura bahee
Iftuhaa irratti qabee bakakkaa itti buusee gatuudhaan afanfaajeessee dhumaatii san irraa
kan dandamatees naasuudhaan kara Gaara Haakimiin magaalaa seenuu barbaadanillee
osoo hin milkaa’in laga naachaan marfamee keessatti kufanii akkamaletti naachaan
liqimfamanii du’aan adabaman je’e ibsee jira.

Orfoo Jiloo Bikkoo faan waraana Misrootaa kan Ra’uuf Paashaatiin durfamu akka baala
mukkaatti hurgufanii injifannoodhaan yaroo magaalaa seenan ummanni Afran Qalloo kan
hawwiidhaan isaan eegaa ture ililbee fi dhiichisaan akka qeebalan barrun ALFRED malees
seenaa biraa keessattiis dubbatamee jira.

Loloota duraa kan akka Igguu, Cinaaksan, Dirree Goflee lafa Noolee keessatti keessattuu
iddoo kanatti ilmaan qaccee Dagaa kan tahan nama 5000 ol akka fixe seenaan irra
deddeebi’ee ni dubbata.

Lolli guddaan Dirree Gofleerratti godhame kun kan duguuggaa shanyii irratti fuulleeffate
hoggaa ta’u ilmaan Dagaa dirree sanirratti dhuman warri gargaarsa ilmaan Dagaatiif
dhufan hoggaa dhaqan lafee nama kum shanii olii kan dhume lafee callaa malee waan
dhabeef deebi’ee dirree sanirrati goflee malee hin agarre waan jedhaniif maqaan Dirree
Goflee jedhamu kan jedhuutu himamaa ture.

Haa ta’u malee gootoonni ilmaan Dagaa garmalee waraanni isaanii kan dhume gubbaan
tarkaanfachaa humna waraana Misraa gobboo keessaa bahuu hin dandeenye keessa
galchanii maalumaaf fitti dhunaan dhama’anii karaa debi’uun dabee lubbuu bakkaan

59
dhabuudhaan ummanni Afran Qalloo ji’a afraniitiin ittii buqqa’e achi buuteen isaanii
dhabamuutuu dubbatama.

Akkasuma lola Gaara Mul’ataa bakka Cirracha je’amuttiis waraanni Murti Guutoo gumaacha
guddaa kan qabu yoo ta’u xiyyaa fi Eeboo akkasuma habaleedhaan lola baha biiftuu irraa
eegalame hanga golgola aduutti godhameen dhumaatii waraana Misraa irra geeysiseen
garmalee kan dhume irraa kan hafe magaala seenuuf miilaan osoo ori’uu cibirraan fardaan
kan lolu dura bahee karatti hanbisuudhaan achumatti akka fixan seenaan ragaa baha.
Ajajoonni waraanaa lola yaroo sanii kan turan

1. Orfoo JIloo Biikkoo ajajaa walii galaa


2. Baallaa Buuba’aa Abbaa Duulaa
3. Caammaanuur hayyuu Abbaa seeraa
4. Shaxaa (Husseen) qindeessaa waraana yaroo sanii akka tahan seenaan ni dubbata.

3.2. Lola Calii Calanqoo

3.2.1. Weerara Minilik II

Seenaa Itoophiyaa isa dhugaa jiru yoo dubbanne hawaasa addunyaa keessumattuu
Afrikaanootni baayyeen ogeessa gahaa hin qaban.

Waa’ee Itoophiyaa ilaaluu irratti ibsi dippiloomaasii fi namoota alagaa kan biraaf
kennamaa ture seenaa dharaa sobarratti qindeessuu dhan biyyattiin Itoophiyaa jedhamtu
tun waggaa 3000 dura qabdee, akka biyyaatti walabummaa qabaachaa turte kan jedhuu
dha.

Dhugaan jiru garuu, biyti Itoophiyaa jedhamtu haala amma mullatu kanaan waggaa 3000’f
hin turre. Itoophiyaan seenaa keessatti beekkamtuu lafti warra kuush impaayeera
Itoophiyaa warraa wajjiin tokkoo miti. Impaayeerri Itoophiyaa dhuma Jaarraa 19 ffaa irraa
qabee hanga arra jirru kanatti Itoophiyaa Minilik lammaffaa, Hayilasillaasee fi Mallas
Zeenawiitu jechuutu danda’a. Hundinuu Ummata Oromoo fi sabaa fi sablammoota biroo
irratti gadi qabaa hacuuccaa siyaasaa raawwachuu fi dhiittaa mirga dhala namaatiin
beekkaman. Seenaa Itoophiyaa keessatti sirni dimookraasii fi wal qixxummaan xalayaa
irratti barreeffamuu fi haala namaa jecha kanarraa miidhamee tuqame tokkootti haasawaa
oluu malee, takkaa hojjatee hin beeku. Seenaan impaayeraatti seenaa lolaa, beelaa, Ummata
lafa isaa irraa buqqisuu, baqachiisuu, gidirsuu, Ummata hidhaan anfariirsuu, mirga
umamaan qabu sarbuu fi aadaan dimokraasii dhabamuun beekkaman. Itoophiyaan amma
jirtu Sirna impaayeraatiin micciireen yookiis hundeen siyaasaa impaayerattiin biyya
Habashaa Abisiniyaa jedhamtudha. Impaayeera Itoophiyaa haaraya kan mootii sirna gita
bittaa Nafxanyaa Minilik kan jedhamuu dha. Minilik dhuma Jaarraa 19 ffaa yeroo warri

60
Awurooppaa biyyoota Afrikaa qircatan biyya Oromoo fi ummattoota kibbaa weeraree
qabate, gaafa kanarraa jalqabee hanga bara 1991 impaayeratti bulchaa kan turee dha.

Gartuu Tigroota Wayyaanee waggaa 27’f keessattuu ummattoota Oromoo gocha


suukanneessaa duuchatti dhimmuufi barreessuuf nama dhibu irratti hojjataa tureera.
Ummata Oromoo impaayeratti keessaa dhibbatti harka shantamii ol tahu waggaa dheeraaf
yeroo hunda aangoo siyaasa irraa dhiibamee moggaa jiraachaa turan. Gita bittoota
Habashaa yeroo barbaadan nuti gurraacha Afrikaatii miti jedhanii enyummaa isaanii ni
haalan. Fudhatama argachuudhaaf jecha maqaa Itoophiyaa jedhamu kana macaafa
qulqulluu keessa jiru saamanii kan ofii taasifatan. Haa ta’uu malee, maqaan Itoophiyaa
jedhamu waan addaa osoo hin taane, jecha afaan warra Giriik “AI THIOPS” jedhu irraa kan
dhufe lafa Ummata fuulli isaa gubataa jechuu dha. Barreessitoota Giriik warra akka
HERODOTUS fi PLINY faatu Ummata gurraacha biyya Misraa fi kanaa gadii kan takkaa
arganii hin beeyne yeroo duraatiif wayta arkan “AI THIOPS” jedhanii moggaasan maqichi
kan inni akeeku lafa ummattoota kuush kaaba Bahaa Afrikaatti maqaa biyyaa yookiin
mootummaatti beekkamee hin turre. Minilik gargaarsa meeshaa lolaa fi gorsa waraana
warra Awrooppaatti gargaaramee Oromoo fi ummattoota kaan cabsuu danda’e. Minilik
hammeenya dorgomaa hin qabnee fi Ummata isa tokkoo kan biraa dura dhaabuu dhan
ajjeechaa suukaneessa tahe irratti raawwachaati impaayeera kana ijaarrate. Fakkeenyaaf
Ummata Oromoo jimlaan fixuu dhan lakkoofsi isaa miliyoona 10 irraa miliyoona 5 ttin gadi
buuse. Akkasumaas barri mootummaa Minilik bara Ummata inni koloneeyfatee
gabrummatti gurguruun bal’inaan deemaa tureedha. Sirna Gita bittoota Habashaa Ummata
Oromoo humnaan cabsan tooftaa imaammata ajjeechaa jimlaa fi gara jabinaan fixuudhaan
jiilchee qabachuurratti kan fuulleeffateedha.

Kaayyoo akaakoon isaa qabaachaa ture sheenaa Oromiyaa osoo hin qabatin dhaammatee
du’e qabatee kan guddate Minilik meeshaa waraanaa ammayyaa 1868 irraa kaasee
Awrooppaa irra tuulamaafii dhufeen waraana Awrooppaatin waraana baayyinaan
leenjifatee, bara 1870 moota jalqabee Oromoota Walloo irraa kaasee weerara bal’aa irratti
bane. Haala suukanneessaan fixee Oromoo cabsaa dhufee bara 1886 Oromoota Arsii
koottaaa ni araaramnaa jedhanii yaamanii Ummata baayyinaan walitti qabameef 12,000 ol
tahan dubartii harma mirgaa muree dhiiraas harka mirgaa ciree mormarratti rarraaseefii
Minilikiif akka jilbaan deemanii sujudaniif taasisuudhaan bira dabranii lafa Ituu cabsanii
seenuudhaan Magaalaa Galamsoo maandheeyfatanii waraanni achirraa bobba’uun
Oromoota Ituu baayyee galaafataa turan. Haa ta’uu malee, lola achii keessatti godhama
tureen naannoo Mi’eessootti gootichi Ituu kan akka Yaayyaa Alii Siree kanniisaan itti
duulee facaasullee garuu, waraanni sirna Nafxanyaa itti yaadanii gooticha Mucee Ahmed
Mucee qabuudhaan morma gad lafatti awwaalan. Mucee Ahmed Mucee kan jedhamu kun
erga mormaa gadiin lafatti awwaalameen booda ajajaa waraana Nafxanyaa kana
Waldagabree abbaa sheyxaan yaamee akkas jedheen. ”Waldagabree wahiin siif himaa natti
gadi godhu jedheen. Yeroo Waldagabreen waan gaarii naaf himuu deema jedhee itti gadi

61
godhatu gurra Waldagabree hangush godhee huddutti irraa muree akkuma hancufaatti
fuula isaa irratti tufeefii Waldagabreenis haala suukanneessa taheen Mucee Ahmed Mucee
ajjeese”. Waldagabreen gurra kana dhoysuuf jecha gulula fakkeessee bututtuu takka
matatti maratee yeroo Lola Calanqo irratti banuuf dhufe, kan arge warri Afran Qalloo itti
darashuudhaan akkas jechee itti darashe.

‘’Waldagabreen Amaara

Kan mataa bututtuudhaa

Amaaraan gofta jenne

Shakaraata lubbuu dhaa”

Akkana jedhaniii itti darashaa ergaa afoola kana keessaan dabarfataa turan. Waraanni
Sirna Nafxanyaa kun haaluma kanaan ilmaan Murawwaa Ituu cabsanii dhufuun kaarra
Afran Qalloo cabsanii seenuudhaan Mudhii Ulee naannoo Dadar Ona Oborraa
maandheeyfatee, achirraa ji’a 6’f qorannaa gochuudhaan gootummaa waraana Murti
Guutoo kan dhageettiidhaan quufe waraanni Minilik meeshaa lolaa hanga madaafaatti
kuufatee Afran Qalloo weeraruuf qophii xumurate. Haa ta’u garuu, waraanni Afran Qalloo
Murtii Guutoon lola humnoota gara garaatii wajjiin waan godhaa tureef, osoo hafuura hin
fudhatin waraana isaa kan meeshaa lolaa hamma funyaaniitti hidhate kana dura akka
dhaabbachuu hin dandeenye tahuu kan hubate waraanni Minilik Ona Oborraa cabsee:-

1. Namoota karaa beeku jajjaboo ofitti qabuu


2. Aangwoota sooreeyyii Gadaa Afran Qalloo turan addan baafachuu
3. warra ilmaan Afran Qalloo hin tahin walitti qabee leenjifachuu
4. Foollee fi Qeerroo dhageeytii qaban ajjeesuudhaan biraa of jalatti jaaruu
5. karaa dirmachuun ilmaan Qallootiif dhufuu ni malu.

Hunda cufachuudhan eega xumureen booda waraana maqaa tokkummaa immiyyee


Minilikiin deemu kana dura akka hin dhaabbanne manguddoota dhageettii qaban Abbootii
Amantaa dabalatee waraana Murti Guutootti erguudhaan waraanni Minilik kun kanuma
ilmaan Oromootiin hogganamu. Keessumattuu kan akka Goobanaa Daaceetiin kan
duurfamu tahuun itti himamee waraanni maqaan isaa Murti Guutoo jedhamee beekkamu
humna waraanaa Minilik kana duraan dhaabbatu waan hin qabneef dhufee akka waraana
kanatti harka kannatee humna waraana Minilik kanatti dabalamee akka jiraatu kan
jedhuun manguddummaa itti erganii turan. Garuu hin milkoofne. Lola kana irratti warra
gargarsaaf karaa Bahaatiin dhufu Ejarsa Ruufaa iddoo jedhamtu irratti muruu. Karaa
Dhihaatiin kan gargarsaaf dhufaa ture ji’a 6 keessatti ofii gadi dabarsee xumuruudhaan
guyyaa lolli silaa boru eegalamu akkaataa walitti dhaammataniin ajajaa Qeerroo Afran
Qalloo kan ture kan Tulluu Qeerroo irratti ajajaa kan ture Alii Galmoo halkan irraa toora

62
sa’aa 4 baduun isaa akka dhagayameen, gootichi Bakar Waaree “Ali hoo ni badee?” akkuma
jedhetti naasuudhan karaa inni waraanaNnafxanyaa kana fidee dhufuunii malu laaluu
keessatti yaadaan rakkatee yaroo muraasaaf qalbiin kute jedhama. Lolli meesha maleeyyii
ilmaan Afran Qallootii fi waraana sirna Nafxanyaa kan meeshaa ammayyaa hidhate jiddutti
eeggamaa turees qaqallatee muddee 19/1887 banamee guyyaa 17 keessatti hammaachaa
dhufuudhan Ammajjii 6 bara 1887 Ali Galmoon waraana Nafxanyaa qaawa Harawootiin
marfachiisee Tulluu Qumbii duubaan itti fidee ilmaan Afran Qalloo 120,000 murruq
goosise.

Dhiigni guyyaa sanii sagalee dhaggeessisuudhan akka galaanatti koriin inni kor jedhurraa
maqaan lafa sanii Korrobbo yookiin KORRIFTUU jedhamtee moggaafamte. Minilik kan
Galma Abbaa Muudaa Afran Qalloo Tulluu Qumbii keessatti dhokatee taaboota irratti osoo
hin rafin guyyaa 3 sujuudee hanga waraanni isaa moo’atuu taa’aa ture jedhama. Seenaa
tulluu tanaa gara boodatti itti deebina. Mootiin Sirna Nafxanyaa kan Afran Qallo jiilchee
bulchuu barbaadu Minilik tarsiimoo ilmaan Afran Qalloo balleessuuf baafate jimlaan fixuu
ture. Waraanni Nafxanyaa ilmaan Afran Qalloo qe’ee isaatti fixanii qabeenya isaa saamanii
lafa isaarraa buqqaasanii warra kibbaa fidanii qubsiisaa kan hafaniis gabra isaaniif tahanii
akka jiraatan taasisuu ture. Ilmaan Afran Qalloo kan yeroo caphiinsaaa lolarratti dhume
caalaa kan eega caphe booda fixaa turaniitu dachaa dhaan caala ture. Keessumattu Afran
Qalloo cabsuuf tooftaan itti fayyadaman ilmaan Afran Qalloo of dura buusuudhaan lafoota
ijoo tahan qabachaa ture. Haaluma kanaan Oromoota biraatis yaroo cabsan fakkeenyaaf
Fiit-awraarii Habta Gorgis Abbaa Diinagdee (Abbaa Malaa) Minilik ofitti aansee wanti isa
filateef sababni isaa guddaan gara jabinaan ilmaan Oromoo fixuu dha. Yaroo lola Xaaliyaan
san waan argeef sabboonummaa akka inni hin qabne hubatee waan tureef ofitti aansee
filate. Akka seenaan gariin dubbatutti Minilik yaamee akkas jedheen. “Habtee Abbaa Malaa
jedhee yaamee waan hunda caalchiseen si jaalladha. kanaafiin lubbuu kootillee hunda
caalaa si biratti amana. Mee gaaffii takkaan si gaafadhaa naaf deebiftaa?” jedhee gaafate,
Innis “Yaa goftaa koo tole yoon danda’e siifin deebisa” jedheen.

“Addunyaa tanarraa waaniin ani jibbu ni beeytaa?” Jedhee gaafate. Habta Goorgis Abbaa
Diinagdeetiis “Yaa goftaa koo waa hin beeku” jedhee deebiseef. “Hubadhu wantiin ani jibbu
sabboonummaa dha. Fuula duraas biyya Itoophiyaa ani uume kana keessatti aangoo
argachuuf sabboonaa tahuu hin qabdu. Garuu, fakkeessaa tahuu qabda” jedhee gorfate.
Habta Goorgisiis gorsa isaa kana itti hojjachaa ture. Gocha badaa ummattota irratti hojjataa
ture keessaatti Minilik nama dorgomaa hin qabne ta’u ragaaleen baayyeen waa’ee isaa
ibsanii jiran

3.2.2. Seenaa Gootota Murti Guutoo

63
Siirna Gadaa Raabaa Doorii Afran Qalloo keessatti warraanni Murti Guutoo waraana leenjii
bara saniitiif guyyaa qabu ture. Waraanni Murti Guutoo cibiraalee fardaan loluu
deendeeytii adda addaa qabuu fi humna furgaatuulee sadarkaalee eeggatee kan haala
maqaa ammaan tanaatti kaaraatee jedhamuun beekkamu kan qabu ture. Meeshaan lolaa
isaan itti beekkamanis Xiyyaa, Habalee, Qottoo, Ablee gaggabaabduu, Wacaafaa fi meeshaa
fufanii namaan iddaniin kan deeggarame ture. Kana malees meeshaa lolaa ammayyaa
yeroo waraana dhihaa of irraa qolatu irraa hiikkachaa ture.

Leenjii meeshaa kanaatiif irrina qabaatullee, hamma tokko kan qabu tahuutu himama.
Waraanni Murti Guutoo lafoota daangaa isaa eeggachuuf dandeettii yeroo sanii keessatti
boonsaa akka tahe seenaan ragaa baha. Waraanni kun siyaasa waraanummaa fi naamusa
waraanaa cimaa taheen kan ijaaramee fi humna ittisa biyyaa tahee dha. Ajajaan waraana
Murti Guutoo Gootichi Bakar Waaree kan dhalate, Ona Dagaa Jaarsoo bakka Laga Mixee
jedhamtutti dhalate. Bakar Waaree gumii Bultumaa kan Raabaa Doorii Bultumaa kan
Addeellee madheeffatee Fugug bulchu keessatti qondaala guddaa birmajii yeroo sanii kan
tureedha. Keessumattuu dhaddacha Mooraa Fugug kan teessuma mam-bultii gurguddoo
sadeen ilmaan dagaa;- Noolee, Jaarsoo, Huumee fi kudha lamaan ilmaan Alaa;- Nuunnu,
Diiramu, Goollo, Buubbu, Ere, Kaako, Arroojji,i Guutayyu, Meettaa, Abbayi, Galaan fi
Abbaadho keessatti haala sochii siyaasaa fi hawaasummaarratti adda durummadhaan
murtii fi hoggansa gahaa kennaa ture. Gootichi kun seenaa qabsoo Afran Qalloo keessatti
hojiilee bu’aa qaban hedduudhaan yaadatama. Ilmaan Afran Qalloo Daga, Oborraa,
Baabbile, Ala akkasumaas ilmaan Anniyyaa Sadeen Sadachaatii fi Afran Kodheellee
torbaniin waliif galanii waraana sirna gita bittaa Nafxanyaa gubbaarraa gadi deemu of irraa
ittisuuf falmii godhamurratti hogganaan waraanaa Murti Guutoo eenyu akka tahu eega
mari’ataniin booda kan waraana kana hogganu Gooticha Bakar Waaree akka tahu filatan.
Mariin kun akka dhumeen ergaan miila qallaa Abbaa Gadaa yeroo sanii Wadaay Galmoo
Kormoosoo irraa Mooraa Fugugitti erga isaan gahe booda ture.

Marii kanarratti sooreyyiin beekkamoon qaccee isaanii bakka bu’anii kan argaman hoggaa
tahu isaanis Anniyya irra Hargaaya, Afran Qalloo irraa Wadaay Galmoo Kormoosoo, Orfoo
Katabee, Wadaay Dugaatii fi Mareeyyii hoggaa tahan kana keessaahis Haragayaa fi Wadaay
Galmoo Amiir Abdullaahitti dhaqanii waraana Nafxanyootaa kan gara keenyatti gadi
gulufaa jiru kana akkaataa itti dura dhaabbatan irratti mari’atan. Marii kana irrattiis
waraanni Minilik kan Waldagabreen duurfamu Ona Afran Qallootii fi Ona Humbannaa
qabachuuf miilli duraa dhufee Ona Oborraa keessaa naannoo Dadar Mudhii Ulee akka
qubatanii jiran Amiirtichatti himanii haalli Minilik kun deemuuf ammoo Ona Afran
Qallootii fi Anniyya qofa gabbarsiisuu qofatti kan hin ollee fi booddee isaafiis akka taa’aaniif
itti himan. Amiirtichiis yeroo san “Duubaree maal haa goonu?” Jechuun gaafatee ture.
Wadaay Galmootis akkas jedheen “ijoon dubbii nuti siin mari’achuuf dhufne gamtaadhaan
waraana kana irraa of baraaruun barbaachisaadha kanaafuu haala walii gala waraana
Murti Guutoo atummaan akka hoggantu carraa isiniif kanninee marii kanaaf gara kee

64
dhufne” jedheen. Amiir Abdullahii ammoo haala hoggansa waliigala waraana Murti
Guutootiif filamuu isaa kana tole jedhee hin fudhanne. Sababni isaatis waggaa dheeraaf
waliigaltee Afran Qalloo malee, Amiiroonni Hararii walfiluu fi bakka buusuun akka hin
danda’amne beekkamaa ture. Garuu bara 1885 tti waliigaltee Afran Qalloo malee,
aangawoonni Ingiliz lafa Afran Qalloo qabachuu fi isaaniif baballifannaa lafaa mijjeessuuf
yeroo abbaa isaa kaasanii isa bakka buusanii irratti waan walii hin galiniifi.

Lafa Afran Qallootii fi Humbannaatis Minilik qabsiisuuf haalli mijja’eefii waan


dhumateef warra Misraatii fi Ingilizii wajjiin Minilik qeebaluu fi dhooysaan akka
deeggaru walii mallatteessanii abbaa isaa kan deeggarsa Afran Qalloo qabu
kaasanii waan isa bakka buusaniifi. Amirtichi lola kana irratti dhoksaadhaan
yoo hirmaate malee, dirree bahee waraana Murti Guutoo Hogganuuf qophii
akka hin qabne ibseefi gaggeesse. Gameeyyiin Amiirtichatti ergamaniis eegaasii
as deebi’anii duraanuu waan filameef haala waliigalaa waraana Murti Guutoo
akka hogganu Bakar Waaree godhamee, qophiin waraanaatiis xumuramee
sochiin gara Tulluu Bagaatti imaluun jalqabame. Waraanni sirna gita bittaa
Nafxanyootaatiis kan Waldagabree abbaa sheeyxaaniin durfamu Mudhii Ulee
irratti qophii xumuratee gara Tulluu Balaw, Tulluu Eeyduu fi gara Tulluu
Walaarra qubachuuf sochiin jalqabamee qophii lolaatiis xumurame.

“Ajaa’iba lola guyyaa salaasaa

Fideeti nutti roobsee rasaasa

Yaa kan guyyaa san nubaase

Arraas sumaatu nu baasaa”

Kadhaa gaafa Misra rasaasa itti roobse rabbi kadhatan yaadatanii arraas manguddoon lola
guyyaa kamisaa kanarraa rabbitti magantaa seenaa turan.

Ammajjii 6 bara 1887 guyyaan kun Kamisa ture. Waraanni Murti Guutoo waraana Sirna
Gita Bittaa Nafxanyaa ofirraa deebisuuf barii biiftuun yeroo jalaan diimattu diiramaan Calii
Clanqootti afaan bahan. Ajajni Bakar Waaree ilmaan Afran Qallootti kenne maraataa,
gawwaa, dubartii arra dhalte fi jaarsa dulloomee deemuu hin dandeenyee malee hundi
akka dhufan waan ajajamaniif ilmaan Afran Qalloo kan harka qullaa dhufaniitu irraa
guddaa dha jedhameti himama. Haata’uu garuu, akkuma dhufaniin gama waraanni diinaa
jirutti qajeelan. Yeroo san waraanni Nafxanyaa madaafa itti haruu jalqabe. Dawoo toolfatee
halaalaa waan itti haraa tureef waraanni Murti Guutoo iddoo irraa itti haramaa jiru dhabee
afanfaajahullee kan kufee ciisu gubbaan utaalaa itti ori’aa turan. Lakkuma yeroon
deemtuun lolli imalmaanaa hammaachaa dhufee waraanni diinaa murni biraa kan riphisee
turees amma qawweedhaan Murti Guutoo lafatti haruu jalqabe. Rasaasa akka hancabbiitti

65
itti roobaa jiru gubbaan sagaleen madaafaa iyyeensa sagalee akka bakakkaatiin sagalee
rasaasaa liqimse aara baarudaatiin aduun rabbii tun dukkanooytee waraanni lachuu
machaawee ijaan wal dhabee qaamaan wal seenuutu manguddootarraa seenaan himama.
Yeroo kana Minilik iddoo amma Qullubbii jedhamtu bakka bataskaanni itti ijaarame, Odaa
Qumbii jalatti lolli kun waan isa yaachiseef ija guduunfatee taaboota guyyaa sanii irratti
gadi goombifamee guyyaa sadi osoo hin rafin taaboota sanitti waywaachaa ture. Maqaan
taaboota kanaatiis ‘Gabreelii’ moggaafate. Gootoonni waraana Murti Guutoos mi’a ibidda
tufu madaafa kana callisiisuuf yeroo eeboo fi gaachanaan itti ori’an waraanni diinaa
daranuu ciciibsuu jalqabe.

Isaaniis reefka gootootaa gubbaan ori’aa dhaqanii kan madaafa dhawu haqanqaalanii
mataa isaa irraa muranii Murti Guutoo walakkatti gadi darbaa turan. Kaan ammoo akka
manguddoonni jedhanitti meeshaa ibidda tufu madaafa san carqaan afaan isaa cuqqaalanii
lammada ‘DIM’ nutti jettee beekkadhu jedhanii akeekkachiisuutu himama. Waraanni
madaafa sanii fi warra qawwee harkaa qabu jalatti siquu dadhabees, amma siquu jalqaban.
Lakkuma aduun deemtuu fi jala bu’aa deemaniin lolliniis finiinaa dhufee waraana diinaa
ofdura deemuu waakkatan. Guyyaa kana waraanni Murti Guutoo waan jeeynummaan taate
waraana sirna gita bittaa Nafxanyaa guyyaa itti agarsiisee dha. Lola xiixee hafarsaa
ajaa’ibaa keessa jiru kanatti cibirraan fardaa sagalee bineensotaa gara garaatiin iyyaa
dhufee goflaa lamaan diinaa jiha lamaan cabsee itti seenuudhaan waraana diinaa xiyyaan
lafatti haruu jalqaban. Karaa lamaan baname kanaan seenuudhaan waraana diinaa bakka
lamatti gargar muree baareysee karaa silaa itti dheeysaniiniis itti cufee lubbuu itti rakkise.
Yeroo muraasa keessatti bucbuccee itti darbanii waraana diinaa rooraasanii gariin qawwee
darbee karaa dheeysee ittiin lubbuu isaa baasu dhabee babattisaa ture. Gootoonni guluffii
fardaatiin dhufan kun waraana diinaa kan dawoo toolfatee Afran Qallo sosso’uu kutan
sossoosee bakka gadi lakkisiise. Bakka isaan gadi lakkisan san Gootonni Murtii Guutoo akka
qabatan taasise. Ajajjuun waraanaa fardaa kanaatis Gootittii Raadoo Kinnoo hoggaa taatu
farda isii kan maqaan isaa Sardaa (Saffisaa) jedhamee beekkamuun keessa guluftee ililchaa
geeyraraa haarayatti hamilee Murti Guutoo cimsitee akka ofdura malee of duuba hin
yaadanne taasifte.

Seenaan gootittii tanaatii fi dubartii Afran Qalloo tan biraa kan of danda’e waan taheef itti
fuula dura dachaana. Gootonni Afran Qalloo haala kanaan osoo diina wajjiin kokkee qabanii
harkaa wal qabanii qilleensii qallaan tokko oduu Qalloo takka fidee loosee gurra waraana
hanga tokko buuse. Yeroo mormi mataan dhaabbachuu dadhabe kana keessatti oduun
dhufte tun waraana keessa facaate. Oduun tuniis duubbeen waraana Murti Guutoo
marfamee iddoon hospitaalaa kan yeroo san madoo itti wallaannatan Goda Gindaatiis
qabamtee madoon achitti gadi guuramaa turte hangi tokko dhumuufi humniti eegumsaaf
achitti ramadamaniis qabamanii harka diinaa galuu tan ibsitu turte. Yeroo kana gaa Gocha
kana kan hojjate, ganticha Alii Galmoo tahuu kan hubate gootichii Bakar Waaree ajaja
deebii hin qabne hoggantoota waraana isaatiif kan kennan ajajni kuniis waraanni Murti

66
Guutoo gootota lafaa fi lammii isaatiif du’ee seenaa olkaayyatee qallaba godhachuu bare
malee, waraana lammii isaa ganee lafa isaa diina dhaalchisee seenaa fokkottu ol
kaayyachuu baree miti. Kanaafuu

1. Walbiraa hin dheeysinu!


2. Abadan bakka tokkotti dhumuu qabna!
3. Seenaa bareedaas ol kaayyachuu qabna!

Yaa gootoota koo waan Ali hojjate kanaaf jettanii of dura malee of duuba hin laalinaa kan
jedhu ajaja oowwaa itti dabarse.

Alii Galmoo kan guyyaa lolli eegalamu dura Tulluu Qeerroo ija hulaa ilaaloo jirtu irratti
eegumsaaf ramadamee halkan achirraa badee isaanitti laaqametti fayyadamuu dhaani ture.
Alii Galmoo waraana diinaa fuudhee dura bu’uudhan Magaalaa Qullubbii duubaan handaqa
keessaan Duusee qaxxaamuranii Gooroo Xuulloo olqaqqabatanii tulluurratti bahanii akka
waraana Murti Guutoo ofii gaditti laalanii fixuun isaaniif salphatutti haala mijjeesseefii
bakka qabsiise. Raaree fuula isaanii dura jirtu guutee kan taa’uu waraana Murtii Guutoo
duubbee isaaniitiin of jalatti akka arkatan taasisee itti naanneessee akka guututti
tohataman godhee ture.

Kanamalees iddoo midhaan waraana itti kuufamees qabamee too’achuudhaan waraanni


diinaa Gooroo Xuulloo gubbatti haarayatti madaafa dhandhaarratee itti xiichuu jalqabe.
Murti Guutoos meeshaa gurguddaa duubaan dhufee itti xiixuu jalqabe kana osoo iddoo
irraa itti dhuka’uu addaan hin baafatin jidduu kanatti qarqabamee akka baala mukaatti
harca’ee afame. Lola kanaratti baayyinni ilman Afran Qalloo kan murruq ta’ee dhume yeroo
dubbatamu kana barruu kitaaba tokko tokkorratti arkamu fi dhumaatii Afran Qalloo nama
kuma soddomii shan [35000]tu dhume kan jadhu manguddoon Afran Qalloo hin fudhattu.
Baayyinni ilman Afran Qalloo gaafa san kan dhume namoota kuma dhibba tokko fi kuma
diiddami [120000] ol tu dhume jedhaniiti hadheeyfatanii dubbatan. Hogganonni waraana
kanaatiis

1. Bakar Waare
2. Katabee Wadaay
3. Waare Watar
4. Galmo Saaddiiqoo tiifi
5. Raadoo Kinno ti ture

Garuu Bakar Waare yeroo lolli goolabamuuf dhihaate hogganoota olaanoo tahan wajjiin
wal biraa hin dheeysinu waan jedheenii tureef haada itti achi darbe addaan dheereysinee
miilli Keenya walitti hidhamuu qaba jedheen. Eegas booda miila tokko tokko haadaan of
hidhanii waraana dura bu’anii diinatti qacelan. Lollinis Eegas booda daranuu oowwee
yeroo waraanni Murti Guutoo biraa dhuman akka tasaa tahee Gootichi Bakar Waaree miilli

67
isaa kan irraa cite osoo of hin arkin hanga lolli goolabamuuf gahutti lolaa akka tureetuu
himama. Miilli isaa kan cite kun akkamittiifii eessatti akka irraa cite wanni beekkamu
tokkoleen waan hin jirreef achi buuteen isaa dhabame. Kanaaf gaafa sanirraa kaasee ilman
Afran Qalloo waan tasa badee hin mul’anne tokkoon “Achi buutee miila Bakar Waaree ti
tahe” jedhanii dubbatan. Haawwan Afran Qalloo heellee keessatti Gootummaa Bakar
Waaree akkas jedhani faarsan.

“ Bada Bakar Waaree yaabaheeysa namaa

Way osoo sideessee haatee marraa lama” jechuun sirbab.

Goottichi biraa tokkoos kan gocha Alii Galmootti garaan gubate Ali eenyu akka tahe
qoradhaa kan jedhuuf walaloon gaafii kaayee akkas jedhe

“Gaaleeytii karaan daddabaa

Gaalee Hirna karaan dabaa

Goobanaan uumamaanuu dabaa

Ali hoo sa maliif jala dabaa?” Jadhe

Hargaayaa mullataatiis jala darbatee akkas jedhe

“Mullata keessaan olee

Nadeen hidhaa wallaalee

Lola guyyaa arraa bakkumaan ooleen wallaalee”

Jechuun walaleeyse.

Goolabama lola kanaa booda bakka itti dhuman sanirraa dhiigni isaanii kan akka
galaanaatti laga isaa gadiitti korrisu kan arge Ali Galmo “Arrumaan waan fokkottuu dalage!
Akkamumaan taha?” Je’ee baaragee osoo hin rafin akkasitti bulee hoggaa ifaafii dukkanti
addaan deebitu Tulluu Bagaa iddoo gootoonni akka biyyetti itti afame san dhaqee Wadaay
isaanii barbaada keessa fifiigee gootota bineensi itti bulee qaamni isaa nyaadhamee cinaan
hafe hunda gara gaggalchee keessa barbaadaa ture.

Goottichi Waday Galmoo osoo lubbuun isaa hin bahin halkan guutuu dheeyfa bineensaa,
Waareegamtoota keessa oliifi gad shorroqaa buulee kan ijji lachuu hin jirre kana gootota
walakkaa isaa munyuuqqatu halaalatti arge.

68
Itti dhaqee yeroo lama yaamee “Yaa bada Wadaay Keenya, yaabada Wadaay Keenya way
ani waacaphee” jedhee harka mataarra kaayyatee, sagalee Alii dhagahee. Gootichiniis itti
koflee akkas jedhee walaleeyse.

“ Qeerroon mataa tuutaa

Hin jarjartuu suutaa

Yaa Nafxanyaa garaa iitaa

Nukeessa hin deemtuu atiis abaduu numa dutaa”

Je’ee yeroo inni walaleeysu Aliis akkas je’eenii ture. “Ta’aa ni gabbarraa jedheetiin isin
dadhabee kunoo dhumtanii mii je’een”. Gootichiniis sakaaraatan osoo dhidhiitatuu sagalee
laaftuu takkaan “BA BA BA BA BAGA DHUMNE” je’ee akkuma seeqetti Waareegame.

Kanaaf maqaan kitaabaa kanaatiis baga dhumneen moggafame.

Alii Galmootiis Wadaay bira gadi taa’ee booyee imimmaan dharaa dhedheeraa ifirraa gadi
roobse. Ali wanni booyeefis isaaf osoo hin taane jechoota sammuu isaa keessaa hin baane
kan gooticha afaanii bahe saniifi jedhamee dubbatama. Ali Galmootis warra fagoorraa
dirmachuu dhufan hanga tokko yaammatee akkas jedheen. “Anaafii namoota hanga tokko
kan madoo fuudhee wataritti kuteen malee kunoo Afran Qallo akkanatti dhuman jechaati
agarsisaa yaaboo boru seenaatu na gaafataa hoggantoota kana qofa naa wajjiin keessaa
guuraa” jedhee nama soddomii shan (35) keessaa guuraanii iddoo hospitaala yeroo sanii
Goda Gindaa keessatti naqanii dhagaa itti cufani awwaalaman.

Goolabama lola kanaa boodallee ilmaan Afran Qalloo kan lola sanirraa hafan akkas jedhanii
walaleeysan.

“ Gaafattii Calanqoo qawwee kuusaan sahee

Aara qawwee sanii hurree roobaan sahee

Bada yaa Afran Qalloo wajjuma gallaan sahee”

Kaanis akkas jedhe

Abbootii teenya fixan kunoo laal arrii waan gaara ciisaa

Ayyolii teenya fixan kunoo laal kulkultaa waan gaara ciisaa

Qeerroo teenya fixan kunoo laal filaa waan gaara ciisaa

69
Qarree teenya fixan kunoo laal nannoo waan gaara ciisaa

Tana cufaan arkaa tana cufaan dhagayaa dhiigaatuu garaa naciisaa

Yoomiin rafee gacciisaa

Jechuun waan gaafa san irra gahe afoolaan ibsachaa turan.

Ilmaan Afran Qalloo waan gaafa Lola Calii Calanqoo gotichi Bakar Waaree jedhee saniin
yeroo bishingaa tuman gaafii fi deebisaa walii kennaa bishingaan tuman.

Gaafattii lolaa way Bakar maal je’ee

Way Bakar maal je’ee

Way gargar hin bahinaa je’ee

Way tokkuma tahaa je’ee

Akkas ja’anii tokkummaan Afran Qalloof barbaachisaa akka tahee ibsachaa turan. Eega
caban boodaas hir’ina isaanii dhiichisa kessaatti akkas jedhanii ibsaan.

Anaatu gudii tiyya dhiisee

Gudii biyyaatiis si garsiisee

Jibbii roorroo buli qeerroo

Jedhee qeyroon waan mudate sanirraa baratee rorroo jibbe ofirraa dhoorkee akka jiraatu
dhichisaan ibsate. Ilmaan Afran Qalloo taatee dabarte fi waan keeysa jiru akkasumaas waan
fuula dura dhufu waan barreeysee kaayachuu hin beeyneef aadaafi afoola gara garaa
keeysatti iddoolee gara garaa kan akkaa bishingaa tumaa, dhiichisaa, heellee, mirrigaa,
geeyrarsaa, daddaaysaa, tumaa mooyyee, shaggooyyee, darashii fi k.k.f irra geeysee
kaayuudhaan dhaloota irraa dhalootatti dabarsaa ture.

Fakkeenyaaf, yeroo Xaaliyaaniin weeraramnu yaadannoo taankiin dhawamnee turre san


ilmaan Afran Qalloo fi Humbannaa tumaa bishingaa irratti shoobdoodhaan kaayee akkas
jedhanii turan.

“Gaafaa taankii jalaa ol yaasanii

Way jalaa ol yasaanii

Gudii garee guyyaa sanii

70
Way guyyaa sanii(*3)”

Jedhanii bishingaan tumaa turan.

Taankiin konkolaatuu fi ibidda afaaniin tufu waan guyyaa san isaan godhe ibsachuu
isaaniitiin yeroo xayyaarri xaaliyaan dhufee dhahuus bishingaa tumaa irra geysanii akkas
jedhanii turan.

“ Xayyaaraatu dhufee dirree tam qubsiisanii

way dirree tam qubsiisanii (*2)

way Rooma qubsiisanii…”

Jedhanii wal jalaa fuudhaa gaafii fi deebii walii kennuudhaan bishingaa tumaa turaan. kaan
“Dirree tam qubsiisa?” yeroo jedhu kaan ammoo “Yoo fedhe Roomatti deebisee qubsiisa
malee lafa tenya irra numa hin qubsiisne” jedhanii ibsachaa turan.

Lola Calii Calanqoo booda waraanni Minilik eega Afran Qalloo cabse booda tarsiimoo
baafatanii goosoota Afran Qalloo fi Humbannaa keessaa lola kana irratti kan akkaan dura
dhaabbatan asara isaanii dhabamsiisuu irratii fuulleeffatan. Keessumattuu Afran Qalloo
keessaa ilmaan Dagaa fi Alaa fixuu irrati baay’ee xiyyeeffatee ture. Maqaa fi iddoo dhaloota
isaanii calalanii jala ba’uudhaan tarkaanfii gurguddaan waan irratti fudhatanii turaniif
qaccee isaanii duguugama irraa dandamachiisuuf kaan Onoota Afran Qalloo biraa keessa
akka faca’u Oromoota Ituu fi kan biraa keessa faca’anii akka jiraataniifi karaa Bahaatiin
Naannoo Soomaaleetti gadi faca’anii kan jiraataniidha.

Maaliif ilmaan Afran Qalloo dhuman

Afran Qalloo kan dhumeef lafa isaatiif

Afran Qalloo kan dhumeef Aadaa isaatif

Afran Qalloo kan dhumeef afaan isaatiif

Afran Qalloo kan dhumeef dinagdee isaatiif

Afran Qalloo kan dhumeef lammii isaatiif

Afran Qalloo kan dhumeef Gadaa isaatiif

Wantoonni Afran Qalloo dhumeef kan armaan olitti barreeffamee fi k.k.f niis tokkoon isaa
irraa kan irratu tanaan

Lafti Oromoo irruu dha

71
Aadaan Oromoo irruu dha

Diinagdeen Oromoo irruu dha

Afaan Oromoo irruu dha

Lammiin Oromoo irruu dha

Gadaan Oromoo irruu dha

Gocha badaa ummattoota irratti Minilik hojjateef.

3.2.3. Gootummaa Gootowwan Afran Qalloo

Akka seenaaleen Itoophiyaa keessatti barreeffamaa ture tokko tokko ibsutti weerara
biyyoota dhihaatiin biyya kana irratti gaggeeffamee ture.

Waraanni Turkii kan Kaadif Usmaa’iliin durfamuu fi waraanni Misraa kan Ra’uuf
Paashaatiin durfamu Naannoo Tigraay iddoo Gundaa Gundiitii jedhamtutti lola godhame
irratti Atsee Yohannisiin caphanii deebi’uu isaanii himaa turan.

Astee Yohaannis gootoota Itoophiyaan qabdu keessaa isa tokko yoo tehellee lola
qindaawaa biyyoota kanaatiin ilmaan Afran Qalloo irratti waggaa dheeraaf deemaa ture
hoo eenyuutuu hima?

Waraana biyyoota dhihaatiin kan waxalamaa ture ilmaan Afran Qallooti.

Waraanni Turkiitii fi waraanni Misraa kan Ra’uuf Paashaa (Koomaandar Hassan


Usmaaniin) durfamu loloota gurguddaa lafoota Afran Qalloo Iftuhaa, Cirracha, Dirree
Goflee, Iguu fi Cinaaksan irratti godhamaa tureen Afran Qalloo gootota qaqqaalii baayyee
dhabde. Haata’uu malee, waraana biyyoota kanaa kan cilee bishaan buute godhee asittii
hambise gootota Afran Qallooti.

Waraanni Afran Qalloo cibirraalee fardaan lolan keessaa bebbeekkamoon cibirraan


maqaan isaa Qurxaa Diinaa jedhamuun beekkamu kan Roobaa Gobeelleetiin durfamu fi
cibirraan Maqaan isaa Sardaa Diinaa jedhamuun beekkamu kan nama maqaan isaa Riyaa
jedhamuun durfamu Iftuhaa irratti lola godhameen waraanni Turkii osoo hin hafin dhumee
waraana Misraatiis olii fi gad guuysanii fixuudhaan hangi hafees osoo dheefa orihuu
naachaan liqimfamanii hafuu isaanii kan arge ragaalee addunyaa keessaa kan yeroo san
daldalaaf magaalaa Hundannee taa’aa ture kan lammi Awuroppaa namni maqaan isaa
ALFREAD BRADLIY jedhamu gootummaa Afran Qalloo yeroo barreessu “Naannoo Afran

72
Qalloo seenuun akka nama laga naachaan marfame qaxxaamuree seenuuti” jedhee seenuun
akka hin dandayamne barressee jiraa barbaadaa dubbisaa

Qindeessitoonni lola kanaa gootota Afran Qalloo kan ta’an:

- Shaxaa (Husseen)
- Orfoo JIloo Biikkoo
- Baallaa Buubaa
- Caammaa Nuur faan lola guddaa Cirrachatti godhame keessatti
Waareegaman. Yeroo sanitti cibirroota fardaan lolan jajjaboo kan
hogganaa turan gootota akka Roobaa Gobeelleetii fi Riyaa faadha.

Seenaaleen biyaa kanaa kan warra mooheen akka isaaniif tolutti barreffamaa tureedha.

Warri moohame akkamitti akka moohame barreessuuf mirga qabaachaa hin turre.
Haata’uu malee, dhugaan jirtu ni qallatti malee hin cittu akkuma jedhamutti, Kaaba
Itoophiyaatti warraanni weerartoota Misraa Lola Gundaa Gundiitii irratti Atsee
Yohaannisiin caphanii deebi’anii ni himan. Baha Itoophiyaatti kan waraana Turkiitii fi
Misraa tokko osoo hin galin asitti fixee hanbise hoo eenyuutu cabse jedhanii himan.

Lafa Ummata Afran Qalloo seenuun akka nama laga naachaan marfame qaxxaamuuruuti
jedhamee gootonni ALFREDIIN faarfame gootota Afran Qallooti . Kun akkuma jiruutti tahee
Lola gita bittoota biyya keessaatiin gootota Afran Qalloo irratti deemaa ture keessaa lola
Atsee Suusiiniyoos Dirree Dhawaa iddoo Laga Goorootti godhameen gootonni Afran Qalloo
isaahuu booji’ee akka jiru seenaan ni dubbata.

Akkasuma waraana Minilikiin kan bara 1887 caphe gootoonni Afran Qalloo maayyii capha
Oromootiif sababa tahee hafe. Lola san keessatti gootichi waraana Murti Guutoo dursaa
ture Bakar Waaree Qondaaloota waraana isaa dursaa turan Katabee Wadaay, Waaree
Watar, Galmoo Saaddiiqoo, Raadoo Kinnootii fii Abbaa Gadaa yarro sanni Wadaay Galmoo
Kormoosootiin akkas jedhee ture.

- Bayxu bayxi malee saree ija hin kuulan,


- Wal biraa hin dheeysinu,
- Qaamaa qalbiin tokkuma tahaa.
- Of dura malee of duuba hin laalinaa.

Jedheenii ture. Lola Calii Calanqoo irratti lafa isaaniitii fi tokkummaa isaaniitiif jedhanii
osoo wal biraa hin dheeysin akkas jedhan.

“Haqa keenyaaf jennee


BAGA DHUMNE” jedhanii dabran

73
Akka manguddoonni seenaa himanitti Caphxi Afran Qalloo capha Oromoo hundaati jedhee
kan raage Sheek Abdullaa Mu’uminaatiis waan if dura dhufuu taa’u raagee himee akkas
jedhe.

“Hoggu kuma lama alla magan” yeroo inni jedhu


Gootichi tokkos “Sheeka ni fageessite kaa” jedheen. Sheekninis
“Dhumtaniis yoo baayyattanii irraa haftan malee taatiiree” jedheenii
ture jedhama.

Hiikkaan jecha kadhataa rabbii kanaatiis Bara 2000 keessa dhiigni keessan qeerroon ni
baha. Lafeen keessan kabajaa arkattee Oromoon caayaa siidaa keessaniintiin mataa ol
qabatee boonuuf taa’a. Bara 2000 allamaganii jedhee lafa kaayee jira. Kunoo dhagaan
diddaa xumura gabrummaa qeeyroon yaroo duraatiif darbamuu jalqabees guyyaa gaafa
eeybisaa Siidaa Yaadannoo Wareegamtoota Calanqoo kan BakarWaaree Artistii kadiir
Martuu irratti egalame kan raaga sheektichaa dhugoomse ta’uu kan mul’iseedha.

Cabee hin hafnee qabsoo keenyaan arra geenyee ilmaan Oromoo masara mootumaatti nuuf
galanii biyya bulchanii guddisuu akka dandeenyu biyya teenya qofa osoo hin taane
Addunyaa guutuu ajaa’ibsiifnee akka Oromootiis ta’ee akka Afran Qallootiis Sirna Gadaa
deebifannee arra ittiin bullee bulchuu jalqabnee Baga---Baga Dhumne!

Ragaalee Addunyaa

Akka waliigalaatti Minilik diina Oromoo akka addaattii diina Afran Qallooti yeroo jennu
akanumatti lafaa kaaneetii miti.

⮚ Bulatovich kan jedhamuu lammii biyya Raashiyaa bara 1990 nama waraana Minilik
waliin duule hogga tahu “Ethiopia through Rusian eyes"
⮚ Maartiin “Deselvak “kan jedhamuu lammiin biyya faransaayii miishinariin
kaatoolikii (1900)the Oromoo an ancient African nation “kitabota jedhamu
keessatti baayini Ummata Oromoo yeroo sanii miliyoona kudhan (10,000000)kan
ture weerara Minilikiin gara (5000,000)akka gadi deebi’e dubbata.

74
⮚ August 18,1895 GC kan maxxanfame gaazexaan Newyork Time Atse Minilik weerara
badaa Ummata Oromoo irratti baneen dhiiroota haala suukanneessaa taheen
ajjeesee daa’immaniifi dubartotaa gabroomsuudhaan fudhachaa akka ture
mirkanaa’ee jira.
⮚ February 26,1895 GC kan maxanfanee gaazexaan Newyork Time mata duree gara
jabeenyummaan Minilik jedhu keessatti tibba kana mootiin Minilik duulaa Ummata
Oromoo irratti baneen Oromoota kuma torbatam (70,000) haala suukanneessaa
taheen ajjeesee kan maxxanfame kuma kudha shan (15,000) ammoo booji’u isaatiin
bal’inaan ibsa.
⮚ August 2,1874 GC gaazeexaan Newyork Times mata duree gabroota Abisiiniyaa
jedhuun waggatti kuma sadettam (80,000)hanga kuma sagaltamii (90,000)
gabrummaadhaan karaa mitsiwwaatiin gara biyya alaatti gurguraa ture keessaa
heedduun Oromoo ta’uu ibsee daldaltoonni garbaa kan bitan Nafxanyoota qofa irraa
hoggaa tahuu

Mootichi Minilik jedhamu gurgurtaa garbaa kana irraa qarshii baayyee akka argatu
ibsee uummattoonni miliyoona 1.2 ol tahu mooticha kanaan garba tahuudhaan
gurguramanii jiraachuu ibsa. (makuriyaa Bulchaa )

Kana malees ragaalee

Finfinne –broad casting intercept irraa

Waggaa 151 mootummoota Habashaatiin gabroomne yeroo jennu

1. Teedroosiin wagaa---------------------------------------13
2. Yohaannisiin waggaa-------------------------------------17
3. Minilikiin waggaa-----------------------------------------25
4. Iyyaasuun rakkoo keessa osoo jiruu waggaa--------3
5. Zawdituu dhaan waggaa-----------------------------------7
6. Haylasilaseen waggaa------------------------------------44
7. Mangistuudhaan waggaa----------------------------------16
8. Mallaszeenaawiidhaan waggaa -------------------------21
I. Haaylamaariyaamiin waggaa-----------------------------5

Waliigala umriin gabrummaa 151 Oromoon mootummaa Habashaatiin gabroomte jedhanii


ragaaleen baayyeen ragaa baha.

Kanafuu BAGA DHUMNEE

75
Seenaa baga dhumnee sadarkaa 1ffaa barreessaa fi seeneessaan kitaaba kanaa

obbo kadiir Muummee Qaasoo(Fandishee Dagaa )

Seenaalee Afran Qalloo baayyee hafan kitaba baga dhumne sadarkaa 2 ffaa keessatti nu
eeggadhaa.

Wabiilee
Alamaayyoo Hayilee.(2016).Seenaa Oromoo Hanga Jaarraa 20ffaa, Jildii 2ffaa Giddu

Gala Aadaa Oromoo, Finfinnee

Alamaayyoo Hayilee & Etal.(2006). History Of The Oromo To The Sixteenth Century.

Second Edition, Oromia Culture & tourism Bureau, Finfinnee.

FatulHabashaa-Kitaaba Afaan Arabaatiin barraa’ee ture.

Muraad(Oromo Graphya). (2018). Fugug

Barsiisaa seenaa sooreessa Nadhii Gammadaa qabsoo hidhannoon yeroo ummata ijaaruuf
Harargee ture irraa kaniin bara 1991 tti irraa baradhe.

76
Manguddoota Odeeffannoo Kennan
Lakk Manguddoo Umrii Bakka Jireenyaa Bara
.

1 Damiin Turee Yuuyyaa 75 Aanaa 2018


Haramaayaa

2 Artist Callaa Carcar

77
78

You might also like