You are on page 1of 1

Farfannaa gaabbii

Maddii Koo mana kee keessaa


Soorrii Koo barruu Kee keessaa
Siinanoo darbee du'a jalaa
Bara jireenya koo ani sin tajaajilaa(2)
Ceesisa
------------------////---------------------
Akeekini ati naaf qabduu hin hafnee karaattii
Ati waan na beektuuf dursitee garaattii
Jabinaa koo taatee dhaabannaa Mila koo
Ani siinan waamamaa iyyasuus abbaa koo
Ceesisa
--------------------- ////-------------------
Ati jennaan kinoo darbee har'a gahee
Sagalee waamicha koo gurrii koo dhagahee
Sitti amanatee fudhate lapheen koo
Anoo sin qixxeessuu eenyunuu abbaa koo
Ceesisa
-----------------------////-----------------------
Yaanni Kee jireenyaa kan ati naaf yaaduu
Naa dagattee hin beektuu gooftaa koo ulfaadhu
Ani isa dadhaboo irreen kee na baatee
Keessa koo waan jirtuuf ba'aan koo salphatee
Ceesisa
-------------------////--------------------
Daandii keetin kunoo daandii koo ibsitee
Si faana akkan deemuf dhiigaa keen na bittee
Afaan koo saaqqadhee waa'ee kee dubbadha
Galata keen himaa mana keen dhaabbadhaa

You might also like