You are on page 1of 16

Dammaqaa!

EBLA -WA XA BA J J II 2013

Abbaa Gaarii
Ta’uun Kan Danda’amu Akkamitti?
Dammaqaa!
M A X X A NSA KANA KEESSATTI s INTARNEETIIRRATTI
www.jw.org

DA R G AG G O OTA
M ATA D U R E E F U U L A J A L Q A B A A

r
GAAFFII DARGAGGOOTAA
HOJII HARAA BORIIF BULCHUU
DHIISUU KANAN
DANDAU AKKAMITTI?
Hojii mana keessaafi hoji manee
yeroodhaan xumuruun si rakkisaa?
Wanta hojjetamu tokko boriif kaauu
dhiisuu barbaadda taa. Matadureen
kun hojii hojjechuun kan si nuffisiisu
yoo tae, kakaumsa ykn yeroo yoo
Abbaa Gaarii Tauun Kan dhabde gama kanaan si gargaaruu
Dandaamu Akkamitti? dandaa.
(Ingiliffaan argama.
FUULA 4-7 BIBLE TEACHINGS/TEENAGERS jalaa ilaali)

IJOOLLEE
3 ADDUNYAA MARARRAA
8 MAATIIDHAAF
Mucaa Keessan Umrii Waggoota Kurnanii
Keessa Jiruuf Seera Baasuu
10 MACAAFNI QULQULLUUN MAAL JEDHA?
r
Seenaa Macaafa Qulqulluu fakkeen-
Poornoogiraafii yaan ibsame ilaali. Fuula gilgaala
qabatee jirutti fayyadamuudhaan
12 GAAFANNOO ijoolleenkee waaee namoota Macaafa
Namni Diizaayinii Roobootii Baasu Sababa Qulqulluu keessatti ibsamaniifi seera
Itti Waaqayyotti Amane Ibse amalaa inni qabatee jiru ilaalchisee
beekumsa qaban akka guddifatan
14 MAATIIDHAAF gargaari.
Wal Qoccoluu Dhiisuu Kan Dandeessan (Ingiliffaan argama.
Akkamitti? BIBLE TEACHINGS/CHILDREN jalaa ilaali)

16 QAAMNI KANA TOLCHE JIRAA?


Eegee Gaararraa Agaamaa

Vol. 94, No. 4 / Quarterly / OROMO


Barruun Kun Koppii 43,524,000n Afaan 98n Maxxanfama Odeeffannoo dabalataa argachuu ykn kaffaltii
malee Macaafa Qulqulluu qayyabachuu ni
Barreeffamni kun kan hin gurguramneefi barreeffamoota addunyaa maratti Macaafa Qulqulluu barsiisuuf qophaaan keessaa
tokkodha. Hojiin kunis buusii qarshii namoonni fedhiidhaan kennaniin deggerama. Ibsi garabiraan yoo kenname malee, barbaaddaa?
caqasaw wan barruu kana keessatti argaman Macaafa Qulqulluu afaan Oromoo bara 1997 maxxanfamerraa kan fudhatamanidha.
Caqasaw wan tokko tokko dalga ciibsee kan barreesse nuyidha. Caqasichatti aansee “NW” yoo jedhame, caqasichi kan fudhatame Weeb saayitii www.jw.org jedhamu ilaali ykn
Caaffata Qulqullaaoo Hiika Addunyaa Haaraa, Isa Hiika Jechootaa Qabuufi afaan Ingiliffaa ammayyaatiin qophaaerraa tauusaa teessoowwan armaan gaadiitti barreessi.
argisiisa. Waggoonni barruu kana keessatti argaman hundi lakkoofsa Awurooppaa kan argisiisanidha. Dh.K.D. jechuun, Dhaloota
Kiristos Dura jechuudha; Dh.K.B. jechuunimmoo, Dhaloota Kiristos Booda jechuudha.
ITOOPHIYAAF: Yeyihowa Misikiroch, P.O. Box 5522,
¨ Addis Ababa,
Ethiopia. JARMANIIF: Jehovas Zeugen, Zweigburo, 65617 Selters,
Druck und Verlag: Wachtturm Bibel- und Traktat-Gesellschaft der Zeugen Jehovas, e. V., Selters/Taunus. Germany. Teessoo waajjiroota damee addunyaa maratti argaman
Verantwortliche Redaktion: Ramon Templeton, Selters/Taunus.
5 2013 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania. Mirgi abbummaa seeraan eegamaadha.
hundaa argachuuf, www.jw.org/contact ilaali.
Printed in Germany. Jarmanitti maxxanfame.
A D D U N YA A M AR A R R A A

ISRAAEL
Mucaa gadameessa keessa jiruuf yeroo qo-
rannoon godhamutti ijoolleen hirina qaamaa
akka qaban beekame, rakkina isaan muda-
te sanaaf warrisaanii ogeessota fayyaa hima-
chuu akka hin dandeenye Weeb saayitiin Haa-
YUNAAYITID ISTEETIS retz.com jedhamu gabaaseera. Haatau
Akka Manni Maree Qabeenya Uumamaa malee, mucaan tokko sia dhalatutti ogees-
Yunaayitid Isteetis ibsetti, guutummaa biy- sonni fayyaa miidhaa irraan gaaniiru taa-
yattiitti midhaan gara parsantii 40 ni naan, warri baasii dabalataa mucaa qaamni-
mancaa. Fakkeenyaaf, midhaan oomisha- saa miidhame kana guddisuufi wanta
mu keessaa parsantiin 7 utuu hin sassaa- jireenyasaa keessatti isa barbaachisu guutuuf
bamin, nyaata manneen nyaataafi kaaftee- oolu ilaalchisee beenyaa gaafachuu dandau.
riyaa keessatti qopheeffaman keessaa
parsantiin 17 utuu hin nyaatamin, akkasu-
mas maatiiwwan midhaan bitatan keessaa
parsantii 25 utuu itti hin fayyadamin akka
hafan tilmaamama.

GIRIIK
Akka Ministeerri Fayyaa
Giriik ibsetti biyyicha
keessatti namoonni jioo-
ta shanan jalqabaa bara AWUSTIRAALIYAA
2011tti of ajjeesan, isa Awustiraaliyaatti na-
bara 2010 turerraa par- moota waliin jiraatan
santii 40n dabaleera. Da- 10 keessaa 8 see-
baluun baayina kanaa raan utuu gaaela hin
rakkina maallaqaa daba- dhaabbatin waliin
laa dhufee wajjin kan wal jiraatu.
qabatedha.

MAADAAGAASKAAR
Addunyaarratti gaararraan hunda caalaa xinnoo
taate dhiheenyatti Maadaagaaskaaritti argamteet-
Chameleon: Frank Glaw/Zoologische

ti. Gosa gaararraa miliimeetira 29 qofa dheerattu


kana keessaa tokko tokko qeensa qubaarrallee
Staatssammlung Munchen/

taauu ni dandeessi. Miidhaa naannoo jireenyaa-


¨

saaniirra gaaa jiruun kan kae gosti gaararraa kun


Reuters/Newscom

baduu jala geesseetti.


M ATA D U R E E F U U L A J A L Q A B A A

Abbaa Gaarii Ta’uun Kan


Danda’amu Akkamitti?
“Maalan dogoggore laata?” Gaaffiin kun Mikaael isa Afriikaa Kibbaa jiraatu ni
dhiphisa ture. Abbaa gaarii tauuf carraaqqii cimaa kan godhu taus, yeroo
baayee amala gadhee ilmisaa inni umrii waggaa 19 argisiisu yommuu yaadu,
‘maalan balleesse laata?’ jedhee dhiphata ture.
Faallaa kanaatiin Teerii inni Ispeen jiraatu, abbaa gaarii tauurratti milkaaina
akka argate isatti dhagaama. Ilmisaa Andiruun akkas jedheera: “Yommuun
ijoollee turetti abbaankoo naa dubbisa, naa wajjin taphata, akkasumas bakka
qoofniitti na geessee yeroo naa wajjin dabarsa ture. Karaa na gammachiisuun
na barsiisa ture.”
Abbaa gaarii tauun salphaa akka hin taane beekamaadha. Haatau malee,
seerawwan buuuraa gama kanaan gargaarsa gochuu dandaan jiru. Abbootii
hedduuniifi maatiinsaanii ogummaa Macaafa Qulqulluu keessa jiru hordofuun
faayidaa akka isaanii argamsiise hubataniiru. Mee gorsawwan Macaafa Qulqul-
luu abbootii gargaaruu dandaan tokko tokko haa qorru.
 Maqaawwan mataduree kana keessa jiran tokko tokko jijjiiramaniiru.
1. Maatii Keessanii Wajjin 2. Abbaa Gaariin Akka
Tauuf Yeroo Ramadaa Gaariitti Dhaggeeffata
Akka abbaa tokkootti, ijoollee keessaniif id- Ijoollee keessanii wajjin akka gaariitti wal
doo guddaa akka kennitan argisiisuu kan hubachuuf, xiyyeeffannaadhaan dhaggeef-
dandeessan akkamitti? Nyaataafi mana ji- fachuu qabdu. Amala utuu hin dheekkamin
reenyaa mijaaaa tae isaanii dhiheessuu da- tasgabbiidhaan dhaggeeffachuuf isin gar-
balatee ijoollee keessaniif waan hedduu gaaru horachuun keessan barbaachisaadha.
gootu. Ijoollee keessaniif bakka guddaa hin Ijoolleen keessan akka isin daftanii aar-
kennitan utuu taee, kana akka hin goone taniifi namatti dheekkamtan yoo hubatan,
beekamaadha. Haatau malee, ijoollee kees- miirasaanii isinii ibsuuf hin kakaan. Tasgab-
sanii wajjin yeroo balaa hin dabarsitan taa- biidhaan yoo isaan dhaggeeffattan garuu,
naan, isaaniif utuu hin tain, hojii, michoota dhugumaan akka isaanii yaaddan argisiisuu
ykn wanta hojjechuu jaallatan tokkoof iddoo dandeessu. Isaanis gamasaaniitiin yaadaafi
guddaa akka laattan yaaduu dandau. miirasaanii caalaatti isinii ibsuu dandau.
Abbaan tokko yoomii jalqabee mucaasaa Seera Buuuraa Macaafa Qulqulluu: Gor-
wajjin yeroo dabarsuu qaba? Haati tokko si Macaafa Qulqulluu inni ogummaarratti
yeroo inni gadameessa keessa jiruu kaastee hundaae yeroo hundumaa jireenya keenya
mucaashee wajjin jaalala uumuu jalqabdi. keessatti karaa hedduu kan nu fayyadudha.
Mucaan tokko gadameessa keessatti erga Fakkeenyaaf Macaafni Qulqulluun, “Namni
uumamee gara torban 16 booda dhagauu adduma addaan dhagauutti ariifataa, dub-
dandaa. Abbaanis yeroo kanaa kaasee mu- bachuutti suuta jedhaa, dheekkamuuttis su-
caasaa gadameessa keessa jiruu wajjin wal- uta jedhaa” haatau jedha. (Yaaqoob 1:19)
itti dhufeenya addaa uumuu dandaa. Yom- Abbootiin seera buuuraa Macaafa Qulqulluu
muu onneensaa rukutuufi yommuu inni kana hojiirra oolchan, ijoolleesaanii wajjin
dhidhiittatu dhaggeeffachuu, akkasumas itti akka gaariitti wal hubachuu dandau.
dubbachuufi faarfachuufii dandaa.
Seera Buuuraa Macaafa Qulqulluu: Bara
durii, dhiironni ijoolleesaanii ofumasaaniitii Utuu hin dheekkamin tasgabbiidhaan dhaggeeffadhaa
barsiisu turan. Keessa Deebii 6:6, 7rratti ab-
bootiin ijoolleesaanii wajjin yeroo balaa da-
barsuu akka qaban gorfamaniiru. Caqasichi
akkas jedha: “Dubbiin ani har’a si abboomu
kunis garaa kee keessa haa taau! Isas kees-
sa deddeebi’ii ijoollee kee barsiisi! Yeroo
mana kee keessa teessu, karaa irra yeroo
adeemtu, yeroo ciiftu, yeroo kaatus waaee
isaa dubbadhu!”

Dammaqaa! Ebla-Waxabajjii 2013 5


3. Jaalalaan Adabaa,
Akkasumas Galateeffadhaa
Yeroo aartanittillee, adabni isin ijoollee kees-
saniif kennitan nageenyasaanii isa gara fu-
ulduraatiif garaadhaa akka yaaddan kan ar-
gisiisu tauu qaba. Kana gochuun gorsuu,
sirreessuu, barsiisuufi barbaachisaa taa-
naanimmoo arcummeedhaan rukutuu kan
dabalatudha.
Hunda caalaammoo, adabni abbaan tok-
4. Haadha Manaa Keessan
ko kennu bua qabeessa kan tau, wanta Jaalladhaa, Kabajaas
gaarii mucaansaa godhuuf yeroo hunda kan Akkaataa abbaan manaa haadha manaasaa
galateeffatu yoo taedha. Fakkeenyi bara du-
itti qabu ijoolleerratti dhiibbaa godha.
rii tokko, “Dubbiin yeroo isaatti dubbatamu,
Hayyoonni guddina ijoolleerratti qorannoo
akka killa hudha qabuu isa meetiidhaa fi
godhan, “Wanti hunda caaluufi abbaan ijool-
warqee itti naqanii miidhagsanii ti” jedha.
(Fakkeenya 25:11) Galateeffachuun, ijool- leesaatiif gochuu qabu haadhasaanii kaba-
leen amala gaarii akka horatan gargaara. juudha. . . . Abbaafi haati kan wal kabajan
Ijoolleen warrisaanii akka isaan hubataniifi taanaan, ijoolleensaanii gammadoo tau, akka
bakka guddaa akka isaanii kennan yommuu jaallatamanis isaanitti dhagaamuu dandaa”
baran ofitti amanannaa qabaatu. Abbaan jedhaniiru.—Za Impoortansi oov Faazars iin za
carraa argate hundatti fayyadamee ijoollee- Helzi Develoopmanti oov Chiildiran.
saa kan galateeffatu taanaan, ijoolleensaa Seera Buuuraa Macaafa Qulqulluu: “Ab-
akka ofitti amanamaniifi waan gaarii hojjech- baan manaas haadha manaa isaa haa jaal-
uuf yaaluusaanii akka itti fufan isaan ka- latu! . . . Tokkon tokkon abbaa manaa akku-
kaasuu dandaa. ma kanatti haadha manaa isaa akka ofii
Seera Buuuraa Macaafa Qulqulluu: “Isin isaatiitti haa jaallatu.”—Efesoon 5:25, 33.
immoo abboota nana! Yaadni isaanii akka
 Abbaan tokko haadha manaasaa wajjin kan wal hiike
hin badnetti ijoollee keessan tuttuqxanii hin yoo taellee, akka ishee kabaju argisiisuunsaa, ijoolleen
aarsinaa!”—Qolosaayis 3:21. haadhasaanii wajjin hariiroo gaarii akka qabaatan godha.

Abbaa Gaariin Ijoolleesaatiif Yeroo Hin Dhabu


Siilvaan inni Baarbaadositti dhalate, Niwuu Yoorki Siitii keessatti otoobi-
sii magaalaa kan oofu sia tau, haadha manaafi ilmaansaa umrii wag-
goota kurnanii keessa jiranii wajjin jiraata. Siilvaan waaree booda saaa-
tii sagalii hanga halkan keessaa saaatii sagalii ykn kudhaniitti kan
hojjetu sia tau sagantaan hojiisaa kun baayee rakkisaadha. Kamisaafi
Jimaata boqonnaa sia tau, Sanbadduraafi Dilbata halkan garuu ni hoj-
jeta. Haatau malee ijoolleesaatiif yeroo hin dhabu.
Siilvaan akkas jechuudhaan ibseera: “Haallisaa rakkisaa taus waan
naa dandaame gochuuf nan yaala. Ijoolleenkoo kopha kophaatti naa
wajjin yeroo dabarsuu barbaadu. Kamisa waaree booda mucaakoo inni
angafaa yommuu mana barumsaatii galu isaa wajjin, Jimaata mucaa-
koo isa lammataa wajjin, Dilbata ganamammoo mucaakoo isa quxisuu
wajjin yeroo dabarsuufan sagantaa baafadhe.”
5. Ogummaa Waaqayyoo
Hojiirra Oolchaa
Abbootiin Waaqayyoof jaalala garaarraa
madde qaban, ijoolleensaanii Abbaasaanii
isa samii wajjin hariiroo gaarii akka qabaa-
tan gargaaruudhaan, dhaala gati jabeessa
isaanii kennuu dandau.
Antooniyoo inni Dhugaa Baatuu Yihowaa
tae, waggoota hedduudhaaf ijoollee jaa
carraaqqii cimaa gochuudhaan erga guddi-
see booda, intallisaa tokko xalayaa akkas
jedhu isaa ergitee turte: “Abbayyee, Yiho-
waa, ofiikoofi namoota akkan jaalladhu, ak-
kasumas nama madaalliisaa eeggatu akkan
tau gootee waan na guddisteef sin galateef-
fadha. Yihowaa akka jaallattus tae, dhuun-
faatti akka naa yaaddu na barsiifteetta. Ji-
reenyakee keessatti Yihowaa waan dursteefi akka qabu beekamaadha. Kana malees, ab-
ijoolleenkee kennaa Waaqayyoo akka taa- baa gaarii tauuf carraaqqii cimaa yoo goo-
nitti ilaalaa waan turteef sin galateeffadha!” tanillee, mudaa kan hin qabne tauu hin dan-
deessan. Taus, seerawwan buuuraa kana
Seera Buuuraa Macaafa Qulqulluu: “Ati
karaa jaalalarratti hundaaeefi madaalliisaa
Waaqayyoon gooftaa kee garaa kee guut-
eegeen hojiirra kan oolchitan taanaan abbaa
uudhaan, humna kee guutuudhaanis jaal-
gaarii tauu akka dandeessan hin shakkisi-
ladhu! Dubbiin ani har’a si abboomu kunis
isu. ˛
garaa kee keessa haa taau!”—Keessa Dee-
bii 6:5, 6.  Maatii ilaalchisee qajeelfama dabalataa argachuuf, ki-
taaba Maatiin Gammachuu Argachuu Kan Dandau Ak-
Abbaa tauun qabxii shanan olitti ibsa- kamitti? jedhamu Weeb saayitii www.jw.org jedhamurraa
man raawwachuu caalaa waan dabalatu ilaali.

Abbootii Ijoolleensaanii Isaan Dinqisiifatan


“Abbaankoo naa wajjin taphata, galgala galgalas naa dubbisa.”
—Seeyiraa, umriinshee waggaa 5.
“Abbaakoo wajjin ashaangulliitii hedduudhaan erga taphannee booda,
‘Ammaaf nu gaaa haa sassaabnu’ naan jedha. Yeroo garabiraammoo
utuu hojii hojjechaa jirruu gidduutti kutuudhaan, ‘Amma xinnoo tapha-
chuu qabna’ naan jedha.”—Mikaael, umriinsaa waggaa 10.
“Abbaankoo, hojiin inni qacaramee hojjetu ykn wanti inni saaatii hojii-
tiin ala hojjetu Harmeekoo gargaaruu akka isa dhowwu matumaa hin
heyyamu. Hanga haraattillee haadhakoo wajjin nyaata qopheessa,
qodaa dhiqa, mana qulqulleessa, akkasumas jaalalaafi gaarummaa
isheetti argisiisa.”—Andiruu, umriinsaa waggaa 32.

Dammaqaa! Ebla-Waxabajjii 2013 7


M A AT I I D H A A F  I J O O L L E E G U D D I S U U

Mucaa
Keessan Umrii
Waggoota
Kurnanii
Keessa Jiruuf
Seera Baasuu

HAALA RAKKISAA SABABIINSAA MAALIDHA?


Mucaan keessan asiifi achi je- Ilaalcha dogoggoraa: Ijoolleen umrii waggoota kurnanii kees-
chuu akka isa dhowwitan dub- sa jiran hundi, seera warrisaanii baasaniif waan hin ajajam-
bata. Isinimmoo isa eeguu neef kana hambisuun hin dandaamu.
akka qabdan isinitti Dhugaa jiru: Warri seera madaalliisaa eege kan baasaniifi
dhagaama. ‘Ejjennookoo yoon isaanii wajjin kan irratti mariatan taanaan, ijoolleen seera cab-
laaffise rakkina keessa gala’
suu dhiisuu dandau.
jettanii yaaddu taa.
Mucaa keessaniif seera ma- Wantoonni hedduun, ijoolleen keessan seera isin baaftaniif
daalliisaa eege baasuun kees- akka hin ajajamne isaan gochuu dandauyyuu, warri seera asiif
san sirriidha. Jalqaba garuu achi hin jenne ykn umriisaanii wajjin wal hin gitne kan baasan
wanti qajeelfama isin isaaf taanaan, seerichi ijoolleensaanii jalina akka raawwatan jajja-
kennitaniif akka hin ajajamne beessuu dandaa. Mee yaada armaan gadii ilaali:
isa godhu maal tauu akka Seera asiif achi hin jenne. Warri seera baasan mucaasanii
dandau beekuun keessan bar- wajjin irratti hin mariatan taanaan, mucaansaanii seera kana
baachisaadha. kan isaan baasan isa fayyaduuf utuu hin tain isa toachuuf
akka taetti ilaaluu dandaa. Kanaan kan kaes, wanta warrisaa
Mataduree kana keessatti ijoollee um-
rii waggoota kurnanii keessatti arga- isa dhowwan sana dhoksaatti raawwachuu dandaa.
man saala dhiiraatiin kan caqasne
taus, seerri buuuraa asirratti ibsame Umriisaa wajjin kan wal hin gitne. Mucaa xinnoo tokkoon,
saala lamaaniifuu ni hojjeta. “Waanan sitti hime raawwadhu” jechuun qofti gaaa tauu kan
dandau sia tau, ijoolleen umrii waggoota kurnanii keessa jiran
garuu ibsa balaa argachuu barbaadu. Kana malees, mucaan
keessan umrii waggoota kurnanii keessatti argamu, dhiheen-
yatti isin biraa deemee ofumasaa murtoo gurguddaa gochuu
dandaa taa. Kanaaf, yeroo isin bira jirutti, sirriitti yaaduufi mur-
too gaarii gochuu barachuunsaa baayee barbaachisaadha.
Haatau malee, seerri isin baaftan yeroo hundaa mucaa kees-
san kan aarsu yoo isinitti fakkaate maal gochuu dandeessu?

r Weeb saayitii www.jw.org jedhamurraa, yaada dabalataa maatiidhaaf tau argachuu dandeessa
MAAL GOCHUU DANDEESSU? C A Q A S O O TA I J O O TAA N
Jalqaba, ijoolleen yoo itti amanuu baataniyyuu, wanta gochuu “Garraamummaan keessan
qabaniifi gochuu hin qabne ilaalchisee seera ifa tae argach- nama hundumaa biratti haa
uu akka qaban hubadhaa. Kanaaf seera baasaa, mucaan beekamu!”—Filiphisiiyus 4:5.
keessan seericha hubachuufi dhiisuusaas mirkaneessaa. Ki-
taabni, Leetiingi Goo Wiiz Laav eend Konfiidansi jedhamu, “Yaadni isaanii akka hin
“Ijoolleen seerri ifa tae kan isaanii kennamuufi warrisaanii badnetti ijoollee keessan
hamma tokko akka isaan toatan kan isaanitti dhagaamu taa- tuttuqxanii hin aarsinaa!”
naan, carraan isaan wanta gadhee raawwachuuf qaban xin- —Qolosaayis 3:21.
naa taa” jedheera. Faallaa kanaatiinimmoo warri ijoolleesaani-
itiif seera baasuun akka hin barbaachisne isaanitti dhagaamu,
ijoolleesaaniitiif dhimma akka hin qabne argisiisu. Kunimmoo
akka isaan jalina raawwatan godha.—Seera buuuraa Macaafa
Qulqulluu: Fakkeenya 29:15.
Kanaaf madaallii keessan eeggachuu kan dandeessan akkam-
itti? Mucaan keessan seera maatichi baaseef ilaalcha qabu
akka ibsu isa jajjabeessaa. Fakkeenyaaf, saaatii itti manatti DARGAGGOOTAAF
galurratti sirreeffamni akka isaa godhamu yoo isin gaafate,
yommuu inni sababiisaa dhiheessu dhaggeeffadhaa. Mucaan “Namni tokko baankiirraa qarshii
keessan akka gaariitti akka isa dhaggeeffattan kan beeku taa- liqeeffate haa jennu. Liqiisaa
naan, murtoo gootanirratti yoo walii galuu baatellee, seericha yeroo yerootti kan kaffalu yoo
tae, baankichi isa amanuudhaan
kabajuufi eeguuf fedhii qabaachuu dandaa.—Seera buuuraa
liqii dabalataa kennuufii dandaa.
Macaafa Qulqulluu: Yaaqoob 1:19.
Haalli maatiis kanaa wajjin wal
Haatau malee, murtoo gochuu keessan dura kana yaadadhaa: fakkaachuu dandaa. Warra kees-
Ijoolleen umrii waggoota kurnanii keessa jiran mirga dabalataa saniif ajajamuuf dirqamni isinirra
argachuu kan barbaadan sia tau, warrimmoo hamma kennu- jira. Wantoota xixinnoorrattillee
ufii qabanii gad kennuu barbaadu. Kanaaf, wanta mucaan amanamoo tauu keessan yoo
keessan isin gaafatuuf xiyyeeffannaa kennaa. Itti gaafata- mirkaneessitan, warri keessan
mummaan akka isatti dhagaamu ni argisiisaa? Mirga dabala- caalaatti isin amanuunsaanii hin
taa isaa kennuuf haallisaa mijaaaadhaa? Haallisaa kan oolu. Yeroo hunda abboommi-
heyyamu taanaan kennuufii hin didinaa.—Seera buuuraa Ma- isaanii cabsuu keessan kan itti
fuftan yoo tae garuu, isin shak-
caafa Qulqulluu: Uumama 19:17-22.
kuunsaanii isin dinqisiisuu hin
Wanta mucaan keessan dubbatu dhaggeeffachuu malees, qabu.”—Kitaaba Gaaffiiwwan
wanta isin yaaddessu akka hubatu godhaa. Kana gochuud- Dargaggootaafi—Deebiiwwan
haan, wanta barbaade gaafachuu qofa utuu hin taan, miira Hojiirra Ooluu Dandaan, Jildii 2,
warra kaaniitiifis akka yaadu isa barsiisuu dandeessu.—Seera (Amaariffa) Dhugaa Baatota
buuuraa Macaafa Qulqulluu: 1 Qorontos 10:24. Yihowaatiin qophaaerraa kan
fudhatame.
Dhumarrattis, murtoo godhaa, sababii murtoo sana itti goo-
tanis isaaf ibsaa. Murtoo isin gootanitti gammaduu baatullee,
warrisaa akka isa dhaggeeffatan beekuusaatti gammaduunsaa
hin oolu. Mucaan keessan gaeessa akka tau leenjisaa akka
jirtan yaadadhaa. Seera madaalliisaa eege mucaa keessaniif
baasuufi isaa wajjin irratti mariachuudhaan, nama itti gaafata-
mummaan itti dhagaamu gootanii isa guddisuu dandeessu.
—Seera buuuraa Macaafa Qulqulluu: Fakkeenya 22:6. ˛

Dammaqaa! Ebla-Waxabajjii 2013 9


MACA AFNI QULQULLUUN MA AL JEDHA?  POORNOOGIRAAFII

POORNOOGIRAAFII
Macaafni Qulqulluun poornoogiraafii ni balaaleffataa?
WAAEE KANAA KAASUUN MAALIIF BARBAACHISE? Yeroo haraa poor-
noogiraafiin beekamaafi yeroo kamiyyuu caalaa salphaatti kan argamu-
dha. Waaqayyoon gammachiisuufi ofiis jireenya gammachiisaa tjiraachuu
barbaannaan, ilaalcha inni poornoogiraafiidhaaf qabu beekuu qabda.
“Namni ija hawwaatiin
MACAAFNI QULQULLUUN MAAL JEDHA? Macaafni Qulqulluun waaee
dubartii ilaale garaa poornoogiraafii kallattiidhaan hin ibsu. Taus, poornoogiraafiin kallattiid-
isaatti isheetti ejjeera.” haan seera buuuraa Macaafa Qulqulluu wajjin wal faallessa.
—Maatewos 5:28. Fakkeenyaaf, namni tokko hiriyaa gaaelaasaatiin ala ‘ija hawwaatiin du-
bartii ilaaluudhaan’ saalqunnamtii raawwachuuf hawwii guddaan kees-
sasaatti akka uumamu gochuunsaa, ejja raawwachuutti akka isa gees-
su Macaafni Qulqulluun ni akeekkachiisa. Namni gaaela qabus tae
qeentee tae poornoogiraafii ‘ilaaluunsaa’ fedhiin ejja raawwachuu kees-
sasaatti akka uumamu waan godhuuf, akeekkachiisni Macaafa Qulqul-
luu kun isarratti raawwatama. Amalli akkasii Waaqayyoon akka hin gam-
machiisne ifadha.
 Jechi Ingiliffaa poornoogiraafii jedhamu, fakkiiwwan, fiilmiiwwaniifi barreeffamoota fed-
hii saalqunnamtii nama wanta sana ilaaluu ykn dubbisuu kakaasuuf jecha qophaaan kan
argisiisudha. Wantoota sagaleedhaan darbanis dabalachuu dandaa.

r Weeb saayitii www.jw.org jedhamurraa, gaaffiiwwan Macaafa Qulqulluutiif deebii argachuu dandeessa
Saalqunnamtii raawwachuu baatanis poornoogiraafii
ilaaluun rakkina qabaa?

NAMOONNI MAAL JEDHU? Hayyoonni tokko tokko poornoogiraafii ilaal-


uufi saalqunnamtii raawwachuun walitti dhufeenya akka hin qabne dub-
batu. Haatau malee, poornoogiraafii ilaaluun dogoggoradhaa?
MACAAFNI QULQULLUUN MAAL JEDHA? Macaafni Qulqulluun “qoo- ‘Egaa yaada halalummaafi
saan hin taane” amala gadhee akka tae ibsa. (Efesoon 5:3, 4) Maarree
Poornoogiraafiin kanaa gad tauu dandaaa? Yeroo haraa, poornoogiraa-
xuraaummaa, kajeellaafi
fiin ejja namoonni saala wal fakkaataa qabaniifi warri kaan raawwatan hawwa hamaa of
ifatti agarsiisa. Waaqayyo, poornoogiraafii akkasii ilaaluun dubbii gurra keessaa ajjeesaa.’
namaatti hin tolle dhagauu caalaa akka jibbu beekamaadha. —Qolosaayis 3:5.
Hayyoonni, namoonni poornoogiraafii ilaaluunsaanii saalqunnamtii
raawwachuutti isaan geessa yaada jedhurratti falmuusaanii itti fufaniiru.
Macaafni Qulqulluun garuu, poornoogiraafii ilaaluun karaa hafuuraa kan
nama mancaasuufi Waaqayyo birattis ciiggaasisaa tauusaa sirriitti deg-
gera. Macaafni Qulqulluun gorsa, ‘Egaa yaada halalummaafi hawwa
hamaa of keessaa ajjeesaa’ jechuudhaan gorsa. (Qolosaayis 3:5) Gorsa
kanarraa haala faallaa taeen, namoonni poornoogiraafii ilaalan fedhii
akkasii ajjeesuu mannaa keessasaaniitti akka dagaagu godhu.

Poornoogiraafiirraa fagaachuuf maaltu si gargaaruu dandaa?


MACAAFNI QULQULLUUN MAAL JEDHA? Macaafni Qulqulluun namoon-
ni halalee turan, machaaaniifi hatan, amala akkasiirraa deebianii akka
turan ibsa. (1 Qorontos 6:9-11) Akkamitti? Ogummaa Waaqayyoo isa ‘Wanta gaarii barbaadaa
Macaafa Qulqulluu keessa jiru baratanii hojiirra oolchuudhaan wanta malee, wanta hamaa
hamaa tae jibbuu dandaaniiru. gochuu hin barbaadinaa!
Balaa poornoogiraafii ilaaluun geessisurratti akka gaariitti yaaduud- Wanta hamaa jibbaa,
haan gocha kana jibbuu barachuun ni dandaama. Gabaasni qorannoo wanta gaariis jaalladhaa!’
dhiheenyatti Yuutaa Isteet Yunivarsiitiitti godhamerraa argame, namoon- —Amos 5:14, 15.
ni poornoogiraafii ilaalan tokko tokko, ‘akka dhiphatan, warra kaanirraa
adda akka of baasan, hariiroon isaan namootaa wajjin qaban akka
mancauufi’ miidhaa gaddisiisaa garabiraan akka isaanirra gau ibseera.
Hunda caalaammoo akkuma olitti ibsame poornoogiraafii ilaaluun go-
cha Waaqayyo ciiggau waan taeef miidhaa cimaa geessisa. Akkasu-
mas, namoonni Uumaasaaniirraa akka fagaatan godha.
Macaafni Qulqulluun wanta gaarii jaallachuu akka barannu nu gar-
gaaruu dandaa. Macaafa kana caalaatti dubbisaa yeroo deemnu jaalalli
ulaagaa seera amalaa inni qabatee jiruuf qabnu dabalaa deema. Jaalal-
li akkasiimmoo, poornoogiraafii jibbuufi akkuma faarfatichaa “wanta
gadhee ija koo dura kaaee hin taau” jechuuf nu kakaasa.—Faarfannaa
101:3. ˛

Dammaqaa! Ebla-Waxabajjii 2013 11


G A A FA N N O O  M A A S I I M O O T I I S TA A R E L I I

Namni Diizaayinii Roobootii Baasu Sababa Itti


Waaqayyotti Amane Ibse
Piroofeesar Maasiimoo Tiistaareliin, Yunivarsiitii Xaaliyaanii, kan kae, ashaangulliitota elektirii-
Saasaritti argamutti saayintiistii kan taedha. Namni kun kiidhaan hojjetaniifi ittiin tapha-
barruulee saayinsii addunyaarratti beekamaa taan sadiirratti dhu diigee deebiseen suphan
gargaaraa qopheessaa sia tau, barreeffamoota saayinsiirratti ture. Abbaankoo injiinara teelee-
komunikeeshinii waan taeef, raa-
xiyyeeffatan gara dhibba tokkoo ol taan qopheessuurrattis diyoofi bilbilli akkamitti akka hojje-
hirmaateera. Namoonni fuula namaa adda baasanii beekuufi tu isa gaafachaan ture.
kubbaa qabuu dabalatee wantoota salphaa fakkaatan akkamitti
akka raawwatan qorannoo godheera. Achiis diizaayinii ijaa Saayintiistii tauu kan dandeesse
wanta namni hojjetu hojjechuuf roobootota gargaaru akkamitti?
qopheesseera. Dammaqaan! amantiisaafi hojii inni saayintiistii Yunivarsiitii Jenowaatti elektiroo-
tauudhaan hojjechaa jiru ilaalchisee gaafannoo isaaf godheera. niik injiinariingii kanan baradhe
sia tau, achiis diizaayinii roobootii
baasuudhaan qorannaan go-
Amantiinkee maal ture? Qaama kana baruuf amantii Budii- dheen doktoorummaa argadhee-
Warrikoo Kaatolikii taanis waldaa zimii, Hinduuzimiifi Taaoozimii ka- ra. Dandeettii namoonni waa ilaa-
hin dhaqan turan. Ijoollummaa- nan qore taus, wanta isaan barsii- luuf qabanirratti qorannoo kanan
kootti Waaqayyo akka hin jirre ba- sanirraa deebii quubsaa argachuu geggeesse sia tau, kana fakkees-
hin dandeenye. suudhaanis rooboototaaf diizaayi-
radheen ture. Jireenyi kan argame
jijjiirama tirannaatiin akka tae ka- nii ijaa baaseera.
Saayinsiidhaaf fedhii akka
nan baradhe sia tau, achiis dhu- qabaattu kan si godhe Dandeettiin namoonni waa
gaadha jedheen itti amane. Waa- maalidha? ilaaluuf qaban kan si hawwate
qayyo akka jiru amanuu baadhus, Ijoollummaakootii kaasee waaee maaliifi?
qaamni nu caalaa humna qabu maashinii addaddaa barachuu Dandeettiin waa ilaaluu baayee
akka jiru natti dhagaama ture. baayeen jaalladhan ture. Kanaan dinqisiisaa sia tau, iji waa ilaaluu
Waaee roobootiin hojjedhuu yaaduun
jalqabe. Diizaayinii eenyu baasen
qofa utuu hin tain, wanti ilaalle
sun maal akka tae hiikuus kan
fakkeessee hojjechaa jira?
dabalatudha. Fakkeenyaaf, kub-
baa yeroo qabattu wanta raawwa- Kirieeshin? (Ingiliffa) jedhamuufi hawwata. Nama wanta tokko bali-
tamu mee hubadhu. Kubbicha qa- Dhugaa Baatota Yihowaatiin qo- naan hubachuu barbaadu akka
phaae naa kennite. Qorannoo kootiitiif barreeffama qorannoo
buuf sia fiigdu leensiin ijakee
balaan kitaaba kana qophees- balaan irratti godhame arga-
fakkiin kubbichaa ratiinaa keerra
suuf godhame baayee na tuqe. chuun isatti tola. Fakkeenyaaf,
sirriitti akka taau godha. Achiis
Kitaaba kana yeroon dubbisu jijjii- raajiiwwan Macaafa Qulqulluu
fakkichi sochii ijakeefi kubbichaa keessa jiran baruuf fedhii ani
rama tirannaa ragaadhaan utuun
hordofuudhaan ratiinaa keerraan qabu guddachuu jalqabe. Kana
hin mirkaneessin akkan fudha-
kallattii tokkoo gara kallattii gara- qayyabachuunkoo Macaafni Qul-
dhen hubadhe. Fakkeenyaaf, jijjii-
biraatti sochoa. Ijikee kubbichar- qulluun kennaa Waaqayyoo tauu-
ramni tirannaa qorannoo ham-
ratti akka xiyyeeffatu beekamaa- saa na amansiiseera. Achiis bara
baalee lafa keessaatiin kan
dha. Kanaaf, yeroo kubbichi iddoo 1992tti Baarbaaraafi ani cuupha-
deggerame natti fakkaata ture.
tokkoo gara kaanitti rukutamu fak- muudhaan Dhugaa Baatota Yiho-
Haatau malee miti. Jijjiirama ti-
kiinsaa ratiinaa keerratti maxxan- waa taane.
rannaa caalaatti qorachaa sian
famee taaa.
deemu, ragaarratti kan hundaae Waaee saayinsii qorachuun
Yeroo kanatti ijikee saffisaafi kal- utuu hin tain soba akka taen hu- amantiinkee akka laafu
lattii kubbichi itti rukutames ni bachaa deeme. godheeraa?
shallaga. Baayee kan nama ajaa- Achiis, waaee roobootiin hojje- Matumaa! Kanaa mannaa caa-
ibsiisu, shallaggii kana kan jalqa- dhuu yaaduun jalqabe. Diizaayinii laatti amantiikoo naa cimseera.
bu ratiinaa keessatti sia tau, ye- eenyu baasen fakkeessee hojje- Fakkeenyaaf, akkaataa itti fuula
roo ijikee sochii kubbichi iddoo chaa jira? Diizaayinii, roobootii namaa adda baasnee beekuu
tokkoo gara kaanitti godhu tilmaa- akka namaatti kubbaa qabuu dandeenyu mee yaadi. Mucaan
muttidha. Narviin ijakee ergaa ra- baasuu hin dandau. Roobootii tokko dhalatee saaatii muraasa
tiinaarraa isa gae gara sammuutti tokko kubbaa akka qabu godhanii gidduutti nama tokko adda baa-
kan dabarsu sia tau, sammuunis hojjechuun kan dandaamu taus, see beekuu dandaa. Nama beek-
ergaa kana fudhachuudhaan kub- kana gochuu kan dandau ajaja nu tokko namoota hedduu kees-
bicha akka qabdu si godha. Ak- isaaf kennamuun qofadha. Wanta saa adda baasnee beekuu
kaataan kun itti raawwatamu wal ajajame hojjechuudhaan ala dandeenya. Miira isatti dhagaa-
xaxaa waan taeef baayee kan waan garabiraa raawwachuu hin maa jirullee hubachuu dandee-
nama ajaaibsiisudha. dandau. Dandeettiin barachuuf nya. Nama kana beekuuf sam-
qabnu roobootii kamirrayyuu kan muun keenya saffisaan
Wanti Waaqayyotti akka odeeffannoo hedduu kan qin-
amantu si godhe maalidha? caalu sia tau, rooboototayyuu kan
hojjete namadha. Sababa hedduu deessu tauusaa garuu matumaa
Bara 1990tti Ayerlaandi, Dabliin Qaamni nu uume akka jiru na hin beeknu.
Kolleejjii Tiriiniitiitti qorannoo go- amansiisan keessaa tokko kana- Dandeettiin waa ilaaluuf qabnu
chuuf jioota muraasa dabarseen dha. kennaa guddaa Yihowaa biraa ar-
ture. Haadha manaakoo Baar- ganne tauusaa guutummaatti
baaraa wajjin gara biyyaatti sia Dhugaa Baatuu Yihowaa kan amaneera. Kennaansaa kun Ma-
deebinu waaee jireenya ijoollee taate maaliifi? caafa Qulqulluu kan dabalatu sia
keenyaa isa gara fuulduraa mari- Sababiin inni tokko, aniifi Baar- tau, kunis akkan isa galateeffa-
anne. Obboleettiikoo ishee Dhu- baaraan, malli isaan qorannoo dhuufi waaeesaa namootatti ak-
gaa Baatuu Yihowaa taate gaafa- balaa itti godhan nu gammachii- kan himu na kakaaseera. Hunda
chuufis deemnee turre. Isheenis suusaati. Keessumaa qorannoo caalaammoo, wantoota inni uu-
kitaaba Laayif—Haaw Diid It Geet isaan barreeffamootasaanii qo- meef isa galateeffachuun sirrii
Hir? Baay Ivooluushin oor baay pheessuuf godhan baayee na akka tae keessikoo natti hima. ˛

Dammaqaa! Ebla-Waxabajjii 2013 13


M A AT I I D H A A F  G A AE L A

Wal Qoccoluu
Dhiisuu Kan
Dandeessan
Akkamitti?

HAALA RAKKISAA SABABIINSAA MAALIDHA?


Hiriyaa gaaelaa keessanii Dogoggoraan wal hubachuu. Haati manaa Jiliyaan jedham-
wajjin tasgabbiidhaan maria- tu akkas jetteetti: “Yeroo tokko tokko wantin abbaa manaakoot-
chuun isin rakkisaa? Akka ti dubbadhu akkan yaade utuu hin tain hafa; ykn wanta tok-
nama naannoo boombiin jiru ko utuun isatti hin himin waanan itti hime natti fakkaata. Wanti
keessa of eeggannoodhaan akkasii yeroo baayee na mudata.”
deemaa jiruu, wanti isin dub- Garaagarummaa jiru. Hiriyaa gaaelaa keessanii wajjin ham-
battan hundi dubbii akka hin mamiyyuu yoo walii galtan, wantoota tokko tokkorratti ilaalcha
kaasneef sodaan isinitti addaddaa qabaachuun keessan hin oolu. Maaliif? Yoomiyyuu
dhagaamaa? taanaan namoonni lama guutummaatti tokko tauu waan hin
Taanaan haallisaa dandeenyeefidha. Kunimmoo gaaelli keessan gammachiisaa
fooyyauu akka dandau mir- ykn rakkisaa akka tau gochuu dandaa. Garaagarummaan jiru
kanaaoo taaa. Jalqaba gar- hiriyoota gaaelaa hedduu gidduutti rakkina uumeera.
uu hiriyaa gaaelaa keessanii Maatii fakkeenya gaarii hin taane keessatti guddachuu.
wajjin kan wal qoccoltan Haati manaa Reechal jedhamtu akkas jetteetti: “Warrikoo
maaliif akka tae beekuu yeroo baayee wal qoccolu, akkasumas karaa hin taaneen
qabdu. walii deebisu. Kanaaf yommuun gaaela godhadhu akka haati-
koo abbaakootti dubbattuttan abbaa manaakootti dubbachuu
jalqabe. Akkamitti kabaja argisiisuun akka dandaamu hin bar-
annen ture.”
Sababiisaa beekuuf yaalaa. Yeroo baayee wanti qoccolloon
akka kau godhu dhimma wanta uumameen ala jirudha. Fak-
keenyaaf, “Atimmoo yeroo hundumaa barfatta!” jechuudhaan
qocolloon yoo jalqabame, sababiinsaa waaee saaatii kabajuu
utuu hin tain, walii yaaduu dhiisuu tauu dandaa.
Sababiinsaa maaliyyuu yoo tae, yeroo hundumaa wal qoc-
coluun fayyaa keessan miidhuusaarrayyuu akka wal hiiktan go-
chuu dandaa. Kanaaf, qocolloo dhiisuudhaan walii galuu kan
dandeessan akkamitti?
 Maqaawwan jijjiiramaniiru.

r Weeb saayitii www.jw.org jedhamurraa, yaada dabalataa maatiidhaaf tau argachuu dandeessa
MAAL GOCHUU DANDEESSU? C A Q A S O O TA I J O O TAA N
Qoccolloorraa fagaachuuf, wanta qoccolloon akka uumamu “Namni irra-daddarbaa namaa na-
godhe adda baasanii beekuun murteessaadha. Kanaaf, yeroo maaf dhiisu jaalala barbaada.”
qoccolloon isin gidduu hin jirretti hiriyaa gaaelaa keessanii —Fakkeenya 17:9.
wajjin gilgaala armaan gadii hojjechuuf yaalaa.
“Waliif dandaaa, namni tokko isa
1. Waraqaa tokko tokko qabadhaatii wanta dhiheenyatti akka kaan yoo komate waliif dhiisaa.”
wal qoccoltan isin godhe barreessaa. Fakkeenyaaf abbaan —Qolosaayis 3:13.
manaa, “Bakka jirtu bilbiltee utuu natti hin himin guyyaa guut-
uu hiriyootakee wajjin oolte” jedhee barreessuu dandaa. Haa- “Namni gowwaan, yaada aarii
ti manaammoo, “Kanati aarte hiriyootakoo wajjin waanan yeroo garaa isaatii hundumaa in dub-
dabarseefidha” jettee barreessuu dandeessi. bata, namni ogeessi garuu in
obsa, of qabaas in dubbata.”
2. Garaa qulqulluudhaan yaada armaan gadiirratti mariad- —Fakkeenya 29:11.
haa: Dhimmi kun dhuguma hamma kana kan wal nu qoccolsi-
isu turee? Bira darbuu hin dandeenyu turree? Yeroo tokko tok-
ko, nagaa uumuuf jecha, garaagarummaa qaban amananii
fudhachuudhaan jaalalaan bira darbuun gaarii tauu dandaa.
QOCCOLLOON ISIN GIDDUUTTI
—Seera buuuraa Macaafa Qulqulluu: Fakkeenya 17:9.
YOO UUMAME . . .
Wanti sun salphaa tauusaa yoo hubattan, dhiifama wal gaa-
fachuudhaan waaee dhimma sanaa yaaduu dhiisaa.—Seera Sababiisaa beekuuf yaalaa:
buuuraa Macaafa Qulqulluu: Qolosaayis 3:13, 14. Yeroo wal qoccolaa turtan inni
tokko maal akka godhu bar-
Dhimmichi tokkoon keessaniif ykn lamaan keessaniifiyyuu
baaddu turtan? Sababiisaa
cimaa yoo fakkaate qabxii ittaanutti ceaa. hubadhaa.
3. Yeroo wal qoccolaa turtanitti wanta isinitti dhagaame bar- Wanta yeroo wal qoccolaa tur-
reessaa. Fakkeenyaaf abbaan manaa, “Naa wajjin tauurra hiri- tan raawwatamerratti yaadaa:
yootakee wajjin tauu akka barbaaddu waan natti dhagaamee- Lamaan keessan wal qoccoluu
fidha” jedhee barreessuu dandaa. Haati manaammoo, mannaa dhimma sana hiikuuf
maal gochuu dandeessu turtan?
“Akkuma abbaan tokko intalasaa toatu, akka mucaatti na toa-
chuu akka barbaaddu waan natti dhagaameefidha” jettee bar-
reessuu dandeessi.
4. Waraqaa keessan wal jijjiiruudhaan yaada barreessitan dub- Dhimmichi cimaa ture yoo tae
bisaa. Yeroo wal qoccoltan hiriyaa gaaelaa keessan caalaatti dhiifama wal gaafachuudhaan
kan yaaddesse maal ture? Dhimma sana utuu wal hin qoccolin bira darbaa
hiikuuf lamaan keessaniyyuu maal gochuun akka isinirra ture
mariadhaa.—Seera buuuraa Macaafa Qulqulluu: Fakkeenya
29:11.
5. Gilgaala kanarraa maal akka barattan mariadhaa. Barumsa
argattan kanatti fayyadamuudhaan, gara fuulduraatti qoccol-
loo uumame hiikuu ykn akka wal hin qoccolle gochuu kan dan-
deessan akkamitti? ˛

Dammaqaa! Ebla-Waxabajjii 2013 15


QAAMNI KANA TOLCHE JIRAA?

AARARRAAN agaamaa jedhamu bak-


G ka diriiraa taerraa wanta ol dhaaba-
tu tokkotti salphaatti utaaluu dandaa.
Eegee Wanti inni irraa utaalu sun kan mucu-
caatu yoo tae garuu miillisaa waan sigi-
Gaararraa gaatuuf sirriitti dhaabachuu hin dandau.
Taus, wanta itti utaalu sanarra akka gaa-
Agaamaa riitti qubachuu dandaa. Akkamitti? Kana
gochuuf kan isa gargaaru eegeesaati.
Mee yaadi: Agaamaan wanta hin mu-
cucaannerraa yommuu utaalu, jalqaba
qaamasaa sirreeffata, eegeesaas gad
buusa. Kana gochuunsaa madaalliisaa
eegee utaaluuf isa gargaara. Yommuu
wanta mucucaataa taerraa utaalu gar-
uu, miillisaa waan sigigaatuuf gar tokkot-
ti jalata. Haatau malee, utuu utaalaa
jiruu eegeesaa ol kaasuudhaan madaal-
liisaa sirreeffata. Akkaataan inni kana
itti godhu wal xaxaadha. Gabaasni Yuni-
varsiitiin Kaalifoorniyaa, Baarkileeyitti ar-
gamu baase tokko, “Gaararraan kun id-
doo itti utaalu sanarra qubachuusaa
dura eegeesaa ol kaasuudhaan madaal-
liisaa eeggata” jedheera. Wanti inni irraa
utaalu baayee kan mucucaatu yoo tae,
akka gaariitti qubachuuf eegeesaa caa-
laatti ol kaasa.
Injiinaroonni roobootota akka konko-
laataatti tajaajilaniifi sochoi lafaa ykn
balaa garabiraan yeroo gautti lubbuu
baraaruuf gargaaran fooyyessanii
hojjechuuf, eegee agaamaarraa diizaayi-
nii qopheessuu dandau. Namni qoran-
noo geggeessuufi Toomaas Liib jedha-
mu, “Roobootonni akka lubbu qabeeyyii
madaalliisaanii eeguu hin dandaan. Ka-
naaf, wanti roobootonni madaalliisaanii
˘ Ariadne Van Zandbergen

akka eegan gochuuf hojjetamu ka-


miyyuu jijjiirama guddaadha” jedheera.
Maal sitti fakkaata? Eegeen agaa-
maa jijjiirama tirannaatiin dhufee? Moo
qaamni kana tolche jira? ˛

s
n Barruu kanaafi kanaan
dura baan kaffaltii
m Matadureefi gilgaala
warraaf, dargaggootaafi
p Macaafni Qulqulluun
Intarneetiirratti afaan 50n
o malee garagalfadhu q ijoolleedhaaf tau argama

g13 04-OA

You might also like