Professional Documents
Culture Documents
Qabiyyee
Zinaa Irraa Akkamitti Of eeganii? ............................................................................ 5
1-Wantoota gara Zinaatti nama fudhatan irraa fagaachu.............................. 5
2-Adabbii fi miidhaa zinaa itti xinxalluu- ............................................................ 12
Seenaa irraa Adabbii fi Midhaa Zinaa................................................................. 18
3-"Akkas yoo godhe akkas hin ta’uu" jechuun badiitti tarkaanfachuu
irraa of eegu .......................................................................................................... 24
4-Boodarra nan tawbadha jechuun ibidda zinaa harkaan qabachu irraa of
eegu......................................................................................................................... 26
5-Namni wanta haraamaa jaallatu Rabbiif jedhee dhiise, wanta san karaa
halaalatiin argata ykn kan san caalu Rabbiin bakka isaaf buusa ..................... 28
6-Filannoo lamaan keessaa tokko filachuu .......................................................... 29
7-fuudhu ykn heerumu, yoo kana dadhaban soomu .......................................... 33
8-Hiriyyoota babbadoo irraa fagaachu ................................................................ 34
9-Yeroo hundaa gara Rabbii azza wa jalla dhiyaachuu fi ikhlaasa
qabaachuuf carraaqu .......................................................................................... 37
Zinaa Irraa Akkamitti Tawbatanii? ................................................................. 42
Mindaa Nama Zinaa irraa Of eeguu............................................................................ 49
Imimmaan Tawbah ..................................................................................................... 51
Garaagarummaa jaalala fi hariiroo haraamaa ....................................................... 55
Hayyoota irraa Gorsoota mimmi’awoo Dabalataa ................................................. 59
Zammul Hawaa Aqlan (Sammuun fedhii lubbuu qullaa ta'ee balaalefachuu) 59
Fedhii lubbuu hordofuu fi faalleessuu ................................................................. 62
Gosoota Al-Lazzah (Mi'aa, Gammachuu, mirqaansu)....................................... 63
Dhugaa Guddaa Dagatamuu hin qabne ........................................................... 65
Mi’aan ni Dhumata ................................................................................................ 66
4
Obsa ......................................................................................................................... 67
ٗ ٓ ٗ َ َٰ َ َ َ ُ َّ َ َ ْ ُ َ ۡ َ َ َ
﴾٣٢حشة َو َسا َء َسبِّيل
ِّ لزن ى إِّنهۥ َكن ف
ِّ ﴿وَل تقربوا ٱ
6
Aaya tana keessatti zinaa fi wanta zinaatti nama dhiyeessan irraa dhoowwa.
Wantoota gurguddoo zinaatti nama geessan keessaa tokko “ilaalcha”. Namni
wanta bareedaa tokko yoo ilaale, ni hawwa. Ergasii itti yaada. Yaanni isaa
bilchaachun gara fedhii cimaa fi ijjannootti jijjirama. San booda badii zinaatti
kufa. Kanaafi, tarkaanfi xumura kana irra akka hin geenye, Rabbiin subhaanahu
wa ta’aalaa suurah biraa keessatti tarkaanfi jalqabaa, “Ilaalcha” akka too’atan
akkana jechuun ajaja:
Kuni hojiidhaan dhoowwudha. Osoo ilaalun kan hayyamamu ta’e, sila Nabiyyiin
Fadliin ni mirkeessaa ture. Ammas, Hadiisa keessatti akkana jedhamuun dhufee
jira: “Ilaalun xiyyoota ibliisaa irraa xiyya summooftedha.” (Haakim,
Mustadrak 4/314) Xiyyi qalbii keessa naanna’uun hojii summiin hojjatu hojjata.
Namni summii yoo dhuge, dafee of keessaa yoo hin qulqulleessin, isa ajjeesa.
Jariir ibn Abdullah (radiyallahu anhumaa) akkana jedha: waa'ee "ilaalcha tasaa"
ilaalchisee Ergamaa Rabbii (SAW) gaafadhe. Innis akka ija kiyya irraa
garagalchu na ajaje. (Sahiih Muslim 2159)
Ilaalchi tasaa ilaalcha jalqabaa namni niyyaa malee ilaaludha. Namni qalbii
isaatin itti hin niyyanne ilaalcha tanaaf hin adabamu. Garuu itti xiyyeefate yeroo
lammataaf yoo ilaale, dilii (cubbuu) kan hojjate ta'a. Nabiyyiin (SAW) yeroo
ilaalcha tasaa, ija isaa akka irraa garagalchu ajaje. Ilaalcha isaa itti fufsiisuu hin
qabu.
Ilaalchi wanta xiyyi yeroo darbamu hojjatu hojjata. Xiyyii yoo nama hin
ajjeesin ni madeessa. Ammas, ilaalchi ijaa akka qaanqe citaatti darbamteeti.
Yoo hunda hin gubin, garii isaa ni gubdi. Akkuma jedhame:
Taaten hundi jalqabni isaa ilaalchaa
8
2ffaa-ija gadi qabachuun qalbii ifa (nuura) ija, fuulaa fi qaama irraa mul’atu
dhaalchisa. Ija gadi füruun immoo qalbii dukkana fuulaa fi qaama irratti
mul’atu dhaalchisa. (Kana jechuun ija ofii gadi qabachuun qalbiif ifa kenna.
Ifti kuni fuula fi qaama irraa mul’ata. Fkn, fuuli nama ija gadi qabatu ni ifa,
gammachuun isarraa mul’ata. Namni ija gadi fure immoo qalbii isaa keessatti
dukkanatu itti dhagahama. Dukkanni kuni fuula irraa mul’ata. Fkn, fuulli isaa
sunturuu fi kontofachuu. ) Hadiisa keessatti akkana jedhamuun dhufee jira:
“Ilaalun xiyyoota ibliisaa irraa xiyya summooftedha. Namni miidhaginna
dubartii irraa ija ofii gadi qabate, Rabbiin qalbii isaatiif ifa kenna.” (al-
Mu’jamul Kabiir 10363)
6ffaa- Qalbii hidhaa fedhii irraa qulqulleessa– yommuu ijji wantuma argite
ilaaltu namtichi lubbuu ofiitif hidhamaa fi gabra ta’a. Tanas, taanis ni dharra’a.
Haala kanaan jireenya ofii darara. Namni ija ofii gadii qabatu immoo kanarraa
ni baraarama.
7ffaa- Balbala azaaba (adabbii) isarraa cufa- haraama ilaalun balbala fedhii
badii keessatti akka kufan nama taasisuudha. Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa
ilaalcha haraama gochuun badii irraa hijaaba (haguuggii) isa bira akka hin
9
Hanga kana waa’ee ilaalchaa haraamaa hayyoota irraa erga fudhanne, badii
jabana kana sababa ija gadi furuutiin umamu haa ilaallu. Yeroo durii wanti akka
TV, interneeti, gazeexaa, mobaayili fi kkf jedhamu hin jiru ture. Garuu yeroo
amma wantoonni kunniin vaayrasii qalbii namaa baallessu of keessatti kuusun
mana hunda seenanii jiru. Vaayrasiin meeshaaleen ammayyaa baadhatan
kunniin filmi badaa, dubartii qullaa fi wantoota fokkuu biroo mul’isuudha.
Dargaggeessi yommuu adda ta’uu, filmii wal-qunnamtii foonii ilaalun jireenya
isaa barbadeessa. Namoonni kunniin yommuu fiilmi kana ilaalan, amaloonni
badaan baay’een isaan irraa mul’atu. Amalli hundarra badaan isaan irraa
mul’atu, Rabbii olta’aa fi Guyyaa Qiyaamaatti kafaruu (amanuu diduudha). Tarii
namni zinaa hojjate, tawbatee of qulqulleessu danda’a. Garuu namoonni kunniin
yommuu filmii kana itti deddeebi’uun ilaalan qalbiin isaanii ni dukkanoofti.
Dhugaa fi soba addaan baafachuun itti ulfaata. Ragaa ifa jiru fudhachuu didu.
Sababa kanaan, Guyyaa Qiyaamatti hin amanan. Qur’aana keessatti:
1
Gabaabsun Rawdatul Muhibbiin wa nuzhatul mushtaaqiin-fuula 146-165, Ibn
Al-Qayyim
10
Wanti isaan hojjataa turan kuni badii adda addaa ifaa fi dhoksatti hojjataniidha.
Badiiwwan kanniin keessaa filmiin wal-qunnamti dhoksatti ilaalan qalbii
namaa haguuga.
Wanti biraa gara zinaatti nama fudhatu, waliin haasawuudha. Akkuma namtichi
jedhe: Ilaalu, seeqachuu, nageenya wal gaafachu, haasawuu, wal qaxaruu ergasii
wal-qunnamuu.
Dhiiraa fi dubartiin tarkaanfi jalqabaa ilaalu wal ilaalu. Ergasii walitti
seeqachuun ni dhufa. San booda nageenya wal gaafachu. Itti aanse waliin
haasawu. Ergasii wal qaxaruu. Dhumarratti wal-qunnamuun baditti kufuudha.
Kunniin tarkaanfilee sheyxaanati. Namni tarkaanfilee sheyxaanaa hordofe
baditti kufa. Kanaafi, Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa ni jedha:
Zamana kana karaaleen wal qunnamtii baay’ee kan ariifateedha. Iddoo fagoo
irraa daqiiqaa muraasa keessatti wal qunnamuun danda’ame jira. dhiiraa fi
dubartiin nyaapha waliif ta’an, telefonaanis ta’i, qaaman haajaa tokko malee
yommuu waliin haasawan, ibiddi fedhii isaan keessatti boba’a. Akkuma
Oromoon mammaaku “Killeen suuta suuta lukaan deemti” Waliin haasawuun
suutuma suuta gara zinaatti nama geessa. Kanaafu, karaan zinaa irraa ittiin of
eegan keessaa tokko, haajaa tokko malee saalaa faallaa fuudhu/itti heerumu
11
Guduunfaa
☂Zinaan shirkii fi haqa malee ajjeesutti aanee badii gurguddaa keessaa tokko.
☂Tooftaan jalqabaa zinaa irraa ittiin of eegan wantoota isatti nama geessan
irraa fagaachudha. Wantoonni zinaatti nama geessan: Ilaalu, waliin haasawuu,
saalli faallaan walitti makamu, kophaa waliin ta'uu...
☂Ijaan ilaalun tarkaanfi jalqabaa gara zinaa nama fudhatuudha.
☂Namni ija ofii haraama irraa qabe, zinaa irraa of qabe.
12
2-Adabbii fi miidhaa zinaa itti xinxalluu- ammas dubbii imaamu ibn Al-
Qayyim akka aannani mi’aayu irraa haa dhugnu. Imaamu ibn Al-Qayyim mata-
duree, “Karaa haraamaa keessatti lixuu, badii fi laalaa itti nama geessu” jedhu
jalatti akkana jedha:
Namni qaruutee ta'e hundi karaa kamiyyuu deemu hin qabu hanga nageenya
isaa, badii isaati fi wanta karaan kuni itti nama geessu beekutti malee. Karaaleen
lamaan kunniin halaaka (badii) warra jalqabaa fi xumuraati. Isaan keessa badii
guddaatu jira, gahuumsa fokkuu fi boolloo badiitti nama geessu. Kanaafi,
Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa karaa zinaa karaa hundarra badaa godhe, ni
jedhe:“Sagaagalummattis hin dhihaatinaa. Dhugummatti inni hojii
fokkataa fi karaa hamaa ta’ee jira.” (Suuratu Al-Isra 17:32)
Karaan zinaa akkana yoo ta’e, karaan saalaa wal fakkaatun wal qunnamu
(homosexuality) maal ta’inna ree laata? Saalaa wal fakkaatun wal qunnamun
adabbiin isaa zinaa caalaa dachaa dachaadha.
Karaan zinaa karaa hundarra hamtuu ta’eedha. Iddoon turtii warra zinaa
raawwatu iddoo hundarra badaa ta’eedha. Hanga Guyyaa Qiyaamaatti ruuhin
isaanii midijjaa ibiddaan guuttame keessa qubatti. Jala ishiiti laboobaan ibidda
itti dhufa. Yommuu laboobaan jalaa isaanitti dhufuu ni iyyuu, olka’u. Ergasii
gadi deebi’u. Hanga Guyyaa Qiyaamaatti akkanatti itti fufu. Akkuma Nabiyyiin
(SAW) abjuu keessatti isaan arge. Abjuun nabiyyootaa haqa shakkii wayitu hin
qabneedha.
Namtichi lammataas akkuma yeroo jalqabaa itti hojjate ammas itti hojjata. Anis
hiriyyoota lamaan na waliin jiraniin, Subhaanallahi (Rabbiin qulqullaa’e)!
Kunniin lamaan maaliidhaa? Isaanis ni jedhan, gara fuunduraatti deemi.
Nutis gara fuunduraatti deemnee nama dugda isaatiin ciisu fi nama mataa isaa
irra dhaabbatee hookkoo sibiilaa harkaa qabutti dhufne. [Namni hookkoo harkaa
qabu kuni nama dugdaan ciise kana] gama fuula isaa tokkootiin itti dhufuun
[hookkoon] afaan isaa gara duubaatti tarsaasa, funyaanis gara duubaatti, ijas gara
duubaatti tarsaasa. Ergasii gama biraatin itti dhufuun akkuma wanta gama
jalqabaatiin itti hojjate hojjata. Osoo inni gama tokkoon hin xumurin gamni biraa
akkuma duraan türetti deebi’e fayya. Ergasii itti deebi’ee akkuma si’a tokkoffaa
itti hojjate isatti hojjata. Anis, subhaanallahi kunniin maaliidha? Jedhe.
Hiriyoonni kiyya lamaanis gara fuunduraatti deemi nan jedhan.
Ergasii nutis gara fuunduraatti deemun wanta akka midijjaa guddaatti dhufne.
Achi keessa iyyansaa fi sagaleetu jira. Midijjaa kana keessa yommuu ilaallu
dhiirotaa fi dubartoota qullaa ta’antu jiru. Isaan jalaa laboobaan ibiddaa isaanitti
dhufa. Yommuu laboobaan kuni isaanitti dhufu garmalee iyyu. Anis hiriyyoota
lamaan na waliin jiraniin ni jedhe, “Kunniin eenyudhaa?” Isaanis ni jedhan, gara
fuunduraatti deemi, deemi.
Nutis gara fuunduraatti itti fufuun laga akka dhiigaa diimatutti dhufne. Laga
kana keessa namtichi tokko ni daakaa, namtichi biraa immoo daari lagaatti
dhagaalee baay’ee walitti qabetu jira. Namtichi kuni hanga daake daakee gara
namticha dhagaa walitti qabe kanatti dhufa. Ergasii afaan ni banaaf, namtichis
dhagaa itti darba. Innis daakkaa isaa itti fufa. Ergasii itti deebi’a. Dhawaatuma
itti deebi’uun afaan ni banaaf, innis dhagaa itti darba. Anis ni jedhe kunniin
eenyudhaa? Isaanis ni jedhan, gara fuunduraa deemi deemi.
Nutis gara fuunduraatti deemuun nama bifti isaa garmalee jibbisiisaa ta’etti
dhufne. Isa cinaa ibidda qabsiisee naannawa isaatirra fiiga. Anis ni jedhe kuni
eenyudhaa? Isaanis ni jedhan, gara fuunduraa deemi, gara fuunduraa deemi.
Nutis gara fuunduraatti deemnee ashaakiltii biqiltoonni garmalee magariisa
ta’anitti dhufne. Ashaakilti kana keessa namticha garmalee dheeraa ta’etu jira,
dheerinna irraa kan ka’e mataa isaa arguutti hin dhiyaadhu. Naannawa isaa
14
ijoollee garmalee baay’atan takkuu hin agarretu jira. Anis ni jedhe, kunniin
eenyudhaa? Isaanis ni jedhan, gara fuunduraa deemi, gara fuunduraa deemi.
Anis ni jedhe, halkan kana guutuu wantoota ajaa’ibaa arge. Wantoonni ani arge
sunniin maaliidhaa?” Isaanis ni jedhan, si beeksifna: Namtichi jalqabaa ati itti
dhufte kan mataan isaa dhagaadhaan buruqfamu, namticha Qur’aana baratee
ergasii hin dubbisuus, ajajoota isaas hojii irra hin oolchu. Salaata dirqamaa irraas
ni rafa. Namtichi afaan, funyaanii fi ijji isaa fuundura irraa gara duubaatti
tarsaafamu immoo namticha ganamaan mana isaati bahee soba baay’ee
addunyaa guutuu waliin gahuu sobuudha. Dhiironni fi dubartoonni qullaa wanta
akka midijjaa keessa jiran immoo dubartoota fi dhiirota zinaa raawwataniidha.
Namtichi laga keessa daaku fi dhagaa akka liqimsu isaaf kennamu immoo
namticha ribaa (dhala) nyaatudha. Namtichi bifti garmalee jibbisisaa ta’ee fi
ibidda qabsisuun naannawa ishii irra deemu, Maalik waardiya Jahannam kan
ta’eedha. Namtichi ashaakilti keessatti garmalee dheeraa ta’e immoo Ibraahim
(aleyh salaam). İjoolleen naannawa isaa jiran immoo ijoollee fixrah (Islaamaa)
irratti du’an hunda. [Namni hadiisa kana gabaasu ni jedhe] Muslimoonni gariin
15
Adabbiin biraa nama zinaa raawwatu irratti bu’u, dallansuu Rabbii azza wa jalla,
fuulli gurraacha’u fi dukkanaa’u, qalbiin dukkanaa’u, ifti ishii baduu,
hiyyummaa namarraa addaan hin baane fi kkf adabbii zinaa irraa dhalataniidha.
Ammas, zinaan kabaja nama isa raawwatu balleessa, Ija Rabbii irraa isa/ishii
kuffisa, ija gabroota Isaa irraayyyis ni kuffisa. Ammas, maqaan hundarraa gaarii
ta’e kan akka kabaja eeggachu, tola oolu fi haqummaa irraa mulquun faallaa
maqaa kanaa kennaaf. Kan akka faajir (nama badii baay’ee hojjatu), faasiq
(fincilaa), sagaagalaa ykn sagaagaltuu, kaadi fi kkf kennaaf. (Mee itti xinxalli,
namni yommuu zinaa (sagaagalummaa) irraa of eegu, maqaalee babbareedan
waamama. Inni/ishiin nama kabaja ykn qulqullummaa ofii eeggatu/ttu. Ishiin
durbummaa qabdi fi maqaaleen babbareedon biroo isaaf/ishiif kennama. Garuu
yommuu fedhii ofiitin zinaa raawwatu/ttu, maqaaleen fokkuun ni kennamuuf.
Maqaalee fokkuu kana asitti dubbachuunu ni ulfaata. Isinu ni beektu, maqaa
hawaasa keessatti itti baasan. Kanaafu, namni qaruuten maqaa badaan waamame
akka hin salphanneef, zinaa irraa ni dheessa.)
Achi keessa iyyansaa fi sagaleetu jira. Midijjaa kana keessa yommuu ilaallu
dubartootaa fi dhiirota qullaa ta’antu jira. Isaan jalaa laboobaan ibiddaa
isaanitti dhufa. Yommuu laboobaan kuni isaanitti dhufu garmalee iyyu.”
Ammas adabbii zinaa irraa: kophummaa Rabbiin qalbii nama zinaa raawwatu
keessa kaa'udha. Kuni kophummaa fuula isaa irraa mul’atuun wal fakkaata.
Namni zinaa irraa of eegu fuula isaa irra mi’aa, qalbii isaa keessa boohartiitu
jira. namni isa walin taa’e ni boohara. Namni zinaa raawwatu garuu fuula isaa
kophummaatu uwwisa. Namni isa waliin taa’ee kophummaan itti dhagahama.
adaba. Dhugumatti, wanta Rabbiin bira jiru Isaaf ajajamuun malee hin argatan.
Rabbiin Isa faallessu (ma’asiyaa) karaa kheeyri ittiin argatan gonkumaa hin
goone. Osoo namni zinaa raawwatu zinaa irraa of eegu (iffah) keessa mi’aa,
gammachuu, qomni bal’achuu fi mi’aa jireenyaa argee, silaa wanti isa jala darbe
wanta argatee caalaa dacha dachaa ta’u ni argaa ture.
Badiin zinaa duraa fi waliin gosoonni badii biroo dhufan malee hin guuttamu.
Zinaa erga raawwatanii boodas gosoonni badii baay’een ni dhalatu. Duraa fi
boodaan badii garagaraatin kan marfameedha. Sharrii addunyaa fi aakhira
namatti fida. Wanta hunda caalaa kheeyri addunyaa fi aakhira namarraa
hanqisa.2 Namni zinaatti yoo kufe, takkaa qananiin keessaa, takkaa qananiin alaa
takkaa immoo qananiin alaa fi keessaa isarraa fudhatamti. Qananiin keessaa kan
akka mi’aa iimaanaa fi ibaadaa, gammachuu, mirqaansu, qomni bal’achu,
kabajaa fi kkf. Qananiin alaa immoo kan akka fuulli ifuu, qabeenya, namoota
keessatti kabaja argachuu. Qananiiwwan kunniin isaaf itti fufu yoo inni mataa
ofiitiin badii raawwachuun ofirraa kaase malee. Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa
ni jedha:
ْ ُ َ ُ َّ َ ۡ َ َٰ َ َ َ َ َ ۡ َ ً َ ۡ ٗ َ ُ ُ َ ۡ َ َ َّ َّ َ َ َٰ َ
َٰ ﴿ذل ِّك بِّأن ٱّلل لم يك مغ ِّيا نِّعمة أنعمها لَع قو ٍم ح
َّت يغ ِّيوا
َ ٌ َ َ َّ َّ َ َ ۡ ُ َ َ
﴾٥٣س ِّهم وأن ٱّلل س ِّميع علِّيم
ِّ ما بِّأنف
2
Rawdatul Muhibbiin wa nuzhatul mushtaaqiin- fuula 485-497, Ibn Al-Qayyim
18
“Sunis, hanga isaan wanta nafsee isaanii keessa jiru jijjiranitti Rabbiin
qananii ummata qananiise kan hin jijjirree ta’eefi. Dhugumatti, Rabbiin
Dhagahaa, Beekaadha.” Suuratu Al-Anfaal 8:53
“Sunis” kana jechuun azaabni (adabbiin) Rabbiin ummattoota kijibsiisan irratti
buusee fi qananii isaan keessa jiran isaan irraa fudhate, sababa badii isaan
hojjatanii fi wanta nafsee isaanii keessa jiru jijjiraniifi. Qananii amantis ta’i
qananii addunyaa irraa Rabbiin qananii namoota qananiise hin jijjiru, hanga
isaan wanta nafsee isaanii keessa jiru jijjiranitti malee. Kana irra, yoo isaan
Isa galateefachuu dabalanii fi itti fufan, Innis isaaniif dabala. Wanta nafsee
isaanii keessa jiru jijjiruu jechuun Rabbiif ajajamu irraa gara Isa faallessuutti
jijjiru, Isa galateefachu irraa qananii Isaa waakkachuu. Yommuu isaan kana
godhan, qananii isaan irraa fudhata. Akkuma isaan wanta of keessa jiru jijjiran
Innis isaan irratti jijjira.3
Adabbiin zinaa baay'eedha. Namni adabbii fi miidhaa zinaa irraa dhalatutti
xinxalluun irraa fagaachu danda'a. Garuu namni zinaatti kufe, dafee tawbaa
dhugaa tawbachuun of qulqulleessu fi adabbii jalaa bahuu danda'a.
Gola Gaddaa4
Namni seenaa kana himu akkana jedha:
Hiriyyaa gaarii tokko qabaa ture. Isa waliin taa’uu fi isa arguun na
gammachiisaa ture. Isa waliin yeroo dheeraa wal jibbi keessa hin jirre dabarse.
Ergasii ani Kaayiroo irraa godaanuun yeroo dheeraaf ture. Urga sanii xalayaa
waliif ergaa turre. Garuu xalayaa walii erguun kuni yeroo dheeraaf itti hin
fufne. Addaan cite. Haalli isaa kuni na shakkisiise. Ergasii gara Kaayiroo
deebi’uun isa barbaadu jalqabe. Garuu hin arganne. Gara mana isaa deemun
ollaa gaafadhe. Ollaanis, urga asii godaane turee jira nan jedhan. Eessa akka
3
Tafsiiru Sa’dii-fuula 368
4
100 Qissatu min nihaayati zaalimiina Fuula 251-255
19
deemes hin beekan. Anis abdi kutuun ammaan booda isa hin argu jechuun
taa’e.
Garuu gaafa tokko osoo halkaniin gara mana kiyyaa deebi’uu, karaa wallaalee
xurree (karaa dhiphoo) tokkotti nan seene. Dukkanaa’u irraa kan ka’e waan
galaana keessatti lixe fi iddoon kuni iddoo jireenya jinnii natti fakkaate. Osoo
dukkana kana keessa raata’u, mana namni irraa dheesse takkatti
dhufe. Obboleettin takka keessaa aaddi. Obboleettiwwan biroos itti fufuun
aaduu jalqaban. Sagaleen isaanii kuni dhiibbaa narratti fiduu jalqabe. Ergasii
xurree barbaadun karaa mana kanaatti qajeele. Balbala manaa nan rukute.
Mucayyoon umriin ishii waggaa kudhan hin caalle natti gadi baate. Anis ishiin
nan jedhe, “Isin bira namni dhukkubsataan ni jiraa?” Hiddi onnee ishii hanga
cituu dhiyaaatutti booyu jalqabde. Ni jette, “Yaa Namticha! Abbaa kiyya
dhaqqabi machii du’aa waliin qabsaa’aa jiraati.” Ergasii na fuundura ni fiigde.
Anis hanga gola xiqqoo balbala loxee qabdutti dhufutti ishii duuka deeme.
Yommuu isa bira gahu, afuura baafataa fi deeffataa jira. Harka kiyya kallacha
isaa irraa kaa’e. Innis ija isaa banun fuula kiyya yeroo dheeraaf ilaale. Ergasii
suutuma suuta hidhii isaa ni bane. Sagalee gadi bu’aan akkana jedhe, “Rabbiin
galateefadha hiriyyaa kiyya argadhe.”… Anis haala isaa nan gaafadhe. Maaltu
haala kanarra isa geessee? Ani isa waliin taa’uun waan gammade fakkaata. Ol
na qabaa jechuun ni akeeke. Harka kiyya gara isaa diriirsuun ol qabee teechise.
Seenaa armaan gadii naaf himuu jalqabe:
Waggaa kudhaniin dura anii fi haati tiyya mana tokko keessa jiraachaa turre.
Cinaa mana kanaa ollaa qabeenyaa fi badhaadhinna baay’ee qabantu jiraa ture.
Gamoon isaanii shamara garmalee bareeddu takka of keessaa qaba. Nafseen
tiyya ishii qunnamuuf garmalee dhibamu jalqabde. Shamara tana sossoobuu
(abaabbalu) eegale. Ishiinis ni didde. Wanta hundaan qalbii ishii argachuuf nan
carraaqe. Garuu hin dandeenye. Ergasii waadaa ishii fuudhuu seenef. Ishiinis
diddaan ishii ni qabbanaa’e, naaf tole jette. Guyyaa takkaan qalbii fi kabaja ishii
jala saame. Garuu guyyoota muraasa malee homaa hin turre, ulfi garaa ishii
keessa akka jiru nan beeke. Anis itti yaadu jalqabe. Waadaa ishii nan guutaaf
moo funyoo jaalalaa ishii addaan kutaa? Kan jalqabaa irra kan lammataa filadhe.
Mana ishiin natti dhufaa turte godaanee biraa deeme. Achi booda dhimma ishii
homaa hin beeku.
20
"Osoo waadaa bade ykn jaalala darbee si waliin haaromsuuf kan siif barreessu
ta’e, silaa sarara tokko siif hin barreessu ture. Qubee takkas hin barreessu.
Waadaa akka keeti diigamaa kana, jaalala akka keeti jaalala kijibaa kana nan
yaadadha yookiin waan gaabbef nan haaromsa jedhee gonkumaa hin amanu.
Ulfa rakkataa fi ibidda qabsifamaa jiru cinaatti yeroo na dhiistee deemtuu beekte
jirta. Kuni wanta darbee irratti gadduudha. Yeroo sanitti immoo wanta dhufuuf
sodaachudha. Dararaa ati narraan geessite achi hin mil’anne, imimmaan gadi
jiigsite harki kee akka xuruuru hin taasisne. Kana hunda haajaa tokko malee
narratti gattee deemte. Kana booda ati dhiira kabaja qabu jedhee yaadu nan
danda’aa? lakkii…. Inuma ati nama jedhee yaadu hin danda’u…
“Si jaalladha” jechuun kijibdee jirta. Lubbuu tee malee homaa hin jaallattu.
Lubbuu tee gammachisuuf karaa natti argatte. Karaa kee keessatti na biraan
dabarte. Osoo akkas ta’uu baate, silaa balbala natti hin dhadhooftu turte. Fuulas
hin argitu turte.
Yommuu fuudhaa heerumaaf waadaa naaf galte naa gante. Nafsee teetin deemte,
waadaa kee diigde. Dubartii mujrimaa sadarkaa hin qabne fuute. Yakki ykn
salphinni kuni homaayyu miti badii harki kee hojjatee malee. (Kana jechuun
sababa badii narratti dalagdeen atis deemun dubartii badii hojjattuu fi salphattu
fuute. Al-jazaa’u min jiinsil amali (Gosa hojiitiin jazaa argatan)). Osoo ati
jiraachu baatte, silaa dubartii badii hojjattu fi salphattu hin ta’uu ture. Dhimmi
kee sirritti ilaaluf garmalee carraaqe ture. Akka daa’imni xiqqaan abbaa irree
guddaa fuunduratti kufu anis si fuunduratti kufee jira. Durbummaa
(qulqullumma) kiyya hatte. Nafseedhaan salphattu, qalbiidhaan gadditu ta’ee
jira. Jireenya ofirratti ulfeesse. Dubartii dhiiraaf niiti ta’uu hin dandeenye,
daa’imaaf haadha ta’uu hin dandeenye jireenya keessatti mi’aa maaltu jiraa?
Inuma mataa ishii yoo gadi qabattee, nyaara ishii gadi buustee fi ganaa ishii
boqoo irra keesse malee hawaasa ilma namaa kana keessa jiraachu hin
21
dandeessu. Warra qoosanii fi baacan sodaachu irraa kan ka’e, kutaaleen qaama
ishii ni hollata, mar’imaan ishii ni baqa (gubata).
Jireenya toltuu tiyya na saamte. Sababni isaas, erga wanti kuni uumamee booda
jireenya haadha fi abbaa kiyya waliin gamoo keessaa jiraachaa ture dhiisee
dheesse. Qananii san hunda of duubatti dhiisee mana gadi bu’aa, iddoo jireenyaa
namni irraa baqate, eenyullee hin beeknee fi balbala hin dhoofnetti gale. Jireenya
kiyya irraa wanta hafe asitti dabarsuuf dhufe.
Haadhaa fi abbaa kiyya ajjeeste. Akka isaan du’an beekee jira. Waan na dhabanii
fi na qunnamuu irraa waan abdi kutaniif malee waan biraatiif waan du’an natti
hin fakkaatu.
Xalayaa kana kan siif barreessu, si waliin waadaa haaromsuuf ykn jaalala
kadhachuuf miti. Ati kana irra na biratti garmalee salphataadha. Ani afaan qabrii
fi jireenya irraa addaan bahuu irra jira. Anaaf jaalala hin hawwiin, waadaafis
bakka hin kenniin. Kan ani xalayaa kana siif barreessef amaanaa na bira keessetu
jira. Ishiinis intala teeti. Kan qalbii kee keessa rahmata fuudhe, rahmata
abbummaa yoo siif dhiise, gara ishii deebi’i. Dararaan haadha ishii irra gahee
ishiirras akka hin geenye gara keetti ishii fudhu.”
Abbaan seeenaa himu itti fufuun akkana jedha: Xalayaa dubbisuu hin fixne.
Yommuu isa ilaalu imimmaan boqoo isaa irra gadi jiga. Akkana jechuun isa
gaafadhe; “Kana booda maaltu raawwatamee?” Innis ni jedhe: Xalayaa kana hin
dubbisne hanga hollannaan qaama kiyya keessa deemu natti dhagahamutti
malee. Gaddaa fi yaaddo irraa kan ka’e, qomni kiyyaa qalbii koo irraa akka waan
tarsa’uu heduutti yaadi. Gara mana ishiitti nan fiige. Manni ishii kunoo mana
22
ati amma keessatti na argaa jirtu kana. Gola kana keessatti reefa gogde hin
sochoone siree kanarratti ishii arge. Intala ishii ishii cinaatti booyinsa hadhaawa
boottu arge. Ulfaatinna argeen nan gaggabe. Yakka ishii gowwoomsu kiyya akka
waan bineensa nama miidhuu fi wanta gurraacha walitti qabamee natti fakkaate.
Gola ani, “Gola Gaddaa” jedhee moggaase tana akka gadi hin dhiisne, jireenya
ishii akka jiraadhu fi du’a ishii akka du’u Rabbiif waadaa gale…”
Dubbii isaa kana caalaa itti hin fufne. Arrabni isaa ni hidhame. Fuulli isaa ni
dukkanaa’e. Firaasha isaa irratti kufe. Osoo akkana jedhu ruuhi isaa ni kenne:
“Intala tiyya yaa hiriyyaa koo!” Sa’aati tokkoof achi turee wanta hiriyyaan
hiriyyaaf raawwachuu qabu nan raawwadhe. Ergasii janaazaa isaa akka
gaggeessan hiriyyootaa fi namoota isaa beekanatti nan barreesse.
Rabbiin ni beekaa yommuu seenaa isaa barreessu booy’insa kiyya too’achuu hin
dandeenye. Yeroo addunyaa gadi furuu wanta jedhee fi jecha kana hin dagadhu:
“Intala tiyya yaa hiriyyaa koo!”
Yaa dhiirota qalbiin jabaate hoo! Dubartoota nafseen isaanii dadhaboo ta’aniif
garaa laafaa. Kabaja fi qulqullummaa isaanii irraa yommuu isaan
gowwoomsitan, isin hin beektan. Qalbii tamiin darartuu, dhiiga kamiin
jiigsituu!”
ta’uu hin dandeenye, daa’imaaf haadha ta’uu hin dandeenye jireenya keessatti
mi’aa maaltu ishiif jiraa?
➦Dhiirri dubartii takka gowwoomsun wanta badaa yoo itti hojjate, adabbiin
badaan akka isa eeggatu dagachuu hin qabu. Abaarsi nama zullomame
(miidhame) waan isarratti bu'uuf.
➦Sababa zinaatin daa'immaan yoo dhalatan, jireenya keessatti garmalee
miidhamu.
Balaan zinaan fidu xiqqaa miti. Eenyutu seenaa kanaan gorfamee, zinaa irraa
fagaataa?
Seenaa armaan olii kana sagaleen dhageefachuuf, as tuqaa: Hammi isaa 12MB
http://www.sammubani.com/wp-content/uploads/2019/12/Gola-Gaddaa-
miidhaa-zinaa-irraa-dhalatu.mp3
24
“Dhugumatti Rabbiin wanta namoota bira jiru hin jijjiru hanga isaan
wanta nafsee isaanii keessa jiru jijjiranitti malee. Yeroo Rabbiin
namootatti hamtuu fedhe, isaaf deebisaan hin jiru. Isaan ala tiiksaan
isaaniif hin jiru.” Suuratu Ar-Ra’ad 13:11
Hanga namoonni iimaana irraa gara kufriitti, Rabbiif ajajamuu irraa gara Isa
faallessutti darbanitti malee Rabbiin qananii fi tola namoota qananiise hin jijjiru.
Yeroma isaan iimaana irraa gara kufriitti ykn Isaaf ajajamuu irraa gara Isa
faallessutti ykn immoo qananii Isaatiif galata galchuu dhiisanii yoo ittiin of
tuulan, qananii kan isaan irra qola (fudhata). Haaluma kanaan, namoonni
ma’asiyaa (badii) irraa gara Isaaf ajajamuutti darbuun wanta isaan keessa jiru
yoo jijjiran, Rabbiinis rakkoo fi dararaa isaan keessa turan gara laafinnaa fi
gammachuutti isaaniif jijjira. “Yeroo Rabbiin namootatti hamtuu fedhe” kana
jechuun adabbii, rakkoo fi wanta isaan jibban yoo isaan irratti buusu fedhe,
eenyullee deebisu hin danda’u. “Isaan ala tiiksaan isaaniif hin jiru.” Rabbiin
ala wanta badaa isaan jibban irraa kan isaan eegu fi waan gaarii isaan jaallatan
25
kan isaaniif fidu hin jiru. Kanaafu, badii hojjachuu itti fufuu irraa of haa
qusatan.5
Seera hin jijjiramne kanarraa ka’uun, Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa nama Isa
faallessuu fi wantoota fokkuu hojjatutti adabbii fi rakkoo buusu yoo fedhe,
eenyullee nama kanarraa rakkoo fi adabbii kana deebisuu hin danda’u. Hanga
fedhe "Tooftaalee rakkoo narraa deebisan" jedhee yaade hunda haa fayyadamu,
homaa isa hin fayyadan. Mee akka fakkeenyaatti, ilma Nabii Nuuh haa ilaallu.
Yommuu ummanni Nabii Nuuh, ergaa isaa didanii kufrii fi badii isaanii itti
fufan, dhumarratti Rabbiin subhaanahu adabbii isaan irratti murteesse. Adabbiin
kunis samii irraa fi dachii keessaa bishaan isaanitti dhangalaasudha. Nabii
Nuuhin (aleyh salaam) dooni (markaba) hojjatee akka lubbuu qabeenyi irraa
cimdii fi namoota amanan achirratti guuru Rabbiin ajaje. Yommuu dooni hojjate
yaabbif ka’uu, ilma isaatiin, “Koottu nu waliin dooni tana yaabbadhu” jedheen.
Garuu ilmi isaa, "bishaan jalaa gaara gubbaatti dheessa, gaarri bishaan irraa na
eega" jechuun abbaa waliin markaba yaabbachu dide. Qur’aanni akkana jechuun
haasawa isaanii nuuf gabaasa:
“Ishiinis (doonin) danbalii akka gaaraa keessa isaaniin deemte. Nuuh ilma
isaa [doonii irraa] fagoo tureen, “Yaa ilma kiyya! Nu waliin yaabbadhu,
kaafirota waliin hin ta’in.” jechuun itti lallabe. [Ilmis] ni jedhe, “Gara
gaaratti baqadha, [gaarri] bishaan irraa na eega.” [Nuuhis] ni jedhe,
“Har’a wanti ajaja Rabbii irraa nama eegu hin jiru, nama Rabbiin rahmata
godheef malee.” Danbaliin isaan lamaan jidduu seene, innis (ilmi) warra
bishaanin nyaataman keessaa ta’e.” Suuratu Huud 42-43
5
Tafsiiru Sa'dii-fuula 479
26
Ilmi nabii Nuuh gaara abdate. Garuu gaarri adabbii irraa homaa isa hin fayyanne.
Kuni namootaaf barnoota guddaa ta’a. Badii yoo hojjadhe, adabbii Rabbii irraa
kana gochuun of eega jedhanii yaadun dhugumatti of gowwoomsudha. Amma
mee seenaa kanaa fi mata-duree keenya wal haa qabsiisnu. Namoota zinaaf
dharra’an dhibeen qabamta, ni ulfoofta jedhanii yommuu itti himan, wanta
hammayyaatin of eega jechuu danda'a/dandeessi. Wanti hammayyaa kunis,
kondomii, kiniini, ulfa baasu fi kkf dha. Wantoonni kunniin sababoota. Garuu,
akkuma irranatti jenne sababoonni kunniin adabbii Rabbii irraa nama eegu hin
danda’an. Namoota meeqatu kondomii fayyadame, garuu dhibee eedisitiin
qabame. Dubartii meeqatu kininii osoo fayyadamtu ulfoofte. Ammas, dubartiin
yoo ulfooftee ulfa baaste, altokkotti badii lama gurguddaa hojjatti. 1ffaa-zinaa
raawwachu, 2ffaa-lubbuu haqa malee baasu. Dhugumatti kunniin lamaan
shirkitti aane badii hundarra gurguddaa ta’aniidha.
Kanaafu, namni 'Akkana yoo godhe, kuni na hin qunnamu' jechuun baditti
tarkaanfachu hin qabu. Ta’uu baannan, akka ilma Nabii Nuuh “gaaratti baqadha,
gaarri bishaan irraa na eega” jedhee ergasii bishaaniin nyaatame ta’a. Ilmi kuni
ilma hojiin isaa gaarii hin turreedha. Kanaafi, bishaanin nyaatame. Namni biraas
hojii badaa yoo hojjate, rakkoo adda addaatiif of saaxila.
ْ ُ َ ۡ ُ َّ ُ ۡ َ َ ۡ َ َ ُ َ َ َ َُ َۡ َ َََۡ ۡ ََُۡ َ َ
ع ِّهم مِّن قبل ۚۡ إِّنهم َكنوا
ِّ حيل بينهم وبني ما يشتهون كما فعِّل بِّأشيا ِّ ﴿و
َ
﴾٥٤ك ُّم ِّريب
ّٖ ِِّف ش
27
6
Tafsiiru Qur’aanil Kariim, Suuratu Saba’a, fuula 317-320, Muhammad bin Saalih Useymiin,
Ma’aariju tafakkuri wa daqaa’iqu tadabburi-12/124, Zaadul Masiir fuula 1156
7
Suuratu Al-An'aam 6:27
28
Namni tanaan dura yoo baditti kufe, dafee irraa buqqa'uuf haa tattaafatu. Badii
irraa buqqa'e gara Rabbii deebi'un isuma fayyadaa malee eenyullee hin
fayyadu. Jireenya keessatti boqonna sammuu argata.
Mee ilaali, akkamitti Rabbiin subhaanahu dhiphinna mana hidhaa irratti jazaa
Yuusufif kafale: dachii keessatti haala isaaf mijeessuun bakka fedhe akka qubatu
taasise. Aziizi fi niiti isaa akka isaaf of gadi xiqqeessan taasise. Niitin isaati fi
dubartoonni biroo inni qulqulluu akka ta’e ni mirkaneessan. Kuni seera Rabbii
duraanii fi ammaa hanga Guyyaa Qiyaamaa turuudha.
eeggamaa hatuu dhiise, sila Rabbiin karaa halaalatin fakkaatama sanii isaaf
kennaa ture. Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa ni jedha: “Namni Rabbiin
sodaatu, Inni karaa bahiinsaa isaaf godha. Bakka inni hin yaanne irraa
rizqii isaaf kenna.” Suuratu Ax-Xalaaq 65:2-3
Namni wanta isaaf hin hayyamamne dhiisun yoo Rabbiin sodaate, gara inni hin
yaanne irraa akka isa sooru Rabbiin olta’aan ni beeksise. Haaluma kanaan,
namni zinaa raawwatu, Rabbiif jedhe karaa haraamaatin fedhii isaa guuttachuu
osoo dhiise, silaa Rabbiin karaa halaalaatin wanta barbaade kana ykn kan san
caalu akka argatu isa taasisa. Mee seenaalee muraasa waa’ee kana ilaalchise
asitti haa eerru:
Bakr ibn Abdullah al-Muzaniyy akkana jechuun dubbata: gaafa tokko namtichi
foon cicciruu fi gurguru tokko ollaa isaa keessaa intala takka irraa jaalalaan
qabame. Warri intala tanaa haajaaf ganda biraatti ishii ergan. Namni kunis ishii
hordofe duuka deemuun fedhii fooni isaaf akka guuttu ishii barbaade. Ishiinis ni
jette: Hin hojjatin, sababni isaas, jaalalli ani siif qabu garmalee cimaadha. Garuu
ani Rabbiin sodaadha. Innis ni jedhe: Ati Rabbiin sodaatta, ani hin sodaadhuu?
Ergasii wanta yaade kanarraa tawbatee deebi’e.8
8
Rawdatul Muhibbiin wa nuzhatul mushtaaqiin– Fuula 606
30
Wanta fokkuu hojjachuu irra mana hidhaa filate. Ergasii humnaa fi tooftaa ofii
irraa qulqullaa’un gara Rabbiitti dheesse. Wanta fokkuu kana irraa fagaachun
humnaa fi tooftaa isaatin osoo hin ta’in, gargaarsaa fi eeggumsa Rabbiitiin akka
ta’e ni beeksise: “Yoo Ati shira isaanii narraa hin garagalchin, gara isaanitti
dabee wallaaltoota keessaa ta’a.”
Namni nafsee ofii, obsa isaa, haala isaatii fi kabaja ofii eegu irratti hirkachuu fi
itti tasgabbaa'u hin qabu. Yeroma inni wantoota kana irratti hirkate, eeggumsi
Rabbii isarraa fottoqa, gargaarsa dhabuun isa marsa. Dhugumatti, Rabbiin nama
hundarra Isa biratti kabajamaa fi jaallatamaa ta’een akkana jedhee jira:
“Osoo gadi si dhaabu baanne silaa ati gara isaanitti waan xiqqoo dabde
oolte.”(Suuratu,Al-Israa-17:74)
Yaa Muhammad! Osoo gadi si dhaabu fi jabeessu baanne, silaa ati wanta garii
31
Dhugumatti, seerri Rabbii uumamtoota Isaa keessatti hojiirra oola, seerri kunis:
namni qunnamti haraamaa dhiisee laalaa yeroo gabaabaaf turu filate, Rabbiin
subhaanahu addunyaa keessatti gammachuu isa badhaasa. Yoo du’ee immoo
milkaa’inna guddaatu isaaf jira. Rabbiin olta’aan wanta gabrichi isaaf jedhe
danda’e (baadhate) hin gatu.
Imaamu Ahmad kitaaba isaa “Az-Zuhd” jedhu keessatti seenaa kana gabaase
jira: Bani Israa’il keessaa aabidni (namni Rabbiin baay’isee gabbaru) tokko
gadaamo isaa keessatti ibaadaa hojjataa ture. Guyyaa tokko namoota irraa gareen
jallattootaa tokko akkana waliin jedhan: namticha kana osoo wanta tokkoon gadi
isa buusne.” Ergasi isaanis gara dubartii gumnaa deemun akkana jedhaniin,
“Isaaf of dhiyeessi!” Ishiinis halkan dukkanaa’a fi roobaa keessa isatti dhuftee
akkana jette, “Yaa gabricha Rabbii! Gara keetti akka dheessu naaf hayyami.”
Inni dhaabbate salaataa ture. Duungoon isaa ni ifti. Inni gara ishii hin mil’anne.
Ammas itti deebistee ni jette: Yaa gabricha Rabbii! Dukkanaa fi roobni cimaan
[na marse]! Gara keetti akka dheessu naaf hayyami.” Ishiinis isa kadhachuu hin
dhiisne hanga ishii seensisuutti. Ergasii inni dhaabbate osoo salaatu ishiin ni
ciiste. Gaggaragaluu fi miidhaginna qaama ishii isatti agarsiisu jalqabde.
Nafseen isaas ishitti isa waamte. Ergasi [nafsee ofiitin] ni jedhe: Rabbiin
kakadhe! Hanga ibidda irratti obsi kee akkam akka ta’e ilaalutti gonkumaa kuni
hin ta’u.” Ergasii duungootti dhiyaachun qubbiin isaa keessaa quba tokko hanga
gubatutti irra godhe. Ergasii gara bakka salaatutti deebi’e. Ammas nafseen isaa
isa waamte. Gara duungoo (kurraazi) dhiyaachun hanga gubatutti quba isaa biraa
irra godhe. Ergasii gara bakka itti salaatutti deebi’e. Ammas, nafseen isaa isa
waamte. Ergasii hanga qubni isaa biroo gubattutti gara duungoo deebi’e irra
godhe. Dubartiin kana hunda ni ilaalti. Dhumarratti gaggabde duute. Yommuu
bari’u wanta ishiin hojjatte ilaaluuf deeman. Yommuu ilaalan, ishiin duute. Ni
32
jedhan: Yaa diina Rabbii! Yaa nama hojii ofii agarsiifatu! Ishii irratti kuftee
ergasii ajjeefte!” Ergasii gara mootii isaanii isaan deemanii ragaa isarratti
baasan. Mootichis akka ajjeefamu ajaje. Aabidni kunis ni jedhe, “Hanga raka’a
lama saalatu na dhiisaa.” Ergasii salaate akkana jechuun du’aayi godhe: Yaa
Rabbii kiyya! Wanta ani hin hojjanneef akka Ati na hin qabne nan beeka. Garuu
na booda dubbistoota irratti salphataa akka hin taane si kadha.” Ergasii Rabbiin
nafsee ishii dubartii sanitti ni deebise. Ishiinis ni jette: gara harka isaa ilaalaa.”
Ergasii du’atti deebite. (Kitaabu Az-Zuhd-fuula 100-101)9
Kuni dhiirota fedhii lubbuu karaa haraamatin guuttachu irra adabbii xiqqaa
filataniidha. Dubartoota irraa hoo! Qissaan (seenaan) akkana hin jiru jechuun
obboleettiwwan teenya gaafachu danda’u. Eenyen ni jira:
Namtichi tokko Araba irraa intala takka jaallate. Intalli tuni intala naamusaa fi
aqlii qabduudha. Hanga halkan dukkanaa garmalee gurraacha’u keessatti wal
qunnamanitti dhimma ishii ilaalchisee mala dhayu hin dhiisne. Erga halkan
gurraacha kana keessatti wal qunnamani sa’aati tokkoof ishitti haasawe booda,
nafseen isaa ishitti isa waamte. Ni jedhe: Yaa dubartii tana! Yaaddon ani siif
qabu dheerate!” Ishiinis ni jette: “Anis akkasuma.” Ergasi ni jedhe: Halkan
kuni deemaa jira, subiin (bariin) immoo dhiyaataa jira.” Ishiinis ni jette:
“Akkuma kana fedhiin lubbuus bada, mi’aanis addaan cita!” Innis ni jedhe:
“Maal qaba osoo natti dhiyaatte.” Ishiinis ni jette: [Wanti ati itti na waamtu
kuni] fagaate (hin ta’u)! Ani Rabbiin irraa fagaachu fi adabbii Isaa
sodaadha.” Innis ni jedhe: kanaafu maaltu akka asitti na waliin argamtu si
waame ree?” Ishiinis ni jette: “Gammachuu dhabuu fi balaa kiyya!” Innis ni
jedhe: Yoom si argaa?” Ishiinis ni jette, “Hanga si dagadhutti! Si waliin wal
qunnamuun immoo ni ta’a jedhee hin yaadu.” Ergasii garagaltee deemte. Innis
ni jedh: “Wanta ishii irraa dhagaheen ni saalfadhe. Qalbii tiyya keessaa jaalalli
ani ishiif qabu ni bahe. Akkana jechuun walaloo walaleesse:
Adabbii haalon isaa hin danda’amne irraa of eegdee
Ittiin adabamu wanta sodaatte hin hojjannee
Jecha qaanii cimaa irraa kan ka’e kufutti dhiyaadhe jettee
Jaalala jaaminsa nama dhaalchisuu fi ibidda nama seensisuun uff
9
Madda olii-fuula 619
33
Eeti, namni fuudhu hin dandeenye ykn dubartiin heerumu dadhabde, akka
sooman gorfamu. Dhugumatti soomun faaydalee baay’ee qaba. 1ffaa-fedhii
fooni hir’isuun baditti kufuu irraa nama eega. 2ffaa-mindaa soomaa Guyyaa
Murtii argachuun milkaa’inna guddaa milkaa’an.
Guduunfaa
✈Namni wanta badaa tokko kan dhiisuf takkaa adabbii isatti dhufu sodaachun
takkaa immoo faayda isa jala darbuu sodaachun takkaa immoo mindaa fi waan
gaarii abdachuuni. Namni kanniin sadan sammuu keessatti yoo galche hojii
fokkuu zinaa irraa ni fagaata.
✈Namni Rabbiif jedhee wanta haraamaa dhiise, Rabbiin subhaanahu wanta
san caalu bakka buusaaf.
✈Namni Aakhiratti- mindaa fi adabbii Rabbiin qopheessetti dhugaan yoo
10
Madda olii-fuula 627-628, Zammul Hawaa-fuula 265-266, Ibn Al-Jawzi
34
amane, adabbii lamaan keessaa adabbii salphaa ta'e irratti obsa. Mi'aa lamaan
keessaa mi'aa ol'aanaa fi turaa ta'e filata.
✉Adabbiin lamaan: 1ffaa-addunyaa keessatti sababa zinaa irraa of qabaniin
wanta nama qunnamu. Kuni adabbi salphaadha. 2ffaa-Sababa zinaa
raawwataniin adabbii turaa Aakhiratti nama qunnamu.
✉Mi'aan lamaan: 1ffaa-mi'aa fedhii foonii karaa haraamatin guuttachu.Kuni
mi'aa gadi aanaa fi turti hin qabneedha. 2ffaa-zinaa irraa obsuun mi'aa guddaa
addunyaa fi Aakhiratti argataniidha. Kuni mi'aa turaa fi ol'aanaa ta'eedha.
Qissaan (seenaan) kuni seenaa baay’ee nama dhukkubsu kan Sheykh Ahmad Al-
Qaxxaani daw’aa irratti dubbateedha. Namni sheykni kuni seenaa kana irraa
gabaase akkana jedha: “Lafa keessa deemne rizqii barbaadachuf dooni irratti
dargaggeessa gaarii, keessi isaa qulqulluu fi amalli isaa gaarii ta’ee waliin
hiriyyoomne. Qulqullinnii fi nuurri (ifti) fuula isaa irraa kan mul’atuu fi ifu ta’ee
argina. Kan of gadi qabu, salaatu, namoota gorsuu fi qajeelchu ta’ee malee hin
argitu. Yommuu salaanni gahu, azaana godhee nuun salaata. Yoo namni tokko
salaata irraa duubatti hafe, isa waqqasee gorsa. Adeemsa keenya guutuu haala fi
amala kana irra ture.
Galaanni nu oofee odola Hindii takkatti nu darbe. Nutis achitti buunee qubanne.
Wantoota warri galaana irra deeman aadaa godhatan keessaa tokko, bakka kana
guyyoota muraasaaf turuun ni bashannanu, magaalatti keessa deemun wanta
addaa maatii isaanitiif bitanii halkaniin gara doonii isaanii deebi’u. Isaan keessaa
namoota jallinna keessatti kufetu ture. Namoonni kunniin iddoo taphaa, fedhii,
wanta badaa itti hojjatanii fi bakka sagaagalummaa dhaqu. Dargaggeessi gaariin
kuni doonii irraa gonkumaa hin bu’u. Kana irra, doonii irraa wanta suphamu
qabu suphuun, funyoo hiike hidhuun, muka jabeessun, zikrii, Qur’aana fi
salaatan ko’oomun guyyoota kanniin dabarsa.
35
Gabaasan ni jedha: ijji isaa imimmaan areeda irra dhangalaasti. Imala tokko
irratti osoo dargageessi kuni hojiiwwan isaa waliin ko’oomu (biizi ta’uu),
hiriyyaan isaa tokko kan fedhiin itti taphatte, hojii gaarii dhiise hojii badaan of
ko’oomse, wanta ol’aanaa dhiise wanta gadi aanaa filate akkana jedheen: yaa
hiriyyaa kiyya! Sila ati maaliif dooni irra yeroo hundaa teettaa, ishirraa addaan
hin baatu? Maaliif irraa buute addunyaa keetin ala addunyaa biraa hin ilaallee?
Wanta yaada bal’isu, nafsee booharsu argita. Ani gara iddoo sagaagalummaa fi
Rabbiin itti dallanu koottu siin hin jedhu. Yaa saahiba kiyya, kuni fagoodha.
Garuu koottu warra boofaan taphatan ilaali. Boofa hin sodaatan. Akkasumas,
nama arba yaabbatu fi akkamitti kumbii isaa masalaali gochuun harkaa fi lukaan
irra bahuu ilaali. Ammas, osoo nama mismaari irra deemu argatee obsi isaa
akkamitti jabaate, ammas barbaadaa ibiddaa akka teemiraatti nama liqimsu osoo
argitee! Nama bishaan galaanaa akka bishaan Firaatitti dhuguu argita! Yaa
obboleessa kiyya! Gadi bu’iitii namoota ilaali.
Namtichis ni jedheen: yaa jaamaa, yaa gaafila, cal’isi. Kuni dhimma si hin
ilaallanneedha.”
Gabaasan itti fufuun ni jedha: isaan lamaanu halkaniin barfatanii gara dooni
deebi’an. Dargaggeessi kuni wanta argeen yaada isaa ko’oomsuun halkan kana
osoo hin rafin bule. Xiyyi sheyxaanaa qalbii isaa too’atee jira. ilaalchi inni ilaale
suni lugaama qoma isaa qabatte. Akkuma fajriin baqaqee fi bariin bari’een nama
jalqabaa dooni irraa bu’u ta’e. Ilaalu malee wanti biraa sammuu isaa keessa hin
jiru. Bakka kaleessaa san ni deeme. Ilaalcha jalqabaa ni ilaale. Ilaalcha biraas itti
fufsisee hanga balbala mana sanii banuutti. Guyyaa kanaa fi guyyaa isa booda
jiru bakka [wanti fokkuun itti raawwatamu] kanatti dabarse. Shufeerri dooni
oofu isa ni dhabe. Waa’ee isaa ni gaafate. Mu’azzinni eessa jira? Imaamni
salaata nu salaachisu? Dargaggeessi gaariin suni eessa dhaqee? Eenyullee deebii
hin deebisneef. Isa barbaaduf akka bittinnaa’an isaan ajaje. Ergasii nama bakka
san isa geesse shufeerichi ni beeke. Isa dhiyeesse ni akeekachise, akkanas ni
jedheen: Sila Rabbiin hin sodaattu? Adabbii isaa hin sodaattu? Amma deemiti
isa fidi.” Ergasii namni kunis si’a baay’eef gara isaatti ni deddeebi’e. Garuu isa
dhiyeessu hin dandeenye. Sababni isaas, inni isaan waliin deebi’u ni dida.
Hogganaan doonii dhiirota baay’een isa dhiyeessu malee filannoo biraa hin
arganne. Namoonni kunniinis humnaan baadhachuun gara dooni geessan.
Faayda: seenaan tuni Rabbiif ajajamu keessatti sidq (dhugaa ta’uu) akka qaban
nutti agarsiisti. Osoo dargaggeesi kuni Rabbiif ajajamu keessatti warra dhugaan
hojjatan keessaa ta’e, silaa Rabbiin isa gadi dhaabaa ture. Akkuma Rabbiin
jedhe: “Rabbiin warroota amanan jireenyaa addunyaa fi Aakhiraa keessatti
jecha gadi dhaabbattuun [isaan] gadi dhaaba.” Suuratu Ibraahim 14:2711
(Kanaafu, namni hojii keessatti ikhlaasa qabaachu fi khaatimaa gaarii irratti
du'uuf sirritti Rabbiin kadhachuu qaba.)
َّ َ َ َ ۡ ُ ۡ ُ ۡ َ ُ َ َ َ َ ُ َّ ُ ُ ۡ ُ َ
ّلل فل َغل َِّب لك ۡمى ِإَون َيذلكم فمن ذا ٱَّلِّي ﴿إِّن ينُصكم ٱ
َ ُ ۡ ُ ۡ َّ َ َ َ ۡ َ َّ َ َ َ ُ ُ ُ َ
ۡ كم ِّم ُۢن َب
﴾١٦٠َّك ٱلمؤمِّنون
ِّ وت ي ل ف ِّ ّللٱ لَعو ۦِّ ه د
ِّ ع ينُص
11
100 Qissatu min nihaayati zaalimiina Fuula 248-250
38
“Yoo Rabbiin isin gargaare, kan isin moo’atu hin jiru. Yoo Inni isin
gargaaru dhiise, Isa booda eenyutu isin gargaaraa? Warri amanan
Rabbiin irratti haa hirkatan.” Suuratu Aali-Imraan 3:160
Yoo Rabbiin isin gargaare, namoonni fi jinnooni dachii keessa jiran osoo walitti
qabamanii isin moo’achuu hin danda’an. Sababni isaas, kan Rabbii olta’aa
moo’atu fi injifatu hin jiru. Kan isaan too’atu fi sammuu isaanii harka qabu Isa.
Lubbu-qabeenyin homtu hin sochootu hayyama Isaatin malee. “Yoo Inni isin
gargaaru dhiise” kana jechuun sababa Isaa fi Ergamaa Isaatiif ajajamu diddanii
fi ajaja Isaa faallessitaniif, yoo isin gargaaru dhiisee fi lubbuu teessanitti isin
gate, Rabbiin ala eenyullee kan isin gargaaru hin jiru. Kanaafu, ajaja Rabbii fi
ajaja Ergamaa Isaa hin dhiisinaa, Isarraa gargaarsa dhabuun badduuti.
Kana keessa Rabbiin irraa gargaarsa barbaadu, humnaa fi tooftaa ofii irraa
qulqullaa’un Isarratti hirkachuutti ajajuutu jira. kanaaf itti aanse ni jedha:
“Warri amanan Rabbiin irratti haa hirkatan.” Kana jechuun Rabbiin
qofarratti hirkadhaa, Isaan alatti wanta biraa irratti hin hirkatinaa. Sababni isaas,
kan nama gargaaru Isa qofa akka ta’e beekkame jira. Isa qofa irratti hirkachuun
tawhiida kaayyoo barbaadanitti nama geessudha. Isaan ala wanta biraa irratti
hirkachuun immoo shirkii nama hin fayyanneedha. Inumaa kan nama
miidhudha.12
Aayah keessatti “Falaa ghaaliba lakum (kan isin moo’atu hin jiru)” kan jedhutti
haa xinxallinu. Wantoonni nama moo’atan baay’eedha. Kanneen akka fedhii
lubbuu, sheyxaana, diina namaa fi kanneen biroo. Asitti “Namni isin moo’atu
hin jiru” jechuun gosa wanta nama moo’atu adda hin baasne. Kanaafu, Rabbiin
yoo nama gargaare wanti nama moo’atu tokkollee hin jiru jechuudha. Fedhiin
lubbuu, sheyxaanni, diinni namaa fi kan biroo nama hin moo’atan.
12
Tafsiiru Sa’dii-165, Tafsiiru Xabarii-6/192-193
39
argata. Namni hin guunne immoo hamma ulaagaleen kanniin hanqiseen gargaasa
Isarraa dhaba.
Mee akka fakkeenyaatti seenaa Nabii Yuusuf haa ilaallu. Dubartiin Nabii
Yuusufin garmalee jaallatte suni fedhiin lubbuu ishii moo’atee of too’achu
dadhabde. Hanga baditti isa waamtu geesse. Nabii Yuusuf immoo wanta fokkuu
ishiin itti waamtu ni dide. Fedhiin lubbuu isa hin moo’anne. Amma haa
gaafannu, “Maaltu isaan gargar godhee?”
Dubartittin iimaana sirrii waan hin qabneef, gargaarsa Rabbiin irraa dhabde.
Kanaafu, fedhiin lubbuu fi sheyxaanni ishii injifate. Nabii Yuusuf immoo
iimaana sirrii kan qabuu fi Rabbiif kan ajajamu waan tureef, gargaarsa Rabbiin
irraa argate. Kanaafu, fedhiin lubbuu fi sheyxaanni isa hin moo’anne. “Yoo
Rabbiin isin gargaare, kan isin moo’atu hin jiru.”
Ammas seenaa dargageessaa armaan oliiti fi seenaa Nabii Yuusuf wal bira haa
qabnu. Dargaggeessi kuni iddoo wanti fokkuun itti raawwatamu deemun ni
ilaale. Ergasii wanta fokkuutti ni kufe. Nabii Yuusuf dubartittin ishii waliin waan
fokkuu akka raawwatu balbala itti cufuun addatti isa affeerte. Garuu Yuusuf ni
dide. Kanaafu, dargaggoota kanniin lamaan maaltu gargar godhee?
Dargaggeessi armaan olii tarii hojii isaa keessatti ikhlaasa waan hin qabneef
badii zinaatti kufe. Kanaafu, gargaarsa Rabbiin irraa hin arganne. “Yoo Inni isin
gargaaru dhiise, Isa booda eenyutu isin gargaaraa?” Eeyyen, Rabbii olta'aa
malee kan nama gargaaru hin jiru.
Nabii Yuusuf (aleyh salaam) immoo ikhlaasa waan qabuuf Rabbiin badii isarraa
deebise. Akkana jechuunis badii zinaa isarraa akka deebisu Rabbii olta’aa
kadhate: “‘Yaa Rabbi! Wanta isaan itti na waaman irra hidhaan naaf
jaallatamaadha. Yoo Ati shira isaanii narraa hin garagalchin, gara isaanitti
dabee wallaaltoota keessaa ta’a.’ Gooftaan isaas isaaf awwaate. Shira
isaanii isarraa garagalche. Dhugumatti Inni Dhagahaa, Beekaadha.”
Suuratu Yuusuf 12:33-34
Seenaa Nabii Yuusuf fi seenaa armaan olii, haala namoota naannoo keenya
jiran, aayata Qur’aanaa armaan oliiti fi aayata biroo irratti xinxalluun karaan
hundarra gaariin (best way) zinaa irraa ittiin of eegan, “Gargaarsaa fi
eeggumsa Rabbii olta’aa argachuudha” jennee goloobu dandeenya.
Gargaarsaa fi eeggumsa Isaa argachuuf immoo Rabbii olta'aa fi hundeewwan
iimaanaa hafaniitti dhugaan amanu. Akkasumas, hojii gaggaarii Isaaf qofa
jedhanii (ikhlaasan) hojjachuu fi yeroo hundaa gargaarsa, araaramaa fi
eeggumsa Isarraa kadhachuudha.
Guduunfaa
Tooftaalee zinaa (sagaagalummaa) irraa ittiin of eegan hanga ammaa ilaalle
haala kanaan haa guduunfinu:
Kanaafu, yoo Rabbiin hojii kana namaaf hin haguuginii fi hin dhoksin, namni
ni salphata. Ammas, yoo Inni irra hin darbinii fi dhiifama hin godhin, namtichi
adabbiif saaxilama. Kanaafu, araarama kadhachuun garmalee barbaachisaadha.
Namni “Allaahumma-ghfirlii (Yaa Rabbii naaf araarama)” yommuu jedhu,
“Yaa Rabbii! Badii kiyya naaf dhoksi, irra naaf darbi, badii saniif na hin
adabin” jechaa akka jiru haa yaadatu.
1. Iklaasa
2. Badii zinaa irraa buqqa’uu
3. Gaabbu
4. Gara fuundarratti badii kanatti deebi’u dhiisuu
5. Duuti yookiin aduun dhiyaan bahuun dura tawbachuu
Sharxiwwan tawbaa armaan olii kunniin badii kamifiyyuu kan ta’aniidha. Haqa
ilma namaatin kan wal-qabatu yoo ta’e sharxiin jahaffaan itti dabalama. Innis,
haqa namaaf deebisu ykn araarama gaafachudha. Sharxiwwan armaan olii
tokkon tokkoon yommuu ibsinuu kana fakkaata:
1.Iklaasa- Iklaasa jechuun hojii tokko Rabbiif qofa jedhanii hojjachuu ykn
dhiisudha. Namni tokko hojii badaa kan akka zinaa kan dhiisu, qabeenyaf ykn
dubartii fuudhuf jedhee ykn dhiiratti heerumuf jettee osoo hin ta’in, Rabbi
qofaaf jedhe hojii badaa san dhiisu qaba. zinaan hojii fokkuu fi jibbamaa
Rabbiin biratti dhoowwamaa akka ta’e beekun namni hojii fokkuu kana dhiise
fi dhugaan gara Rabbii deebi’e, iklaasa qabaa jechuudha. Gabaabumatti, wanti
hojii badaa kana akka dhiisu isa kakaase, Rabbiin zinaa waan dhoowwe fi
13
Sharih riyaadu saalihin Jiildi.1 fuula 86-91, ibn Useymiin
44
adabbii guddatti waan nama geessufi. Akkasumas, xurii kana irraa qulqullaa’un
gara Rabbii dhiyaachu waan barbaadefi.
َ َ ۡ ُ ُ ْ ُ َ ۡ َ ۡ َ َ َّ ْ ُ َ َ ۡ ُ َ ُ َ ْ ٓ ُ َ َ ۡ َ ً َ َٰ َ ْ ُ َ َ َ َ َّ َ
حشة أو ظلموا أنفسهم ذكروا ٱّلل فٱستغفروا َِّّلنوب ِّ ِّهم ومن ِّ ﴿وٱَّلِّين إِّذا فعلوا ف
َ َ ُ ْ ُ َ َٰ َ َ ْ ُّ ُ ۡ َ َ ُ َّ َّ َ ُ ُّ ُ ۡ َ
﴾١٣٥لَع َما ف َعلوا َوه ۡم َي ۡعل ُمون ُصوا
ِّ يغفِّر ٱَّلنوب إَِّل ٱّلل ولم ي
َۡ
ََتتِّها ۡ َ َٰ َّ َ َ ۡ َّ َ ۡ َّ ُ ُ ٓ َ َ َ َ ْ ُ
﴿أولئِّك جزاؤهم مغ ِّفرة مِّن رب ِّ ِّهم وجنت َت ِّري مِّن
َ ََٰ ۡ ُ ۡ َ َ ۡ َ َ َ َٰ َ ُ َٰ َ ۡ َ ۡ
﴾١٣٦ٱۡلنهر خ ِِّلِّين فِّيها ۚۡ ون ِّعم أجر ٱلع ِّملِّني
45
Kanaafu namni zinatti yoo kufe abdii kutu hin qabu. Rabbiin yaadate yoo hidda
onnee jalaa araarama kadhate, mindaan armaan olii isaaf/ishiif jira.
3.Gaabbu- namoonni wanta badaa hojjataniif yoo hin gaabbin, carraan wanta
badaa sanitti deebi’u guddaadha. Namni yommuu zinatti kufe, “Maal ta’e hojii
badaa akkana hojjadhe? Ammaan booda hojii fokkuu kanatti hin deebi’u…”
jechuun yommuu gaabbu, xurii zinaatti hin deebi’u. Ergamaan Rabbii (SAW)
akkana jedhu:
4.Gara fuunduratti badii kanatti deebi’u dhiisu- kuni galma kan gahuu
ulaagaaleen armaan olii sadan yoo guuttamaniidha. Namni iklaasa yoo hin
qabaatin, cubbuu darbe irraa hin buqqa’inii fi hin gaabbin, borumtaa ittuma
deebi’a. kanaafu, namni zinaa irraa tawbadhe jedhu, badii fokkuu kana gara
fuunduraatti itti deebi’u hin qabu.
5.Duuti yookiin aduun dhiyaan bahuun dura tawbachuu- namni du’a osoo
yaadate gara zinaa hin dhiyaatu ture. Osoo zinaa raawwatu duuti osoo itti dhufte
maal ta’inna laata? Nama meeqatu osoo zinaa raawwatu duuti itti dhufte. Dhuma
akkanaa irraa Rabbiin nu haa tiiksu. Du’aan ala wanta biraas yaadachu danda’a.
Osoo zinaa raawwatanuu lamaan isaanitu osoo walitti maxxanfamanii walitti
goganii eenyutu isaan addaan baasaa? Salphinna akkamii! Kanaafu, namni duuti
kokkee gahuun dura yookiin aduun dhiyaan bahuun dura, tawbachuun isarra jira.
ُ َ َ َّ َّ ۡ َ َ ُ ُ َ َ َّ َّ َ َ َ ۡ َ َ ۡ ُ َ َ﴿ َف َمن ت
﴾٣٩اب ِّم ُۢن َب ۡع ِّد ظل ِّمهِّۦ وأصلح فإِّن ٱّلل يتوب عليهِّ إِّن ٱّلل غفور رحِّيم
ٌ َّ
Kana jechuun namni hojii badaa erga hojjate booda tawbatee (badii irraa
buqqa’uun gara Rabbii deebi’e) fi hojii gaggaarii hojjate, Rabbiin ni araaramaaf.
Rabbiin akkaan araarama, akkaan rahmata godhaa waan ta’eef. Hojii gaggaarii
keessaa wanti jalqaba hojjatu qabu, salaata sirnaan salaatudha. Itti aanse, sooma
soomu, sadaqa kennuu, Qur’aana qara’uu, namootaaf tola oolu fi kkf hojjachu
danda’a.
َّ َّ َ ۡ َّ ْ ُ َ ۡ َ َ ۡ ُ َ َ َ َ ْ ُ َ ۡ َ َ َّ َ َ َ ۡ ُ
س ِّهم َل تقنطوا مِّن رۡحةِّ ٱّللِّۚۡ إِّن ِّ ﴿۞قل يَٰعِّبادِّي ٱَّلِّين أۡسفوا لَع أنف
ُ ح ُ ِّيعا ۚۡ إنَّ ُهۥ ُه َو ٱلۡ َغ ُف
ِّ ور ٱ َّلر ً َ َ ُ ُّ ۡ َ َ َّ
﴾٥٣يم ِّ ٱّلل يغفِّ ُر ٱَّلنوب َج
"Jedhi,'Yaa gabroota kiyya kan lubbuu ofii irratti daangaa dabartan!
Rahmata Rabbii irraa abdii hin muratinaa. Dhugumatti Rabbiin balleessaa
hundaa ni araarama. Inni Araaramaa, Rahmata godhaadha.'" Suuraa Az-
Zumar 39:53
Yaa namoota badii lubbuun ittii nama waamtu hojjachuu fi Rabbii waa hundaa
beeku dallansuun, lubbuu ofii irratti daangaa dabartan! Namni yommuu badii
47
hojjatu lubbuu ofii irratti daangaa darba. Sababni isaas, sababa yakka ykn badii
hojjatef adabbii Rabbiitiif of saaxila. Yaa gabroottan Kiyya badii hojjachuun
lubbuu ofii irratti daangaa dabartan, Rahmata Rabbii irraa abdii hin
muratinaa. Kana jechuun rahmata Isaatirraa abdii kutachuun harka keessaniin
baditti of hin darbinaa. “Badiin keenya baay’ate, hanqinni keenya walirra tuulame,
karaan ittiin ofirraa oofanii fi deebisaniin hin jiru.” Jechuun abdii hin kutinaa.
Sababa kanaan badii irra turtu, wanta Rabbii keessan dallansu siinqi godhattu.
Garuu Rabbii keessan maqaalee arjoominna Isaatti akeekaniin beekaa14.
Dhugumatti Rabbiin nama tawbatee fi araarama Isa kadhateef balleessaa hundaa ni
araarama. Kanaafu, araarama kadhaa, isiniif araaramati. Amanuu fi Isaaf ajajamuun
gara Isaatti deebi’aa, tawbaa keessan isin irraa qeebalaati. “Dhugumatti Rabbiin
balleessaa hundaa ni araarama.” Kana jechuun nama tawbatee fi araarama Isa
kadhateef, balleessa ykn badii isaa hunda ni haguugaf15. Badii erga haguuge immoo
irra darbaaf, hin adabu.
14
Tafsiir Sa’dii fuula 855
15
Ma’aariju at-tafkuri wa daqaa’iqu at-tadabburi 12/255 Abdurahman Habanka
16
Tafsiiru Sa’dii-fuula 687
48
Kanaafu, namni hojii badaa irraa gara Rabbii deebi’un, amane ykn imaana isaa
cimsatee fi hojii gaggaarii dalagee ergasii hanga duuti itti dhuftu karaa qajeelaa
qabate, Rabbiin ni araaramaaf. Rabbiin ni araaramaaf jechuun badii isaatiif
addunyaa fi aakhiratti isa hin adabu. Kanaafu, Abshir! Abdii hin kutin.
Namni hojii badaa irraa yoo tawbate fi hojii gaggaarii hojjate, hojii fokkuu
irraa ni qulqullaa’a. Khabiis (nama badaa) jedhamuun hin waamamu.
Akkasumas, zinaa irraa erga tawbatee booda namootatti himuun of saaxilu
hin qabu/ hin qabdu.
Guduunfaa
✑Zinaan hojii fokkuu fi karaan isaa adabbii hamaatti nama geessudha.
✑Zinaa irraa qulqullaa'uf filannoo lamatu jira. 1ffaa: Haddi (adabbii seera
Islaamaa) adabamuu 2ffaa: Tawbachuu, araarama kadhachu fi hojii gaggaarii
hojjachu. Namni dhoksatti zinaa hojjate ergasii qaadi ykn imaama bira deemun
"haddi narratti dhaabaa" jechuun isarratti dirqamaa miti. Kan isaaf caalu badii
isaa dhoksee tawbachuudha. Yeroo namtichi Maa'iz jedhamu zinaa
raawwachuun ergamaa Rabbii bira dhaqee "[haddi narratti dhaabun] na
qulqulleessaa." jedheen, Ergamaan Rabbii (SAW) akkana jedhaniin, "Ee badii
kee! Deebi'i Rabbiin araarama kadhu, gara Isaatti tawbadhu (deebi'i)."
Kana ilaalchise Hafiz ibn Hajar ni jedha: Seenaa Maa'iz irraa akkuma
hubatamutti, namni akkuma Maa’iz zinatti kufee ergasi badii isaa amane, gara
Rabbii deebi'uu, of dhoksuu fi eenyutillee himu dhiisun isaaf irra
jaallatamaadha (mustahhab) ." https://islamqa.info/ar/23485
ykn https://islamqa.info/en/23485 irraa fudhatame
✑ Badii kamiyyuu irraa tawbachuuf xiqqaate xiqqaatu sharxiin shan guuttamu
qabu. (1) Iklaasa, (2) Badii irraa buqqa'u (3) gaabbu (4) Gara fuundaraatti
baditti deebi'u dhiisu (5) Du'aan ykn aduun dhiyaan bahuun dura tawbachuu
✑ Hojii gaggaarii baay'isanii hojjachuu fi istighfaara baay'isuun hadhaa zinaa
fi badii biroo balleessa. Qur’aana keessatti:
49
َّ َ ۡ ۡ ُ َٰ َ َ َ ۡ َّ
﴾ۚا
ِّ ت يذهِّۡب ٱلس ِّي
ِّ ﴿إِّن ٱۡلسن
“Dhugumatti, hojiwwan gaggaariin hojii babbadaa ni deemsisuu (ni
haaqu).” Suuratu Huud 11:114
َ ُ َۡ َ َ َ ُ ۡ ُ َ ﴿ٱ ََّّل
َ ِّين َء َام ُنوا ْ َول َ ۡم يَ ۡلب ُس ٓوا ْ إ
﴾٨٢يم َٰ َن ُهم بِّظل ٍم أ ْولئِّك ل ُه ُم ٱۡل ۡم ُن َوهم ُّم ۡه َت ُدونِّ ِّ
“Isaannan amananii fi iimaana isaanii zulmiin walitti hin makin, isaaniif
tasgabbiitu jira. Isaanis qajeelfamoodha.” (Suuratu Al-An’aam 6:82)
Aakhiratti immoo mindaan isaa hangana hin jedhamu. Mee mindaa san keessaa
muraasa haa ilaallu:
َ َّ َ َ َ ََ َ َ ۡ َ َ
﴾٤٦ان
ِّ ﴿ول ِّمن خاف مقام ربِّهِّۦ جنت
“Nama Gooftaa isaa fuundura dhaabbachuu sodaatef Jannata lamatu
jira.” Suuratu Ar-Rahmaan 55:46
Nama Fuunduree Rabbii dhaabbachuu sodaachun wanta Inni itti ajaje hojjate fi
wanta Inni irraa dhoowwe dhiise, Jannata lama meeshaaleen, faayni fi ijaarsi
isaanii warqii irraa ta’antu isaaf jira. Jannata lamaan keessaa Jannanni takka
waan dhoowwame dhiisu isaatiif mindaa isaaf kennamuudha. Jannanni biraa
immoo wanta itti ajajame hojjachu isaatiif mindaa isaaf kennamuudha.[1]
51
Hawaa- jechuun wanta jaallattutti nafseen dabuudha, osoo wanta san keessa
miidhaan, sharriin, badii fi diliin (cubbuun) jiraateyyuu.
“Hawaa” keessa hiika “bakka ol’aanaa irraa bakka gadi aanatti kufuu fi bu’uutu”
jira.[2] Dhugumatti, namni hawwii fi fedhii lubbuu badaa hordofe bakka
ol’aanaa irraa bakka gadi aanatti kufa. Fkn, namni iimaana fi hojii gaggaariin of
faayee yoo badii gurguddaa hojjatee fi dafee hin tawbatin, sadarkaa ol’aanaa
irraa sadarkaa gadi aanatti kufa. Addunyaa tana keessatti kabajni isaa ni kufa.
Osoo hin tawbatin yoo du’ees Jahannam keessatti kufa. Jahannam iddoo gadi
aanaa ta’eedha. Namni tawbatee fi fedhii lubbuu hordofuu irraa of dhoowwe
immoo, sadarkaa ol’aanaa irra gaha.
Imimmaan Tawbah
Hanga ammaa akkaata zinaa irraa ittiin of eegan ilaalaa tureerra. Tarii namni
fedhiin isaa isa moo’achuun badii kanatti mucucaate hin dhabamu. Namni
akkuma dhoqqee irratti yoo mucucaate ka’ee deemu, namni xurii zinaa irratti
mucucaates keessaa bahuuf ni tattaafata. Akkasi miti ree? Akkuma yeroo
mucucaa, dhoqqee nama tuqe bishaaniin qulqulleessan, xurii zinaa qalbii fi
52
sammuu irraa tawbaan qulqulleessan. Akkasi miti ree? (Tawbaa jechuun badii
irraa buqqa'uun gara Rabbiif ajajamutti deebi'uudha.)
Namni yommuu akkaataa zinaa irraa ittiin of eegan beeku, “Osoo kana dura kana
beeke silaa badii kanatti hin mucucaadhu.” jechuun gaabbu danda’a. Eeti,
gaabbin isaa kuni tarkaanfi jalqabaa gara tawbaatti isa/ishii fudhatuudha.
Adabbii zinaa addunyaa fi Aakhiratti nama qunnamu yaadachuun imimmaan
tawbaa boqoo isaatirra/ishitirraa yaa’u jalqaba. Tarii imimmaan kanaan badiin
fokkuun kuni qulqullaa’u danda’a.
Hiika himaa: Yaa Rabbii! lubbuu tiyya miidhaa baay’een miidhee jira. Badii
kan araaramu Si malee hin jiru. Kanaafu, araarama Si biraa ta’een naaf
araarami. Rahmatas naaf godhi. Dhugumatti Ati Araaramaa, Rahmata
godhaadha.
53
Xurii zinaa keessa turuun akka dhoqqee keessa turuu ta’etti waan beekaniif
dafanii tawbaa fi istighfaaran ofirraa dhiqu. (Istighfaara jechuun araarama
kadhachuu). Yommuu inni/ishiin wanta fokkuu kana keessaa tawbaa fi
istighfaaran bahuun gara Rabbii deebi’u/deebitu, warroota gaggaarii Rabbiin
faarse keessaa ta’a/taati:
Yommuu badiin guddaan ykn sanii gadii isaan irraa argamu, gara tawbaa fi
istighfaara (araarama kadhachuu) fiigu. Rabbii isaanii, adabbii warra Isa
faallessaniif waadaa galee fi mindaa warra Isa sodaataniif waadaa gale ni
yaadatan. Kanaafu, badii isaaniitiif araarama kadhatan. “Araarama kadhatan”
jechuun badii isaanii akka isaaniif haguugu fi isaan hin adabne Rabbii olta’aatti
warwaatan. “Rabbiin malee eenyutu badii araaramaa?” kana jechuun nama
badii hojjateef kan irra darbuu fi badii san isaaf dhoksuu Rabbiin malee hin jiru.
“Isaan osoo beekanu waan hojjatanirra kan hin turreedha.” Rabbiin azza
wa jalla badii san akka dhoowwee fi nama badii sanitti taree adabbii cimaa akka
waadaa galee osoo beekanu badii hojjachuu itti hin fufan. Kana irra, badii irraa
buqqa’uun Rabbii olta’aa araarama kadhatu.[3]
Jazaa (mindaa) nama wanta fokkuu kanarraa tawbatee waan beekaniif, dafanii
xurii kanarraa of qulqulleessu. Mindaan nama xurii zinaa irraa tawbaa,
istighfaaraa fi hojii gaggaariin of qulqulleesse:
54
َك َج َزا ٓ ُؤ ُهم َّم ۡغفِّ َرة مِّن َّربه ۡم َو َج َّنَٰت ََتۡري مِّن ََتۡت ِّ َها ٱ ۡۡلَنۡ َه َٰ ُر َخ َٰ ِِّلِّين
َ َُْ
ِّ ِّ ِّ ِّ ﴿أولئ
َ َٰ َۡ ُ ۡ َ َ ۡ َ َ
﴾١٣٦فِّيها ۚۡ ون ِّعم أجر ٱلع ِّملِّني
“Isaan sun mindaan isaanii araarama Gooftaa isaanii biraa ta’ee fi
Jannata laggeen ishee jala yaa’aniidha. Isaan ishii keessatti hafoodha.
Mindaan hojjattootaa waa tole!” Suuratu Aali-Imraan 3:136
Warri kuni adabbiin Gooftaa isaanii cimaa ta’uu waan beekaniif badii zinaa
irra hin turan. Ammas, rahmanni isaa bal’aa ta’uu waan beekaniif, rahmata Isaa
irraa abdii kutuun badii zinaa itti hin fufan. Jecha Rabbii olta’aa gabroota Isaa
kanneen nafsee isaanii irratti daangaa darban akkaan jechuun yommuu waamu
dhagahanii jiru:
Kitaabban wabii:
[1] Tafsiiru Sa’dii-fuula 979
[2] Ma’aariju Tafakkuri wa daqaa’iqu tadabburi-15/61
[3] Tafsiiru Sa’dii-fuula 157, Tafsiiru Xabarii-6/62
Ani intala umriin koo waggaa 24 ta'eedha. Gurbaa tokko irraa jaalalaan
qabame. Garuu bakka tokkotti wal qunnamuuf walii hin beellamnu. Jaalala
qulqulluu nama amantii qulqulluu qabu jaalladhe.
Akka na fuudhu waadaa naaf gale. Haa ta'uu malee haalli inni keessa jiru
rakkisaa waan ta'eef akka isa eegu na gaafate. Yeroo tokko caalaa waan naaf
bilbile natti hin fakkaatu. Akka naaf hin bilbille itti hime. Sababni isaas, isa haa
jaalladhuyyu malee naaf bilbiluun kuni sirrii akka hin taane natti dhagahame.
Jaalalli keenya kallattiin deema akka jiru natti dhagahame. Innis wanta natti
dhagahame kanaan walii gale, yaada kiyyas ni kabaje. Garuu oduu isaa akka
beekuf yeroo baay'ee interneetin imeeli (xalayaa) naaf erga. Waggaa tokkoof
56
hariiroo jaalalaa keessa turre. Nama kanaa fi maatii isaa nan beeka. Isaanis
sirritti nu beeku. Rabbiif jedhe isa jaalladha, innis akkasuma na jaallata. Wanti
rakkoo ta'e, namoonni heerumaaf na kadhatan natti dhufu eegalan, hanga
amma gara namoota 8 ni gahu. Yeroo hundaa isaan ni dida mucaa (gurbaa)
sanii waadaa waan galeef. Amma garuu dhama'e. Wanti ani hojjachaa jiru
halaala moo haraamaa? Alhamdulillah, salaata dirqamoota ta'an hundaa fi
salaata sunnaa nan salaata. Salaata halkaniis (qiyaam) nan salaata. Hariiroo
jaalala kanaaf hojiiwwan gaggaarii nan dhaba jedhe sodaadha. Jaalalli
kabajamaan qulqulluun haraamaa? Isa jaallachuun koo halaala moo haraamaa?
Deebii
Galanni Rabbii olta'eef haa galu.
Jalqaba irratti, Rabbiin akka si qajeelchu fi gammachuu siif kennu nan kadha.
Shamarran akka teeti qulqullummaa ofii eeguf fedhii ol'aanaa qabanii fi
dhimma isaanii keessatti daangaa Rabbii eegan lakkoofsa isaanii akka dabalu
Rabbiin kadha. Dhimmoota keessaa garmalee barbaachisaa kan ta'e fi
namoonni baay'een akka salphaatti kan ilaalan hariiroo miirati (emotional
relationship). Sababa kanaan mallattoo fi daangaa Rabbii qulqulluu kan ta'e
darbu. Rabbiinis rakkoo adda addaa kan nuti dubbisnuu fi dhageenyun isaan
qora. Qormaata kana keessa Muslimoota hundaa fi nama qaroo maraaf
barnootatu jira.
Dargaggeessa kana waliin wal qunnamtii addaan kutuu keetif waan gaarii
hojjatte jirta. Walii barreessullee akka dhiistu ni abdanna. Sababni isaas, walii
barreessun balbala badiinsaa isa guddaa namoota yeroo ammaatif banameedha.
Kana jechuun nama murtaa'a tokko kan inni niiti akka isaaf taatu filate yookiin
kan ishiin dhiirsa ishii akka ta'uuf filatte jaallachu fi yoo danda'ame fuudhun ykn
itti heerumun haraama jechuu miti. Jaalalli qalbii keessatti hojjachuu qaba.
Sababa beekkamuun yookiin hin beekkamneen qalbii namtichaa keessatti
mul'achuu danda'a. Garuu jaalalli sababa walitti makamuutin yookiin ilaalutin
yookiin haasawa haraamatin yoo ta'e, suni haraama. Haa ta'uu malee, sababa
duraan wal baruutin yookiin sababa waa'ee nama sanii dhagayuutin jaalalli yoo
uumame fi namni suni jaalala ofirraa deebisu yoo dadhabe, jaalala san waliin
rakkoon homaatu hin jiru, daangaa Rabbiin kaa'e yoo eege fi darbuu yoo dhiise.
Imaam ibn Al-Qayyim (Rabbiin rahmata Isaaf haa godhu) akkana jedha:
"Sababa haraama hin taanen jaalalli yoo guddate, namtichi saniif hin
komatamu (hin waqqafamu). Fakkeenyaf kan akka nama niiti ofii jaallate
ergasii ishii dhiise. Garuu jaalalli kan isa waliin turu fi gadi isa hin lakkisne
kan ta'e. Sababa kanaaf namtichi kuni hin komatamu. Akkasumas, dubartii
takka tasa ilaale ergasii yoo ija ofii irraa naannesse garuu osoo inni hin
barbaadin jaalalli onnee isaa keessa yoo qubate, jaalala akkanaatif hin
komatamu. Garuu jaalala kana ofirraa ittisuuf tattaafachu fi ija ofii irraa
garagalchu qaba. (Rawdat al-Muhibbiin fuula 147)
Sheykh ibn Usaymiin (Rabbiin rahmata Isaaf haa godhu) akkana jedha: "Namni
tokko dubartii amala gaarii, imaana fi beekumsa qabdu dhagayuun fuudhaf ishii
barbaadu danda'a. Yookiin immoo dubartiin takka dhiira amala gaarii, imaana fi
beekumsa qabu dhagayuun isatti heerumuuf barbaadu dandeessi. Garuu wal-
qunnamtiin isaan lamaan jidduu Islaamummaa keessatti fudhatama hin qabne
rakkoodha, badii guddatti kan geessudha. Haala kana keessatti dhiirri
dubartii qunnamu yookiin dubartiin dhiira qunnamuun 'si fuudhu
barbaada' jechuun isaaniif hin hayyamamu. Kana irra, akka dubartii tana
fuudhu barbaadu waliyyi (kan ishii guddisetti) himu qaba. Yookiin immoo,
dhiira kanatti heerumu akka barbaaddu warra ishiitti himu qabdi. Akkuma
Umar ibn al-Khaxxaab (Rabbiin isarraa haa jaallatu) intala isaa Hafsaa heerumaf
58
Abu Bakari fi Usmaani (jara lachuu Rabbiin irraa haa jaallatu) kenneef. Garuu
dubartiin qajeelloon dhiiricha yoo qunnamte, kuni wanta gara fitnaa
(qormaata guddatti) nama geessudha. "[Liqaa'aat al-Baabil-Maftuuh (gaafi
26, lakk.13)]
Heeruma tursiisuun kee miidha kan sitti fiduudha. Umriin kee deema fi haalli
gurbaa kanaa foyya'aa hin jiru; isattis heerumaa hin jirtu nama biraattis heeruma
hin jirtu. Heeruma tursiisuu of eeggadhu gara fuunduraatti si miidhati. Wanti
hubachuu qabdu namoota fuudhaf si kadhatan keessaa dhiirri gurbaa kana caalaa
amanti jabeessu fi imaanan isa caalu jiraachu danda'a. Akkasumas, gurbaa kanaa
fi si jidduu caalaa jaalalli si fi nama san jidduu jiru guddaa ta'uu danda'a.
Rabbiin hundarra beeka.17
17
https://islamqa.info/en/answers/82010/the-difference-between-love-and-a-haraam-
relationship
59
Wanta dhumti isaa nama rakkisuu dhiisuuf namni aaqilli fedhii qullaa ittisuu
irratti of leenjisuu qaba.
Ammas aaqilli (qaruuten) namaa kana haa beeku: namoonni araada (suusi) fedhii
lubbuutiin qabaman haala fedhii san irraa mi'aa hin arganne irra gahu. (Wanta
araadan qabaman kanarraa mi'aa hin argatan). Kana walinu dhiisu hin danda'an.
Sababni isaas, isaan biratti akka jiruu dirqamaa ta'ee jira. Kanaafi, namni araada
khamrii (alkooli) dhuguu fi jimaa'a (wal-qunnamtin) qabame mi'aa tokko
kurnaffaa namni araada kanaan hin qabamne argatu hin argatu. Garuu inni kanaa
aadaa godhachuun nafsee ofii badiitti darba. Osoo haguuggiin fedhii lubbuu
argituu isaatirraa saaqamee (ka'ee), silaa “bakka gammachuu nan argadha”
jedhee tilmaame irraa rakkoo fi gadda cimaatti akka seene ni argaa türe. Ammas,
bakka mi'aa barbaade irraa laalaa ofitti akka fide ni argaa türe. Inni akka gogorri
ykn hantuuta midhaan waxmadi keessa kaa'ameen gowwoometi. Wanta ittiin
gowwoome hin arganne, wanta itti seene keessaas bahuu hin dandeenye. Osoo
akkana jedhame: "Namni fedhii lubbuutti maxxane ykn qalbiin isaa itti rarraate
akkamitti nagaha irraa ta'aa?"
Akkana isaan jedhama: Wanta isa azaa godhu (rakkisu) irraa ijjannoo cimaan
godaanuu fi wanta rakkinna isaa irraa nageenyi hin amanamne dhiisuuf sadarka
sadarkaan adeemudha. Kuni sabrii fi qabsoo barbaada. Sabrii fi qabsoo kana
wantoonni torba ni laaffisu:
1ffaa- Namni fedhii lubbuuf akka hin uumamnee itti yaadu. Kan inni
qopheefameef xumura wanta tokko ilaaluu fi wanta boodarra dhufuuf akka
hojjatuufi.
2ffaa-Xumura fedhii lubbuu itti yaadu- nama meeqatu sababa fedhii lubbuu
hordofuun sadarkaa guddaa irraa küfe, nama meeqatu salphinna keessatti lixe.
Nyaata meeqatu dhibeetti isa darbe. Nama meeqatu sababa fedhii lubbuu
hordofuutiin dogongora guddaa hojjate kabajnii fi beekkamtiin isaa küfe.
Yaadannoon isaa hawaasa keessatti fokkate.
3ffaa-Namni aaqilli mi'aa fedhiin lubbuu badaa hordofuu irraa argamuu akka
dhumatuu fi dhumarratti rakkinna (azaa) dhufuu itti haa yaadu. Mi'aa argamuu
caalaa rakkinni baay'een akka wal-horuu ni arga. Gamnoonni gariin akkana
61
jechuun walaleessan:
"Namni hundarra caalu nama sababatti hin lixnee
Hanga xumurri isaa maal akka buusu beekutti malee"
Kana jechuun namni hundarra gamna ta'e nama wanta tokko hin hojjanneedha,
hanga xumura wanta sanii addaan baafatutti malee.
4ffaa-Namoota biroo irraa ilaaluun xumura isaa itti xinxallu- kana jechuun
namoota fedhii lubbuu hordofuun baditti kufan ilaalun haala ofii fi isaanii wal-
biraa haa qabu. "Wanta isaan hojjatan kana anillee yoo hojjadhe, rakkoo isaan
itti taranitti anis itti tara." jechuun of haa gaafatu.
5ffaa-Mi'aa barbaadu san itti haa yaadu. Homaayyu akka hin taane sammuun
isaa itti hima. Garuu ijji fedhii lubbuu ballaadha. (Mi’aan inni barbaadu suni
akka dheebuti ykn nyaata mi’aawati. Namni yommuu dheebotu, bishaan
garmalee barbaada. Garuu erga bishaan dhugee booda, dheebun waan darbuuf
homaa isatti hin fakkaatu. Ammas, namni nyaata mi’aa barbaadu, erga nyaata
san nyaate booda, homaa isatti hin fakkaatu. Namni wal-qunnamtii foonitiif
hawwuus, karaa halaalatiin yoo qunname, yeroo qunnamti gammachu ni
argata. Garuu erga wal-qunnamtin dhumate booda homaa isatti hin fakkaatu.
Karaa haraamatin fedhii fooni yoo guuttate immoo, gammachuun yeroo
gabaaban booda haa deemu malee, hadhaan badii ni hafa.)
6ffaa-Fedhii lubbuu moo'achuun jabeenya akka ta'ee fi fedhii lubbuutiin
moo'atamuun immoo salphinna akka ta'e itti haa xinxallu. Eenyulllee fedhii
lubbuu hin moo'anne, humni jabeenyaa kan isatti dhagahamu yoo ta'e malee.
Eenyullee fedhii lubbuu isaa jalatti hin kufne, salphinni kan isatti dhagahamu
yoo ta'e malee.
7ffaa-Faayda fedhii lubbuu faallessu itti yaadu-kanneen akka addunyaa
keessatti maqaa gaariin yaadatamuu, nafsee fi kabajni isaa nagaha ta'uu,
Aakhiratti mindaa argachuu fi kan biroo. Ergasii, osoo fedhii lubbuu hordofee
wantoota armaan olii fi kan biroo akka dhabu itti haa yaadu.
Madda: Zammul Hawaa-fuula 36-38, Ibn Al-Jawzi
62
18
Rawdatul Muhibbiin wa nuzhatul Mushtaaqiin-fuula 639-638, 644, Imaamu ibn Al-
Qayyim al-jawziyyah
64
arjummaa, wanta fokkuu akka zinaa irraa ofii eegu (iffah), gootummaa, obsa,
dhiirummaa. Dhugumatti wantoota kanniinin mi'aa argachuun mi'aa hunda
caaludha. Kuni mi'aa nafsee ol'aantu fi kabajamtuu taateti. Mi'aa kanatti mi'aan
Rabbiin beeku, Isa jaallachuu, Isa qofa gabbaruu fi Isatti gammaduu yoo
dabalame, namni mi'aa kana qabu addunyaa tana keessatti akka waan Jannata
keessa jiraatuti.
Aarifonni (warri Rabbiin beekan) gariin akkana jedhu: Addunyaa keessatti
wanti garmalee gaarii ta'e: Rabbiin beeku fi Isa jaallachuudha. Aakhiratti
immoo wanti hundarra garmalee gammachiisaa ta'e: Isa arguu fi dubbii Isaa
dhagahuudha. Kan biraas akkana jedha: Yeroo tokko tokko qalbii kiyya keessa
wanti akkana jedhu ni darba: Warri Jannata haala [ani keessa jiru kana keessa]
yoo ta'an, dhugumatti isaan jireenya gaarii keessa jiru." Wanti kana akka jedhu
isa taasise gammachuu, mi'aa fi mirqaansu guddaa Rabbiin beeku, Isaaf
ajajamuu fi Isa jaallachuun argatuudha. Dhugumatti kuni al-lazzah (mi'aa,
gammachuu fi mirqaansu) guddaadha. Gabaabumatti gammachuu fi mi'aan
namni Rabbiin beeku, Isa jaallachuu fi Isaaf ajajamuu irraa argatuu mi'aa fi
gammachuu nyaata, dhugaati, jimaa'a (wal-qunnamti fooni), beekkamtii fi
aangoo irraa argatu caala. Mi'aan sammuu fi ruuhi yeroo hundaa turaa
Jannatatti nama ceesisuudha. Mi'aan gosaa 1ffaa fi 2ffaa addaan citaa fi yoosu
kan baduudha. Kanaafu, eenyutu mi'aa fi gammachuu gosa 3ffaa argachuuf
Rabbii isaa beekuf, jaallachuuf, Isaaf ajajamuuf carraaqa ree?
(Kitaaba wabii: Rawdatul Muhibbiin- 245-247, Daaru aalamul Fawaa'id)
Tawbachuu
ورب علة كانت سبب الصحة,"التوبة من الذنب كشرب الدواء للعليل
Badii irraa tawbachuun akka dhibeef qoricha dhuguuti. Tarii dhibeen takka
fayyaaf sababa ta'uu dandeessi." Imaam Ibn Al-Qayyim
Akkuma dhibeen qaama miidhu fi dhukkubsu, badii hojjachuunis qalbii
miidha. Akkuma dhibee irraa fayyuuf qoricha dhugan, akkasuma, badii irraa
fayyuufis tawbachuudha. Tawbachuun qoricha zanbii (cubbuuti).
65
Mi’aan ni Dhumata
Obsa
Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa ni jedha: