You are on page 1of 1

.

Boqonnaa 19
Dhibeewwan Tisiisaan Daddarban
Irraa Of Eeggachuu
Dubbisa
Tisiisni lubbu-qabeeyyii xixiqqaa balali'an keessa tokko.Lakkoofsi tisiisaa yeroo ilaalan xiqqoo
fakkaata. Haata'u malee, baay'ina qabu.Sababni isaas yeroo gabaabaa keesstti baayee walhoru
waan ta'eefi.Walumaa galatti hormaanni fi jireenyi isaanii bakkaa fi haala xuraa'aa irratti
hundaa'eedha.
Tisiisni akka salphaatti nama tokkoo irraa gara nama biraatti dhukkuba dabarsiti.Jireenyi ishii
balfaa fi xurii irratti kan hundaa'e waan ta'eef, waantoota xuraa'oo ta'an irra yeroo qubattu
jarmiiwwan miila ishiitti salphaatti qabatu.Kanaafuu, qulqullina naannoo, manaa fi qaama
keenyaa yoo eeguu baanne dhibee garaa garaa
nutti fiduu dandeessi jechuu dha.
Dhibeewwan tisiisni nutti fiduu dandeessu keessaa tokko tokko kanneen armaan gadiiti. Tisiisni
ija nama dhukkuba ijaa,kan akka ibirkuu, tiraakoomaa fi k.k.f.qabu irra qubattee deebitee kan
nama fayyaa irra yoo qabatte, dhibeewwan kana dabarsuu dandeessi.
Lammaffaan, madaa nama dhukkubsataa irraa qubachuun gara nama fayyattis ni dabarsiti.Kana
malees, akkee nama utaalloo
qabuu, dhibee sombaa fi k.k.f qabu irra qubattee nyaataa fi meeshaa nyaataa irra yoo deebitee
qubatte dhibeewwan kana dabarsuu dandeessi. kanaafuu, tisiisaa fi dhukkuba tisiisaan daddarban
irraa of eeguun barbaachisaa dha.Dhukkuba karaa tisiisaa dhufu irraa if eeguuf qulqullina keenyaa
fi kan naannoo keenyaa akka gaariitti eeguu qabna.
Karaan qulqullina naannoo ofii ittiin eegan baay'eedha. Isaan keessaa tokko bakka kosiin itti
gatamu mana irraa fageessuudha. Inni lammataa, boolla qotanii xurii dhangala'aas ta'e jajjaboo itti
naquudha.Inni sadaffaa,yeroo yerootti akkuma mana keessa qulqulleessinu qe'ee ofii fi bakka
bultii beeyladootaa qulqulleessuudha. Inni afraffaa, meeshaalee itti nyaannuu fi dhugnu sirriitti
qabuun dhiqanii itti fayyadamuudha. Kana malees, sababa adda addaatiin qaamni keenya yoo
madaaye, tisiisni akka irra hin qubanne eeguudha. Dafanii mana yaala deemanii of wal'aanuunis
barbaachisaadha. Dimshaashumaatti, qulqullina dhuunfaa fi kan naannoo ofii eeggachuudhaan,
tisiisni akka wal hin horre gochuun dagatamuu hin qabu.
Gilgaala
Gaaffiiwwan armaan gadii barreessuun deebisi.
1. Tisiisni maali?
2. Tisiisni akkamiin walhorti?
3. Tisiisni bakka akkamii jiraach-
uu jaalatti?
4. Tisiisni akkamittu dhibee fiddi?
5. Dhibeewwan tisiisaan daddarb-
uu danda'an maal fa'i?
6. Tisiisni akka walhortee hin baay'anne maal gochuu qabna?

You might also like