You are on page 1of 2

Bako Bazar

Baakkoon Jaalala,... Magaala Gootota qaqqaalii hedduu biqilchite,...


Dachee Hayyootaa fi Maga seenaa boonsaa qabdu,...
Shonkoora akka dammaa irraa xuxxuuxxachaa,... Takka takkas maangoo mi'aawaa
cuffachaa,..
jaalala lapheerraa wal waliif qabaachaa kan keessa jiraatan,... irratti qotatanii
irratti hojjetatanii
galma kaayyoo ofii kan ittiin ga'atan,... Jireenya miidhagaaf aara galfii sirrii
kan keessatti argatan,...
Magaalaa filatamtuu taate,... Eeyyee Baakkoon Jaalala.

Eeyyeni,... Waggoota dheeraadhaaf Agarsiisa Daldalaa fi Baazaarii gurguddaa fi


Ajaayibaa akka
biyyaalessaatti qopheessuudhaan kan beekamu dhaabbatni Promooshinii Biqiltuu
Ammas kunoo,.... Bulchiinsa magaalaa Baakkoo waliin ta'uudhaan,... Baatii Caamsaa
bara 2013 kanatti
Agarsiisa daldalaaf Baazaarii Guddaa guyyoota 10 qofaaf turu,... As dachee
Oromiyaa,...
Magaalaa Baakkoo,... Addabaabaayiii Seena qabeessa sana jechuunis,... Daandii
Artiist Haacaaluu
Hundeessaa irratti isiniif qopheessuu isaa,... Gammachuu guddaan isiniif ibsa.

Aboo Ajaayiba,... Eeyyee Ajaayiba,..... oomishtootni,.. dhiheessitootni,...


akkasumas daldaltootni
biyya keenyaa fi biyyoota alaa martinuu oomisha warshaalee isaanii mara gatii
salphaa ta'een qabatanii
kan irratti argaman,.... kumataamnis daaw'atanii kan yaadaniin olittis
arguudhaan,... Dhugumaan
Baazaarii Addaati jedhanii Kan dhugaa bahaniif Agarsiisni daldalaaf Baazaarii
Guddaa kun,...

Ilaaltan halaalaa kan qalbii hawwatu


Yoo itti ol seentan waan feetan argattu

- Meeshaalee Manaa fi Biiroo,...


- Uffataa fi kopeewwan daa'imaaf nam guddaa kan dhiiraaf shamarranii yoo jettan,...
* Shurraaba, T-Shirtiif Shamiizota Mimmiidhagoo,... surree fi Jaakkeettiiwwan
fifilatamoo ta'an
- Shittoof Doodoraantii urgaa addaa qaban,.. akkasumas koosmootiksiiwwan mara
- Kaawuyyaa,.. peestraa,... teessumaa fi Meeshaalee mana rifeensaa dhiirotaafi
Shamarranii
kan barbaaddan
- Meeshaalee Nyaataa fi dhugaatiiwwan adda addaa itti tolchattan,
* Distii Sibiilaa sadarkaa xiqqaa hanga guddaa,... Sagantaa Cidhaa fi kanneen biroo
qopheeffattan
kamiifuu keessummoota hedduu ittiin keessummeeffattan,... Maashina cuunfaa itti
qopheeffattan,..
Qullubbii, Dinnicha, kaarotii,.. timaatimaa fi Foon illee ittiin kukkutachuu fi
daakkachuu dandeessan,....
- Firaashiif Boraatii,... ansoolaa fi uffata halkanii
- Meeshaalee babbareedoo Biyyoota arabaarraa dhufan,... Biiffee keessaniif
akkasumas
mana keessaniif miidhagina addaa kennan
- Turkii fi Dubaay irraa galanii gatii hedduu salphaa ta'een kan isiniif
dhihaatan,... Minxaafota
Uffata Soofaa fi Maggarajaawwan ciccimoof mimmiidhagoo ta'an
- Televizyina, Diishii,.. G-Passii,... Teessoo televizyiinaa simboo mana keessanii
ta'an,...
Soolaarota addaddaa bifa barbaaddan,...walumaa galatti Bu'aaleen Elektrooniksii
martinuu
as keessatti argamu.
- Ogeessotaan bocamanii,.. haala addaan faayamanii, gatii xiqqaan kan isiniif
dhihaatan,...
Teessumaa fi Bobbocaalee Jimmaa biyya keenyarra darbanii addunyaa maratti beekaman

- Teessuma pilaastikaa ciccimoo,.... Kaaffee,.. hoteelotaa fi mana jireenyaa


keessaniif oolan
- Saafaa uffata itti miiccattanii fi bu'aalee pilaastikaa adda addaa,...
- saamunaa Uffataafi dhaqnaa,... feetan dhangala'aa feetanis goggogaasaa gatii
salphaan,....
- Ixaana Harar kan urgaan foolii isaa halaalaa isin hawwatu

- Meeshaalee daa'imman keessan ittin taphachaa sammuu isaanii beekumsaan itti


gabbifatan

* Maal kana qofa,...


- Dibata qaamaa fi Rifeensaa, fayyummaa keessan eeguurra darbee,... rifeensi
haphate
gabbisuu fi Kan molates Biqilchuu danda'u.

Aboooooo maal himeetan maal dhiisa,.... Meeshaalee waggoota dheeraadhaaf


bakkeewwan adda addaarra iyyaafattanii dhabdanillee Baazaarii kana keessatti ni
argattu. Sanuu,...
gatii hedduu salphaa ta'een ni bitattu.

* Hubadhaa:-
- Maatii fi Hiriyaa,.. jaalallee fi Obbolaa keessan affeertanii yoo
dhuftan,...Kennaawwan ajaayibaa
bifaa fi sadarkaa feetaniin bittanii waliif laattu,...... shakkii tokko malee
turtii gaariis dabarsitu,...

Maarreegaa,.....
Daa'imaa fi Maanguddoon dhiiraa fi shamarree Qeerroof qarreen Baakkoo,....
Hamtuun sin hinargin,... Jaalalaaf Nageenyaan jiraadhaa akka koo
Arguun amanuu dha mee baazaarii kanas kottaatii daaw'adhaa
Maallaqa xiqqoodhaan,... Meeshaalee gurguddoo filadhaa bitadhaa
Dhuftan ni gammaddu haftan ni gaabbituun eeyyee ergaa koo dha
a'aaa,.. maal aakkamiin haftu?,.. Waamichi Ulfinaa akkamiin hafama
Maatiidhaaf hiriyaa,.... jaalalleef obbolaa ofii affeeraniitu walumaan dhaqama.

Dhaabbata Promooshinii Biqiltuu,... Bulchiinsamagaalaa waliin ta'uudhaan,....

You might also like