You are on page 1of 12

ፈረስ እና ፈረሰኛ በሰላሌ ዘንድ የክብር እና ጀግንነት ምልክቶችም ናቸው፡፡

ፈረስ በኦሮሞ ህብረተሰብ ዘንድ ተወዳጅና በጣም ክብር ያለው ነው ምክንያቱም


ሀገርን ከወራሪ ጠላት ለመታደግ የነበረው ታሪክ የማይሽረው ውለታ እንዳለ ሆኖ፣ ፈረስ
ለክብረ በዓላት እና ለሌሎች ማኅበራዊ ክዋኔዎች ማድመቂያ፣ ለመጓጓዣ፣ ቁሳቁስ ለማጓጓዝ…
ከፍተኛ አገልግሎት ይሰጣል፡፡ ሰላሌ እና ፈረስ በታሪክ ተለያይተው አያውቁም።በሰላሌ ምድር
ከሰርግ እስከ መልስ ፍቅር በፈረስ ላይ ይከብራል፤ ይደምቃልም፡፡ በድሮ ዘመን አንቡላንስ
በለሌበት በዚያ ዘመን ፈረስ አንቡላንስን ተክቶ አገልግሏል አሁንም በቂ ትራንስፖርት
ባሌለበት ስፍራዎች እያገለገለ ይገኛል፡፡ ፈረስ በዕለት ከዕለት እንቅስቃሴ ዳገቱን ወጥቶ
ቁልቁለቱን ወርዶ ማጓጓዣ ሆኖም ያገለግላል። ሃዘን እና ደስታ በሰላሌ ምድር ፈረስ ከሌለበት
አይደምቅም፡፡ፈረስ እና ፈረሰኛ በሰላሌዎች ዘንድ የክብር እና ጀግንነት ምልክቶችም ናቸው፡፡
አንድ ሰው ፈረሰኛ ለመባል ፈረስ፣ ኮርቻ፣ ፋርኒስ፣ ለኮ፣ ወዴላ፣ ምቹና ግላስ ለፈረሱ
ያስፈልገዋል። ለፈረሰኛው ደግሞ አለንጋ፣ ዘንግ፣ ገንባሌ፣ ሳርያን ኮት፣ ጀበርና ሊያሟላ
ይገባል። ጦር፣ ጋሻና ሌሎች የአባቶቻችን የዘመቻ ቁሶች ካሉት ደግሞ ይህ ይበልጥ ተመራጩ
ነው።

ፈረስ በሰላሌ ማህበረሰብ ከሌሎች እንስሳት የተለየ እንክብካቤ የሚደረግለት ሲሆን ለፈረሱ
የሚደረግለትም እንክብካቤዎች ለኣብነት ልዩ የግጦሽ ቦታን በማዘጋጀት ፈረሱ ለብቻው
ከሌሎቹ እንስሳቶች ተለይቶ እንዲውል ማድረግ፤ከዚህም በተጨማሪ ገብስና ሻሎ በማዘጋጀት
ለፈረሱ በተዘጋጀው ልዩ ማደሪያ ቦታ ይቀልቡታል፡፡በዓድዋ ጦርነት ወቅትም የሰላሌ
ፈረስ ና ፈረሰኞች ከአርበኛው ጋር የውጊያ ሜዳ ድረስ ዘልቆ ከመዋጋት ጀምሮ ስንቅ እና
ትጥቅ እስከማመላለስ ድረስ ባለውለታ ነው።

የፈረስ ግልቢያ/ጉግስ ምንድነው?

መቼ መቼ ይከናወናል?

እንዴት ይከናወል?

ፈረስ ጉግስ/ግልቢያ አብዛኛው ግዜ የሚከናወነው በህዝብ ክብረ በዓላትና በፈረስ


ፌስቲቫል በሚከበርበት ወቅት ሲሆን እኚህ ፈረሰኞች እርስ በርሳቸው በመወዳደር
መድረኩ ያአሸናፊ ና የተሸናፊ መድረክ ይሆናል፡፡

1
በዚህ በውድረድር ወቅት ጥሩ እንክብካቤና አያያዝ ያለው ፈረስ ከሌሎቹ
ፈረሶች በመቅደም የአንደኛነትን ደረጃ ይጎናጸፋል፡፡ይህ ውድድርም
የሚካሄደው በሁለት ፈረሰኞች ዘንድ ነው፡፡በዚህ ውድድር ወቅትም
ፈረሱና ፈረሰኛው በወቅቱ በዝግጅቱ ላይ የሚያስፈልጉ የፈረስ ጌጣ
ጌጥና የፈረሰኛው አልባሳት ናቸው፡፡ በዚህ ጉግስ ወቅት ተወዳዳሪዎቹ
በሁለት ጎራ በመከፈል የውድድሩ ተሳታፊ ይሆናሉ ፡፡ ፈረሰኞቹ ወደ
ውድድሩ ከመግባታቸው በፊት በጸሎት ፈጣሪያቸውን በመለመን ወደ
ጉግሱ ይገባሉ፡፡ ውድድሩም የራሱን አካሄድና ደንብ ያለውና ሁለቱ ወደ
ውድድሩ ሲገቡ ሌሎቹ ተወዳዳሪዎች ደግሞ ታዳሚ በመሆን ተመልከች
ይሆናሉ፡፡በዚህ ጫወታ ወቅት በዘንግ የተወጋው ተወዳዳሪ በወጋው ቂም
አይያያዙም ምክንያቱም ጫወታው የፍቅር ጫወታ ስለሆነ ነው፡፡
ፈረሰኛው ና ፈረሶቹ እር በርሳቸው እንዳይጋጩ በመሃላቸው ርቀት
መኖር አለበት፡፡በውድድሩ ወቅት ፈረሰኛው ካልቸለ እዳይመታ የራሱን

2
ዘዴ በመፍጠር ከተወረወረው ዘንግ ማምለጫ በመፍጠር ከተወረወረው
ያመልጣል፡፡ይህ የፈረስ ጉግስ ውደድር በኦሮሞ ማህበረሰብ እጅግ
ተወደጅ በመሆኑ የሰላሌ ማህበረሰብ ፈረሱ በተፈጥሮ በተጎናጸፈው
መልክ ለፈረሱ የተለያዩ ስያሜ ስም ይሰጣሉ፡፡ የስሞቹም ስያሜም፤
 ቡሎ
 ዳማ
 አዲ
 ቡሌ
 ዳለቸ
 ቦራ
 ዳሌ
 ጉራቻ ና ወዘተ… በማለት የፈረሶቻቸውን ስም ይሰይማሉ፡፡
ይሁን እንጂ በአሁኑ ወቅት ማህበረሰቡ ለፈረስ ያለው እይታ ና
ክብር ድሮ ካለው አናሳ ነው፡፡ለፈረስ ያለው አክብሮት እይታ
ትውልዱ ከጊዜ ወደ ግዜ እየቀነሰ በሆኑን ያመለክታል፡፡

ሰላሌ ዩኒቨርሲቲ በአሁኑ ወቅት በዞኑየጠፉትን የባህል እሴቶችን በልሶ


ከመገንባት አኳያ ምን እየሰራ ይገኛል?
ሰላሌ ዩኒቨርሲቲ የሰላሌ የፈረስ ዝርያዎችን በማንከባከብ በሀገር ና
በዓለም አቀፍ ደረጃ የተለያዩ ምርምሮች የፈረስ ፌስቲቨሎችን ማካሄድ
ከጀመረ ሶስት ዓመታትን አስቆጥሯል፡፡
ሰላሌ ዩኒቨርሲቲ ከተቋቋመ ጥቂት ዓመታት ቢሆንም ከመማር
ማስተማር ጎን ለጎን ለማህበረሰቡ ችግር ፈቺ ምርምሮችን በመስራት
ላይ ይገኛል፡፡ከዚህም በተጨማሪ የኒቨርሲቲው የአከባቢውን ህብረተሰብ
ባህልና እሴት ላይ የተለያዩ ምርምሮችን በማካሄድ ና የማህበረሰቡን ኑሮ
በሁሉም ዘርፍ ለማሻሻል እየሰራ ይገኛል፡፡ከዚህም በመነሳት ዩኒቨርሲቲው
ለተለያዩ ጥናትና ምርምር ለማካሄድ በዋጫሌ ወረዳ 14 ሄክታር የሚሆን
ቦታ ከወረዳው ተረክቦ ለወደፊት በዞኑ ውስጥ የተለያዩ የተረሱ
የማህበረሰቡ ባህል እሴቶች ላይ ለመስራት ዩኒቨርሲቲው ቅድመ
ሁኔታዎችን ጨርሷል፡፡
3
ዩኒቨርሲቲው በዚሁ በተረከበው ቦታ ላይ በየዓመቱ የፈረስ ጉግስ
ፌስቲቫል የሚከበር ሲሆን በዚህ በፈረስ ፌስቲቫሉ ላይ የተለያዩ የፈረስ
ተሪኢቶችና ይታዩበታል፡፡የሰላሌ ፈረስ ከዚህ ቀደም በሀገር ደረጃ
ይታወቅ የነበረውን ጥንካሬ ይበልጥ ለማጠንከርና ለማዘመን የሁሉም
ማህበረሰብ ርብርብ ና አስተዋጽኦ ጉልህ ድርሻይኖረዋል፡፡ ስለዚህ
ሀላችንም የህብረተሰቡ በፈረስ ላይ ያለውን አመለካከት በመቀየር የሰላሌ
ፈረስ ጉግስ ለቱሪዝም መስእብነት የሚለውን መሪ ቃል ከግብ አናድርስ!!
የዘንድሮ የበዓሉ ፌስቲቫል መልዕክት ነበር፡፡

FARDEEN SALAALEE
Fardi Uummata Oromoo biratti safuu, jaalalaa fi kabaja
olaanaa qaba. Sababni isaas Seenaa uummata kanaa
keessatti gumaachi fardaa hin dagatamu. Fardi akka ilmoo
namaatti ilaalama. Seenaa Uummata oromoofi Farda
gidduus hidhata cimaatu jira. Oromoon Farda isaa
4
dhimmoota gara garaaf itti fayyadamuun, jiruuf jireenya
isaa gaggeessa. Oromoon Farda isaa daa’ima isaatti
aansudhaan iddoo guddaa kennaaf yoo jedhamee waan
dhugaa irraa fagaatee miti.Sababni isaa Oromoon Fardeen
isaatti fayyadamuun yeroo lolaa diina isaa ittiin ari’ee
waraanuu fi akkasumas dheenfee jalaa bahuuf itti
fayyadamaa turee jira. Waraanaaf qofa osoo hin taane,
dhimmoota hawaasummaa adda addaaf dhimma itti
bahaa turee jira,hangi isaa akka durii haa ta’uu baatu
malee, ammas itti fayyadamaatuma jiru.Kabaja Farda
isaaniif qaban irraa kan ka’e abbootiin Fardeenii maqaan
fardeen isaanitiin kan waamaman hedduudha.
Uummata Oromoo keessaa immoo Salaalee yoo fudhanne,
Oromoon Salaalee Fardaaf iddoo adda ta’e kennaaf. Kun
immoo sababa malee waan ta’e miti. Fardeen Salaalee
biyyarra darbee akka Addunyaatti Fardeen gootummaa fi
ciminaan beekaman akka ta’e seenaan ragaa baha.

Salaalee Farda isaaf iddoon inni qabu guddaa ta’uu irraa


kan ka’e haalli qabiinsa Farda kanneenif taasifamullee
akkuma loon biroo osoo hin taane, addatti kan
kunuunfamaniidha. Fardeen iddoo dheedicha isaanii
kophaatti addaan baafamanii lafa caffee fi marga haalan
dheedichaaf mijataa ta’etti geeffamuun akka isaan
dheedan taasifama. Kana qofa osoo hin taane, Fardeen

5
Salaalee addatti nyaanni garbuu qophaa’af, darbee
darbee yeroo garbuun dhabametti shaalloo akka
sooratan taasifama. Fardeen kunneen iddoon bultii isaanii
loonin walitti makamanii osoo hin taane kophaatti ni
qophaa’af. Iddoon bultii kunis haala ho’iinsa qabaachuu
danda’uun kan hojjetamuu fi qulqullinaan kan
qabamuudha. Fardeen kunniin iccitiin gootummaa fi
ciminni isaanii haala qabiinsaa qofa osoo hin taane
leenjiin adda ta’e ni kennamaaf. Leenjiin Fardeen kanneenif
kennamu yeroo tokko qofa osoo hin ta’in, yeroo
yeroodhan namoota gugsii fardaa irratti muuxannoo
guddaa qabaniin kennamuun fardeen kanneen
gahoomsamaa akka deeman taasifama.

Fardeen salaalee lola Adawaa yeroo xaaliyaanin biyya


keenya weeraruuf meeshaalee waraanaa Ammayyaatiin
lola taasiste irratti gootota ilmaan Salaaleen
dabaalamuun miilan gara Adawaatti imalanii gootota
biyyattii hunda waliin ta’uun gootummaan xaaliyaanota
biyyootti dabalanii, salphisuu fi ari’uun maalummaa
Fardeen kanneenii Addunyaa maratti mul’isanii akka turan
seenaatu ibsa.Fardi hawaasa salaalee biratti yeroo
Gammachuus yeroo Gaddaas baay’inaan hirmaata. Kabaja
ayyaanota garagaraa, sirni fuudhaaf heerumaafi sirni

6
awwaalchaa iddoowwan akka salaaleetti fardi bal’inaan
irratti hirmaataniidha
GOMBISA FARDAA
=>Gombisni fardaa maali?
=>Yoom gaggeeffama?

=>Akkamitti gaggeeffamaaGombisa jechuun akaakuu


tapha aadaa keessaa isa tokko ta’ee, yeroo kabaja
Ayyaanota waggaa garagaraatif namoonni/yaaphattuun
fardaa walitti dhufuun dandeettii fi cimina farda isaanii
dirree/hurufa/ irratti fiduun waldorgommii taasisan
jechuudha.

Gombisni ykn Gugsiin fardaa bifa wal dorgommiis kan qabu


yoo ta'u, yoo xiqqaate fardeen lama kan ari'uu fi kan baqatu
jidduutti taphatama.
7
Fardi cimaan wayita baqatu kan fiigee jalaa bahu, wayita ari'u
ammoo kan fiigee dhaqqabuudha. Gugsiin fardaa akkaataafi
adeemsa ittiin taphatamu qaba. Dirree taphaarratti wantoonni
taasifamanis hedduudha. Fardi gugsiif qophaa’e tokko mi’a
faayaa hedduutin miidhagfama.
Gugsii keessatti namoonni gartuu lamatti hiramanii ykn
naannoo adda addaa irraa dhufanii akka walitti aananiin
tumsa ijaarratanii gamaa gamana dhaabbatu. Waaqa
isaanii kadhatanii, nu hoofkalchi; collee keenya hoofkalchi;
human kee kenniif jedhanii Waaqaaf galata galchanii gara
gugsiitti bobba’u. Ittuma fufuun gugsiin seera mataa isaa
waan qabuuf seera sana eeggatanii gulufu. Namni tokko
namuma tokko ari’ee ulee qal'oo Harooressa / sangii/ tapha
kanaaf qophaa’e darbatee waraana; yeroo kana warreen
abbaa fardaa kanneen biroommoo dhaabbatanii dabaree
isaanii eeggatu. Uummanni ilaaluf bahes cinaa lamaan
dirree fardi irra gulufu sanarra dhaabatanii ilaalu. Tapha
kana irratti yoo waraannamanis ta’ee yoo waraantes
haaloo walitti qabachuun yookan gara walitti bu’iinsa
dhuunfaatti fudhachuun safuun nama gaafachisa. Gugsii
fardaa keessatti dirree taphaarratti taatewwan taasifaman
hedduudha. Yeroo gulufuu jalqaban fardeen lamaan
jidduu fageenyi murtaa’e jiraachuu qaba.Fageenya sana
inni dheessu dabalaa deemuu yaala. Inni ari’u immoo
dhiphisaa deemee fageenya waraanuf isatti tolu mijeeffata.
Kun kan ta’u walakkaa dirree yookan gara dhumaatti ta’a.
8
Abbaan fardaa inni fuulduraa yeroo dheessu fardasaa
xuqachaa namicha ari’aa jiru ofirratti garagaree eeggataa
gulufsiisa. Keessumattuu, walakkaa dirree sanaa erga
darbamee booda mo’amuu/waraanamuu/ irraa oofkaluuf
miliqqaan taasifamu kan ajaa’ibaati. Inni ari’u sun
qaqqabus qaqqabuu baatus namichatti xiyyeeffatee
aggaamee darbachuu qaba. Inni dheessus, waan itti
darbatame sana qolachuu yaaluu qaba.
Gaachana/Waantaa harkaa qabate sanaan of duuba
garagalee eeggachuun qolata.
Gugsii fardaa keessatti akka hinwaraanamneef tooftaan
ittiin miliqan barbaachisaadha. Namni tapha fardaa
geggeessu tokko waraansa of irraa ittisuu keessatti yoo
qolachuu hin dandeenye, jalaa miliquunis tooftaa
gaariidha. Kunis, kan raawwatamu yoo karaa mirgaa
namatti dhufe gara cinaacha fardaa isa bitaatti jalaa miliqu.
Yoo karaa bitaa namatti dhufe, gara cinaacha fardaa isa
mirgaatti miliquun jalaa bahuu danda’ama.
Walumaagalatti adeemsi gugsii fardaa keessa jiru
hawwataafi seera qabeessa. Gugsiin fardaa tapha
jaallatamaa uummanni Oromoo jaallatuudha.
Salaalee haala gootummaa fi cimina akkasumas bifa
isaanii irratti hundaa’uudhaan Fardeen isaaf moggaasa
maqaa garagaraa kennaaf. Kanneen keessaa muraasni;
 Bulloo
 Daamaa

9
 Adii
 Daalacha
 Bulee
 Boora
 Daalee
 Gurraacha fi k.k.f jechuudhaan maqaa moggaasuuf.
Haa ta’u malee Sababoota garagaraan ilaalchi hawaasni
fardaaf qabu iddoo durii jira jechuuf nama rakkisa. Ilaalchi
hawaasni fardaaf qabu dhalootaa dhalootatti yeroo darbaa
deemu sababoota garagaraaan jijjiiramaa deemeera.

YUUNIVARSIITIIN SALAALEE MAAL HOJJECHAA


JIRA?
Yuunivarsiitiin Salaalee Sanyii Fardeen Salaalee kunniin
kunuunsuu fi sadarkaa biyyoolessaa fi Addunyaatti
beeksisuuf hojiilee Qorannoo fi Qo’annoo gara garaa
gaggeessuun feestivaala agarsiisa gugsii Fardaa waggaa
waggaan gaggeessuu erga eegalee amma waggaa sadii
lakkoofsisee jira.
Yuunivarsiitiin Salaalee erga akka dhaabbata tokkootti
hundeeffamee yeroo muraasa ta’u illeen sirna baruu fi
barsiisuu cinaatti hojiilee qorannoo fi qo’annoo
gurguddaa hawaasa naannawaa isaatiif hojjechaa akka
10
jiru beekkamaadha. Duudhaa fi Aadaa hawaasaa guddisuuf
qorannoo gara garaa gaggeessuu bira darbee jiruu fi
jireenya hawaasichaa gama hundaan fooyyessuuf hojiin
hojjetamaa jiru yoo ilaalame haalan kan abdii namatti
horuu fi rakkoo hawaas-diinagdee naannichaa kan furu
ta’uu hojii qabatamaa amma hojjetamaa jiru irraa
hubachuun kan danda’amuudha.
Dhaabbanni kun kaayyoon inni hundaa’eef inni guddaan
hojii baruu fi barsiisuu ta’uun isaa waan wal nama
gaafachiisuu miti. Dabalataan garuu hojiilee qorannoo fi
qo’annoo gara garaa gaggeessuun rakkoolee naannawaa
sanatti argamuu furuun jireenya hawaasa naannichaa
fooyyessuuf wanti hojjetamaa jiru hawaasni Godiina
Shawaa Kaabaa; Salaale abdii guddaa akka
yuunivarsiitiicharraa qabaatu gochuu bira darbee
dinqisiifannaa hawaasaa dhaabbata yeroo muraasa
keessatti argachaa dhufe ta’ee jira.
Haaluma kanaan yuunivarsiitiin Salaalee Godiina Shawaa
kaabaa Aanaa waacaaleetti lafa hekt.14 fudhachuun
qorannoo fi Qo’annoo adda addaa gaggeessuun Fardeen
Salaalee gara hawwata turizimiitti fiduun sadarkaa
Biyyaaleessaa fi Addunyaatti mul’isuuf hojjechaa jira. Bara
kanas Amajjii 07/2014 iddoo hooggantoonni
Yuunivarsiitichaa, keessummoonnii fi Abbootiin Gadaa
argamanitti Feestivaalli agarsiisa gugsii Fardaa marsaa

11
sadaffaan qopheessummaa yuunivarsiitichaatin
adeemsifamee ture.Abbootiin Fardeenii Aanaaleefi
iddoolee garagaraarraa walitti dhufanis hidhata hawaasa
oromoo salaaleefi farda gidduu jiru gabaabbinaan
feestivaalicharratti agarsiisuuf yaalanii jiru.Fardeen
salaalee gara hawwata tuurizimiitti guddisuuf sochiin
yuunivarsiitii salaaleetiin eegalame cimee kan itti fufu
ta’uus hooggantoota Yuunivarsiitichaa feestivaalicharratti
argamaniin ibsamee jira.
Fardeen Salaalee gootummaa fi cimina isaanii qabatanii
akka itti fufan taasisuun gahee hawaasa muraasa ykn
dhaabbata tokko qofa osoo hin taane gahee qaama
hawaasa maraa waan ta’eef; hundi keenya gahee nurraa
eeggamu bahuun Fardeen kanneen gara hawwata
turizimiitti fiduun sadarkaa biyyoolessaa fi Addunyaatti
beeksisuuf gahee keenya bahuun dirqama hunda keenyati.
Dhaloonni yoo aadaa irraa fagaate aadaa hawaasa sanaa
qancarsa. Kanaaf aadaa fi ilaalcha hawaasa keenyaa irraa
dhaalle itti fufsiisuun murteessaadha.

12

You might also like