You are on page 1of 18

Maaljennuu Shanan Gibee

­1­
Prepared by

Sadam Abagojam and Tofiki Amin

JIMMA

January 1/ 2020

Table of content
I .Yaada ifaa ( Abstract )…………………………………….......................3

1. Ka’umsa ( background )………………………………………………...4

1. 1 . Seensa ( introduction )………………………………………………..5

1. 2 .Rakkoo jiru ibsuu ( Statement Of the problem )……………….….…6

2 . Kaayyoo MSG ………………………………………………….….........7

2 . 1 .Mullata ( Vision) ……………………………………………..………7

2 . 1 . 1. Chartii mullataa…………………………………………………….7

2 . 2 . Ergama / mission/…………………………………………..…………7

3 . Gaaffii MSG siyaasaa fi dinagdee wolqabatuu………………….……….8

­2­
4. Madaallii / review……………………………..…………………… ….....8

5. Barbaachisummaa isa …………………………………………………….9

5.1.Ijaaramaa fi seera qabeessumma…………………………...……………9

5.1.1.Caasefam……………………………………………….…………….10

5.3. haala itti hojiitti galu ………………………………………….………10

5 . 3 . 1 . Chaarti koree leenji…………………………………………...…..12

5 .4 . hanga Ballinaa fi hanga xumura isaa (Scope and limitation )…...12

5.5.1 . Chaartii tooftaa sassabii tumsa filannoo 2012 gara P B…………….13

5 .5. 2 . Xumuraa ( limitation )………………………………………...…13

5 . 6 . BU’AA ISAA WMSG …………………………………………..….13

5 . 6 .1.Galma maaljennuu…………………………………………………13

5 . 6 . 1 . CHARTI CUUFAA ykn CHARTII GALMAA…………….……14

6 . Baajata ykn Madda Galiii……………………………………..…….14

­3­
I . Yaada ifaa ( Abstract )

Seenaa Motummaa shanangibee keessatti Maaljennuun aadaa baayyee gaarii ummatni


Motummaa ShananGibee keessa jiranu hundi itti fayyadamaa turaranii dha. Mootummaan
ShananGibee fi Mootoleen Shaanan Gibee keesssa jiranuu hundinuu akkuma Jimmaatti
biyyaa kabajaa fi biyya jaalalaa jechuun beekamti. Maqaa gaarii kana argachuu kan
dandeessee sababaa bulchiinsa ammayyaa fayyadamtuu fi wolitti dhufiinsa gaari olla isii
wojjin qabduu dha. Fakkeenyaaf Mootiin Abbajifaar mootoleen biyyoota naannolee ollaa ,

­4­
mootummaa itiyoopiyaa fi motumoolee biyya alaa ykn harabootaatiin adda addaatiin Aadaa
wolgargaarsaa , woljaalalaa fi wolkabajuu argisiisuun wojjin jiraataa turan keessaa tokko
tokkoo Mootummaa Kafaa woliin Maaljennee ollaan woldhabnaa jechuun Soddummaa
uummuun Nageenya biyyoota lamanii Gidduutti mirkaneessan. Mootummaa Guraagee
wojjiin Maaljennee biyyaa akkasitti gidduu kunnee yaroo darbinu nukeessummessu kanaan
Galata simannaa jaraa nyaannaa jechuun suddummaa uummuun kabajaa jidduu jiru daran
cimsaniru. Mootummaa itiyoopiyaa kabjaaf jechaa maaljedheen worra mootumma biyyatii
kooti Otuu hucuu kuula qabu hinofatin koo uffatti jechuun iteege xaayituuf nama uffata foo’
uu beekuu ergaa garabiraans nama buusaa bishaan irratt buusuu danda’uu erguun daran
kabajaa cimsan. Dabalataan immoo mootummaan itiyoopiyaa jimmaan keessumummaa
dhufaa jira jennaan Maaljennee mootumma biyyattii guutuu barcuma moofaa irratti
simannaa jechuun umata kakkasanii zufaanii qarshii 200000 oliinhojjechiisuu irratt simatan
Biyyota harabaa adda addaatiinis wolqunnamtii garii qabuu keessaa Sa’ud Arabiya amanttiin
waan deddeebianuuf biyyattiin yaroo sana harka qalleessa waan taateef Maaljennee biyyattii
kana rakkifnaa lafa fuudheen mana ummata koo as deddeebi’uuf ijaaraa jechuun lafa
fuudhan I ummata itiyoopiyaa hundaaf mana achitti ijaaruun safuu biyya keenyaa eegaa
woljaala gidduu biyyoota lamanii cimsaniru. Kana malesi ummatni Mootummaa Shaman
Gibe keessa jiru hundinuu Aadaa baayyee gaarii ta’ee fi Aadaa Seeraa olitti ummata
tokkoomsu heedduu qaba. Aadaa mootummaa Shaman Gibee itti fayyadaman hedduu
keessaa inni bayyee gaarii fi ummata keessatti tokkummaa, woliifi yaaduu ,wolkabajuu,
safuu wiliif eeguu fi woliiftumsuu rakkoo woliigala hundaa wiliin fala kaa’uuf qooda guddaa
fudhataa ture Aadaa Maaljennuu jedhamuu dha. Umatni godiina jimma beekes hata’uu
otuu hinbeekiin Aadaa Maaljennuu jedhutti fayyadamuun bu’aa guddaa argateera.

Isaan keessa Daragaggoon Manguddoo kabajuu kesatti , maaljedheen kanjedhuudhaan farad


irraa bu’ee Manguddoo bira darba, rakkataa naannoo yoo jiraate hojii humnaa kamiinuu
nigargaara, rakkoo olla hundaa wil ijaaruun fala kaa’a, kallatti hundaa jechaa mangudotaa
hunda nikabaja, daboo biyya daandii baasuu, buusaa bishaanii buusuu, bishaan qulqqullessuu
fkk irratti aragama .Manguddoonis akkasuma akkuma Wolcaalanuun wolkabajuu fi woliif
tumsuun rakkolee afooshaa fi Dinagdee, Nageenyaa mara irratti woliin hirmaachuun

­5­
wolgargaaru kunis Maaljeedheen ummata biraa hafaa? Jechuun of gaafatu kunsi maqaa
maaljenuutiin Maaljennuu.

1 . Ka’umsa ( bacgraund )

Ummatni Aanaa Godiina Jimmaa Mootummaa Shaman Gibe keessa jiru hundinuu Aadaa
baayyee gaarii ta’ee fi aadaa seeraa olitti ummata tokkoomsu heedduu woliin qaba. Aadaa
mootummaa shamangibee woliin aquu fi ittiin fayyadama ture hedduu keessaa inni bayyee
gaarii fi ummata keessatti tokkummaa, woliifi yaaduu , wolkabajuu, safuu wiliif eeguu fi
woliiftumsuu rakkoo woliigala hundaa wiliin fala kaa’uuf qooda guddaa fudhataa ture
Aadaa Maaljennuu jedhamuu dha. Umatni godiina jimma beekes hata’uu otuu hinbeekiin
Aadaa Maaljennuu jedhutti fayyadamuun bu’aa guddaa argateera. Hata’uu malee aadaan
kun Badaa waandhufeef deebisanii haala haaraan ijaaruu fi Bu’aa maaljjenuun ummataa
kenyaaf buusuu irratt hundaa’uun haala Ammayaan ijaaruun aadaan kun ammas ummata
keenya keessatii Deebi’ee dagaaguun ummataa , dhaloota ummataa keessa hadha jiruu fi
dhaloota bordhufuuf kallatti tokkummaa, woltumsuu,woljalaa dhaga’uu, nageenya
umuu,woliifdhaabachuu, wojjin horachuu, Siyaasa biyyattii keessatti qooda fudhachuu fi
carraa qabnu sirritti itti of harkkatti Tiskachuu , carraan nurka jiru kun akka nurkaa
hinbaaneeef tokkummaan tumsinee of arkatii eegachuu fi Dinagdee biyyatti keessati Haala
ijaramaa ta’een qooda fudhatanii Hojechuuf daandii saqa.

1. 1. Seensa ( introduction )

Maaljennuu jechuun Aadaa gaarii ummatni Godiina Jimma itti fayadamee tokkuummaa fi
jaalala jabaa maqaa ta’eefii hadha ittiin waamamaa jiru kan isaaf milkeesse aadaa gaarii
ummataa bu’aa buusaa turee dha. Bu’aa inni ummata Mootummaa shanan Gibeetiif buusaa
turee hedduu kessaa Tokkummaa ,Jaalalaa, wojjin hojjechuu ,Safuu eegachuu,
woliiftumsuu, woljalaa dhaga’uu , wolgargaaruu, Wolkabajuu, Oollaaf dursa kennuu, Mootii
ofii Jalaa dhaga’uu dha. Haata’uu malee Aadaan kun yaroo ammaa umata keessatti kan
argamu akka Jechaatti malee akka duraanii sana ummata keenyaaf tajaajilaa kennaa akka
hinjirree hubachuudhaan haala ijaramatiin deebisanii ijaaruun bu’aa isaa irra ummata

­6­
fayyadama gochuun barbaachisaa waan ta’eef, Woldaa MSG haala haaraan ijaaruun kallattii
Aadaa fi safuu eegateen siyaasaa fi misooma biyyaatiif tumsa akka keennuuf kutannoon ka’
eera. Rakkoon ijaarama kan haaroomsuuf Sababa ta’ee aadaan maaljennuu baduuutiin kan
ka’ee umtni keenyaa burjaaja’eee aadaa fi safuu dagachhuun woltumsee akka duraanii
sanatti wojjin jiraataa hinjiruu waan ta’eef , ummatin keenya siyaasaaf dinagdee Keessatti
hirmaachuun kan dadhabee sababa seenaa darbe qoratee hojiirra olfachuu dhabuutii
,woljalaa dhaga’uu dhabuu fi woltumsuu dhabuutiin kan ka’ee harca’aa dhufeera.

Rakkoo harcaa’ina fi woltumsuu dhaabuu ummata keenyaa kana hubatee deebisee ummata
keenya tokkoomsuuf jecha yaro amma afooshaa Ashamii Jimmaa jechuun bara 2011 abbo
Guuteen ijaaramee sochii gaarii keessa jira, hata’u malee Afooshaan Ashhammii jimmaa kun
kan ummata Shanan Gibee maraa hanga Baadiyyaatti Gadibu’ee ofkeessatti hinhaammatne.
Kana irraa ka’uu heedduun ummata Godiina Jimma fedhii ijaaramu akka qabanu agarsiisaa
jiru. fedhii jaraa karaa dinagdeen ijaaramuu dha , garuu rakkoon guddaan jiru tokkummaa fi
maaljenuu dhabuudhaan kuufiitii dhuufaa jira Kanaafuu kallattii hundaan fedhii isaanii
guutuun jecha dabalataan Maaljennuu Shanan Gibee jechuun ijaaruun fedhii ummata
shanangibee guutuun Bu’aa maaljjenuun ummataaf kenyaaf buusuu irratt hundaa’uun akka
haaraatti ijaaruun aadaan kun ammas ummata keenya keessatii Deebi’ee dagaaguu isaa
ummatichaaf dhaloota ummataa keessa hadha jiruufis ta’ee dhaloota bordhufuuf kallatti
tokkumma, woltumsuu,woljalaa dhaga’uu, nageenya umuu,woliifdhaabachuu, wojjin
horachuu, siyaasa biyyattii keessatti qooda fudhachuu fi carraa qabnu sirritti itti ofharkkatti
eegachuu fi carraan nurka jiru kun akka nurkaa hinbaaneeef tokkummaan tumsinee ofarkatii
eegachuu fi Dinagdee biyyatti keessati Haala ijaramaa ta’een qooda fudhachuu Hojechuuf
daandii saqa .

1 . 2 .Rakkoo jiru ibsuu ( Statement Of the problem )

Ummatni Shanan Gibee Aadaa gaarii otuu qabuu burjaaja’ee harcaa’uun siyaasaa fi

­7­
dinagdee kessaa ba’uun irra darbee , ijaarameen Siyaasaa fi dinagdee keessatti qooda
fudhachuu dhabuun kan ka’ee yaroo ammaa kan harca’uun ,tumsuu dhiibuu ,woldhagahuu
diduu fi tokkummaa dhabuun babalatee jiruu isaa irratti burjaaja’aa jira. Hata’u malee fedhii
ijaaramanii hojjeechuu fi qabeenyaa horachuu otuu qabuu nama isa ijaaree gara kanatti isa
fidu dhabeera . Rakkoo kana furuuf WMSG hundessuun ummatni keenya godiina jimmaa
hundinuu haala qindaa’een Woldaa Maaljennuu Shanan Gibee keessatti Ijaaramuun Gaaffii
Hundee maalljennuu irraa maddee hundaa hojiitti Jijjiirun hubannoo jiijjirama siyaasa fi
Dinagdee dhufee jiru wolkeessatti uummuun jijjiiramichi akka itti fufuuf qooda fudhachuuf
Gaaffii kan dabee kallattiiti deebisuu , kan rafe kaasuu fi kan onneen duude onnee isaa banee
karaa sirritti deebisuu kan akka Maaljennuu ? Maaljennee ? Maaljedhuu ? Maaliifjennee ?
Maaljedhee ? Maaljettee ? Maaljettuu ? Maaljettan ? Isa jedhu ofkeessaa qabaachuun
jijjiram daandii siyaasa fi Dinagdeetiin dhufee itti fufsiisuuf mootumma cinaa dhaabachuun
Paartii Badhhadhiinaa fi dr. abiy ahmed akka hingifatanuuf hojjetaa Woldaan MSG ergama
isaa filannoo 2012 sababeefachuun aadaa kan deebisee ijaaruun leenjii duulaan tumsanii
filatani akka hinjifachiisanu irratti kenna.

2 . Kaayyoo MSG

v Filannoo bara 2012 irratti leenjii Aadaa woltumsuun jabessuf leenjisuun


ummata keessatti maaljennuu uummuun PB akka filatamuuf tumsa gochuu.

v Misseensa durii dallansuun burjaaja’ee jiru sakatta’uun PB dhiiyeessuu wojjin


gorsuun deebisanii ijaaruun. .

v Hojji daldaalaa keessatti gabaa tasgabbessuuf kalattiittii mootummaan baasee


irratti MMSG qindeessuun furmaata kennuu.

v Sochii hojii tola oltumma hojjechuu fi hirmaachisanii hojjechiisuu’

­8­
v Bu’aa seera aadaatti fayyadamuun afooshaa Godiinichaa hunda leenjisuun hojii
siyaasaa fi dinagdee keessatti hirmaachisuu.

2 . 1 .Mullata ( Vision)

Woldaa maaljennuu shanan Gibee Qorannoo qopheessuun akka biyyaatti


ijaaram isaa babalisuun wolitti hidhamiinsa aanaa , godiina ,naannoo fi akka
biyyaatti wolitti hidhamiinsa siyaasaa fi dinagdee uumuun P.B.daran cimsuun
bara filanoo hundaa keessatti itti fuufiinsaan injifataa taasisuu fi wolitti
hidhamiisa gabaa aanaa , godiina ,naannoo fi biyyatti gidduutti tasgabbii uumuu
fi gabaa alaatiin wolitti hidhuuf , kallatti hundaani hojjetaa.

2 . 1 . 1. Chartii mullataa

2 . 2 . Ergama / mission/

Haala qajeelfama mootummaan baasee irratt hundaa’uun misooma fi siyaasa

­9­
keessatti qooda fudhachuun leenjii safuu fi duudhaan qopheessuun burjaajaaja’
iinsi siyaassa deebisee ijaaruun Filannoo bara 2012 irratti dr. Abiyyi Ahmed Alii
( P.B. ) akka hinjifatuu kallattii hundaan ummata Godiinichaa maraaf leenjii
kennuun hinjifannoof hojjetaa.

hojii daaldaalaatiin kallattii mootummaan gabaa tasgabeessuuf hojjetu hundaa


keessatti qooda fudhachuun gaba biyya keessaa hundaa wilitti hidhuun hanga
gabaa biyya alatti neetworkkii uummuun gabaan biyyattii ittifufiisaan akka
tasgabooftuu hojjetaa.

3 . Gaaffii MSG siyaasaa fi dinagdee wolqabatuu

1) Maaljennee?

2) Maaljedhuu?

3) Maaliifjeennee?

4) Maaljedhee?

5) Maaljettee?

6) Maaljettuu ?

7) Maaljettan ?

8) Maaljeennuu?

Gaaffiwwan 1—8 jiru irratti leenjii kennuu fi yaada umataa mariidhaan

sassabuun maaljennuu lafa qabachiisuun itti fayadamuu.

4. Madaallii / review/

Woldaa afooshaa Ashamii Jimmaa jechuun ( bara 2011 abbo Guuteen ijaaramee) sochii
gaarii keessa jiru kun wolga’ii turtii woggaa tokkoo irratt na hirmaachisee ture; wolga’ii irrat

­ 10 ­
haala harcani umata keenyaa jiruu, tokkummaan ,hirmaannaa siyaasaa fi dinagdee keessatti
haala ijaarameen kan hinhirmaatne ta’uu isaa ibseera. Hata’uu malee Woldaa afooshaa
Ashamii jimma kessatti ijaaramuu dhabuudhaan ummatni wolkomii qabu jedhee kaaseera,
afaaniin akka yaadaatti hakaasu malee fala kaa’uuf Gaaffii hirmaatotaa hindhiyeessinee ,
fala kaa’uu hinyaadne garu rakkoo Afooshaan Ashamii jimmaa ummata Shanan Gibee maraa
hanga Baadiyyaatti Gadibu’ee ofkeessatti kan ijaaree miti. Hata’uu malee heedduun ummata
godiina jimma fedhii ijaaramu akka qabanu agarsiisaa jiru.

Fedhii jaraa karaa dinagdeen siyaasaan ijaaramuu dha. Kana irraa ka’uu rakkoo afooshaa
Ashamii jimmaa kana kesstti mulatee fala kaa’uuf kan dandeenyu yoo Woldaa umata
godiina jimmaa hundaa hammatu ijaarree qofa ta’uu erga hubachuun Woldaa Maaljennuu
Shanan Gibee hundeesine.

5. barbaachisummaa isa

ü Harca’ina burjaaja’inaa siyaasa hirrsaa.

ü Tokkummaa , kabajaa , tumsa , jaalala , nageenya , woldhaga’uu akka jiraatu godhaa.

ü qeerroo fi qarreen keenya ijaaramanii kallattii siyaasaa fi dinagdee biyyatti keessatti

qooda akka qabaatanu godhaa.

ü filannoo 2012 irratti Paartii Badhaadhinaa akka filatamuumu leenjii keennuun


ummatni keenya tokkumman filachuun PB fi Dr. Abiyyi Ahimed Alii akka
hinjifatuu leenjii Tumsaa kennuu.

5.1 Ijaaramaa fi seera qabeessummaa

ü Seeraa ittiin bulmaata fi qajeelfama mataa niqabaata

ü Haala seera mootummaan baaseetti nifayadam

ü Caalaattii seera ittiin bulmaata P.B. ti fayyadamuun nihojjeta

­ 11 ­
ü Ittiinbulmaata isaa haala lamaan tolfata, tokko seesa caasefama campanii fi caasefam
siyaasaatiin

ü Inii siyaasaa dursa kan hojii irra oluu ta’aa kutaa leemji , kutaa ijaarsaa fi
gamaagamaa, kutaa gabaasa fi qindeesaa , kutaa Qorannaa fi qophessaa barulee qaba.
inni kaampanii immo haala caasefama mayikirootiin kan ijaarame yoota’uu
dabalataan kutaa qorata gabaa (market Researcher ) ofkeessaa qaba.

ü Seera ittiin bulmaata , bisiness plaanii daldaala fi cheek liistii leenjiif ollu kallattii
sochii P.B. irratti hundaa’uun baafatee hojiirra oolcha.

ü wolumagalatti koree mataa isaa kalatti hojmaata isaatin nihunddeefata.

ü Caasaa qindawwee akka armaan gadii niqabaata.

5.1.1.Caasefam

­ 12 ­
5.3. haala itti hojiitti galu

ü Miseensa Aanaa hunda irratti ijaaruun waajira banata.

ü Rakkoo siyaasaa fi rakkoo dinagdee godiina jimmaa hundaa keessa jiru qoratee adda
baafachuun qaam mootumatii dhiyeessuun mirkaneessee leenjii fi hojii ijaarsaa
irratti hojjeta.

ü kallattii jaarsa biyyaa fi dargaagoo caalaatti itti fayadamuun wojjin hojjeta keessattuu
barsiisota , manabarniitaa , afooshaa fi mana amantaa irratti xiyyeefata.

ü Rakkoon sun itti filannoo miidhuu danda’uu P.B. wojjin mariyachuun Qindoominaan
cheek liistii qopheefachuun leenjii keennuu ijaaruu Gareen gurguddaa fi xixiqaan
ijaaruun dhiyeenyaan akka woltu’atanuu qopheessuun fi Torbanitti yaroo lama
qayyabannoo aadaa gochuun gabaasa gandaaf akka godhanuu Gochuun to’achuu.

­ 13 ­
.5 . 3 . 1 . Chaarti koree
leenji

5 .4 . hanga Ballinaa fi hangi xumura isaa (Scope and limitation )

ü Tumsa filannoo bara 2012 irrati kallattii aadaa maalljennuu wolqabsiisuun leenjii
kakkamsaa ummata godiina jimmaa huundaaf kennuun filannoo dhufuu irratti karaa
ijaarama ta’een aanaa jimmaan keessa jiranuu hundattuu Paartiin badhaadhiinaa
akka filatamuuf hubannoo kennuu ,

ü Hojii daldaalaa Gabaa tasgabeessuun wolqabate mootummaa cinaa dhaabatanii


hojjechuu

­ 14 ­
5. 5. Chaartii tooftaa sassabii tumsa filannoo 2012 gara Paartii
badhaadhinaatt

5 .5. 1 . Xumuraa ( limitation )

Bara 2012 eegalee filannoo irratti P.B. tiif Tumsuu, kallattii hundaan siyaasaa fi
dinagdee Godiinichaa tasgabeessuu fi fulduratti Oromiyaa fi Itiyoophiyaa
keessatti babalchuu fi kallatiidaldalaatiin gabaa biyya alaatiin wolitti hidhamiinsa

uumuuf hojjetaa.

5 . 6 . BU’AA ISAA WMSG

ü Tokkuu ijaara Wolkabajuu fi woljalaa dhaga’uun Tumsaa woliifi akka jiraatu godhaa.

ü Paartiin badhaadhiinaa akka hijifatu godhaa.

ü Hojii tola ooltummaatiin harka qalleessaf tumsa .

ü Siyaasaa keessattii qooda qabachhun filanoo iratti hinjafannoo aragamsiisa.

­ 15 ­
ü Dinagdee keessatti gabaa tasgabeessuun qaala’ina meeshaalee nihirrisa.

ü Tokkuumma ummata jabeessuu nageenya mirkaneessan

ü Miseensi MSG hojii daldaala fi misooma irraa galii akka uummatan gargaara.

ü Afooshaan Godiinichaa hundi kallattii siyaasaa fi dinagdeedee irrati leenjii


fudhachuun madda galii argatu.

ü Nageenya mirkaneessa.

5 . 6 .1.Galma maaljennuu

∙ Hojilee siyaasaa fi misiimaa irratti kallattii mootumman baasee irratti hun


daa’uun bu’aa siyaasaa fi dinagdee itti fufiinsa qabu uuma.

∙ Bara 2012 eegalee Filannoo bara shan shaniin dhufu irratti P.B. akka
injifatu hojjetaa.

∙ Gabaa tasgabaa’aa akka jiraatu gochuu fi wolitti hidhamiisa gabaa


sadairakaa biyya alatti guddisuu.

∙ Woldaa MSG sadirakaa biyyaat ti olguddisuun Miseensa hojjetu bayyisuu

∙ Rakkoo misooma kallattii hundaan jiru qoratee ( Research) qopheesse


furmaata kaa’a. Biziinas plaanii adda addaa qopheessuun Miseensaaf hojii
uuma.

∙ Filanoo woggaa shan shanii dhufu irratti Injifannoo P.B tii fi Gabaa
tasgabeessuu keessati haala chaarti asii gadiitti daandii cuufee hijjetee bu’
aa buusa.

­ 16 ­
5 . 6 . 1 . CHARTI CUUFAA ykn CHARTII GALMAA

6 . Baajata ykn Madda Galiii

Madda galii hojii leenjiif oolu hanga hojii mataa isaa eegalee kan ofii fayyadamu eegalutti
qaamolee mootummaa , NGO, inistitution fi abbaqabeenyaa siboonsera barbaada

­ 17 ­
GALATOOMAA
Prepared by

Sadam Abagojam Abananoo

January 1/ 2020

­ 18 ­

You might also like