You are on page 1of 2

Ahaadii Waliigaltee kiraa puulii fi Iddoo Puulii

Ahaadii kireessaan ykn kennaan ______________________________


Teessoon ______________________________________________
Ahaadii kireeffataan(ttuun)_____________________________________________________
Teessoon______________________________________________________________

Ahaadiin Waliigaltee Kiraa Puulii fi iddoo puulii Kun Bu’uura


S/H/H/L/ 1675, 1719, 1731 fi 2945 Raawwatamee Jira
Tarree Ahaadichaa
1, Ani ahaadii kennaan(kireessaan) Iddoo daldalaa maqaa kiyyaan galmaa’ee argamu fi puulii lamaa
wojjiin magaalaa Adaamaa ganda dhaddacha araaraa keessatti guyyaa 15/6/2014 irraa kaasee hanga ji’a
3(sadi) ahaadii fudhataaf ji’aan tokko kan puulii tokkoo qarshii 1300(kuma tokko dhibba sadii) kan puulii
lamaa immoo ji’a tokkoon 2600(kuma lamaa fi dhibba jaha) wolumaa galatti kan puulii kan ji’a sadihii
qarshii 7800(kuma torbaa fi dhibba sadeet) akkasumas kan Iddoo puulii kan ji’aa tokkoo qarshii
5000( kuma shan) kan ji’a 3(sadi) qarshii 15000 (Kuma kudha shan) wolumaa galatti kan puuliis kan
Iddoo puuliis kan ji’a 3(sadi) qarshii 22800( kuma digdamii lamaa fi dhima saddeet) qarshii kana keessaa
Qarshii kan ji’a lamaa kan manaas qarshii 15200(kuma kudha shaniif dhibba lama) fudhadhee kan ji’a
tokko qarshii 7600(kuma torbaa fi dhibba jaha) guyyaa 15(kudha shan) keessatti siif kanfala jedhee irratti
wolii gallee kireesseera. Akkasumaas meeshaa puulii istiikii 3(sadi), dhakaa puulii 33 (sadi) fi boonoo 41
(afurtamii tokko) wojjiin kireesseera. Dabalataaniis iddochi hayyama kan hin qabne waan ta’eef Dhimma
hayyamaa kireeffataan itti gaafatamummaa kan fudhatu ta’a.
2, Iddoon puuliii kun nu jalaa hin kireeffamuu ykn iddaadhaan qabadhee jira akkasumaas maallaqni kiraa
mana daldalaa fi puulii kun dursi nuuf kennamuu qaba qaamni jedhu kumuu mormuuf yoo dhiyaate ani
ahaaadii kennaan ammaa kun baasii kiyaan mormee deebisiisa malee ahaadiin kun hin jiguu
3, ani ahaadii fudhataan(ttuun) maqaan kiyya armaan olitti ibsame kun bu’uura armaan olitti keeyyata
1ffaa fi 2ffaa irratti ibsameen guutumaan guutuutti itti wolii galee, iddoo puulii fi puulii lamaa Magaalaa
adaamaa ganda dhaddacha araaraa Ykn Boolee keessatti argamu guyyaa 15/6/2014 irraa eegalee, ji’a
3(sadi) ahaadii kennaa irraa ji’a tokkoon kan puulii tokkoo qarshii 1300(kuma tokko dhibba sadii) kan
puulii lamaa immoo ji’a tokkoon 2600(kuma lamaa fi dhibba jaha) wolumaa galatti kan puulii kan ji’a
sadihii qarshii 7800(kuma torbaa fi dhibba sadeet) akkasumas kan Iddoo Puulii kan ji’aa tokkoo qarshii
5000( kuma shan) kan ji’a 3(sadi) qarshii 15000 (kuma kudha shan) wolumaa galatti kan puuliis kan
Iddoo puulii kan ji’a 3(sadi) qarshii 22800( kuma digdamii lamaa fi dhima saddeet) qarshii kana keessaa
Qarshii kan ji’a lamaa kan Iddoo puulii qarshii 15200(kuma kudha shaniif dhibba lama) kanfaleet kan ji’a
tokko qarshii 7600(kuma torbaa fi dhibba jaha) guyyaa 15(kudha shan) keessatti isaaniif ni kanfala jedhee
irratti wolii galleerra. Akkasumaas meeshaa puulii istiikii 3(sadi), dhakaa puulii 33 (sadi) fi boonoo 41
(afurtamii tokko) wojjiin kireeffadheera.
4, Ahaadiin kun barreeffamee erga mallata’een booda diiguun hin danda’amu kan diige ykn diiguuf kan
yaale yoo jiraate Bu’uura S/H/H/L/ 1889.1892 tiin qaama ahaadii kabajeef baasii fi kisaaraa irra gahu
waliin qarshii 5000 (kuma Shan) kafalee ahaadiin kun bu’uura S/H/H/L/2005 tiin seera duraatti kan cimu
ta’a.
5, Ahaadiin kun yoo raawwatamu ragoonni jiran.
Obbo__________________________________________
Obbo ____________________________________________
Obbo____________________________________________
6, Nuus ragooleen maqaan Keenya armaan olitti ibsame kun ahaadiin kun yoo raawwatu arginee
ragummaadhaan ahaadii kana mallatteessineerra.
Maqaa ahaadii kennaa Maqaa Ahaadii Fudhataa
______________________________
______________________________________
Mallattoo _______________ mallattoo_________________________
Maqaa fi mallattoo Ragoolee
Obbo___________________________________ ___________________

Obbo______________________________________________________________

Obbo_______________________________________ ___________________

You might also like