You are on page 1of 1

Akkataa jiraanya malee bakka jirenyaatu jiruu mijeessa miti.

(to know the principle of life is more than the place of leave.)

Dhalli namaa Biliyoonni 7 ol addunyaa kana irra jiraataan amala wal fakkaataa fi wan wol hin fakkaannee
garaa garaa ni qabu. Fedhiin isaanis guddaadha. Waan argachuun danda’amuus ta’e waan argachuun hin
danda’amne hawwuun ammo isa caaludha. Hawwuun jecha ittiin of ibsitu ni qabdi. Innis utuun akkas
ta’ee?.....utuun achitti dhaladheera ta’ee….utuun bakka sanatti qacarameera ta’ee?

Ayii maal godha bakka dhalootaan badehoo?

Maal gatii naaf qaba bakkan itti qacarametoo gaarii miti. Isatu na takaalee na hanbisehoo?

Kanaa fi kana kan fakkatu haasa’uudhaan namoonni baay’een mogolee of buusu. Jiruu keessa jiraan
jibbu. Biyya lafaa kun haala qilleensaa garaa garaa ni qabdi. Toora wal fakkaataa qabattee hin adeemtu.
Dachee waan hundumaan guututi njechuun ni danda’ama. Wantoota dhala namaa jabeessan caala
wantootni dhala namaa gaddisiisantu keessatti baay’ata. Mandhee ykn gola yeeyyii fi warabessi
keessatti baay’atu dha. Kan hundumtuu keessa iyyu dha. Lafa hawwin guutu, mana wanti ciigasiisaan
keessatti baay’atu, lafa rakkinni iytti hammaatu, lafa mootummaan waliif hin galle keessatti dhaga’amu.
Kunis sunis kan keessa iyyuu, namni wal hin dhageenye keessatti kan baay’atudha.

Uumama uumaan uume keessa naannoo akka barbaadetti jijjiiruu kan danda’u dhala namaa qofa.
Mancaasuunis ta’e kunuunsuun harka isaa keessa jira. Biyyoonni guddataanis ta’e jijjiramanii nama
hawwisiisaan dhiibbaa dhalli nnamaa irratti godheen dhufan. Guddinni biyyoota dureessa ta’anii kan
akka ardii awurooppaa fi amerikaa kaabaa; irratti hojjechudhaan argame.

Bakki itti dhalatte siif bakka ka’umsaati, kana jechuun achumatti hafta jechuu miti. Hamma handaara
lafaatti adeemuuf mirgi siif kennameera.

You might also like