You are on page 1of 40

ABBAA TAAYITAA MISOOMA ALBUUDAA OROMIYAA

QAJEELFAMA HOJIIWWAN ALBUUDAA


LAKK. 03/2011

WAXABAJJII, 2011
FINFINNEE

i
SEENSA
ATMAO Labsii qaamolee hojii raawwachiiftuu Mootummaa Naannoo Oromiyaa irra deebbidhaan
gurmeessuuf bahe lakk.213/2011 tiin kan hundaa'e yoo ta'u manni hojii kun Aangoo isaaf kenname
irratti hundaa'un JBAH irra deebbiidhaan kurfeessee gurmaa'insa isaa bifa haaraan ijaaraa jira.

Abbaan Taayitaa Misooma Albuudaa Oromiyaa ragaaleen qabeenya albuudaa naannichaa akka
sassaabaman, eegamanii fi hojiirra oolan kan taasisu fi misoomni albuudaa naannicha keessatti akka
babal’atu taasiseedha.
Haala gurmaa'insa haaraa kanaan akkaataan tajaajjilli hojiiwwan albuudaa itti kennamuu saffisa akka
qabaatuu fi garaagarummaa hubannoo ture hir'isuu fi rakkoo bulchiinsa gaarii hiikuuf akka tolutti

Uumamaa fi facaatii qabeenya albuudaa beekuuf hojii barbaachaa, qo’annoo, kaartaa ji’ooloojii fi kan
kana fakkaatan hojjechuu fi hojisiisudhaan hojiiwwan albuudaa seeraan akka raawataman abbootii
qabeenyaa biyya keessaatiif hayyama barbaachaa, qorannoo, qabatanii turuu fi hoomisha albuudaa
akkaataa seera albuudaatiin kaartaadhaan daangeessee ni kenna, ni bulcha, ni haaroomsa, ni haqa.
Akkasumas hojiiwwan albuudaa seeraan hoomishamuu fi socho’uu isaa yeroo yeroodhaan ni to’ata.
Hojiiwwan albuudaa haala hojmaata ifa ta’een raawwachuu, tajaajila sirrii fi saffisaa, akkasumas, ifa
ta’e kennuu fi qoodafudhatoota waliin hariiroo qabnu cimsuudhaan haala seera jiruun qofa hojiiwwan
albuudaa raawwachuu, hojjetaan seekitara kanaa hundi hojii isaa idilee beekee akka raawwachuu
danda’u Naannoo kaasee hanga Aanaatti haala walfakaatuun hojjechuuf kan nama gargaaru qajeelfama
hojiiwwan albuudaa irra deebiin fooyyessuun barbachisaa ta’e waan argameef Qajeelfama hojiiwwan
abuudaa kanaan dura ture lakk.2/2002 fooyyesuun irra deebiin akka armaan gadiitti bahee jira.

i
KUTAA TOKKO
TUMAALEE WALIIGALAA

1. MATA DUREE GABAABAA


Qajeelfamni kun Qajeelfama Hojiiwwan Albuudaa Abbaa Taayitaa Misooma Albuudaa Oromiyaa
Lakk. 03/2011 jedhamee waamamuu ni danda’a.

2. HIIKA

Akkaataan jechichaa hiika biroo kan kennisiisu yoo ta’e malee, Qajeelfamakana keessatti:

1) “Abbaa Hayyamaa” jechuun nama (qaama) hayyama hojii albuudaa kamiyyuu akkaataa seerota
albuudaatiin argatee hojii albuuda barbaachaa, qorannoo, qabatanii turuu yookiin oomishuu irrattii
bobba’e jechuu dha.
2) “Abbaa Taayitaa hayyama kennu” jechuun Abbaa Taayitaa Misooma Albuudaa
Oromiyaayookiin caasaalee isaa sadarkaan jiran jechuudha.
3) “Adeemsa oomisha albuudni keessa darbu” jechuun mala adda addaa fayyadamuun albuuda
baasuu, qotuu, bocuu, gogsuu, gosa gosaan kaa’uu, daakuu, qulqulleessuu, miicuu, baqsuu,
bulleessuu yookiin gara gaazitti jijjiruu jechuu dha.
4) “Albuuda” jechuun wanta gatii qabu kamiyyuu, irra yookiin keessa lafaatti bifa jajjaboo,
dhangala’oo yookiin gaaziitiin uumamaan kuufamee argamu yookiin bishaan keessatti yookiin
jalatti adeemsa ji’oolojiitiin uumamuu fi albuuda haala kaminiyyuu qotamee ba’e, bishaan
ashabaawaa fi haftee albuudaa biyyoo waliin walitti qabame yookiin kuufame albuuda biroo
keessatti argamu kan dabalatu ta`ee:
(a) biyyoo lafa irraa fi sheelii dhagaa qarsaa;
(b) bishaan oomisha albuudaaf tajaajiluun ala jiruu fi
(c) peetroliyemii fi gaazii uumamaa hin dabalatu.

1
5) “Albuuda Ijaarsaa” jechuun albuuda kallattiinis ta’ee al-kallattiin galtee ijaarsaaf kan tajaajilan
kan akka maarbilii, giraanaayitii, dhagaa gurraacha, cirracha, saddeeqa, biyyoo suphee, garagaantii
fi albuuda ijaarsaa tajaajilan kan biroo jechuudha.
6) “Albuuda kabajamoo” jechuun albuuda faayidaan isaa guddina dinagdee biyyaaf shoora ol`anaa
qabukan akka pilaatiniyeemi, sookoo fi meetii yookiin dhagaa miidhaginaa kan akka diyaamandii,
ruubii, imeraaldi, safaayirii fi albuudaalee biroos dabalachuu ni danda’a.
7) “Albuuda karaa aadaan oomishamu” jechuun hojii oomisha albuudaa humna namaa fi
maashinaan gaggeeffamu ta’ee abbaa qabiyyee lafaa maatii isaa waliin yoo gurmaa’e yookiin hojii
dhabeeyyii waldaa intarpirayizii maaykiroo xixiqqaan gurmaa`anii irratti bobba`aniin kan
oomishamu jechuu dha.
8) “Albuuda oomishuu” jechuun tooftaa hojii kaminiyyuu albuuda lafa irratti yookiin lafa keessatti
yookiin qaama bishaanii keessatti kuufamaan argamu yookiin haftee kuufama albuudaa keessaa
addaan fo’anii baasuuf hojii hojjatamu ta’ee, hojiiwwan kanaan walqabatee rawwataman kanneen
akka albuuda kuusuu, qopheessuu, geejjibsisuu fi gurguruu ni dabalata.
9) “Albuuda Sibiilummaa of-keessaa qabu” jechuun albuuda kan akka ayiiranii, kooparii, ziinkii,
meetii, nahaasii, liidii, kiroomaayitii, nikeelii, tantaaliyeemi, maangaanizii fi kan kana fakkatanii
jechuu dha.
10) “Barbaacha” jechuun naannoo tokko keessa jiraachuu albuudaa yookiin albuudaalee beekuuf,
qorannoo ji’oolojii lafaa fi haala teesumma isaa dabalatee, mallattoowwan jiraachuu albuudaa
agarsiisan argachuuf hojiiwwan irraa fi keessa lafaatti hojjataman kamiyyuu jechuu dha.
11) “Abbaa Taayitaa” jechuun Abbaa Taayitaa Misooma Albuudaa Oromiyaa jechuudha.
12) “Dabarsuu” jechuun mirga hayyama albuudaa Abbaan Taayitaakenne gurguruu, idaan qabsiisuu,
dhaalchisuu fi haala biraan nama biroof dabarsuu jechuu dha.
13) “Galmee” jechuun akkaataa Qajeelfama kanaatiin galmee abbaan mirgummaa abbaa hayyama
albuudaa irratti galmaa`u yookiin ragaan lafa albuudaa kaadaastarii elektiroonkistiin qinda`ee itti
taa`u jechuu dha.
14) “Haftee kuufama oomishaa” jechuun albuuda yeroo waliigalteen hayyama albuudaa addaan citu,
haqamu yookiin barri hayyamaa dhumatutti albuuda oomishamee walitti kuufamee jiru jechuu dha.

2
15) Hayyama Ugguruu jechuun abbaan hayyamaa hojii albuudaa akkaataa seerota albuudaatiin
hojjechaa kan hin jirree fi hojiiwwan biroo hojii albuudaa waliin hin deemne hojjechuu isaa eeruun
yoo dhiyaate hanga qulqullaa’ee adda bahutti hojii albuudaa yeroodhaaf dhaabsisuu jechuu dha.
16) “Hayyama haquu (waliigaltee addaan kutuu)” jechuun abbaan hayyamaa hojiiwwan albuudaa
akkaataa seerota albuudaa fi waliigaltee Abbaa Taayitaa Hayyama kennu waliin mallatteesseen yoo
gaggeessuu baate waliigaltee addaan kutudhaan mirga hojii albuudaa hojjechuuf kennameef irraa
mulquu jechuu dha.
17) “Hayyama” jechuun hojii albuudaa kan akka barbaachaa, qorannoo, naannessuu, qabatani turuu
yookiin oomishuu hojjechuuf hayyama akkaataa seerota albuudaatiin kennamu jechuu dha.
18) “Hayyama oomishaa” jechuun oomisha albuudaa sadarkaa guddaa, sadarkaa xiqqaa, sadarkaa
xiqqaa addaa yookiin albuuda karaa aadaan oomishuuf hayyama akkaataa seerota albuudaatiin
kennamu jechuu dha.
19) “Hayyama Barbaacha Albuudaa” jechuun hayyama barbaacha albuudaaf kennamu jechuudha.
20) “Hayyama Qorannoo” jechuun qorannoo albuudaa gaggeesuuf hayyama kennamu jechuu dha.
21) “Hojiiwwan Albuudaa” jechuun hojiiwwan albuuda barbaaduu, qorachuu, qabatanii turuu
yookiin oomishuuf taasifaman kamiyyuu jechuudha.
22) “Hojii oomisha albuudaa sadarkaa xiqqaa addaa” jechuun dursa hayyama albuuda aadaan
oomishaa turanii booda albuuda miidhaginaa yookiin kuufama biyyoo lolaan fuudhee deemu
keessatti kan argamu sookoo, meetii, pilaatiniyeemii yookiin albuuda tantaaliyemii oomishaa kan
jiran fi humni maallaqa isaanii meeshaa ammayyaatti fayyadamu kan isaan dandeessisu waldaan
interpirayizii maayikiroo fi xixiqqaan gurmaa’uun hojii oomishaa albuudaa hojjatamu jechuu dha.
23) “Hojii oomisha albuudaa sadarkaa guddaa” jechuun hojii oomisha albuudaa hanga waggaatti
oomishamu qajeelfama kana keessatti ibsamee jiruu dha.
24) “Hojii oomisha albuudaa sadarkaa xiqqaa” jechuun hojii oomisha albuudaa hanga waggaatti
oomishamu qajeelfama kana keessatti ibsamee jiruu dha.
25) “Labsii” jechuun Labsiihojiiwwan albuudaa kan Naannoo Oromiyaa fi FederaalaanLabsamanii
hojiirrajiran jechuudha.
26) “Mallattoo to’annoo albuudaa” jechuun mallattoo addaa karaa Abbaa Taayitaa yookiin qaama
sadarkaan jiruun qophaa’ee to’ataan albuudaa qabatee socho’uu fi konkolaattota albuuda fe’anii
deeman ittiin dhaabsisanii fi iddoo hoomisha albuudaa seenanii to’annoo ittiin gaggeessanii dha.

3
27) Mootummaa” jechuun Mootummaa Naannoo Oromiyaatii.
28) “Nama” jechuun nama uumamaa yookiin seeraan mirgi namummaa kennameef jechuu dha.
29) “Naannoo Daangaa hayyamaa” jechuun bakka hayyamni hojii albuudaa itti kenname jechuu dha.
30) “Nagayee to’annoo gurgurtaa albuudaa” jechuun karaa Abbaa Taayitaa Misooma Albuudaa
Oromiyaan maxxanfamee abbootii hayyamaa hoomisha albuudaa irratti bobba’aniif kan raabsamuu
fi qabxiiwwan adda addaa to’annoo gurgurtaa albuudaatiif galtee ta’an irratti galmeeffamanii dha.
31) “Qabatanii turuu” jechuun bakka hayyamin qorannoo albuudaa irratti kenname tokko irratti
daangaan yeroo hojii qorannoo albuudaaf kenname xumuramee sadarkaa albuuda oomishuutti
cee’uun kan hin danda’amne ta`ee yoo argame mirga hayyama qorannoo sana yeroo murtaa’eef
qabachuu jechuu dha.
32) “Qorannoo” jechuun albuuda argachuuf mallattoowwan albuudaa naannoo tokkoo keessatti jiran
irratti hundaa’uun, irra lafa fi keessa lafaa, bishaan keessa, biyyoo albuudni kanaan dura qotamee
keessaa ba’ee fi kan hafe yookiin kuufama biyyoo albuudaa of keessaa qabu keessaa tooftaalee
suuraan, ji’oolojii, ji’oofiizksii fi ji’oo keemistriittin fayyadamun fi haala naannoo irratti jijjiirama
fiduu danda’uun boolla adda addaa qotuu fi kan kana fakkatanitti gargaaramuun jiraachuu
albuudaa, faayidaa diinagdee inni qabu, hanga isaa beekuu fi adda baafachuuf hojii hojjetamu
jechuu dha.
33) “Rooyaalitii” jechuun kaffaltii abbaan hayyamaa albuuda oomishu bakka albuuda oomishetti
baasii oomishaa fi baasii biraa osoo hin dabalatiin yeroo yeroon dhibeentaan shallagamee
Mootummaaf kaffalu jechuu dha.
34) “Sagantaa hojii” jechuun hojii qorannoo ykn hoomisha albuudaaf kan dhiyaatu karoora
tarreefama hojii, yeroo hojiin itti gaggeffamu, hanga humna namaa barbaachisuu fi kan kana
fakkatan kan qabate jechuudha.

35) “Seeraan ala” jechuun hojiiwwan albuudaa haala Labsi, Dambii fi Qajeelfama hojiiwwan
albuudaa akkasumas waliigaltee mallattaa’een alatti hojjetamu jechuu dha.

36) “To’ataa (Kontiroolar)” jechuun qaama hojiiwwan albuudaa to’achuudhaaf Abbaa Taayitaatiin
yookiin qaamota isa bakka bu’aniin ramadame jechuudha.

4
37) “Waliigaltee” jechuun waliigaltee Abbaa Taayitaayookiin caasaalee isaa sadarkaan jiran fi abbaa
hayyamaa gidduutti albuuda barbaaduu, qorachuu, qabatanii turuu, naannessuu fi oomishuuf
taasifamu jechuudha.

3. IBSA KOORNIYAA
Qajeelfama kana keessatti koorniyaa dhiiraatiin kan ibsame dubartiis ni dabalata.

4. DAANGAA RAAWWANNAA
Qajeelfamni kun hojii irra kan ooluu fi raawatamu abbootti hayyammaa albuudaa Bulchiinsa Naannoo
Oromiyaa keessatti qaban qofa irraatti raawwatunsa ni qabata..

5. KAAYYOO

Kaayyoon qajeelfama kanaa hojiiwwan albuudaa naannoo keenya keessatti gaggeeffaman haala
iftoomina qabuu fi saffinaan akka raawwatamuu danda’an dhimmoota Labsii fi Dambii hojiiwwan
albuudaa keessatti ifa hin ta’inii fi qajeelfamaan adda bahuu qaban adda baasudhaan ifa gochuu dha.
6.ANGOO ABBAA TAAYITAA MISOOMA ALBUUDAA OROMIYAA
Abbaan Taayitichaa aangoofi hojii armaan gadii ni qabaata:
1) Qabeenya albuuda naannichaa qo’annoon adda baasee hojiirra akka oolu ni taasisa; raawwii
isaas ni hordofa;
2) Teknolojii hammayyaatti fayyadamuun ragaalee albuudaan walqabatan walitti ni qaba; ni
xiinxala; ni maxxansa; ni raabsa;
3) Seera irratti hundaa’uun qabeenya albuudaa naannichaa ni bulcha; misoomni qabeenya
albuudaa akka babal’atu ni taasisa;
4) Ragaaleen qabeenya albuudaa naannichaa akka sassaabaman, eegamaniifi hojiirra akka oolan ni
taasisa;
5) Misooma fi barbaacha albuudaa ni jajjabeessa; investimentiin albuudaa naannicha keessatti akka
babal’atu ni taasisa;
6) Uumamaa fi facaatii qabeenya albuudaa beekuuf hojii barbaachaa, qo’annoo, kaartaa
ji’ooloojiifi kan kana fakkaataan ni hojjata; ni hojjachiisa; ni qindeessa;
7) Qabeenya albuudaa naannichaa irratti qaama dhimmi ilaalu waliin hojii piromooshinii ni
gaggeessa; ragaalee barbaachisaa ta’an ni qindeessa; qaama dhimmi ilaaluuf ni beeksisa;
5
8) Albuuda seeraan ala socho’u ni to’ata; qaama dhimmi ilaalu waliin tarkaanfii seeraafi
bulchiinsaa ni fudhata; akka fudhatamu ni taasisa;
9) Abbootii qabeenyaa hayyamni barbaachaa yookiin qorannoo yookiin oomisha albuudaa akka
kennamuuf gaaffii dhiyeessan ni keessummeessa; hayyama ni kenna; ni haaromsa; raawwii isaa
ni hordofa; ni to’ata; ni dhorka; ni haqa;
10) Bakka misoomni albuudaa itti gaggeeffame qaamni misooma gaggeessu deebisee akkaataa
hojii misooma biraatiif ooluu danda’utti mijeessuu isaa ni hordofa; ni mirkaneessa; baankii
lafaatti akka deebi’u qaama dhimmi ilaaluuf ni dabarsa;
11) Galii kenna hayyama albuudaa irraa argamu walitti ni qaba;
12) Babal’ina hojii misooma albuudaa irraa kan ka’e miidhaa naannoofi fayyaa namaa irra gahuu
danda’u ittisuun akka danda’amu qaamota dhimmi ilaalu waliin ni hojjata; ni hordofa; ni to’ata;
akkaataa barbaachisummaa isaatti qaama misooma albuudaa irratti bobba’u akka hundaa’uuf
yaada murtoo mootummaaf ni dhiyeessa; yammuu hayyamamu hojiirra ni oolcha; raawwii
isaas ni hordofa;
13) Oomisha albuudaa haala aadaatiin hojjatamuuf deeggarsa addaa ni taasisa.

KUTAA LAMA
WAA’EE HAYYAMA HOJII ALBUUDAA

7. HOJII ALBUUDAA HOJJACHUUF HAYYAMNI


BARBAACHISAA TA’UU

a. Namni kamiyyuu hayyama albuudaa seera qabeessa ta’e akkaataa Seerota


albuudaatiin kenname osoo hin qabaatin hojii misooma albuudaa kamiyyuu
kanneen akka albuuda oomishuu, gurguruu, qorachuu, barbaaduu,
geejjibuu yookiin naannessuun hojjachuu hin danda’u.
b. Keewwata kana keewwata xiqqaa (a) jalatti kan tumame jiraatullee, namni
seeraan abbaa qabiyyee lafaa ta’e albuudaalee ijaarsaa lafa qabiyyee isaa

6
jala jiru irratti hayyama osoo hin barbaachisin kaayyoo daldalaatiif kan hin
oolle oomishee dhuunfaan fayyadamuu ni danda’a.
c. Qaamni bu`uuraalee misoomaa hojjetu gatiin albuudaa waliigaltee ijaarsaa
keessatti yoo hin hamatamne Abbaa Taayitaa Misooma Albuudaa
Oromiyaa hayyamsiisuun albuudaalee ijaarsaa kanfaltii malee oomishee itti
fayyadamuu kan danda`u yoo ta’u, hafteen albuudaa hojii irraa hafe
mootummaanni dhaala..Hafteen yeroo hojiin dhumatu lafatti hafuu qabu
baay’ina albuuda ijaarsaa hojiidhaaf barbaachisa jedhamee calqaba irratti
barreeffamaan Abbaa Taayitaa Hayyama kennuuf dhiyaate keessaa % 1
caaluu hin qabu. Albuudni ijaarsaa hoomishamee lafatti hafe %1 ol ta’e
caalbaasiin gurguramee saanduqa mootummaatti galii ta’a.

8. GOSOOTA HAYYAMAA

Hayyamni hojiiwwan albuudaaf kennamu kanneen armaan gadiiti.

1) Hayyama barbaachaa
a. Albuuda ijaarsaa irratti
b. Albuuda induustrii irratti
2) Hayyama qorannoo albuudaa;
a. Albuuda ijaarsaa irratti
b. Albuuda induustrii irratti
3) Hayyama hoomisha hojii albuudaa;
a. hoomisha albuudaa karaa aadaan gaggeeffamualbuudaalee hunda irratti
b. hoomisha albuudaa sadarkaa xinnaa addaa albuudaalee kabajamoo fi gar-tokkee
kabajamoo irratti
c. hoomisha albuudaa sadarkaa xinnaa albuudaalee ijaarsaa fi induustrii irratti
d. hoomisha albuudaa sadarkaa guddaa albuuda ijaarsaa irratti kennamaniidha.

7
9. IDDOO HAYYAMNI ITTI KENNAMU

Hayyamni hojiiwwan albuudaa akkaataadhuma caaseffama Abbaa Taayitichatti sadarkaa adda addaatti
kan kennamu ta’a haaluma kanaan ;-
a. Hayyamni barbaachaa, qorannoo, qabatanii turuu, hoomisha albuudaa sadarkaa guddaa albuudaalee
ijaarsaa irratti, sadarkaa xinnaa albuudaalee induustrii irrattii fi sadarkaa xinnaa addaa, akkasumas,
sartafikeetiin argannaa albuudaa kan kennamu sadarkaa Abbaan Taayitaa Misooma Albuudaa
Oromiyaa tti.
b. Hayyamni hoomisha albuuda ijaarsaa sadarkaa xinnaa fi albuudaalee karaa aadaan hoomishaman
hundi kan kennaman sadarkaa Godinaatti dha.
c. Hayyama hoomisha albuuda ijaarsaa waldaalee intarpiraayizii maayikiroo xixiqqaadhaan
gurmaa’aniif daangaa magaalota caasaa albuudaa qaban keessatti argamaniif hayyama kan kennuu
fi bulchu Deeskii albuudaa magaalaati. Bakka Deeskiin Albuudaa Magaalaa Hin jireetti Waajjira
ATMA Godinaatu kenna.
d. Deeskiin misooma albuudaa aanaalee baadiyyaa caasaadhaan hundeeffaman hayyama hojii
albuudaa hin kennani. Haa ta’u malee, hojiiwwan albuudaa aanaa sana keessatti gaggeeffamanii fi
qabeenya albuudaa jiru ni bulchu.

10. UNKAALEE ADDA ADDAA

Waa’een iyyannoo hayyama hojiiwwan albuudaatiif dhiyaatu hundi uunkaalee qaama qajeelfama
kanaa ta’anii dhiyaatanii guutamee dhiyaachuu qaba.

KUTAA SADI
WAA’EE KENNAA HAYYAMAA

11.IYYANNOO GALMEESSUU

1. Abbaan Taayitaa Misooma Albuudaa Oromiyaa iyyannoo hojii albuudaaf dhiyaate tartiiba
iyyannootiin qulqulleesse ni galmeessa.
2. Abbaan hayyamaa hojii albuudaa gaafate kamiyyuu sanadoota hayyama argachuuf
barbaachisan guuttatee dhiyeessee keewwata xiqqaa (1) jalatti galmeessise ykn ragaalee
guuttadhu jedhame guuttachuu yoo dadhabe yeroo turtii ji’a tokkoo (guyyaa 30) keessatti
8
dhimma isaa duukaa bu’ee yoo hordofachuu baate hayyama gaafate fedhii isaatiin akka
dhiisetti fudhatamee gaaffiin hayyamaa addaan cita.

12.QAAMA DHIMMI ILAALLATU BEEKSISUU

1. Abbaan Taayitaa Misooma Albuudaa Oromiyaa akkaataa iyyannoo dhiyaateen erga galmeessee
booda, iyyannoo hayyama barbachaa fi qorannoo yoo ta’e, bakka gaaffiin irratti dhiyaate
daangaa, bal’inaa fi teessoo itti argamu tuquun xalayaan yookiin sab-qunnamtii miidiyaa
naannichaa fayyadamuun qaamni sadaffaan akka beeku ni taasisa.
2. Qaamni hayyamahojii albuudaa gaafatame irratti mormii qabu kamiyyuu erga beeksisichi
beeksifamee kaassee guyyaa torba (7) keessatti sababa isaa waliin mormii isaa Abbaa
Taayitichaaf dhiheesuu ni danda’a.
3. Abbaan taayitaa mormiin ka’e sirrii yoo hin taane hin fudhatu ykn qaamota dhimmi ilaalatu
waamuun akka waliigalteen hiikan ni taasisa.
4. Gareen lamaanuu waliigalteedhaan hiiku yoo hin dandeenyee, Abbaan Taayiyaa falmii bitaaf
mirgaa dhagahuun guyyoota hojii 15 keessatti mormii ka’e fudhachuu yookiin kufaa gochuun
murteessuu qaba.
5. Iyyannoon dhiyaate hayyama hoomisha albuudaaf yoo ta’e,Abbaan Taayitaa ykn caasaan
albuudaa sadarkaan jiru Biiroo ykn Waajjira Itti Fayyadama lafa Oromiyaa sadarkaan jiran
beeksisuudhaan hayyamni gaafatame kannamu danda’uu fi hin danda’amuu isaa irraa
qulqullefachuu dha.

13.HAYYAMA BARBAACHA ALBUUDAA KENNUU

1. Sagantaan hojii hayyama barbaachaa albuudaalee industirii fi ijaarsaa dhiyaate haala


teessuma lafaa fi hojii ji’olloojii irratti dhiibbaa hin geesifneen yoo ta’e, Abbaan taayitaa
hayyama barbaachaa albuudaa nama gaafateef sadarkaaAbbaa Taayitaa Misooma
Albuudaa Oromiyaa tti kennuu ni danda’a.
2. Hayyamni barbaacha albuudaa haaromfamuu hin danda’u.
3. Yeroon turtii hayyama barbaacha albuudaa ji’a 18 darbu hin qabu.

9
14. HAYYAMA QORANNOO ALBUUDAA KENNUU

1. Hayyamni qorannoo albuudaalee industirii fi ijaarsaaabbaa hayyamaaf sadarkaa Abbaa


Taayitaa Misooma Albuudaa Oromiyaatti kennama. Albuudaalee hayyamicha irratti
ibsaman bakka hayyamaa keessaa qorachuuf mirga qofa-ta’eessa ta’e ni argachiisa.
a. iyyataan dandeetii mallaqaa fi ogummaa hojii qorannoo albuudaaf barbaachisu
akkaataa sagantaa hojii karoorfateen gaggeessuuf dandeessisu qabaachuu isaa
qaama mootummaa dhimmi ilaalu irraa kan mirkanaa’e yoo argisiise;
b. baasiin qorannoof ramadu yoo xiqqaate, baasii ka’umsaa sagantaa hojii qorannoo
irratti ibsamee bu’uura kan godhatee yoo ta’ee;
c. dokumantiin sakkatta’insa dhiibbaa naannoo mirkana’e yoo jiraatee fi iyyataan
hayyama barbaacha albuudaa fudhateen dirqama isaa kan hin cabsine yoo ta’ee
dha.
d. Qaamni hayyama kennu hayyamni qorannoo akka hin kennamne yeroo dhoorku
murtii isaa barreeffamaan sababa waliin ibsuun iyyataadhaaf beeksisuu qaba.

15. HAYYAMA QABATANII TURUU KENNU

1. Qaamni hayyama kennu hayyama qabatanii turuu mirga qofa-ta’eessa gonfachiisuu


iyyataadhaaf kennu kan danda’u:
a. iyyataan daangaa hayyama qorannoo albuudaa isaaf kenname keessatti kuufama
albuuda faayidaa diinagdummaa qabu argamuu isaa yoo ibsee; fi
b. kuufamni albuudaa argame sababoota haala gabaa irra ka’een, dhiibbawwan
diinagdee biroo abbaa hayyamichaa qunnamaniin yookiin teeknooloojiin oomishaaf
barbaachisu guttamuu dhabuu isaatiin yeroof sadarkaa albuudicha oomishuutti
cee’uun kan hin danda’amne ta`ee yoo argame dha.
2. Qaamni hayyama kennu hayyamni qabatanii turuu akka hin kennamne dhoorkuu kan
danda’u wantoonni armaan gadii yoo jiraataniidha:
a. teeknooloojiin oomiishaaf barbaachisuu jiraachuun isaafi albuudni kuufamee jiru
haala bu’aa qabeessa ta’en oomishuun kan danda’amu ta’uun isaa yoo hubatame;
b. dorgommii daldalaa haqa qabeessaa daangeessuu yoo danda’e; yookiin

10
c. Harka iyyataatti kuufama qabeenya albuudaa hordofsiisuu danda’a yoo ta’e.

d. Qaamni hayyama kennu hayyamani qabatanii turuu akka hin kennamne yommuu
dhoorku murtii isaa sababa itti dhoorke waliin ibsuun barreeffamaan iyyataa dhaaf
beeksisuu qaba.

16.HAYYAMA OOMISHA ALBUUDAA KENNAMU

a. hayyama oomisha albuudaa sadarkaa guddaa;


b. hayyama oomisha albuudaa sadarkaa xiqqaa;
c. hayyama oomisha sadarkaa xiqqaa addaa;
d. hayyama oomisha albuudaa sadarkaa aadaa

17.HAYYAMA HOJII OOMISHA ALBUUDAA SADARKAA GUDDAA FI


XIQQAA KENNUU

1) Qaamni hayyama kennu nama hayyama sadarkaa guddaa fi xiqqaa oomishuuf gaafateef ulaagaa
armaan gadii yoo guutee hayyama kennuu ni danda’a:
(a) sagantaa hojii albuudaa ragga’e;
(b) iyyataan qabeenya mallaqaa fi gahumsa teeknikaa hojii misooma albuudaa karoorfame
raawwachuuf dandeesisu haala gahaa taheen yoo qabaate;
(c) dokiimentiin sakkatta’insa dhiibbaa naannoo mirkana’ee yoo jiraatee; fi
(d) iyyataan hayyama qorannoo kan fudhatee turee yoo ta’e dirqama isaa kamiyyuu hin
cabsinee yoo ta’e.
2) Qaamni hayyama kennu hayyamani oomishaa akka hin kennamne yeroo dhoorku murtii isaa
sababa itti dhoorke waliin ibsuun barreeffamaan iyyataadhaaf beeksisuu qaba.

11
18.HAYYAMA OOMISHA ALBUUDAA AADAAN GAGGEEFFAMU
KENNUU

1) Albuudota adeemsa aadaatiin oomishaman irratti hayyamni kan kennamu abbaa qabiyyee lafaa
maatii isaa waliin qabiyyee isaa irratti gurma’eef yookiin hojii dhabeeyyii waldaa
interipiraayizii maaykiroo fi xixiqqaan gurma`aniif qofa ta`a.
2) Hayyamni hojii albuudaa aadaan oomishuu, albuuda hayyamicharratti kaa’amee, bakka
hayyamichaa keessatti oomishuuf abbaa hayyamaatiif mirga qofa-ta’eessa ni kenna.
3) Hayyamni albuuda aadaan oomishamu waliigalteen kan murtaa’u ta’ee, waggaa 2 caaluu hin
danda’u.

19. HAYYAMA OOMISHA ALBUUDAA SADARKAA XIQQAA ADDAA KENNUU

1) Namooni waldaa interpirayizii maaykiroo fi xixiqqaan ijaaramanii albuuda kabajamoo fi gar-


tokkee kabajamoo fudhatanii aadaan oomishaa erga turaniin booda humni maallaqa isaanii
sadarkaa meeshaa ammayyaatiin fayyadamu kan isaan dandeessisuutti yoo gahan hayyamni
albuuda sadarkaa xiqqaa addaa akka isaaniif kennamu Abbaa Taayitaa hayyama kennu
gaafachu ni danda’u.
2) Keewwata kana keewwata xiqqaa (1) jalatti kan tumamee akkuma eegameetii ta’ee, qaamni
hayyama kennu nama hayyama sadarkaa xiqqaa addaa oomishuuf gaafateef ulaagaa armaan
gadii yoo guutee hayyama kennu ni danda’a:
(a) iyyataan qabeenya mallaqaa gahaa ta’e hojii misooma albuudaa karoorfame raawwachuuf
dandeesisu qabaachuu isaa baankii irraa kan mirkanaa’e yoo qabaatee;fi
(b) Dokumantiin sakkatta’insa dhiibbaa naannoo mirkana’ee yoo jiraate hayyama hoomisha
sadarkaa xiqqaa addaa argachuu ni danda’a.
(c) Abbaan hayyama albuudaa sadarkaa xiqqaa addaa argate lafa hayyama irratti fudhate irratti
hojii isaa seeraan hojjetee kuufamni albuudaa yoo dhumatee fi naannoo hayyamaa sanatti
lafti kuufama albuudaa gahaa ta’e qabu yoo jiraate babal’ifannaa yoo gaafatee fi qaamni
hayyama kennu yoo itti amane babal’ifannaan hayyamamuufii ni danda’a.
(d) Hayyamni hoomisha albuudaa sadarkaa xinnaa addaa maqaa fi miseensa jijjiruun gara
dhaabbataatti (PLC) tti jijjiiramuu hin danda’u.

12
20. BAL’INA LAFA HAYYAMAA

Bal’inni lafa hayyamaa hayyama tokkoon qabamu akka armaan gadiitti dhiyaata

a. Hayyama barbaachaa albuudaa km2 50


b. Hayyama qorannoo albuudaa km2 20
c. Hayyama qabatanii turuu m2 100,000
d. Hayyama hoomisha albuudaa karaa aadaan gaggeeffamu m2 5000
e. Hayyama hoomisha albuuda induustrii fi ijaarsaa sadarkaa xinnaa m2 50,000
f. Hayyama hoomisha albuuda ijaarsaa sadarkaa guddaa m2 200,000 ta’ee,
g. Abbaan hayyamaa karaa aadaan albuuda hoomishu al-tokkotti lafa bal’inni isaa m 2 10,000
ta’ee fi hayyama lamaa ol fudhachuu hin danda’u.

21. YEROO TURTII HAYYAMAA


a. Hayyamni barbaacha albuudaa (Prospecting License) kan kennamu ji’a kudha lamaaf
(waggaa tokko) yoo ta’u, haaromfamuu hin danda’u.

b. Hayyamni qorannoo albuudaa (Exploration License) kan kennamu waggaa sadiif ta’ee,
waggaa tokko tokkoof yeroo lama haaromfamuu ni danda’a.
c. Hayyamni qabatanii turuu (Retention License) waggaa sadiif kan kennamu ta’ee,
waggaa sadiif yeroo tokko haaromfamuu ni danda’a.
d. Hayyamni aadaan albuuda hoomishuu hanga waggaa Tokkoof kan kennamu ta’ee, akka
barbachisuma isaatti haala jiru abbaan taayitaa yoo itti amanee waggaa tokkoof
haaromsuuf ni danda’a .
e. Hayyamni sadarkaa xinnaa addaa kan kennamu waggaa shaniif ta’ee, waggaa lama
lamaan yeroo lama Abbaa Taayitaa yoo itti amane haaromfamuu ni danda’a.

f. Hayyamni sadarkaa xinnaa hoomisha albuudaa waggaa shaniif kan kennamu ta’ee,
waggaa sadi kan hin caalleef haaromfamuufi ni danda’a. Abbaan Taayitaa yoo itti
amane ykn kuufama albuudaa tilmaama keessa galchuudhaan ykn abbaan hayyamaa
haala walligaltee seeneen hojjechaa yoo jiraate hayyamichi haaromfamu ni danda’a.
g. Hayyamni hoomisha albuudaa sadarkaa xinnaa Godina Addaa Oromiyaa naannoo
Finfinnee keessatti waggaa shaniif kan kennamu ta’ee, akka barbaachisumaa isaatti
babal’innii fi guddina magaalootaa ilaalchicha keessa galchuudhaan akka
barbaachisummaa isaatti waggaa tokko tokkoof haaromfamu ni danda’a.
h. Hayyamni sadarkaa guddaa hoomisha albuudaa waggaa kudhaniif kan kennamu ta’ee,
waggaa shan kan hin caalleef haaromfamuu ni danda’a. Abbaan Taayitaa yoo itti amane
ykn kuufama albuudaa tilmaama keessa galchuudhaan ykn abbaan hayyamaa haala
walligaltee seeneen hojjechaa yoo jiraate hayyamichi haaromfamu ni danda’a.

13
i. Hayyamni hoomisha albuudaa sadarkaa guddaa Godina Addaa Oromiyaa naannoo
Finfinnee keessatti waggaa kudhaniif kan kennamu ta’ee, akka barbaachisumaa isaatti
babal’innii fi guddina magaalootaa ilaalchicha keessa galchuudhaan akka
barbaachisummaa isaatti waggaa tokko tokkoof haaromfamu ni danda’a.

KUTAA AFUR
HAYYAMA HAAROMSUU, DABARSUU, HAQUU (ADDAAN KUTUU),
DHOORKUU FI BABAL’ISUU

22. HAYYAMA HAAROMSUU

1. Hayyama qorannoo albuudaa haroomfachuuf ulagaa


barbachisu;-
a) Barri waliigaltee hayyama dhumuuf guyyaan 60 (jahaatamni) yoo hafu iyyataa dhiyeefachu
b) Gabaasaa fi Sagantaa hojii fooyeessee yoo jiraate
c) Kiraa lafa hayyamaa mootumaaf kanfalamuu qabuu kanfaluu isaa kan ibsuu xalayaa
qulquulinaa
d) Eegumsaa Naannoo ilaalchise rakkoon akka hin jiree Qaama dhimmi ilaalu irraa waraqaa
deegersa dhiyeefachu,
Gama Abbaa taayitaatin wanton mirkana’u qaban;-
a) Abbaan hayyamaa hojii qorannoo isaa sirnaan gaggeessaa jirachuu isaa,
b) Akkaataa waliigalteetti gabasaa yeroon dhiyeessa jirachu,kira lafa kanfalamuu
isaa,dhiibbaan Naannoo kan hin jire ta’u,
c) Bal’ina lafa hayyamaa qorannoodhaaf fudhate irraa %25 hir’isuudhaan lafa koordinatii sirii
ta’en kan dangeeffame dhiyeefachu isaa,
d) Meeshaalee hojii albuudaa kanaf qaraxaa irraa bilisaan galaan hojii kana irraa jirachuun yoo
mirkana’e ,
e) Abbaan Taayitaa hayyama kennu ragaaleen barbaachisaa ta’an biro qulqulleessee
haroomsuu ni danda’a.

14
2. Hayyama qabatanii turuu haroomfachuuf ulagaa barbachisu;-
a) Barri waliigaltee hayyama dhumuuf guyyaan 60 (jahaatamni) yoo hafu iyyataa
dhiyeefachu
b) Gabaasaa fi Sagantaa hojii fooyeessee yoo jiraate
c) Ragaa kanfaltii kiraa lafaa, hayyama haaromsuu kkf itti kanfale dhiyeessuu;
d) Meeshaalee hojii albuudaa kanaf qaraxaa irraa bilisaan galaan hojii kana irraa
jirachuun yoo mirkana’e ,
e) Abbaan Taayitaa hayyama kennu ragaaleen barbaachisaa ta’an dhiyaachuu isaanii
mirkaneessudhaan qulqulleessee hayyama qabatanii turuu albuudaa ni haaromsa.

3 Hayyama sadarkaa xiqqaa addaa, saarkaa xiqqaa fi sadarkaa


guddaa

Haroomfachuuf ulagaa barbachisu;-


a. Barri waliigaltee hayyama dhumuuf guyyaan 90 (sagaltama ) yoo hafu iyyataa
dhiyeefachu
b. Gabaasaa fi Sagantaa hojii fooyeessee yoo jiraate
c. Gabasiin hojii albuudaa yeroo yeroon jirachuu isaa fi kuufamni albuuda jirachuu isaa
kan ibsu
d. Bara ittiaanutti karoora sagantaa hoomishaa fi baasii
e. Odiitara alaatiin kan mirkanaa’e gabaasa odiitii faayinaansii
f. Gabaasa qorannoo sakatta’iinsa dhiibbaa naannoo fi hawwaasaa
g. Gabaasa dhiibbaa hojiin hoomisha albuudaa naannoo fi qabeenya uumammaa irratti
fidee fi tarkaanffiiwwan deebisanii misoomsuuf fudhatan ibsu,
h. Abbaan hayyamaa hojii hoomisha albuudaa akkaataa seerota albuudaa fi waliigaltee
mallatteesseen raawwatee dirqama isaa kan bahe yoo ta’e;
i. Kanaltii mootummaa irraa barbaadamu kanfaluu isaa Abbaa Taayitaa Galiiwwanii
Oromiyaa ykn qaama isa bakka bu’e irraa ragaa qulqullummaa yoo dhiyeese;

15
j. Meeshaalee hojii albuudaa kanaf qaraxaa irraa bilisaan galaan hojii kana irraa jirachuun
yoo mirkana’e ,
k. Abbaan Taayitaa hayyama kennu ragaaleen barbaachisaa ta’an biro qulqulleessee
haroomsuu ni danda’a.

23. HAYYAMA DABARSUU


Waliigalteen hayyamni hojii albuudaa barreeffamaan nama sadaffaaf gurgurtaan, kennaan, dhaalaan,
idaadhaan qabsiisuudhaan mirgi hayyamaa darbuu ni danda’a.

1. hayyamoota darbuu hindan deenye ;-


a. Hayyamni barbaacha albuudaa darbuu hin danda’u.
b. Hayyamni qorannoo ykn hoomisha albuudaa hojii hin jalqabne darbuu hin danda’u.
c. Hayyamni Qorannoo barii hayyama isaa dhummuuf waggaan tokkoo kan isaa hafu yoo ta’e hin
darbu,
d. Hayyama oomishaa sadarkaa xiqqaa barii hayyama isaa dhummuuf waggaan tokkoo kan isaa
hafu yoo ta’e hin darbu,
e. Hayyama oomishaa sadarkaa guddaa barii hayyama isaa dhummuuf waggaan lama kan isaa
hafu yoo ta’e hin darbu,
f. Abbaan taayitaa hayyama kennu yoo hayyame malee hayyamni hojii albuudaa darbuu hin
danda’u.
2. Hayyamoon darbuu danda’an ulagaa isaan guutu qaban;-
a) Abbaan hayamaa hayyama isaa dabarsuu fi hayyamni itti darbu iyyata dhiyeefachu qabu.
b) Namni (Qaamni) hayyamni hojii albuudaa itti darbuu kanfaltti beenyan alaatti dirqamoota
abbaan hayyama durani guutee hayyama argatee hundaa akka har’aatti guutee dhiyachuu qaba.
c) Hayyamni qaama biraatti osoo hin darbin dura haalli sochii hojii albuudaa fi seeraan
hojjetamaa jiraachuun isaa ogeessa Abbaa taayitaatiin xiinxalamuu qaba.
d) Galiin mootummaa seeran galaa jiraachuun isaa mirkanaa’uu fi Abbaa Taayitaa Galiiwwanii
irraa ragaan qulqulummaa dhiyaachuu qaba.
e) Badii adda addaa dhiibbaa uumama naannoo irratti raawwatamee fi dirqama misooma
hawwaasaa bahuu isaa mirkaneessuu,

16
f) Waliigalteen hayyama hojii albuudaa dabarsuun Qaama waliigaltee raggaasisuun ragga’uu
qaba.
g. sababa hayyamni darbuun bu’aa argatan irraa Mootummaadhaaf galii galchuun isaanii ragaan
kanfaltiin itti raawwatame qaama dhimmi ilaalu irraa dhihaachuu qaba.
h. Abbaan hayyama dabarsu mirga qaraxa irraa bilisa ta’uun meeshaalee galfate abbaa hayyamni
itti darbuutti kan hin dabarsine yoo ta’e, akkata labsii fi danbii albuudaa hojii irraa jiruun seeraa
Minsteera galiiwwanin adeemsi jiruu ni rawwatama.
i. Abbaan hayyamni itti darbuu dhimma Qaraxaa irraa meeshaa bilisaan galfachu ilaalchisee
abbaan hayyama dabarseef yeroo ta’ee keessaatti mirgaa isaatti faayadame qaraxaa irraa
bilisaan gaalfatera waan ta’eef dabalataan abbaan hayyamin itti darbu argachu hin danda’u.
j. Qaamni hayyamni hojiiwwan albuudaa itti darbu ragaa guutuu dhiyeeffatee kanfaltii
barbaachisu erga kanfalee booda waliigaltee mallateessee hayyamicha fudhata.
k. Dabarfamuun waliigaltee hojii albuudichaa galmee keessatti galmeeffamee qaama waliigaltee hayyama
albuudaa sana dadarsiiseen mallattaa’uu qaba.

24. HAYYAMA HAQUU (ADDAAN KUTUU)

Hayyamni hojiiwwan albuudaa haqamuu kan danda’u:


a. Abbaan hayyamaa fedhii isaatiin idaa irra jiru kafaluudhaan hayyamni isaa akka adda citu yoo
gaafate.
b. Mootummaan misooma caalmaa qabuuf iddicha yoo barbaade iddoo biraa akka barbaadatu
taasisee seera beenyaa irratti hundaa’ee beenyaan madaalawaa ta’e akka kanfalamuuf gochuu,
c. Barri hayyamaa yoo xumuramee fi akkaataa seerota albuudaatti haaromfamuu yoo hin
dandeenye ta’ee dha.
d. Hayyamni kan kenname ragaa sobaatiin yoo ta’e.
e. Abbaan hayyamaa, hayyama isaa yeroo haromfamuu qabu keessatti yoo haaromsuu baate.
f. Hayyamni kenname naannoo irratti rakkoo kan uumee fi kunumitti ogeessaan ilaalamee ragaa
qabatamaadhaan mirkanaa’ee yoo dhiyaate.
g. Abbaan hayyamaa dirqamoota fi dhimmoota dhoorkaa ta’aan jedhamani Labsii, Dambii,
Qajeelfamaa fi waliigaltee hojii albuudaa yoo cabse, akkasumas, akaakuu hayyamaa
kennameeniif ala hojii albuudaa irratti yoo bobba’ee fi dangaa kennameefiin alaa bahee
omishaa omishee yoo argame.
17
h. Abbaan hayyamaa haala waliigaltee seeneen hojiiwwan albuudaa yeroo seeraan hayyamameef
keessatti jalqabuu dadhabuu isaa tiif ragaa qabatamaa ta’e dhiheeffachuu yoo baate hayyamni
ni haqama.
i. Guyyaa xalayaan haqamuu (addaan cituu) bahii ta’ee abbaa hayyamaatii kennamee eegalee
ji’a tokko keessatti kanfaltii irraa barbaadamu xumuree ragaa qulqullinaa fi dokumantii karaa
Abbaa taayitaa hayyama kennuun kennameef deebisuu qaba.
j. Ragaan “flexi cadaster or data base” irraa ni haqama.
k. Waraqaan ragaa qulqullinaa ni kennama.
l. Abbaan hayyamaa yeroo jedhame kana keessaatti dhiyaatee dirqama irraa barbaadamu yoo
bahuudhabaate seeraan ni gaafatama.
m. Lafti albuudaa hayyamni irraa haqame baankii lafaatti deebi’a;
n. Gaaffiin haaraa iddoo (lafa)kanarratti dhiyaatu adeemsa haaraa hin eegu;
o. Xalayaan kanfaltii beenyaa akka qulqulleessan gaafatu gara Biiroo
Bulchiinsaa fi Itti-fayyadama lafaa hin barraa’u;
p. Ulaagaalee biroo hayyama argachuuf barbaachisan akka dhiyeeffatu ta’ee
hayyamni kennamee garagalchaan qaama dhimmi ilaalu beeksisuu;
q. Yeroon turtii hayyamaa qaama hayyamni irraa haqameef kenname waggaa

kudhanii (10) ol yoo ta’e garuu xalayaan gara Biiroo Bulchiinsaa fi Itti-
fayyadama lafaa ni barreeffama.
r. Abbaan hayyamaa badii raawwateen hayyamni isaa jalaa haqame hanga waggaa shaniitti
hayyama hojiiwwan albuudaa biraa argachuu hin danda’u

25. HAYYAMA UGGURUU (suspend)


Hayyamni hojiiwwan albuudaa kan Dhabbsifamu
a. Iddoo hayyamni hojiiwwan albuudaa irratti kennamerratti waldhabdeen yoo uumame;
b. Hojiiwwan biroo hojii albuudaa waliin hin deemne hojjetamaa jira jedhamee eeruun yoo
dhiyaate;
c. Hojiin seeran ala raawwatamee akeekkachiisi kennameefii yoo sirreessuu baate hanga
sirreessutti hayyamni isaa ni dhoorkama.

18
d. Dhimmoota hordoffiidhaan adda bahanii dhiyaatan hanga sirreessuutti hayyamni
ugguramee tura.

26. HAYYAMA HOOMISHA ALBUUDAA BABAL’ISUU


Hayyamni hoomisha albuudaa tokko:
1. Abbaan hayyamaa seeraan hojii isaa kan raawwachaa jiru yoo ta’e,
2. Haalli hojii hoomisha albuudaa akka seeraatti kan raawwatamaa jiru yoo ta’e,
3. Hojii hoomisha albuudaatiif meeshaaleen barbaachisan naannoo hayyamaa yoo jiraate,
4. Albuuda hoomishamuuf fedhiin guddaan kan jiru yoo ta’e,
5. Iddoo hayyamaa duraanii keessaa kuufamni albuudaa dhumaa jiraachuu isaa fi humna abbaa
hayyamaa waliin kan hin deemne yoo ta’e, lafti kuufama albuudichaa qabu daangaa hayyamaa
kanatti aanee jira yoo ta’e hayyamni babal’isuu hayyamamuu ni danda’a. Lafti dabalataan
gaafatame kun akkuma hayyama haaraa gaafatamutti ragaan barbaachisu dhiyaachuu qaba.
6. Ragaan lafa dabalataan gaafatame kun erga qulqullaa’ee fi dokumantiin gamaaggama dhiibbaa
naannoo fi hawaasaa mirkanaa’ee dhiyaatee booda, dokumantiin “feasibility study” dhiyaatee
ni gamaaggamama. Kanfalttiin barbaachisu kanfalamee waliigalteen qophaa’ee
mallattaa’udhaan hayyamni ni kennama.

KUTAA SHAN
SARTAFIKEETII ARGANNOO ALBUUDAA KENNUU

27. SARTAFIKEETA ARGANNAA ALBUUDAA

1. Qaamni mallattoo yookiin kuufama albuudaa armaan dura bakka ykn iddoo sanatti jirachuun
isaa kan hin beekamne yookiin bira hin gahamne argate tokko mirgi qofa-ta’eessa ta’e ni
argata.
2. Koordineetii iddoo albuudni itti argamee “GPS”n karaa “Adindan” dubbifamee fi maqaa
albuudaa argame caqasuu fi waraqaa eenyummaa isaa waliin wal-qabsiisee iyyataan
dhiyeessuu,
3. Foormii dhimma kanaaf qophaa’ee guutee iyyata dhiyeeffachu qaba

19
4. Abbaan Taayitaa Misooma albuudaa Iyyata dhiyaate irratti hundaa’udhaan albuudni jedhame
kana dura karaa naannoo sanatti hayyaamni kan hin kennamnee fi kan hin qoratamnee ta’uu
isaa addaan ni bafata.
5. Albuudni argannoon irratti gaafatame kun haaraa ta’uu isaa Ogeessa Abbaa Taayitaatin yoo
mirkanaa’e koordineetiin dhiyaate sirrii ta’uu isaa mirkaneessudhaan;-
a. saamuda fudhachuu dhaan laaboraatooriitti akka qo’amu ni taasisa.
b. Bu’aan laaboraatoorii fi maqaan albuudaa gaafatame tokko yoo ta’e sartafikeetiin
argannaa qaama gaafateef ni kennama.
c. Sartafikeetii argannaa albuudaa kun mirga qofa-qabeessa waggaa tokkoof kan qabu
yommuu ta’u, yeroo kana keessatti hayyama qorannoo irratti baafachuuf mirga dursa
qaba. Waggaa tokkoon booda garuu mirga hin qabu.

KUTAA JAHA
DHIMMOOTAA DHOORKAA TA’AAN

28. Dhimmoon doorkaa ta’an kaneen armaan gaditti;-


1. Abbaa Taayitaa Hayyama Kennuu osoo hin beeksisin lafa kireeffatanii hojii hoomisha
albuuda gaggeessun dhoorkaa dha.
2. Qaamni kaamiyyuu Abbaa Taayitaa Hayyama Kennuu alaatti hayyama
kennuun,haquun,addaan kutuun haroomsuun ,
3. Abbaan Taayita Hayyama Kennuu osoo hin beekine qaamni biraa meeshaalee qabuun
albuudaa akka hoomishuu gochuun dhoorkaa dha.
4. Abbaan taayitaa hayyama kennuu osoo hin hayyamin abbaan hayyamaa hayyama isaa
dabarsuun dhoorkaa dha.
5. Abbaan hayyama hayyamin irraa haqamee guyyaa xalayaan haqaminsa isaa dhaqabee
egalee hayyamni haqamee bakka jirutti oomisha albuudgaggeesuun dhorka dha , boba’ee
yoo argamee akkataa nama hayyama malee hojii albuudaa irraatti boba’eetti ilaalamee
hayyama malee hojii albuudaa hojechuu isaan labsii fi seeraa jiruun ni gaafatama .
6. Ougummaa addaa kan barbaaduu fi biyyaa keessaa kan hin jiree yoo ta’ee malee lamii
biyyaa alaa hayyamaa fi beekamtii abbaa taayitichaa malee qaxaranii hojjisiiuun dhoorkaa
dha.

20
KUTAA TORBA

WAA’EE MIRGAA FI DIRQAMA ABBOOTII HAYYAMAA


29. MIRGA ABBAA HAYYAMAA
Abbaan haayyama kammiyyuu Akkataa bu’uuraa labsii ,Danbii fi waliigaltee hojii hojiiwwaan
albuudaa keessaatti tummameen abbaan haayama tokkoo mirgawwan armaan gadii ni qabata;-
1. Hojii isaattif kan barbachisaa ta’aan bu’uuraa misooma ijaaruu dirisuuf mirga qaba
2. Albuudaalee yeroo barbachaa fi Qorannoo argamaan irratti mirgaa ajajau qaba.
3. Meeshaalee hojii iosaaf barbachisaan fi sagantaa hojii isaa keessaatti ta’an qaraxaa irraa
bilisaan galfachuuf mirga ni qabata. Haa ta’u malee;-

3.1. Ergaa qaraxa irraa bilisaan galfatee booda Hayyamoota sadarkaa Abbaa Taayitaa
Misooma Albuudaa Oromiyaatti kennamaniif;-
a. Ragaa bittaan ittiin gaggeeffamee (Proforma) fi waa’ee meeshicha ibsu,
b. Ragaa ittiin fe’aman (bill of loading), bittaan biyya keessatti yoo ta’e qaama mirga qaraxaa
fi taaksii irraa bilisaa kan galfate yoo ta’e ragaa guutuu qaama sanaa wal-qabsiisudhaan
iyyataan Abbaa Taayitaa Hayyama Kennutti dhiyeeffata.
c. Abbaan Taayitaa Hayyama Kennu iyyata dhiyaate xiinxaluudhaan xalayaa gara Ministeera
Galiiwwaniitti ni barreessa. Ulaagaa barbaachisu hin guutne yoo ta’e maaliif akka hin
hayyamaminneef qaama gaafateef ni beeksisa.
3.2. Hayyamoota sadarkaa Waajjira Godinaatti kennamaniif mirgi qaraxaa fi taaksii irraa
bilisaan maashinoota, konkolaattootaa fi kkf galfachuu ilaalchise akkuma kewta kana kewta
29/3.1 qubee a-b tarreeffame akkuma jirutti ta’e ;-
a. Waajjirri Albuudaa Godinaa ragaalee dhiyaatee fi “Feasibility study” abbaa hayyamaa
koppii godhee xalayaadhaan gara Abbaa Taayitaa Misooma Albuudaa Oromiyaatti erga.
b. Abbaan taayitaa kun ragaa dhiyaate xiinxaluudhaan xalayaa gara Ministeera Galiiwwaniitti
ni barreessa. Ulaagaa barbaachisu hin guutne yoo ta’e maaliif akka hin hayyamaminneef
qaama gaafateef ni beeksisa.
c. Abbaan hayyamaa kam-iyyuu meeshaalee, maashinarootaa fi konkolaattota qaraxaa fi
taaksii irraa bilisaan hojiiwwan albuudaatiif galfate beekumtii Abbaa Taayitaa Hayyama

21
kenneen alatti dhimma biraatiif oolchee, akkasumas, iddoo hojii albuudaatii sochoosee yoo
argame hayyamni isaa kan haqamu ta’ee meeshaalee kanaaf qaraxa kan kanfalu ta’a.
4. Barii hayyamni qorannoo albuudaa ji’a sagal (9) yeroo haafutti mirgaa qaraxaa irraa bilisaa
ta’uu hin argatuu
5. Abbaan hayyama sadarka guddaa guyyaa hayyama argatee irraa egalee hangaa wagaa 5 tti
mirage kanatti fayyadamu ni danda’a isaa booda mirga hin qabatu.
6. Abbaan hayyama sadarka xiqaa guyyaa hayyama argatee irraa egalee hangaa wagaa 2tti mirage
kanatti fayyadamu ni danda’a isaa booda mirga hin qabatu.
7. Abbaan hayyama kammiyyuu Mirgaa samuudaa albuudaa qorachisuu biyyaa keessaa fi biyyaa
alaatti ni qabata.

a. Hayyama seeraan kenname qabaachuu,


b. Hojii qorannoo eegalee hojjechaa jiraachuun isaa mirkanaa’uu qaba,
c. Saamuda albuudaa iddoo lamatti qoodee dhiyeessuu,
d. Walakkaa saamudaa Abbaa taayitichaa biraatti hambisuudhaan seeraan qabuu,
e. Saamuda qo’annoodhaaf ergamu bakka Abbaa taayitaa jirutti saamsuu,
f. Meeshaa saamudni ittiin saamsame irratti ogeessi abbaa taayitaa/ waajjiraa
mallatteessudhaan chaappaa irratti godhuu,
g. Ogeessi abbaa taayitaa/Waajjiraa gara Gumuruukaa geessudhaan dabarsee kenna
h. Yeroo bu’aan qo’annoo dhufu koppii tokko saamuda abbaa taayitaa/waajjiratti hafe
waliin qindeesse lafa godha.

8. Akkataa waliigaltee jiruu iddoo hayyama hojii albuudaa itti fudhatee galee hojechuuf mirga ni
qabata.
9. Abbaan hayyamaa qorannoo Naannoo hayyamni irratti kennameef keessatti hojii qorannoo
albuudaa gaggeessuuf mirga qaba.
10. Hayyama barreeffamaa Abbaa Taayitaa hayyama kennu irraa yoo argatee samuuda albuudaa
laabooraatooriin qorachiisee hamma hayyamameef qofa fudhatee geejjibsisuun qorachiisuu ni
danda’a.
11. Albuudni samudaaf fudhatame qabeenyummaan isaa kan mootummaa ta’e erga qorannoon
xumuramee booda Abbaa Taayitaa hayyama kennuuf deebi’uu qaba.

22
12. Abbaan Hayyama hoomisha albuudaa mirga omishaa omishee seeraa gurguruu ni qabata.

30. DIRQAMA ABBAA HAAYYAMAA


a. Qaamni hayyama hojii albuudaa argachuuf foormii iyyannoo abbaan taayitaa kenneef guutee
dhiheeffate guyyaa Abbaa Taayitaa Hayyama Kennutti dhiyeeffatee kaasee ji’a tokko
keessatti dhimma isaa duukaa bu’ee yoo hin xumurisisuuf ni dirqama. Haa ta’u malee rakkoo
isa muudate barreeffamaan Abbaa Taayitaa Hayyama Kennu yoo hin beeksisin hayyama
gaafatee akka hin barbaadnetti fudhachuun kuusaan isaa ni cufama.
b. Abbaan hayyamaa qorannoo albuudaa qabu
a. hojii qorannoo albuudaa guyyaa hayyama fudhatee kaasee guyyaa jahaatama (60) keessatti
eegaluu ni diraqama .qaba
b. tumaaleee fi haalduree hayyamichaa kabajuu;
c. samuuda albuudaa qorannoof fudhatee geejjibsiisee qabachuu fi deebisuu.
c. Abbaan hayyama qabatanii turuu:
a. gabaasa foyya’iinsaa waggaa waggaan Abbaa Taayitaa hayyama kennuuf dhiheessuu
qaba.
b. hojii oomisha albuudichaa yeroo isaaf kenname keessatti eegaluuf tarkaanfii fudhatame
ibsuu qaba
d. Eegumsa Naannoo fi Misooma Haawaasaa ilaalchise
a) Waa’ee Akksiyoon Mootummaadhaan qabamuu Mootummaan baasii tokko malee bu’aa
misooma albuudaa sadarkaa xiqaa fi guddaa irraa argamuu keessaa 5% ni argata. Kana jechuun
abbaan hayyamaa baasii hundaa fi taaksii galii gibiraa erga kaffaleen boodaa bu’aa dhumaa
argamuu irraa 5% n heeregamee mootummaaf galii gochuu qaba.
b) Waa’ee fayyaa fi nageenya ilaalchise Abbaan hayyama kamiyyuu bakkka bu’oota ykn
hojjetota isaa irratti haalawwan balaa, dhibee fiduu danda’an adda baasuu fi hojii ittisaa
hojjechuu, toftaawwan barbaachisanii fi meeshaa balaa namarraa ittisan fi kan biroo fayyaa fi
nageenyaaf kan oolan dhiheessuu ni dirqama.
c) Waa’ee eegumsa naannoo ilaalchise Abbaan hayyamaa hojii qorannoo, hojii hoomisha
sadarkaa xiqqaa addaa, sadarkaa xiqqaa ykn sadarka guddaa iddoo hayyamaa fi naannoo
kiraadhaan qabate haala gamaaggama qorannoo dhiibbaa naannoo fi manaajimeentii naannoo

23
mirkanaa’een barrii hayyamaa osoo hin xumuramin dura ykn hayyamni addaan cituun dura
laficha haala duran jirutti deebisee sirreessuu ykn garafuuladuraatti faayidaa biraaf akka ooluu
danda’utti laficha sirreessuf ni dirqama.
d) Waa’ee fandii dhiibbaa naannoo deebisanii sirreessuu ilaalchise Haaluma labsii albuudaa jirun
abbaan hayyama qorannoo, ykn hayyama hoomisha albuudaa sadarkaa xiqqaa addaa ykn
sadarkaa xiqqaa ykn sadarkaa guddaa Abbaan Taayitaa Hayyama Kennuu kallattiidhaan
to’achuu kan danda’u baajata gamaaggama dhiibbaa naannoodhaaf jechuun Mallaqa dokimentii
qorannoo keessaa ka’ame jalqaba waggaa waggaa irratti fandii heerega bankii cufaa keessatti
galii ni taasisa. Fandii baankii cufaa keessa taa’e hojiin albuudaa yoo cufamu tajaajila hojii
albuudaa cufuuf oolee kan hanqatu yoo ta’e abbaan hayyama fandii dabalataa ramaduudhaan
hojii isaa cufa.
e) Waa’ee hirmaannaa misooma haawaasaa ilaalchise Haaluma bu’ura labsii albuudaa jiruun
abbaan hayyamaa hoomisha albuuda sadarkaa xiqqaa addaa, ykn sadarkaa xiqqaa ykn sadarkaa
guddaa karoora misooma haawaasaa irratti hirmaachuu fi baasii kanaaf barbaachisuu akka
armaan gaditti ramadu qaba. Yeroo calqabbii misooma albuudaa:
f) Baasii Hojii hoomisha albuuda industrii ykn ijaarsaa gaggeessuuf karoorfate keessaa % 1
g) Baasii hojii hoomisha albuuda kabajamoo ykn gam-tokkee kamajamoo raawwachuuf
karoorfate keessaa %0.2.
h) Yeroo hoomishni albuudaa itti gaggeeffamu bu’aa dhuma argamuu irraa %2 misooma
haawwasaaf baasii ni taasisa.

31. YEROO HOJIIN ALBUUDAA ITTI EEGALU


a. Abbaan hayyamaa hoomisha albuudaa sadarkaa guddaa fi xinnaa fudhate guyyaa waliigaltee
mallateessee eegalee yeroo waggaa tokko keessatti,
b. Waldaaleen IMX hayyama hoomisha albuudaa karaa aadaan gaggeeffamuu ammo yeroo ji’a
tokkoo keessatti hoomisha albuudaa eegaluu qabu.
c. Abbaan hayyamaa hayyama qorannoo albuudaa fudhate yeroo ji’a sadi keessatti hojii qorannoo
albuudaa eegaluu qaba.
32. “EXTRACTIVE INDUSTRY TRANSPARENCY INITIATIVE”

24
a. Mootummaan galii abbootii hayyamaa irraa funaanee fi abbaan hayyamaa hojiiwwan albuudaa
irratti bobba’es galii mootummaadhaaf galche hawwaasaaf akka ibsuu danda’u mootummaa,
abbootii hayyamaa hoomisha albuudaa qabanii fi hawwaasa siviilii irraa qaama hundaa’udha.
b. Qaamni kun akka biyyaatti hundaa’ee hojii keessa kan jiru yommuu ta’u, abbootiin hayyamaa
hojiiwwan hoomisha albuudaa sadarkaa xinnaa fi guddaa miseensa “initiative” kanaa ta’uun
dirqama. Kanaafuu, abbootiin hayyamaa kun guyyaa hayyama fudhatanii eegalee miseensa
qaama kanaa ta’uudhaan qajeelfama qaama akka biyyaatti dhaabate kanarraa darbuun waan
isaan irraa barbaadamu hunda raawwachuu qabu.

Qajeelfama 03/2011 Labsii 213/2011


KUTAA SADDEET
WAA’EE KAFFALTIIWWANII ADDA ADDAA

33. KAFFALTII ROYAALITII


Kaffaltiin Royaalitii hoomishni albuudaa bakka
hoomishametti gatii inni itti gurgurame dhibbeentaan irraa
heeregama. Haaluma kanaan:

Lak Gosa Albuudaa % Lak Gosa % dhibeenta


k dhibeent Albuudaa
a
1 Albuudaa kabajamoo 7% 5 Albuuda 3%

25
ijaarsaa
2 Albuuda gam-tokkee 6% 6 Albuuda 4%
kabajamoo ashaboo
3 Albuuda sibiilotaa 5% 7 Ji’ootarmaalii 2%
4 Albuuda industirii 4%

34, KAFFALTII HAYYAMA ARGACHUUF


Lak Gosa Hanga La Gosa Hayyamaa Hanga
k Hayyamaa qarshi k qarshi
i i
1 Hayyama 3,904 6 Hayyama hoomisha albuudaa 4,207
barbaachaa industirii fi ijaarsaa sadarkaa
argachuuf xiqaa argachuuf
2 Hayyama 4,837 7 Hayyama hoomisha aluudaa 5,132
qorannoo industrii fi ijaarsaa sadarkaa
argachuuf guddaa argachuuf
3 Hayyama 9,801 8 Hayyama hoomisha 7,520
qabatanii albuudaalee kabajamoo, gam-
turuuf tokkoon kabajamoo,
sibiilootaa fi kan fakkaataan
sadarkaa xiqqaa argachuuf
26
4 Hayyama 1,500 9 Hayyama hoomisha 8,360
hoomisha albuuaalee kabajamoo, gam-
albuudaa tokkeen kabajamoo,
aadaa fibiilootaa fi kan fakkaatan
argachuuf sadarkaa guddaa argachuuf
5 Hayyama 2,000 10 Kaffaltii kaartaa 3000
hoomisha
sadarkaa
xiqqaa addaa
argachuuf

34.KAFFALTII HAYYAMA HOJIIWWAN ALBUUDAA


HAAROOMSUUF
Lak Gosa Hayyamaa Hanga Lak Gosa Hayyamaa Hanga
k qarshii qarshii
1 Hayyama 3058 5 Hayyama hoomisha 4078
Qoraannoo sadarkaa guddaan
albuudaalee industirii ffi
ijaarsaa
2 Hayyama 10,191 6 Hayyama hoomisha 6117
Qabataan turuu sadarkaa xiqqaa
albuudaalee kabajamoo,
27
gam-tokkeen kabajamoo,
sibiilootaa fi kan
fakkaatan
3 Hayyama hoomisha 2869 7 Hayyama hoomisha 8411
sadarkaa xiqqaan sadarkaa guddaa
albuudaalee albuudaalee kabajamoo,
industirii fi ijaarsaa gam-tokkee kabajamoo,
sibilootaa fi kan fakkaatan

4 Hayyama 1000 8 Hayyama hoomisha 1500


hoomisha sadarkaa xiqqaa addaa
albuudaa aadaa argachuuf
argachuuf

36. KAFFALTIIWWAN BIROO


lak Gosa Tajaajilaa Hanga Lak Gosa Tajajilaa Hanga
k qarshi qarshii
i
1 Iyyataa Hayyama 401 6 Mirga hayymaa 864
hojii albuudaa dabarsuuf
argachuuf
2 Kadasterii irraatti 500 7 Iyyata waraqaa ragaa 10
galmeesisuuf argannaa argachhuf
3 Ragaa waraqaa 200 8 Sanda galmeessisuuf 50

28
argannaatiif
4 Sanada hayymaa 10 9 Sanada bakka jalaa 30
ykn waraqaa ragaa bade, tajaajila hin
argannaa kenneef kkf kophii isaa
dabalataan argacuuf fuula tokkotti
argachuuf
5 Sanada hayymaa 20 10 Sanda hayyamaa 300
fuula tokkotti dabalata fudhachuuf

37. KIRAA LAFAA


Abbaan hayyamaa kam-iyyuu lafa hayyama hojiiwwan albuudaatiif qabateef akkaataa Labsii Kanfaltii
Ittifayyadama Lafa Baadiyyaa Lakk.131/99 keewwata 4 fi seerota bulchiinsa lafa magaalaatiin
kanfaltii barbaachisu wagga waggaadhaan kan raawwatu ta’a.
38. Kanffaltti yeroon rawwachuu dhabbuu
Abbaan hayyama Akkataa labsii fi Danbii albuudaa irraa jiruun kanffaltiwwaan raawwatamu qabuu
yeroon rawwachuu yoo baatee Abbaan Taayitaa Hayyama kennu addabbiin labsii fi Danbii irraa jiruu
akkuma jirutti ta’e mallaqaichaa yeroo kanfaluu kan didefef tokko tokkoo ji’aaf ykn ji’a tokkoo gadii
kan ta’eef % 2 itti dabalee akka kanffaluu ni taasisaa.

KUTAA SAGAL
WAA’EE TO’ANNOO HOJIIWWAAN ALBUUDAA

39. NAGAYEE TO’ANNOO GURGURTAA ALBUUDAA MAXXANSIISUU FI RAABSUU


Nagayee to’annoo gurgurtaa albuudaa Maxansee galii taasisee baasii kan godhee qaama dhimmi
ilaaluuf (Waajjiraalee Albuudaa Godinaalee) fi abbootii hayyamaatiif kan raabsu Abbaa Taayitaa
Misooma Albuudaa Oromiyaati.
29
39.1 Nagayeen To’annoo Gurgurtaa albuudaa Raabsamu Abba Hayyamaatiif Yoo Ta’e,;-
1. Hangam akka barbaadu caqasee iyyata ni dhiyeessa.
2. Abbaan hayyamaa nagayee to’annoo gurgurtaa albuudaa duraan fudhate seeraan itti hojjetee,
kanfaltii barbaachisu kanfalee deebisuu isaa daataabeezii irraa ni qulqullaa’a.
3. Haala sochii hojii abbaa hayyamaatiin baay’inni nagayeen to’annoo gurgurtaa albuudaa gaafatame
=/- ni murtaa’a.
4. Abbaan hayyamaa haala gatii nagayee tokkoon Abbaan Taayitaa Misooma Albuudaa Oromiyaa
murteessuun nagayeewwan hayyamameef kaffaltii raawwatee booda foormii baasii meeshaa (store
requision) akka guutee akka fudhatu ta’a.daataabeezii keessatti seeraan ni galmaa’a.

39.2 Nagaheen To’annoo Gurgurtaa Albuudaa Raabsamu sadarka Godinaalee tiif Yoo Ta’e;-
a. Wajjirri hangaa barbaadu caqasee xalayaadhaan gaaffii dhiyeessa.
b. unka baasii meeshaa irratti guutee dhiyeeffata.
c. Abbaan taayitaa Misooma albuudaa oromiyaa gaaffii dhiyaatef ergaa hayyameef booda baasii
godhee ni fudhata daataabeezii keessatti galmaa’ee qabama.
40. TO’ANNOO HOJIIWWAN ALBUUDAA
To’annoon hojiiwwan albuudaa bifa lamaan kan gaggeeffamu yommu ta’u isaan kunis to’annoo
Waajjira keessattii fi To’annoo hurufarratti gaggeeffamuudha.
A. TO’ANNOO WAAJJIRA KEESSATTI GAGGEEFFAMU
To’annoon hojiiwwan albuudaa waajjira keessatti gaggeeffamu kan hundaa’u gabaasa raawwii hojii
kurmaana kurmaanaan abbaa hayyamaatiin dhiyaatu, nagayee to’annoo gurgurtaa albuudaa hojiin itti
hojjetamee deebi’ee fi walumaagalatti galmee abbaa hayyamaa irratti kan hundaa’udha.

B.TO’ANNOO HURUFAA
To’annoon hojiiwwan albuudaa hurufarratti gaggeeffamu iddoo hayyama hojiiwwan albuudaa
(hoomisha/qorannoo) dhaquudhaan haala qabatamaa sochii albuudaa ilaaluu akkaataa
labsii,Danbii,Qajeelfama fi waliigaltee taasifameen gaggeeffama jirachu (meeshaalee hojiidhaaf iddoo
hayyamaa jiran, dhiibbaa uumama naannoo fi hawaasa naannoo irra gahaa jiru, haala hoomisha
albuudaa kkf) fi karaa irratti ammoo konkolaattota albuuda fe’anii socho’an dhaabsisuudhaan nagayee
to’annoo gurgurtaa albuudaa seera qabeessa ta’e qabaachuu isaanii mirkaneessu dha.

30
41 . NAGAYEE TO’ANNOO GURGURTAA ALBUUDAA
a. Nagayee to’annoo gurgurtaa albuudaa maxxansiisee abbootii hayyamaa fi Waajjiraalee
Godinaaf kan raabsu Abbaa Taayitaa Misooma Albuudaa Oromiyaati. Albuudni hoomishamee
gurguramu kam-iyyuu kan sosocho’u nagayee to’annoo gurgurtaa albuudaatiin qofa ta’uu
qaba.
b. Abbaan hayyamaa kam-iyyuu iddoo hayyama hoomisha albuudaa fudhatee (Abbaa Taayitaa
Misooma Albuudaa Oromiyaa Ykn Waajjiraalee Albuudaa Godinaalee) irraa gatii abbaan
taayitaa murteessuun nagayee to’annoo gurgurtaa albuudaa ni bitata.

42 . QABXIILEEWWAN NAGAYEE TO’ANNOO GURGURTAA ALBUUDAA IRRATTI


TO’ATAMAN
a. Maqaa Abbaa Hayyamaa
b. Gosa (Akaakuu) albuudaa
c. Bakka albuudni itti hoomishame
d. Guyyaa fi sa’aatii albuudni itti gurgurame kan ibsu
e. Baay’inaa albuudaa fi gaatii ittin gurgurame kan ibsu
f. Maqaa konkolaachisaa fi lakkoofsa gabatee konkolaataa
43.Akkaataa Nagayeen to’annoo gurgurtaa albuudaa itti qabamu
a. Nagayeen to’annoo gurgurtaa albuudaa akka meeshaa dhumataatti ilaalamee mana kuusaa
meeshaa (Store) keessa ta’uu qaba.
b. Abbaan hayyamaa nagayee to’annoo gurgurtaa albuudaa itti hojjetame yommuu deebisu
herreegni isaa hojjetamee kanfaltii irraa barbaadamu kanfaluun yeroo mirkanaa’u dhuma
nageyee to’annoo albuudaa irratti kan argamu hayyamaa fudhatee seeraan of-biraatti akka
qabuu fi yeroo odiitiidhaaf barbaadame akka dhiyeessuu danda’u ta’a.
c. Albuuda hoomishamee nagayee to’annoo gurgurtaa albuudaa malee seeraan ala fe’amee
adeemu yoo qabame dhaalame koree gurma’een caalbaasidhaan gurguramee saanduqa
(kaazinaa) mootummaati galii ta’a.
44. Miseensotni koree caalbaasii ta’uun hundeeffaman;-
a) Abbaan Taayitaa misooma Albuudaa Oromiyaa ,
b) Abbaa Taayitaa Galiiwwani oromiyaa

31
c) Waajjira pirezidantii Nannoo Oromiyaa
d) Biiroo Daldalaa Oromiyaa
e) Biiroo Bulchiinsaa fi Nageenyaa oromiyaa yommuu ta’u, Waajjira pirezidantii Nannoo
Oromiyaa walitti qabaa koree yoo ta’u, kaneen kan miseensa yoo ta’aan Abbaan Taayitaa
misooma Albuudaa barreessaa dha. Sadarka Godinaa fi Aanaattis haaluma arman olitti
ibsamanin kan hundeeffaman ta’a.

45. MALLATTOO TO’ANNOO ALBUUDAA


1. Abbaa taayitaa hayyama kennuun kan ramadamu to’ataan albuudaa iddoo hoomishaa/qorannoo
albuudaa kam-iyyuu seenee haala hojiiwwan albuudaa itti gaggeeffamaa jiru to’achuu fi albuudni
fe’amee sochii irratti argamu seera qabeessa ta’uu isaa dhabbsisee to’achuuf aangoo ni qaba.
2. Hojii to’annaaf akka mijaa’u waraqaan addaa eenyummaa to’ataa, xalayaa abbaa taayitaa irraa
barreeffamee dabalataan mallattoo addummaa to’annoo ni qabata.

46. GATII ALBUUDAA

1. Albuudiin Oomishame bakka hoomishaatti gatii naannoo sanaan gurguramu qaba.

2. Albuudiin gattii naannoo Oomishaatti gurgurame kun nagahee gurgurtaa albuuda irraatti galmeessun
qaama albuuda biteef kennamu qaba.

3. Gattii albuudaa ilaalchise Abbaan Taayitaa Misooma ALbuudaa Oromiyaa yeroo yeroodhan qoratee
gatii baaxii itti gurguramu qabu qaama ilaaluu ni beeksisa.

47. KAFFALTII MALEE ALBUUDATTI FAYYADAMUU


1.Namni ykn qaamni kam-iyyuu dursa waliigaltee Abbaa taayitaa hayyama kennuu argachuudhan
mana Barnootaa, Daandiiwwan, Ittisawwan, Hoospitaalota, Buufatoota Xiyyaaraa fi hojiiwwan
tajaajila uummataa dhimma daldalaaf hin taane biraa, ittiin hojjechuu fi suphuuf beenyaan ni
barbaachisa yoo ta’e karaa seera jiruun raawwatee albuuda ijaarsaa hoomishuu fi kafaltii malee itti
fayyadamuu ni danda’u.
1. Kunis kan raawwatamu qaamni ijaarsa gaggeessu kun qaama kam-irraayyuu ijaarsa kana
gaggeessuuf baajatni kan hin ramadamnneef ta’uu yoo mirkanaa’edha.

32
2. Haa ta’u malee, albuudni ijaarsaa hoomishamee yeroo hojiin dhumatu lafatti hafuu danda’u calqaba
irratti baay’ina albuuda ijaarsaa hojii yaadame sanaaf ni barbaachisa jedhamee tilmaamamee
dhiyaate keessa %1 qofaa ta’uu qaba.
3. Albuudni ijaarsaa hoomishamee lafatti hafee fi %1 ol ta’e kun garuu hojii qaamni sun iddoo
biraatti bilisaan hojjetuuf ta’a yoo hojichi hin jiranne caalbaasiidhaan gurguramee saanduqa
mootummaatti galii ta’a.
KUTAA KUDHAN
BALLEESSAA FI ADABII
48. . Balleessaa sadarkaa 1ffaa
1. Hayyama osoo hin qabatiin albuudda yoo hoomishe gurguree fi osoo naaneessuu yoo argamee
albuudiin qabame dhaalame bakka omishama turee sunis omiishini albuuda achiraa omishame
gaatii yeroo sanaan ogeessaan tilmamamee kan gaafatamuu ta’e hojii seeraan alaa raawwateef
seeraan addabiin kennamu akkuumaa jirutti ta’e adabii qarshii 300,000.00 hangaa qarshii
500,000.00 ni adabama.
2. Ragaa sobaatiin hayyama yoo argate, fi ergaa hayyama argatee booda raga sobaa jirachuu yoo
bira gahame ykn hojii dogongorsuu rawwate yoo argame.
3. Meeshaa Qaraxaan alaa bilisaan dhimmaa hojii albuudaaf galfatee tajaajilaa biraaf olchee yoo
argamee,
4. Abbaan hayyama daangaa isaaf hayyamameen ala darbee albuudaa hoomisheef baayyinni
albuuda daangaan ala hoomishame ogeessan tilmaamee gatii naannoo sanaatiin albuudaa
baaseef mootummaaf akka kaffaluu taasifamee,
5. Hojii albuudaa maal na dhibeen ykn beekaa haala hin barbaachiseen yoo hojjate ykn bu’uura
waliigaltee seene yoo diigee ,
6. Hayyamaan kan walqabate hojii dogoggorsuu kan raawwate ykn hoji albuudaan walqabatee
raga sobaa yoo kennee, waliigaltee keessatti kan ta’een ala hojii albuudaa biraa yoo
raawwatee,
7. Dirqama eegumsa naannoo, fayyaa fi nageenyaa ykn dirqamoota biro hojii albuudaa ilaachisee
yoo bahuu baate, Miidhaa fayyaa fi nageenyaa nama irra gaheef beenyaa kaffala,
8. Haala Qabatamaadhaan hojiiwwan albuuda ilaalchisee dirqama bulchiinsaa fi faayinaansii yoo
hin bane,
33
9. Hojiiwwan albuudaa dagannoodhaan ykn fayyaa fi nageenya nama kam-iyyuu haala miidhuun
raawwatee yoo argame, miidhaa nageenyaa fi fayyaa nama kamiyyuu irra gaheef beenyaa akka
kafaluu ta’e qajeelfama kana kewt (43) (2-9) kan tarreeffame qamni darbe argame seeraa
adabaa yakkaan addabiin kennamu akkuumaa jirutti ta’e haayyamin isaan batalumattii
haqamee ykn waliigalteen addaan citee addabii qarshii 150,000.00 hangaa 200,000.00 ni
adabama .
49. Balleessaa sadarkaa 2ffaa
1. Galmeewwan fi riikoordiiwwan ykn ragaalee biro yoo hin qabaanne yeroo duraatiif akka
qabaachuu qabu of-eegannoon kennamaaf yoo sirreeffanne,
2. Yaada sirreeffamaa to’ataa albuudaatiin barreeffamaan galmee abbaa hayyama bakka hojii jiru
iratti kennameef yoo hojii irra hin oolchiine,Qr. 10,000 Adabama.
3. Hojiiwwan albuudaa dagannoodhaan ykn fayyaa fi nageenya nama kamu haala miidhuun yoo
raawwate akeekachisa malee,
4. Misooma haawaasaaf irraa barbaadamuu yeroodhaan yoo raawwachuu baate kan kafaluu qabuu
irratti %50 isaa itti dabalee akka kafaluu taasifama.
50. Balleessaa sadarkaa 3ffaa
1. To’ataa hojiiwwwan albuudaa ykn hojjetaa Abbaan Taayitaa Hayyama Kennuu angoo kenneef
iddoo hayyama isaa seene akka hin to’annee yoo dhoorke ,Qr. 20,000 adabama.
2. galmeewwan, rookordiiwwan ykn sandoota biroo ykn meeshaalee akka hin to’annee yoo godhe
,Qr. 10,000 adabama.
3. Abbaan hayyamaa balleessaa isaa yoo foyyessu bate hanga balleessan kun siraa’utti abbaan
Taayitaa Hayyama kennu hayyammicha ni ugura.
4. Kaffaltii irraa barbaadamu kamiyyuu osoo hin kaffalin ji’a tokko yoo ture kafaltii sana irratti

%2 itti dabaleetti kafala. Sanaa boodaa ji’a ji’aan kaffaltii irraa barbadamutti hanga ji’a

jahaatti %2 dabaluun akka kafalu taasifamee sana booda bu’uura seerii ajajuun tarkanfiin

ni fudhatama .
5. Namni kamiyyuu hoomisha albuudaa nagayee gurgurtaa albuudaa osoo hin qabaatin fe’ee
deemuu yoo argame albuudichi bakka isaaf qophaa’etti dhaalamee caalbaasiin gurguramee
mootummaa galii ta’e

34
6. Abbaan hayyamaa hoomisha albuudaa nagahee gurgurtaa albuudaa malee gurgure yoo bira
gahame Qr. 10,000 adabama.
7. Gabaasaa fi rikoordiiwwan barbaachisoo raawwii hojii isaa agarsiisan yeroodhaan yoo hin
dhiheessine guyyaa gabaasni itti dhihaachuu qabu irraa guyyaa 7 boodee guyyaa guyyaatti Qr.
100 adabama.
8. Ragaalee Hayyama hojii albuudaa waliin walqabataan afaan hojii naannichaatiin fi afaan
ingilifaan yoo hin qabanne Qr. 5,000 adabamee akka sirreessuu taasifama.
KUTAA KUDHA TOKKO
TUMMALEE ADDA ADDAA
51. DIRQAMA DEEGERSA KENNU
Qabeenyi albuudaa kan uumataa fi mootummaa waan ta’eef Qaamni seeraa, manni maree albuudaa fi
qaamni kaamiyyuu hojii seeraan alumaa albuudaa rawwatamuu fi to’aannoo gaggeeffamu irraati
dirqama deegersa keennu qabu.

52. RAKKOO HUMNAA OL TA’E


1. Rakkoon humnaa olii qaqabeera kan jedhamu abbaan hayyama haala rakkoo tasa qaqabeen
dirqama waliigaltee isaa akka hin raawwanne rakkoon humnaa olii yeroo dhaqabedha.
2.Rakkoo humnaa oliiti kan jechisiisuu danda’u sababiilee armaan gadii keessaa tokko ta’uu ni
danda’a:
a. Waliigaltee akka hin raawwanne mootummaadhaan yoo dhoowwame,
b. Kan akka sochii lafaa, bakakkaa, lolaa, fi balaa uumamaa kkf.
c. Waraana diina biyya alaa ykn biyya keessaa,
d. Seera hariiroo hawaasaa irratti kan tarreeffame haalli dirqisiisaan humnaa olii yoo uummame

53. QAJEELFAMA HAQAME


Qajeelfamni hojiiwwan abuudaa kanan dura ture lakk.2/2002 bahe qajeelfama kanaan haqameera.

54. GUYYAA ITTI RAGGA'U


Qajeelfamni kun Waxabajii 01, bara 2011 irraa eegalee kan ragga’e ta'a.

Yirdaawu Nagaash Amantee (Ing.)

35
Daayireektara Ol’aanaa Abbaa Taayitaa Misooma Albuuda Oromiyaa

Waxabjjii 01, bara 2011


Finfinnee

Lakk._____________________
Guyyaa___________________

Waajjiraa Abbaa Taayitaa Misooma Albuudaa Godinaalee --------tiif


Bakka Jiranitti
Dhimmi;- Qajeelfama hojiiwwan albuudaa isini erguu ilaala.
Qajeelfamni hojiiwwan albuudaa kanaan dura hojii irraa turee qajeelfamni
lakk.02/2002 yeroo ammaa qajeelfama kanaan haqamee jitra.
Kanaafuu, haaluma Qajeelfama qopha’e kanaatiin hojetootaa keessani fi qaamoota
ilaalatuuf hubannoo kennuu dhaan hojiiwwan albuuda akka raawwatan isini
hubachisaa, qajeelfama hojiiwwan albuudaa qophaa’e fuula -------------xalayaa
kanaaan isinii erguu keenya ni beeksfina.
Nagaa wajiin

36
G/G
 Waajjira Daayreekteera Ol’aanaa ATMAO tiif
 Waajjira I/A/Daay.ATMAO tiif
 Daay.Hayyama fi bulchinsa albuudaa tiif
 Garee seeraa tiif
ATMAO
Finfinnee

Yaadannoo
Gara: Daayireektara Ol’aanaa ATMAO

Irraa: Koree Waxinee Qajeelfama Hojiiwwan Albuudaa ATMAO

Guyyaa: 30/09/2011

Dhimmi: Qajeelfama Hojiiwwan Albudaa Wixneeffame Ture Xumurree


Dhiheessuu Ilaala

Armaan dura Qajeelfamni hojiiwwan albuudaa akka Abbaa taayitaa Misooma


Albuudaa Oromiyaatti akka qopheessinuuf koreen miseensa sadi qabuu ajajamuu
keenya nii yaadatama

37
Haaluma kanaan, wixInee qajeelfamaa qopheessinee erga irratti mari’atanee yaadni
irratti keennameen booda qajeelfama xumuraa qopheessinee xalayaa yaadannoo
kaanaan dhiheessineera.

Miseensota Korichaa

1. Obbo Efreem Mul’ataa


2. Obbo Zawuduu Taaddsaa
3. Obbo Magarsaa Baqqalaa

38

You might also like