You are on page 1of 4

DHUKKUBOOTA HARGEEYSAAN YAALAMAN

Hargeessi muka owwaadha sadarkaan isaa 3ffaadha.

1. Hadhooytu sadi namarraa baasa.

*Hadhooytu ija biica nama gootu.

*Hadhooytu sodaa namatti fiddu.

*Hadhooytu akhii namarraa kuchiifti.

Akkaataa Dawaa: Haa dhuguu hamma 5gm ganamuu.

2. Waan mataa namaa qulqulleessu (nama mataan rakkoo qabu surrii isaa ni qulqulleessa,waswaasa faa
kan qabu).

Akkaataa Dawaa: Haa itti dhuguu+ Mustapha dawaa jedhamu yoo itti dabalan baay’ee gaariidha

3. Cooma qaama namarra jiru, dhukkuba sukkaraa namarraa kuchuliisa.

Akkaataa Dawaa: guyyatti yeroo 2 nyaataan dura ganamaa fi Galagala hamma fal'aana shaayi takka
fudhachuu.

4. Nama nyaanni irraa hin dalagne,nama garaachi dadhabbii qabu,Rakkina tiruutif.

Akkaataa Dawaa: Cunfaa isaa hamma Fallaana 1 nyaataan duratti guyyatti.

5.Nama gaastrik qabda jedhaniin ykn mar'imaani si madaahe jedhaniin

Akkaataa Dawaa:Fallaana xiqaa tokko guyyatti dhuuyda.

6.Finniisaaf

Akkaataa Dawaa: Guyyatti yeroo 3 yoo dibe.

7. Madaaf

Akkaataa Dawaa:[6]

8. Nama gurri isaa eeluuf dawaadha


Akkaataa Dawaa: Gurra isaa keessa qulqulleesse guyyatti yeroo 3(ganama, galgala guyyaa keessa)
dhaph itti godha.

9. Nama afaan isaa madaawa oolu

Akkaataa Dawaa: Yoo itti diban ni goggooysa.

10. Nama garaan gogoge

Akkaataa Dawaa: Ganamuu nyaataan dura Fallaana 1 haa liqimsuu.

10. Nama hafuurri itti citu ykn hasmii,qoma nama dhukkubuuf

Akkaataa Dawaa: Ganamuu Fallaana takka nyaataan duratti.

11. Dhukkuba Rajiijjif dawaadha

Akkaataa Dawaa: Itti dhugan

12.Rakkina kaleetif

Akkaataa Dawaa: Itti dhugan

13. Karaan tiruu akka dalagu gochuuf

Akkaataa Dawaa:cunfaan isii

14.Nama du'e

Akkaataa Dawaa:-Yoo qaama isaa diban akka hin banne godha qaama namaa.

15. Bokoka , Hafuura qaama namaa keessa fiigu keessattu mar'imaan keessa namarra kuchiisa

Akkaataa Dawaa:- Yoo itti dhugan .

16. Dhukkuba Hooyxoo

Akkaataa Dawaa:-Ni dibaniis ittiis ni dhugan

17. Booftaa(haraka faa irratti wanni nama nyaatu yoo miilli tokkoqabaate wal xuqe achumaan kaanitti
darba), Simiijjii , Roobbii,Baarillee

Akkaataa Dawaa:-Hargeessa haa dibu.


18. Maraatuf ykn nama shawshaw jedheef

Akkaataa Dawaa:-Ganamuu obaasu xiqqoo xiqqoon yeroo nyaata kennaniif

19. Juzaam(qomaaxaaf) ,Barasiif

Akkaataa Dawaa:- Haa itti dhuguu bakka mammadooyte itti haa dibani.

20. Waswaasaf

Akkaataa Dawaa:- Itti haa dhugu

21. Kintaarotiif, huddufoor, nama bakki sagaraa dhodhoohu

Akkaataa Dawaa:- itti dhuganiis itti dibaniis(Hargeessaa fi baala zeeytuna+bishaan bahroo ykn alan
gallee) ganamaa fi galagala dibda.

22. Nama kufee dhiigni itti gale hargeessa itti dibi, godaannisaaf,dhukkubbii mataatif hargeessa itti dibi
ammaasis itti dhugan(deeyma faa wajjiin yoo diban bareedadha).

23. Madaa namarra deemtu

Akkaataa Dawaa:- Hargeessa fi damma waliin itti dibi

24. Dhukkuba mixii(finniisa xixiqaa tokko kan nama nyanyaatu,waan qaama keessa mixiin deemtu namni
itti fakkaatu ,iita nama iitooyte nama diimattee dhullaa fakkaattu.

Akkaataa Dawaa:-Hargeessa itti haa dibuu ykn deeymaa waliin

25. Nama Rifeensa namarraa citu ammaasis namaf dheeressa ammaasis namaaf gurraacheessa

Akkaataa Dawaa:-Hargeessa fi hadas(ykn zeeyti isaa)fi xalataam isaan hunda tuman (zeeyti jara lamaan
booda bittee hargeessa wajjiin itti dibda torbaanitti yeroo tokko.

26. Dawaa hinjiree

Akkaataa Dawaa:-itti diban (hiddachi dawaa hinjireeti).

27. Nama mataan dhubbaa (nama rifeensi irraa dhume)

Akkaataa Dawaa: Itti diban ergasii irraa dhiqaa ammaasis haala saniin diban

28. Bakka madaa ,finniisa boofta ,simiijjii, dhubaa


Akkaataa Dawaa: Khalii fi Hargeessa waliitti godhanii akka nama dhiqutti yoo ittiin dhiqan dafee
namarraa kuchiisa.

29. Nama ijjii laafte namaaf qara

Akkaataa Dawaa: Yoo ittiin kuullate.

30. Nama nyaarrii sosolloqu

Akkaataa Dawaa: Itti diban

31. Cittoo ijaa ykn finniisa ijatti nama dhufuuf dawaadha

Akkaataa Dawaa: isaan kuullatuu ykn ji diban

32. Nama ijji gubattu,nyaaraa kanaatu na jajjabaata yoo jedhe

Akkaataa Dawaa:Hargeessa dibi

33. Kintaaroti ykn waan bakka teessuumatti nama dhufu hunda.

Akkaataa Dawaa: bishaan Alaan gallee ykn baharoo san hargeessa wajjiin danfiftee fi muuxa jawwe
walitti danfiftee itti dibda.

You might also like