You are on page 1of 8

Komishinii Mana Sirreessaa Oromiyaa

Qabxii Madaallii Adda Durootaa Ykn Humna


Koorii Hoggansa KMSO Qopheessuuf Bahe

Sadaasa bara 2016


Finfinnee

1 SEENSA

0
Akkuma Beekamu,KMSO Ergama Labsiidhaan Gama Caffeetiin
Kennameef Bahuuf Jecha Gurmaa’insasaa Naannoorraa Hanga
Aanaatti Diriirsuun Sirna Deeggarsaafi Hordoffii Cimaadhaan
Utubee Bu’aa Galmeessisuuf yaaliwwan hin tufftame taasisee
turee jira.Keessumaayyuu baroota jijjiiramaa kana keessa
yaaliwwan taasifamaniin bu’aaleen galmaa’uu eegalan abdii guddaa
namaa kennu.Bu’aalee galmaa’uu eegalan kanneen itti fufsiisuufi
irra caalaa MSO tajaajila Si’ataa, ammayaa’aafi loogii fi hoj-maata
babbadaa irraa bilisa akka ta’u riifoormii gaggeesuun barbaachisaa
fi murteessaa ta’uunsaa hubatamee sadaasa 24, bara 2016 irraa
eegalee akka lafa qabachuu qabu irratti waliigalamee hojitti akka
seenamu godhamuunsaa niyadatama.
Riifoormiin jalqabne kun bu’a qabeessa fi itti fufiinsa akka qabaatu
Humna namaa gahumsa, kutannoo fi qophaa’ummaa yeroon
gaafatu goonfate, akkasumas naamusa ogummaa fi gaggeessumma
manicha gara boqonnaa itti aanutti ceesiisu adeemsaan horachaa
deemmun dirqama waan ta’eef Karoorri qophii humna namaa kun
qophaa’eera.

2. Kaayyoo
2.1 Riifoormiin jalqabame bu’a-qabeessaa fi itti fufiinsa akka
qabaatu taasisuuf,
2.2 Rakkoolee amma dura humna namaa waliin wal-qabatee
ture furaa deemuuf,
2.3 Hoggansa, Miseensaa fi qaamota tajaajila kennan bira
miira dorgomnii cimaa uumuuf,
2.4 Hoj-maata, iftoomina qabuu fi sirna itti gaafatamummaa
irra caalaa hojii irra oolchaa deemuuf,
2.5 Manneen sirreessaa keenya dorgomaa, oomishawaafi bu’a
qabeessa taasisuuf
3. Barbaachisummaa
3.1 Hoj-maataafi Sirna Qophii Humna Namaa hojiirra
oolchuuf,

1
3.2 Rakkoolee Hanqina Humna Namaa Boobbii fi ramaddii
Hoggansaa waliin wal-qabatanii turan hiikuuf
3.3 Humn Dargaggeesaa fi Dubartii kaka’umsa,
qophaa’ummaa fi kutannoo qabanu dakarraa qopheessaa
deemuuf,
3.4 Mul’ata, ergameefi kaayyoo KMSO milkeessuf haala
mijataa uumuuf
3.5 Komii KMSO irratti karaa adda addaatiin miseesarraa
osoo hin hafin ka’aa tureef gamanumaan deebii kennuuf,
4. Hojiilee gurguddoo madaalliin irratti gaggeeffamu:-
4.1 Bu’aa raawwii hojii isaa % 20
Madaalii Bu’aan raawwii hojii %100 keessa argate/tte
qabxii 0.2 baayisuun kan argamu ta’a.
Fkn. Bu’aa raawwii hojii 75 yoo ta’ee 75 x 0.2=15 kan
argatu/ttu ta’a

4.2 Dandeetti fi Gahumsa (ulfatina %40)


4.2.1 Qophaa’ummaa barnootaa yoo xiqqaate Lev.IV Ykn 10+3
kan qabuufi of fooyyeessaa deemuuf fedhii kan qabu
ulfatina qabxii (7)
Digirii fi isaa ol…………………………………….. 7
Lev.V………………………………………………….. 6
Lev.IV Ykn 10+3……………………………………..5
4.2.2 Ogummaa poolisummaatiin yoo xiqqaate saajinii irraa
kaasee hanga komaandaraatti kan qabu ulfatina (15).
Kenniin Qabxiis gulantaa qabateen
1. Gar/Komishinaraa fi isaa ol--------------------- 15
2. Komandaraatti qabxii ---------------------------- 14
3. I/A/Komandaraatti qabxii ---------------------- 13
4. Insp/Ol’aanaa hanga qabxii -------------------- 12
5. Inspektaraatti qabii qabxii ---------------------- 11
6. I/A/Inspektere qabxii ----------------------------10
7. Ga/Insp qabxii------------------------------------- 9

2
8. saj/Ol’aanaatti qabxii-----------------------------8
9. Saajinii qabxii ------------------------------------- 7
4.3. Tajaajilli hojii isaa yoo xiqaate waggaa 10 fi isaa ol kan
tajaajilee ta’ee ulfatina qabxii (14) kan qabatu ta’ee miseens
wagga (bara) tajaajila kenne qabxii 0.4 baayisuun bu’aa
argamuun kan madaalamu ta’a.
Fkn.
A. Miseensa wagga 10 tajaajile bara tajaajila 10 X 0.4 bu’aa 4 ta’a
B. Miseensa wagga 30 tajaajile bara tajaajila 30 X 0.4 bu’aa 12 ta’a
C. Miseensa wagga 34 tajaajile bara tajaajila 34 X 0.4 bu’aa 13.6 ta’a
D. Miseensa wagga 35 tajaajile bara tajaajila 35 X 0.4 bu’aa 14 ta’a

4.2.4. Hojii hojjetamu keessatti waa uumee kan hojjetu(creativity


kan qabu) ulfatina qabxii (4)
4.3 Naamusa ilaalchisee (ulfatina %20)
4.3.1 Ogummicha kan jaallatuu fi kabaju. Fknf riifeensa kan
hin guddisnee fi ufata hin male kan hin uffane (ulfatina
%4)
4.3.2 Duudhaa fi safuu hawaasaa eegee dirqamasaa bahuuf
qophaa’ummaa kan qabu (ulfatina %2)
4.3.3 Heera Mootummaa Biyyaa fi Naannoo Sirnaan kan
beeku,hojiitti hiikuuf kan carraaqu, (ulfatina %3)
4.3.4 Miseensaa fi Hawaasa Naannoo biratti fudhatama
ol’aanaa kan qabu (ulfatina %2)
4.3.5 Sa’a hojii kan kabaju (ulfatina %3)
4.3.6 Uffata seeraa guutuu ta’e karaa qulqullina qabuun yeroo
hunda kan ufatu, (ulfatina %2)
4.3.7 Iddoo hojiitti midiyaa hawaasaa kan hin fayyadamne,
(ulfatina %1)
4.3.8 Badii Naamusaatiin himatamee adabbiin Bulchiinsaa fi
seeraa kan itti hin fudhatamne (ulfatina %3)
4.5. Miira tajaajiltummaa irratti (20)

3
A. Harkaa(faayida dhuunfaa dursuu irraa bilisa kan ta’ee) fi qalbii
qulqulluu kan qabu, (ulfatina %4)
B. Ilaalcha gandummaa, naanummaa,gosumaafi
mankaraarsummaa amantaafi sabaa irra bilisa kan ta’e,
(ulfatina %3)
C. Jijjiirama akka Biyyaa fi Naannootti eegalame irratti amantaa
guutuu qabaatee hojiitti hiikuuf kan carraaqu, (ulfatina %3)
D. Ergama itti kenname bahuudhaan fakkeenyummaa ol’aanaa
kan qabu, (ulfatina %4)
E. Hojii itti-kenname sirnaan kan hojjetuu fi hojii safaramu
hojjechuun bu’aa kan argamsiise (ulfatina %3)
F. Ilaalcha diinaa fi gochaa irraa bilisa kan ta’e (ulfatina %3)

5. Haali madaaliin itti gaggeeffamu


A. Qajeelfamin madaalii kana irratti hubannoo waliigalaa
miseensota hundaaf umuun sirna iftoominaa diriirsuun kan
irratti waliigalamu ta’a.
B. Abbootiin Adeemsa hoggana mana hojii waliin ta’uudhaan
madaalii gaggeesuun koree manajimantii hafaniif dhiyeesanii
erga mirkaneesanii booda bu’aa madaalii taasifame irratti
miseensa waliigala tiif dhiyaate yaadin erga irratii kennamee
booda yaada kennamee qaboo yaa’iidhaan deeggarame
Komishiinitti kan ergamu ta’a.
6. Baayina namaa madaalamee akkaataa itti ergamuu qabu
A. Akkaataa armaan olitti jedhameefi dhimmoota barbaachisoo
yaada keessa galchuun Aanaalee,Magaalotni fi Godinaalee yoo
xiqqaate dhiira 4 durba 2 ida’ama 6
B. Dubartoon Madaalii gaggeeffameen bu’aa argatan irratti
qabxiin 3(sadi) itti dabalameef kan dorgomsiiffamu ta’a.
C. Qubee ‘‘ B’’ irratti kan ibsame akkuma jiutti ta’ee qabxiin
madaalii argatan dorgomtoota dhiiran wal qixa yoo ta’e dursi
kan dubartiif kennamu ta’a.
D. Madaaliin gaggeeffamu unka lakk. 1 fi 2 qajeelfama kana
faana walqabatee jiruun guutamee kan ergamu ta’a.

4
6. Rakkoo nu qunnamu dana’uu fi furmaatasaa
6.1 Rakkoolee
A. Akkaataa ulaagaa kaa’ameetiin nama adda baasuu irra nama
dadhabaa qopheessuu,
B. Teessoo ofiitiif jecha yaadda’uu,
C. Walitti dhufeenyaafi dhimmoota garaa garaa irraa ka’anii
namoota cicimaa duubatti qabuu, maqaa hin taane kennuuf
D. Humni qophaa’u kunis dafee gara aangoottii dhufuuf jecha
waan adda addaa keessaa galuu
6.2. Furmaata Rakkoolee
A. Hanga dandaa’ame ulaagaa kaa’ameen raawwachuu,
B. ophii humna namaa kana ijaarsa dhaabbataa waliin walitii
hidhuu,
C. wal-harkisa keessaa baanee Ulaagaa kaa’ame goftan
hogganamaa deemuu
D. Humni qophaa’u kunis akka inni fiixeetti hin baane ijaaraa,
gahumsaa, leenjisaa qopheessaa deemuun dubbii kana
milkesuu qabaa
7. Gabatee yeroo
Adooleessa 1, bara 2015 irraa eegalee hanga waxabajji 30 ,bara
2016 kan raawwatamu ta’ee, marsaan 1ffaan calalamee hanga
Muddee 30, bara 2016 itti marsaa 2ffaan Waxabajii 30/2016 tti
KMSO qaqqabuu qaba.

5
Unka Lakk 1
Cuunfaa madaalii Adda duroota (Koorii Hoggansaa) ittiin foo’amu
Maqaa Ulaagaa madaalii
Guutuu Dandeetti fi Gahumsa Naamusa Miira tajaajiltummaa
hanga %40 %20 %20
akkakayuutti
Bu’a raawwii hojii %20

Fakkeenya kan ta’e


Badii naamusa kan

irra
kan hin fayyadamine

Jijjirama kan fudhate


Uffata guute uffachu

Iddo hojiitti midiya

irra

argamsiisse
Heera fi seera Kab/fi
Dudha safuu kabaju

S’a hojii kabajuu %3


Ogu/Po/kan kabaju
Waa uumuu %4

Faayda dhufa
hin qabne %3
qabaachu %2
kabach/ %3

Ilaalcha %3

Diinummaa
Baroota %7

Fudhatama

bilisa % 4

bilisa %3

Waliigala
Tajaajila

Bu’aa
Gonfoo
Gonfa

%100
Lakk.

%3 %
saala

%15

%14

%4
%4

%2

%2

%1

%3
Mallatoo Koree Manajimantii

Maqaa Mallatoo

1. __________________________________ ___________________________
2. __________________________________ ___________________________
3. __________________________________ ___________________________
4. __________________________________ _________________________

0
Unka Lakk. 2
Cuunfaa madaalii Adda duroota (Koorii Hoggansaa) ittiin foo’amu
Lakk. Gonfa Maqaa Guutuu hanga Umurii Gasa Gita Ulaagaa madaalii
akkakayuutti barnoota hojii Bu’a Dandeetti fi Naamusa Miira Qabxii Waliigala
irra raawwii Gahumsa %20 tajaajiltummaa +3 %100
jiru hojii %20 %40 %20

Mallatoo Koree Manajimantii


Maqaa Mallatoo
1. __________________________________ ___________________________
2. __________________________________ ___________________________
3. __________________________________ ___________________________
4. __________________________________ ___________________________
5. __________________________________ ___________________________
6. __________________________________ ___________________________
7. __________________________________ ___________________________
8. __________________________________ ___________________________
9. __________________________________ ___________________________

You might also like