You are on page 1of 11

Kutaa Sadii

Istaandaardotaafi Agarsiistota

3.1. Doomeenii 1: Baruu Barsiisuu

Istaandardii 1
Manni barumichsaa dura bu'oota, barsiisotaa fi hojjattoota deeggarsaa haala istaandardiin
guuttateera./4%/

Agarsiistota

1.1. Dura bu'oonnii fi barsiisonni hundi eeyyama ogummaa fi waraqaa ragaa barnootaa
sadarkichaaf barbaachisu ni qabu. (1.5%)
1.2. Manni barumsichaa hojjattoota deeggarsaa ragaa barnootaa haala istaandardiitiin qaban
guuttatee jira.(1%)
1.3. Manni barumsichaa ogeessa tajaajila gorsaa kennu (Guidance & Counselling) ni qaba.
(0.5%)
1.4. Manni barumsichaa barsiisota barnoota fedhii addaatiin leenji'an ni qaba.(1%)

Istaandardii 2
Hirmaannaa fi barachuun barattootaa fooyya’eera.(3%)
Agarsiistota:
2.1. Barattoonni qabxii isaanii fooyyeeffachuuf galma keewwatanii socha'aniiru. (0.5%)
2.2. Barattoonni gaaffii gaafachuu fi gaaffii gaafatamaniif deebii kennuuf hirmaannaa ho'aa
taasisaniiru (0.5%)
2.3. Barattoonni gurmaa’iina isaanittiin walgargaaraa jiru(0.5%)
2.4. Barattoonni gumiilee adda addaa keessatti ijaaramuun hirmaachaa jiru(0.5%)
2.5. Barattoonni shamarranii gumii kornayaan ijaaramanii dammaqinaan socho’aniiru.(0.5%)
2.6. Barattoonni paarlaamaa barattootaa keessatti gurmaa'uun adeemsa baru-barsiisuu keessatti
murtii kennuun hirmaachaa jiru. (0.5%)
Istaandardii 3
Barattoonni fudhannaa barnootaa irratti fooyya'insa agarsiisanii jiru.(3%)
Agarsiistota:
3.1. Barattoonni yeroo barnootaa isaanii osoo hin qisaasin itti fayyadamanii jiru.(1%)
3.2. Barattoonni kaka'uumsa mataa isaaniitiin qorannoo gaggeessuun, waan haaraa uumuun
rakkoo mataa isaanii fi hawaasa naannoo hiikuu danda'anii jiru.(0.5%)
3.3. Barattoonni barnoota baratan hundaaf ulfina walfakkaatu kennu.(0.5%)
3.4. Barattoonni qormaata walirraa garagalchuu akka hojii saalfachiisaa ta'etti hubatanii jiru.
(1%)
Istaandardii 4
Barattoonni mana barumsa isaaniitiif ilaalcha gaarii qabu(2%)
Agarsiistota:
4.1. Barattoonni tajaajila mana barumsaa irraa argatanitti quufanii jiru.(0.5)
4.2. Hojii manni barumsaa hojjachaa jiruuf deeggarsa taasisanii jiru.(0.25%)
4.3. Barattoonni barsiisota isaanii gahumsaan madaaluu jalqabanii jiru.(0.5%)
4.4. Barattoonni hawaasa mana barumsichaatiif kabaja barbaachisaa ta'e nikennu.(0.25%)
4.5. Barattoonni seeraa fi danbii mana barumsichaa fudhachuun hojiirra oolchanii jiru.(0.5%)
Istaandardii 5
Barnootni barsiisonni kennan qixa sirrii ta'een kan karoorfame, meeshaa deeggarsa barnootaatiin
kan deeggaramee fi bu'aa barnootaa sadarkaa olaanaan galmeessisuu haala dandeessisuun kan
qophaa'e dha./3%/
Agarsiistota:
5.1. Karoorri barsiisaa kaayyoo qabiyyee barnootaa, mala baru-barsiiuu fi kkf of-keessatti kan
hammate dha.(0.5%)
5.2. Barsiisonni meeshaalee deeggarsa barnootaa oomishuufi kan omishamees hojiirra oolchaa
jiru.(0.5%)
5.3. Barsiisonni barnoota barsiisan teknooloojii ammayyaawaatti (Raadiyoo, TV, Kompiitara fi
kkf) fayyadamuun kennaa jiru. (0.5%)
5.4. Barsiionni haala qabiyyee barnoota barsiisan mana yaaliitti deeggaramuun barsiisaa jiru.
(0.5%)
5.5. Barsiisonni barnoota saayinsii fi teknooloojii babbal’isuuf barattoonni meeshaalee naannoo
isaaniitti argamu fayyadamuun dandeettii kalaqa isaanii akka cimsatan nijajjabeessu. (0.5%)
5.6. Barsiisonni barattoonni qabxii barnootaa isaanii akka fooyyeffatan barnoota dabalataa
kennuun gargaarsa nitaasisu. (0.5%)

Istaandardii 6

Barsiisonni qabiyyee gosa barnoota barsiisanii sirriitti nibeeku./3%/

Agarsiistota:

6.1. Barsiisonni gosa barnootaa barsiisan irratti beekumsaa fi dandeettii gahaa qabu. (1%)
6.2. Barsiisonni qabiyyee barnootaa dandeettii barattootaatiin haala walsimuu danda'uun jecha
salphaa ta'etti fayyadamuun ni dhiyeessu. (1%)
6.3. Baarsiisonni yaad-rimee ijoo qabiyyee barnootichaa haala ifaa fi salphaa ta'een ni
dhiyeessu. (1%)
Istaandarii 7
Barsiisonni mana barnootichaa mala baru-barsiisuu barattoota hundaaf mijataafi ammayyaawaa
waan fayyadamaniif hirmaannaan barnootaa barattoota hundaa dabaleera. /3%/
Agarsiistota:
7.1. Barsiisonni barattoonni barumsa isaaniitiin qorattoota, kalaqtoota, kan rakkoo hiikaniifi ofii
isaanii kan gaggeessan akka ta'aniif mala hirmaachisaa ta'etti fayyadamanii jiru. (1%)
7.2. Barsiisonni barattoonni isaanii akka barbaachisummaa isaatti garee fi dhuunfaan akka
baratan taasisanii jiru. (1%)
7.3. Bariisonni rakkoolee baru-barsiisuu keessatti mul'atan hiikuuf qo'annoo gochaa
gaggeessaniiru. (1%)

Istaandardii 8
Manni barumsichaa barattoota dubraa fi kanneen fedhii addaa qaban irratti ragaa niqabata;
deeggarsas nitaasisa. /2%/

Agarsiistota:
8.1. Manni barumsichaa ragaa barattoota barnoota fedhii addaa qabanii hunda galmeeffatee
qaba. (0.5%)
8.2. Manni barumsichaa barattoonni barnoota fedhii addaa qaban qabxii akka fooyyeffatanii fi
guddifatan deeggarsa addaa taasisee jira. (1%)
8.3. Manni barumsichaa qabxii barattoota shamarranii fooyyessuu fi guddisuuf deeggarsa
taasisee jira. (0.5%)

Istaandardii 9
Barsiisonni, dura bu'oonnii fi supparvaayizaroonni sagantaa dagaagina ogummaa walitti fufaa
/CPD/ hojiirra oolchanii jiru. /2%/
Agarsiistota:
9.1. Barsiisonni buleeyyiin, dura bu'oonnii fi supparvaayizaroonni buleeyyiin rakkoo baru-
barsiisuu hiikuuf rakkoo mana barumsichaa adda baasanii muujula qopheessuun waggaatti yoo
xiqqaate sa'aatii 60f sagantaa dagaagina ogummaa walitti fufaa irratti hirmaatanii jiru. (1%)
9.2. Manni barumsichaa bariisota haaraaf meentaroota ramaduun sagantaa
madaqinaa/induction/ hojiirra oolcheera. (1%)

Istaandardii 10
Barsiisonni sirni barnootaa kan hiika qabu, hirmaachisaa fi sadarkaa guddina barattootaa
giddugaleessa kan taasise ta'uu isaa ni madaalu; dub-deebii ni kennu; ni fooyyeessu. /2%/

Agarsiistota:
10.1. Barsiionni sirna barnootaa hojiirra oolaa jiru gadifageenyaan ni beeku. (0.5%)
10.2. Barnootni barsiisonni barsiisan sirna barnootaa sadarkaa biyyoolessaa fi naannootti
qophaa'e kan hubannoo keessa galche dha. (1%)
10.3. Silabasii fi meeshaaleen sirna barnootichaa hirmaachisaa, sadarkaa guddinaa fi fedhii
barattootaa waliin kan deeman ta'uu irratti dub-deebiin kennameera. (0.5%)

Istaandardii 11
Barattoonni sirnaan madaalamanii dub-deebiin kennameefii jira. /4%/

Agarsiistota:
11.1. Madaalliin mana barumsichatti qophaa'u sirna barnootaa giddu-gala kan godhatee fi haala
facaatii qophii gaaffiilee tiin "table of specification" kan qophaa'e dha. (1%)
11.2. Barattoonni qormaata sadarkaa naannoo, godina/bul.magaalaa, aanaa fi "CRC" irratti
qophaa'een madaalamu. (1%)
11.3. Barsiisonni haala gahumsa isa xiqqaa (MLC) barattoota irraa eegamu madaaluuf kan
gargaaru madaallii walitti fufaa yaad-hiddama fi gochaan deeggarametti ni fayyadamu.
(0.5%)
11.4. Barsiisonni qabxii barattootaa xiinxaluun deeggarsa kennanii jiru. (0.5%)
11.5. Barsiisonni haala barattoonni qabxii isaanii fooyyeffachuu danda'aniin dub-deebii kennaa
deeggarsa taasisaniiru. (0.5%)
11.6. Manni barumsichaa qabxii barattootaa maatiif beeksisuun dub-deebii ni fudhata. (0.5%)
Istaandardii 12
Manni barumsichaa galmoota sagantaa misooma seektara barnootaa (ESDP) kara
hirmaannaa fi gahumsa keessoo barnootaatiin jiru milkeesseera. /10%/

Agarsiistota:
12.1. Daa'imman umriin isaanii barnootaaf gahee fi naannoo mana barnumsaatti argaman hundi
gara mana barnumsaa akka dhufan taasifamanii jiru. (1%)
12.2. Manni barumsichaa karoora hirmaannaa dilboo isaa milkeessee jira, (2%)
12.3. Manni barumsichaa reetii hirmaannaa qulqulluu haaluma karooraatiin milkeessee jira. (1%)
12.4. Manni barumsichaa reetii garaagarummaa koorniyaa dhiphisuuf haaluma karooraatiin
raawwatee jira. (2%)
12.5. Reetiin harcaatii barattootaa haaluma karooraatiin hir'atee jira. (2%)
12.6. Reetiin irra deebii barattootaa haaluma karooraatiin hir'atee jira. (2%)

Istaandardii 13

Qabxiin barnootaa barattootaa kan daree, kan naannoo fi kan biyyoolessaa qabxii akka naannoo fi
biyyaatti eegamu waliin yeroo madaalamu fooyya'iinsa agarsiisaa jira. /8%)

Agarsiistota:
13.1. Barattoonni hundi qabxii barnoota dareetiin gosa barnootaa hundaan 50% fi isaa ol

argataniiru. (2%)

13.2. Manni barumsichaa deeggarsa barattoota shamarran hundaaf taasiseen qabxiin isaanii 50%
fi isaa ol ta'eera. (2%)
13.3. Manni barumsichaa deeggarsa barattoota barnoota fedhii addaa qabaniif taasiseen qabxiin
daree gosa barnootaa hundaan 50% fi isaa ol ga'eera. (2%)
13.4. Qabxiin barattootaa qormaata naannoo fi biyyoolessaa haala karoora mana barumsichaatiin
milkaa'eera. (2%)

Istaandardii 14

Barattoonni naamusa gaarii, duudhaalee fi aadaa gaarii kan qabanii fi naannoo isaanii
kunuunsuuf itti gaafatamummaan kan itti dhagahamu ta'uun isaa gochaan mirkanaa'eera./10%/

Agarsiistota:

14.1. Barattoonni naamusa gaarii kan qaban, hawaasa mana barumsaa kan kabajan, wal kan
kabajan, kan walgargaaranii fi kiraasassaabdummaa irratti kan qabsaa'an ta'anii jiru. (2%)
14.2. Barattoonni qabeenya mana barumsichaa kunuunsanii jiru.
14.3. Barattoonni sonawwan, danbiilee fi qajeelfamoota mana barumsaa beekanii hojiirra
oolchuun bu'aa qabatamaa galmeessisanii jiru. (2%)
14.4. Barattoota mana barumsichaa gidduutti aadaan waldanda'uu fi garaagarummaa mariin
hiikuu gabbateera. (2%)
14.5. Barattoonni mana barumsaa fi naannoo isaanii kunuunsanii jiru. (2%)
3.2. Doomeenii 2:- Haalaa fi naannoo barnootaaf mijaawaa ta’e
Istaandardii 15
Manni barumsichaa haala istaandardiin gamoowwan barnootaa fi tajaajila adda addaaf oolan,
faasiliitiiwwan barnootaa, meeshaalee deeggarsa barnootaa fi sanadoota ittiin raawwachiisan
garagaraa guuttatee jira. /4%/
Agarsiistota:
15.1. Manni barumsichaa gamoowwan barnootaa fi tajaajiloota garagaraaf oolanii fi haala
istaandardii guutuudhaan barattoota fedhii addaa qaban haala keessummeessuu danda'uun (ifa
gahaa, bal'ina, fi kkf) kan guutame dha. (1%)
15.2. Manni barumsichaa hirawwan barataa gara kitaabaa, barataa gara daree akkasumas
qajeelcha barsiisaa fi kitaabilee wabii fi bireelii haala istaandardiitiin guuttatee jira. (0.5%)
15.3. Manni barumsichaa mana dubbisa kitaabaa, yaalii, wiirtuu TQO/ICT/, handhuura gabbisa
barnootaa, dirree ispoortii fi faasiliitiiwwan barbaachisan biroo hunda haala istaandardiitiin
guuttatee jira. (1%)
15.4. Manni barumsichaa imaammata barnootaa fi leenjii, qajeelfamoota, sagantaawwanii fi
hammattoowwan biyyoolessaa fi naannoo, heera mootummaa fi kkf akkasumas
qajeelfamootaa fi seerota ittiin bulmaataa garagaraa guuttateera. (1%)
15.5. Mana barnootichaa keessa meeshaaleen TQO/ICT/ hojii baruu barsiisuuf tajaajilan
(Raadiyoo, TV, Kompiitara fi kkf) guuttateera. (0.5%)
Istaandardii 16
Manni barumsichaa hojii baru-barsiisuu fooyyessuuf karoora baafate hojiirra oolchuuf
leecalloo faayinaansii barbaachisu guuttateera. /4%/

Agarsiistota:
16.1. Manni barumsichaa baajata idilee /block grant/ haala istaandardiitiin fudhachuun hojiirra
oolcheera. (1%)
16.2. Manni barumsichaa baajata gargaarsaa /school grant/ haala istaandardiitiin fudhachuun
hojiirra oolcheera. (1%)
16.3. Manni barumsichaa dhaabbilee miti mootummaa naannootti argaman, namoota dhuunfaa
(barattoota durii, dhalattoota naannoo fi kkf) irraa leecalloo walitti qabateera. (1%)
16.4. Manni barumsichaa galii keessoo maddisiisuun humna faayinaansii cimsateera. (0.5%)
16.5. Manni barumsichaa dookumantoota/ragaalee faayinaansii sirnaan qindeeffateera. (0.5%)
Istaandardii 17
Manni barumsichaa hawaasa mana barumsichaatiif naannoo mana barumsichaa hawwataa,
kan hin yaachisnee fi naannoo nageenya isaanii mirkaneesse uumee jira. /4%/

Agarsiistota:
17.1. Manni barumichsaa haala istaandardiin bal'ina barbaachisu ni qaba. (0.5%)
17.2. Manni barumichasaa waraqaa qabiyyee lafaa mirkaneessu ni qaba. (0.25%)
17.3. Manni barumichasaa tuttuqiifi miidhaa koriyaa xiqqeesseera. (0.25%)
17.4. Gamoowwan mana barumsichaa barattoota fedhii addaa qaban dabalatee adeemsa
baru-barsiisuutiif mijataa dha. (0.5%)
17.5. Mooraan mana barumsicha dallaadhaan kabajameera. (0.5%)
17.6. Manni barumsichaa dhimmoota adeemsa baru-barsiisuu jeeqan irraa walaba/bilisa.
(0.5%)
17.7. Manni barumsichaa kutaa barattoonni shammarranii qulqullina isaanii itti eeggatan
ni qaba, meeshaalee barbaachisaa guuteera. (0.5%)
17.8. Manni barumsichaa mana fincaanii gahaa fi qulqulluu ta'e barsiisota, hojjattootaa fi
barattootaaf haala barattoota fedhii addaa keessumeessuun koorniyaan adda bahe
bishaanii fi saamunaa waliin guutee qopheesseera. (0.5%)
17.9. Manni barumsichaa bishaan gahaa fi qulqulluu tajaajila dhugaatiif oolu ni qaba.
(0.5%)
Istaandardii 18
Manni baruumsichaa gurmaa’inoota barbaachisaa ta’an qaba. /3%/
Agarsiistota:
18.1. Manni barumsichaa kaayyoowwanii fi ergamoota galmaan gahuu kan dandeessisu
ciicattoota, gurmaa'inaa fi sirna hojimaataa diriirsee jira. (1%)
18.2. Mana barumsichaa keessatti humna gurmaa’ee kaayyoowwan barnootaa, galmootaa fi
ergamoota hubachuun hojiitti jijjiiruuf qophaa'e uumameera. (0.5%)
18.3. Adeemsa murtee kennuu mana barumsichaa keessatti akka hirmaatan ta’eera,
supparvizyinii keessoo walii waliitiin wal ijaaraniiru. (0.5%)
18.4. Hoggansi mana barumsichaa, barsiisonnifi hojjattoonni deeggarsaa naamusa kan qaban,
ogummaa isaaniif kabaja kan kennan mana barnootichaa tajaajiluuf kutatoo kan ta’aniidha.
(0.5%)
18.5. Gahumsi ogummaa fi hoggansi mana barumsichaa keessatti hojii bu'a-qabeessa hojjachuuf
gargaaru uumameera. (0.5%)

3.3. Doomeenii 3. Hooggansa Mana barnoota


Istaandardii 19
Manni barumsichaa mul'ata, ergamaa fi sonawwan waliinii niqaba. (3%)

Agarsiistuu:
19.1. Hoggansi mana barumsichaa dhimmamtoota hirmaachisuun mul'ata, ergamaa fi sonawwan
qopheesseera. (2%)
19.2. Danbiin ittiin bulmaataa mana barumsichaa leenjiifi imaammata barnootaa biyyattiifi
sanadoota waliin kan deemaniifi soonaawwaniifi duudhaalee waliin walsimsiisuun hojiirra
akka oolu ta’eera. (1%)

Istaandardii 20

Manni barumsichaa karoora fooyya'iinsa mana barnootaa hirmaachisaa ta'e qopheessee jira. /3%/

Agarsiistota:
20.1. Manni barumsichaa dhimmoota dursa kennuufii qabu dhimmamtoota hirmaachisuun adda
baasee jira.(1%)
20.2. Manni barumsichaa karoora waggaa 3 tarsimaa’aa fi waggaa 1 dhimmamtoota
hirmaachisuun qopheessee jira. (2%)

Istaandardii 21
Manni barumsichaa karoorri itti gaafatamtoonni gurmaa'inoota adda addaa qopheeffatan
yeroo qabame keessatti, qulqullinaa fi hanga barbaadamuun hojiirra ooluu isaa
nihordofa. /2%/

Agarsiistota:
21.1. Manni barumsichaa karoora gurmaa’inota adda addaa hawaasa mana barumsichaatiin
karoorfame qixa sirriin raawwatamuu isaa nihordofa; rakkoolee uumamaniif furmaata
nikenna. (0.5%)
21.2. Koreen sagantaa fooyya'iinsa mana barumsichaa raawwii sagantichaa nihordofa; deeggarsa
nikenna. (0.5%)
21.3. Koreen sagantaa dagaagina ogummaa walitti fufaa raawwii leenjiiwwaniifi dhimmoota
fooyya'uu qaban adda baasuun nihordofa; deeggarsas nikenna. (0.25%)
21.4. Hoggansi mana barumsichaa adeemsa baru-barsiisuufi raawwii karoora gumiiwwanii ni
hordofa; deeggarsas ni kenna. (0.25%)
21.5. Manni barumsichaa qaamota raawwii olaanaa galmeessisan nijajjabeessa; beekamtii
nikenna. (0.5%)
Istaandardii 22
Manni barumsichaa sirna itti fayyadama maallaqaafi qabeenyaa diriirsuun hojiirra
oolcheera. /3%/

Agarsiistota:
22.1. Manni barumsichaa sirna odeeffannoo funaanuu, qindeessuu fi itti fayyadamuu diriirsee
hojiirra oolchee jira. (0.5%)
22.2. Barsiisonni gosa barnootaa leenji'aniin ramadamanii barsiisaa jiru. (0.5%)
22.3. Dura bu'oonnii fi hojjattoonni deeggarsaa ogummaa leenji'aniin ramadamanii hojjachaa
jiru. (0.5%)
22.4. Gamoowwan, faasiliitiiwwanii fi ciicattoonni biroo sirnaan faayidaa irra oolanii jiru.
(0.5%)
22.5. Baajatni mana barumsichaa dhimmoota karoora fooyya'iinsa mana barumsichaatiin dursa
kennamee fi murtii qaamota dhimmi ilaaluun dabre irratti hundaa'uun sirnaan hojiirra oolee
jira.
22.6. Manni barumsichaa ciicata wirtuu gurmuufi dhaabbilee barnootaa naannootti argaman
irraa argamuu sirna sirriitti itti fayyadamuu dandeessisu diriirsee hojiirra oolchee jira. (0.5%)
Istaandardii 23
Hoggansa, barsiisotaafi hojjattoota deeggarsaa mana barumsichaa gidduutti waliigaltee gaariin
uumameera. Hojimaata badaafi malaamaltummaa irratti qabsaa'uufi miirri itti gaafatamummaa
dagaageera. /6%/

Agarsiistota:
23.1. Hoggansi mana barumsichaa, barsiisonnii fi hojjattoonni deeggarsaa barattoota kan
kabajanii fi kan walii galan waan ta'eef fedhiin barachuu barattootaa dabaleera. (2%)
23.2. Hoggansa mana barumsichaa, barsiisotaa fi hojjattoota deeggarsaa gidduutti walitti
dhufeenyi gaariin waan uumameef aadaan waliin hojjachuu dagaageera. (2%)
23.3. Hoggansi mana barumsichaa, barsiisonnii fi hojjattoonni deeggarsaa ilaalchaa fi gocha
hojimaata badaafi malaamaltummaa irratti kan qabsaa'anii fi balaaleffatan akkasumas miira
itti gaafatamummaatiin kan hojjatan ta'anii jiru. (2%)
3.4. Doomeenii 4 : Hirmaannaa hawaasaa

Istaandardii 24
Manni barumsichaa maatii barattootaafi hawaasa naannoo waliin walitti dhufeenya cimaa
qaba. (3%)

Agarsiistota:
24.1. Manni barumsichaa adeemsa baru-barsiisuu irratti maatiin hirmaannaa hiika qabu akka
taasisan ni jajjabeessa, sadarkaa mana barumsichaa fi daree barnootaattis maatiin haala
gurmaa'een akka hirmaatan ni taasisa. (0.5%)
24.2. Manni barumsichaa haala barachuu, qabxii, fi amala barattootaa fi itti fayyadama
faayinaansii irratti maatii fi hawaasa naannootiif odeeffannoo ni kenna; dub-deebiis ni
fudhata. (0.5%)
24.3. Maatiin mana keessatti ijoolleen isaanii akka jajjabaatan ni gargaaru, (0.5%)
24.4. Maatiin barattootaa sochii koree gamtaa maatii fi barsiisotaa (GMB) taasisu keessatti
dammaqinaan ni hirmaatu. (0.5%)
24.5. Manni barumsichaa hawaasaaf giddu-gala jijjiiramaa ta'uun ni tajaajila. (0.5%)
24.6. Maatiin raawwii hojii mana barumsichaatti gammadaniiru/itti quufaniiru. (0.5%)
Istaandardii 25
Manni barumsichaa maatii barattootaa, hawaasa naannoo fi deeggartoota misoomaa waliin
walitti dhufeenya gaarii waan uumeef mana barumsichaatiif deeggarsa argamsiiseera. /6%/

Agarsiistota:
25.1. Manni barumsichaa maatii barattootaa, hawaasa naannoo fi deeggartoota misoomaa
waliin walitti dhufeenya gaarii waan uumeef deeggarsa argamsiiseera. (3%)
25.2. Hirmaannaan maatii fi hawaasa naannoo waan dabaleef miirri abbummaan mana
barumsichaa bulchuu dagaageera. (3%)

Baruu barsiisuu =59


Hala mijataa naannoo mb =15
Hoggansa mb = 17
Hirmaannaa hawaasaa = 9
Ida’ama = 59+15+17+9 =100%

You might also like