You are on page 1of 1

Hojii Qabeenya Uumamaa Cinatti hojiileen qindoominaan hojjatamuu qaban

1. Liqii adda addaa deebisuu fkn Liqii Callaa guddiftuu addaa,Liqii Paampii,Liqii
Wabii nyaataa,Liqii Tiraaktaraa,Liqii RUSSACCOtifi kkf xiyyeeffannaa addaatiin itti
deemamuu qaba.
2.Qonnaan bulaan Marti Naannoo mana isaatti boolla kompostii lama lama akka
qotatu taasisuu qabna.
3.Innisheetiivii Lukkuutiif Qonnaan bulaan marti Maallaqa Lukkuu shan shan ittiin
bitatu baankii siinqeetti akka qusatu taasisuu.
3.Innisheetiivii Dammaatiif Qonnaan bulaan Marti Mana Manatti gaagura takka akka
bitatuuf Maallaqa qarshii kuma shan shan baankii Siinqetti akka qusatu taasisuu
4.Iddoo jallisiin jirutti Kunuunsa Midhaaniif barbaachisu akka taasifamu hordofuufi
deeggaruu.
5.Iddoo Midhaan bilchaate jirutti Rooba jalaa yeroon akka sassaabamu taasisuu.
6.Qohiin shanyii qabeenya Uumamaa Araddaa hundatti akka qophaa'u taasisuu.
7.Shanyii Biqiltuu qabeenya Uumamaa guurame Madabarratti akka naqamu taasisuu.
8.Kunuunsa biqiltuu bara kanaafi baroottan darbe dhaabamaniif akka taasifamu
gochuu.
9.Geemashii bunaa gaggeessuu
10.Gaagura Cehumsaafi Aadaa qonnaan bulaan dhunfaa akka hojjatu taasisuu.
11.Naannoo jallisiin jirutti Nyaatni beeyladaa akka Misoomu taasisuu.
12.Qonnaan bulaan Waan argaturraa baankii Siinqetti akka Qusatu taasisuu.
13.Qonnaan bultoota Modela tahan gara investimantiitti akka Cehaniif hubannoo
barbaachisu kennineefii haalli akka Mjjjaahuuf taasisuu.
14.Qonna Arfaasaatiif Qonnaan bulaan waqtii bonaa kanatti lafa isaa dongoree qaraa
buqqisee akka qopheessu kakaasuu
15.Adeemsi Sirna nyaataa akka fooyya'uuf Carraa argametti barumsaafi hubannoo
barbaachisu kennuu.
16.Hojii hojjatamu hunda keessatti koorniyaa idileessaa deemuun fayyadamummaa
dubartootaa mirkaneessuu.

You might also like