You are on page 1of 23

BOQONNAA AFUR

Gabaasa Qorannoo Barreessuufi


Tamsaasuu
4.1.Gabaasa Qorannoo Barreessuu

• Qorannoon amanamummaatiin waan hinbeekamne tokko


tooftaawwan saayinsaawaa ta’aniin sakatta’anii baasuudhaan
beekumsa ‘haaraa’ ifa baasuudha.
• Argannoon qorannoo kunis gabaasaan dhiyaatee ykn
barreeffamee dubbistoota bira gahuu qaba.
• Adeemsi qorannoo hojjetame tokko tartiibaan qindeessanii
barreessan gabaasa qorannoo barreessuu jedhama.
• Gabaasni qorannoo yeroo hedduu kutaalee gurguddoo sadii irratti
hundaahee barreeffamuu dandaha. Isaanis:
– Kutaa duraa (preliminary materials)
– Qaama qorannoo (body of the research)
– Qabiyyeewwan dabalataa (supplementary materials)  
1.Kutaa duraa (preliminary materials)

1.1 Mataduree
- Mataduree gaariin waa lama sirriitti hojjechuu dandaha:
-Dhimma qoratamu sana akeeka
-Yaada qorannichaa akka waliigalaatti cuunfee dhiyeessa
1.2 Galata
• Qaamota garagaraa waraqaa qorannoo hojjetame waliin
kallattiitiin walitti dhufeenya qaban bakkatti galateeffataman idha.
• tartiibaan yeroo ilaalamu, qorannoon gaggeeffame deeggarsa
gorsaa (advisor)-tiin yoo ta’e, galanni gummacha gorsaan sun
godhe irraa eegala.
 
Cont…
• Qaamni maallaqaan deeggarsa godhe yoo jiraate,
manneen kitaabaa, namoota dhuunfaa irraa kaasee
hanga nama kompiitaraan barreessuttiin deeggareetti
galateeffachuun barbaachisaadha.
• Akasumas odeeffannoo kennuutiin kanneen
hirmaatan, kanaafis kanneen haala mijeessan marti
galateeffamuu qabu.
• Haata’u malee, gabaasa qorannoo hunda irratti galatni
dirqama barbaachisa jechuu miti.
 
Cont…
1.3 Axereera
• Axereerri tajaajila odeeffannoo gabaabaa kennuufi dubbisaa ofitti
harkisuu kan qabu yoo tahu, matadureetti aansee odeeffannoo
irra caalaa bal’aa ta’e kan kennudha.
• Axereerri ka’umsa qorannichaa fi maaliif qorachuun akka
baarbaachise gabaabsee keeyyata tokkoon ibsa.
• Keeyyatuma kana keessatti axereerri tooftaawwan qorannichi itti
gaggeeffame, argannoowwaniif yaada furmaataa gabaabsee
dhiyeessa.
• Duubbistoonni hedduun qulqullummaafi sadarkaa qorannoo
tokkoo madsaaluuf, akkasumas itti fufanii dubbisuuf yookiin
dhiisuuf erga axereera dubbisanii booda murteessu.
Cont…
1.4 Gabatee Qabiyyeewwanii
• Gabaasawwan qorannoo hundaaf gabatee qabiyyeewwanii
qopheessuun hinbarbaachisu taha.
• Fakkeenyaaf barruulee (journals), ykn artikiliitiin gabaafama yoo
tahe, gabatee qabiyyeewwanii qopheessuun hinbarbaachisu.
• Gabateen qabiyyeewwanii barreeffamu callisee
matadureewwan gabaasicha keessa jiran kan tartiibaan kaa’u
qofa otoo hintahiin, hojiin qorannicha keessatti hojjetame
hammam bilchina akka qabu dubbisaatti waan himuuf, akkuma
matadureefi axereeraa gabaasicha itti fufanii dubbisuuf ykn,
achumatti dhaabuuf murtessuu keessatti gahee guddaa qaba.
2. Qaama gabaasaa (body of the report)

2.1. Seensa
• Seensa keessatti waanuma matadureefi axereeraa keessatti
gabaabsamee tuqametu irra deebi’amee bal’inaan dhiyaata.
• Kutaan kun, matadureewwan xixiqqoo
-seenduubee qorannoo
-ka’umsa qorannoo
-gaaffilee qorannoo
-kaayyoo,
-barbaachisummaa,
-daangaa ,
-hanqinafi kkf. dubbisaaf odeeffannoo kennuudha.
 
Cont…
• mataduree ka’umsa qo’annichaa (statement of the problem)
jedhu keessatti qorannichi akka gaggeeffamuuf bu’uura kan
tahe, ragaa amansiisaan tarii ragaawwan qorannoo biroo
waliin walbira qabamee dhiyaata.
• Gaaffileen qorannoofi kaayyoon akkasumas
barbaachisummaafi kkf ka’umsa irratti waan hundaahuuf
eddoon kun akka bu’uura waan hundaatti ilaalama. 
• Gabaasawwan akka barruuleetti (journals) qindaahan keessatti
garuu seensi sakatta’a barruu waliin walitti makamee dhiyaata.
 
Cont…
2.2 Sakatta’a Barruu
• sakatta’i barruu yoo xiqqaate tajaajila afur qaba.
1. Dhimma qoratamaa jiru irratti hubannoo walii galaa
argachuudhaaf kitaabileefi galmeewwan
(barruuwwan) garaa garaa walitti qabuuf;
2.Daayessawwan ka’umsaa (theoretical background)
ifaa gochuudhaan qaawwa qorannoo tokko duuchuu
ykn barbaachisummaa qorannichaa yaada duraan
qoratame irratti hundaahuudhaan lafa kaa’uuf;
Cont…
3. Ejjeennoo qorataafii beekumsa hammamii
mataduricha irratti akka qabu agarsiisuuf;
4. dhaabbilee barnoota olaanaa keessatti
qorannoon barattoota sadarkaalee garaa
garaatiin hojjetaman irratti barataan sun
dirqama isaa bahuu isaafi kitaabileefi
qorannoowwan hedduu dubbisee hubannoo
gahaa argachuu isaa madaaluuf.
Cont…
• Sakatta’a barruu keessatti yaadawwan hayyoota biraa akkuma
jirutti gabaasuu qofa otoo hintaane ragaa qabatamaa irratti
hundaahee qorataan ejjennoo mataa isaa calaqqisuu dandahuu
qaba.
• sagalee ofiis dhageessisuu qaba; yaada beektotaa duuba
dhokachuu hinqabu.
• Maddawwan toora intarneetii irraa argaman sakatta’a barruu
keessatti gargaaramuun kan dandahamu yoo tahellee,
odeeffannoowwan toora kanaan argaman yeroo hedduu
qulqullina kan hinqabneefi odeeffannoo dogoggoraa qabaachuu
waan danda’uf of eeggannoo guddaa barbaada.
 
Cont…
2.3 Malleen qorannoo/Methods
•  Mataduree kana jalatti dhimmoonni teknikaa mala
qorannichi itti gaggeeffame agarsiisan gadi fageenyaan bakka
itti dhiyaatanidha.
• Qorannoon adeemsifame, bu’aan argame dhugummaa
qabaachuu isaa dubbisaan kan madaalu odeeffannoowwan
kutaa kana jalatti dhiyaatan irratti hundaaheeti.
• Kutaa kana jalatti waanti barreeffamu marti adeemsatti
qorannoo keenya gaggeessine duwwaadha.
• Kotaan kun kutaawwan xixiqqoo biroo of jalatti qaba.
Cont…
Hirmaattoota (participants):
• iddattoowwan qorannoo sirriitti ibsanii barreessuun,
keesuumaayyuu qorannoo safarataa keessatti murteessaadha.
• Yoo adeemsi iddatteessuu/sampling amansiisaa ta’e malee,
argannoo dhiyaate dhugaa tahuu hindanda’u.
-Hamma iddattoo/sample size,
-tarsiimoo iddattoo/sampling strategy,
-umrii,
-saala,
-sabummaafi kkf ibsamuu qabu.
Cont…
Meeshaalee qorannoo (Research tools/instruments):
• Qorannoo safarataa keessatti meeshaalee ittiin odeeffannoon funaanamu
keessaa bargaaffiifi, afgaaffii, qormaata (test), habuurraa (observation) isaan
beekamoodha.
• Isaan kunneen haala kamiin, eenyuuf, maaliif akka kennaman ykn akka
raawwataman amala meeshaalee kanneenii waliin dhiyaachuu qaba.
• Fakkeenyaaf, bargaaffii yoo tahe, gaaffilee meeqa, amalli gaaffilee kanneenii
maal akka tahe (banaa/cufaa) ykn walkeessa, maaliif meeshaan kun akka
filatame sirriitti bareeffamee dhiyaachuu qaba.
• Tarii meeshaaleen kunneen dursa yaaliin (piloting) irratti raawwateera yoo
tahes, ni’ibsama.

* Qorannoo qulqulleeffataa keessattis warri dhimma itti bahaman akkuma


barbaachisummaa isaaniitti ni ibsamu.
Cont…
Adeemsa (procedures):
• Kutaa kana jalatti yeroo odeeffannoon walitti qabame adeemsa
keessa darbame kan keessatti barreesinudha.
• Fakkeenyaaf, haala akkamii (condition) keessatti bargaaffiin akka
guutame,
• (yoo qormaata tahes) bakka/yeroo akkamii keessatti akka raawwate,
• kanneen dhimma kana qorataa waliin raawwachiisan waliin ifaa tahee
barreefama.
• Tarii afaan qorannoon itti hojjetameefi afaan hirmaattonni qorannoo
irra caalaa hubatan gargar yoo tahe, meeshaaleen qorannoo haala
kamiin akka jijjiiraman kana jalatti dhiyaachuu qaba.
Cont…
2.4 Bu’aawwaniifi Ibsa (Results and Discussion)
•  Ragaawwan dhiyeessuufi hiikuun (interpreting findings)
akka barbaachisummaa isaatti walfaana ykn dabareedhaan
raawwachuun nidandahama.
• Yoo ragaawwan lakkoofsan dhiyaatan hedduu tahan,
dursanii ragaawwan dhiyeessuutiin ittiaansuun ibsi
kennamuu dandaha.
• Yoo ragaawwan lakkoofsaan dhiyaatan muraasa tahan
ammoo bu’aawwan/ragaa dhiyeessuutiin battaluma sanatti
ammoo ibsa irratti kennuun ykn qaaccesuun nidandahama.
Cont…
2.5 Gudunfaa (conclusion)
• Qorannoon hundi gudunfaa adda baasee qobaatti hindhiyeessu.
• Keessumaayyuu bu’aawwaniif ibsa keessatti waan hundumtuu
waan dhiyaatuuf gudunfaa qobaatti barreessuun irra deebii
waantahuuf haala kana keessatti gudunfaa dhiyeessuun
barbaachisaa hinta’u.
• Haata’u malee, gudunfaan argannoowwan gabaabsee tartiibaan
waan dhiyeessuuf qobaa bahuun filatama.
• Kana malees, gudunfaan argannoo qofa otoo hintahiin kallattii
qorannoo gara fuulduraafi yaada furmaataa akeekuu danda’a.
 
3.Qabiyyeewwan Dabalataa (supplementary Section )
 

3.1 Wabii
• Wabiileen qaama gabaasa qorannoo keessatti
maqaadhahaman hundi tartiiba wabii karaa
xumuraa jiru jalatti hammatamuu qaba.
• Wabiileen seera wabiin barreeffamuu qabutti
qindaahanii barreeffamuu qabu,
• kunis mallattoo qulqullina qorannoo tokkooti.
• Kanaafuu, ofeeggannoo guddaan bareeffamuu
barbaada.
Cont…
3.2 Dabalee (appendix)
• Qaama gabaasa qorannoo keessatti qabiyyeewwan tokko tokko
dhiyeessuun mijataa kan hintaane, garuu odeeffannoo dabalataa
kennuu keessatti dubbisaa gargara jedhamee kan yaadametu
mataduree kana jala gala.
• Fakkeenyaaf,
-gabateewwan baay’ee dhedheeroo tahan,
- bargaafii,
-afgaaffii,
-qormaata,
-qabxiilee habuurraa (Observation check list)-
-ragaa namoota odeeffannoo irraa fudhanneefi kkf.
 
4.2 Argannoowwan Qorannoo Tamsaasuu

Qorannoo Tamsaasuu jechuun maali?


• Tamsaasuun kallattii qorannootiin yoo ilaalamu,
odeeffannoofi beekumsa adeemsa qorannootiin argame
hawaasa dhimmi ilaalu hunda qaqqabsiisuu hiika jedhu qaba.
• Rakkoon tamsaasuu inni guddaan garuu, hojiiwwan
qorannoofi dubbistoota akka salphaatti walagarsiisuun
dadhabsiisaa ta’uusaati.
• Kana jechuun, jamaa qaamaan akka qaqqaban gochuun
cimaa tahuu, karaa biraa kanneen qorannicha argachuu
dandahan akka walii galaatti hubachuu irratti gufuuwwan
gara garaa jiraachuun salphaa kan jedhamu miti.
Cont…
Tamsaasuun malliif barbaachisa?
• Gahee qorannoo guddina waliigalaa keessatti qabu caalaatti
guddisuuf, hojiin tamsaasuu sagantaawwan guddina biyyoolessaafi
addunyaa keessatti beekamaafi dursi kan kennamuufiidha. 
• Gosa barnootaa (discipline) hunda keessatti tamsaasuun ulaaga
qorannoo gaariin tokko ittiin madaalamudha. 
• Odeeffannoofi beekumsi bakkuma argametti ukkaamamee akka
hinhafne godha. 
• Bu’aan qorannoo tokko akka ija godhatuufi bu’aan pirojektii
qorannoo irraa argamuu akka gaarii tah’ godha. 
• Tamsaasuun gahumsa dhaabbilee qorannoo dabaluutiin
dandeettiin qorannoo caalaatti akka cimuuf haala mijeessa.
Cont…
Tarsiimoowwan Argannoo Qorannoo Ittitamsaasan
• Qorannoowwan, keessumaayyuu kanneen hawaasa
irratti xiyyeeffatan argannoowwan isaanii hawaasa
bal’aaf beeksifamuu qabu.
• Haata’u malee, yeroo hedduu dhimma kanaaf
xiyyeeffannoo guddaan hinkennamu.
• Argannoon kun hawaasa barbaadame bira akka gahuuf
ammoo tarsiimoowwan tokko tokko hubachuun gaarii
ta’a.
• Kanneen ittiin dhiyaachuu danda’u keessaa
Cont…
• Sabquunnamtii (media)
• Ibsa Gazexeessitootaa (press release)
• Cuunfaa qorannoo barreessuu (summarizing)
• Ibsawwan poolisii (policy briefs)
• Barruulee qorannoo (research journals)
• Postarii, biroosharii, kkf
• Toora intarneetii
• Saminaara, walgahii hawaasaa

You might also like