You are on page 1of 28

YUNIVARISIITII DILLAA

KOOLLEEJJII SAAYINSII HAWAASAA FII NAMUMMAA

MUMMEE AFAANIIFII OGBARRUU OROMOO

XIINXALA GAHEE GAAZEXAAN BARIISAA WAALTINA AFAAN


OROMOO KEESSATTI QABUU

Sa’aadaa Abbaabbuutiin

Waxabajjii, 2009

Dillaa, Itoophiyaa

0
XIINXALA GAHEE GAAZEXAAN BARIISAA WAALTINA
AFAAN OROMOO KEESSATTI QABUU

QORANNOO ULAAGA DIGIRII JALQABA GUUTTACHUUF


YUNIVARSIITII DILLAA KOOLLEEJJII SAAYINSII HAWAASAAFI
NAMUMMAA MUUMMEE AFAANIIFI OGBARRUU OROMOOTTI

Qorattuu: Sa’aadaa Abbaabbuu

Gorsaa: Yuusuf Huseen

Waxabajjii, 2009

Dillaa, Itoophiyaa

0
YUNIVARISITII DILLAA KOOLLEJJII SAAYINSII HAWAASA FI
NAAMUMMAA MUMMEE AFAANII FI OGBARRU OROMOO

GAHEE GAAZEXAAN BARIISAA WAALTINA AFAAN OROMOO

KEESSATTI QABU IBSUU

Sa’aadaa Abbaabbuutiin

KOREE MIRKANEESSITUU

Maqaa Mallattoo Guyyaa

Gorsaa: ___________________ ___________________ ______________

Qoraa: ____________________ ___________________ ______________

Waxabajjii, 2009

Dillaa, Itoophiyaa

0
Baafata

Qabiyyee Fuula

Galata..............................................................................................................................................II

Axeeraraa.......................................................................................................................................III

Boqonnaa Tokko

1. Seensa........................................................................................................................................1

1.1. Seen Duubee.......................................................................................................................1

1.2. Ka’uumsa Qorannichaa.......................................................................................................3

1.3. Kaayyoo Qorannichaa ......................................................................................................3

1.3.1 Kaayyoo Gooroo..................................................................................................3

1.3.2. Kaayyoo Gooree..................................................................................................3

1.4. Barbaachiisumma Qorannichaa......................................................................................4

1.5. Daangaa Qorannichaa ....................................................................................................4

1.6. Mala Qorannoo...............................................................................................................4

1.6.1. Mala Iddatteessuu..............................................................................................4

1.6.2. Meeshaalee Funaansa Raga...............................................................................5

1.8. Adeemsa Qaccessaa Fi Hiika Odeeffannoo...........................................................................5

1.9. Haqina Qorannicha................................................................................................................5

Boqonnaa Lama

2. Sakatta’a Ogbarruu...............................................................................................................6

2.1. Maalummaa Waaltinaa...........................................................................................................6

i
2.2. Barbaachiisummaa Afaan Waalteessuu.................................................................................6

2.3. Akaakuu Afaan Waalteessuu..................................................................................................7

2.4. Sadarkaa Afaan Waalteessuu..................................................................................................7

2.5. Maalummaa Galaalchaa..........................................................................................................9

2.6. Faayidaa Galaalchaa.............................................................................................................10

2.6.1. Faayidaa Galaalchaa Gama Beeksisuuttin........................................................................11

2.6.2. Faayidaa Galaalchaa Gama Bashannansiisuttin................................................................11

Boqonnaa Sadii

3.1. Qaacceessaa Fi Hiika Oddeeffannoo....................................................................................12

3.2. Gahee Gaazexaa Bariisaa Waaltina Afaan Oromoo Keessatti Qabu....................................12

3.3. Jechoota Gaazexaa Bariisaa Keessatti Waaltinaa Agarsiisan..............................................15

3.4. Loogotaa Gaazexaa Bariisaa Keessatti Mul’atan ................................................................18

Boqonnaa Afur

4.1. Cuunfaa ................................................................................................................................21

4.2. Argannoo ..............................................................................................................................21

4.3. Yaada Furmaata....................................................................................................................21

ii
BOQONNAA TOKKO

1.1 Seenduubee Qorannichaa

Afaan waaltessuun adeemsa afaan dubbattoota tokkoon dubbatamu ta’ee loogota garagaraa
ufkeessaa qabu loogota afaanichaa walitti fiduudhaan kan caalatti filatamaadha ykn dubbattoonni
afaanichaa rakkoo tokko malee ittin walii galu jedhamee yaadamu keessaa filachuun qopheessuu,
qinddeessuu fi hammayyeessuun hojiirra oolchuuti. Kana kan raawwatummoo fayyadamtoota
afaanichaa yoo ta’u barruuleen afaanichaan qopha’anii fi sabqunnamtiileen garaa garaa gahee
mataa isaanii qabu. Yaanni kun wirtuu jildii (1995:6) yoo ibsamu “waaltina afaan tokkootiif
barreefamoonnii fi meeshaaleen qunnamtii garaa garaa gahee guddaa qabu” . Yaaduma kana
deegaruun Asaffaa Tafarraa (2009:114), yoo ibsu. “Moggaasni jechootaafi yaadachiisni jechoota
dagatamanii karaa sabqunnamtiifi galaalchota ykn barruulee garagaraa biroon ummata bira
ga’u.Galaalchonni fi barruuleen Afaan Oromoo kunniinis ergaa isaanii keessatti waaltina Afaan
Oromoo irratti ni hojjatu”.

Akka yaada kanarraa hubannutti miidiyaaleen ykn sabqunnamtiilee fi barruulee garagaraa


waaltina afaan tokkoo keessatti gahee guddaa akka qabaniidha. Kunis kan ta’u karaa jechoota
waalta’aniifi dagataman salphaatti ummata biraan ga’uun ummatichi afaan isa waalta’aa akka
baratanii fi itti fayyadaman gochuutiin ta’a.

Akkuma armaan olitti kaafame waaltina afaan tokkootiif wantoota tajaajila keessaa miidiyaaleen
isaan tokko. Midiyaa jechuun karaa taatee iddoo murta’aa ykn hawaasa tokko keessatti uumame
meeshaalee teeknoloojii garagaraa fayyadamuun ummata bal’aa biraan ittiin
gahaniidha.Midiyaalee kanniin keessaa miidiyaa tamsaasaa fi miidiyaa maxxansaa kanneen
jedhaman isaan beekamoodha.miidiyaa tamsaasaa kanneen jennuun Radiyoo, Televijiinii fi
Midiyaalee Hawaasaa kanneen biroo ta’uu danda’u. Miidiyaalee maxxansaa kanneen jennuun
miidiyaalee odeefannoo argatan bifa barreessanii maxxansuu fi dubbistoota biraan gahaniidha.
Miidiyaa kana miidiyaa tamsaasarraa adda kan isa taasisu odeeffannoon miidiyaa kanaan
funaaname umrii dheeraa kan turu ta’uu isaati.

Miidiyaalee maxxanfamanii gurra ummataa ykn dubbistootaa gahuudhaan waaltina afaan tokkoo
keessatti gahee ol’aanaa qaban keessaa galaalchonni isaan tokko akka ta’an nidubbatama.

1
Galaalchonni Afaan Oromootiin maxxanfamanii bahan muraasa yoo ta’an isaanis:-Bariisaa ,
Oromiyaa fi Kallacha Oromiyaati. Galaalchoonni kunniinis waaltina Afaan Oromoo keessatti
gahee mataa isaanii qabu. (wirtuu jildii 3ffaa _____:126).yoo ibsamu .

“Waaltina afaan tokkootiif maxxansaalee tajaajilan keessaa harki caalu galaalchaadha. Guyyaa
guyyaan ykn torban torbaniin harka namootaa galu, karaalee barreefamaa jechootaa fi caasimaan
ergaa dabarsu, baruumsas kennu. Bariisaa Oromiyaa fi kallachi Oromiyaa gaheen isaan waaltina
Afaan Oromoo keessatti qaban salphaa miti”.

Akkuma armaan olitti tuqame galaalchota Afaan Oromoo waaltina Afaan Oromoo keessatti
gahee guddaa taphachaa jiran keessaa gaazexaan bariisaa isa tokko yoo ta’u qorannoon kunis kan
irratti xiyyeeffatu gahee gaazexaan bariisaa waaltina Afaan Oromoo keessatti qabu ibsuudha.

Gaazexaan bariisaa gaazexaa yeroo jalqabaatiif Afaan Oromootiin barreefamee maxxanfame yoo
ta’u yeroo ammaa kana torbanitti altokko dhaabbata Pireesii Itoophiyaatin maxxanfamee gurra
ummataa gaha.Bariisaan gaazexaa Afaan Oromootiin jalqaba qophaa’e ta’uu isaatiin
hundeeffama isaa irratti hayyoonni hedduun yaada kennanii jiru. Engidawork Taddesse (2015:
115) yoo ibsu

“Aweekly News paper established in 1976 barisa was operated to 39 years the news paper is
owned by Ethiopia press agency covers issues on politics, national news, International news,
Arts culture letters, Intertainement and others in oromiffa”. Akka yaada armaan olii irraa
hubannutti Bariisaan gaazexaa Afaan Oromoo bara 1976 hundeeffamee torbaanitti al tokko gurra
ummataa gahuudha. Xiyyeeffannoon isaas siyaasa, diinagdee, aadaa, hawaasummaa, oduu biyya
keessaa fi biyya alaa artii ispoortii fi dhimmoota garagaraa biroo ofkeessatti qabata.

Kana males yaaduma kanaan walfakkaatu Adunyaa Fayyisaa (2007:15) semu (1980)
wabeeffachuun yoo ibsu. Barisa was established on September (12:1975) by private entrepreneur
and made public media in February (1977) since the being of federal government paper
published on this language by Ethiopian press agency the paper has remained for over 30 the
solve news paper on this language, with this focused on political, social and Economic issues
now it has circulation of 12.000 copies its published weekly.

2
1.2. Ka’umsa Qorannichaa

Waaltina afaan tokkootiif fayyadamtoonni afaanichaa fii barruuleen afaanichaan barreefaman


gahee guddaa qabu. Afaan tokko kan waaltessu dubbattoota afaanichaa yoo ta’u barruuleen
garagaraammoo karaalee jechoota waalta’aa fi dagatamaa jiran fayyadamuun dubbistootaa
biraan ga’uutiin shoora guddaa qabu.Barreeffamoota kana keessaa galaalchonni isaan tokko.
Dhimma kanarratti Asaffaa Tafarraa (2009) Eela seenaa ogummaa oromoo) akkas jedha “
barreeffamoota afaan tokkoon barraa’anii dhiyaatan keessaa galaalchonni afaan tokkoo guddisuu
fii waaltessuu keessatti shora guddaa qabu”Qorannoon kunis gahee gaazexaan Bariisaa waaltina
Afaan Oromoo keessatti qabu ibsuudhaf gaazexaa Bariisaa bara (2009) keessaa hamma
danda’ame fudhachuun geggeeffameera. Qorannoon kunis gaaffilee armaan gaditti ka’aniif
deebii kennuuf yaaleera.

1. Gaheen Gaazexaan Bariisaa waaltina Afaan Oromoo keessatti qabu maali?


2. Jechoonni gaazexaa Bariisaa keessatti waaltina argisiisan kam fa’a?
3. Gaazexaan Bariisaa loogota akkamii fayyadame?
1.2 Kaayyoo qorannichaa
1.3.1. Kaayyoo Gooroo

Kaayyoo gooroo qorannoo kanaa akka walii galatti gahee gaazexaan Bariisaa waaltina Afaan
Oromoo keessatti qabu ibsuudha.

1.3.2. Kaayyoo Gooree

1. Gahee gaazexaan Bariisaa waaltina Afaan Oromoo keessatti qabu ibsu.

2. Jechoota gaazexaa Bariisaa keessatti waaltina agarsiisan sakkatta’uu.

3. Loogota gaazexaa Bariisaa keessatti mul’atan sakkatta’uu.

3
1.4, Barbaachisummaa Qorannichaa

Qorannoon kun kan irratti geggeefame gahee gaazexaan bariisaa waaltina Afaan Oromoo
keessatti qabu ibsuu waan ta’eef.yoo xumurame faayidaalee armaan gadii kennuu danda`a.

 Namoota maalummaa waaltinaa hin beekneef hubannoo kennu / barsiisuu.


 Namoota dhimma kanaan wal fakkatu irratti qorannoo geggeessuu barbaadaniif akka
madda odeeffannootti nitajaajila.
 Qorannoo biraaf karaa saaquu danda’a.

1.5. Daangaa qorannichaa

Yeroo ammaa kana gaazexaaleen hedduun Afaan Oromootiin maxxanfamee ummataaf


dhiyaacha a jira.Gahee gaazexaaleen kunniin waaltina Afaan Oromoo keessatti qaban irratti
qorrannoon osoo geggeefamee gaari ture. Haata’u malee sadarkaa kanatti haala kanaan qorannoo
geggeessuun ulfaataa waan ta’eef qorannoon kunis gahee gaazexaan bariisaa waaltina Afaan
Oromoo keessatti qabu ibsuu qofarratti xiyyeeffateera.

1.6. Mala Qorannoo

Qorannoon kun mala qorannoo akkamtaatti gargaaramuun hojjatameera. “Odeeffannoon mala


kanaan funaanamu /qorannoon mala kanaan geggeefamu” mala addeessaa ykn ibsaatiin
dhiyeessa, Adeemsi isaas adeemsa baramaadha.” Dastaa Dassaleny (2013:19).

1.6.1 Mala iddatteessuu.

Malli iddaatteessuu qorannaan kun gargaaramee qorannoosaa gegeessee mala iddatteessuu


kaayyeffatamaadha. Mala kana Adunyaa Baarkessaa (2011:67) yoo dubbatu “Malli iddatteessuu
kun kan qorataan beekumsa dhimmicharratti qabu irratti hundaa’uun kanneen odeefannoo irraa
argachuu danda’an murteessuu ilaallata”. Haaluma kanaan qorannoon kunis gaazexaa bariisaa
bara 2009 maxxanfame bahe keessaa kan ji’oota jahan darbanii keessaa fudhachuun irratti
geggeeffameera.

4
1.7. Meeshaalee Funaansa ragaa

Meeshaaleen funaansa raga qorannoon kun itti garaarame sakatta’a dookmantiiti, Sakatta’a
dookimantii jechuun barreeffamoota gara garaa yeroo dheerattis ta’e yeroo gabaabaa dura
Namoota biraan barraa’anii olkaa’aman keessaa tokko fudhatanii sakatta’uu ragaa/ odeeffannoo/
barbaadame funaanuu jechuudha. Meeshaalee funaansa ragaa kanneen Dastaa Dassaleny
(2002:101) yoo ibsu “Gosoonni barreeffamootaa akka odeeffannoo qorannootti gargaaran
xalayoota, barruulee, waraqaa ragaa fi ajandaa fa’a” Qorannoon kunis Gaazexaa bariisaa bara
(2009) sakkatta’uun odeeffannoo barbaadame hamma tokko argachuu danda’eera.

1.8. Adeemsa qaaccessaafii hiika odeeffannoo

Adeemsi qorannoo kanaa geggeessuu keessatti haalli ragaan itti qaacceffamee fi hiikame
ragaaleen qorannoo kanaaf barbaachisan erga walitti qabamanii booda gadfageenya dubbisanii
sakkatta’uun hiikni itti kennamee dhiyaateera.

Hanqina Qorannichaa

Qorannoon kana geggeessuu keessatti rakkinoonni hedduun qorattuu muudataniiru. Rakkinoon


ni kunniinis bajata gahaa dhabuu, yeroo gahaa dhabuu fi kitaabilee dhimma kanaan walqabatan
gahaa dhabuu fa`i.

5
BOQONNAA LAMA
2. SAKATTA’A OGBARRUU
2.1. Maalummaa Waaltinaa

Afaan waaltessuun afaan loogota garaa garaa of keessaa qabu tokko loogota afaaniichaa sa na
walitti fidanii waltessuun kan dubbattoonni afaanichaa rakkoo tokko malee ittiin walii galu
jedhamee yaadamu filatanii qindeessuu fii hammayyeessuun hojii irra oolchuudha. Maalummaa
afaan waaltessuu hayyoonni garagaraa haala kanaan kaa’aniiru. Wirtuu jildii (3ffaa:110) Hudsen
(1980) wabeeffachuun yoo ibsamu. “Afaan tokko keessatti garaagarum maan loogaa mul’achuu
danda’a garaa garummaan loogoota kunniin kan furamu yoo ummanni hundii qooda fudhateedha
kana jechuun afaan tokko kan guddatu ofumaa gara fedhetti yoo ta’u waaltessuun ammo
uummatichi gara ofii fedheetti deebisuu jechuudha”

Gama biraatiin Girmaa Maammoo wirtuu jildii 9ffaa (:191) waaltina yoo ibsu. “Language
standardization (LS) is refers to the process in wich language codified elaborated. Implem ented
modernized”. Akka waraabbii armaan olirraa hubannutti afaan waaltessuun adeemsa afaan tokko
qopheessuu qindeessuu fi hammayyeessuuti. Kanamalees wirtuu jildii (1995:8) waaltinni yoo
ibsamu “Afaan waaltessuun jechuun dubbattoonni afaan sanaa gidduu galinaan itti walqunnamuu
fi loogawwan garaagaraa afaan sanaa walsimsiisanii fayyadamuun bal’inaan waaltessuudha”.

2.2. Barbaachisummaa Afaan Waaltessuu.

Afaan tokko guddatee galma barbaadamurraa gahuuf waalta’uu qaba. Afaan tokko loogaa
hedduminaan of keessa yoo qabaate guddina afaanichaarratti rakkoo uumuu danda’a. Misgaanuu
Gulummaa (2012:113 Barbaachisummaa waaltina yoo ibsu. “Afaan tokko loogota garaa garaa
qabaachuun seeruma afaaniti loogonni afaan tokko keessaa jiran garuu babal’atanii walii galtee
dhabamsiisuun loogota garagaratti akka hin fottoqne eeguun barbaachisaadha.” Sababni isaas
tokkummaa fii jaalaalli hawaasa afaanicha dubbatu gidduu jiru Akka hin laafne eenyummaa
hawaasichaa calaqqisisuf amantiifi aadaa isaanii gabbisuuf dagaagsuu fi kan kana fakkataniidha.

Kana males yaanni kun wirtuu jildii (9ffaa:194) yoo ibsamu “language standardization nec essary
for multi lingual country to official recognized or make opportune their language to be
standardization or modernized.” Akka waraabbii armaan olirraa hubanutti. Afaan waaltes suun

6
biyyoota af heddee ta’an keessatti qaamni dhimmi ilaalu tokko sirreessuu, waaltessuu fi
hammayeessuudhaan fayyadamuudha.

2.3. Akaakuu Afaan Waaltessuu

Akaakuu Afaan waaltessuu Misgaanuu Gulummaa (2012:15) bakka lamatti qoodeera. “Afaan
waaltessuun karaalee lamaan kan geggeeffamu yoo ta’u isaaniis karaa idilee qorannoo
saayinsaawaa geggeessuun itti fayyadamuu fi itti karoorfameeti karaa alidileetiin waaltessuun
ammo osoo itti hin yaadin hawaasni afaanichaan walii galu jiruu fi jireenya isaa guyyuu keessatti
itti fayyadamuudhaan kan walta’uudha”.

Yaaduma kana Girmaa Maammoo wirtuu jildii 9ffaa (----- 193) yoo ibsu “language
standardization generally be classified in to formal and informal whereas formal language
standardization is process by wich language is or are purposly standardized in formal process by
wich speech communities consciously standardize their languages or (ibid)”.

2.4. Sadarkaa Afaan Waaltessuu

Afaan tokko loogota sadarkaalee garagaraa of keessaa qabaachuu danda’a loogonni kunninis
looga sadarkaa qubee, jechaa fi dubbii ta’uu danda’a .Loogonni kunis sadarkaalee waaltinaa gara
garaan waalta’uu danda’u .yaanni kun wituu jildii (3ffaa 117:129) irratti akka armaan gaditti
ibsameera.

Afaan tokko karooraan waalta’a. qaama saba tokkoo keessaa waa’ee waaltinaa beekkumsaa fi
muxannoo qabantu waaltessa. Sadarkaa waaltinaa Afaan Oromoo yeroo ammaa kana irraa j iru
bakka (4)tti ilaalama. isaanis looga waaltinaa, qubee waaltinaa, fayyadama qubee fii loogaa
babal’isuu fi qubee fii loogni akka fudhatama argatu taasisuudha.

Looga waaltinaa kan jennu afaan tokko karaa looga sadarkaa inni irra jiru kan ittiin
gamaaggamamu keessaa jechoota walii galteef gufuu ta’an lakkaawuudha. Jechoonni kunniin
jechoota bu’uuraa turaaleyyii ta’uu qabu. Kunis jechoota lakkaawaman harka 100 keessaa 70-75
kan ittin walii galan yoo ta’u afaan sun afaan tokko jedhama.

1) Qubee waaltinaa; Afaan tokko karaa lamaan qubee horata kunis tolfachuun ykn
liqeeffachuudhaan yeroo filataman kan sagalee ofiif mijaa’u ykn kan leetoo addunyaa
7
waliin namaa deemu filachuun barbaachisaadha. Wanti guddaan caalatti afaan san kan
hin diigne ta’uu qaba.
2) Fayyadama babal’isuu loognii fi qubeewwan filatamaan gufuu malee akka tajaajilaniifi
ummata bira gahan deeggarsa gaafata. Maxxansi adda addaa fulleffannoon bahee harka
namaa galuu qaba. Maxxansaaleen kanninis muraasni isaanis
a) Galmee jechootaa; maxxansi gosa kanaa barreefamaa fi jechoota waaltessa.
b) Wirtuu; waaltinaa jechoota moggaasaa fi barreefamni waaltinaa maal akka ta’e
qabatamaan deebii kennuuf yaaliin godhamu barruulee kanaan iftooma.
c) Galaalcha; waaltinaa afaanitiif maxxansaalee tajaajilan keessaa harki guddaan
galaalcha. Guyyaa guyyaan ykn torban torbaniin harka namaa galu qabata adda
addaatiin dubbifamu. Karaa barreeffamaa jechoota fii caasimaan barumsa kennu
bariisaa oromiyaa fi kallachi oromiyaa gumaachi isaan waaltina Afaan Oromoo
keessatti qaban olaanaadha.
3) Fayyadamaa horachiisuu: Loogonnii fi qubeen ergaa filatamanii booda barruu fi
maxxansi waaltinaa fuulleffatan akka tamsa’an godhamu. Sadarkaalee waaltinaa
armaan olitti eeraman keessaa Fayyadamaa horachiisuuf fayyadamaa babal’isuu kan
jedhaman walfakkeenya cimaa kan qaban yoo ta’u garaa garummaas hamma tokko ni
qabu. Fayyadamaa horachiisuu kan jennu afaan tokko keessatti jechoota ykn qubeelee
afaanichaa waaltessuudhaf bifa haraaan uumaman kanneen dubbattoota afaanichaa
biratti hin beekamne karaalee maxxansaalee gara garaa kanneen akka galmee jechootaa,
gaazexaalee, kitaabilee fi barruulee gara garaa biroo fayyadamuun ummata bal’aa
biraan gahuu dha. Kanaafuu gaazexaaleen gama jechoota afaan tokko keessatti
uumaman fayyadamuun fayyadamaa heddu horachiisutiin gahee guddaa qabu.
4) Fayyadamaa babal’isuu kan jennu ammoo jechoota afaan tokko keessatti waalteffamanii
fi akkasumas jechoota durii kanneen dhaloota ammaa biratti bal’inaan hin beekamne
fayyadamuun ummata bal’aadhaaf tamsaasuun akka jechi ykn qubeen sun dubbattoota
afaanichaa hunda bira gahu gochuudha.

Gama kanaan gaazexaaleen shora ol’aanaa qabu. Jechoota afaanicha keessatti uumaman wa
alta`aniifii dagataman qabatanii guyyaa guyyaan ykn toban torbaniin harka dubbiftootaa ga’u.
Walumaa galatti gaheen gaazexaaleen waaltinaa afaan tokkoo kessaatti qaban sadarkaalee
waaltinaa kanneen keessaatti bal’inaan mul’ata.
8
2.5. Maalummaa Galaalchaa

Galaachi meeshaa odeeffannoo gammachiisaa, gaddisiisaa, barsiisaa fi k.k.f. ta’ee Eddo murta’aa
tokkotti uumamee funaanuun ummataaf dhiyyeessuudha. Yaada kana Asaffaa Tafarraa
(2009:124) yoo ibsu ‘Galaalchonni guyyattii ykn torbanittifii sanaa oliin kan maxxan famu ta’ee
odeeffannoon kennuu, kan barsiisu, bashannansiisuufi kannen kana fakkaatan qabatee ummataaf
dhiyaatudha.Bariisaa Oromiyaa fi Kallacha oromiyaa akka fakkenyaatti kaasuu dandeenya.

Gama biraatiin Globe Fearon n:4 yoo ibsu “news paper tell us whats happening the report the
news around the world and across they show as photos they discibe the events” akka yaada
armaan olirraa hubanneetti gaazexaaleen gaaffilee maaltu uumame jedhan kaasuun gabaasuu fi
suurawwan fayyadamuun taatee ummame tokko addunyaaf ibsuuf gargaaru.

Karaa biraatiin odeeffannoon toora interneetii (https://en.wikipedia.org/w/index.) jedhamurraa


fudhatame tokko gaazexaa /galaalcha yoo ibsu “News paper is serial publication containing news
about current events other in formation articiles (listed below ) about plotics ,sports ,arts and
adrestising”. Akka waraabbii armaan olii irraa hubanneetti gaazexaan maxxansaa walitti
fufiinsaan qophaa’u ta’ee taatee haaraa fi dhimmoota biroo kanneen akka Siyaasaa, ispoortii
taphoota (aartiwwan ) garaa garaa beeksisaa fi k.k.f. of keessatti qabatee kan dhiyaatuudha.

Karaa biraatiin galmeen jechoota Merriam –webister- dictionary hiika gaazexaa yoo kennu “set
of large sheet of paper that have news stories information about current events. Other
informative articles local events , advertisement and that are folded together and sold every day
or every weak” yaada armaan olii kanarraa kan hubannu gaazexaa qaama barreeffamaa guddaa
odeeffannoo dabarsuu, taatee eddoo tokkotti uumame tamsaasuu, beeksisa garaa garaa
dabarsuufi guyyatti ykn torbanitti kan qophaa’uu fi gabaarra ooluudha.yaaduma kana
deeggaruun galmeen jechootaa Macmillan English dictionary jedhu yoo ibsu “ News paper set of
large priced sheet of folder paper containing news article and other information usually
published every day”

2.6. Faayidaalee Galaalchaa /Gaazexaa/

Galaachi gosa miidiyaa maxxansaa ta’ee torbanitti, guyyatti, torban lamatti fii Sanaa oliin kan
maxxanfamu ta’ee karaalee gara garaatiin faayidaa garagaraa dubbistoota isaaf kan kennuudha.

9
2.6.1. Faayidaa Galaachaa Gama Beeksisuutiin

Galaalchonni dhimmoota hawaasni beeku qabuu fi beeksifachuu barbaadu naannawa muraasa


nama dhuunfaa tokko irraa fudhachuun dhaabilee mootummaas ta’u danda’a ummata bal’aaf
beeksisuu keessaatti faayidaa guddaa qabu. Asaffaa Tafaraa (2009:126) yoo ibsu “Galaalchonni
dhimmoota ummataa garagaraarratti fkn aadaa, diinagdee, siyaasaa fi k.k.f irratti xiyyeeffachuun
ummata tajaajilu”

Gama biraatiin Globe Fearon (:7) Faayidaa galaalchi gama beeksisuutin qabu yoo ibsu “in fact
daily news paper more than half of its space for advertising this because the most publisher do
not make profit selling papers they make many by selling ad space”

Akka yaada armaan oliirraa hubanuutti galaalchonni guyyaatti maxxanfaman harki walakkaa ol
beksisaan kan guutamaniidha. Sababni isaas dhaabbileen maxxansaa galii guddaa kan irraa
argatan beksisa waan ta’eef. kana males hayyonni: josph staraubhar and rober lorese (126) yoo
ibsan.

“Technology is transforming news paper display advertising making it more interacting and
multimedia here we will briefly consider the impact of technology on the back bone of news
paper advertising the classified ads”

Akka yaada armaan oliirraa hubannutti yeroo ammaa kana guddinni Teknoloojii maxxansaalee
harki caalu beeksisaan akka uwifaman taasisaa jira. Kan jechuun ammoo beeksisni galaalchota
maxxanfamanii bahaa jiraniif wirtuu lafee dugdaa ta’uu isaa ibsa.

2.6.2. Faayidaalee Galaalcha Gama Barsiisuutiin

Galaalchonni humna nama baratee baay’inaan haa barbaadan malee karaa al idiileetiin gaheen
isaan barsiisuu keessatti qaban salphaamiti Asaffaa Tafarraa (2009:114) Eela seena oguma
oromoo moggasni jechootaa fi sabqunnamtiilee, yaadachiifni jechoota dagatamanii karaa sab
qunnamtiileefi galaalchota ykn barrullee biroon ummata bira gahaa jiru.galaalchonni fi
barrulleen Afaan Oromoo kannen biroos ergaa isanii keessatti waaltina afaan oromoorratti gahe
guddaa taphatu.

10
2.6.3. Faayidaa Galaalcha Gama Bashannansiisutin

Galalchonni Karaalee meeshaalee miidiyaa garaa garaattii gargaaramanii fi Odeeffannoo


funaaname maxxansanii ummataaf dhiyeessuu tiin fayidaa guddaa qabu.Yaada kana haayyonni
Joseph straubhar and Robert Lerose (:58) Midia new yoo ibsan perhaps the most common faction
of media is to entertain with the exception of magazine stile in formation in program such as 60 –
mints and 20/20 the top ten programs on the network have television always been entrainment
oriented even news paper and magazines complement the news and commentary with interlining
diver vision of the sports and life style page .

Akka waraabbii armaan olii irraa hubannutti yeroo ammaa kana hojiin guyyaa midiyaalee
bashannansiisuu irratti xiyyeeffatan.Raadiyoo, Televijinii fi midiyaalee maxxansaa biros kan
isaan irratti xiyyeeffatan ispoortii, haala jiruu fi jireenyaa fi Kan kana fakkaatan. bifa garaa
garaatiin ibsuudha.

11
BOQONNAA SADII

3.1. Qaacceessaa Fi Hiika Odeeffannoo

Boqonnaa kana jalatti qabxiileen dhiyaatan gahee Gaazexaan Bariisaa waaltina Afaan Oromoo
keessatti qabu ibsuu, jechoota gaazexaa bariisaa keessatti waaltina agarsiisani fi loogota
Gaazexaa Bariisaa keessatti mul’aatantu xiinxalamaanii,qaacceeffamanii dhiyaatu.

3.2. Gahee Gaazexaan Bariisaa Waaltina Afaan Oromoo Keessatti Qabu.

Kutaa kana keessatti gahee Gaazexaan Bariisaa waaltina Afaan Oromoo keessatti kallattiiwwaan
lamaan gumaachetu dhiyaata. Kunis karaa jechoota dagatamaa jiran kanneen dhaloota ammaa
birattii keessattu sadarkaa barreeffamaatti tajaajila kennaa hin jirre fayyadamuun dagatamuu
irraa baraaruu fi karaa jechoota sababoota garagaraan kan ka’e hawaasa Oromoo biratti darbee
darbee jechoota Afaan biraan tajaajila kennaa jiran jecha Afaan Oromootiin fayyadamuun
dubbistoota biraan ga’uutin ta’a. Kunis ragaalee Gaazexaa Bariisaa Bara 2009 ji’oottan shaniifi
Bara 2008 ji’oottan lamaa keessaa fudhatamaniin deeggaramuun dhiyaateera.`Gaazexaa Bariisaa
Caamsaa 19/2008:4 irraa kan fudhatamee

“…gaafa mooraa seentan barjaan maxxanfamee jiru...”

Akka himaa armaan olii irraa hubannuutti jechoonni hima armaan olii keessatti tarraa’an
hedduun isaanii jecha waalta’oo yoo ta’an jechi “ barjaa”jedhuu fi “Mooraa” jedhu Naannoolee
Oromiyaa keessatti darbee darbee jechoota afaan biraattin bakka buufamanii tajaajilaa kennaa
kan jiranii fi Afaanumaa Oromoo keessattis maqaalee garagaraan beekkamu. Fakkeenyaf jecha “
barjaa” jedhu yoo fudhannee dubbattoota Afaan Oromoo biratti tajaajilli inni kennuu amma
tokko gad bu’aadha. Kunis yeroo baay’ee jecha Afaan Amaariffaa “Taappeellaa” jedhamuun kan
bekkamuu fi jechi“barjaa” jedhu kun hawaasa Oromoo birattii bal’inaan kan hin beekamneedha.
Kanaafuu Gaazexaan Bariisaa jecha kana fayyadamuudhaan tajaajilii isa akka babal’aatuuf gahee
isaa baheera.

12
Jechi biraa hima kana keessatti akka jecha Waalta’aatti fudhatame jecha “Mooraa” jedhu yoo
ta’u jechi kun jechoota Afaan Oromoo kanneen akka dallaa, kaloo fi k.k.f ni waamama. Haa ta’u
malee dubbattoonii Afaan Oromoo keessattuu namoonni hin baratiin jecha kana jecha Afaan
Amaaraa “gibbii” jedhuun waamu. Gaazexaan Bariisaas jecha kana jechaa Afaan Oromoo
yaadichaa bakka bu’uu danda’uun barreessee dubbistoota isaaf dhiyeesseera. Gaazexaa Bariisa
Amajii 26/2009:6 irraa kan fudhatame

“…maxxansaaleen iccitii kanaa dura maxxanfamanii jiran ...”

Hima armaan olii keessatti jechoonni tarra’an jechoota ifaa fi waalta’oo ta’aniidha. Fakkeenyaf
jecha “iccittii” jedhu yoo fudhannee sadarkaa barreeffama Afaan Oromoo keessatti tajaajila
bal’aa kennaa kan jiruu fi beekkamaadha. Haa ta’u malee jecha kana sadarkaa dubbiitti
keessumaattu gara namoota hin baratiniitii finnee yoo ilaallee tajaajilli isaa hamma tokko gadi
bu’aadha. Kunis hawaasa hin baratiin biratti jecha Afaan Amaara “misxiir” jedhuu gara Afaan
Oromootti fuduun “misxira” jedhamee kan waamamuudha. Kanaafuu Gaazexaan Bariisaa
jechoota Afaan Oromoo keessatti sababoota gara garaan maqaa hedduun waamaman jechoota
waalta’oo Afaanicha keessaa jiran fayyadamuun dubbistoota biraan gahuu danda’eera.

Gaazexaa Bariisaa Caamsaa 19/2009:3 irraa kan fudhatamee

“... kana jechuun sa’aatii shaayiitii laaqanaa osoo hin dabalatiin ...”.

Hima armaan olii keessatti jechi “laaqana” jedhu yeroo nyaataa kan guyyaa/ waaree booda kan
bakka bu’uu yoo ta’u, dubbattoota Afaan Oromoo biratti dhiyana nyaata waaree jedhamunis
hamma tokko ni beekkama. Haa ta’u malee jechi kun dubbattoota Afaan Oromoo kanneen
baratanis ta’ee hin baratin birattis yeroo baay’ee jecha Afaan Amaariffa “misaa” jedhamuun
beekkama. Gaazexaan bariisaas jecha kana jecha afaan oromoo yaadicha ibsuu danda’uu bakka
buusee fuula barruu isaarratti fayyadauun dubbistoota biraan gaheera. Kana malees fuuluma
kana irraa kan fudhatamee

“…ishee tokko biratti qarshii kaffaltanii nagahee fudhattu ishee tokko biratti chaappaa itti
goosifattu…”

Hima armaan olii keessatti jechi “chaappaa” jedhuu, dubbattoota Afaaan Oromoo kanneen
baratan biratti fi sadarkaa barreeffamaatti bal’inaan tajaajila kennaa jira.

13
Haa ta’u malee dubbattoota Afaan Oromoo kanneen hin barattin biratti darbee darbee jecha
Afaan Amaariffaa “maatab” jedhuu gara Afaan Oromootti fiduun “maataba” jedhanii waamu.
Haalli kun baay’inaan Hawaasa hin baratiin biratti baay’inaan kan mul’atu yoo ta’u Gaazexaan
Bariisaas jechoota Afaan Oromoo fayyadamuun dubbistoota biraan gahuudhaan haalli kun akka
fooyya’uu gochuu keessatti gahee ol aanaa gumaacheera.

Gama biraattin kutaa kana jalatti kan dhiyaatu gahee Gaazexaan Bariisaa gama jechoota dhaloota
ammaa biratti keessumattuu sadarkaa barreeffamatti tajaajila bal’aa kenna hin jiree fayyadamuun
dagatamuu irraa baraaruutin gumaacheetu dhiyaata. Kunis ragaalee Gaazexaa Bariisaa keessaa
fudhatamaniin deeggaramee dhiyaateera. Gaazexaa Bariisaa Caamasaa 19/2009:5 irraa kan
fudhatamee

“... ani nyaadhee bulaa ati agabuu bulii…”

Hima armaan olii keessatti jechi “agabuu” jedhu dhaloota amma biratti baay’inaan hin
beekkamu. Yoo beekameeyyuu tajaajila barreeffama kenna hin jiru. Kunis dhaloota amma biratti
fi sadarkaa barreeffamatis yoo ilaaallee baay’inaan jechoota akka, beela, qooqa, shooma, fi
qoonqoo kanneen jedhamaniin kan beekkamuu yoo ta’u keessattuu jechii beela jedhuu kun
dhaloota amma biratti baay’inaan tajaajila kenna jira. Kanaafuu Gaazexaan Bariisaa gama
jechoota dagatamaa jiran dagatamu irraa baraarutin gahee guddaa taphachaa jira. Gaazexaa
Bariisaa Muddee 14/2009:5 irraa kan fudhatamee

“...qulqullina kenniinsa barnoota Afaanichas qubeesaa irraa egalee sadarkaa barnoota dakaa
hanga gubbaatti sirritti hubachuun barbaachiisaa…’’.

Hima armaan olii keessatti qulqullina barnoota Afaan Oromootiin walqabatee jechoota tarra’an
keessatti jechi “ dakaa” jedhu jecha yeroo ammaa kana keessattuu sadarkaa barreeffamaatti
baay’ee tajaajila kennaa hin jirreedha. Jechi kun jechoota akka gadii, gajjallaa fi jala jedhamaniin
baay’inaan beekkama. Keessattu jecha gadi jedhu hima kanaan wal simsiisnuu yoo ilaallee
fakkeenyaf sadarkaa gadii hanga oliitti jedhamuun baay’inaan tajaajila kennaa kan jiruudha.
Kanaafuu jechoonni haala kanaan dagatamee jiran Gaazexaa Bariisaa keessatti dhiyaatanii
dubbisttoota bira gahaa jira. Gaazexaa Bariisaa Amajjii 26/2009:5 irraa kan fudhatamee

“…hanga humni isaa danda’een Uummata hirmaachisee dhawaatan deebii kan kennuu ta’us…”

14
Himoota armaan olittii tarra’an keessatti jechi “dhawaatan” jedhu yeroo ammaa kana keessattuu
sadarkaa barreeffamatti baay’inaan tajaajila kenna hin jiru.

Kunis jechoota akka adada adadaan,adeemsa adeemsaan,adeemsa keessa jedhamaniin


haguugamee dagatamaa kan jiru yoo ta’uu keessattuu jechi “adada adadaan ” jedhu tajaajila
bal’aa kenna jiraachuusaa barruulee Afaan Oromoo tokko tokkoo fi haasawa namootarraa
hubachuu ni dandeenya.

Gaazexaan Bariisaa jechoota durii irraaa ka’anii Afaanicha keessatti tajaajila kennaa jiran
kanneen sadarkaa dagatamuutti deemaa jiran fayyadamuun dhaloota ammaa biraan gahuu
keessatti gumaacha guddaa taasisera.

3.3 Jechoota Gaazexaa Bariisaa Keessatti Waaltina Agarsiisan

Kutaa kana jalatti jechoota Godinaalee Oromiyaa hedduu keessatti maqaa garagaraan
waamamaanii fi kanneen hiikaa waaltinaa isa namoonni hundii hin beekne ta’ee garuu Gaazexaa
Bariisaa keessatti waaltina argisiisantu qaacceffamee dhiyaata. Gaazexaa Bariisaa Gurraandhala
10/2009:8 irra kan fudhatame

“…Ilmii nama jiruuf jireenya mijaata barbaachuuf carraaqqii taasisuu keessatti...”

Hima armaan olii keessatti jechoonnii barraa’an hunduu jechoota waalta’oodha. Fakkeenyaf
jecha “carraaqqii ” jedhu yoo ilaallee jechoota akka tattaaffii, ifaajee, dadhabbii fi kan kana
fakkaataniin kan beekkamu yoo ta’u Gaazexaa Bariisaa keessatti jecha waalta’aa jechoota
kanniin bakka bu’uu danda’uu barreeffame dubbistotaaf dhiyaateera. Gaazexaa Bariisaa
Gurraandhalaa 10/2009:3 irra kan fudhatamee

“…Oromoon Geerarsaan rakkinaa fi gadadoo, milkaa’inaa dhabuu, akkasumaas hacuuccaa isa


qunname...”

Himoota armaan olitti tarraa’an keessatti jechootni barraa’an jechoota waalta’oodha fakkeenyaf
“milkaa’inaa fi hacuuccaa” jedhaman yoo fudhanne iddoo garagaraatti maqaalee garagaaran
beekkamuu. Fakkeenyaf jechi “ milkaa’ina” jedhu jechoota tishoo kanneen akka galma ga’iinsa,
fiixan ba’uummsa fi k k f kan bekkamuu yoo ta’u, Gaazexaan Bariisaas jecha qeenxee jechoota

15
kanneen bakka bu’uu danda’u fayyadameera. Gaazexaa Bariisaa Onkololeessaa 18/2009:7 irraa
kan fudhatamee “hojii Seera kabachiisiisuu bu’a qabeessa fi si’ataa ta’e akka hojjatuuf ...”

Hima armaan olii keessatti jechoonnii tarraa’an ifaa fi waalta’oo yoo ta’an jecha “si’ataa” jedhu
akka fakkeenyatti yoo fudhanne jechoota akka saffisaa, hoo’aa, ariifachiisa jedhamaniin kan
beekkamudh. Jechi kunis Gaazexaa Bariisaa keessatti jechoota kanneen bakka bu’ee barraa’uun
akka gocha waalteffameettii fudhataamu danda’eera. Gaazexaa Bariisaa Muddee 14/2009:4 irraa
kan fudhatamee

“…taatewwan kanneen haala ammaayyaatiin itti fuffiinsaan galmeessuun matayyootaf,


dhaabbiileef, biyyoota fi hawaasa Addunyaaf ...”

Hima armaan olii keessatti jechoonnii tarraa’an hundii jechoota waalta’oodha. Hima kana
keessatti jechi akka jecha waalteffameetti filatamee jecha “matayyootaf” jedhu yoo ta’u jechi
kun jecha tishoo nama dhuunfaa/ namoota dhuunfaa jedhamuniis baay’inaan beekkamee,
Gaazexaan Bariisaas jecha kanaa fayyadamuun dubbistootnii isaa hundii jecha kana akka
argataniif gahee isa baheera. Gazexaa Bariisaa Muddee 14/2009:8 irraa kan fudhatamee

“…Biyyoonnii Afrikaa marti waytaa jijjiiramni haala qilleensaa muudatu lammilee isaanii
akkaataa itti bayyanachisaan ...”

Hima armaan olii keessatti jechoota tarraa’an keessa jechi akka jecha waalteffameettii
fudhatamee jecha “bayyanachiisuu” jedhu yoo taa’u jechi kun jechoota akka, hara galfachiisuu,
harra baafachiisuu, boqochiisuu fi k k f waamamuu dha. Jechii kunis jecha qeenxee jechoota
kanneen bakka bu’ee barreeffama ta’uu isaatiin akka jecha waalteffamatti filaatamee
qacceeffameera. Gaazexaa Bariisaa Sadaasa 9/2009:8 irraan kan fudhatamee

“…rakkoo ilaalcha fi fayyadamtummaa miidhaamtoota qaamaa miidhaa jiru kana maqsuuf


Mootummaan ...”

Hima armaan olii keessatti jechoonnii tarraa’an jechoota ifaa fi waalta’oo dha. Jechi akka
waalteffameetti fudhatamee jecha”maqsuuf” jedhu yoo ta’uu jechi kun yerroo baay’ee jechoota
akka hambisuuf, xiqqeessuf, balleessuuf jedha maniin kan bakka bu’amuu yookiin beekkamuu
dha.

16
Jechoonni kunniinis Gaazexaa Bariisaa keessatti jecha kanaan bakka bu’amanii jechichiis akka
jecha waalta’atti fudhatamee qacceeffameera. Gaazexaa Bariisaa Muddee 11/2009:8 irraa kan
fudhatame,

“…Bataskaanni isaanii seerarra ce’uun sirrii akka hin taane ...”

Hima armaan olii keessatti jechi akka jecha waalta’aatti filataaamee qacceeffamee. jecha
“ce’uun” jedhu yoo ta’u jechi kun namaa namattis haa ta’uu naannoo dhan haala garagaraan
wammaama. Fakkeenyaf jechoota akka bira kutuu, bira darbuu, irraa darbuu jedhamaniin kan
waamamuu yoo ta’u Gaazexaa Bariisaa keessatti jecha qeenxee kanaan waalteffamee
dhiyaateera. Gaazexaa Bariisaa Gurrandhaala 3/2009:9 irraa kan fudhatame,

“…idileedhaan uffaannaa fi boorsawwaan Oomishan cinaatti namoonni akkaataa


ajachisiifataniin…”

Hima armaan olii keessatti jechoonni barra’an hunduu jechoota waalta’oo yoo ta’an jechi akka
jecha waalteffameetti filatame fudhatame jecha “cinaa” jedhu. Jechi kun jechoota akka bira,
maddii, moggaa bukkee fi k.k.f kan beekkamuu yoo ta’u Gaazexaa Bariisaa keessatti jechi cina
jedhu kun akka jecha waalta’aatti fudhatamuun dubbistootaaf dhiyaateera. Gaazexaa Bariisaa
Amajjii 26/2009:10 irraa kan fudhatame

“…ragaa sobaa sassaabdummaa kiraa fi bulchiinsa gaarii keessatti liqimfamuun gaaga’ama


qabeenyaa fi lubbuu lammileerra gahu…”

Jechoonni hima armaan olii keessatti barraa’an hedduun isaanii jechoota waalta’oodha. Jechi
hima kan keessatti akka jecha waalteffameetti fudhatame jecha “gaaga’ama” jedhuu dha. Jechi
kun jechoota akka, cinqamu, dararamuu, dhiphinaa fi k.k.f n kan waamamu yoo ta’u jechi
“gaaga’amuu” jedhu kun akka jecha waalteffameetti fudhatameera. Gaazexaa Bariisaa
Onkololeessaa 18/2009:7 irraa kan fudhatame

“…kun ammo uwwisa humna ibsaa saffisiisuurratti shora guddaa taphata”

Hima armaan olii keessatti jechoota tarra’an keessaa jechooni lama akka jecha waalteffameetti
fudhatamaniiru. Jechoonni kuunniinis jecha “uwwisa” jedhuu fi “shora” jedhu yoo ta’u jechi
uwwisa jedhuu kun jecha kallattiin isa bakka bu’u yoo hin jiraannees yaada bal’aa qabatee akka

17
jiru jechoota duraa fi duuba isaa jiran irrraa hubachuun ni danda’ama. Akka yaadatti garuu
jechoonni jecha kana bakka bu’u jedhamanii yaadaman wal ga’iinsaa, ga’uumsa keeessatti
namoota afaan oromoo dubbisuu fi hubachuu danda’aniif yaadaa bal’aa qabatee dhiyaateera.
Jechi biraa akka jecha waaltefffameetti fudhatame jecha “shora” jedhuudha. Jechi kun maqaalee
garaagaraan kan beekkamu yoo ta’u isaan keessa gahee, qooda itti gaafatamummaa fi k.k.f ta’uu
danda’uu. Gaazexaa Bariisaa Onkololeessa 18/2009:8 irraa kan fudhatame

“…dhaabbatichi hojiilee hanga ammaatti biyyattii keessati hojjateen bu’aaleen argaman hedduu
ta’uu kan himan…”

Hima armaan olii keessatti jechi akka jecha waalteffameetti fudhatame jecha “heddu” jedhuudha.
Jechi kun maqaalee garagaraatiin kan beekkamuu yoo ta’u maqaalee kanniin keessaa hikka jecha
waalta’aatti fudhatamee baay’inaan itti fayyadamamee kan jiruudha. Maqaaleen kunnis jechoota
akka baay’ee, danuu, dila fi k.k.f nii dha.

3.4. Loogota Gaazexaa Bariisaa Keessatti Mul’atan

Kutaa kana jalatti loogota Gaazexaa Bariisaa keessatti mul’atantu funaanamee hiika Naannolee
Oromiyaa garaagaraatti qabaniin wal bira qabamuun dhiyaata. Kunis ragaalee Gaazexaa Bariisaa
Bara 2009 ji’oottan jahaa fi Gaazexaa Bariisaa Caamsa 2008 keessaa walitti qabamaanii
qaacceffamanii dhiyaatu. Gaazexaa Bariisaa Amajjii 26/2009:5 irraa kan fudhatame

“…jijjiirama bu’uura qonnaarratti fuduufis ta’ee abbootii qabeenyaa danuu hirmaachiisuuf…”

Hima armaan olii keessatti jechoonni tarraa’an hedduun isaanii jechoota waalta’oo yoo ta’an
jechi “danuu” jedhu looga naannoo ta’uu isaaa agarsiisa. Kunis jechi kun looga naannawa akka
Wallaggaa, Jimmaa fi kanneen biroos ta’u danda’an.

Jechichi Naannoo Oromiyaa garagaraatti jechoota akka baay’ee, heddu, fi dila kanneen
jedhamaniin kan beekkamu yoo ta’u jechoonni akka jecha waalta’aatti dubbattoota Afaan
Oromoo biratti bal’inaan beekkaman jecha “hedduu fi baay’ee” jedhamaniidha. Gaazexaa
Bariisaa Gurrandhala 10/2009:3 irraa kan fudhatame

“…Oromoon hacuuccaa, rakkinaa fi gadadoo isaa qunname moggaatti dhiisee .”

18
Hima armaan olii keessa jechi “moggaa” jedhu jechoota tarraa’an keessaa jecha akka loogaatti
fudhatammeedha. Jechi kun jechoota akka maddii, cinaa, bira fi bukkee jedhamaniin kan
beekkamus yoo ta’u jechi yeroo baay’ee akka jecha waalta’aatti tajaajila jecha kan loogaa
naannoo ykn looga dhuunfaa jennee adda baasuun rakkisadha. Sababiin isaas iddoo garaagaraatti
namoota garagaraatiin fayyadamama waan ta’eef, kunis Gaazexaa Bariisaa loogas akka
fayyadamu ibsa. Gaazexaa Bariisaa Caamsa 5/2009:5 irraa kan fudhatamee “yoo iddoo isaan hin
barbaanne ta’e dhagichaan si haaleluu”

Jechoota hima armaan olii keessatti tarraa’an keessa jechi looga naannoo/ Nama dhuunfaatiin
barraa’e jecha “haaleelu” jedhuudha. Jechi kun iddoo garaagarattis ta’ee namoota garagaraa
biratti jechoota ykn maqaalee hedduun beekkama kunis jechoota akka, dhahuu ykn dhaanuu,
rukkutu fi tumuu, reebuu kanneen jedhamaniin beekkama. Jechoota kanneen keessaa jechii akka
jecha waalta’aatti baay’inaan tajaajilaa jiru jecha “rukutuu” jedhu yoo ta’u haalli kun ammo
Gaazexaa Bariisaa looga naannos ta’ee kan dhuunfas fayyadama barraa’uu isaa agarsiisa.
Gaazexaa Bariisaa Amajjii 26/2009:10 irraa kan fudhatame “… wal’aansa fayyaa akka argatan
taasisuun leeyyoo fi soda hirisuun kunuunsuu fi dandamachiisuun…”

Hima armaan olii keessatti jechoonni tarraa’an jechoota ifaa fi waalta’oo ta’an yoo ta’an jechi
“leeyyoo” jedhu garuu jecha looga naannoo muraasa qofatti beekkamuun tarraa’eera. Kunis
Godinaalee Oromiyaa kanneen birootti hamma tokko yoo beekkameyyuu tajaajila bal’aaa hin
kennu. Jechi kun jechoota akka soda, qaanii fi saalfii jedhamaniin kan beekamuu yoo ta’u jechi
akka looga walii galaatti bal’inaan tajaajila kennaa jiru jecha “qaanii” jedhuudha.

Gaazexaa Bariisaa Gurrandhala 10/2009:9 irraa fudhate “… gandichatti namoonni 67 haroo


Tulluu Waraanbus jalatti bishaan qocachuun jallisii hojjachu danda’aniru.”

Jechoota hima armaan olii keessatti tarraa’an keessa jechi akka loogaatti fudhatame jecha
“qocachuu” jedhu yoo ta’u jechi kun jechoota akka qusachuu, kuufachuu, walitti qabuu,
jedhamaniin beekkama.

Jecha kan hiika isaa kennuu fi looga naannoo ykn looga dhuunfaa jedhanii murteessuun ulfaataa
ta’us akkaataa jechoota duraaf duuba isaatti tarraa’aniin adda baafachuun ni danda’ama. Kunis
jecha “qocachuu” jedhu kana jecha waalta’aa “kuufachu” jedhu yoo bakka buusne hiika

19
dubbattoota Afaan Oromoo kamifuu ifaa ta’e nuuf kennuu danda’a. Kunis Gaazexaa Bariisaa
keessatti loogonni naannoos ta’ee kan dhuunfaas akka dhiyaatan agarsiisa.

Gaazexaa Bariisaa Amajjii 26/2009:4 irraa kan fudhatame “… namni osoo dafqa xuruurfatee
agabuu buluu fi jireenya harka gara Afaanii geggeessu daandii sassabdummaa kira geessu
soquunsaa waan hin oolle ta’a.”

Jechoota hima armaan olii keessatti tarra’an keessaa jechi soquu jedhu jecha Naannawa Oromiya
garagaraa keessatti hiika garagaraa qabudha. Fakkeenyaf jechi “soquu” jedhu naannoo Arsii,
Baale fi SHawaa muraasa biratti “waa barbaaduu” Godinaalee gara Wallagga fi Jimmaatti ammo
“lafa qotuu, akaafuu” hiikkawwan jedhaman qaba. Kanaafuu akkaataa hima armaan olii keessatti
dhiyaateen jecha kana jecha “barbaaduu” jedhuu yoo bakka buusne hiikaa eenyumtuu hubachuu
danda’u nuuf kennu danda’a. Gaazexaa Bariisaa Gurrandhala 10/2009:4

“Dr Darajjee Guutaa gama isaaniin maniin haaroomsichaa inni ijoon hanqinaalee muudachaa
turan hiikaa…”

Hima armaan olii keessatti jechi “manii” jedhu jecha dubbattoonni Afaan Oromoo hedduun itti
hin fayyadamnee fi hin beeknedha.

Jechi kun akkaataa jechoota duraa duuba isaa jiran irraa hubachuun danda’amuun jecha “
kaayyoo fi galma” jedhamaniin kan beekkamu yoo ta’u jecha durirraa kaasee tajaajila hiika
kanaaf kenna jiru jecha ifaa fi waalta’aa “kaayyoo” jedhuun yoo bakka bu’ee gaarii ta’a.

20
BOQONNAA AFUR

4. Cuunfaa, Agannoofi Yaboo


gegegegeegee
degege
egege
4.1. Cuunfaa

Qorannoon kun gahee Gaazexaa Bariisaa waaltina Afaan Oromoo keessatti qabu irratti kan
geggeeffame yoo ta’u, qorannoo kanaan Gaazexaa Bariisaa haala kamiin waaltina Afaan
Oromoo keessatti gahee akka qabu, jechoota waalta’oo Gaazexaa Bariisaa fayyadamuufi
loogoota Gaazexaa Bariisaa keessatti mul’atan beekuun danda’ameera. Haaluma kanaan
Gaazexaa Bariisaa gama jechoota dagatamaa jiran fayyadamuu fi jechoota hawaasa Oromoo
biratti darbee darbee Afaan biraatiin waamaman jecha Afaan Oromoo bakka buusee
fayyadamuun dubbistoota biraan gahuutiin shora guddaa taphachuun isaa bira gahameera.
Gaazexaa bariisaa keessatti loogota naannoos ta’ee kan dhuunfaa barreeffamanii dhiyaachuun
isaanii hubatameera.

4.2. Argannoo

Qaaccessaafi ibsa ragaalee kaayyoo qorannichaa irratti hundaa’uun taasifameen qabxiiwwaan


armaan gadii akka argannootti dhiyaatanii jiru. Isaanis;

 Gaazexaan Bariisaa jechoota waalta’aa ta’aniin dhiyaachuun waaltina Afaan Oromoo


keessatti gahee qabaachuun isaa bira ga’ameera.
 Gaazexaan Bariisaa gama jechoota dagataman yaadachiisuu fi jechoota sadarkaa dubbitti
darbee darbee Afaan birattin waamaman jechoota Afaan Oromootiin fayyadamuun
dubbistoota biraan ga’uutiin waaltina Afaan Oromoo keessatti gahee qabachuun isa bira
gahameera.
 Gaazexaa Bariisaa keessatti loogonni naannos ta’e loogni dhuunfaa tarraa’aanii yeroo itti
dhiyaatan jiraachuu isaa qorannoo kanaan bira ga’ameera.

21
4.3 Yaada Furmaata

Argannoowwan qorannoo kanaarratti hundaa’uun yaanni furmaataa akka armaan gadiitti


dhiyaatee jira.

 Loogonni Gaazexaa Bariisaa keessatti barreeffamanii dhiyaatan caalatti akka


waaltaffaman gochuun barbaachiisaadha.
 Jechoonni waalta’an dubbistoota heddu bira akka ga’anif fac’iinsi Gaazexaa Bariisaa
osoo babal’atee gaariidha.
 Gaazexaa Bariisaa keessatti loogni naannoos ta’ee kan dhuunfaa osoo barreeffamuu
baatani jechoota waalta’oodhan dhiyaate gaarii ta’a.

22
WABIILEE

Assaffaa Taffarraa (2009) .Eela seenaa ogummaa oromoo Finfinnee.

Adunyaa Fayyisaa (2007). News Bias study in three Afaan Oromoo News paper Addis Ababaa.
Waraqaa Qorannoo Hinmaxxanfamin

Dastaa Dassalenyi (2013). Bu’uura Qorannoo. Finfinnee.

Engidawork Taddesse (2015). Survey of Ethiopia mass media Modul Dilla.

Globe Fearon ( ) Midia today.

Girma Mammoo (2001). Wirtuu jildii 9ffaa Biiroo aadaa fi Tuuriiziimii Oromiyaa.Finfinnee

Joseph Strabhar and Robert (1996 ). Media now.United State ofAmerica.

Macmillan English dictionary.(2002) China.

Merriam –Webster- dictionary.

Misganu Gulummaa (2013).Biiftuu Guddinaa Afaanii.

Toora interneetii (“https: //en.wikipedian.org /w/.

Wirtii jidii 3 ffaa (1990) .Biiroo Aadaa fi Beeksisa Oromiyaa.Finfinnee..

Wirtuu Jildii (1995) Biiroo Aadaafi Ispoortii Oromiyaa.Finfinnee.

Wirtuu jildii 9 ffaa (2001). Biiroo Aadaafii Ispoortii Oromiyaa.

23

You might also like