You are on page 1of 3

WIXINEE LABSII BAAJATA HOJIIWWAN

MOOTUMMAA NAANNOO OROMIYAA BARA 2013 MURTEESSUUF BAHE


Labsii Lakk --------/2012
Bara Baajataa 2013tti hojiiwwan fi tajaajilawwan Naannoo Oromiyaa keessatti
adeemsifamaniif baajatni barbaachisaa ta’e raggaasifamee hojiirra ooluun waan irra
jiruuf, akkaataa Heera Mootummaa Naannoo Oromiyaa fooyyaaa’ee bahe Labsii
Lakk.46/1994 keewwata 49(3(a)’ttiin Labsiin kanatti aanu labsameera.
Kutaa Tokko
Waliigala
1. Mata Duree Gabaabaa
Labsiin kun ”Labsii Baajata Mootummaa Naannoo Oromiyaa kan bara baajataa 2013
lakk.--------- /2012” jedhamee waamamuu ni danda’a.
2. Baraa fi Hamma Baajataa

Adoolessa 1 bara 2012 irraa eegalee hanga Waxabajjii 30 bara 2013tti kan raawwatu bara
baajata tokko keessatti galii naannoo irraa argamu, deeggarsa baasii Mootummaa
Federaalaarraa argamuu fi maallaqa madda kanneen biroo irraa argamu hojiiwwanii fi
tajaajilawwan Mootummaa Naannichaa gabatee kanaan wal-qabate keessatti ibsamaniif
akka kanatti aanutti:

a) Baasii Marmaartuu Naannootiif Qr. 17,312,227,994


b) Baasii Kaappitaalaa Naannootiif Qr. 21,757,167,087
c) Deeggarsa Aanaalee fi Bul.Magaalotaaf Qr. 50,430,604,919
d) Ittiin Eeggannoo Naannootiif Qr. 500,000,000.00
Walitti………….………………………………..Qr. 90,000,000,000
(Biiliyoona Sagaltama) baasii ta’ee akka kaffalamu labsii kanaan heyyamameera
(facaatiin isaa Labsii kana wajjin qabsiifameera).

1
Kutaa- Lama
Bulchiinsa Baajataa

3. Baajata Ittiin Eeggannoo


1. Baajatni ittiin eeggannoodhaaf qabame kan kaffalamuu danda'u ajaja yookaan murtee
Mana Maree Bulchiinsatiin darbu irratti hundaa’uudhaan ta’a.
2. Deeggarsa baajataa aanaalee fi bulchiinsa magaalotaaf labsii kanaan ramadamee olitti
dabalataan ramaduu yookaan kennuun kan danda'amu Manni Maree Bulchiinsaa yoo
mirkaneessee ajaje qofa ta'a.

4. Jijjiirraa Baajataa
Jijjiirraan baajataa akkaataa Labsii Bulchiinsa Faaynaansii Mootummaa Naannoo
Oromiyaa Lakk. 156/2002 fi Labsii Bulchinsa Faayinaansi Mootummaa Naannoo
Oromiyaa fooyyeessuuf bahee lak. 209/2010 keewwata 22, 25 fi 2(9), 2(10) akkasumas
Dambii Bulchiinsa Faayinaansii Mootummaa Naannoo Oromiyaa Lakk.207/2011
keewwata 9 fi 10 bu’uureffachuun qajeelfama Biiroon Maallaqaa fi Walta’insa Dinagdee
baasuun kan raawwatamu ta’a.

5. Baajatni Baasii Ta’ee Akka Kaffalamu Ajajuu


Dhimmi kan ilaalu Ooggantoota Manneen Hojii Mootummaa Naannoo Oromiyaa hojii fi
tajaajila Manneen Hojii isaaniif baajata labsii kanaan heyyamameef akka kafalamuuf
gaaffii yemmuu dhiyeessan Biiroon Maallaqaa fi Walta’insa Dinagdee Oromiyaa galii
naannichaa fi maddeewwan biroo labsii kanaan heyyamame irraa kaffaltii akka raawwatu
heyyamamee ajajameera.

6. Gabaasaa fi To'annoo
1. Manneen Hojii Mootummaa Naannichaa madda maallaqaa labsii kana keessatti hin
haammatamin, madda kamirraayyuu gargaarsas ta'ee galii biraa, bifaanis ta'ee qarshii
callaadhaan argame hojiirra oolu mata dureewwanii fi gulantaa baasiidhaan
galmeessee qabachuun ji’a ji’aan fi kurmaana kurmaanaan akkasumas akka

2
barbaachisummaa isaatti Biiroo Maallaqaa fi Walta’insa Dinagdee Oromiyaaf
gabaasuu qaba.
2. Biiroon Maallaqaa fi Walta’insa Dinagdee Oromiyaa deeggarsa baajata aanaalee fi
bulchinsa magaalotaaf labsame, akkasumas manneen hojii mootummaa naannichaaf
baajata ramadame herrega isaa xiinxaluu fi hordofuuf aangoo ni qabaata.
3. Manni Hojii Mootummaa Naannichaa, bulchiinsa magaalotaa fi aanaaleen itti
fayyadama baajata isaanii Biiroo Maallaqaa fi Walta’insa Dinagdee Oromiyaaf ji’a
ji’an,kurmaanaa fi akkuma barbaachisummaa isaatti gabaasa gochuun irra jira.

7. Galii Keessaa
Manni Hojii Mootummaa Naannichaa kamiyyuu madda galii keessaa baajataan
qabamee akka hojiirra oolchu labsiidhaan yookaan Mana Maree Bulchiinsa Mootummaa
Naannoo Oromiyaan yoo heyyamameef malee galii argamu Biiroo Maallaqaa fi
Walta’insa Dinagdee Oromiyaatti dhangalaasuu qabu.

8. Yeroo Labsiin Kun Itti Ragga’u


Labsiin kun Adoolessa 1 bara 2012 irraa eegalee hojiirra kan oolu ta’a.

Finfinnee
Adoolessa Bara 2012
Shimallis Abdiisaa,
Pirezidaantii
Bulchiinsa Mootummaa Naannoo Oromiyaa

You might also like