You are on page 1of 4

Na Furi

✓Otoon tattaafadhuu

Gidiraan na qabe

Callisee taa'uufis

Sammuu koo dadhabee.......

✓Mee akkam haa ta'u

Furmaanni koo maali?

Yaa rabbii na furi

Rakkoo kana laali....

✓Miixuu miixadheetu

Dhalachuuf na rakke

Kophaa koo gugguufee

Kophaa taa'a bakkee.....

✓Rakkinni na marseen

Gurra kootti iyya

Himachuu dadhabe

Osoo qabu hiriyaa....

✓Kaayyoof manaa bahee

Karaatti hafaaree???

Jedhee of jabeessa

Cinqamee hiraaree

Madaa keessa kootii

Namni naaf argaaree???......


✓Otoon ciniinnadhuu

Beelaaf dheebuu obsee

Rakkoof gidiraa ceha

Dhiigaf dafqa koo cobsee....

✓Hunduu na irraanfateera

Eenyu naaf hin beeku

Bor nama ta'eetan

Ol qabadha ceekuu....

✓Jedhee ciniinnadhee

Irree koo jabeesse

Osoo tattaafadhuu

Hiyyumniif gidiraan

Didee natti dheesse....

✓Jireenya gar lamaa

Kan boqonnaa malee

Ammas hin boqonne raafameen jiraadha

Akkuma gaaf kalee....

✓Dhaqqabuu hin dandeenye

Fudhachuu dandeenye

Ammas narraa hiixuu

Yaa rabbi na furi

Kan na qabde miixuu...

✓Bututee bada malee

Abdii hin kutadhu

Carraa koo ilaalee


Waaqayyoon komadhu....

✓Yaanni koo tamsa'ee

Lamatti hirama

Kana bakkaan gahuun

Sirraatti dirqama .....

✓Beeloftus dheebottus

Harka hin kennatin

Rakkoo boru darbuuf

Abdii hin kutatin...

✓Inni har'a dukkanaa'e

Boruma siif ifa

Dukkana sodaattee kaayyoo kee laamshessuun

Siif du'a siif fafa...

✓Jedhee na onnachiisa

Yaanni sammuu kooti

Inni kaanis futtaafatee

Maaf qoramta ati?

Suutuma guuttattaa

Yaada garaa keetii...

✓Suuta tarkaanfadhu

Boris guyyaan hafee

Maaf rakkoof gidiraan

Of madeessita lafee....

You might also like