You are on page 1of 5

abaaboo kaasuun guutuu baadheen uffata dheeraa diradheen jilbaan tumaa abbaa koo waliin magaalaa

keessa deemaa jira. karaa qaxxaamurtee gara kootti as qajeelte amanuu hin dandeenye..... karaa garaaf
garana namootaan cufamaa kaan ol.. kaan immoo gadi yaa'u konkolaataan tooraan akka sa'a ulee
tikseen oofee galaa jiruutti tooraan yaa'e. waraqaa burreetiin maramee kennaa qophaa'edha ija tokkoon
abbaa koo ofirratti ilaalaa natti hiixatte...anis ofitti qabee haammadheen kennaa koo harkaa luqqifadhe..
kennaa addaati jedheen amana abaaboo malee kennaa biraa hin fudhanne. amman galee irraa hiikuttin
of-dhiphise. isheen waan nufaana deemuu saalfatteef kallattii biroon baatee galteetti... maaliif kana
gootee?... maaliif manatti naaf hin fidnee?..lakkii dhiisi waan akkas gooteef beekti. manatti akkamitti
naaf fiddi? akka ittj naaf fiddu hin qabdu... maatii ishee sodaatti...abbaa koos nisodaatti ta'a. maaliif hin
sodaatturee? jedhee sammuun koo haasaa jalqabe. yoon mana ga'u garuu ollaan keenya buddeena ija
lama lama walirra bmufatee yaa'ee dhufeera. nyaata nuwaliin nyaatanii abbaan koos baranii gara mana
isaaniitti nufudhatanii galaniiru. nutis achi turree halkan taphataa turree galle. hiriyootni koo duraan
carraa ani argadhe kana hin arganne. abdiifi baacaan waliin mana tokko galaa turre lamaan isaaniiyyuu
firiin barnoota isaanii waan jelaa hanqateef gara waggaa 3ffaatti hin darbin hafan. yoo carraa argatan
bara itti aanutti baratanii milkaa'uu danda'u ta'a. haala hunda danda'ee carraa gammachuu
dhamdhamuu kootti rabbii gudaaf galata yoon jedhu gama tokkoon mu'atniifi dadhabbiin haadhaaf
abbaa koo waan firii argatedha.. namni obse injifataadha obsa dhabuun garuu waan yaadan...
karoorsan... abdatan.. galma borii...dabalata addunyaa namarkaa gata mitij? eeyyeen namarkaa gata
jedheen yaada galaanatti dhidhima. yoo rabbiin jedhe immoo mindeeffameen jiraadha. hojjetaa
ta`uufan jira hojjetaa mootummaa isa dhufee lafa keenya safaru..... lakki isa mitiim... barsiisaadhaa.... isa
barnoota na barsiisaa ture. isa osoo dhala hin qabaatin dhaloota mararfatu..... isa isa jaalalaan nama
moo'atu..... isa dhabus qabaatus... guyyaa tokko sammuun isaa hin dhiphanne sana ta'uu kooti....
maarree leenjii ogummaa barsiisummaa gaafa leenjinu sana..... akka itti barataa barsiisan.... akka itti
barataa haalaf amala isaa to'atan.... currisa barataa barsiisanii haala itti beekan.... daree barnootaa
keessa barataa amala garaa garaatu jira. jedheen barachaa ture mitii? eeyyee.... sirriidha. barachaa kan
turte sanuma waan ta'eef ati barsiisaadha. isa dhaloota barsiisu sana. jedhee qalbii koon amani... kan
amane hin raafamuuti. hin shakkin of.... kan yaada qalbiin koo of gaafate ofiif deebisudha.

Qormaatni jireenyaaf barnoota walfaana sidhiphisu hunduu darbeera.....dhugaa?.... dhuguman


injifadhee dharbee laata?.... eeyyee injifatteetta... ati nama jabaadha. of amani. jaalalli, jireenyi.. duuti
haadha kee kaayyoo kee ajjeesuuf dhufee ture sun.... ittuu sijabeesse. nama waan itti oolee bulu...
nyaatee dhugu hin qabne biyyaa baasee... si dandeessisee... abbaa kee tokkitii biraa si fageessetu... itti
immoo sideebise. kun dhugaa dhuma kaayyoodha. kaayyoo jabaadha. jabaa kofa miti... hanga tulluu
ga'a.... tulluuyyuu nii caala. kun hundinuu gaaffii hirribaa kaasanii.... osoon deemuu karaatti na
dhabanii..... osoon nyaadhuu nyaata addaan na kuchiisiisanii natti hasaasanidha.

•Abbaan kiyya guyyaa gaafa eebbaaf na bira dhufe sana galgala yeroo sirni eebba keenyaa xumuramee
gallu waan jabaa dubbate. "kichuu koo... jabaa koo.... bagan si godhadhe" ati kaayyoo koo naaf guuttee.
ati jabduu kooti.... Ani akkuman sitti hime abbaan koo narraa du'uutu akkan karaatti hafu na taasise...
malee silaa barnootaaf bakka guddaan qaba ture. erga jedheen booda....
•Amma egaa as jedhi sin eebbisaati "daraarteettaa waaqni ija sitti haa godhu. baratteettaa milkaa'i.....
nama lammiif hojjetu ta'i.... hunduu sihaa jaallatu... hunda namaatti naaf urgaa'i..... hamaan sin argin...
gaariin sin darbin... hamajaajiin... qortuuf mortuun sin danda'in"..... jedhee ammas irra deebi'ee harka
koo ofitti fuudhee dhungate.

Amma anis nama guddaadha. jaalladheera nama lama... isheen 2ffaa onnee koo boojite sun kaleessa na
waliin rakkataa turteetti. dhoksaan waan ani nyaadhu naaf fidaa turteetti..... maal sana qofaree gaafa ani
eebbifames kennaa gati jabeessa tokko bittee fiddee magaalaa walakkaa fuuldura galmaatti naaf
laatteetti. jechuusaati yaadni koo..... dhugaadha! dubbiin gaafa mana isaanii ani bishaan waraabuu
deeme sun maal ta'innaa?.... maaloodhaa?.. gaafa mana jeraatti osoo fiilmii ilaalluu wal-haammanne
wal-dhungannerra.... maal kana qofaree wal-quunnamtii saalaas..... ani waa'eesaa hin beeku.

Kichuu! amma haalaan gara biiftuu biqilaa sana ilaalteettaa?... maal ta'ee... yoona
guddateeram.....dhugaamo?.... silaa immoo natti himtikaa...... osoo maal ta'eeti?..... osoo mucaan
garaatti hafeeti.... yoom ga'e reefuu ji'a sadii caala mitii?....lakkii biiftuun mucaa magaalaatii... sanuu
mucaa magaalaa naqamteeti. Magaalaa seena qabeettidha. Jedhee sammuun koo of gaafachuu eegale.
Gaafa nuti abbaa kiyya waliin magaalaa naqamtee keessaa konkolaataa gara godina jimmaa qabannee
deemsaaf kaanee amma buufata konkolaataatti na gaggeessitee turte. Gaafa sana qalbiin..... Yaadni
biiftuu baay'ee jeeqamaature. Anaaf garuu naan gallee. Waan duraan wal-jaallannuf ta'a jedheen dhiise
malee immoo marata morma ishee irra jiruun ija ishee haxa'atteetu boo'aa turte. Maali laata? Maaltu
biiftuu boossise? Waa malee manni hin aaru. Garuu jaalala akkas nama jeequllee wal-jaallanne hin
beeknum...... Dhiisi ati hanga nama jaallattu malee..... hanga namni sijaallatu maal beekta?.... Dhuguma
ta'a. Amma ishee jaalladhu malee amma isheen na jaallattu hin beeku..... Ittuu najaallaachuu baattetii
akkamiin nyaata harmee ishee dhoksitee dimimmisaan naaf fiddi..... Maaliif immoo qarshii dhoksitee
naaf laatti?.... Maaliif immoo yoon ba'uu fi yoon galu na duukaa ilaalti laata?....Safuudha.... Raajiidha....
Baay'isee.... Baay'isee.... Reefuu sammuun koo boqonnaa dhaba.

Ani amma hojjetaa mootummaati waan ta'eef sichi eessatti na argiti biiftuun..... Amma waa'een ishee
darbeera. Onneekoo baruu boojitee turte. Yeroo jalqabaaf immoo nama fedhii foonii waliin
raawwadhedha. Kamiifu garaan jaalala gowwaadha. Jaalalli muka fagootti nama rarraasa..... Lakkii boolla
qoteeyyu keessa nama buusa. Amanii malee akkamitti waa'ee siin boonee maaf dagatte ree? Jedhe
yaad-qalbiin koo.

Biiftuun akkuma biiftuu samii irraa gadi naaf iftuutti bakka firaa fi hiriyaan akkasuma lammiin ani waliin
dhaladhe hin jirretti naaf ifteetti....... Waan oromoo taateef oromummaa koojaallattetu na faana
dhiphatte. Want isheen gaafa eebba koo goote immoo hin dagatamu. Dhoksitee manatti garbuu
naqxee.... Daabboo tolchitee fiddee mana koo keesse. Ollaan, hiriyaa fi abbaan koos
dhugneerra...nyaanneerras.... Wanti kun gonkuma yoom dagatama ree....... Mucaan kun baay'istee na
jaallatti. Bagan silkii maatii isaanii qabaadhe. Silkii manaatiwaan ta'eef akkamittan immoo bilbilee
biiftuutti naaf laadhaa jedharee?.... Kamiifuu dhimmi biiftuu dhimma dagatamuu hin qabnedha. Jaalala
jaldeessaa gootee lafatti hambisuu hin qabu. Yoo achi deemuu ta'ellee waa'een biiftuu bor na qoruun
isaa hin oolu

Carraa waajirri barnootaa aanaa keenyaa baaseen ganda ollaa kiyyaa kan taate Degootti mana
barnootaa sad. 1ffaa fi g/galeessa akkan barsiisu ta'e. Maatii koo biran jira. Of gargaaraan abbaa koo
kunuunfataa hojii idilee koo hojjedha. Eeyyee..... Amma sammuun koo duraan jeeqamaa ture yeroo
haara galfii isaa waan qooddateef uumaan koo galata qaba. Eebbifameebergan galee reef torbee tokko
caala. Bakka ramaddii kooa bareera. Amma dhiphinnis godaaneera jedhaan deema. Osoo kitaaba afaan
oromootin Beekaa Isaayyaas Hordofaatiin barraa'e dubbisuuf muka odaa fuullee lafa keenyaa jiru jela
deemuuf imaluun Awwaalcha haadhakoo waggaa sadiin duraan arge. Akka aadaa amantaa naannoo
keenyaatti bakki awwaalchaa ishee bakka lafa Masjiidaatiin daanga'e.... Namootni boqotan itti
awwaalaman keessa tarree galtee hiriirtee ciistee jirti. Yeroo kana ofin wallaale. Sammuun koo osoo ani
hin eegin garasitti na imalchiise. Dhaqeen dhagaa guyyaa sana ishee irra naqame irraan taa'e....... Nan
boo'e...... Nan hirqinfadhe.....boqonnaa na dhowwe.

Harmee...... Harmee...... Giiftii koo biqiltuu olaanii gadaa akkam jirta?.... Biyya lafaa dhiiftee erga
godaantee waggaa sadii fixxeetta. Yaa harmee ani gaafa sana awwaalcha kee hin argine bagan hin
argin...... Silaa sidura boolla kana lixuutu naaf caala ture..... Inuman hirqinfadhe.... Inuman iyya......
Maaliifan hin iyyuree.... Haadha koo tokkittiin dhabe... Osoon jaalladhuu.... Osoon mararfadhu.

Harmeekoo yaa Biiftuu kiyya.... Amma haalli ati keessa jirtu akkamii?..... Ani mucaan kee akka kaleessaa
miti..... Har'a kunoo barnoota kootiin leenji'een eebbifamee galeen jira.... Yaa harmee....
Imimmaan.........imimmaan......... Imimmaan............. Osoo har'a illee naaf geesseetta ta'eetii yaa harmee
koo.... Jedhee osoo hirqinfadhuu hiriyaan abbaa koo kan umuriin xiqqoo waan dullooman fakkaatan
muka murachuuf gara bosona xixiqqoo ani keessa taa'ee boo'aa jirutti sagalee koo dhaga'anii as dhufuun
osoo ani of hinbarin harka koo qabanii deeman. Dhiisi!..... Dhiisi!....... Mucaa koo hin boo'in jedhanii
gaabii uffatanii jiraniin ija koo irraa naaf haxa'an..... Nas gorsan.

Gurbaa obsi nuti hundi keenya illee biyya kana irraatti hin hafnu. Hundinu ni duuna. Duuti kennaa rabbi
biraa nuuf laatamedha waan ta'eef waan goonu hin qabnu. Jabaadhu mucaa koo jedhanii nabiraa
deeman. Ani achuma bakka isaan na ka'an ta'een kitaaba koo banadhee dubbisuu eegale. Seenaa
oromoo bal'inaan ibsa kitaabni kun ergaa cimaa qaba. Mata-duree jabaa "Yoom Laata?" Jedhudha.nan
dinqisiifadhe. Kitaaba dubbisuun akkam akka nama godhu barsiisaa koo kolleejjiitti bal'inaan nu guraa
turen yaadadha. Yaa barnootaa! yaa beekumsaa! Baay'ee nu hafa jedheen of qaruu eegale. Amma ani
nama barate ta'een jira. Gara fuula duraatti yeroon fuudhuu barbaades filadheen barataa ykn barasiisaa
keessaa ilaalee fuudha. Eeyyee..... Waan fedhen fuudha. Intala oromoo ishee bareedduu....... Ishee
mataan luuccaa...... Ishee haalaa fi amala koo beektu ishee na kabajju...... Ishee abbaa koo gargaartu.
Ishee hojii beektu..... Ishee safuu beektu. Intala oromoo kan beekaa jalatti guddatte. Kan duudhaan
boontu. Kan eenyummaa koo kabajju. Eeyyee ishee dhuman fuudha. Yaa rabbi jedheen yaadaan
liqimfameen hafe.
Baga dhama'e dhamaatiin koo akka milkaa'us nan beeka. Garuu waadaa waaqni naaf gale sun guyyaan
saa waan dheerateef "Yoom Laata"jechaan jiraadha. Ani nama seenaati nama seenaa addaa ta'uu koon
beeka.

Yooman abdii kutee beeka..... Garaa koo hidhadheen.... Agabuu oolee..... Agabuu buleen..... Qullaa
deemeen.... Baradhe mitii?.... Yaa anaa maalifan nama seenaa hin taane. Rakkoo koo laphee koo keessa
guduunfadheen...... Afaan koo.... Ija koo... Miilla koo...... Harka koo garaa koo..... Hunda adabeen har'a
ga'eem. Safuu....... Raajii... Yoo ijji gaarii ilaalu dide ittin ka'a. Yoo garaan waan meeqa akka filannootti
dhiheessu lakki jedheen dhowwaa ture. Sammuun koo inni qaamota koo hunda akka kanaan to'ataa
ture sun galata cimaa narraa qaba. Obsi dhagaa affeela jechuun dhuguma. Waan qabatamaan jedhame
ta'uusa of irrattin arge. Fulbaana bultii 15 yemmuu ta'u keessa waraqaa qacarrii Aanaa fi akkan
dhiyaadhee miindaa koo ji'a jalqabaa akkan deemee fudhadhu kan ergaan na ga'e. Haa ta'u malee
duraan bakka ramaddii koof waraqaa miindeffamuu koo ibsu booda irra akka naaf laatamu natti
himamee ture. Anis ergan guyyoota muraasa hojii idilee koo irratti argamee barattoota galmeessuuf
guyyaa muraasa immoo qabiyyee gosa barnoota muraasa yaadachiisaa tureen boodan miindaa koo ji'aa
Aanaa keenya deemee fudhadhe.....

Kun anaaf seenaa addaati. Amma barsiisaa ta'een ijoollee dura dhaabbachuu eegale. Maqaa koo
akkasumas bakka dhalootakoo barattoota kootti himeen kan isaanis gaafadha. Baay'een ofitti gammada.
Abbaan koos Baay'isee natti gammada. Jiruuf jireenyi keenya akka kaleessaa osoo hin taane kaleessi
seenaa ta'aa dhufteetti. Osoo kanaan jirruu guyyaa tokko abbaan koo gara gabaa Aanaa keenyaa deeme.
Galgala yoo galu garuu wanti isa waliin dhufe baay'ee na dinqe. Waanan jedhee dubbadhun dhabe.
Ollaa garanaaf garasii waameen taatee kana waliin dinqisiifanne. Mucaa diimtuu gabaabduu nyaara
gobbuuti. Ani fira keenya taati jedheen shakke. Keessumattuu.... Immoo intala adaadaa keenyaa waan
natti fakkaatteef qalbiin koo amanuu dide. Torbee lamaan dura gabaatti hiriyaan abbaa koo isaan wal-
agarsiisee ture. Har'a immoo isheen waan tole jetteef fudhatee gale.

Ni fuudhe jechuudha. Wanti rabbi godhe kun baay'ee na dinqe. Abbaan koo waggaa sadii ol qofaasaa
mana keessa ture. Amma garuu nama sadii taane. Anis akka kaleessaa abidda gugguufee nyaata
qopheessee hojii barsiisummaa deema osoo hi taane ganama hirribaa ka'een qopha'aa nyaadhe
barattoota /dhaloota/barsiisuu deema. Guyyaas taanaan mana ho'aattan gala. Jiruun har'aa gocha
rabbiiti jedheen dinqisiifadha. Anaaf fayyaan koo baay'ee naaf taate..... Na jaallatti...... Abbaa koos
baayistee kabajji. Karooraafi haala jireenyaa isheetu addatti beeka bulee bubulee waraqaan karaa mana
poostaa aanaa keenyaa tokko dhufee na qaqqabe waan ani amanuu hin dandeenye ibsa.

HIRIYAA KEE

BIIFTUUDHA

Akkam jirta? Nagumaa? Haraarri waaqaa siif haa baay'atu. Gaarummaa Jabaan siif hawwa. Ani erga
guyyaa ati na bira deemteti qalbiin koo nagaa hin taane osoon sifaana ilaalettan hafe qalbii kootti hin
deebine. Jireenyi koo baay'ee jeeqame fayyaan dhabe..,.... Si malee jiraachuun koo naaf hin ta'u......
Naaf hin taanes...... Adaraa kee yoo rabbiin sodaatte yeroo dhihootti gara magaalaa Naqamtee kottu...
Ijumaanin si argaati... Hiriyaa dhugaa kan ta'e B/saa kichuu tíif

Nagaatti.

Yoon kana hiikee dubbisu Baay'iseen boo'e boqonnaan dhabe yaadaaf ilaalcha biiftuun naaf qabduu fi
isa isheen yeroon ba'u fi galu nafaana ilaaltutu dura koo deeme.

********************

Guyyootni.. Ji'ootni..Barootni.. Jireenyakoo doorsisaa turan sun har'a karaarraa dabaniitu akkan itti jiru
ilaaluun qaana'uu waan hafan miti. Obsi naan jedhanii hin beekan ture. Na marsani gadadoof rakkoo
akka bubbee bosona hamaazon irraa bubbisu sanatti narraa gugugsaa turan. Barri harkakoo galeera.
Nama ta'uukon of bare nama kaayyoon hacuuce. Nama obsi mo'e. Nama akka dubartii da'umsaaf looko
hidhameefitti rarraatee ciniinnattuutti kayyoosaatti ciniinatee hafee milkaa'edha ani. -"Maqaan
baduurra Mataan baduu wayya" jedhan. eeyyee dhugumaam maaltu amma maqaa abbaa kooti naaf
gaha. ...osoon of quba hin qabaatinan obboleessa argadhe. nan gammade.. nan ililche.. oliin utaalee..
akka jabbii aannan quufettan qurub..qurub jedhe. uumaa mana qabbanaa'e ho'isuu beektu..kan
rakkateef wabii taatu..kan dhiphateef furmaata laattuu galatoomi! jecheen walitti qabee eebbisuun
jalqabe. abbaankos baayee gammadeetu ''kichuu kottu obboleessa keetti maqaa moggaasi!''naan jedhe.
''lakkii..! maqaa moggaasuun gahee abbaa mucaati'' ani akkam godheen aadaa oromoo ganamaa cabsa
yoon jedhu..egaa... jedhanii xiqqoo turaniitu. ''barsan'' jechuun kanumaam jedhan. maqaa sirriidha.
maqaa haala g/galeffate ..barri sun seenaa hin galle taate. har'a mana magaalaatti ijaaranneetu
maatiin keenya martinuu magaalaa jiraatu. anis akkuma warri adii ''step by step egg can walk by leg''
hiiknisaa (suuta suuta buphaan miila godhatti) jedhan sana caaleen ''suuta suuta buphaan baallee
baaftee barristi" jedheen hiriyoota muraasatti qoosuun jalqabe. anis amma abbaa milkiiti kan
naqamteetti dhalatee haadha waliin naaf dhufe. mucaa biyya kumsaa morodaatti dhalatee..
(.xumurameera!!

You might also like