You are on page 1of 2

‘#UFFATAKEE DHIIGAAN BADE KANA NAAF KENNI, KIYYA KANA UFFADHU, GARUU HIN XUREESSIN…’

(Seenaa Gaddisiisaa, garuu Barsiisaa)

=========================

#Namootni lama mana dhugaatii keessatti dhugaatii dhugaa turan. Osoo dhuganii yaada wayii irratti wal-
morkuu jalqaban. Wal-morkichis cimaa dhufee lola cimaatti geeddarame. Inni tokko keessaa aaree ka’ee
hiriyaasaa waliin dhugaa ture sana rukutuu jalqabe. Itti deddeebisee rukutee yoo haalasaa hubatu
onneen hiriyaasaa rukutuu dhaabeera, rukuttaa sanaan garmalee miidhamee lubbuunsaa tasumaa
darbite. Du’uusaa erga hubatee booda baayyee rifatee baqachuu/fiiguu jalqabe. Uffatnisaas dhiigaan
guutameera. Namoonni mana dhugaatii keessaas, akkasumas kan alattis uffatasaa argan
yakka/balleessaa hojjachuusaa beekanii isa qabuudhaaf duukaa bu’uu/reebuu jalqaban.

Namichi lubbuu balleesse kunis mana namicha Kiristaanaa tokkotti fiigee seenee, ‘Maaloo nadhoksi,
nama ajjeesee baqachaa jira, namootnis na’ajjeesuuf naduukaa fiigaa jiru, maaloo nadhoksi …’ jedheen.
Namichi Kiristaanichis deebiseefii, ‘mana xiqqaa kutaa tokkoo kana keessatti eessatti sidhoksaree…?’
jennaan, namichi ajjeesee baqatu sun deebisee ‘maaloo maaloo,…amma haasawa dheeressuudhaaf
yeroo hin qabnu, waanuma goote godhii nadhoksi, lubbuu kiyya baraari/hambisi…’ jedheen. Namichi
Kiristaanaa sunis erga xiqqoo itti yaadee booda, ‘uffatakee dhiigaan bade kana baasii naaf kenni, kiyya
kana uffadhu, garuu isas hin xureessin…’ jedheenii uffatasaa qulqulluu kenneefii, kan isaa kan dhiigaan
bademmoo fuudhee uffate. Battaluma sanatti namootni manasaatti ol-seenanii gar-malee isa rukutuu
jalqaban. Erga rukuttaadhaan dadhabsiisaniin booda gara waajjira poolisiitti qabanii geessan.
Dhimmichis waajjira poolisiirraa gara mana murtiitti darbe. Manni murtichas dhimmicha erga laalee
booda akkaataa seera biyyattiitti namichatti du’a murteesse/murtii du’aa irratti dabarse.

Yoo kun hundumtuu ta’u namichi dhugumaan yakka hojjate manatti hafee ture, garuu namni qulqulluun
bakkasaa bu’ee, reebamee akkasitti murtiin du’aa yoo itti kennamu laalee obsuu dadhabe, keessisaa
nagaa dhabe. Gara mana murtichaas deemee ‘maaloo namicha qulqulluu sana baasaa, kan nama ajjeese
anadha, inni du’aa jalaa nabaasuuf jedhee uffata kiyya dhiigaan bade uffatee, kan isaa qulqulluu sana
naaf kennee rakkinni kun hunduu irra gahe, maaloo gadhiisaanii inni nama qulqulluudha…’ jedhee
waywaachuu eegale. Abbaan murtiis deebiseef, ‘Baayyee nama gaddisiisa, barfatteerta. Namichichi
akkaataa murtii itti kennameetiin kunoo reefuu ajjeefamuuf fannifameera…’ jedheen. Namichi lubbuu
ajjeese kunis naasuu/rifuu guddaadhaan bakka namicha itti fannisan sanatti ariitiin fiige. Yoo achi gahu
garuu namichichi bakkuma fannifame sanatti du’eeruun argee baayyee baayyee…gadde. Bakkuma jirutti
jilbeenfatee imimmaan buusaa namicha qulqulluu bakkasaa du’e sana laalaa ofiisaatiin akkas jedhe, ‘Ati
gatii yakka/balleessaa kiyyaa naaf kaffalte…’. Yeroo uffatasaa qulqulluu baasee kennuuf ‘uffata siif kenne
kana hin xureessin…’ inni isaan jedhe itti yaadatamee, jaalalasaa kana dinqisiifatee amantaa isaatti
makame, Gooftaan YESUUSITTIS amanee Kiristiyaana ta’e…

#Xumura: Seenaan kun seenaa hojii Gooftaan YESUUS siif raawwate ibsa. Inni cubbuu tokkoyyuu osoo
hin qabaatin cubbuu fi balleessaa keetiif jedhee Qaraaniyoo Golgootaatti mukarratti fannifamee
abaaramaa ta’e. Hojii guddaa sInni siif jedhee hojjate kanammoo akka salphistu hin barbaadu, gatii
guddaa siif kaffalame kanaan hubattee, beektee akka itti amantee fayyitu barbaada. Har’a boru hin
jedhin, daqiiqaama muraasa booda waan jireenya keerratti ta’u hin beektu. Ammumaa murteeffadhuutii
GOOFTAA YESUUS Gooftaa fi Fayyisaakee taasisi. Durumaa itti amanteerta taanaan hiriyaakee Gooftaa
hin qabneef ‘share’ godhiifiitii dirqamakee bahi. Waa'ee Gooftaa 'share' gochuutti hin qaanayin, Innis
yoos sitti hin qaanawu!

Kanan dubbise irraa

You might also like