Professional Documents
Culture Documents
Barreessaan #DINSO
+++++++++++++++++++++++++++++++++++++++++++++++++++++++++++++++++++++++++++
++++++
Elaa obboloota ko
har’a of xureessitee
===========================================================================
=================================
Yeroo garaa garaatti hariiroon ni uumama. Kunis dhimma hojiif walitti dhufuun, barnootaaf keessuma
dhaabbilee barnoota olaanoo universiitii irraa hanga BLTO tti jechuudha. Yeroo kanatti hariiroon dhimma
hojii mata duree godhatte egaltu,akkuma guyyaan dabaluun cimaa dhufti!
Baay’een hiriyaa walii ta’uun, wal gorsuun, wal tumsuun(mallaqaan, wal qo’achiisuun)fi kkf. Hariiroo
jabeeffatu. Maarree muraasni carraa kanatti fayyadamuun fiixee milkaa’ina irra wal gessisaniiru. Yeroo
garaa garaattis waa’ee isaanii yoo dubbataan, akkan iddoo kana ga’uuf akka namatti hiriyaan bakka
sanatti wal baree qooda olaanaa xaphateera, yoomiyyuu hin dagadhu jechuun kan dubbataan baay’ee ni
argina. Hedduun namaa garuu hariiroo bifoota garaa garaatiin argamtuu kana akka carratti itti
fayyadamuun garaa dandii kufaatii hamaa fi madaa irraa fayyuu hin dandeenyetti wal geessu. Boolla
kessaa ba’uun ulfaatuttis wal darbatu.
Hariiroo ka’umsa ishee malee xumurri ishee hin beekamnen bara sobaa dabarsu. Jaalalli maalii?
Maaliifan jaalladhe? Dhumni isaa garamitti adeema? Haallin ittin adeemsa eegale dhuma koo ni
murteessaa ? gaaffiii kana fi kan kana fakkaataan osoo itti hin yaadiin akka nama bishaan daakuu galaana
jaalalatti utaalu. Kanumaarra ka’uun jaalala akka eelee sibilaa amma ho’ee amma qabbana’uttin yeroo
argataan waan badaatiin katabuu. Wantoota nama harkaa ba’anii deebi’uu hin dandeenye(durbummaa,
jaalala dhugaa, amanamummaa) baay’ee dhabu. Hariiroo turtii muraasa jechuun guyyaa, ji’oota, yoo
baa’ate wagga 2-3 tiin jireenya isaanii akka ta’uun irra hin jirre gochuun jireenya waggoota dheeraaf
maatii hundeeffatanii gammachuun jiraachuu qaban dhabu.
Hariiroo sobaatiin namoonni baay’een ifa kennameef keessaa ba’uun dukkana sodaachisaatti seenaniiru.
Baay’een jireenya nagaa fi gammachuu gadhiisanii gara soda fi bir’annan jiraachuuti galaniiruu.
Akka qorannoon jedhutti Gaa’elaan dura salqunnamtii saalaa namoonni godhaan 95% tiin gaa’ela isaanii
ni hiiku.