Professional Documents
Culture Documents
Aaaaa
Aaaaa
II
CUUNFAA..................................................................................................................................................19
BOQONNAA TOKKO
1.1 SEENDUUBEE UUMMATA OROMOO
aadaa uffataa, aadaa ayyaaneffachuu qabu. Uummanni Oromoo akkuma saba kanneen
biro aadaa mataa isaa ni qaba. Kitaabni Wiirtuu Jildii 6ffaa (1993) akka ibsutti, “Aadaa fi
haala sochii waliigalaa kan hawaasni tokko jireenya ofii gaggeessuuf raawwatuu fi
akkaataan ittiin raawwatu hunda kan qabudha.
Aadaan mul’istuu eenyummaa fi mallattoo sabichaati. Aadaan Saba tokkoo saba biraa irraa haala
jiruu fi jireenya uummatichaa adda godhe kan calaqqisiisuu fi seenaasaa kan mul’isudha.
“Aadaan mallattoo eenyummaa saba tokkooti,” jedha. Kana jechuun aadaan saba tokko iddoo
bu’u ta’ee sabicha ibsuu kan danda’u ta’uudha.
II
IBSA GODAMBAA WALLAGGAA
Godambaan wallaggaa kan inni argamu godina wallagga bahaa magaalaa naqamtee marfata
2ffaa irratti kan argamu yeroo ta’u. Barri inni itti hundeeffames bara 1975tti mootii itoophiyaa
yeroo sanaa kan ture mangistuu Hayile maariyaamiin dhagaan bu’uuraa kaa’ame. Innis maallaqa
uummata irraa sassaabame qarshii 380,000n ture. Turtii waggoota afuriin booda innis bara
1979tti xumuramuun eebbifamee hojii eegalee. moodeliin ijaarsa godambaa wallaggaa kan inni
irraa fudhatame moodelii biyya jarman, jarman diimookiraatik riipaabilikaan irraa yeroo ta’u.
kunis qubee W fi M dha. Innis kan inni ibsu yeroo ol galagaluu wallaggaa jecha jedhu kan
mullisu yeroo ta’u, yeroo asii gadi galagalu immoo muuzeemii kan jedhu akka bakka bu’udha.
II
TOKKUMMAAA MAADDII UUMMATA OROMOO
Kunis kan inni argisiisu akkaataa itti oromoon tokkummaadhaan waliin ta’e cumboo maaddii
tokkorraa waliin sooratu kan argisiisudha. Teessumni kunneenis miilla sadii kan qabaniifi kan itti
hirkatan kan qabu yommuu ta’u, walqabsiiftuu tokko malee soofuudhaan muka tokko qofaa irraa
kan hojjetamanidha. Cumboon kunis xaafii diimaa irraa kan hojjetamuufi qocqocaa, dhadhaa
gidduu isaatti naquudhaan kan sooratamudha.
Kaartaan wallaggaa kun godinaalee dhiha oromiyaa of jalatti kan hammatu yeroo
ta’u. Wallagga bahaa, Wallaggaa dhiyaa, Qeellam Wallaggaa fi Horro Guduruu Wallagga
akkasumas yeroo ammaa kana of danda’uun magaalaa guddoo beenishaangul gumuz
kan taate Asoosaanilee kaartaa kana keessatti kan argamtudha. mootiin kuumsaa
morodaa bara bulchiinsa isaa kutaa bulchiinsa isaa jalatti bulchaa kan turedha.
Albuuda isheen qabdu aanolee as jala jiran keessa bara godambaan kun hojii eegale
kan walitti qabamedha.
II
Godinni wallagga lixaa godinoota wallaggaa arfan keessa ishee tokkodha.
Godinni wallagga lixa aanaalee kudha saddeet kan qabdudha. Akkasumas
qabeenya uumamaatiin badhaatuudha. Duudhaalee, aadaa ,ardaalee, j ila,
haroowwan fi kanneen biroon hanbaalee godina kana keessatti argamanidha.
Isaan keessaa; muraassni ardaa jilaa, odaa koonnoo aanaa beegii, ardaa Dilaa
koobii warqee aanaa noolee kaabbaa, hora daardaraa aanaa noolee kaabbaa,
finca’aa gelel aanaa gimbii, hoomaa gafarsaa aanaa qondaalaa, tulluu joorgoo
waatoo noolee kaabbaa, dhagaa qeerroo aanaa gimbii, hoomaa roobii aanaa
beegi, faaya maraa warqee aanaa najjoo, nyaata aadaa godina wallagga lixa fi
kkf dha. Godambaa kana keessatti kan argaman suuraalee bakkeewwan seena qabeessa ta’an;
kanneen akka yaahaa, laallibalaa, siidaa Aksumi lafee dinqinash affaaritti kan argamtee fi kkf.
Qabeenya uumamaa godina kana keessatti argaman keessaa tulluun Injirroo isa tokko. Kan inni
argamu aanaa guutoo giddaa jalatti yommuu ta’u. guyyoota ayyaanaa, tuurizimii, ayyaana sabaaf
sab-sablammii, irreechi fi kkf bakka itti gaggeeffamudha
II
.
DINQISIISOO
Godambaa kana keessatti wantoota argaman keessa kanneen nama dinqisiisan illee ni jiru.
Namni maqaan isanii obbo Ittafaa jedhaman nama gurra irratti gaanfa baase jedhamuun seenaan
isaan yaadata. Obbo Ittafaan dhalataa magaalaa naqamtee yommuu ta’an. Nama ta’anii gaanfa
baasuu isaaniitiin beekamtii argatanii dhalootaan godambaa kana keessatti daawwatamaa kan
jiranidha.
Walumaagalatti kutaan kun hambaawwan meeshaalee seenaa yeroo sana mootiin kumsa morodaa fi
maatiin isaa itti fayyadamaa turan kan of keessatti hammatudha.
II
SAMMUU ARBAA
Meeshaaleen aadaa wallaggaa ibsan kutaa kana keessatti heddumminaan kan argamanidha. Kan
jalqaba irratti argamu bu’aalee bineensota irraa argaman kan godambaa kana keessatti
argamanidha. Sammuu Arbaa qaama isaa gara olii, gaafa Gafarsaa, gogaasaa, eegee isaa fi kottee
gafarsaati kunis kan inni ibsu gootummaa nama ajjeese sanaa kan ibsu.
hanqaaquu guchii
Isaan keessa warabboon isa tokkodha. Warabboon bosona keessa kan jiraatu yeroo ta’u. naannoo
adamoo kan jiru adamfamuun kan argamudha. Foon isaalle kan nyaatamudha. sararri gaafa isaa irra jiru
kun umurii inni jiraatellee kan agarsiisudha jedhu. Kana malees akka faaya ykn miidhaginaatti kan
ilaalamudha. Inni kan biraan gogaa naachaati innis bishaan keessa kan jiraatu yeroo ta’u. Gogaan isaa
kunis furdaa fi cimaa waan ta’ef yeroo baayyee saqqiitu irraa hojjetamaa.
CIRAA
ciraa
Inni kan biraan gogaa weenniidha. Kanas namoonni gurguddoon yeroo tokko tokko akka faaya
miidhaginaatti ykn akka qabataatti kan itti fayyadamaniifi ciraa isaa hojjeechiifatani ittiin titiisa of irraa
kan ittiin oofanidha. Inni kan biraan ilka Arbaati kunis akka faaya miidhaginaatti kan itti fayyadamanidha.
Inni biraan hanqaaquu guchii, kalaadaa karkarroo, gaafa biichee, gaafa gadamsaa, gaafti gadamsaa kun
akka qorichummaatti illee kan gargaarudha. Innis namoonni miilli isaanii akkasuma qaamni isaanii
dhidhiita’u kan itti fayyadamanidha.
II
MEESHAALEE AADAA KAN UUMMATA GUMUZIbaattuu dammaa
Meeshaalee aadaa uummata gumuz keessa meeshaaleen adamoo isaan tokkodha. Isaanis hiddaa,
xiyya, baattuu xiyyaa, haaduu, baattuu dammaa ykn qabee kan yeroo adamoo deeman qabatanii
deemanidha.
DHAGAA GURRAACHA
dhagaa gurraacha
Dhagaa gurraachi kun uumamumaan kan jiru yeroo ta’u. innis mana ittiin ijaaruudhaaf,
namoonni daangaa qonnaa waliin qabanillee daangaa gidduu isaanii irraa kan dhaabbatanidha.
ALBUUDOTA
albuudota
Kanneen sibiila dheedhii akka qottootti itti fayyadamnu. Innis boolla qotuudhaan boolla keessa kaa’ame
naannoo boollaa sanatti ibidda fayyadamuudhaan boolla keessatti dhangala’ee sibiila ta’ee kan
bahudha.
II
Meeshaaleen ogumma hojii sibiilaatiin argaman keessaa kanneen armaan olii isaan tokkodha.
Maarashaa, qonyee, funcaa, aalbee, gasoo qara lamaa, sibiila wareegaa kan mataa sagal qabu, qabduu fi
kkf ni jiru.
masoobii xiqqaa
Meeshaaleen misirroo tokkoof kennaman kanneen akka; masoobii guddaafi xiqqaa dha. Yeroo intalli
gara heerumaa ka’uuf jettu tokko kan kennamuufi dha. Innis kan inni irraa hojjetamu migira irraati.
MANA OROMOO
moonyeemana oromoo
Mana oromoo kana keessa meeshaalee gosa adda addaatu jira. Dhagaa daakuu,
majii,waqqara,moonye,masoobi kan goga irra hojjetame fi migira irra kan
hojjetame,ittillee,borahati,jabanaa, gabate nyaata,meeshaalee haraqee itti baasan,qodaa
coororsa,qodaa bukko fi kkf meeshaale mana keessaa oromo dura itti fayyadama turee fi ammas
itti fayyadama jiruudha.
II
BU’AA GAANFA IRRAA ARGAMU
waancaa dhugaatii
Meeshaalee bu’aa gaanfa irra argaman keesssa waancan isaa tokko.kunis yeroo adamoo
deeman kan isaan keessa godhatani deemanidha.kanaa malees ulee namni beekaman
qabate deemudha.kan haraqee itti dhugan,taphoota yeroo gadda taphataman daamaa
gaanfa irraa kan hojjetamu fi meeshaale dhugaati adda addaatti.
HARKEE DHIQANNAA
Harkeen dhiqannaa kun kan mootii kumsaa morodaa yeroo ta’u. innis kan inni yeroo sana dhaqna isaa
keessatti dhiqataa turedha. Mootiin kuumsaa morodaa harkee kana keessa taa’uudhaan kan inni
dhiqatudha. Akka yeroo ammaa kana bifa ammayyummaan fayyadamuun hin dhufiin bifa kanaan kan
dhiqataa turanidha.
Bidiruun mootii morodaa bakaree kun kan inni yeroo sana waggaatti al tokko uummata waamee
nyaachisa nyaachisaa ture, bidiruu inni itti bukoo bukeessisaa turedhaa. Innis uummata hundumaa yeroo
tokkottii waamee waan nyaachisuuf bidiruu kanatti dhimma bahaa kan turedha.
II
HANBAALEE SIRNA GADAA
Oromoon sirna gadaatiin bulaa akka ture wanti wal nama gaafachiisu hin jiru. Haa ta’u
malee yeroo ammaa kana akka durii ta’u baatus ittin bulamaa jira. Sirna gadaa kana
keessatti sirnoonni raawwatamanii fi meeshaaleen sirna kana keessatti fayyadanis ni jiru.
Isaanis akka hanbaalee seenaatti godambaa kana keessatti ol ka’amanii kan jiran ni jiru.
Isaanis Siiqqee, alangaa. Cuucillee, bokkuu, eeboo fi kkf ni jiru.
GAACHANA
gaachana
Oromoon waggoota hedduudhaaf garbummaa jala kan turedha. Ammas hanga tokko fooyyee haa
qabaatuyyuu malee kan durii sana waliin garaagarummaan isaa muraasaa. Uummani oromoo kunis
garbummaa kana jalaa bahuuf carraaqqi guddaa taasisuudhaan jijjiirama fi sadarkaa kana irra gahuu
dandaheera. Innis meeshaa ammayyaa yeroo sana fayyadamu waan hin qabneef, kanuma qabutti
dhimma bahaa akka tureefi isumaanis diina isaa haleelaa akka turedha. Gaachanni meeshaa oromoon
ittin lolaa ture keessaa isa tokkodha. Kanas yeroo lolaatti harka isaa bitaatti qabachuudhaan darboo
diina isaa irraa itti darbatamu kan ittiin of irraa qolachaa turedha gaachanni kunis warqee cuuphaa fi
gogaa fufurdaa irraa kan hojjetamudha jedhu
II
HANBAALEE WARAANAA
zinnaaraqawwee
Godambaa kana keessatti kanneen argaman meeshaaleen hanbaalee waraanaa kanneen akka;
qawwee, eeboo, zinnaara, cuubee fi kkf ni jiru. Isaanis kan uummanni oromoo yeroo sana ittin
diina isaa lolaa turee fi injifannoo ittiin argataa turedha.
II
HAMBAALEE AMANTAA
Uummani oromoo amantaa mataa isaa danda’e kan ofii isaa ni qabaa. Akkaa yeroo ammaa kana
osoo amantaa kan biraan hin dhuunfatamiin dura sirna gadaatiin ykn sirna waaqeffannaan bulaa
kan turedha. Meeshaa ykn hambaaleen yeroo sana amantaa sanaaf itti fayyadamaa turan; callee
ateetee, gabatee dhibaayyuu, jabanaa morma lamaa kunis akkuma morma ishee keessi ishees
lama. Kanaf yeroo tokkotti waan lama nuuf buusuu dandeessi jechuudha.fkn bakka tokkotti buna
tokkotti immoo shayii ta’uu danda’a jechuudha. Kan biraan qalabatii ayyaantuu, baattuu ixaanaa,
shuggee dhibaayyuu fi kanneen kana fakkaatan ni jiru jechuudha.
ABBOOTII AMANTAA
onesimoos nasiib
Seenaan akka himutti baballachuu amantaa kiristaanaaf shoora olaanaa kan taphatan; Onesimos
nasib ykn Abbaa Gammachiis fi Asteer Gannoo; yoomiyyuu seenaan isaan hin dagatuu.
Macaafni qulqulluun saba oromoo kana bira akka gahuuf tattaaffii guddaa godhaniiru. Ifaajii fi
dadhabbii guddaa booda kaayyoo isaanii kanas galmaan gahachuu danda’aniiru. Kana malees
Abbaan Gammachiis nama kalaqa qubee
Meeshaaleen qonnaa kan uummanni ittiin lafa qotuudhaan midhaan ittiin oomishudha. Meeshaaleen
qonnaa kunneenis gindii; wanjoo, maarashaa, qonyee fi kanneen kana fakkaata ni jiru.
MEESHAALEE MUUZIQAA
kiraara
Dhalli namaa jiruuf jireenya isaa inni guyyaa guyyaan adeemsisu aartiidha yoo jenne dhugaa hin
haalamnedha. Aartiin dhala namaa malee dhalli namaas aartii malee hin jiraatu. Aartiin kun immoo irra
caalaan isaa meeshaalee muuziqaatiin kan dhugoomudha. Meeshaleen muuziqaa kunis gosoota
garaagaraatu jiru. Isaanis akkuma gosti isaanii adda adda ta’e sagalee isaan kennan fi bakki isaan itti
II
galan adda addaa. Isaanis kanneen akka; kiraara, dibbee, ulullee, faaggaa, xurnbaa fi meeshaaleen
muuziqaa garaagaraa kan as keessatti argamanidha.
Uummanni oromoo oguma isa ibsu kan garaagaraa ni qaba. Oguma uffata dhahuu, oguma sibiila tumuu,
oguma hojii mukaa fi kanneen kana fakkaatan heedduu kan qabudha. Isaan keesa kan ilaalluu oguma
uffata dhahuu irratti. Oguma kana keessatti uffata dhahuudhaaf meeshaaleen barbaachisan;
masowwarii naannoftuu, muka tartaraa, qallaa dhaafi isa masowwarii itti diran, boffee jirbii fo’amaa, isa
boffee jirbii itti dawwaran, dawwaraa calii, isa ittiin boffee darbatan, koolloo manii isa qallaa gidduu
darbu, maggaltuu manii isa madaalli fakkaatu fi kanneen kana fakkaataniin kan hojjetamudha.
CUUNFAA
Walumaagalatti hanbaalee seenaa oromoon dur itti fayyadamaa ture hedduun isaa godambaa wallaggaa
kana keessatti ol kaa’amanii kan jiranidha. Kunis dhalootaa dhalootatti akka darbuuf dhaloonni akka
irraa baratuufi akkasumallee qo’annoo fi qorannoo dhaafillee akka tolutti kan ka’amedha. Wantoonni
uummanni oromoo durii kaasee itti jiraachaa turee fi itti fayyadamaa ture hedduun isaanii godambaa
kana keessa jiru. Keessumattuu uummanni oromoo dur tokkummaa inni qabuu fi jaalalli inni waliif qabu
illee guddaa akka ta’e kan nutii mulisudha. Uummanni oromoo kun saba aadaa, amantaa, ogummaa fi
beekumsa guddaa durii kaasee qabaachuu isaa kan agarsiisudha.
Sabni oromoo kun akka yeroo ammaa kana utuu meeshaan ammayyaa kun hin dhufiin dura meeshaa
ogummaa mataa isaanitiin tolfatee diina isaa ofirraa ittisaa kan turedha. Akkasumallee
adamsuudhaanillee beekamaa akka ta’edha. Iddoo kanatti kan nuti hubannuu uummanni oromoo
seenaa bara dheeraaf eenyummaa isaa kan ibsu aadaa boonsaa qabaachuu isaa kan nuti agarsiisudha.
II
II