You are on page 1of 4

Hojiilee Akka Gumii Naamusaa mana Barnoota hirnaatti hanga ammaatti hojjetaman

Manni barnootaa nageenya mana barnootaa cimsuufi duudhaalee nageenyaa gabbisuuf


hojiiwwan ijoo raawwateera.

 Marii barsiisoota mana barnootaa waliin godheera

Fakkii 1

 Barattoota mana barnootaa waliin yeroo garagaraatti mariin; hogganoota bulchiinsa


magaalaan,Ogeessota Waajjira Haqaa Aanaan, barsiisaa adda dureen,barataa adda dureen
jechuun barttoota akka mana barnootaatti qabxii ol aanaa galmeessisaniin mariiniifi gorsi
barattootaaf laatame.

Barattoota Adda Dureen Waajjira Paartii Irraa Yeroo


Yeroo Gosi kennamuuf Gorsi Kennamuuf

Fakkii.2
 Hoggansi mana barnootaa maatii barattootaa waliin marii gaggeesse.

Fakkii.3
 Ogeessa Waajjira Abbaa Alangaa Aanaan yeroo barattootaaf gorsi laatamu

Fakkii.4
 Koreen GMB Mana barnootaa maatii barattootaa waliin yeroo barbaachisummaa nageenya
mana barnootaa irratti mari’atan.

Fakkii 5
 Mana marii barattootaa ijaaruun barattoonni rakkoo isaanii karaa nageenya qabuun mirga
isaanii akka gaafataniifi dirqama isaanii akkaataa itti bahan irratti hojatameera.

Fakkii 6
 Sagantaa abbaa torbee barsiisotaa baasuun barsiisota hirmaachisuu.
 Qajeelfama ittiin bulmaata mana barnootaa ,akkasumaas seera mana barnootaa akka hubatan
godhameera.
 Mirgaafi dirqamni barataa maal akka ta’e waraqaa eenyummaa barttootaafi barjaa mana
barnootaa irratti barreeffamee kaa’ameera.
 Koree gaachana sirnaa fi hojii gumii tiraafikaa mana barnootaa keessatti ijaarree jira.

Barsiisaa Tashoomaa Nigaatuu


Itti Gaafatamaa Gumichaa

You might also like