You are on page 1of 2

Bachman, L. F. (1990). Fundamental consideration in language testing.

Oxford, England: Oxford


University Press.

Bachman, L. F., & Palmer, A. S. (1996). Language testing in practice. Oxford: Oxford University Press.
Bachman, L. F., & Palmer, A. S. (2010). Language testing in practice. Oxford: Oxford University Press.

Mata-dureen kiyya kan seminaaraa itti hingammadamnee; kan biraa barbaadaa


jira. Mee kan isiniif erge kun yoo kan dalagsiisu ta’e naaf ilaalaa. Hangafummaan
tarsiimolee dubbisa qayyabannoo shaakalsiisuun barsiisuu Barnoota Afaan
Oromoo sakatta’uun firii battallee/qormaataa gosoota barnootaa barattootaatiin
walmadditti ilaala. Dabalataan, firii barnootaa barattootaa kan gosoota barnootaa
isaan barataa jiran hundaan walmaddii qabee sakatta’ee qaaccessa, jedhee yaade.
Qindoomini yaadrimeefi yaaxina isaa garuu itti yaadee naaf ifuu dide. Mata-duree
qabiyyee kanaan dura irratti gorsitaniifi hanqina guutuun ol guddisuun
danda’amu; kan osoo naannoo kanarratti dalagamee jettanii yaaddan yoo jiraatee
itti na qajeelchitanis gaarii ta’uu danda’a. Baay’ee galatoomaa!

SHAAKALA DUBBISA QAYYABANNOOFI RAAWWII AKKAADAMIKII


BARATTOOTA SADARKAA 1FFAA MARSAA LAMMAFFAA: QORANNOO
WALMADDII

(READING COMPREHENSION PRACTICES AND ACADEMIC


PERFORMANCE OF STUDENTS: A CORRELATIONAL STUDY)
No one has perfect life; do not give up!

If you stay positive in a negative situation. you win!

Dr. Akkam bultan? Gorsaafi kallattii yeroo darbe naaf kennitan irratti yaada qooddachuufi. Galatoomaa!

Amalli hojii qorannoo nu hordofuu qabnuu modeelota addaddaa madaysuu ykn bocuun ragaan
walqabsiisuun sakatta’uu akka ta’uu qabu na qayyabachiisaa turtan. Battalatti, namaan wal hubachuun
(fkn. Qorattootaafi hirmaattota) ulfaataadhaa jedhee isin jalaa diduu kajeele malee, meeshaalee akkasii
dubbisaa turee ammas dubbisaa jira. Seminaararrattis hojiin akkasii nama tokkoon dhiyaatee ture. Nuti,
baayyee waan inni shallaggiiwwaniin (statistically and technically) ibsaa ture hubachuu dadhabnus,
lekchararootni dinqisiifachuun simatan ture. Hundaafuu, adeemsichi nuti waan afaan baranneefi malee,
modeelota addaddaa irra dhaabbachuun akka istaandardiititti gargaaramuun hojjachuu waan of keessaa
qabuuf yoo hubatan namatti salphata natti fakkaata.

Waan haferatti, akka carraa ta’ee kallattiin hojiitiifi dhimmi qorannoo, wixineessuu qorannoo ani
hordofuu yaadee kan qorataa as gaditti maxxansee isiniif erge kanaatiin baayyee walsimata. Qorataan
kun tarsiimowwan qayyabannoon dubbisuutiifi firii battallee barattootaa kan afaanii mala
walmaddeessaan (correlative) sakatta’ee qaaccesse. Ani inumayyuu, hanga firii barattootaa kan gosa
barnootaa birootitti achi ce’uun dabalataan sadarkaa/marsaa sadiin walmaddeesssuun ilaluuf yaade.
(Garuu, hojii adeemsa akka kanaa hordofe argachuuf barbaadaa jira.)

Kanarra dhaabbachuun, akkuma isin jettan ogeessa barnootaa barbaaduun dabalataan


gargaarsifachuun, meeshaalee madda tokkoffaa modeelota kanneenii sakatta’uun keessoo isaa
hubachuun hojjachuuf nan yaala. Dhiifama wajjiin yeroma isinitti mijatetti, irra keessa qorannoo kanaa
ilaalaaluun akka adeemsisu yaada-debii yoo naaf kennitan natti tola. Torbee dhufu gara xumuraatti waan
yaalaa jiru qabadhee dhufa jechuu kooti. Meeshaalee hojiilee kana fakkaatan ammatan biroollee yoo
argadhe natti tola. Dabalataan qorannoowwan Afaan Oromoo irratti (Afaan Oromootiin) dhaabbata
kanatti dalagamee dhiyaate (kan Msc) yoo argadhe adeemsaaf na gargaara. Kan afaan Ingiliizii adeemsa
isaa itti gammaddanis yoo argame gaariidha. Ulfaadhaa!

Jiang, Y., Ma, L., & Gao, L. (2016). Assessing teachers’ metacognition in teaching: The teacher
metacognition inventory. Teaching and Teacher Education, 59, 403–413.
https://doi.org/10.1016/j.tate.2016.07.014

Balcikanli, C. (2011). Metacognitive awareness inventory for teachers (MAIT). Electronic Journal of
Research in Educational Psychology, 9(3), 1309-1332.

Schraw, G., & Dennison, R. S. (1994). Assessing metacognitive awareness. Contemporary Educational
Psychology, 19(4), 460-475.

You might also like