You are on page 1of 3

4

Maqaa onawwan keesa nafa namaa ni himu


1.1 Maalummaa Fiiziyoloojii fi Anaatoomii

Maddi jecha ‘Physiology’ Giriik yammuu ta’u kan


uumame jechoota lama, isaanis

Physis= uumamafi

Logus = qorachuu kanneen jedhaman irraa ti. Kanaafuu fiiziyoloojiin qorannoo
adeemsafiizikaalaa fi keemikaalaa lubbu-qabeeyyii keessatti gaggeeffamuu ti.
Fakkeenyaaf adeemsi marsaadhiigaa, walhormaataa, guddinaa, meetaaboolizimii adda
addaa fi kkf fiiziyoloojii ykn adeemsadalagaa qaamaa keessatti ramadamu. Seenaan
fiiziyoloojii bineeldotaa ammayyaa argannoo ogeessafayyaa lammii Ingilizi Wiiliyaam
Harveyi (1616) irraa eegala.
Dalagaan qaamaa (fiiziyoloojiin) kan gaggeeffamu seelota, tishuulee, qaamotaa fi
sirna qaamotaakeessatti. Caasaalee kunniin immoo ijaarsa qaamaa (Anaatoomii)
agarsiisu.
Akka hiikni jecha Girik ‘
anatome’

jedhu agarsiisutti

‘Anatomy’n baqaqsuu ykn tarsaasuu jechuu


yammuu ta’u, saayinsiin kun seenaa jalqabaa isaa keessatti qaama biqilootaa fi
bineeldotaa baqaqsuunqorachuu irratti kan hundaa’e waan tureef hiika kana argate.
Akka waliigalaatti garuu anaatoomiin saayinsii waa’ee qindoomina caasaalee qaama
lubbu – qabeeyyii qoratuu dha.
Qindoominni caasaadalagaa isaa waliin waan adeemuuf anaatoomiin fiiziyoloojii
wajjiin kan walitti hidhamee dha. Ijaarsi qaamaa uumamaan dalagaa qabatamaa tokko
raawwachuu akka danda’utti kan qindoomee dha.Qorannoon dalagaa giddugaleessa
godhachuun ijaarsa qaamaa
qoratu anaatoomii dalagaa (‘Functionalanatomy’) jedhama
.1.2 Sadarkaalee Qindoomina Caasaalee
Tiwooriin seelii, seeliin bu’ura caasaa fi dalagaa lubbuu ta’uu ibsa.
Haa ta’u malee ijaarsi qaama
lubbu-qabeeyyii utuu sadarkaa seelii irra hin ga’in iyyuu
sadarkaalee walxaxoo keessa darba. Seeliinnamaa tokko caasaalee gamis-
seelii (‘sub-cellular structures’ ykn ‘organelles’) jedhaman of keessaaqaba. Tokkoo
tokkoon casaalee kanneenii dalagaa murtaawaa raawwata. Orgaaneelotni immoo
kanijaaraman atomota adda addaa irraa ti. Kanneen keessaa hunda caalaa heddumminaan
kan argamanKaarboonii
(C), Hayidiroojinii (H), Oksiijinii (O) fi Naayitiroojinii (N) yammuu ta’an
Foosfarasii
(P)fi Salfariin (S) immoo itti aanu. Kanneen biroo hedduunis ni jiru. Akka
waliigalaatti qabiyyeewwankunniin bifa ayoonotaan akkasumas bifa kompaawundoota
orgaanikaa fi inorgaanikaan qindoomaniiseelota keessatti dalagaalee adda addaa
raawwatu.Qorannoo anaatoomii fi fiiziyoloojiif akka tolutti qindoomina caasaalee
sadarkaa gurguddoo jahatti
qooduun ni danda’ama. Isaanis sadarkaalee keemikaalawaa,
seelii, tishuu, qaamaa, sirna qaamaa fi orgaanizimiiti. Seelii fi qabiyyeewwan
keemikaalawaa isaa koorsii baayoloojii waliigalaa irratti gadi fageenyaan
ka’aniiru.
Hima “Anaatoomiin (ijaarsi caasaa) tokko dalagaa (fiiziyoloojii) ta’e akka
raawwatuttiqindoomee argama” jedhu
ragaa qabatamaa lamaan dhugoomsi. (Fakkeenya: qilleensa
malee daqiiqaa muraasaaf illee lubbuun turuun hin danda’amu. Kanaaf immoo qilleensi
yeroo hundaa salphaatti gara sombaatti seenuu fi gara alaattis bahuu akka danda’uuf
ujummoon qilleensaa yeroo hundaa banaa ta’ee akka turutti kan caaseffamee dha.
Kanaaf akka tolutti caasaan kun morgaa irraa ijaarame.)
Tishuulee qaama namaa
Qaamotni namaa baay’een tishuulee adda addaa irraa kanneen ijaaraman yammuu ta’u,
gosaa fi akkaataan qindoomina tishuulee kanneenii akkaataa ijaarsa caasaa fi
dalagaalee qaamotaa murteessu.Qaamotni namaa tishuulee ijoo (’Primary tissues’)
gosoota afur (4) irraa kanneen ijaaramanii dha.Isaanis:
A. Tishuu ippiteeliyamii (‘Epitelial tissue’):
Tishuuleen kunniin ala gogaa, ala qaamota keessaatokko tokkoo, dhaaba qaawwaa
qaamota kanneen akka qaamota bullaa’insa soorataa, hargansuu,ujummoolee caasaalee
fincaanii, walhormaataa fi dhiigaa, akkasumas kutaalee xannachootaakeemikaalota
maddisiisanii fi kkf aguuganii argamu. Seelota walitti siqanii (hiiqanii) caasaa
kanaaf jabina kennan irraa kan tolfamu yammuu at’u seelotni kunniin yammuu hubaman
salphaatti bakka bu’uu (‘Regenerate’)danda’u.
Kun maaliif sitti fakkaata?
Dalagaan tishuu ippiteeliyamii
ijoon maddisiisuu (‘Secretion’
), xuuxuu
(‘Absorption’)
, dhimbiibuu
(‘Filtration’) fi balaa irra ittisuu (‘Protection’) dha.

B. Tishuu qabsiistuu (‘Conneective tissue’)


Qaama keessatti
heddumminaan faca’anii kanneen argaman yammuu ta’u ribuun, coomni, morgaan,lafeen,
dhiigni, limfii fi kkf fakkeenyota ijoo tishuu kanaa ti.Dalagaan isaanii ijoon
qaamota utubuu fi
walitti hidhuu, balaa irraa ittisuu, boca qaamaa eeguu fi kkf dha. Tishuun kun
gosoota adda addaatti qoodamuu danda’a.

C. Tishuu maashaa (‘Muscular tissue’)


Tishuun maashaa seelota akka waliigalaatti faayibiroota maashaa jedhaman irraa
tolfame. Seelotnikunniin amala kottoonfachuu fi diriiruu waan qabaniif dheerachuu
fi gabaabbachuun sochii uumuu danda’u. Tishuuleen maashaa gosoota bebbeekamoo
sadi’itti ramadamu. Kanneen gadi fageenyaan boqonnaa afur keesstti ibsamaniiru.
D. Tishuu narvii (‘Nervous tissue’)
Tishuun kun seelota dalagaa fi bocaan adda ta’an kanneen akka waliigalaatti
niyuroonota finiyuroogiliyaa jedhaman irraa ijaaraman. Sammuu, ispaayinaal koordii
fi neervota keessatti
kanneen argaman yammuu ta’u dalagaan isaanii dhaamsa elktiroo-keemikaalawaa
daddabarsuu dha. Niyuroogiliyaan seelota niyuroonota utubuu fi balaa irraa ittisuu
keessatti qooda fudhatanii dha.
1.3 Akkaataa fi Kallattii Ijaarsa Qaama Namaa
Anaatoomii namaa ibsuuf ka’umsa kan ta’u namni anaatoomiin isaa qoratamu tokko
(‘the subject’)kan qoratutti (‘the observer’)
fuullii isaa garagalee fi nafni isaa guutummaan qajeelee, miilli isaa
kandiriirfatee fi kallattiin quba miilaa gara
fulduraa kan ta’e, harki lamaan cina lamaaniin bakka kanqabatanii fi bar’uun harkaa
fuulduratti kan garagalee dha
. Kallattiin nafaa kun gar-duraa (‘Anterior position‘) jedhama (Fakk.1.1).
Faallaan kanaa gar-duubaa (‘Posterior position’) jedhama.
Qorannoo anaatoomii fi fiiziyoloojii keessatti bakkaa fi kallattii kutaan qaamaa
itti argamu ibsuuf
jechoota (‘terminologies’) ogeessotni irratti waliigalantu hojii irra ool
u. Jechootni kunniin maqaanaannoo kutaalee qaamaa
(‘Regioal names’)
ykn kallattii kutaalee qaamaa
(‘directional terms’)kanneen ibsan ta’uu danda’u.
Alaan yammuu ilaalamu naannawaan anaatoomii kutaalee qaamaa ijoon
mataa, morma, tiraankii,harkaa fi miila. Kanneen jalatti immoo caasaalee adda
addaatu hammatamu.
Fakk.1.1Kallattii gar-duraa fi maqaa naannawaa kutaalee qaamaa ijoo
Qorannoon anaatoomii mala baqaqsuutiin qaamota qooduu irratti kan hundaa’ee dha.
Kana
hubachuuf sararaa bal’aan (akka waraqaa) tokko nafa bakka adda addaatti akka inni
qooduttifudhachuudhaan (‘imaginary plane’) qorachuun mala beekamaa dha.Sararaan
armaan oliitti ibsame nafa yookaan qaama irraa gadee bakka lamatti, jechuun, bitaa
fimirgatti yoo qoode qoodinsa kallattii saajitaalii (‘Sagital plane’)
jedhama. Yoo gar-duraa fi gar- boodaatti qoode immoo qoodinsa kallattii
duree(‘Frontal plane’) jedhama. Karaa broo sararaantokko nafa yookaan qaama tokko
gar-olii fi gar-gadiitti yoo qoode
qoodinsa dalgee (‘Transverse’ykn ‘horizontal plane’) jedhama.
Akkaataan qoodinsa kanneenii bakka wal-qixaatti yookaan wal-
caalmaan ta’uu danda’a.
Fakk.1.2Sararaawwan anaatoomii
kawaa (‘anatoomical planes’)
Kallattii qaamotni adda addaa waliin qaban ibsuuf jechootni yeroo baay’ee hojiirra
oolan
kanneenarmaan gadii ti.
Gar-duraa(‘Anterior’):
Kutaalee gara fuul dura qaamaatti argaman ibsa. Hoosiftoota miila afiraniin
socho’an keessatti gar
-duraa fi gar- jalaa (‘Ventral’) hiikaa adda addaa qabu. Nama keessatti garuu gar-
jalaa kan jedhu hin beekamu.
Gar-boodaa(‘Posterior’)
:Kutaalee gara duuba qaamaatti argaman ibsa. Nama keessatti kallattiinkun gar-
dugdas (‘Dorsal’) waan ibsuuf akka kan hoosiftoota miila afuriin socho’anii hiikaa
adda
addaa hin qabaatu.
Gochaa Nafni namaaonawwan (‘Body cavities’)
kanneen akka ona qomaa, ona garaa fi kkf kanneenqaamotni adda addaa keessatti
argaman of keessaa qaba.

You might also like