You are on page 1of 1

8:KAROORA DALDALAA/BUSINESS PLAN/QOPHEESSUU

---Oz'Up---
Karoorri daldalaa qindaahaa tahe hojii jalqabnuuf waantoota murteessoof barbaachisoo tahan
keessaa isa tokko. Mulata,karoora fi ergama daldala keenyaa kan of keessatti qabatu tahee akka
wabiitti tajaajila.Daldala tokk eegaluuf karoora daldalaa qopheessuun dirqama yoo tahu faayidaan
isaas.
➊Namoota birootiif dhaabbilee garagaraatti hojiichi bu'a qabeessa tahuu isaa himuun amnsiisnee
qarshii argachuuf.
➋Hoogganaan hojii/daldala kanaaf sagantaa yeroo dheeraaf gabaabaa qopheessuuf akka ragaatti
tajaajila.
➌Dhaabbootii garaa garaa waliin walii galtee daldalaa mallateessuuf bu'a qabeessumma daldala
keenya baranii akka amananiif.
➍Hojjettoota ciccimoo ofitti harkisuuf.
➎Qabeenyaa/resource osoo hin qisaaseesiin qusannoon itti fayyadamuuf
➏Gaaga'amaa fi kisaaraa hama irraa of eeggachuuf
➐Dhumma daldala keenyaa irratti murtoo sirrii tahe murteessuuf
Itoophiyaa keessatti dhaabbilee garaa garaa kanneen akka baankootaaf dhaabbilee liqiif qusannoo
irraa qarshii liqeeffachuu karoorri daldalaa afaan Ingiliffaan katabama.Karoorri daldalaa kunis of
keessatti dhimmoota garaa gara kan qabu yoo tahu baafatni isaa kanneen armaan gadii of keessatti
qabata.
✿TITLE PAGE: Maqaa daldalaa, maqaa abba/haadha hojii, guyyaa fi kkf

✿TABLE OF CONTENTS : Tarreeffama wantoota qaama karoora kana keessatti barreeffamanii


qabata.
✿EXCUTIVE SUMMARY: Cuunfaa karoora barreeffameeti. Haala ifaaf salphaatti hubatamuu
danda'uun haala gaariin barreeffamuu qaba.
✿COMPANY DESCRIPTION: Ibsa waa'ee dhaabbata eegaluuf deemuu qabata.
✿PRODUCT/SERVICE: Waa'ee oomisha/tajajila dhaabbatni kun qopheessuuf deemuu ibsa.
✿MARKET AND COMPETITION :Bakka itti gurgurru,maamiltoota fi dorgomtoota keenya ibsa.
✿MARKETING AND SELLING STRATEGY:Akkaata itti maamiltoota biraan geenyuu fkn beeksisa,
gatii, qulqullina kkf fi tarsiimoo ittiin gurgurru qabata.
✿OPERATING PLAN:Akkataa oomishni oomishamu, adeemsa mana hojiifaa ibsa
✿MANAGMENT /ORGANIZATION :eenyummaa hoogganaa dhaabbata kanaa ,sadarkaa barnootaa
fi kkk akkasumas caasaa dhaabbata hojii sanaa ibsa.
✿FINANCING:Qarshiin akkamiin akka argamu,baasii barbachisu,eessaf akkamiin.liqaan akka
argamu, baasiif bu'aan keenya yoom akka wal simuuf bu'aa qulqulluu argachuu yoom akka eegallu
ibsa.
✿SUPPORTING DOCUMENTS:Ragaalee garaa garaa barbaachisoo tahan dabaluu dandeenya.

You might also like